You are on page 1of 4

Aadaafi Seenaa: Oromoon Yayyaba

Shananiin abuurratee, maaliif wantota


shaniin qooda?
17 Caamsaa 2021

ADDA SUU IMAGES


Ibsa waa'ee suuraa,
'Oloo keessa saditu jira, jaloo keessa lamatu jira. Oloo keessa urjii, ji'aafi aduutu jiru. Jaloo
keessa ammoo dacheefi bishaantu jira'
Oromoon wantoota hedduu shanitti qoodee ilaala, uumaa waliinis walqabsiisa.
Fakkeenyaaf, Gadaan Oromoo shan, Odaa shan, jaarsoliin dhimma biyyaa ilaalan
shanee jaarsaa jedhamu, shanan seera baastotaas jiru - walumaagalatti 'Yayyaba
Shanan Waaqaa' jechuun falaasama wantoota shanitti hiruutiin beekama,
Oromoon.
Uummanni Oromoo maaliif wantoota shanitti qooduu filate? Falaasamni lakkoofsa shan
duuba jiru maali? Wantoonni Oromoon shanitti qoodee ilaalu maalfaadha?
Walumaagalatti duudhaan lakkoofsi shan jiruufi jireenya Oromoo keesatti qabu maali?
kanneen jedhanirratti yaada hayyootaarraa iyyaafanneefi dubbisnerraa kana
qindeessineerra.

 Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?


 Sirni Gadaa sirna badaaf qoricha ture

Falaasama lakkoofsa shan duuba jiru


Hayyuun Seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damissee Oromoon lakkoofsa shanirratti maaliif
hundaa'e, maaliif iddoo guddaa kenneef kan jedhurratti wayita yaada kennan:
''Oromoon beekumsa uumaafi uumama irratti qabu wayita ibsu Waaqayyo dura bishaan
walaabuu uume, bishaan kanas bakka lamatti addaan baase. Isaan lamaan oloofi jaloo
godhe. Isaan kunneen ammoo bakka shanitti yayyabe jedha,'' jedhan.
Obbo Dirribiin itti fufuun, ''Kun yayyaba shanan waaqaa jedhama. Oloo keessa saditu
jira, jaloo keessa lamatu jira. Oloo keessa urjii, ji'aafi aduutu jiru. Jaloo keessa ammoo
dacheefi bishaantu jira. Kanaaf, yayyabni Waaqaa shani jedhee amana Oromoon,''
jedhan.
Oromoon mallattoowwan Yayyaba Waaqaa shanan wayita ibsu uumaafi uumamaan
walqabsiisa kan jedhan Obbo Dirribiin, keessattuu akkaataan uumama dhala namaa
ammoo iddoo guddaa qaba jedhan.
''Qubi harka namaa shan, qubi miillaas shan, Lubi yookiin gogeessi Gadaa Shan,
Odaan seerri tumameefii beekames Shan.''
Kana malees, Oromoon haala waldhibdee kamiyyuu keessatti murtee dhugaa ni kenna
jedhee kan itti amanu garee jaarsolii Shanacha jedhamu qaba jedhan Obbo Dirribiin.
''Jaarsoliin kunneen hawaasaafi caasaa Gadaa keessatti kanneen iddoo qabaniifi
lakkoofsaan shan kan ta'an yoo ta'u, dubbiin yeroo baayyee isaan bira hin darbu.''
''Yoo dubbiin cimee isaan bira darbe ammoo gara qaama Salgee jedhamuutti dabarsu,
garuu yeroo baayyee Shanee jaarsaa bira hin darbu.''
Namoonni kunneen caasaama Gadaa keessa kan filaman yoo ta'u, garuu dirqama
abbootii Gadaati jechuu miti jedhan Obbo Dirribiin.
''Sirna Gadaa Oromoo keessatti Jaarsoliin shanan kunneen akka mana murtii
waliigalaatti ilaalamu. Namoota amantiirratti, aadaarratti, safuurratti adda duree ta'aniifi
amanamoo ta'antu filatamu.''

 Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?


 Waa'ee Gadaa wantoota shan
 Warri durii maaliif abbaa warraa maqaan hin waaman?

Hayyuun Antirooppoolooji fi Qorataan Seenaa Oromoo Dr Gammachuu Magarsaa


kitaaba isaanii, ''Sacred Knowledge Traditions of the Oromo of the Horn of Africa'' jedhu
keessatti waa'ee duudhaa lakkoofsa shanii wayita ibsan, ''Oromoon seera uumaafi
uumamaarratti hundaa'uun seera 'Yaayyaa Shanan' jedhu abuurrate,'' jedhan.
Falaasama wantoota shanitti ramaduu (Pentadic Classification), Yaayyaa Shanan jedhamu
kanaan Oromoon ijaarsa qe'ee, caasaa hawaasummaa, daangaa bulchiinsaa, Sirna
Seeraafi Heeraa, Sirna Siyaasaa akkasumas duudhaa amantii isaa shanitti qoodee
gaggeeffata jedhan, Dr Gammachuun kitaaba isaanii keessatti.
MADDA SUURAA,ERIC LAFFORGUE/ART IN ALL OF US
Ibsa waa'ee suuraa,
'Oromoon seera uumaafi uumamaarratti hundaa'uun seera 'Yaayyaa Shanan' jedhu abuurrate'
'Namni bu'uura shanirraa ijaarame'
Akkaataa falaasama Oromoo kanaan namni guutuun tokko uumama Waaqaa biyya
lafaarra jiru bakka bu'a kan jedhan Dr Gammaachuun, namni wantoota bu'uuraa shan:
gogaa, foon, dhiiga, lafeefi yaada isaarraa kan ijaarameedha jedhan.
Caasaan bu'uura qaama dhala namaa akkuma uumama addunyaa bakka bu'u,
Oromoon wayita mana ijaarratus kana ilaalcha keessa galcheeti jedhu Dr Gammachuun
kitaaba isaanii keessatti.
''Uummati Oromoo dur dur wayita mana ijaarratu jalqaba bifa geengoo ta'een godha.
Achii booda utubaa manaa gidduu dhaabee bakka shanitti kuta. Kunis qaama namaa
dhalootarraa hanga du'aatti kan bakka bu'uudha. Gogaa, foon, dhiigaafi lafeen kutaalee
shananiin bakka buufamu, utubaan ammoo yaada dhala namaa qajeelchudha.''
Dr Gammachuun seerota Yaayyaa shanan jalatti ibsan keessaa shanan seera-baastotaa
Abuduroo (Five Ancestral legislators) isaan tokko.
Akka isaan jedhanitti, namoonni seera ganamaa Oromoo baasan kunneen
maqaa Yaayyaa jedhu akka maqaa aangootti kan itti maxxanfamu yoo ta'u,
isaanis Yaayyaa Golloo Goboo, Yaayyaa Boruu Biloo, Yaayyaa Mannee Leeqaa Jaarsoo,
Yaayyaa Gallee Annoofi Yaayyaa Baabboo Galleessa jedhamu.
Maqaan namoota kunneenii bakkaa bakkatti garaagara ta'uu mala kan jedhan Dr
Gammachuun, garuu seerota namoonni kunneen baasantu karaa hayyuutiin
dhalootarraa dhalootatti darbaa yoona ga'e jedhan.
Akka Oromoon dhugeeffatutti Yaayyaa Golloo Goboo Seera Golaafi Seera Gosaa (seera
keessoo Oromoo fi Seera Ollaa waliin), Yaayyaa Boruu Biloo Seera Rakoo, Yaayyaa
Mannee Leeqaa Jaarsoo Seeraa Duulaafi Seera Adamoo, Yaayyaa Gallee Annoo Seera
Horaa, Seera Horii fi Seera Marraa Bisaanii, Yaayyaa Baabboo Galleessa Seera Dhawaa-
Dhibaayyuu baasaniiru.
Seerota kunneentu walitti qindaa'anii seera biyyaa ta'anii, heera Oromoon ittiin qajeelee
jiruufi jireenyasaa gaggeeffatee akka sabaatti jiraatuuf bu'uura ta'e jedhan Dr
Gammachuun kitaaba isaanii keessatti.
Gama kaaniin, mootummaan Itoophiyaa maqaa 'Shanee' jedhu moggaasee ofumaasaa
shororkeessaa jedhee farrajuun dhibdee siyaasaa mariin hiikuurra ittuu hammeessuu
kan agarsiisu ta'uu kan ibse Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), jechi 'Shanee' jedhu
Gadaa Oromoo keessatti duudhaa kabajaa qabaachuu hime.
''Jechi 'Shanee' jedhu Sirna Gadaa keessatti kabaja guddaa kan qabuudha. Jiruufi
jireenya Oromoo keessatti duudhaa kabaja qabuudha. Jecha kana fuudhanii
shororkeessummaatti farrajuun aadaafi duudhaa sabichaa gadi buusuudha.''
Mootummaan garuu garee Shanee jedhee waamu shororkeessummaan farrajuusaa
malee, 'Shanee' Sirna Gadaa keessatti duudhaa kabajaa qabu xiqqeessuusaa wanti
akeeke hin jiru.

You might also like