You are on page 1of 91

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti

Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya


Namaa

Qajeelfama Raawwii  Ramaddii Hojjettoota


Mootummaa Gitoota Hojii Mala Qabxiin
Madaaluu fi Sadarkeessuu Hojiitiin
Madaalamanii Sadarkeeffaman irratti
Gaggeffamuuf Qophaa’e.
Lakk 10/2009
Amajjii, 2009
Finfinnee
Seensa
• Mootummaan Mul’ata biyyattii milkeessuuf
Imaammatootaa fi Tarsiimoowwan Misoomaa adda addaa
qopheessee hojii irra oolchaa tureera. Kaayyoo kana
galmaan gahuuf Manneen hojii Imaammatootaa fi
Tarsiimoowwan Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa akka
raawwachiisan ittti gaafatamummaan kennameef bu’aa
irraa eegamu milkeessuu akka danda’an hojjetaa
mootummaa beekumsa gahaa horate, miira tajaajilummaa
uummataa gonfate, tajaajila si’aayinaa fi bu’aa qabeessa
ta’e kennu, ejjannoo gaarii fi amantummaadhaan ergama
biyyaa milkeesuuf kutannoon kan hiriire ijaaruun baay’ee
barbaachisaadha.
…//
Kanaafuu, Mootummaan rakkoolee siivil sarviisii
biyyattii qoratee adda baasuudhaan sagantaa
fooyya’insa siivil sarviisii qopheessee sochii taasisaa
kan jiru yoo ta’u, rakkinicha bu’uura irraa hojimaatan,
gurmaa’insaa fi ilaalchaan jijjiiruuf kan dandeessisan
meeshaalee jijjiiramaatti fayyadamuudhaan manneen
hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran keessatti
sagantaaleen jijjiiramaa gaggeeffamaa jiru.
Sagantaalee jijjiiramaa kanneen keessaa sagantaan
xiqqaan fooya’insa hooggansa qabeenya namaa isa
tokko yoo ta’u, Qorannoon Madaallii fi Sadarkeessaa
Hojii piroojektii xiqqaa sagantaa kanaati.
…//
Kanuma bu’uura godhachuudhaanii fi yeroo ammaa
Hojimaata, Gurmaa’insaa fi Hooggansa Qabeenya
Namaa siivil sarviisii irratti jijjiirama gaggeeffamaa jiru
hubannoo keessa galchuudhaan hojiilee siviil sarviisii
madaaluudhaaf mala madaallii amma hojii irra jiru
(Mala Ramaddii Hojii) irraa gara mala qabxiin
madaalluu fi sadarkeessuu hojiitti jijjiiruudhaan sirni
madaallii haaraa diriireera.
Kanaafuu, Biiroon Pablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Oromiyaa bu’uura Aangoo fi Gahee Hojii Labsii
Lakk. 199/2008’n fi Labsii Lakk. 61/94 keewwata 88(2)n
kennameefiin Mala Qabxiin Madaaluu fi Sadarkeessuu
Hojii haaraatiin Qajeelfama Raawwii Ramaddii
Hojjettootaa kana qopheesseera
…//
• Qajeelfamni ramaddii kun kutaalee afur kan qabuu
ta’ee, Kutaan Jalqabaa Mata duree gabaabaa, hiika
jechootaa, kaayyoo qajeelfamichaa fi qajeeltoowwan
kan qabate yoo ta’u; Kutaa Lammaffaa keessatti
ammo raawwii ramaddii hojjettootaa keessatti
deeggarsa haala addaatiin taasifamu, raawwii
ce’umsa iskeelii mindaa, haal-duree ramaddii fi
ramaddicha keessatti gaheen qaamolee adda addaa
ibsamanii jiru. Kutaa Sadii keessatti ulaagaalee
ramaddii fi gahee qabxii ni agarsiisa. Kutaan afur fi
inni dhumaa yeroo ramaddiin hojjettoota
gaggeeffamu komiiwwan qunnaman haala itti
dhiyaatanii fi hiikkamuu dandaa’an ilaallata.
Kutaa Tokko
Waliigala
Keewwata 1
Mata Duree Gabaabaa

Qajeelfamni kun ‘’ Qajeelfama Raawwii


Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Gitoota
Hojii Mala Qabxiin Madaaluu fi
Sadarkeessuu Hojiitiin Madaalamanii
Sadarkeeffamaan irratti Gaggeffamuuf
Qophaa’e Lakk. 10/2009’’ jedhamee
waamamuu ni danda’a..
Keewwata 2
Hiikaa Jechoota
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo
ta’e malee, qajeelfama kana keessaatti:-
1. “Labsii” jechuun Labsii Hojjettoota Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 61/94 jechuudha.
2. “Mana Hojii Mootummaa” jechuun of-danda’ee
Labsiidhaan ykn Dambiidhaan kan hundeeffamee fi
guutummaan guutuutti ykn gar-tokkeen baajata
mootummaan ramaduun kan bulu Mana Hojii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.
3. “Biiroo” jechuun Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Oromiyaa jechuudha.
…//
4. “Hojjetaa Mootummaa” jechuun mana hojii
Mootummaa Naannichaa keessatti dhaabbiidhaan
qaxaramee kan hojjetu yoo ta’u, kanneen kanatti
aanan hin dabalatu:
a) Muudamtootaa fi Miseensota Caffee,
b) Miseensoota Poolisii,
c) Abbootii seeraa fi Abbootii Alangaa hin
dabalatu.
5. “Hogganaa Ol’aanaa” jechuun Mana hojii
Mootummaa Naannichaa sadarkaa Sarkaa jiran
ol-aantummaadhaan kan gaggeessu ykn I/Aantota
jechuu dha.
…//

6. “Gita Hojii” jechuun itti gaafatamummaa fi ga’ee hojii


hojjetaa mootummaa tokkoof yeroo hojiif murtaa’e
guutuutti akka raawwatamuu qaama aangoo qabuun
kenname jechuudha.
7. “Mala Qabxiin Hojii Madaaluu” jechuun ulaagaalee
hojiilee madaaluuf dandeessisanitti fayyadamuudhaan
hojiiwwan madaalanii haala qabxii waliigalaa
argataniin mala sadarkaadhaan ka’uuti.
8. “Ramaddii” jechuun gitoota hojii mala hojii qabxiin
madaaluutiin sadarkaan kennameef irratti beeksisa
baasuu fi hajjettoota ga’umsa qaban wal-
dorgomsiisuun ramaduu jechuudha.
…//

9. “Ulaagaa” jechuun Kaadhimamtoota ulaagaalee


dandeettii barbachisoo isaa xiqqaa guutanii ramaddiif
dhiyaatan wal-dorgomsiisanii qabxii (safartuu) ittiin
wal-caalchisiisan jechuudha.
10. “Ulaagaalee Dandeettiiwwan Barbaadaman isa
Xiqqaa” jechuun akaakuu hojii mala qabxiin hojii
madaaluutiin qophaa’ee irratti sadarkaa Barnootaa
fi Muuxannoo hojii barbaadamu jechuudha.
11. “Koree Ramaddii” jechuun akkaataa ulaagaa
ramaddiif qophaa’een hojjettoota wal-dorgomsiisee
ramaduuf koree dhaabbate jechuudha.
…//

12. “Koree Komii” jechuun komee dhimma ramaaddii


irratti ka’aan ilaalchisee qulquleessuudhaan yaadaa
murtee dhiyyeessuuf koree dhaabbate jechuudha.
13. “Meeritii” jechuun iyyattoota dorgommiif
dhiyaatan gidduutti garaagarummaan osoo hin
taasifamiin beekumsa, dandeettii, ogummaa fi
gahumsaa irratti hundaa’uudhaan wal-
dorgomsiisanii iddo guutanitti ramaddii raawwachuu
jechuudha.
14. “Hojjetaa Ramaddii hin Arganne” jechuun
ramaddii hojjettootaa qajeelfama raawwii ramaddii
kanaan gaggeeffamu keessatti sababa adda addaatiin
hojjetaa ramaddii hin argatiin hafan jechuudha.
Keewwata 3
Haala Ibsa Koorniyaa
Qajeelfama kana keessatti dhimmoonni ykn jechoonni
saala dhiiraatiin ibsaman hundi dubartiis ni ilaallatu.
Keewwata 4
Kaayyoo Qajeelfamichaa
1. Hojjettoota iftoominaan, haqa-qabeessumaanii fi
Ittigaafatamummaan dorgomsiisanii ramaduudhaan
Pabliik Sarviisicha bu’aa qabeessa gochuu,
2. Gitoota Hojii Mala Qabxiin Madalluutiin Sadarkaan
kennameef irratti hojjetaa bakka hojiin walgitu ykn
wal-simuu irratti ramaduudhaaf.
Keewwata 5
Qajeeltoowwan Qajeelfamichaa
1. Ramaddiin Hojjettootaa haala Hirmaannaa
Hojjettootaa, Iftoominaa fi Ittigaafatamummaa
Mirkaneessuun ni raawwatamu qaba.
2. Ramaddiin hojjettootaa sirna meeritii bu’uura
kan godhate ta’uu qaba.
3. Ramaddiin hojjettootaa, qajeeltoo gahumsaa
fi ulaagaalee dandeettiiwwan barbaadaman
isa xiqqaa bu’uura gochuudhaan hojjetaa
sirrii bakka sirriitti jedhu kan hordofe ta’uu
qaba.
…//

4.Dorgomtoota qaama miidhamtootaa fi


dubartoota ulaagaalee dandeettiiwwan
barbaadaman isa xiqqaa guutaniif haala
jajjabeessuun raawwatamuu qaba.

5. Bu’aan ramaddii hojjettootaa Hoogganaa ykn


I/Gaafatamaa ol-aanaa dhimmi ilaaluuf
dhiyaatee hanga murtee argatutti iccitiin
eegamu qaba.
Keewwata 6
Daangaa Raawwii

Qajeelfamni kun Manneen Hojii Mootummaa


Naannichaa Mala Qabxiin Madaaluu fi
Sadarkeessuu Hojiitiin hojiin isaanii madaalame
irratti kan raawwatu ta’a.
Kutaa Lama
Raawwii Ramaddii Hojjettootaa

Keewwata 7
Waliigalaa
1. Ramaddiin hojjettootaa kan gaggeeffamu gitoota hojii

mala qabxiin madaaluu fi sadarkeessuu hojiitiin


madaalamanii sadarkaan kennameef irratti qofadha,
2. Hojjetaan qaxara yaalii isaa hin xumuurre gita hojii
irratti qaxaramee jiru ykn ulaagaalee dandeettiiwwan
barbaachisu isa xiqqaa guutu irratti ramadama.
…//

3. Dorgommiin ramaddii kan jalqabamu sadarkaalee


gitoota hojii ol-aanaa irra jiran irraa jalqabee wal-
duraa dubaan irraa gadi hanga sadarkaa gad-aanaa
isa xumuuraatti ta’a.
4. Gita hojii tokko irratti hojjetaan qofaa isaa dorgomaa
ta’ee dhiyaate ulaagaalee dandeettiiwwan
barbaadamu isa xiqqaa guutuun isaa yoo mirkaa’e
dorgommii malee ni ramadama.
5. Ramaddii haaraa kanaaf hojjetaan kamiyyuu hanga
gitoota hojii lama irratti galmaa’ee dorgomuu ni
dandaa’a.
…//

6. Keewwata kana 7(5) jalatti kan ibsame akkuma jirutti

ta’ee, hojjetaan gitoota hojii lama irratti dorgomuu


baatus, koreen “profile” hojjetaa irratti hundaa’ee
iddoo guutu irratti dorgomsiisuu ni danda’a.

7. Hojjetichi gitoota hojii irratti dorgome lamanu irratti

yoo filatamuu baate Koreen Ramaddii gita hojii


sadarkaa wal-gitu biraa ykn fedhii hojjetichaatiin
sadarkaa gad aanaa ta’e irratti ramaduu ni danda’a.
…//

8. Keewwata kana 7(7) irratti kan ibsamee akkuma


jiruutti ta’ee, hojjetan sadarkaa gad-aanaa irratti
ramadamuudhaaf fedhii yoo dhabe, Koreen
Ramaddii gita hojii biroo argame irratti
dorgomsiisee ni ramada.
9. Manni hojii heyyameefii, hojjetaan hojii idilee
addaan kutee barumsa ykn leenjii waggaa tokkoo fi
isaa ol fudhatu irra jiru, gita hojii banaa ta’e irratti
ramadamee mindaa ji’aa argachaa jiru qabatee kan
turu ta’ee, xumuuree yeroo deebi’u gita hojii guutu
irratti ni ramadama.
…//

10.Hojjettootni Dhaabbilee Barnootaa Teekinikaa fi


Ogummaa irraa “Level-I Hanga Level-V’tti
Leenji’anii Waraqaa Ragaa dhiyeeffatan, Ragaa
Madaallii Mirkaneessa Ga’umsaa (COC)” yoo
qabaachuu baatan illee ramaddii haaraa kanaaf yeroo
tokkoof qofa Sadarkaa Barnootaa qabaniin
dorgomanii akka ramadamaan ni taasifama.Ta’us
hojjettootni kun gama mana hojii isaaniitiin deeggarsi
addaa taasifameefii Ragaa Mirkaneessa Ga’umsaa
waggaa tokko itti aanee jiru keessatti akka
dhiyeeffatan hordoffii fi deeggarsa ni taasisa.
…//

11. Gitoota hojii sadarkaa Barnootaa Digirii fi


Muuxannoo hojii gaafatu irratti:-
a) Manneen Hojii Siviil Sarviisii keessatti qajeelfama
ulaagaalee dandeettiiwwan barbaadamu irratti
hundaa’uudhaan ykn Manneen hojii tokko-tokkoof
Qajeelfama iskeelii addaa heyyamameeef keessatti
gitoota hojii sadarkaa Barnootaa digirii jalqabaa
gaafatu irratti hojjettootni Dippiloomaa Kolleejjii,
“Level-III ykn 10+3 fi Ragaa Barnoota kanaan
walqixa ta’e qabaatanii ramadamuudhaan hanga
…//

ammaa hojjechaa jiran yeroo ramaddii haaraa kana


keessatti gitoota hojii ogeessa sadarkaa I hanga ogeessa
Sadarkaa II irratti dorgomanii kan ramadamaan ta’ee,
Diploomaa Ol’aanaa ykn “Level-IV” ykn “Level-V” yoo
qabaatan ammo hanga oggeessaa Sadarkaa III’tti
dorgomanii ramadamuu ni danda’u.
b) Osoo Dippiloomaa Kolleejjiitiin hin Eebbifamiin ykn
Kolleejjii Waggaa 3ffaa hin xumuuriin dura
muuxannoon hojii argame gita hojichaa waliin
qunnamtii yoo qabaate walakkaan ykn dacha’e ni
qabamaaf.
…//

12. Ramaddiin Yeroo gaggeeffamu gitoota hojii Digirii


jalqabaa affeeran irratti hojjetaan dippiloomaa
kolleejjii ykn kolleejjii waggaa 3ffaa xumuure
ramadamuu kan danda’u Dippiloomaa erga argatee
ykn Barnoota Waggaa 3ffaa erga xumuuree booda
Muuxannoon Hojii qunnamtii qabu kan waggaa
tokkoo akkuma waggaa tokkootti qabuudhaan ta’a.
13.Hojjetaan tokko Gita Hojii irratti dorgomuuf
Muuxannoon Hojii guutumaa guututti qunnamtii
kallattii qabu (%100) qofatu ramaddiif qabamaaf.
…//

14.Ramaddiin Yeroo gaggeeffamu hojjetaan gita hojii


irratti dorgome guutuuf muuxannoon hojii hanga
waggaa tokkoo yoo isa hanqatee fi hojjetaan biraa
ulaagalee dandeettiiwwan gita hojichaaf barbaadamu
guutee ramadamuu danda’u kan hin jirre yoo ta’e,
hojjeticha eeggatummaan ramaduudhaan hojjechiisuun
ni danda’ama.
15.Akkaataa Keewwata kana keewwata xiqqaa 7(14)tiin
hojjetaan ramadame muuxannoo hojiin yeroo guute
ykn yeroo eeggatummaa isaa yeroo xumure dorgommii
dabalataa malee gita hojichaa dhaabbiidhaan qabatee
itti fufu ni danda’a.
Keewwata 8
Deeggarsa Haala Addaatiin Taasifamu

1. Hojjettootni yeroo dorgoman, qaama miidhamtootaaf


qabxiin 4 ida’ameefii qabxii waliigalaa caalmaa
argataniin ykn wal-qixa yoo ta’an dursi qaama
midhamtootaaf kennameefii ni ramadamu.
2. Hojjettootni yeroo dorgoman, dubartootaaf qabxiin 3
kan ida’amuuf yoo ta’u, qabxii waliigalaa caalmaa
ykn wal-qixa yoo ta’an, dursi dubartootaaf kennamee
ni ramadamu.
…//

3.Kaadhimamtoonni deeggarsi addaa taasifamuuf qabxii

wal-qixa ta’e ykn garaagarummaa kan qabu


kennamuuf dorgommiidhaan qabxii wal-qixa yoo
fidan, dursa madaallii raawwii hojiitiin, itti aanee
sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojii isaaniitiin
dorgomsiifamanii akka wal-caalan ni taasifama.
Qabxii wal-caalchisuuf kaa’ame kanaanis yoo addaan
hin baane (yoo wal-hin caalle) sagalee Koree
Ramaddii kennuun akka wal-caalan taasifama.
…//

4. Hojjetaan tokko deeggarsa addaa tokkoo oliin


fayyadamaa yoo ta’e (fakkeenyaaf qabxii dubartii

ykn qaama miidhamummaaf kennamuun) qabxii


ol-aanaa kan kennisiisuuf qabxii deeggarsa addaa
tokko qofaatu wal-caalchisuuf qabamaaf.
Keewwata 9
Haala Sirreeffamni ykn Ce’uumsi Iskeelii
Mindaa itti Heyyamamu
1.Sirreeffama Iskeelii Mindaa jechuun mindaa
hojjetaa tokkoo gara iskeelii mindaa haaraatti
ceesisuuf jecha itti dhiyeenyi isaa ilaalamee mindaa
duraan ture akka barbaachisummaa isaatti gara
mindaa ka’umsaa ykn gulantaa ykn fiixee (gulantaa
10ffaatti) iskeelii haaraa irra qubachiisuuf kan
eeyyamamu dabalata ykn sirreeffama ce’umsa
iskeelii mindaati.
…//

2. Hojjetaan tokko mindaan kaffalamaafii jiru iskeelii


mindaa ka’umsaa gita hojii irratti ramadameef
murtaa’ee gadi yoo ta’e, mindaan isaa gara mindaa
ka’umsaatti akka ol siqu taasifama.
3.Mindaan hojjetaa mindaa ka’umsaatiin ol ta’ee,
mindaa ka’umsaa fi gulantaa 1ffaa gidduu yoo ta’e
ykn gidduu mindaa gulantaawwan lamaa yoo ta’ee,
gara mindaa ol aanaa itti aanee jirutti fooyya’a.
…//

4. Mindaan hojjetichaa mindaa ka’umsaa ykn gulantaa


ykn fiixee irra jiru waliin yoo walsime ykn fiixeedhaa
ol yoo ta’e, mindaa duran qabatee kan itti fufu ta’ee,
ce’umsa mindaa dabalataa ykn fooyya’insaa hin
argatu.
5. Fiixee mindaa iskeelii haaraa waliin wal-qixa ykn isaa
ol ta’ee yoo argame mindaa isaa durii qabatee itti fufa.
6. Gita hojii haaraatiin hojjetaan ramaddii argate mindaa
gita hojichaaf murtaa’e kan argatu raawwiin yaalii
xumuuramee iskeeliin mindichaa hojii irra akka oolu
Mootummaan guyyaa murteessu irraa eegalee ta’a
Keewwata 10
Haal-Dureewwan Ramaddii Hojjettootaa
1.Gita hojichaa duwwaa ta’eef ulaagaalee
dandeettiiwwan barbaadamu kan guute.
2.Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan
ibsame jiraatus, yeroo ramaddiin gaggeeffamu
hojjetaan ulaagaalee gita hojii tokkoof barbaachisu
guutuu yoo hin dandeenye, Manni Hojichaa madaallii
raawwii hojii hojjetichi kanaan dura galmeessisa ture
bu’uura taasisudhaan hojjetichaaf itti
gaafatamummaan kun yoo kennameef sirriitti ni
raawwata jedhee yoo itti amane ramadee hojjechiisuu
ni danda’a.
…//

3.Hojjetaan yeroo qaxara yaalii isaa xumuuree fi


hojjetaa dhaabbataa kan ta’e.
4. Madaalliin raawwanaa hojii isaa yoo xiqqaate yeroo
tokko guutamee, bu’aan giddugaleessaa quubsaa fi
isaa ol kan galmeessise.
5.Hojjetaan Mootummaa sababa adabbii naamusaa
cimaatiin daangaa yeroo murtaa’eef sadarkaa fi
mindaa irraa akka gadi bu’u itti murtaa’e yeroo
turmaata isaa xumuuree gara sadarkaa fi mindaa
duraan turetti akka deebi’u kan taasifame.
…//

6.Manni hojii hojjetaa sababa adabbii naamusaa


cimaatiin sadarkaa fi mindaa irraa akka gadi bu’u
taasifame qabu; hojjetichi adabbii isaa yeroo xumuuru

gitni hojii irra ture ykn gita hojii kan biroo walgitu
irratti ni ramadama.
7. Hanqina naamusaatiin himatamee dhimmi isaa Koree
Naamusaa ykn Mana Murtii Bulchiinsaan ykn Mana
Murtii Idileetiin Adeemsa qulqullaa’uu (Qorannoo)
irra kan jiruu fi murtee kan hin argatiin
…//

8. Hojjetaan mootummaa dhimmi isaa naamusaan


osoo qulqullaa’a jiruu ramaddiin irraa darbee,
murtii dhumaan bilisa yoo bahe gita hojii guutuu
danda’u irratti ni ramadama.
9. Soorama ba’uudhaaf fiixee umurii seeraan ta’ee
guutuuf ji’a 3 ol kan isa hafu ta’uu qaba.
Kutaa Sadii
Haala Koreen Ramaddii Hojjettootaa Itti
Hundeffamu
Keewwata 11
Haala Hundeeffama Koree
Ramaddii hojjettoota mana hojichaa kan raawwatan
miseensota shanii fi sagalee kan hin qabne barreessaa
qaboo yaa’ii qabu koreen ramaddii kan dhaabbatu yoo
ta’u, haalli hundeeffama korichaa akkataa armaan
gadiitti ibsameen ta’a.
…//

a) Hooggansa ol-aanaa mana hojichaatiin kan bakka


bu’an ___ Walitti Qabaa fi miseensota 2,
b) Hojjettoota mana hojiitiin filatamanii kan bakka
bu’an __ miseensota 2, (dhiira tokko fi dubartii
tokko)
c) Hooggansa Qabeenya Namaa irraa namni _____1
barreessaa sagalee hin qabne ta’a.
d) Miseensonni koree saala lachuu kan haammate ta’uu
qaba.
Keewwata 12
Itti Gaafatamummaa fi Gahee Hojii Koree
Ramaddii
1.Sagantaa ramaddii qopheessuudhaan Itti gaafatamaa
ol’anaa mana hojichaatiif dhiyeessee erga mirkanaa’e
booda ramaddicha ni raawwata.
2.Ragaaleen hojjattootaa gama Hooggansa
Qabeenya Namaatiin gurmaa’ee akka dhiyaatuuf ni
taasisa, sirrummaa isaa ni sakkata’a (ni qulqulleessa).
3.Ragaan hojjataa ifa hin taanee fi shakkisiisaa ta’e
yeroo qunnamu karaa Hooggansa Qabeenya
namaatiin akka qulqullaa’u ni godha.
…//

4. Barbaachisaa ta’ee yoo argame kuusaa dhuunfaa


kaadhimamtootaa tokko tokkoon ni ilaala. Hojjeticha
qaamaan dubbisuun barbaachisaa yoo ta’e immoo ni
dubisa.
5. Koreen ramaddii ramaddichi erga xumuuree booda,
yaada murtee hogganaa ol-aanaa mana hojichaatiif ni
dhiyeessa, akka mirkanaa’u ni taasisa.
6.Adeemsa raawwii ramaddii keessatti, rakkoo
mul’atanii fi furmaata kenname irratti gabaasa yeroo
yeroon hogganaa ol-aanaa mana hojichaatiif ni
dhiheessa.
…//

7.Adeemsi ramaddii hojjatoota haala hirmachisummaa

fi iftoomina qabuun akka raawwatu ni godha.


8.Dhimmoota fi murteewwan ramaddicha ilaallatan
kamiyyuu hanga mirkanaa’anii ibsamanitti iccitiin ni
qabata.
9.Koreen ramaddii rakkoo dhimma qajeelfamaatiin hin
keessummeffamne yoo qunname yeroodhaan
gaggeessaa mana hojiitiif ni beeksisa.
Keewwata 13

Itti Gaafatamummaa fi Gahee Hojii Walitti Qabaa


Koree Ramaddii
1.Yeroo saganteeffame keessatti hanga ramaddiin
Hojjetoota xumuramutti Koree ramaddii ni qindeessa,

ni hoggana,
2.Koree ramaddii hojjettootaa bakka bu’uudhaan wal-
gahii fi marii dhimma ramaddii hojjettootaa irratti ni
hirmaata, gaaffii dhihaataniif ibsa barbaachisaa ta’e
ni kenna.
…//

3.Yeroo ramaddiin gaggeeffamu ajaandaan dura osoo


hin xumuramiin ajandaa haara akka hin eegalamne ni
mirkaneessa.
4.Miseensa koree ramaddii jidduutti garaagarumaan
yaada yoo jiraate furmata kennuudhaan akka walii-
galamu ni taasisa, yoo humnaa ol ta’e gaggeessaa
mana hojiitiif dhiheessee furmaata akka argatu ni
taasisa.
5.Adeemsa ramaddicha ilaalchiisee yeroo yeroodhaan
gaggeessaa ol’aanaa mana hojiitiif gabaasa ni
dhiheessa.
Keewwata 14
Itti Gaafatamummaa fi Gahee Hojii Barreessaa
Koree Ramaddii
6.Qaboo yaa’ii waligahii koree ramaddii guyyaa
guyyaadhaan adeemsifamu ni qabata, miseensonni akka
irratti mallateessen gochuudhaan of-eegannoodhaan ni
qabata.
7.Dhimmoota adda addatiif galmee barbaachisaa ta’an
banuudhaan ni gurmeessa. Yeroo barbaachisummaa
isaatti ni dhiheessa.
8.Hojjettoota dursanii ramaddii kennameef, facaatii
dorgomii itti anuu keessa ni haqa. Dorgommii itti
aanuuf hojjetoota dorgomuu danda’aniif ragaalee
guutuu gurmeessee ni dhiheessa.
Keewwata 15
Miseensummaa koree Ramaddii Keessaa Ka’uu fi
Haqamuu
1.Miseensa Koree Ramaddii Keessaa Yeroodhaaf Ka’uu
Walitti qabaan ykn miseensi koree ramaddii tokko;
a) Ramaddiidhaaf kaadhimamaa ta’ee yoo dhiyaate,
ykn
b)Hojjetaa ramaddiidhaaf kaadhimamaa ta’ee dhihaate

waliin walitti bu’iinsa ykn firaa dhiigaa ykn firooma


fuudhaa fi heerumaa kan qabu yoo ta’e, yeroodhaaf
koree ramaddii keessaa ni ka’a.
…//

2. Miseensummaa Koree Ramaddii Keessaa Haqamuu fi


Bakka Bu’amuu
a) Miseensi koree kamiyyuu ykn walitti qabaan koree
itti gaafatamummaa itti kenname dagachuudhaan
hojii isaa irratti of-eeggannoo gochuu dhabuudhaan
hir’ina yoo qabaatee fi loogummaa kan agarsiisu
yoo ta’e,
b)Iccitii kan baase ykn qaboo yaa’ii fi ragaalee
namoota miseensota koreetiin ala ta’aniif yoo
agarsiise ykn yoo ibse ykn yoo kenne.
…//

c) Balleessaa naamusaa kan biroo wal-fakkaatan yoo


raawwate, sirna seera biraa dabalataan osoo hin
barbaachisne murtee hogganaa ol-aanaa mana
hojichaatiin miseensummaa irraa ni haqama.
Dabalataanis bu’uura qajeelfama raawwii
naamusaatiin tarkaanfiin seeraa irratti ni fudhatama.
d) Adeemsa ramaddii irratti sababa quubsaa ta’een
miseensa koree ta’ee kan itti hin fufne yoo
qunname, qaama bakka isa buuseen miseensi biraa
bakka isaa ni bu’a.
Keewwata 16
Guutinsa Yaa’ii Koree

Ramaddichi yoo dandaa’ame miseensonni koree


hundinuu bakka argamanitti raawwatama, ta’us sababa
humnaa ol ta’een fi sababoota adda addaatiin
miseensonni koree yoo hir’atan, walitti qabaa dabalatee
walakkaa fi isaa ol yoo argaman yaa’iin miseensa koree
akka guutuu ta’etti fudhatamee ramaddii gaggeessuun
kan danda’amuu yoo ta’uu, bakka bu’otaa hojjettoota
keessaa yoo xiqqaate namni tokko argamuu qaba.
Keewwata 17
Kenniinsa Yaada Murtee

1.Yaadonnii murtee ramaddii hundinuu karaa


diimookiraatawaa ta’een sagalee caalmaa argateen
akka darbu ni taasifama.

2. Yaadni murtee koree ramaddii sagaleen wal-qixa yoo


ta’e, yaadni murtee walitti qabaan koree ramaddiitiin
deeggarame akka darbu ni taasifama.
Keewwata 18
Aangoo fi Ittigaafatamummaa Hogganaa Ol-aanaa
Mana Hojichaa
1.Adeemsa Ramaddii hojjettootaa ilaalchisee
hojjettootaa waliin marii ifaa taasisuun adeemsa fi
bu’aa ramaddii irratti hubanoon akka umamuu ni
taasisa.
2.Dhimmooleen humna koree ramaddiiti ol ta’an yeroo
dhiyaataniif hatattamaan deebii ni kenna. Raawwii
isaa ni hordofa,
3.Ramaddichi yeroo qabameef saganteeffame keessatti
akka xumuuramu hordoffii barbaachisaa ta’e ni
godhaa. Raawwii isaa ni gamagamaa, ramaddichas ni
mirkaneessa.
…//

4. Yaada murtee koreetti yoo waliigaluu baate


sababa isaa facatiidhaan ibsee yeroo tokko qofaaf

koreen dhimmicha irra deebi’ee ilaalee yaada


akka dhiheessu ni ajaja.
5. Bu’aa ramaddii irratti Komii hojjettoota irraa
dhiyaataniif gama koree komiitiin
qulqullaa’ee yaada murtee dhiyaatu
qorachuudhaan murtee ni kenna.
…//

6. Ramaddiin hojjettoota yeroo xumuurame bu’aan isaa

gama hoggansa qabeenya namaatiin gabatee


beeksisaa irratti akka maxxanfamu ni godha.
Komiiwwan haala seera qabeessa ta’een dhiyaatan
akka keessummeeffaman ni taasisa.
7. Hojjettootni dameewwanii fi ademsaalee hojii adda
addaa keessatti ramadaman yeroodhaan gara
ramadamanitti deemudhaan hojii jalqabuu isaanii ni
mirkaneessa.
…//
8. Gitoota hojii mana hojichaa keessaa hin madaalamne
akka adda ba’an taasisuudhaan ibsi akaakkuu hojii
isaanii facaatiin qophaa’ee Biirichaaf akka ergamu ni
taasisa.
9.Gitootni hojii akaakkuun hojii isaanii facaatiin
sirnaan hin qophoofnee fi komiin ramaddii irratti
ka’e addaan baasuudhaan gaaffilee ramaddii
fooya’insa sadarkaa Biirichaaf ni erga.
10.Yeroo yaalii ramaddii kana keessatti dhimmoota
muudatan keessaa piroojektichaaf galtee ta’uu
dandaa’an adda baasudhaan Birichaaf ni erga.
Keewata 19
Itti Gaafatamummaa fi Dirqama Hojjettoota
Ramaddichi Isaan Ilaallatu

1. Hojjetoonni ragaa dhuunfaa isaanii gama hooggansa


qabeenya namaatiin qindaa’ee dhiyaatuuf
sakatta’uunii fi sirrummaa isaa mallattoo isaaniitiin
mirkaneessanii hooggansa qabeenya namaatiif
deebisuudhaan ykn ragaan sirraa’uu qabu yoo jiraate
ragaa mirkaneessa seerummaa isaa waliin yeroon
daangaa itti sirreeffamuu danda’u osoo hin darbiin
naaf haa sirraa’u jechuudhaan gaaffii dhiheessuu
qabu.
…//

2. Hojjetaan ragaa muuxannoo hojii seena jireenyaa


irratti guutamee kuusaa dhuunfaa hojjetaa keessa
hin jiree fi barumsaa dursee galcheen alatti ragaa
yoo qabaate yeroo akka dhiyeeffatuuf beeksisa
ifaa ta’ee kennameef keessatti Hoggansa
Qabeenya Namaatti dhiyeeffachuu qaba.
Kutaa Afur
Ulaagaalee Ramaddii Hojjettootaa

Keewwata 20
Waliigalaa
Gitoota hojii mana hojiitiif madaalaamanii sadarkaan
kennameefii mirkanaa’an irratti ramaddiin hojjettootaa
kan gaggeefamu ulaagaalee gita hojiichaaf guutamuu
qaban waliin ilaalamee, qabxiiwwan ulaagaalee
ramaddii fi ulfaatina qabxiiwwaniif kennamanii fi
armaan gaditti ibsaman fayyadamuun ta’a.
Keewwata 21
Ulaagaalee fi Ulfaatina Raawwii Ramaddii

• Ramaddiin hojjettootaa ulaagaalee armaan gaditti


ibsaman irratti kan hundaa’e ta’a.
Gabatee – 1
Mul’istuu Kenninsa qabxii ulaagaalee ramaddii waliigalaa
La Ulaagaalee Madaallii Qabxii wal-
kk Dorgommii(%)’n
1 Bu’aa Raawwii hojii 70
2 Imaammaattootaa fi tarsiimoowwaan 10
mootummaa hojiirra oolchuuf kaka’umsaa fi
qophaa’ina qabu
3 Qulqullina kuusaa 10
4 Sadarkaalee ol-aanaa irratti tajaajila 10
kennameef
Ida’amaa waliigalaa 100
Keewwata 22
Kenninsa Qabxii Ulaagaa Wal-Dorgommii Bu’aa
Raawwii Hojii
1.Ulaagaan wal-dorgommii kun madaallii ramaddii
hojjattootaaf kan qophaa’e yoo ta’u, ulaagaa wal-
dorgomsiisuuf akka tajaajilu bu’aan raawwii hojii
fudhatamu, yeroo dhiyoo keessatti kan raawwataman

kan waggaa tokkoo (kan yeroo lama madaalame)


qabxii giddu-galeessaati. Ta’us dhimma humna ol
ta’een madaalliin hojjetichaaf guutame kan yeroo
tokko qofa yoo ta’e innumti ni qabamaaf
…//

Gabatee -2
Gabatee Mul’istuu Kenninsa Qabxii Bu’aa Raawwii
Hojii (Madaallii Hojii) % 70

La Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname


kk
1 Bu’aa Raawwii Hojii %70
2 Bu’aan Raawwii Hojii akkaataa armaan %70
olitti taa’een shallagama
…//

2. Ida’ama bu’aa raawwannaa hojii waggaatti yeroo


lama gaggeeffamee %200 keessa argatame
qabxii 0.35’n baay’isuudhaan ykn qabxii giddu-
galeessaa bu’aa raawwii hojii waggaatti yeroo
lama gaggeeffame ykn sababa humnaa ol ta’een
yeroo tokko qofa gaggeeffame qabxii %100
keessaa argatame qabxii 0.7’n baay’isuudhaan
%70 keessaa qabxii kennamudha. Fakkeenyaaf,
qabxiin kennamuus haala gabatee armaan gadii
keessatti ibsameen ta’uu dandaa’a.
…//

Gabatee -3
Akaakuu Kenninsa Qabxii

Word file irraa ilaalama


Keewwata 23
Imaammataa fi Tarsiimoolee Mootummaa Hojii Irra
Oolchuu Ilaalchisee (% 10)

1. Imaammataa fi tarsimoolee mootummaan baasee


hojiirra oolchuuf qophaa’ina fi kaka’umsa qabuuf

qabxiin kenname % 10 yoo ta’u, ulaagaan kunis


ragaalee ittigaafatamaa dhiyoo biraatti qabamee fi

yaada isaa bu’uureffate kan raawwatamudha.


Gabatee -4
Gabatee mul’istuu kenniinsa qabxii Imaammataa fi tarsiimoolee mootummaa
hojii irra oolchuu ilaalchisee (% 10)
La Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname
kk
  Immaamataa fi tarsiimoolee mootummaa raawwachuuf (hojiirra %10
oolchuuf) kaka’umsaa fi qophaa’ina qabu
1 • Imaammattoota mootummaa guutummaan guutuutti fudhatee 10
kan hojiirra oolchee fi kanneen biroos fudhatanii akka hojiirra
oolchaniif deeggarsa kan taasise
• Karoora kennameef harcaatii malee kan hojiirra oolche,
• Karooraa fi gabaasa hojii yeroodhaa fi qulqullinaan qopheessee
kan dhiyyessee, duub deebii kennamee kan hojii irra oolche fi
kan biroofiis deeggarsa kan taasise,
• Sa’aatii hojii mootummaa guutummaan guututti kan kabaje,
harcaatii yeroo hojii kan hin qabne,
• Miira gareen hojjachuu olaanaa kan qabu, naamusa kan qabu
kan mana hojii isaas kabachiisuuf yaalu.
• Istaandaardii taajilaa kaa’ameen hojii isaa kan raawwatee,
• Qabsoo malaammaltumaa, hojimaata badaa fi
kiraasassaabdummaa ilaalchisee ofii isaatii bilisa ta’uun,
kanneen biroo irratti kutannoon kan qabsaa’uu fi akka
sirreeffamuufis yaada kan dhiyeessu.
…//

La Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname


kk
  Immaamataa fi tarsiimoolee mootummaa raawwachuuf (hojiirra %10
oolchuuf) kaka’umsaa fi qophaa’ina qabu
2 • Imaamammattoota mootummaa guutummaan guutuutti 8
fudhatee hojiirra kan oolche,
• Karoora kennameef harcaatii malee kan hojiirra oolche,
• Karooraa fi gabaasa hojii yeroodhaa fi qulqullinaan
qopheessee kan dhiyyessee.
• Sa’aatii hojii mootummaa guutummaan guutuutti kan
kabaje, harcaatii yeroo hojii kan hin qabne,
• Miira gareen hojjachuu irratti fedhii kan qabu, naamusa
kan qabu kan mana hojii isaas kabachisuuf yaalu.
• Istaandaardii kaa’ameen hojii isaa kan raawwatuu fi
qabsoo malaammaltumaa, hojimaata badaa fi
kiraasassaabdummaa ilaalchisee ofii isaatii bilisa
ta’uun, kanneen biroo irratti kuutannoon kan qabsaa’u.
…//
La Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname
kk
  Immaamataa fi tarsiimoolee mootummaa raawwachuuf (hojiirra %10
oolchuuf) kaka’umsaa fi qophaa’ina qabu
3 • Imaammata mootummaa hojiirra oolchuuf hanqina 5
hubannoo kan qabu
• Karoora kennameef galmaan gahuu irratti harcaatii kan
qabu
• Karooraa fi gabaasa hojii yeroodhaa fi qulqullinaan
qopheessee
• Dhiyeessuu irratti harcaatii kan qabu fi duub deebii
kennameef fudhatee hojii irra kan hin olchine.
• Sa’aatii hojii mootuummaa kabajuu irratti hanqina kan
qabu
• Miira gareen hojjachuu irratti hanqina kan qabuu fi
darbee darbee hanqina naamusaa kan agarsisu,
• Istaandaardii kaa’ameen hojii isaa raawwachuu irratti
haqinaa fi harcaatii kan qabuu fi qabsoo
malaammaltumaa, hojiimaata badaa fi kiraa
sassaabdummaa ilaalchisee ofii isaatii bilisa kan ta’ee fi
kan biro irratti qabsaa’uu irratti hanqina kan qabu.
…//
La Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname
kk
  Immaamataa fi tarsiimoolee mootummaa raawwachuuf (hojiirra %10
oolchuuf) kaka’umsaa fi qophaa’ina qabu
4 • Imaammata mootummaa hojiirra oolchuuf hanqina 0
hubannoo fi kaka’umsaa kan qabu,
• Karooraa fi gabaasa hojii yeroodhaa fi qulqullinaan
qopheessee dhiyeessuu irratti harcaatii guddaa kan
qabu,
• Miiraa gareen hojjachuu irratti fedhii Kan hin qabne,
hanqina naamusaa kan qabu. Akka sirreessu gorfamee
fooyya’iinsa kan hin agrsiifne ,
• Karoora kennameef galmaan gahuu irratti hanqina kan
qabu,
• Sa’aatii hojii mootuummaa kabajuu irratti harcaatii
guddaa kan qabuu fi akka sirreessuu gorfamee
fooyya’iinsa kan hin agrsiifne
• Istaandaardii kaa’ameen hojii isaa raawwachuu irratti
hanqina fi harcaatii kan qabu.
Keewwata 24
Ulaagaa Wal-Dorgommii Qulqullina Kuusaa (% 10)

1.Qabxiin qulqullina kuusaatiif kennamu badiiwwan

naamusa hojjettootaa ilaalchiisee ragaalee kuusaa


dhuunfaa hojjetichaa keessa jiru
bu’uurreefachuudhaan wal-dorgommii guddina
sadarkaa fi ramaddiif kan tajaajilu yoo ta’u,
keessattuu dhimmoota naamusaatiif xiyyeefannaa
ol-aanaa kennuufidha.
…//

2. Akkaataa qabxii madaallii qulqullina kuusaatiif


ta’een
bu’aan kennamu, tarkaanfii naamusaa cimaa hojjetaa
dorgomaa ta’e irratti fudhatameef, seera
qabeessummaadhaan yoo haqameef malee, guyyaa
adabichii murtaa’e irraa eegalee hanga waggaa
lamatti raawwatiinsa kan qabaatu yoo ta’u, adabbii
naamusa salphaadhaaf immoo guyyaa murtaa’e irraa

eegalee hanga waggaa tokkotti raawwatiinsa ni


qabaata.
Gabatee -5
Gabatee Mul’istuu Kenniinsa Qabxii Qulqullina Kuusaa (% 10)
La Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname
kk  
  Qulqullina kuusaa % 10

1 Adabbii naamusaa cimaadhaan adabamee yeroo turmaata 0


isaa kan hin xumure ( sadarkaa ykn mindaa irraa gadi
bu’uu)
2 Adabbii mindaa ji’a tokko oli 2

3 Adabbii mindaa hanga ji’a tokko 4

4 Of-eegannoo barreeffamaa dhumaa ykn of-eegannoo  


barreefamaa irra deddeebi’amee kennameef 6
5 Of-eegannoo barreefamadhumaa jalqabaa kennameef 8

6 Of-eegannoo afaanii kennameef 9

7 Rikardii adabbii naamusaa kamiyyuu kan hin qabne 10


Keewwata 25
Ulaagaa Wal-Dorgommii Sadarkaalee Hojii Ol-aanaa
Irratti Tajaajila Kenname (%10)

1.Akkaataa Iskeelii mindaa manni hojichaa


fayyadamaa jiruun (sadarkaalee muudamaaf
qabaman osoo hin dabalatiin) sadarkaalee adda
addaa irratti tajaajila kennameef qabxiin kenname
%10 keessaa yoo ta’u, kenniinsi qabxii akkaataa
armaan gadiitti ibsamaniin raawwatama.
Gabatee -5
Gabatee mul’istuu kenniinsa qabxii sadarkaalee hojii ol-
aanaa irratti tajaajila kennameef (% 10)
Lakk Ulaagaa wal-dorgommii Qabxii kenname

  Sadarkaalee ol-aanaa irratti tajaajila kennameef % 10

1 Kaadhimamtoota keessaa akkaataa iskeelii mindaa mana hojichaa 10


hojii irra jiruun sadarkaalee olaanoo ol-ka’insa sadi (3) ta’an irratti
(sadarkaalee muudamtootaan qabaman osoo hin dabalatiin) hojjetaa
tajaajila kennaa jiruuf
2 Gabatee kana lakk. 1 irratti sadarkaalee sadan (3’n) ibsamanitti aanee  
gara gadiitti sadarkaalee ol-ka’insa sadii (3) jiran irratti hojjetaa 7
tajaajilaa jiruuf
3 Gabatee kana lakk. 1 fi 2 irratti sadarkaalee jahan (6’n) ibsamanitti  
aananii gara gadiitti hanga sadarkaa ykn ol-ka’insa sadarkaa isa 5
xiqqaa (isa dhumaa) irratti hojjetaa tajaajilaa jiruuf,
Keewwata 26
Ulaagaalee Kenniinsa Qabxii Gitoota Hojii
Gaggeesummaa (Dayirekteera) fi Walfakkataa Ta’an

1. Gitoota hojii gaggeessummaa (dayirekteera) fi wal-


fakkaataa ta’an irratti ulaagaalee kenniinsi qabxii
akkaataa armaan gadiitti ibsamaniin kan
raawwatamuu ta’ee, ulaagaa kanaafiis qabxiin
kennamu %20 keessaa yoo ta’uu kuniis gahee gabate

1ffaa (70%) keessaa kan hir’ifaamuudha.


Gabatee -6
Gabatee Mul’istuu Kenniinsa Qabxii Gitoota Hojii Gaggeessitoota Adeemsa Hojii
(Daayirakteera) fi Wal-Fakkaata ta’an Irratti Ramaduuf Ulaagaalee Dabalataan ta’an % 20
Lak Ulaagaalee Madaallii Ulfaatina % 20 Qabxii
k keessaa kenname
1 Imammaataa fi Tarsiimoowwan Mootummaan baasee irratti Ulfaatina kenname  

1.1 Hubannoo gahaa kan qabu, ofii isaatii guutumaan guutuutti fudhatee 3
kanneen biroos fudhatanii akka hojii irra olchaaniif kutannoo fi
kaka’umsaa ol’aanaan kan deeggaruu fi akka hojii irra olchan kan
taasisu,
1.2 Danddeettii hogganummaa kanneen akka karoorsuu, qindeessuu, 3
hogganuu, akkaataa karooraatiin rawwachuu fi kaayyoon mana
hojichaa akka milkaa’u kan taasisu, rakkoowwan mudataniif
yeroodhaan furmaata kennuu irraatti gahumsa kan qabu, raawwii
karooraa yeroo fi qulqullinaan qopheessee dhiyeessu danda’u,
1.3 Garee hojii fi rawwattoota adeemsa hojii isaa bu’aa raawwii irratti 2
hundaa’uun duub deebii itti fufiinsaan kennuun akka gahoomaa
deeman kan taasisu,
…//
Lakk Ulaagaalee Madaallii Ulfaatina % Qabxii
20 keessaa kenname
Imammaataa fi Tarsiimoowwan Mootummaan baasee irratti Ulfaatina  
kenname
1.4 Tajaajiloota adeemsa hojii isaa karooraan kan hordofuu fi 2
sirreeffamoota barbaachisoo yeroon kan taasise, yaadaa fi
komiiwwan taajaajilamaa irra dhiyaatan yeroodhaan sirreessuuf
kaka’umsa kan qabuu fi kan sirreessu,
1.5 Duudhaaleen ijoo mana hojichaa fi qajeeltowwan namusaa akka 3
hojiirra oolan gahee isa irraa eegamu kan bahee fi kanneen
birooniis akka hojiirra oolchan kan taasisu,
1.6 Sa’aa hojii mootuummaa guutumaan guututti kan kabaju, 2
harcaatii yeroo hojii kan hin argisiifine, sa’aa hojii hojiidhaaf
qofa kan olchu,
1.7 Malaammaltumaa, hojiimaata badaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii 3
irraa ofii isaatii bilisa ta’uun, waajjira isaa keessatti
mirkaneessuun walqabatee akka sirreeffamuuf kutannoon
qabsaa’uun akka sirreeffamu kan taasisu,
1.8 Akka waliigalaatti raawwii hojiii isaatiin kanneen biroof 2
fakkeenya kan ta’e.
Ida’ama Waligalaa (20%) keessaa
…//

2. Manneen hojii tokko tokko amala hojii addaa qaban


irraa ka’uudhaan qajeelfama raawwii ramaddii
kanaan haala walitti hin buuneen sadarkaa Barnootaa

fi Muuxannoo hojii osoo hin dabalatiin Ulaagaalee


Ramaddii addaa dabalataan qopheessanii biirichaaf
dhiyeessanii eyyamsiifachuudhaan itti fayyadamuu ni

danda’u.
Keewwata 27
Qabxii Darbiinsaa isa Xiqqaa

Kaadhimamaan tokko gita hojii dorgome irratti


ramadamuu kan danda’u ulaagaalee dorgommiitiin
ida’ama qabxii waliigalaa % 50 fi isaa ol yoo argate
qofaadha.
Keewwata 28
Bu’aa Ramaddii Hojjattootaa Ibsuu (Beeksisu)
Ilaalchiisee
1. Bu’aan ramaddii hojjettoota hogganaa ol-aanaa mana

hojiichaatiif dhiyaatee erga Mirkanaa’ee booda,


gabatee beeksisaa mana hojiichaa irratti akka
maxxanfamu ni taasifama.
2.Dhuma irrattis hojjettoota ramaddicha keessatti
hammatamaniif xalayaan ramadamuu isaanii ibsu ni
kennamaaf.
Kutaa Shan
Sirna Komiin Itti Dhiyaatu
Akkaataa Komiin Itti Dhiyaatuu fi Hiikamu
Ilaalchisee
Keewwata 30
Hundeeffama Koree Komii Keessummeessaa
1.Koreen komii keessummeessaa walitti qabaa,
miseensota afurii fi barreessaa tokko kan qabu yoo
ta’u, miseensota kanneen keessaa yoo xiqqaate lama
dubartii ta’uu qabu, kunis hogganaan kan bakka buusu

keessa 1 hojjattootan kan bakka bu’aan keessaa 1 ta’a.


…//

2. Miseensonni koree keessummeessaa komee kunis:


a) Hoggansa ol-aanaa mana hojichaatiin kan bakka
bu’an---walitti qabaa fi miseensota 2,
b) Hojjettoota mana hojiitiin filatamanii kan bakka
bu’an---miseensota 2, (dhiira tokko fi dubartii
tokko)
c) Hoggansa Qabeenya Namaa irraa namni --1
Barreessaa sagalee hin qabne ta’a.
…//

3.Manneen hojii sadarkaa Naannoo fi


Gidduugaleessotaa Hawaasummaa, Koollejjoota,
Hospitaalota, Bulchiinsa Manneen Sirreessaa,
Giddugaleesota Qorannoo Qonnaa, Giddu galeessota
Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa, Buufataalee Raadiyoo

barnootaa fi kff. haala humna namaa qabaniin of


danda’anii koree komii keessummeessaa hundeessu
qabu. Itti waamamni koree komii hogganaa mana
hojichaaf ta’a.
…//

4. Sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalotaa


keessatti ammoo koreen gidduugaleessummaan
tajaajila kennu tokko tokko kan hundeeffamu ta’ee,
itti waamamni isaatis:
a)Sadarkaa Godinaatti Bulchaa Godinaatiif,
b)Sadarkaa Aanaatti Bulchaa Aanaatiif,
c)Sadarkaa Bulchiinsa Magaalotaatti
Kaantiibaa Magaalaatiif
…//

5. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2(a fi c)n akkuma


jirutti ta’ee, Mana hojii hojjetaa komii dhiyeeffatee
irraa yeroo dhimmi hojjetaa mana hojii sanaa
ilaalamu qofa kan hirmaatan hojjettoota mana
hojiichaan kan filataman miseensotni lama Koree
Komii Qulqulleessaa keessatti ni hirmaatu.
Keewwata 31
Gahee Hojii fi I/Gaafatamummaa Koree Komii
Keessummeessaa
1.Koreen ramaddii guyyaa hojjettootaaf ramaddii
beeksise irraa eegalee iyyata komii ramaddii wajjin
wal qabatee dhiyaatu ni fudhata,
2.Akkaataa gabatee yeroo kaa’ameen iyyannoowwan
qoratee qulqulleessuun murtii irra ga’e hojjetaa komii
dhiyeeffateef ni beeksisa,
…//

3.Iyyannoowwan komii qulqulleessuun ragaalee hojii


irratti argamanii fi qaboowwan yaa’ii gurmeessee ni
qabata,
4.Gabaasa raawwii waliigalaa itti gaafatamaa mana
hojiitiif ni dhiyeessa.
Keewwata 32

Dhimmoota Komiin Irratti Dhiyaachuu Qaban


Hojjetaan kamiyyuu adeemsa ramaddii hojjattootaa
keessatti komii yoo qabaate komii qabu
dhiyeeffachuu ni danda’a.
Keewwata 33
Sirna Komiin Itti Dhiyaatu

1.Hojjetaan raawwii ramaddii irratti komii qabu


kamiyyuu komii isaa koree komii keessummeessuuf
dhaabbatetti dhiyeeffachuu ni danda’a.
2.Koreen komiin dhiyaateefis komichaa
qulqulleessuudhaan guyyaa shan[5] keessatti yaada
murtii isaa hoggansaa mana hojichaaf erga
dhiyeessee booda bu’aa isaa qaama komicha
dhiyeeffateef ni beeksisa.
Keewwata 34
Yeroo Komiin Itti Dhiyaatu

Hojjetaan ramaddii kennameef irratti komiin qaba


jedhu, guyyaa ramaddichi ibsamee irraa eegalee
guyyoota hojii sadii walitti aansanii jiran keessatti
komii isaa koree komii keessummeessuuf dhiyeessuu
qaba, haa ta’u malee sababa manni hojichaa beekuun
hojjetichi yeroodhaan komii isaa yoo dhiyeeffachuu
baate ragaa isaa dhiyeeffachuun guyyaa ramaddichi
ibsame irraa eegalee guyyoota hojii shan walitti
aansanii jiran keessatti komii isaa dhiyeeffachuu ni
danda’a.
Keewwata 35
Kenniinsa Murtii Komii Ilaalchisee

Koreen komii keessummeessaa sadarkaa sadarkaan


hundeeffame yeroo komichi barreeffamaan
dhiyaateef irraa eegalee guyyoota hojii shan[5]
keessatti yaada murticha hoggansaaf erga
dhiyeessee booda murtii hoggansaan kennamee
hojjetaadhaaf beeksisu qaba
Keewwata 36
Haala Adeemsa Komiin Itti Dhiyaatuu fi Itti
Hiikamu
1. Hojjetaan kamiyyuu raawwii ramaddii irratti komii yoo
qabaate, koree komii mana hojichaa ykn Puulii
keessatti dhaabbatetti, guyyaa ramaddii isaa beeke irraa
eegalee guyyaa hojii sadii keessatti komii isaa
dhiyeeffatee murtee argachuudhaaf mirgi isaa kan
eeggameefidha.
2.Koreen komii sadarkaa sadarkaadhaan dhaabbate,
guyyaa komiin barreeffamaan dhiyaateef irraa eegalee
guyyoota hojii shan keessatti yaada murtee isaa
gaggeessa ol-aanaa mana hojichaatiif dhiyeessee ni
murteessisa.
…//

3.Yaada murtee gama koreetiin dhiyaate bu’uura


gochuudhaan, murtee mana hojichaatiin Kennametti
komii dhiyeeffataan hin quufne, komii isaa ol-
iyyannoodhaan gara Mana Murtii Bulchiinsaatti
dhiyeeffatee murteessifachuudhaaf mirgi isaa
eeggamaadha.
4.Murteen Manni Murtii Bulchiinsaa kenne dogongora
bu’uura seeraa ni qaba jedhee yoo amanee, ol-
iyyannoodhaan gara Mana Murtii Waliigala
Oromiyaa Dhaddachaa Ijibbataatti dhiyeeffatee
murteessiffachuu ni danda’a.
…//

5.Hojjetaan tokko ykn manni hojichaa hojiilee ibsa


akaakuu hojii keessatti yoo hammataman sadarkaa
hojichaa jijjiirsisuu ykn sadarkaa gita hojii haaraa
uumsisuu danda’an qaba yoo jedhe, fooyya’insicha
yeroo hojii irra oolmaa yaalii keessatti karaa mana
hojichaatiin BPSMQN’tti erguu ni dandaa’a.
Keewwata 37
Seerota Raawwatiinsa hin Qabne

Qajeelfamni fi hojiimaatni baratamaa qajeelfama kana


faallessu kamiyyuu dhimmoota qajeelfama kana
keessatti ibsaman irratti raawwatinsa hin qabu.
Keewwata 38
Waa’ee Qajeelfamicha Fooyyessuu
Biirichi rakkoowwan fi qaawwa hojii irratti mul’atan
hiikuudhaaf barbaachisaa ta’ee yoo arge qajeelfama
kana fooyyessuun ni danda’a.
Keewwata 39
Dhimmoota Qajeelfama kanaan Hin Hammatamiin

Qajeelfama kana keessatti dhimmoonni hin


hammatamne ibsa dabalataa barbaadan yoo qunnamaan
gaaffii BPSMQN Oromiyaatiif dhiyaatee murteen kan
itti kennamu ta’a.
Keewwata 40
Qajeelfamni Kun Yeroo Hojii irra Oolu
Qajeelfamni kun Amajjii 1 Bara 2009 irraa eegalee hojii
irra ni oola.

You might also like