You are on page 1of 32

DAMBII BULMAATAA WALDAA HOJII

GAMTAA
ITTI FAYYADAMTOOTAA
---------------------------
Ittigaafatamummaan isaa kan murtaa’e

Sadaasa, 2012

1
MOODELA DAMBII BULMAATAA WALDAA HOJII GAMTAA BU’UURAA
ITTI FAYYADAMTOOTAA ITTI GAAFATAMUMMAAN ISAA KAN MURTAA'E
KEEWWATA 1: MAQAA WALDAA
Waldaa Hojii Gamtaa Itti fayyadamtootaa ___________________________________________
Itti gaafatamummaan isaa Kan Murtaa`e jedhamee waamama
KEEWWATA 2:
2.1 TEESSOO Waldichaa
Naannoo …….................Oromiyaa
Magaalaa……….............Adaamaa
Kutaa Magaalaa………..__________
Ganda…………………..__________
Lakk. Bilbilaa ______________________
2.2 Damee Hojii:
 Akkaataa barbaachisummaa isaatti Murtee Yaa’ii Waliigalaatiin Daangaa hojii isaa keessaa fi
alatti damee banachuu ni danada’a.
2.3 Waldichi jijjiirraa teessoo yoo taasise guyyaa 15 kan hin caalle keessatti qaama aangoon seeran
kennameefiitti beeksisuuf dirqama ni qabaata.

KEEWWATA 3: DAANGAA NAANNOO HOJII WALDICHI KEESSATTI HOJJATU


Kaabaan: _____________________
Kibbaan:______________________
Bahaan:_______________________
Dhihaan:_______________________ ni daangeffama

KEEWWATA 4:
4.1 Faajjii Waldichaa ______________________________________kan agarsisuu ni qabaata.
Hiikni faajjichaas:

2
4.2 Chaappaa Waldichaa
Barreeffamnii Chaappaa Waldichaa Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin yoo ta’u
Barreeffamichis:-
____________________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________kan jedhu ta’ee
Geengoo keessatti mallattoo Namonni walqabatanii agarsisuu kan qabaatu ta’a.
KEEWWATA 5: MUL`ATA, ERGAMAA, KAAYYOO FI HOJIIWWAN WALDICHAA

5.1. MUL`ATA WALDICHAA


Bara 2017 tajaajila hawaas-diinagdee cimaa fi itti fufiinsa qabu waldicha keessatti uumun
Miseensonni fi hawaasni irraa fayyadamaa ta`ee arguu.
5.2. ERGAMA WALDICHAA
Ergamnii Waldichaa inni guddaan hojimaata qajeelloo, Iftomina qabuu fi Miseensota isaa hirmaachisuu
danda’u diriirsuun rakkoo hawaas-dinagdee isaanii hiikuun ofitti amanamummaa dagaagsuu fi amala
ofiin of bulchuu fi of gargaaruu gabbisuun fayyadamummaa miseensotaa mirkaanaa’e uumudha
5.3. Kaayyoo Waldichaa
Kaayyoon: Waldicha inni ol aanaan hojii miseensonni kophaatti hojjechuu hin dandeenye raawwachuu
ta`ee:-
1. Rakkinaalee hawaas-diingdee humna miseensotaa tokko tokkoo ol ta`an dhuunfaa isaanitiin
hiikkachuu hin dandeenye gamtaan hojjachuun hiikkachuu fi galiin isaani fi kan maatii itti
fufiinsan akka guddatu gochuun fayyadamummaa miseensaa dabaluu.
2. Miseensi qabeenya, humnaa fi beekkumsa isaanii waliitti qindeessun bu`aa argamsiisudha.
3. Rakkinaalee hawaas-diinagdee carraaqqii walta`iinsa qabuun of irraa qolachuu, dandamachuu
fi of irraa dhabamsiisuu
5.4. Hojiilee Gurguddoo Waldichaa
Hojiin waldichaa inni guddaan hojiiwwaan sadarkaa nama dhuunfaatti hojjatamuu hin danda`amne
gamtaan raawwachuu ta`ee, kanneen armaan gadii ni dabalata.
1. Miseensota isaa irraa kanfaltii galmee fi qoodaa sassaabuu
2. Fedhii miseensota isaa giddu galeessa taasifachuun meeshalee bu`uraa fi omisha jimlaan /in
bulck/ gatii giddu galeessa/ madaalawaan dhiheessuu
3. Qorannoo irratti hundaa`un tajaajililoota miseensotaa fi hawaasan barbaadaman garuu sadarkaa
nama dhuunfaatti argachuu kan hin dandeenye karaa waldaa isaanii kennuu. ( guddu gala
gabaa, oolmaa daa`immanii, mana barumsaa, tajaajila geejjibaa, )

3
4. Miseensotaa, koreewwan adda addaa, qacaramtoota fi hawaasa naannoo isaaf barumsaa, leenjii fi
odeeffannoo kennuu.
5. Meeshalee bu`uraa bu`aa induustirii ta`an dhaabbilee oomishtoota irraa gatii madalawaan
fedhii miseensotaarratti hundaa`un dhiheessuu.
6. Sirni qabiinsa herreegaa fi qabeenyaa waldichaa haala ammayyaa ta`een akka diriiruu fi hojii irra
oolu taasisuu.
7. Waldaalee hojii gamtaa fi qaama adda addaa dhimmi ilaalu sadarkaa- sadarkaan argaman waliin
qunnamtii hojii fi waliigaltee seeraan fudhatama qabu fi faayidaa miseensotaa eegsisu taasisuu.
8. Mirgaa fi faayidaa miseensota isaa kabachiisuuf Kan gargaaran dhimmoota adda addaa
raawwachiisuu.
9. Tajaajilawwan rakkoo uummataa hiikuuf gargaaran babal’isuu, keessumattuu dubartoota,
dargaggoota, manguddootaa fi qaamaa miidhamtoota, deeggeruu. To’annoo fi ittisa HIV-Aids/
Eedsii irratti hirmaachuu.
10. Tajaajila liqii/duubee/ miseensotaaf kennuu
11. Waldichi Qabeenya isaatiif tajaajila wabii galuu.
12. Waldaalee Bu’uraa, Yuniyenii fi dhaabbilee omishtootaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuu
13. Hojiiwwan biroo kaayyoo waldichaa hojiitti hiikuu fi fedhii miseensotaa guutuuf gargaaran dambii
bulmaata fi murtee miseensotaa irratti hunda’uun raawwachuu.
KEEWWATA 6: DUDHAALEE WALDICHI ITTIIN GEGGEEFFAMU
Waldichi kaayyoo isaa hojii irra oolchuuf sochii taasisu keessatti dudhaalee waldalaa hojii gamtaa
kanatti aanan irratti hundaa`un hojii isaa ni gaggeessa.
1. Miseemsummaan fedhii irratti kan hundaa’ee fi ulaagalee miseensummaa kan guutu hundaaf
banaa ta`uu isaa.
2. Waldichi hojii isaa haala Dimokraatawaa ta’een ni geggeessa, (miseensi tokko sagalee tokko
qofa ni qabaata).
3. Miseensonni sochii hoji Waldicha keessatti hirmaannaa diinagdee qabatamaa ta`e ni taasisu.
4. Waldichi ofiin kan of bulchuu fi walabummaan isaa kan eegamee dha.
5. Waldichi miseensota, koree hojii gaggeessituu fi hojjettota qacarriif barumsa, leenjii fi
odeeffannoo barbaachisaa ta’e akkasumas hawaasaf barumsa ni kenna.
6. Waldichi waldaalee biroo wajjin sadarkaa Naannoo, Biyyoolessaa, Ardii fi Addunyaatti gamtaa
uumuun waliin ni hojjata.
7. Waldichi hojii hojjetu keessatti guddina hawaasa naannoo isaatiif gumaacha ni taasisa.

4
Keewwata 7: SONAALEE (VALUES) WALDICHAA FI NAMUUSA MISEENSONNI
HORDOFUU QABAN

7.1 Waldichi soona armaan gadii ni qabaata hojii irras ni oolcha.


1. Ofiin- of gargaaruu.
2. Itti gaafatamummaa ofii ba’achuu.
3. Diimokiraatawaa ta`uu.
4. Walqixxummaa,
5. Haqummaa fi
6. Tokkummaa.
7.2 Sona naamusa miseensonni yaa’ii waligalaa, miseensonii Koree hojii raawwachiiftuu, koreewwan
adda addaa fi Qacaramtoonni Waldicha kabajuun hordofanii qabatamaan hojii irra oolchuu qaban;
1. Amanamummaa
2. Iftoomina
3. Itti gaafatamummaa hawaasaa qabaachuu
4. Kan biroof yaadau.
Keewwata 8: HAALAWWAN MISEENSA WALDICHAA TA’UUF DANDEESISAN

Namoonni ulaagalee armaan gaditti kaawwaman guutanii dhihaatan kamiyyuu miseensa Waldichaa ta’uu
ni danda’u.
a) Naannoo daangaa hojii Waldichaa keessa kan jiraatu.
b) Umuriin isaa waggaa 18 fi isaa ol kan ta’e.
c) Dambii-Bulmaataa, dambii keessaa fi murtii yaa’ii waliigalaa waldichaa hojii irra oolchuuf
fedhii kan qabu,
d) kanfaltii galmee fi Qooda tokko bitachuu kan danda’u,
e) Mirgi isaa seeraan kan irraa hin haqamne/ mulqamne
f) Waldaa biroo wal fakkaataa keessatti miseensa kan hin taane.
g) Tajaajila waldichi kennu fayyadamuuf fedii guutuu kan qabu
Keewwata 9: IYYANNOO MISEENSUMMAA

a) Yeroon waldichii miseensa ofitti fudhatu waggaa waggadhan ji`a Adoolessaatii hanga ji`a
Waxabajjittii qofadha/ ta’a.
b) Iyyannoon miseensummaa unka waldichi qopheesse irratti guutamee dhihaachuu qaba.
c) Koreen hojii raawwachiiftuu iyyannoo miseensummaaf dhihaate sirriitti eega qoratee booda yaada
murteef gargaaru kaa`e waliin walqabiisee yaa’ii waliigalaaf dhiheessuu qaba. Koreen hojii

5
raawwachiiftuu Murtii yaa’ii waliigalaatiin murtaa’e nama miseensummaa gaafateef guyyaa 15
keessatti beeksisuu qaba.
d) Iyyataan murticha irratti komee yoo qabaate komii isaa qaama aangoon seeraan kennameefitti
beeksifachuu ni danda’a.
e) Iyyannoon miseensummaa kun walgahiin yaa`ii waliigalaa waldichaa osoo hin taasifamin
guyyaa 15 dura dhihaachuu qaba
Keewwata 10: GALMEE MISEENSOTAA

Waldichi /tartiiba kanatti aanan kan qabatu/ galmee miseensotaa akkaataa armaan gaditti kaawwameen
gurmeessee qabaachuu qaba.
a) Maqaa, umurii,koorniyaa, teessoo fi hojii,
b) Guyyaa fi bara miseensa itti ta`e
c) Guyyaa ,bara fi sababa miseensummaan itti addaan cite,
d) Baayyina qoodaa fi kaffaltii galmee miseensichi kanfale
e) Maqaa fi ragaalee Dhaalaa/dhaaltuu fi kkf.
Keewwata 11: KAFFALTII GALMEE

1. Namni mieensa waldichaa ta’uu barbaadu, miseensummaan yoo hayyamameef, galmeedhaaf


qarshii100 (dhibba tokko) al tokkotti kaffaluu qaba.
2. Haala bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa (1)n maallaqni kanfalame haala kamiinuu
miseensaaf hin deebi`u, faayidaas itti hin argatu.
Keewwata 12:WAA’EE QOODAA
1. Waldichi gatiin isaanii guutumaan guututti qarshii 130,000 (kuma dhiibba tokkoo fi kuma
Soddomaa)
gatiin qooda tokkoo qarshii100 (dhiibba tokko)ta’e qooda 1300 (kuma tokkoo fi dhibba sadii)
ni gurgura. Barbaachisaa ta`ee yoo argame Murtii yaa’ii waliigalaatiin qooda dabalataa labsuun
gurguruu ni danda’a.
2. Miseensummaaf namni dhuunfaan tokko yoo xinnaatee qooda tokko bitachuu qaba. Kaffaltii
gatii qooda tokkoo al tokkoon kan kanfalu ni ta`a. haa ta’u malee namni al tokkootti kaffaluuf
humna isaatii ol yoo ta`e yeroo 3(ji’a Sadii) keessatti kaffalee xumuruu qaba.
3. Baayyinni qooda miseensi tokko bitachuu danda’u qooda waldichi gurguruuf keewwata 12
keewwata xiqqaa (1) irratti murteesse keessaa % 10 (1/10) caaluu hin qabu.
4. Miseensi kamiyyuu qooda bitateef sartifikeettii qoodaa (share certificate) waldichaan
kennamuufii qaba.

6
5. Miseensi tokko qooda bitachuuf murteeffate keessaa jalqaba irratti yemmuu miseensummaan
hayyamamuuf qooda 1/5 battaluma miseensummaan hayyamameef sanatti kaffaluu qaba. Kan
hafe yoo baayyate Waggaa 4 keessatti bitatee/ kaffalee/ xumuruu qaba.
6. Haala dambii bulmaataa kana keewwata 44 lakk. 3 (b) irratti murtaa’een bu’aa qulqulluu argamu
keessaa haala qooda bitatanii fi hirmaannaa miseensotaatif bu’aa qulqulluun qooduu qaba.
7. Waldichi idaan miseensa irraa barbaadu yoo jiraatee, yeroo kaffaltii isaa eeggatee yoo kaffaluu
baate waldichi kaappitaala qooda yookiin faayidaa miseensichi qabu irraa hir’isuun wal-
dandeessisuu ni danda’a.
8. Waldichi galmaa`ee qaama seerumma argachuuf qooda gurguruuf murteesse keessaa yoo
xiqqaate 1/5 qarshii ______________(__________________________________)gurguree
xumuruu qaba.
9. Waldichi qooda gurguruuf labsate hundaa waggoota 4 keessatti gurguree xumuruu qaba.
10. Miseensa tokko jalaa ragaan abbaa qabiyyee qoodaa/ share certificate /yoo bade ykn hojii ala
yoo jalaa ta’e kanfaltii qarshii ____(_____________________)kaffalchiisuun ragaa biroon ni
kennamaaf

Keewwata 13: MIRGOOTA MISEENSOTAA


Miseensa waldichaa kan ta’an kamiyyuu mirgoota kanatti aanan ni qabaatu.
a) Tajaajila kamiyyuu waldichii kennutti fayyadamuu,
b) Bu’aa sochii hojii waldicha irraa argamu haala bu’uura dambii bulmaataatiin kaawwameen
argachuu,
c) Qaamaan yaa’ii waliigalaa irratti hirmaachun yaadaa fi sagalee murtee kennuu,
d) waldicha keessatti Filuu fi filatamuu,
e) Miseensi waldaa keesaa bahe Faayidaan isaa eegameefii miseensummaa irraa geggeeffamuu.
f) Qoodaa fi faayidaa isaa dabarsuu.
g) Faayidaan miseensa waldaa keessaa bahe akka kafalamuuf kan taasifamu meeshaa dhaabbataa
waldaa kan gurgursiisu ta'uu hin qabu.
Keewwata 14: DIRQAMA MISEENSOTAA

Miseensi Waldichaa kamiyyuu mirga isaa kan keewwata 13 dambii bulmaataa kana irratti ibsamee
mirkaneeffachuuf dirqamoota armaan gadiitti kaawwaman bahuu qabu.
a) Kanfaltii galmee fi qoodaa yeroon raawwachuu.
b) Labsii waldaa hojii gamtaa, Dambii-bulmaataa, dambii keessaa, walii galteewwanii fi murtiiwwan
yaa’ii waliigalaa kabajuun raawwachuu fi hojiirra oolchuu.

7
c) Qabeenya waldichaa kunuunsuu fi badii irraa ittisuu.
d) Kisaaraa sochii hojii Waldichaa keessatti muudachuu danda’an qooddachuu.
e) Gaaffiii isaatiin meeshaalee Bu`uraa, teekinooljii, tajaajilawwan adda addaa, waldichi karoorfatee
yaa’ii waliigalaan mirkanaa’e irratti hundaa’ee dhiyeessu fudhatee itti fayyadamuuf dirqama
qaba.
f) Liqii fi kaffaltiiwwan waldichi irraa barbaadu yeroon kaffaluu.
g) Odeeffannoo fi gabaasa barbaachisaa ta’e yeroon waldichaaf kennuu.
h) Walgahii waldichaa irratti argmuu.

Keewwata 15:WAA’EE GAHEE FI FAAYIDAA KABACHIISUU


Haala Dambii bulmaataa keewwata 12 keewwata xiqqaa 7 irratti caqafameen ala miseensi tokko
kaappitaala waldicha keessaa gahee qabu yookiin faayidaa qabu waldichaan ala idaa yookiin itti
gaafatamummaa qaama sadaffaa waliin seeneef kabajchiisun hin danda’amu

Keewwata 16: QOODAA FI FAAYIDAA DABARSUU


1. Miseensa waldichatin qooda fi faayidaa dabarsuun Kan danda’amu qoodaa fi faayidaa waggaa
tokkoo fi sanaa ol qabate yoo ture qofa dha.
2. Dabarsi qoodaa fi faayidaalee raawwatamuu Kan danda`u barbaachisummaan isaa koree hojii
raawwachiiftutiin qoratamee yoo hayyamame qofa dha.
3. Akkaataa keewwata kanaatin qoodni yookin faayidaalen dabarfaman yookin kanfaltiiwwan
raawwataman gaaffi yookin komii qaamni sadaffaan waldicha irratti dhihaatun diigamuu hin
danda`u.

Keewwata 17: MISEENSUMMAA FI QOODA MIRKANEESSUU


Miseensi kamiyyuu dirqama irraa eegamu guute yoo argame waldichaan sartifikkeettii qooda
miseensummaa mirkaneessu ni argata. Sartifikkeettin kennamus mallattoo dura ta’aa fi barreessaa,
akkasumas chaappaa waldichaatin chaappeffamu qaba

Keewwata 18: ITTI GAAFATAMUMMAA MISEENSONNI WALIIN QABAN


1. Waldichi hojii isaa keessatti kisaaraan hin eegamne Kan isa mudatu yoo ta’e, herraga of eeggannon
kisaaraa kana uwwisuun kan hin dandaamne yoo ta’e miseensi tokkon tokkon isaanii qooda qaban
illaalcha keessa galchuun kisaaricha qoodachuuf dirqama ni qabaatu.
2. Waldichi sababa rakkoo humnaa ol-ta’een hojii isaa Kan cufuu fi idaan Kan irraa barbaadamu ta’ee
yoo argame, miseensonni tokkoon -tokkoon isaanii kaffaluu kan qaban qabeenya yookiin faayidaa

8
waldicha biraa qaban caaluu hin qabu. (Itti gaafatamummaan isaa Kan murtaa`e /daangeffame waan
ta`eef)

KEEWWATA 19: HAALA MISEENSAAN ALA TAJAAJILA KENNUU


1. Waldichi miseensaan ala tajaajila Kan kennuu waliigaltee mootummaa waliin taasisu bu’uureffatee
ta’uu ni danda`a.
2. Tajaajiloonni inni kennu kaayyolee armaan gadii qofaaf ta’a.
a. Fedhii fi dhiheessii wal simsiisuuf meeshaalee bu’uuraa karaa mootummaa dhihaatan raabsuuf
b. Qaamolee adda-addaa deeggarsa kennan irraa hawaasaaf liqiiwwan marmaartuu fi tajaajiloota
hawaasaaf oolan rabsuu fi bulchuuf
3. Akkaataa keewwata kanaa keewwata xiqqaa lama/2/ iratti ibsameen tajajiloonni kennaman irraa
bu’aan argamu qabeenya walii galaa waldichaa ta’ee ni tajaajila.

Keewwata 20: HAALA MISEENSUMMAAN ITTI HAFU


a) Dambii Bulmaataa, Dambii keessaa fi murtiiwwan yaa’ii waliigalaa kabajuu dhabuun gorsii fi of
eeggannoon kennameefii of sirreessuuf fedhii yoo qabaachuu baate.
b) Gocha kaayyoo fi sochii hojii waldichaa faallessu yookiin dadhabsiisu raawwate yoo argame.
c) Haalawwan keewwata kana keewwata xixiqqaa (a) fi (b) irratti caqafaman koreen hojii
raawwachiiftuu waldichaa gadi fageenyaan seeraa fi dambii bulmaataa jiru irratti hundaa`un
eega qoratee booda ibsa amansiisaa wajjin yaa’ii waliigalaatti dhiheessee yoo murtaa`e qofa.
d) Fedhii isaatiin waldicha keessaa yoo bahe.
e) Sababii (a) fi (b) irratti tuqameen miseensummaan isaa kan addaan cite/dhaabbate/ deebi’ee
miseensa ta’uuf yoo gaafate waggaa tokko booda dhimmichi yaa’ii waliigalaatti dhihaatee murtii
yoo argate akka haaraatti miseensa ta’uu ni danda`a.
f) Sababa gahaa malee walga’ii yaa’ii waligalaa irraa yeroo lama walitti aansee yoo hafee,
g) Waggaa tokko ykn ji’oota 12 guutuu walitti aansee tajaajila waldichi kennutti osoo hin
fayyadamin yoo hafe
h) Qooda bitachuuf labsate yeroo kanfalee xumuruuf waliigale keessatti yoo xumuruu
baatee
i) yoo du’e
j) Sababa kamiin iyyuu miseensi waldicha irraa gaggeeffamu faayidaan isaa eegamuufii kan
danda’u herregni waldichaa oodiitii ta’ee idaan irraa barbaadamu yoo jiraate qoodaa fi faayidaa
inni qabu waliin wal dandeeessisuun kan hafe ni kaffalamaaf. Haa ta’u malee waldichi qoodaa fi

9
faayidaa miseensichi qabu yeroo tokkotti kaffaluuf humna yoo dhabe yeroo kaffaltii isaa ji’a
-----------------f dheeressuu ni danda’a.

Keewwata 21: CAASEFFAMA WALDICHAA


Waldichi caaseffama armaan gadii ni qabaata
a) Yaa’ii Waliigalaa,
b) Koree Hojii raawwachiiftuu,
c) Koree to’annoo,
d) koreewwan xixiqqaa adda addaa
e) Qacaramtoota

Kewwata 22: YAA’II WALIIGALAA WALDICHAA


Yaa’iin waliigalaa waldichaa miseensonni tokkon tokkon isaanii kan irratti argamanidha.
A. YAA`II WALIIGALAA IDILEE
1. Yaa’iin waliigalaa dhimma waldichaa kamiyyuu ilaalchisee qaama murteessaa fi aangoo ol’aanaa
qabuudha.
2. Yaa’iin waliigalaa idilee waldichaa yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko taasifamuu qaba.
3. Yaa’iin waliigalaa taasifamuuf yoo xinnaate guyyaa 15 dura ajandaan, iddoo fi sa’atii walga’iin itti
gaggeeffamu caqafamee miseensota hunda akka gahu taasifamuu qaba.
4. Yaa’iin waliigalaa idilee ajandaa dhihaate irratti Mari`achuu Kan danda`amu miseensota yaa`ii
waliigalaa argamuu qaban keessaa walakkaa ol (50+1) yoo argaman qofa dha. . Miseensi argamuuf
malu argamuu hafuun walgahichi yoo geggeeffamuu baate guyyaa 15 keessatti yeroo lammaffaaf
walgahichi akka gaggeeffamu waamichi ni darba. Kanas ta’e miseensonni walakkaa ol argamuu
yoo baatan miseensota argamaniin yaa’icha gaggeessun murteen ni darba. Murteen darbus
miseensonni yaa`ii waliigalaa hundinuu akka argamanii murteessanitti lakkaawwama.
5. Dhimmoonni Murteen addaa barbaachisan mirkanaa`u kan danda`an miseensota yaa`ii walgalaa
argamuu qaban keessaa harki 2/3 yoo irratti argamuun murteessan qofa dha.
6. Murtee Yaa’ii waliigalaa waldichaa kam irrattuu miseensi yaa`ii tokko sagalee tokko qofa ni
qabaata.
7. Miseensi yaa’ii waliigalaa kamiyyuu yaa’ii irratti qaaman argamuun sagalee kennuu qaba. Haata’u
malee Lakkoofsi Miseensota Waldichaa 500(dhibba Shanii) ol yoo ta’e bakka bu’ummaadhaan sagalee
kennuun ni danda’a.

10
B.YAA`II WALIIGALAA ARIIFACHIISAA
1. Miseensota waliigalaa keessaa 2/3 argame gumichi akka guuteetti lakkawwamuun yaa`ichi
ni gaggeeffama.
2. Yaa`in waliigalaa ariifachiisan waamame kun 2/3 yoo guutuu baatee yeroo guyyaa 15
keessatti koreen hojii raawwachiiftuu yeroo lammaffaaf ni waama.
3. Yaa`in yeroo lammaffaaf waamamee 2/3 kan hin guunne yoo ta`e qaama aangon seeran
kennameefitti waldichi gaaffi ni dhiheessa.
4. Waamichi yaa`ii waliigalaa ariifachiisaa qaama aangon seeran kennameeffin waamame 2/3
yoo hin guunne ta`e yaa`ichi miseensota argamaniin ni gaggeeffama.
5. Akkaataa keewwata kanaa bu`ura keewwata xiqqaa (4) yaa`iin ariifachiisan miseensota 2/3
hin guutnen taassifamee murteen darbu akka miseesonni hundi argamaanii dabarsanitti
lakkawwama.
Keewwata 23: AANGOO FI HOJIIWWAN YAA’II WALIIGLAA
Dhimma waldichaa kam irrattuu qaamni ol-aanaan murtii isa xumuraa kennu yaa’ii waliigalaa ta’ee
dabalataanis aangoo armaan gadii ni qabaata.
a. Miseensota koree hojii raawwachiiftuu, koree to’annoo fi koreewwan biroo filuu fi aangoo irraa
geggeessuu,
b. Karoora hojii fi baajata waggaa qorachuun mirkaneessuu,
c. Raawwii hojii fi gabaasa oodiitii waldichaa dhaggeeffachuun murtee itti kennuu,
d. Ramaddii fi qoodiinsa bu’aa qulqulluu murteessuu,
e. Dambii bulmaataa, dambii bulmaataa keessaa, qajeelfama sirna bulchiinsa qabeenyaa, herreegaa,
qaxaraa fi bulchiinsaa hojjettootaa fi kkf mirkaneessuu fi fooyyessuu.
f. Baayyinaa qoodaa gurgurtaaf dhihaatu fi gatii tokkoo murteessuu.
g. Waldhabbii miseensota koree hojii raawwachiiftuu jidduutti uumamu qoratee murtee itti kennuu.
h. Miseensota haaraa fudhachuu fi miseensummaa irraa geggeessuu.
i. Walitti makamuu fi qoodamuu yookin diigamuu waldichaa irratti murteessuu
j. Faayidaale hojjattoota waldichaa murteessuu
k. Ijaarsa adda addaa, bittaa qabeenya dhaabbataa fi proojeektootaa murtee addaa yaa`ii waliigalaa
itti kennuu
l. Daangaa aangoo liqii Koreen hojii raawwachiiftuu liqeeffachuu fi kennuu danda`uu murteessuu.
m. qacarrii fi hojiirraa gaggeessuu hojjetootaa ni mirkaneessu
n. Hojiiwwan biroo kaayyoo waldichaa galmaan ga’uuf gargaaran ni raawwata, yommuu barbaachisaa
ta’ ee argame bakka bu’iinsa aangoo fi hojii ni kenna.

11
Keewwata 24: Koree Hojii Gaggeessituu
Itti waamamni koree hojii raawwachiiftuu yaa’ii waliigalaaf ta’ee hojii kanaa gaditti kaawwaman ni
raawwatu;
a) Waldichi miseensota koree Hojii geggeessituu lakkoofsi isaanii------- ta`e ni qabaata. Isaanis walgahii
yaa’ii waliigalaatiin kallattiin kan filataman ni ta’u. Miseensonni koree hojii geggeessituus; Dura
taa’aa, I/A/Dura taa’aa , Barreessaa, maallaqa qabaa fi miseensota koree hojii raawwachiistuu biroo
ni qabaata
b) Akkaataa dambii bulmaataa waldichaatin fi hojimaata isaatti walgahii yaa`ii waliigalaa ni
waama, ni gaggeessa.
c) Miseensonni koree Hojii raawwachiiftuu waldichaa sagalee caalmaan yaa’ii waliigalaa keessaa ni
filatamu.
d) Barri hojii miseensota Koree Hojii raawwachiifttuu waggaa 3 ni ta’a.
e) Miseensonni Koree Hojii raawwachiiftuu bara hojii lama walitti aanu caalaa filatamuu hin danda’an.
Haata`u malee hojii waldichaarratti gahee isaanii bahuu dhabuun fi badii kan uuman taanan yaa`ii
waliigalaa waldichaatin yeroo kamiyyuu aango irraa gaggeessun ni dandanda`ama.
f) Sirna waliigala sochii galii fi baasii maallaqaa guyyaa guyyaa waldichaa baasun hojii irra oolmaa
isaa ni to`ata
g) Labsii waldaa hojii gamtaa lakk. 985/2009, qajeelfama gurmii dambii bulmaataa, dambii keessa fi
murtee yaa`ii waliigalaa hojiirra sirnaan ni oolcha.
h) Miseensi koree Hojii raawwachiiftuu tokko hojii irratti filatamee fedhii isaatin gadi lakkisuu yoo
barbaade walga’iin dhaabbataa koree Hojii gaggeessituu osoo hin adeemsifamin guyyaa 15 dura
barreeffamaan waldicha beeksisuu qaba.
i) Guyyaan walgahii koree hojii raawwachiiftuu waldichaa ji`a keessatti yeroo------------- ni ta`a yeroo fi
guyyaan walgahii dambii keessaarratti kan ibsamu ni ta`a.
j) Miseensi koree Hojii raawwachiiftuu tokko yeroo tajaajilaa osoo hin xumurin miseensummaa sababa
amansiisaa ta`een yoo dhiise yookiin yoo du’e namoota eeggataan filatamanii jiran keessaa kan
sagalee caalmaa kan qabu bakka buusuun yaa’ii waliigalaa itti aanuutti dhiheessun ni mirkaneesisa.
k) Miseensonni koree Hojii raawwachiiftuu haaluma kamiinuu hojii isaanii yoo gadi lakkisan herreega fi
hojii turmaata isaanii keessa raawwatan argamanii qorachiisuuf dirqama qabu.
l) Walga’ii Koree Hojii raawwachiiftuu yeroo kamiyyuu adeemsifamu irratti miseensota argamuu qaban
keessaa walakkaa ol yoo argaman seerri walga’ii akka guutetti lakkaawwamee walgahichi ni
gaggeeffama.

12
m) Koreen Hojii raawwachiiftuu hojii waldichaa waliin ni geggeessa. Akka barbaachisaa ta’etti
miseensonni hojii qooddatanii ni hojjetu.Haata`u malee hojiilee ogummaa barbaadan ogeessa
hojichaaf sirrii ta`e dorgomsiisanii qacaruun hojjechiisuu qabu.
n) Hirmaannaa dubartootaa waldaa hijii gamtaa keessatti cimsuuf miseensota koree hojii raawwachiiftuu
keessaa yoo xinnaatee miseensonni 2 dubartoota ta`uu qabu.
o) Murtiin Koreen hojii raawwachiiftuu dabarsu hundinuu sagalee caalmaan kan raawwatu ni ta’a.
Sagaleen kenname qixxee ta`ee yoo argame dura taa’ichi sagalee murteessaa ni qabaata.
p) Itti gaafatamummaan kan kennameef miseensi koree hojii raawwachiiftuus ta`ee namni miseensi
yookin gara biroo tokko yookiin namoonni, haala labsii, dambii bulmaataa dambii keessaa seera
bulchiinsa hojjatoota qaxaramtootaa fi murtii yaa’ii waliigalaatin ala kisaaraa uumee yookiin yakka
raawwate kamiyyuu dhuunfanis ta’e waliin itti gaafatamtoota ni ta’u.
q) Messonni koree hojii raawwachiiftuu waldicha kan filataman dandeetti gaggeessummaa isaanii
giddu galeessa taasifachuun ta`ee qophii barnootaa isaanitiin kutaa--------------fi isaa ol ta`uu
qabu
r)Miseensonni koree hojii raawwachiiftuu bara hojii isaa xumure hanga guyyaa -------------bakka
bu`oota haaraa hojii shaakalsiisuf dirqama ni qabaata.
s)Barri baajetaa tokko xumuramee guyyaa------------------------keessatti qophii barbaachisu taasisuun yaa’ii
walii gala waamuu qaba. Haa ta’u malee guyyaa 30 caaluu hin qabu.

Keewwata 25: HAALAWWAN MISEENSA KOREE HOJII RAAWWACHIIFTUU


TA’ANII FILATAMUUF HIN DANDEESSIFNE
a) Hojii walfakkaataa Waldichi hojjetu irratti kan bobba’e,
b) Kanaan dura amala badaadhaan himatamee kan irratti murtaa’e yookiin miseensa gaggeessaa waldaa
hojii gamtaa ta’ee filatamee itti gaafatamummaa fi amantaa kan hirise ykn haala barbaachisuun kan
hin raawwanne.
c) Waldaa Hojii Gamtaan ala qaama biraa keessatti itti gaafatamummaa biraa kan qabu.
d) Hojjetaa qaxaramaa waldichaa kan ta`e.
e) Nama dhibee sammuu qabu ta’uu isaa mana yaalaatiin yoo mirkanaa’e,
f) Sadarkaan barumsaa kutaa ---------------- gadi yoo ta’e,
g) Hojii geggeessaa waldichaa wajjin firooma dhiigaa yoo qabaate,
h) Mirgi filuu fi filatamuu isaa seeraan kan irraa mulqame yoo ta`e.
i) Waliigalee fi qindoomee nama waliin hojjachuu kan hin dandeenye.
j) Namoota gargaaru fi amantaa cimaa fi quuqama kan hin qabne yoo ta`e.

13
Keewwata 26: AANGOO FI HOJIIWWAN KOREE HOJII RAAWWACHIIFTUU
Koreen Hojii raawwachiiftuu aangoo fi hojiiwwan kanatti aanan ni qabaata:-
a) Labsiiwwan , dambii, qajeelfama Waldaa Hojii Gamtaa, Dambii bulmaataa, Dambii keessaa fi
murtiiwwan biroo yaa’ii waliigalaatin darban hojii irra oolchuu fi akkasumas miseensotaa fi
qacaramtoota waldichaatin hojiirra ooluu isaa ni hordofa ni mirkaneessa,
b) qaboo yaa`ii ni qaba
c) Ajandaa marii ni qopeessa
d) Karoora hojii yeroo gabaabaa,giddu galeessaa,dheeraa fi baajata waggaa qopheessee yaa’ii waliigalaa
mirkaneessisuun hojii irra ni oolcha, rawwii isaa ni hordofa,
e) Sirna Baasii maallaqa bittaa fi itti fayyadama qabeenyaa haala qajeelfamaa fi dambii bulchiinsa
faayinaansii, qabeenyaa fi herreegaatiin hojii irra ooluu isaa ni hordofa,,
f) Haala Dambii-Bulmaataa kana keewwwata 44 Keewwata Xiqqaa 3 (b) irratti murtaa’een qoodinsi
bu’aa qulqulluu hojii irra oolchuu.
g) Haala Dambii bulmaataa waldichaatin yaa`ii waliigalaa idilee fi ariifachiisaa ni waama, ni
gaggeessa.
h) Gabaasa sochii hojii yaa’ii waliigalaatif ni dhiheessa,
i) Gaaffii liqii miseensotaan waldichaaf dhihaatan gamaaggamuun hojii irra akka oolu ni godha ykn
deebii ni kenna.
j) Qacarrii hojjetootaa raawwachuun yaa`ii waliigalaa ni mirkaneessisa..
k) Waldhabbiin waldichaa fi miseensota jidduu yoo uumame osoo qaama biraattii hin dhihaatin fala
waliigaltee ni barbaaduu.
l) Haala ifaa fi seera qabeessa ta’een hojiiwwan waldichaa raawwachuuf kan gargaaran Dambii keessaa,
Caasaa fi qajeelfama qacarrii fi bulchiinsa Humna Namaa, qajeelfama Bittaa fi fayyadama qabeenyaa,
Qajeelfama Faayinaansii fi qabiinsa herreegaa fi kkf qopheessee yaa’iin waliigalaatin
mirkaneessisuun qaama Waldaalee Hojii Gamtaa galmeessuf aangon seeran kennameefitti
dhiyaassun galmeessisuun hojii irra ni oolcha.
m) Koreewwan xixiqqaa adda addaa yaa`ii waliigalaatin hundeeffaman ni bulcha, ni gaggeessa, ni
to`ata.
n) Haala baayyinni miseensa waldichaa itti dabalu ni hojjata
o) Miseensota koree hojii raawwachiiftuu yookin koreewwan adda addaa badii yemmuu uuman
hojiirraa ittisuun yaa`ii waliigalaa murteen akka itti kennamu ni taasisa.
p) Ragaalee miseensotaa ni qindeessa, ni qabata

14
q) Qooda dabalataa Barbaachisaa ta`ee yoo argame qopheessun yaa`ii waliigalaa mirkaneessisuun
ni gurgura.
r) Hojiiwwan biroo yaa’ii waliigalaatiin kenamuuf ni raawwatu

Keewwata 27: AANGOO FI HOJII MISEENSOTA KOREE HOJII RAAWWACHIIFTUU


WALDICHAA
1. Dura Taa’aa
Dura taa’aan waldichaa:
1. Yaa’ii waliigalaan filatama,
2. Itti waamamni isaa koree hojiiraawwachiiftutiif ta`a.
3. Walga’ii koree hojii gaggeessituu fi yaa’ii waliigalaa dura taa’aa ta’ee ni geggeessa.
4. Dhimma waldichaa kamiyyuu bakka bu’ee ni hojjeta,
5. Waldichaa bakka bu’ee ni himata ni himatama,
6. Waliigaltee adda addaa kaayyoo waldichaa galmaan gahuuf gargaaru ni raawwata.
7. Cheekii fi sanada baasii irratti kan aangoon kennameef waliin ni mallatteessa,
8. Hojii gaggeessaa fi qacaramtoota waldichaaf barreeffamaan ga’ee hojii ni kenna, raawwii isaa
ni hordofa, ni to’ata ni gamaaggama, ni madaala.
9. Hojiiwwan biroo yaa`ii waliigalaatin kennamaniif ni raawwata.

2. Itti Aanaa Dura Taa’aa


1. Itti aanaan dura ta’aan waldichaa yaa’ii waliigalaa ni filatama, gargaaraa dura taa’aa ta’ee ni
tajaajila, yeroo dura ta’aan hin jirre bakka isaa bu’ee hojii waldichaa itti gaafatamummaan ni
hojjeta. Barbaachisaa ta’ee yoo argame koree hojii raawwachiiftuu hojiin biroo kennamuufii
ni danda’a.

3. Barreessaa
Barreessaan Koree Hojii raawwachiiftuu yaa’ii waliigalaa keessaa kan filatamu ta’ee hojii kanatti aanan
ni raawwata;
1. Qaboo yaa’ii waliigalaa fi walga’ii koree hojii raawwachiiftuu ni qaba
2. Galmeelee adda-addaa fi sanadoota itti gaafatamummaan ni qaba.
3. Chaappaa waldichaa itti gaafatamummaan ni qaba.
4. Xalayoota bahii ta’anii fi galii ta’an ni qindeessa.ni hordofa.
5 .Dura taa’aa fi maallaqa qabaa waliin ta’uun cheekii irratti ni mallatteessa

15
6.Ajandaa marii dura taa`aa waldichaa waliin ta`uun qopheessun miseensota yaa`ii waliigalaa fi
koree dursee ni beeksisa.
7. Hojiiwwan biroo barbaachisaa ta’an dabalataan kennamuuf ni raawwata.

4. Qaabaa/duu/ Maalaqaa
Qabduu maallaqaa waldaa walga'ii waliigalaatiin kan filatamu ta'ee
a. Galii fi baasiin waldaa kamiyyuu qabiinsaa herregaa sirrii ta'een deegeramuu isaa ni
mirkaneessa,
b. Baasii fi galii maallaqaa waldichaa ilaalchisee, labsii qajeelfamoonnii fi dambii irratti
Kan caqasame hojii irra akka oolu ni godha.
c. Kan biraa murtii koree hojii adeemsistuu irratti hundaa'uudhaan maalaqa ilaalchisee
dhimmawwan biraa ni raawwata.
d. Qarshii kaazinaa taa'u ol kan jiru baankii galchuu qaba.
e. Herreegaa Baankii (cheekii) irratti ni malatteessaa.

5. Itti gaafatamaa Abbaa herreegaa


a. Itti gaafatamaan Herregaa yaa’ii waliigalaatin kan filatamu ta'ee,
b. Galii ni fi baasiin waldaa kamiyyuu qabiinsa maalaqaa fi itti fayyadamaa ilaalchisee sirna hojii
irra oolu ni diriirsa.
c. Liqiiwwan ya’ii waliigalaatiin murta'an dura ta'aa fi barreesaa wajjin ta'uudhaan duukaa bu'ee ni
raawwata,
d. Herreega galii fi baasii waldichaa ni too'ata,
e. Galii fi baasii waldichaa ni qopheesa.
f. Koree too'annaa wajjin walta'uudhaan liqiiwaan hin kafalamin yeroodhaan akka kafalaman ni
godha, herreega walitti hin qabamin duuka bu'ee ni galcha, rakkoon yoo mulate (qunname) yaada
furmaataa ni dhiyeesa.
g. Yeroo yeroodhaan lakkoofsa qabeenyaa ni godha.

 Gahee Hojii H/Gaggeessaa(Manaajera)


Hojii gaggeessaa itti waamamni isaa koree Hojii raawwachiiftuu waldichaaf ni ta’a, Guddina waldichaaf
kan gargaaran yaada imaammataa maddisiisuu, tarsiimoo hojii irra oolmaa isaa qopheessuu, koree hojii
raawwacchiiftuu mari’achiisuun qindeessun geggeessuu yoo ta’u, hojiilee kanatti aanan ni raawwata.
1. Hojiin waldichaa haala seera, labsii, qajeelfama, Dambii bulmaataa fi dambii keessaa fi murtii yaa’ii
waliigalaatin raawwatamuu isaa ni mirkaneessa.

16
2. Ergamaa fi kaayyoo waldichaa galmaan ga’uuf hojiiwwan karoorafamanii yaa’ii waliigalan
mirkana’an hojiirra oolchu fi tooftaalee itti hojii irra ooluu danda’an qopheessuun Koree hojii
raawwachiiftuuf ni dhiheessa.
3. Waldichaa fi miseensota jidduu qunnamtiin gaarin akka jiraatu ni hojjata.
4. Filannoo fi fo’annoo qacarrii hojjettoota dambii bulmaata fi qajeelfama bulchiinsa hunna namaa
waldichaa irratti kan bu`ureeffate ta`uu isaa ni mirkaneessa.
5. Hojjetoonni adda addaa qacaramanii jiran ogummaa hojiin gaafatuuf gahaa ta’uu isaanii ni
mirkaneessa, yeroo yeroottis ni gamaaggama,
6. Omishni fi meeshalee bu`uraa sadarkaa fi qulqullina isaa eeggate miseensotaaf akka dhihaatu ni
taasisa, ni mirkaneessa,
7. Yeroo kamiyyuu waldichii maqaa gaarii akka qabaatu karaa adda addaa (press dabalatee)
xiyyeeffannaa kennee ni hojjata
8. Quunnamtiin waldichi mootummaata fi jaarmiyilee biroo waliin taasisu bu’aa waldichaa kan
eegsisu ta`uu isaa mirkaneeffachuun ni keessummeessa.
9. Sochii hojii waldichaa keessa naamusni hojii fi fedhiin cimaan akka jiraatu carraaqii ni godha, ni
hojjeta,
10. Koreen Hojii raawwachiiftuu waldichaa murtii hojii bu’aa qabeessa ta’e dabarsuuf isaan
dandeessisuu ragaa faayidaa qabuu fi kan weeyitawaa ni dhiheessaaf,
11. Ogummaa qabuun koree hojii raawwachiiftuu ni gorsa,
12. Hojjettoota waldichaa gocha dambii bulmaataa, imaammata fi kaayyoo waldichaan faallaa ta’e
raawwatanii tarkaanfii namuusaa hanga hojiirraa gaggeessutti ni fudhata, yeroon koree hojii
raawwachiiftuuf gabaasa ni dhiheessa.
13. Qaxarrii fi bulchiinsa hojjetaa ilaalchisee waliigalteen waldichii fi hojjettoonni irratti waliigalan
haala faayidaa lachuu eeguun hojii irra ooluu isaa ni mirkaneessa, haala isaas koreen hojii
raawwachiiftuuf yeroo yerootti gabaasa ni dhiheessa,
14. Haala aangoo fi bakka bu’iinsa koree hoji raawwachiiftuun kennamuufiin waliigalteewwan
waldichaan taasisu irratti kan dhimmi ilaaluu wajjin ni mallateessa.
15. Dura taa’aan koree hojii raawwachiiftuu waldichaa yoo bakka buuse, dhimmoota biraa irratti
waldichaa bakka ni bu’a,
16. Barbaachisaa ta`ee yoo argame Walga’ii koree hojii raawwachiiftuu irratti sagalee malee ni
hirmaata
17. Bittaa fi gurgurtaa adda addaa seera, dambii fi qajeelfamaan raawwatamuu ni hordofa, ni hooggana.
18. Hojiiwwan biroo koree hojii raawwachiiftuu waldichaan irraa dabalataan kennamuuf ni raawwata.

17
KEEWWATA 28: KOREE TO’ANNOO
A. HAALA KOREE TO`ANNOO WALDICHAA
1. Koreen to’annaa itti waamamni isaa yaa’ii waliigalaatiif ta`ee miseensota------------ni qabaata
2. Akkaataa hubannoo fi dandeetti qabiinsa herreegaa isaanii giddu galeessa taasifachuun
yaa`ii waliigalaa keessaa kan filataman ni ta`u
3. Dura taa'an koree too'anaa sagalee utu hin keniin walga'ii koree hojii gageesitu kam irrattu ni
argama,
4. Barri hojii koree to`annoo waggaa 3 ta`ee hojiin isaan barreen darban keessatti raawwatan
fakkeenyummaa kan qaban ta`ee yoo argame marsaa itti aanuf filatamuu ni danda`u.
Haata`u malee barbaachisaa ta`ee yoo argame yeroo kamiyyuu aangoo irraa gaggeeffamuu
ni danda`a. Miseensi koree to`annoo walitti aansee marsaa lamaa ol filatamuu hin
danda`u.
5. Koreen walga’ii idilee ji’a(meeqaan)--------yeroo ----------- walga’ii ni qabaata.

B. AANGOO FI GAHEE HOJII KOREE TO`ANNOO


1. Maallaqaa fi Qabeenyi waldichaa seeran hojii kaayyeeffameef ooluu isaa ni to`ata.
2. Sochiileen waliigalaa waldichaa akkaataa dambii bulmaata fi Keessaatin raawwaatamuu isaanii ni
hordofa ni to`ata.
3. Idaawwanii fi galiiwwan hin funaanamin hordofee yeroon tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ni
godha,
4.Koreen hojii raawwachiiftuu waldichaa sirnaan itti gaafatamuummaa bahuu isaanii ni hordofa.
5. Lakkoofsa/inventory/ qabeenya dhaabbataa fi maallaqaa yoo xiqqaate ji`a(meeqaan) -------------
keessatti al tokko lakkoofsa taasisuun gabaasa ni qopheessa.
6. To’annaan keessaa akka cimuu danda`u sirna diriiruu qabu irratti yaada ni kenna
7. Hanqinaalee hojii irratti mul’atan hojii geggeessaa fi Koree Hojii raawwachiiftuu ni beeksisa,
8. Adeemsa hojii waldichaa ilaalchisee yeroo yeroon yaa’ii waliigalaaf gabaasa ni dhiheessa,
9. Barbaachisaa ta’ee yoo argame walgahii yaa’ii waliigalaa addaa ni yaama,
10. Hojiiwwan biroo yaa`ii waliigalaatin kennamaniif ni raawwata.

C. ITTI GAAFATAMUMMAA FI GAHEE HOJII WALITTI QABAA KOREE TO`ANNOO


Walitti qabaan koreen to`annoo itti gaafatamummaa fi gahee hojii ni qabaata.
1. Walgahii Koree hojii raawwachiiftuu irratti argamuun yaade murtee ni kennaa. Haata`u
malee sagalee murtee hin qabaatu.
2. Dhimma waldaa hojii gamtaa ilaalu ajandaa ni dhiheessa

18
3. Yaadonni walgahii koree hojii raawwachiiftuurratti ka`an galmee qaboon yaa`ii irratti
galmaa`uu isaanii ni mirkaneessa
4. walgahii koree hojii raawwachiituurratti Ajandaawwani ka`anii fi murteewwan irra gahan
miseensota koree to`annooti ni dhiheessa.

KEEWWATA 29: KOREEWWAN XIXIQQAA


A. KOREE SIRNA KOORNIYAA.
Koreen sirna koorniyaa itti waamamni isaa
1. Koree hojii raawwachiituu waldichaatif ta`ee miseenota yaa`ii waliigalaatin filataman
Miseensa ------------ni qabaata
2.Barri hojii koree sirna koorniyaa waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee yeroo
Kamiyyuu yaa`ii waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii
fakkeenyummaa qabu yoo hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen sirna koorniyaa walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4. Hirmaannaa miseensummaa fi dandeetti gaggeessummaa dubartootaarratti ni hojjata.
5. Qaammolee dhimma koorniyaarratti hojjataniin waliin quunnamtii uumun hubannoo
Dubartoonnii fi dargagoonni qaban guddisuun itti fayyadamoo akka ta`an haala mijeessuu
6. Sirni walqixummaa koorniyaa waldaa hojii gamtaa keessatti akka babal`tu ni hojjata
7. Dargaggootaa fi dubartoota haala dhibee dardarbaa fi mala ittisa dhukkuba HIV
/AIDS irratti barumsa walirraa hincinnee ni kenna.
8. Dhukkubsattoota HIV/AIDS fi maatii isaanii gargaarsa akka argachuu danda`an ni deeggara,
haala ni mijeessu
9. Hojiiwwan biroo KHR kennamaniif ni raawwatu.

B. KOREE LIQII
ITTI GAAFATAMUMMAA FI GAHEE HOJII KOREE LIQII
1. Koreen liqii itti waamamni isaa koree hojii raawwachiituu waldichaatif ta`ee miseenota yaa`ii
Waliigalaatin filataman miseensa ------------ni qabaata
2.Barri hojii koree liqii waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee yeroo kamiyyuu yaa`ii
waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii fakkeenyummaa qabu yoo
hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen kun walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4-Fedhii liqii miseensotaa qoratee karoora ni dhheessa, koree hojii raawwachiiftutin yoo
hayyamame hojiirra ni oolcha.

19
5. Gaaffin liqii miseensota irraa dhihaatan akkaataa dambii bulmaata fi bulchiinsa liqii waliin kan
walsimu ta`uu isaa mirkaneessun madda liqii koree hojii raawwachiiftuu waliin mari`achuun
akka hayyamamu ni taasisa.
6.Gaaffiin liqii miseensota irraa dhihaatu haala wabii fi gaaffii liqii gaafatame kan argachiisu ta`uu
isaa ni mirkaneessa.
7.Wabiin liqiif qabsiifame gahaa ta`uu isaa fi seeran dhoorkaa fi kan biraa kan of irraa hin
qabnee ta`uu isaa ni mirkaneessa.
8. Itti fayyadama liqii fi akkaataa deebii liqii miseensotaa ni hordofa yeroo deebii isaa
dheeressuu fi dabalata gaaffii liqii xiinxaluun yaada murtee KHR tiif ni dhiheessa.
9.Yaada haaraa hojimaata liqii ni maddisiisaa KHRtiin yoo mirkan``u hojiirra ni oolcha.
10. Gabaasa hojii weeyitawaa ta`e koree hojii raawwachiitutiif ni dhiheessa
11. Hojiilee biroo KHRtiin dabalataan kennaman ni raawwata.

C. KOREE BITTAA
Haala adeemsa waldichii bittaa ittiin gaggeessuu
1. Bittaan waldichii geggeessuu kamiyyuu utuu hin raawwatin dura karoora hojii fi baajata waggaa
irratti yaa’ii waligalaatiif dhiyaatee kan mirkanaa’ee ta’u qaba.
2. Bittaa waldichi raawwatu kam iyyuu labsii waldaa hojii gamtaa, qajeelfama bittaa fi bulchiinsa
qabeenyaa waldichi baafate irratti hundaa’ee raawwatamuu qaba.
3. Akkaatan raawwii isaa dambii keessaa fi qajeelfama bittaa waldichaa keessatti ni ibsama.

ITTI GAAFATAMUMMAA FI GAHEE HOJII KOREE BITTAA


1. Koreen bittaa itti waamamni isaa koree hojii raawwachiituu waldichaatif ta`ee miseenota
yaa`ii waliigalaatin filataman miseensa ------------ni qabaata
2. .Barri hojii koree bittaa waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee yeroo kamiyyuu
yaa`ii waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii fakkeenyummaa
qabu yoo hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen kun walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4. Haala bittaa waggaa kurmaanaa, ji`aa fi guyyaa guyyaan raawwatan ni karoorsa, ni
qindeessa, ni to`ata.
5. Qorannoo gabaa gaggeessun filannoowwan fooyya`aa ta`an ni mijeessa
6. Ragaalee odeeffannoo gabaa koree raawwachiitutiif ni dhiheessa
7. Sochiiwwan bittaa ni qindeessa, haalas ni mijeessa.

20
8. Bittaan kammiyyuu akkaataa dambii fi bu`ura qajeelfama bittaatin ni raawwata.
9. Sandoonni bittaan ittiin gaggeeffame yeroon herreegni isaa akka bu`u ni taasisa.
10. Gabaasa hojii weeyitawaa ta`e koree hojii raawwachiiftutiif yeroo - yeroon ni dhiheessa.
11. Hojiilee biroo koree hojii raawwachiiftuutiin kennamuuf ni raawwata.

D. KOREE GURGURTAA
Haala adeemsa Waldichii gurgurtaa ittiin geggeessuu.
1. Gurgurtaan oomiishaa, meeshaalee, tajaajilaa fi kkf waldichi qaama kamiyyuu qajeelfama
gurgurtaa waldichii qopheessuu irratti hundaa’ee kan raawwatu ta’a.
2. Gurgurtaan waldichii geggeessuu kamiyyuu karoora waggaa irratti ibsamee yaa’ii waliigalaan kan
mirkanaa’e ta’u qaba.
3. Meeshaalee bu`uraa fi kkf miseensa fi hawwaasa addaa addaa tiif akka gurguramuuf karaa
mootummaa fi miti-mootummaa dhiyaatu haala waliigaltee qaama lamaaniin mallata’ee fi haala
faayidaa fi mirgaa waldichaa eegsiseen kan raawwatamu ta’a.

ITTI GAAFATAMUMMAA FI GAHEE HOJII KOREE GURGURTAA


1. Koreen gurgurtaa itti waamamni isaa koree hojii raawwachiituu waldichaatif ta`ee miseenota
yaa`ii waliigalaatin filataman miseensa ------------ni qabaata
2. Barri hojii koree gurgurtaa waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee yeroo
kamiyyuu yaa`ii waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii
fakkeenyummaa qabu yoo hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen kun walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4. Koreen gurgurtaa yaa’ii walii galaatiin kan filatamu ta’ee miseensota 3-5 ni qabaata.
5. Barri hojii korichaa waggaa sadii ta’ee badii yoo dalagan yeroo kami imyyuu koree irraa
gaggeeffamuu ni danda’u.
6. Korichi wal itti qabaa, barreessaa fi miseensa ni qabaata.
7. Meeshalee bu`uraa fi Omishi qonnaa miseensotaaf dhihaatu sadarkaa qulqullina isaa fi fedhii
fayyadamtootaa bu`ureeffachuun yeroon dhihachuu isaa ni hordofa.
8. Omishini fi meeshalee bu`uraa miseensaaf dhihaatan fayyummaa fayyadamtootaarratti miidhaa
kan hin qaqqabsiisne ta’uu isaanii ni to’ata.
9. Ragaalee maammilootaa qindeessuudhaan maammiltoota omisha miseensotaaf baayinaan
dhiheessan adda ni baasa.
10. Hoiilee biroo koree hojii raawwachiiftutiin kennamaniif ni raawwata.

21
E. KOREE TILMAAMTUU GATII
1. Koreen tilmaamtuu gatii itti waamamni isaa koree hojii raawwachiituu waldichaatif ta`ee
miseenota yaa`ii waliigalaatin filataman miseensa ------------ni qabaata
2. Barri hojii koree tilmaamtuu gatii waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee yeroo
kamiyyuu yaa`ii waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii
fakkeenyummaa qabu yoo hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen kun walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4. Omishaalee bitamanii dhihaatan tartiiban gatii bittaa isaanii waliin ni tarreessu
5. Baasiwwan bittaa kanaa walin walqabatanii bahan ragaa isaa ni qindeessu
6. Meeshaleen bu`uraa fi omishalee bitaman tilmaam baasii itti bahee fi bu`aa madaalawaa
ta`ee argamsiisuu danda`utti gatii gurgurtaa murteessuun koree hojii raawwachiiftutiif ni
dhiheessu.
7. Hojiilee biroo koree hojii raawwachiiftutiin kennaman ni raawwatu

F. KOREE QACARRII
1. Koreen qacarrii itti waamamni isaa koree hojii raawwachiituu waldichaatif ta`ee miseenota
yaa`ii waliigalaatin filataman miseensa ------------ni qabaata
2. Barri hojii koree qacarri waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee yeroo kamiyyuu
yaa`ii waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii fakkeenyummaa
qabu yoo hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen kun walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4. Fedhii qacarrii humna namaa waldichaa walitti qabuun karoora ni qopheessa.
5. Qacrriin osoo hin gaggeeffaminiin dura gitni hojii fi baajanni hayyamamuu isaa ni
mirkaneessa.
6. Akkaataa karoorfameen beeksisa waamicha hojii barbaaddotaa ifatti akka bahu ni taasisa,
beeksisni bahus: - bakka hojii, gita hojii, dandeettii hojichaaf barbaachisu, mindaa,
sadarkaa barumsaa, muuxannoo fi kkf hammachuun beeksisa ni baasa.
7. Akkaataa beeksisa baheetin hojii barbaaddota galmaa`an haala ulaagaa filannoof qophaa`en
qormaataf kan dhihaatan ni foo`ata.
8. Akkaataa amala hojichaatin qormaata barreeffamaa yookin jechaa yookin kan lamaanuu ni
qopheessa yookin humna koree ol yoo ta`e qaama birootin akka bahu koree hojii
raawwachiituf ni dhiheessa.

22
9. Namoota calalliin adda bahan qormaannii akka kennamuuf waamicha ni taasisa, firii
qormaatas qulqulleessee sadarkaa baasun waliigalteen qacarrii akka raawwatu KHR gabaasa
ni dhiheessa.
10. Qacarrichi seeran raawwatamuu isaa fi faayila qacaramtooota tokko tokkoo isaanii keessatii
qormanni kennamee fi firiin isaa ragaalee biroo barbaachisoo ta`an waliin qabsiifamuu isaa
ni hordofa, ni to`ata.
11. Waliigalteen qacarrii akkaataa dambii bulmaata waldichaa fi bulchiinsa hojjattootaa
biyyattiitin raawwatamuu isaa ni mirkaneessa.
12. Hojjettoonni qacaraman hundinu wabii gahaa fi seera qabeessa ta`e dhiheeffatanii
waliigaltee akka raawwatan ni taasisa.
13. Hojii gara biroo koree hojii raawwachiiftutin kannamaniif ni raawwata.
G. KOREE DADAMAQSA, BARUMSA FI LEENJII
ITTI GAAFATAMUMMAA FI GAHEE HOJII KORICHAA
1. Koreen Barumsaa fi dammaqinaa itti waamamni isaa koree hojii raawwachiituu waldichaatif
ta`ee miseensota yaa`ii waliigalaatin filataman miseensa -----------ni qabaata
2. Barri hojii koree Barumsaa fi dammaqinaa waggaa 3 ta`ee, barbaachisaa ta`ee yoo argamee
yeroo kamiyyuu yaa`ii waliigalaatin hojiirraa gaggeeffamuu ni danda`u. Haata`u malee hojii
fakkeenyummaa qabu yoo hojjatanii argaman marsaa lammaaffaf filatamuu ni danda`u.
3. Koreen kun walitti qabaa, barreessa fi miseensa tokko ni qabaata.
4. Faayidaa fi barbaachisummaa waldaalee hojii gamtaa hawaasa ni beeksisa.
5. Miseensotaf, miseensota koreetif, hojjattoota qacarritif kaayyo fi hojii waldichcaarratti leenjii
ni qopheessa.
6. Dambii bulmaataa isaaniirratti hubannoo akka argatanii fi Baruulee daandeettii
raawwachiisummaa cimsan qopheessun rabsuu.
7. Koree hojii raawwachiiftuu waliin ta`uun sagantaa do`annoo fi muuxannoo waljijjiirraa ni
mijeessa.
8. Hojiiwwan waldaa keessatti hojjataman miseensonni hundi akka beekan ni taasisa.
9. Gabaasa hojii weeyitawaa ta`e koree hojii raawwachiiftu ni dhiheessa.

Keewwata 30:- Haala proojektii haaran itti hundaa`u


Waldichii hojii ykn proojektii haaraa kamiyyuu hojjachuuf yommuu yaadu dursee:
1. kaayyoo waldichaa waliin kan walsimu ta`uu isaa adda baafachuu
2. Tartiiba rakkoo fi fedhii miseensichaa giddu galeessa kan taasifate ta`uu isaa
mirkaneeffachuu
3. Qorannoo bu`a qabeessummaa (feasibility study) gaggeessun firii isaa yaa`ii waliigalaatif
dhiheessun mirkaneessuu qaba.
4. Akkaatan raawwii isaa dambii keessaa keessatti kan ibsamu ta’a
Keewwata 31:WAA’EE KENNA FI DAANGAA LIQII
1. Waldichii maallaqa kan liqeessu miseensota isaa fi waldaalee hojii gamtaa labsii WHG lakk
985/2009 gurmaa’aniif qofa ta’a.

23
2. Liqichi haala imaammata liqii waldichaa irratti bu’uureeffatee hojii irra kan oolu ta’uu isaa fi
dabalataanis liqiin kennamu kun rakkina tokko malee deebi’uu kan danda’u ta’uu isaa koree hojii
raawwachiiftuu qoratemee yoo mirkana’e qofa ta’a.
3. Liqeeffataan liqii fudhate yeroo waliigalteen murtaa’e keessatti guutuma guutuutti deebisuu akka
danda’u yeroo kaffaltii dursee akka beeku ni godhama. Liqeeffataanis liqii fudhate yeroo murtaa’e
keessatti deebisuu qaba.
4. Liqiin kennamuu kan danda’u waldichi barbaachisummaa liqii yoo itti amanee fi humni isaa yoo
hayyame qofa.
5. Liqii koreen hojii raawwachiiftuu bittaa meeshalee bu`uraa fi bu`aa omisha qonnaatif
hayyamamu miseensa tokkoof al tokkotti qarshii --------------(------------------------------------------)
kan hin caalle ta’ee waggaa keessatti qarshii -------------(-----------------------------) caaluu hin qabu
6. Liqii koreen hojii raawwachiiftuu beekamtii yaa`ii waliigalaa malee liqeeffachuu danda’u qarshii
---------------(-----------------------------------------------------) caaluu hin qabu
Keewwata 32:WAA’EE AANGOO HAYYAMUU LIQII
Liqiin kamiyyuu miseensotaaf kennamu haala dambii bulmaataa keewwata 30, keewwata xixiqqaa 5,6,
irratti eerameen kan raawwatamu ni ta’a. Tartiibni raawwii fi sirni gaaffii liqii haala dambii keessaa
irratti ni ibsama.
Keewwata 33:WAA’EE BARA LIQII
1. Liqii yeroo gabaabaa miseensotaaf kennamu haala waliigaltee liqii gama lachuunuu irratti
waliigalamuun ta’a, garuu waggaa tokko caaluu hin qabu. Akkasumaas liqiin yeroo gidduu
galeessawaggaa -----------(-------------------) yeroo dheeraa waggaa ---------(----------------) caaluu
hin qabu.
2. Liqeeffataan haala seera dhimmi ilaaluun caqasameen sababii humnaa ol ta’een yeroo murtaa’e
keessatti kaffalee xumuruu yoo baate, Koree Hojii raawwachiiftuu sababiin dhihaateef quubsaa
ta’uu isaa yoo itti amane yeroo liqii hanga waggaa ------------(-----------------------------)
dheeressuufii ni danda’a.

Keewwata 34: DHALA LIQIIF KAFFALAMU


1. Waldichii maallaqa isaa fi dhaabbata liqeessan irraa liqeeffatee miseensotaaf liqeessuu irratti dhalli
kaffalchiisu %------ni ta’a,
2. Haala keewwata 32 keewwata xixiqqaa (1) irratti murtaa’een yeroo kaffaltii eegee miseensi liqii
kaffalee hin xumurin yeroo kaffaltiin liqii dabree calqabee hanga guyyaa kaffalee xumuruuti idaa
irratti hafeef % --------- adabbii dhala irratti dabalee akka kaffalu godhama,
3. Miseensi kamiyyuu liqii waldichaa irraa fudhate dhimma jedhamee fi eeyyamamaeef otoo hin
oolchin hafuun isaa yoo mirkanaa’e yeroo liqii otoo hin ga’in kaffalchisuun ni danda’ama,

24
4. Haala keewwata kana keewwata xixiqqaa (3)tiin liqiin akka deebi’u yoo godhamu maallaqa
liqeeffate guyyaa itti deebi’u murteessuun bareeffamaan beeksifamuu qaba. Guyyaa beeksifni itti
kennamee kaasee hanga yeroo liqii guutummaatti kaffalutti dhala isaa duraa irratti adabbii qarshii
fudhate irratti % ------ dabalee akka kaffalu
taasifamee liqicha deebisiisuuf tarkaanfiin barbaachisaa ta’e ni fudhatama.
Keewwata 35: HAALA DURAA DUUBA LIQIIN ITTI KAFFALAMU
Miseensi kamiyyuu idaa irra jiruuf kaffaltii yemmuu raawwatu haala duraa duubaa kanatti aananiin ta’a;
a) Dursa idaa kaffalchisuuf baasiiwwan godhamaniif,
b) Itti aanee dhalaaf,
c) Xumura irratti maallaqa haadhoo/principal/ ni ta’a.
Keewwata 36: HAALA LIQIIN ITTI KENNAMUUN DANDA’AMUU
Haala bu’ura dambii bulmaata waldichaatiin miseensi liqii argachuu kan danda’u;
1. Waldichaa wajjin quunnamtii hojii cimaa kan qabuuf,
2. Oomisha fi tajaajila waldichaan dhihaatu itti fufiinsan kan fayyadamu.

Keewwata 37: AKKAATAA QABIINSA MAALLAQAA


1. Waldichii damee Baankii dhiheenya isaa jirutti herrega qusannoo yookiin herrega socho’aa yookiin
lachuu ni banata.
2. Herregni Baankii kan banamu maqaa waldichaatiin ta’ee, kan socho’u mallattoo Dura taa’aa koree
hojii geggeessituu waldichi, barreessa fi qabduu maallaqaa ni ta’a.
3. Maallaqaa hanga Qarshii -------------(--------------------------------------) dura taa’aa koree hojii
raawwachiiftuu fi hojii gaggeessaa ykn ----------- kan socho’uu ta’ee kan kanaan olii mallattoo
qaama sadaniin kan mallattaa’u ta’a
4. Maallaqni kaazinaa waldichaa keessa buluu danda’u qarshii -----------(-------------------------------)
ol ta’uu hin qabu,
5. Maallaqni herreega of-eeggannoo fi hawaasummaaf ramadamu herregni qusannoo maqaa
waldichaatin banameefii baankii yookin waldichi qusannoo fi liqii naannoo isaanii jiru keessaa
taa`uu qaba.
6. Maallaqni waldaa maddawwan adda addaa irraa argamu guyyaadhuma sana keessatti Baankiitti
galii ta’uu qaba.
7. Maallaqni bittaa fi gurgurtaaf oolus ta’e kan biroo qarshii 2000/kuma lamaa/ ol yoo ta’ee
cheekiidhaan socho’uu qaba.

25
8. Qabduun maallaqaa waldichaa maallaqni callaadhan harkatti fuudhuu danda`u qarshii 1000 (kuma
tokko) caaluu hin qabu.

Keewwata 38: GALMEELE FI BILLITTOOWWAN HERREEGAA


1. Sadarkaan waldichi irraa gahe yaada keessa galfachun galmeele fi billeettoowwan herreegaa kanatti
aanan hojii irra ni oolu.
A. Galmelee
1. Faayila dhuunfaa miseensaa
2. Galmee miseensotaa
3. Galmee qaboo yaa`ii (yaa`ii waliigalaa, koree hojii raawwachiiftu, koree to`annoo fi
koreewwan adda addaa)
4. Galmee qabeenyaa
5. Galmee galii fi baasii (prootokoolii) xalayaalee
6. Galmee yaadni itti kennamu
B. Nagaheewwan Qabeenyaa adda addaa
1. Waliigaltee liqii fi Rabsa liqii
2. Nagahee galii fi baasii meeshaa
C. Gucaalee Adda addaa
1. Guca iyyannoo miseensummaa haara fi bahaanii deebi`anii
2. Guca baasin qabeenya ittiin gaafatamu
3. Guca waliigaltee liqii
4. Guca murtee gatii
5. Gucaale fi galmeelee gara biroo barbaachisaa ta`an
D. Foormota adda addaa
1. Foormii gaaffii bittaa
2. Iyyannoo gaaffii liqii
3. Foormii miseensonni yemmuu miseensummaa addaan kutan guutan
4. Foormii dhaalli ittiin moggaafamu
5. Foormii tilmaama gatii
E. Galmeewwan herreegaa
1. Galmee galii
2. Galmee baasii
3. Leejara

26
4. Galmee madaallii herreegaa
5. Galmee to`annoo maallaqqa callaa
6. Leejara dhuunfaa miseensotaa
7. Galmee hirmaannaa miseensota
F. Harshameelee/ sanada hereegaa
1. Nagahee galii
2. Nagahee baasii
3. Nagahee gargurtaa guyyaa
4. Nagahee gurguraa dubee
5. Nagahee gurgurtaa harka harkaa
6. Peeroolii kanfaltii mindaa
F. Unka herreegaa
1. Guca kanfaltii duraa durgoo fi kan ittiin bu`u
2. Guca Kanfaltiiwwan faaktura hin qabnee
3. Guca kanfaltii duraa ittiin gaafatamu
G. Saanduqa yaadaa
1. Saanduqa yaadni itti kennamu ni qabaata

Keewwata 39:WAA’EE DURGOO FI KAFFALTIIWWAN BIROO


Miseensonni koree hojii raawwachiiftu fi koreewwan biroo tajaajila hojii waldichaaf bobba’aniif
mindaan kamiyyuu hin kaffalamuuf. Haata’u malee hojii waldichaaf jecha adeemsaa fi turmaata hojiif
taasifamuuf durgoon ni kaffalamaaf. Akkasumas hojjattoota qacaramtoota waldichaa hojii waldichaaf
jecha deemaniif durgoon ni kanfalama. Akkaatan raawwii isaa dambii bulmaataa keessaa irratti kan
ibsamuu ni ta’a.

Keewwata 40:WAA’EE DEEBISUU GAHEEWWANII FI FAAYIDAALEE BIROO


1. Miseensi tokko fedhii isaatiin waldichaa yoo gadi lakkise, adabbiidhaan yookiin waldichi yoo
diigame, qabeenyaa fi faayidaalee waldichii qabu irraa idaan waldichaa irraa hir’atee maallaqni hafe
akkaataa qooda isaatiin miseensichaaf kennama.
2. Waldichi yeroo tokkoon kaffaluuf humni isaa kan hin hayyamneef ta’ee yoo argame yeroo ---/-----
keessatti gaheen isaa kaffalamee akka dhumu taasisuun ni danda’ama. Haata`u malee adeemsi
kun qabeenya dhaabbataa waldichaa kan gurgursiisu ta`uu hin qabu.
3. Gaheenii fi faayidaan miseensa tokkoo kan eegamu herreegni waldichaa eega qoratame yaa’ii
waliigalatiin mirkana’ee booda ta’a.

27
4. Qabeenyi kennaan, gargaarsaa fi badhaasan yeroo turtii hojii waldichaa keessatti argate
qabeenya waliinii waan ta`eef waldichi yoo diigamellee qoodumsaaf ooluu hin danda`u.
Keewwata 41:-HAALA INSHURAANSII
Waldichii qabeenya qabu irra balaa gahuu danda’u xiqqeessuuf Inshuraansii ni gala. Haalli isaas
waliigaltee jaarmiyaa tajaajila Inshuraansii kennu waliin mallattaa’u keessatti ibsama.
KEEWWAATA 42: WAA’EE OODIITII HERREEGAA WALDICHAA
1. Waldichi sochii hojii bara baajataa tokko keessatti raawwate herreega isaa cufuun qorannoof
qopheessee qaama aangoon seeran kennameetiif gaaffi oditii guyyaa -------------- hanga
-----------keessatti dhiheessuu qaba.
2. Sochiin waliigalaa herrega waldichaa, waggaatti yoo xinnaate al tokko oodiitii ta`uu qaba.
3. Gabaasni oodiitii waldichaa oodiitara qorateen yaa’ii waliigalaa yuuniyeenichaaf dhihaachuu qaba.
4. Gabaasni oodiitii akkuma yaa’ii waliigalaaf dhihaateen yaa`idhaan murtiin itti kennama
Keewwata 43: Dhimmoota Araara fi Abbaa seerummaa Jaarsoleetin Fixuu
1. Dhimmoonni falmisiisan miseensa fi miseensa gidduutti yookin miseensa fi waldicha gidduutti
ka`an jalqaba Jaarsolee araaratiin ni ilaalama
2. Bu`ura Keewwata kana keewwata xiqqaa _____ irratti kaawwameen falmichi araara
jaarsummaatin kan hin dhumne yoo ta`e dhimmichi abbaa seerummaa Jaarsummaatin ni
raawwatama. Akkaatan filannoo Jaarsolee Abbaa seerummaa araaraa bu`ura labsii 985/200
keewwata _____tin ni t a`a
Keewwata 44: AKKAATAA RAMADDII BU’AA QULQULLUU
1. Waldichi bara baraan bu`aa qulqulluu argate keessaa dursee kan miseensotaaf hiramuu
qabuu fi kan hin hiramne addaan ni baasa
2. Bu`aan hirmaannaa miseensaatiin ala argamu kan hin hiramnee fi kan waliinii ni ta`a.
3. Bu`aa qulqulluun baraa hojii tokko keessatti argame akkaata armaan gadiitin ni qoodama.
a. Dursee %30 of eeggannoof irraa cituun herreega qusannaa baankii maqaa yuuniyeenichaatin
baname keessa ni kaawwama. Kunis hanga kaappitaala qulqulluu waldichaa % 30 qaqqabutti
qofa ni ta`a.
b. Kan hafu % 70nni immoo
1. % ______________Hirmaannaa miseensi Waldicha waliin taasisuuf
2. % ______________Qooda Miseensotaatif
3. %_______________ tajaajila hawaasummaaf
4. %_______________Miseensota, koree adda addaaf, fi hojjattoota qacaraatif bifa
onnachiiftutiin raawwii hojii isaanii irratti hundaa`e ni kanfala.Haata`u malee kanfaltiin

28
onnachiiftuu kun kan raawwatamuu danda`u karoora hojii fi bu`aa argachuuf waldichi bara
sana karoorfate keessaa % ______fi sanaa ol yoo raawwatame qofaadha.
c. Miseensonni bu`aa qulqulluu argataniin fedhii mataa isaanitiin qooda dabalataa waldicha irraa
bitachuu ni danda`u
d. Adeemsa hojii keessatti kasaaran waldichaa yoo quunname maallaqa of eeggannoof kaawwame
irraa kan haguugamu ta`ee, kan bira darbu yoo ta`e akkaataa qooda miseensonni waldicha
biraa qabuun shalagamee kan uwwifamu ni ta`a.( itti gaafatammumaan isaa kan murta`ee waan
ta`eef)
Keewwata 45:WAA’EE QABEENYA WLIINII KAN HIN QOODAMNEE
1. Maallaqni of-eegganoof taa’e haala kamiinuu miseensotaaf hin qoodamuu hin danda`u
2. Qabeenya qaraxaan ala (Duty-Free) biyya alaatii galee.
3. Qabeenya kennaa, dhaalaa fi kkf irraa argamu haala kamiinuu miseensotaaf hin qoodamu.

Keewwata 46:WAA’EE BARA BAAJATAA


Barri baajata waldichaa -------------------- hanga ---------------------tti ni ta’a.
Keewwata47: HAALA WALDICHII ITTI DIIGAMU
Waldichii sababii kanatti aananiin diigamuu ni danda’a.
a) Yaa’iin waliigalaa waldichaa akka diigamu murtii addaa yoo dabarse,
b) Lakkoofsi miseensotaa 50 gadi yoo ta’e,
c) Manni murtii akka diigamu yoo murteesse,
d) Haala bu’ura oodiitii herregaa waldichaan haalli qabatamaan waldichaa balaa kan fidu ta’uun isaa
qaama aangon seeran kennameefin yoo mirkanaa’ee yaa’ii waliigalaan yoo murtaa’e,
e) Haalli keewwata kanaa keewwata xiqqaa (a) fi (b) akkuma jiranitti ta’anii waldichi akka diigamu
yoo murtaa’e qaamni aangon seeran kennameefin, murtiin diigamaa guyyaa torba keessatti
beeksisuu qaba.
Keewwata 48:WAA’EE HIIKA DANBII-BULMAATAA
Danbii bulmaataa kana keessatti jechi mamii uumu yookiin ibsi yookiin haalli mormii kaasisuu yoo
uumame hiikni yaa’ii waliigalaa ittikennu isaa xumuraa ni ta’a.
Keewwata 49:WAA’EE DAMBII KEESSAA BAASUU
Koreen Hojii rawwachiiftuu Dambii-Bulmaataa kana irratti bu’uureeffachuun osoo dambii kanaan
walitti hin bu’iin tartiiba hojiiwwan adda addaa hojii irra oolchuuf kan dandeessisu Dambii-Keessaa
qopheessee yaa’ii waliigalaa waldichaan mirkaneessisuun qaama aangon waldaalee galmeessuf
dhiheessun galmeessisuun hojiirra oolchuu ni danda`a.

29
Keewwata 50: DAMBIIWWAN FOOYYA’AN
Dambiin bulmaata kun miseensota yaa`ii waliigalaa keessaa 2/3 ta`an akka fooyya`uuf yoo
murtaa`e fooyya`uu ni danda`a

Keewwata 51: YEROO DAMBIIN BULMAATAA ITTI RAGGA’U


Dambiin bulmaataa kun yaa’ii waliigalaa waldichaatiin mirkanaa’ee qaama aangon seeran kennameefin
guyyaa chaappeffamee galmaa`e irraa eegalee kan hojiirra oolu ni ta’a.
Maqaa ogeessa galmeessee---------------------------------gahee hojii------------------------mallattoo---------

Lakk. galmee ___________ Guyyaa __________ Bara _____________

30
Miseensootaa W.H.G. ______________________________________________________________

Ittigafatumaan isaa kan murta’ee

Sad Maati
Malla

Umrii
Lakk.

Saala
Maqaa Gutuu Barum
Dh. Dub W/gala ttoo
saa

Miseensootaa W.H.G. ______________________________________________________________

Ittigafatumaan isaa kan murta’ee

Sad Maati
Malla
Umrii
Lakk.

Saala

Maqaa Gutuu Barum


Dh. Dub W/gala ttoo
saa

31
32

You might also like