You are on page 1of 11

Seera Siinqee

1. Seensa

Addunyaa kanaaf aadaa dimokraasii kan beeksise Sirni Gadaa uummanni


Oromoo ittiin bulaa ture, mirga namoomaa fi siyaasaa daangaa hin qabne,
gonfachiisuu bira dabree, walqixxummaa saalaa mirkaneessuu irrattis mudaa
akka hin qabne seenaan ragaa dha. Sirni dimokraasii addunyaaf angafa ta’e kun,
walqixxummaa dubartootaa dhugoomsuuf, seera tumateen mirga dubartootaa
kabajuun sirna milkaa’e ta’uu isaa, hambaan aadaa seera siinqee, gosa Oromoo
Arsii keessatti mul’atu dhugaa ba’a.

Bara sirni Gadaa sirna siyaasaa ambaatiin bakka buufamee, gosti Oromoo harki
caalu dagate kana, Arsii Siikkoo Mandoo fi Utaa Waayyuu seera siinqee hin
ganne. Seera siinqee keessatti aangoon gurumuun dubartootaa qabu laaffatus,
kabajaa fi safeeffannaa dubartiin qabdu hin badne, ‘dubartiin wayyooma’ yaada
jedhun ibsu.

2. Siinqeen Maali?

2.1 Mallattoo seera siinqee

Seerri siinqee ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan
dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo
wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne, waan ta’eef filatama. Siinqee
hojjaa/dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee
bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin
fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti
hin fayyadaman.
Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa
heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

2.2 Haadha Siinqee

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen


mallattoo birmadummaa/uumamaan bilisa ta’uu/ ti. Boraatiin muka irraa
soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadhawarrummaa ti.
Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa’elaa irratti yeroo misirrichi/idaayyichi misirroo/idaayyittii fudhatee


galuuf ka’u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula
dura teessi. Idaayyichi, bira gayee dhaabbata. Haati Idaayyittii “hoo baarree hoo
barsee” jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. ‘Hoo barsee’ jechuun
yaboo/adaraa sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree


idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi
baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati.
Yeroo eebbisan illee ‘siinqee baarree oofkalaa’ jedhu. Jifuu/geettii/fuudha kana
nagaadhaan keessa fulla’aa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadhawarrummaa ishiin qabdu ittiin


tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu
uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

2.3 Ulfina Haadha Siiqqee

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii


siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti
yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii
dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa’an/bayima ba’an, Ateetee/Ganyaa


jedhamu. Dubartoonni bayima ba’anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo
dhufan/ nama tokkoos ta’e nama hedduus ta’an, maanguddoon illee, farda irraa
bu’anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii “ Ilteeninnaa” jedhanii itti
irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii “obbayaa”
jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba’an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan
qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.

3. Aangoo Haadha Siinqee

3.1 Gadi qabaa/dhaanicha abbaa warraa irraa baraaruu

Sirni Gadaa ,seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin
mul’atu keessaa tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota
gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga’ametti, mallattoo wal waamichaa kan


ta’e sagalee ililfannaa, “ililii,ililii,ililii…” jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu.
Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa’ima
hoosisaa jirtus, kan sa’a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa
qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf
dirqama qabdi.

Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee


weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni
dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasu.
Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa
gurumuu kana keessa jirtu hundi, qe’een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin
qabu. Daa’imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti namicha balleessaa hojjate
sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii miidhamte
itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/
erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa’anii
dubbisu. Kana malees, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii, “ilteeninnaa”
jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii eebbisu. Yeroo seera
kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga’uuf taa’e, “Wayyooma/ulfina dubartii kan


tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha.” Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan,
waltajjii jalqabu. Sana booda, “ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan”
jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii
dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa’iitti
himti. Qaamni seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii
dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon
akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen


kun horii/loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu/ sangaa/qotiyyoo isaa qaluu
ta’uu danda’a. Seerri siinqee murtee kana raawwachiisee, dubartoonni sangaa
qalame yaa’iidhaaf laatanii, weedduu isaanitiin siinqee faarfachaa, dubartii
dhugaa argatte sana manaan ga’anii, mana mana ofitti galu.

Birmannaan akkanaa, dubartii qanafaa addarraa qabdu/ kan deessee ji’a jahaa
hin guunneef/ malee, dubartii abbaan warraa dhaane hundaafii miti kan jedhan
jiru. Akka manguddoo irraa dhageenyeetti , erga sirni Gadaa laaffatee booda
birmannaan akkanaa, deessuu dhaanamteef qofa ta’e malee, dur dubartii
hundaaf birmatu. Kan deessuu dhaane adaba isaatu guddaa dha.

3.2 Lola dhaabuu

Gosa Oromoo gidduutti, walitti bu’iinsi uumamee, lolli hamaan/waraanni ka’ee,


namni wal miidhe, dubartiin oduun lolaa kun dura, gurra bu’e, ililfattee,
dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa
kana darbaa walii dabarsanii, siinqee qabatanii battalatti walga’u.

Weedduu isaanitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa deeman, Waaqa
siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu. Iddoo lolaa sanatti wayta dhiyaatan
immoo weedduu isaanii keessa, waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin
gaafatu. Bakka lolaa sana yoo ga’an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka
dhaabbatu gaaftu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide, gidduu seenu. Waraana
hamaa attamii illee yoo ta’e, seera kana bira hin darbu. Battalatti dhaabbata.
Siinqeen meeshaa araaraa ti.

3.3 Hoomaa waraanaa eebbisuu

Birmadummaan biyyaa yeroo xuqamee fi diinni waraana labse, raayyaa


waraanaa diina biyyarraa deebisuudhaaf duula deemu kan eebbaan gaggeessan
dubartoota. Gaafa duulaa sana, gurmuun dubartootaa, bayima ba’anii weedduu
isaanitiin siinqee faarfachaa, waltajjii hoomaan daangaa biyyaa kabajsiisuuf
deemu sun irratti wal ga’u dhaqu.
Dubartoonni tarree lamaan hiriira galanii fuulleetti wal ilaalaa, siinqee mataa
waliin ga’anii dhaabbatu. Loltoonni duula deeman siinqee jala hulluuqu. Wayta
isaan hulluuqan kana,

Anshaa afannee jala teenna ( anshaan maqaa mukaa ti)

Ansho’oo kadhanna ilma keennaa jedhu.(ansho’oo kadhanna jechuun nagaadhaan


akka galan kadhannaa jechuu dha)

Erga loyanii keessa ba’aniin boodas “loyaa ooffolaa/oofkalaa, ari’aa qaqqabaa”


jedhanii eebbisu.

Loltoonnis, wayta siinqee jala loyan akkanatti weeddisu,

Aayyoo offollee offoltiin faaya naan jette,(aayyoon nagaa naa kadhattee, nagaan
galuun waan tolaa dha naan jettee, yaada jedhu qaba.)

Warri duula deemu eebbisuunis aangoo seerri siinqee dubartoota Oromoof


kenne.

3.4 Waaqa araarfachuu

Bara ongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaan biyya seene, walumaagalatti


yeroo rakkoon jabaan dhalate, gurmuun dubartootaa malkaatti ba’anii Waaqa
kadhaan araaraa godhu.

Gurmuun dubartootaa siinqee, irreessa fi aannan ciicootti qabatanii siinqee


weeddifachaa malkaa bu’u. Oggaa malkaa ga’an, faaruudhaan Waaqa kadhatu:

Ateetee, anshaan ka baalee,

Waan sa’aa namaa anshoof ka baane; jedhu.


(Dubartoonni seera siinqee raawwachiisan Ateetee jedhamu/ anshaan ka baleen,
muka anshaa baala qabuu) jechuu dha.

Waan sa’aa namaa anshoof kabaanen jechuun immoo, nageenya sa’aa namaa
kadhachuuf baane, hiika jedhu qaba.

Malkaa irratti, hanfalaa/sabbata hiikkatanii, marga sana irreeffatanii, aannan


dhibaafatanii faaruudhaan Waaqa kadhatu. Faaruu isaanii keessatti:

Ateetee buna baalfannaa,

Waaqaa fi Lafa illee ni araarfannaa;

Siinqee tiyya lootii qabadhaa’

Rabbii kiyya mootii kadhadhaa;

Siinqee kiyya lootii kan durii,

Rabbii kiyya mootii na furii;

Waa hin dhabanii si biraa,

Waan hin dhabneeftu jira; jedhanii Waaqa mararu.

Odeeffannoon walitti qabanne akka mirkaneessutti, dubartoonni waaqkadhaaf


malkaatti ba’an Waaqa irraa hin dhaban jedhu, argataniit galu. Rooba kadhaa
yoo ba’an odoo isaan achii hin garagalin Waaqni roobefii, ililfachaa
gammachuudhaan galu. Dhibeenis kadhannaa isaan godhaniin biyyarraa ka’a.
Rakkoon biraa illee akkanumatti fala argata.
3.5 Yeroo da’umsaa

Dubartoonni gurmuudhaan socho’an kun, dubartii da’umsaaf ciniinsifattu biratti


wal ga’anii suunqoo walii fidanii dubartii ciniinsifattu sana jajjabeessuu qofa
otoo hin taane, akka ishiin nagaan hiikkattu weedduudhaan Waaqa kadhatu.

Da’umsa boodas, gumaata walii fidanii wal gaafatu. Gaafa deessuun dhagna
dhiqattus biratti wal ga’anii, dhadhaa muudanii, siinqee faarsanii Waaqaa galata
galchaa oolanii galu.

Akka aadaatti Ilmoo argachuun ulfina dubartiin tokko hawaasa keessatti


qabduuf murteessaa waan ta’eef, gurmuun dubartootaa kun dubartii dhala
dhabdeef, akka ishiin dhala argattu Waaqa waliif kadhatu. Dubartii dhala
dhabdeef wayta Waaqa kadhatan marartee irraan kan ka’e imimmaan buusu.

3.6 Daa’ima guddifachuu

Warri ilmoo hin arganne, warri ilma hin qabne, fira irraa yookaan nama michuu
ta’uuf irraa ilmoo guddifata. Dubartiin dhala hin qabne, seera guddifachaan
ilmoo guddifachuu barbaadde, siinqee qabattee, aannan ciicoodhaan fuutee
warra irraa guddifattu sana dhaqxi.

Warri ilmoo irraa guddifachuuf filatan warra ijoollee baayee hore. Warri
akkanaa, dubartii siinqeedhaan dhaqxee ilmoo isaan irraa guddifachuuf
gaafatteef, ilmoo isaanii kennuuf dirqamu. Dubartiin siinqeedhaan deemtu hin
qoltu/hin dhabdu.

3.7 Deeggarsa argachuu


Sababa adda addaatiin, warri deege, akka hin beelofne, akka hin daarre, horiin
jalaa dhumee, sanyii baafatu dhabee lafti bara akka hin baanes siinqeen fala
qabdi. Warri rakkina akkanaa irra bu’e, haati warraa siinqee qabattee, warra
dureessa ta’e dhaqxee, rakkina himannaan argatteet galti.

Dubartiin siinqee qabatte, gargaarsa gaafattee namni dhoowwate, ni abaaramaa,


hin milkaa’u jedhu. Kawaasnis nama akkanaa ofitti qabuu didee
qoollifata/wucaa baasa. Kanaafuu namni ishiin gargaarsa gaafatte kennuun
dirqama isaa ti.

3.8 Aseennaa dhaquu

Dubri odoo hin heerumin mana turte, heerumtee bultii argachuuf mirga qabdi.
Seerri siinqee dubri haadha warraa taatee akka siinqee argattu tuma. Dubri kana
murteeffatte dhiira itti heerumuu barbaaddu filattee, siinqee murattee
qophooftee tasa qe’ee warra sanaa dhaqxi.

Qe’ee warra sanaa yoo geessu siinqee qabatte dallaa irraan qaarisiistee darbattee,
seentee utubaa qabatti. Dubra aseennaa dhaqxe, erga ishiin siinqee darbattee
seentee utubaa qabatte, manaa hin baasan. Namni ishiin filattee itti dhaqxes
haadha warraa godhata. Seera.

3.9 Cubbuu baasuu

Hawaasa keessatti gochi safuu ta’e, wanti cubbuu qabu oggaa raawwatame
dubartoonni gurmaa’an seera siinqeetiin cubbuu nama irraa baasu.

Fakkeenyaaf, dhiiraa fi dubartii firummaa qaban gidduutti saalqunnamtiin yoo


raawwatame, akkanatti qulqulleessu.
Maatii horanii jaalalaan waliin jiraachuun kan milkaa’an warra tokko/abbaa
warraa fi haadha warraa/ waamanii, soddaa warra sanaa baasanii, mana nama
cubbuu kana raawwate, baaxii uranii, dhiiraa fi dubartii cubbuu kana dalagan
uffata irraa baasanii, gogaa loonii jiidhaan itti aguuganii, uraa baaxii manaa
irratti tolfameen hulluuqanii akka seenanii karaa balbalaatiin ba’an dirqisiisu.
Kanumaan qulqullaa’anii namatti makamu.

4. Goolaba

Gaaffiin walqixxummaa dubartootaa, addunyaa irratti hanga jaarraa 19ffaa tti


xiyyeeffannaa otoo hin argatin akka ture seenaan ragaa ba’a. Gadaan Oromoo,
sana dura bara fagoo, seera mirga dubartootaa eegsisu tumee hojiirra oolchun
sirna dimokraasii dhugaa ta’uu isaa mirkaneessee jira. Ambaan seera siinqee
qaqqabanne kun, seerichi hangam jabaa akka ture ni mul’isa.

Bara dimokraasiin addunyaa irratti dagaage kana illee, walqixxummaa


dubartootaa dhugoomsuuf jecha seera tumame hojii irra oolchuuf, ilaalchi
hawaasaa gadi aantummaa dubartootaa calaqqisu gufuu ta’aa har’a gayee jira.

Muuxannoo biyyoota guddatanii bu’ureeffachuun seera baye irratti cichanii


mirga dubartootaa dhugoomsuuf yaaluu mannaa, seerri siinqee qorqoramee,
akka baraan wal simutti otoo hojiirra oolfame, kabajamuu walqixxummaa
dubartootaaf, fala ta’uu danda’a.

You might also like