You are on page 1of 18

Mana Maree Misooma Interpiraayizoota Maayikiroo fi

Xixiqaa Bulchinsaa Motummaa Nannoo Oromiyatti


Qajeelfama Raawwii Ce’umsa Sadarkaa Guddinaa
IMX Lakk.004/2004

Seensa
Misoomni IMX imaammataa fi tarsiimoo misooma industirii fi magaalaa irratti hundaa’uun
sagantaa fi paakeejii deggarsaa mataa isaatii qophaa’ee fi waggootan darbanitti misooma
Interpiraayiziitiin bu’aa nama jajjabeessu argamsiisera. Paakeejiin deeggarsaa kunis sektaroota
hojii guddinaa irratti xiyyeffatu jedhamanii filataman irratti xiyyeeffachuun interpiraayizootaaf
deeggarsa kennu dandeesisee jira.

Bu’uuruma kanaan, interpiraayizoota baayee ogummaa hojii oomishaa fi tajaajilaa adda addaa
irratti bobba’aniif deggarsoota gurmeessuu, leenjisuu, Faayinaansii akkasumas dhiyeessi iddoo
oomishaa fi gurgurtaa walitti hidhaminsa gabaa barbaachisu bal’inaan akka uumamu fi
hiyyummaa hir’isuuf sagantaan kun gumaacha guddaa taasisee jira. Haata’utii deggarsootni
kennaman interpiraayizootni rakkoo sadarkaa guddinaa isaan quunname furuu irratti
daanga’aniiru.

Akkasumas misooma industiriif bu’uurri misoomaa fi babal’ina IMX ta’uun isaa tarsiimoo
misooma industirii irratti ifaan kan taa’e ta’ullee hanga ammatti adeemsa hojii irra oolmaa isaa
irratti akka mul’atetti deggarsi interpiraayizootaaf taasisamaa ture yaalii sadarkaa guddina tokko
irraa gara sadarkaa itti aanutti ce’uuf taasisan jajjabeessuu irratti rawwii guutuu ta’e hin qabu
ture.

Sababa kanaan, sanada paakeejii deeggarsa tarsiimoo misooma IMX fi tooftaalee raawwii bara
2003 bahe bu’uura godhachuun interpiraayizoota akkaataa sadarkaa guddina isaanitti qooduun
kan kaa’aman yoo ta’u isaanis sadarkaa jalqabaa (strat up) sadarkaa guddataa ykn babal’ataa
(growth) fi sadarkaa gaheessa(maturity)dha.

Waan ta’eef, qoodinsa sadarkaa guddina interpiraayizootaa bu’uura gochuun sadarkaa isaanitti
qajeelfamaa fi maanuwaalota deeggarsa isaan barbaachisu kennuu dandeesisan kan qophaa’an
waan ta’eef, hojiirra olmaa qajelfamootaa fi maanuwaalota kanaaf qajeelfamaa ce’umsa sadarkaa
guddina IMX kana qopheessun barbaachisaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan qajeelfamni kun ulaagaalee ce’umsa sadarkaa guddina IMX, akkaata
ulaagaatiin sadarkaa guddina IMX tif paakeejiwwan deggarsa kennaman, hojii irra oolmaa
qajeelfama kanaatiif qaamolee gaha’insa qaban akkasumas hordoffii fi gamaggama dub-deebii
mul’istoota raawwii fi sirna onnachiftuu of keessatti hammachuun qajeelfamin kun bu’ura
Dambii Degersa Misooma IMX B.M.N.O. Lakk. 139/2004 keewwata 54/1 bahee jira.

Kutaa Tokko
Waligalaa

1. Mata Dure Gabaaba


Qajeelfamni kun “Qajeelfama Raawwii ce’umsa sadarkaa guddina IMX Lakk. 004/2004
“jedhamee waamamuu danda’a.

2. Kaayyoo
Sadarkaa guddina Interpiraayizota dame misooma IMXtti bobba’an murteessuu fi
deeggarsa guddina interpiraayizota ilaalcha keessa galchee kan kennu dha.

3. Hiikaa
1. “ Interpiraayizii Mayikiroo “jechuun Abbaa qabeenya Interpiraayizichaa fi miseensota
maatii isaa dabalatee hamma nama shan qaxaree kan hojjechiisu ykn /fi Ida’amni
qabeenyaa (Total asset) isaa gatii iddoo hojii fi gamoo otoo hin dabalatiin
 Damee tajaajilaatiif qarshii 50,000 kan hin caalle

 Damee Industiriitiif qarshii 100,000 hin caalle dha.

2. “Interpiraayizii xixiqqaa” jechuun Abbaa qabeenya Interpiraayizichaa fi miseensota


maatii isaa dabalatee hamma nama 6-30 qaxaree kan hojjechiisu ykn /fi Ida’amni
qabeenyaa (Total asset) isaa gatii iddoo hojii fi gamoo otoo hin dabalatiin

 Damee tajaajilaatiif qarshii 50,001-500,000 kan hin caalle


 Damee Industiriitiif qarshii 100,001-1,500,000 hin caalle dha.

3. “Sadarkaa Ce’umsa Interpiraayizii” jechuun Interpiraayiziin tokko sadarkaa guddina


irra jiruun deeggarsa taasifameefeetti fayyadamee gabaa keessatti gatii, qulqullina fi
dhiyeessan dorgomaa ta’ee ulaagaalee ce’umsa sadarkaa guddina guutuudhaan ce’uu yoo
danda’e dha.

4. “Sadarkaa jalqabaa” jechuun namoota IMX gurmaa’uuf fedhii qabani fi dhaabbilee


barnootaa adda addaa irraa sadarkaa isaanii irraa eegamu barnoota xumuranii gareedhaan,
waldaadhaanii fi dhuunfaadhaan karaa seera qabeessa ta’een gurmaa’anii qusannoo fi
liqii dhabbilee faayinaansii adda addaa irraa fudhachuun gara hojiitti kan galan hunda kan
hammatu dha. Interpiraayiziin sadarkaa jalqabaa ejjennoo seera qabeessa ta’e qabaatee
hojii oomishuu fi tajaajila kennuu sadarkaa itti eegalu dha.

5. “Sadarkaa Guddataa/Babal’ataa” jechuun interpiraayiziin tokko deeggarsa


taasifameefitti fayyadamuun gabaa kleessatti gatiin qulqullinaa fi dhiyeessaan dorgoomaa
ta’ee bu’aan isaa itti fuufiinsaan yoo mirkaa’edha. Intarpiraayiziin sadarkaa guddinaa
kana irra jiru kan adarkaa jalqabaa jiru irra humni nama inni qaxaree hojjeechisu caalma
qaba.dabalataniis intarpirizichi sirna qabiinsa herreegaa ni fayyadama.

6. “Sadarkaa ga’eessaa” jechuun intarpiraayiziin tokko deggarsa taasifameefitti


fayyadamuun gabaa keessatti dorgoomaa fi bu’aa qabeessa ta’ee gahee gabaa isaa ol
guddisuuf invastimeentii dabalataa hojii irra yoo oolchee fi uulaagaa hiika ka’amee yeroo
guutee fi gara guddattu giddu galeessatti ce’e ykn sadarkaa amma irra jiruun
intarpiraayizii maayikiroo ykn xixiqqaa ta’uun gabaa keessatti dorgoomaa fi bu’aa
qabeessa ta’ee kan itti fufu yoo ta’edha.

7. “Sadarkaa guddataa gidduu galeessaa” jechuun humni namaa fi hangi qabeenyaa


waliigala intarpiraayiziin xixiqqaattiif ka’amee sadarkaa ga’eessaa darbuun gara sadarkaa
kuubaniyaatt intarpiraayizii ce’eejechuudha.

8. “Carraa hojii dhabbii” jechuun intarpiraayizii kamiyyuu keessatti miseensoota maatii


dabalatee waggaa tokkoo fi isaa ol yeroo guutuu qaxaramanii kaffaltii peeroolii
argachuun carraa hojii namoota uumameef jechuudha.
9. “Carraa hojii yeroo” jechuun interpiraayizii kamiyyuu keessatti waggaa tokkoo gadi
carraan hojii uumamee kaffaltiin kaffalamaaf ture jechuu dha.

10. “Interpirinershiipi” jechuun interpiraayiziin tokko hojii irratti bobba’een gabaa


argachuu dhaaf fedhii dhiheessa oomishaa fi tajaajila hawaasichaa addaan baasuu
akkasumas dorgomtoota isaaf qooda gabaa isaanii adda baasuun wa’ee bu’aa
qabessummaan isaa sadarkaa amansiisaa irra gahee gara oomishaa fi tajaajila kennuutti
oogummaa/dandeetti bobba’uu dandeesisu taasifamee fudhatamu ni danda’a.

11. “Walitti hidhaminsa gabaa” jechuun interpiraayizii tokkoof carraa gabaa dhabbii
piroojektootaa fi sagantaalee dhabbilee mootummaa, industirii gidduu galeessaa fi
gurguddoo biyya keessaa fi biyya alaa waliin dhiyeessa ciicita oomishaa fi tajaajila
qunnamtii dalgee fi irraa gadeetiin sirna gabaa ykn walitti hidhaminsa uumamu jechuu
dha.

12. “Qabeenya walii gala” jechuun qabeenya interpirayizii kaffalamee fi liqiidhaan argame
hunda jechuudha.

13. “Kaappitaala Qulqullaa’ee” jechuun qabeenya waliigalaa intarpiraayiziin tookko


qabuu irra iddaan hir’ifamee hafu jechuudha.

14. “Toftaalee omishni ykn Tajaajilli Itti bebeeksifamu” jechuun, omisha ykn tajaajila
beekisuuf sub-qunnamtii ummataa, agarsiisa daldalaa fi baazaarii, broosharii, Kardii
biznassi, gabeetee beksiisaa dhaabbataa, Maashagiyaa fi kkf ni dabalata.

Kutaa Lama
Ulaagaalee, Ce’umsa Sadarkaa Guddina Intarpiraayizootaa

4. Tarreeffama Ulaagaalee Intarpiraayizoota Sadarkaa Jalqabaa


/Haaraa/ Irra Gara Sadarkaa Gudataatti Ce’an Guutachuu Qaban
1. Carraa hojii uumuu ilaalchisee
a. Intarpiraayiziin Maayikiroo seektara hojii Industriis ta’ee tajaajila irratti bobba’ee
carraan hojii dhaabii uumee miseensota Intarpraayizichaa dabalatehanga nama 5 ta’u
qaba.

b. Intarpiraayiziin xixiqqaa seektara hojii industriis ta’ee tajaajila irratti bobba’ee


carraan hojii dhaabbii uumee miseensota Intarpiraayizichaa dabalatee nama 6-10 ta’u
qaba.

c. Intarpraayiziin xixiqqaa seektara hojii Industriis ta’ee tajaajilaa irratti bobba’ee


carraan hojii yeroo uumee nama 6-10f ta’u qaba.

2. Hanga Qabeenyaatiin
2.1. Intarpiraayizii Seektara hojii Industrii irratti bobba’ee

a. Ida’ama qabeenya waliigalaa qabeenyaa qulqulluu fi iddaa dabalatee


Intarpiraayizii Maaykiroo dhaaf qarshii 50,000 (Kuma shantama) – 75,000 (Kuma
torbaatami shan) ta’uu qaba.

b. Ida’ama qabeenyaa waliigalaa qabeenya qulqulluu fi idea dabalatee intarpiraayizii


xixiqqaa dhaaf qarshii 100,000-500,000 (Kuma dhiba tokkoo hanga kuma dhibba
shani) ta’u qaba.

c. Intarpraayizichi qarshii liqii dhaan argatee keessaa %50 fi isa ol qabeenya dhaabbataa
dhaaf olchu qaba.

2.2. Intarpiraayizii seektera hojii tajaajilaa irratti bobba’ee

a. Ida’ama qabeenyawaligalaa qabeenya qulqulluu fi idea dabalate intarpiraayizii


Maaykiroo dhaaf qarshii hanga 40,000 (Kuma Afur) ta’u qaba.
b. Ida’ama qabenya waligaltaa qabeenyaqulqulluu fi idea dabalatee Intarpiraayizii
Xixiqqaa dhaaf qarshii 50,001 – 200,000 (Kuma dhiba Lamaa 0 ta’uu qaba.

c. Intrpiraayizichii Maallaqa Liqiidhan fudhataa kessaa meshaa dhaabitiif %20 fi


kana ol ta’uu qaba.

3. Bu’aa qabeesummaa dhaan (profitablity)


3.1. IMX seektara hojii industrii irratti bobba’an

a. Bu’aa madaalamuaa yoo xiqqaatee waggoota walitti aanan sadan darban kesa
galmesisan ta’u qabu.

b. Bu’aa argamee kana kessaa maallaqni invastmantii fi /ykn qusanneedhaaf olee


qabeenya qulqulla’ee keesaa %15 ta’u qaba.

3.2. IMX seektara hojii tajaajilaa irratti bobba’an

a. Bu’aa madaalamuaa yoo xiqqaatee waggoota walitti aanan sadan darban kesa
galmesisan ta’u qabu.

b. Bu’aa argamee kana kessaa maallaqni invastmantii fi /ykn qusanneedhaaf olee


qabeenya qulqulla’ee keesaa %15 ta’u qaba)

4. Hanga Gabaan
4.1. Intarpraayizii seektara hojii industrii irratti bobba’ee

a. Intarpraayizii Maaykiroo gurgurtaa waggaa qar.50,000–75,000 ta’u qaba.

b. Interpraayizii Xixiqqaaf gurgurtaan wagga qar. 100,000 -500,000 ta’u qaba.

c. Intarpraayiztni dame xiqqaa konstraakshiinii irratti bobba’an gurgurta aisaanii wggaa


keessan yoo xiqqaatee %30 fi isaa ol, dame xiqqaa hojii sibiilaa fi mukaa irratti
bobba’an yoo xiqqaate %50 fi isaa ol, damewwan seektaroota hojii guddan irratti
xiyyeefatan irratti intarpiraayizootni bobba’an gurgurtaan argatan %70 ol walitti
hidhaminsa gabaa mootummaan waliin taaisfamee irra argameen ala ta’u qaba.

d. Intarpraayizichi IMX birootiif sirna gabaa kontraata gara tokkoo (Sub-contract/


waggaatti yoo xiqqaatee yeroo lama walitti hidhaminsa gabaa akka umuu irra egama.
e. Intarpraayizichi omisha babeeksisuuf yoo xiqqaatee tooftaalee beeksisaa bu’aa
qabeesa ta’an sadii fayyadamu qabu.

f. Intarpraayizichi yoo xiqqaatee agarsiisa daldalaa fi baazaarii sadarkaa isaatti


qophaa’ee waggaatti yeroo tokko kan hirmaatu ta’uu qaba.

4.2. Intarpiraayizii Dame Hojii Tajaajilaa Irratti Boba’ee

a. Intarpraayizii Maaykiroo gurgurtaa waggaa hanga qar. 40, 000 ta’u qaba.

b. Interpraayizii Xixiqqaaf gurgurtaan waggaa 50,001 – 200,000 ta’u qaba.

c. Gurgurtaa waggaa Intarpraayizichaa keessa %70 ol kan argamee walitti


hidhaminsa gabaa bittaa mootummaatiin argamee ala ta’uu qaba.

d. Intarpraayizichi IMX birootiif sirna gabaa kontraata gara tokkoo (Sub-contract/


waggaatti yoo xiqqaatee yeroo tokkoo walitti hidhaminsa gabaa akka umuu irra
egama .

e. Intarpraayizichi omisha babeeksisuuf yoo xiqqaatee tooftaalee beeksisaa bu’aa


qabeesa ta’an sadii fayyadamu qabu.

f. Intarpraayizichi yoo xiqqaatee agarsiisa daldalaa fi baazaarii sadarkaa isaatti


qophaa’ee waggaatti yeroo tokko kan hirmaatu ta’uu qaba.

5. Omsihtummaa Intarpiraayizichaa
a. Intarpiraayiziin dame industrii Omsihummaa qabu keessaa yoo xiqqaatee %50 ol
fayyadamuu qabu.

b. Miseensoota ykn /fi/ hojjatootni dhaabbataa interpraayizicha kessa dhibbeentaan 50


waraqaa raga gahumsaa dhaabbata BLTO irra kan argatan ta’u qabu.
6. Gaggeesummaa fi gurmaa’insa dhaabbatummaa
a. Intarpraayizichi tooftaa bulchiinsa hojii ammayyaa hojii irra olchuu kan jalqabee ta’u
qaba.

b. Intarpiraayizchii hojii tajaajila daldalaa fi (ykn ) omishaa irratti bobba’eef itti


fayyadama qabiinsa herregaa hojii irra olchuu fi odiitii wagga taasisuu qaba.

c. Gurmaa’insii giddugala omishaa intarpiraayizichaa adeemsa omishaa kan hordofee fi


qulqullinni isa kan egamee ta’uu qaba.

d. Nageenyummaa hojii Meeseensota fi hojjatoota intarpiraayizicha egsiisuudhaaf uffata


hojjii ti meeshaaleen bu’uura amala dame hojjiichaaf barbaachisan kan guutamaniif
ta’u qabu.

e. Hojii Intarpiraayizichaa babal’isuu kan dandeesisuu karoora daldalaa biznasii


/Projektii/ Barreeffamaan qophaa’uu qaba.

f. Intarpraayizoota biro wlaiin waa’ee hojii bizinassii yaada wal jijjiiruufis sochiiwwan
taasiisuudhaaf qunnamtii biiznasii dandeesiisuu. (business networking) umuu qaba.

7. Itti fayyadama deeggarsaalee mootummaa


a. Tajaajilii Ekisteenshiinii Industrii kennamen hojii irra kan olche ta’uu qaba.

b. Fayyadamaa liqii yoo ta’ee, kaffaltii yeroon isaa irra darbee kan irra hin jirree ta’u
qaba.

c. Fayyadamaa giddu-gala omishaa yoo ta’ee, kaffaltiin kiraa yeroon irra darbee kan irra
hin jirree ta’u qaba.

8. Itti fayyadame Teeknolojii


a. Interpiraayizichii omisha ykn tajaajila isaa foyyassudhaaf dhaabbilee BLTO,
institiwwtoota teeknolojii fi jaarmiyaalee teeknolojii birootiin teeknolojiiwwan
barbaadamanii fi bu’a gabessa ta’an hojjatamanii bahanitti fayyadamuu dhaaf qophii
haal deree kan raawwatee ta’u qaba.

b. Meeshaalee omishaa fi tajaajilaa intarpraayizichi itti fayyadamuu kessaa yoo


xiqqaatee %50 inarjii qofaan kan sochoo’uu ta’u qaba.
9. Waa’ee Dirqama Bahuu
a. Intarpraayizichi kaffaltii gibiraa waggaa irra barbaadamu kaffaluu qaba.

b. Intarpraayizichaa haaroomsaa galmeessaa fi eyyama daldalaa gochuu qaba.

5. Tarreefama Ulaagaale Interpiraayizootni Sadarkaa Guddatuu Irra


Gara Sadarkaa Ga’umsaatti Ce’an Guutuu Qaban
1. Gama carraa hojii uumuutiin
a. Interpiraayizotni maayikiroo sektera hojii industiriis ta’e tajaajilaa irratti
bobba’an Garaa hojii dhaabbii uume miseensota interpiraayizichaa dabalate
namoota shank an itti boba’an ta’uu qaba.

b. Interpiraayizootni xixiqqaa sektera hojii industiriis ta’e tajaajila irratti bobba’an


caraa hojii dhaabbii miseensota interpiraayizichaa dabalate namoota 11-30 kan
uuman ta’uu qaba.

c. “Intarpiraayizootni xixiqqaa Sektara hojii industriis ta’ee tajaajila irratti


boobba’an carraa hojii yeroo waggaa tokko kessatti umee nama 10-15 ta’uu
qaba.

2. Hanga Qabeenyaatiin
2.1. Intarpraayizii seektara hojii Industrii irratti bobba’ee

a. Iddamni qabeenyaa walii gala, qabeenya qulqulluu fi idaa dabalatee Intarpiraayizii


maaykiroodhaaf qarshii 75,001-100,000 ta’uu qaba.

b. Iddamni qabeenyaa walii gala, qabeenya qulqulluu fi idaa dabalatee Intarpiraayizii


xixxiqqaa qar. 500,001-1,500,000 ta’uu qaba.

c. Intarpiraayizichi maallaqa liqiidhaan argatee keessaa meeshaa dhaabbittiif kan olchee


%50 fi isa ol ta’uu qaba.

2.2. Intarpiraayizii seektara hojii tajaajilaa irratti bobba’ee

a. Idda’amni qabeenyaa walii gala qabeenya qulqulluu fi idea dabalatee


Intarpiraayizii maaykiroodhaaf qarshii hanga 40,001 – 50,000 ta’uu qaba.
b. Idda’amni qabeenyaa walii galaa, qabeenya qulqulluu fi idaa dabalatee
Intarpiraayizii xixxiqqaa qar 50,001-500,000 ta’uu qaba.

c. Intarpiraayizichii maallaqa liqiin argatee keessa meshaa dhaabbittiif kan olchee


%20 fi isa ol ta’uu qaba.

3. Bu’aa Qabeessummaa Dhaan


3.1.Intarpiraayizoota Maaykiroo Fi Xixiqqaa Sektera Hojii Industrii Irratti
Bobba’aan

a. Waggoota sadan darbaniif bu’aa walmadaaluu kan galmesisee ta’uu qaba.

b. Bu’aa buufata kana keessa Investimenticha babal’isuu ykn (fi) qusannaa qusatee
qabeenya qulqullaa’ee kessaa %20 ol ta’uu qaba.

3.2. IMX Seektara Hojii Tajaajilaa Irratti Bobba’an

a. Waggoota sadan darbaniif bu’aa walmadaaluu kan galmesisee ta’uu qaba.

b. Bu’aa buufata kana keessa Investimenticha babal’isuu ykn (fi) qusannaa qusatee
qabeenya qulqullaa’ee kessaa %20 ol ta’uu qaba

4. Hanga Gabaan
4.1. IMX Seektara hojii Industrii Irratti Bobba’ee

a. Intarpiraayizii maaykiroodhaaf gurgurtaan wagga qar. 75,000-100,000 ta’uu qaba.

b. Intarpiraayizii Xixiqqaadhaafgurgurtaan waggaa qar. 500,0001-1,500,00 ta’uu qaba.

c. Intarpiraayizootni dame xiqqaa konstraakshiinii irratti bobba’an gurgurtaa isaanii


waggaa keessa yoo xiqqaatee % 35 ol, dameen xiqqaa hojii mukaa fi sibilaa irratti
kan bobba’an yoo xiqqaatee %60 ol, dameewwan hojii guddina irratti xiyyeefatan
biro kan bobba’an gurgurtaan argatan %70 ol walitti hidhaminsa gabaa bittaa
mootummaatiin ala kan ta’ee ta’uu qaba.

d. Intarpiraayizihii IMXwwan birotiif walitti hidhaminsa gabaa sirna kontiraata qar


tokkeetiin waggaa keessatti yoo xiqqaatee yeroo afur kan umee ta’uu qaba.
e. Intarpiraayizichii omisha isaa birraa beeksisuuf yottixiqqaatee tooftaalee bu’aa
qabeessa ta’an gosa shan fayyadamu qaba.

f. Intarpiraayizichii agarsiisa daldalaa fi baazaarii sadarkaa isaatiif qophaa’ee irratti


waggaa keessatti yoo xiqqaatee yeroo sadii kan hirmaatee ta’uu qaba.

4.2. IMX Seektara Hojii Tajaajilaa Irratti Bobba’ee

a. Intarpiraayizii maaykiroodhaaf gurgurtaan wagga qar. 40,001-50,000 ta’uu qaba.

b. Intarpiraayizii Xixiqqaadhaafgurgurtaan waggaa qar. 200,001 – 500,000 ta’uu


qaba.

c. Intarpiraayizootni dame xiqqaa konstraakshiinii irratti bobba’an gurgurtaa isaanii


waggaa keessa yoo xiqqaatee % 35 ol, dameen xiqqaa hojii mukaa fi sibilaa
irratti kan bobba’an yoo xiqqaatee %60 ol, dameewwan hojii guddina irratti
xiyyeefatan biro kan bobba’an gurgurtaan argatan %70 ol walitti hidhaminsa
gabaa bittaa mootummaatiin ala kan ta’ee ta’uu qaba.

d. Intarpiraayizihii IMXwwan birotiif walitti hidhaminsa gabaa sirna kontiraata qar


tokkeetiin waggaa keessatti yoo xiqqaatee yeroo afur kan umee ta’uu qaba.

e. Intarpiraayizichii omisha isaa beeksisuuf yottixiqqaatee tooftaalee bu’aa


qabeessa ta’an gosa shan fayyadamu qaba.

f. Intarpiraayizichii agarsiisa daldalaa fi baazaarii sadarkaa isaatiif qophaa’ee irratti


waggaa keessatti yoo xiqqaatee yeroo sadii kan hirmaatee ta’uu qaba.

5. Oomishtummaa Intapiraayizichaa
A. Intarpiraayiziin dame hojii industrii kessa jiru humna omishtummaa (dandetti)

qabu keessaa yoo xiqqaate %60 fayyadamu kan danda’ee.

b. Intarpiraayizichi omishaalee omishuu fi tajaajiloota kennuu hojiimaata ammayyaa


kan hordofee fi sirna tao’annoo qulqullinaa kan diriirsee ta’uu qabsa.
c. Galteewwan omisha biyya kessa galanii ykn biyya alaatti ergaman yhkn omisha
biyyaa alaatti galan kan bakka bu’uu ykn omisha biyya alaatti ergamu akka
omishu irraa egama.

d. Miseensoota intarpiraayizichaa keessaa yoo xiqqaatee %75 dhaabbilee BLTO


irraa warqaa raga gahumsa mirkanessuu kan fudhatan ta’uu qabu.

6. Gaggeessuummaa Fi Gurma’insa Dhaabbatummaa


a. Intarpiraayichii toftaa bulchiinsa hojimaata amayyaa hojii irra kan olcheefi
karoora tarsiimowaa qabaachuu qaba.k

b. Intarpiraayizichii hojiiwwan omishaa ykn /fi/ tajaajila hojii daldalaa irratti


bobba’eef hojii qabinsa herreegaa hojii irra kan olchee fi odiitii herreggaa
waggaa taasiisuu qaba.

c. Hojjatootaa fif Miseensoota Intarpiraayizichaa nageenyummaa isaanii eguudhaaf


uffata hojii fi akkaataa amala dhamee xiqqaa hojiichaatiin meshaalee ittisa balaa
kan guutamaniif ta’uu qaba.k

d. Karoora biiznasii /piroojektii/ hojii Intarpiraayizichaa babal’isuu dandeesisuu


barreeffamaan qophaa’uu qaba.

e. Intarpiraayizoota biro waliin waa’ee hojii bizinasii yaada wal jijjiruu fi sochii
waliin taasisuu kan dandeesisuu qunnamtii bizinasii (business networking)
uumuu qaba.

7. Itti fayyadama Deggarsoota Mootummaa


a. Deeggarsa tajaajila ekisteenshiinii indurstrii hojii irra olchee jijjiirama qabatamaa
kan fidee fi muuxannoo hojiimaata isaa namoota birootiif dabarfsuu kan
danda’u.

b. Dhaabbata BLTO waliin ta’un leenjii kubaaniiyaa kessatti kennamu irratti kan
hirmaatu.

c. Liqii yeroo adda addaa fudhatee fayyadamaa kan ta’ee fi kaffaltii liqii yeroon
irra darbee kan irra hin jirree ta’uu qaba.
d. Itti fayyadama giddugala omishaa yoo ta’ee kaffaltii kiraa yeroon irra darbee kan
irra hin jirree fi giddu galeesicha kessaa bahuu isaa tiin dura qophii dursaa
faayinaansii fi iddo omishaatiif kan raawwatee ta’uu qaba.

8. Itti Fayyadama Teeknolojii


a. Intarpiraayizichii omisha ykn tajaajila isaa foyyeessuudhaaf dhaabbilee BLTO
institiwwutii teeknolojii fi jaarmiyaalee teeknolojii birootiin teeknolojiiwwan
barbaadamaa fi bu’aa qabeessa ta’anii raabsamanitti fayyadamaa ta’uu qaba.

b. Qulqullina omishaa fi tajaajila to’achuudhaaf kan dandeesisan ittifayyadama hojii


maata ammayyaa fi foyya’aa ta’uu qaba.

c. Meeshaalee omishaa fi tajaajila intarpiraayizichii itti fayyadamu kessaa yoo


xiqqaatee %75 inarjii qofaan kan sochoo’uu ta’uu qaba.

9. Waa’ee Dirqama Bahuu


a. Intarpiraayizichi gibira galii waggaa irraa barbaadamu kaffaluu qaba.

b. Intarpiraayizichii haaromsa eyyama daldalaa fi galmessaa waggaa kan


raawwatee ta’uu qaba.

6. Tarefama Ulaagaalee Intarpiraayiizootni Sadarkaa Guddina


Gaheessaa Irraa Gara Sadarkaa Guddataa Giddu Galeessatti Ce’an
Guutuu Qaban
1. Carraa Hojii Uumuu Ilaalchisee
a. Intarpiraayiziin seektara hojii Industriis ta’ee tajaajila irratti bobba’ee, carraa
hojii dhaabbii inni uumee miseensoota intarpiraayizichaa dabalatee namoota
30 ol ta’aniif ta’uu qaba.

b. Intarpiraayiziin seektara hojii industriis ta’ee tajaajila irratti bobba’ee, carraa


hojii yeroo wagggaa keessatti umee namoota 20-30tiif ta’uu qaba.

2. Hanga Qabeenyaa
2.1. Intarpiraayizii Seektara Hojii Industrii Irratti Bobba’ee
a. Qabeenyaa waliigalaa qabeenya qulqullaa’ee fi idaa dabalatee qarshii
miliyoona 1.501 ta’uu qaba.

b. Intarpiraayizichi maallaqa liqiin argatee keessaa qabeenya dhaabbataaf


kan olee %70 fi isaa ol ta’uu qaba.

2.2. Intarpiraayizii Dame Hojii Seektara Tajaajilaa Irratti Bobba’ee

a. Qabeenyaa waliigalaa qabeenya qulqullaa’ee fi idaa dabalatee qarshii


500,000 ol ta’uu qaba

b. Intarpiraayizichi maallaqa liqiin argatee keessaa qabeenya dhaabbataaf


kan olee qar. %40 fi isaa ol ta’uu qaba

3. Itti Fayyadama Deggarsaalee Mootummaa


a. Gara Zonii Industriitti galuudhaaf haalaa dureewwan barbaachisaa kan
xumuree ta’uu qaba.

b. Baankiiwwan daldalaa fi misoomaa irraa liqeeffachuuf wabii liqii kan


qopheefatee ta’uu qaba.

4. Waa’ee Dirqama Bahuu


a. Intarpiraayizichi gibira galii waggaa irraa barbaadamu kan kaffalee ta’u qaba.

b. Intarpiraayizichi haaromsaa eyyama daldalaa fi galmeesaa raawwachuu qaba.

c. Waraqaa raga qulqullinaa fi sadarkaa omishaa barbvaachisaa ta’ee mirkaneessuu


argachuu qaba.

7. Paakeejii Deggarsaa sadarkaa guddinaa Intarpiraayizoota


giddugaleessa godhatee.
IMXn haala sadarkaa guddina isaaniitiin ulaagaalee guutuu qaban armaan olitti ibsaman
guutuudhaan sadarkaa guddinaa tokkoo irra gara sadarkaa guddinaa ittiaanutti ce’uu
akkadanda’an tarsiimoo misooma IMX kessatti paakeejii deeggarsootaa kennuudhaaf
qajeelfamootaa fi maanuwaaloota bahaan bu’uura kanttaasisee deggarsa sadarkaa
guddina isaani madaaluu ni kennamaaf.
Haaluma kanaan Qajeelfama raawwii ce’umsa sadarkaa guddina IMX hojii irra olchuuf
qajeelfamootaa fi maanuwaalootni rawwiif bahan akka hojii irra olan ni taasifamu.

1. Qajeelfamoota

b. Qajeelfama kenna ttajaajila Ekisteenshiinii INdustrii

c. Qajeelfama sirna gabaa fi misooma gabaa.

d. Qajeelfama Liqii fi Qusannaa IMX magaalaa

e. Qajeelfama raawwii liizii meeshaalee IMX

f. Qajeelfama Ittifayyadamaa fi bulchiinsa Misooma Kilaastarii omishaa fi gurgurtaa.

g. Qajeelfama WKTIT

h. Qajeelfama ijaarsa dandeetti dhaabbilee deggarsa kennitootaa.

2. Maanuwaalootaa

a. Maanuwaalii hojii herregga IMX

b. Maanuwaali Muuxannoo gaarii Intarpiraayizoota Moodeelaa babal’isuu.

c. Maanuwaali xinxala herreegga IMX

Kutaa Sadii

Gahee hojii fi Itti gaafatamummaa Qaamolee Raawwatoota,


Sirna Hordoffii fi Gamaaggamaa
Qajeelfama raawwii sadarkaa guddinaa fi cee’uumsa IMX kana qaamoolee gurguddoo hojii irra
olchan, gahee hojii fi itti gaafatamummaan isani akka kanatti aanutti dhiyaateera.

8. Ejensii Misooma IMX


a. Qajeelfama raawwii sadarkaa guddiinaa IMX irratti gaggeesitootaa fi
raawwatoota sadarkaa adda addaa irra jiraniif hubannoo ni uuma.
b. Raawwii sadarkaa guddina intarpiraayizootaa ni hordoffaa caasaa sadarkaa
sadarkaan jiraniif deeggarsa ni kenna.

c. Sadarkaa guddina Intarpiraayizoota murteessuudhaaf odeeffannoo barbaachisan ni


sasaaba ni qindeessa.

d. Buu’uura qajeelfama raawwii sadarkaa guddina IMX kanaatiin intarpiraayizoota


sadarkaa guddatuu irraa hanga sadarkaa gaheessaa jiran ce’umsa sadarkaa isaanii
ni murteessa.

e. Intarpiraayizootaaf bu’uura sadarkaa guddina isaanii ka’amee paakeejii


deeggarsaa raawwatamu isaa hordofuu fi deeggarsa kennuu.

9. Koomishiinii Barnootaa Leenjii Ogummaa fi Teeknikaa


Tajaajila eksteenshiinii industrii bu’uura sadarkaa guddina intarpiraayizootaatiin ni
kenna.

10. Dhaabbilee dhiheesa Faayinaansii Xixiqqaa ( WALQO )


Intarpiraayizootaaf bu’uura sadarkaa guddina isaaniitiin deeggarsa dhiheesa faayinaansii
taasisuu.

11. Sirna Hordoffii fi Gamaaggamaa


11.1. Hordoffii, Gamaaggamaa fi Duub-deebii
1. Qaamooleen raawwatootaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran karoora waggaa
gadifageenyaan kan qopheessan ta’ee, karoora kana keessatti ulaagaalee ce’umsa
sadarkaa guddinaatii fi paakeejii kenninsa deeggarsaa bu’uura godhachuun,
qajeelfamootaa fi maanuwaalootiin dda addaa qophaa’an hojii irra oolaa jiraachuu
isaanii dhimmoota mirkaneessuu dandeesisan Itti dabaluudhaan sadarkaa sadarkaan
mirkaneesisanii Ejensii misooma IMX federaalaatiif ni ergu.

2. Bu’uura karoora qophaa’een gabaasa raawwii hojii karoorichaa kurmaanaan


Ejensii misooma IMX federaalaatiif akka qaqabuu ta’ee, Ejensii misooma IMX
federaalaa ammo cheekliistii dursamee qophaa’ee fi qaamoolee raawwachiiftuun
akka beekan taasifameen dabalataan gamaaggama hojii dirree irratti gaggeessuun
ragaalee deeggarsaa fi hordoffii cimaa ta’ee fi galtee(input) ta’uu ni sassaaba.
3. Gaabaasni raawwii hojii kurmaanaa sadarkaa sadarkaan qophaa’ee karaa Ejensii
misooma IMX federaalaatiin walitti qindaa’ee gaggeessummaa Ministeera
Misooma Magaalaa fi Konstiraakshiiniitiin akka gamaaggamamuu ni taasifama.
Duub-deebiin bu’aa gamaaggama kanaa, qaamoolee raawwatoota hanga caasaa
sadarkaa jalaa jiraniif ni kennama.

4. Odeeffannoon tarreeffamaa sadarkaa guddina intarpiraayizootaa karaa WKTIT tiin


akka sassaabamuu fi qindaa’uu taasisuun, jijjiirama intarpiraayizoota irratti mul’atu
gamaaggamuu fi muuxannoo gaarii babal’isuu,

11.2. Agarsiistoota Raawwannaa


Agarsiistoota raawwannaa bu’aa ce’umsa guddina sadarkaan ittin argamee
mul’isuun

1. Baay’ina intarpiraayizootaa fi gosa seektaroota hojii sadarkaa guddina


hundeeffamaa/ jalqabaa irraa gara sadarkaa guddinaa guddatuu/babal’achuutti
ce’an

2. Baay’ina intarpiraayizootaa fi gosa seektaroota hojii sadarkaa guddinaa


guddattuu irraa gara sadarkaa guddina gaheesaatti ce’an

3. Baay’ina intarpiraayizootaa fi gosa seektaroota hojii sadarkaa guddinaa


gaheessaa irraa gara sadarkaa guddina kubaaniyaa guddattuu giddugaleesaatti
ce’an

Kutaa Afur

Tumalee adda adda

12. Daangaa Raawwatiinsa


Qajeelfamni kun qaamoolee mootummaa qoodaa fudhatootaa fi intarpiraayizoota
sadarkaa adda addaa irra jiran irratti raawwatiinsa ni qabaata.

13. Waa’ee Qajeelfama fooyyeessuu


Qajeelfamni kun akkaataa barbaachisummaa isaatti yeroo kamiyyu fooyya’uu ni
danda’a.
14. Guyyaa Qajeelfamni kun itti Ragga’uu
Qajeelfamnii kun Birroo Industirii fi Misooma Magaalaa ttin hara’a
guyyaa__________ bara 2004 irraa jalqabee kan hojiira oolu ta’a.

Umar Huseen Obaa


Sad.I/A pirazidantiitti Ogganaa BIMMO fi
I/A Walitti Qabaa Mana Maree Misooma Intarpiraayizoota Maayikiroo
fi Xixiqqaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa 2004
Finfinnee

You might also like