Professional Documents
Culture Documents
Manneen Murtii Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa haqa qabeessa, bu’a qabeessaa fi kallattii
hundumaan guutuu ta’e akka kennan dandeessisuun waan barbaachiseef;
Abbootiin dhimmaa haqa barbaacha gara mana murtii dhufan baasii hin malleef akka hin
saaxilamne gochuun barbaachisaa waan ta’eef;
Haalli qabatamaan murteessa baasii fi kisaaraa dhimma hariiroo hawaasaa Manneen Murtii
naannichaa keessa jiru qulqullinaa fi tilmaamummaa kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti
dhiibbaa uumuu isaatiin amantaan uummataa akka sadarkaa barbaadame irra hin geenye taasisaa
waan tureef, hojimaata iftoominaa qabu fi itti gaafatamummaa hordofsiisuu danda’u diriirsuun
hanqina hubannoo qixa kanaan jirus xiqqeessuun barbaachisaa waan ta’eef;
Murteessa baasii fi kisaaraa dhimma hariiroo hawaasaatiin wal-qabatee aangoon abbaa seeraaf
kenname akkuma eegametti ta’ee, garaagarummaan hojimaata bal’aan jiraachuun lammiileen
wal-qixa tajaajila akka hin arganne taasisee waan jiruuf, sirna iftoomina qabu diriirsuun
hojimaata wal-fakkeessuudhaan gara gahiinsa tajaajilamtootaa fi amantaa uummataa dabaluun
barbaachisaa waan ta’eef;
Sirni murteessi baasii fi kisaaraa ittiin hoogganamu ifatti diriiruu dhabuun dhimmoonni Manneen
Murtii naannichaa keessatti akka baay’atan waan taasiseef;
Kanaafuu, Maanuwaaliin Murteessa Baasii fi Kisaaraa Manneen Murtii Oromiyaa kun akka itti
aanutti qophaa’eera:
1
KUTAA TOKKO.
TUMAALEE WALIIGALAA
Maanuwaaliin kun “Maanuwaalii Sirna Murteessa Baasii fi Kisaaraa Manneen Murtii Oromiyaa”
jedhamee waamamuu ni danda’a.
2. Hiika Jechootaa
Akkaataan fayyadama jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Maanuwaalii kana
keessatti:
1) “Abbaa Dhimmaa” jechuun nama yookiin qaama yookiin garee tajaajila manni murtii
kennu argachuuf gara mana murtii dhufan ta’ee, kanneen akka himataa, himatamaa,
falmii jidduu seenaa, murtii balaaleffataa, ol’iyyataa, deebii kennaa yookiin iyyataa ta’uu
ni danda’a.
2) “Abbaa Seeraa” jechuun ogeessa seeraa hojii abbaa seerummaa akka hojjatuuf Gumiin
filatamee Caffeedhaan kan muudame, Abbaa Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa ta’ee
akkuma haala isaatti gargaaraa fi kaadhimaamaa abbaa seeraa galmee irratti
moggaafamee hojii abbaa seerummaa hojjetu dabalachuu ni dandaa’a.
3) “Baasii” jechuun tajaajila mana murtii argachuuf jecha baasii abbaan dhimmaa tokko
kallattiin baase hunda kan hammatu yoo ta’u, kaffaltii tajaajila abbaa seerummaa,
kaffaltii durgoo ogeessaa yookiin kaffaltii ogummaa ogeessaa karaa mana murtii ajaja
yookiin murtii raawwachuuf taasifame, kaffaltii deddeebii geejibaa, kaffaltii nyaataa fi
dhugaatii, kaffaltii iddoo bultii, kaffaltii tajaajila gorsa seeraa yookan abukaatummaaf
taasifame, kaffaltii durgoo ragaa, kaffaltii garagalcha waraqaa fi kkf kan dabalatuudha.
4) “Beenyessuu” jechuun akkaataa Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa bara 1958
bahe keewwata 465 jalatti tumaamee jiruun beenyaa garee miidhameef murtaa’u
jechuudha.
2
5) “Garee itti murtaa’e” jechuun akkuma haala isaatti himataa, yookiin himatamaa yookiin
giddu-lixaa yookiin falmiitti makamaa yookiin ol-iyyataa yookiin deebii-kennaa ta’ee
falmiin mana murtiitti gaggeeffamuudhaan murtiin moo’amaa kan argisiisuudha.
6) “Garee Murtaa’eef” jechuun akkuma haala isaatti himataa yookiin himatamaa yookiin
giddu-lixaa yookiin falmiitti makamaa yookiin ol-iyyataa yookiin deebi-kennaa ta’ee
falmiin mana murtiitti geggeeffamee murtiidhaan kan murtaa’eef kan argisiisu ykn
himannaan irratti dhihaate bu’uura seeraan irraa kufaa ta’e ni dabalata.
7) “Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa” jechuun bu’uura Labsii Lakkoofsa 216/2011
keewwata 2(9)tiin hiikkoo kenname ta’ee hojii yookiin adeemsa hojii manni murtiitiin
simannaa tajaajilamaa fi tajaajila baniinsa galmee irraa eegalee hanga murtii kennuu,
murtii raawwachiisuu fi ol-iyyannoo keessummeessuu keessatti hojiiwwan hojjatamanii
fi tajaajila kennaman hunda kan hammatu ta’ee, garagalcha adda addaa kennuu, ajaja
dhaddachaa bahii taasisuu, odeeffannoo gaafatamu tajaajilamaaf kennuu fi hojii
dhaddachaa waliin walqabatu hunda ni dabalata.
8) “Kisaaraa” jechuun baasii abbaan dhimmaa kallattiin baase osoo hin dabalatin sababa
abbaan dhimmaa sun falmii mana murtiitti geggeesseen galii silaa argachuu qabu
dhabeedha.
9) “Mana Murtii” jechuun bu’uura Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee
Bahe fi Labsii Lak. 216/2011’n kan hundaa’e, Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii
Ol’aanaa fi Mana Murtii Aanaa jechuudha.
10) “Naannoo” jechuun Naannoo Oromiyaa jechuudha.
3. Ibsa Koornayaa
3
4. Kaayyoo Maanuwaalichaa
4
Fakkeenyaaf: -
Sababa dhorkaatiin hojiin daldalaa addaan kan cite fi galiin silaa argamuuf ture kan
gaafatamu yoo ta’e, seerummaa mataa isaa danda’een dhiyaatee sirna biraatiin furmaata
kan argatuudha malee maanuwaalii kanaan hin bitamu. Haa ta’u malee, baasii
kabachiisaaf yookiin dhorkaaf taasifame yookiin baasii ajaja kabachiisaa yookiin
dhorkaa kaasisuuf baafame ilaalchisee maanuwaaliin kun raawwatiinsa ni qabaata.
KUTAA LAMA
6. Qajeeltoo Waliigalaa
5
yoo ta’e sababa isaa ibsuun murteessuu qaba. Haa ta’u malee, falmii keessatti sababa
balleessaa garee tokkootiin baasii fi kisaaraan dhaqqabe jiraachuu isaa osoo
hubachiifamee jiruu abbaan seeraa muraan ykn of haa danda’an jechuun murteessuun
haqummaa hin qabu.
4) Gaaffiin baasii fi kisaaraa, akkasumas beenyessuu ilaallatee dhihaatu kamiyyuu ragaa
rogummaa qabuun deeggaramee dhihaachuu qaba.
5) Gaaffiin baasii fi kisaaraa, akkasumas beenyessuu ilaallatee dhihaatu garee itti murtaa’e
dhaqqabee akka dhihaatee dhagahamu Manni Murtii ajaja kennuu qaba.
6) Falmii sadarkaa oliyyannootti gaggeeffamu ilaalchisee baasii fi kisaaraan, akkasumas
beenyessuun kan murtaa’u sababawaa ta’ee, rakkoo deebii kennaatiin yookiin
oliyyaataatiin joormaan, baasiinii fi kisaaraan dhaqqabuu isaa yoo hubatamedha.
7) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (6) jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, murtiin
jalaa kan diigamu fi fooyya’u yoo ta’e; baasii sadarkaa ol-iyyannootti dhaqqabeen cinatti
baasii fi kisaaraa mana murtii jalaatti dhaqqabe ilaalcha keessa galchee bu’uura
maanuwaalii kanaan murteessuun raawwii isaatiif mana murtii jalaatti deebisuun
filatamaadha.
8) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (6) fi (7) jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee,
murtiin mana murtii jalaa kan cimu yoo ta’e, sadarkaa oliyyannootti baasii fi kisaaraa
dhaqqabe qofa tilmaama keessa galchuun bu’uura maanuwaalii kanaan murtaa’a
jechuudha.
9) Aangoo sadarkaa jalqabaan baasii fi kisaaraa, akkasumas beenyaan murtaa’ee erga
jedheen booda sadarkaa ol-iyyannootti murtichi diigamee irra deebiin akka qulqullaa’uuf
yoo deebi’ee jiraate, dogoggora mana murtii jalaatiin yoo ta’e; falmitoonni akka of
danda’an yoo taasifame haqa qabeessa ta’a.
Yoo dogoggora ykn balleessaa garee falmitootaa keessaa tokkoon raawwatame ta’e
garuu manni murtii ol-iyyata dhagahu falmii sadarkaa ol-iyyannoo qofa irratti
akkaatuma haala isaatti maanuwaalii kana bu’uura godhatee baasii fi kisaaraa yookiin
beenyaa murteessuu danda’a.
Manni murtii jalaa oliyyannoon diigamee qabxiin deebi’eef baasii fi kisaaraa falmiicha
ilaalchisee dhaqqabe bu’uura gaaffii gareewwaniin dhihaatuun irratti hundaa’un kan
6
dhaddacha oliyyannoo osoo hin dabalatin sababeessee bu’uura maanuwaalii kanaan
murteessuu qaba.
10) Qajeeltoo waliigalaa kana keessatti kan tumaman akkuma eegamanitti ta’ee,
(a) Dhaabbilee tola ooltotaan ykn dhaabbilee barnootaa olaanodhaan ykn Waldaalee
seeraa biroo tajaajila seeraa bilisaa kenname yookiin abukaattonni dhuunfaa tajaajila
tola-ooltummaa kennan ilaalchisee akka baasii fi kisaaraatti shallagamee akka
kanfalamuuf garee moo’atame gaafachuun hin dandaa’amu.
(b) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (10)(a) jalatti tumame akkuma eegametti
ta’ee, gareen moo’ate baasii fi kisaaraan isa irra gahe yoo jiraate garee moo’atame
irraa gaafachuu wanti isa dhorku hin jiru;
(c) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (1)(a) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee,
Abbaan Alangaa bu’uura labsii 214/2011 kwt. 7 (37, 38, 39, 40, 41) tiin aangoo
falmii hariiroo hawwaasaa mootummaa yookiin kutaalee hawaasaa bakka bu’uun
falmii geggeessu ykn dubbi fixxoonni (bakka buutonni) waajjiraalee mootummaa
bakka bu’uun falmii hariiroo hawwaasaa geggeessan baasii fi kisaaraa mootummaa
irra dhaqqabe shallaguun akka kaazinaa mootummaatti deebi’uuf gaaffii dhiheessuu
hin daangessu. Kun akkuma jirutti ta’ee, baasii fi kisaaraan gaafatamu yoo gareen
bakka bu’ame mo’ataa ta’ee argame qofadha.
7. Qajeeltoo Baasiin ittiin murtaa’u
1) Manni murtii, baasii irratti murtii yeroo kennu, sababa amansiisaadhaan deeggaruu qaba.
Sababoonni kunis murtii keessatti ibsamanii barreeffamu.
2) Falmii mana murtii sadarkaa kamiyyuu geggeessuuf jecha guyyaa himannaa yookiin
iyyannoo irraa kaasee hanga murtiin raawwatamutti yookiin dhimmichi murtaa’utti
baasii gareen murtaa’eef kallattiin baase kan dabalatuudha,
3) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee,
kanneen abbaan seeraa yookiin seera biroon addatti baasiidha jedhee itti dabalu yoo
jiraate malee baasiwwan gareen murtaa’eef baaseera kan jedhamu:
(a) Baasii himannaa, deebii, Ol-iyyata yookiin iyyannoo biroo barreessisuuf,
akkasumas baasii garagalcha sanadoota yookiin murtii yookiin ajajoota
(b) aawwachiisuuf bahee jiru;
7
(c) Akkaataa haala sochii gabaa fi qabatama naannootiin baasii nyaataa, akkasumas
baasii iddoo bultii fi geejibaa ni dabalata. Haa ta’u malee, baasiin nyaataa jedhamee
ibsame kun nyaataa fi dhugaatiiwwan araadaaf oolan kanneen akka alkoolii fi jimaa
hin dabalatu. Haaluma walfakkaatuun, baasiin bultii fi geejibaa haala qabatama
naannoo irratti hundaa’uun kanneen akka kaffaltii xiyyaaraa, baaburaa fi kkf.
dabalachuu ni danda’a. Garuu, baasii xiqqaan geejiba uummataan deddeebi’uun
osoo dandaa’amuu murtiin abbaa idaa miidhuuf jecha baasii guddaan geejiba,
nyaata, siree fi kkf. gargaaramuu ykn kontiraataan deemuu yookan fayyadamuu
kanneen jedhan fudhatama hin qaban. Baasiiwwan bahan haala qabatama naannoon
bahuu ni danda’u jedhamuun kan tilmaamamuu danda’an ta’uu qaba.
(d) Baasii kaffaltii durgoo abukaatoo kan seeraan murtaa’ee jiru;
(e) Baasii kaffaltii durgoo yookiin kaffaltii ogummaa ogeessota ajaja raawwachuuf
ajajaman;
(f) Baasii kaffaltii tajaajila abbaa seerummaa fi qalaaxee garaagaraatti dhimma falmiif
yookiin raawwii murtiif kaffalaman;
(g) Baasii kaffaltii durgoo ragootaa fi qaama ajaja raawwatu yookiin murtii
raawwachiisuuf ajajame;
(h) Baasii raawwachiisa murtiif bahe kanneen akka kaffaltii adeemsa caalbaasii fi
qaama caalbaasii geggeessuuf kaffalamee fi raawwiif baafame;
(i) Baasii ajaja dhorkaaf yookiin ajaja kabachiisaa raawwachiisuuf yookiin ajajoota
kanneen kaasisuuf gareen murtaa’eef kan baasee fi kkf. ta’uu danda’a.
4) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1-3 jalatti tumame yoo jiraates, sababa rakkoo
mana murtiitiin beellamni jijjiiramee yookiin ajajni dogoeggorame yookiin ajaji ifaan
kennamuu hafuudhaan deddeebii fi baasiin yoo dabalame, ajajoota qaamota yookiin
Waajjiroota adda addaatti barreeffamee bu’aan isaa eegamu; yoo sababa hanqina
dhaabbatichaa yookiin sababa qaama ajaja fudhatee raawwachuu qabuun osoo hin
raawwatamin beellamni deddeebi’ee kennamee baasii fi kisaaraan dabaleera ta’e,
akkasumas kaffaltiin dirqama qallabaaf murtaa’u, baasiin gareen murtaa’eef waliigaltee
addaatiin abukaatoodhaaf waadaa seenee jiru yoo jiraate, fi kanaaf kana kan fakkaatan
sirnaa biraan waan bulaniif akka baasiitti ilaalamuun idaa abbaa dhimmaa baasii
kaffaluuf dirqama qabu keessa galuun kan shallagaman miti.
8
8. Qajeeltoo kisaaraan ittiin murtaa’u
1) Sababa falmiin mana murtiitti geggeeffamee fi gareen murtaa’eefii jiru falmiin kun
taasifamuu isaatiin galii dhabe yookiin kisaaraa mudate kan argisiisuudha.
2) Kisaaraan keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsamee jiru deddeebii mana murtiitti taasifamu
irratti hundaa’uun sababa falmiitiin galii garee murtaa’eefii jiru jalaa cite yookiin
kisaaraa mudate jiraachuun yoo mirkanaa’e yookiin manni murtii yoo itti amane
murteessa.
9. Qajeeltoo Beenyaan ittiin murtaa’u
1) Adeemsa falmii keessatti himannaan yookiin deebiin ragaa sobaatiin yoo dhiyaate
yookiin yoo deggerame, fi gareen biraan akka miidhamuuf yookiin dhamaatii hin
malleef akka saaxilamu gareen tokko gochoota kana fakkaatan yoo raawwate fi manni
murtii kana yoo hubate, bu’uura iyyata dhiyaateen baasii fi kisaaraan alatti kaffaltii
manni murtii murteessuudha.
2) Kan keewwata kana Keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, beenyaa
seera deemsa falmii hariiroo hawaasaatiin kaa’amee jiruun alatti beenyaa seera birootiin
hoogganamu ilaalchisee maanuwaaliin kun raawwatiinsa hin qabu.
10. Adeemsa Murteessa Baasii fi Kisaaraa
1) Seerri dhorku yoo jiraate malee abbaan seeraa falmiin xumuramee akkuma murtii
dhumaa kenneen galmeedhuma haadhoo irratti baasii fi kisaaraa ilaalchisee haqa
qabeessa jedhee akkaataa itti amaneen bu’uura seera deemsa falmii hariiroo
hawaasaatiin muraadhaan yookiin of dandeessisuun yookiin tarree baasii fi kisaaraa akka
dhiyeeffataniif ajaja osoo hin kennin bira darbuu hin qabu. Gareen tarree baasii fi
kisaaraa akka dhiheeffatu ajajame baasii fi kisaaraa irra gahe akkaataa gaafatameen kan
hin dhiheessine yoo ta’e akka mirga isaa dhiisetti kan fudhatamu ta’a.
2) Kan keewwata kana Keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, abbaan
seeraa ajaji muraadhaan kennamu haqa mirkaneessa jedhee kan amanu yoo ta’e,
wantoota armaan gadii ilaalcha keessa galcheeti:
9
(a) Galii yookiin qabeenya garee itti murtaa’e yookiin baasii fi kisaaraa kaffaluuf
dirqama qabu sakatta’uun;
(b) Maanuwaalii kana keewwata 7(3) fi 8(2) jalatti ulaagaalee baasii fi kisaaraa
tarreeffamanii jiran ilaaluun;
(c) Yoo barbaachisaa ta’ee argame, ulaagaaleen baasii fi kisaaraa kun jiraachuu fi
dhabamuu isaanii ragaa barbaachisaa ta’een manni murtii qulqulleeffachuu danda’a.
(d) Adeemsi murteessa baasii fi kisaaraa kan muraadhaan yookiin of haa danda’an
jechuun murtaa’u yoo ta’e, haqa mirkaneessuu danda’uu isaa abbaan seeraa
sababaan deeggaruun galmee irratti ibsa,
(e) Adeemsa kanaan manni murtii yeroo ajaja kennu haala ulfaatinaa fi wal-xaxiinsa
dhimmichaa fi kan kana fakkaatan giddu-galeessa godhatee murtii isatti fakkaate
kennuun kan murtaa’uudha.
3) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, manni
murtii haqa ni mirkaneessa jedhee yoo amane; gareen murtaa’eef sababa falmiitiin baasii
fi kisaaraa irra gahe tarreeffamaan akka dhiyeeffatu ajajuu ni danda’a.
4) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (3)tiin abbaan dhimmaa tarree baasii fi
kisaaraa akka dhiyeeffatu kan ajajamu yoo ta’e, akkaataa armaan gadiin hojiirra oola:
(a) Baasii fi kisaaraa tarreedhaan dhiyaate kun kan adeemsa falmii fi falmiin dura
falmicha gaggeessuuf qophiif baafame ta’uu ibsuun, kanneen qulqullaa’uu qaban
immoo ragaa barbaachisaan deggeruun gareen murtaa’eef beellama karaa abbaa
seeraa kennameefitti fayyadamuun dhiyeeffata.
(b) Tarreen baasii fi kisaaraa kun ulaagaan teekinikaa isaa erga sakatta’ameen booda
garee baasii fi kisaaraa kaffaluuf dirqama qabu garagalchi isaa dhaqqabee dhiyaatee
dhagahama.
(c) Gareen murtaa’eef tarree baasii fi kisaaraa kana hin dhiyeeffatin kan hafu yoo ta’e,
hafuu isaa fi tarree dhiyeeffachuu dadhabuu isaa galmeessuudhaan akka seera
deemsa falmii hariiroo hawaasaatti manni murtii ajaja isatti fakkaate kennuu
danda’a.
(d) Akkaataa keewwata kana xiqqaa “b” tti gareen itti murtaa’e yoo dhiyaachuu dhabe,
akkaataadhuma seeraatti manni murtii bira darbee ajaja yookiin murtii isatti
fakkaate kennuu ni danda’a.
10
(e) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa “c fi d” jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee,
gareen itti murtaa’e kan dhiyaatu yoo ta’e, dhimmootni qulqullaa’uu qaban yoo
jiraate, manni murtii ragaa roga qabeessa jedhee amaneen qulqulleessee murtii isatti
fakkaate kennuu danda’a.
(f) Kan keewwata xiqqaa kana qubee (e) jalatti ibsame yoo jiraates, tarreen baasii fi
kisaaraa dhiyaate haqummaa kan hin qabne fi garmalee ol ka’uun isaa yoo
hubatame, abbaan seeraa hir’isuu yookiin guutummaatti haqee murtii isatti fakkaate
kennuu ni danda’a.
(g) Akkaataa keewwata xiqqaa kana qubee (f) jalatti ibsametti, baasii fi kisaaraan tokko
olkaa’aadha kan jedhamu:
11
iv.Gaaffiin baasii fi kisaaraa dhiyaatee jiru haala hawaasummaa, dinagdee
gareewwanii fi qabatama lafa jiru waliin walbira qabamee yoo ilaalamu,
raawwatamummaan isaa ulfaataa fi haqummaa hin qabu jedhee abbaan seeraa kan
fudhatu yoo ta’e; Fakkeenyaaf:- dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa keessatti hojjetaa
miindaa isaatiin alatti galii biraa hin qabne dhimmaa tilmaama seerummaa guddaa
ta’een hojjechiisaa himatee yoo itti murtaa’e, baasii fi kisaaraa kaffaltii abukaatoo
waliin kaffali jechuun murteessuun humna hojjetaa fi hojjechiisaa waliin yeroo
madaalamu haqummaa dhabuu qofa osoo hin taane raawwachiisuufis ulfaataa
ta’uu danda’a. Labsiin hojjetaa fi Hojjechiisaa Lakkoofsi 1156/2011 keewwata
162(2) jalatti hojjetaan yeroo mana murtiitti himannaa dhiyeessu; kaffaltii
tajaajila abbaa seerummaa akka hin kaffalle kan taasisee jiruufis haqa qabatama
lafa jiru ilaalcha keessa galchuu isaa mul’isa. Kanaaf, manni murtiis qabatamaa fi
haalota jiran ilaalcha keessa yoo galche haqummaan murtii kennamuu dabaluu
danda’a.
12
4) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, gareen
murtaa’eef murtiin haadhoo murtaa’eefii raawwachiifamu kan hin jirre yoo ta’e, murtii
baasii fi kisaaraa, akkasumas beenyaa ilaalchisee gareen murtaa’eef galmee raawwii
saaqqatee raawwachiifachuuf wanti isa daangessu hin jiraatu.
KUTAA SADII
Fakkeenyaaf:
(a) Abbaa dhimmaa jireenyi isaa Magaalaa Amboo keessa ta’ee Mana Murtii Ol’aanaa
Godinichaatti deddeebi’ee kan falmu yoo ta’e, ciree, laaqanaa fi irbaata manaa
nyaatee baha waan ta’eef, akka baasiitti garee itti murtaa’eetti kan shallagamu miti.
Akkasumas, geejibni deddeebiif kaffalamu jiraachuu hin qabaatu. Garuu, sababa
falmii kanaatiin kisaaraan isa dhaqqabe jiraachuu waan maluuf, akka kisaaraatti
galiin jalaa hafe ilaalamee shallagamuu danda’a. Yeroo akkasii, maanuwaalichi
hojiirra oola jechuudha.
(b) Dabalataanis beellama sababa rakkoo mana murtiitiin deddeebi’amee kennamee jiru
baay’ina guyyaa deddeebiitti shallagamee akka kisaaraatti murteessuun haqa
qabeessa hin ta’u.
(c) Baasii fi kisaaraan yeroo gabatee kana bu’ureeffatee murtaa’u wantoonni akka
fageenyaa, gosoota geejibaa fi bakka ciisichaa haala qabatama naannoo mana
13
murtichaa tilmaama keessa kan galche ta’uu dhaddachi qulqulleeffachuu qaba.
Tarreen baasii fi kisaaraa dhihaatee jiru falmiin gaggeeffamuu isaatiin baasii fi
kisaara dhaqqabus abbaan seeraa tilmaama keessa galchuu qaba. Akkasumas,
akkaataa sirna Bulchiinsa dhangala’a dhimmaatiin sa’aatiin beellamuu fi
keessummeessuu irraan kan ka’e hangi turmaatii abbaa dhimmaa sa’atiin adda
bahee kan beekamu yoo ta’e, oolmaan guyyaa tokko gara sa’aatiitti jijjiiramuun
shallaggiin raawwatamuu qaba.
Fakkeenyaaf: -
Abbaan dhimmaa tokko turtii sa’atii lamaa keessatti tajaajilamee gara hojii isaatti
deebi’uu kan danda’u yoo ta’e, haalli shallaggii kisaaraa sa’aatii 2/8 ykn ¼ galii
guyyaa tokkootiin ta’a jechuudha.
3) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame yoo jiraates, gareen ciree fi
irbaata manaa nyaatee laaqana galuu kan hin dandeenye yoo jiraate, gar-tokkeen
shallagamuu wanti dhorku hin jiraatu.
Fakkeenyaaf: -
obbo ‘X’ jiraataa Magaalaa Gincii yommuu ta’an, obboo ‘Y’ ammoo jiraataa
Magaalaa Holataati. Wal-falmii isaanii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa
lixaatti geggeessanii beellama yeroo 5(shanii) booda murtiin kennamee obbo ‘Y’
baasii fi kisaaraa kaffaluuf akka dirqamu itti murtaa’e. Yeroo kana baasiin nyaataa
akkaataa kanaan shallagama. Abbaan mirgaa obboo ‘X’ mana isaanii bulanii
beellama hordofaa turan. Garuu laaqana galanii deebi’uun itti ulfaata. Kanaaf,
akkaataa gabatee ‘A’ armaan gadiitti baasiin shallagamuuf deemu kan nyaataa fi
dhugaatii keessaa baasii laaqanaa qofa ta’a jechuudha. Iddoon baasiin laaqanaa itti
baafamaa ture Magaalaa Ambooti. Magaalaan Amboo immoo maanuwaalii kana
keessatti Magaalaa Muummee Godina Shawaa Lixaa waan ta’eef, Magaalaa
sadarkaa ol’aanaatti ramadama. Haaluma kanaan, gatii laaqana guyyaa tokkoo hanga
qarshii 100tti waan ta’eef, abbaan seeraa hanga haqa qabeessa jedhe murteessee
shallaga. Qarshiin 80 gahaadha jennee yoo qabanne, deddeebii guyyaa tokkoof
14
baasii geejibaa fi kan biroo osoo hin dabalatin kan laaqanaa qarshii 80(saddeettama)
yoo ta’u, kan beellama yeroo 5 x qar.80=qar.400 (dhibba afur) obbo Y’n kaffaluuf ni
dirqama jechuudha.
4) Gabatee kanaan wal qabatee wal falmitoonni meeshaa teknoloojii viidiyoo konfiransiitti
gargaaramuun dhaddacha giddu-galeessaa tokko irratti kan falman yoo ta’e, Magaalaan
viidiyoo konfiransiin irraa darbu osoo hin taane wiirtuu abbootiin dhimmaa itti deemuun
irraa falman giddu-galeessa ta’ee baasii fi kisaaraan kan shallagamu ta’a.
5) Akkaataan shallaggii baasii fi kisaaraa kun haala qaala’iinsa jireenyaa fi sadarkaa
Magaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessa jiru bu’uura godhachuudhaan giddu-
galeessaan baasii baaxiidhaan kaa’ameedha. Abbaan seeraa baaxii kana ol-darbee
murteessuudhaaf sababni haqa qabeessa ta’ee itti mul’ate yoo jiraate galmee irratti
ibsuudhaan baaxii kana ol-darbee murteessuuf aangoon isaa hin daangeffamne.
6) Dhimma Maanuwaalii kanaaf qofa haala qaala’iinsa gabaa fi sochii daldalaa giddu
galeessa godhachuudhaan Magaalotaaf Sadarkaan sadii qophaa’eera: Magaalota
sadarkaa ol’aanoo, magaalota giddu-galeessaa fi magaalota gadi’aanaa jedhamuun
qoodamaniiru.
(a) Magaalota Ol’aanoo: - Manneen Murtii teessoon isaanii Magaalota Muummee
Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti argaman fi Magaalota Godina Addaa
Naannawaa Finfinnee fi magaala Finfinnee keessatti hojii isaanii idileen hojjetan
hunda ilaallata.
(b) Magaalota giddu-galeessaa: Manneen Murtii magaalota muummee aanaalee
Naannoo Oromiyaa keessatti argaman keessatti hojjetan hunda ilaallata.
(c) Magaalota gad-aanaa: Manneen murtii teessoon isaanii magaalota keewwata xiqqaa
‘a’ fi ‘b’ keessatti hin hammatamne fi Manneen Murtii Sadarkaa Dhaddacha
Naannawaa fi Dhaabbiin Magaalaa aanaa gaditti hojjetan hunda ilaallata.
(d) Haala addaatiin haala sochii gabaa fi dinagdee irraan kan ka’e qaala’iinsi jireenyaa
hammaataa yoo ta’e fi abbaan seeraa haqa ni mirkaneessa jedhee yoo amane haala
qabatamaa fi sababawaa ta’e irratti hundaa’uun sadarkaa magaalotaa sadarkaa tokko
olkaasuun murteessuu danda’a.
15
(e) Manneen murtii sadarkaan jiran dhaddacha idilee irraa ka’uun dhaddacha dhaabbii
fi naannawaan tajaajila abbaa seerummaa kennan yoo jiraatan, baasii fi kisaaraan
kan shallagamu akkaataa sadarkaa magaalaa buufata dhaddacha dhaabbiin yookiin
naannawaan sun itti hojjetuun murtaa’a.
16
Gabatee A. Haala Shallaggii Baasii Nyaataa fi Bultii (Siree) walfalmitootaa
Gosa Baasii Sadarkaa Guyyaa Hanga baasii qar. Baay’ina Idaa’ama Waliigalaa
Lakk. Magaalotaa tokkotti giddu-galeessaan Beellamaa
17
Gabatee B: Haala Shallaggii Baasiiwwan Biroo
Lakk Gosa Baasii Hanga kaffaltii giddu-galeessaan Hanga Baaxii baasii Idaa’ama
. (Qr.)
1. Kaffaltii durgoo ragootaa Sadarkaa Baay’ina Ragootaa X qar. X guyyaan Bu’aa argame
magaalotaa (deddeebiin yoo jiraate)
Olaanaa Ragaa tokkoof qar. 500
G/Galeessa Ragaa tokkoof qar.400
G/Aanaa Ragaa tokkoof qar.300
2. Kaffaltii Himannaa yookiin Fuula tokkotti hanga qar. 250 Baay’ina fuulaaX hanga qar.250 Xqar.250
Deebii yookiin iyyata Ol- ta’ee;
iyyannoo yookiin iyyata biroo o Himannaaf fuula 5 caaluu hin
Barreessuu, barreeffamichi qabu
ogeessa hayyama haarome o Deebiif fuula 3 caaluu hin qabu
qabuun kan barreeffame yoo o Iyyata (ol-iyyata dabalatee)
ta’e, fuula 3 caaluu hin qabu
3. Footo koppii Fuula tokkotti Qar. 1 hanga 2 Baay’ina fuula Manni murtii BFX qarshii 1
barbaaduX qarshii 1 hanga 2 hanga 2
4. Geejiba Gareen murtaa’eef geejibaan Baay’ina deddeebii beellamaaa BDX2
manaa deddeebi’ee falma yoo
18
ta’e, baasiin gabatee A jalatti X2
ibsamee jiru baasii laaqanaa irraa
kan hafe kaffalamuu dhiisuu
mala.
Gareen mo’ate geejibaan mana
murtiitti dhiyaatee yoo bule malee
beellama dhaqqabuu kan hin
dandeenye yoo ta’e, baasiiwwan
gabataee A jalatti ibsaman cinatti,
baasiin geejiba beellama tokkoo
kan dhaqaa fi galaa nagahee
dhiyaateen yookiin haala
qabatama abbaan seeraa beekuun
shallagameefii murtaa’a.
19
deggerame
6. Kaffaltii durgoo abukaatoo Kan seeraan beekamtii qabu qofa Seerummaa gaafatameen osoo hin ≤ Tilmaama
taane dhumarratti murtii kenname qarshii
bu’uura godhachuun hanga murtii
15%tti murteessuu danda’a. dhumaa X
15%
7. Kaffaltii tajaajila abbaa Seeraan nagaheen itti kutamee Abbaan dhimmaa hiyyummaan Nagahee
seerummaa galmee irra kan jiru galmee saaqqate mo’ataa yoo kaffaltii
ta’e, hangi silaa kaffaluu qabu dhiyaate irraa
dursee idaa garee baasii herregama
kaffaluuf dirqama qabutti
shallagamee kaazinaa
mootummaatti deebi’uu qaba.
Abbaan dhimmaa hiyyummaan
galmee saaqqate mo’amaa ta’ee
baasii kaffaluu kan qabu yoo
ta’e, kaffaltiin abbaa
seerummaa kun isa irratti hin
lakkaa’amu,
8. Kaffaltii kabachiisaa yookiin Baay’ina qabeenya kabachiifamee Qabeenyaan dhorkame eegumsa Abbaa
20
dhorkaaf taasifame yookiin yookiin dhorkamee kan barbaadu yoo ta’e, gatiin seeraatiif
dhorkaa kaasisuuf eegumsa guyyaan yookiin ji’aan dhiifame
hanga dhorkaan ka’utti jiru gatii
baratamaa ta’een shallaguun
kaffalama,
Dabalataan kaffaltii qaama ajaja
raawwachiisees tilmaamuu
danda’a.
9. Kaffaltii raawwachiisa murtiif Kaffaltii qaama akka Kaffaltiiwwan kun yoo gareen Hanga
baafamu raawwachiisuuf ajajamee, baasii fi kisaaraa kaffaluuf baasii murtii
Kaffaltii baasii caalbaasiif dirqama qabu murtii haadhoo kenname
taasifame, raawwachuufis dirqama raawwachiis
Kaffaltii gurgurtaan ittiin qabateedha. uu
geggeeffame, Gareen itti murtaa’e raawwachuuf danda’uudh
Kaffaltii maqaa abbaa fedhii qabaachuun isaa haala a.
qabeenyumaa jijjiiruuf yookiin shallaggii baasii keessatti ilaalcha
sanada jijjiirraaf taasifame, keessa kan galuudha.
Kaffaltii qabeenya irraa kaasisuuf
yookiin daangessuuf, yookiin
kellaa ijaaruuf yookiin suphiinsaa
fi kkf kan raawwii murtiif
21
taasifaman hunda ilaallata.
Kallattii biraan murteessuun irra caalatti haqa mirkaneessuun isaa yoo itti amaname malee, manni murtii yommuu hanga kisaaraa
murteessu gabatee “C” armaan gadii bu’uura godhatee shallagee murteessuu danda’a.
1)
Gabatee C.
Lakk Gosa Hojii Abbaa Galii guyyaatti argatu giddu- Hanga kaffaltii Idaa’ama
. dhimmaa mo’ataa galeessaan
1. Qonnaan Bulaa Qar. 200 Baay’ina guyyaa beellama ooleX Bu’aa argame
qar.200
2. Hojjetaa Mootummaa Heyyamaan dhiyaachuu waan - -
qabuuf, galiin irraa citu hin jiru
22
3. Daldalaa Qar.300 Baay’ina guyyaa beellama ooleX Bu’aa argame
qar.300
4. Dafqaan Bulaa Qar.150 Baay’ina guyyaa beellama ooleX Bu’aa argame
qar.150
23
14. Sirna Kaffaltii Beenyaa
1) Sababa himannoo sobaatiin yookiin, deebii sobaatiin yookiin ragaa sobaatiin garee
miidhameef beenyaan kaffalamu kan seeraan kaa’ame hanga qarshii 500tti dha.
2) Beenyaan kaffalamu kun baasii fi kisaaraa biroo osoo hin dabalatin hanga miidhaa
dhaqqabee, keessattuu miidhaa xiinsammuu giddu-galeessa yoo godhate
barbaachisaadha.
3) Kan keewwata kana Keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, gareen
miidhaa geessise beenyaa kana kaffaluu isaatiin seeraa hariiroo hawaasaa biroo yookiin
seera yakkaatiin gaafatamuurraa hin hambisu.
4) Kan keewwata kana Keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsame, beenyaan akkaataa kanaan
murtaa’u idaa abbaa dhimmaa seera biraatiin beenyaa kaffaluuf dirqama qabu irraa
hir’ifamuufii yookiin idaa’amuu hin dhorku.
1) Haalli addaa akka qulqullaa’uuf yeroo fudhatu yoo jiraate malee tarreen baasii fi
kisaaraa, akkasumas gaaffiin beenyaa yommuu dhiyaatu sirna gabaabaatiin
keessummeeffamuu qaba.
2) Tarreen baasii fi kisaaraa, akkasumas gaaffiin beenyaa kun yommuu dhiyaatus sirna
gabaabaan kan dhiyaate ta’uu mata dureen caqasee kakuun dhiyaachuu qaba.
3) Gareen baasii fi kisaaraa, akkasumas beenyaa gaafatame kaffaluuf dirqama qabu deebii
barreeffamaan dhiyeeffadheen falmadha kan jedhu yoo ta’e, heyyama abbaa seeraatiin
qofa ta’uu qaba. Abbaan seeraas heyyamuun fuula dura dhimmi kun sirna idileetti yoo
deebi’e malee haqa jal’isa jedhee kan amanu ta’uu fi kanuma barreeffamaan galmee
irratti sababa amansiisaan moggaasee ibsuu qaba.
4) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa (3) tiin gareen baasii fi kisaaraa kaffaluuf
dirqama qabu deebii kan dhiyeeffatu yoo ta’e, baasii fi kisaaraan itti aanee dhufu kan
mataa isaa of danda’ee baasii dhimmuma kanaaf gareen murtaa’eef baasu yoo jiraate
baasii fi kisaaraa waliigalaa irratti dabalataan kan shallagamu ta’a.
24
KUTAA AFUR
16. Mirgaa fi Dirqama Gaaffii Beenyaa, Baasii fi Kisaaraa kaffaluu keessa jiru
1) Baasii fi kisaaraan tarreen akka dhiyaatuuf manni murtii kan ajaju yoo ta’e, yookiin
gaaffiin beenyaa yoo dhiyaate, bu’uura foormii himannaa sirna seera deemsa falmii
hariiroo hawaasaa hordofee dhiyaata.
2) Ulaagaa teekinikaa guutuu fi dhiisuu isaa abbaan seeraa yoo qulqulleeffachuu barbaade,
ofiiserri seeraa akka sakkatta’ee dhiyeessuuf gochuu danda’a.
25
3) Kan keewwata kana Keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame yoo jiraates, tilmaama
baasii fi kisaaraa, akkasumas tilmaama beenyaa gaafatameef kaffaltiin abbaa seerummaa
kaffalamu hin jiraatu.
Guyyaa Maanuwaaliin kun hojiirra oolutti dhimmootni ilaalamaa jiran fi xumura hin arganne,
bu’uura maanuwaalii kanaatiin xumura argachuu qabu.
1) Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa hunda irra jiran maanuwalii kana gargaaramuun
hojjetu.
2) Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Maanuwaalii kana manneen murtii sadarkaan jiran
dhaqqabsiisuun cinaatti hojiirra oolmaa isaa karaa Daayirektoreetii Kenniinsa Tajaajila
Abbaa Seerummaatiin hordofaa kan deemu ta’a.
3) Abbootii dhimmaa yookiin abukaatonni dhuunfaa baasii fi kisaaraa mana murtiitti
dhiyeeffachuuf bu’uura maanuwaalii kanaan qajeelfamuu qabu.
Barbaachisaa ta’ee yoo argame, Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa maanuwaalii
kana fooyyessuu danda’a.
Gaazaalii Abbaasimal
Finfinnee
26