You are on page 1of 6

MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI

ABBAA TAAYITAA GEEJJIBA OROMIYAA

Q AJEELFAMA GAHUMSA DHAABBILEE K ONKOLAATAA


Bara 2010

Qajeelfama ---/2010
Qajeelfamni kun akkaataa Dambii Mirkaneessa Gahumsa Konkolaataa fi Dhiyeessa Tajaajila
Geejjibaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe keewwata 35 irratti qajeelfamni
kun bahee jira.

Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Mirkaneessa Gahumsa dhaabbata suphaa Konkolaataa lakk. ---/2010
jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee Dambii kana keessatti:
1) Dhaabbata Suphaa Konkolaataa: jechuun dhaabbata Abbaa Taayitichaan qaama konkolaataa suphuuf
hayyama kennamefi dha.
2) Dhaabbata Qulqullina fi Midhagiina Konkolaataa: jechuun qaama konkolaataa midhagsuu,
faayeessu, dhiquu irratti dhaabbata hayyama kennameef dha.
3) Dhaabbata Fichisiisa Konkolaataa:- jechuun dhaabbata konkolaataa biyya alaa irra gara biyya
keessatti fiduu dha.
4) Dhaabbata Jijjirraa Qaama Konkolaataa Raawwatu (Rebuilder): jechuun dhabbata konkolaataa
qaama tajaaajila ta’eef omishame tokkoo gara qama tajaaajila biroof oluutti kan foyyeessu ykn kan
jijjiiru ykn konkolaataa shaansii qofaan biyya gale haala tajaajilaatti tolchudhaa ykn kan haarkifamaa
tolchudhaa .
5) Fayyaaleessuummaa Konkolaataa Qullquleessuu:- Jechuun bu’aan qorannoo teekniikaa meeshaalee
konkolaataa kan safartii fi madaalii godhameen argamee, istaandardii suphaa fi sadarkaa tajaajila
irraa eegamu kan siimu ykn dhisuu ta’uu isaa mirkaneeffachuuf gocha raawwatuudha..
6) Hihidha Konkolaataa:- jechuun dhaabbata qaama konkolaataa biyya alarra gara biyya keesstti
fiduudhaan yookiin biyya keessatti qaama konkolaataa qophaa’e tolchee tajaajilaaf akka oluutti
qopheessuu dha.
7) Konkolaataa Manca’ee:- Jechuun hubaatii balaa irra ga’een ykn dhibinsa meeshaa jijjirraan kan
suphaamuun gonkkumaa tajaajilaaf ooluu hindandeenye ykn al-dinaagduumman ykn istaandaardii
biyyaa simuu dhabuun kan akka dhabamu itti murta’eedha.
8) Meeshaa Jijjirraa Moofaa (Used Parts):- Jechuun meeshaa konkolaataa seraan maqfame irraa hikame
Ykn konkolaataa manca’ee adda facaasuun kan argamuudha.
9) Qullquleessaa Fayyaaleessuummaa Konkolaataa:- Jechuun qama hojii Kan raawwachuuf ogummaa,
dandeettii fi meeshaa hojii akkasuumas heeyyama daldalaa qabu jechuudha.
10) Waraqaa Ragaa Gahumsaa jechuun:- waraqaa ragaa mirkanneessa gahumsa ogummaa nama yookiin
qaama istaandardii bahe guuteef kennamu jechuu dha.
11) Waraqaa Ragaa Gahumsaa Yeroo:- Istaandardii Abbaan Taayitichaa baase keessaa 75% fi isaa ol
yoo gutame hanga istaandardii bahe (100%) guutatanitti hojii hojjechu akka danda'aniif waraqaa
ragaa gahumsa waggaa tokkoof qofa kennamu jechuu dha.

3. Ibsa Koornayaa
Qajeelfama kana keessatti jechi koorniyaa dhiiraatiin ibsame dubartiis ni dabalata.

4. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun caasaalee Abbaa Taayitaa sadarkaan jiran, dhaabbilee qorannoo, suphaa, fichisiisaa
yookiin gurgurtaa konkolaataa yookiin meeshaa jijjiiraa konkolaataa, faayeessuu fi qulqullina
konkolaataa, oomiisha meeshaa konkolaataa, waldaalee yookiin jaarmiyaalee geejjibaa fi qaamolee
tajaajila geejjiba daandiin walqabatee naannicha keessatti hojjetan hunda irratti raawwatiinsa ni
qabaata.

Kutaa Lama
Tajaajila Gahumsa Dhaabbilee Konkolaataa Mirkaneessuu
5. Kenna Waraqaa Ragaa Gahumsa Dhaabbilee Konkolaataa
1) Qaamni kamiyyuu osoo waraqaa ragaa gahumsa suphaa hin qabaatiin konkolaataa suphuu hin
danda'u
2) Qaamni kamiyyuu hayyama suphaa argachuuf ulaagaa istaandardii manuwaalii kana
raawwachuuf bahe irra jiruu meeshaalee,humna namaa fi iddoo hojii qabaatee bu’uura dambii
193/2009 itti gaafatamummaa fudhatee hojjachuuf hayyamamaa ta’uun iyyannoo dhiyeeffachuu
qaba.
3) Bu’uura keewwata 5(2)tiin dhaabbatni iyyannoo dhiyeesse kaffaltii tajaajila erga kaffalee booda
guyyaa hojii 3 hin caallee keessatti gareen ogeessota Abbaa Taayitichaa qaaman dhaabbatichi
gahuumsa qabaachuu isaa unkaalee gahuumsa itti mirkanaa’uun ilaalame qaama ilaalameen
mallattoon mirkanaa’u qaba.
4) Bu’uura keewwata 5(3)tiin dhaabbatni gahuumsi isaa mirkanaa’e yoo kan guutu ta'e waraqaa
ragaa fudhachuuf sanada waliigaltee irratti Abbaa taayitaa Geejjibaa waliin mallatteesse yoo
mirkaneesse faayilli saaqamee sanadnii hundi erga itti hidhamee ragaan isaa galmeessaa fi
kompteera irratti galchuudhaan waraqaan ragaa gahuumsaa waggaa tokkof ni kennamaaf.
5) Bu’uura keewwata 5(4)tiin dhaabbatni gahuumsi isaa mirkanaa’ee waraqaa ragaa fudhatee hojii
irra jiruu yoo xiqqaate waggaatti yeroo lamaaf haala gahuumsi kennameefin hojechaa jiraachuu
isa ilaalamu qaba.
6) Bu’uura keewwata 5(3)tiin dhaabbatni gahuumsi isaa istaandardii gadi ta'e kaffaltii tajaajila
kaffalchisuun yeroo lamaaf qofa irra deebiin ni madaalamaf.
7) Sanada waliigaltee walii mallatteessuf “Waraqaa Gahumsi Dhaabatichaa” ogeessa Abbaa
taayitaa Gejjiba Oromiyaa koppii sadiin qophaa’ee mallattaa’a
8) Dhaabbatni sanada waliigaltee mallatteesse tajaajila kaffaltii kanfaluun koppii waraqaa
gahuumsa dhaabbatichaa tokko mallatteessee fudhata. Koppii tokko Abbaa taayitaa Gejjiba
godinaa yookiin magaalaa dhaabatichi keessatti argamuuf yookiin socha’uuf kooppiin tokko
ammo Abbaa taayitaa Gejjiba Oromiyaa kan kennamu ta’a.

6. Haaromsa Waraqaa Ragaa Gahumsa Dhaabbilee Konkolaataa


1) Qaamni waraqaa ragaa gahumsa fudhate kamiyyuu waggaa waggadhaan haaromsuu qaba.
2) Bu’uura keewwata 6(1)tiin qaamni yeroo haaromsaa dabarsee dhiyaate waraqaan ragaa
gahumsaa yeroon ragga’ee itti turuu irraa guyyaa 5(shan) booda jiru lakkaawamuu kan jalqabu
ta'ee adabbiin haala istaandarii kaffaltii irra jiruun kaffalee dhufuu qaba.
3) Bu’uura keewwata 6(1)tiin qaamni waraqaa ragaa gahumsaa yeroo fudhate irraa kaasee hanga
waggaa tokkotti istaandardii isa haafe gutuudhaan waraqaa gahumsaa dhaabbii fudhachuu qaba;
4) Bu’uura keewwata 6(2)tiin qaamni istaandardii yeroo kennameef keessatti sababa humnaa ol
ta'een gutuu hin dandeenye altokkoof qofa ji'a jahaaf waraqaan ragaa ni haaromfamaaf;
5) Bu’uura keewwata 6(3)tiin yeroo ji'a jahaaf kennameef keessatti istaandardii yoo gutuu hin
dandeenye hayyamni ni haqama;
6) Qaamni waraqaa ragaa haaromsuuf dhufu iyyannoo fi waraqaa ragaa isa dura kennameef fidee
dhufu qaba
Kutaa Sadii
Mirgaa fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa
7. Dirqama Abbaa Taayitaa Geejjiba Godinaa/Magaalaa
1) Haala istaandarii gahumsa dhaabbilee suphaa irratti hunda'uun waraqaa ragaa gahumsaa
kennu,haaromsuu,sadarkaa guddisuu fi gadii busuu,heeyyama haquu,dhorkuu, adabuu fi
sirreeffama seeraa taasisuu;
2) Konkolaataan dhaabbata suphaa gahumsa qabuutti qofa akka suphamu gochuu fi kan suphamee
galmeef dhufe haala istaandardii jiruun suphamuu isaa mirkanneessu
3) To'annoo fi hordoffii taasisuun dhaabbilee waraqaa ragaa hin qabaatiin ykn hin haaromsiin
yookiin ulaagaa hir'isanii hojii hojjetan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu;
4) Ragaa dhaabbilee suphaa waraqaa ragaa fudhatanii galmeessuu fi koompitera keessa galchuun
yeroo yerootti qaama dhimmi ilaaluf dabarsuu ykn gabaasuu
5) Heeyyama waraqaa ragaa gaumsaa kennun dura jeequmsa fi faalama naannoo fi bakka ka'umsa
balaa tiraafikaaf sababa hin taanee mikaneessu qaba.
8. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbile Konkolaataa
1) Dhaabbata keessatti hojii jalqabuun dura heeyyama daldalaa fi nagahee seera qabeessa
qabaachu qaba;
2) Warqaa raga gahumsa hojiif kennameef fi istaandardii Abbaan Taayitichaa baasuu irratti qofa
tajaajila kennu qaba
3) Konkolaataa heeyyama jijjiirraa qaamaa hin qabneef jijjiirraa qaama gochuu hin qabu;
4) Waraqaa ragaa gahumsaa argachuuf meeshaalee,humna namaa fi iddoo hojii guutuu ta'een
eegun tajaajila kennu qaba yoo sababa humnaa ol ta'een ykn manca'uudhaan yoo hir'ate
battalummatti bakka buusuu qabaata;
5) Waraqaa ragaa gahumsaa yeroodhaan haaromsuu qabu;
6) Waraqaa ragaa gahumsaa qaama biroof dabarsee kennu hin qabu, ofiis bakka heeyyama
waraqaa ragaa itti argatee qofatti fayyadamuu qabaata;
7) Ragaa konkolaataawwaan dhaabbata isaa keessatti suphamanii galmeessee qabachuun qaama
dhimmi ilaaluuf yeroo gaafatamutti kennu qaba.
8) Qaama to'annoo fi hordooffif dhufuu ragaa gaafatamu seeran kennu qabata
9) Suphaa jalqabuun dura konkolaataa jijjiirra qaamaa yookiin suphaa guyyaa sadii oliif
konkolaataa tursisuuf waligaltee abbaa qabeenyaa waliin taasisuu qaba.
10) Konkolaataaf erga suphaa taasifame booda osoo konkolaataa hin qoratiin abbaa qabeenyaatiif
kennu yookiin tajaajila karaatiif akka oluu gochu hin qabu;
11) Konkolaataan Sababa badii dhaabbata suphaatiin rakkoo balaaf yoo saaxilamee yookiin suphaa
taasifameen wal qabatee balaan yoo qaqqabee yookiin konkolaataan balaa qaqqabsiisee hanqina
suphaa taasifameen ta'uu yoo mirkanaa'e dhaabbatichi seeraan kan gaafatamu ta’a.
Kutaa Afur
Adabbii fi Tumalee Adda Addaa
9. Adabbii
1) Dhaabatni kamiyyuu tumaalee qajeelfama kana darbanii argaman haala armaan gadiitiin kan
adabamuu ta’a
2) Dhaabbatni suphaa waraqaa ragaa gahumsaa osoo hi qabaatiin tajaajila keenne kan argamee;
daangaa iddoo hojii hayyamameef ala hojeechaa yookiin osoo abbaa taayitichaa hin beeksiisin
bakka hojii yookiin ulaagaa hojiif barbachisuu kan hanqisee
(a) Balleessaa isa duraatiif akkeekachisa barreefamaa itti keennamee guyyaa 20 keessatti
gahumsa madalchisee waraqaa ragaa akka taasifama.
(b) Balleessaa si’a lammaffaaf dhaabbatichi waraqaa ragaa hama fudhatuutti ni saamsama;
(c) Balleessaa si’a sadaffaaf seeraan kan gaafatamuu ta'a
3) Dhaabbatni sadarkaa kennameefin alatti tajaajila kan kenne
(a) Balleessaa isa duraatiif akkeekachisa barreefamaa jalqabaa kennu
(b) Balleessaa isa lammaffaatiif akkeekachisa barreefamaa lammaffa fi dhaabbatichi ji'a sadiif
hojii dhaabsisuu;
(c) Balleessaa si’a sadaffaaf dhaabbaticha waggaa tokkoof hojii dhaabsisuun
4) Istaandardii jijjiirraa qaama konkolaataaf ta'een alatti jijjiirraa qaama konkolaataa heyyamma malee
kan raawwataee argame
(a) Balleessaa isa duraatiif akkeekachisa barreefamaa FI dhaabbatichi ji'a Jahaaf hojii
dhaabsisuu
(b) Balleessaa isa lammaffaatiif dhaabbaticha waggaa tokkoof hojii dhaabsisuun
5) waraqaa ragaa gahumsaa osoo hin haaromsiin tajaajila kan kenne
(a) Balleessaa isa duraatiif akkeekachisa barreefamaa itti keennamee guyyaa 10 keessatti
gahumsa madalchisee waraqaa ragaa akka haaromfatu taasifama.
(b) Balleessaa si’a lammaffaatiif dhaabbatichi haga waraqaa ragaa fudhatuutti saamsamee tura.
(c) Balleessaa si’a sadaffaaf waraqaan ragaa ni haqama.
10. Tumaalee Adda Addaa
1) Dhaabatni waraqaa ragaa gahumsaa murtii irratti keenamee irratti yoo mormii yookiin komii
qabaatee Abbaa Taayitaa Geejjibaa sadarkaa sadarkaan jirutti guyyaa hojii 15(kudha shan) hin
caallee keessatti ni dhiyeessa.
2) Dhaabbatni bu'uura qajeelfama kanaatiin waraqaa ragaa gahumsaa fudhatu kamiyyuu kaffaltii
Tajaajila Abbaa Taayitichaan murta'ee raawwachuu qaba.
3) Qajeelfama kana waliin duuka bu’oota ta’anii ergaman ckeek listii hojii, unkaalee, formaatiin
waliigaltee fi maanuwaaliin qaama qajeelfama kanaa ta’u.
4) Dhaabbatni hojii dhaabuu waraqaa ragaa gahumsaa kennameef Abbaa Taayitichaaf deebisuu qaba.
5) Qajeelfamni kun guyyaa ----------- eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

Taakkalaa Uumaa Bantii (Enji.)


Hoogganaa Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa
Finfinnee
Guyyaa _/_/2010

You might also like