You are on page 1of 25

RAKKOO KUUSAA JECHOOTA AFAAN OROMOO

AFAAN OROMOOTIIN HIIKUU DHABAMUUN ISAA


BARNOOTA AFAAN OROMOO BARSIISUU IRRATTI
QABU

WARAQAA QORANNOO DIGIRII JALQABAA BARNOOTA


AFAAN OROMOO FI OG-BARRUUTIIN GUUTTACHUUF
QOPHAA’E YUUNIVARSIITII JIMMAA KOLLEEJJII SAAYINSII
HAWAASAA FI HIWUMANIITII DAMEE BARNOOTA AFAAN
OROMOO FI OG-BARRUUTIIF DHIYAATE

QORATTUUN: CAALTUU ITTAANAA GICHILLEE

GORSAAN: CIMDII WAAQUMAA

BITOOTESSA, 2009

JIMMA
BAAFATA
Qabiyyee Fuula
GALATA ...................................................................................................................................... III
Axareera ........................................................................................................................................ IV
BOQONNAA TOKKO ................................................................................................................... 1
SEENSA ......................................................................................................................................... 1
1.1. Seen-duubee Qorannichaa ................................................................................................... 1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa .......................................................................................................... 1
1.3. Kaayyoo Qorannichaa .......................................................................................................... 2
1.3.1. Kaayyoo Gooroo Qorannichaa ..................................................................................... 2
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa........................................................................................... 2
1.5. Daangaa Qorannichaa .......................................................................................................... 3
1.5.1. Argama ......................................................................................................................... 3
1.6. Hanqina Qorannichaa........................................................................................................... 3
1.7. Furmaata Battalaa ................................................................................................................ 3
BOQONNAA LAMA ..................................................................................................................... 4
SAKATTA’INA BARRUU ............................................................................................................ 4
2.1. Maalummaa Kuusaa Jechootaa ............................................................................................ 4
2.2. Gosoota Kuusaa Jechootaa .................................................................................................. 4
2.3. Amaloota Kuusaa Jechootaa ................................................................................................ 5
2.4. Maalummaa Kuusaa Jechootaa Afaan Tokko Afaan Saniin Hiikuu ................................... 6
2.5. Faayidaa Kuusaa Jechootaa Afaan Tokkoon hiikuu (Advantage of Monolingual
Dictionary) ...................................................................................................................................... 6
2.6. Kuusaa Jechootaa Afaan Tokkoon Hiikan kan Barattootaa ................................................ 7
2.7. Akkaataa itti Fayyadama Afaanuma sana Hiikuu ................................................................ 7
BOQONNAA SADII ...................................................................................................................... 8
3. MALA QORANNICHAA ....................................................................................................... 8
3.1. Irraawwatama Qorannichaa ................................................................................................. 8
3.2. Iddatteessuu.......................................................................................................................... 8
3.3. Madda Odeeffannoo............................................................................................................. 8
3.4. Adeemsa Odeeffannoo Ittiin Funaaname............................................................................. 8

I
3.4.1. Bar-gaaffii Barattootaa ................................................................................................. 9
3.4.2. Bar-gaaffii Barsiisotaa .................................................................................................. 9
3.4.3. Af-gaaffii Barsiisotaa ................................................................................................... 9
3.5. Tooftaa Odeeffannoon ittiin Qindaa’e ................................................................................. 9
BOQONNAA AFUR .................................................................................................................... 10
4. XIINXALA ODEEFFANNOO FI IBSA .............................................................................. 10
4.1. Odeeffannoo Waliigalaa .................................................................................................... 10
Gabatee Odeeffannoo Dhuunfaa Deebii Kennitootaa................................................................... 10
4.2. Ibsa Hirmaattota Qorannoo ................................................................................................ 10
Gabatee gaaffilee qorannoo lakkoofsa 1-5ffaa jiran ibsa wajjin .................................................. 11
4.3. Xiinxala Deebii Gaaffilee Qorannoo ................................................................................. 11
Gabatee gaaffilee qorannoo lakkoofsa 6-10 jiran ibsa wajjin ....................................................... 12
4.4. Xiinxala deebii Af-gaaffii Barsiisotaa ............................................................................... 13
BOQONNAA SHAN .................................................................................................................... 15
5. CUUNFAA GOOLABAA FI YAADA FURMAATAA ...................................................... 15
5.1. Cuunfaa .............................................................................................................................. 15
5.2. Argannoo............................................................................................................................ 15
5.3. Yaada Furmaataa ............................................................................................................... 16
Wabiilee (References) ................................................................................................................... 17
Dabalee ......................................................................................................................................... 18

II
GALATA

Duraan dursee rakkina tokko maleesadarkaa kanaan kan na gae waaqayyoon guddaa
galateeffadha.itti aansuudhaan ka’umsa qorannoo kanaa qabee hanga dhumaata argatutti hojii
idilee isaanii ta’e yeroo boqonnaa isaa aarsaa taasisuun muuxannoo, beekumsaa fi gorsa bakka
hundatti kan naa keennaa turan gorsaa koo Barsiisaa Cimdii Waaqumaa galata onneerraa burqe
nan dhiyeessaaf.

Kana maleess adeemsa qorannoo keessatti deeggarsa tokko tokko kan naaf godhan hiriyoota na
waliin hojii mana barumsaa hojjatan akkasumas Abbaa warraa koo nuffii malee na bukkee koo
dhaabbachuun yaadaan deeggaraa tureef galata guddaan dhiyeessa.dabalataanis, af-gaaffii
qophaa’eef odeeffannoo naa kennuun deeggarsa kan naaf godhatn barsiisotaa fi barattoota mana
barumsaa Ginjoo Sad. !ffaa fi kan hafan hundaaf galatan dhiyeessa. Namoota kitaabilee adda
addaa maxxansuun isaan waabeffadhees baay’ee galatoomaa; umurii dheeradhaan jedha.

III
Axareera

Kaayyoon qorannoo kanaa rakkoo kuusi jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku
dhabamuu isaa barnoota Afaan Oromoo barsiisuu irratti dhibbaa inni qabu sakatta’uudha.
Bu’uuruma kaayyoo kana irraa ka’uun mala qorannoo qulqulleeffataa filachuudhaan qorannoo
akka raawwatamu ta’ee mala qulqulleeffataa irratti hundaa’uudhaan irraawwatama qorannichaa
barattootaa fi barsiisota irraa bar-gaaffii fi af-gaaffii dhiyaateef deebii sassaabamee fi
xiinxalamee argannoon qorannoo kanaa akka armaan gadiitti addaan bahee beekameera.

Kuusi jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku akka hin jirree fi dhabamuun isaa immoo
barnoota Afaan Oromoo barsiisuu irratti dhiibbaa akka qabu addaan ba’eera. Bu’uuruma kanaa
irratti hundaa’uudhaan yaadni furmaataa boqonnaa shan gara dhumaa irratti qabiyyee qorannoo
kanaa ta’e ta’eera.

IV
BOQONNAA TOKKO
SEENSA
1.1. Seen-duubee Qorannichaa
Kuusaan jechootaa galmee jechootaa qofa tartiiba qubee hiika isaa wajjin kan qabatudha.
Galmeen jechootaa kun kan qooqa tokko gara qooqa biraatti kan hiiku, kan qooquma sanaan kan
hiika kennudha. (Willis, Dave 1990). Kuusaa jechootaa jechoota tarreeffamanii ta’an kan
qabatuufi hiika jechoota sanii kan qabate yoo ta’u galmeen jechootaa guddina afaan tokkootiif
faayidaa guddaa qaba.

Kuusaa jechootaa keessatti sagaleen akkaataa itti dubbifamuu fi qoodinsa jecha tokko keessa jiru
kan qabate yemmuu ta’u akkaataan uumamsa isaa sagalee jechootaa addaan baasuuf kan
gargaarudha. Jecha tokko irraa akka jechi tokko uumamu kan addaan baasee baruuf nama
gargaarudha. (Harttimon, 2002). Kuusaan jechootaa kan jechoootni tartiiba qubeen keessatti
argaman yoo ta’u hiikni isaaniii tartiibuma jechootaatiin kan tarreeffamanii taa’aniidha. Kuusaan
jechootaa kun gosa barumsa hundaaf hiika jechoota haaraa argachuuf, beekumsa gabbifachuuf,
faayidaa olaanaa kan qabudha. Kanaaf, qorannoon kuusa jechoota Afaan Oromoo Afaan
Oromootiin hiikuu gaggeessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Bu’aan qorannoo kanaa rakkoo
kuusa jechoota afaan Oromootiin hiikuu, qopheessuuf hanga tokko karra saaqa.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Kuusaan jechoota tartiibaan taa’an gara afaan gosa tokkoo hiiku (monolingual dictionary)
jedhamu guddina afaan tokkoof baay’ee barbaachisaadha. Kuusaan jechoota Afaan Oromoo
tartiibaan tarreeffamanii jechoota Afaan Oromoo irraa gara jechoota Afaan Ingilizii fi
Amaariffaatti jijjiiran jiru. Kuusaan jechootaa Afaan Oromoo gara Afaan Oromootti hiikuu
dhabamuun isaa Afaan Oromoo diriirsanii Afaan Oromootti hiikanii barsiisuudhaaf rakkoo
guddaa ta’eera. Fakkeenyaaf, jechoota Afaan Ingiliziitti hiikanii barsiisuun bu’aa guddaa Afaan
Ingiliziif argamsiiseera.

Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa keessatti kuusaa jechootaa tartiiba
qubeen gosa barnoota hundaa Afaan Oromoo gara Afaan Oromootti hiiku mana kitaabaa keessa
hin jiru. Kunis qorannoo kana mata-duree dhabinsa kuusaa jechootaa Afaan Oromoo gara Afaan
Oromootti hiiku barnoota Afaan Oromoo barsiisuun duratti dhiibbaa qabu mana barumsaa

1
Ginjoo sadarkaa tokkoffaa keessatti akkan gaggeessuuf dhimma ijoo ta’edha. Kanaafuu,
gaaffileen qorannoo kanaan deebii argachuu danda’an jedhaman akka armaan gadiitti
tarreeffamaniiru.

1. Dhabuun kuusaa jechoota Afaan Oromoo gara Afaan Oromootti hiikuu barnoota Afaan
Oromoo barsiisuu irratti dhiibbaa qabaa?
2. Waantonni kuusaa jechoota Afaan Oromootti hiikan mana barumsaa keessatti akka hin
jiraanne godhan maali?

1.3. Kaayyoo Qorannichaa

1.3.1. Kaayyoo Gooroo Qorannichaa

Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan miidhaa dhabinsi kuusaa jechoota Afaan Oromoo gara
Afaan Oromootti hiikan dhabamuun barnoota Afaan Oromoo irratti dhiibbaa qabu sakatta’uudha.

1.1.1. Kaayyoo Gooree Qorannichaa


 Kuusaa jechoota Afaan Oromoo gara Afaan Oromootti hiiku jiraachuufi dhabamuu isaa
addaan baasuuf
 Kuusaan jechoota kun dhabamuun isaa dhiibbaa inni barnoota Afaan Oromoo barsiisuu
irratti qabu ibsuuf
 Rakkoolee kuusaan jechootaa kun akka hin jiraanne godhan eeruuf

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa

Bu’aan qorannoo kanaa barsiisota barnoota Afaan Oromoo barsiisan, manneen barnootaa fi
waajjira barnoota sadarkaa adda addaa irra jiran fayyaduu danda’a. sababni isaas kuusaan
jechoota Afaan Oromootti hiiku dhabamuu isaa dhiibbaa qabaachuufi hin qabneee isaa adda
ba’anii akka beekaman godhee qorannoon kun dhiibbaa qabaachuu isaa yoo addaan baase gara
fuula duraatti karoora qabatamaan gahee tokkoo tokkoo isaanii bahuuf isaan gargaara.
Dabalataanis, gara fuula duraatti namoonni biroo kuusaa jechoota Afaan Oromoo Afaan
Oromoon hiiku irratti qorannoo akka gaggeessaniif karaa bana. Akkasumas, namoonni dandeettii
fedhii qaban akka kuusaa jechoota olitti eerame qopheessaniifi afaan kana dagaagsuu keessatti
gahee isaanii bahan kakaasa.

2
1.5. Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun rakkoo kuusa jechoota Afaan Oromoo gara Afaan Oromootti hiikuu dhabamuun
isaa barnoota Afaan Oromoo barsiisuu irratti dhiibbaa qabu barattootaa kutaa 5ffaa mana
barumsaa Ginjoo sadarkaa 1ffaa irratti kan xiyyeeffatee fi daangeffame yemmuu ta’u manni
barumsaa Ginjoo Godina Jimmaa Magalaa Jimmaa Ganda Ginjoo Guduruu keessatti aragama.
Qorannoon kun rakkoo dhabamuu kuusa jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromoon hiikuu mana
Barumsaa Ginjoo sadarkaa 1ffaa qofa irratti kan daangeffamedha.
Qorannoon kun bakkaan mana barumsaa Ginjoo qofa irratti kan daangeffameefi mata dureen
immoo kuusaa jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiikuu dhabamuuu isaa barnoota Afaan
Oromoo barsiisuu irratti rakkoo qabuudha.

1.5.1. Argama
Gandi Ginjoo gandoota Magaalaa Jimmaa keessatti argaman 21 keessa isa tokkodha. gandi
Ginjoo qilleensa gammoojjii fi badda daree qaba. Haalli teessuma ganda kanaa lafa dakeeti.
Gandi Ginjoo Guduruu Kaabaan Aanaa Qarsaatiin Bahaan ganda Mandaraa Qocii tiin, Kibbaan
ganda Mandaraa Qocii fi Dhihaan ganda Bachoo Boreetiin daangeffamanii argamau.
1.6. Hanqina Qorannichaa

Yeroo qorannoon kun gaggeeffame hanqinni armaan gadii qorattuu mudachuu danda’aniiru.

1. Kitaabilee wabii ta’an qorannoo kana waliin deeman haala gahaa ta’een argachuu
2. Qorataan kun qorannoo kana yemmuu gaggeessee muuxannoon gahaa kan qabu waan hin
ta’eef
3. Hojii idilee adda hojii walmaddeessaa adda addaa keessatti baay’inaan hirmaachuun
yeroo gahaa akka hib qabaanne isa taasiseera.
4. Gaaffiiwwan barattootaaf raabasaman guutummaa guutuutti deebi’uu dhiisuu fi sirritti
yaada kennuu dhabuu isaanii,

1.7. Furmaata Battalaa


 Kitaaba wabii hayyoonni afaan biraa keessatti fayyadaman fayyadamuun
 Kitaabilee adda addaa dubbisuu fi namoota irraa muuxannoo isaanii yaada waljijjiiruun
 Haala hojii koo idilee hin miineen yeroo koo aarsaa gochuun guyyaa fi halkan hojjachuun
 Af-gaaffii fuulaa fi fuulatti fayyadamuun odeeffannoo kallattiin haala gahaa ta’een
guurrachuun

3
BOQONNAA LAMA

SAKATTA’INA BARRUU

Boqonnaa kana jalatti adeemsi qorannoon yaada namootni yookaan hayyootni adda addaa
kanneen irratti maal akka jedhantu ibsameera. Akkasumas, yaadota mata duree kana deeggaran
of keessatti adeemsa qorannoo hammatee kan dhiyaatedha.

2.1.Maalummaa Kuusaa Jechootaa

Kuusaa jechootaa jechuun walitti qabaa jechoota afaan murtaa’aa tokkoo yookaan isaa olitti
fayyadama odeeffannoo tartiiba qubeedhaan tarreeffamuudhaan ibsa, hundee, sagaleessuu,,
hiikaafi odeeffannoon biroo yookaan kitaabilee fi jechoota afaan tokko keessaa hiika isaanii
wajjin kan dhiyaatedha. (Hart. Alan 1996:15-27). Kaayyoon kuusa jechootaas barattoota
buleeyyii (dursoo) fi barsiisota Afaan Ingilizii fi kan birootiin odeeffannoo sirrii fi qajeeloo ta’e
dhimmoota ammayyaa kan addunyaa irratti hiika isaanii kennuudha.

Kuusaan jechootaa Oxford English Dictionary’n kuusaa jechoota Afaan Ingilizii Afaan
Ingiliziitiin hiikuudha. Kuusaan jechoota Wabister immoo kitaaba, jechamoota yookaan cigoo
kan diskii ijaa, meeshaalee moobayilii, hundee jechootaa, kallattii (kan akka dictionary.com) kan
jechoota filannoo afaan tokkoo haammatee odeeffannoo waa’ee hiika, sagaleessuu, hundee, unka
maxxantoota unka yaasaa (jecha jecharra) uumuuu fi kan kana fakkaatan ibsa afaanicha keessatti
yookaan afaan biroo keessatti kennu jibsoo (hiika hiika jechootaa)ti (Oxford English dictionary)

2.2.Gosoota Kuusaa Jechootaa

Gosoonni kuusaa jechootaa ulaagaalee gurmaa’ina isaanii akka armaan gadiiti. Isaaniis, kan
historical and Etymological Dictionary jalatti kan ramadamu general Dictionary yemmuu ta’u
kan encyclopedicand linguistic dictionary kan jedhamu jalatti ramadamu immoo classification
immoo Oxford English Dictionary kan jedhamu of jalatti hammata yemmuu ta’u innis tokkoo
tokkoo jechootaaf hiikaa fi ibsa gahaa kan kennuufi tartiiba qubee sirrii ta’e hordofuun kan
barreeffamedha. Kana malees, akkaataa tokkoo tokkoon jechootaa itti dubbifamuu (orthography
and pronunciation) wajjin kan ibsudha. (Cill e-Books).

4
Kuusaan jechotaa Criteria Lingustication kan jedhamu immoo gosoota kuusaa jechootaa keessaa
tokko ta’ee akkaataa kitaaba jechoota tokko tokkoon isaanii kan qo’atu fo Ortograafii, sagalee,
sagaleessuu seenaa fi faayidaa kan kaa’uu fi hiika isaas kan kennudha (Hedge Tricia, 2008).

Kuusaan jechootaa Encyclopaedic jedhamu immoo sagaleessuu, (pronunciation, hiika


Intomolojii, seera lugaa wajjin fi kkf kan walqunnamsiisudha. Karaa biraan yammuu ibsamu
hiikni kuusaa jechootaa Encyclopaedic walitti qabaa kuusaa jechootaa Insaayikilooppodiyaa fi
xinqooqa (linguistic)dha. (Voge Radek 2007). Kuusaan jechootaa seensa (historical) fi
Intimological jedhamu kaayyoon isaa inni guddaan tokkoo tokkoo seenaa (lexical) ibsuudha.
Garaagarummaan isaas kan biroorraa akkaataa itti dhihaatanidha. Kana jechuunis kuusaa
jechootaa seenaasaan tokko tokkoo guddina ykn dagaagina lexical kan galmeessu bifa unkaa fi
hiika qabatamaa kan agarsiisudha (Hartman, R.RK, 2002).

Kuusaa jechootaa addaa (special dictionary) kan jedhamu bakka adda addaa afuritti qoodama.
Innis jalqaba uumama isaatiin jechoota tarreessuun kan dhiyeessuudha. Inni lammaffaa immoo
tokkummaa (lexical units) haala seera qabeessummaa akka adda ta’edha. Inni sadaffaa immoo
semetic haala adda ta’ee fi walitti dhufeenya afaanii deeggarsa (lexical)tiin dha. Inni arfaffaa
immoo kuusaa jechootaa haala jechoota walfaana deemaniifi (Trap, Sven, 2010).

Kuusaan jechoota waliigala (general dictionaries) kan jedhamu immoo jechoota waliigalaa
afaanota hunda kan of keessatti haammatedha. Kuusaan jechoota kun boca (size) kamiyyuu ta’uu
danda’a. Kuusaan jechootaa kunis jechoota hunda namoonni jireenya isaanii keessatti ittiin
fayyadaman kan haammatu, akkasumas namoonni jiruu fi jireenya isaanii keessattii afaanota
hunda itti fayyadaman kan of keessatti haammatudha. Kuusaan jechootaa kun bakka lamatti
qoodama. Isaanis, kuusaa jechoota barumsaa fi qalamaa (academic dictionary) fi kuusaa
jechootaa waliigalaa afaanota ibsan (Descriptive dictionary) kan jedhamanidha. (Willis Dava,
1990).

2.3.Amaloota Kuusaa Jechootaa

Kuusaan jechootaa amaloota armaan gadii qabata. Isaanis gaalee gaggabaaboon erga
qoqqoodamanii jechootni hiika mataa isaanii argatu; afaan lama hiikuun hiika sirriifi hiika
faallaa ta’e kennu; jechoota of danda’ee kan waantota yookaan namoota bu’uuressuu kan
danda’uu fi kan kana fakkaatanidha. Akkaataa sirna barreeffamaatti tartiiba qubeetiin faayidaa

5
irra ooluu fi akkaataa barreeffamaa yookaan maxxansaa qabaachuu fi kan kana fakkaatanidha.
(Character and Define Character at dictionary.com)

2.4.Maalummaa Kuusaa Jechootaa Afaan Tokko Afaan Saniin Hiikuu

Kuusaan jechoota kan jechoonni afaan tokkoo hiika isaanii wajjin tartiiba qubeetiin
barreeffamanii kan keessatti argamaniidha. Kuusaan jechoota loqoda afaan tokkoo keessatti
argaman walitti qindaa’uun afaan sana walteessuu fi afaan sana dagaagsuu keessatti gumaacha
guddaa qabu. Kanaaf, dagaagina afaan tokkoo keessatti akka meeshaatti (galteetti) kan
tajaajiludha. Kuusaan jechootaa afaan tokko gosa tokkoo hiiku akka kitaabaatti fayyadamuu
(Soekemi, 1989) hiika gahaa ta’e kennuuf baay’ee faayidaa qabeessaadha.

Kuusaan jechoota odeeffannoo yookiin hiika jechootaa gahaa kennuuf gargaara. Waa’ee
faayidaa kuusaa jechoota afaan gosa tokkoo gosuma afaan sanaan hiiku kan irratti yaada adda
addaatu jira. Kuusaa jechoota afaan gosa tokkoo ta’ee afaan sana hiiku yeroodhaa gara yerootti
fooyya’aa deemuun isaa afaan sanaaf qooda guddaa qaba. Jechoota afaan tokkoo gara loqoda
garaagaraa afaan sanatti hiikuun akka yaada rimeetti faayidaa olaanaa qaba. (Hedge, 2008) jecha
ifa hin taane haammattuu keessatti kaa’uun barreeffama keessatti fayyadamuun ni gargaara.
Jechoonni akka kanaan hiikaman hiika afaan tokkoof kallattii hedduuf faayidaa qaba. Kunis,
barattoonni hiika jechootaa haala salphaa ta’an yookaan argatan gochuuf ni gargaara.

Kuusaan jechootaa afaan tokko afaanuma sanaan hiikuun guddinaa fi dagaagina afaan sana
keessatti faayidaa guddaa qaba. Seer-lugni guddina afaan tokkoof gahee guddaa qaba. Afaan
ingiliffaatiin jechoota afaan ingiliffaa hiikuun barreeffamoota Afaan ingiliffaan barreessuun
hubachuuf, baruuf barsiisuuf gumaacha guddaa godhuun addunyaa kan irratti akka bal’inaan
dubbatamu taasiseera.

2.5.Faayidaa Kuusaa Jechootaa Afaan Tokkoon hiikuu (Advantage of Monolingual


Dictionary)

Kuusaa jechootaa afaan tokkoo afaanuma sanaan hiikuun yeroo ammaa kana faayidaa guddaa
qaba. Afaan sana sirriitti barachuufis ta’e barsiisuuf (Hartman, 2002) hiika gosa kuusaa
jechootaa kennaman sirriitti xiinxalamanii ta’aniidha. Kuusaan jechootaa loqodoota adda addaa
afaan tokkoo keessaa wal hubachiisuuf afaan waaltessuuf haala gaarii uuma. Jechoonni afaan

6
tokkoo akka keessa jiran akka hin dagatamneef gumaacha qaba. Kanaaf, Afaan Oromoo kuusaa
jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromoon hiiku qabaachuun barbaachisaadha.

2.6.Kuusaa Jechootaa Afaan Tokkoon Hiikan kan Barattootaa

Kuusaa jechootaa afaan tokkoo hiikuu kan barattoota qunnaman keessaa jechoota
afaanumasaanii hiika isaa hiika afaan dhalootaa ta’ee fi afaan barumsaa garaagarummaa qaba.
Kuusaan jechoota afaan tokko hiiku kan barattoota jechootuma afaan sanaan rakkisoofi haaraa
ta’an hiikuuf gargaara. (Hunt, Alan, 1996).

2.7.Akkaataa itti Fayyadama Afaanuma sana Hiikuu

Odeeffannoon hiikuuf ta’e hubachuun itti fayyadama kuusaa jechootaa akkasiif bu’uuradha.
Barsiisonni akkaataa itti fayyadama isaanii hubannoo barattootaaf kennuu qabu. Akka
gurmaa’ina jechoota tartiibaan ta’anii hiika isaanii wajjin ta’aniifi gurmaa’ina isaanii baruu
barbaachisa (Hedge and Trical, 2008) hiikni taa’e sun waan tartiiba qubeetiin taa’eef jechoota
hiika isaanii baruuf barbaadamu atattamaan tartiiba qubeetiin argatanii hiika isaanii baruun ni
danda’ama.

7
BOQONNAA SADII

3. MALA QORANNICHAA

Qorannoon kun barattootaafi barsiisotaa mana barumsaa Ginjoo sadarkaa tokkoffaa waliin waan
wal qabatuufi barattootaafi barsiisota irraa kallattiidhaan dhimmicha qorachuuf waan ta’eef haala
qabatamaa mana barumsichaa, barattootaa fi barsiisota irratti waan hundaa’uuf qorannoo
qulqulleefataa fayyadameera.

3.1.Irraawwatama Qorannichaa

Irraawwatamni qorannoo kanaa barattoota kutaa 5ffaa baay’inni isaanii dhiira 120 fi dhalaa 110n
ida’ama 230 bara 2009 mana barumsaa Ginjoo sadarkaa 1ffaatti galamaa’anii barataa barataa
jiraniifi barsiisota Afaan Oromootiin barsiisan barsiisota dhiiraa sadii(3) fi barsiisota dhalaa sadii
(3) ida’amni barsiisota jaha (6) irrattidha. Manni barumsaa Ginjoo sadarkaa 1ffaa Godina
Jimmaa Aanaa Magaalaa Jimmaa keessatti kan argamu yemmuu ta’u, ganda Ginjoo Guduruu
keessatti kan argamudha.

3.2.Iddatteessuu

Barsiisonni hunduu kan Afaan Oromoo barsiisan ta’ee barumsa biroo kan Afaan Oromootiin
barsiisan hirmaattota qorannoo kana waan ta’aniif malli iddattoo qorannoo kana iddatteessuu
carraa salphaa ta’a. Kanaaf, barattoota dhiira 25 fi dhalaa 25 ida’ama 50 irraa funaanuu ta’a.

3.3.Madda Odeeffannoo

Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa, madda odeeffannoo jalqabaa /kallattii/ ti. Maddi
odeeffannoo jalqabaa kun barsiisotaa fi barattoota mana barumsaa Ginjoo irraa kan
funaanamedha.

3.4.Adeemsa Odeeffannoo Ittiin Funaaname

Qorannoo kanaaf odeeffannoo funaanuuf kan akka meeshaatti fayyadamu af-gaaffii fi bar-
gaaffiidha. Malli kun qorannoo gaggeessuu keessatti odeeffannoo barbaachisaa ta’e argachuuf
mijataadha. Kana keessatti hirmaatanis barattootaa dhiira 25 fi dhalaa 25 walumaagalatti
barattoota 50 fi barsiisota 6tti fayyadamuun kan raawwatamedha. Malli kun qorannoo

8
gaggeessuu keessatti odeeffannoo barbaachisaa ta’e kallattiin funaannachuuf mijataadha. Gaaffii
iddattoo hundaaf bifa walfakkaatuun dhiheessuun itti fayyadameera. Mala kun mala gaariidhas.

3.4.1. Bar-gaaffii Barattootaa

Bar-gaaffii barattoota irraa odeeffannoo barbaachisaa ta’e argachuuf gaaffii dhihaatedha. Bar-
gaaffii dhiirri 25, dhalaa 25 ida’ama isaanii barattoonni 50 hirmaataniiru. Kan hirmaatanis gaaffii
dhihaateef barreefamaan deebii isaanii dhuunfaa dhuunfaatti kenuudhaan kan raawwatamedha.

3.4.2. Bar-gaaffii Barsiisotaa

Bar-gaaffiin barsiisotaa gaaffii barsiisota irraa odeeffannoo barreeffamaa argachuuf ykn


funaanuuf bar-gaaffii dhihaatedha. Bar-gaaffii kana irratti barsiisotni dhiira 3 fi barsiisonni
dhalaan 3 ida’amni isaanii barsiisota 6 gaaffii barreeffamaa 15 15 dhiyeessuun kan
raawwatamedha.

3.4.3. Af-gaaffii Barsiisotaa

Barsiisota barnoota Afaan Oromoo kennamu barsiisan barsiisota jahan irraa odeeffannoo
barbaachisaa ta’e argachuuf gaaffii dhihaatedha. Kunis barsiisota ja’aniif qofaa qofaan gaaffii
dhihaatee fi deebii isaanii barreeffamaan kennuudhaan kan raawwatedha. Sababni isaas
odeeffannoo bal’aa fi gadi fagoo ta’e argachuuf yemmuu ta’u baay’inni gaaffilee barsiisota shan
qofaa dhiheesseera.

3.5.Tooftaa Odeeffannoon ittiin Qindaa’e

Odeeffannoon qorannoo kanaa tooftaa ittiin qindaa’e, odeeffannoo qorannoo kanaaf funaanamu
karaa lakkoofsaan qindaa’ee yaadaa fi ibsi itti kennameera. Dhibbantaa fayyadamuun
odeeffannoon erga qindaa’ee fi xiinxalmee, booda jechootaa fi himootaan ibsi ni kennameera.

9
BOQONNAA AFUR

4. XIINXALA ODEEFFANNOO FI IBSA

Boqonnaa kana jalatti odeeffannoo funaannaman kan xiinxalamee fi yaadaan kan ibsaman ta’a.

4.1.Odeeffannoo Waliigalaa

Odeeffannoo jalqaba irratti xiinxalaman odeeffannoo dhuunfaa waa’ee deebii kennitoota


qorannoo kanaa ta’e odeeffannoon kun lakkoofsaan xiinxalamee dhibbantaa boca keessatti
qindaa’anii himaan kan ibsamanidha.

Gabatee Odeeffannoo Dhuunfaa Deebii Kennitootaa

Lakk. Gosa Odeeffannoo Baay’ina Dhibbantaa


1 Saala Dhiira 25 50%
Dhiira 25 50%
2 Umurii 13-14 32 64%
15-17 18 36%
3 Kutaa barumsaa 5 8 16%
6 9 18%
7 15 30%
8 18 36%

4.2.Ibsa Hirmaattota Qorannoo

Hirmaattonni qorannoo kanaa akkuma gabatee keessatti ibsame barattoota dhiiraa 25 fi


barattoota dhalaa 25 walumagalatti barattoota 50tu irratti hirmaateera. Umuriin barattoota
qorannoo kana keessatti hirmaatanii waggaa 13-17 gidduutti kan argamanidha. Sadrkaa barumsa
isaanii immoo kutaa 5ffaadha hanga kutaa 8ffaa gidduutti kan argamanidha. Sababiin qorannoon
kun kutaa gadi aanaa irratti xiyyeeffateef bu’uura barnootaa waan ta’eefidha.

10
Gabatee gaaffilee qorannoo lakkoofsa 1-5ffaa jiran ibsa wajjin

Lakk. Gaaffilee Filannoo deebii Baay’ina dhibbantaa


1 Kuusaan jechoota Afaan Oromoo Afaan Eeyyee - -
Oromootiin hiiku mana barumsaa keessan Hin jiru 50 100%
keessa jiraa?
Ida’ama 50 100%
2 Deebiin ati kennite yoo hin jiru ta’e Eeyyee 45 90%
dhabamuun isaa barnoota Afaan Hin jiru 5 10%
Oromootiin barsiisuu irratti dhiibbaa
qabaa? Ida’ama 50 100%
3 Yoo deebiin lakkoofsa lammaffaa dhiibbaa Gadi aanaa 2 4%
qaba kan jedhu ta’e miidhaan isaa sadarkaa G/galeessa 2 4%
akkamiiti? Olaanaa 46 92%
Hin beekamu - -
Ida’ama 50 100%
4 Wantoonni kuusaa jechoota Afaan Jiru 44 88
Oromootti hiiku akka hin jiraanne godhan Hin jiru 6 12
maali? Ida’ama 50 100%
5 Yoo deebiin gaaffii 4ffaa kennite jira kan Hubannoo 45 90%
jedhu ta’e wantoonni akka jiraatan godhan dhabuu
(taasisan) kanneen keessaa isa kami?
Kuusa jechootaa 5 10%
dhabuu
Ida’ama 50 100%

4.3.Xiinxala Deebii Gaaffilee Qorannoo

 Gaaffiin inni jalqabaa kan gaafatame kuusaan jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti
hiiku jiraachuu fi dhabuu isaa addaan baasuufidha. Deebii hundinuu 100% kan inni agarsiisu
dhabamsiisa kuusa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromoon hiikuu akka mana barumsaa
Ginjoo keessa akka hin jirre mirkaneessedha.
 Gaaffiin inni itti aanu kan inni gaafatame dhabamuun kuusa jechoota Afaan Oromoo gara
Afaan Oromootti hiikuu dhabamuun isaa miidhaa qabaachuu fi qabaachuu dhiisuu addaan
baasuufidha. Deebiin barattootaa 90% agarsiisu miidhaa qabaachuu yemmuu ta’u deebii
muraasni immoo yookaan 10% miidhaa akka hin qabne kan agarsiisudha.
 Gaaffii inni sadaffaan immoo kan inni gaafatame sadarkaa miidhaa isaa addaan baafachuuf
kan gaafatamedha. Deebiin funaaname harki caalaan yookaan 92% kan inni agarsiisu

11
miidhaan dhabamuu kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku olaanaa ta’uu
isaati. Deebiin muraasni 4% fi gad-aanaa fi giddu-galeessa ta’uu isaa kan agarsiisudha.
 Gaaffii arfaffaan kan gaafatame wantootni kuusaa jechoota olitti ibsame kun akka hin
jiraanne godhan (taasisan) addaan baafachuuf gaaffii dhihaatedha. Deebiin funaanname akka
agarsiisutti dhibbantaa 88% wantoonni kuusaa jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootti
hiikuu akka hin jiraanne godhan jiraachuu isaati. Deebiin dhibbantaa 12% ta’an garuu kan
agarsii miidhaa akka hin qabnedha. Haa ta’u garuu, yaadni kun kan agarsiisu rakkoo guddaan
akka jiru agarsiisa.
 Gaaffii shanaffaan kan gaafatame kuusaa jechoota akka hin jiraanne sababoota godhan adda
baasuuf gaaffii gaafatamedha. Deebiin walitti qabame dhibbantaan 90% kan agarsiisu
hubannoo dhabun sababa guddaa ta’uu isaati. Deebiin 10% kan ta’u ammo dhabamuu kuusa
jechoota akka ta’e ibsa.

Gabatee gaaffilee qorannoo lakkoofsa 6-10 jiran ibsa wajjin

Lakk. gaaffilee Filannoo deebii Baay’ina Dhibbantaa


6 Wantoonni lakkoofsa shan 5ffaatti ibsaman Gadi aanaa - -
kun miidhaa isaan geessisan sadrkaa G/galeessa 4 8
akkamiiti? Olaanaa 46 92
Ida’ama 50 100
7 Yoo kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Ni godhama - -
Oromootti hiiku mana barumsaa keessan
keessa hin jiru ta’e kuusaa jechootaa ibsame Hin godhamu 50 100
kun akka jiraatu carraaqqiin jiraa? Ida’ama 50 100
8 Deebiin gaaffii 7ffaa carraaqqiin ni godhama Gadi aanaa - -
yoo jette carraaqqiin jiru mana barumsichaa G/Galeessaa - -
maal fakkaata? Hin beekamu 50 100
Ida’ama 50 100
9 Kuusaa jechoota Afaan Oromoo Afaan Gaariidha - -
Oromootti hiiku akka jiraatu carraaqqiin Quubsaadha - -
barsiisotaa maal fakkaata? Hin beekamu 50 100
Ida’ama 50 100
10 Carraaqqiin ni godhama yoo ta’e sochiin jiru Laafaa - -
sadarkaan isaa maal fakkaata? G/Galeessa - -
Hin jiru 50 100
Ida’ama 50 100

12
 Gaaffii jahaffaan kan inni gaafatame sadarkaa miidhaa hubannoo dhabuu fi sababootni biroo
gaggeessan addaan baasuufidha. Deebiin dhibbantaa 92% miidhaa inni qabu olaanaa ta’uu
isaa yammuu agarsiisu dhibbantaan 8% immoo sadarkaan isaa giddu galeessa ta’uu agarsiisa.
 Gaaffii torbaffaan kan gaafatame kuusaa jechootaa akka jiraatu carraaqqiin /tattaaffiin/
godhame jiraachuu isaa addaan baafachuuf kan gaafatamedha. Deebiin marti (100%) kan inni
agarsiisu carraaqqiin godhame akka hin jirredha.
 Gaaffiin saddeettaffaan kan inni gaafatame tattaaffii yookaan carraaqqii barsiisonni akka
kuusa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku kun akka jiraatu godhan addaan
baasuufi. Deebiin 100% kan agarsiisu tattaaffiin godhame kan hin jirree fi kan hin beekamne
ta’uu isaadha.
 Gaaffiin salgaffaan kan inni gaafatame tattaaffiin godhame maal akka fakkaatuu adda
baasuufi. Deebii guutuu yookaan gaafatamtoonni hundi (100%) maal akka fakkaatu akka hin
beekamne kan agarsiisudha.
 Gaaffii kurnaffaan kan inni gaafatame sadarkaa tattaaffii (carraaqqii) godhame addaan
baafachuuf gaaffii gaafatamedha. Deebiin 100 kan inni agarsiis sadarkaan carraaqqiin
godhame akka hin beekamnedha.

 Gaaffii inni dhumaa filannoo kan hin qabne yammuu ta’u, gaaffiin kun kan inni
gaafatame yaada furmaata dhabamuun kuusaa jechootaa kanaaf kennamu kan ilaaludha.
Yaadonni akka furmaataatti kennaman akka agarsiisanitti kuusaan jechootaa Afaan
Oromoo Afaan Oromootti hiiku faayidaan inni kennu olaanaa ta’uu fi jiraachuu akka
qabu, akkasumas kuusaan jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromoon hiikuun barnoota
hunda keessatti akka argamu qabu kan agarsiisudha. Gara fuula duraatti akka jiraatuuf
qaamni ilaallatu irratti hojjechuu akka qabudha.

4.4.Xiinxala deebii Af-gaaffii Barsiisotaa

Afa gaaffii qindaa’aa barsiisota mana barumsa Ginjoo jahaaf dhihaate, deebiin kenname akka
armaan gadii yaadaa fi himaan xiinxalamee dhihaateera.

 Gaaffiin af-gaaffii inni jalqabaa kan inni dhijaate kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan
Oromootti hiikuu jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaa addaan baafachuuf af-gaaffii
dhihaatedha. Deebiin af-gaaffii kanaaf kenname kan barsiisota jahanuu kan wal fakkaatudha.

13
Deebiin isaan kennanis kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiikuu kana mana
barumsaa Ginjoo keessa kan hin jirre ta’uu isaa mirkaneessa.
 Af-gaaffiin inni lammaffaa kan inni gaafatame yoo jira barattoonnii fi barsiisonni itti
fayyadamuu isaanii addaan baafachuuf gaaffii dhihaatedha. Deebii gaaffii tokkoffaa irratti
akkuma ibsame deebiin barsiisotaa maraa kan inni agarsiisu kuusaa jechootaa Afaan Oromoo
Afaan Oromoon hiiku waan hin jirreef itti fayyadamaa akka hin jirre deebii barsiisota hunda
irraa argame mirkaneesseera.
 Gaaffiin af-gaaffii sadaffaan kan inni dhihaate yoo hin jiru ta’e dhabamuun isaa miidhaa
qabaa fi miidhaa hin qabu isaa addaan baasuuf gaaffii dhihaatedha. Deebiin barsiisotaa
martinuu dhabamuun kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromoon hiiku dhabamuu isaa
miidhaa akka qabu kan agarsiisudha.
 Gaaffiin af-gaaffii arfaffaan kan inni gaafatame kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan
Oromoon hiiku akka jiraatu tattaaffii yookaan carraaqqiin dura bu’aa fi barsiisota mana
barumsaa Ginjoo ta’e addaan baasuuf gaaffii dhihaatedha. Deebii kennames carraaqqiin
tokkollee akka hin jirre kan agarsiisudha.
 Af-gaaffii inni dhumaa kan inni gaafatame miidhaa qulqullina barumsaa irratti dhabamuu
isaa qabu addaan baafachuu af-gaaffii dhihaatedha. Deebiin barsiisota hundaa kan agarsiisu
dhabamuun isaa miidhaa qulqullina barnoota Afaan Oromoo barsiisuu irratti akka qabu kan
mirkaneessudha.

14
BOQONNAA SHAN

5. CUUNFAA GOOLABAA FI YAADA FURMAATAA

5.1.Cuunfaa

Qorannichi akka agarsiisutti akkaataan itti fayyadamni barattootaa kuusaa jechootaa Afaan
Oromoo Afaan Oromootti hiiku xiyyeeffannoo barbaachisan akka itti hin kenname mul’isa.
Haalli kun immoo dhiibbaa qabaachuu kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku
dhabamuu ifatti kan agarsiisedha.

Qorannicha irraa kan hubatamu dura bu’oonni mana barumsaa fi barsiisonni kuusaa jechootaa
Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiikuu barnoota barsiisan irratti dhiibbaa qabaachuu isaaf
xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’ee hin kennineef ta’uu isaa kan mirkaneessedha.

5.2.Argannoo

Kaayyoon qorannoo kanaa rakkoo kuusaa jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromoon hiikuu
dhabamuun isaa barnoota Afaan Oromoo barsiisuu irratti rakkoo qabuuf sakatta’uuf kan
taasifamedha. Bu’uuruma kaayyoo qorannoo kana irratti hundaa’uun gaaffii barreeffamaa
barattootaa fi barsiisotaa odeeffannoo jalqabaa funaanname xiinxalamee ibsamuun boqonnaa
afur jalatti dhihaateera.

Bu’uuruma odeeffannoo qindaa’ee, xiinxalamee fi himaan ibsame argannoon qorannoo kanaa


akka kanaa gadiitti dhihaateera.

1. Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti kuusaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiikuu
akka hin jirree agarsiiseera.
2. Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan
Oromootti hiikuu dhiibbaa qulqullina barnootaa fi guddina Afaan Oromoo irratti akka
qabudha.
3. Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti kuusaan jechootaa Afaan Oromoo Afaan
Oromootti hiiku akka mana barumsichaa keessa jiraatu carraaqqiin tokkollee akka hin
taasifamne agarsiisa.

15
5.3.Yaada Furmaataa

Akkaataa kaayyoo qorannoo kanaatiin rakkoolee adda baafachuu qofa osoo hin taane hojii inni
guddaan rakkoolee adda bahaniif yaada furmaataa kaa’uudha. Bu’uuruma kanaan yaadni
furmaataa kana gaditti kennameera.

1. Kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku akka mana barumsaa keessa jiraatu
hojii guddaan mana barumsichaa, biiroo barnoota aanaa fi biiroo barnoota Oromiyaa
akkasumas qaama dhimmi isaa ilaaluun irratti hojjetamuu qaba.
2. Barreessiroonni namootni dhuunfaa fi biiroon aadaa fi turizimii sadarkaa adda addaa hojii
isaan irraa eegamu hojjachuun kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku akka
manneen barnootaa sadarkaa adda addaa keessa akka jiraatudha.
3. Barsiisonni barnoota Afaan Oromoo kennamu barsiisan rakkoo barattoota mudatan furuuf
qooda guddaan waan isaan irraa eegamuuf qooda isaan irraa eeamuu bahachuu qabu.

16
Wabiilee (References)

Bilekemi “How to use a dictionary? Learners disctionaries: State of the Art. Ed. Makhan Jikman
Singapore: SEAMEO Regional Language Center, 1989.204-212.ser 23

Hartiman, R.R.K., and George Jemse. Dictionary of Lexicography. London: Rpotledge,


2002.Print

Hedik Even, “Functions of specialized Learners’ Dictionariers.” Specialized Dictionaries for


Learners. Ed. Pedro A. Fuertes-Olivera.2010. 39-52 Print

Herge Frida, Teacher and learning in the language, Classroom. Oxford: Oxford Up, 2008. Print

Hunt, Alan, “Evaluating Bilingual and Monolingual Dictionaries for L2 Learners.” Kansai Gadai
Dictionary, Journal of Inquiry and Reseach (1996): 15-17

Megel Radek, Basics and Lexicology. Brno: masarykova Univerzita, 2007 Print

Soekemi (1989). How to Use a Dictionary?” Learners’ Dictionaries state of the Art. Ed Makhan
L. Tickoo.

Willis, Dave, The lexical Syllabus: A new approach to language Teaching. London: Collins.
ELT 1990, print

Wright, Jon. Dictionaries. Oxford Up, 1998. Print.

17
Dabalee

YUUNIVARSIITII JIMMAA KOLLEEJJII HAWAASAA FI


HIWUMAANITII DAMEE BARNOOTA AFAAN OROMOO FI
OG-BARRUUTIIF DHIHAATU

I. Gaaffilee barattootaa fi barsiisotaaf dhiyaatan kan itti aananii argamanii ta’a.

Kabajamtoota barattootaa fi barsiisota mana barumsaa Ginjoo sadarkaa tokkoffaa kaayyoon


gaaffilee kanaa odeeffannoo mata-duree rakkoo kuusaa jechootaa Afaan Oromoo Afaan
Oromootti hiikuu dhabamuun isaa barnoota Afaan oromoo barsiisuu irratti qabudha.
Odeeffannoon isin kenitan galama gahinsa kaayyoo qorannoo kanaaf faayidaa guddaa waan
qabuuf odeeffannoo qabatamaa fi sirrii ta’e kennitan kabaja guddaadhaan isin gaafadha.
Odeeffannoo isin keennitan kaayyoo qorannoo kanaaf shoora olaanaa waan qabuuf odeeffannoo
guuttan irratti maqaa barreessuun dhorkaadha. Akkasumas, odeeffannoon isin kennitan akkuma
jirutti osoo hin jijjiiramiin itti hin dabalamiin kan guutamu ta’uu isaa dursinee mirkaneessina.

II. Odeeffannoo ragaa dhuunfaa

1. Saala dhiira dhalaa


2. Umurii 13-17 dhiira dhalaa 18-25 dhiira dhalaa 26-35 dhiira
dhalaa 36-45 dhiira dhalaa 46 ol dhiira dhalaa
3. Sadarkaa barumsaa 5-8ffaa sartifikeeta Diploomaa Digrii jalqabaa
4. Muuxannoo hojii waggaadhaan 1-5 6-10 11-15 16-20 21 ol

III. Gaaffilee Qorannoo

1. Kuusaan jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiiku mana barumsaa keessan jiraa?
Eeyyee Hinjiru
2. Deebiin ati kennite yoo “Hinjiru” ta’e dhabamuu isaa barnoota Afaan Oromootiin barsiisuu
irratti miidhaa qaba? Eeyyee miidhaa hin qabu
3. Yoo deebiin lakkoofsa lammaffaa miidhaa qaba kan jedhu ta’e miidhaan isaa sadarkaa
akkamiiti? Gadi aanaa giddu galeessa olaanaa hin beekamu

18
4. Waantonni kuusaan jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiikan akka hin jiraannee
godhan jiruu? Eeyyee Hin jiran
Yoo kan jiran ta’e maali? ______________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________
5. Yoo deebiin gaaffii 4ffaaf kenite jira kan jedhu ta’e waantonni akka hin jiraannee godhan
kanneen armaan gadii keessaa isa kami? Hubannoo dhabuu Kuusa jechootaa dhabuu
kuusa jechootatti sirriitti itti fayyadamuu dhabuu
6. Waantonni ibsaman kun miidhaa isaan geessisan sadarkaa akkamiiti?
Gadi aanaa giddu galeessa olaanaa hin beekamu
7. Yoo kuusaan jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiiku mana barumsaa keessa hin
jirre ta’e kuusaan jechootaa ibsame kun akka jiraatu manni barumsichaa tattaaffii yookaan
akka jiraatu carraaqqii ni godhaa? Eeyyee Hin godhu
8. Deebiin gaaffii 7ffaa yoo carraaqqii ni godha jette sadarkaa carraaqqii /tattaaffii/ mana
barumsichaa maal fakkaata? Baay’ee gadi aanaa giddu galeessa
olaanaa hin beekamu
9. Kuusaan jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiiku akka jiraatu carraaqqiin
barsiisotaa maal fakkaata? Gaariidha quubsaadha hin beekamu
10. Carraaqqiin ni godhama/ni taasifama/ yoo ta’e sochiin jiru sadarkaa isaa maal fakkaata?
Laafaa giddu galeessa olaanaa
11. Kuusaan jechoota afaan tokko jiraachuu isaan waalta’iina afaan sanaaf ni fayyadaa? Eeyyee
Hin fayyadu
12. Gama qulqullina barnootaan bu’aa buusu qabaa? Eeyyee hin qabu
13. Gama guddina afaanichaatiin gumaacha qabaa? Eeyyee hin qabu
14. Gama baruu fi barsiisuun miidhaa qabaa? Eeyyee hin qabu
15. Rakkoo olitti ibsamee jira yoo jette yaada furmaata jettu kaa’i.
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________

19
IV. Af-gaaffii barsiisotaa dhiyaate

1. Kuusaan jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiiku mana barumsaa ati barsiistu
keessa jira?
2. Yoo jiraate barattoonnii fi barsiisonni itti gargaaramuu?
3. Yoo hin jiru ta’e dhabamuun isaa miidhaa qabaa? Sadarkaan miidhaa isaa maal fakkaata?
4. Kuusaan jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiiku akka jiraatu carraaqqiin dura
bu’ootaa fi barsiisotaa maal fakkaata?
5. Jiraachuu dhabuun kuusa jechoota Afaan Oromoo Afaan Oromootiin hiiku qulqullina
barumsa Afaan Oromoon kennamu irratti miidhaa qabaa? Yoo qaba ta’e sadarkaan
miidhaan inni qabu hangami?

20

You might also like