Professional Documents
Culture Documents
OGUMAA FI QUNNAMTII
Amajjii, 2013
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Amajjii, 2013
[ii]
Yunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
YUUNIVARSIITII HARAMAYAA
Akka miseensa boordii qortoota Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa (MA)tti, waraqaa
qorannoo barataa Abdallaa Aammee qophaa‟e dubbisee madaaleera. Akka kootti waraqaan kun
uunkaa waraqaa qorannoo Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa Afaan Oromoofi Oguma
Barsiisuutiin ni guuta jedhee mirkaneesseera.
[iii]
Qoraa Alaa Mallattoo Guyyaa
IBSA QORANNICHAA
Waraqaan qorannoo kun hojii koo kan ta‟eefi kanaan dura Yuunivarsiitii kamiyyuu keessatti
qorannoo eebbaatiif kan hin dhiyaanne ta‟uusaafi wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee irraa
fayyadame hunda isaanii wabii keessa kaa‟uu koo nan mirkaneessa.
Mallattoo __________________________
Guyyaa ____________________________
[iv]
SEENAA QORATICHAA
Barataa Abdallaa Aammee Umar kan dhalate godina Arsii Aanaa Asakoo iddoo addaa Dhiibuu
jedhmutti Abbaa isaa Aammee Umariifi Haadha isaa Aaddee Zeeyinii Abaadir irraa bara 1980tti kan
dhalate yoo ta‟u, bara 1989tti Mana Barumsa Dhiibuu Sadarkaa 1ffaa galuun baruumsa isaa
eegaluun erga itti fufeen booda bara 1996tti qoruumsa biyyoolessaa kan kutaa 8ffaa fudhachuun bara
1997tti Mana Barumsa Asakoo Sadarkaa 2ffaatti barumsa isaa kan sadarkaa 2ffaa itti fufuun bara itti
aanutti qoruumsa biyyoolessaa kan kutaa 10ffaa erga fudhateen booda bara 1999tti Mana Barumsa
Qophaa‟ina Abboomsaattii barumsa isaa erga itti fufeen booda bara 2000tti qorumsa biyyoolessaa
kan kutaa 12ffaa fudhachuun bara 2001tti barumsa sadarkaa ol‟aanaa Yuunivasiitii Adaamaa yeroo
sanii kan amma Yuuniversiitii Saayinsiifi Teeknolojii Adaamaa (ASTU) jedhamutti baruumsa isaa
itti fufuun bara 2004tti barumsa digrii duraa erga xumureen booda gara hojii barsiisummaatti
bobba‟uun godina Arsii, Aanaa Seerruutti barsiisummaa isaa jalqabee osoo barsiisaa jiruu bara
2009tti barumsa isaa kan digrii 2ffaa argatee barachuun kunoo har‟a gaheera.
[v]
GALATA
HundadurseeRabbiianajiraachiseeguyyaakanaannagaheniingalateeffadha. Ittiaansuungorsitoota koo
kanta‟anDr. JeeyilaanAmaanfi pirof. Gargaaraa Fiqaaduu Baldaa
dadhabbiifihifannaatokkomaleenaqajeelchaniiasiinnagahuuisaaniitiifbaay‟eenisaangalateeffadha.Haa
lumakanaannamootaadeemsaraawwiiqorannookookeessattigaheeguddaataphatanmaatiikoo,
IttigaafatamtuuWaajjiraAadaafiTurizimiiAaddeMakkiyyaa Usmaan,
barsiisaaTamaamAmaaniifikanneenosoomaqaahinkaafaminnajalaahafanhundaisaaniigalateeffachuun
barbaada.
[vi]
Gabaajee
Dip. : Dippiloomaa
Dh.L : Dhaabbata Leenjii
WBAA :- Waajjira Barnoota Aanaa Asakoo.
W.A.T :- Waajjira Aada fi Turizimii.
W.B.I.L.B.: Waajjira Bulchiinsa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa.
W.Dh.D.D.D: - Waajjira Dhimma Dubartoota Daa`immanii fi Dargaggootaa.
WPSMQN: - Waajjira Paabilki SarvisiifiMisooma Qabeenya Namaa.
W.Dh.Dar.Ispoortii: Waajjira Dhimma Dargaggoofi Ispoortii
[vii]
Baafata
Qabiyyee Fuula
SEENAA QORATICHAA.................................................................................................. v
GALATA ........................................................................................................................... vi
SEENSA.............................................................................................................................. 1
[viii]
2.1 Seensa ...................................................................................................................................................................6
2.3.2 Walta‟iinsa.....................................................................................................................................................8
[ix]
2.9.3 Tuqaafi Qoodduu Fayyadamuu ..................................................................................................................18
[x]
3.4.2 Af-gaaffii .............................................................................................................................................27
5.1. Guduunfaa...........................................................................................................................................................53
[xi]
Wabiilee ............................................................................................................................ 58
DABALEE -A ................................................................................................................... 63
DABALEE-B .................................................................................................................... 64
DABALEE- C ................................................................................................................... 78
Ibsa Gabaatee…………………………………………………………………………………………………………………………..43
[xii]
AXEERARAA
Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu Xiinxala hanqina barreeffamoota barjaalee Waajjiraalee
Mootummaafi dhuunfaa Godina Arsii Aanaa Asakoorratti. Matadureen qorannoo kun akka qoratamu
qoraticha kan kakaase; yeroo baay`ee barreeffamoota barjaalee Aanaa kanaa irratti hanqinoota
mul’atan irra deddeebiin arguuisaatiifi kuniis yeroo gara garaatti namoota Afaanicha seeraan
dubbisan irraa komiin yeroo gara garaatti ka’uuisaati. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa
hanqinoota barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa Aanaa
Asakoo xiinxaluudha. Mata duree qorannoo kanaaiin kan walqabatan kitaabileen gara garaa
sakatta`amani akka sakatta`a barruutti qorannicha keessatti galanii jiru. Qoranno kana geggeessuuf
malli qoratichi itti dhimma bahe mala qorannoo akkamtaati.Mala kanaan odeeffannoos funannatee
jira, akkasumas, ragaalees xiixaleejira.Dabalataanis, meeshaalee ragaan ittiin funaanaman keessaa
daawwannaafi af-gaaffiitti dhimma bahee jira. Bifa kanaan, ragaalee cunfame kanarraa argannoon
qoratichaa: barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa Aanaa
Asakoo keessa hanqinni jiraachuu qoratichi bira gahee jira. Dogoggorri barreeffamoota barjaalee
kanneen irratti mul`atanis: jalqabarratti, haala teessuma barjaalee halluu qalama barreeffamoota
barjaalee, seeraan qubeessuu dhabuu, sirna tuqaaleetti seeraan fayyadamuu dhabuufi caasaa seera
afaanichaa hordofee barreeffamuu dhabuu faatu mul’ate. Maddi dogoggora barreeffamoota
barjaalee kunniin: xiyyeeffannaa itti kennuun barreeffamuu dhabuu, namoonni barreeffamoota
kanneen barreessan seera barreeffamaafi fayyadama afaaniirratti gahuumsa dhabuufi kanaaniis
walqabatee leenjii gara garaatiis akka hin fudhatiin adda baafamee jira. Kana bu`uureffachuun
qoratichi yaada furmaataa kennee jira.Barreeffamoonni barjaalee waajjiraalee mootummaafi
manneen hojii dhuunfaa Aanichaa haala teessumaa, filannoo halluu barreeffamaa, qubeessuu, sirna
tuqaaleefi caasaa afaanii irratti xiyyeeffachuun gaarii ta`a. Qaamoleen dhimmi isaa ilaaluus
hanqinoota mul’atan kana furuuf ogeessota afaanii waliin ta`uun leenjii gara garaa yeroo yeroon
osoo fudhachiisanii gaariidha. Dabalataanis barreeffamoota barjaalee kanaas osoo barreeffamee hin
maxxanfamin ogeessi afaanichaa waajjira keessa jiraatee gulaalee waan gaariidha jechuun qoratichi
yaada furmaata ni ta’a jedhees kaa’ee jira.
[xiii]
1
BAQQONNA TOKKO
SEENSA
Barreessuun dandeettiiwwan afaanii keessaa tokko ta‟ee kanneen biroorra walxaxaafi ulfaataadha.Yaada
kana ilaalchisee Atkins, (1996:6) yoo ibsu, “Writing is one of the basic language skills which every
learners and writers, faced difficult because , writing needs deep hunderstanding of agiven language,”
jechuun ibsa. Yaada kanaarraa wantiin hubadhu barreessuun dandeettii rakkisaafi walxaxaa hubannoofi
xiyyeeffannoo guddaa barbaadu ta‟uu isaati. Keessumaayyu barreeffamoonni teekinikaawaa kan akka
barreeffamoota barjaalee dandeettii cimaafi ogummaa addaa kan barbaadaniidha. Kana ta‟uu baannaan
ergaa barreeffamichaa gufachiisuufi guddina afaanichaarratti dhiibbaa guddaa fiduu kan danda‟nidha.
Barreeffamoonni kun alaa waan eegalaniif salphaatti ija nama hundaa seenu. Kun immoo namoota afaan
hinbeekne biratti akka waansirrii ta‟aniitti ilaalamu.Warra afaanicha seera barreeffama isaa beekaan biratti
yoo ilaalaman garuu dogoggoraan barreeffamuun isaanii ifatti waan mul‟atuuf hawaasa quuqama afaan
kanaaf qabu biratti gumgummii uumaa jira. Hanqinoonni kunbarreeffamoota barjaalee irratti kallaattii
garaa garaatiin mul‟atu. Isaan keessaa dogoggorri qubeessuu,ittifayyadama qub-guddeessaa, gabaajee
seeraan alaa fayyadamuu, caasaa barreeffama duraa duuba jechaa eeguu dhabuun isaan ijoodha.kana
maleesMisgaanuun (2011: 59) akka ibsutti, “Namoonni hedduun rakkooyookiin hanqina dandeettii
barreessuu qabu; barreeffamatti gargaaramanii sirriitti of ibsuufi yaada isaanii calaqqisiisuu hin danda‟an.
Fakkeenyaaf, dandeettii barreessuu sadarkaa gadaanaatti to‟atamuu danda‟an kanneen akka qajeelchanii
barreessuu, jechoota sirriitti qubeessuu, itti fayyadama qub-guddeessaa,sirna tuqaalee fayyadamuu, ijaarsa
birsagaa fi kanaafi kan kana fakkaatan irratti hanqina hedduutu jira.Barreeffamni namootaa: ifummaa,
qindoomina, walqabannaafi walta‟iinsa yaadaa akkasumas, unka barreeffamaa irratti rakkoo qabu”
2
Yaada kanarraa kaniin hubadhu, Namoonni barreeffamoota barjaalee garaa garaa barreessan beekkumsa
sirna qubeessuu, qub-guddeessaa, seer-luga afaanii, yaa‟a wal duraa duubummaa himoota sirrii hin qabne
dogoggora barjaalee irratti karaa garaa garaatiin mul‟ataniif sababa ta‟uu danda‟u. Kanuma irraa ka‟uun
anis dhimmi kun qorannoo kan barbaadu ta‟uu isaa erga mirkaneeffadhee maddi rakkoo kanaa maal akka
ta‟e adda baasee, furmaata barbaaduuf mata-duree “ Xiinxala hanqina barreeffamoota barjaalee
waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa Magaalaa Asakoo”jedhurratti qorannoo gaggeesseejira.
Walumaa galatti kaayyoon qorannoo kanaa hanqina barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi
barreeffamoota barjaalee dhuunfaa magaalaa Asakoo keessatti argaman xiinxaluun dhiyeessuudha.
Hanqinoonni mul‟atan kunneenis hanqinoota gama caasaa Afaaniitiin mul‟atan, hanqinoota haala teessuma
fi qulqullina barreeffamoota barjaaleefaadha.
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa hanqinoota barreeffamoota barjaalee Magaalaa Asakoo keessatti argaman
xiinxaluudha.Afaan Oromoo akka dubbatametti barreeffama akka barreeffametti immoo dubbifama waan
ta‟eef ergaawwan barreeffamaan darban hunduu waan ofii of ibsaniif of-eeggannoo cimaafi bilchina
ogummaatiin barreeffamuu qabu. Kunis kan milkaa‟uu danda‟u, ogeessa Afaanichaatiin yoo ta‟e qofa.
Bu‟uuruma kanaan mata duree xiinxala hanqina barreeffama barjaalee waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa
Magaalaa Asakoo jedhu irratti qorannoo gaggeessuuf dhimmoonni garaa garaa na kakaasanii jiru.
Hanqinoonni barreeffamoota barjaalee kunniin akkaataa qajeelfama haala teessuma barjaa kan hin
eeggatiniifi dubbistootaaf baay‟ee rakkisoo ta‟uu isaaniiibseera.Kana malees hanqinoonni garagaraa
barreeffama barjaalee waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa magaalaa Asakoo keessatti kan mul‟ataniifi
rakkooleen kunniin warra seera barreeffamaa Afaan Oromoo hin beekne biratti akka waan sirrii ta‟anitti
ilaalamuuisaaniiti.Seera dhabdummaan kunis guddina Afaan Oromoo irratti dhiibbaa cimaa uuma.
Akkasumas Yeroo Afaan Oromoo guddachaa jiru kanatti dogoggora qubee, caasaa ijaarsa barreeffamaa,sirna
tuqaalee, qub- guddeessaafi dogoggora caasaa birsagaafaa barreeffamoota barjaalee qorataan arge irratti waan
3
mul‟ataniif,qorannoon mata duree kiyyaan wal fakkaatu aanaa kana keessatti waan hin hojjataminiif fuula
duraaf immoo qorannoon kun hojjatamee yoo xumurame qaawa dogaggoroota argamee kana ni cufa jedhee
waan yaadeefiidha. Kanumaan walqabatee, gaaffilee armaan gadiitiif deebii laadhee jira.
1.Rakkooleen barreeffamoota barjaalee Magaalaa Asakoo irratti mul‟atan maal maal fa‟a?
2. Haalli teessumaafi haalli barreeffamoota barjaalee kanneenii maal fakkatu?
3. Hanqinoota mul‟ataniif maddi yookiin ka‟umsi maal fa‟a?
4.Hanqinni barreeffama barjaalee kunniin guddina Afaan Oromoo irratti dhiibbaa akkamii fiduu danda‟a?
5.Hanqinoota mul‟ataniif furmaanni maali?
1.Rakkooleen barreeffamoota barjaalee Magaalaa Asakoo irratti mul‟atan maal fa‟a akka ta‟an addabaasuu.
2. Haalli teessumaafi haalli barreeffamoota barjaalee kanneenii maal akka fakkaan ibsuu.
3. Hanqinoota mul‟ataniif maddi yookiin ka‟umsi maal fa‟a akka ta‟an xiinxaluu.
4. Hanqinni barreeffama barjaalee kunniin guddina Afaan Oromoo irratti dhiibbaa akkamiiakka fidan adda
baasuu.
5. Hanqinoota mul‟ataniif furmaanni maal akka ta‟e ibsuu.
Hanqina kana furuuf hariiroo waajjira Aadaafi Turiizimiifi warra barreeffamoota barjaalee
barreessanii nicimsa;
Bu‟aan isaa yoo hojiirra oole yookaan dogoggorri jiran yoo maqfaman guddina Afaan Oromootiif
ga‟ee mataa isaa nigumaacha;
Dandeettii, Muuxannoofi beekkumsa koo kan adeemsa barreeffama barjaalee irratti qabu naaf
dabala;
Namoota mata duree wal fakkaataa irratti qorannoo gaggeessuu barbaadaniif akka ka‟uumsaatti ni
tajaajila;
Namoota hanqinoota barreefamoota kanaan wal fakkaatan qabaniif akka madda furmaataatti ni
fayyada.
Gama biraatiin immoo yeroo ragaalee qorannoo kanaa funaannachuuf iddoo garaa garaatti deemu sababa Vaayrasii
koroonaatiin kaffaltiin geejjibaa dachaan dabaluu irra dabree taarifaa olitti kafaluun dhiibbaa na irraan gaheera.
Ragaalee barbaachisoo funaannachuuf wayta deemuttis iddoo barbaade sana wayta gahu iddoon ragaa irraa argadhu
cufaa ta‟uun irra deddeebiin iddoo sana dhaquuf dirqameera. Kunis rakkoo baajataatiif na saaxilee jira.
BOQQONNAA LAMA
2.1 Seensa
Mata duree kana keessatti sakkatta‟a barruuwwan garagaraa,kanneen hanqinabarreeffama barjaalee waliin
walitti dhufeenya qaban, Himteewwan qorannichi bu‟uureffateefi qorannoowwan mata duree kana waliin
wal fakkaataniitiin, maalummaa barjaa, amaloota barjaalee, qajeelfamota barjaalee, maalummaa
barreeffamaa amaloota barreeffamafi hanqinoota barreeffama barjaalee waliin barreeffamoota firoomina
qabanitu xiinxalamuun dhiyaateera.
Maalummaa barreeffamaa ilaalchisee, beektonni adda addaa karaalee adda addaan ibsanii jiru.Isaan
keessaa, Atikiinsiifi Warreen biroo (1998:85) yommuu ibsan, barreessuun dandeettiiwwan afaanii afran
keessaa isa tokko ta‟uusaati. Leki (1989: 1) immoo hiika barreessuu yommuu ibsu, mala yookiin karaa
ittiin yaada wal jijjiiran ta‟uusaa lafa kaa‟a.Dabalataanis barreessuun dandeettiiwwan afaanii afran keessaa
(dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuu, barreessuu)keessaa isa bu‟uuraati. Isaan kana keessaa kan
sadarkaa dhumaarratti barattoonni gonfatan ta‟ee, dandeettiiwwan afanii keessaa isa ulfaataafi
xaxamaadha.Yaada kana Misgaanuun(2011:57) yoo ibsu, “Dandeettiin barreessuu akka dhaggeeffachuufi
dubbachuu waan salphaatti baratamu osoo hin taane xiyyeeffannaan guddaan itti kennamee kan mana
barnootaatti baratamuudha”.jedha. Byrne,(1991:1), yaada kana cimsuudhaan, barreessuun yaada nutti
dhaga‟ame mallattoolee itti walii galametti fayyadamuun karaa ittiin namoota birootiin walii gallu ta‟uu
nutti mul‟isti. Akka Balaay (2007:11)qorannoo isaa keessatti ibsetti “ Barreessuun kan namoonni yaada
ittiin waljijjiiran, beekumsa waliif dabarsan, seenaa darbeefi isa fuulduraa ittiin ibsan ta‟ee kan
tajaajiluudha.” Jedha.
7
Yaada kanarraa kan hubatamu, dandeettiin barreessuu mana barnootaa keessatti akka baramuufi salphaatti
hawaasa keessa jirataan irraa barachuu akka hin dandeenye namoonni qaamaan walbira hinjirre karaa
barreeffamaatiin ittiin walquunnamaniifi kan ittiin ergaa barbaachisaa ta‟e waliif dabarsan ta‟uusaati.
Walumaagalatti, barreessuun adeemsa namoonni baratan bakka bu‟aa waan sammuutti yaade yookiin
xiinxale tokko baasee waraqaarratti qalamaan kaa‟uun dhimmoota garaagaraa keessatti itti fayyadamuu
danda‟uu isaa hubachuun ni danda‟ama. Barreessuun dandeettiiwwan afaanii keessaa tokkodha.
Dandeettiiwwan kunis, akkuma dandeettiiwwan biroo irradeddeebi‟anii shaakaluun fooyyeffachuun ni
danda‟ama. Kanaafuu, namoonni dandeettii barreessuurratti dhiibbaa qaban irra deddeebi‟anii yoo
shaakalan sirreeffachuu akka danda‟aniidha.
Dandeettiiwwan afaanii adda addaan bahanii hin barsiifamaniyyuu malee, amaloota addaadda isaan taasisu
ni qabu. Akka Byrne(1988) amaloota barreessuufi dubbachuu waldorgomsiistee ibsiteerti. Dandeettii
barreessuu kan adda taasisan ni jiru. Isaanis, hima barreeffama keessatti mul‟atan, hubannoofi
xiyyeeffannoo haala ifa ta‟een akka ergaa dabarsuu danda‟utti qindaa‟anii dhihaachuu qabu. Kun kan ta‟uu
danda‟us, barreessaafi dubbisaan walbira waan hin jirreef yoo yaanni barreessaa ifa hin taane,dubbisaan
hubachuu hin danda‟u.Akkasumas, barreessaan sirna tuqaalee,qub-guddeessaa,jechoota waalta‟iinsaafi
xiyyeeffannoo agarsiisanitti gargaaramuun yaada isaa ifa gochuun barbaachisaa akka ta‟e addeeessitee jirti.
Baarreessuun hojii sammuu waan ta‟eef, baay‟ee walxaxaafi ulfaataadha. Kunis kan ta‟e karaan
barreessaan yeroo tokkotti wantoota hedduu itti fayyadamuufi too‟achuun agarsiisuudha. Dhimma
kanarratti Misgaanuun, (2011:59) Itaaloo, (1999:19) wabeeffachuun, “Dandeettiin barreessuu hojii
sammuu haala malee walxaxaa waan ta‟eef, barreessaan altokko wantoota hedduutti fayyadamuufi
too‟achuun agarsiisuudha.” jedhee ibsa.
Yaada armaan oliirraa kan hubatamu ,barreessan tokko yommuu waa barreessuu barreeffamicha keessatti
too‟annaa qabiyyee,uunka,qubeessuu, caasaa himaa, jechoota filachuu, sirna tuqaaleefi qindoomina himaa
8
taasisaa kan barreessu ta‟uusaati.Kana malees Nunan,(1991), yoo ibsitu “Barreessuun kan ulfaatuuf
namootni baay‟een qulqullina barreeffamaatiif waan dhiphataniif jetti”. Richards(1990:21) yoo ibsu,
Danddeettiin barreessuu afaan dhalootaanis ta‟ee afaan Lammaffaan barachuun hojii cimaa barattoota
kutaa keessatti mudatan keessaa isa duraati jechuun dandeettiiwwan afaanii keessaa barattootatti kan
ulfaatu ta‟uusaa dubbata.
Amaloota barreeffama gaarii sirriitti hubachuuf, yaadni garaagaraa hayyonni eeran armaan gaditti
kaa‟amee jira.Diyanifi Pat(1998)yoo ibsan, “Barruun tokko barreeffama gaariidha; jedhamuuf amaloonni
afur jiraachuun dirqama.” Jedhu.Isaanis: Tokkummaa, walta‟iinsa, xiyyeeffannoofi guutummaadha.
2.3.1 Tokkummaa
Waa‟ee tokkummaa barreeffamaa ilaalchisee Crimmon,(1963) yoo ibsu,Keeyyanni tokko tokkummaa qaba
kan jedhamu, yaanni himoota keeyyatichaa keessatti dhihaatan hundinuu yaada ijoo keeyyatichaa waliin
walqabataniidha. Haaluma walfakkaatuun, barruun barreeffame tokko tokkummaa qaba kan jedhamu, yoo
keeyyanni barreeffamichaa keessatti dhihaatan hundinuu yaada ijoo barreeffamichaa waliin walqabatanii
dhihaataniidha. Barruun tokkummaa qabu, barreeffama yaadni ijoon isaa ifa ta‟ee dhihaateedha.Himni
ijoon kunis, akkuma keeyyata keessaatti bakka garaagaraatti galuu danda‟u barruu guutuu keessattillee
bakka garaagaraatti galuu danda‟a.Barruun tokkummaa qabu dubbistoota hin rakkisu.Dubbistoonni
barreeffama tokkummaa qabu yoo dubbisan, haaluma salphaa ta‟een hubatu.Kana jechuun salphaatti
keeyyata tokkorraa gara keeyyata biraatti akka ce‟an isaan taasisa. Barruun tokkummaa hin qabne garuu
dubbisuudhaaf nama rakkisa; dubbistoonni kaayyoo barreeffamichaa hubachuu akka hin dandeenye taasisa
2.3.2 Walta’iinsa
Barruun tokko barreeffama gaarii jedhamuuf, ulaagaa inni guuttachuu qabu keessaa kan biroo
walta‟iinsadha. Walta‟iinsa qabaachuun keeyyata tokkoo kan beekamu, himni gargaartuun hima ijoo
keeyyata tokkoo yoo ibsan. Haaluma walfakkaatuun, keeyyanni haala armaan oliitiin qindaa‟e wal duraa
duuba isaanii eeganii yoo dhihaataniidha.Broadmanfi Frynberg(2008).Barruu tokko akkaataa dubbistoonni
9
yaada isaanii hubachuu danda‟aniin qindaa‟uu qaba. Kunis yaadonni barreeffama keessatti dhihaatan
walta‟iinsa kan qabaniifi haala nama amansiisuun duraaduuba isaanii eeganii qindaa‟uu qabu. Diyanifi
Pat(1998), Yaada armaan olii yoo cimsan barreeffamni kan akkaataa nama amansiisuun qindaa‟e; barruu
walta‟iinsa qabu ta‟uusaati.
Akkasumas, barreeffamni haala gaariin hin qindeeffamne immoo, dubbistoonni ergaa isaa salphaatti akka
hin hubanne taasisa.
2.3.3 Xiyyeeffannoo
Geetaachoon (2006) ,Kellyfi Lawton (2006). Wabeefachuun yoo ibsu Xiyyeeffannoon, barruu tokko
barreeffama gaariidha kan jechisiisan keessaa isa tokkodha. Keyyanni tokko xiyyeeffannaa qaba yommuu
jedhamu, himoonni callaan hima ijoo keeyyatichaa ibsuuf yoo tarreeffameefi akkaataa walduraaduuba
barbaachisummaa isaaniitiin sirriitti yoo tarreeffamaniidha.Haaluma keeyyanni ibsameen barruun
xiyeeffannoo qabu tokko keeyyattoonni yaada barreeffamichaa walduraa duuba barbaachisummaa ibsuuf
yoo tarreeffamaniidha.
2.3.4 Guutummaa
Guutummaan barruu tokkoof barbaachisaadha. Barruun guutummaa qabu kan beekamu, ergaa yookiin
yaanni barreeffamichi dabarsu dubbisaaf sirriitti akka hubatamu yoo ta‟eedha. Kellyfi Lawton(2006)
guutummaa barreeffamaa yoo ibsan, jechoonniifi himoonni keeyyata, keeyyataafi keeyyatoonni
barbaachisoo hin taane, akkasumas, hiika isaanii ifa hin taane keeyyaticha keessatti yookiin barreeffamicha
keessa yoo hin jirreedha.
Walumaa galattiBarreeffamni tokko barreeffama gaariidha yookiin ergaa sirrii dabarsa jedhamuuf
caasaa afaanichaa hundaa eegee qindoomina yaadaa qabaachuun ergaa kan dabarsu yoo ta‟u, kunis kan
beekamu barreeffamichi amaloota barreeffama gaarii kanneen akka tokkummaa, walta‟iinsaa,
xiyyeeffannoofi guutummaa fa‟a yoo of keessa qabaateedha.
10
Afaan hunda galeessa waan ta‟eef dhimmoonni afaan ilaallatan karaa garagaraatiin ibsamuudanda‟u.
Kanamalees afaan fayyadamaa jirru sana keessatti dogoggorri barreeffama adda addaa uumamuun ni
mul‟ata. Inni kun afaan tokkoffaas yookiin lammaffaa keessatti mul‟achuu danda‟a.Brown, (1993).Kana
ilaalchisee Brown (1993: 214). Akkas jedha “The sociolinguistic context of natural, untutored language
acquisition can give rise to certain delicate acquisition that may itself to be a source of error.”
Yaanni kun yoo hiikamu haala uumaaa yookiin galumsa xiinqooqa hawaasaa keessatti, afaan yoo baramu
hanga tokko kan too‟annaa hin qabne gara looga addaa tokkootti nama geessuu danda‟a kan
jedhuudha.Kun immoo,afaan itti fayyadaman keessa galee yoo tajaajilu dogoggoraaf ka‟umsa ta‟uu
danda‟a. Kunis adeemsi looga uumamee sanaafi loogni duraan tajaajilarra jiru sun hamma tokko
walfudhachuu dhiisuu isaatiin kan dhufu ta‟a.
Yaadni kun yoo ibsamu loogni adda addaa dogoggora Barreessuu afaan tokko keessatti uumamuufka‟umsa
ta‟uu danda‟a jedhuuf osoo hintaane afaan tokko keessatti haalli barreessuu walfakkaatuufi afaan waalta‟e
tokkotti fayyadamuun barbaachisaa akka ta`e ibsa. Maddi hanqinaa inni biraa immoo dogoggora altokkotti
uumame sirreessuurra akkuma sirrii ta‟etti yoo itti fufuun fayyadamaniidha. Namni tokko dogoggora
wayita hojjete osoo hin sirreeffatiin bifa dhaabbataanitti fufee dogoggora isaa sana akkuma sirrii ta‟etti
fayyadamuudha (Brown, 1994). Qabxiin biraa kanmadda hanqina barreessuurratti ka‟u, Fergus (1983:3)
yoo ibsu, “We have poor study habits and we are careless. We miss pronounce words, we fail to enunciate
clearly, we do not use our eyes and ears to discriminate. We may add or omit syllables.”jedha
Yaanni kun yoo hiikamu afaan keessatti aadaan nuti waa qorachuuf qabnu laafaa ta‟uu, xiyyeeffannoo
maleen waa ilaaluu, hanqina sagaleessuu jechootaa qabaachuu, ijaafi gurra keenyaan waa adda baafachaa
deemuu dhabuufi birsaga itti dabalaa yookan irraa hir‟isaa barreessuu qabna kan jedhuudha.Hanqinni
qabxilee ka‟anii kunniin Afaan Oromoo keessatti yoo ilaalaman iddoo guddaa qabaachuu kan
danda‟aniidha. Sababni isaas,Afaan Oromoo keessatti qubee tokko itti dabaluu yookaan irraa hir‟isuun
hiika jechichaa jijjiiruu, kallattii tajaajilaa jijjiiruu yookiin hiika dhabsiisuu danda‟a
11
Haaluma walfakkaatuun,haallibarreessaan waan barreessu sana itti dubbisaa barreessu dogoggora qubeef
madda ta‟uu danda‟a. Kunis, haala sagaleessuu yookiin dubbisuu hin barbaachifneen dubbisuu yookiin
looga hin waaltofneen sagaleessuu ta‟uu danda‟a. Yaada kana Brown (1993: 206) yoo ibsu, “Faulty
pronuonciation may hide syntatic or lexical error,” jedha. Yaanni kun yoo hiikamuhaalli dubbisuu
dogoggora caasaa yookiin jecharratti fiduu danda‟a kan jedhuudha. Maddi dogoggora gosa kanaa yeroo
hedduu barreeffamoota Afaan Oromoo keessatti baay‟inaan waan mul‟atuudha.Gama
biraatiin,maddidogoggora barreessuu sababoota adda addaarraa ta‟uu danda‟a.
Walumaa galatti maddi hanqinalee barreessuu itti yaadanii barreessuu dhabuufi looga afaanicha
barreessinuunii sana sirritti hubachuu dhabuu fa‟aan yoo ta‟u,Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni yaada
garagaraa akka armaan gadiitti kaa‟aniiru.
Gama birootiin , seera ittiin barreessuu mirkaneeffachuu keessatti hiika jecha dimshaashumaan irra
darbuurra tokkoo tokkoo qubeewwan jechichaa xiyyeeffannoon ilaaluun gaariidha.
Kun keessumaa warra afaan tokkoffaa isaanii barreessaniif fayidaa waan qabu fakkaata.Sababni isaa
namoonni afaan tokkoffaa isaaniin barreessan yaada barrreessuuf barbaadan sana guutuutti sammuutti
waan qabaniif mirkaneeffannaaf yoo dubbisan xiyyeeffannoon isaanii qubeessuu jechoota sanaa osoo
hintaane yaada yookiin hiika sammuu saanii keessa jiru sana ta‟a. Haalli akkasii kun immoo, hanqinaalee
gama barreessuu mana hojii keessatti mul`ataniif daran kan nama saaxiluudha.
Fudhatamus garuu dogoggora waan ta‟eef iddoo galee tajaajilu hundatti nama rakkisuun isaa hin oolu.
Brown (1994).Akkasumas, rakkoo dogoggora barreessuu yookin qubeessuu walxaxaafi sirraa‟uu
hindandeenye fida. Gefvert,( 1988). Yaadni armaan olitti ibsame kun akkuma walii galaatti kan jiru yoo
ta‟u, miidhaawwan gooree ammo hedduu ta‟u. Akkaatuma kanaan,dogoggorri barreessuu gama ergaa
darbuun yoo ilaalamu miidhaa cimaa qaqqabsiisuu danda‟a. Kunis, barreeffamaan ergaan darbaa jiru tokko
akka isa kan afaaniin darbuu akka dubbii dhaggeeffataaf bakka ifa hin taanetti ibsa biraa dabaluu, sochii
qaamaatiinis, haala fuularraa, dhaggeeffataan yoo isaaf hingalle ta‟e bakka hin galleefitti gaafachuun
odeeffannoo dabalataa argachuufi kanneen biroon dhaggeeffataaf ifa gochuun ni danda‟ama. Kanaaf,
dubbiin yookin afaaniin yeroo yaada ibsatan isuma dubbatame sana qofatu yaadicha akka guututti
dhaggeeffattootaaf ifaa hin taasifne jechuudha. Glence (2001: 828) yoo ibsu “ One of your goals as writer
is it communicate your ideas clearly to your audiencies. If your writing is filled with mis spelled words
your ideas may be lost.” Akka yaada kanatti, kaayyoon barreessaa tokkoo ergaa dabarsuu barbaade sana
bifa ifa ta‟een dubbisaa isaaf dabarsuudha.Hanqinni barreeffamaa jiraannan garuu kun akka ta‟uu hin
dandeenye agarsiisa. Keessattuu Afaan Oromoo keessatti qubeen tokko jecha barreeffamuuf barbaadame
sanaaf baay‟ee murteessaadha.Sababni isaas, Afaan Oromoo keessatti qubeen tokko sagalee tokkoof
bakka waan bu‟uuf jijjiiramni wayii jiraannan dhiibbaa qaba. Kanaafuu, qubeen tokko jecha barreeffamu
keessaa hafnaan,yookin itti dabalamnaan rakkoo cimaa fiduu danda‟a. Kunis,akkaatuma humnaafi
murteessummaa jechichi galumsa sana keessatti qaburratti kan hundaa‟u ta‟ee ergaa akka darbuuf yaadame
sana kallattii jijjiirsisuu, humna dhabsiisuu yookiin ergicha addaan kutuufi hiika dhabsiisuu
danda‟a.Dogoggorri barreessuu jecha tokkorra jiru hiika hima keessa jiru sanadogoggorsiisuu mala.Norrish
(1983). Yoo ibsu, barreeffamni tokko wanta biroon gaarii ta‟uu kan danda‟u hanqinni barreessuu
fudhatama akka dhabu taasisa.
Kelly (1998: 391). Dabalees hanqinni barreessuu haala dubbisa hima tokkoo qofa kan jijjiiru osoo hin
taane haala barreeffamakeessatti argamu guutuusaa jijjiiruu danda‟a.Hodge (2009) Namoonni hojii
argachuuf xalayaa iyyannoo waajjira yookin qaama isa qacaruu barbaade sanaaf ni dhiyeessu. Hanqinni
14
barreessuu keessa jiraannaan garuu carraa qacaramuu dhabuu danda‟u.Inni hojiirra jirus sababuma kanaan
guddina itti aanutti darbuu dhabuu danda‟u.
Walumaa galatti ergaan barreeffamaan darbu akka kan afaaniin dhaggeeffataaf darbuutti irra
deddeebi‟amee hubatamuu waan hin danda‟amneef, sirritti yoo of eeggannoon seeraafi caasaa afaanicha
sanaa eegee hin barreeffamin ergaa dabarsuu barbaade sana dhiisee kan biraa dabarsuun dubbisaas
burjaajessaa miidhaa hanqina barreessuutiin dhufuuf sababa ta‟a.
Dhalli namaa osoo barreeffamatti fayyadamuu hin eegalin dura mallattootti fayyadamuun yaada isaa waliif
dabarsaa kan ture yommuu ta‟u, adeemsa keessa jiruufi jireenya isaa fooyyeffachuuf jecha carraaqqii
taasiseen yaada isaa sadarkaa barreeffamaatiin ibsachuurra gahe.
Messaris,(1996) Maalummaabarjaa yoo ibsu, “ They are many elements and designing an advertisemen
effective or not:picture,appeal,text and colour.”Jedha.
Yaadni kun yoo ibsamu , barjaan dubbisaa ofitti harkisuun odeeffannoo gahaa ta‟e dabarsuuf jechoota
muraasa barreeffamoota gurguddaa, halluu hawwataa ta‟een barreeffamee suuraa ergaa barreeffamichaa
tumsuun deeggaramee dubbistootaaf bakka mul‟atutti dhaabbachuu kan qabuudha. Yaada kanarraa kan
hubatamu barreeffamni barjaalee jechootafi halluuwwan mimmiidhagoon barreeffamanii iddoo
dubbistootaaf mul‟atutti kan dhaabbatu ta‟uu isaati.
Walumaa galatti barjaan iddoo ifa ta;etti dhaabbachuun barreeffama muraasaan isarratti barreeffameen
ergaa bal‟aa dabarsuu kan danda‟uudha.
yookin dhaabbilee mootummaafi mit-mootummaa gara fuul-duraa dhabbachuun yemmuu isaan dubbisan
mul‟ata. Kuni immoo namoota hunda bifa wal qixxeessuun dhimmamtoota hundaaf fayyada.
Amaloota barjaalee keessaa inni biroo immoo gabaabina qabaachuu dha. Haala yeroo dubbisaa hin
qisaasessineen jechootaafi gaaleewwan gaggabaaboon odeeffannoo quubsaa kennuu akka danda‟utti
dhiyaata. Barjaaleen haaluma barreeffamoonni biroo ittiin barreeffamaniin osoo hin ta‟in bifa seera afaanii
eeggateefi miira dubbisaa hawwachuu danda‟uun barreeffama.Haalli barruu isaatis halluuwwan
mimmiidhagoofi ifaa ta‟aniin barreeffama.Kun immoo imaltoonnis osoo daandii irra deemaniiyyuu
salphaatti ergaa barreeffamoota garaa garaa akka isaan hubataniif gargaara. Beeksifni barjaalee deeggarsa
tokko malee of danda‟ee dubbistootaaf odeeffannoo kennuun kan keessummeessuudha. Kun immoo ta‟uu
kan danda‟u yoo barreeffamichi haala ifaa ta‟een dubbisaaf yoo dubbifameedha.
ta`eef dhaabbachuu baate rakkisaadha. Dubbisaa keenya birattis amantaa dhabna nama odeeffannoo malee
barreessu taanee mul`anna. Dabalataanis, dubbistoota keenya joonjessinee duubdeebii hin barbaachifnes
isaanirraa arganna jechuudha.
barreessaan Barjaa tokko waan barreesse gulaaluun irradeddeebi‟ee ilaaluun .Dabalataanis hiriyoota isaa
gulaalchisuun hanqina mul‟atu furuun barbaachisaa ta‟a.
Afaan kamiyyuu seera mataa isaa qaba.Afaan mala ilmi namaa jiruufi jireenya isaa keessatti yaada, fedhiifi
hamilee isaa ittiin ibsatuudha.Afaan Oromoos kanaan ala miti. Afaan kunis, caasaa dubbiis ta`ee
barreeffamaa kan mataa isaa qaba. Akka Geetaachoon (2010) ibsutti, Caaslugni amala afaan tokkoorratti
hundaa`ee ka`umsi seera amala afaanichaas hawaasaan walqabata.Hawaasichis, seera afaanii eegeeti
dubbata, akkasumas, barreessa.Akka yaada kanaatti, dubbachuufis ta`e barreessuuf caasluga afaanichaa
eeguun barbaachisaadha.Gama biroon, caaslugni qabatama qaaccessa afaan tokkooti. Haala afaan tokko
ittiin fayyadamnu kan ibsuudha. Kanaaf, maalummaa afaan tokkoo beekuuf caasluga afaanichaa beekuun
gaarii ta‟a.
Caaslugni walittiqabama barbaachisoo seerotaa kan himootaa, gaaleewwaniifi jechoota haalaan ijaaraman
taasisuuf afaan tokko keessatti barbaachisuudha. Kanaaf, dogongorri caaslugaa barreeffama keessatti
mul`atan ergaa darbuuf yaalame maqsuu keessatti gahee guddaa qabaatu.
galuudhaan ergaa barreeffama sanaa kan murteessaniidha. Walumaagalatti, hanqinni gama kanaan
mul`atan hanqina ergaa barreeffamichaan darbuu barbaadamee gufachiisuu danda`uusaaniiti.
yoo ta‟e ergaan isaa jallachuu danda‟a.Kanaaf, yeroo barreessinu haala qubee eegnee barreessuun
barbaachisaadha” jedha. Akka yaada kanaatti, qubee guddaafi xiqqaa walkeessa gargaaramuun
barreessuun sirrii akka hintaaneefi barreeffama tokko keessatti haala barbaachisummaa isaaniitiin
fayyadamuu akka qabnu hubachiisa. Afaan Oromoo keessatti walmaknee barreessuun seera afaanichaa ni
cabsa.
Akka Fedhaan (1999:85) ibsutti, “Rakkoo barreessuu keessatti dhimma qubeessuun walqabatee mul‟atu
keessaa dheeressuu, gabaabsuu, laaffisuufi jabeessuun barreessuun isa tokkodha. Kunis haala hin
barbaachifneen yoo dheerate, gabaabbate, laafeefi jabaate ergaan barreeffamaa jallachuu yookiin yaada
ergichi qabatee jiru gadi lakkisuu danda‟a” jedha kana jechuun barreeffamichi ergaa barbaadamu
dabarsuurratti rakkoo qaba.
Afaan Oromoo keessatti sagaleen tokko qubema tokkoon waan bakka bu‟amuuf, qubee dachaas yoo ta‟e
mallattoon lama wal bira bu‟ee dhaabbatuudhaan akka qubee tokkootti waan tajaajiluuf, iddoo bakka bu‟e
sanatti waan bakka bu‟e sanaaf sagaluma tokkoof dhaabbata. Kun ammoo, afaan tokkoof bay‟ee
barbaachisaadha. Akkasumas, Barnt and Stubbs (1980:385) yoo ibsan, “Life would be easier if a sound
were always represented by the same letter.” Yaadni kun yoo hiikamu, Osoo sagaleen tokko yeroo hunda
qubee tokkoon bakka bu‟ee wanti hunduu salphaadha jedha. Kun immoo Afaan Oromootiif baay‟ee
mijata. Garuu, sagalee ba‟u sanaaf qubee bakka bu‟u sana hin keenye taanaan dogoggorri barreessuu
dhufuunsaa beekamaadha. Kanarraa kan ka‟e akkaataan itti dubbifamu kallattii hiika jecha sanaa yookiin
qubeewwan jechi sun ittiin ijaaramuuf deemu sana jijjiiruu danda‟a. Kun immoo, jijjiirraa hiikaa, jijjiirraa
caasaafi jecha ijaaramuu sana hiika dhabamsiisuus ni danda‟a.
jira, Seera katabbii Afaan Oromoo keessatti sagalee jabaa agarsiisuuf dubbifamaa tokko yogguu lama
katabna. Seerri kun dubbifamtoota qubee yookiin mallattoo qeenxee qaban qofaaf ta‟a. dubbifamtoonni
warri qubee yookiin mallattoo dachaa qaban yogguu laafanis yogguu jabaatanis uunka tokkoon katabamu
waan ta‟eefuu, dubbifamoota qubee dachaan barreeffaman jabinaafi laafina isaanii addaan baasuuf hima
keessa galchuu qabna. Afaan Oromoo keessatti jabinni sagalee gidduu hiriiraa yookin jechaa qofatti
argama.Jalqabaafi dhuma jechaarratti Afaan Oromoo jabaachuu hin danda‟u.
Yaada kanarraa kan hubatamu, dubbifamaan qeenxee ta‟an yeroo lama jecha tokko keessatti kan
katabaman yoo ta‟e, sagaleen jecha sana keessatti dhagaahamu yookiin dubbifamu sagalee jabaateedha.
Akkasumas, sagalee qeenxeen yeroo tokko kan katabamu yoo ta‟e jechichi katabame sagalee laafaa ta‟e
qabaachuu nuuf mirkaneessa. Kanaafuu, sagaleen jechoota katabnuu ulaagaa kana kan hinhordofne yoo
ta‟e ergaa barbaadame galmaan gahuu hindanda‟u jechuudha.
Walumaa galatti, barreeffamni barjaalee kanneen hanqinoota armaan olitti ibsaman jechuunis; kanneen
akka hanqina caas-lugaa, sirna tuqaalee qub-guddeessaa, qubeessuu ,himoota dhedheeroofi hin
barbaachifnetti gargaaramuuqaban hundi ergaa sirriifi ifa ta‟e dubbistootaaf dabarsuu hin danda‟an.
arganii dubbisan kaa‟amuu qaba.Shimp(2000) “Billboards placed on high ways are more appreciated in
cultural environment. It is more save than located in city areas. It is more convenient. Because drivers may
have more Concentration to billboards on high way visibility from far distance which definitely help in
brand awareness.”
Yaada kanaarraa kan hubatamu, Beeksifni barjaa bakka dhimmamtoonni hundi arganii dubbisuun
odeeffannoo irraa argachuu danda‟anitti dhaabbachuu akka qabuudha.
Yaada kana ilaalchisuun Leech(1996)yoo ibsu, “ In order to fulfill its functions, billboard advertisement
must meet the criteria of a successful persuasive text. They are: attention value, readability, memorability
and selling power” jedha. Yaanni kun yoo hiikamu, Faayidaa isaa galmaan gahachuuf beeksifni barjaa
dirqama ulaagaalee barbaachisoo kana guutuu qabu; isaanis: dhimmamuu, dubbifamuu, yaadatamuufi gatii
qabaadha.
Yaada kanaarraa kanhubatamu; beeksifni barjaa odeeffannoo gahaa kennuuf qajeelfamoota armaan olitti
barraa‟an hordofuun barreeffamuu qaba.
2.13 Qajeelfamoota BATO Barjaa Barreessuurratti
Dhimma barreeffama barjaa ilaalchisee Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa qajeelfamoota bara 2009
Lakkoofsa 5/2009 baaseen barreeffama barjaatiin yaanni darbuuf barbaadame tokko ergaan isaa osoo hin
24
hafin akka darbuuf qaamni barreessu of eggannoo taasisuun baay‟ee barbaachisan akka ta‟e kan ibsuudha.
Of eeggannoon godhamus barreeffamichi caasaa yookin saayinsii Afaanii akkasumas; aadaa, safuufi
duudhaa hawaasa Afaanicha dubbatuu eegee akka barreeffamuuf hojjachuudha.
BOQQONNAA SADII
Qorataan, Xiinxala Hanqina Barreeffama Barjaalee Godina Arsii Aanaa Asakoo Magaalaa Asakootti
Waajjiraalee Mootummaafi barreeffamoota barjaalee dhuunfaa magaalattii keessatti argaman maal akka
inni fakkaatu xiinxaluun dhiyeesseera.
Walumaa galatti qoratichi odeeffannoo isaa madda ragaa tokkoffaa irraa funaannate
26
3.4.2 Af-gaaffii
Af-gaaffiin namoonni lamaafi ol walitti dhufuun yaada sammuu isaanii keessaa qaban tokkorratti kan
waliin dubbiin ibsan ta‟uu isaa Kumar(2005:123) yoo ibsu; “Any person to person interaction between two
or more individuals with specific purpose in the mind is called an interview” Jedha.
Yaanni kun yoo hiikamu, Af-gaaffiin meeshaa funaansa ragaalee kan namoonni lamaafi ol walitti dhufuun
yaada sammuu isaanii keessaa qaban tokkorratti waliin dubbiin ibsan jedha. Kanaafuu, af-gaafiin
qorannoo tokko keessatti mala gaafiifi deebiin dhiyaatu ta‟ee, kutaan hawaasaa barateefi hin barannes
irratti hirmaachuun yaada maddisiisuun dhiyeessuu kan ittiin danda‟uu ta‟uu isaati. Haaluma kanaan
qorataan adeemsa qorannoo isaatiif af-gaafii banaa shaniifi cufaa sadii walitti qabaa af-gaafii saddeet
Hojjattoota waajjiraalee kanneeniifi namoota waa‟ee hanqina barreeffamoota barjaalee irratti beekumsa
qaban jedhaman kan mala iddatteessa kaayyawaadhaan filaman qaamaan bira deemee af-gaaffii
gaggeessuudhaan odeeffannoo qindaa‟aa dhiyeessee jira.
3.5 Mala Xiinxala Ragaalee
Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti mala qorannoon ittiin gaggeeffamu dursanii beekuun
barbaachisaadha. Kanaafuu Qorataan tooftaaleen ragaalee qorannoo isaa xiinxaluuf itti fayyadame mala
akkamtaa (qualitative) yoo ta‟u; mala kanaanis odeeffannoon namoota kudha jaha irraa walitti kan
sassaabame yoo ta‟u, isaan keessaa dhiira kudha tokkoofi dubara shan. Haaluma kanaan qorataan
qorannoo qindaa‟aafi dubbisaaf tolu dhiyeesseera.Kana jechuun Ragaalee argaman yaadota ijootti
qoqqooduun seenessaa ibsuudha.
28
BOQQONNAA AFUR
DHIYEESSA,XIINXALAAFIIBSA RAGAALEE
Suuraan barjaa armaan olitti mul‟atuu kun kan Waajjira Maallaqaafi Walta‟iinsa Diinagdee Aanaa
Asakoo yoo ta‟u, halluun qubeen Afaan Oromoo ittiin barreeffame gonkumaa kan hin mul‟anneefi namni
waajjira kana hin beekne dubbisee hubachuuf rakkisaa yoo ta.u, kanumaan wal qabatee qoratichi af-gaafii
Halluun qalamaa kan barreeffamni Afaan Oromooittiin barreeffame maaliif hin mul‟anne; moo rakkoo
ilaalchaatu gama afaanichaatiin jiraa? Jedhee yeroo gaafatutti odeef-kennitoota irraa deebiin deebi‟e
Rakkoo ilaalcha afaanichaa osoo hin taane namni barjaa kana barreesse halluu qalamichaa hubannoo
keessa galchuu dhabuu isaati.
Suuraa(2)
Barjaan kun kan waajjira bulchiinsaafi nageenyaa aanaa asakoo yoo ta‟u, barjichi tokkoffaa bakka
dubbistootaaf ifatti mul‟atutti hin dhaabbanne; muka dhaabbatu duubaan osoo irraa hin siissin waan
dhaabameef dubbistoota asii achi dubbisan ni dhiba.lammaffaahalluun barreeffama barjichaa kan Afaan
Oromootiifi Afaan Amaaraatiin barreeffamees ifatti kan hin mul‟annee yoo ta‟u, deebiin suuraa 1ffaa
jalatti deebi‟e qoratichi kanaan mirkaneeffateera..
30
Barjaan armaan olitti suuraa sadaffaa irratti mul‟atu kun rakkoolee garaa garaa qaba. Isaanis:
1. Haalli teessuma isaa yoo ilaalamu lafa kaa‟ame. Kun immoo barjaan kun dubbistootaaf akka ifatti hin
mul‟anne taasisa.
2. Barjaan kun halluun inni ittiin barreeffame gonkumaa kan dubbistootaaf mul‟atu waan hin taaneef
dubbistoonni dubbisanii ergaa isaa hubachuuf ni rakkatu.
Qoratichi barjaa kana ilaaluun kan waajjira Haqaa Aanaa Asakoo ta‟uusaa hubatus dubbistoonni biroo
garuu salphaatti hubachuuf rakkisaadha. Sababni isaas Barjaan kun iddoo barbaachisaa ta‟etti kan hin
dhaabbatiniifi halluun barjaan itti barreeffames kan hinmul‟anneedha.
31
Barjaan kun kan buufata fayyaa Aanaa Asakoo yoo ta‟uu barreeffamni barjaa kana inni halluu magariisan
barreeffame kan Afaan Oromoo sirritti mul‟achuu dhabuun isaa hiikni barreeffama barjichaa dubistootaaf
ergaa sirrii akka hin dabarsine godhe.
32
Barjaan kun kan Waajjira Abbaa Taayitaa Aanaa Asakoo yoo ta‟u, haalli teessuma barjichaa sirrii miti;
jechuunis lafa kaa‟ame kana malees barreeffamni barjichaa sirritti kan hin mul‟anneefi kunis hanqina
filannoo halluu qalama barreeffamichaa irraa akka ta‟e qoratichi bira gaheera. Sababa kanarraa kan ka‟e
dubbistoota yookiin dhimmamtoota barreeffama barjaa kanaa irraa ergaa hubachuu barbaadaniif ergaa sirrii
hin dabarsu.
Walumaa galatti barjaaleen armaan olitti kaa‟aman kunniiniifi kanneen biroos akkaataa qajeelfama haala
teessumafibarreeffama barjaa kan hin eeggatiniifidubbistootaaf baay‟ee rakkoo ta‟an ta‟uu isaanii qoratichi
ibseera.
33
Afaan kamiyyuu seera mataa isaa qaba.Afaan mala ilmi namaa jiruufi jireenya isaa keessatti yaada, fedhiifi
hamilee isaa ittiin ibsatuudha.Afaan Oromoos kanaan ala miti. Afaan kunis, caasaa dubbiis ta`ee
barreeffamaa kan mataa isaa qaba. Gama biroon, caaslugni qabatama qaaccessa afaan tokkooti. Haala afaan
tokko ittiin fayyadamnu kan ibsuudha. Kanaaf, maalummaa afaan tokkoo beekuuf caasluga afaanichaa
beekuun gaarii ta‟a.
Caaslugni walitti qabama barbaachisoo seerotaa kan himootaa, gaaleewwaniifi jechoota haalaan ijaaraman
taasisuuf afaan tokko keessatti barbaachisuudha. Kanaaf, dogoggorri caaslugaa barreeffama keessatti
mul‟atan ergaa darbuuf barbaadame maqsuu keessatti gahee guddaa qabaatu. Kanumaan wal qabatee
qorataanis hanqinoota gama caas-lugaa kanaan mul‟atan kanneen barreeffamoota barjaalee waajjiraalee
mootummaafi dhuunfaa magaalattii keessatti mul‟atan irratti daawwannaanarge waraabbii kallattiitiin
fudhate haala armaan gadii kanaan ibseera.
odeeffannoon /a/ jala jiru yoo ilaalame‟Kilinika Asakoo S-G- Aanaa kan jedhu;kilinika Asakoo sadarkaa
gad-aanaa jedhama osoo hin taane, Kilinika gad-aanaa Asakoo jedhamuutu irra jira. Sababni isaas haala
ijaarsa caasaa himaa Afaan Oromoo keessatti Maqibsi maqaa booda galuun odeeffannoo dabalataa maqicha
sanaaf kan laatuudha. Kanaaf caasaa kana keessatti maqibsi gad-aanaa jedhu kun maqaa kiliinika jedhu
boodarraan dhufuun kilinikni sun kan akkamii akka inni ta‟e sadarkaa kilinikichaa ibsa. Abbeentaan
kilinika gad-aanaa kanaa immoo kan Asakoo ta‟uutu ibsama. kanaafuu barreeffamni barjaa
34
odeeffannoo/a/irra jiru kun Kilinika gad-Aanaa Asakoo kan jedhutti sirrata. Madda ragaa Dabalee B
Suuraa (13) Kilinika Asakoo S-G Aanaa
Haaluma wal fakkaatuun odeeffannoon/b/ jala jiru waraabbii suuraatiin kallattiin barjaa dhuunfaa tokko
irraa kan fudhatame yoo ta‟u, Suphaa walii galaa Elektirooniksii Lammaa kan jedhu kunis yoo sirratu
Suphaa Elektirooniksii walii galaa Lammaa ta‟a. Sababniisaas Maqibsi walii galaa jedhu maqaa
Elektirooniksii jedhu duubarraan galuun elektirooniksiin sun maal akka inni hojjatu ibsuuf kan galuudha.
Dabalee B Suuraa (25) Suphaa Waliigala Elektirooniksii Lammaa
Odeeffannoon /d/irratti barraa‟e Waajjira O.D.P. A/Asakoo kan jedhuudha. Kun immoo jechi gabaajeen
barreeffame kallattiimaan jecha Afaan Ingiliizii irraa kan fudhatameefi Afaanichaan gabaajeen kun yoo
diriirfamu,( Oromo Democratic Party) kan jedhu ta‟a. Afaan Oromootiin garuu gabaajeen isaa P.D.O. (
35
Paartii Dimokraatawaa Oromoo) kan jedhu ta‟a.Sababni isaas haala ijaarsaa hima kana keessatti jechi
Waajjira jedhu jecha Afaan Oromoo yoo ta‟u gabajeen fuuldura isaatti barraa‟e garuu yeroo diriirfamu
hima Afaan Ingiliffaatiin diriirfama. Ergaan Afaan Oromootiin dabru kamiiyyuu bifa caasaa afaanichaa
eeggateen barreeffamuutu irra jira malee kallattiin jecha jechaan afaan biroorraa hiikuun itti fayyadamuun
sirrii miti fakkeenyaaf haalli ijaarsa himaa Afaan Oromoo MAG jechuunis matima, antimaafi gochima
waan ta‟eef Paartii Dimokraatawaa Oromoo jechuutu sirriidhaa jechuudha. Akkasumas,jechi „Paartii‟
jedhu kunis jecha Afaan Oromoo waan hin taaneef mallattoo waraabbii qeenxee keessa galfamee
barreeffamuutu irra jira
Odeeffannoon /e/ kan ibsu Waajjiara Af-yaa‟iifi Mana Maree Aanaa Asakoo; Ergama Waajjiricha kanaa
jalatti gaalee “Mann-maree”jedhu, Mul‟ata jalatti immoo jecha “Mioomaa”fi Toora Xiyyeeffannoo jalattis
“Qabessumm” kanneen jedhan fa‟atu jira. Jechoonni odeeffannoo kana jalatti tarreeffaman kunneen
yemmuu sirreeffaman wal duraa duubaan: Mana maree, Misoomaafi Qabeessummaa kan jedhu ta‟u.
Sababni isaas ijaarsa caasaa jechaa Afaan Oromoo keessatti jalqabaafi dhuma birsagaa irratti dubbifamaan
hin jabaatus irras hin butamu. Kun immoo Mann- jechi jedhu yoo birsageeffamu,seera caasaa afaanichaa
ni diiga; jechi qabeessumm jedhus ulaagaa kanaan caasaa afaanii sirrii kan eegee miti. Jechi mioomaa
jedhu immoo caasaa Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun walfakkaatus ta‟ee gosa gara garaa osoo
dubbifamaan jidduu hin seenin walitti aanee hin barreeffamu. Kanaafuu jechi haala kanaan barreeffame
kun jecha misooma jedhuun barreeffamuu waan barbaadameef sagalee dubbifamaa/s/ gidduu galchuun
sirroomina caasaa seera afaanichaa eeguun barreeffamuutu sirriidha.Dabalee B Suuraa (6)Waajjiara Af-
yaa‟iifi Mana Maree Aanaa Asakoo
Barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi barjaalee mana hojii dhuunfaa keessatti rakkoolee
mul‟atan keessaa tokko rakkoo itti fayyadama sirna tuqaaleeti. Sirni tuqaalee barreeffama keessatti iddoo
barbaachisaa ta‟anitti galuudhaan ergaan barreeffama tokkoo haalaan akka hubatamu kan taasisaniidha.
36
Kanaaf, iddoo isaan barbaachisanitti galchanii itti gargaaramuu baannaan barreeffamni kamiiyyuu hiika
dhaba; jechuunis barreeffamichi ergaa sirrii akka hin dabarsine taasisaa jechuudha.
Sirni tuqaalee barreeffama keessatti galuudhaan yaada ijoo barreeffamaafi ergaan barreeffamichaa
xumuramuu isaa kan nutti agarsiisuudha. Kunis, iddoo adda addaatti mallattoo adda addaa kanneen akka
tuqaa, gaaffii, qoodduu, tuq-lamee, waraabbiifi kan kana fakkaatan barreeffama keessatti galuudhaan ergaa
barreeffama sanaa kan murteessaniidha. Walumaagalatti, hanqinni gama kanaan mul‟atan hanqina ergaa
barreeffamichaan darbuu barbaadamee gufachiisuu danda‟uusaaniiti.
Hanqinoota gama kanaan barjaalee waajjiraalee mootummaafi barreeffamoota mana hojii dhuunfaa Aanaa
Asakoo magaalaa Asakoo irratti gama kanaan mul‟atan haala armaan gadii kanaan xiinxalamaniiru.
Odeeffannoowwan barreeffamoota armaan olii irratti agarsiifaman haala armaan gadii kanaan
xiinxalamaniiru .Barreeffamoonni kunneen kanneen daawwannaan barjaalee waajjiraalee mootummaa gara
garaa irraa suuraan kallattiin waraabbamanii dhiyaataniidha.
Odeeffannoon(a)kan Waajjira Ispoortii A/Asakoo kan jedhu irratti mallattoon / kun jecha yookin jedhu
bakka bu‟uun kan tajaajilu waan ta‟eef barreeffamichi Sagaleen/A/jecha Asakoo jedhuun kan wal
madaaleefi hiika tokko akka waan qabaniitti tajaajila. Kanaaf /A/yookin Asakoo hin jennu. Sababni isaas
bakka bu‟een sagalee/A/ iddoo hundatti Aanaa Asakoo ibsuuf kan bakka hin buuneedha. Kanaafuu Caasaa
barreeffamaa kana keessatti mallattoon/iddoo isaa malee galuun himichi hiika akka inni dhabu taasistee
37
jirti. Sababni isaas jechichi hima kana keessatti A/Asakoo jechuun kan barreeffame Aanaa Asakoo jechuu
waan barbaadeefidha.
Odeeffannoon(b) Barreeffamni Barjaa kana irratti mul‟atu Waaj/Bul fi Nag/A/Asakoo kan jedhuudha.
Barreeffamni haala kanaan barreeffame, suuraan barjaa waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Aanaa Asakoo
irraa kan kallattiin fudhatame yoo ta‟u, Barreeffamichi barjaa kanaa kan inni jedhuu barbaade; W.B.N.A.A.
(Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Aanaa Asakoo)ti. Haalli barreeffama kanaa garuu gabajees yookin
jecha guutuus osoo hin taane, mallattoo / kana fayyadamee barreeffamuun isaa dogoggora. Dogoggorri
kun immoo himichi mallattoo sirna tuqaa sirrii ta‟etti kan hin gargaaraminiifi barreeffamni barjichaa
dubbistootaaf hiika sirrii akka hin kennine yoo taasisu mallattoon tuqaa immoo iddoo itti galtee silaa
tajaajila kennitutti osoo hin galin haftee jirti.
Dabalee B Suuraa(12)Waaj/Bul fi Nag/A/Asakoo
Odeeffannoon/c/ jalatti barreeffame yoo ilaalamu, Oromoon saba kamiyyuu hammatee waliin jiraata
Qeerroo Aanaa Asakoo Suuraa barjicha irratti mul‟atuutti immoo “ Tokkummaan Humna” jedha.
Oromoon saba kamiyyuu hammatee waliin jiraata kan jedhe, Qeerroo Aanaa Asakoo waan ta‟eef himni
kun dhaadannoodha. Kanaaf mallattoo waraabbii dachaa keessa galfamuun gaaleen Qeerroo Aanaa Asakoo
jedhu sarara haaraa irratti dhaadannicha jalatti barraa‟uutu irra jiraata.Yoo haala kanaan hin barreeffamne
immoo faayidaa mallattoon waraabbii dachaa kennu dhoorkuun seera afaanichaa diiga.
Odeeffannoon /d/jalatti barreeffame kun kan suuraa waraabbii kallattiitiin barreeffama barjaa waajjira Af-
yaa‟iifi Mana maree Aanaa Asakoo irraa kallattiin kan fudhatameedha. Barreeffama as jalaa fudhatame
keessaa Ergama jalatti kan barreeffame gaaleen mann-maree jedhu caaseeffama sirna tuqaa Afaan Oromoo
eegee hin barreeffamne; Sababni isaas gaalee gubbaatti jala sararame kana keessaa jecha mann- jedhutti
aanee kan gale sararri xiqqaan iddoo kanatti faayidaa isaa malee kan galeedha. Gama biraatiin himoonni
38
seerotni bahan hojiirra ooluu isaani hordofuu, bu‟a qabeessumm baajataafi karooraa , Humna
raawwachiisummaa mana maree uummataa cimsuu. Himoonni barjaakana irratti Toora xiyyeeffannoo
Barjaa kanaa jalatti barraa‟an kunniiniis sirna tuqaa keessaa kan raawwii himoota kanaa agarsiiftu
;jechuuniis mallattoon tuqaa dhuma irratti galuu dhabuun himoonni akka ergaa guutuu hin dabarsine
taasisee jira.
Dabalee B suuraa (6)waajjira Af-yaa‟iifi Mana maree Aanaa Asakoo
Barreeffamni tokko adeemsa seera barreeffama afaanichaa eegee barreeffamuu keessatti sirna-tuqaalee
keessaa fayyadamni qubee guddaa isa tokkoodha.Qubee guddaan haalaafi waan fayyadamnuuf qabaata.
Akkasums, iddoofi yeroo ittigargaaramanis ni murteeffata. Akkasumas, qubee guddaan iddoo hundaafi
waan hunda ittiin jalqabuuf seeraan alatti kan dandaa‟amu miti. Kanaafuu, adeemsa barreessuu keessatti
qubee guddaa iddoo barbaadametti galchuun barbaachisummaa fayyadama afaanichaatiif gahee guddaa
qabaata jechuudha.
Yaadota armaan olitti ibsaman kanneen cimsuuf hanqinoonni barjaalee irratti daawwannaan argaman haala
armaan gadii kanaan dhiyaataniiru.
Odeeffannoowwan barreeffamoota armaan olii irratti agarsiifaman haala armaan gadii kanaan
xiinxalamaniiru.Barreeffamoonni kunneen kanneen Waajjiraalee mootummaafi barjaalee mana hojii
dhuunfaa gara garaa irraa suuraan kallattiin waraabbamanii dhiyaataniidha.
a. Odeeffannoo (a) irratti mul‟atu kun kan fudhatame, barjaa mana hojii dhuunfaa kan Gurgurtaa
39
Farra Aramaafi Ilbiisotaa Ambassee jedhu irraa suuraan waraabbamee kan fudhatame yoo ta‟u, qaama
himaa barreeffama kanaa keessatti Sagaleen dubbachiiftuu/u/ tan sagalee dubbifamaa /g/fi /r/ gidduutti
argamtu qubee guddaa ta‟uun isheefi sagalee dubbifamaan /f/ kan jecha Farra jedhu ibsuuf jalqaba
jechichaa irratti barreeffamte seera qub-guddeessaa kan Afaan Oromoo kan hin eeggatin ta‟uun isaanii
barreeffamicha seera qub-guddeessaa akka inni dhabu taasise.
Odeeffannoon (c) irratti mul‟atu barjaa Waajjira Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya namaa jedhu irraa
kallattiin kan suuraan waraabbameedha. Jechichis mul‟ata kan jedhu yoo ta‟u, jechi kun sirreeffamee yoo
barreeffamu jecha Mul‟ata jedhu ta‟a.Kunis sagaleen dubbifamaa /m/ jalqaba jechichaa irra jiru qubee
guddaa ta‟uun osoo irra jiraatu qubee xiqqaan jalqabamuun barreeffamuun isaa seera qub-guddeessaa kan
eegee kan barreeffamee miti. Kana malees, Toora xiyyeeffannoo waajjira kanaa jalatti gaaleen toora
Xiyyeeffannoo jedhu, jalqaba irratti jechi „toora‟ jedhu qubee xiqqaan jalqabamee barreeffamuun isaa
sirriimiti. Kanaafuu, gaalichi sirreeffamee yoo barreeffamu Toora Xiyyeeffannoo kan jedhu ta‟a.
Rakkoolee barreeffamoota adda addaa keessatti mul‟atan keessaa tokko rakkoo qubeessuuti. Qubeessuun
barreeffama keessatti karaalee adda addaatiin mul‟achuu ni danda‟a. Kunis dheeressuufi gabaabsuu,
jabeessuufi laaffisuun barreessuun dhimmoota qubeessuun walqabataniidha.Afaan Oromoo keessatti haala
barbaachisuun qubeessuu dhabuun barreeffama tokkorratti dhiibbaa guddaa qaba.
Seera barreessuu Afaan Oromoo keessatti bu‟uura qubeessuutiif sagalee dubbifamaan sagaleewwan
afaanichaa keessatti akkaataa fayyadamaa irratti xiyyeeffannoo kan barbaadaniidha. Adeemsa jabeessuufi
laaffisuu sagaleetiif sababa kan ta‟anis isaan kana. Kanaaf, wayita Afaan Oromootiin barreeffamu wanti
sagaleessan qubeedhaan bakka bu‟ee waraqaarra qubachuun barbaachisaadha.Kana yoo ta‟uu baate, jechi
barreefamu ergaa sirrii hin dabarsu. Dubbifamaan qeenxee ta‟e yeroo lama jecha tokko keessatti kan
katabamu yoo ta‟e, sagaleen jecha sana keessatti dhagahamu yookiin dubbifamu sagalee jabaateedha.
Akkasumas, sagalee dubbifamaa qeenxeen yeroo tokko kan katabamu yoo ta‟e jechichi katabame sagalee
laafaa qabaachuusaa nuuf mirkaneessa. Kanaafuu, sagaleen jechoota katabnuu ulaagaa kana kan hin
hordofne yoo ta‟e ergaa barbaadame galmaan gahuu hin danda‟u jechuudha.
Yaadumakana kan deeggaru jechoota barreeffamoota barjaalee qorataan daawwatee suuraan waraabe haala
armaan gadii kanaan xiinxalamuun ibsamaniiru.
Odeeffannoon(a) jalatti barreeffame kun kan fudhatame barjaa dhuunfaa kan mana hojii tajaajila ciree
kennu tokko irraa suuraan kaafame yoo ta‟u qaama barreeffama barjaa kanaa keessaa jechi jala sararame
kan „ciirree‟ jedhu yoo ilaalamu jechichi kan jedhamuuf barbaadame jecha Ciree jedhuudha.Haata‟uu
malee sagalee dubbifamaan /r/n qaama jecha kanaa irratti jechicha jabeessuun barreeffamte jechi kun
dubbistoota afaanichaa kan seera barreeffama afaan kanaa beekan biratti hiika akka dhabu taasise. Dabalee
B Suuraa (16)Mana Ciirreefi Dabboo Ariifii
Odeeffannoowwan (bfic) jalatti barreeffaman kun kan fudhataman barreefamoota barjaa Waajjira
Bulchiinsaafi Itti fayyadama Lafaa Aanaa Asakoo jedhu irraa yoo ta‟u, qaama himoota barreeffama barjaa
kanaa keessaa jechoonni jala sararaman jechuunis „wayitawwaafi hawwaasa‟ jedhan lamaan kuniis sababa
sagaleen /w/ n qaama jechoota „Wayitaawaafi Hawaasa‟ jedhanitti dabalamee yookiin jabaatee jechoonni
kunniin akka hiika dhaban taasise.
Odeeffannoon (d) jalatti barreeffame kun Daawwannaan kan fudhatame Waajjira Af-Yaa‟iifi Mana mare
Aanaa Asakoo irraa yoo ta‟u, barreeffama barjaa kanaa keessaa Mul‟ata jalatti kan barraa‟e Bara 2012tti ---
--„mirkannaa‟ee‟---- uumuu.kan jedhuudha.Haata‟uu malee qaama barreefama himootaa kana keessatti
jecha jala sararame keessatti sagaleen dubbifamaan /n/n qaama jecha kanaa kan„Mirkanaa‟e‟ jedhutti
dabalamuun jechichi barreessitootaafi dubbistoota seera afaanichaa kana beekan biratti hiika akka dhabu
taasistee jirti.
Odeeffannoon(e) jalatti barreeffame kunis kan fudhatame Waajjiruma Af-Yaa‟iifi Mana maree Aanaa
Asakoo irraa yoo ta‟u qaama himaa barreeffama barjaa kanaa keessaa Duudhaalee jalatti kan barraa‟e
Aadaafi Duudhaa umataa kabajuu. Kan jedhuudha. Haa ta‟uu malee qaama himaa barreeffamaa kana
keessatti jecha jala sararame keessatti sagalee dubbifamaan /m/n qaama jecha kanaa kan Uummata jedhu
keessaa hafuun ishee jechichi hiika sirrii akka hin kennine taasistee jirti.
42
Walumaa galatti barreeffamoonni barjaalee armaan oliitti ibsaman irratti barraa‟an kunniin hanqina gama
jabeessuufi laaffessuu sagalee dubbifamaatiin wal qabate kan qaban yoo ta‟u; kunis barjichi namoota
hanqina barreeffamaa qabaniifi akkasumaas namoota Afaan Oromoo afaan lammaffaa isaanii ta‟een kan
barreeffamaniidha.
Adeemsa qubeessuu barreeffama Afaan Oromoo keessatti jecha tokkoon sagalee dheeraa yookiin sagalee
gabaabaa qaba jennee murteessuuf seeraa katabbii Afaanichaa kan hordofe ta‟uun barbaachisaadha.
Akkuma, jabeessuufi laaffisuun sagalee dubbifamaarratti hundaa‟ee adda baafamu, sagalee dheeraafi
gabaabaan immoo dubbachiisaa bu‟uura kan godhatuudha
Odeeffannoo armaan olii kanaan kan wal qabatu jechoonni armaan gadii kun haala itti aanu kanaan
xiinxalamuun ibsamaniiru. Hanqinoonni dheerachuuf gabaabbachuu sagaleewwan dubbachiiftuutiin
walqabatee mul‟atan haala gabatee armaan gadii kana keessaatiin dhiyaata.
43
3 danda’aan danda’an
4 Qajeelfamootaa Qajeelfamoota
5 Wald Waldaa
6 Suura Suuraa
7 Musilimaa Musliimaa
11 Raawwaachuun Raawwachuun
Odeeffannoo(1) odeeffannoowwan gabatee keessatti 1ffaa jalatti barreeffaman kunniin kan fudhataman
qaama himaa barreeffamoota barjaa kan Waajjira Barnootaa Aanaa Asakoo irraa;Toora
Xiyyeeffannoo,Ergamaafi Mul‟ata fa‟a jalaa suuraan daawwatamee kan waraabbame yoo ta‟u isaaniis:
Ergama Waajjira Barnoota, Carraa barnoota
Odeeffannoon gabatee 1ffaa keessatti lakkoofsa lamaffaa irratti barreeffaman jechootaafi gaaleewwan
akka---kessatti…, ...daandeetti…,…Olaantummaa seera… ,…itti fufinsa… kan jedhan fa‟a yoo ta‟an,
isaanis kan fudhataman barreeffamoota barjaa Waajjira Paabilik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa
Aanaa Asakoo.irraa kallattiin daawwatameesuuraan waraabamee kan fudhataman yoo ta‟u. Jechoonniifi
gaaleewwan luucceffamamanii barreeffaman kun yoo sirreeffamanii barreeffaman garuu
….„keessatti…,dandeettii…,Olaantummaa seeraa…,fi itti fufiinsa‟ kan jedhu ta‟a.Hanqinni jechoota
kanneenii tokko tokkoon yoo ilaalame; jecha kessatti jedhu keessaa sagalee dubbachiiftuu/e/n tan qaama
jechaa kana keessatti sagalee dubbifamaa /k/fi /s/ jidduudhaa sagalee dubbachiiftuu/e/ qeenxee biraa hafte,
sagalee dubbachiiftuun /a/ tan sagaleewwan /d/fi/n/ jidduuttiti /a/ biratti galteefi sagalee dubbachiiftuu/i/n
dhuma jechichaa irraa /i/ biraa hafte,sagalee dubbachiiftuun /a/ tan dhuma jecha …seera…jedhu irraa
hafteefi sagalee dubbachiiftuun /i/ tan sagalee dubbifamaa/f/fi/n/ jidduu sagalee dubbachiiftuu /i/ biraa
hafte; jechuunis sagaleewwan kunniin qaama jechootaa kana keessaa hafuun yookin itti dabalamuun
jechuunis; gabaabbachuun yookiin dheerachuun isaanii jechoonni kunniin ergaafi hiika sirrii akka hin
kennine taasise.
45
Dabalee B Suuraa (2)Waajjira Paabilik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Aanaa Asakoo
Odeeffannoo(3) odeeffannoon gabatee keessatti lakkoofsa 3ffaa irratti barreeffame qaama barreeffamoota
barjaa waajjira Af-yaa‟iifi Mana Maree Aanaa Asakoo jedhu keessaa qaama himaa Ergama barjichaa jalatti
barreeffame keessaa kan suuraan kallattiin fudhatame yoo ta‟u jechichis…..danda’aan…. jedhee kan
barreeffame yoo ta‟u, jechichi kan jedhamuun barbaadame „danda‟an‟ kan jedhuudha. jecha kana keessatti
garuu sagaleen dubbachiiftuun/a/ tan sagaleewwan dubbifamaa/‟/fi /n/ jidduutti sagalee dubbachiiftuu /a/
biratti dabalamuun yookiin dheerachuun barreeffamuun ishee jechichi hiika dhabuun ergaa sirrii akka hin
dabarsine taasistee jirti.
Dabalee B Suuraa (6)Waajjira Paabilik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Aanaa Asakoo
Odeeffannoon gabatee keessatti Lakkoofsota 5ffaa fi 6ffaa irratti barreeffame qaama himaa barreeffamoota
barjaa dhuunfaa Kan Wald Shariika Hojii Suura Abbabaa, Xuriyyiifi Hiriyoottan isaanii jedhu keessaa
qaamota himaa kan odeeffannoo barjaa ibsuuf barreeffame keessaa kan suuraan kallattiin fudhatame yoo
ta‟u jechoonni wald…fi suura--- jedhamanii wal duraa duubaan barreeffaman, kunniin kan barreeffamuuf
barbaadame „Waldaa…fi Suuraa….‟ kan jedhu yoo ta‟u. jechoota kana keessatti garuu sagaleen
dubbachiiftuu/aa/n dhuma qaama jecha Wald jedhuu irratti dabalamuun yookin dheerachuun barreeffamuu
dhabuun isheefi sagalee dubbachiiftuun/a/n dhuma qaama jecha Suura jedhuu irratti dabalamuun yookin
dheerachuun barreeffamuu dhabuun ishee jechoonni kunniin hiika dhabeessa akka ta‟an isaan taasise.
Dabalee B Suuraa (14)Wald Shariika Hojii Suura Abbabaa, Xuriyyiifi Hiriyoottan isaanii
Odeeffannoon gabatee keessatti Lakkoofsota7ffaa -10ffaa irratti barreeffaman qaama himaa barreeffamoota
barjaa dhuunfaa Kan Mana Nyaata Musilimaa, Mana Ciirree fi dabboo Aarifii,Supha Mobaayilaa Abrishfi
Suupha Mobayilaa fi Gurgurtaa Ektirooniksii Tsaggaayee kanneen jedhan qaamota himaa kan odeeffannoo
barjaa ibsuuf barreeffaman keessaa kan suuraan kallattiin fudhataman yoo ta‟u jechoonni
Musilimaa,Ciirree,Dabboo,Supha,suuphafi Mobayilaajedhamanii wal duraa duubaan barreeffaman,
kunniin kan barreeffamuuf barbaadame „Musliimaa, Ciree, Daabboo, Suphaa, Mobaayilaa‟ kanneen
46
jedhan yoo ta‟u, jechoota kanneen keessatti garuu sagaleen dubbachiiftuu /i/n sagaleewwan dubbifamaa
/s/fi /l/ gidduutti galte yookin saagamte, sagaleen dubbachiiftuun /i/n sagaleewwan dubbifamaa /l/fi /m/
gidduudhaa sagalee dubbachiiftuu /i/ biraa hafte, sagalee dubbachiiftuun /i/n jecha sagalee dubbifamaa /c/fi
/r/ jidduudhaa sagalee dubbachiiftuu /i/ biraa hafte, sagalee dubbachiiftuun /a/n sagaleewwan dubbifamaa
/d/fi/b/ gidduudhaa sagalee dubbachiiftuu /a/ biraa hafte, sagaleen dubbachiiftuu /u/n gidduu sagalee
dubbifamaa /s/fi/ph/ gidduutti dabalamtefi sagalee dubbachiiftuun /a/n dhuma jechichaa irraa hafteefi
sagaleen dubbachiiftuu /a/n kan sagaleewwan dubbifamaa /b/fi /y/ gidduudhaa sagalee dubbachiiftuu /a/
biraa hafte, jechoonni armaan olitti sagaleewwan garaa garaa itti saaguu yookin itti dabaluufi irraa
hir‟ifamuun barreeffaman kunniin akka jechoonni kunniin sirriitti dubbifamanii hiika sirrii hin kennine
taasise. Kanaafuu barreeffamoonni barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa irratti
yemmuu barreeffaman xiyyeeffannoon yoo itti hin kennamne hanqina hiikaa akka uumu taasise.
Odeeffannoon barreeffamoota Lakkoofsota (11-13) irratti mul‟atan kan fudhataman barreeffama barjaa
Waajjira Af-Yaa‟iifi Mana Maree Aanaa Asakoo irraa suuraan waraabbamee kan fudhatame yoo ta‟u,
Hanqinoonni barreeffama jechoota qaama himoota barjaa kanaa tokko tokkoon yoo ilaalaman jecha Adaa
jedhu keessatti sagalee dubbachiiftuun/a/ jalqaba jechichaa irraa osoo hin dheeratin hafte, sagalee
dubbachiiftuun /u/ tan jalqaba jecha umataa jedhu irraa osoo hin dheeratin hafte, Jecha raawwaachuun
jedhu keessatti sagalee dubbachiiftuu /a/n tan sagalee dubbifamaa /w/fi /ch/ jidduutti sagalee
dubbachiiftuu/a/ biratti dabalamte walumaa galatti sagaleeleen dubbachiiftuun iddoo isaanii maleetti osoo
hin barbaachisin qaama jechoota kanaa irratti dabalamte yookiin irraa hir‟atte jechuunis dheeratte yookiin
gabaabbatte jechoonni kunneen barreessitootaafi dubbistoota seeraafi caas-luga afaanicha kanaa beekan
biratti ergaafi hiika sirri akka hin kennine taasise.
Odeeffannoon/14/ Kan fudhatame qaama barreeffama barjaa Waajjira Bulchiinsa Ganda Asakoo 01 jedhu
irraa yoo ta‟u hanqinni barreeffama qaama himaa kan barjaa kanaa yoo ilaalame; jecha…Bulchiinsaa fi
47
Gandaa…. jedhu keessatti sagalee dubbachiiftuun /a/n tan dhuma jechoota kanaatti /a/ biratti dabalamte
yookiin dheeratte barreeffamoonni barjaa kanaa hundi isaanii ergaa silaa barreeffameef akka hin dabarsine
taasise.
Walumaa galatti Hanqinoonni jechootaafi gaaleewwan armaan oliitti barreeffaman kunniin namoota
barreeffamaafi caas-luga Afaan Oromoo hin beekneen kan barreeffamaniifi kunis guddina afaanichaarratti
dhiibbaa kan fiduudha. Dabalee B Suuraa (24)Waajjira Bulchiinsa Ganda Asakoo 01
Barreeffama keessatti jechoota salphaatti dubbisaaf hin hubatamnetti gargaaramuun dubbisaa nuffisiisa.
Kanaafuu, barreeffamoonni barreeffaman jechoota sirritti dubbifamaniifi ergaa sirrii dabarsaniin
barreeffamuun ergaa karaa gabaabaa ta‟een dabarsuun baay‟ee barbaachisaadha. Dabalataanis, jechootni
ulfaatanbarreeffamicha keessa yoo jiraatan hiika itti kennuun gaariidha. Akkasumas, dhiibbaan jechoota
afaan biroos yoo jiraatan fayyadamafi waaltina afaaniirratti hanqina uumuu danda‟u. Yaadota armaan olii
kana kan deeggaran hanqinootni barreeffamoota barjaalee gara garaa irraa funaanaman yoo ilaalaman.
a. kaadastera
b. pilaanii
c. paabilik sarvisii
d. baaja
e. Ariifii
f. Xuriyyii
Odeeffannoo barreeffamoota/a/,/b/fi/c/ jala jiranii kun Waajjira Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafaa Aanaa
Asakoofi Waajjira Paabilik Sarvisiifi Misooma Namaa Aanaa Asakoo jedhu irraa suuraan kaafamee kan
fudhatame yoo ta‟u, qaama barreeffamoota barjaa kanaa keessaa jechoonni pilaanii, kaadasteraafi Paabilik
Sarvisii jedhaman jechoota afaan biroo waan ta‟aniif namoota yookiin dubbistoota barreeffamicharraa
ergaa argachuu barbaadaniifi jechootaafi gaalee kanaaf hiikaa kennuu hin dandeenye biratti osoo ergaa
48
sirrii hin dabarsin hafa.kanaaf immoo yoo danda‟ame jechoota kanneen mallattoo waraabbii qeenxee
keessa galchuun jechoonni kun xiyyeeffannoo akka argatan taasisuu yookiin immoo jechoota kanaaf hiika
Afaan Oromoo barbaadanii barreessuudha.
Odeeffannoon/d/ jala jiru Waajjira Af-Yaa‟iifi Mana Maree Aanaa Asakoo jedhu suuraan kaafamee kan
fudhatame yoo ta‟u; qaama barreeffamoota barjaa kanaa keessaa Ergama waajjiricha kanaa jalatti kan
barreeffame Karooraafi Baaja mann- hojii mootmmaa Aanaa raggaasuu kan jedhu irraa yoo ta‟u, qaamni
jechootaa kan hima kana ijaaran irra caalaan hanqina qabaatanillee kanneen hafan iddoo barbaachisutti
ilaalamanii jiru. Jechi baaja jedhu hima kana keessatti wanni inni jechuu barbaade namaaf hin galu;sababni
isaas jechi baaja jechu jecha Afaan Oromootiin hiika hin qabne waan ta‟eefi; kun immoo ergaan
barreeffamichaa akka hin hubatamne taasisee jira.
Odeeffannoon/e/fi/f/ jala jiru barreeffamoota barjaa mana hojii dhuunfaa Wald Shariika Hojii Suura
Abbabaa Xuriyyiifi Hiriyyoottan Isaaniifi Mana Ciirreefi Dabboo Aariifii jedhu irraa suuraan kaafamanii
kan fudhataman yoo ta‟u, barreeffamoota barjaa kanaa keessatti jechoonni Xuriyyiifi Aariifii jedhan maqaa
Xuriyyeefi Ariif jedhu ibsuu barbaadaniifi kanaas qoratichi af-gaafiin kan mirkaneeffate yoo ta‟u, osoo
waan barreeffamaniif hin ibsin jechoota afaanicha keessatti hiika hin qabne ta‟anii tajaajila kennan.Dabalee
B Suuraa (14,16)
Gabaajee namoota barreessaniif ykn barreessaa waliin hariiroo qabaniif ifa ta‟uu dandaa`a. Haata‟uu
malee, namoota jarreen kanaan ala jiraniif gaaffii guddaa uumuu dandaa‟a. Kanaafuu, waan barreeffame
tokkotti ibsa bal‟aa kennuuf jechoota salphaatti hubatamuu danda‟anitti dhimma bahuun barbaachisaadha.
Yaada kanarraa kan hubatamu barreeffamoota barjaalee gabaajeen barreessuu keessatti gabajicha jecha
guutuun yoo hin barreessin yookiin gabajicha yoo hin ibsin namoota hedduu biratti hubannoon
49
walfakkaataan akka hin jiraanne taasisuu isaati.Yaadootuma kanaan wal qabachuun hanqinoonni
barreeffamoota barjaalee gara garaa kan gama kanaan mul‟atan qaacceeffamuun ibsamaniiru.
a. Waaj/Bul/fiNag /A/Asakoo
b. W/BULCIINSAA GANDAA ASAKOO 01
c. ERGAMAWAAJ/BARNOOTA
d. W.AADAA fi TURIZIMII A/ ASAKOO
e. WAAJJIRA O.D.P A/ASAKOO
f. EJENSII GALMEESSA RAGAALEE BU’UURA HAW/A/ASAKOO
g. Kilinika Asakoo S.G.Aanaa
Barreeffamoonni barjaalee gara garaa irraa( a-g) jalatti barreeffaman kunniin kanneen daawwatamanii
suuraan kaafamanfi kan gama gabajeetiin hanqina qaban yoo ta‟an, isaan kunis tokkoo tokkoon yoo
ilaalaman
Odeeffannoon (a) Kan fudhatame barreeffama barjaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Aanaa Asakoo
irraa yoo ta‟u,akkaataan gabajeessa barreeffamoota barjaa kanaa sirrii miti; barreeffamichi takkaa jechoota
guutuun (Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Aanaa Asakoo) jedhee hin barreeffamneyookaan gabajee
sirriin (W.B.N.A.A) jedhee hin barreeffamne waan ta‟eef haalli gabajichaa sirrii miti; barreeffamichi ergaa
sirrii akka hin dabarsine taasise.
Odeeffannoon (bfic) kan fudhataman barreeffamoota barjaalee Waajjira Bulchiinsa Ganda Asakoo 01fi
Ergama Waajjira Barnootaa jedhu irraa yoo ta‟u, akkaataan barjaaleen kun itti
barreeffamanW/BULCHIINSAA GANDAA ASAKOO 01fi ERGAMA WAAJ/BARNOOTA kan
jedhuudha. Haata‟uu malee haala gabajeessa barjaalee kana keessatti jechoonni maqaa waajjira jedhu
50
ibsaniifi mallattoon gabajee kana ibsuuf kaa‟amte barreeffama barjichaatiif hiika sirrii kan kennineedha;
jechuunis barreessitootaafi dubbistoota seer-luga afaan kanaa beekaniif hiikafi ergaa sirrii hin dabarsan.
Odeeffannoon(d-g) kunis kan fudhataman barreeffamoota barjaalee armaan olitti argaman irraa yoo ta‟u
isaanis W. AADAA FI TURIZIMII A/ASAKOO,WAAJJIRA O.D.P A/ASAKOO, EJENSII
GALMEESSA RAGAA BU‟UURA HAW/A/ASAKOOfi Kilinika Asakoo S.G.Aanaa kan jedhan fa‟a.
Haata‟uu malee haala gabajeessa barjaalee kanneenii tokkoo tokkoon yoo ilaalaman isa jalqabaa
W.AADAA FI TURIZIMII A/ASAKOO kan jedhu keessatti barreeffamichi gabajees yookaan jecha
guutuus jechuun hin danda‟amu; qubeen dubbifamaan jechawaajjira jedhuumallatoo sirna tuqaa sirrii
fayyadameeakka gabajee sirriitti jalqabamuus maqaaleen itti aananii barreeffaman lamaan jechuunis
AADAAFI TURIZIMII jechoonni jedhan guututti erga barreeffamaniin booda deebi‟ee qubeen
dubbachiiftuu A tan jecha AANAA jedhu bakka bu‟uun barroofte mallattoo sirna tuqaa jecha yookiin jedhu
jechuunis / fayyadamuun jechi maqaa ASAKOO jedhu A/ASAKOO (A yookiin ASAKOO ) jedhee akka
dubbatu taasiste. Kanaafuu akkaataa itti fayyadama gabajeessa isaarraa kan ka‟e barreeffamni barjaa kanaa
ergaa guutuu akka hin dabarsine ta‟e.
Dabalee B Suuraa(5fi8)
51
Walumaa galatti, barreeffamoonni barjaalee kanneen armaan olitti ibsaman kunneen dogoggoroota biraa
heddu qabaatanis isaan kan dura ibsaman waan ta‟aniif gama kanaanis ergaa sirriifi ifa ta‟e dubbistootaaf
dabarsuu kan hin dandeenyeedha.
Ragaalee daawwannaan argaman kan armaan olitti xiinxalamanii ibsaman kana cimsuuf af-gaaffileen
garagaraa odeef-kennitoota waajjiraalee garagaraa irraa mala qorannoo miti-carraatiin argaman haala
armaan gadii kanaan dhiyaataniiru.
Af-gaaffii Rakkooleen Hanqina Barreeffamoota barjaalee irratti mul‟atan kanneen akkamii
fa‟a?Gaaffii jedhuuf odeef-kennitoonni yaada gaditti xiinxalame laatanii jiru. Barreeffamni barjaalee
xiyyeeffannaa itti kennuu dhabuurraan kan ka‟e hanqinoota kanneen akka qubeessuu, sirna tuqaale, qub-
guddeessaa, caasaa Afaanii,jechoota hin barbaachifne fayyadamuu, gabaajee sirnaan itti fayyadamuu
dhabuufaan kan mul‟ataniifi kunis yeroo heddu qaamni barreeffamoota barjaalee barreessuu irratti
hirmaatus caasaafi itti fayyadama Afaanii akkasumas qubeessa irratti kan hin xiyyeeffanneefi akkuma isaan
qofaaf ergaa dabarsutti kan kataban ta‟uu isaa deebii af-gaaffii isaaniirraa ni hubatama.Xiinxalli
daawwannaan barreeffama barjaalee irraa argames yaaduma kan cimsuudha.
Af-gaaffii Hanqinni barreeffamoota barjaalee kunniin maal irraa madde? Gaaffii jedhuuf odeef-
kennitoonni deebii yemmuu laatan, hanqinni barreeffamoota barjaalee kanneenii hubannoo gahaa sirna
barreeffama afaanii irratti dhabuufi barreeffamoota barjaalee garaa garaatiif xiyyeeffannoo kennuu
dhabuurraa madda jechuun deebii kennan.kana malees qaamni barreeffama barjaa barreessu kamiiyyuu
akka sirrii ta‟etti of ilaaluun dogoggoroonni uumaman yeroo dheeraaf osoo hin fooyya‟in turuu akka
52
danda‟eefi kunis barreeffamichi nama ogummaafi oguma afaanichaa hin qabneefi hin beekneen
barreeffamuu isaati.
Af-gaaffii hanqinni barreeffamoota barjaalee kunniin guddina Afaan Oromoo irratti dhiibbaa
akkamii qaqqabsiisuu danda‟u? gaaffii jedhuuf odeef-kennitoonni deebii isaanii yemmuu laatan
hanqinoonni kunniin guddina afaanichaa kallattiin isaan ittiin dhiibaa irraan gahuu danda‟an keessaa
afaanichi afaan barreeffamaa sirrii qabaachuun akka hin imalle guafachiisa. Kuni immoo afaanichi seera
mataa isaa cabsee meeshaa walqunnamtii qofa ta‟ee; afaan barreeffamaa caalaa afaan dubbiin ittiin walii
galamu qofa ta‟ee akka inni itti fufu gochuun guddina afaanichaa kan quucarsu ta‟uun isaa deebii isaanii
irraa hubachuun danda‟ameera.
Tarkaanfiin rakkoolee kanneen furuuf waajjirri Aadaafi Turizimii Aanichaa fudhatame hoo?
Gaaffii jedhuuf odeef-kennitoonni deebii yemmuu laatan waajjirri Aadaafi Turizimii yeroo gara garaatti
ogeeyyota hanqinoota gama kanaan mul‟atan furuuf leenjii garaa garaatiin hubannoo qabsiisuuf yaalus,
ogummicha salphattiifi yeroo gabaabaatti gabbifachuuf fedhiin namootaa laafaa ta‟uu isaa irraa kan ka‟e
tarkaankaafiinis akkaataa barbaadameen hojiirra akka hin oolle ta‟eera. Akkaataa qajeelfama BATO n
baaseen barreeffamoota barjaalee sirreessuuf hojiin hojjatame itti fufiinsa kan hin qabne ta‟uu isaa
hubatameera.
53
BOQQONNAA SHAN
GUDUNFAA, ARGANNOOFI YAADA FURMAATAA
5.1. Guduunfaa
Qorannoon kun Xiinxala Hanqina Barreeffamoota Barjaalee Godina Arsii,Aanaa Asakoo Magaalaa
Asakoo irratti xiyyeeffatee kan gaggeeffameedha. Qoraticha Mata duree kanarratti qorannoo akka
geggeessuuf kan isa kakaase barreeffamoonni barjaalee waajjiraalee Mootummaafi barjaalee dhuunfaa
magaalaa Asakoo keessatti argaman Afaan Oromootiin barreeffaman hanqinalee garaa garaa qabaachuu
isaanii arguufi dhaga‟uu isaatiini. Kaayyoon qorannoo kanaa haqinoota barreeffama Barjaalee waajjiraalee
Mootummaafi barjaalee dhuunfaa Magaalaa Asakoo keessatti argamanii xiinxaluudha. Xiinxala taasifame
kana keessattis, hanqinni adda addaa barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafidhuunfaa
magaalattii keessatti argaman irratti waan mul‟ataniif furmaata barbaachisoo ta‟an kan lafa kaa‟edha.
Xiinxala qorannichaatiif bu‟uura kan ta‟an yaanni hayyoota garaa garaa barreffamoota barjaaleetiin
walqabatee jiru kutaa lammaffaa qorannoo kanaa keessatti yaada bal‟aarraa gara murtaa‟aatti mata duree
garaa garaa jalatti qooduun qorannoo isaa odeeffannoodhaan gabbisuun akka dhiyaatu taasisee jira.
Dabalataan, malli qoratichi qorannoo isaatiif itti gargaarame mala akkamtaadha. Mala kanatti
gargaaramuudhaan odeeffannoo funaannachuun ragaalee isaas qaaccessuun dhiyeessee jira. Qoraannoo
kana keessatti qoratichi madda ragaalee isaaf kan oolu barjaalee waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa
magaalaa Asakoo keessa jiran keessaa mala kaayyawaadhaan waajjiraalee mootummaa sagaliifi barjaalee
dhuunfaa jaha filachuun achi keessaa namoota odeeffannoo kennuufii danda‟an mala mit-carraatiin
waajjiraalee mootummaa keessaa namoota 16 irraa odeeffannoo funaannachuun akka madda ragaatti itti
gargaaramee jira. Haala kanaan, ragaalee daawwannaan argateefi afgaaffiin walitti funaannate mala
ibsaatti gargaaramuun xiinxalee jira.
Dabalataanis, ragaaleen funaannaman tartiiba gaaffilee bu‟uuraafi kaayyoo gooreetiin xiinxalamuun ibsi
barbaachisu itti laatamee jira.Xiinxalli kun yemmuu taasifamus dursa daawwannaa barreeffamoota
54
barjaalee waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa magaalaa Asakoo keessatti argaman irratti taasisuun bu‟aa
argate xiinxala af-gaaffiitiin mirkaneeffatee jira. Xiinxala taasifameen bu‟aan qorannicha irraa argame
haala armaan gadiitiin gaaffilee qorannichaaf dhiyaatatiif deebii kennee jira.
3. Afaan Oromootiin barjaalee sirnaan barreessuu dhabuun guddina afaanichaarratti dhiibbaa guddaa akka
qabuufi hanqinoonni kunniinis yoo sirraa‟uu baatan gara fuula duraattis itti fufe afaanichi quucaru
jechuunis; waaltinniifi guddinni afaanichaa akka galma gahuu hin dandeenye qoratichi hubatee jira.
4. Hanqina barreeffama irratti mul‟atu kana furuuf tarkaanfiin waajjirri Aadaafi Turizimii aanichaa
fudhate itti fufiinsa kan hin qabneefi qajeelfama BATOn baase hojiitti hiikuufi rakkoolee jiran kana irratti
furmaata si‟ataa kennuu irratti waajjirichi hanqina qabaachuusaa qoratichi addeesseera. Qaawa hanqina
barreessuu isaan biratti mul`atu kana cufuudhaaf leenjii ogummaa barreessuutiin walqabatan yoo
kennameef fudhachuuf fedha qabaachuusaanii akka falaatti eeruusaanii qoratichi eeree jira.
5.2 Argannoo
Argannoon qoratichi qorannoo kanaan argate haala armaan gadii kanaan dhiyaateera. Bu‟aan qorannoo
kanaatis erga qorannichi hojjatamee xumurameen booda kan argameedha.
Goolaba qorannoo kanaa bu‟uura godhachuudhaan yaadni furmaataa akka armaan gadiitti kaayamee jira.
Hanqinoota barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi mana hojii dhuunfaa biratti mul‟atan
ilaalchisee qabxiilee bu‟aa qorannichaa keessatti tarreeffamaniif furmaata ni ta‟u jedhamanii yaadaman
haala gadii kanaan kaa‟manii jiru:
Barreeffamoonni barjaalee waajjiraalee mootummaafi mana hojii dhuunfaa caasaa Afaan Oromoo
eeggachuun qulqullaa‟anii barreeffamuudhaan dhaloota haaraa afaanichaan barataniif fakkeenya gaarii
ta‟uun tajaajiluutu irraa eegama. Kanaafuu, qaamni guddina afaanichaatiif gumaacha taasisuu malu
kamiiyyuu gahee isaa bahachuu qaba.Sababni isaas ulaagaalee Afaan tokko guddate ittiin jedhaman
keessaa tokko afaanichi afaan barreeffamaa ta‟uu isaatiini.
Jechoota keessaa sagalee hambisanii barreessuun jecha sana hiika dhabeessa waan taasisuuf tajaajila
sagaleen tokko jecha kessatti qabu mirkaneessuuf barreeffamoonni barjaalee waajjiraalee mootummaafi
manneen hojii dhuunfaa kanarraa of qusachuun Afaan Oromootiin sirnaan barreessuun gaarii ta`a.
hanqina barreessuu mana hojii mootummaa keessatti argaman fooyyessuuf ogeessa barreeffama mana hojii
gulaaluu danda`u waajjirri hundumtuu osoo qabaatanii gaarii ta`a. Ittidabalees, rakkoo dogoggora
barreessuu waajjiraalee keessatti mul`atan kana maqsuuf moosaajiin (software) Afaan Oromoo yoo
qophaa`e shoora guddaa qaba.
58
Wabiilee
Finfinnee:Oromiyaa.
Bamt and Stubbs. (1980). Practical guide to writing ( 3rd ed.) Boston: Little, Brown
and Company
Broad Man A.and Fryn Berg J. (2008). Writing to communicate: pharagraph and
59
Inc
Brown and little woods W.(1984). Foreign and second language learning.Cambridge:
Byrne D.(1988). Teaching writing skills-London: London Long man group Ltd.
Diyanni,R.and hoyll,p.(1998).The scribner Hand book for writers, (2nd ed) Bosten:
Diyanni R. and Pat, C.H (19980. The skiripner Hand book for writers (2nded.).allyn
Fedhaan Nagaasaa (1999). Bu’uura barreeffama Afaan Oromoo Hidhata II. Finfinnee:
Intnl
Glencoe (2001). Writers choice: Grammar and compensation( V-II Texas): Glencoe
Gefvert, JC. (1988). The Confident Aorton hand book (2nded.)New York:w.w. Norton
Hall, D and Birkerts S.(1991). Writing well (7thed.). Harper Collins publisher
Business Journal.(1),28-38
Sage publication.
Landry R. Bour his.(1997). Linguistic land scope and ethno linguistic vitality:An
publication.
Finfinnee.
Norish, J.(1983). Language learning and their errors. London: Machilloam publisher
Ltd
Nunan D.(1992). Language teaching methodology: a text book for teaching. New
Reece Myron (1998). The advantage of out door advertising: The Denver business
journal
Robbins B. (2011). Weving work place writing in to the English classroom. English
journal- illilois
Sharon L.py wel. (1994). Wrinting that works. Budsiness one IRWIN/MIRROR
appliances?(3rd ed.vol.2,1010-108,2015.
Tafarii Ayyaanaa.(1998). New systematic book series. Finfinne: Aster Nega Publishin
Entrs.
the controlled and the guided method” (MA thesis Addis Ababa;AAU)
Tilahun Gemta (2001). Qubee afaan oromoo.From http/www. Africa open. Edu/
DABALEE -A
YUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Afgaaffiin kun Xiinxala Hanqina Barreeffamoota Barjaalee Godina Arsii,Aanaa Asakoo,Magaalaa Asakoo
irratti odeeffannoo funaanuuf kan qophaa‟edha. Kanaafuu, deebiin isin kennitan dhimma qorannoo kanaaf
qofa kan oolu ta‟uu beektanii amanamummaadhaan odeeffannoo sirriifi qulqulluu ta‟e akkanaaf laattan
kabajaanan isin gaafadha.
Galatoomaa!
1. Rakkooleen hanqina barreeffamoota barjaalee irratti mul‟atan kan akkamii fa‟a jettu? Maaliif?
2. Hanqinni barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi barjaalee dhuunfaa k maal irraa
madda jettanii yaaddu?
3. Hanqinni barreeffama barjaalee kunniin guddina Afaan Oromoo irratti dhiibbaa akkamii fiduu
danda‟u jettanii yaaddu?
4. Hanqina barreeffama barjaalee waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa irratti mul‟ataniif tarkaanfiin
fudhatamuu qabu maal fa‟a jettanii yaaddu?
5. Hanqinni barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa irratti
mul‟atan akkamiin furamuu danda‟u jettanii yaaddu?
6. Afaan Oromootiin barjaalee barreessuu keessatti rakkoolee isin mudatan furuuf yaaliin isin
taasiftan jiraa? Yoo jiraate maal fa‟i?
7. Barreeffamoonni barjaalee Afaan Oromootiin yommuu barreeffaman maal faa iraatti akka
xiyyeeffattan ni beektuu? Yoo beektan maal faadha?
64
DABALEE-B
YUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Suuraa(9)
65
Suuraa(10)
Suuraa(18)
66
Suuraa(19)
Suuraa (1)
67
Suuraa (2
Suuraa(3)
68
Suuraa (4)
Suuraa (5)
69
Suuraa (6)
Suuraa (7)
70
Suuraa (8)
Suuraa(9)
71
Suuraa(11)
Suuraa (12)
72
Suuraa (13)
Suuraa (14)
73
Suuraa (15)
Suuraa (16)
74
Suuraa(17)
Suuraa (20)
75
Suuraa (21)
Suuraa (22)
76
Suuraa (23)
Suuraa (24)
77
Suuraa (25)
Suuraa (26)
78
DABALEE- C
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
KOOLLEJJII SAAYINSIIWWAN HAWAASUMMAAFI NAMUMMAAWWANIITTI
MUUMMEE AFAAN OROMOOO,OGUMAAFI QUNNAMTII
GABATEE SEEN-DUUBEE ODEEF- KENNITOOTAA
T.L Maqaa odeef kennitootaa saala umrii Sadarkaa Muuxannoo hojii
barnootaa waggaadhaan
1. Obbo Huseen Bulli Dhi 30 Digirii 8
2. Obbo Tulluu Amaan Dhi 34 Digirii 10
3. Adde Abbabach Waaqjira Dub 25 Digirii 4
4. Adde Haliimaa Hasan Dub 32 Digirii 9
5. Obbo Fayyisaa Baqqalaa Dhi 45 Dippiloomaa 14
6. Obbo Abduraman Aadam Dhi 50 Digirii 20
7. Adde Loomituu Alamuu Dhi 23 Dippiloomaa 2
8. Obbo Haamid Roobaa Dhi 60 Digirii 35
9. Obbo Shaanbal Tasfayee Dhi 35 Digirii 12
10. Adde Kadiijjaa Huseen Dub 28 Dippiloomaa 6
11. Adde Mayiramaa Kaliil Dub 29 Digirii 8
12. Obbo Taarikuu Baqqalaa Dhi 58 Dippiloomaa 25
13. Obbo Birratuu Lammaa Dhi 40 Digirii 17
14. Obbo Kamaal Ahimad Dhi 53 Digirii 23
15. Obbo Aliyyii Tunnee Dhi 49 Digirii 20
16. Obbo Hasan Turee Dhi 33 Digirii 11