You are on page 1of 37

AASTU FOCUS FELLOWSHIP

AASTU FOCUS FELLOWSHIP

GEGGEESSUMMAA
HAFUURAA
Qopheessaan Carraa Birraatuu (@anifa323)

Join aastu focus official channel(@fstufocus)

Waxabajjii, 2012
Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

GEGGEESSUMMAA HAFUURAA

Seensa
Bara amma keessa jiru kana keessa Afaan nama baay’ee keessa wanti dhagahamuu
yoo jiraate akkataa jireenya walaleera kan jedhuudha.wanti akkataa jireenya nama
walaalchisuu yoo jiraate iyyu wanti gaafatamuu qabu inni guddan garuu maaliif
akka jireenya walaalan yookaan immo sababni isaa maal kan jedhu ta’u
qaba.sababni yoo jiraate furmaanni isaas ni jiraata.

Caalaadhumatti immoo bara kristaanonni akka jireenya walaalee jedhanii furmaata


barbaachaaf joora jiraanidha.jooraanis bara isaan furmaata dhabanidha.dhugumaan
furmaatatuu hin jirumoo maaliif dhaban? Namni horii dalla keessa jirtu bakke
keessa barbaadu jooraa bulaa malee homaa hin argatuu.manatti dhiise bakke
barbaacha jira.egaa jireenya akkasituu baay’ata .kanaafuu maalii furmanni kanaaf
ta’u? Hamma dhumaatii akka kana gaditti waliin haa barannuu!

******Hamma dhumaatti akka dubbistuu jaalalan afeerra siif


dhiyessaa!*******
Geggeessummaa haafuuraa
“Ani garuu hafuuraan geggeeffamaa jiraadha malee fedha foonii hin
raawwatinaa nan jedha” gal 5:16

So I tell you, live the way the Spirit* leads you. Then you will not do the evil
things your sinful self wants. gal 5:16

Yaada ka’umsaa erga phawuloos galaatiya 5:16 irra jirutti xiyyeffannoon ilaalu
jalqabna.

“Ani garuu haafuuraan geggeeffamaa jiraadha malee fedha foonii hin


raawwatinaa nan jedha”

Geggeessummaa hafuuraa Page 1


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Dubbin kun kan hasa’uu


1. FEDHA FOONII akkata jireenyaati.akkamitti
akka jiraachu qabnu kan
Dubbiin fedha foonii jedhu yeroo baay’ee hubatamaa hasa’uu fi maal gochuudhaan
miti.duchaadhumaatii fedha foonii jenne barsiifamaa akka jiraatamuu fi maal
ture.kun ifa ta’uu dhabuu isaatiin guyyaadha gara gochuun akka hin jiraatamne
guyyaatti rakkinaa baay’eef saaxilama danuutu nama adda basee dubbata.dubbi
qunnama.kanaafuu ifa gochuun barbaachisadha. gorsa cimaa of keessa
qabudha.sagalee kana adda
Fedhiin uumamaan waaqayyo kan namaaf
kennedha.namni ofiin kan uumatee miti.yookaan immoo qoodne ilaaluun baay’ee
bu’aa cubbuu miti.kun hubatamuu qaba. barbaachisa waan ta’eef
Fedhiin waaqayyoo kenne fedhii qajeela ture.har’as jalqabaa irraatti fedha foonii
qajeeladha.kanaaf immoo ka’uumsa irraa kasee ragaa hin raawwatinaa nan jedha”
macaafa qulqulluu dhiyessuun ni dandeenya. isaa jedhu irra kana.

Jalqabaa irraa kasnee wanti hubannuu tokko addam Ammalee na wajjiin waan
qofa ta’uuf fedha hin qabu.uma 2:23 irraatti “amma jirtuuf ebbifaam!
reefuu ta’e ” kan jedhu jecha fedha gudda ka’umsaa
ilma nama ta’e ibsuudha.amma reefuu ta’e jechuun
kana dura osoo akkas ta’e fedhiin jiraachuusa sirnaan
mul’isaa.fedhii qabaachuun isaa kan agaarsiisuu
2. FEDHIIN YOOM
miiraa erga hewwaan (dubartittiin) isaaf latamtee
FAALAME?
mul’isee irraa sirritti hubachuu dandeenya.
Fedhiin nama keessa ture
Mirri nuu keessa jiru fedhii jiru irraa madda.fedhiin
fedhii qajeeladha kan jedhu
addam keessa ture fedhii qajeeladha.qajeela ta’usaa
irraatti wali galeera.amma
kan agaarsisuu immoo fedhiin isaa fedha waaqayyo
gara fedhiin foonii essa ka’ee
waliin wal argaachu isaati.fedhiin nama keessa jiru
kan jedhutti deema jira.
fedha waaqa waliin yeroo walii galuu fedha dhugaa fi
sirrii ta’usa ibsa.kanaafa waaqayyo fedhii jal’aa wajjin Fedhiin faalamuu kan
nama hin umnee.itti gaafatamummaan fedhii nama jalqabee hasaa dubartitti fi
keessaas waaqayyodha. bofaa giddutti ture
irratti.fedhiin gochaa dura
waan
mul’atudhaa.hewwaanis

Geggeessummaa hafuuraa Page 2


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

gochaan osoo hin agarsiisin miiraa (response ) isheen agarsistee fedha (desire) ijaa
mukichaa irra nyaachu qabu ta’usaa ni argina.innis uma 3:6 dubartittiinis iji
mukichaa nyaataaf gaarii ta’uu isaa ija namaatti kan tolu ogeessa nama
gochuudhaafis gomjaasisaa ta’u isaa argite,ija isaa irra kutatte in
nyaate;
Ija muka kana arguu isheetiin gomjaasisaa ta’usaa argite.kun fedhii ishee dhibba
dhibbatti agaarsisa.kunis sammu ishee irra kan maddedha.in argite jechuun in
ilaalte jechuu miti.mukichi kanumaa durayyu achi keessa ture guyya gaafa sana
garuu fedhiin ishee dabaluudhaan sammuu ishee amansiste.fedhiin gaafa sammuun
amanuu gara gochaatti jijjiruuf in salphaata.fedhiin ishee fedhii ta’e hin hafne
galma gaheera.

ija isaa irra kutatte in nyaate kun fedhii ishee keessa jiru gochaadhaan
rawwachisee.guyyaan kun guyya dhaloota fedhii lamaffa isaa ilma nama keessa
jiraatu ta’e.

fedhiin kun fedhii jal’aa ture.sababni isaa inni guddaan waan nyatte qofaaf osoo
hin tanee fedhichi fedha waaqayyo miti.isaa waliin waliif hin galuu.ragaan kana
immoo waaqayyo akkasan hin nya nneef itti himuun isaa fedhii isaa akka hin tanee
agarsisaa.guyyaa kana jalqabee jireenya nama buufata fedhii lama ta’e.inni tokko
ture lakkuu(twin desire) ta’e nama keessa jiraachu jalqabe.fedhiin kunis fedhaa
foonii jedhame.

Fedha foonii jechuun qullaa ofii ta’u arguudha.uma 3:7 arguu qofaas osoo hin
tanee argamaa waaqayyo keessa baqaachuu fi hasaa waaqayyo wajjiin jiru kan
addan kutuudha.

Fedhaa foonii jechuun fedha ijaa nama isaa hamaa argu baneedha.iji nama guyya
kanas dabalataan waan lama argu jalqabe hamaa fi gaarii.adda basees filaachuu
egalee.fedhiin nama keessa ture ijaa hamaa argu hin qabu ture.erga fedhiin foonii
mo’ee garuu namni isaa arge rawwachuu jalqabe.kun immo hojii foonii jedhame.

Kanaafuu fedha foonii jechuun fedha hamaa jechuudha.yookaan fedha waaqayyo


keessa hin jireef falla yaada isaa ta’edha.

Geggeessummaa hafuuraa Page 3


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

3. FEDHII NAMA KEESSA HUNDUU


Namni fedhii lama giddu jiraachuu
FAALAMEE MOO? eegale.lamaan kana keessaas tokko
rawwatee jiraachuun dirqamaa itti
fedhiin nama keessa jiru lama ta’e malee tokko
ta’a.kunneen fedhii qofaa osoo hin
bade tokko iddo hin qabanne.haa ta’yu malee
tanee humnaa guddaa dhoohinsa
namni haafura wal’aanso walqabu giddu
cimaa geggeessuf nama keessa
gale.kanaafuu fedhiin nama keessa jiru hundi
walfalmaanidha.inni caale falmatee ni
jal’aa miti.bara Kakuu moofaa keessa garuu
fedhiin foonii kun olaantumma bara inni nama mo’ataa nama sanaas ni to’ata.
irratti argatedha.sababni isaa humnaa yookaan
haafura isaa gargaaruu cimaa qab.fedhaa isaa
gaarii sana haafurri keessa buufatee isaa
gargaaruu hin ture.inni kun jireenya nama
rakkina gudda keessa galcheera.
Gal 5^16 irraa ergaan nu ittin jalqabnee
fedhiin kun lamaan nama keessa akka jiraatan
ibse garuu fedhiin foonii nama keessaatti akka
hin hojjennef cimsee dhorkaa ka’a.kana irra 4. FEDHA FOONII VS FEDHA
wanti hubannuu fedhiichi nama hundumaa HAAFUURAA
keessaa jira garuu hojiidhaan du’a ta’u akka Amma fedhiin lama keessa keenya
qabu mul’isaa.wanta du’ee deebi’ee akka jiraatu
f karaa hin kenninaaf jechuudhaan ibsaa cimaa akka jiru wali galeera.fedhaa isaa
amantootaaf kenna.
dura ture fi fedha isaa sababii
Waan phawuloos dhowwaa jiru fedhiin foonii
gochaadhaan ijaa akka hin godhannedha.kana cubbuttif jireenya keenya irratti
jechuun fedhiin foonii gara hojii foonitti akka
hin guddannee fi kunis jireenya nama akkuma mo’eedha.phawuuloos waan inni
kalessa sana har’as hamaa keessa akka
busudhaa.kanaafuu waan dhowwammee fedha hasa’aa jiru
sana of keesssatti ajjessuu akka qabnudha
geggeffamuudha.geggeffamuun dura
Qol3:5 Ajjessuun in danda’amaa? Hamma
dhuumaatti dubbisi deebiisaa ni argatta! garuu maaliin akka geggeffamnuu

enyummaa isaa sirnaan beekuun

Geggeessummaa hafuuraa Page 4


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

barbaachisadha.akka kana yoo ta’e geggefamuun jireenya dhugaa jiraachu ni

dandeenya.

5.Fedha haafuuraa

Fedhiin haafuuraa jechuun fedha qajeela isaa namni dhalootaan waaqayyoo irra

fudhatee dhalatuudha.fedhii kun fedhii cubbuun dhufu dura olaantummaadhaan

keessa namatti mo’aa turedha.

Bara Kakuu haaraa immo karaa kristoos haafuuraa qulqulluu fudhachuudhaan

jireenya nama keessatti olaantummaadhaan kan mo’uudha.

Fedhiin hafuura fedhii dhugaa fi qajeela fedha waaqayyo ta’eef kalessa gargaarsa

dhabuun mo’ ture fi amma immo haafuuraa qulqulluu isaa keessa nama buufateen

gargaarsa argatte kan mo’ee barabaraan jiraatudha.

6. FEDHA FOONII VS FEDHA HAAFUURAA

Fedhiin kun lamaan waliin morma nama keessa jiraatu.

Gal 5:17 fedhi foonii haafuuraan in morma;hafuurris fooniin in morma,isin

waanuma jaallattan akka hin gooneef ,isaan kun lamaan waliin in

mormu.hafuurichaan yoo geggeffamtan garuu ,isin seericha jala hin jirtan.

Geggeessummaa hafuuraa Page 5


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Inni mo’uu nu bulchaa jechuudha.

Egaa nama keessa wantoota waldhibaan kana lamaantu jira. Fedhiin kun falla waan

ta’aniif waliin mormu malee wali galu hindanda’aan.

Fakkenyaa Ilmaan yishaaq yaaqob fi Esawuu warren garaa ribqaa keessatti

walfalman.uma 25:24

Ilmaan ribqaa kun lakku turan.lakkuyyu haa ta’an malee lama ta’anii walfaana

altokkotti dhalachuu hin danda’an .kanaaf garaa haadha keessa bahanii addunyaatti

makamuuf walfalmuu turan.falmiin isaanii falmii angaafummati.

Esaawuun – akka fedha foonitti fakkenyaa fudhachuu dandeenya kanas erga

dhalatee ijaa hojii jireenya isarra hubanna

Yaaqoob – akka fedha haafuuraatti agaarsistuu gaarii ta’u danda’aa kunis akka

jireenya isa gara bodderra kana mul’atuudha.

Akkuma ijoolleen kun garaa keessatti walfalmaan nu keessaas akkasuma fedhiin

kun laman angafummaa fudhachuu walfamuu.altokkotti lamaan isaanii nama

irraatti mo’uu hin danda’aan.kan dursee dhalatee olaantumma fudhachuudhaan

hogganaa jireenya nama sana ta’a.

Walumaa galatti bara Kakuu moofaa sana namni enyumma fedha foonii jala ture.

8 Fedhin foonii jiraachuu jechuun


Geggeessummaa hafuuraa Page 6
Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

1. Jireenya garbummaa jiraachu fi sarara jireenya lakkisuun yaada ofii

duuka bu’udha.

Uma 3:8 “ kana boddee namichii fi haati manaa isaa yeroo qilleensi

qabbanaa’aan qilleensa’utti waaqayyoo gooftaan iddoo dhaabaa sana

keessa utuu adeemuu sagalee dhaga’aan ;isaan waaqayyo goofta duraa

mukkeetii iddoo dhaabaa Sanaa giddu in dhokatan”

Fedhin foonii namni akka ofitti amanummadhaan(in confidence) fuula

waaqayyo akka hin dhabbanne tasisaa.haafura dhokanna fi dhokatadhaadhan

fedhii hogganamuudha.

2. Yaada falla yaada waaqayyo ta’e qabachuun hordofuudha.isaa duuka

bu’uu fi ofirratti moosisudha. uma 3:6-7

Rom 8:7 “akka fedha foonitti yaaduun diina waaqayyo nama godha;yaadni

akkasii seera waaqayyo wajjin walii hin galu.”

3. Humna seera cubbuttif nama bituudha.gal 5:18,rom 7:25

Rom 7:5 “yeroo nuyi akka fooniitti jiraacha turre,hawwiin foonii inni

cubbuudhaan guute seerichaan toosifamee du’aaf akka nuyi ija

godhannuuf ,bu’aa dhagna keenyaa keessa in hojjeta ture”

4. Humna cubbu isa nama keessa jiru fi du’aatti nama gessudha.

Geggeessummaa hafuuraa Page 7


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Rom 8:13 “Akka fedha foonitti yoo jiraatan du’uun keessan

beekamadha.hafuuraan namummaa isa foonii yoo ajjeeftan garuu in

jiraattu.”

5. Fedha haafura waaqayyo haafuuraa qulqulluu ala nama

jiraachisudha.

Rom 8:9“ Hafuurri waaqayyo dhugumaa isin keessa yoo jiraate ,isin akka

fedha hafuuratti malee akka fedha foonitti hin jiraattan; namni hafuura

kiristoos of keessa hin qabne immo kan kiristos miti.”

6. Humna lubbu loluudha.

1phex2:11 “Michoota ko! Isin warri ormummatti jiraattan ,warra biyyaa

baafamtanis nan gorsa ;fedha foonii isa lubbuu keessan loluu irra

fagaadhaa!”

Fedhiin foonii dhimma buddenaa nyaachuu fi dhiisu miti.

Kana jechuun xiyyeffannoon fedha foonii inni guddaan foon loluu osoo hin

tanee fedha foonii guute jireenya lubbu loluudha.iddoo buufata lubbu immoo

namaadha.

7. Fedha waan gaariin tokkolee keessa hin jireedha.

Rom 7:18 “waan gaariin tokkolee ana keessa yookiis,namummaa koo isaa

foonii keessa akka hin jire beeka.ani waan gaarii gochuu utumaan jaalladhuu

hojjechuu hin danda’u.”

Geggeessummaa hafuuraa Page 8


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

8. Hafuuraa hamaadhaan hogganamee jireenya nama kan

burjaajessudha. Rom 7:24, 8:6,

Rom 8:12 “egaa obboloota ko, wanti rawwachuun nuuf ta’u yoo jiraate iyyu

akka fedha fooniitti jiraachuudhaaf isaaf abboomamuun nuuf hin ta’u”

9. HOJII FI HOJII FOONII

Dhugaan nu jala walmakee tokko jira.innis waan biyyi lafa kanaatti

rawwannu hundumaa hojii foonii jenne goolaba itti lachuudha.hojii fi hojiin

foonii garagarummaa qabu.macaafni qulqulluun dhugaa kana adda base lafa

ka’aa.

Hojiin bu’aa cubbu miti.cubbu boddees kan dhufe miti.hojiin amala

waaqayyo isaa guddadha. Umamaa keessatti guyyoota ja’aaf hojjetee in

boqotee jedha.kanaaf hojiin enyummaa waaqayyotti.waaqayyo immoo

enyummaa isaa kana namaaf kenne.akka fakkatti isaatti waan umamneef.

Uma 2:15 “waaqayyo gooftaan namicha fuudhee iddoo dhaabaa eeden sana

akka tottolchuuf, akka eguufis achi keessa kaa’e.”

Addunyaa kana irra hamma jirutti hojiin tottolchuuf fi eguu jalatti kufa.kun

hojii qofa miti itti gaafatamumma waaqayyo namaaf kennedha.kanaafuu

hojii jechuun ittigaafatamumma waaqayyoo ilmaan nmaattif

kennedha.cubbuu waliin firoomaaf hidhataa hin qaban.hojiin hojiidha hojiin

foonii waan biradha.

Geggeessummaa hafuuraa Page 9


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Yeroo baay’ee namonni biyyi lafa kana irraatti waan hojjennu hundumaa

hojii foonii jedhu.dhugaan ati dagachuu hin qabne garuu kan hojjechaa

jirtuuf itti gaafatamumma waaqayyo siif kenne xumuratee biyyi lafa moote

darbuufidha.osoo hojiin ati hojjetuu foon kee jiraachisa ta’e sila hinduutu

barabaraan jiraata turte. Baay’ee hojjette baay’ee jiraacha turte.garuu akkas

miti hin danda’amuu.

Jireenyaa fooniin biyyi lafa kan irra (jechuun dhaqna keenya isaa foonii

keessa jiraachuun) hikkaa kallatti hojii foonii matumaa ta’u hin

dandaa’u.kanaaf hojii foonidha jenne dibabee nuyii jala dhokanne darbinuu

matumaa nuuf ta’u hin danda’uu.

Hojiin foonii balballi jireenya isaa furtuu cubbu jedhamuun kan

banamedha.hojii namni ofii isaa umateedha.hojiin foonii ijaa Fedhin foonii

naqatedhaa.fedhiin foonii nama keessatti biqilee dararee ijaa godhate.ijaa

inni godhatee kun immoo hojii foonii jedhama.

Hojii foonii jechuun hojii waaqayyo namaaf kenne fallessudhaan kan

dhufedha.innis itti gaafatamumma dagaachudha. Akkumma kalessaa jarri

sun eguudhaaf itti kennamna bineensa itti galchanii waliin has’aan har’as itti

gaafatamumma waaqayyo siif kenne biyyi lafa kanarrati essayyu jiraate kan

dagattuu yoo ta’e inni kun hojii foonii jedhama.

Geggeessummaa hafuuraa Page 10


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Hojiin foonii miiraa fedhi foonii jedhamuun hogganama.fedha foonii

rawwachuun hojii foonitu dhufa .kanaaf bu’aa cubbutti jenne ibsuu

dandeenya.

Fedha foonii hojii foonii jireenya fooniin geggeffamuu

Hojiin foonii kun essaayyu hin dhufu gochawwan nuuti qaama keenyatti

fayyadamne rawwanudha.iddoon jireenya hojiii foonii jireenya ilmaan

namoota keessadha malee bosonaa keessa yookaan qilleensaa irra miti.

Gal 5:24 “hojiin foonii mul’ataadha”

Kana jechuun waan dhoksaatti hojjetamuu miti yookaan immoo waan akka

haafuuraa kan hin qabatamne miti.

Qo’annaa hamaa guyyaa kanatti tasiseen hojii foonii kannen ta’an macaafa

qulqulluu keessa jiran naannoo 30 ta’an adda baseera.kana caala ta’u mala

jedhen yaada.gara fuulduratti kan waliin ilaaluu ta’a.ammaf 30 maalfa’i?

Geggeessummaa hafuuraa Page 11


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Gal 5:19-21(1-15) 16.Ejjaa

1. Halalummaa 17.Gadha’ummaa

2. Xuraa’ummaa 18.Hanna

3. Jireenya gadhiisii 19.Sassata

4. Waaqayyoolii tolfamaa 20.Samichaa

waaqessu 21.Maqaa nama ballessuu

5. Qorichaa namatti gochuu Qol 3:5(22-25)

6. Dinummaa 22.Aarii

7. Qoccoolloo 23.Sobaa

8. Hinaaffaa 24.Gara-dhabuu

9. Dheekkamsa 25.Lugnummaa Mul21:8

10.Ofittummaa 26.Amaantii dhabu Mul21:8

11.Yaadaan gargarbahuu 27.Hamaachuu 2Qor12:20

12.Barsiisaan gargar cabu 28.Ofbokoksuu 2Qor12:20

13.Weennoo 29.Nama loluu Rom 13:13

14.Machii 30.Dubbii gurraatti hin tolle

15.Albaadhummaa efe5^3

1qor 6:9-10(16-21)

Geggeessummaa hafuuraa Page 12


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Hojiiwwaan fooniin kutaale macaafa qulqulluu keessa armaan olitti

tarreffamaan 30n hikkaa of danda’ee ni qabaatu.maal jechuun akka isaan

ta’an hikkaa tokko tokko isaanii yeroo dhiyotti qabaadheen dhiyaadha

ammaf garuu kanarra dhabbatee hikkaa isaanii akka qorattuu jaalala

gooftaan si afeerera.

Hojiin foonii hojii cubbuu humna godhachisuudha.

10. Hojiin foonii hundumaa irraatti aboo qaba?

Hojii ,fedhii fi yaadni foonii wanta humna nama isaa fooniitiin mo’amuu

miti.hammam cimaa ta’u daandessa.aangoos guddas qabaachuu dandeessa

ta’us isaan kun wabii ati ittin fedha foonii mo’attu siif ta’u matumaa hin

danda’aan.

Warren 30n armaan olitti caaqafamaan mo’uun ulfaatadha .salphaadhas.kan

furmanni kana garuu karaa isaa beekudha.karaa ulfaata warra filataniif

humnichi ulfaatadha.karaa salphaa warra filataanifis akkasuma salphaa ta’a.

Hin soodatin hin nahiin harka hin laatin.humni humna gararra cubbu kalessa

laga cehee dhufe addamumma isaa bosonaa sana kan mo’u argameera.

Gal5:24“Warri kan kristos yesus ta’a immo yaada foonii,hawwa isaa,fedha

isaas fannisaniiru”

Namni kan kristos yesus ta’u qofaan altokkotti wantoota sadan armaan olii

fannisaa.humna kana fannisuu ameerikaan biyyi guddoon ,gamtaan

Geggeessummaa hafuuraa Page 13


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

awuroppa,gamtaan afriikaa fi tokkumman biyyoota gamtoomanni hin

qabu.humni qawwee fi misa’eela kan gadqabu hindandeenye kan kristos ta’u

qofaan fannisnerra.warra biyyi gurguddaa jiraatan jecha hin jiru ergichi kan

jecha jiru warra kan kristsos yesus ta’an jecha jira.humni jireenya kee keessa

walfalmuu kan ittin mo’amuu kan kristoos ta’u qofaan.

Kan kristos ta’u jechuun miseensumma waldaa qabaachu akka hin tanee

sirritti beekta.maal akka ta’e immo mata dure biraan guyya bira itti

deebina.kan kristos ta’un garuu maqaa kristos dhahuu qofa akka hin tanee

beeki.isahoo seexannu beeka.waldaa dhaquu qofaadhaan namonni waan of

gowwomsaniifan kan dubbadhe.

Gara mata duree kottan si deebisa.amma humnichi inni kaleessa dhaloota

rakkise karaan inni ittin mo’amuu argameera misirachoo jedhu sitti himuun

fedha.uuyi kanahoo danda’ee hin dhiisu amala natti ta’eraa wanta ati jettu

hundisayyu in mo’ama.ammas karaan argameera.

Waan fannifamee du’uun isaa beekamadha.kan du’ee immo deebi’ee

jiraachisuuf aboo kan qabu waaqayyo qofadha.attamitti deebi’ee ka’ee

jireenya koo hammessere jette yaadu dandessaa ta’a.dhugumaan sitti hima

waaqayyo akka inni ka’ee jiraatuuf hin heyyamne.barabaraaf du’ee akka inni

hafu barbaada.rakkinni kristaanota baay’ee anumaa dabalate hin fannisnee

osoo hin tanee olbasnee fannorran genyee deebine.har’as fannnisuu ni

Geggeessummaa hafuuraa Page 14


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

dandeessa. humnichi kan kee miti kan waaqayyoti.gaheen kee heyyamama

ta’u qofaadha.

Mammaksaa oromoo keessatti akkas jedhu mitiree“Harka abba qabun

ibiddaa qabun nama hin dhibuu/hin rakkisuu” harkichi kan nama biraati

waan ta’eef kan gubattu yoo gubatee abba harkaa sanaati.egaa jireenya

keenya keessatti hiika godhataa jedheen yaada yoo kallattiin ta’u

baateyyu.harkichi yookaan humnichi ibidichaa ittin dhamsuu dandeessu

harkaa waaqayyoti.gaheen koo fi kee harka waaqayyo qabu qofaadha.isaa si

rakkise kan ajjessuu isaa qofaadha.

11. Yaada, hawwii fi fedha foonii fannisuu jechuun maal

jechuudha?

Yaada (mind):

Yaada jechuun akeeka sammuu keessatti qopha’uu fi qindoominaa keessa

qaamatiin kan dhufuufi ijaa hojii sammuutti.yaadni waan hedduu of keessatti

qabaata.qaama nama guutummatti kan hogganuu sammudha. Sammuun

immo bakka burqaa yaadati.maddi yaada kamiyyu sammuu ala matumaa

ta’u hin danda’uu.kanaafuu yaadi hooggansaa jireenya keenya guyya guyyaa

irraatti humna gudda qaba.yaadi keenya eenyummaa keenya ibsu keessatti

angaafumma fudhata.

Geggeessummaa hafuuraa Page 15


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Yaada foonii jechuun enyummaa moofaa isaa seera cubbuutiif bitamuun

guute sammuu keenya keessa maddudha.maadu qofa osoo hin tanee jireenya

keenya kallatti sanaan ofuun garbumma cubbuu jalatti kan bitudha.

Waan hundumtuu jalqabaa sadarkaa yaadatiin kan jiraatuu yommuu ta’u

deggarsaa qamoota naannoo isa jiraaniin gara hojitti jiijjirama.

Dubartiittin hamma ijaa muka sana irra kutte nyaatutti yaada foonii qabdi

malee hojii foonii hin dhalanne.hojiin foonii kan isheef ilmaan nama irraatti

lakka’amee erga kutte nyaachu dandesseeti.

Yaadi foonii gara hojii foonitti kan guddatuu deggarsaa qamonni keenya

sammun hogganamuun sammuf godhaniin.

Gochaa yaadni foonii fidu deggaruun immoo hawwii foonii fi fedhi foonii

jedhamaa.

Hawwii :

Hawwiin wantoota qaama miiraa fayyadamuun keessattu ijaa keenyaan kan

arginuun hogganamudha miiraa nama irraatti mul’aatudha.

Hawwii jechuun waan arge tokko akka kan isaa ta’u miiraa namni wanta

argee sanaaf agaarsisuudha.namni waan kan isaa ta’e hin hawwu.waan

qabatamaan harka isaa hin galee harka isaa keessa galfachuuf agaamuudha.

Namni jalqabaa balbala hawwii addunyaa kana irraatti bane

hewwanidha.hawwun gochaa argu boddeedhan dhufudha.

Geggeessummaa hafuuraa Page 16


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Hawwii foonii jechuun immoo gabaabummati miiraa namni wanta jal’aa

arguudhaan gochaatti jijjiruuf qabaatudha.iya7:21

Fedhi (desire):

Fedhi jechuun hawwi wajjin walfakkeenya kan qabu fakkatus

garaagarumma ni qabaata.

Fedhii jechuun deebii namni yaada sammuu keessa dhufuf kennu

jechuudha.deggaruus ta’e mormuun fedhi agarsisuudha.miiraa deebiidhaan

guutamedha.

Hawwiin miiraan hogganamaa Fedhin garuu sababa(reason) dhaan

hogganamaa.fedhin adeemsa yaada tokkof heyyamamaa ta’uu fi dhiisuuti.

Fedhiin yaada fi hawwi galmaan gahuuf iddoo olaana qaba.fedhin kan hin

mul’anne yoo ta’e yaadi kufa ta’a.kanumaaf phawuloos caalaatti fedhi irratti

waan xiyyeffate natti fakkata.

Fedhi foonii jechuun egaa humna xumuraa (furtuu) yaada foonii iddon

gahu sadarkaa xumuraa irraatti argamuudha.sagalee sababaan yaadi foonii

akka galmaan gahuuf deggarsaa cimaa fi jabaa ta’e tasisuudha.

Jarreen kun sadan walitti ida’aamuun hojii foonii jedhamuu.

## Yaad foonii + hawwii foonii +fedha foonii = hojii foonii

Hewwan hojii foonii isaa enummaa mofaa sanaatti akka kuftu kan godhe

inni guddaan heyyamamtuu(fedha) ta’u isheeti .ida’aamni jarren kana

Geggeessummaa hafuuraa Page 17


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

sadanii barootaaf dhaloota irraatti mo’e angaafummadhaan jiraacha

ture.isaan kan jala bahuuf karaan namni akeeke hin ture.barootaaf

yalameera.

Namni garbummaa jala jiraachuu hin fedhu.ta’us galagalchuu hin

dandeenye.

Har’as akkumaa kalessaa dubartittin heyyamamte fedha foonii jalatti kufte

heyyamama ta’udhaan fedhi fi hojii foonii kana jala bahuun in

danda’ama.innis kan kristos ta’u qofaadhan.

Hojii foonii jala kana nama basuu danda’uu ayyaana waaqayyo isaa karaa

kristos mul’ateedha .rom 6:14

Sababa ati hojii foonii fannisuu dandessuuf kunooti

Rom 8:3“sababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu

dadhabe.waaqayyo ilma ofii isaatii ergee,cubbuu isa nama foonii keessatti

farade;ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee cubbuu

ballessu dhufe”

Rom 8:2“Serri haafuuraa inni karaa kristos yesus nama jiraachisu,seera

cubbuu isa du’atti nama gessu jalaa si baaseera.”ameen!

Geggeessummaa hafuuraa Page 18


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Obbolleessa koo obbolletti koo gal 5:16 irra kanee as geenyera.hamma

ammatti dhorkaa achi irra jirutti xiyyeffanne adeema ture.fedha foonii

ka’umsaa isaaf galma isa irraatti jechuun kooti.

Amma immo waan jallatamaa obbollessi keenya phawuloos nu gorsuu irratti

xiyyeeffanna.

Hafuuraan geggeeffamaa jiraadha.gal 5:14

12. Hafurrichi eenyuudha?

Hafuurri qulqulluun enyuudha?

Enyummaan hafuura qulqulluu Kakuu moofaa fi haaraa keessatti sirritti

ibsame jira. Hafurri qulqulluun qabeenya guddaa karaa kristoos dhaloota

kakuu haaraaf akka kennaatti kennamedha.kanaaf mee amma qabxiiwwaan

30 wa’ee hafuura qulqulluu dubbataan kannen Kakuu haaraa fi moofa

keessa jiran haa ilaalu.

1. Hafuura barabaraan nu keessa jiraatu fi nuuf dubbaatuudha.

(living spirit) yoh 14:15-17 1qor 6:19

“ani abba nan kadhadha,inni barabaraan isiin bira haa jiraatuuf kan

bira kan isiniif dubbatu isiniif in kenna.” yoh 14:15-16

Geggeessummaa hafuuraa Page 19


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Hafuurichi yeroo murta’eef kan nama keessa jiraatu osoo hin tanee

sababii kristos dhufe biyyi lafa mo’eef barabaraan kan nu keessa

jiraatudha.akkasumas hafuura nutti dubbatuu fi hafuura nuuf

dubbatudha.hafuurichi hafuura karaa deema miti.haafuur iddo buufata

qabudha.

2. Hafuura dhugaati(the spirit of truth).dhugaa kan

hubaachisuudha.dhugichi immo birmaadu nama basaa.yoh

16:13,yoh 14:17

“ Hafuurri dhugaa sun yommu dhufu gara dhugaa hundumaa

keessatti isin in gessa,inni waan dhaga’uu dubbata malee of keessa

fuudhee hin dubbatu;waan dhufuuf jiru isinitti mul’isa”.yoh 16:13

Kristos yommu bartoota isaa giddu ture erga kana bartoota

isaati.isaan gaaffi baay’ee qabu turan dhugaa bira gahuufis in

dhama’uu garuu beekums ofii isaaniin hin dandeenye.hafuurrichi

dhugn sun garuu dhugaa hundumaa isaan hubachisee dhugaa isaan

daandeetti ofii isaaniin bira gahu hin dandeenye.

3. Hafuura fedha qabudha.fedhi isaas fedha hafuura

jedhama.kanaaf namni haafurrichi keessa jiru fedhichaan

guutamadha ,mo’aamadhas.efe 4:30,Isa 63:10

Geggeessummaa hafuuraa Page 20


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“hafuura waaqayyo is qulqulluu isa guyya fayyinaatiif ittin

mallateefamtan hin gaddisiisinaa!”ef 4:30

Sagalee kana keessatti jechi hin gaddisiisina jedhu hafurri waqayyo

inni qulqulluun miiraa dhugaa fi fedha sirri jireenya nama keessaatti

qabaachu isaa mul’isa.gabaabummatti hin gaddisiisinaa jechuun fedha

foonii hin rawwatina jechudha.kanaafuu hafuurrichi hafuura fedha

haafura jedhamun guute ta’usa sirnaan nuuf ibsa.

4. Hafuura isaa abdachifamee turedha.Hisq 11:19,isa 44:3 isa

59:21

“waaqayyo ani isiniif kakadheera hafuurri koo isin irra in

boqota;dubbin koo inni ani afaan keessan keessaa,Afaan ijoollee

keessanii keessaas hamma barabaraatti hin dhabamu”jedha.isa 59:21

Hafuurrichi hafuura akkasuma osoo hin tanee hafuura ergamonni fi

rajoonni baay’een keessa isaanii bufaate akka jiraatuuf hawwa

turaaniif osoo hin argin darbanidha.yeroo baay’ee bara rajoota

hawwina ta’a pheexiroos garuu akkas jedhe barresse rajonni warri

durii sun bara keenya kana arguuf hawwa turan(1phex1:12).kun immo

sababa qajeelumma keenya osoo hin tanee sababa fayyisuun

waaqayyo hafuura qulqulluudhaan nu giddu buufateefidha.sababii

Geggeessummaa hafuuraa Page 21


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

waaqayyo humna isaa isaa guddadhaan bara keenya keess nu keess

bufaate akka jiraatuuf waada galeefidha.

5. Hafuura kristoosidha(the spirit of Christ).yoh 1:32

“hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu’e hafuu

isa argeera”yoh 1:32

waan kristoos adda godhe hafuurrichi irra bu’e irraatti hafu isaati.inni

dhufe deebi’u isaarra garuu utuu ol hin deebi’in hafe.yommu warra

farisootaati waan heddun abjuu itti ta’a ture inni garuu hafuura qulqulluu

wajjin hasa’aa ture.hafuurichi hamma kristoos ol bahe fiixan baheera

jedhutti iddo buufata godhaate nama keessa hin jiran.dhufe deebi’a

ture.phexiroos onnee amaantii qaba.garuu hafuurri isaa gargaaru isarra

hin turre.maddi kuufaati isaa kanaadha malee sodaata ta’e miti.kan inni

dubartitti fuulduratti sobeef.guyya hafuuricha fudhatee garuu 3 kuma

sadii godhee deebise.kun dandeetti isaa miti.hafuura qulqulluu waan

argateefidha.hafuurichi hafuura kristoos kristoosidha.

6. Hafuura barsiisuudha.(the spirit if teaching)yoh 16:8

“inni yommuu dhufu wa’ee cubbuu ,wa’ee qajeelumma,wa’ee firdiis

biyyi lafaa in hubaachisa”yoh 16:8

Geggeessummaa hafuuraa Page 22


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Namni hafuuricha qabu ni hubataa waan hundumaa adda

baafata.gaheen hubaachisuu kan hafuurichaati.gaheen nama daree

barnootaa qofa keessatti argamudha.

Hafuuraa ati argatte si barsiisuu kana daawit mootichi guddaa sun

kadhatte kan inni hin fudhannedha(far 51:10-12).sababni isaa gatiitu irra

jira.amma garuu gatiicha kristoos kaffalee waan xumureef hafuurichi siif

kenname si barsiisa si keessa jiraata.

7. Hafuura ogumma,hubannaa,gorsaafi humnaa,hafuura

beekumsaa fi sodaa waaqayyooti.Isa 11:2,qol 1:9

“haafurri waaqayyo isa irra in buufata ,innis hafuura ogummaatii fi

hafuura hubannaati,hafuura gorsaatii fi hafuura humnaati,hafuura

beekumsaatii fi hafuura soda waaqayyoti.”Isa 11:2

Woow kun hammam ayyaanoomudha!.qabeenya guddadhaan kan

bitamuu hin dandeenye albuuda gatii jabeessa kana hafuura waaqayyo

isaa qulqulluu sana bira argaachu waan caalu hin jiru.waaqayyo

hirmattuu ayyaana kee waan na gooteef ulfaadhu!

Geggeessummaa hafuuraa Page 23


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

8. Hafuura angoo moototaa irra caale hojjechuu danda’udhaa(the

spirit of heaven power).

“Hafura kootiin malee humnaa miti,aangoodhaanis miti kan jedhu

ture” zak 4:6

Ergaan Kun Afaan waaqayyo keessa Kan raajicha zakaariyaas

jedhamuu mootii yihuuda bara sana zarubaabelitti

dubbatedha.zarubabeel mootiidha.humna fi aangootti fayyadame

waan baay’ee gochuu yaala garuu hin danda’amuu .hafuurichaan

malee.aangoo fi humni hafuuricha aangoo waaqa irra dhufedha.

waan aangoon hojjechuu hin dandeenye gochuu kan danda’amuu

hafuura kana qofaan.

9. Hafuura du’a ajjesse jireenya kenne fi kennudha.dhaqna du’aa

jiraachisa.Rom 8:10-11
Geggeessummaa hafuuraa Page 24
Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“kristos isin keessa erga jiraatee dhaqni keessan sababii cubbuutiif

du’aa yoo ta’e iyyuu ,sababii qajeelummaa argattaniif hafuurichi

jireenya isiniif ta’a” rom 8:10

Hafuurrichi hafuura jireenya kennudha.dhaqna isa kalessa sababii

cubbutti fi fedha foonii sanaaf jireenya dhugaa san keessa dhala

namaati ajjesse hafuurrichi immo sababa qajeelumma kristoosiif

humna jiraatan guutera.

10.Hafuura ilmuummati guddisuudha.waraqaa enyumma

jireenyaati.Rom 8:15-17

“Warri hafuura waaqayyootin geggeeffaman hundinuu ilmaan

waaqayyoti.hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti

guddifamuu ti malee ,hafuura garbummaa isa soda jalatti isin

deebisu miti ,hafuura kanaanis abba keenya jenne waaqayyon in

wammanna.”rom 8:15

Hafuurichi mallattoo(waraqaa enyummaa) ittin mucaa waaqayyo

ta’uun kee ittin mirkana’eedha.ilmummaatti guddisuu hafuurichaan

waan kristoos argatee hundumaa(rom 8:17) argachuuf jira sababni

isaa mucaa waaqayyo waan taneef.inni immo hafuurichaan

mirkana’ee.

Geggeessummaa hafuuraa Page 25


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

11.Hafuura dadhabbitti gargaaruu fi warra kristoosiin

fo’amaaniif kadhaatudha.rom 8:26-27

“hafuurichi immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara

;nuyi maal kadhachuu akka nuuf barbaachisoo akka ta’utti hin

beeknu ;hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan

ibsu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.” Rom 8:26

Sagalee kana keessa erga misiraachoo guddatu jira.innis hafuura

gargaaru argachuu koo fi keeti.addatti immo gammachuu guutuu kan

naaf kenne jecha”dadhabbi keenyatti “ jedhudha .kun addatti tokko

lama jedhe hin keenye kana jechuun haafurri qulqulluun dadhabbi

keenya hundumaatti nu gargaara.keessattu yommu nuyii fedha foon

keenya harkatti kufnu akka allaattii waaqa irra dhufte cuucci

indaanqoo butte addunyaa isheetti geessitutti haafurri qulqulluun

addunyaa kufaati keessa gara adduunya jireenyatti nu geessa.nuuf

kadhata nu gargaara.hafuurichi dhugumaa hafuura dadhabbitti

gargaarudha.

12.Hafuura yaada waaqayyo dhaloota hubaachisuudha.1qor 2:9-

12

Geggeessummaa hafuuraa Page 26


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“… waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul’ise;

hafuurri qulqulluun waan hundumaa yaada waaqayyo isa gad fagoo

iyyu qoree bira in ga’a” 1qor 2:10

Bara yaada mootii biyyi bulchuu innu hafee kan ganda bulchuu iyyu

yaada isa bira gahuun dadhabametti haafurri qulqulluun garuu yaada

waaqayyo isaa gudda jaalala isaatiin nutti mul’ise.osoo mootiin

rashiyaa yaada putin yaada isa sitti mul’isee akkam akka gammaddu

tilmaamuun nah in dhibu.gatii baay’ees akka si kaffalchisuu

tilmaamuun rakkisa miti.waaqayyo garuu kenna tolaatiin yaada isaa

isa barabaraa karaa hafuura qulqulluu nu hubaachise.yaada nuyii

hubanne yaada yeroo sitti hin fakkatin yaada barabaraati.waan kana

caalu yoo jiraate akka naaf himtun barbaada.maal godha hin jiru

kun kennaa adda fi barabaraatti.sababii hafuura qulqulluuttif yaada

waaqayyo beeka biyyi lafa kana irra jiran callumaa jenne nama figuu

miti.

13.Hafuura waaaqayyoti xurii cubbuu ittin barabaraan

dhiqatanidha.1qor6:11

“Isin keessaa kaan warra akkasii turan,garuu maqaa gooftaa yesus

kristosiin hafuura waaqayyo keenyaatiinis cubbuutti

Geggeessummaa hafuuraa Page 27


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

dhiqattaniittu,warra waaqayyoof qulqulla’aan taataniittu,waaqayyo

durattis qajeelota taataniittu.” 1qor 6:11

Dhiqannan olii dhufe dhiqanna hafuura qulqulluuti.namni torbee

torbeedhaan dhiqatee yookaan immo waggatti cubbuu isa walitti qabe

laga bu’e dhiqatee qulqulluu fi qajeela ta’u hin dandeenye.dhiqanna

hafuura qulqulluutin garuu namni waaqayyo duratti qajeela fi

qulqulluu ta’era.har’as ta’u ni danda’aa.

14.Hafuura jaalalaati.haafura kennaadha. 1qor12:4-11,rom 5:5

“Sababii waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf

kenname,garaa keenya keessatti dhangalaseef abdiin immo nu hin

yeellaasisu”rom 5:5

Hafuurri qulqulluun hafuura jaalalatti malee hafuura ugguruu

miti.hafurri jaalala immo haafura kannaati.egaa jaalala isaa kanan

immoo kennaa hafuura heddu nuuf latee(1qor12:4-11).kennaan

hiundinuu karaa hafuura qulqulluu nuuf kennamee.kennaan gatii

jaalalatti malee beenya hojiidhaaf kaffalamuu miti.kanaaf beekumsa 8

keenyaan dadhabnee hafuura qulqulluudhaan kenna tolaa arganne.

15.Hafuura goofta hafuura birmaadummaati.2qor 3:17-18,gal4:31

“Egaa inni goofticha jedhame kun,hafuura qulqulluu dha ; iddoo

hafuurri goofticha jiru immoo ,birmadummatu jira” 2qor 3:16-17

Geggeessummaa hafuuraa Page 28


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

Biyyi tokko birmaadomtee yeroo jennu humna keessa fi ala irraa

guutummaatti bilisaa tateetti.nagaaniis bu’eera jechuudha.

Sababii hafurri qulqulluun keessa keeenya buufatuuf jireenya keenya

humna keessa (fedha foonii) fi humna ala nu loluu (seexanaa fi biyyi

lafaa) jala birmaaduu base.egaa sababii hafuurri goofticha si

dhuunfatee jireenya kee keessa waan jiruuf ati birmaaduu bateeta.

Birmadummichi immoo kan barabaraati!

16.Hafuura seera cubbu jala nama basuudha.gal

5:18,2qor3:6,rom7:6

“hafuurichaan yoo geggeeffamtaan garuu,isin seericha jala hin

jirtan” gal 5:18

Seerri sababii cubbu mo’ee .maddi seera inni angafaa cubbuun hiddaa

isaa gadfageffachuu isaatii.inni kun seera cubbu kanaaf

jedhame.hafuurri qulqulluun immoo seera karaa ayyaanaa waaqayyo

mo’eedha.seerri kunis seera kristos jedhama(gal 6:2).maqaan adda

seera kristoos seera jalaalatti(yoh13:34).seerri cubbu lafaa irra

daddarbaan jirutti irra caala humna godhata ayyaanni waaqayyo inni

karaa kristoos mul’atee immo caaladhummatti baay’ate seera cubbu

sana jala karaa hafuura qulqulluu waaqayyof akka jiraanuuf karaa

haaraa bane.isumaan Kakuu haraadhaf hojjechuu

Geggeessummaa hafuuraa Page 29


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

dandeenye(2qor3:6).haafurrichi daandeetti seera cubbu keessa fudhee

seera kristos moosisa.

17.Hafuura wabii/qabdii ta’e kennmedha. dhaloota jireenyaaf kan ma

llaatessedha. Efe 1:13-14,yoh 3:5,gal 4:5,2qor3:3

“…Isin warri dhageessanii itti amantan hafuura qulqulluu isa

abdachiifameen mallateeffamtaniittu.hafuurri qulqulluun immoo warri

kan waaqayyoo ta’an galata ulfina isatiif yeroo furamanitti wanta nuyi

argachuuf jiruuf qabdii keenya.” efe 1:13-14

Qabdii jechuun dursee kan kennamuu akka wabiitti

jechuudha.fakkeenyaaf adeemsa bitta keessatti dursee qarshiin

kaffalamuu qabdii jedhama.namni qabdii sun kennameef qarshii hafee

guutummas fudhachuuf abdii qaba.sababni isa qabdii fudhateera.wali

galteen mallateffameera.akkuma kana kristos hafuura qulqulludhaan

akka kan isa tanuuf nu mallattesse achumaan hafuura qulqulluu kan

qabdii jireenya barabaraa godshee nuuf kenne.amma qabdii waan

qabnuuf abdii jireenya barabaraa nuuf kenne.waraqaan qabdii sunis

hafuura qulqulluu jedhama.

18.Hafuura humna waan haaraa gochuu qabudha.(the spirit of

miracle).humna dhalaachisuu danda’uudha. Mat1:18

Geggeessummaa hafuuraa Page 30


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“… Isheen yooseefii wajjiin walbira utuu hin ga’in hafuura

qulqulluudhaan ulfoofte argamte” mat 1:18

19.Hafuura geggeessudha. Luq 2:27,mat4:1,luq 4:1,4:14, hoe 20:22

“Amma immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee mana

qulqulluummatti ol gale …” luq 2:27

“Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee yoordanosii

deebi’ee,hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyya a afurtama

geggeeffame.”luq 4:1

“Amma kunoo achitti waan natti dhufu utuun hin beekin, hafuura

qulqulluudhaan qabamee yerusaleem dhaqu kooti.”Hoe 20:22 -23

20.Hafuura ofitti amanamummaa kennudha(the spirit of

confidence) hoe 4:8

“Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalala fi kan of qabuu malee

,hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne” 2xim 1:7

“phexros yommus hafuura qulqulludhaan guutamee ,isin gurguddota

biyyaa maanguddootas kan taatan…” hoe 4:8

21.Hafuura lafa irra utuu jiru kristoosin mirgaa abbatti agarsisudha.hoe

7:55

Geggeessummaa hafuuraa Page 31


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“Isxifaanos garuu hafuura qulqulluudhaan guutamee,utuu ija irra hin

buqqifatinis waaqa keessa ol ilaalee ,ulfinaa waaqayyo ,yesusinis

mirga waaqayyo dhaabate arge” Hoe 7:55

22.Hafuura jajjabeessadha.hoe 9:31

“Yeroo sana keessa waldaan amantoota yihuudaa,galiilaa,

samaariyaa hundumaa keessatti nagaa argatee ,ijaaramte;soda

gooftaatti jiraacha ,jajjabina hafuura qulqulluutiinis baay’achaa

turte.”Hoe 9:31

23.Hafuura mootummaati.mootumma nagaa, mootumma

qajeelummaa,fi moootumma gammachuuti.mootumma

waaqayyo.(the spirit of kingdom of GOD)Rom 14:17

“Mootummaan waaqayyo mootummaa qajeelummaa, nagaa fi

gammachuu warra hafuura qulqulluu bira kennamanii ti malee

mootumma nyaata fi dhugaatii miti” rom 14:17

24.Hafuura guddinaati(the spirit of growth).guddisuu beeka.

“Humna hafuura qulqulluutiin abdiitti guddachaa akka adeemtanitti

waaqayyo inni abdii namaaf kennu isatti amanuu keessaniin

gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu!” Rom 15:13

25.Hafuura abdiidhaan guutuu ta’edha .(the spirit of hope)gal5:5

Geggeessummaa hafuuraa Page 32


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“Nuyi karaa hafuura qulqulluu abdii qajeelotatti lakkaa’amuu

amantii keessa eeggachaa jirra” gal 5:5

26.Hafuura meesha waraana lolaa lubbudhaaf kennudha.hafuura

lolaati.rayya ittisaa lubbutti.(the spirit of defense)efe 6:17

“Fayyina akka gonfoo sibiilaatti sagalee waaqayyoos akka billaatti ,

hafuura qulqulluu bira fudhadhaa! ” efe 6:17

Hafuurri qulqulluun meesha lolaa hafuura kan ittin hafuura isaa

hamaa diina lubbu keenya ta’e ittin loluudha.akkuma ministeerri

raayya ittisaa biyyi tokko meesha ittin biyyi eegan loltoota isaa

dhiyeessu hafuurri qulqulluun immoo meesha lolaa isaa kan

waaqayyo (efe 6:13) kan fedha foonii fi seexaana isaa kufee macca

hafuurota hamminaa biyyi lafaa isaa dukkanaan guute sana irratti

mo’an (efe6:12) ittin lolee moonu nuuf kenna.

Egaa nuyii karaa hafuura qulqulluu mi’a waraana guuttanne

loltoota kristoos jedhamneera.

27.Hafuura haaressudha (the spirit of reformation). Tit 3:5,1phex

1:2

Geggeessummaa hafuuraa Page 33


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

“Waaqayyo nuyi qajeelummadhaan hojjenneef utuu hin ta’in, akka

araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin haaressu

hafuura qulqulluutiniis nu fayyise”Tit 3:5

28.Hafuura ittin kadhannudhaa.yih 1:20

“Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa!” yih 1:20

Kadhannaan nama hiika kan godhatuu hafuura qulqulludhaan

hogganamee yommuu kadhatuu ta’usaati.kunimmoo hafuurri

qulqulluun yeroo kadhataatti namni maal kadhachuu akka qabu

sirnaan barsiisa.

29.Hafuura ulfinaati(the spirit of glory).1phex 4:14

“Maqaa kristosiif jettanii yommu arrabsamtan, isin warra

gammadaniidha hafuurri ulfinaa inni kan waqayyo isin irra in

boqota” 1phex4:14

30.Hafuura hafuura warra biyyi lafa caalu fi hafuura sobaa fi dhugaa

adda baasudha 1yoh 4:4-6,hoe 13:9,1mot 22:22

“Ijoollee ko! Isin kan waaqayyoti.raajota sobduu sanas mootaniittu

hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra,isa isin keessa jirutu

caala’o!” 1yoh 4:4

Daani’el hafuura hundumaa irra caalu waan qabuuf warra kan caale

argame (dan 6:3).kanaaf olaantummaa mana mootummaa keessatti

Geggeessummaa hafuuraa Page 34


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

argate.kun immoo daandettisaatiin miti.hafuura isaa sobarra caalu

waan qabuf ture.

Hafuura jabaa akkasii waaqayyo erga nuuf kenne maaltu nu

soodachisa.humna hamma kana hidhannee meeshaan waraana

guddaa addunyaa kanayyu nu hin sodaachisuu.amma gaheen

keenya fedha waaqayyo rawwachuudhaaf heyyamamaa

ta’udha.hafuurrichi immoo fedha hafuura keessa keenyatti biqilichi

ijaa godhaachisa.hafuurrichaan geggeffamuudhaan ijaa hojii

hafuura godhanna malee angoo fi humna keenyaan miti(Gal5:22).

“ Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha

akka qabaattaniif ,akka hojjetttaniifis isin gidduutti in hojjeta” filp

2:13

Amma wa’ee jireenya keef mataa dhukkubsachuun deebii siif kennu hin

danda’u sababni isaa fedha foonii isaa keessa kee jiru kan fanniste ajjessuu

dandeessu baay’ee barattee,qabeenya hedduu horatee yookiis immoo angoo

gudda argattee miti silamaa cubbuun kan biyyoota hiyyeeyyi ta’e warri

qabeenya qaban biyyonni gurguddonni qulqullotaa jedhamuu turanii garuu

Geggeessummaa hafuuraa Page 35


Hojii fayyina keessanii wajjiin waliif galu sodaadha fi rom’aan itti fufa hojjedhaa.filp 2^12

kun gonkumaa hin danda’amnee.fedha foonii kan ajjessuu danda’uu hafuura

isaa fannifamuu kristosiin altokkof isaa dhumaaf mul’ateen.kanaaf amma

waan sirra barbaachisuu hafuura qulqulluu ofirraatti mosisuu humna isaaf

harka lachuu qofaadha.hafuurri qulqulluun heyyamaa keen ala ol seene waa

hojjechuu hin danda’uu.isaaf karaa kennuun fedha waaqayyo

rawwachuudha. dammaqsi ati jireenya barbaraaf akka jirattuuf gatiin kee

kaffalameera.geggessaan hafuurichaa bara kee hundumaatti si waliin haa

ta’u!

“Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba ,namni fedha waaqayyoo

rawwatu garuu bara baraan jiraata.” 1yoh2:17

========Yaada fi gaaffii qabduuf =========

========= (+251937760675) =========

Geggeessummaa hafuuraa Page 36

You might also like