Professional Documents
Culture Documents
Iteenesh Dayyaasaa Wixinee
Iteenesh Dayyaasaa Wixinee
MUDDE, 2022
JIMMAA
BAAFATA
Qabiyyee Fuula
BOQONNAA TOKKO...................................................................................................................1
1. Seensa..........................................................................................................................................1
1.1. Seen-duubee qorannichaa.....................................................................................................1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa...........................................................................................................3
1.3. Gaaffilee Bu’uuraa................................................................................................................3
1.4. Kaayyoowwan Qorannichaa.................................................................................................4
1.4.1. Kaayyoo Gooroo............................................................................................................4
1.4.2. Kaayyoo Gooree.............................................................................................................4
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa............................................................................................4
1.5. Daangaa Qorannichaa...........................................................................................................5
BOQONNAA LAMA......................................................................................................................6
SAKATTA’A BARRUU.................................................................................................................6
2.1. Maalummaa Dubbisuu..........................................................................................................6
2.2. Yaadiddamoota Dubbisuu (Reading Theories).....................................................................7
2.2.1. Yaadiddama faksammuu (Schema Theory)...................................................................7
2.2.2. Yaadiddama sammuu (Mental models)..........................................................................7
2.2.3. Yaadiddama walfudhachiisuu (Proposition theory).......................................................7
2.3. Faayidaa Dubbisuu................................................................................................................7
2.4. Kaayyoo Dubbisuu................................................................................................................8
2.5. Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu.............................................................................................8
2.6. Tarsiimoo Dubbisuu..............................................................................................................9
2.6.1. Saffisaan dubbisuu (Skimming Reading).......................................................................9
2.6.2. Sakatta’aan Dubbisuu /Scanning reading/......................................................................9
2.6.3. Bal’inaan Dubbisuu /extensive reading/.......................................................................10
2.6.4. Gadi fageenyaan dubbisuu (Intensive reading)............................................................10
2.7. Gulantaalee Dubbisuu.........................................................................................................10
2.7.1. Dubbisuun Duraa (pre-reading)....................................................................................10
2.7.2. Yeroo Dubbisuu (during reading)................................................................................10
2.7.3. Dubbisaan Booda (post-reading)..................................................................................11
2.8. Naamusa Dubbisuu............................................................................................................12
2.8.1. Amala dubbisa gaarii....................................................................................................12
2.8.2. Amala dubbisa badaa ykn aadmalee............................................................................12
ii
BOQONNAA SADII.....................................................................................................................13
Malleen Qorannichaa.....................................................................................................................13
3.1. Saxaxa Qorannichaa............................................................................................................13
3.2. Irraawwatama Qorannichaa................................................................................................13
3.3. Iddatteessuu.........................................................................................................................13
3.4. Meeshaalee Odeeffannoon Ittiin Funaanamu.....................................................................14
3.5. Mala Qaaccessa Ragaalee...................................................................................................14
3.6. Naamusa Adeemsa Qorannichaa (Research Ethics)...........................................................14
3.7 Karoora yeroo hojii fi baajataa................................................................................................15
3.7.1 Karoora yeroo hojii...........................................................................................................15
3.7.2 Karoora baajataa...............................................................................................................15
Wabiilee.........................................................................................................................................16
BOQONNAA TOKKO
1. Seensa
iii
Afaan Oromoo afaan saba Oromoo jedhamuuti. Sabni kun kan naannoo gaanfa Afrikaa /gara
baha Afrikaa/ keessa jiraatuudha. Keessattu, danoominaan harka caalaa Itoophiyaa qabatee kan
jiruudha. Baay’inni isaas gara miiliyoona soddomaa ta’a (Hamid 1995). Akkaataan teessuma lafa
isaas yoo ilaalamu kaabaan naannoo Amaaraa, bahaan naannoo Sumaalee, kibbaan keeniyaafi
uummattoota kibbaa fi karaa dhihaan Sudaantuu daangessa (Feyisa, 1996:19; Addunyaa,
2o11:53, Daraaraafi Mohaammad, 2008). Afaan kana Oromoo qofa osoo hintaane uummattoonni
adda addaa Oromoo waliin jiraatanis nidubbatu. Akkasumas, karaa biyya inni keessatti
dubbatamu yommuu ilaalamuu bu’uuraafi bal’inaan Itoophiyaa keessatti haa dubbatamu malee
biyyoota akka keeniyaa, Taanzaaniyaa, Sumaaliyaafi Sudaan keessatti akka mul’atu ragaaleen ni
eeru (Hamid 1995).
Gama biraatiin, afaan kun afaanota gurguddoo damee kuush ta’aan keessaa isa tokkodha.
Afaanota Afrikaa keessatti dubbataman waliin walitti qabamee yoo madaalsifamu immoo afaan
Hawusaa fi Arabaatti aansee sadarkaa sadaffaa irratti kan argamudha(Feyisa 1996; Hamid 1995;
Tamesgen 1992).
Haaluma kanaan namoota biyya alaa keessaa kan akka namicha lammii Awurooppaa tokko
‘James Bruce’ jedhamu bara 1805 kitaaba isaa ‘Travels to Discover the Source of the Blue Nile’
jedhu keessatti kan qubee laatiniitiin Afaan Oromoo barreessuu eegale ta’uu tilmaamama
(Feyisa, 1996). Baroota 1840 lammiileen Awurooppaa gara Oromiyaa dhufan Afaan Oromoo
qubee laatiniitiin akka barreessaa turan ragaaleen nimul’isu (Pankhrust1976). Kanneen keessaa
kan akka ‘Krapf’ faa turan. Krapf hayyu qubee saabaatiin Afaan Oromoo barreessuuf yaalee
garuu qubeen saabaa Afaan Oromoof akka hinmijanne ibsedha (achuma). Oromoonni sababa
daldala garbaan,dhiibbaa siyaasaafi kan biraan ba’an eddooma jiran taa’anii Afaan Oromoo
barreessuuf yaalii taasisaa turaniiru. kan biyya keessaa keessaa ammoo kan akka Onesmoos
Nasiib (Abbaa Gammachiis) faa qubee saabaatiin barreessuu yaalaniiru.
Keessumaa baroota 1890 keessa Onesmoos Asteer Gannoo waliin ta’uun barreeffama amantii
ilaallatuufi hinilaallanne qubee saabaa fayyadamuun barreessaa turan. Onesmoos kitaaba
Qulqulluus gara Afaan Oromootti deebisee barreesseera (Andrzejewski, 1980). Namichi Sheek
bakrii Saphaaloo (Abubakar Usmaan Odaa) jedhamus kutaa Harar, Oromiyaa keessatti qubee
Afaan Oromoof ta’u qubee Arabaa irraa hanga tokko jijjiirama irratti gochuun bocuuf yaalii
godhee ture. Yaalii isaa kanaanis, walaloowwan gaggabaabaa barreessee ture. Garuu, hanqina
tokko tokko waan qabuufi dhiibbaa siyaasaa yeroo sana tureen osoo hinbaballatiin hafe (Feyisa,
1996).
iv
Gama biraatiin, yaalii Afaan Oromoon barreessuuf taasifamu kana keessatti qubeen saabaa
Afaan Oromoof mijitaa akka hintaane hubatamaa dhufe (Feyisa, 1996; Pankhurst 1976).
Dhimma kana Feyisa (1996:22) Cerulli (1922) wabeeffachuun, “Reading [Oromo] language in
Ethiopic alphabet is very like deciphering a secret writing,” jedha. Yaadni waraabame kun yoo
ilaalamu, qubee saabaatiin Afaan Oromoo barreeffame dubbisuun akka waan icciitii (ifa
hintaane) tokko tilmaamumaan dubbisuudha. Dhugumas qubee saabaatiin Afaan Oromoo
barrreeffame dubbisuun yooma sammuu ofii keessaa tilmaama itti kennaa dubbisu ta’e malee
kallattiin Afaan Oromoo dubbisuus ta’e barreessuun rakkisaadha.
Rakkoo kanaaf fala kennuufis hojiin adda addaa hojjetamaa tureera. Keessattuu, Oromoonni
biyya alaa turan yaalii garagaraa taasisaa turan. Haaluma kanaan, qubeen Afaan Oromoof mijatu
bara 1972 Tokkummaa Barattoota Oromoo Awurooppaatiin qubee laatinii irraa qophaa’e. Qubee
bocame kanaanis kitaaba ‘Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo’ jedhu ittiin barreessanii turan(Feyisa
1996:23). Kitaabni ‘Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo’ bara 1972 barreeffame jedhee (Feyisa,
1996) kaa’e.
Andrzejewski (1980) ammoo kitaabni kun bara 1973 akka maxxanfameetti kaa’a.
Garaagarummaan xinnooshee haa jiraatu malee kittaabichi naannooma sana maxxanfamuu isaa
jarri lamaanuu kaa’uu isaaniituu mul’ata. Haata’u malee, afaanichi kan inni afaan barreeffamaa
ta’ee uummata isaa bifa idileen tajaajiluu eegale bara kufaatii dargii irraa eegaleeti.
Mootummaan dargii akkuma kufeen haala salphaan yeroo muraasa keessatti uummatichi afaan
isaan barreessee itti fayyadamuu eegale. Qabanni isaa, durumaanuu erga qubeen Afaan
Ormootiif tu’u bocamee baay’ina haa dhaban malee barreeffamoonni tokko tokko biyya alaatii
gara Oromiyaa dhufuun uummata keessa galaa akka turan(Andrzejewski 1980) ibseera. Haata’u
malee, baay’ina akka hinqabne ni himama(achuma). Dhimmaa kana Askale (1998:324)akkasitti
keessi;
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti naannoo Oromiyaatti afaan barnootaa, afaan waajjiraa, afaan
sabqunnamtii, afaan dhaabbilee adda addaa tajaajila garagaraa hawaasaa kennanii ta’ee jira.
v
Haata’u malee, afaan kun sadarkaa kanarra ga’ee utuu jiruu guddina afaan sanaafis ta’e tajaajila
afaan sun kennu irratti rakkoo kan fidu dogoggora dubbisuun haalaan mul’ata. Qorannoon kunis,
rakkoo guddina afaan sanaafis ta’e ergaa afaan sanaan darbaa jirurratti dhiibbaa cimaa kan qabu
hanqina dubbisuufi madda isaa adda baasuun furmaata isaa akeeku irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Afaan Oromoo yeroo ammaa afaan barreeffamaa ta’uun naannoo Oromiyaa keessatti gama
hundaan tajaajilaa jira. Garuu, akkaatuma muuxannoofi sadarkaa barnootaa namoonni qabaniin
gargar haa ta’u malee gama sirriin dubbisuu yoo ilaalamu rakkoo bal’aatuu jira. Dhimma kana
qorachuun garuu guddina afaan sanaaf shoora qabaata (Alamu, 2007:4). Haalli kun immoo yoo
itti fufe karaa barreeffamaatiin waliigaluun rakkisaa ta’aa adeema (Atkins, 1996:138). Dhaloota
booriifis waan walxaxaafi dukkanaa’aa ta’a.
Dabalees, warri akka afaan lammaffatti afaanichatti fayyadaman, wanni tokko yoo dubbifamu
maal jechuu barbaade jedhani tilmaamaan hubachuu utuu hintaane kanuma dubbisame jiru
hubatu. Kun immoo dogoggorri qubee jiraannaan rakkoodha. Warra Afaan lammaffaaf qofa
osoo hintaane hojii idilee keessattis wanta dubbisame jiru sanatuu ilaalama. Dhimma kana
qorachuunis guddinafi tajaajila afaan sanaaf shoora qabaata (Alamu,2007:4). Qorannoo kanaafis
kan ka’umsa ta’an xalayoonniifi barreeffamoonni adda addaa barattootaa yoo ilaalaman
dogoggora dubbisuun bifa walitti fufiinsa qabuun keessatti mul’ata. Qorannoon kun immoo
hanqina dubbisuu barattoota mana barumsichaa keessatti mul’atan adda baasuun furmaata
kaa’uudha. Kanaaf, kan nama afeeru miti waan ta’eef humna qoratichaa ol ta’a.
Qorrannoo kanaaf akka gaaffilee bu’uuraatti kan taa’an kan armaan gadii ofkeessatti hammata.
vi
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, hanqina dubbisuu hanga barattootaa mana barnootaa keessa
jiru adda baasuun furmaata kaa’uudha.
Namoonni hundaas ta’uu baatan hangi tokko dogoggora dubbisuu akka salphaatti fudhachuu
danda’u. Akka muuxannoottis waggaa baay’eef yeroon hojii barsiisuu keessa jiru kanatti
namoota hojii adda addaa irratti bobbo’an yoon ilaalu dogoggora dubbisuu irratti waan
xiyyeeffannoo waan kennan hinfakkaatu. Haata’u malee, dogoggora dubbisuu miidhaa hedduu
fida. Qorannoon kun dogoggora dubbisuu barattoota mana barumsichaa kan xiyyeeffatudha.
Haata’u malee qaamolee armaan gadii bifa garagaraan tumsa adda addaa gochuufii danda’a
jedhamee tilmaamama.
1. Adda durummaan manni barumsaafi barattootni mana barumsichaa bu’aa qorannichaa irraa
fayyadamaa ta’u. Rakkoo maaltuu jira; furmaata isaaf ammoo tarkaanfiin akkamii akka
fudhatamuu qabu beekanii itti fayyadamuu danda’u.
2. Barsiisonni yeroo barsiisan barattoota /dhaloota/ boru deebi’anii mana barumsichaa keessaa
barsiisan xiyyeeffannoo akkamiitiin akka barsiisuu qaban isaan akeeka.
3. Mootummaan yoo fedhii qabaate haala kamiin dhimma kanarratti akka hojjechuu qabu isa
eera.
4. Qaamolee waaltina Afaan Oromoo irrattii hojjetaniifis hanga tokko gargaaruu ni danda’a.
6. Warreen dhimma kana ilaalchisee qorannoo geggeessuu barbaadaniifis raacatii ta’uu danda’a.
8. Dhumarratti saba Oromoo hundaafi namota afaan kanatti tajaajilamuu barbaadaniif gama
dubbisuu ilaalchisee akka ka’umsaatti gargaarsa isaanii gochuu danda’a.
vii
1.5. Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun guutuu Oromiyaa irratti waan geggeeffamuu qabudha. Sababaan isaas, rakkoo
dubbisuu guutuu Oromiyaarra jiru akka waliigalaatti adda baasanii karaa fooyya’uu qabuun
fooyyessuufi miidhaa dogoggora dubbisuun fidu hambisuuf gargaara. Haata’u malee, qabata
hanqina baajetaa, yeroofi baay’ina humna namaa irraa kan ka’e qorannichi kan armaan gadii
irratti kan daanga’u ta’a.
Daangaan isaas, naannoo Oromiyaa, godina Jimmaa aanaa Dedoo keessatti barattoota mana
barumsaa Askiraa kutaa 7ffaa lakkoofsaan 16 ta’an irratti kan daanga’edha. Akkasumas,
rakkoofi madda dogoggora dubbisuu barattoota mana barumsichaa keessatti barreeffaman
kanneen akka xalayaa, hojii manaafi daree qaboo raayyaafi yaadannoo adda addaa dabtara
isaanii akka dubbisaniifi namoota dhimma kana waliin walitti hidhamsa qaban irratti
daangeffama.
BOQONNAA LAMA
SAKATTA’A BARRUU
viii
ittiin ilaalaniifi qayyabataniiti.’
“The main purpose for reading is to comprehend the ideas in the materials. Without
comprehension, reading would be empty and meaningless. In our practicum, we have all
witnessed cases where students are capable of reading the words, but face much difficulty
in expressing their comprehension of the main ideas.
“http :www.dominican.edu/academics
Yaaada armaan oliirraa kan hubatamuun dubbisuun meeshaa ykn barruu dhiyaate tokkorraa
hubannoo argachuudha. Hubannoo malee dubbisuun hiika dhabeessaa fi duwwaadha jechuudha.
Dubbisuun dandeettii yaada fudhachuu yoo ta’u, hirmaannaa sammuu cimaa kan barbaadudha.
Dabalataan, yaadni toora interneetii irraa arganne: “Reading is a receptive skill -through it we
receive information” jedha. http://www.englishclub.com/reading/what.ht. Yaada wanta
barreeffame tokko ijaan guuruun gara sammuu geessuun hiika bira ga’uudha.
"Reading is the process of looking at a series of written symbols or/and text and getting
meaning from them. When we read, we use our eyes to receive written symbols (letters,
punctuation marks and spaces) and we use our brain to convert them into words,
sentences and paragraphs that communicate something to us.
http://www.englishclub.com/reading/what.ht.
Smith,(1985) akka jedhutti dubbisuun adeemsa yaada barreessaa qayyabachuuti.Hayyuun
Wallace(1992) immoo, “dubbisuun adeemsa barreeffamaa ilaalanii walii galuuti.” Hiika garaa
garaa armaan oliirraa kaanee dubbisuun adeemsa wanta barraa’e tokko itti qayyabatan akka
ta’eefi dhimma ergaa yookiin hiika wanta barreeffame bira ga’uuti.
Gunning (1996) yaadiddammoota dubbisuu sadii akka jiru ibseera. Isaanis schema theory,
mental models, proposition theory jechuun lafa kaa’eera.
ix
Gunning (1996) akka jedhetti yaadiddamni kun qindoomina beekumsa waa’ee namaa, bakkaa,
wantootaa fi taateewwanii sammuu keessatti uumammudha. Sammuun hundi bakka itti
galmaa’ee taa’uufi kuufamu qaba. Gama dubbisuutiin barattoonni meeshaa barreeffaman irraa
hubannoo argachuudhaan waan haaraas ta’ee kan duraan qabanirratti dabalachuudhaan gara
fuulduraatti itti fayyadamuuf kuufannoo sammuu keessatti ol kaa’atamudha.
Akka yaadiddama kanaatti dubbistoonni yaadota gurguddoo fi xixinnoo barruu keessa jiru
akkaataa barbaachisummaa isaatti wal duraa duubaan tartiibessanii kaa’uu ilaallata.
Dubbisuu adeemsa jiruuf jireenya hawaasaa keessatti gahee gurguddaa taphata. Isaanis:
x
2.5. Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu
Dandeettii dubbisuu barsiisuu jechuun callisanii dubbisa barruun taa’e dubbisuu yookaan
sagaleessuu qofa osoo hin taane waan dubbifame sana sammuutti qabachuu fi yaadachuu
dandeessisuu yookaan goonfachiisu itti horuu dabalata. Gahee barsiisaa fi barataa maal akka
ta’ee fi akkasumas meeshaaleen dubbifaman maal maal faa akka ta’an akka armaan gadiitti
eeramamaniiru.
Gahee barsiisaa
Gahee fakkeenyummaa
Dubbisaaf haalduree mijeessuu
Kaka’umsa uumuu
Jajjabeessuu
Leenjisuu
Qajeelchuu
Sakatta’uu fi dogoggora sirreessuu
Gahee barataa
Tilmaamuu
Hirmaachuu
Gaafachuu
Tarsiimoolee dubbisuu Shaakaluu
Gulantaalee dubbisuu hojiitti hiikuu
Yaada balballoomsuu
Yaada dubbisichaa ibsuu (afaanii fi barreeffamaan)
Kitaaba barataa
Gaazeexota
Kitaabolee wabii
Asoosamootaa fi seeneffamoota
Ogbarruu fi ogafaan barreeffamaa
Fakkiiwwan garaa garaa
xi
Akaakuun dubbisuu kun yaada bu'uuraa qofa kan gadi fageenya hin qabneefi ergaa dimshaashaa
ta’e argachuuf tooftaa itti fayyadamnudha. Ariitiidhaan meeshaa dubbisuun odeeffannoo kan
barbaannudha.Waan ta'a jedhamee eegame tokko qunnamtii gochaa mirkaneessuuf
kandubbifamudha.
Barreeffama kenname keessaa odeeffannoo yookaan raga murtaawaa ta’e argachuuf tooftaa
fiigichaan dubbisanii kaayyoo barbaadame bira ittiin gahanidha.
Scanning is reading quickly to search for specific information. You may notrealizeit, but you
a real ready good at scanning. You scan, for example, when checking a TV guide or a phone
book. Scanning may allow you to ‘read’ upto 1,500 words a minute. http
://www.teachingenglish.org.uk
Gosa dubbisuu kaayyoo bashannanaaf dubbifamuudha. Kan keesaatti adeemsa yookaan yaa’a
yaadaa barreeffama sanaa kan irratti xiyyeeffatuu fi fakkaanyaaf dubbisaan asoosama dubbisa
taanaan xiyyeeffannoonsaa namfakkiiwwan gurguddaa fi xixinnaarratti xiyyeeffachuun eessaa
garamitti seenaan asoosama sanaa deema jechuun bal’inaan dubbisa
Gosa dubbisuu ergaasaas sirriitti hubachuuf jedhamee gadi fageenyaan dubbifamuudha. Yeroo
kanatti dubbisaan dubbisuudhuma qofaaf osoo hintaane yaadasaa gadifageenyaan hubachuu
dabalata. Akkasumas, yeroo itti yaada barruu sanaa yookaan barreessaa sanaa qeequ, yaada
mataasaan goolabuufi sammuudhaan ciminaafi hanqina qabiyyee sanaa gadi fageenyaan
xiinxaludha.
xii
Kaayyoon guddaan gulantaa dubbisaa duraa akka barattoonni muuxannoo isaanii gara mata
duree dubbisichaatti fidatan taasisuudha. Kana gochuuf, ammoo kitaaba barataa keessatti
gilgaalonni gaaffiiwwan gareedhaan mariyatanii akka dareedhaaf gabaasan taasisuudha. Kunis,
ogummaan dubbachuu barattootaa akka gabbatu taasisa.
Gulantaan yeroo dubbisuu kanneen biroorra yaada dubbisichaa hubachuurratti ga’ee guddaa
qaba. Kaayyoon isaa inni guddaanis, akka barattoonni callisaafi saffisaan dubbisuun ogummaa
dubbisuu isaanii gabbifatan taasisuudha. Kanaafuu, gaaffiiwwan ogummaa kana isaan
gonfachiisan kitaaba barataa keessatti ni dhiyaatu. Dubbisichi akka barbaachisummaa isaatti si’a
lama yookaan sadii geggeeffamuu danda’a. Si’a jalqabaa gaaffiiwwan yaada dimshaashaa
dubbisichaa argachuuf isaan kakaasan, kan keeyyata seensaafi keeyyata goolabaa qofa ijaan
butuun deebisantu dhiyaata. Kanaafuu, akka barattoonni keeyyattoota kana dubbisuun yaada
dimshaashaa argatan taasisuun barbaachisaadha.
Kaayyoon gulantaa kanaa akka barattoonni ogummaawwaan adda addaa shaakalan taasisuudha.
Akkasumas dubbisicha madaaluun, hubachuun karaa biroo immoo, kaayyoo dubbisuu bal'inaan
kan dhugoomsudha. Haala kanaan gulantaan kun yaada waliigalaa barreeffamaa keessa jiru
beekuuf yookaan hubachuuf kan gargaarudha.shaakalawwan hojjatamuu qabanis dhimma kana
kan jabeessu ta’uu qabu.Kunneenis
xiii
Keeyyattoota keessatti hima baayyee barbaachisaa.
Yaada ijoo barreeffamaa irra deebi'uun kan bira ga'ame xiinxaluun himuu.
xiv
Tilmaamuu dadhabuu
Yeroo dubbisuu maaliif akka dubbifamu wallaaluu
Sagalee olkaasanii dubbisuu
Quba irra kaa’anii dubbisuu
Bakka itti dubbifamu filachuu dhabuu
Akkaataanumti barreeffama dubbisuu haaraa itti ta’uu.
Jechoota xiyyeeffannaa barbaadan addaan baasanii beekuu dhabuu
BOQONNAA SADII
Malleen Qorannichaa
Qorannoon kun kan adeemsifamu maddi odeeffannoo erga adda baafamanii booda iddattoon
filatamanii malaawwan ragaan ittiin funaanamuuf filataman kanneen akka barreeffamaa,
gaaffilee afaaniifi daawwannaa fayyadamuun ragaaleen funaanaman tokko tokkoon adda ba’anii
ni xiinxalama.
Baay’inni barattoota mana barumsichaa kanneen bara 2014 kutaa 7ffaa barataa dhiira 31 dubara
29 waliigala 60 turan. Barsiisotni mana barumsichaa immoo dhiira 8 fi dubara 2 waliigala 10
dha. Haa ta’u malee barattoota waliigalaa keessaa muraasa kanneen Afaan Oromoo sirriitti
dubbisuu hin dandeenye qorannoo irratti ni geggeessa.
3.3. Iddatteessuu
Sadarkaa mana barumsaatti barattoota kutaa 7ffaa waliigala 60 ta’antuu jiru. Barattootni kunis
amalaafi dandeettii dubbiuu garagaraa qabu. Barattootni mana barumsichaatii baratanis akkuma
bal’ina gandichaatti baay’ee ta’u. Kunniin yoo walitti idaa’aman ammoo lakkoofsi barattoota
sanaa ni heeddummata jechuudha. Kanaaf, irraawwatama qorannoon kun irratti geggeeffamuuf
xv
jiru humna qoratichaa ol ta’u. Kanarraa kan ka’e, baay’ina barattoota jiran keessaa iddattootu
fudhatama. Haaluma kanaan iddattoo fudhachuuf ammoo mala carraa tasaa kan fayyadamu ta’ee
barattoota jiran kanaaf carraa buusuun tokkoo hanga torbaa kan carraan baasetu fudhatama.
Barattootni hunduu carraa filamuu wal-qixa akka qabaatan kan taasifameef ammoo rakkinicha
barattoota hunda keessatti akka mul’atu barreeffamoota adda addaa isaan dubbisan irraa
nimul’ata. Kanaafuu, ija tokkoon akka ilaalamaniifi carraa filamuu wal-qixa qabaachuun akka
filaman ta’a jechuudha.
Erga barattootni carraan filatamanii booda iddattoon garuu tooftaa iddatteessuu akkayyootiin ni
filatamu. Qabanni isaa, dhimmichi dhimma muuxannoo, beekumsa afaaniifi, beekumsa dubbisaa
barbaadudha. Akkasumas, daree tokko keessa barattoota jiran keessaa kan kallattiin dubbisuu
irratti hirmaataniifi hinhirmaannes nijiraatu. Isaan kana adda baasuun kanneen odeeffannoo
ga’aa kennuuf beekumsaafi muuxannoo qaban irraa odeeffannoon ni fudhatama. Kanaafuu,
qoratichis qabxiilee armaan olitti jiran xiinxaluun karaa itti odeeffannoo ga’aa argachuu malu
iddatteessuu mit-carraa keessaa akkayyoo filachuuf hojjechuuf. Haala kanaan namoonni
afgaaffiin dhiyaatuuf namoota digdamii tokko ta’u. Kunis kan barbaachiseef ragaa dubbisa adda
addaa sakkatta’uun argame cimsuufidha. Haala kanaan iddatteessuun barattootaafi namootaa
raawwatama.
Ragaalee sakatta’a barreeffamootaa irraa argaman akka ifa ta’utti jalqaba gabatee keessatti
akkaataa walfakkaataniin gosa gosaan kaa’uu. Itti aansee, baay’ina barreeffamootaafi baay’ina
dogoggorootaa argame walbira kaa’uudha. Yaada achirra jiru qaaccessuun isa sirrii isaa bira
kaa’ama. Achii booda ibsi itti kennama. Odeeffannoo afgaaffiin argametti immoo tartiibaan
kaa’uu. Isa tartiibaan taa’e kana ammoo akka walfakkeenya isaaniitti garee gareen kaa’uu. Isa
gareen taa’e kanaaf ammoo ibsa barbaachisu itti kennuun kan qaacceffamu ta’a. Erga ragaaleen
barreeffamootaafi afgaaffii irraa funaanaman adeemsa isaaniif taa’een xiixnxalamanii booda
xvi
odeeffannoo karaa lamaanuu argaman walitti fiduun hangam akka walfakkaatan ilaaluun yaada
walfakkatuufi hinfakkaanne adda baasuun ibsi itti kennama. Dhuma irratti yaadni guduunfaafi
furmataa nikeewwama.
Qo’annoo kana geeggessuuf tooftaaleen raagaaleen ittin funaanaman haala saayinsawwaa ta’ee
kan hordofuu , yeroo qo’aannodhaaf adeemamutti aadaa fi dudhaa haawasichaa kan hordofuu fi
kabajuudha . Akkasumas namootin odeeffannoo kennan maqaan isaanii hin dha’mu yookaan
jechi raga isaan laatan qaama biraaf hin kennamu. Yoo fedha isaainii ta’uudhaa baate yeroo
barbaadanitti qorannicha keessatti hirmaachuu dhiisuu danda’u.
Adoo
Mud
Onk
Hag
wax
Hag
Caa
Gur
Eeb
Am
Sad
Ful
Bit
xvii
1 Barreessituuf 1 250 250
2 Geejjibaaf 10 40 400
3 Waraqaa Dose 2 100 200
4 Qalamaa 4 5 20
5 Saraaratuu 1 5 5
6 Walitti qabsistuu ( Isteepilarii) 1 45 45
7 Baawundarii 1 50 50
8 Durgoo /olima nama 10 50 550
9 Ida’ama 1520
Wabiilee
Andrejewski (1980). African students: the problem of teaching speaking skill: culcata. Plcc inc
Burner (1997). The Process of Education. Aland Mark in Education Theory Harvard University
Press
Clark. (1987). Curriculum Renewed In School of Foreign Language, Volume Two. Oxford
university press
Freedman, A.Pringle, Iand Yalden, J. (1983): Learning to write firt language /Second Language.
Longman, London
Larsen Freedman, Diene, (1986): Techniques and Princiles in Language Teaching (hin
maxxanfamin)
Thandrap. (2009). Develop Teaching Strategies that focus on students Needs: Student centered
in high school
xviii
UNESCO (1953-Ingiliffa Barnoota Keessatti Qo’annoo Barumsaa fi Dokmentootaa: Paaris
xix