You are on page 1of 69

Labsii galmeessaa daldalaa fi heyyamaa lakk.

980/2008

Seensa
Galmeessa fi kenninsa heyyamaa daldalaa teeknoolojii ammayya’aan akka irkifamu gochuun
sirna daldalaa qabinsa ragaatti akka mija’uu,sochii seeraan alaa ittisu akka
dandeessisu,mootummaa,hawaasa fi qamooleen dhimmi ilaalatu ragaa barbaachisa akka argatan
godhuun barbachisa ta’e waan argameef,

Sirna daldalaa iftoomina, itttigafaatamummaa fi bulchiinsi gaariin kan itti mirkana’u


gochuudhaan muldhata biyyatti mirkaneessu akka danda’uuti biyyaattin seeraa galmeessa fi
heyyama amayya’aa akka qabatuu godhuun waan barbachiseef bu’uura heeraa mootummaa
feederaalaa demookirataawaa ripaabiilikaa Itiyoophiyaa keewwata 55(1)tiin ka itti anuu
labsameera.

Kuta tokko
Tumaa waliiigalaa

1.Mata duree gabaabaa.

Labsiin kun labsii galmeessaa daldalaa fi heyyama lakk.980/2008 jedhamee caqasamuu ni


danda’a.

2.Hiikka

2(1)”Seeraa daldalaa” jechun seeraa daldalaa Itoophiyaati.

2(2) “Daldaalaa” jechuun daldalaa hojii ogummaa isaa godhatee faayidaa malu argachuuf hojii
seeraa daldalaa irratti tarreeffaman kan hojjetu ykn tajaajila kan kennuu fi hojii daldalaa
jedhamee seeraan kan murtaa’u kan hojjetu nama kam iyyuu ta’a.

2(3) “Hojii daldalaa” jechuun bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa(2) hiikkameen
daldalaan hojii hojjetu hojii kamiyyuu ta’a.

2(4) “Tajaajila” jechuun mindaa ykn kaffaltii ogummaa guyyaa osoo hin taane galii kan
argamsiisu hojii daldalaa tajaajila kam iyyuu ta’a.

2(5)” Daldala biyyaa keessaa” jechuun akkuma rogummaa isaatti itiyoophiyaa keessati meeshaa
daldala jimlaan ykn qinxaaboon guurguru ykn tajaajila kennuu ykn beeylada dhabbii Oomishaa
irraa bitan ykn furdissan gabaadhaaf warraa dhiyeessan kan dabalatuu ta’a.

2(6)”Daldala Biyya alaa” jechuun gurgurtaadhaa kan ta’an meeshaa daldalaa fi tajaajiloota biyya
keessaa gara biyya alaa erguu ykn biyya alaa gara biyya keessaa hojii daldalaa fichisiisuu ta’a.

2(7) “Bakka bu’aa daldalaa” jechuun Daldalaa walin akka hojjeetu waliigalteen nama
qacaaramee otoo hin tanee daldalaa ta’e ofii danda’e iddoo itti hojjechuuf murtayeetti maqaa
daldalaatin bakka bu’aa ta’ee waliigaltee akka raawwatuu nama bakka bu’ummaan keennamef
ta’a.
2(8)“Meeshaalee daldalaa” jechuun maallaqaa fi sanadoota maallaqummaa qaban alaa kan
bitamu ykn gurguramu ykn kireeffamu ykn haala biraatiin namoota jidduutti hojiin daldalaa kan
ittiin geggeeffamu meeshaalee socho’an ta’a.

2(9)“Akka kiyaat” jechuun Iddoon jireenyaa waajjira bakka buusaa waldaa daldalaa ykn
daldalaa biyya itti argamu kan hin taanee fi waldaa daldalaa ykn daldalaan bu’uura waliigaltee
hojii raawwateen waldaa daldalaa ykn maqaa daldalaa fi bakka bu’aa ta’ee daldalaa otoo hin
taane hojii daldalaa babal’isuu nama raawwatu ta’a.:

2(10) “Maqaa daldalaa” jechuun daldalaan tokko hojii daldalaatiif kan itti fayyadamuu fi
hawaasa biratti maqaa ifaan itti beekamu ta’a.

2(11)”Maqaa dhaabbata daldalaa”jechuun Dhaabbanni daldalaa tokko galmeessaa daldalaatiif


kan itti fayyadamu, waajjira galmeessaa fi garee 3ffaan maqaa seera qabeessummaa qabaachuu
ittiin beeku ta’a.(waraqaa ragaa seeraa qabeessuma kan itti argatu)

2(12)“Heyyama hojii daldalaa ragga’ee” jechuun bu’uura labsii kanaa tiin heyyama hojii
daldalaa bara bajataa keessa kenname ykn haarome ykn bu’uura labsii kanaa tiin yeroon adabbii
malee haaromfamu kan itti hin darbin ta’a.

2(13)”Industrii” jechuun hojii daldalaa kamiyyuu ta’e humna mootoraatiin kan socho’an ykn
meeshaa biraatiin meeshaa daldalaa oomishuuf kan tajaajilan galteewwan hojii
oomishuu,tajaajila injinaringii kan biraa tajaajila kennamu kamiyyuu fi lafa qabiinsa qo’annoo ni
haammata.
2(14)‘’Hojii Oomishuu’’ jechuun Industirii keessati kan rawwatamu hojii waliitti fiduu,jijjiiruu,
walitti hodhuu,ykn qopheessu ykn misooma qonnaa ykn albuuda barbaaduu fi misoomsuu ykn
Oomishuu ni dabalata.

2(15)”Tajaajila Injinaringii”jechuun Meeshaa industiriif tajaajilan ykn Eleektirikaa ykn


Meeshaa Eleektirooniksii ykn Meeshaa walfakkaatu biraa suphuu,haaressuu ykn
gorsaijaarsaa,bulchiinsa ijaarsaa,tajaajila meeshaa dhaabuu fi gorsuu,tajaajila gorsaa dursaa
dizaayinii , tajaajila injinariingii dizaayinii, tajaajila to’annoo ykn kan kana fakkaatan dabalata.

2(16) “Abbaa qabeenyaa biyya keessaa”jechuun lammii itiyoophiyaa kaapitaala isaa hojii
daldalaa irra kan oolchee ykn akka abbaa qabeenyaa biyya keessaatti akka lakkaa’amu abbaa
taayitaa roga qabuun lammii biyya alaa heyyamameef ta’a.

2(17)”Abbaa qabeenyaa biyya alaa” jechuun kaappitaala isaa gara itiyoophiyaa galchuudhan
bu’uura labsii invastimantitiin damee hojii daldalaa heyyamameef irraatti invastii kan godhee
lammii biyya alaa ykn guutummaan guutuutti dhaabbata abbaan qabeenyumma isaa lammii
biyya alaatiin kan qabame ykn abbaa qabeenyaa biyya keessaa waliin qindayuun itiyoophiyaa
keessatti dhaabbata hundeeffame invasti kan godhe lammii biyya alaa ykn dhaabbata jechuudha.

2(18)”Hojii daldalaa hin mallee” jechuun Gocha kamiyyuu tumaalee seera daldalaa irraa darbu
ta’a.

2(19)”Misooma Qonnaa” jechuun misooma Biqiltuu kamiyyuu ykn misooma Beeyladaa fi


Qurxxummii ykn hojii daldalaa bu’aa Beeyladaa misoomsuu ta’a.
2(21) “Waajjira galmeessaa” jechuun galmeessaa daldalaa fi maqaa daldalaa kan raawwatu
abbaa taayitaa roga qabu jechuudha.

2(22)” Fichisiisaa” jechuun meeshaa daldalaa fi tajaajiloota biyya alaatii gara Itiyoophiyaatti
nama fichisiisu ta’a.

2(23)”Eergaa” jechuun meeshaa daldalaa fi tajaajila Iitiyoophiyaa irraa gara biyya alaa nama
erguu ta’a.

2(25)” Daldala Jimilaa” jechuun meeshaa daldalaa omisha ykn fichisiisaa irraa bitee dadalaa
qiinxaaboof ykn dhabbilee mootummaa fi miti mootummaa ykn waldaalee hojii gamtaatti
jimilaadhan kan gurguru nama kamiyyuu ta.a.

2(26) “Daldalaa qinxaaboo” jechuun meeshaa daldalaa Oomishitoota , fichisiistota ykn daldalaa
jimilaa irraa bitee bittata ykn fayyadamadhaf kan gurguru nama kamiyyuu ta’a.

2(27)”Dhaabbata misooma Mootumma federaalaa” jechuun dhaabbata misooma seeraa roga


qabuun hundeeffamee ykn Aksiyoononni hunduu Mootumma federaalaatiin dhaabbata daldalaa
qabame jechuudha.

2(28) ”Dhaabbata misooma Naannolee” jechuun bu’uura seera Mootummaa Naannootiin kan
hundeeffamee ykn Aksiyoononni hunduu Mootummaa Naannootiin dhaabbata daldalaa qabame
jechudha.

2(29) “Meeshaa daldalaa bu’uura ykn tajaajila” jechuun Gabaa irratti hirdhina uumamuu isaatiin
hojii daldalaa dorggommii hin malle hordofsiisuu danda’u fedhii bitattoota guyya guyyaa waliin
kan wal qunnamee meeshaa daldalaa ykn tajaajila ta’e qaama dhimmi ilaallatuun meeshaa
bu’uuraa ykn tajaajila jedhame beeksisa ummataatiin kan ibsamu meeshaa daldalaa ykn tajaajila
ta’a.

2(30) ”Waraqaa ragaa mirkaneessaa gahumsaa” jechuun bu’uura qajeelfama ministeerri baasuun
hojii daldalaa muraasa roga qaban bu’uura labsii kanaa fi seeroota biroo roga qabanitiin gahumis
barbachisan guutamuu mirkanayee seekitaraa mootuuma dhimmi ilaalatuu irraa waraqaa raga
kennamu ta’a.

2(31) ”Manneen marii daldalaa fi seektaraa” jechuun daldaltoonni faayidaa waliin eegsifachuuf
sadarkaa sadaarkaadhan bu’uura seeraa biyyaatiin mana marii hundeessan ta’a.

2(32) ”Waldaa seektaraa” jechuun Oomishtummaan ykn tajaajila kennamuun damee daldalaa
bifa tokko irratti daldaltoota bobba’an ykn saala bu’uura godhachuun ykn haala kamiinuu daldala
irkisuuf waldaa gurmayaanidha.

2(33) ”Waliigaltee Firaanichaayizi” jechun maqaa daldala Oomisha ykn tajaajila beekamitti
argatee fayyadamudhan gaggeessuma abbaa Oomisha ykn tajaajila amala fi muxannoo hojichaa
qoduuf Firaanichaayizaar fi Firaanchaayizii jiduuti fayidadhaf jedhame waliigaltee godhamuu
ta’a.
2(34)”Gita kenna hojii heyyama daldalaa” jechuun sadarkaa biyyooleessaatti hojiin daldalaa kan
itti gaggeeffamu Oomishaa Qonnaa, Industrii fi tajaajiloota adda addaa kan haammate gita kenna
hojii daldala ta’a.

2(35) “Qabeenya” jechuun qabeenyaa sochoo’u fi kan hin sochoone ta’ee mirga qabeenyaa
kalaqa sammuutis ni dabalata.

2(36)”Tarkaanfii bulchiinsaa” jechun Abbaa taayitaa roga qabuun kan fudhatamu akeekachiisa
barreeffamaa, saamsaa, dhorkaa, haqiinsa ykn tarkaanfii kana fakkaatan ni dabalata.

2(37)” Bittaa fi gurguurtaa sadarkaa waliigitu raawwatamu” jechuun daldalaan jimilaa, daldala
jimilaa ykn daldalan qinxaboo daldala qinxaboo waliin kan godhu bifa bittaa fi gurgurtaa ta’a.

2(38)”Seektara Mootumma roga qabu” jechuun raga waraqaa gahumsaa kan kennu ykn hojii wal
fakkaataa kan raawwatu waajjira qaama raawwachiisaa ta’a.

2(39)“Kubbaaniyyaa” jechuun waldaa itti gaafatamummaan isaa murtayee ta’a.

2(40)”Holding kubaniyaa”jechun walda ittigaafatamuuman isa murtayee lama fi isaa olii kan
hammate ta’e waraqaan galmeessa raga kan kennamee fi kubaaniyaa holdaridhan gaggeefamu
ta’a.

2(41)”Daldala daangaa” jechun Biyoota daangaa Itiyoophiyaa dangeessan waliigaltee lamanitiin


ykn murtee dhunfatin namoon ykn daldaltoon nannoo daangaa jiratan ministeerichii bu’uura
qajeelfama daldalaa daangaatiin murteessun daangaa biyyaattin ala dabalatee halaa addaatin kan
itti daldalaan hojii daldala ta’a.

2(42) “Baraa bajeeta” jechuun akka lakkofisa Itiyoophiyaati Adoolleessa 1 hangaa Waxabajjii 30
yeeroo jiruu ta’e ykn daldalaan bareeffama hundeefama fi danbii ittin bulmataa mirkanayee
irratti ykn halaa biraatin yeeroo itti murteesse bara kana bu’uura godhatee ta’a.

2(43) ”To’ataa” jechun hojiileen daldalaa seera eegan hojeetama jirachuu akka to’atuu abbaa
taayita roga qabuun nama ramdamuu ta’a.

2(44)”Abbaa Taaytaa rogaa qabuu” jechuun Minsteeraa daldalaa ykn qamaa nannoo daldalaa
bulchuu jechudha.

2(46)” Nannoo” jechun bu’uura Heeraa mootumma feederalaa keewwata 47(1)tiin kan
caaqafaman nannoolee kamiyuu yoo ta’u bulchiinsa magaalaa finfinnee fi diree dawwaa ni
dabalata.

2(47)Nama jechuun nama uumamaa ykn qamaa mirgaa namuumaa seeraan argatee ni dabalata.

2(48) kan korinyaa dhiiraan ibsamee dhalaas ni dabalataa

3.Dangaa rawwatinsa.
Labsiin kun hojii daldala keewwatta 21(4) eramanin (caaqafamanin) ala daldaltoota,walda
seektaraa, bakka bu’aa daldala fi nama kamiyuu hojii daldala irraati booba’ee hojeetuu irrati
rawwatinsa ni qabata.

4.Hojii fi ittigaafatamumma abbaa taayitaa roga qabu

4(1)Ministeerichi raawwii biyyoolessaa kan qabaatu galmee galmeessaa fi maqaa daldalaa


jiddugaleessa bu’uura labsii kanaatiin ni hundeessa,ni bulcha ummataaf akka banaa ta’u ni
godha.

4(2)Ministeerichi galmeessaa maqaa fi daldalaa ni raawwata.

4(3) Qaamonni Naannoo daldala bulchanii fi komishiinin invastimanti bu’uura ministeericha


irraa bakka bu’uuma kennamun galmeessa daldala fi maqaa daldalaa rawwachu ni danda’uu.

4(4) Ministeerichi galmeessa daldala fi maqaa daldala galmeesse kuusaa daataa odeefannoo
keessati ni galchaa,qamin nannoo daldala bulchuu fi koomishinin invastiimantis raga bakka
bu’uuman galmeessan garaa kuusaa daataa odeefannoo jiduu galeessati ni dabarsu.

4(5) Ministeerichi haala addaatiin mirga seera qabeessummaa fi waraqaa ragaa addaa qaamota
kennamaniif kanuma kan ibsu waraqaa ragaa ni kenna.

4(6) Ministeerichi waldaa seektaraa sadarkaa fedraalaatti hundeeffaman galmeessuun waraqaa


ragaa seera qabeessummaa ni kenna,Qaamni naannoo daldala bulchu waldaa seektaraa sadarkaa
naannootti hundeeffamu galmeessuun waraqaa raga seera qabeessummaa ni kenna.

4(7) Ministeerichi sadarkaa fedraalaatti gitoota hojii daldalaa heyyamni itti kennamu heyyama
hojii daldalaa ni kenna,qaamni naannoo daldala bulchu sadarkaa naannootti gitoota hojii daldala
heyyamni itti kennamu heyyama hojii daldalaa ni kennu.

4(8) Abbaan taayitaa roga qabu qaamota dhimmi ilaallatuu fi namoota biroo gaaffii dhiheessani
akkuma barbaachissumma isatti odeeffannoo daldalaa ni kenna.

4(9) Ministeerichi Qajeelfama gitoota kennaa hojii heyyama daldalaa ni qopheessa,hojii irra ni
oolcha ykn akka hojii irra ooluu ni taasisa.

4(10) Ministeerichi gitoota hojii daldalaa mirkaneessa gahumsa barbaachisuuf waajjiraalee


mootummaa seektara dhimmi ilaallatu waliin ta’uun adda baasa, ulaagaan akka qophayu fi
waraqaa ragaa gahumssa akka kennamuuf ni qindeessa, gitoota hojii daldalaa angoo isaa jala
olaniif waraqaa ragaa gahumsaa ni kenna.

4(11) Abbaan taayitaa roga qabu labsicha raawwachiisuuf danbii fi qajeelfama bahe namoota
ykn daldaltoota irra darban argaman irratti tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata,barbaachisaa ta’ee
yoo arge ammo tarkaanfiiwwan seeraa qaamota biraatiin akka fudhatamu ni godha.

4(12)Abbaan taayitaa roga qabu daldaltoonni hojii waraqaa ragaa irratti ibsame karaa sirriidhaan
raawwataa jiraachuu isaanii to’annoo fi hordoffii dursaa fi heyyama boodaa ni godha.
4(13) Abbaan taayitaa roga qabu labsii kanan,bu’uura labsii kanaatii danbii fi qajeelfamoota
bahan hojiirra oolaa jiraachuu kan hordofan to’attoota ni ramada.

Kutaa lama

5.Galmee daldalaa irratti galmaa’uu

5(1)Namni kamiyyuu otoo galmee daldalaa irratti hin galmaa’in heyyama hojii daldalaa
kamiyyuu argachuu hin danda’u.

*5(2)Namni kamiyyuu galmee galmeessaa daldalaa irratti kan galmaa’u waajjirri muummee isaa
bakka argamutti.

5(3) Namni kamiyyuu naannolee adda addaa irratti hojii daldalaa adda addaa kan hojjetu yoo ta’e
llee galmee galmeessa daldalaa irratti kan galmaa’u yeroo tokko qofa.

5(4)Namni kamiyyuu iddoo adda addaatti waajjira damee isaa banatu hojii otoo hin jalqabin dura
iddoo dursaan itti galmaa’eetti waajjira damee isaa galmeessisuu fi iddoo waajjirri damee isaa itti
argamutti kan argamu waajjira galmeessaa battalumatti beeksisuu qaba.

5(5) Bu’uura seera daldalaatiin namni kamiyyuu yeroo galmee galmessaa daldalaa irratti
galmaa’u maqaan dhaabbata daldalaa isaa faayidaa daldalaa biroo waliin kan walitti hin buune
ta’uu mirkaneeffachuun galmee galmeessaa daldalaa keessatti galchuu qaba.

5(6) Hundeesitootni waldaa daldalaa ykn miseensotni kan mallateessanii fi barreeffama


hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa galmee galmeessaa daldalaa irratti galeen alatti
jijjiirama godhamu malee galmeessa daldalaatiif utuu hin dhiyaatin dura barreeffama
hundeeffama isaanii fi dambii ittiin bulmaata isaanii Eejansii mirkaneessaa fi galmeessaa raga
aangoon kennameefiin kan ergamuu sadarkaa isaa kan eegatee samuda bu’uura godhateen walii
mallatteessuu qabu.

5(7) Hundeesitootni waldaa daldalaa ykn miseensotni barreeffama hundeeffamaa ykn dambii
ittiin bulmaataa mallatteessuun dura maqaa daldala isaanii daldalaa biraa tiin kan hin qabamne
ta’uu dursanii waajjira galmeessuu iyyataan mirkaneessuu qabu.

5(8) Dhaaltotni nama hojii daldalaa irratti bobba’ee fi hiriyaan gaa’eelaa hojii daldalaa itti fufuuf
waldaa daldalaa hundeessuuf yoo hin barbaane dhaaltota keessaa tokko ykn hiriyaan gaa’eelaa
dhaaltoota biraa fi ykn hiriyyaan gaa’eelaa bakka bu’ummaa kennamuufiin galmee galmeessa
daldalaa irratti galmaa’uu ni danda’a.

5(9) Tilmaama buusii waldaa daldalaa keessatti bifaan godhame hundeesitootni waldaa daldalaa
ykn miseensotni waliigaltee godhaniin kan murtaa’e ta’uu barreeffama hundeeffamaa ykn
fooyya’iinsa isaa keessatti ibsamuu qaba.

6.Galmee daldalaa gaggeessuu

6(1)Iyyannoon galmee daldalaatiif dhiyaatu uunka dhimma kanaaf qophaa’e guutuu fi bu’uura
labsii kana raawwachiisuuf danbii fi qajeelfamootaan sanadoota gaafataman walitti qabsiisuun
guyyaa hojiin daldalaa ni jalqabama jedhamee tilmaamamuun dura dursee dhiyaachuu qaba.
6(2)Iyyannoon galmee daldalaa irratti na galmeessaa kamiiyu yoo fudhatama kan argatu ta’ee
argamee waajjirri galmeessaan kaffaltii tajaajilaa kaffalchiisuun galmeessaa raawwachuudhaan
waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa batalumatti iyyata ni kenna,haata’uutii gaaffiin na
galmeessaa fudhatama kan hin qabne yoo ta’e kufa gochuudhan sababa isaa ibsuun iyyata
barreeffamaan batalumatti beekisisuu qaba.

*6(3) Abbootiin qabeenyaa biyya alaa dame albuudaa irratti bobba’an dhaabiileen misooma
mootummaa federaalaa,akka kiyaan dhaabbata daldalaa, daldaltoonni biyya alaa caalbaasii akka
addunyaatti mo’atanii biyya keessa galan, dhaabbata daldalaa hundeeffamee jiru bitee daldalaan
biyya alaa akkuma jirutti hojii daldalaa geggeessuuf barbaadu, seerota biraatiin hojii daldalaa
akka hojjetan waldaaleen heyyamameef, waldalen seektara sadarkaa federaalaatti hundeeffaman
akasumas ministeerichaan itti amanamee kan heyyamameef waajjirri dameen waldaan seektaraa
mana marii daldala biyya alaa ministeerichatti galmaa’u.

6(4)Mootummaa Naannootiin kan hundeeffaman dhaabbileen misoomaa fi waldaaleen mana


marii sadarkaa sadarkaan gurmayaan qaama naannoo daldala bulchu biratti galmaa’u.

6(5)Minsteerichi heyyama kan itti kennu hojii daldalaa irraatti bobbaa’u kan barbaadu namin
kamiyyuu galmee hojii daldalaa irraati galmayuuf kallattiin ministeerichaatti iyyachuu ni
danda’a.

6(6) Daldalaan dhuunfaa ykn waldaan daldalaa galmee galmeessaa irratti akka hin galmoofne
mormiin bu’uura seeraa tiin dhiyaatu galmee daldalaa irratti akka hin galmoofne dhorkisiisuu ni
danda’a.

7.Yeroo galmeen itti ragga’uu fi seera qabeessummaa waldaalee daldalaa

7(1)Waldaaleen daldalaa seera qabbeessummaa kan argatan galmaayuun ta’a.

7(2)Waldaaleen daldalaa yoo hundeeffaman gaazexaa biyya keessatti uffisa(facaati)


biyyoolessaa qabuun hawaasaaf ifa ta’u qabu.

7(3) Galmeen waldaa daldala uummataa banaa ta’u qaba,garee 3ffaanis galmee ilaaluu danda’u.

7(4)Galmeessii daldalaa kamiyuu kan ragga’u bu’uura tumaa labsii kanaatiin iyyataan gaafa
galmee daldalaa irratti galmayee kaasee ta’a.

8.Ragaalee fi sanadoota galmeessaa dabarsuu

8(1) Qaamonni Naannoo daldalaa bulchan ykn Komishiiniin Invastimeentii Itoophiyaa bu’uura
labsii kanaatiin akkuma galmeessaa gaggeessaniin rgaa galmeessaa karaa kuusii daataa
odeeffannoo dhimma kanaaf ministeerichi qopheessuutiin battalumatti dabarsuu qabu.

8(2) Ministeerichi bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) tiin ragaa darbee fi ofii isaa tii
kan galmeesse batalumati galmee galmeessa giddu galeessaa irratti galchuu qaba.

9.Lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa


9(1)Waajjirri galmeessaan waldaa daldalaa fi bakka bu’aa(akka kiyaa) daldalaa galmee daldalaa
irraatti galmaayuun dura lakkoofsi addaa kaffalaa gibiraa akka kennamuuf qaama gibira
kaffalchiisu xalayaan ni gaafata.

9(2) Qaamni gibira kaffalchiisu waldaa daldalaa fi bakka bu’aa (akka kiyaa)daldalaa lakkoofsa
addaa kaffalaa gibiraa kenneef waajjira galmeessaa ni beekisisa.

9(3) Waajjirri galmeessaan qaama gibra kaffalchiisu irraa lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa
kennamu daldalaa ykn bakka bu’aa(akka kiyaa) daldalaa iyyannoo na galmeessaa dhiyeeffatee
galmee daldalaa irraatti ni galcha.

10.Fooyya’iinsa ykn jijjiirama galmeessaa daldalaa

10(1)Fooyya’iinsi ykn jijjiiramin waldaa daldalaa qaama sanada mirkaneessuun mirkanaa’ee


guyyaa jahaatama (60) keessatti qaama galmeessutti dhiyaatee galmaa’uu qaba.

*10(2)Fooyya’iinsa ykn jijjiiramin galmeessisuuf iyyannoon dhiyaatee fudhatama yoo argate


qaamni galmeessu guyyaa fudhatama argatee fi fooyya’iinsaa fi jijjiirama galmee daldalaa irra
gale ifaan ibsuudhan iyyataa fi qaamota dhimmi ilaallatu barreeffamaan mirkaneessaa kennuu
qaba.Ragaan barreeffama mirkaneessaa kun yoo kennamu baate fooyya’iinsi ykn jijjiramin
dhiyate kun akka galmee daldalaa irratti galetti hin lakkayyamu.

*10(3) Qaamni galmeessu seeraan ala jijjiirameera ykn fooyya’eera jedhee kan itti amanee
galmeessa daldala fooyya’iinsa ykn jijjiirama haquudha fi kanuma iyyataan akka beeku
baldhinaan barreeffamn ibsuu ni danda’a.

*10(4)Bu’uura labsii kanaatiin ulaagaaleen galmeessaa daldalaatiif taa’an akkuma


barbaachisummaa isaatti fooyya’iinsa ykn jijjiirama galmeessaa daldalaatiifs raawwatiinsa ni
qabatu.(dambiichaa kee.10)

*10(5).Bu’uura labsii kanaatiin waldaleen daldalaa galmeessaa daldalaatiif dhiyaatan


barreeffamaan hundeeffamaa fi dambiin ittiin bulmaataa jijjiiramaa fi fooyya’iinsa haadhoo
waraabbii isaa qaama sanada mirkaneessun kan mirkanayaan ta’u qabu.

11.Galmeessa daldalaa haquu

*Bu’uura seera daldalaatiin galmeessa daldalaa haquuf (keewwaatoota 112-114)kan tumaman


akkuma eegametti ta’ee

A) Daldalaan sababa kamiinyyuu hojii daldalaa yoo dhiise,

B) Daldalaan daldala gaggeessuu akka hin dandeenye tarkaanfiin bulchiinsaa yoo itti
fudhatame ykn mana murtiitiin yoo itti murtaaye

C) Daldalaan ragaa ykn sanada sobaa dhiyeessuun kan galmaa’e yoo ta’e.
D) Daldalaan labsii kana ykn dambii fi qajeelfama labsii kana raawwachisuu irra yoo darbe

E) Daldalaan galmee daldalaa irratti galmaayee heyyama daldalaa otoo hin baafatin waggaa
tokko(1) yoo ture waajjirri galmeesse galmeessa isaa haquu ni danda’a.

11(2) Bu’uura keewwata kana xiqqaa (1)(e)Namni galmaaye oomisha ykn enjinariingii ykn hojii
invastimantii wal –fakkaataa irratti kan bobba’e ta’ee hojii invastimantii sana xumuruuf heyyama
hojii daldalaa ragaa sababa quubsaa fi amansiisaan baafachuu dhabaniif dhiheeffachuun waggaa
lama lamaan yeroo haaromsaa keessatti yoo gaafatee fi heyyamameef qofa galmeessi otoo hin
haqamin akka turu godhamuu ni danda’ama.

11(3) Bu’uura keewwata1(a)tiin galmeessi daldala kan jalaa haqame daldalaan yeroo kamiyyuu
galmeessa daldalaa sana deebi’ee galmaa’uu danda’a.

*11(4)Bu’uura keewwata kana xiqaa 1(b)tiin haqiinsa galmeessa daldalaa godhuun dura waajjirri
galmeessaan daldalaan yaada mormii yoo qabaate akka dhiyeeffatu teesso galmeesiseen
xalayaadhaan beeksisuu qaba.

11(5)Daldalaan gaafa xalayaan dhaqabee kaasee guyyaa 30(soddoma) keessatti yaada mormii
yoo dhiyeeffachuu baate ykn yaadni mormii daldalaa bu’uura seeraa kan hin qabne ykn teessoo
galmeeffateen yoo argamuu baate galmeessi daldalaa ni haqama.

11(6) Sababoota bu’uura kewwata kana kewwata xiqaa (1) dabaree qubee (b),(c),ykn (d)tiin
daldalaan galmeessii daldalaa jalaa haqame akka hin galmoofne adabbiin bulchiinsaa ykn
murtiin mana murtii yoo jiraate malee galmeessa daldalaa irra deebiin galmaa’uu ka danda’u
gaafa haqamee kaasee kan herreegamu waggaa tokko booda ta.a.

11(7) Galmeessi waldaa daldalaa kan ragga’u beeksifni haqiinsaa baasii iyyataatin Gaazexaa
facaatii bal’dhaa qabuun maxxanfamee gaafa bayee kaasee baatii tokko booda ta’a,daldalaa
dhuunfaa yoo ta’e beeksisa himsiisuun otoo hin barbachisin haqiinsi galmee irratti gaafa galee
kaasee kan ragga’e ta’a.

11(8)Sababa kamiiniyyuu daldaalaan heyyamni daldalaa jalaa haqame galmeessa daldalaa saniin
heyyamni dabalataa biraa yoo jiraachuu baate galmeessi daldalaa ni haqama.

12.Waraqaa ragaa galmeessaa bakka buusuun kennuu

Waraqaan ragaa galmeessa daldalaa kan jalaa bade ykn manca’e daldalaan kamiyyuu
bu’uura ulaagaa dambii labsii kana raawwachiisuuf baheen haala ibsameen waraqaa ragaa
galmeessa bakka bu’insaan argachu danda’a.

13.Waraabbii ragaa kennuu

13(1) waraabbii ragaa baldhiinan galmee daldalaa keessatti amatamee,ragaa galmee keessaa
walitti bahu,ragaan barbaachisaan baldhiinan galmee irra kan hin jirre ta’uu ragaa mirkaneessu
ykn galmeesi daldalaa isa haqamu ragaa mirkaneessu akka kennamuuf namni barbaadu
barreeffamaan qaama galmeessu iyyachuu qaba.
13(2) Qaamni galmeessu bu’uura keewwata kana keewwata xiqaa(1)tiin iyyata dhiyaate kaffaltii
roga qabu kaffalchiisuun ragaa kennuu qabu battalumatti kennu qaba.

Kutaa sadii

Waa’ee galmeessa maqaa daldalaa

14.Waa’ee galmeessa maqaa

14(1) Maqaan daldala dhuunfaa maqaa seeraa nama sanii maqaa abbaa fi akaakayyuu kan
haammatu ta’a.maqichi nama dhuunfaa dursa galmaa’een kan walfakkaatu yoo ta’e maqaa
abaabayyuu itti dabaluun,hanga abaabayyuu maqaa nama dhuunfaatiin kan qabame yoo ta’e
maqaa haadhaa itti dabalamee ni galmaa’a.Maqaan haadhaatis maqaa nama biraatin kan
walfakkaatu yoo ta’e kan addaa biraa akka itti dabalamu godhama.

14(2)Maqaan waldaan shariikumma waliigalaa damee hojii daldalaa muldhiisudhaan bu’uura


seeraa daldalaatiin mogaafama.

14(3)Maqaan waldaan shaariikumma itti gaafatamummaa bifa lama damee hojii daldalaa
muldhiisudhaan bu’uura seeraa daldalaatiin mogaafama.

14(4)Maqaan Waldaa Aksiyoonaa damee hojii daldalaa muldhiisudhaan bu’uura seera


daldalaatiin miseensootaan kan murtayuu ta’a.

14(5) Maqaan waldaa itti gaafatamummaan isaa murtayee damee hojii daldalaa muldhiisudhaan
bu’uura seera daldalaatiin miseensotaan kan murtaayu ta’a.

15. Waa’ee maqaa daldalaa galmeessisuu

15(1)Daldalaan kamiyyuu iddoo galmeessa daldalaa itti rawwatutti maqaa daldalaa galmeessisuu
qaba.

15(2). Daldalaan kamiyuu iddoo heyyama daldalaa itti baafatutti maqaa daldalaa isaa
galmeessisuu qaba.

15(3)Maqaan dhaabbata daldalaa hanga bu’uura labsii kanaatiin ulaagaalee maqaa daldalaa
guutteetti maqaa daldaalummaatiin galmayuu danda’a.

15(4).Iyyataan Waldaa daldalaa biyya alaa yoo ta’e biyya itti galma’eeti kan mirkanayee
waraqaa ragaa galmeessa daldalaa fi maqaa daldalaa mirkanayee ykn kanuma kana mirkaneessu
ragaa seera qabeessaa iyyata isa waliin waajjira galmeessu dhiyeessu qaba.
15(5)Maqaan dhaabbata daldalaa waraqaa ragaa galmeessa daldalaa irratti kan galmayuu yoo
ta’u maqaan daldalaa waraqaa ragaa mataa ofii kan qabu ta’ee waraqaa ragaa heyyama daldalaa
irratti kan galmayuu ta’a.

15(6) Iyyannoon galmeesaa maqaa daldalaa unka dhimma kanaaf qophayee guutu fi sanadoota
dambii kanaan ibsaman haamachisuun dhiyaachu qaba.

16.Sababoota galmeesi maqaa daldalaa akka hin raawwatamne taasisan

16(1)Qaamni galmeessu sababoota armaan gadiitiin maqaan daldalaa akka hin galmoofne
godhuu danda’a.

A. Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatamee dursa kan galmaayee,maqaa daldalaa biraa
ykn dhaabbata maqaa daldalaa waliin tokko ykn sadarkaa dogoggorsiisuun tokko yoo
ta’e.

B. Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatame waamicha dhaabbilee


Mootummaa,dhaabbilee amantaa, paartii siyaasaa ,sabaa fi sab-
lammoota,uummata,sanyii,gosa,waldaa kan biraa kamiiniyyuu,dhaabbilee Mootummaa
gamtoomanii ykn dhaabbilee tola oltootaa fi waldaalee waliin tokkoo ykn haala
dogoggorsaan tokko yoo ta’e.

C.Maqaan akka galmayuu gaafatamee maqaa nama beekamtii argatee kan haammatu yoo ta’ee fi
maqaa fayyadamuuf heyyamni barreeffamaa yoo dhiyaachu baate,

D.Maqaan akka galmayuu gaafatamee bifa damee daldalaa kan hin agarsiifine yoo ta’e

E.Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatamee Itiyoophiyaa kessatti dursee kan hin galmoofne
yoo ta’ellee Itiyoophiyaa keessatti kan beekamu ykn beekamtii addunyaa kan qabu ta’ee maqicha
fayyadamuudhaaf heyyamni kan hin kennamne yoo ta’e.

F.Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatamee amalaa fi hoj-maata gaarii waliin faallaa ta’uun
yoo mirkanayee.

16(2) Labsiin kun otoo hin bayin dura daldalaan maqaa daldalaatiin yeroo dheeraaf kan itti
fayyadamaa ture ta’ee bu’uura tumaa labsii kanaatiin maqaan daldalaa akka hin galmoofne
dhorkamee fi kan hin galmoofne yoo ta’e abbaan taayitaa roga qabu bu’uura murteessuun
galmaayuu danda’a.

16(3) Raawwii tumaa keewwata kanaatiif Minsteerichi qajeelfama raawwii baasuu danda’a.

17.Bu’aa maqaan daldalaa galmee maqaa daldalaatti galuu

17(1) Maqaan daldalaa galmee daldalaa irraati galuun mirga maqaa daldalaatiin fayyadamuf kan
kennu ragaa duraati.

17(2)Maqaan daldalaa dhaabbata tokko ykn maqaan daldalaa tokko dursee galmayuun qofa
amala hojii daldalaa tasuma wal hin fakkaanne tokkof hojii daldalaaf akka hin galmoofne
dhorkuu hin danda’u.
18.Haqiinsa galmeessa maqaa daldalaa.

18(1)Waajjirri galmeessaan galmeessa maqaa daldalaa sababoota armaan gadiitiin haquu


danda’a.

A.Daldalaan maqaa daldalaa galmeessise akka haqamu yoo gaafate.

B.Maqaan daldalaa mookisuun ykn dogoggoraan kan galmaaye ta’un yoo mirkanaaye.

C.Galmeessa fi heyyamni daldalaa bu’uura labsii kanatiin yoo haqame.

D.Galmeesi maqaa daldalaa mana murtiitin kufa ta’uun yoo murtayee.

E.Bu’uura labsii kanaatiin maqaa daldalaa irratti jijjiiramni yoo godhame.

F.Waldaan daldalaa beekamtii seeraa yoo dhabu ykn yoo diigamu.

18(2).Bu’uura keewwata kana keewwata xiqaa (1)(b)tiin maqaan daldalaa yoo haqamu haqiinsi
maqaa daldalaa godhamuun dura waajjirri galmeessan daldalaan yaada momii yoo qabaate akka
dhiyeeffatu teesso galmeeffateen xalaayadhan beeksisuu qaba.

18(3)Daldalaan guyyaa xalaayaan dhaqabe guyyaa 30(sodoma) keessatti yaada mormii isaa yoo
dhiyeeffachuu baate ykn yaadni mormii daldalaa bu’uura seeraa kan hin qabne ykn teessoo
galmeessisetti argamuu yoo baate maqaan daldalaa galmee irraa ni haqama.

18(4).Galmeesi maqaa daldalaa yeroo haqamu fayyadamaan galmeessa maqaa daldalaa duraan
haqamu ragaan haqiinsaa akka kennamuuf yoo iyyate waajjirri galmeessan kaffaltii tajaajila
roga qabu kaffalchiisuun kennamaaf.

18(5).Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa1(a)tiin galmeessi maqaa daldalaa kan jalaa
haqame daldalaan yeroo kamiyyuu maqaadhuma sana deebisee galmeessisuu ni danda’a.

18(6)Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) qubee (b)ykn (c) tiin daldalaan galmeessii
maqaa daldalaa jalaa haqame sababni akka deebi’ee hin galmoofne adabbiin bulchiinsaa ykn
murtiin mana murtii yoo jiraate malee galmeessaa maqaa daldalaa jalaa haqame irra deebi’ee
galmaayuu kan danda’u gaafa haqamee kaasee kan herreegamu waggaa tokko booda ta’a.

19.Jijjiirraa ykn fooyainsa maqaa daldalaa godhuu.

Galmeessa maqaa daldalaa jijjiiruuf ykn fooyyessuuf iyyata kan dhiyeeffatu nama kamiyyuu
irratti tumaan labsii kana keewwata 15 raawwatiinsa ni qabaata.
20. Wa’ee waraqaa ragaa galmeessaa maqaa daldalaa bakk bussu

waraqaa ragaa galmeesaa maqaa daldalaa bakka bussun argachuuf iyyattin daldalaa
kaminiyyuu dhiyaatu bu’uura labsii kanaatiin dambii bahun waa’ee galmeessaa bakka bussun
argachu tumamen ilaallatan raawwatinsa ni qabaatu.

Kutaa afur

Waa’ee heyyama hojii daldalaa

21.Angoo heyyama hojii daldalaa kennuu

21(1) Seerota biraa roga qabani fi bu’uura labsii kanaatiin haala addaatiin kan tumameen ala
abbaan taayitaa roga qabu heyyama hojii daldalaa ni kenna.

21(2) Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa(1)jechi waliigalaa akkuma eegametti ta’ee
abbaan taayitaa roga qabu heyyama hojii daldalaa kan kennu bu’uura qajeelfama
ministeerichaan baldhinaan bahun gitoota kenna hojii heyyama daldalaatiin ta’a.

21(3)Abbaan Taayitaa roga qabuu fi qaamonni biroo heyyama hojii daldalaa yoo kennan
heyyamicha irratti waamama gita kennaa heyyama hojii daldalaa fi lakk.addaa ifaan ibsuu qabu.

21(4).Bu’uura keewwata kana xiqqaa(1)tiin kan tumame jiratulle qaamonni mootummaa roga
qaban bu’uura labsii kana fi seeroota biroo roga qabaniitiin hojii daldalaa armaan gadiitti
heyyama hojii daldalaa ni kennu.

A. Hojii tajaajiloota ijaarsa bishaanii otoo hin dabalatin hojii tajaajila bishaan adda addaa.

B. Hojii daldala Baankii,Inshuraansii fi Maaykiroo faayinansii

C. Hojii tajaajila geejjiba Xiyyaaraa fi balaliinsa kan biroo

D. Hojii daldalaa meeshaa raadiyoo active fi caaraalaa madiisisan fayyadamuu.

E. Tajaajila teeleekomunikeeshiinii

F. Hojii daldalaa Eleektirkiaa maddisiisuu,dabarsuu ykn gurguruu

G. Hojii albuuda barbaaduu fi misoomsuu.

H. Hojii meeshaa waraanaa fi dhukaasaa suphaa,haaromsaa fi gurgurtaa dhootuu.

I. Hojii daldalaa tajaajila geejjiba galaanaa fi bishaan biyya keessaa

J. Hojii daldalaa Maltii modeel geejjibaa

K. Hojii tajaajila Birood kaasting

21(5)Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa(4)tiin qaamonni Mootummaa heyyama hojii


daldalaa kennuuf angoo qaban heyyama hojii daldalaa yoo kennanii fi haaromsan bu’uura labsii
kanaa fi danbii fi qajeelfamaatiin ulaagaa taa’an guutamuu mirkaneeffachuu qabu.
22. Heyyama hojii daldalaa kennuu

22(1)Namin kamiyyuu heyyama hojii daldalaa otoo hin qabaatiin hojii daldalaa hojjechuu hin
danda’u.

*22(2)Bu’uura labsii kanaatiin hojii daldalaa hojjechuuf heyyama hojii daldalaa ragga’e namni
baafate hojii daldalaa wal fakkaatuuf damee banuuf heyyama hojii daldalaa dabalataa akka
baafatu hin dirqamu.

22(3) Daldalaan heyyama oomishaa qabu oomishaalee oomishe qofa teessoo oomishetti yookiin
iddoo damee galmeessisseetti jimlaadhaan gurguruuf heyyama daldalaa dabalataa akka baafatu
hin dirqamu.

22(4) Daldalaan heyyama oomishaa qabu oomisha oomishe qinxaaboodhaan gurguruu hin
danda’u. Haata’uu haala addaatiin oomishaalee qinxaaboon daldalli itti raawwatamu manni marii
ministeraa dambii baasuu danda’a.(dambii lakk 392/2009 kee.52)ilaalata

22(5) Daldalaan kamiyyuu heyyama daldalaa fichisiisaa qabu oomishaalee fichisiise teessoo
heyyama daldalaa baasuuf itti galmaa’eetti jimlaadhaan gurguruuf heyyama daldalaa dabalataa
baasuuf hin dirqamu.

22(6) Daldalaan heyyama hojii daldalaa fichisiisaa qabu oomisaalee fichisiise qinxaaboodhaan
gurguruu hin danda’u.Haata’uutii amala daldalichaa fi faayidaa biyyaatiif jecha haala addaatiin
oomishaalee qinxaaboodhaan daldalamu ilaalchisee manni marii ministeerotaa dambiin
murteessuun ni danda’a.(dmabii392/2009 keew.52)

23(1)Iyyata heyyama hojii daldalaa baafachuuf dhiyaatu.

Namni hojii daldalaa irratti bobba’uu barbaadu kamyiyuu unka kaayyoo kanaaf qophayee guutuu
fi bu’uura dambii manni marii ministeerootaa baasuun sanadoota barbaachisaa ibsaman waliin
wal qabsiisuun heyyamni hojii daldalaa akka kennamuuf abbaa taayitaa roga qabutti iyyachuu
qaba.

24.Heyyama hojii daldalaa kennuu

24(1)Abbaan taayitaa roga qabu bu’uura labsii kanaa fi dambii fi qajeelfama bu’uura labsii
kanaatiin bahaniin iyyannoon yoo dhiyaatuuf ulaagaan guutamu qaban guutamu isaanii fi hojiin
daldalaa hojjetamuuf karoorfame seeraan kan hin dhorgamin ta’un ergaa mirkanaayee booda
kaffaltii roga qabu kaffalchiisuudhan iyyataadhaaf heyyamni hojii daldalaa ni kennamaaf.

24(2)Iyyannoon heyyama hojii daldalaa bu’uura labsii fi dambii ykn qajeelfamootatin guutamee
dhiyachuu dhabuu isaa abbaan taayitaa roga qabu yoo mirkaneeffate sababii fudhachuu dhabeef
iyyataadhaa barreeffamaan beeksisuu qaba.

24(3) Dhaaltonni ykn/fi hirriyaan gaa’elaa daldalaa dhuunfaa hojii daldala irratti bobba’ee ture
hojii daldalaa itti fufuuf waldaa daldalaa hundeessuu yoo hin barbaanne dhaaltota keessaa tokko
ykn hirriyaan gaa’elaa fi/ykn dhaaltonni hirriyaan gaa’elaa bakka bu’ummaa kennaniif bu’uura
labsii kanaatiin waa’ee galmeessaa bu’uura tumameen galmee galmeessaa irratti erga galmaa’an
booda maqaa bakka bu’aatiin heyyamni hojii daldalaa ni kennamaaf.

25. Mirga daldalaa heyyama hojii daldalaa kennameef

Daldalaan heyyamni hojii daldalaa kennameef kamiyyuu mirgoota armaan gadii ni qabaata.

25(1)Labsii kana labsicha raawwachiisuuf dambii fi qajeelfama bahan akkasumas seerota


birootiin kan taa’an tumaalee daldalummaa qaban kabajuun damee heyyamni hojii daldalaa
kennameefiin hojii daldalaa gaggeessuu.

25(2).Damee hojii daldalaa walfakkaataa heyyama hojii daldalaa dabalataa baasuuf kan hin
dirqamne ta’uu.

25(3) waa’ee tajaajila galmeessaa fi heyyama raga argachuu

25(4) Bu’uura labsii kanaa galmeessa daldalaa, galmeessaa fi heyyama hojii daldalaa jijjiiruu fi
fooyyeessuf.

25(5) Labsichaan,labsicha raawwachiisuuf dambii fi qajeelfama irratti hojii wal fakkaataa


heyyamaman raawwachuu.

26. Dirqamoota daldalaa heyyamni hojii daldalaa kennameef

Daldalaan heyyamni hojii daldalaa kennameef dirqamoota armaan gadii ni qabaata.

26(1)Hojiilee daldalaa adda addaa heyyamni hojii itti kenname iddoo tokkotti ykn mooraa tokko
keessatti walitti fidanii hojjechuun fayyaa fi nageenya ykn qabeenya fayyadamtootaa irratti
miidhaa kan dhaqabsiisu yoo ta’e hojiilee kanniin iddoo adda addaa ykn mooraatti kophaatti
gaggeessuu.

26(2).Tarreeffama gatii meeshaa daldalaa fi tajaajila mana daldalaa iddoo ifaan mul’dhatutti
agarsiisu ykn meeshaa daldalaa irratti maxxansuu.

*26(3)Dirqamoota amalli hojiin daldalaa gaafatu kabajuu,sadarkaa guutu fi hojjechuu.

*26(4)Heyyama hojii daldalaa mana daldalaa keessatti iddoo ifaan muldhatu kaahuu ykn mana
daldalaa damee yoo ta’e chaappaan qaama galmeessu kan itti godhame heyyama daldalaa footoo
koppii iddoo ifaan muldhatu kaahu.

26(5) Heyyama hojii daldalaa namni kamiyyuu akka itti fayyadamu ykn wabiin qabiinsaan akka
qabaatu ykn akka kireessu dabarsaan kennuu dhiisuu.

26(6)Murtii bulchinsaa ykn mana murtiitin dhaabbanni daldalaa akka diigamu ykn daldalaan
dhuunfaa daldala akka hin gaggeessine yoo itti murtayee heyyama hojii daldalaa hojii irra oolchu
dhiisuu.

26(7)Jijjiirama teessoo yoo godhe jijjiiramichaa yeroo baatii tokko(1) keessatti qaama galmeessu
beeksisuu.
26(8) Waldaa aksiyoonaa fi itti gaafatamummaan isaa murtaa’e yoo ta’e bara baajataatti herreega
isaanii oditaraan sakattaasisanii gabaasa dhiyeessuu.

26(9) Waa’ee daldalaa qaamota dhimmi ilaallatuun ragaa kamiyyuu yoo gaafatamu kennuu

26(10) Sadarkaa walfakkaatutti bittaa fi gurgurtaa raawwachuu dhiisuu

26(11) Qaama roga qabuun tarkaanfii bulchiinsaa fudhatamuu fi tumaalee biroo seeraa kabajuuf
dirqama qabu.

27 Heyyama hojii daldalaa haaressuu

27(1)Heyyamni hojii daldalaa baroota baajata Adoolessa tokkoo(1) hanga muddee soddomaa(30)
ykn bara baajataa galmeessise dhumaa kaasee ji’oottan jahan(6)n jiran keessatti haaromfamuu
qaba.

27(2) Waldaan daldala itti gaafattamummaan isaa murtaa’e kaappitaala galmeessissan ¾ kan
nyaatan yoo ta’e heyyamni hojii daldalaa isaanii hin haaromfamu.

27(3)Daldalaan heyyama hojii daldalaa haaressuu barbaadu unka iyyata heyyama haaressuuf
qophaayee guutuudhaan sanadoota dambii labsicha raawwachiisuuf bahe irratti caqafaman
waliin wal qabsiisuun dhiyeessuu qaba.

27(4)Bu’uura keewwata kana kewwaata xiqqaa tokkootiin yeroo heyyama daldalaa haaressuuf
ta’e keessatti daldalaan heyyama daldalaa haaressuu dhabe Amajjii 1 kaasee hanga waxabajjii
30tti yeroo jiruuf kan heyyama haaressuu dabalatee heyyama hareessuuf yeroo tureef baatii
Amajjiitti qarshii 2500(kuma lama fi dhibba shan )fi ji’oota itti aanan tokko tokko isaatti qarshii
1500.00(kuma tokko fi dhibba shan )adabbii kaffaluudhaan heyyama haaressa.

27(5)Bu’uura labsii kana keewwata (4)tiin tumameen daldalaan heyyama hojii daldalaa yeroo
adabbii keessatti haareffachuu baatee heyyamni hojii daldalaa abbaa taayitaa roga qabun jalaa
haqama.

27(6) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa(5)tiin daldalaan heyyamni hojii daldalaa jalaa
haqame,daldalichi sababiin humnaa olii heyyama hojii daldalaa haaromfachuu dhabeef abbaa
taayitaa roga qabuun fudhatama yoo argate bu’uura keewwata xiqqaa (4) kan tumame adabbii
taa’e kafaaludhan gaafa heyyamni isaa haqamee kaasee hanga (1)waggaa tokkoottit heyyama
hojii daldalaa jalaa haqamee irra deebiin baafachuu danda’a.

27(7)Bu’uura labsii kana keewwata xiqqaa (4)tiin heyyama hojii daldalaa akka haareffatu
dadalaan hin heyyamaminiif heyyama hojii daldalaa sana baafachuu kan danda’u heyyamni hojii
daldalaa haqamee waggaa tokko booda adabbii malee ta’a.

28.Yeroo heeyyamni hojii daldalaa itti ragga’ee turu

28(1)Bu’uura labsii kanaatiin heyyamni hojii daldalaa kennamaee yeroo isaa eeggatee bu’uura
labsii kanaatiin kan haareffamee fi hanga hin haqamnetti kan ragga’ee ta’a.
*28(2)Bu’uura labsii kana keewwata 27(6)tiin kan tumame akkuma eegametti ta’ee yeroon bara
baajeta heyyamni hojii daldalaa itti kenname ykn haaroffame baatii jaha(6) keessatti kaffaliti
barbaachisaa raawwatee heyyama hojii daldalaa yoo haaressuu baate heyyamni hojii daldalaa
isaa kan ragga’e hin ta’uu.

29.Heyyama hojii daldalaa dhorkuu

29(1)Namni hojiin heyyama daldalaa kennameef

A. Hojiin daldalaa fayyummaa fi qulqullummaa isaa kunuunsa naannoo ittisa balaaf meeshaa
daldalaa ykn sadarkaa qulqullummaa tajaajila yoo hir’dhise.

B.Bu’uura labsii kanaatiin dirqamoota daldalaa jedhamanii kan caqafaman irraa kan darbee
yoo ta’e.

C.Bu’uura labsii kanaatiin ragaa abbaan taayitaa roga qabu sirrii fi yeroodhaan kan hin
dhiyeessine ta’e.

D.Heyyamni hojii daldalaa kan kenname ykn kan haaromfame sanada sobaatiin ykn ragaadhaan
kan deeggarame ta’u kan mirkanaaye ykn

E.Heyyamicha kaayyoo kennameefiin ala otoo itti tajaajilamuu yoo argame ykn

F.Teessoo heyyama daldalaa itti galmeessisetti yoo argamuu baate.

G. Tumaalee seera daldalaa,labsiichaa ,labsiichaa raawwachiisuuf dambii fi qajeelfama kana


irraa kan darbe yoo ta’e abbaan taayitaa roga qabu heyyama isaa dhorkuu dand’a.

29(2) Tumaalee Seera daldalaa,labsiichaa,bu’uura labsiichaatiin dambii fi qajeelfamoota irra


darbuun heyyamni hojii daldalaa kan jalaa dhorkame ykn sababa kamiiniyyuu abbaan taayitaa
roga qabu tumaaleen seera daldalaa irraa darbamu yoo mirkaneeffate ykn ajaja mana murtiitiin
heyyamni hojii daldalaa yoo dhorkamu dhaabbanni daldala isaa battalumatti abbaa taayitaa roga
qabuun ni saamsama.

*29(3)Labsiichaan ,bu’uura labsiichaatiin dambii fi qajeelfamootatiin yoo dhorkamu abbaan


taayita roga qabu sababa dhorkameef yeroo amansiisaa keessatti haniqna sirreeffachuuf
tarkaanfii fudhatamuu qabu abbaa heyyamichaatti barreeffamaan ni beeksisa.

29(4) Daldalaan bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa(3)tiin daangaa yeroo kennameef
keessatti hanqinoota jiran yoo sirreesse abbaan taayitaa roga qabu heyyama hojii daldalaa irratti
dhorka kenne kaasuudhaan hojii irra akka oolu ni godha.

29(5)Dhaabbileen gahuumsa mirkaneessan gahuumsa yoo dhoorkanii fi beeksisan haal-duree


dabalataa tokko malee heyyamni hojii daldalaa ni dhorkama.

30.Heyyama hojii daldalaa haquu

30(1)Daldalaan heyyamni hojii daldalaa kennameef

A.Heyyama hojii daldalaa isaa fedhii isaatiin kan dhiise yoo ta’e.
B. Heyyamni hojii daldalaa kan kennameef ykn kan haaromeef sababa sanada ykn ragaa sobaa
dhiyeessuun ta’uun yoo mirkanaayee.

C. Heyyama hojii daldalaa kaayyoo kennameefiin ala otoo itii fayyadamuu yoo argame.

D.Bu’uura labsii kanaatiin daangaa yeroo kennameef keessatti hanqinoota sababa dhorkan
heyyama hojii daldalaa ta’an kan hin sirreessine yoo ta’e.

E.Murtiin kasaaruu kan itti kenname yoo ta’e.

F.Bu’uura labsii kanaatiin heyyama hojii daldalaa kan hin haaromsine yoo ta’e ykn

G.Bu’uura labsii kaanatiin galmeessi daldalaa jalaa yoo haqame abbaan taayitaa roga qabu
heyyama hojii daldalaa ni haqaa.

30(2).Bu’uura kewwataa kana keewwata xiqqaa1(a)tiin fedhii isaatiinn hojii daldalaa kan dhiisee
fi heyyama yeroo haaromsuu keessatti daldalaan deebisee heyyamuma sana yeroo kamiyyuu
deebisee fudhachuu ni danda’a.Haata’u malee heyyama hojii daldalaa yeroo heyyama hojii
daldalaa haaressuu keessatti yoo deebisuu baate heyyama hojii daldalaa sana deebisee kan
fudhachuu danda’u heyyamni hojii daldalaa yeroo adabbii malee haromsuun gaafa dhumatuu
kaasee waggaa tokko booda ta’a.

30(3)Abbaan Taayitaa roga qabu bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa(1)qubee (b),(c) fi
(d)tiin sababoota ibsamaniin heyyamni akka haqamu murtiin otoo hin kennamin dura akkuma
barbachisummaa isaatti teessoo daldaalaan galmeesiseen waamuudhaan yaada mormii yoo
qabaate barreeffamaan akka kennu ni godha:yaddin kenne gaha ta’ee yoo argamu battee ykn
guyya xalaayan isa gayee kasse bultii 30(sodoma) keessat dadalan yadda isa bareeffamaan yoo
hin kenninee heyyama ni haqaa.Haala kanaan daldalaan heyyamni jalaa haqame heyyamuma
sana deebisee baafachuu kan danda’u waggaa lama(2) booda ta’a.

30(4)Daldalaan hojii daldala isaa fedhii isaatiin dhiise yeroo heyyama haaressu keessatti
heyyama isaa yoo deebisuu baate gitoota hojii daldalaa heyyama hojii haqee keessatti bifa hojii
daldalaa haqamen heyyama baasuu kan danda’u adabbii malee yeroon haaressuu gaafa dhumatuu
kaasee waggaa tokko(1) booda ta’a.

30(5) Daldalaan heyyama hojii kan deebise ykn kan jalaa haqame heyyamuma deebisee sana
akka haaraatti baafachuuf yoo dhufu heyyama hojii daldalaa deebisee ykn haqee yeroo itti
hojjeteef kaffaltii gibiraa raawwachuu isaa xalayaa mirkaneessu dhiyeessuu qaba.

30(6)Dhaabbileen gahumsa mirkaneessan gahumsa yoo haqanii fi beeksisan haal-duree dabalataa


kamiinuu malee heyyamni hojii daldalaa isaa ni haqama.

31 Heyyama hojii daldalaa bakka bussn argachuu.

31(1)Daldalaan kamiyyuu waraqaan ragaa heyyama hojii daldalaa jalaa bade ykn manca’e
bu’uura labsiichaatiin dambii bahu irratti ulaagaalee caqafaman guuttachuudhaan iyyata yoo
dhiyeeffate waraqaa ragaa heyyama daldalaa bakka bussn argachuu danda’a.(dambii 392/2009
keew.33)
31(2) Heyyamni hojii daldalaa kan jalaa manca’e daldalaan bakka bu’iinsaan akka kennamuuf
yoo iyyatu heyyama daldalaa manca’e ni deebisa.

31(3) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tokkootiin abbaan taayitaa roga qabu iyyanni
dhiyaateef iyyataan heyyama hojii daldala jalaa baduu qaama dhimmi ilaallatuu ykn poolisii
irraa ragaa mirkaneessu akka dhiheeffatu godhamee bu’uura dambichaatiin kaffaltii ibsame
raawwachiisuun heyyamni hojii daldala bakka bussn ni kennamaf.

32 Dunkaanni daldalaa yeroo darbu haala heyyamni hojii daldalaa itti kennamu

32(1) Dunkaanna daldalaa nama biraatiif gurgurtaan,kennaan,dhaaltummaan,ykn haala biraa


kana fakkaatuun dabarsuun ni danda’ama.

*32(2) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tokkoon dunkaana dabarsuun kan danda’amu
baasii daldalaatiin Gaazexaa uwwisa biyyaa guutuu qabuun beeksifni maxxanfamee bahee
mormaan dhiyaachuu ykn ajajni dhoorkaa yoo bahuu baate baatii tokko(1) booda ta’a.

32(3)Dunkaanni daldalaa otoo hin darbin dura abbaan heyyamaa duraan yeroo heyyama hojii
daldalaa itti hojjechaa tureef waraqaa qulqullina gibiraa dhiyeeffachuu qaba.

*32(4)Abbaan Taaytiaa roga qabu ragaa barbaachisaa qulqulleessuudhaan heyyama hojii duraa
deebisuudhaan nama dunkaanni daldalaa darbeef heyyama hojii daldalaa wal fakkaata ni kenna.

32(5).Abbaan Taaytiaa roga qabu bu’uura keewwata kanatiin gaaffii dhiyaateef yoo kufaa godhe
sababa isaa ibsuudhaan iyyata barreeffamaan ni beeksisa.

Kutaa shan

Tumaalee adda addaa

35 .Waa’ee daldala daangaa

35(1) Heyyama daldala addaa daangaa ministeerichi ykn ministeeraan bakka bu’ummaan
qaamoota kennamuun ta’a.

35(2) Daldalli daangaa heyyama hojii daldala addaa ministeerichaan ykn waliigalteewwan
daldala daangaa ykn murtee addaatiin oomishaalee murtaa’an qofa irratti kan kennamu ta’a.

35(3) Ulaagaan daldala daangaa addaa kenniinsa heyyama hojii daldalaa dambii bu’uura
labsiitiin bahuun murtaa’a. .(dambii 392/2009 keew.44)

37 Waa’ee franchaayizii

37(1) Ulaagaan galmeessa fraanchaayizii bu’uura labsii kanaatiin dambii murtaa’uun


raawwatama. .(dambii 392/2009 keew.48)

37(2) Fraanchaayiziin bu’uura sadarkaa fraanchaayiziitiin hojjatuun irra jiraata.

37(3) Fayyadamtoonni fraanchaayizaricha irraa bifa oomisha ykn tajaajila argatan fraanchaayizi
irraa argachuu qabu.
38 Waa’ee fichisiisaa dhuunfaa fi raabsaa

38(1)Fichisiisaa dhuunfaa ykn raabsaa ta’ee hojjechuun dhorkamaa dha.

38(2) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tokkootiin kan tumame jiraatullee haala amala
hojichaatiin fi faaydaa biyyaatiif qofa fichisiisaa fi raabsaa dhuunfaa ta’anii dameewwan hojii
daldalaa itti hojjachuun danda’amu manni marii ministeeraa dambii baasuu ni danda’a.

*39 .Hojii bakka bu’ aa daldalaa

Bakka bu’aan daldalaa hojiilee armaan gadii ni qabaata.

39(1)Oomisha bakka buusaa gabaa irratti beeksisuu.

39(2)Oomishaalee biyya kenaa gabaa biyya alaatti beeksisuu.

39(3) Caalbaasii addunyaa irratti seeraan bakka bu’ee akka bakka buusaa ta’ee hirmaachuu fi
raawwii isa hordofuu.

39(4)Maqaa daldalaa bakka buusaatiin waliigaltee raawwachuu.

41.Waa’ee hojii gaggeessaa waldaa daldalaa

Namni kamiyyuu hojii gaggeessaa waldaa daldalaa ta’ee yeroo tokko keessatti hojii gaggeessaa
waldaa daldalaa tokkoo ol ta’uu hin danda’u.

* 42.Waa’ee gahumsa mirkaneessuu

(1) * Bu’uura labsii kana hordofee dambii bahuun hojiin daldala mirkaneessaa gahumsaa
barbaachisu ilaalchisee ulaagaalee gahumsa mirkaneessan guutamuu qaban seektaroonni
mootummaa roga qaban qajeelfaman ni murteessu.

(2) Bu’uura tumaalee labsii kanaatiin labsiicha hordofuun dambii fi qajeelfama akkasumas
bu’uura seeroota biraatiin ragaa waraqaa gahumsaa kennuuf qaamonni mootummaa
angoon kennameef waraqaa ragaa gahumsa mirkaneessan ni kennu.

(3) *Teessoon waraqaa gahumsaa itti kenname ykn ulaagaan jijiiramaa kan godhamee yoo
ta’e bu’uura teessoo haaraan ykn ulaagaatiin waraqaan ragaa haaraa mirkaneessaa
gahumsaa dhiyaachuu qaba.

(4) Hojii daldalaa qajeelfamaan gahumsa mirkaneessuun murtaayef namni kamiyyuu


heyyama hojii daldalaa baasuuf waraqaa ragaa mirkaneessaa gahumssa argachuu qaba.

*42(5)Tumaan keewwata kana keewwaata xiqqaa(4) akkuma eegametti ta’ee ministeerichi


seektaroota mootuummaa dhimmi ilaallatu waliin mar’achuudhaan gitoota hojii daldalaa
waraqaan ragaa mirkaneessaa gahumsaa itti hin gaafatamne ni murteessa.

42(6) Waajjiraaleen seektaroota ulaagaa mirkaneessaa yoo qopheessan daldaltoota gurmiinsa


daldaltootaa damee sanatti bobba’an mariisisuu qabu.

43.Meeshaa galuu fi bahuu murteessuu.


43(1).Ministeerichi faayidaa Biyyaatiif barbaachisaa ta’uu yoo argee Mana Marii Ministeerootaa
heyyamsiisuun meeshaa fi tajaajiloota tokko tokko gara biyya keessaa akka hin galle ykn biyyaa
keessaa akka hin baane dhorka dabarsuu danda’a

43(2).Heyyama daldalaa fichisiisaa ykn alaa ergii namoonni hin qabne biyya alaatii meeshaa
akka galchaa ykn ergan bu’uura labsiichaatiin dambii bahu murtaayuun ministeerichi heyyama
kennuu ni danda’a.

44. Tajaajilaa fi jijjiirraa dhiyeessii fi to’annoo.

44(1)Meeshaa qonna,industirii fi konstiraakshiinii meeshaa humna konkolaataatiin hojjetanii fi


konkolaataan biyya alaa fiichisiisuun daldalaan ykn bakka bu’aan gurguruu tajaajilli meeshaalee
fi konkolaataa hanga dhaabbatutti.

44(1)(A)Hojjechuun isaanii hanga dhaabbatutti ykn madda biraatiin haala quubsaadhaan kan
argaman yoo ta’e malee yeroo kamiyyuu ministeerichi waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaallatu
waliin mari’achuun kuufama xiqqaa murteessuu haala hin hanqanneen meeshaa jijjiirraa
dunkaanaa keessatti ni qabaata,gurgurtaafis ni dhiyeessa.

44(1)(B) Yeroo kamiyyuu gatii sirrii ta’een tajaajila haaromsa guutuu bitattootaa ni kenna.

44(2)Bu’uura tumaa keewwata kana keewwata xiqqaa(1)tiin daldala hin raawwanne irratti
bu’uura labsii kanaatiin tarkaanfiin bulchiinsaa ni fudhatama,Yakkaanis ni adabama.

45 Waa’ee To’ataa

45(1) To’attoonni abbaan taayitaa roga qabu ramadu to’annoof gara dhaabbata daldalaa yoo
deeman eenyummaa isaanii kan ibsu waraqaa eenynummaa fi to’annoo gaggeesuuf abbaa
taayitaa roga qabuun kan kennameef waraqaa eenyumaa addaa to’ataa ta’uu agarsiisu muldhisuu
qabu.

45(2)To’attoonni gara dunkana daldala to’annoof deemuu kan qaban yeroo sa’aatii hojii
mootummaa qofa ta’a.

45(3) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa lamaatiin(2) kan tumame akkuma jirutti ta’ee
sa’aatii hojii mootummaatiin ala gara dhaabbata daldala to’annoof kan deeman yoo ta’e abbaa
taayitaa roga qabu irraa xalayaa kana agarsiisu qabaachuu qabu.

46. Tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa

Labsii kana,labsicha hordofuun dambii fi qajeelfamoota bahan darbee nama argamu kamiyyuu
abbaan taayitaa roga qabu bu’uura labsii fi labsii kana raawwachiisuuf dambii bahuun haala
ibsamuun tarkaanfi bulchiinsaa ni fudhata. (qajeelfama lakk.010/2009 kee.(40-50)ilaalata,)

47. Tarkaanfii bulchiinsaa irratti komii dhiheeffachuu

47(1)Labsii kanaa fi labsii kana hordofuun dambii fi qajeelfama bahuun dhimmoota


haguuggaman kamiyyuu irratti murtii abbaa taayitaa roga qabuu murteessu irrati komii namni
qabu kamiyyuu itti gaafatamaa ol aanaa abbaa taayitaa roga qabuut komii isaa guyyaa
kudhan(10) keessatti dhiheeffachuu ni danda’a.

47(2) Itti gaafatamaan ol aanaa abbaa taayitaa roga qabuu komii dhiyaate dhageefatee guyyaa
shan(5) keessatti murtii isaa iyyataaf barreeffamaan beeksisuu qaba, haa ta’uutii guyyaa
caqafame keessatti itti gaafatamaan ol aanaa murticha yoo hin beeksifne komii dhiheeffatan
mana murtii aangoo qabutti komii isaa dhiyeefachuu danda’a.

47(3) Murtiin abbaa taayitaa roga qabuun bu’uura keewwata kana xiqqaa (2) tiin kanname irrati
komii kan qabu ykn deebiin kan hin kennamaniif namni kamiyyuu gaafa murtiin kennamee
kaasee yeroo baatii lama(2) keessatti mana murtii aangoo qabutti dhimmoota seeraa irrati ol
iyyannoo dhiheeffachuu danda’a.

48 Dirqamaa deegarssa kennu

Seera daldalaa,labsii fi labsicha raawwachiisuuf dambii fi qajeelfamoota bahan adeemissa


raawwachiisuu qaamni kamiyyuu abbaa taayitaa roga qabu deeggaruuf dirqama qaba.

49 Adabbii

49(1)Waraqaa ragaa galmeessa sobaa ykn heyyama daldalaa ykn waraqaa ragaa akka kiyyaa
addaa kan qopheesse ykn otoo itti fayyadamu namni argame kamiyyuu meeshaaleen hojii
daldalaa ittiin gaggeessu tajaajila itti kennuu ykn meeshaa itti oomishu dhaalamuun akkuma
eegametti ta’ee adabbii qarshii 150,000.00-300,000.00(kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamaa
hanga kuma dhibba sadii) fi hidhaa cimaa waggaa torbaa(7) hanga kudha shanii(15) gahuun
adabama.

49(2) Heyyama daldalaa ragga’ee otoo hin qabaatiin hojii daldalaa irratti bobba’ee kan argame
ykn heyyama hojii daldalaa akka itti hojjatu heyyamameef ala daldalaan kamiyyuu meeshaa hojii
daldala itti hojjatu, tajaajila itti kennuu fi oomisha itti oomishu dhaaluun akkuma eegametti ta’ee
adabbii qarshii 150,000.00-300,000.00(kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamaa hanga kuma
dhibba sadii gahuu) fi hidhaa cimaa waggaa torbaa(7) hanga kudha shanii(15) gahuun adabama.

49(3)Ragaa sobaa dhiyeessuun galmee daldalaa irratti kan galmaayee ykn maqaa daldalaa isaa
kan galmeesiee ykn heyyama hojii daldalaa ykn waraqaa ragaa addaa akka kiyaa daldalaa ragaa
sobaatiin kan haaromsiise ykn baafachuu ykn haaromsuuf yaalii kan godhe namni kamiyyuu
ykn daldalaan faayidaan hin malle argatee dhaalamuun akkuma jirutti ta’ee qarshii
60,000.00(kuma jahatama)hangaa 120,000.00(kuma dhibba tokko fi digidama)adabbii maalaqaa
gahuu fi hidhaa cimaa waggaa 7(torba) hanga 12(kudha lama) ta’uun adabama.

49(4)Heyyama hojii daldalaa akka itti fayyadamu gurgurtaan,kiraan,kennaan ykn karaa


walfakkatuun garee sadaffaaf dabarsee kan kenne daldalaan kamiyyuu adabbii qarshii50,000-
100,000( kuma shantamaa haga kuma dhibba tokkoo) fi hidhaa cimaa waggaa 5-10(shanii hanga
kudhaniitiin) kan adabamu yoo ta’u dabarsee kan kenne lammii biyya alaatti yoo ta’e qarshii
200,000-300,000.000 (kuma dhibba lamaa hanga kuma dhibba sadii) fi hidhaa cimaa waggaa7-
15 (torbaa hanga kudhashanii) adabama.
49(5) Jijiirraa teessoo dhaabbata daldala isaa bu’uura labsii kanaatiin dambii bahuun yeroo
murtaa’e keessatti waajjira galmeessu kan hin beeksifne daldalaan kamiyyuu adabbii
qarshii5000-10,000 (kuma shani hanga kuma kudhani) gahuu fi hidhaa salphaa hanga baatii
sadiitin(3) adabama.

*49(6) Galmeessa daldala irratti fooyya’iinsa kan fidu jijjiirama godhee bu’uura tumaa labsii
kanaatiin guyyaa soddama(30) keessatti waajjira galmeessaa kan hin beeksifne daldalaan
kamiyyuu adabbii qarshii(5,000-10,000) kuma shanii hanga kudhanii fi hidhaa salphaa ji’a
sadiitin adabama.(tumaan kee.kana labsiichaa kee.10(1) guyyaa 60 jedhu waliin akkamiti
araaristuu)

49(7) Labsii kana ykn labsicha raawwachisuuf kan bahan dambii fi qajeelfamoota hojii irra
oolchuuf abbaan taayitaa roga qabu hojjattoota ykn to’attoonni kan gaafatan raga kennuuf
eyyamamaa kan hin taane ykn haala bifa kamiinuu hojii isaanii kan gufachiisu daldalaan
kamiyyuu adabbii qarshii 5,000-10,000 (kuma shanii hanga kuma kudhanii) fi hidhaa salphaa
baatii sadii hin hanqanneen adabama.

49(8) Tumaalee labsii kanaa biroo namni irra darbe kamiyyuu adabbii qarshii10,000-30,000
(kuma kudhanii hanga kuma soddomaa) gahuu fi hidhaa salphaa waggaa1-3 (tokkoo hanga
sadiitiin) adabama.
8.2.2 Danbii Mana Marii Ministeerotaa wa’ee Galmeessaa fi Heyyama Daldalaa

Bu’uura Labsii qaama raawwachiiftuu Federaala dimokiraatawwa riipubilikaa Itoophiyaa


Lakk.916/2008 keewwata (5) fi labsii Galmeessaa fi heyyama lakk.980/2008 keewwata52(1)tiin
manni marii ministeerotaa dambii kana baaseera.

Kutaa Tokko

1.Mata duree gabaabaa

Dambiin kun Dambii Galmeessaa fi Heyyama daldalaa Mana Maree Ministeerotaa


Lakk.392/2009 jedhamee caaqafmuu ni danda’a.

2.Hiika

Dambii kana keessatti ,

1.”Labsii” jechuun Labsii galmeessaa fi Heyyama daldalaa Lakk 980/2008 ta’a.

2. Labsichaa keewwata 2ffaan hiikan kennaman raawwatiinsa ni qabatu.

Kutaa lama

Uulagallee maqaa dhaabbata daldalaa fi maqaa daldalaa

galmee daldalaa irratti galmaa’u, wa’ee fooyyeessu, bakka bussun galmaa’u fi haquu

3.Daldalaan dhuunfaa maqaa dhaabbata daldalaa galmeessisuu,

Daldalaa dhuunfaan maqaa Dhaabbata daldalaa baafachuuf iyyatni dhiyaatu labsicha keewwata
14(1)tiin unka iyyata walin ragoolee ibsaman guutamanii dhiyaachuu qabu.(kana jechun maqaa
isaa fi matti isaa jechudha.)

4. Waa’ee maqaa dhaabbata waldaalee daldalaa galmeessuu

1.Waldaaleen daldalaa maqaa dhaabbata daldalaa galmeessisuudhaaf unka iyyata isaa wajjin
ragaalee armaan gadii dhiyeessuu qabu.

A.Maqaa dhaabbata daldalaa isaani mirkaneessisuuf kan filatamee miseensi tokko waraqaa
Eenyumaa ykn paaspoortii ragga’e fuula barbaachisaa hadhoo fi footoo kooppii,

B.Barreeffama hundeeffamaa fi dambii hin mirkanoofne,

C.Maqaa Dhaabbata isaan ittiin waamamuuf filataman filanoo 3/sadii/,


2.Qaamni galmeessu maqaan dhiyaatan sadiin qulqulleeffannaa taasiseen dhaabbata biraatin kan
qabaman yoo ta’e kan biraa filannoon akka dhiyeesuu taasisa.

5.wa’ee waraqaa ragaa galmeessaa maqaa daldalaa baasuu

Waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa baasuuf iyyataan gaafatu unka iyyata isaa wajjin ragoolee
armaan gadii dhiyeessuu qaba.

1.Waraqaa Eenyumaa haaromfame ykn paaspoortii ragga’e fuula barbaachisaa hadhoo fi footoo
kooppii,

2.Enyummaa iyyataa sirriitti kan mudhiisuu suura lama hanga paaspoortii ta’e ji’a 6 keessatti
kan ka’e,

3.Iyyatichi karaa bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e hundeestoon hundinu waliigalan kan
keennan bakka bu’iinsaa fi ragaa bakka bu’iinsaa orijinaalaa fi footoo kooppii, waraqaa
eenyuma bakka buusaa fi bakka bu’aa, haroomsame ykn paaspoortii ragga’e fuula barbaachisaa
hadhoo fi footoo kooppii,

4.Waraqaa ragaa galmeessaa fi heyyama ragga’e, footoo Kooppii,

5.Maqaa daldalichaa yeroo dheeraadhaaf itti fayyadamaa kan ture yoo ta’e bulchiinsa nannoo
irraa xalayaa mirkaneessu ,

6. wa’ee waraqaa ragaa maqaa daldalaa bakka bussuu

Bakka bu’iinsa waraqaa ragaa maqaa daldala iyyataan gaafatu unka iyyataa walin ragoolee
armaan gadii dhiyeeffachuu qaba,

1.Waraqaa Enyummaa ragga’e ykn paaspoortii fuula barbaachisaa ta’e hadhoo fi footoo kooppii

2.Eenyummaa iyyataa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6 keessatti ka’e,

3.Iyyatichi karaa bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e waraqaa ragaa bakka bu’iinsa waraabii
hadhoo fi footoo kooppii, waraqaa enyumma bakka busaa fi bakka bu’aa haroomfamee ykn
paaspoortii ragga’e hadhoo fi fuula barbaachisaa footoo kooppii,

4.Waraqaa raga maqaa daldalaa manca’ee,

5.Waraqaan ragaa maqaa daldalaa kan jalaa bade yoo ta’e kanuma kan mirkaneessu ragaa qaama
ilaallatu irraa kennameef,

7. wa’ee waraqaa ragaa maqaa daldalaa fooyyessuu

Iyyata waraqaa ragaa maqaa daldala fooyyessuuf dhiyatu waliin ragoolee armaan gadii
dhiyatuu qabu,

1.Eenyummaa iyyataa sirriitti kan muldhiisu suura lama/2/hanga paaspoortii ji’a 6(jaha)
keessatti ka’ee,
2.Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e sanada bakka bu’iinsa mirkanayee warabii hadhoo
fi footoo kooppii,waraqaa eenyummaa bakka buusaa fi bakka bu’aa haromfamee ykn paaspoortii
hadhoo fi fuula barbaachisa footoo kooppii,

3.Hayyama hojii daldalaa ragga’e hadhoo fi footoo kooppii,

4.Maqaa daldala waldaa daldalaa fooyyessuuf kan gaafatamee yoo ta’e qaboo yaa’ii qaama
sanada mirkaneessuun mirkanayee fi fooyya’uu isaatiif Gaazexaa facaat Biyyoolessaa qabu
irratti labsamuu isaatiif ragaa,

8.wa’ee waraqaa ragaa maqaa daldalaa haquu

Iyyata waraqaan ragaa maqaa daldalaa haquuf dhiyaatu walin ragooleen armaan gadii
dhiyachuu qabu,

1.Eenyummaa iyyataa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6 keessatti ka’e,

2.Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e sanada bakka bu’iinsa mirkanayee warabii hadhoo
fi footoo kooppii,waraqaa eenyummaa bakka buusaa fi bakka bu’aa haromfamee ykn paaspoortii
hadhoo fi fuula barbaachisa footoo kooppii,

3.Waraqaa ragaa galmeessaa maqaa daldalaa

4.Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa ragga’e

9. wa’ee waraqaa ragaa galmeessaa daldala daldaalaa dhuunfaa

1. . Unka iyyataa daldalaan dhuunfaan waraqaa ragaa galmeessa baafachuuf dhiyatu walin
ragooleen armaan gadii wal qabatanii dhiyachuu qabu,

A.Eenyummaa iyyataa sirriitti kan muldhiisu suura lama/2/ hanga paaspoortii ji’a 6(jaha)
keessatti ka’ee,

B.Waraqaa Enyummaa ragga’e ykn paaspoortii fuula barbaachisaa ta’e hadhoo fi footoo kooppii

*C.Iyyataan teessoo Muummichaa fi damee hojii yoo qabaate teessoo damee hojii isaa kan
mirkaneessuu,

1. mani hojii daldalaatiif itti fayyadamu kan isaa yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa
mirkaneessuu,

2.mana hojii daldalaatiif itti fayyadamu kan kireeffate yoo ta’e kan yeeroon itti hin darbinee fi
qaama sanada mirkaneessun kan mirkanaa’e waliigaltee kiraa ykn mana mootummaa yoo ta’e
qaama mootummaa ilaalatuun kan kenname waliigaltee kiraa,

*3.Keewwata kana keewwata xiqqaa (1)fi(2) kanneen ibsaman dhiyeeffachuu yoo dadhabe
waa’ee teessoo itti hojjetu bulchiinsa naannoo itti hojjetu irraa waraqaa ragaa mirkaneessu
kenname,

D.Hojii daldalatiif kaappitaala hangaa ramadee ibsa,


E.Waraqaa ragaa lakk.kaffalaa gibiraa adda,

F.Iyyataan lammii biyya alaa yoo ta’e keewwata kana keessatti kan caqafaman irratti dabalataan
heyyama Investementii akkasumas damee kan banu yoo ta’e teessoo dame hojii isaa kan
mirkaneessu,

2.Daldalaan dhuunfaa waraqaa galmeessaa daldalaa bakka bu’iinsaa galmeessisee argachuun


dhorkaa dha.

10.Waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa waldaa shariikummaa fi itti gaafatamummaan


isaa murtaa’e,

Waldaa shariikummaa fi itti gaafatamummaan isaa murtaa’e waraqaa ragaa galmeessaa


daldalaa baafachuuf unka iyyataa walin ragoolee kanatti aanan dhiyeessuu qaba,

1.Waraqaa enyummaa hojii geggeessaa haroofamee ykn paaspoortii hadhoo fi fuula barbaachisa
footoo kooppii,

2.Enyummaa hojii geggeessaa waldichaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a
6(jaha) keessatti ka’e,

3.Hundeeffama irra kan jiru yoo ta’e miseensota hundaan malateeffamee kan kennamee bakka
bu’iinsa hadhoo fi waraabbii hadhoo walin kan mirkanaa’e ,

 Kan itti fufe…

4.Sanada mirkaneessuuf qaama angoon seeraan kennameefiin kan mirkanaa’e barreeffama


hundeeffamaa fi dambii ittin bulmataa waraabii hadhoo,

5.Iyyataan lammii biyya alaa yoo ta’e qaama mootummaa ilaallatu irraa heyyama invastimantii fi
paaspoortii haroomfamee hadhoo fi fuula barbaachisaa footoo kooppii,

6.Waldaalee shariikummaa fi itti gaafatamummaan isaa murtaa’e keessatti Lammiin biyya alaa
miseensa ta’e qaama seerummaa kan qabu yoo ta’e,

A.Biyya itti hundeeffame irraa ragaa qaama seerummaa mirkanaa’e argachuu isaa sanada
mirkaneessuu,

B.Waldaa haaraa hundaa’aa jiru keessatti galuuf murteessuu kan agarsiisu bu’uura seeraa
biyyaatiin qaboo yaa’ii mirkanaa’e ykn xalayaa ykn sanada wal fakkaatuu,

C.Heyyama investimantii,

D.Bu’uura keewwata xiqqaa kanaa fi keewwata xiqqaa (5)tiin waldaan hundeeffamuu damee kan
banu yoo ta’e teessoo damee kan mirkaneessu.

7.Iyyataan teessoo muummichaa fi damee hojii kan qabu yoo ta’e ragaa teessoo kan
mirkaneessu,

A.Mani daldalaaf itti fayyadamu kan isaa yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa mirkaneessu, ykn
B. Manni daldalaaf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
walii galtee kiraa qaama ilaalatuun kenname,

C.Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

8.Buusiin bifaan yoo jiraatee yeroo galmeessa daldalaa buusii raawwatee kaasee bara baajataa
tokko keessatti abbaan qabeenyummaa gara waldaa shariikummaa ykn itti gaafatamummaan
isaa murtaa’etti akka darbu mallattoo iyyataatiin kan mirkanaa’e mirkaneessa,

9.Buusiin abbaa qabeenyummaa kalqaa yoo jiraatu qaama sanada mirkaneessu qaboo yaa’ii
mirkanaa’e ykn sanada waliifakataa,

10.Waraqaa ragaa lakk.kaffalaa gibiraa adda,

11.Waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa waldaa aksiyoonaa

Hundeestoon waldaa aksiyoonaa waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa baafachuuf unka Iyyata
walin ragoolee armaan gadii walit qabsisuun dhiyeefachu qabu.

1.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisaa,

2. Enyummaa hojii gaggeessaa waldichaa sirriitti kan kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort
ji’a 6(jaha) keessatti ka’e,

3.Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa hadhoo fi footoo kooppii,
waraqaa eenyumma bakaa bu’aa fi hojii gaggeessaa haroofamee ykn paaspoortii hadhoo fi
footoo kooppii fuula barbaachisu,

4.Waldaan aksiyoonichaa hundeeffama irra kan jiru yoo ta’e miseensota hundaan mallateeffamee
bakka bu’iinsa kenname mirkanaa’e hadhoo fi waraabbii hadhoo walin mirkanayee,

5.Sanada mirkaneessuuf qaama angoon kennameefiin barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittin


bulmataa mirkanaa’e hadhoo fi waraabii,

6. Waldaa aksiyoonichaa keessatti miseensa kan ta’ee Lamiin biyya alaa kan argamu yoo ta’ee
waajjira mootummaa ilaalatu kan kenname heyyama invastimantii fi paas poortii hadhoo fi fuula
barbaachisaa footoo kooppii,

7.Waldaa aksiyoonichaa keessatti miseensa kan ta’e dhaabban Biyya alaa qaama seerummaa
qabu kan argamu yoo ta’e,

A Biyya keessatti hundeeffame irraa sanada qaama seerummaa ittin argatee mirkanayee,

B. Waldaa haaraa hundaa’aa jiru keessatti galuuf murteessuu isaa kan agarsiisu bu’uura seera
biyya sanaatti fi Ityoophiya keessati qaama sanada mirkaneessun kan mirkanayee qaboo yaa’ii
ykn sanada wal fakkaataa
C. Heyyama investimantii

D.Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa (8)tiin waldaan daldalaa hundeefamu damee kan
banu yoo ta’e teessoo damee kan mirkaneessu,

8.Iyyataan teessoo hojii muummee fi damees kan qabu yoo ta’e kan mirkaneessu ,

A.Manni daldalaaf itti fayyadamu,kan isaa yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa,ykn

B. Mana daldalaaf itti fayyadamu nama biraa irraa kan kireefatee yoo ta’e walii galtee kiraa
yeroon itti hin darbine qaama sanada mirkaneessuun kan mirkanayee walii galtee kiraa ykn
mana mootummaa yoo ta’e walii galtee kiraa qaama mootummaa ilaalatun kenname,

C.Keewwata xiqqaa kana qubee (A)ykn(B)tiin kan ibsaman keessaa tokko dhiyeeffachuu yoo hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetu qaama bulchiinsaa nannoo irraa kan keennamee ragaa
barreeffamaa mirkanaa’e,

9. Aksiyoonaa gurgurtaa mallatayee keessaa yoo xiqqaate qarshii harkaa tokko afuraffaan(1/4)
Kaffalamee herreega cufaa keessa jiraachuu isaaf ragaa bankii,

10. Buusiin abbaa qabeenyummaa kallaqa yeroo jiraatu qaama sanada mirkaneessun kan
mirkanayee qaboo yaa’ii ykn sanada walifakatu,

11.Waraqaa ragaa lakk.kaffalaa gibiraa adda,

6.Dhaabban Misooma kun teessoo muummichaa fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma
kan teessoo mirkaneessuu ,

A.Manni daldalaaf itti fayyadamu,kan iyyataa yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa, ykn

B. Mana daldalaaf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kan kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti
hin darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo
ta’e walii galtee kiraa qaama ilaalatuun kenname,

C. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

7. Waraqaa ragaa lakk.kaffalaa gibiraa adda,

12.Waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa dhaabbilee misooma mootummaa

Dhaabbilee misooma mootummaa Federaalaa ykn naannolee mootummaa waraqaa ragaa


galmeessaa daldalaa baasuuf unka iyyataa walin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu
qabu,

1.Seera dhaabbatichi ittiin hundeeffame

2.Xalayaa ramadii hojii geggeessaa

3.Waraqaa eenyummaa hojii geggeessaa haareffamee ykn paaspoortii hadhoo fi fuula


barbaachisaa footoo kooppii,
4.Iyyatichi bakka bu’aan kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsa hadhoo fi footoo kooppii ,
waraqaa eenyumaa bakka bu’ssaa fi hojii geggeessaa haromfamee ykn paaspoortii hadhoo fi
fuula barbaachisaa footoo kooppii ,

5. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

 Kan itti fufe…

16. Waraqaa Ragaa Galmeessaa Mana Marii Waldaa Seektaraa

Manni Marii Waldaa Seektaraa waraqaa ragaa galmeessaa baafachuuf unka iyyata dhiyatuu
walin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisaa,

2. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

3 Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa waraabbii hadhoo fi footoo
kooppii, waraqaa eenyumma jirata bakka bu’aa fi hojii gaggeessaa raga’ee ykn paaspoortii
hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

4.Dambii ittiin bulmaataa qaama sanada mirkaneessuun mirkanayee waraabbii hadhoo,

5.Iyyatan teessoo Muummichaa fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma kan mirkaneessuu
,

A.Manni daldalaaf itti fayyadamu,kan iyyataa yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa, ykn

B. Mana daldalaaf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
walii galtee kiraa qaama ilaalatuun kenname,

C. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

6. Waraqaa ragaa lakk.kaffalaa gibiraa adda,

18.Waraqaa Ragaa Galmeessa Daldalaa fooyyessuuf:-

Waraqaa Ragaa Galmeessa daldalaa fooyyessuuf unka iyyata dhiyatuu walin ragoolee armaan
gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

2.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisaa,
3 Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa waraabbii hadhoo fi footoo
kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii
hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

4.Fooyya’iinsi kan taasifamu dambii ittiin bulmaataa fi barreeffama hundeeffama waldaarratti


yoo ta’e miseensooni waldichaa fooyya’insa kan itti taasisan qaboo yaa’ii waraabii hadhoo,
fooyya’insichi kaappitaala wajjin kan wal-qabatu yoo ta’e, ykn jijjirraa teessoo yoo ta’e qaboo
yaa’ii fooyya’insichi itti murtayee waraabbii hadhoo fi teessicha kan mirkaneessuu,

5.Namni dhuunfaa lammii biyya alaa ta’e waldaa daldala buleeyyii keessatti akk galu kan godhu
yoo ta’e (qeebala)hayyama invastimentii,

6.Waldaa daldalaa buleeyyii keessatti miseensa ta’e kan galu waldaa yoo ta’e barreeffama
hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa waraabbii hadhoo ,waraqaa ragaa qaama seerummaa
ykn sanada wal-fakkaataa fi waldaa haaraa hundeeffamu keessatti akka galu qaama waldichaa
angoo qabuun murtayuu kan agarsiisu, Itoophiyaa keessatti qaama sanada mirkaneessuun qaboo
yaa’ii mirkanaa’e ykn xalayaa fi akkasumas waldichi waldaa biyya alaa yoo ta’e heyyama
Investimantii ykn miseensa ta’e akisyona akka bittatu xalayaa itti heyyamame,

7.Foyya’iinsichi daldalaa dhuunfaaf jijjirraa teessoo yoo ta’e ragaa kanuma mirkaneessu,

19.Waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa bakka buusuun kennuu


Waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa bakka buusuun argachuuf unka iyyata dhiyatuu walin
ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

2.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisaa,

3 Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa waraabbii hadhoo fi footoo
kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii
hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

4.Waraqaa ragaa galmeessa jalaa manca’e

5.Waraqaan ragaa galmeessa kan jalaa bade yoo ta’e qaama dhimmi ilalatu irraa ragaa
kenname,

21. Waraqa Ragaa Galmee Daldalaa haquu

Waraqaa Ragaa Galmee Daldalaa haquuf unka iyyata dhiyatuu walin ragoolee armaan gadii
qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisaa,
2. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa waraabbii hadhoo fi
footoo kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi hojii gaggeessaa haareffame ykn
paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

3.Waraqaa Ragaa galmeessaa daldalaa

4.Waldaa daldalaa yoo ta’e waraabbii hadhoo qaboo yaa’ii haqaminsa waldichaa fi gabaasa
odiitii ,

5.Baasii iyyataatiin garaagarummaa baatii tokkootiin yeeroo lama(2) ragaa beeksisa Gaazexaa
facaati biyyoolessaa qabuun bahe,

6.Kanaan dura heyyamoota hojii daldalaa fi waraqaa ragaa maqaa daldalaa kennaman deebisuu
isaa ragaa mirkaneessu,

Kutaa Sadii

wa’ee heyyama daldalaa kennuu, haaromsuu, fooyyessuu, bakka buusuu fi haquu

23. Waa’ee waraqaa ragaa heyyama hojii daldala dhuunfaa

1.Daldalaan dhuunfaa waraqaa Ragaa heyyama hojii daldalaa baasuuf unka iyyata dhiyatuu
walin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

A..Waraqaa eenyummaa iyyataa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula
barbaachisaa,

B.Enyummaa iyyataa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha) keessatti
ka’e,

C.Waraqaa Ragaa galmeessaa daldalaa

D.Iyyataan Lamii Biyaa alaa yoo ta’e heyyama investimantii

E. Iyyatan teessoo Muummee fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma kan mirkaneessuu ,

1.Manni daldalaaf itti fayyadamu kan iyyataa yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa, ykn

2. Mana daldalaaf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kan kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
walii galtee kiraa qaama ilaalatuun kenname,

3. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

F.Gittin hojii daldalaa heyyamma itti gaafatame ragaan gahumsaa kan barbaachisu yoo ta’e
seektara mana hojii ilaallatu irraa waraqaa ragaa gahumsaa kenname,

2.Daldalaa dhuunfaa dha heyyama hojii daldalaa bakka bu’iinsaan baasuun dhorkaa dha.
24. Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa waldalee shariikummaa fi itti
gaafatamummaan isaa murtaa’e

Waldalee shariikummaa fi itti gaafatamummaan isaa murtaa’e waraqaa ragaa heyyama hojii
daldalaa baafachuuf unka iyyata dhiyatuu waliin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu
qabu,

1.Waraqaa Ragaa galmeessaa daldalaa,

2.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa ykn bakka bu’aa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi
footoo kooppii fuula barbaachisaa,

3. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

4. Sanada mirkaneessuuf qaama angoon kennameefiin barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittin


bulmataa mirkanaa’e footo kooppii,

5.Iyyataan Lammii biyya alaa yoo ta’ee qaama mootummaa ilaallatu irraa kan kenname
heyyamma investementii mirkaneesuuf fi paaspoortii ragaa’e hadhoo fi footoo kooppii fuula
barbaachisaa,

6.Waldaalee shariikummaa fi itti gaafatamummaan isaa murtaa’e keessatti miseensa kan ta’ee
qaama seerummaa qabu kan biyya alaa yoo ta’e,

A. Biyya itti hundeeffamet qaama seerummaa kan ittin argatee sanada mirkanayee,

B. Waldaa daldalaa kana keessa galuuf kan ittin murteessee qaboo yaa’ii qaama sanada
mirkaneessuuf angoon kennameetiin kan mirkanayee ykn sanada wal fakkaatu,

C. Heyyama Invastimentii

D. Waldaan daldalichaa damee kan banatu yoo ta’e teessoo damee mirkaneessu,

7. Iyyatan teessoo muummee fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma kan mirkaneessuu ,

A.manni daldalaaf fayyadamu kan iyyataa yoo ta’e abbaa qabeenyummaa kan mirkaneessuu, ykn

B. Mana daldalaaf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
walii galtee kiraa qaama ilaalatuun kenname,

C. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

8.Gittin hojii daldalaa heyyamma itti gaafatame ragaan gahumsaa kan barbaachisu yoo ta’e
seektara mana hojii ilaallatu irraa waraqaa ragaa gahumsaa kenname,

25.Uulaagaalee waldaan Aksiyoonaa waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa baafachuuf


guutamuu qaban
Hundeessitoonni waldaa aksiyoonaa waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa baafachuuf unka
iyyataa dhiyatuu waliin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa Ragaa galmeessaa daldalaa,

2.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa ykn bakka bu’aa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi
footoo kooppii fuula barbaachisaa,

3. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

4.Iyyatichi kan mallatteeffame bakka bu’aadhaan yoo ta’e miseensota hundeessitoota hundaan
kan kenname sanada bakka bu’iinsa hadhoo fi waraabii mirkanayee,

5. Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittin bulmataa mirkanaa’e waraabii hadhoo,

6.Waldaa Aksiyoonichaa keessatti namoonni lammummaa biyya alaa qaban yoo jiratan qaama
mootummaa dhimmi ilaallatu irraa heyyama investimentii qabachuu kan mirkaneessuu fi
paaspoortii ragga’aa hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisaa,

7.Waldaa Aksiyoonii keessatti miseensa kan ta’e qaamin seerummaa qabu kan biyya alaa yoo
ta’e,

A.Biyya keessatti hundeeffame irraa qaama seerummaa kan itti argate sanada mirkaneessu,

B. Waldaa daldalaa kana keessa galuuf kan ittin murteessee qaboo yaa’ii qaama sanada
mirkaneessuuf angoon kennameetiin kan mirkanayee ykn sanada wal fakkaatu,

C. Heyyama Invastimentii

D.Waldaan daldalichaa damee kan banatu yoo ta’e teessoo damee kan mirkaneessu

8. Iyyatan teessoo Muummee fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma kan mirkaneessuu ,

A.manni waajjiraf itti fayyadamu kan iyyataa yoo ta’e abbaa qabeenyummaa kan mirkaneessuu,
ykn

B. manni waajjiraf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
walii galtee kiraa qaama ilaalatuun kenname,

C. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

9.Gittin hojii daldalaa heyyamma itti gaafatame ragaan gahumsaa kan barbaachisu yoo ta’e
seektara mana hojii ilaallatu irraa waraqaa ragaa gahumsaa kenname,

10.Sartafikeeta samuda gahee aksiyoonii fi dambii ittiin bulmaataa keessaa,

26.Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa dhaabbilee misooma mootummaa


Dhaabbileen misooma mootummaa Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa baafachuuf unka
iyyataa dhiyatuu waliin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa Ragaa galmeessaa daldalaa,

2.Seera ittiin hundeeffame,

3.Xalayaa ramaddii hojii gaggeessaa dhaabbatichaa.

4. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

5.Waraqaa eenyummaa hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisaa,

6. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e gaggeessaa ol’aanaa dhaabbatichaatiin xalayaa
ittiin bakka bu’ee fi waraqaa eenyumma bakka bu’aa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi
footoo kooppii fuula barbaachisu,

7. Iyyatan teessoo muummee fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma kan mirkaneessuu ,

A.manni waajjiraf itti fayyadamu kan iyyataa yoo ta’e abbaa qabeenyummaa kan mirkaneessuu,
ykn

B. manni waajjiraf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
qaama mootummaa ilaalatuun kan kenname waliigaltee kiraa,

C. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

8.Gittin hojii daldalaa heyyamma itti gaafatame ragaan gahumsaa kan barbaachisu yoo ta’e
seektara mana hojii ilaallatu irraa waraqaa ragaa gahumsaa kenname,

30.wa’ee waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa haaromfaachuu

Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa haaromfachuuf unka iyyataa dhiyatuu waliin ragoolee
armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1. Waraqaa qulqullinaa gibiraa qaama ilaallatu irraa kenname,

2.Waldaa yoo ta’ee gabaasa odiitii

3. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

4. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e waldaa yoo ta’ee hundeesitoota miseensa hundi
kan mallateessan keennan ragaa bakka bu’iinsaa footoo kooppii fi waraqaa eenyumma bakka
bu’aa fi hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula
barbaachisu,
5. Iyyatan teessoo muummee fi damee hojii kan qabatu yoo ta’ee kanuma kan mirkaneessuu ,

A.manni waajjiraf itti fayyadamu kan iyyataa yoo ta’e abbaa qabeenyummaa kan mirkaneessuu,
ykn

B. manni waajjiraf itti fayyadamu kan nama biraa irraa kireefatee yoo ta’e kan yeroon itti hin
darbine qaama sanada mirkanaa’esuun kan mirkanayee waliigaltee, mana mootummaa yoo ta’e
qaama mootummaa ilaalatuun kan kenname waliigaltee kiraa,

C. Keewwata xiqqaa qubee(A) ykn (B)tiin ragaalee ibsaman tokko yoo dhiyeeffachuu hin
dandeenye wa’ee teessoo itti hojeetuu bulchiinsaa nannoo irraa ragaa barreeffama mirkaneessuu,

32. wa’ee waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa fooyyessuuf

waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa fooyyeffachuuf unka iyyataa dhiyatu waliin ragoolee
armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa ragaa galmeessa hojii dalalaa

2.Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa

3.Fooyya’iinsi kan taasifamu dambii ittiin bulmaata waldaa fi barreeffama hundeeffamaa irratti
yoo ta’e miseensonni waldaa qaboo yaa’ii fooyya’iinsa itti tasissan kan mirkanaa’e waraabii
hadhoo, fooyya’iinsi kaappitaalaan kan wal qabatu yoo ta’e dabalataan kanuma kan mirkaneessu
ykn jijjiiraa teessoo yoo ta’e qaboo yaa’ii Fooyya’iinsi itti murtaa’e kan mirkanaa’e waraabii
hadhoo fi teessoo mirkanaa’e

4. Lammii biyya alaa waldaa daldalaa buleeyyii keessa akka galu kan godhu yoo ta’e heyyama
investimentii,

5.Miseensii haaraan qaama seerummaa qabu yoo ta’e kanuma miseensa haaraa kana
barreeffama hundeeffama fi dambii ittiin bulmaataa waraabii hadhoo, waraqaa ragaa
hundeeffamaa ykn sanada walfakkaataa fi waldaa haaraa hundeeffamu keessatti galuuf qaama
aangoo qabuun murtaa’uu isaa kan mul’isu qaboo yaa’ii Itiyoophiyaat qama sanada
mirkaneessun mirkanaa’e ykn xalayaa fi waldichi kan biyya alaa yoo ta’e heyyama Investementii
fi aksiyoona akka bituu heyyama ministeerichaan kenname.

6. Gittin hojii daldalaa heyyamma fooyya’iinsi itti gaafatame kan kanan dura turan keessatti kan
hin haammatamnee fi gahumsaa mirkaneessun kan barbaachisu yoo ta’e seektara mana hojii
ilaallatu irraa waraqaa ragaa gahumsaa kenname,

7. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa waraabbii hadhoo fi
footoo kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo
kooppii fuula barbaachisu,

8.Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

33.wa’ee waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa bakka bussun kennu .


Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa bakka bussun baafachuuf unka iyyataa dhiyaatu waliin
ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa jalaa manca’e,

*2.Yeroon haaromsaa erga itti darbee booda bakka bu’iinsa gaafatamu yoo ta’e waraqaa
qulqullina gibiraa qaama dhimmi ilaalu irraa kenname,

3.Kan bade yoo ta’e qaama dhimmi ilaallatu irraa ragaa kenname,

4. Enyummaa hojii gaggeessaa sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort ji’a 6(jaha)
keessatti ka’e,

5.Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa sanada mirkanayee fi
waraqaa eenyumma hojii gaggeessaa fi bakka bu’aa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi
footoo kooppii fuula barbaachisu,waldaa yoo ta’e hundeestoota hundan mallateefamee kan
kenname bakka bu’uuma mirkanayee footoo kooppii ,

35. wa’ee waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa haquu .

Waraqaa ragaa heyyama hojii daldalaa haquuf unka iyyata dhiyaatu waliin ragoolee armaan
gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Heyyama hojii daldalaa kanan duraan kennamee fi kan haqamu.

2.waraqaa ragaa qulqullina gibiraa heyyamni hojii daldalaa ittii haqamu.

3. Waraqaa eenyumma hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisu,

4.Gaaffiin haqinsaa kan dhiyaate bakka bu’aan yoo ta’e ragaa bakka bu’iinsaa qaama sanadaa
mirkaneessun mirkanayee,

5.Heyyama hojii daldalaatiif waraqaa ragaa galmeessa maqaa kennameef.,

 Kutaa Afur
Tummalee adda addaa

48.Waraqaa ragaa galmeessaa addaa fireenchayizinigi

waraqaa ragaa galmeessaa addaa fireenchayizingii argachuuf unka iyyata dhiyaatu waliin
ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waliigaltee firenchayziing qaama sanadaa mirkaneessun mirkanayee hadhoo fi footoo kooppii,

2.Fireenchayizii (waliigaltee kennaa) waraqaa ragaa itti galmaa’e qaama sanada mirkaneessuuf
angoo qabuun mirkanaa’e.

3.Footoo kooppii heyyama hojii daldalaa fireenchayizii (Waliigaltee fudhataa) ragga’e,


4. Enyummaa hojii gaggeessaa fireenchayizii sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort
ji’a 6(jaha) keessatti ka’e,

5. Waraqaa eenyumma hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisu,

6. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e sanda bakka bu’iinsaa mirkanayee waraabbii
hadhoo fi footoo kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi bakka bussa haareffame ykn
paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

49.waa’ee waraqaa Ragaa galmeessaa addaa firenchayizii haaromsuu

Waraqaa ragaa galmeessa addaa firaanchayizii haaromsuuf unka iyyata dhiyaatu waliin ragoolee
armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa ragaa galmeessa addaa firaanchayizii

2.Heyyama hojii daldalaa hojii gaggeessaa firaanchaayizii ragga’e waraabbii hadhoo fi footoo
kooppii ,

3.Enyummaa hojii gaggeessaa fireenchayizii sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort
ji’a 6(jaha) keessatti ka’e,

4. Waraqaa eenyumma hojii gaggeessaa haareffame ykn paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii
fuula barbaachisu,

5. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e sanada bakka bu’iinsaa mirkanayee waraabbii
hadhoo fi footoo kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi bakka bussa haareffame ykn
paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

50. Waraqaa ragaa heyyama hojii daldala adda fireenchayizii bakka bussun kennu .

Waraqaa ragaa heyyama hojii daldala addaa firaanchaayizinigi bakka bu’ee argachuuf unka
iyyata dhiyaatu waliin ragoolee armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Waraqaa ragaa heyyama hojii daldala addaa fireenchayizii manca’ee,

2.Waraqaan ragaa heyyama hojii daldalaa kan jalaa bade yoo ta’e qaama ilaallatu irraa ragaa
kenname.

3.Enyummaa hojii gaggeessaa fireenchayizii sirriitti kan muldhisu suuraa lama hanga paaspoort
ji’a 6(jaha) keessatti ka’e,

4.Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e sanada bakka bu’iinsaa mirkanayee waraabbii
hadhoo fi footoo kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi bakka bussa haareffame ykn
paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

51.waa’eewaraqaa ragaa galmeessaa addaa Fireenchayizii haquu


Waraqaa ragaa galmeessaa addaa fireenchayizii haquuf unka iyyata dhiyaatu waliin ragoolee
armaan gadii qabsisuun dhiyeessuu qabu,

1.Sanada waliigalteen diigamu fireenchayizeerii fi fireenchaayizii mirkanaa’e

2.Waraqaa ragaa galmeessa addaa fireenchayizii

3. Iyyatichi bakka bu’aa kan dhiyaate yoo ta’e sanada bakka bu’iinsaa mirkanayee waraabbii
hadhoo fi footoo kooppii, waraqaa eenyumma bakka bu’aa fi bakka bussa haareffame ykn
paaspoortii hadhoo fi footoo kooppii fuula barbaachisu,

52.Omishtoonni ykn fichisiistonni gosa oomisha ykn meeshaalee qinxaaboodhaan gurguruu


danda’an.

1.Omishtoonni ykn fichisiistonni gosa oomishaa ykn meeshaalee qinxaaboodhaan gurguruu


danda’an kanneen armaan gadii ti.

A.Humna Mootaraana kan hojjetan maashinoota Oomishaa.

B.Humna Mootaraan konkolaattota hojjetan

C.Meeshaalee itti fayyadama biiroo fi manaa

D.Meeshaalee Sirbaa

D.Sooftiweerii

E.Biskileettota

F.Asaansaraa fi sadarkaalee sochiiwwanii

G.Meeshaalee wal’aansaa

H.Keemikaalota qorannoof olan

I.Reenjii

2.Omishitoonni qoffa qinxaaboodhaan omisha gurguruu danda’an

A.Daabboo fi nyaatota mi’aawa

C.Simintoo fi bu’aalee seeramikii

3.Uumama isaanii irraa kan ka’ee omishtoonni ykn fichisiistonni meeshaalee ykn omishaa
qinxaaboodhaan gurguruu danda’an kan biroo Mana Marii Ministeerotaatiin kan murtayuu ta’a.

53.waa’eeqajeelfama baasuu

Raawwii damii kanaatiif Ministeerichi qajeelfama baasuu ni danda’a.

54.Dambootaa fi hoj- maata raawwatiinsa hinqabaannee


Dambii kana waliin kan walt bu’uu dambii kamiyyuu ykn hoj-maanni baramaan dhimmoota
dambii kanaan uwwifaman irratti raawwatiinsa hin qabatu.

55.Yeroo dambiin kun itti ragga’u :- dambiin kun fulbaana 4/2009 irra eegalee kan ragga’e
ta’a.
8.2.3 Qajeelfama Galmeessa fi Hayyamaa Daldalaa fi To’annoo Hayyama boodaa
Lakk.010/2009

1.Mata duree gabaabaa

Qajeelfamni kun qajeelfama galmeessaa fi hayyamaa daldalaa fi to’annoo hayyama boodaa lakk.
010/2009 jedhamee waamamuu ni danda’a.

2.Hiika

1. Qajeelfama kana keessatti Labsii jechuun Labsii galmeessaa fi hayyama daldalaa Lakk.980/2008
yammuu ta’u Dambii jechuun immoo dambii galmeessaa fi hayyama daldalaa mana mare
ministeerotaa Lakk 392/2009 jechuu dha.

2. Labsicha keewwata 2 jalatti hiikoon jechootaa tumaman qajeelfama kanaafis raawwatiinsa ni


qabaatu.

• 3.Daangaa raawwatiinsaa

Daangaan raawwatiinsaa Labsii galmeessaa fi hayyama daldalaa Lakk.980/2008 qajeelfama kana


keessatti ni raawwatama.

Kutaa Lama

Maqaa Dhaabbata Daldalaa fi Maqaa Daldalaa Galmeessuu, Fooyyessuu, bakka bu’iinsa kennuu fi
haquu

4.Maqaa Dhaabbata daldalaa dhuunfaa galmeessuu.

Daldaalaan dhuunfaa kamiyyuu maqaa dhaabbata daldaalaa isaa galmeessisuuf tajaajila yeroo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu 1 unka 01n unka iyyataa qophaa’e guutee galcha,
2.Bu’uura tumaa labsichaa keewwata 14 keewwata xiqqaa 1tiin maqaa dhaabbata daldaalichaa kuus-ragaa
ministeera daldalaa keessaa baasuun ni galmeessa.

5.Waa’ee galmeessuu maqaa dhaabbata daldaalaa waldaalee daldaalaa

Waldaaleen daldalaa kamiyyuu maqaa dhaabbata daldaala isaa galmeessisuuf yeroo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtu 1 unka iyyata qophaa’e irratti yoo xiqqaate maqaa dhaabbata daldalaa
3 filannoof ta’u guutee akka dhiyeessu ni taasisama.

2.Bu’uura tumaa ulaagaalee labsichaa keewwata 14 keewwata xiqqaa 2, 3, 4,5 fi dambichaa keewwata 4
keewwata xiqqaa 1 fi 2 tiin maqaa dhaabbata daldaalaa isaa kuus-ragaa ministeera daldalaa keessaa
baasuun ni galmeessa.

3.Maqaa dhaabbata daldalaa qulqullaa’ee galmaa’e barreeffama hundeeffamaa waldaa fi dambii ittiin
bulmaataa akka mirkanaa’uu; lakkoofsa kaffalaa gibiraa addaa akka argatuuf sanada mirkaneessuu fi
lakkoofsa kaffalaa gibiraa addaa kennuuf qaama angoon seeraan kennameefitti xalayaan geggeeffama;

4. Maqaan dhaabbata daldalaa qulqullaa’ee kenname guyyaa kennamee kaasee yeroo ji’a 6 keessatti
sanada mirkaneessuuf qaama angoon kennameefiin mirkanaa’ee lakkoofsi kaffalaa gibiraa addaa baheefii
qaama galmeessuuf dhiyaatee galmeessi daldalaa yoo hin taasisamneef akka galmaa’etti hin lakkaa’amu.

5. Maqaan dhaabbata daldalaa qulqullaa’e kan hin galmoofne ta’ee yoo argame qaamni galmeessu
sababaa hin galmoofneef ibsee iyyataadhaaf yeroodhuma sanatti barreeffamaan beeksisa.

6. Waldaan shariikummaa maqaa miseensota isaa maqaa dhaabbata daldaalaatiin kan fayyadamu yammuu
ta’u waldaan daldaalaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee fi waldaan aksiyoonaa maqaa kalqaatiin
fayyadamuu qabu.

7. Bu’uura tumaalee labsichaa keewwata 15 keewwata xiqqaa 1 tiin galmeessi maqaa dhaabbata daldaalaa
taasifamu bakka galmeessi daldalaa taasisutti galmaa’uu qaba.

6.Waa’ee fooyya’iinsa maqaa dhaabbata daldaalaa waldaalee daldaalaa

Waldaan daldalaa kamiyyuu maqaa dhaabbata daldalaa isaa fooyyessuuf yeroo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 01 iyyata qophaa’e irratti yoo xiqqaate maqaa dhaabbata
daldalaa 3 filannoof ta’u guutee akka dhiyeessu ni taasisama.

2.Waldaan daldalaa maqaa dhaabbata daldalaa kuus-ragaa ministeera daldalaa keessaa qulqulleessuun ni
galmeessa.

3.Qaboo yaa’ii hin mirkanoofne fooyya’iinsaaf qophaa’e qaama galmeessuuf akka dhiyaatu ta’ee
qulqulleessuun akka mirkanaa’uuf sanada mirkaneessuu fi lakka kaffalaa gibiraa addaa akka fooyya’uuf
qaamolee seeraan angoon kennameefitti xalayaan geggeeffama;

4.Sanada mirkaneessuuf qaama angoon kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’ee fi maqaan


dhaabbatichaa fooyya’e akka galmaa’uuf seektara gibira kaffalchiisu xalayaa waliigaltee yeroo fidatee
dhufu maqaan dhaabbataa fooyya’e ni galmaa’a.

5.Maqaan dhaabbata daldalaa fooyya’e guyyaa kennamee kaasee ji’a 2 keessatti qaama sanada
mirkaneessuuf aangoon kennameefiin mirkanaa’ee galmeessaadhaaf dhiyaatee hin galmoofne taanaan
maqaan dhaabbata daldalaa duraanii akka fooyya’etti hin lakkaa’amu.
7. Waa’ee galmeessuu maqaa daldaalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila galmeessa maqaa daldalaa yeroo gaafatu:-

1. Qajeelfama duuka deemtuu I unka 01 tiin unka iyyataaf qophaa’e irratti yoo xiqqaate filannoowwan
maqaa daldalaa 3 guutee akka dhiyeessu taasifama.

2.Ulaagaalee dambii kana keewwata 5 fi bu’uura qajeelfama kanaatiin maqaan daldalichaa giddugala
kuusaa ragaa ministeera daldalaa keessaa qulqullaa’a.

3. Maqaan dhaabbata qulqullaa’ee daldaalaa biraatiin kan hin qabamne ta’uun isaa erga mirkanaa’ee
booda duuka deemtuu IIn unka 03n waraqaan ragaa galmeessa maqaa daldalaa ni kennama.

4. Maqaan daldalaa qulqullaa’ee kenname dogongoraan yka sababa biraatiin daldaalaa biraatiif kennamee
yoo argamee fi kennamuu isaatiin komiin yoo dhiyaate daldaalaan maqaa daldalichaa dursa fudhate abbaa
mirgaa akka ta’u godhamee daldaalaan booda fudhate maqaa daldalaa kan biroo akka baafatu godhama.

5.Bu’uura labsiicha keewwata 21 keewwata xiqqaa 4 tiin hayyamni hojii daldalaa seektara manneen hojii
kan biroo gitni hojii daldalaa irratti kennamu galmeen maqaa daldalaa yammuu gaafatamu tajaajilicha
kan argatan galmee daldalaa bakka itti geggeessan irraa ta’a.

6.Daldaalaan kamiyyuu maqaa daldalaa yaadannoo akka galmaa’u yammuu gaafatamu maqaan
abbummaa inni yaadannoof itti fayyadamu miseensa maatii sanaa kan ture ta’uu isaa ragaa dhiyeeffachuu
qaba.

8.Waa’ee maqaa daldalaa fooyyessuu

Daldaalaan kamiyyuu galmeessa maqaa daldalaa fooyyessuuf yoo tajaajila gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka Deemtuu I unka 01tiin unka iyyannoof qophaa’e irratti yoo xiqqaate
filannoowwan 3 maqaalee daldalaa akka guutu ni gadhama.

2.Bu’uura ulaagaalee dambii keewwata 7 tiin maqaan daldalaa giddugala kuusaa ragaa keessaa
qulqullaa’a.

3. Maqaan daldalaa qulqullaa’e daldaalaa biraatiin akka hin qabamne erga mirkanaa’ee booda
duuka deemtuu II unka 03n kan itti fooyya’e waraqaan ragaa galmeessa maqaa daldalaa ni
kennama.

4.Maqaan daldalaa qulqullaa’ee kenname dogongoraan ykn sababa birootiin daldalaa biraatiif kennamee
yoo argamee fi kennamuu isaatiif komiin yoo dhiyaate daldaalaan maqaa daldalichaa dursa fudhate abbaa
mirgaa akka ta’u godhamee daldaalaan booda fudhate maqaa daldalaa kan biroo akka baafatu godhama.

5.Maqaan daldalaa inni fooyya’e mala wal qunnamtii elektiroonikiitiin fayyadamuun mar-sariitii mana
hojii ministeeraatiin maqaan daldalaa fi teessoon ifaa godhama.

9.Bakka bu’aa maqaa daldalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila bakka bu’aa maqaa daldalaa yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemttuu I unka 01n unka iyyannoof qophaa’e irratti bakka bu’aan maqaa
daldalaa akka kennamuuf akka gaafatu ni taasisama.
2. Ulaagaa dambii keewwata 6 fi bu’uura qajeelfama kanaatiin tajaajila inni gaafate duuka
deemttuu II tiin unka 03n waraqaan ragaa bakka bu’aa maqaa daldalaa akka kennamuuf ni
taasifama.

10. Haqamiinsa maqaa daldalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila haqamiinsa maqaa daldalaa yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka buutuu 1 unka 01n unka iyyataaf qophaa’e irratti maqaan daldalaa akka
haqamuuf akka gaafatu ni taasifama.

2.Bu’uura ulaagaa dambii keewwata 8 tiin maqaa daldalaa gaafatame haquu fi maqaa daldalaa haqame
waraqaan ragaa waraabbii orijinaalaa kan deebi’u ta’ee ragaan haqamiinsaa ni kennama.

• Kutaa Sadii

Waa’ee galmeessa daldalaa galmeessuu,fooyyessuu,bakka buusuu fi haquu

11.Waraqaa ragaa galmeessa daldalaa biyyoolessaa raawwatiinsa qabu qooqa hojii fi qooqa ingiliffaatiin
akka qophaa’u ni taasifama.

12.Waa’ee galmeessuu galmee daldalaa daldaalaa dhuunfaa

Daldaalaan dhuunfaa kamiyyuu tajaajila galmeessa daldalaa yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 02 tiin unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii galmeessa daldalaa
isaa akka guutu ni godhama.

2.Tajaajilli inni gaafate bu’uura dambii keewwata 9 tiin ulaagaalee kan guutu ta’ee yoo argamu bu’uura
qajeelfama kana duuka deemtuu II unka 01n waraqaan ragaa galmeessa daldalaa ni kennama.

3.Kaappitaalli daldaalaa dhuunfaa tajaajila waraqaa ragaa galmeessa daldalaa argachuuf guuteen duuka
deemtuu I unka 02 irratti hamma qarshii inni galmeesse kaappitaala isaati jedhamee galmaa’a.

13.Waa’ee galmeessuu galmee daldala waldaa daldalaa

Waldaan daldalaa kamiyyuu tajaajila galmee daldalaa yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 02n unka iyyannoof qophaa’e irratti gaaffii galmee daldalaa
isaa akka guutu ni taasifama.

2.Waldaa aksiyoonaatiin ala kanneen jiran waldaalee daldalaa kanneen biroo barreeffamoota
hundeeffama isaanii irratti hamma qarshii galmeessatan kaappitaala jedhamee galmaa’a.

3.Bu’uura labsii keewwata 7 keewwata xiqqaa 2 tiin waldaan daldalaa hundeeffamuu isaatiif mala wal
qunnamtii elektirooniksii mar-sariitii mana hojii ministeeraatiin maqaan dhaabbatichaa fi teessoo isaa ifaa
taasifama.

4.Tajaajilli inni gaafate bu’uura dambii keewwata 10 fi 11 tiin ulaagaalee guutee kan argamu yoo ta’e
bu’uura qajeelfama kana duuka deemtuu II unka 01waraqaan raga galmeessa daldalaa ni kennama.

14. Waa’ee fooyyessuu galmeessa daldalaa

Daldaalaan kamiyyuu waraqaa ragaa galmeessa daldalaa fooyyessuuf tajaajila yoo gaafatu:
1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 02tiin unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii fooyya’iinsa
galmeessa daldalaa isaa akka guutu taasifamu

2.Bu’uura ulaagaalee dambichaa keewwata 18n tajaajilli fooyya’iinsaa gaafatame yeroo hayyamam
waraabbii orijinaala waraqaa ragaa galmeessa daldaalaa duraan fudhate deebisuun bu’uura qajeelfama
kana duuka deemtuu II unka 01 tiin waraqaan ragaa galmeessa daldalaa fooyya’e ni kennama.

3.Waldaan daldaalaa fooyya’iinsa kaappitaalaa yeroo taasisuu fi fooyya’iinsa kaappitaalichaa qarshii


dheedhiin yeroo ta’u qarshichi maqaa miseensota tokko tokkootiin sanada itti galmaa’ee fi qaama sanada
mirkaneessuuf angoo qabuun qaboon yaa’ii mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

4.Waldaan daldalaa fooyya’iinsa kaappitaalaa yeroo taasisuu fi fooyya’iinsi kaappitaalichaa bifaan yeroo
ta’u sanada sagalee waliigaltee miseensa hundaan taasisamee fi sanada mirkaneessuuf qaama angoon
kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

5.Waldaan daldalaa fooyya’iinsa kaappitaalaa yeroo taasisuu fi fooyya’iinsi kaappitaalichaa qoqqoodiinsa


bu’aa irraa kan taasifamu yoo ta’e waldichi bu’aa galmeessisuu isaatii fi gabaasa odiitii irratti kan
mirkanaa’e ta’ee sanada waliigaltee miseensota hundaan taasifamee fi sanada mirkaneessuuf qaama
angoon kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

15.Waa’ee kenniinsa bakka bu’iinsa galmeessa daldaalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila bakka bu’iinsa waraqaa ragaa galmeessa daldalaa gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 02n unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii bakka bu’iinsa
galmeessa daldalaa akka guutu taasifamu.

2.Bu’uura ulaagaalee dambichaa keewwata 19n tajaajilli bakka bu’iinsa galmeessa daldalaa gaafatame
yeroo hayyamamu bu’uura qajeelfama kana duuka deemtuu II unka 01tiin waraqaa ragaa galmeessa
daldalaa ni kennama.

16. Haquumsa galmeessa daldaalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila haquumsa galmeessa daldaalaa gaafatu.

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 02n unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii haquumsa galmeessa
daldalaa akka guutu taasifamu.

2.Waldaan daldalaa itti gaafatamuman isaa murtaa’e haquumsa galmeessa daldalaa ulaagaa dambichaa
keewwata 21 guutamuu mirkaneessuu fi waraqaa ragaa galmeessa hayyamaa haqame waraabbii
orijinaalaa deebisuun xalayaa haqamiinsa galmeessa daldalaa ni kenna.

3.Haqamiinsi galmeessa daldalaa kamiyyuu yammuu raawwatamu qaamni galmeesse haqamiinsicha


qaama gaafateef xalayaadhaan ibsaaf.

4.Labsicha keewwata 11 keewwata xiqqaa 7 haqamiinsi galmeessa waldaalee daldalaa kan mirkanaa’u
beeksisni haqamiinsichaa baasii iyyatichaatiin gaazexaa tamsaasa Biiyyoolleessa qabuun maxxanfamee
erga bahee ji’a 1/tokko/ booda ta’uun isaa mirkanaa’ee tajaajilichi ni kennama.

5.Bu’uura tumaalee labsichaa keewwata 11 keewwata xiqqaa 2 galmeessi daldalaa osoo hin haqamin akka
dheeratu yammuu gaafatamuu fi itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii galmeessaa rawwatu yammuu
murteessu dheerachuu isaa abbaa gaafatee fi qaama ilaallatuuf xalayaadhaan ni ibsa.
6.Raawwatamummaa keewwata kana keewwata xiqqaa 4f jecha hogganaa olaanaa jechuun Federaala
irraa kaasee hanga geggeessaa naannootti qaamolee daldala hogganan jechuu dha.

17. Waa’ee teessoo daldaalaa

1.Waldaan daldalaa kamiyyuu mirkaneessaa teessoo hojii daldalaa maqaa waldichaatiin dhiyeessuu qaba.

2.Teessoon hojii daldalaatiif dhiyaate qabeenyaa dhaalame yammuu ta’u namni bakka bu’iinsi
dhaaltotaan kennameef gosa bakka bu’iinsichaatiin qabeenyicha teessoon galmeessisuu kan danda’u yoo
ta’u dhaaltonni bakka bu’iinsa hin qabne qabeenyicha dhuunfaanis ta’e waliin teessoo hojii daldalichaatiif
galmeessisuu hin danda’an.Haata’u malee bakka bu’aa isaaniitiin mirkanaa’e dhiyeessuun galmeessisuu
ni danda’u.

3.Daldaalaan kamiyyuu dhaabbata amantaa,dhaabbilee misooma Mootummaa fi ejensii manneenii


Mootummaa irraa mana daldalaa yammuu kireeffatu sanadicha waliigaltee mirkaneessuuf qaama angoon
seeraan kennameefiin akka mirkanaa’u hin dirqisiisamu.Haata’u malee waliigalteen kiraa chaappaa
dhaabbatichaatiin mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

4.Waldaan ykn namni dhuunfaa hayyama hojii kireessaa gamoo qabu kamiyyuu mana daldalaa yoo
kireessu sanadicha waliigaltee mirkaneessuuf qaama angoon seeraan kennameefiin akka mirkanaa’u hin
dirqisiisamu.Haata’u malee waliigaltee kiraa chaappaa dhaabbatichaatiin mirkanaa’ee fi kooppii hayyama
hojii daldala kiraa mirkanaa’e kan waldaa ykn nama dhuunfaatiin wal qabatee dhiyaachuu qaba.

5.Mirkaneessaa teessoo hojii daldala abbaa qabeenyummaa kan kenname maqaa haadha manaa yka abbaa
manaa daldaalaa dhuunfaa ta’e waraqaa ragaa fuudhaa fi heerumaa orijinaalaa fi footoo kooppii isaa
dhiyeessuun lamaan isaanii keessaa maqaa nama tokkootiin teessoo hojii daldalaatiin fayyadamuu ni
danda’u.

Haata’umaleeabbaaqabeenyummaatiin yeroo kamiinuu komiin barreeffamaan yoo dhiyaate teessichi


haaldureewwan kamiinuu haqamuu ni danda’a.

6. Hojiiwwan daldalaa Maayikiroo fi xixiqqaatiif iddoon hojii yoo kennamu sanada kanuma ibsu qaama
ilaallatu irraa dhiyaachuu qaba.

7.Daldaalaa dhuunfaa ta’ee amalli hojii isaa teessoo hojii daldalaa kan hin gaafanne kan akka
anaatsii,gimbenyaa,qalamaa dibduu fi kkf yammuu ta’u teessoon jireenyaa isaanii teessoo hojii daldalaa
jedhamee ni fudhatama.

8.Mirkaneessa teessoo daldaaltota hojii geejjibaa irratti bobba’an teessoo waraqaa eenymmeessaa gandaa
irratti galmaa’e ta’a.

18.Galmeessa daldaalaa lammiilee biyya alaa dame albuudaa irratti bobba’an kan ilaallatu

Calbaasii Addunyaalessaa irratti moo’ataa ta’anii kan galan ulaagaalee dhaabbilee biyya alaa (sanada
waliigalteetiin alatti) kan tajaajilu ta’ee dabalataan albuuda bulchuudhaaf qaama angoon kennameefiin
waraqaan deeggarsaa naaf haa galmaa’u jedhu dhufuu qaba.

• Kutaa afur

Waa’ee kenniinsa hayyama hojii daldaalaa, haaromsaa,fooyya’iinsaa,bakka bu’iinsaa fi haqumsaa


19.Kenniinsa hayyama hojii daldaalaa

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 03 iyyata qophaa’e irratti gaaffii heyyama hojii akka guutuu
tasifama.

2.Bu’uura ulaagaalee dambichaa keewwata 23,24,25 fi 26 irraa ta’en gaaffiin gaafatame yeroo
hayyamamu bu’uura qajeelfama kanaa duuka deemtuu II unka 02tiin waraqaan ragaa hayyama hojii
daldalaa ni kennama.

3.Bu’uura ulaagaalee dambichaa keewwata 23,24,25 fi 26 irratti kan taa’e tajaajilli hayyama hojii
daldalaa addunyaalessaa mo’ataa ta’ee daldaalaan galu hojii daldalaa caalbaasii itti moo’ate dabalataan
caalbaasii biraa kan moo’atu yoo ta’e hayyama hojii dldalaa dabalataa baafachuuf dirqama qaba.

4.Bu’uura dambichaa keewwata 23 keewwata xiqqaa 2n kan tumame akkuma eegametti ta’ee daldaalaan
dhuunfaa duraan hayyama hojii daldaalaa bakka kamittiyyuu kan baafate yoo ta’e hayyama hojii daldalaa
dabalataa bakka bu’iinsan baafachuu danda’a.

20.Waa’ee haaromsa hojii daldaalaa

1.Bu’uura qajeelfama kanaatiin unka iyyata isaa duuka deemtuu I unka 02 irratti gaaffii heyyama
haaromfachuu akka guutu taasifama.

2.Bu’uura Dambichaa keewwata 30 tiin ulaagaaleen guutamuu qabanu kan guutaman ta’uu yeroo itti
amanamu bu’uura qajeelfama kana duuka deemtuu II unka 02 tiin haaroms waraqaa ragaa heyyama hojii
daldalaa ni kennamaaf.

3.Waldaan itti gaafatamummaan isaa murtaa’e bu’uura seera daldalaatiin Lakkoofsi miseensota isaa 20 fi
20 gadi yeroo ta’u bu’aa hojii odiitii keessoon qoratamee dhiyeeffachuu kan danda’an yoo ta’u sanaa ol
miseensonni isaa yeroo ta’u bu’aa odiitii alaatiin qoratamee dhiyeeffata.

4.Waldaan daldalaa itti gaafatamummaan isaa hin murtoofne yeroo haaromsaa bu’aa odiitii akka
dhiyeeffatu hindirqamu.…

5. Bu’uura Labsichaa keewwata 27 keewwata xiqqaa 2tiin waldaan daldalaa itti gaafatamummaan isaa
murtaa’e kaappitaala galmeessise keessaa sadii afuraffaa ykn kasaaraa sanaa olii kan galmeessise yeroo
ta’u qarshiin dabalataan galu kaappitaala miseensoonni buusan irratti dabalamee galmaa’a.

6.Waldaan Aksiooyoona haaromsa heyyama hojii daldalaatiif bu’aa qorannoo hojii odiitii alaa
dhiyeeffachuu qaba.

7.Waldaan daldalaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e yeroo haaromsaa bu’aan odiitii inni dhiyeessu
bara baajataa lama kan itti hindarbine ta’uu qaba.

8.Waldaan daldalaa itti gaafatamummaa isaa murtaa’e haaraa hundeeffame hanga bara baajata lamaatti
bu’aa odiitii akka dhiyeessu hindirqamu.

9. Hayyama hojii daldala haaromsuu hafuu isaatiin hayyamni daldala isaa kan jalaa haqame daldalaan
dhuunfaa hayyamuma sana bakka bu’iinsaan deebisee baafachuu ni danda’a.

11.Waldaan daldalaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e hayyama hojii daldala isaa haaromfachuuf hojii
geggeessaa isaatiin ykn qaama bakka bu’ummaa seera kennameefiin haaromfachuu ni danda’a.
12.Gibira walitti qabuuf qaama angoon kennameef wajjin ragaan odeeffannoo kallattii bakka hin jirretti
ragaa qulqullina gibiraa qaama gibira walitti qabuuf angoon kennamef irraa argame sirrii dha jedhamee
fudhatama.

13.Tumaaleen keewwata kana keewwata xiqqaa 11 fi 12 akkuma eegametti ta’ee ragaan qulqullina
gibiraa dhiyaate sirrii ta’uu isaa qaamni galmeessu karaa mijaa’aa ta’e kamiinuu mirkaneeffachuu ni
danda’a.

14.Duraan dursee hayyama hojii daldalaa damee kami irrattiyyuu baasee hojjechaa ture sababa
kamiiniyyuu hayyamni hojii daldalaa isaa kan jalaa haqame ykn daldalaan adabbii irra jiru hayyama hojii
daldalaa haaraa yeroo baafatu duraan hayyama hojii daldalaa itti hojjechaa tureef kiliraansii ykn waraqaa
qulqullinaa gibira dhiyeessuu dirqama.

15.Daldalaan kamiyyuu bu’uura labsichaatiin hayyamni hojii daldalaa isaa jalaa hin haqamne taanaan
waraqaa ragaa gahumsaa ykn xalayaa akka dhiyeessu hin dirqamu.

16.Dameewwan hayyama hojii daldalaa Waraqaa ragaa gahumsaa hin barbaachifne kan ilaallatan gara
fuula duraatti Qajeelfama keessa deebii kenniinsa hayyama hojii daldalaa Itiyoophiyaa irratti akka bahu
ni ta’a.

21. Waa’ee fooyya’iinsa hayyama hojii daldaalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila fooyya’iinsa hayyama hojii daldaalaa yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 03 unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii fooyya’iinsa hayyama
hojii daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 32tiin ulaagaan guutamuu isaa innaa mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka buutuu 2 unka 02tiin waraqaan ragaa hayyama hojii daldaalaa fooyya’e ni kennama.

22.Waa’ee bakka bu’iinsa hayyama hojii daldalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila bakka bu’iinsa hayyama hojii daldalaa yammuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 03 unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii bakka bu’iinsa
hayyama hojii daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 33tiin ulaagaan guutamuu isaa innaa mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 02tiin waraqaan ragaa hayyama hojii daldaalaa bakka bu’e ni kennama.

23. Haquumsa hojii daldalaa

Daldaalaan kamiyyuu tajaajila gaaffii haqumsa hayyama hojii daldalaa yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 03 unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii haqumsaa hayyama
hojii daldalaa akka guutu taasifama.
2.Bu’uura dambichaa keewwata 35niitiin ulaagaan guutamuu isaa innaa mirkanaa’u waraabbiin
orijinaala hayyama hojii daldalaa akka deebi’u ta’ee ragaan gaaffii haqumsa hayyama hojii daldalaa
xalayaan ni kennama.

3.Hayyamni hojii daldalaa kamiyyuu yammuu haqamu haqumsicha kan gaafatee fi qaama ilaallatuuf
xalayaan ni ibsama.

24.Galmeessa addaa waldaalee seektaraa, galmeessa damee mana marii daldalaa biyya alaa,
kubbaaniyyaan holdiingii fi fireenchaayizingii

Iyyataan waldaa seektaraa kamiyyuu; galmeessa damee mana marii daldala biyya alaa,tajaajila
galmeessa addaa kubbaaniyyaa holding ykn fireenchaayiziingii yoo gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 04n unka iyyataaf qophaa’e irratti gaafficha akka guutu ni
taasifama.

2.Bu’uura dambii keewwata 16n ulaagaan guutamuu yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama kana
duuka deemtuu II unka 06n galmeessi damee waldaalee waraqaa ragaa ni kenna.

3.Bu’uura dambii keewwata 17n ulaagaan guutamuun isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kana duuka deemtuu II unka 07n galmeessi damee mana marii daldala biyya alaa waraqaa ragaa ni kenna.

4.Bu’uura dambii keewwata 37n ulaagaan guutamuun isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kana duuka deemtuu II unka 08n galmeessi addaa hooldiingii waraqaa ragaa ni kenna.

5.Bu’uura dambii keewwata 48n ulaagaa guutuun yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama duuka
deemtuu II unka 09n galmeessi addaa firraanchaayiziing waraqaa ragaa ni kenna.

25. Haaromsa galmeessaa addaa hooldiingii fi firaanchaayiziingii

Iyyataan kamiyyuu tajaajila haaromsa galmeessa addaa hooldiingii ykn firaanchaayizyyngii yoo
gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 04n unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii haaromsa galmeessa
addaa akka guutu ni taasifama.

Tajaajilli gaafatame:-

A.Bu’uura dambii keewwata 38n ulaagaan guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
duuka deemtuu II unka 08n haaromsi galmeessa addaa holdiingii ni taasifama.

B.Ulaagaan dambii kana keewwata 49 irratti kaa’ame guutamuun isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura
qajeelfama duuka deemtu II unka 09 haaromsi waraqaa raaga galmeessa addaa firaachaayiziing ni
taasifama.

2.Bu’uura waliigaltee firaanchaayiziin firenchaayizarichi galii argatu irraa gibira barbaachisaa kaffaluu
isaa seektara gibira funaanee galii godhu irraa ragaa ni dhiyeeffata.

26.Waa’ee fooyya’iinsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holdiingii

Iyyataan kamiyyuu tajaajila fooyya’iinsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holding yammuu gaafatu:-

1. Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 04n unka iyyataaf qophaa’e irratti gaaffii fooyya’iinsa
galmeessa addaa akka guutu ni taasifama.
2. Bu’uura dambichaa keewwata 40tiin ulaagaaleen guutamuu isaa yeroo mirkanaa’u waraqaa ragaa
galmeessa addaa duraan fudhate deebisuun bu’uura qajeelfama kanaa duuka deemtuu II unka 08n
waraqaa ragaa galmeessa addaa holdiingii fooyya’e ni kennama.

28.Haquumsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holdiingii fi firenchaayiziingii

Iyyataan kamiyyuu tajaajila haquumsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holdiingii ykn


firaanchaayiziingii yammuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 04n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii haquumsa galmeessa
addaa akka guutu taasifama.

2.Waraqaa cufiinsa qulqullina gibiraa tajaajila galmeessa addaa dhiyeessuu qaba.

3.Bu’uura dambichaa keewwata 41 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaan haqumsi waraqaan ragaa galmeessa addaa holdiingiitiif xalayaan ni kennama.

4.Bu’uura qajeelfama kanaa keewwata 51tiin ulaagaaleen guutamuu qaban yammuu mirkanaa’u bu’uura
qajeelfama kanaan xalayaan haqumsa galmeessa addaa ni kennama.

5.Kubbaaniyyaan holdiingii kamiyyuu ykn firaanchaayiziingii haquumsi galmeessa addaa haqumsicha


gaafatee fi qaama ilaaluuf xalayaan ni ibsama.

29. Kenniinsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa.

Indaraaseen daldalaa kamiyyuu waa’ee tajaajila fooyya’insa Waraqa ragaa Indaraasee daldalaa
yamuu gaaffatuu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu 1 unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii waraqa adda
Indaraasee daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 27 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 05 waraqa adda Indaraasee daldalaa ni kennama.

30. Waa’ee haaromsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa

Indaraaseen daldalaa kamiyyuu tajaajila haaromsa waraqa ragaa adda yammuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii haaromsa waraqa
adda Indaraasee daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 31 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 05 haaromsi waraqa adda Indaraasee daldalaa ni kennama.

3.Indaraaseen daldalaa waraqa ragaa adda haaromsuu haafu isaatiin labsichaan kan jala haaqame
hayyamuma jala haaqamee sana deebise bakka bu’iinsan baafachuu ni dandaa’a.

27. Waa’ee kenniinsa bakka bu’iinsa waraqaa ragaa addaa galmeessa Kubbaaniyyaa holdinigi fi
Firaanchaayiziingii.

Iyyataan kamiyyuu waraqaa raga bakka bu’iinsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holdiingii ykn
firaanchaayiziingii yammuu gaafatu:-
1. Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 04n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii bakka bu’iinsa
galmeessa addaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 39 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka buutuu 2 unka 08n bakka bu’iinsa waraqaan ragaa galmeessa addaa holdiingii ni kennama.

3.Bu’uura dambichaa keewwata 50n ulaagaan barbaachisu guutamuun isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura
qajeelfama kanaa duuka deemtuu II unka 09n waraqaan ragaa bakka bu’iinsaa galmeessa addaa
firaanchaayiziingii ni kennama.

28.Haquumsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holdiingii fi firenchaayiziingii

Iyyataan kamiyyuu tajaajila haquumsa galmeessa addaa kubbaaniyyaa holdiingii ykn


firaanchaayiziingii yammuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 04n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii haquumsa galmeessa
addaa akka guutu taasifama.

2.Waraqaa cufiinsa qulqullina gibiraa tajaajila galmeessa addaa dhiyeessuu qaba.

3.Bu’uura dambichaa keewwata 41 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaan haqumsi waraqaan ragaa galmeessa addaa holdiingiitiif xalayaan ni kennama.

4.Bu’uura qajeelfama kanaa keewwata 51tiin ulaagaaleen guutamuu qaban yammuu mirkanaa’u
bu’uura qajeelfama kanaan xalayaan haqumsa galmeessa addaa ni kennama.

5.Kubbaaniyyaan holdiingii kamiyyuu ykn firaanchaayiziingii haquumsi galmeessa addaa haqumsicha


gaafatee fi qaama ilaaluuf xalayaan ni ibsama.

29. Kenniinsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa.

Indaraaseen daldalaa kamiyyuu waa’ee tajaajila fooyya’insa Waraqa ragaa Indaraasee daldalaa
yamuu gaaffatuu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu 1 unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii waraqa adda
Indaraasee daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 27 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 05 waraqa adda Indaraasee daldalaa ni kennama.

30. Waa’ee haaromsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa

Indaraaseen daldalaa kamiyyuu tajaajila haaromsa waraqa ragaa adda yammuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka buutuu I unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii haaromsa waraqa
adda Indaraasee daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 31 ulaagaaleen guutamuu isaa yammuu mirkanaa’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 05 haaromsi waraqa adda Indaraasee daldalaa ni kennama.

3.Indaraaseen daldalaa waraqa ragaa adda haaromsuu haafu isaatiin labsichaan kan jala haaqame
hayyamuma jala haaqamee sana deebise bakka bu’iinsan baafachuu ni dandaa’a.
31. Waa’ee fooyya’iinsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa

Indaraaseen daldalaa kamiyyuu waraqaa ragaa addaa indaraasee daldaalaa fooyyessuuf tajaajila yoo
gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii fooyya’iinsa waraqaa
ragaa addaa Indaraasee daldalaa akka guutu taasifama.

2.Tajaajilli fooyya’iinsaa gaafatame yammuu hayyamamu waraqaa ragaa addaa indaraasee daldalaa
duraan fudhate deebisee bu’uura qajeelfama kanaa duuka deemtuu II unka 05tiin waraqaan ragaa addaa
Indaraasee daldalaa ni kennama.

32. Waa’ee bakka bu’iinsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa

Indaraaseen daldalaa kamiyyuu tajaajila bakka bu’iinsa waraqaa ragaa addaa gaafatu:-

1.Qajeelfama kanaan duuka deemtuu I unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii bakka bu’iinsa
waraqaa ragaa Inderaasee daldalaa akka guutu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 34tiin ulaagaan guutamuu qabu guutamuu isaa mirkaneeffachuun
qajeelfama kana bu’uura duuka deemtuu II unka 05 bakka bu’iinsi waraqaa ragaa Inderaasee daldalaa ni
kennama.

33. Haquumsa waraqaa ragaa addaa Inderaasee

Inderaaseen daldalaa kamiyyuu tajaajila haqumsa waraqa ragaa addaa yammuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 06n unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii haqumsa waraqaa
ragaa addaa Inderaasee daldalaa akka guutuu taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 36n ulaagaaleen guutamu yammuu mirkanaa’uu bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 05nin waraabbiin Orjinaalaa waraqaa ragaa addaa Inderaasee daldalaa akka
deebi’u ta’e haqumsichi ni taasifamaa.

3.Inderaaseen daldalaa kamiyyuu waraqa ragaa addaa yemmuu haqu haqumsicha kan gaafatee fi qaama
ilaalatu xalaayaadhaan ni ibsama.

34.Waa’ee kenniinsa waraqaa ragaa galmeessa daldala daangaa

Daldalaan Hojii daldalaa daangaa irraa akka daldaluu hayyamameef kamiyyuu tajaajila yemmu
gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuku deemtuu I unka 07 unka iyyataa qophaa’e irratti gaaffii isaa akka guutu ni
tasifamaa.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 42n ulaagaaleen guutamuu yemmuu mirkanaa’uu bu’uura


qajeelfamicha duuka deemtuu II unka 10tin waraqaan ragaa galmeessa daldalaa daangaa ni kennamaa.

35. Haquumsa galmeessa daldala daangaa


Tajaajila waraqaa ragaa galmeessa daldaalaa daangaa haquuf yemmuu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 07 unka iyyataa qophaa’ee irratti gaaffii haaqumsa galmeessa
daldalaa daangaa akka guutu ni taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 43n ulaagaleen guutamuu mirkaneeffachuun haqusi galmeessa daldalaa
daangaa gaafatame ni taasifama.

3.Galmeessi daldalaa daangaa kamiyyuu yemmu haqamu haqumsicha kan gaafatee fi qaama ilaallattuuf
xalayaan ni ibsama.

36.Waa’ee kenniinsa hayyama hojii daldala addaa daldala daangaa

Hayyama hojii daldalaa addaa daangaa kamiyyuu akka baafatu daldaalaan hayyamameef tajaajila
yemmu gaafatu:-

2.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 08n unka iyyata qophaa’ee irratti gaaffii hayyama hojii
daldalaa addaa daangaa akka guutu ni taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 44n ulaagaaleen guutammu yemmu mirkana’u bu’uura qajeelfama kanaa
duuka deemtuu II unka 11tiin waraqaan ragaa hayyama hojii daldalaa addaa daldala daangaa ni
kennamaf.

37.Waa’ee haaromsa hayyama hojii daldala addaa daldala daangaa

Daldaalaan kamiyyuu hayyama hojii daldala addaa daangaa haaromsuf tajaajila yemmu gaafatu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 08n unka iyyata qophaa’ee irratti gaaffii haaromsa hayyama
hojii daldalaa addaa daangaa akka guutu ni taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 45n ulaagaaleen guutammu yemmu mirkana’u bu’uura qajeelfama kanaa
duuka deemtuu II unka 11tiin tajaajila haaromsa waraqaa ragaa hayyama hojii daldalaa addaa daldala
daangaa ni kennamaf.

3.Hayyama hojii daldalaa addaa daldala daangaa haaromsu haafu isaatiin daldaalaan heyyamni jala
haqamee hayyamuma sana deebsee bakka bu’iinsan baafachuu ni danda’a.

38.Waa’ee bakka bu’iinsa hayyama hojii daldala addaa daldala daangaa

Tajaajila bakka bu’iinsa hayyama hojii daldalaa addaa daangaa kan gaafatu kamiyyuu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 08n unka iyyata qophaa’ee irratti gaaffii bakka bu’iinsa
hayyama hojii daldalaa addaa daangaa akka guutu ni taasifama.

2.Bu’uura dambichaa keewwata 46n ulaagaaleen guutammu yemmu mirkana’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 11tiin tajaajila bakka bu’iinsa waraqaa ragaa hayyama hojii daldalaa addaa
daldala daangaa ni kennamaf.

39. Haquumsa hojii daldala addaa daldala daangaa

Tajaajila haqumsa hayyama hojii daldalaa addaa daangaa kan gaafatu kamiyyuu:-

1.Qajeelfama kana duuka deemtuu I unka 08n unka iyyata qophaa’ee irratti gaaffii haqumsa hayyama
hojii daldalaa addaa daangaa akka guutu ni taasifama.
2.Bu’uura dambichaa keewwata 46n ulaagaaleen guutammu yemmu mirkana’u bu’uura qajeelfama
kanaa duuka deemtuu II unka 11tiin tajaajila haqumsa waraqaa ragaa hayyama hojii daldalaa addaa
daldala daangaa ni kennamaf.

3.Haqumsi hayyama hojii daldalaa addaa daldala daangaa yamu rawwatu haqumsicha kan gaafatee fi
qaama ilaallattuuf xalayaan ni ibsama.

• Kutaa shan

Waa’ee Inispeekshiinii/to’annoo/ hayyama boodaa

40.Gochoota Inspeekshiiniin ykn to’annoon itti geggeeffaman

1.Hayyama hojii daldalaa osoo hin qabaatinii fi tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaatiin hayyamni hojii
isaanii haqamee hojii daldaalaa irratti dhaabbilee bobba’an qulqulleessuun ni mirkaneessa.

2.Hayyama hojii daldalaa qabaatanii kaayyoo hayyamameefiin ala dhaabbata daldaalaa hojjetan
qulqulleessuun ni mirkaneessa.

3.Yeroo hayyamaa haaromsuuf kenname keessatti hayyama hojii daldaalaa isaanii osoo hin haaromsin
dhaabbilee daldaalaa hojjetan qulqulleessuun ni mirkaneessa.

4.Daldaalaan kamiyyuu tajaajila galmeessa daldaalaa fi hayyamaa argachuuf ulaagaalee guuttachuu qaban
guuttachuun kan kenname ta’uu kuusaa dhaabbata daldaalaa ykn sanada qulqulleessuuf mirkaneessuu
qaba.

5.Daldaalaan hayyamni hojii daldaalaa kennameef kamiyyuu bu’uura labsicha keewwata 26n
dirqamawwan irratti gataman guuttachuun hojjechaa jiraachuu isaa qulqulleessuun ni mirkaneessa.

6. Daldaalaan kamiyyuu bu’uura seeraa galmeessaa fi hayyama daldaalaatiin mirga argate qaama
sadaffaaf dabarsee kennuu isaa qulqulleessuun ni mirkaneessa.

7. Tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fudhataman hojii irra ooluu isaanii qulqulleessuun ni mirkaneessa.

41. Murtee mana murtiitiin ykn tarkaanfii bulchiinsaan hayyamni daldaalaa isaanii haqamee ykn hayyama
hojii daldaalaa osoo hin qabaatin hojii daldaalaa irratti kan bobba’an qulqulleessuuf mirkaneessuu

1.Bu’uura labsichaa keewwata 22 keewwata xiqqaa 1tiin dukkaana daldaalaa keessatti hojii daldaalaa
irratti kan bobba’e daldaalaan kamiyyuu dame hojii hojjechaa jiru irratti waraqaa ragaa hayyama hojii
daldaalaa bara sana kenname ykn haaromsame kan qabu ta’uu isaa qulqulleessuun ni mirkaneessa.

2. Bu’uura labsichaa keewwata 29 keewwata xiqqaa 1 (b), (c) fi keewwata 30 keewwata xiqqaa 1(b), (c)
hayyama hojii daldaalaa dhorkame ykn haqameen hojjetamaa kan hin jirre ta’uu isaa ni qulqulleessa,ni
mirkaneessa.

3.Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 tiin hayyama hojii daldalaa osoo hin qabaatiin ykn
hayyama hojii daldaalaa dhorkamee fi kan haqameen kan hojjetan bu’uura cheeklistii duuka buutuu 4ffaa
unka 01 tiin hojii inspeekshiiniif qophaa’eetiin raga barbaachisu guutuu fi raga dabalataa wal qabsiisuun
tarkaanfiin bulchiinsaa akka fudhatamu yaada murtee waliin inspeektarichi ykn to’atichi hogganaa
dhiyootiif ni dhiyeessa.
4. Bu’uura bu’aa inspeekshinii dhiyaatuun hayyama hojii daldaalaa osoo hin qabaatin ykn hayyama hojii
daldaalaa haqameen daldaltoota hojjetan bu’uura labsii galmeessaa fi hayyama daldaalaa keewwata 49
keewwata xiqqaa 2 tiin tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa akka fudhatamu ni taasisa.

42.Waa’ee qulqulleessuu fi mirkaneessuu hayyama hojii daldaalaa osoo qabanu dame hojii
hayyamameefiin ala kan hojjetan

1. Daldaalaan kamiyyuu hayyama hojii daldaalaa ragga’e kan qabu ta’ee garuu kan inni hojjetaa jiru dame
hojii daldalaa hayyamameefiin ala ta’uun isaa hojii inspeekshiiniitiin qulqullessuu fi mirkaneessuun
bu’uura cheek-liistii duuka deemtuu 04 unka 01 qophaa’een raga barbaachisaa guutee tarkaanfiin
bulchiinsaa akka fudhatamu yaada murtii waliin instiraaktarichi hogganaa dhiyoo isaatiif ni dhiyeessa.

2. Bu’uura bu’aa inspeekshiinii dhiyaatuun hayyama hojii daldalaa kan qabu ta’ee dame hojii daldalaa
hayyamameefiin ala daldaalaan hojjetu bu’uura labsichaa keewwata 49 keewwata xiqqaa 2tiin tarkaanfiin
bulchiinsaa fi seeraa akka fudhatamu ni taasisa.

43. Waa’ee qulqulleessuu fi mirkaneessuu daldaalaa hayyama hojii daldalaa isaa hin haaromsin hojjetu

1.Daldaalaan kamiyyuu bu’uura labsichaa keewwata 27 keewwata xiqqaa 1 tiin hayyama hojii daldaalaa
bara baajataa keessa hin haaromsamneen hojjechaa jiraachuu isaa qulqulleessuu fi mirkaneessuun bu’uura
cheeklistii hojii inspeekshiiniif qophaa’e duuka buutuu 04 unka 01ffaa tiin raga barbaachisaa guutuun
tarkaanfiin bulchiinsaa akka itti fudhatamuuf instiraaktarichi yaada murtii waliin itti gaafatamaa dhiyoo
tiif ni dhiyeessa.

2. Bu’uura bu’aa inspeekshiinii dhiyaatuun hayyama hojii daldalaa osoo hin haaromsin daldaalaan hojjetu
bu’uura labsichaa keewwata 29 keewwata xiqqaa 2 fi keewwata 28 keewwata xiqqaa 2 tiin tarkaanfiin
bulchiinsaa fi seeraa akka fudhatamu ni taasisa.

44.Ulaagaalee tajaajila galmeessaa fi hayyama daldaalaa argachuuf taa’an guutamee tajaajilli kan
kenname ta’uu isaa kuusaa daldaalichaa keessaa ykn sanada qulqulleessuuf mirkaneessuu.

1. Daldaalaan kamiyyuu bu’uura labsichaa fi dambii tiin ulaagaalee tajaajilawwan galmeessaa fi hayyama
daldaalaa argachuuf taa’an guutamee tajaajilli kennamuu isaaf hojii inspeekshiinii keessaa tiin
qulqulleessuuf mirkaneessuun ulaagaa osoo hin guutin ykn ragaa sobaa dhiyeessuun daldaalaa tajaajila
argate irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa akka fudhatamuuf raga qindeessuun yaada murtee waliin
hogganaa dhiyootiif ni dhiyaata.

2. Bu’uura bu’aa inspeekshiinii tiin ulaagaalee osoo hin guutin ykn raga sobaa dhiyeessuun daldaalaan
tajaajila argate bu’uura labsichaa keewwata 29 keewwata xiqqaa 1 (d) fi keewwata 49 keewwata xiqqaa 3
tiin tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa akka fudhatamu ni taasisa.

45. Bu’uura labsichaa keewwata 26 tiin daldaalaan dirqama isaa guuttachuu isaa qulqulleessuu fi
mirkaneessuu

1. Teessoo daldaaltichi galmeessisateen argamuu isaa qulqulleessuu fi mirkaneessuu

2. Daldaaltichi jijjiirraa teessoo taasisee kan galmeessise ta’uu isaa sakatta’uu fi mirkaneessuu qaba.

3. Daldalli jimlaan jimlaa irraa,qinxaaboleen qinxaaboo irraa sadarkaa wal fakkaatuun taasisamu
geggeeffamaa jiraachuu dhiisuu isaa sakatta’uu fi mirkaneessuu qaba.
4. Daldaalichi tajaajila galmeessa daldalaa fi hayyamaa yammuu gaafatu ragaalee sirrii ta’an dhiyeessuun
galmeessisuu isaa sakatta’uu fi mirkaneessuu qaba.

5. Meeshaalee daldaalaa ykn tarreeffama gatii tajaajilawwanii bakka ifatti sirriitti mul’atutti teessisuu isaa
ykn meeshaalee daldalaa irratti maxxanfamuu isaa sakatta’uu fi mirkaneessuu qaba.

6.Nageenyaa fi fayyummaa ummata fayyadamaa irratti ykn qabeenyaa irratti miidhaa kan qaqqabsiisan
meeshaalee daldalaa adda addaa bakka tokkotti daldalaa jiraachuun isaa hojii inspeekshiinii alaatiin
qulqulleessuu fi mirkaneessuu qabu.

7. Bu’uura Keewwata kana keewwata xiqqaa 1hanga 6tti daldaalaa dirqama isaa hin baane addaan
baasuun bu’uura cheeklistii hojii inspeekshiiniif qophaa’e duuka buutuu qophaa’e 4ffaa unka 1tiin ragaa
guutuun tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa akka irratti fudhatamu yaada murtii waliin ni dhiyeessa.

8. Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa 7tiin dirqama itti gatame daldaalaan hin baane hir’ina isaa
akka sirreeffatuuf xalayaa of eeggannoo ni kenna.

9. Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa 8iin daldaalaan hir’ina isaa irraa kan of hin sirreessine yoo
ta’e ragaan qindaa’ee tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa dabalataan akka fudhatamu ni taasisa.

46.Bu’uura labsichaatiin daldaalaan hayyama hojii daldaalaa isaa qaama 3ffaadhaaf dabarsee kennuu isaa
qulqulleessuu fi mirkaneessuu.

1. Bu’aa inspeekshiinii alaatiif bu’uura heeruu dhiyaatuun hayyama hojii daldaalaa isaa qaama 3ffaatti
dabarsee kennuun akka ittiin daldalu kan taasise ykn kan kireesse akkasumas seeraan akka hin daldalle
lammiilee biyya alaa hin hayyamamneefitti hayyama hojii daldaalaa isaa dabarsee kan kenne ykn kan
kireesse qulqulleessuu fi mirkaneessuun bu’uura cheekliistii hojii inspeekshiiniif qophaa’e duuka buutuu
04ffaa unka 01tiin raga guutuun tarkaanfiin bulchiinsaa akka fudhatamu yaada mutii waliin hogganaa
dhiyootiif dhiyaata.

2. Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa 1tiin hayyama hojii daldaalaa isaa qaama 3ffaatti dabarsee
kennee kan argame bu’uura labsichaa keewwata 29 keewwata xiqqaa 1(b) fi keewwata 49 keewwata
xiqqaa 4tiin tarkaanfiin bulchiinsaa akka fudhatamu taasisuun ragaa barbaachisaa qindeessuun seeratti
akka dhiyaatu ni taasisama.

47.Fiixaan bahiinsa tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fudhatamanii qulqulleessuu fi mirkaneessuu.

Labsicha, dambii dhaa fi tumaalee qajeelfama kanaa darbamuu isaaniitiin tarkaanfiin bulchiinsaa fi
seeraa fudhatamanu sirriitti fiixaan bahuu isaanii hojii inspeekshiinii alaatiin qulqulleessuu fi
mirkaneessuun dhaabbilee daldaalaa fiixaan hin baasne irratti bu’uura tarkaanfii darbeetiin raga
qindeessuun seeratti ni dhiyeessa.

48.Gochaawwanii fi dirqamoota hojii hayyama boodaa inspeektara alaatiin raawwatamuu qaban

1. Inspeektara ta’uu isaa waraqaa ragaa addaa isa ibsu dhaabbata daldaalaa to’annaan irratti
geggeeffamutti agarsiisuu qaba.

2. Hojii too’annoo isaa kan ilaallatu waa’ee to’annaa geggeeffamuu dhaabbata daldaalaa sanaaf ibsuufii.

3. Hanqina yeroo to’annaa mul’ate abbaa dhaabbata daldaalaa sanaaf ykn bakka bu’aa isaatti yeroodhuma
saana beeksisuu qaba.
4. To’ataan hojii to’annaa isaatiif yeroo bahu gochaawwan to’annaa isaa qindeessuu fi hogganaan roga
qabu ramadame waliin waa’ee dhaabbata too’atuuf waa’ee too’annichaa bu’uura qajeelfama kana waliin
duuka deemtuu 4ffaa unka 2ffaa tiin waliigaltee taasisuu qaba.

5. Too’ataan hojii too’annaa isaa yeroo geggeessu yeroo hojii mootummaa qofa ta’ee haata’u malee garuu
yoo barbaachisaa ta’ee argame sa’aatii hojii mootummaatiin ala too’annaa geggeessuuf maqaa dhaabbata
daldaalichaa xalayaa ibsu mana hojii isaatii qabachuu fi agarsiisuu qaba.

6. Too’ataan hojii too’annaa taasiseen bu’aa argate qajeelfama kana duuka deemtuu 4ffaa unka 01tiin
guutuun dhaabbilee daldaalaa to’annaan irratti geggeeffame waliin walii mallatteessuun yaada murtii
waliin hogganaa dhiyoo isaatiif dhiyeessuu qaba.

7. Bu’aa inspeekshiinii dhiyaatee fi bu’uura murtii abbaan taayitaa roga qabu kenneen tarkaanfii
bulchiinsaa raawwachiisuu qaba.

8. Dhaabbanni daldalaa tokko bu’uura tarkaanfii sirreeffamaa fudhatameen hir’ina irratti mul’ate waa’ee
sirreeffachuu isaa inspeektarichi alaa dabalataan dhaabbata daldalaatti argamuun ni mirkaneessa.

9. Inspeektarichi dhaabbata daldaalaa samsuu kan raawwatu yoo ta’e daldaalicha ykn daldalicha
raawwachuuf nama bakka bu’ee fi barbaachisaa ta’ee yeroo argamu qaamni nageenyaa bakka argametti
tarkaanfii bulchiinsaa raawwaachuuf dirqama qaba.

49. Mirgaa fi dirqama daldaalaa to’annaan irratti geggeeffamuu

1. daldaalicha eenyummaa to’atichaa kan ibsu waraqaa ragaa addaa gaafachuu fi ilaaluuf mirgi isaa kan
eegamee dha.

2. Hojii to’annichaa kan ilaallatu kamiiniyyuu odeeffannoo gaafachuu fi argachuuf mirga qaba.

3. Daldaalichi hojii inspeekshiniitiif yammuu gaafatamu yeroo hojiitti iddoo daldaala isaa banuu fi yoo
barbaachisaa ta’ee argame sa’aatii hojiitiin alas banaa taasisuuf dirqama qaba.

4. Hayyama hojii daldaalaatii fi kanneen biroo hojii daldaalaatiin walitti dhufeenya qaban ragaalee
dirqama ittiin galan qabatee argamuu dirqama qaba.

50. Sirna tarkaanfiin bulchiinsaa itti fudhatamu

1. Inspeektarichi hanqinaalee inspeekshiiniin mul’atan raga fi gabaasaan qindeessuun yaada murtii waliin
hogganaa dhiyootiif ni dhiyeessa.

2. Hogganaan dhiyoo isaa bu’aa inspeekshiinii dhiyaatee fi yaada murteee irratti bu’uureffachuu fi ragaan
deeggaruun labsichaa fi dambii waliin mirkaneessuun yaada murtee mataa isaa hogganaa kutaa hojiitiif
dhiyeessa.

3. Hogganaan kutaa hojii bu’aa inspeekshiinii dhiyaatee fi ragaa yaada murtii waliin wal qabatan
akkasumas bu’uura labsichaa,dambii fi qajeelfama kanaan kan tarreeffaman sirna fudhannaa murtii
tarkaanfii bulchiinsaa kennuun akka raawwatamu ni taasisa,Haata’u malee hogganaa kutaa hojiitiin
dhimmoonni murtaawuu hin dandeenye yeroo argaman abbaa adeemsa hojii mariisisuun murtii ni kenna.
Murtichis akka raawwatamu ni taasisa.
• Kutaa jaha

Tumaalee adda addaa

51.Waldaalee daldaalaa buleeyyii keessatti miseensa ta’uudhaaf kan galu lammiin biyya alaa ykn waldaan
daldaalaa biyya alaa

Waldaalee daldaalaa buleeyyii keessatti miseensa ta’uudhaaf kan galu lammiin biyya alaa ykn waldaan
daldaalaa biyya alaa ragaalee armaan gadii guuttachuu qabu.

1.Damee hojii inni irratti bobba’e abbaa qabeenyaa biyya alaatiif kan hayyamame ta’uu ni mirkaneessa.

2.Gaaffiin miseensummaa isaa dorgommii daldalaa fi abbaa taayitaa eegumsa shammattootaatiin kan
ilaalamu yoo ta’e mirkaneessaan hayyamaa qaama kana irraa kenname dhiyaachuu qaba.

3.Waldaa daldalaa keessatti miseensa ta’uuf kan galu lammiin biyya alaa ykn waldaan daldalaa biyya
alaa waldaa daldalaa buleeyyiitti akka galu walii galuu isaa kan mirkaneessu qaboon yaa’ii waldaa
daldala buleeyyichaa dhiyaachuu qaba.

4.Damboonni Investimentii hoogganan abbaa qabeenyaa biyya alaatiif kaappitaalli xiqqaan tumame
mirkaneessaa baankii biyya keessaatti ittiin gale dhiyaachuu qaba.

6.Hayyamni hojii daldalaa mirkanaa’e kan waldaa daldala buleeyyii dhiyaachuu qaba.

7.Qaamni galmeessaa ta’e ulaagaaleen guutamuu isaanii mirkaneessuun sanadicha mirkaneessuuf qaama
angoon seeraan kennameefiin qaboon yaa’ichaa akka mirkanaa’u xalayaa deeggarsaa ni barreessa.

8.Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 3n qaboon yaa’ichaa sanadicha mirkaneessuuf qaama
angoon seeraan kennameefiin mirkanaa’ee qaama galmeesseef dhiyaachuu qaba.

52.Ulaagaalee dukkaana daldaalaa ykn dhaabbilee dabarsuuf gaafataman

Dukkaanni daldalichaa ykn dhaabbatichaa yammuu daddarbu sanadicha mirkaneessuuf qaama angoon
seraan kennameefiin waliigalteen mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

1.Hayyamni hojii daldala buleeyyii waraqaan qulqullinaa cufiinsa gibiraa dhiyaachuu qaba.

2.Abbaan hayyama hojii daldalaa duraanii hayyama hojii maqaa isaatiin jiru deebisuu qaba.

3.Dukkaanni daldalaa /dhaabbatichi/ kan dabarsame ta’uu isaa gaazexaa tamsaasa biyyaalessaa qabuun
erga himamee ji’a 1/tokko/ booda raga dhiyeessuun namni maqaa isaatti darbe maqaa isaatiin galmeessa
daldalaa fi hayyama hojii daldalaa baasuu danda’a.

4.Dukkaanni daldalaa dabarfamu waldaa daldalaa yoo ta’u keewwata kana keewwata xiqqaa 1n kan
ibsame dabalataan darbuu isaatiif miseensonni waldaa sagalee guutuun kan ittiin walii galan qaama
sanada mirkaneessuun angoon kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

5.Dukkaanni daldalaa dabarfamu waldaa daldalaa yoo ta’u keewwata kana keewwata xiqqaa 1n kan
ibsame dabalataan darbuu isaatiif miseensonni waldaa sagalee guutuun kan ittiin walii galan qaama
sanada mirkaneessuun angoon kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.
6.Dukkaanni daldalaa dabarfamu waldaa daldalaatiif yoo ta’e keewwata kana keewwata xiqqaa 1-4tiin
kan ibsamee fi dabalataan waldaan daldaalaa dabarfamuuf barreeffama hundeeffamaa,dambii ittiin
bulmaataa fi sanada mirkaneessuuf qaama seeraan angoon kennameefiin waldaan daldalaa dabarfamuuf
sagalee guutuun kan mirkaneeffame qaboon yaa’ii dhiyaachuu qaba.

7.Dukkaanni daldalaa lammii biyya alaatiif yoo ta’e ykn waldaa daldalaa lammiin biyya alaa keessatti
miseensa ta’e yoo ta’e hayyama investementii dhiyeessuu qaba.

53. Waa’ee walitti makamiinsa kubbaaniyyaawwan daldalaa

1.Kubbaaniyyoonni daldalaa yammuu walitti makaman walitti makamiisichi abbaa taayitaa eegumsa
mirga fayyadamtootaaf dorgommii daldalaatiin kan ilaalamu yoo ta’e qaama kana irraa mirkaneessa
hayyamaa walitti makamiinsaa fi miseensota kubbaaniyyotaa walitti makame hundaan kan
mallatteeffamee fi sanadoota mirkaneessuuf qaama angoon seeraan kennameefiin qaboon yaa’ii
mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.

2.Walitti makamiinsichi abbaa taayitaa dorgommii daldalaa fi eegumsa shammattootaatiin kan hin
ilaalamne yoo ta’e kubbaaniyyoota daldalaa walitti makamanuun miseensonni sagalee guutuun kan itti
walii galanii fi sanada mirkaneessuuf qaama angoon seeraan kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’e
dhiyaachuu qaba.

3.Kubbaniyyoonni daldaalaa waltti makamanuu kamiiyyuu waraqaa qulqullinaa cufiinsa gibiraa


dhuunfaan dhiheessuu qabu. Ta’uyyuu yemmuu walitti makaman liqa walitti qabuun kan walii galan yoo
ta’e mirkaneessa waliigaltiicha sanada mirkaneessuuf raga angoo seraan mirkana’ee dhiyaachuu qaba.

4.Kubbaaniyyoonni daldalaa walitti makamanu kamiyyuu walitti makamiinsichi kan itti fayyadamu
maqaalee daldalaatii fi dhaabbilee adda baasuun dhiyeessuu qaba.

5.Kubbaaniyyoonni daldalaa walitti makamanu kamiyyuu kubbaaniyyoota walitti makaman irraa maqaa
daldalaatii fi maqaa dhaabbataatiin ala maqaa daldalaa ykn dhaabbataa kan biro maqaa daldala haaraa kan
fayyadaman yoo ta’e maqaan daldalaa ykn dhaabbataa duraan qaban akka haqaman taasifamu.qaboo
yaa’iitiin maqaa isa haaraa fooyyessuun sanada mirkaneessuuf qaama angoon seeraan kennameefiin akka
mirkanaa’u taasifamuu qaba.

6.Kubbaaniyyoonni daldalaa kubbaaniyyoota daldalaa walitti makamanuun maqaa daldalaa fi dhaabbataa


tokkoon kan fayyadamanu yoo ta’e maqaan daldalaa fi dhaabbilee hafan aka haqaman taasifamu.

54.Waa’ee gargar bahiinsa kubbaaniyyaawwan daldaalaa

1.Kubbaaniyyaan daldalaa gargar bahu osoo gargar hin bahiniin dura waraqaa qulqullina galii
dhiyeessuu fi galmee herreegaa isaa cufsiifachuu qaba.

2.Dhaabbanni daldalaa gargar bahu qaamni gargar bahe kubbaaniyyaa daldalaa biroo waliin kan walitti
makamu yoo ta’e kubbaaniyyaa daldalaa walitti makamuun maqaa daldalaa fi dhaabbataatiin walitti
qabama.

3.Kubbaaniyyaan daldalaa gargar bahu qaamoleen gargar bahan of danda’anii kan hundeeffamanu yoo
ta’e osoo gargar hin bahiniin dura maqaa daldalaa fi dhaabbataa tureen qaamni gargar bahiinsa itti
fayyadamu kamiin akka ta’e gargar bahuu isaatiin dura miseensota guutuu turaniin kan mallattaa’ee fi
sanada mirkaneessuuf qaama angoon seeraan kennameefiin qaboon yaa’ii mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.
4.Qaamni gargar bahan tarreeffamni miseensotaa, kaappitaala,maqaa dhaabbataa,maqaa daldalaa fi
k.k.f.waa’ee kubbaaniyyoota daldalaa seera daldalaatiin, qajeelfama dambii fi labsii hayyamaa fi
galmeessaa daldalaatiin raawwatiinsa ni ta’u.

55. Waa’ee ejjennoo seeraa jijjiirrachuu waldaaleen daldaalaa

Waldaan daldalaa kamiyyuu ejjennoo seeraa yammuu jijjiirratu:-

1.Waldaan daldalichaa gara waldaalee daldalaa birootti jijjiiramuun bu’uura seera daldalaatiin mirga
qaama seerummaa isaa akka baafatu kan isa hin taasisne qaama sadaffaa waldaa daldalaa jijjiirame irraa
mirga isaanii ykn faayidaalee isaanii eegsifachuu ni danda’u.

2.Waldaaleen daldalaa ejjennoo seera isaanii yemmuu jijjiiran jijjiramichatti walii galuu isaanii qaaboo
yaa’ii miseensa hundaan mallatteffame fi sanada mirkanessuuf qaama seeran angoo kennamefin qaboo
yaa’ii mirkanaa’ee dhiyeeffachuu qaba.

3.Wixineen barreffama hundeffamaa fi danbiin ittin bulmaata waldaalee daldalaa jijjiirame qaama
galmeessuu jiraachuu qaba.

56. Waa’ee bakka bu’aa daldaalaa

1.Biyya bakka buufataan argamutti mirkaneessa qaama serummaa qabaachuu isaafi dame hojii bakka
bu’uu irratti kan bobba’e ta’uu isaaf sanada agarsiisu qaama sanada mirkaneesssuuf angoon kennameefin
sanada mirkanaa’ee dhiyeessuu qaba.

2.Bu’uura labsichaa keewwata 39nbakka bu’aafsanada angoon itti kenname qaama sanada mirkaneessuuf
sanada mirkanaa’ee dhiheessuu qaba.

3.Waa’ee hayyama hojii daldalaa kennuu, waa’ee haaressuu, waa’ee foyyessuu, waa’ee bakka bu’iinsaa
fi waa’ee haqumsaaf tumaaleen tumaman kanaafis raawwatinsa qabu.

57.Bu’uura labsichaa keewwata 16 tiin raawwii dhaabbata daldaalaa ykn maqaa daldaalaa

1.Bu’uura labsichaa keewwata 16 keewwata xiqqaa 1A tiin maqaan daldalaa ykn dhaabbata daldalaa
gosa tokko ykn haala dogongorsiisuu danda’uun walfakkaata yoo ta’e raawwiin walfakkaataa ta’un
dogongorsaa ta’uu waliin dhufuu qaba”walfakkeenya” ta’uu qofti ykn “dogongorsaa” ta’uu qofti akka hin
galmoofnne hin dhorkisiisuu.

2.Maqaa dhaabbata beekamti biyyooleessaa ykn addunyaa qaban seektara galmeessuun kan hin
galmoofnne dhaabbilee daldalaa biraaf kennamani yoo argaman kunis ragaan yoo mirkanaa’ee daldala
maqichaatti fayyadama jiruuf maqaa dhaabbataa daldalichaa akka jijjiire ji’a 1 keessatti sirreessuuf
xalayaan ni kennamaaf turmaata yeroo kana keessatti hin sirreessine yoo ta’e maqichi akka haqametti
lakkaa’ama.

3.Daldalaan kamiyyuu maqaa dhaabbata daldalaatti maqaa galmeessise kan birootin hanga hin
qabamnnetti ulaagalee hanga guutee argametti maqaa daldalaatin itti fayyadamuu danda’a.

4.Daldalaan kamiyyuu maqaa daldalaatiin maqaa qabame hanga maqaa dhabbatatin hinqabamnneti
ulaagaawwan guutee maqaa dhaabbataatin fayyadamuu danda’a.

5.Maqaa dhaabbataafi daldalaa qulqulleessuu keessatti murtee ogeessa qulqulleessu irratti maamilli walii
hin galle komii isaa dursaa gareetti dhiheessee ni murteeffama. Maaamilichi murtee dursaa gareetti yoo
walii hin galle hoggansa galmeessaaf hayyama daldalaa qindeessanu isa dhumaa ta’a. keewwata xiqqaa
kanaan adeemsi kenninsa murtee tuqaman murteen hoggansa walfakkaataa irra jiranuun ni kennamaa.

6.Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 5 tiin qaamni murtee kennan mormuu isaani battalumatti
maamilaaf barreeffaman kennuu qaba.

7.Ibsi tarree raawwii maqaa dhaabbataa ykn maqaa daldalaa duuka deemtuu 3 ffaan walqabsifamee jira.

58. Dirqama deeggaruu

1. To’ataan alaa hayyama boodaa kanneen barbaachisoo dha jedhe ragaa bifa kamiyyuu kooppii taasisee
suura kaasee ykn karaa barbaadeen ragaa fudhachuu akka danda’uuf qaamni ilaallatu hunduu deeggarsa
kennuuf dirqama qabu.

2. Qajeelfama kana raawwachiisuuf qaamni hunduu dirqama deegaruu qabu.

3. Qaajeelfama kana raawwachiisuuf qaamni nageenyaa bifa addaatiin dirqama qaba.

59. Qajeelfamoota raawwatiinsa hin qabaanne

Dhimmoonni tumaalee qajeelfama kanaatiin tumamaniin kan wal faallessu qajeelfamni kamiyyuu,hoj-
maatni ykn barmaatileen raawwatiinsa hin qabaatu.

60. Qajeelfamoota haqaman

Qajeelfamni Lakk.003/2007 waa’ee maqaa daldaalaa qulqulleessuuf bahe qajeelfama kanaan


haqameera.

61. Yeroo qajeelfamichi itti ragga’u

Qajeelfamni kun Bitootessa 29 bara 2009 irraa kaasee kan ragga’ee dha.

• unkalee

Duuka deemtuu I Unkaalee iyyannoo fi gaaffii tajaajila galmeessa daldalaa fi hayyamaa

• Federaalawaa Dimookiraatawaa Ripaabilika Ityoophiyaatti


Ministeera Daldalaa

Duuka deemtuu I uunka 01

Guyyaa___Ji’a___Bara___

Uunka gaaffii maqaa dhaabbata daldaalaa_______qulqulleessaa maqaa


daldalaa,galmeessa,fooyya’iinsa,bakka bu’iinsaa fi haqumsaa

1.Waldaa daldaalichaa/maqaa_____________________________
dhuunfaa___________________________________________

2.Teessoo
Naannoo_____Magaalaa_____Goddina /kutaamagaalaa_____Aanaa_____Ganda__

Lakk.manaa____________bilbilawaajjiraa___________lakk.mobaayilaa_______

3.Maqaa guutuu kan hojii geggeessaa ykn abbaa hayyamaa_______________Mallatoo______

4.Gosa tajaajila gaafatame ( )

Qulqulleessa____Waraqaa ragaa____Fooyya’iinsa____Bakka bu’iinsa____Haqumsa____

5. Maqaa daldalaa ykn dhaabbataa qulqulleessuuf gaafataman duraa duubaan maqicha Amaariffaa fi
Ingiliffaan barreessuu /Afaan Hojii/

1. ___________________________________________________

2. ___________________________________________________

3.____________________________________________________

Tajaajila mana hojiitiif qofa

1.Maqaa daldalaa ykn dhaabbata akka galmaa’u gaafatame

Qabameera___________hin qabamne__________

2.Fudhatama waan argateef Q______kaffaltanii akka fudhattan taasiseera.

3.Sababa_____________tiin gaaffichi fudhatama hin arganne.

4.Maqaa guutuu ogeessa mirkaneesse ykn qulqulleesse_____________________

Mallattoo_____________ Guyyaa______________

Yaadachiisa

1.Maqaa dhaabbata daldalaa ji’a ja’a keessatti kuusaa ragaa odeeffannoo giddu galaa keessatti hin
galmoofne taanaan akka galmaa’etti hin lakkaa’amu.

2.Maqaan daldalaa/dhaabbataa/ fooyya’e hanga ji’a lamaatti mirkanaa’ee qaama galmeessuuf dhiyaatee
hin galmoofne taanaan akka fooyya’etti hin lakkaa’amu.

• Federaalawaa Dimookiraatawaa Ripaabilika Ityoophiyaatti


Ministeera Daldalaa n itti fufe

1.Iyyata

1.2.Daldaalaa dhuunfa Yoo ta’e


A.Maqaa guutuu________________

B.Maqaa haadhaa_______________

C.Saala_______________________

D.Umurii______________________

E.Lammummaa_________________

F.Lakk.kaffalaa gibiraa addaa____________

1.2.Waldaa daldalaa yoo ta’e

A.Maqaa daldala waldichaa__________________________

B.Maqaa hojii geggeessaa____________________________

C.Lakk.kaffalaa gibira addaa waldichaa_________________

D.Ejjennoo seera qabeessaa_______Waldaa dhuunfaa________Waldaa aksiyoonaa_____Waldaa


shariikummaa______

1.3.Teessoo hojii

Naannoo_____Magaalaa_____kutaamagaalaa____Aanaa_____Ganda____Lakk.manaa____

Bilbila sirrii____mobaayilii____faaksii____Emeelii____lakk.saanduqa poostaa______

1.4.Biyya alaatti kan hundeeffame kan dhuunfaa ykn kan waldaa yoo ta’e

Biyya itti hundeeffame______teessoo_____gosa hojii daldalaa ykn damee olaanaa____

1.5.Hanga kaappitaala hojii daldala isaa galmaa’uu

A. Qarshii ramadame_____B. Qarshii mirkanaa’e kan mallattaa’e_______

• Kan itti fufe

1.6. Gosa tajaajilaa

A. Galmeessa daldala haaraa____B.Fooyya’iinsa____jijjiirama teessoo yoo ta’e

Gara Naannootti____kutaamagaalaa_____Aanaa_____Ganda_____

Lakk manaa_______

B.Kan biroo yoo ta’e haa ibsamu______________________________


_______________________________________________________
_______________________________________________________

C.Bakka bu’iinsa______kan bade_____kan manca’e_______

Lakk.hayyama daldalaa haqaman_______,___________,___________

Lakk.galmeessa deebi’uu____________________
• Kan itti fufe

2.Duuka deemtuu

A.Waraabbii sartifikeeta lakk.addaa kaffalaa gibiraa

B.Manni daldalichaa qabeenya abbaa iyyatichaa yoo ta’e kaartaa mirkaneessaa abbaa qabeenyummaa;kan
kiraa yoo ta’e qaama sanada nirkaneessuuf aangoon seeraan kennameefiin kan mirkanaa’e walii galtee
kiraa ykn barreeffama mirkaneessaa bulchiinsa naannotiin kenname.

C.Eenyummeessaa gandaa iyyataa kan haarome/waraabbii paaspoortii mirkanaa’e

D.Iyyataan yeroo turtii ji’a ja’a hin caalle keessatti ka’ame suura 2 hanga paas poortii

E.Galmeessi daldalaa isaa tajaajilaan ala kan ta’e yoo ta’e isa tajaajilaan ala ta’e deebisuu

F.Kan bade yoo ta’e qaama dhimmi ilaalu irraa ragaa dhiyeessuu qaba.

• Kan itti fufe

Abbaan iyyatichichaa waldaa daldalaa yoo ta’e kan armaan olitti ibsame irratti dabalataan

A. Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa mirkanaa’e waraabbii orjinaalaa

B. Waldaa aksiyoonaa yoo ta’e kaappitaalaa mallatteeffamee mirkanaa’e (1/4) herreega baankii
cufaa keessa taa’uu isaa ragaa agarsiisa.

C. Dhaabbata misooma Mootummaa ykn dhaabbilee tola ooltummaa kaayyoo daldalaa qabu
kamiyyuu ykn dhaabbata kan biro yoo ta’e Labsii ittiin hundeeffame ykn dambii akkasumas
xalayaa muudamaa hojii geggeessaa

D. Lammii biyya alaa/waldaa yoo ta’e qaama Mootummaa dhimmi ilaalu irraa hayyama
investimentii fi paaspoortii namichaa haaromfame fuula kooppiiwwan barbaachisoo ta’anii wajjin
dhiyaachuu qaba.

Mirkaneessa

Unka iyyataa kana keessatti kan guutamanii fi ragaawwan ani duuka buutuu wajjin wal qabsiisee
dhiyeesse hundi sirrii ta’uu isaanii mallattoo kootiinan mirkaneessa.

Maqaa guutuu iyyatichaa___________________

Mallattoo________________________________

Guyyaa_________________________________

Tajaajila waajjirichaa qofaaf

Iyyatni armaan olitti bu’uura labsii galmeessa daldalaa fi hayyamaa lakk.980/2008n dhiyaate sirrii fi
ragaawwan kan guutaman waan ta’eef Qarshii________kaffalanii tajaajila akka argatan taasiseera.

Maqaa guutuu ogeessa mirkaneessee___________________________________________

Mallattoo____________________ Guyyaa______________________
• Federaalawaa Dimookiraatawaa Ripaabilika Ityoophiyaatti
Ministeera Daldalaa

Dukaa butuu I unkaa 03

Guyyaa_____Ji’a______ bara___

Unkaa gaaffii hayyama daldalaa haraa/haromsaa/fooyya’iinsa/haqumsaa

1.Iyyata

2.1.Daldaalaa dhuunfa Yoo ta’e

A.Maqaa guutuu________________

B.Maqaa haadhaa_______________

C.Saala_______________________

D.Umurii______________________

E.Lammummaa_________________L. Lakk.kaffalaa gibiraa addaa____________

1.2.Waldaa daldalaa yoo ta’e

A.Maqaa daldala waldichaa__________________________

B.Maqaa hojii geggeessaa____________________________

C.Lakk.kaffalaa gibira addaa waldichaa_________________

D.Ejjennoo seera qabeessaa_______Waldaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e__________Waldaa


aksiyoonaa_____Waldaa shariikummaa______

1.3.Teessoo hojii

Naannoo_____Magaalaa_____kutaamagaalaa____Aanaa_____Ganda____Lakk.manaa____

Bilbila sararaa____mobaayilii____faaksii____Emeelii____lakk.saanduqa poostaa______

1.4.Biyya alaatti kan hundeeffame kan dhuunfaa ykn kan waldaa yoo ta’e

Biyya itti hundeeffame______teessoo_____

1.5.Teessoo hoji gaggeessaa.

Naannoo_____Magaalaa_____kutaamagaalaa____Aanaa_____Ganda____Lakk.manaa____

Bilbila sararaa____mobaayilii____faaksii____Emeelii____lakk.saanduqa poostaa______

1.6.Damee hojii daldaalaa

Lakkoofsa dame hojii daldaalaa filatamee________,________,_______,________,______

1.7.Hanga kaappitaala hojii daldala isaa galmaa’uu


A. Qarshii ramadame_____B. Qarshii mallata’e/mirkanaa’e/_______

1.8. Gosa tajaajilaa

A. Haaraa____B.Hromsa____ C Foyya’iinsa

Jijjiirama teessoo yoo ta’e

Gara Naannootti____kutaa magaalaa______Aanaa_____Ganda______Lakk manaa_______

Kan biroo yoo ta’e haa ibsamu_________________________________________________

___________________________________________________________________________

D.Bakka bu’iinsa______kan bade_____

E.kan manca’e ______

Lakk.hayyama daldalaa haqaman___________,____________,____________

Lakk.galmeessa deebi’e____________________________

2.Duuka deemtuu

A.Koppii sertifikeeta lakk.addaa kaffalaa gibiraa

B.Manni daldalichaa qabeenya abbaa iyyatichaa yoo ta’e kaartaa mirkaneessaa abbaa qabeenyummaa;kan
kiraa yoo ta’e qaama sanada nirkaneessuuf aangoon seeraan kennameefiin kan mirkanaa’e walii galtee
kiraa ykn barreeffama mirkaneessaa bulchiinsa naannotiin kenname.

C.Eenyummeessaa gandaa iyyataa kan haarome/waraabbii paaspoortii mirkanaa’e

D.Iyyataan yeroo turtii ji’a ja’a hin caalle keessatti ka’ame suura 2 hanga paas poortii

E.Hyyamni daldalaa isaa tajaajilaan ala kan ta’e yoo ta’e isa tajaajilaan ala ta’e deebisuu

F.Kan bade yoo ta’e qaama dhimmi ilaalu irraa ragaa dhiyeessuu qaba

G.Dameen daldaalaa gaafatame ragaa gahumsaa kan barbaachisuu yoo ta’e dhiiyyeessuu

H.Haromsaaf waraqaa qulqullinnaa gibiraa

Abbaan iyyatichichaa waldaa daldalaa yoo ta’e kan armaan olitti ibsame irratti dabalataan

A.Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa mirkanaa’e fotoo koppii

B.Waldaa aksiyoonaa yoo ta’e kaappitaalaa mallatteeffamee mirkanaa’e (1/4) herreega baankii cufaa
keessa taa’uu isaa ragaa agarsiisa.

C.Dhaabbata misooma Mootummaa ykn dhaabbilee tola ooltummaa kaayyoo daldalaa qabu kamiyyuu
ykn dhaabbata kan biro yoo ta’e Labsii ittiin hundeeffame ykn dambii akkasumas xalayaa muudamaa
hojii geggeessaa

D.Lammii biyya alaa/waldaa yoo ta’e qaama Mootummaa dhimmi ilaalu irraa hayyama investimentii fi
paaspoortii namichaa haaromfame fuula kooppiiwwan barbaachisoo ta’anii wajjin dhiyaachuu qaba.
Mirkaneessa

Unka iyyataa kana keessatti kan guutamanii fi ragaawwan ani duuka buutuu wajjin wal qabsiisee
dhiyeesse hundi sirrii ta’uu isaanii mallattoo kootiinan mirkaneessa.

Maqaa guutuu iyyatichaa_________________________

Mallattoo______________ Guyyaa_________________

Tajaajila waajjirichaa qofaaf

Iyyatni armaan olitti bu’uura labsii galmeessa daldalaa fi hayyamaa lakk.980/2008n dhiyaate sirrii
fi ragaawwan kan guutaman waan ta’eef Qarshii________kaffalanii tajaajila akka argatan taasiseera.

Maqaa guutuu ogeessa mirkaneessee___________________________________________

Mallattoo__________________________________________________________________

Guyyaa___________________________________________________________________

1.Teessoo fi maqaa dhaabbata daldaalaa/daldaalichaa

1.1.Maqaa dhaabbatichaa/daldaalichaa/________________________

1.2. Abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa/hogganaa/lammummaa_______________

1.3. Teessoo

Naannoo__________Magaalaa________ku/mag/______Aanaa______Lakk.
manaa_________Lakk .balbalaa_________

2.Haala hayyama hojii daldaalaa dhaabbatichaa/dhuunfaa/

2.1.Lakk.hayyama daldaalaa___________________________

2.2.Lakk.kaffalaa gibiraa /Tin no./_______________________

2.3.Damee daldaalaa_________________________________

2.4.Gosa hojii daldaalaa__________________________

3.Ragaa waliigaltee dhaabbatichaa/abbaa qabiiyyummaa iddoo/

A.Qaba B. hin qabu

4.Dhaabbatichi namni dhuunfaan kan hojjetaa jiru teessoo galmeessiseeni

A.Eeyyee B. Miti

5.Haala haaromsa hayyama hojii daldaalaa

A.Haaromsameera B. Hin haaromsamne

5.1.Yeroo hayyamni daldaalaa itti haaromsame_________________________

6.Hayyama kennameefiin alatti kan gurguru/tajaajila kennu


A.Jira B. Hin jiru

7.Haala qabiinsa ragaa dhaabbatichaa/nama dhuunfaa/

7.1.Meeshaalee gurguraman eessaa akka bitaman nagahee ibsu

A.Jira B. Hin jiru

7.2.Gosoota meeshaalee gurguruu fi tarree gatii tajaajilamtootaaf haala mul’atuun

A.Maxxanfameera B. Hin maxxanfamne

7.3.Nagahee seera qabeessaa meeshaalee gurguramanuu fi tajaajilaa

A.Ni kenna B. Hin kennu

8. Dhimmoota walii gala hojii irratti mul’atan_______________________________


________________________________________________________________

________________________________________________________________

9.Yaada inspeektarichaa _______________________________________________

_________________________________________________________________

10. Guyyaa inspeekshiinichi itti geggeeffame__________________sa’aatii__________

11. Maqaa fi mallattoo Inspeektara hojii inspeekshiinichaa hojjetee

Maqaa Mallattoo

1._____________________ ______ _____________

2____________________________ _____________
3.___________________________ _____________

4.____________________________ ______________

12. Yeroo inspeekshiinichi geggeeffame abbaa dhaabbata daldaalichaa /hogganaa/

Bakka bu’aa/hojjetaa ture.

Maqaa Mallattoo guyyaa

_________________________ ____________ __________

• Duuka Buutuu IV Unka 02

You might also like