You are on page 1of 2

ana mucaa oromootti.maqaan koo Rooba jedhaama.

kanan dhaladhe guddadhees naannoo oromiyaa


keessa jiitu margaa tullu salalee magaala D/tsige jedhanii waamama turaaniidha warrii jarra amma
garuu maqaa ishee ganamaatti deebiite magaala shararoo jedhaamte beekamti. har'aa kan illeee namni
oromummaa isaatti amaanu malee kan duraan maqaa kan itti baase waliin tuuma turaan ammalee akkas
jedhanii waamuun isaan dhiiba.ani hin beeku arraaba maqaa ganamaan hoo waamamee arrabni isaanii
jala dabaa natti fakkaate isaan ammallee akkuma Darba tsigee jedhannitti itti fufaanii jiru. keesummaa
yeroo isaan wajjiira magaala shararoo deeman kan isaan jedhanii dhimmaa isaanii barreeffachuuf
himaatan magaalaD/tsigee irraa gara..... jedhanii ka'uu anas wanti kun ammalle aaliif ta'aa jedheen
yaade.eega nutti hawwii keenya ganama kan ta'ee maqaa ganama deebiifne jira. akka ammas guyyaa
tokkoo arraaba isaanii kana shakkalsifiine akka waamsifnu abdii gara fuulduraa ani magaala guddinna
aariifachiis si'aata kan irraa jirtuuf dhama.eega waa'ee koof anis asumaan eegala ani daa'imummaa koo
irraa eegalee akkuma nama kamii jabbiille,hoolota fi horii eeguun akkasumaas maatii koo qonna
gargaara. masaara/ hamaa hamma gudaadhe. anis yeroo kan hundaa hojjeecha tureeti umuriin koo
barnootaaf geenyaan barnoota koo gara mana baruumsa anaatti dhihoo jirti barnoota koo barachuu
eegaale. Barnoota koos barachuu iti fufeen kutaa irra gar kuuta biraatii darbaa baraata cimaaf qaxalee
ta'aa dhufee. anis haalumma kanan barnoota koo hanga kutaa 12ffaa baraadhe qormaata biyyaalleessas
fudhadhe. anis qormaata koo qabxii argaadhe gar companyii rammadmmee deeme barnoota koo
hordoofuuf itti fufee. yuunivaarsiittin na qaqabees kampaasii dilla ture. waa wanti kamuu namatti tola
biyyaa nagaa jaalala qabduudha. wanti kamuu akka itoophiyaa keessa jirtaan osoo tannee akka waan
itoopiyyaaa irraa fagaatan namattii fakkaata ture. haala jireenya itoophiyaa waliin yemmuu
walqabsiisaan. ani haalii hunduu natii tole barnoota kootis haala gaariif milkii ta'een barachuuf qomaaf
mudhii koo yaadaaf qalbii koo sassaabeen barnoota koo irraa ka'ahee. anis keessa kooti wanti kamuu ni
qaqabaa wanti qaqabuu hin dandeenye yeroodha .kanaaf yeroo kooti fayyaadamuun qabaan keessa
sammuu koo amaiise. anaafis yeroon koo guddaa anaf ta'ee mulaate kaayyoo koo galmaa koo milkaa'ina
koo turee. anis kanaa milkeessuuf haalduree kamuu ciminnaan utaaluu akka qabu ofiiti murteese. anaaf
waaqa gidduu kaayyoo koo ka'een jira. ani qofaa koo milkaa'aa akkan hin tanne atu beekta ati milkaa'ina
barruu kee irraa dadhabii koo ciminnaaa koo laalii naf keenni jechuun namni waanqabu kadhaata waan
qabu abdii godhaatas waan ta'eef anis yeroo sanaaf abdii guddaa kan ta'ee uuma koodha. anis
haalummaa kanan barnoota koo simisteera lamaaffa xummuure. mummee Accounting fi finance seene
barnoota koo barachuun itti fufee.nin gammadees waan barbaaduuf waan fedhii koo waan ta'eef keessii
koo gammada ture. anis barnoota koo kanaattii haalumma gaariin baraadhe eebbiiffaame.anis ergaan
kampaasii sana bahee hojjiii barbaachaaf asif achii goora ture. hojjii koos bu'aa koos Galma koos milkii
koos argaadhe. magaala finfinnee ishee nuf qa'ee ganama ormaaf immoo qa'ee galgaala godhaatan gale
l. anis galuu kooti nin gamaadee ganama ture malee galgaala silla irraa nu harii'uu isaanii waanan
beekuufidha kaa haalumaa kanan Baankii Awaash kan naannoo finfinnee keessaa bakkee sidiis kiloo/
caaffee aararaa jedhamuun galee. anis shaakkalii hojjiii koo haaldurree akkumaan fiixeen hojiii koo idilee
eegale. Anis hojii koo irraatti qaxaalleef nama baayyee saffiisa dafee mamiiltoota isaa gageessuun ture.
yeroo baayyee nama yeroon maqaa waamu ni rifaatu ture ammatti akkam godheetti jedhu. moo ni
dogogoree jedhanii keessa isaanitti gumgummaa Ga..Galatoomii. kunis guddaa galatoomii nan jedhanii
na bira deemu. kan na eebbiissaniis hin dhabamnee keessa iyyuu warrii umuriin isaanii dheera ilmaa koo
umurii koo kana caaluu waaqa dabalee sif haa kennuu nan jedhu kun annn immoo miira koo tuqa. na
dammaqsa ani galii koof qofaa osoo tanne nama gammachiisuuf yeroo namoota kka gubaannee
gochuun qaba. jechuun seera bankiichi qabu ol ani immoo seera cimaa ofiiraatti labsee kanan osson jiru
guyyaa tokko dogogorree hin beeku waaqa koo har'aan na gahee galata.eega haalummaa hojjii Koo
kanan maaliloonii gargaara na baraaf nati dhiyyaacha dhufaan. keessumma namoonnii abbaa qabeenya
kun anarratti amanutumma birrii lakkaa'uu narraatti dhiisanii akkumma ani itti laadheeti fuudhaatanii
deemu. dhugummaa koos yeroo bar deemaan mallaqaa shayiif jedhanii darba deemu turee. ture anis
kun hammiillee koo dhumaaf jedheen yaade eega jedhanii haa ta'uu jedheen fudhee dhabeef osoo
tanne kun hammilee namoota jiraan keessa isa tokko naf kennameedha jedhaas nin yaade . haalumma
kanaan nama abbaa qabeenya cimaa tokkoon baayyee walittii dhiyaacha deemne. innis yeroo dhufuu
nagaa na gaafaattee tajaajila barbaadu narra argaatee deema ture. innis taajila ani kennuutti akka
gammadee nati hime inni immoo kan namoota biraa caaluu ol nati ta'ee nattii mulaate. guyyaa tokoos
dhufee formii guutaamuu bareesse jala fooda daawwiitti jala kawwee Qaxaallee koo waan si biraa
kaawwadhe mee irraa naf keennii nan jedhe. anis maal jechuu isaatti jedheen ijaa isaa keessa laale.
maalii inni maaloo dhiifaama ittiin jedhe. innis takka akka nati kolfuu ta'ee sanduuqa birriin keessa
ta'uuf warraaqa barreese nati agarsiise. amma sif gale nan jedhe. eyyeen garuu maaf na qortu maaloo
ittin jedhe hojjii koo hojjeecha innis wanta tokko dubbaatte turee ani garuu hojjii fana bu'e. haasaa isa
dagaadhe dhiifaama waan jettaan hin dhageenye maamillii waan dhabbaatuufi dhiifaama ittiin jedhe
harkaa koon mallaqaaf dabtaara herrega isaanii qabe itti hiixadhe. innis akka nama hin beekne godhe
harkaa koof wanta ani qabee wallitti qabe dhiifaama gurbaa koo nan jedhe nan kofaalchiise. Namoonnii
achii jiraanis caalisaanii kan dhaabbaatta jiraan ilkaan isaanii siqeechiise. jedhi nagaatti hojii bareeda nan
jedhe. anis mirkaanneeffaadha kaa ittin jedhe. maal jechuu keedha nan jedhe as deebii'ee. checkii
koodha hin lakkaawwaattanii jedhe bar ittin jennan silla lakkoofsa s caalaan beeka moo nan jedhe.
mallaqaa feestalii kee kawwaate baase hamma hammaan 10% ta'uu hidhaa tokkoo irraa baase foodda
jala ka'ee. akkasiis jedhe sif kan maluu waan kana ana sin haa dagaatuu guyyaa bareeda mucaa koo nan
jedhe. maal inni kun ittin jedhe. innis amantummaan ani sirraa qabuuf kan sif laatameedha nan jedhe.
anis kun hojjii kooti bar maaloo abbaa koo ittin jedhe. kun sif kennaame jira. baayyee ta'ee osoo
tannee ......sif gala miti nan jedhe akka nama waa dubbachuu barbaade ta'ee garuu yaadni isa isaaf
dhufuu diddee chew nan jedhe. tole anis keessa koo lapheen utulaa . namoonni achii jiraaniis nama
gaariin akkasumaatti fuula irraa ni beekaama yeroo jedhaniin dhagahee. anis waa'een namaticha yaadu
eegale maaliifan qabeenya inni herrega irra qabuu laaluu didde jedheen booda laala jedheen hojjii koon
maamilaa biroo keesummeessu itti fufee. yeroo hojjii koo xumuraa koo geenyaniis galgaala gaafaan bill
qabuuf kan mallaqaa jiruun walcinaa qabee madaaluu mallaqni jirufi kan bill koo irraa jiru walhin
madaaluu ture. mallaqni jiruu kan bill casheriin na kenne irraa caala ture. anis akkaammitti birri fudhe
birri hin galchiine kan eenyuutti jedhe .waraaqa formii barreeffame sakkatta'uu eegale. anis osoon
sakkatta'uu namaticha guyyaa mallaqaa na biraatti dhiise argee akka dhuunfaatti birrii naf
kenneyaadadhe birrii jiru madaalii taasisee gara mana koo gale.

You might also like