You are on page 1of 2

Qanafaas (dubartii dhiyoo deesse) dhadhaafi dammaan sooru, ni qananiisu jedha seerri ganamaa.

Deessuun bakka hundattuu kabaja guddaa qabdi. Fakkeenyaaf mana namaa yoo seente diinqa
malee hagicha (fuuldura) hinteessisan. Dhadhaa dibattu malee hinbaatu. Warri gabaatti waa
gurguratu jabeessee itti hindubbatu. Aduun itti hinbaatu. Qanafaan dubartoota biratti
faarfatamtuudha.

Qanafaa hindheessaa

Tan faana fixeensaa

Deettuu tiyyaa maaloo

Rabbittiin si dheessa jedhanii faarsan.

Dubartii Qanafaa kallacha qabdu dhaanuun adabbii qaba. Oftuulummaan, seera dabsuun ykn
adabbii kennamu diduun hindandaamu. Akkaataan itti adabsiisanis, dubartittiin Qanafaa
rukutamte ykn dhaanamte siinqee ishii qabattee, elelfatti (waamicha naaf birmaadha dabarfatti).
Yeroo kana dubartoonni qeee (ganda) sanii hundinuu walwaamanii siinqeesaanii qabatanii
bauudhaan haala armaan gaditti ibsameen sagalee komiisaanii dhageessifatu.

Ayyoo dhalee mucha aannanii,

Aana waamanii,

Jaalleen Olmaaa

Na dura hindhaaninaa Qanafaan Wayyumaa,

Qanafaan aadaa deettuu dubartii,

Jaalleen tiyya dhaanamtee dhufnee nu murtii,

Qanafaan Wayyumaa qabaa,

Harra maal, yakka maaliitiif siin cabaa

Dhaltii mucha ( harma) aannanii tiyya dhaananii

Ana waamanii

Uuma na dabsee
Qanafaa na cabsee jechaa elelfate baanaan adabbiin yakka kanaa daran cimaadha. Sirna kana
keessatti, namichi kan seeraaf hinbitamneefi yakkamaa tauusaas gara manasaa deemuudhaan
faarfannaan ibsatu.

Qanafaan meeshaa aada Oromoo keessahu gosa Arsii keessatti dubartiin erga deessee (deette)
booda adda (kallacha)irratti meeshaa hidhattu. Qanafaan callee, muka fi simaagoo irraa
hojjatama. Qanafaan asxaa dubartiin dahuu agarsiisuu yoo tau, hawaasa keessatti kabaja
guddatu kennamaf. Dubartiin aadaa Oromoo keessa kabaja gudda qabdi, keessahu tan dhiheenya
deesse ammoo kabaja olaanaa qabdi. Akka aadaa Arsiitti Wayyuu jedhamti.

Dubartiin Qanafa addarra qabdu hanga harma hoosisuu dhaabdutti Abba Worraa ishee waliin
wal-qunnamtii saalas hin gootu. Sababni isaas osoo harma hin guusin yoo wal-qunnamtee
daaimni humna hin qabatu jedhamee waan yaadamuuf. Akkasumas daaimni dhibee adda
addaatiif ni saaxilama jedhamee waan herregamuuf hanga harma guusitutti qunnamtii saalaatirra
of qusatu. Tarii Abba Worraa ishee akka wal-qunnamtii isa waliin gootu yoo dirqisiise, dubartiin
sun manguddootti himatti. Tuuta Siinqeettitis ni himatti. Gochi akkas Fafa jedha.

Fafa jechuun waan salphina hawaasa tokko keessatti uumamu jechudha. Fafa hawaasni hundi ni
balaaleffata. Kana balaaleffachuufis dubartootni gareedhaan Siinqee isaan qabatanii bahanii Fafa
akkas balaaleffatu. Balaleeffanna isaanis Manguddoon walitti bahan dhagahuuf; dhugaas
galchuuf. Dubartii deessu sanaas dhugaa galchaniif. Toota Siinqees kabajaan Korma qalaniif
mana isaanitti akka deebian taasisa.

Qanafaa Arsii keessatti faaydaa biratis ni qaba. Akka qusanna maatiitti ni fayyada (family
planning method). Daaimni tokko osoo harma hin guin wagga lama ykn sadihis turuu ni
dandaa,kun ammoo dubartoota akka addaan fageessa dahaniif isaan gargaara.

Ammaaf waaee Qanafaa assi irratti dhaaba. Barreeffama itti aanuu keessatti Wayyuu fi Siinqee
maalii akka taan qabadhee isinii dhihadha. Hangsituu turtii gaarii hawwaa, yaada yoo qabaattan
na qunnamurra harka hin saamsatna.

You might also like