You are on page 1of 4

KITAABA MUUXANNOO " EESSA JIRRA, AKKAMIIN DABARRA?

" Dubbisuu Amala Haa Godhannuu!"


Addunyaa irra jirruu fi haala ishee

Addunyaan tun uumaa rabbii guddaati.rabbiin ishee uumee akka namni irra jiraatuuf haala mijeessuun
isaa waan beekamaadha.uumaa waa maraa kan tahe rabbiin guddaan waan hojjatu keessatti
dandeettii isaatiin wal madaalchiseeti akka wal fayyadanitti qindeessa.haaluma kanaan addunyaan nuti
har'a irra jiraannu akkaa irra jiraannuuf qophii xumuratteeti kan nuti irra jiraachuu jalqabne.haa ta'uu
malee kana jechuun ulaagaa guuttaattee guutumaa guututti fedhii keenya milkeessituu haala taateen
ijaaramte jechuu miti.isii keessa argachuu fi dhabuu,kufuu fi ka'uu,jaalachuu fi jibbuu,...kkf faallaa walii
ta'uun dorgommii keessa jiru.kan isaan irratti wal dorgomaniis numa warra atakaaroo keessa isii waliin
jiruudha.ilmi namaa ofii isaatiyyuu qormaata of danda'e baadhataa haala ta'een uumame.sana cinaattii
yeroo takka takka karoora isaaatiin alatti jireenyi karoora isaaf baaftee gufuu itti taati.gaafa ati galma
kee qabattee ifaajee itti fuftu,danqaaleen addaa addaa kallattiiniis ta'e al-kallattiin sitti marsu.lafa sitti
dukkaneessu.guyyaa sitti gurraachessu.akka ati imala itti hin fufne si godhu.kuni amaluma adfunyaati.ati
garuu wanti sirraa barbaadamu faallaa sanaatiin haala tahe hunda keessatti foormulaa fi karoora kee
irratti ciniinnachuun rabbiin gargaarsifachuutu sirratti dirqama ture. Maaliif jennaan danqaaleen si
mudatu marti kabajaa siif hin laatu.tarkaanfachuuf eessa jiraachuu kee beeki.iddoon ati jirtu addunyaa
gubbaadha.obsi dirqama sirratti tahuu qaba.moodeela qabaachuu qabda.taatee hundaaf deebisaa
laachuudhaaf baaragaa ooluu hin qabdu.deebisaa laachuuf hin ariifatin tasgabbaa'i.akkas taanaan siitu
karoora itti baasa malee karoorri sirratti hin baafamu.addunyaan tun rakkina garaa garaatiin
guutamtuudha.garuu rakkina addunyaatiif furmaata ta'uu kan danda'u atuma mataa kee kan rakkina
addunyaatiin rakkateedha.sababni isaatiis baay'inni rakkoodhaa mataan isaa furmaata waan ta'eef.
osoo rakkinni dukkanaa nama hin rakkisne taatee humni ibsaa ykn elektirikii kan jedhamu hin uumamu
ture.akkasumaas fageenyi karaa kan maatii walirraa fageesse hin jiru ta'ee konkolaataa fi xiyyaarri hin
uumamu ture.warreen kana fakkaataniis hedduudha.wantoota amma dubbanne kanneen kan kalaqee
addunyaaf furmaata ta'e kunneen rakkina hammaataa keessa taa'aniiti.kanarraa waa hubachuun
dirqama sitti ta'uu qaba.waan mudate hundarraa waa barachuu qabna.hin cinqatin,hin yaadda'in,hin
hiraarin.ati addunyaa gubbaa jiraachuun addunyaaf furmaata akka taatuuf malee rakkattee akka
addunyaa rakkiftuuf miti.yaa nama kaayyoo qabu kaayyoon tee si duratti mul'achuu qabdi.gufuu si
mudatteef harka hin kennin harka kennachiisi malee.

Yemmuu deemtu yommuu teessuus waan hunda dura kaayyoon kee sitti mullachuu qaba. Akkuma
bakka takkaa kaatee gara bakka biraa yommuu deemtu karaa jajallachaa , bu'aa bahii qabaachaa
adeemu galma kee bira gahuufiis gufuu baay'eetu si mudata. Gufuu kana dabruuf tarsiimoo si feesisa.
Tarsiimoon jireenyaa suma mataa keetiin kan tumamu waan taateef rabbiin gargaarsifachaa tarsiimoo
baafachaa ofiin mari'achaa obsaan gargaarfachaa yoo deemte bakka yaadde hin hanqattu.

Fakkeenya tokko siif kaasuun barbaada. Ergamaan rabbii ( SAW ) osoo hin ergaminiin duratti hawaasni
inni keessa jiraatu gaarummaa isaarraa kan ka'e AMIINA jechuunii turan. Chaaleenjiin isa mudate hin jiru
ture. Garuu guyyaa ergamerraa eefalee hawaasnummaan san isatti duula banan. Arrabsuu turan.
Dhakaa itti darbachaa,shariikota isaa rakkisaa turan. Garuu inni SAW sodaa tokko malee obsaan rabbiin
gargaarsifachaa yoo naannawni itti jabeesse iddoo jijjiirrachaa waan ergameef galmaan gahuu ture. Yaa
obboleessa kiyya yaa obboleettii tiyya seenaa namoota gaggaarii yoo dubbiste xurreen gaariin irraa sitti
mullata. Kanaafuu rakkoo jireenyaatiif harka hin kennin. Nama kaayyoo ofiirratti cichu ta'i. Namarraa
nama kaayyoo isaatii fi fedhii isaa addaan murteessee hin hordofneetu jira. Kaayyoo fi fedhiin
garaagarummaa guddaa qabdi.

Fedhii jechuun waan daangaa hin qabneedha. Garuu kaayyoon fedhii keetirratti hundooftee ifaajee si
bira jiruun madaaltee waan murteessitee,cimtee carraaqqii taasifnaan salphaatti bira gahuuf carraa
bal'aa qabduudha. Namni yoo fedhii akka kaayyootti qabatee adeeme galma gahuun isaa ni dhiphata.
Maaliif yoo jette, fedhiin namaa guyyaa guyyaatti haaromaa technology waliiin jijjiiramaa adeemti.
Formulaa fi tarsiimoo mataa isii hin qabdu. Garuu kayyoon waan murtaa'aadha waan taheef atummaan
jabaannaan waan bira gahamuudha. Kaayyoo kee hin dagatin.

Rakkoon ilma namaatii fi addunyaa inni keessa jiraatu gidduu jirtu waan madaallee dubbachuuf akkaan
ulfaatuudha. Garuu ulfaataa taheedhaaf furmaanni hin dhabamne. Furmaata kan tahuu danda'u atuma
mataa keeti malee taateen mijataan siif jiraachuu dhabuutu mala. Waan addunyaa gubbaa jirtuun
qormaanni ni baay'ata. Baay'inni qormaataa furmaata kalaquuf nama kakaasa. Yeroo waan yaadde
milkeessuu barbaadde haala mijataa qofa barbaaduun sirra jiraachuu hin qabu. Maaliif jennaan haalli
mijataan jiraachuu dhabuutu mala. Inumaatuu haalli mijataan hin jiru jechuu dandeenya. Garuu galma
gahuuf kan haala jiru mara mijeeffachuu danda'u sumaa fi si qofa.

Saayintistoonni addunyaa kanarra turan saayintistummaa argachuuf haala mijataa argachuu hin turre.
Haala ulfaataa keessatti kan qorannoodhaan bu'aa nuuf buusanii dabran. Isaanii fi warroota gaggaarii nu
dura dabran galmee seenaa keessa seentee waan keessa dabran hubachuu dandeessa.

Eega haalli addunyaan ittiin uumamte kana ta'e maaltu narraa barbaachisa jettee qorannoo fi xiinxala
jabaa gochuutu sirraa eegama. Rabbiin si uume waan hedduu siif kenneeti jira. Kennaa rabbiin siif kenne
tan baasiin maletti argatte sana hojitti hiiktee ittiin gargaaramuu qabda. Fknf,SAMMUU siif kenne akka
ittiin yaaddee,yaadattee,hubattee,xiinxaltee,qorattee,murteeysituuf. Ija siff kenne akka ittiin laaltee,
agartee,dubbistuuf. Gurra siif kenneakka ittiin dhageeffattee hubattuuf. Kana malees hedduudha.
Kanneen hunda gibira irraa kaffalaa hin jirtu. Osoo kana mara tola kennamtee jirtuu callistee teessee
rabbiin komachaa hin oolin. Rabbii tola siif kenneef galata galchuutu sirraa eegama. Eega galataatii
kennaalee tana mara hojitti hiikuutu sirra jiraata. Namni sodaa rabbiitiin haa wal caaluu malee kennaa
rabbii warreen bu'uuraa keessatti dabalata kan argate hin jiru. Namni sammuu lama qabu hin jiru.
Miimooriillee waluma qixa qabaata. Ija sadi namni qabaatuu hin jiru. Qabatamaatti lamuma kan siif
kennamu. Gurra sadi kan qabuus hin jiru. Lamuma qabaatta. Inumaatuu fedhii rabbiitiin kanaa gad kan
qabaachuu malu yoo jiraate malee tirfii kan kenname hin jiru. Sadarkaan namoota beekkamoo har'a nuti
waa'ee isaanii haasofnuu marti kennaalee tana dabalataan qabaatanii osoo hin tahin tan qaban hojiirra
oolchuun itti fayyadamaniiti kan mullachuu danda'e. Kanaafuu anaa fi atiis waan kanatti yaaddawuu
qabna. Yommuu san addunyaan ati keessa jirtu siin hogganamti malee si hogganuuf carraa hin qabdu.

MAAL GOCHUU QABNA ?


Eega wanni jiru marti walxaxaa fi haala ulfaataa kana kan qabaatu ta'e maal gochuutu nurraa eegama
waan jedhu fala barbaaduutu nurraa eegama. Akkamiin taha namni jedhe akka tahu hin dhabu jedhama.
Waan tahuu malu murteessuuf namoonni nuti moodela keenya jennee akkasuma hayyoota jennee
yaannu maal keessa akka dabranii fi akkamitti akka muuxannoo horatan iyyaafannee fakkeenya
godhachuutu gaariidha. Kanaafuu waa'ee saanii hubattee hordofuuf seenaa dubbistee hubachuutu sirra
jechuun dhaamsa kiyya hangafaati. Aniis akka nama tokkootti waan dubbisee hubadherra maaltu fala
waan jedhu yaadeen ture. Waaniin yaade siif qooduun dirqama waan taheef qabxiilee hamna tokko
seenaarraa walitti funaaneen jira.

Addunyaa keessa jirru keessatti milkaawaa taanee ganda lammaffaattiis ykn Aakhirattiis milkaawaa
tahuuf qabxiilee asiin gadii kanneen beeknee hamma dandeenye hojitti hiikuu qabna.

Qabxiilee ijoo!

1.Rabbi ykn isa si uume sodaadhu. Hamma dandeessu isaaf hogganami. Kana goonaan milkaahuuf
carraa bal'aa qabda.

2. Kaayyoo qabaadhu. Kaayyoo kee yeroo mara of harkatti dagachuu hin qabdu. Akkuma nyaata
yeroo isaarratti dagachuu hin dandeenye kaayyoo keetiis dagachuun sirraa hin eegamu.

3.Mul'ata guddaa qabaadhu. Akkuma ijaan fageenyatti waa argitu mul'anni kee yeroo mara sitti
mullachuu qaba

4.Karooraan raawwadhu. Waan gochuuf kaate fedhumaan lafaa kaatee wahuma sitti tole hin hojjati.
Karoorsuun sirraatti haa jiraatu.

5.Tattaaffii cimaa godhi. Kaayyoo,mul'ataa fi karoorri kee si malee abbaa biraa waan hin qabneef
tattaaffii cimaatu sirraa eegama.

6.Rabbiitti irkadhu. Waan galmaan gahuuf hojitti galte mara keessatti gargaarsaa fi hirkannoon tee
gama rabbii tahuu qabdi.

Rabbiin sodaattee kaayyoo qabaattee waan sila dubbanne kana mara hamma dandeessetti raawwatte
taanaan galma gahuu keetirraa wanti duubatti si deebisu tokkolleen hin jiru. Kanaafuu nuti addunyaa
rakkisuu hin qabnu. Nama jiraatee ofii fayyadamee nama fayyadu tahuutu nurraa eeggama. Yoo
callisneetuma carraa keenya eegganna jennee teenye wanti nuuf jijjiiramu hin jiru. Kan jijjiiruu danda'us
kan ofitti jijjiiruus numa. Quraana kabajamaa keessatti rabbiin waan jedhe " rabbiin namarraa hin jijjiiru,
hamma abbaan of jijjiirutti." Kana jechuun jijjiiramni bakki irraa jalqabu matuma kee bira tahuutu irraa
nuuf gala. Maaliif yoo jette waan si jibbisiise irraa gara waan si gammachiisuu gahuuf waan si jibbisiise
sana hundee sii hubattee gara wanta gaarii ta'eetti jijjiiruu kan danda'u suma qofa. Yommuu ati jijjiiruu
murteessitee jijjiirama mulliste rabbilleen sirraa jijjiira.

Hunda caalaa waan dubbanne gaafa hojiitti jijjiiruu eegaltu kan si jalaa hafuu hin qabnee fi akkaan itti
yaaddawuu qabdu yerootti fayyadamuudha. Yaa nama dhaamsa kiyya naaf hubatu yeroo hammi isii
murtaahe of harkaa qabda. Yeroon dabalataa hin jirtu. Wanni namni addunyaa gubbaa jiru marti wal
qixa qabu yoo jiraate yeroodha. Namuu guyyaa tokkoof sa'uma 24 qaba. Kan sa'aa 24 gubbaatti
dabalataan sekondii 1 argate ykn argatuus hin jiru. Yeroo siif laatame fayyadamuu qabda. Sa'aa 24
keessatti yeroo tee sirnaan, haala naannoo kee jiru waliin madaalii karooraan hojiirra oolchi. Kana
dagachuu hin qabdu. Maaliif jennaan sakandii takkaaf si kabajjee yeroon siif hin dhaabbattu ykn si
jibbitee sakandii takka sirratti jarjartee si bira hin kuttu. Wanni siif laatame suma waliin jirti. Yoo ati
sirnaan hin fayyadamtu taate garuu isiin sitti fayyadamtee si bira dabarti. Booduma sheenawuu kee of
argita. Kun osoo sirratti hin taane yeroo tee itti fayyadamtee bu'aa ba'ii addunyaa keessatti guutamee
jiru kana gaaritti jijjiiruutu sirraa eeggama.

You might also like