You are on page 1of 6

Hawi Youth Development Initiative

Cuunfaa Kitaabaa - 007

Hawi Anoletiin

Odeeffannoo Bu’uuraa

Maqaa Kitaabichaa : - The 20/80 Principle / Seera 20/80 /

Kan Barreesse : - Riichard Koch

Bara Itti Barraaye : - Bara 1997

Dheerina Kitaabichaa : - Fuula 229

Kaayyoo Ijoo Kitaabichaa

Kaayyoon kitaaba kanaa inni guddaan akkamiin humnaaf yeroo xiqqaadhaan jireenya

keenya keessatti bu’aa ol’aanaa argachuu akka dandeenyu addeessudha. Barreessaan

kitaabichaa fakkeenyota garagaraa fudhachuudhaan akkamiin namootni hedduun

humna, yeroofii maallaqa xiqqaadhaan sadarkaa guddaarra akka gahan ibsuuf

yaaleera. Kanarraa ka’uudhaanis nutis yoo seera 20/80 kanatti sirnaan fayyadamne

waan yaadnu kamuu dhugoomsuu akka dandeennu nuuf dhaama;

Barnootawwan Ijoo Kitaabichaa

1. Waan Hojjachuu Barbaaddu Tokko Yaadaa Ooluurra, Sa’aa Murtaaye Wahii

Ramadiifii Raawwadhu

Guyyaa guutuu wana tokko hojjataa ooluun bu’aa ol’aanaa namaaf hin argamsiisu.

1
Yeroo heddu firiin gaariin kan argamu yeroo xinnoo sirriitti itti fayaydamuu

dandahuudhaani. Dur biyyoota guddatan keessatti Ummatni hedduun qonna

irratti hirmaata ture. Har’a garuu kan qonnarratti hirmaatu dhibbeentaa 3 hin

ga’u.Oomishni dhibbeentaan sadeen kun oomishan garuu biyya guutuu waliin

gahee irraayis hafee biyya alaatti gurgurama. Kun, humna, yeroofii maallaqa

xiqqaadhaan bu’aa ol’aanaa argamsiisuudhaaf fakkeenya guddaadha. Torbee

tokko keessatti hojiin ijoon hojjachuu qabnu tokko Osoo jiraatee, hojii sanaaf

torban tokko yoo ramadne osoma har’a boru jennee bulchinu guyyaan nutti

gahee waan san osoo hin hojjatin hafna. Osoo yeroo murtaa’e wahii ramadneefii

sa’aa sanitti hojjannee garuu waan sana salphamatti yeroo gabaabaa keessatti

hojjannee xumuruu dandeenna.

2. Seera kana hordofuuf Galma kee addaan baafadhu, galma kee sana bira

gahuuf daandii si dandeessisu foo’i, ergasii sanirratti xiyyeeffadhu

Galma kee sirriitti yoo addaan baafatte, yeroo, maallaqqa yookin beekkumsa kee

akkamiin ittiin fayyadamuu akka dandeettu sirriitti ifa siif taha. Gaafa waan

san addaan baafattee waan yaaddu sanarratti xiyyeeffattee hojjatte, waan

barbaaddu sana yeroo gabaabaa keessattiifii haala miidhagaa taheen argatta.

Fakkeenyaaf galmi jireenya keetii daldalaa cimaa tahuu yoo ta’e, daldalaa cimaa

tahuuf wantoota si barbaachisan adda baafachuu qabda, maallaqa ka’umsaa,

beekkumsa, eddoo hojiifi kkf. Yoo kanneen addaan baafatte, xiyyeeffannaa kee

guutuu akkamiin wantoota kanneen akkaataa itti dhugoomsunii dandeetturratti

ta’a. Beekkumsa, maallaqaafi yeroo qabdu keessaa %20 waan sanarra oolchuu

dandeessa. Yeroo muraasa fudhattee qo’annaa gaggeessuu dandeessa, maallaqa

yoo ta’e waan argatturraa %20 torbaniin/ji’aan qusachuu dandeetta, eddoo

hojiitis yoo ta’e akkamiin akka argachuu dandeettu yeroo qabdurraa %20

2
fudhattee irratti hojjatta. Gabaabumatti wantoota eddoo yaadde sana biraan

si gahuu dandahan bifa salphaa taheen dhugoomsuudhaaf ni dandeessa.

3. Boru Duroomudhaaf, Har’a Waan Argatturraa Xinnoo Ishee Qusadhu

Kan har’a tokko jedhantu boru lama ta’a. Yoo hin eegalin, waan kamiyyuu of dura

siqsuun hin danda’amu. Kanaaf, tarii galii qabda yoo ta’e, galii kee kana keessaa

muraasa isaa dhabbattummaadhaan ol kaawwadhu. Akkuma seerri kitaabichaa

eerutti waan argatturraa %20 yookin immoo %2 walirra yoo kaayatte maallaqni

kun suuta suuta siif dabalaa, guyyaa tokko waan tokko eegaluuf si qarqaara ta’a.

Biyyoota guddatan keessatti namoonni maallaqa isaanii salphamatti hojii

Invastmantii irra oolchuu ni danda’u. Biyya keenya keessatti garuu carraan

baldhaan akkasii waan hin jirreef, Osoo hin tuffatin waan argannu walitti

cim’isuun faaydaa guddaa qaba. Waan har’a dandeettee qusattu tuffachuu

keetin dura qusannaan kee kun waggaa kudhan keessatti eessa akka gahuu

dandahu shallagi - gaafas hamileen siif dhufa!

4. Nama hunda gammachiisuuf fiiguurra, michooma faaydaa siif qabu

jabeeffachuu irratti xiyyeeffadhu

Waan feetes gootu nama hunda biratti jaalatamuu akka hin dandeenne sirriitti

beekuu dandahuu qabda. Akkanumaan deemtee deemtee dhumarratti ofumaa

dhamaatee hafta malee hunda gammachiisuurratti hin milkooftu. Kanaafuu,

namoota kee addaan baafachuun barbaachisaadha. Eenyutu jiruu kee keessatti

murteessaadha? Eenyutu baay’ee barbaachisaadha? Maalif? Isa jedhu of

gaafadhu. Gaafii kanneeniif yoo deebii argatte, xiyyeeffannaan kee hariiroo

namoota murteessoo siif ta’anii kanneenii cimsachuu irratti haa ta’u.

Fakkeenyaaf namni niitii qabu niitii isaa manatti dhiisee nama alaa

3
gammachiisuuf osoo hammuma fedhe garaa garana jedhaa oolee galgala kan

manatti isa eegdu niitii isaati. Ishee waliin gammachuu hin qabu taanaan,

hariiroon isaanii laafaadha taanaan jireenyi isaa yoomuu kan gadadooti.

Kanaafuu, xiyyeeffannaan keessaan %20 isiniif barbaachisoo ta’an irratti haa

ta’u.

5. Waan Si Gammachiisu Irratti Xiyyeeffadhu, Waan si gammachiisu hojjadhu

Fiigichaaf bu’aa ba’ii jiruu keessatti yeroo hunda gammaduun hin danda’amu.

Garuummoo akkuma bu’aa bahiin jiru yeroon waan bu’a qabeessa (productive)

tahe hojjannee sirrumatti itti gammannus ni jiraata. Hundumti keenyaa jireenya

gammachuu barbaanna waan ta’eef waan irratti bu’a qabeessa taane san

cimsinee deemuun daran gammadoo akka taanu qofa osoo hin ta’in kennama

keennas sirriitti itti fayyadamuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf namni kubbaa

miilaa akka ajaa’ibaa taphatu tokko, barumsa kutaa 12ffaa xumuree osoo keessi

isaa barumsa sana itti fufuu hin barbaadin of dhiibee barumsa sana itti fufuu

hin qabu. Waan keessi isaa itti amaneefii bu’a qabeessa isa godhuu

dandahurratti xiyyeeffatee hojjachuu qaba. Waan irratti xiyyeeffatee hojjatu

sanarratti garuu beekkumsa barbaachisu hunda qabaachuun irraa eeggama. Kan

Kubbaa taphatee sadarkaa guddaa gahuu barbaadu, barumsa sanaan walqabate

barachuus ni danda’a. Akkasuma jireenya keenya keessatti kennama keenya

beeknee, waan nu gammachiisufii bu’a qabeessa irratti taanurratti

fuulleffannee yoo hojjanne milkaawuu akka dandeenyu barreessaan kitaabichaa

nuuf dhaameera;

4
6. Jiruu Gaarii Jiraachuf, Jiruu Salphaa Jiraadhu

Jiruun gaariin maali? Gaafii jedhurratti hayyoonni hedduun qorannaa gaggeessuu

isaanii barreessaan kitaabichaa ni akeeka. Filoosoofarri biyya Giriik tokko akka

jedhutti jireenya keessatti wantootni murteessoo ta’an waanuma jaha - Nyaata,

Dhugaatii, Hiriyoota, Bilisummaafii Yaada. Tarii namootni biroo tokko tokko, nus

dabalatee wantoota murteessoo jennuun kanarratti wantootni dabaluu dandeenyu ni

jiraata ta’a. Waan ta’es ta’u jireenya keenya jiruu humnaa olii, jiruu yaadaaf cinqaan

guutame ofirratti godhuun daran balaa ofitti shamatuu akka tahe beekuun

barbaachisaadha. Qabaattus, dhabdus jireenya salphaa ta’e jiraachuu keessa

gammachuun akka jiru beekuunis akkasuma barbaachisaadha. Tarii namoota qabeenya

guddaa qaban tokko tokko yoo laaltan, uffanni isaan uffatan, konkolaataan isaan

oofan, kopheen isaaniifi kkf sila jarri kuni dhuguma qabeenya qabuuyii nu jechisiisa

ta’a. Jarri suni Jireenya salphaa jiraataa kan jiran yoo ta’e hoo akkamiin beekna laata?

Maaltu beeka!

Walumaagalatti akka kitaabni kuni jedhutti waan nuti barbaannu dhibbeentaan

saddeetamni hojii qabatamaa %20 hojjannu irraa kan argamuudha. Kanaafuu, tarii

yaada barreessaan kitaabichaa nuuf eere kana itti amanna yoo ta’e, maalif jiruu

keenya keessatti hin yaalle? Eeyyen, waan haaraa tokko yaaluun tarii daran bu’a

qabeessa nu godhuun isaa ni mala.

Xumurarratti

Akkuma kitaabota kanaan dura waliin dubbisnee xumurree kitaaba kana dubbisuu

keetiin waan tokkos taatu akka baratte nan amana. Har’a kitaaba TORBAFFAA

xumurteerta. Kana waan salphaa hin se’in. Meeqatu jira sitti fakkaate kan kitaaba

hedduu bitatee hamma ammaa fuula takkas osoo hin dubbisin barcumaarra kaa’ee

5
ganamaa galgala caluma jedhee ilaalu. Ammas yoo jabaatte kitaabota hedduu waliin

dubbisuuf jirra. Yoo Rabbi fayyaaf umrii nuuf kenne jechuu kooti. Marsaa itti

aanuttis kitaaba biraatiin walitti deebina. Kitaaba kana erga dubbisteen booda yaada

anaafis tahee hordoftoota kootiif qabdu yoo qabaatte naan gahuu hin irraanfatin.

Na Qunnamuudhaaf Gama

hawianole@gmail.com yookin

Fuula Feesbuukii - Hawi Anoletiin na qunnamuu dandeetta.

Kanuma, Keenyas Oluma!

You might also like