You are on page 1of 4

Bilillee (Maahibuubaa)

Warri Awuroopaa yeroo dheeraadhaaf Afrikaa hin beekan ture. kanuumarran kan ka'e
Afrikaadhaan " Ardi dukanaa" jechaa turan.
Akkuma yeroon dabalaa deemuun garuu ww'ee Afrikaa fi saboota isaa beekaa dhufuun is aanii
hin oolle .
Kunis kan danda'ame doo'attonni (turistoonni ) tokko tokko gara Afrikaa dhufanii waan hubatan
ummata isaaniitti waan himaniif .
Waa'een Afrikaa jechuun Waa'ee lafaa Aadaa , Afaanii fi bal'inaan Awurooppota biratti akka
beekamu kan godhe garuu jalqaba bittaa fi gurgurtaa gabroota afrikaati Aadaa fi Afaan gabroota
gara Awurooppaatti gurguraman kun Afrikaa akka aadaa afaan sooressa qadbuagarsiise .
Kunimmoo fedhii Awurooppoonni aadaa fi afaan Afrikootaa baruuf qaban kakaase.
Namoota Afrikaadhaa gara Awurooppaa gurguraai deeman keessaa Oromoonnis jiru .
Oromoota kanneen keessa dubartoonni jiru.
Dubartoota tanniin keessaa muuxannoon takkaa kan jara kaaniitiin adda. Eenyu ishiin tuni ?
Bililleedha maqaan Warri ishii baasaniif .
Kan dhalatte Oromiyaa dhihaa bakka Guumaa jedhamutti. Barii ishiin dhalattemmoo 1820
keessaa . Dhalattee yoo waggaa kudhan guutu, jechuun bara 1835-6 biyya ishiin dhalatetti lolii
gale . Abbaa fi obboolewwan ishii jahaan ni ajjeefaman.
Bilillee fi obboleetiin isheemmoo booji'amani gabarooman .
Sanaan booda obboolewwan lamaan kun gara Gondoritti fudhataman.
Gondoritti obboolewwan lamaan kun gargar bahan. Achiin boodas wal-hin agare .
Gondoriin booda Bililleen dura karaa kartuum ( sudaan) itti aanee immoo karaa magaalaa
gudditti misera ( Gibxii ) , Kayiroo . Bara 1837 keessaa gurguraaf geefamte.
Yeroo kana biyyoota bahaa doo'achuuf bara 1835 eegalee karaaraa kan ture ilmi mootii Jarman
tokko Kayiroo kahe. Harmaan Paklar jedhama maqa ilma mootii kanaa .
Gaaf tokko Paklar gabaa gabroota itti gurguran ilaalcha dhaqe .
Guyyaa kana Bilillee gurguruuf gabaa baasanii turan. Ilmii mootii kuu akkuma naatoo Billilleen

qabdu argeen bituuf itti gaggabe. Ni bitate . Maqaa ishiis Maahibuubaa jedhee baaseef .
Maahibuubaa jechuun afaan Arabaattin "Jalalee koo" jechuudha.yoo kana umurin Bilillee
waggaa 10 hin caalu ture.
Umuriin ishii xinnaa haa ta'uu malee,yaani fi hojjiin ishii akka nama gudda ture.
Naatoo fi amalli ishii kun akka Paklar baayisee ishii jaalatu taasis akkuma ishii bitateen
doo'annoo isaa itti fufuuf Misraraa gara biyyoota biraa Billille wajjiin adeeman.
Paklar haadha manaa isaa Jarman jirtuuf waa'ee gabroota Misiraa bitee xalayaa barreessee ture.
Xalayicha keessatti mucaayyoon xinnoo kun namarraa fagattee jiraachuu akka hin dandeenyee fi
jaalala guddaainni ishiidhaaf qabu hunda barreesse ture.
Inni ishii malee ishiinimmoo isa malee akka jiraachuu hin dandeenye deddebisee barreesse.
Qulqullinni gara ishii fi fedhiin Bililleen barumsaaf qabdu guddiseetuma qalbii ilma mootii
kanaa fudhate kanaran kan ka'e waannuma argee hunda barsiisuu barbaade.
Afaan Arabaa fi Afaan Jarmanii akka baratu waan barbadef bakka doo'ii deemuu hundatti
Maahibuubaa of biraa hin hanbisu ture.Amallii ishii kun amala ilma mootii kan
Awwurooppadhaa dhufu qabu akka jijjiratu godhe.
Kanaaf Paklar yeroo tokko, " Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjin ooleen yeroo baay'ee booda
namaa dhuga ta'e " jedhee kan barreesse.
Eega waggaa sadiif biyyoota Bahaa doo'atan booda bara 1840 Paklar fi Mahibuubaan karaa
Awwurooppaa deebi'an. Yeroo kana Maahibuubaa dhukkubani sonbaa waan qabeef baay'ee
dhukkubsate.
Nafti ishiis baay'eeuma huqqatee. Lafeetti baee Paklar osoo garaan jibbuu Maahibuubaa manaa
isaa Muskaa jiru keessatti doktora isaa biratti amaanaa keenatee haadha manaa isaa
dhukkubsatee fudhachuu Barlin dhaqe .
Yeroo kana baa'ee dhukkubsattullee, Maahibuubaan dardara biyya ishii Oshoo Aagaa kan
jedhamu tokkoon walbarte. Oshoo Aagaa irraan immoo baayicha Jarman kun afaan Oromoo
qoratu. kaarl Tusheek , wajjin walbarte.sirba Oromoo kan Maahibuubaan sirbite hayyichi kun
galmeessee kaa'ee jira . Walaloo ishee keessaa, "Bowwoon yoo ana qabe Dhukkubsadhee ciise
Marxoo kee naa ergi Boraafadheen ciisaa yoo sana nan fayyaa" Maahibuubaan ijooluummaa
keesee guddisee jaalalee akka ija isaati ilaalu kan taasise Paklar, haati manaa isaa waan guddaa
dhukkubsateef Barlinii gara Maahibuubaatti deebi'uu hin dandeenye .
Garuu xalayaa ni barreesseef ture Mahibuubaa dhukkubni guyyamaa guyyaatti itti jabachaa
adeeme .
Akka hin dandaamnne garaan waan beekeef , yoo duutu Paklar akka ishii bira taa'u guddaa
hawwite.
Fedhii ishii kanas dhukkubasatee barreesuu waan dadhabdeef doktorri ishii barreesseef. Yeroo
xalayaan Paklar gahu haati manaa isaa baa'ee waan dhukkubsatteef gara Mahibuubaa hatatamaan
deemuu hin dandeenye.
Kanaaf rakkina irra jiru ibsee xalayaa fi meetii maqaan " Maahibuubaa" jedhu irratti bocame
ergeef . Garuu yoo xalayaa fi meetichii onkololeesa 27,1840 Muskaa gahu, Bilillen
( Maahibuubaan) arguu hin dandeenye. Hirriba dhuma hin qabneen moo'ate.

Posted by Hika Jijo at 1:43 PM

Even though I met you just a few months before, I have learned so much of who you are, and
thirst to learn even more. If you asked me why, I would have to think for I dont really know. All
I know is that I like you like crazy. Am I obliged to reason out?

You might also like