Professional Documents
Culture Documents
Bal'ifnee yoo ilaalle, og-barruun asoosamaafi miti-asoosama jedhamee iddoo lamatti qoodama.
Asoosamni jecha ifaa hin taaneefi dimshaashummaa qabu kan hojii uumee yeroo hedduu
holooloon dhiyaatu. Yoo lamaan isaanii bifa hojii kalaqaa kan dhugaa hin taane ta'aniyyuu
ulaagaa kamiinuu walaloofi diraama hin qabatu. Kan inni yeroo ammaa of keessatti hammatu
asoosama gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraa dha.
Asoosamni og-barruu bu'aawwan hedduu buusa. Kanneen ol aanaa ta'an keessa fedhii uumamaa
keenya gabbisuun isa tokko. Hojiin og-barruu bu'a qabeessi kan fuuldura nutti dubbatu fakkaata,
keessumaa yoo sanaaf bilchaannee jiraanne. Keessoon jireenyaa barreessitoonni gaariin nam-
fakkiiwwan isaaniin mul'isan yeroo hedduu walakkaa qaama keenyaa nutti hima. Nu dinquu,
iyyisiisuu, hollachiisuu, abjoochisuu, yaachisuu, boosisuu, nam-fakkiitti quba of nu
ciniinnachiisuu danda'a. Dhugaa mul'atu addaan baasee agarsiisa. Faayidaa wantoonni qaban
addaa baasee waan nu argisiisuuf erga kitaaba asoosamaa tokko dubbifnee ni jijjiiramna, yaada
gad fageenya qabu horannas. Ilaalcha jireenyaa akka gad fageenyaan qabaannuu fi bal'ifannu nu
gargaara. Kana malees, yaada gogaa qabanne akka jijjiirruufi akka addunyaa dhugaarraa
fagaannee jiraannu nu gargaara. Gammachuun seeneffama gochoota haarawaa irraa maddu
hawwii keenyaa guutuuf, kan akka kan hin ta'iin ta'uu, dandeettii guddaa qaba. Karaa biraa
ammoo, asoosamni yaaduu waan darbeef nu qabnu waggootan isaanii wajjin nutti mul'isa.
Asoosamni seenawaa kan mannaamaan isa darbe irra deebi'ee uumu kanaaf tajaajila hedduu
qaba.
Hayyuuleen adda addaa asoosama bifa adda addaan hiikaniiru. Kanneen itti aanan isaan keessaa
muraasa. A Dictionary of Literary Terms (Martin Gray 1992: 119) akka jedhutti asoosamni:
Hojii fakkeessuu, sobuu, ykn burqisiisuu; wantoota dhugaa ta’uu caalaa yaadaman.
‘asoosama’ jechuun har’a asoosama dheeraafi kuufama seenaalee, ogbarruu kalaqaa
kanneen al-kalaqaarraa adda godhuuf, fakkeenyaaf seena jireenya nama tokkoo ykn
seenaarra.
The action of feign, lying or invent; that which is feigned or invented; things imagined as
opposed to fact. ‘Fiction’ is nowadays used of NOVELS and stories collectively, to
distinguish imaginative literature from ‘non-fiction’, for example, biography or history.
Haala kana keessatti asoosamni faallaa dhugaati. San jechuun hojii aartii kalaqaafi yaadaati.
Asoosamummaanis faallaa haqummaa ykn dhugummaa ta’uu xiyyeeffata. Asoosamni akka bifa
qooqaatti daanga’aa miti. walaloonillee akka wiirtuu asoosamarra qubatetti mul’ifama. Kun akka
asoosamni gosa ogbarruu bifa qooqa addaa qabu caalaatti hojii ogbarruu hunda ta’e ibsu mul’isa.
As keessatti gosa ogbarruu daanga’aa ta’uu isaa irratti caalaa xiyyeeffanna. Mee hubannoo
Shlomith Rimmon-Kenan (1983: 1-3) asoosamaaf qabdu haa ilaallu. Ibsa maqaa ‘seenessa’ jedhu
dabaluun ‘asoosama seenessaa’ jettee moggaaste; kanas akkasitti hiikte: seenessa tartiiba gochoota
kalaqaa’ Itti fuftees hubannoo jechoota kana keessa jiraniif qabdu wal duraa-boodaan addeessite,
hiika isaaniis ibsite. Seenessi yaada lama mul’isa: (1) deemsa walii galtee kan seeneffamni akka
ergaatti maddaa galatti ce’uufi (2) uumamaan ergaan jechaan kan daddarbu ta’uu isaati. Kunis
addummaa asoosamaafi walaloo onnachiiftuu ykn barruu ibsaa jidduu jiru itti dabalee mul’isa.
Qooqni asoosamaa holooloodha; untaafi safara hin qabu. Kun akka walaloon adda ba’u isa
godha. ‘Gochi’ wanta raawatu tokko, wanta xumura ykn maqaa gochaan bakka bu’u. fakkeenyaaf
oyiruu keessaa xaafii haamuu. ‘tartiibni’ gochootaa gocha tokkoo ol kanneen seenessa keessatti
argaman mul’isa. Kitaaboleen seenaa, gabaasni raawwii, barruun seenaa ofii, hundi
asoosamarraa adda ta’uun yaanni asoosamaa akka dhimma yaadaa ta’e addeessa.
Kunis gaafaa asoosama akka gosa murtaa’aa ogbarruu barreeffamaatti ilaallu mudaa qaba.
Murtaa’ummaan isaas bifa qooqaan adda baha. Qooqni isaa walqixxummaa safaraafi unta
sagalee irraa adda. Bifti qooqaa isaa holooloodha; walaloo irraa adda. Kanaafuu, asoosama
holooloo yoo jenne hojii kalaqaa bifa aartii walaloo irraa adda ta’a.
Holooloon kan boodatti deebi’uufi boca addaa uumuuf baayyee hin dhamaane jechuudha. Kan
qajeelee fuuldura yaa’u, irra deddeebii hin qabne, wal qixxummaa safaraa kan hin qabne. Hojiin
ogbarruu kalaqaa bifa qooqaa kanaan beekamu dhimma kutaa kanaati. Kanaa booda asoosama
yoo jenne kana ta’uu ibsuu barbaanneeti.
Asoosamni dur yeroo jalqabaa afoolaan ture. Asoosamni afoolaa sheekkoo, mammaaksa, baacoo,
dur durii, tapha ijoollee, qoosaa, seenaa, muuxannoofi mudannoo guyyuu hunda dabalata.
Barreeffama keessatti, asoosamni gabaabaan seenaa gabaabaa qaba. Guddina kanaafis afoolli
bu’aa guddaa gumaachee jira jedhamee yaadama. Asoosamni afoolaa waa’ee beekumsaa,
dhugaa, nagaroo, xuurii, abshaalummaa, dandeettii, kkf. Kaayyoon isaaniis kanneen barsiisuudha.
Kana hubachuuf seeneffamoota kanneen fakkaatan dubbisi.
Asoosama gabaabaan asoosama seenaa gabaabaa ykn seeneffama gabaabaa qabu. Akka Gordon-iifi
Kuehner (1999 viii) jedhanitti asoosamni jechoota dhibba shanan tokko qabu asoosama gabaabaa
gabaabaa jedhamee ramadamuu danda'a. Yoo dheerinni isaa jechoota kuma kudha shan ga'an ta'e ammoo
akka asoosama jiddu galeessaatti ykn asoosama dheeraa gabaabaatti fudhatamuu danda'a. Deebiin gaaffii,
"Asoosama gabaabaan maal?" jedhuu garuu ammas salphaa hin ta'u. Edgar Allan Poe, namichi akka
jalqabaa asoosama gabaabaatti fudhatamu, akkas jechuun asoosama gabaabaa addeessa: seenessa
holooloo gabaabaa kan dubbisuuf walakkaa sa'atii hanga sa'atii tokkoo ykn lamaa fudhatu.
Garuu maaltu isa gabaabsa? Deebbii kanaaf yaada yaada Norman Friedman ka’uun yaada lamaan bu’a
qabeessa:
Asoosamni gabaabaan tarii seenaa dhiphaa waan qabuuf gabaabbate. A short story may be short
because the material itself is narrow in its range or area of interest.
Asoosamni gabaabaan tarii yoo seenaan isaa bal’achuuf humna qabaatellee, barreessaan waan hin
barbaanneef kutee keessaa hambisaa jennaan gabaabbate. Gama tokko irratti xiyyeeffatee, bu’aa
isaa cimseefi aartummaa isaa cimsuuf.
. Asoosama gabaabaan tarii kan gabaabbateef wanti inni jechuuf jiru bal'ina waan hin qabneef ykn
wanta bal'aa jechuuf waan fedhii hin qabneef.
. Asoosama gabaabaan tarii kan gabaabbateef wantichi yoo dheerachuuf humna qabaatellee barreessaan
bifa tokkoofi bu'aa seenichaa ykn dandeetti kalaqaarratti xiyyeeffachuuf kan irraa kute.
Akka hiikaatti isaan kunniin gaarii ta'uu danda'u, garuu guutuu hin ta'an. Yaada asoosama gaggabaabaa
hedduu of keessaa hin qaban. Kanneenis
. Sababummaa agarsiisa-- sababaafi bu'aa hundeessuun namfakkileen maaliif akka waan dalagan san
dalaganiifi bu'aa dalagaaleen kunniin qaban mul'isa.
. Haala danda'amuun guddisee xumura-- gochaalee, raawwileefi tartiibni gochoota seenicha keessaa kan
dhugaa fakkaatan.
. Kan haala hundeessu-- haalli seenaa gabaabaa kan namfakkileefi gocha isaanii gargaaran ta'uu qabu.
Asoosama gabaabaa hedduun gocha, yeroo, muuxannoo, tokkorratti yoo xiyyeeffatanuu kun kan ta'u yeroo hunda miti. Asoosama gabaabaa
hundi kan dhimmamuun barreessaan akka meeshaa bu'aa tokko fiduuf kalaqe miti. Seenaaleen tokko tokko bu'aa isaanii kan sababa wanta
tokko qofarratti hin xiyyeeffanneef argatan. Yeroo tokko tokko ammoo gosni seenaaleen 'bu'aa tokkoo' gabaabbatee mul'ata.
Maaliif asoosama gaggabaabaa ciminaan yaadaa keenya hawata? Ijoollees haa ta'u namni guddaan, hundi
keenyayyuu gaaffii kanaaf deebbii argachuuf baay'ee ariifanna: Itti aanee maaltu ta'e?
Seenaalee muuxannoo dhuunfaafi walii galaa tokkuma uumuu danda'u. Muuxannoo walii galaa kan
jedhamu namni kamiyyuu, yoomuu, kan arguu/hubachuu/irra ga'uu danda'u. Kan yeroo fi kutaa biyyaan
hin daangofne. Kunniinis waa'ee maatii, guddina, jiruu ofii addunyaa keessa barbaaduu, jaalala, gufuu
jireenyaa mo'achuu, milkaa'uufi milkaa'uu dhabuu fudhachuu. Seenaa himtoonni muuxannoo dhuunfaa
kan uuman namfakkilee addaa, kan aadaa tokkoo uumuun. Seena himtoonni bu'aa ba'ii qabatamaa
namfakkilee asoosamaa isaanii mudatu agarsiisuun, akka bu'aa ba'iin sun itti xumuramu filachuun,
naannoofi aadaa murtaa'aa tokko agarsiisu. Bu'aan kanaa seenessa namfakkilee murtaa'oo fedhii keenya
hawataniifi muuxannoon isaanii keenyaan wal gitu uumuudha. Seena-himaan dandeettii qabu akka nu
namfakkii tokko ykn kanneen biroo wajjin of madaallu ykn akka waa'ee isaanii dhimmamnu, yaada
isaanii waxalamnu nu taasisu, ykn hiika rakkoo isaaniin wal nu barsiisa.
Yeroo mooraa hoteelichaatti ol seenu koriiderii kutaalee hirribaa irratti dubartii arge. Mucayyoo
diimtuu, gabaabduu rifeensa akka guduruu tokko tokkoon gad dhahatteettu. Dafee achi irraa ilaale-
Boonsaan. Kakateera. Akka dubartii hin ilaalleef. Haadha manaa hin qabu isa hin kaksiifne. Garuu,
hiriyoota isaa tu sooma itti tume. ‘Yoo lamuu dhalaa ilaalte nagaa si hin gaafatnu; harka si hin fuunu;
mana kee hin seennuu; rakkannaan si hin gargaarru; dhukkubsannaan si hin badadnu; duunaan si hin
awwaallu….
Baayyee baayyee jedhanii sodaachisan. Kanaaf kakate. Erga sanaa dubartoota duraan beeku illee
dubbisee hin beeku. Amma immoo boqonnaaf jecha, ehama gafatee Finfinnee dhufe- barsiisaa
Boonsaan. Dhufee immoo waan hojjetu wallaale. Waan godhee yookaan tahee sammuu isaa haaressu
dhabe Utuu magaalaa keessa naanna’uu guyyaa sadii dabarseera. Karaa irratti dubartoonni itti dhufu;
hin ilaalu, kakuu dha. Dhugaatii yoo dhuge immoo onnee toosisee, kakuu busheessa, dogoggorsaa dha.
Mana tiyaatraa yoo seenes dhiiraa fi dhalaa wal hammatan arga-kan mataa wal booraasisanii taa’an.
Sagalee dur guyyaa tokkoof illee irraa obesee hin oolle dhaga’a-sagalee shamarranii isa akka ulullee
laga keessaa kufee kahu,… kahee kufu!... dogoggorsaa dha.
Intaloo yeroo mooraatti seenu biliqii arge sana lamuu ol jedhee hin ilaalle. ‘Ija tu dubbii qaba’ jedhee,
akka lafa ilaaletti balbala kutaa hirribaa isaa irra gahe. Bakka biraa tii jijjiiree har’a hoteela kana dhufuu
isaa ti. ‘Jijjiirama arguunnyaata sammuu ti, … Haaraa arguun hawaayii lubbuu gammachiisa, jedha ture.
Hamma miti, garuu.
Utuu isa banatee ol seene, gad hin taahiin. “Asham baga nagaan dhufte” jedhe-kan sagalee ijoollee xinnoo fakkaatu.
Yeroo of irra deebi’u harki nagaaf hiixate bira gaheera. Waan tahe qaama isaa weerare. Mucayyoo
duraan arge sana. Harka isaa qabatte utuu hin gaddhiisin,
Mucaa xinnoo dha. Umriin ishee waggaa kudha afur hincaalu. Fuula naatee qabu sana haxaarroon
(muraa aadaa) maddii lamaani irra jiru daran miidhagseera. Guduruun rifeensa ishee sun qixa adda
isheetti qaarman hidhameera. Guntutni lakkuun, qomee cocorree isheen mudhii olitti uffatte
quqquuqaanii gaanfa dibichaa reefuu biqilu fakkaata.
Fuula googaa simboon itti hin qilleensa’iin akka gargar dhisuu godhee, “Ulfaadhu. Ammaaf rakkoo hin qabu.”
jedhe.
‘Nan deebi’a' jechuu isheetti hin gammadne-Boonsaan. Duras ammas yeroo dubartii ija boojitu argu ni
jeeqama. Dura, kiyyoo isaa keessa seensuuf amma kiyyoo ishee keessaa ba’uuf. Dura, hordofuuf amma
baaqachuuf.
…Utuu dubartii wajjiin akka eegee harkifamtuu, eedsiin inni eegee qabu inni gaanfa ciraaroo-inni
arrabni isaa qara ibiddaa, ibidda saniin foon kee arraabee fixennaan qoorshoo lafeen hafta. …Kan
du’uun hin oolle kan goggogan-kan maqaa badan!…Ati silaa hima hin dhageessuu…Dhiigni kee
hafuura dubartiin malee hin naanna’u fakkaata! …Amma, lamuu yaada kee jijjiirteennaan reeffi kee
akka reeffa saree diidatte tortoora! …
Sagaleen kun sammuu isaa keessaa lallaba. Qaamni isaa wal itti shuntuura’a. Dubartiin marti nama
osoo hin taane dhukkuba soofaa sana itti fakkaatu. Kana irratti immoo kakuu!… … Dur, du’a yaadatee
hin beeku. Amma garuu, duuti ilkaan qaratee, qeensa dheeraffatee fuul-dura isaatii ija shororkaasisaa
sana itti babaasa.
Ammas balballi cufaa isaa rukutame. Akka nama osoo rafuu kabalanii, bitit jedhe.
“Bagaa nagaan dhufte hin jettuu? Amma immoo dabaree kee.” Jettee kolfite. Yeroo isheen qas-qas
jettu, tokko tokkoon sagalee ishee hededa onnee isaa kan tattaraaru se’e. Edaa ilkaan ishees kaarruu dha.
Fuula kolfa-sodaa itti ol qabee dubbate. Barcuma siree isaa miil-jala jiru irra qubatte. Ijoolleen akkanaa
maaliif akka hoteela dhaabattu hin galleef.
“Ehee.”
“Yoos dadhabdee jirta kaa. Bishaan qulqulluun siif fida.” Jettee, qaruuraa siree mataa duraa fuute.
“Kun dhama’uu miti.” Jettee, osoo deebii isaa hin eegiin baate.
Boonsaan ija isaa faana erges of irra deebise. Yaada isaas gara keessa isaatti. Keessa isaa waliin
dubbachuuf. Keessi isaas utuu kan dubbatu hin dhabiin, kan dubbatu sodaate. Ofiin of sodaate. Ofiin of
qaanfate. Jireenyi jiraachuu ishee osoo hin taane baayyina ulaagaa ishee tu nama dadhabsiisa qormaata
daangaa hin qabne.
Kun cufti farada jireenyaa ati gulufsiistu irraa si kuffiisuuf si bubbuta. Jireenyi farada guulaa mitii?!
Yoo itti baatu si fuudhee figdee-ofii kaatee si sirbisiisee-kan fagoo hin geenyeef qaama si hurgufee-
lubbuu si fuudhee dafqa si roobsee-yoo itti beekteef kolfa qasaasee-itti wallaallaan si imimmaansisee--
utuu jira jettee itti rarraatuu-utuu ati hin se’iin biyyoon si maka … …
‘Osoo amma isheen …’ jedhe, fedhiin isaa inni du’ee hin du’iin.
‘Ihii! Osoo isheen maal taatee?! … Majan! … Sooma! … kakuu! … Dhukkuba arraba ibiddaa! – isa foonii fi dhiiga harraabu?’
‘Silaas isheen woo mucaa daa’ima. Utuu dhalchitee iyyuu geessista. Azalaa qormaataaf guddataa jirtu
…’
“Qofaa kee si dhiiseen ture mitii?’ jette, Sagalee qalloo miyooftuu sanaan. Waan dubbatu dhabe. Ol
ilaallaan ija bakkalcha sana irratti ibsiteetti-mucaan xiqqoon. Sagaleen isaa osoo hollatuu,
“Lakkii…hin turre,” jedhe. Barcuma dhiistee siree irra teesse. Dugdi isaa lamatti tamsa’e.
“As nyaanni mishaan hin jiru. Hoteela ollaa tanaan siif fida,” jette.
“Ati as keessaa hojjettuu dha moo mucaa warra manaa ti.” jedhe.
“Ihii?”
“Kana, kana, kana, laalii bari” jette-qomee ishee, haxarroo maddii ishee fi rifeensa ishee qubaan
agarsiiftee.
Takkaa kolfitee,
“Maal siif godha? Inni gatii hin qabu. Maallaqa kenni osoo irbaatni hin dhumiin, deemeen siif fidaa.”
Diduu hin dandeenye. Yaadni isaa garuu, daran waliin dhahame. Waa'ee ishee-waa’ee ofii isaa-waa’ee
ishee fi waa’ee ofii isaa yaade. Marti isaa akka fo’aa sariitii wal xaxe. Erga kakatee fi jireenya isaa
kakuun duraa wal bira qabee madaale. Kakuu saniin booda, shororkaa malee gammachuun akka onnee
isaatti hin goriin ni beeka. Yoo kakachuun isaa madda gammachuu hin tahuuf tahe maaliif kakuu
gaddaatti akka seene tu hibboo itti taha. Maaliif waadaa onneen hin sooranne seenu! … biyya iyyeessaa
dubartii lagatanii maal ilaalanii gammadu? … eessa dhaqu? Eessatti basha’u? … Isheen iyyuu kennaa
uumaan kennamte taatee ti … kanaaf ciisanaan ishee, teenyaan ishee, dhaabannaan ishee, deemnaan
ishee …halkan ishee, guyyaa ishee tahe-gammachuun …
“Nyaata ani qopheesse illee tahuu baatu, nyaata ani siif fide tanatti akka gammaddu nana abdadha,” Jette, xarapheessaa irra kaayaa.
Haasaan afaan ishee ti bahu kan umrii ishee irraa eegamu miti. Garaa isaatti ‘raajii dha’ jedhee, quqummaadee callise.
“Ihii! Maaliif?”
“Ani nyaadheera. Quufeen ijra.” Jette. Ofi ishee hin nyaattu taanaan buddeen lama fiduun ishee isa
dinqe.
“Ehee.”
“Miti.”
“Maali ree?’
“Homaa”
Waan marti keessummaa itti tahe-barsiisaa Boonsaatti. Irbaata dhihaateef, dafee dafee nyaatee
kahe. Mana bunaa seenee waa dhuguu barbaade. Saniin booda, waan itti aanee dhufu tilmaamuu hin
dhabne. Kakuu sana utuu beekuu dagachuu fedhe. Jarreen sooma itti tumaanis baadiyaatti hafan. Namni
isa argu hin jiru. Tarii, yoo waaqayyo! … itti fufee yaaduu hin barbaadne. Waa’ee mucayyoo sanii
garuu hoomti taha jedhee hin shakkine. Isaa harka isaaa dhiqatee, cufaa banuuf harkisuu fi mucayyoo banuuf
dhiibu tokko tahe. Inni keessatti deebi’e. Isheen ol seente.
“Ehee, nyaadheera”
“Rabbi siif haa laatu, osoo ati hin dhufne tahee Haayyaan kiyya agabuu bulti.” Jette.
“Maaliif?”
“Isa dhiisi. Amma eessa dhaquu kaate?” waan jedhu tu itti bitaacha’e.
“Maal goota?”
“Xinnoo dhuguuf.”
“Maaloo hin dhugiin. Nama dhugu hin jaaladhu” jette-Mucayyoon xiqqoon sun. Ni na’e. Jaalala isa
kam akka isheen odeessitu isaaf hin galle. Harka isheetiin harka isaa tuqxee jennaan dafee irra deebi’ee
siree irra gad taahe.
Bakka dhaabattutti haftee ija isaa keessa ilaaltee kolfite. Kolfa naansisaa-sodaachisaa sani.
“Akkam?”
“Huccuu kiyya, fuula kiyya, rifeensa kiyya tana ogguu laaltu. Aadaa dhaa bar. Achitti ni bareeda”
“I … Ehee”
“Maali ree?”
“Maal?”
Dhugaa dha hin seene. Sodaatee ture. Dafee harka isaa itti hiixate.
Baayyee hin turre. Kan ammas balbalichi rurukkutame. Hafuura isaa dhaabee dhaggeeffate. Ni
dabalame.
“Ana. Bani.”
Gurra isaa keessaa qofa osoo hin taane mara qaama isaa keessaa dhaga’ame-sagaleen sun. Maaliif
akka isheen deebite tilmaamuu hin dandeenye. Huccuu hirribaa adii dheeraa uffatteetti. Ija isaa amanuu
dadhabe.
“Ihii … Anii …”
Harka ishee lamaaniin harka isaa lamaan jabeessitee qabde. Harki ishee akka sibiila diimatee guba.
Kan isaa dafqeera. Itti hirkatte. Mataan ishee qixa laphee isaatti hafe. Yeroo madaalii isa eeguu
dadhabee bitintiraa fudhatee sireetti bahu hunda waan godhaa jiru hin beeku.
“Huccuu kee of irraa baasi” jettee, kootii isaa irra baaftee keesse.
“Maal?”
“Nama waliin ciisuu kaa. Bar, erga dheengaddaa, amma nyaachuu keenyaa. Agabuun asitti nu fixe.
Kan irratti immoo idaa siree kan guyyaa torbaa ti nu irra jira. Dhibba tokkoo fi shan”jette.
Calluma jedhe.
“Maal godhan, biyyaa baanee rakkoon nu argatte. Argitee, abbaan kiyyaa loltuu turre-koloneera.
Waraana irratti du’e, waggaa lamaan dura. Magaalaa kanatti mana ijaaree ture. Nuyi Asallaa jiraanna.
Ana, haadha kiyya if obboleeyyan kiyyaaf qabeenya waan tokko hin hambifne, mana kana malee. Mana
kana immoo seeraan yoo murtaa’e malee hin fudhattan jedhan. Seerri immoo murtaa’uu dide. Nama tu
murteessa tahee ofii murtaa’a tahee ani hin beeku. Osoo eegnuu, eegnuu ji’a kudhan dabarsine. Horoon
nu harkatti dhumte. Si hin dinquu? …Abbaan ofii abbaa ofii ti seera maal barbaachisa. Manni isaan kan
ofii ti. …”
Waan hundi akk inni eege hin taane. Hammachuuf harka isaa mudhii ishee irra dabarse.
“Haayyaan koo osoo hin jaallatin har’a kanatti seente. Guyyaa booyaa turte. … Lakkiin, ani daa’ima, homaa hin beeku. Ani dubraa, bari.
Waanan tahu dhabee malee ani hin fedhu. Kun aadaa keenyaatti qaanii guddaa dha.” Jette. Waan tahe garaa isaa raasee, iji isaa imimmaan
calalee.
“Hin yaadda’iin. Ati ammaa jalqabee obboleettii koo ti.” Jedhe. Kakuu isaas deebi’ee yaadate. Ammas
ka biraa kakate. Akka obboleettii koo jedhetti, lubbuu biqiltuu kanaaf of kennuuf.
Shaakala
1. Namfakkilee, yoomessaafi jaargocha asoosamichaa addaan baasi.
2. Jechi "mana" jedhu mallattoo ta'uu danda'aa? Yoo danda'e mallattoo maaliiti jetta? Sagaagalummaan
hoo?
3. Dheerinaan alatti, asoosama kana Godaannisa irraa maal maaltu adda baasa?
4. Amaloota faayida qabeeyyii asoosama gabaabaa kana waan inni ta'e isa taasisan tarreessi.
5. Asoosamni gabaabaan kun yaada Poe moo yaada Friedman irra calaqqisiisa?
6. Yaanni bu'uuraa asoosamni kun dhiyeessu maal? Haala kamiin caaseffame? Ruqoonni adda addaa asoosamichaa
walitti dhufeenya akkamii qabu? Gochoonni tartiiba raawwiin qindeeffamanii? Dhimma maaliif kana ta'an jettee
yaadda?
7. Seenicha eenyu hima? Seenessaan seenicha ammam beeka? Seeneffama moo waliin dubbiitu irra iddoo
guddaa qaba? Barreessaan maaliif kana filate? Kun deebbii dubbistootaan walitti dhufeenya maal qaba?
Bu'aa/miidhaa akkamii qaba?
6. Barreessaan namfakkilee haala kamiin kalaqe, guddise? Walitti dhufeenya namfakkilee addeessi.
7. Yoomessa seenichaa addeessii yaada bu'uuraaf bu'aa isaafi akkamii akka kana dhugoomsu himi.
8. Wanti yaada namaa rarraasu jiraa? Yoo jiraate kam? Yoo hin jiraanne seenicha hin miidhuu? Maaliif
seenaa kana himuun barbaachise?
Uumaan-uumamni-namni-qaamni ofii-humni ofii-miirri ofii … … kun cufti si qora. Kun cufti farada
jireenyaa ati gulufsiistu irraa si kuffiisuuf si bubbuta. Jireenyi farada guulaa mitii?! Yoo itti baatu si
fuudhee figdee-ofii kaatee si sirbisiisee-kan fagoo hin geenyeef qaama si hurgufee-lubbuu si fuudhee
dafqa si roobsee-yoo itti beekteef kolfa qasaasee-itti wallaallaan si imimmaansisee--utuu jira jettee itti
rarraatuu-utuu ati hin se’iin biyyoon si maka … …
i. uumaa
ii. uumama
iii. nama
V. Humna ofii
d. Jechoota raawwii mul'isan addaan baasii tarreessi. Erga tarreessitee booda haala asiin gadiin
qoqqoodi.