Professional Documents
Culture Documents
Saadaasa 2018
BOQONNAA TOKKO...............................................................................................................................2
1. SEENSA..................................................................................................................................................2
1.1. Seenduubee Qorannichaa..................................................................................................................2
1.2. Ka’umsa Qorannichaa......................................................................................................................3
1.3. Kaayyoo Qorannichaa.....................................................................................................................5
1.3.1. Kaayyoo Gooroo........................................................................................................................5
1.3.2. Kaayyowwan Gooree.................................................................................................................5
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa........................................................................................................5
1.5. Daangaa Qorannichaa.......................................................................................................................6
BOQQONNAA LAMA...............................................................................................................................6
2. SAKKATTA’IINSA BARRUU FIROOMINAA....................................................................................6
2.1. Maalummaa Afoolaa........................................................................................................................6
2.2. Maalummaa Afwalaloo....................................................................................................................7
2.3. Maalummaa Weedduu......................................................................................................................8
2.4. GosootaWeedduu Cidhaa.................................................................................................................8
2.5. Maalummaa Faaruu Baye-Bayee ( Faaruu Mararoo)........................................................................8
2.6. Amaloota Faaruu Baye-Bayee........................................................................................................10
2.6.1. Hurrubummaa..........................................................................................................................10
2.6.2. Luufummaa..............................................................................................................................10
2.6.3. Ummatummaa.........................................................................................................................11
2.6.4. Jijjiiramummaa........................................................................................................................11
2.6.5. Yoomessa................................................................................................................................12
2.6.6. Afaanummaa............................................................................................................................12
2.6.7. Jamaa Qabaachuu....................................................................................................................12
2.7. Faayidaa Faaruu Baye-Bayee.........................................................................................................12
2. 8. Gosoota Faaruu Baye-Bayee..........................................................................................................13
2.9. Sakatta’a, Barruuwwan Walfakkii......................................................................................................13
BOQQONNAA SADI...............................................................................................................................16
i
3. XIINMALA QORANNICHAA............................................................................................................16
3.1. Ibsa Haala Naannoo Qorannichaa..................................................................................................16
3.2. Saxaxa Qorannichaa.......................................................................................................................17
3.3. Madda Ragaa Qorannichaa............................................................................................................18
3.4. Iddattoofi Iddatteessuu....................................................................................................................18
3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee......................................................................................................19
3.5.1. Afgaaffii..................................................................................................................................19
3.5.2. Marii Garee..............................................................................................................................20
3.5.3. Hubdaawwannaa......................................................................................................................20
3.5.4. Sakatta’a Harshammee............................................................................................................21
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee...............................................................................................................21
3.7. Naamusa Qorannichaa....................................................................................................................22
4. SAGANTAA KAROORA QORANNICHAA......................................................................................23
5. KAROORA BAAJATA QORANNICHAA.........................................................................................24
6. WABIILEE............................................................................................................................................26
7. DABALEEWWAN...............................................................................................................................29
DABALEE -A...........................................................................................................................................29
DABALEE - B..........................................................................................................................................31
DABALEE- C...........................................................................................................................................32
ii
2
BOQONNAA TOKKO
1. SEENSA
1.1. Seenduubee Qorannichaa
Uummanni kamuu yookiin kamiyyuu dur irraa eegalee wantoota bu’uuraa eenyummaa isaa ittiin
calaqqisiisu kan dhalootaa dhalootaatti dabarsaa dhufe ni qaba. Kun immoo beekumsa hawaasni
daangaa tokko keessa jiraatu waliin gabbifateefi muxannoon waliin qaban jiraachuu agarsiisa.
Uummanni Oromoos aadaa, duudhaa, safuu, seenaafi hambaalee heddu kan baay’ee nama
ajaa’ibsiisaniifi nama dinqisiisan kan mataa isaa qaba. Aadaalee kanneenis, wantoota ittiin
ibsatan kan saba biroo irraa adda isaan taasisu kan dhuunfaa isaanii qabu. Isaan kanneen keessaa
kan uummanni Oromo eenyummaa ofii ittin ibsatu ogafaaniidha. Ogafaan damee afoola keessaa
tokko ta’ee karaa afaaniitiin jiruu fi jireenya, fedhiifi hawwii, gaddaafi gammachuu, gadadoofi
qananii akkasumas, fuudhaa fi heeruma, ummata Oromoo dhalootaa dhalootatti kan
dabarsuudha.
Yaada kanaan walqabatee hayyuun Duundes yemmuu ibsu, (1990;5) Afoolli haala hiika afaan
ingiliiziitiin yemmuu ilaallamu iddoo gurguddaa lamatti qoodama jedhama. "Those are oral
literature and folklore or orally and which is not strictly orally". Kana jechuun fookiloriifi
Ogafaan kan afaaniin darbu akkasumas yeroo hunda kan afaan qofaan hin darbine ta’uu lafa
kaa’a.
Akka Wasanee Bashaa (1990) ibsetti “Ogafaan qabeenya hawaasaati” jechuun ibsa. Akka
Geetachoo Rabbirraa (2001) ibsetti “Ogafaan yaada ummataa barreeffama mataa isaa hin
qabneefi aadaa, duudhaa,seenaa,eenyummaa, falaasama fi barsiifata isaa karaa ittiin
dabarsuudha". Itti aansuunis hayyuun Okpawo, (1992; 13) irratti yemmuu ibsu “Oral literature
new that commonly used term for subject" jechuudhaan lafa kaa’a. Kunis kan ibsu immoo
yaadrimee jechoota miidhagoo humna qaban kan sammuufi onnee namaa hawatan kan of
keessatti hammatan ta’uu isaanii ibsa.
“Oral literature is generally term that includes folk songs, legends, tales, proverbs, blessing etc.
In short oral literature is refers to the traditional oral composition created or recreated by
individual insertion” jedhu.
Akka yaada armaan olii kanatti ogafaan sirba, durdurii, uruursa daa’immanii, sheekoo,
mammaaksa, eebbaafi kkf of jalatti hammata. Akkasumas kan uumamuun sammuu nama
dhunfaatiin waan jedhu of keessaa qaba.
Akka Tafariin(1998;157) ibsetti "Afoolli hojii kalaqa sammuu ummataati. Firii sammuu namaa
kan dandeettii kalaqa sammuu ummataati” jedha. Ummanni tokko uumaafi uumama isaa
ogummaa, muxannoo, beekumsa hawaasa keessa jiru, sochii miiiraafi sammuu isaatiin
hubachuuf xinxalluu irratti xiyyeeffata. Gammachuu, gadda, rakkoo, badhaadhina, yookiin
naannoo jireenya hawaasaa bifa adda addaatiin ibsuudha. Kanaafuu, afoolli hojii jireenya
hawaasaa midhaaginnaan walitti qindeessee afaanin dhalootaa dhalootatti kan dabarsuudha.
Afoola kanneen keessa faaruun baye-bayee isa tokkoodha. Faaruun baye-bayeen raawwiilee
fuudhaafi heerumaa keessatti bu’uura walitti dhufeenya hawaasummaa kanneen akka jaalala,
jibbaa, gadda, gammachuufi kkf kan ittiin ibsataniidha.
Baye bayeen kunis hawaasa keessatti gahee guddaa kan qabuu yemmuu ta’u, tajaajilli isaas yoo
ibsamu, shamarran yeroo heeruman ilaalcha isaan keessa jiru kanneen akka jaalalaa, jibbaa,
gaddaa, gammachuu, maraaroo yookiin garanyaattoo hiriyummaa kan ittiin ibsataniidha.
Aadaan Oromoo erga hawaasni Oromoo lafa tana irratti uumamee as qorannoon bal’aan irratti
gaggeeffamee wanti barreeffamaan ol kaa’ame muraasa. Yeroo ammaa ammayyummaa wajjiin
walqabatee faruun baye-bayee dubartoota Oromoo biratti dagatamaa kan dhufeedha. Faaruun
baye-bayee kun dagatamaa dhufuu isaa kan agarsiisu shamarraniifi dubartoonni kanneen
naannoo qorannoon kun itti adeemsifamuu kan duri guyyaa gaa’ela isaanii faaruu baye-bayee
faarsuun ergaa adda addaa dabarfatan yeroo ammaa sirboota aadaa isaanii hin calaqqisiifne
sirbuun aadaa isaanii dagatanii jiru. Kun immoo rakkina mataa isaa qaba. Rakkoon kun
4
qorannoof nama kakaasa. Akkasumas aadaa hawaasa keessa jiran gara barreeffamaatti fiduun
olkaa’uun bu’uura qorannoo kanaati.
Walumaagalatti, ka’umsi qorannoo kanaa raawwilee fuudha fi heerumaa sirna gaa’ela naqataa
keessatti barbaachisummaan baye-bayee maal akka ta’ee, qabiyyee akkamii of keessaa akka
qabu, eenyuun akka raawwatamu, yeroo akkamii akka raawwatamu, haala akkamiitiin akka
raawwatamu, faayidaa baye-bayeen qabuufi ergaa akkamii akka dabarsan gadi fageenyaan
sakatta’uun ifa gochuudha. Sababni isaas gosa afoola kanaa yeroo baay’ee dubartoonni umriin
turaniifi kanneen aadaa isaanii sirrii agarsiisuu fedhii qaban qofti sirna fuudhaafi heerumaa irratti
kan faarsan ta’uu waan argaa tureefi.
Qorannoo kun kan irratti xiyyeeffatu bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti hambaa saba
Oromoo bal’aa kan ta’e keessaa tokko Oromoo Arsii irratti. Godina Arsii Lixaa keessa aanaalee
jiran keessaa Aanaan Qoree tokko yemmuu ta’u, ummanni aanaa kanaa aadaa bal’aafi baay’ee
miidhagaa kan qabu yeemmuu ta’u, xiyyeeffannoon qorannoo kanaas Sakatta’a Qabiyyee Baye-
Bayee intalti heerumtuufi hiriyoonni ishii gurbaafi warra gurbaa fuudhuu, abbaafi haadha,
firoottanniifi hiriyyoottan ishii itti faarsituu akkasumas komii qabdu itti ibsattu; haala Oromoo
Arsii Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree irratti xiyyeeffata.
Haala qabatama yeroo ammaa keessa jirru yoo ilaallu babal’achuu sirboota ammayyaan
walqabatee itti fayyadamni faaruu baye-bayee dagatamaa dhufus ummanni aanaa kanaa yeroo
ammaa kana bifa adda addaatiin dhimma kan itti bahu ni mul’ata.
Godina kanattis sababa babal’achuu sirboota ammayyaa irraa kan ka’e faaruun baye-bayee kun
aanaa kana keessaa dhabamaa yookiin badaa jira. Kanarraa ka’uudhaan qorataan gaaffilee
qorannoo kanaan deebii argachuu qaban jedhu murteessee jira. Qorataan gaaffilee qorannoo
kanaa gaditti deebii argachuu qaban jechuun murteessee kannen armaan gadiiti.
Isaanis:
Namoota dhimma kana irratti qorannoo gadi fageenyaa gaggeessuu barbaadaniif akka
wabiifi madda odeeffannootti ni tajaajila.
Afoola kana galmeessuun ol kaa’uuf ni fayyada.
Hawaasni Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree haala baye-bayeen itti raawwatamu
adda baafachuun itti fayyadamu.
Faaruun baye-bayee seenaafi duudhaan hawaasa Aanaa Qoree kunuunfamee yeroo
dheeraaf akka turu ni gargaara.
Sirnicha kanaan duraa bifa afaaniin (oral) ture gara barreeffamaatti jijjiiruun madda
odeeffannoo Aanaa Qoree ta’ee ni tajaajila.
Waajjirri aadaa fi turizimii akka ragaatti itti fayyadamuuf ni gargaara.
Walumaagalatti faaruun baye-bayee aanaa kana keessa jiru faayidaa akkamii akka qabu, eenyuun akka
raawwatamuufi yoomessa akkamii keessatti akka raawwatamu kan xiinxalamuudha.
7
BOQQONNAA LAMA
Akka Tafariin (1998; 157) ibsetti, “Afoolli hojii kalaqa sammuu ummataati. Firii sammuu namaa
kan dandeettii kalaqa sammuu ilma namaa keessatti mul’atu” jedha. Ummanni tokko uumaafi
uumama naannoo isaa, ogummaa, muxannoo, beekkumsa hawaasa keessaa jiru, sochii miiraa fi
sammuu isaatiin hubachuufi xiinxalluu irratti xiyyeefata. Gammachuu, gadda, rakkoo,
badhaadhina yookiin misooma, dinqisiiffanna naannoofi hawaasaa kan bifa adda addaatiin ibsuu
dha.” jedha.
Bifuma walfakkatuun hayyoonni Gorges fi Jones fuula (170) irratti dabaluudhaan akkas jedhu “It
is the case that bin folkore implicit word views principle and thems are made explicit” Kunis
afoolli hawaasa tokkoof ergaa isaan dabarsuu barbaadan otoo homaa hin dhoksin akka ifa baasu
agarsiisa. Kana jechuun afoolli daawwitii hawaasni tokko ittiin of ilaalu akka ta’e ifa baasa.
8
(Misgaanuu (, 2011: 59). Akka ibsetti“Gosoota ogafaan Oromoo keessaa kan afwalalummaa of
keessa qaban: geerarsa, weedduu jaalalaa, weedduu seenaa, weedduu siyaasaa, weedduu
asmaarii, weedduu cidhaa, weedduu ateeteefi weedduu dabooti.” jedha.
Walumaagalatti, uummanni Oromoo afwalaloo isaatti dhimma bahuun waan keessa isaatti
dhagahame yookiin keessa darbe dhageessifachuuf yookin aarii garaa isaa baafachuuf kan itti
gargaaramuudha. Akkuma yaada armaan oliirraa hubachuun danda’amutti faaruun (weedduun)
baye-bayees qaama afwalaloo keessaa isa tokko ta’uu isaati. Qorannoon kun garuu goorowwan
afoolaa keessaa afwalaloon kan dhiyaatu faaruu baye-bayee guyyaa fuudhaafi heerumaa irratti
ademmsifama.
9
Gammachuu,(2003: 8-9) yoo ibsu weedduun wantoota aadaa uummata tokkoo calaqqisiisan
keessaa isa tokkoodha. Innis, kan safara gabaabaa of keessatti hammatu ta’ee sirba gara garaa
sirbuuf gargaaruudha Oring, (1986).
Yaada kana deeggaruun baye-bayeen (mararoon) weedduu sirna gaa’ela naqataan gaggeeffamu
irratti shamarreen heerumtu hiriyoota ishii waliin ta’uun kan faarfatamu yookiin
weeddifamuudha.
Sirna fuudhaa fi heerumaa kana keessatti faaruun dubraa hedduudha. Isaanis: tirrii, obbee,
tartaariifi baye-bayeedha. Isaan kana keessaa faaruun baye-bayee sirna fuudhaafi heerumaa
irratti kan shamarraniin faarfaman keessaa tokkoo ta’ee, innis sirna fuudhaafi heeruma naqataa
irratti kan gaggeeffamuudha.
Yaada kana ilaalchisuun Nagariin Leencoo, [1995;47], Wirtuu Jildii 7 mata duree qorannoo isaa
Dubra Dubrummaa Faarsuu jedhu keessatti “Mararoon yookiin baye-bayeen weedduu sirna
gaa’ela naqataan gaggeeffamuu irratti shamarran weeddisan keessaa tokko ta’ee intala heerumtu,
hawwaniifi hiriyoota ishiitiin jedhamuudha.” Kunis kan agarsiisu faaruun baye-bayee shamarree
heerumtuu, hiriyootaafi firoottan ishiitiin kan faarfatamu ta’uu isaati..
Akkasumas wirtuu jildii 2, [1999;456] mararoo yemmuu ibsu “Mararoon seenaafi quuqaa garaa
tuttuquudhaan dubartoonni imimmaan isaanii dhangalaasuufi faffacaasuun gaggeeffatu” Kana
jechuun faaruun baye-bayee dubraa kan dubartoonni quuqaa isaanii ittiin yaadachuun gara
nyaattoo yookiin mararee maatii isaaniitti uumuun imimmaan dhangalaasaniidha.
Haaluma walfakkaatuun hayyuun Huseen Badhaasoo, [2000;135] “Boo’ichi durbaa kan gaafa
heerumtuu seera qaba. Gaafa cidhaa intalli heerumtu maal jettee bootte jedhanii gosaafi
hamoommonnillee caqasan. Boo’icha yoo jedhan kana dhuguma imimmaan haa buuftuu malee
qooqa/sagalee ol fudhattee akka garaa nama qirqirfachiisutti bootti. Yeroo kana warra isi’ii
faarsiti, geegawoo kadhatti, loon akka kennaniif feetu maqaa dhoofti, warra isi’ii kan du’e
yaadatti, kan jiruun nagattii jetti, warra kan fuudhuu, isuma mataasaa, aanaafi gosa isaa arrabaan
quuncifti, heerumuun, nyaapha dhaquun abaarsa uumaatiifi hiree jaallattuu ta’uu isi’ii
mararfataafi hirqinfataa bootti. Otuma jennuu booyichi isi’ii kun kan himamuun bifa
walalootiin.” Durbi heerumtu yeroo warra ishii irraa addaan baatu yookiin hiriyoota isheen
gargar baatu sammuun ishee waan baay’ee yaadee garaan ishee boora’a. Akka yaada hayyuu
kanaarraa hubachuun danda’amutti durbi heerumtu gaafa warra ishii irraa addaan baatu yookiin
11
hiriyoota isheen gargar baatu kan boottu warra ishee kan jirutti nagaha dhaamuufi kan du’e
yaadachuuf qofa osoo hin taane qabeenya abbaa manaa isi’ii wajjin ittiin jiraattu abbaafi haadha
akkasumas firoottan isi’ii kadhachuu irrattis ni xiyyeefata. Kunis aadaa hawaasichaa wajjiin kan
walqabatu yoo ta’ellee durbi faaruu kana faarfattu kunniin garaan isaanii gammachuu of keessaa
hin qabaatu. Sababni isaas durbi mana nyaaphaa yookiin alagaa dhaquun akka abaarsa uumaatiifi
hiree jallattuu durbaa ta’uutti waan ilaalaniif kan xiinxallan ta’uu danda’a.” jechuun ibsa.
2.6.1. Hurrubummaa
Amaloota afoolaa keessaa hurrubummaan isa tokkoodha. Finnegan, (1970) hurrubummaan
amaloota afoolaa keessaa isa bu’uuraa ta’ee dhimma raawwii afoolichaa gadi fageenyaan
hubachuuf jechoota(sagaleen) wanta darbu caalaa akkaataa hirmaattoonni miira isaanii
sochoosaanii agarsiisan walfaana ilaalamuu qaba jetti. Kana malees, Jaarraafi Wasaneen
(2008:164) “Hurrubummaan amaloota afoolaa keessa isa bu’uuraafi afoolichatti kan lubbuu
horuudha jedhu”. Haaluma kanaan faaruun baye-bayees kan gareedhaan hurrubamu yemmuu
ta’u inni tokko yoo jedhu inni kaan jalaa qabuudhaan haala midhaaginna qabuun kan
jedhamuudha. Kanaafuu, amaloota hurrubbummaa ni agarsiisa.
2.6.2. Luufummaa
Lufummaan amala afoolaa keessaa isa tokko ta’ee, kunis, afoolli tokko haala kamiin dhalootaa
dhalootatti darbaa akka deemu irratti xiyyeeffata. Yaada kana ilaalchisuun Wasaneen (2008:
164) akkas jedha: “Haalli afoolli tokko dhalootarraa dhalootatti darbu lufummaa” jedhama.
Kunis, karaa lamaan dhalootatti darba. Isaanis:- karaa dubbii afaanii (jechaa)fi gochaan
tateewwaan dhalootarraa dhalootatti kan dabarsan miseensoota hawaasaati.” jedha. Haaluma
kanaan faaruun baye-bayee kunis afaaniin dhaloota darbe irraa isa dhufutti darbaa ture waan
ta’eef amala luufummaa qaba.
2.6.3. Ummatummaa
Afoolli qabeenya hawaasaati. Mudannoo fi muuxannoo hawaasaa keessaa kan maddeedha. J.W
fi W.B (2001;166) akka jedhanitti ogafaan akka kitaabaa abbaan barreesse hin beekkamu,
ummata sanaan waamama. Kanaaf ogafaan qabeenya ummataati jedhama. Afoolli akka
12
ogbarruuwwan biroo kan abaluuti jechuun hin danda’amu. Kana jechuun itti waamaminni isaa
hawaasicha waan ta’eefidha. Finnegan, (1970) uummatummaa afoolaa akkanatti ibsiti, “Afoolli
qaama caasaa aadaati. Seera raawwiifi walmakaa matasaa qaba. Kun immoo argannoofi
xiinxalaaf kan isa saaxiluudha.” Jetti. Akkasumas Wasaneen (2008:168)ibsetti immoo
“Miidhagummaan haala afoolli sun itti faarfamu ilmaan namaa hawwachuu danda’uun
dhiyaachuu isa mul’isa” jedha.
Faaruun baye-bayee kunis amala ummatummaa kana agarsiisa. Sababni isaas qabeenya
hawaasaati. Ittiin yaamamni isaas kan hawaasaati. Kanaafuu qabeenya hawaasaa jedhamee waan
beekkamuuf amala ummatummaa ni qabaata.
2.6.4. Jijjiiramummaa
Jijjiiramummaan amala afoolaati. Kunis, waliigaltee hawaasaan yookiin dhiibbaan mul’achuu ni
danda’a. Akka Jaarraafi Wasaneen (2008:162,167) ibsanitti “Afoolli jijjiiramummaaf baay’ee
saaxilamaadha. Bu’uurri isaa hawaasni jijjiiramuu waan danda’uuf afooliifi hawaasni addaan
bahanii hin ilaalaman” jedhu. Haaluma wal fakkaatuun faaruun baye-bayee afaaniin dhalootaa
dhalootatti waan darbuuf amala kana ni calanqisiisa. Kana males hawaasni diinagdeen,
siyaasaan, amantaafi teeknooloojiin jijjiiramuu waan danda’uuf jechoota teeknooloojii faana
dhufan fayyadamuun waan jiruuf jijjiiramummaan ni mul’ata.
Birhaanuu, n (1999:12) akka ibsetti “The characteristics of oral literature is carried by memory
and delivered by word of mouth. The performance may introduce variation in wording, structure
or content” jedhu. Yaada kanarraa akka hubannutti amalootni afoolaa haala yaadannoo wantoota
darbaniin hawwatamee bifa jecha afaaniitiin dhiyaata. Haalli raawwii isaas garaagarummaa
sagaleessuu, caasaa yookiin qabiyyee isaatiin ibsama jedha.
2.6.5. Yoomessa
Qorannoon afoolaa haala hawaasummaa dhugaa afoolicha keessatti raawwatamuufi faayidaa inni
walitti dhufeenya hawaasummaaf qabu irratti xiyyeeffachuu qaba. (Ben Amos, 1982:20).
Yoomessi dhugaa qindeeffama afoola hedduu jiran hunda osoo ilaalamee, hundumtuu bakkaafi
yeroo itti raawwatamu kan mata isaa ni qaba. (Dorson, 1972).
2.6.6. Afaanummaa
Afoolli amalli isaa inni bu’uuraa afaanummaadha. Kunis, labataa gara labataatti kan daddarbu
dubbii afaaniin (Okopewho,1992). Akkasumas, amaloota walaloo afoolaa keessaa afaanummaan
13
iddoo guddaa qaba. Sababni isaas, miira dhaggeeffattootaa ofitti harkisuuf humna cimaa waan
qabuufi (Bukeniya, 1994).
Yaada kanarraa hubachuun akka danda’amutti afoolli gareen waan dalagamuuf jamaa kan
qabuudha. Kana malees, jalqabaa hamma xumuraatti gareedhaan walfaana weeddifamu.
(Finnegan, ( 1970).
Dabalataanis, intalli takka gaafa heerumtu faaruu kana jechuun mararoo yookiin garanyaattoo
maatii isheetti uumtee loon kadhatti. Kunis jireenya fuulduraafi bakka kennuu ishee agarsiisa.
Yaaduma kana deeggaruun kitaaba Yaayyaa, [6411;145] jedhu keessatti "Mararoon yookiin baye
-bayeen nagaha dhaamuuf gorsa of keessa qaba" jechuun deeggara. Yaadni isaa kunis faayidaan
baye-bayeen hawaasa keessatti qabu guyyaa raawwii sana nagaha dhaamachuufi gorsa dabarsuu
akka ta’e kan ibsuu dha. Kanaaf, faaruun baye-bayee dubra heerumtuu faayidaa ol aanaa qaba.
hedduudha. Isaanis: Faaruu baye-bayee jaalala haadhaaf jedhamu, jaalala abbaaf jedhamu,jaalala
hiriyyaaf jedhamu,faaruu baye-bayee geegayoo kadhachuuf jedhamu, komii ibsachuuf
jedhamu,faaruu baye-bayee gurbaa fuudhu arrabsuuf jedhamu, faaruu baye-bayee jaalala gosa itti
heerumtuuf qabduuf jedhamufi faaruu baye-bayee durbummaa qabaachuu ishee ibsachuuf
farfatamuufi kkf.
Nagaash (2007) waraqaa ittiin guuttannaa digrii lammaffaa isaa keessatti mata duree xiinxala
afoolawwaniifi hiika fakkoommii sirna gaa’ela Naqataa Ummata Oromoo Wallaggaa Bahaa
Anaa Giddaa Kiramuurratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon qorannoo isaa Gaa’eela keessatti
milkii gaariifi badaa addaan baasuu, waa’ee naqataa ibsuurratti, sirna fuudhaafi heerumaa ibsuu,
mallattoowwaan adda addaa hiika akkamii akka qaban, dhiibbaa naqatarratti mul’atu addaan
baasuufi faayidaa weedduuwwaan gaa’elaa jireenya gamataa keessatti qaban addaan baasuu yoo
ta’u, qorannoon kun immoo qabiyyeewwan faaruu baye-bayee maal akka ta’an sakatta’uu,
yoomessa faaruu baye-bayee ibsuu, faayidaa faaruun baye-bayee dhimmoota hawaasummaa
keessatti qabuufi barbaachisummaa faaruu baye-bayee ni sakatta’uun ibsuudha.
mallattoowwaan adda addaa hiika akkamii akka qaban, dhiibbaa naqatarratti mul’atu addaan
baasuu, kennaa gaa’eela keessatti keenamuufi meeshaalee gaa’eela keessatti tajaajilan ibsuu
kanneen jedhan qorannoo kana faana adda addummaa akka qabaatu taasiseera. Weedduun
yookiin faaruun baye-bayee gaa’elaa jireenya gamtaa keessatti faayidaa qaban addaan
baasuurratti kan jedhu qorannoo kana waliin akka walfakkeenya horatu isa taasisa.
Walumaagalatti qorannoowwan armaan oliirraa qorannoo kana kan addaan taasisu kan Nagaash
gosoota afoolaa hunda of keessaa qaba kiyya immoo gosoota afoolaa keessaa sakatta’a qabiyyee
faaruu baye- bayee Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree irratti xiyyeeffata.
Barruun walfakkii inni biraan Shuumeen Daamxee (2007). Qaaccessa Faayidaa Arrabsoo
Naqatanii Fuudhuu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Haala Aanaa Amuruu” kan jedhu
yommuu ta’u, kaayyoon qorannichaa faayidaa arrabsoofi itti fayyadama jechootaa arrabsoo
fuudhaafi heeruma naqataa jedha. Haaluma kanaan walfakkeenyi isaanii faaruuwwan sirna
gaa’elaatiin walqabatan xiinxaluu yemmuu ta’u, garaagarummaan immoo, qorannoowwan
kunniin adeemsa sirna gaa’elaa Oromoo maal akka fakkaatu, akaakuwwan fookloorii
gulantaalee gaa’elaa keessatti argaman, jijjiirramaafi itti fufaatii adeemsa sirna gaa’elaafi kkf.
adda baasuun hin mirkaneessine.
Seefuun Gaaddisaa, (2008) Kaayyoon qorannoo isaa weedduu arrabsoo fuudhaafi heerumaa
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo qaaccessuudha. Gosoota weedduu arrabsoo fuudhaafi
heerumaa addaan baasuu, ergaa weedduu arrabsoo fuudhaafi heerumaa, yoomessa weedduu
arrabsoo fuudhaafi heerumaafi Weedduun arrabsoo fuudhaafi heerumaa yeroo ammaa kana
sadarkaa akkamiirra akka jiru ibsuu kan jedhu yoo ta’u, tokkummaan qorannoo kanneen
lameenii gosoota afoolaa keessaa weedduu(faaruu) irratti xiyyeeffachuu isaaniiti.
Zabiibaa Muzammil (2007) waraqaa ittiin guuttannaa digrii lammaffaa ishee keessatti mata
duree qaacceessa weedduu gaa’elaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu dhaloota
dhufuuf dabarsuu kan jedhurratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo ishees gosoota weedduu
qoqqoduun agarsiisuu, dhimmoota weedduu gaa’elaa keessatti calaqqisan ibsuufi gahee
hirmaattota weedduu ibsuu kan jedhuudha. Qoraannoon kun qorannoo kana wajjin walitt
dhiheenya kan qabu yoo ta’u, dhimmoota weedduu gaa’elaa keessatti calaqqisan kan jedhuun
garaa garummaa qaba. Walumaa galatti qorannoowwan qorattootaan mata duree gubatti
ibsaman irratti dalagaman kun yaaxxina walii galaatiin walfakkatu. Qorannoo waa’ee naqataa
(kadhatanii fuudhuu)fi weedduun qorannoo kanaan kan walfakkaatani yoo ta’u, kiyya immoo
sakatta’a qabiyyee faaruu (weedduu) baye-bayee xiinxaluurratti kan xiyyeeffatedha.
17
BOQQONNAA SADI
3. XIINMALA QORANNICHAA
Qorannoon kun qabiyyeewwan faaruu baye-bayee maal maal akka ta’an, faaruun baye-bayee
yoomessa akkamii keessatti akka dhiyaatu,haala faaruun baye-bayee itti raawwatamuufi eenyuun
akka raawwatamu, barbaachisummaafi faayidaa baye-bayeen qabu karaa adda addaan
xiinxaluuf kan nu gargaaruudha. Kaayyoon qorannoo kanaa sakatta’a qabiyyee baye-bayee
Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree taasisuun ibsuurratti kan xiyyeeffateedha.
Aanaan Qoree aanaalee godina Arsii Lixaatti argaman keessaa tokko yoo taatu; akka aanaatti kan
hundoofte bara 1998 A.L.I akka taateefi maqaa Qoree jedhamu kanas kan argatte iddoo ammaa
magaalaan guddoon aanaa qoreen itti argamtu kun dur bakka manguddoonni yaa’ii itti taa’uun
akka aadaa Arsiitti sirna jaarsummaa keessatti qoraa murtiin koottu dhufee wal waamaa kennee
qori jechuun nama wal dhabe itti araarsaa turan waan turteef iddoon sun yeroo booda “Kennee
18
Qori” kan jedhurraa ka’uudhaan maqaa qoree jedhamu kan moggaafamte akka ta’e ragaan
Waajjira Bulchiinsa aanichaa irraa argame ni ibsa.
Haalli teessuma lafa aanichaa irraa caalaan isaa bu’aa bahiin kan hinqabneedha. Aanaan Qoree
Kaabaan aanaa Muunessaa, Kibbaan aanaa Kofalee, Bahaan aanaa Gadab Hasaasaa, Dhihaan
aanaa Arsii Nageelleetiin daangeffamtee argamti.
Magaalli guddoon aanichaa Qoree yoo taatu, maqaa kanas kan argatte “Kennee Qori” kan jedhu
irraa yoo ta’u, iddoon sun dur bakka manguddoonni yaa’ii itti taa’uun akka aadaa Arsiitti sirna
jaarsummaa keessatti qoraa murtiin koottu dhufee wal waamaa kennee qori jechuun nama wal
dhabe itti araarsaa turan waan turteef maqaa kana argachuu akka dandeette ragaan waajjira
bulchiinsa aanaa irraa argame ni ibsa. Magaalaan Qoree magaalaa guddittii godinaa
Shaashamannee irraa kallattii Bahaatti kiilomeetira 49 fagaattee kan argamtu yoo ta’u; magaalaa
guddoo Oromiyaa Finfinnee irraa immoo kallattii Kibba Bahaatti kiilomeetira 300 fagaattee
argamti.
Haalli qilleensa aanichaa 90% n baddaa 10% kan ta’u immoo badda daree yoo ta’u oomishni
aanaan kun ittiin beekkamu:garbuu,qamadii,boqqoollaa,moosee yookiin dinnichaa, baaqelaa,
atara, qoonxarii yookiin talbaa, kuduraafi muduraaleen adda addaa akkaatuma duraa duuba
isaaniitiin kan oomishaman ta’uu ragaan Waajjiira Qonnaafi Qabeenya uumamaa aanichaa irraa
argame ni ibsa.
Kaayyoon qorannichaas qabiyyeen baye-bayee godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree maal akka
fakkaatu sakatta’uun ibsuudha. Kana gochuuf immoo, qoratichi mala qorannoo al-lakkoofsaa
fayyadama. Yaada kana ilaalchisaanii V. Kahn, W. Best (2005: 279) irratti yoo ibsan, “… that
non-quantitative research for explanation would be fruitful in the study of human development’’
jedhu. Sababni isaas, odeeffannoo kanaaf guuramu lakkoofsaan osoo hin taane jechaan ibsuun
kan qaaccessamu waan ta’eefi. Dabalataanis, Dastaa, (2002: 20) yoo ibsu, “Qorannoon mala
19
kanaan gaggeeffamu odeeffannoo argame mala addeessuutiin yookiin mala ibsaatiin dhiyeessu”
jedha.
Gama biraatiin Addunyaan (2011: 11) yaada kan yoo cimsu, “Ciminni qorannoo al-lakkoofsaa
gaaffiiwwan akkam? Maaliif? jedhan kaasuun gadi fageenyaan xiinxalluurratti humna waan
qabuuf amanuufi hubannoo babal’isuuf haala mijeessuu isaati.” jedha. Kanuma ka’umsa
godhachuun qoratichis qorannoo kana keessatti mala kana kan fayyadamuudha.
Qorannoo kana keessatti, maddi ragaa qoratichi dhimma itti bahu madda ragaa tokkoffaafi
lammaffaati. Akka madda ragaa tokkooffaatti namoota waa’ee baye-bayee irratti beekkumsaafi
hubannoo qaban gaaffilee afaanii gaafachuufi marii garee waliin taasisuun kan sakatta’uudha. Akka
madda ragaa lammaffaatti immoo, barreeffamoota mata duree waa’ee baye-bayee irratti
barreeffaman sakatta’uun kan adeemsifamuudha.
Haaluma kanaan malli iddattoon qorannichaaf ittiin filatame mala darbaa-dabarsaati. Mala kanaan
dubartoota waa’ee baye-bayee bal'inaan beekumsaafi hubannoo qaban jedhaman iyyafachuun bira
dhaqamee odeeffannoon waa’ee baye-bayee ilaallatan irratti ragaan funaannamuun hojiirra kan
20
3.5.1. Afgaaffii
Afgaaffiin meeshaalee odeeffannoon qorannoodhaaf ittiin sassaabamu keessaa isa tokkodha.
Malli kunis mala qorataan odeefkennitoota waliin fuulaafi fuulatti walarguun odeeffannoo
qorannoo isaatiif barbaachisu afaaniin gaafachuun ittiin funaannatudha. Yaada kana kan
dhugoomsu MOE (1999) yeroo ibsu:
Mala kanaan odeeffannoo funaanuuf qorataan jalqaba gaaffilee qorannoo isaatiif deebii naaf
argamsiisu jedhee yaade gaaffilee 11 qopheeffate jira. Gaaffileen qophaa'an kaayyoo
21
qorannichaa galmaan gahaa jiraachuu isaanii keessa deebi'ee erga mirkaneeffateen booda
deebii odeefkennitoota irraa funaannachaa deema. Odeeffannoon haala kanaan funaannames
yeroo isaan deebii kennan kaasettaatti waraabama.
Dabalataan, Yaalawun(2011) “Mariin garee gaaffii bifa marii gareetiin dhiyeessuun ragaa
quubsaa ta’e argachuuf bu’aa qaba. Akkasumas, mariin ragaa gadi fageenyaafi bal’ina qabu
argachuuf gargaaruun alatti yaada guduunfaa qorannichaaf mala gargaaruudha.” jedha.
Bu’uuruma kanaan mariin garee dubartoota waa’ee baye-bayee yookiin akkaataa raawwii baye-
bayee beekan afgaaffi iddoo garagaraatti iyyaafachuun dhiyaatan isanumaa walitti qabuun
garee namoota sadi, afuriifi sadi qabuun bakka sadiitti qoodamanii gaaffilee afgaaffi kudha
sadan dhiyaatan bu'uura godhachuun akka mari'atan taasifama. Odeeffannoo argame
qulqulleeffachuuf yaanni isaan mariidhaan irratti waliif galan yaadannoo qabachuun
qaacceffamuun odeeffannoo irraa argame waliin walbira qabuun ittiin mirkaneeffatama.
3.5.3. Hubdaawwannaa
Qorannoodhaaf ragaalee funaanuu keessatti meeshaaleen qorannaa kan qoratichi funaansa
ragaaleetiif filatee inni biraa hubdaawwannaa yoo ta’u, kunis guyyaa dubartoonni aanichaa
sirna fuudhaafi heerumaa irratti baye-bayee faarsan qaamaan daawwachuun ragaalee
funaannachuun qorannicha irra caalaatti bu'a qabeessa taasisa. Sababni isaas daawwannaan
qorannoo dirreetiif filatamaa akka ta’e, Dastaan (2013:118) “…akkaataa itti dalagan,
haasawaan, sochii isaaniifi k.k.f. ilaalaniifi dhaggeeffatan galmeeffachuuf nama fayyada.”
jechuun ibsa.
aanichatti iddoo adda addaa keessaatti taasifamu irratti hirmaachuun baye-bayee d ubartoonni
guyyaa sana faarsan daawwachuun ta'a.
Malli sakatta’a harshammee kunis jalqaba kitaabota waa’ee fuudhaafi heerumaa irratti
barreffaman mata-duree achi keessatti argaman adda baasuun dubbisuudha. Sababni isaas
qorannoon kun irra caalaa kan inni irratti xiyyeeffatu waa’ee baye-bayeea irratti waan ta’eefi.
Kanaaf qorataan kunis meeshaa funaansa ragaa kanatti kan gargaaramu ta’uusaati.
Odeeffannoo qaaccessuu ilaalchisee Dastaan (2002) yoo ibsu “Odeeffannoo yookiin ragaalee
qaaccessuun yaada odeefkennitoota irraa karaa meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka: af-
gaaffii, daawwannaafi sakatta’a harshammee irraa argaman haala qabatamaa mul’ateen walitti
fiduun qaaccessuudha’’ jechuun kaa’a.
Akka waliigalaatti qabiyyeewwan faaruu baye-bayee maal maal akka ta’an, faaruun baye-bayee
yoomessa akkamii keessatti akka dhiyaatu, haala faaruun baye-bayee itti raawwatamuufi
23
Hojiileen yeroo qorannoon adeemsifamu hojjataman haala armaan gadii kanaan dhiyaataniiru.
6. WABIILEE
27
Addunyaa Barkeessaa. 2011. Akkamtaa Yaadrimee Qorannoo Hujoo. Finfinnee: Mega printing
press.
Ben Amos D, 1972.The introduction Folklore In Africa Society. Lind froms of Folklore In
Africa: Austin University Of Texas.
Ben-Amos, Dan. (1971). Toward A Definition of Folklore in Context. The Journal of American
Folklore 84 (331),3-15.
Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa. (1990). Afoola Oromoo Tuulamaa Jildii (2). Finfinnee:
commercial printing press.
Birhanu Mathewos. (1999). Fundamentals of literature. Addis Ababa: University press.
Dastaa Dassaalany. (2011). Waadaa: Asoosamoota aartii biroo waliin. Finfinnee: dhaabbata
maxxansaa biraanaa
Dorson, R. (1972). Folklore and folklife; an introduction. Chicago: The University of Chicago
Gemechu Bekele. (2003). A study of major themes in game Sellected songs of Ifinesh Keno
Unpublished MA thesis, Addis Abeba University.
Georges, R.A and Jones, M.O. (1995). Folkloristic: An introduction. Biloomingonton and
Indiana polis: Indiana University Press.
Jaaraa W F Wasanee B,(2008), Bantuu Haara Caaslugaafi Ogbarruu Afaan Oromoo; Finfinnee:
Jaarraa, W.fi Wasanee Bashaa. (2008). Bontuu Haaraa, Seerlugaafi Ogbarruu Afaan Oromoo.
Finfinnee: EMAY Printer
Kothier,2004. Research Methodology, Methods and Techniques (2nd ed ). New deihi: New age
International publisher.
Misgaanuu Gulummaa. (2011a). Dilbii: Bu’uura Afoola. Ogafaaniifi Af-walaloo. Finfinnee,
Oromiyaa.
Misganu Gulummaa. (2011). Naatoo: Duudhaa Gaa’ela Oromoo. Finfinnee: Subi printing press.
Nagaash Toleeraa. (2007). Xiinxala Afoolawwaniifi Hiika Fakkoomii Sirna Naqata Uummata
Oromoo.Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Kiiramuu. Waraqaa Qorannoo Digrii
lammaffaa Guuttachuuf Muummee Afaan Oromoo, Hogbarruufi Fooklooriif Dhihaate:
Yuunvarsiitii Addis Ababaa.
Nagarii Leencoo. (1995). Wirtuu jilddii-7 Barruulee qormaata waaltina Afaan Oromoo. Gumii
Qormaata Afaan Oromoo. Biiroo Aadaaf Turiizimii Oromiyaatti: Finfinnee. (f. 1-41).
Okpawo I, (1992) African Oral Literature;Background charecter and countinuty: Bloomington
and Indiana polis:Indiana University press.
Oring, E. (1986). Folk group and folklore genres. An introduction logan utaha: utaha University
Press.
29
Richard M. Dorson. Folklore and folklife: an introduction. London University of Chicago 1972
Ruth Finnegan (1970). Oral literature in Africa. The oxford library of African literature: Oxford
University Press Eastern Africa
Zabiibaa Muzammil,(2007) Qaacceesa Weedduu Gaa’elaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa
Daarimuu, Waraqaa Qorannoo Digrii lammaffaa Guuttachuuf Muummee Afaan Oromoo,
Hogbarruufi Fooklooriif Dhihaate: Yuunvarsiitii Addis Ababaa.
30
7. DABALEEWWAN
DABALEE -A
Kaayyoon qorannoo kanaa barnoota Afaan Oromoo Ogumaafi Qunnamtii sagantaa gannaatiin digrii
lammaffaa (MA) guuttachuuf mata duree “Sakatta’a Qabiyyee Baye-Bayee Godina Arsii Lixaa
Aanaa Qoree” jedhu irratti ragaa funaanuudhaafi. Gaaffilee armaan gadii bu’uura godhachuudhaan
odeeffannoon isinnirraa argamu qorannoo gaggeessu guutuu akka taasisu amanama. Kanaafuu,
odeeffannoo dhugummaafi qabatmummaa qabu akka naaf kennitan kabajaan isin gaafadha.
Qajeelfama: Gaaffilee armaan gadii haala gaaffichaa irratti hundaa’uun deebii keennaa. Naannoo
Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoreetti sakatta’iinsa qabiyyee faaruu baye-bayee
ilaalchisee afgaaffii dhiyaatedha.
I . Odeeffannoo Dimshaashaa
4. Faaruun baye- bayee eenyuun faarfatama? Yeroo akkamii faarfatama? Maaliif faarfatama?
9. Yeroo ammaa dubartoonni Aanaa Qoree faaruu baye-bayee kanatti dhimma bahuu?
10. Faaruun baye-bayee yeroo ammaa sadarkaa maal irra jira? Maaliif?
11. Faaruu baye-bayee aanaa kanaa ilaalchisee yaada adda ta’e dabalatan naaf kennitan yoo
jiraate?
32
DABALEE - B
Kaayyoon qorannoo kanaa barnoota Afaan Oromoo Ogumaafi Qunnamtii sagantaa gannaatiin digrii
lammaffaa (MA) guuttachuuf mata duree “Sakatta’a Qabiyyee Baye-Bayee Godina Arsii Lixaa
Aanaa Qoree” jedhu irratti ragaa funaanuudhaafi. Gaaffilee armaan gadii bu’uura godhachuudhaan
odeeffannoon isinnirraa argamu qorannoo gaggeessu guutuu akka taasisu amanama. Kanaafuu,
odeeffannoo dhugummaafi qabatmummaa qabu akka naaf kennitan kabajaan isin gaafadha.
Qajeelfama: Gaaffilee armaan gadii haala gaaffichaa irratti hundaa’uun deebii keennaa. Naannoo
Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoreetti sakatta’iinsa qabiyyee faaruu baye-bayee
ilaalchisee afgaaffii dhiyaatedha.
I .Odeeffannoo Dimshaashaa
4. Faaruun baye- bayee eenyuun faarfatama? Yeroo akkamii faarfatama? Maaliif faarfatama?
33
6. Faaruun baye-bayee bara duriifi kan yeroo ammaa garaagarummaa qabaa? Akkamitti ?
9. Faaruu baye-bayee aanaa kanaa ilaalchisee yaada adda ta’e dabalatan naaf kennitan yoo
jiraate?
DABALEE- C
Cheeklistii Daawwannaaf Qophaee
T/L Qabxiilee Ijoo Daawwannaaf Qophaa’an Guyyaa
Daawwannaa
1. Haala faaruun baye-bayee itti raawwatamu daawwachuu.
2. Qabiyyeewwan faaruu baye-bayee daawwachuu
3. Faaruuwwan baye-bayee guyyaa cidhaa raawwataman daawwachuu.
4. Sadarkaa faaruun baye-bayee yeroo amma irratti argamu daawwachuu.
5. Yoomessa faaruun baye-bayee itti raawwatamu daawwachuu