You are on page 1of 15

Waajjira Daldalaa Bulchiinsa

Magaalaa Galaanitt

Gabaasa Raawwii Hojii kurmana 1ffa


Adeemssa qoraannoo fi Ijaarsa Dandeettii
Dhimma Daldalaa

Fulbaana 15/ 2015


Galaan
Lakk____________
Guyyaa /13/01/2015

Biiroo Daldalaa Oromiyaa tiif


Daayrektooretii Garee Qorannoo fi Ijaarsa dandeettii Daldalaa tiif
Finfinnee
Dhimmi isaa:-Gabaasa Hojii kurmana 1ffa kan bara 2015 Erguu Ta’a
Akkuma armaan olitti ibsamu yaalameetti karoora hojii garee Qorannoo fi ijaarsa
dandeettii giddugaleessa godhachuun Gabaasa hojii kurmana 1ffa bara 2015
hojiiwwan akka garee keenyaatti karoorfamanii raawwataman qindeessuun
waraqaa fuula ____ xalayaa gaggeessituu wal-qabsiifnee isin erguu keenya
kabajaan isin beeksifina.
Nagaa wajjin

G/G
 Waajjira Daldalaa Bul/Mag/Galaan tiif
Galaan

Seensa
Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma ariifachiisaa fi itifufinsa qabu mirkaneessuuf
kutannoon socho’ee haanga KGT IIffaa tti bu’aawwan gurguddoo galmeesse jira.

Bu’ura kanaan Biiroon daldala Oromiyaas Ergama isaaf keenname irratti hundaa’uudhaan
karoora KGT Iffaa fi IIffaa qopheffachuun gara hojiitti galuun daldalaa naannoo keenyaa seera
qabeesaa, ammayyaa’aa taasisuu, mirga fayyadamtootaa eegsisuu fi tajaajila tekinoloojiin
deggerame kennuun rifoormii daldalaa sadarkaa barbaadamu irraan ga’uuf hojetaa jira.

Kana waan ta’eef, haanqinaalee raawwii hojii darbe keessatti muldhatan hiikuudhaan bu’aalee fi
muuxannoowwan gaggaarii KGT-Iffaa fi IIffaa keessatti argaman caalmatti itti fufsiisuudhaan
fayyadamummaa Uummata Oromoo sadarkaa hundattu mirkaaneessun karoorri waggaa 10 itti
aanu qophaa’era.

1.2. AANGOO FI GAHEE HOJII ADEEMSICHAA

Akkaataa Labsii Lakk.213/2011 irratti ibsameen aangoo fi hojiin Waajjirri Daldala


Bul/M/Galaan Aangoo fi gaheen Hojii 30 ta’u tarreeffamee kennameef keessaa keewwata
armaan gadiitti caqasame AdeemsaQID irratti hojjachuu kan qabu:-

1. Hojii daldalaa qaamolee mootummaa birootiif seeraan hin kennamin bu’uura


imaammatootaafi tarsimoowwan daldalaa mootummaan baase hojiirra akka oolan ni
taasisa; adeemsa isaa ni qindeessa; ni gaggeessa;
2. Giddugalli agarsiisa daldalaa, baazaarii fi konfireensii qoratee akka hundeeffamu
yaada ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu qaamota dhimmi ilaalu waliin ni
hundeessa, ni bulcha,
3. Misooma hojii daldalaa ilaalchisee qorannoowwan ni gaggeessa, odeeffannoowwan
walitti ni qaba, ni xiinxala, ni qindeessa, qaama dhimmi ilaaluuf ni tamsaasa;
4. Tajaajila gorsaa fi ragaa kennuuf kan dandeesiisan ragaalee qorannoo qindeessuu fi
xiinxaluun tajaajila galmeessaa daldalaa fi hayyamaa kennuu irratti haala mijataa ni
uuma,
5. Hojimaata daldalaa booddeetti hafaa ta’an ammayyeessuuf gargaaran irratti qorannoo
ni gaggeessa, bu’aalee qorannoo irratti hundaa’uudhaan yaada furmaataa ni
dhiyeessa, yaada imaammataa ni burqisiisa,
6. Paakeejii hojii daldala ammayyeesuufi babal’isuu danda’u adda ni baasa; kanneen
sirrii ta’an irratti maanuwaalota leenjii ni qopheessa, dorgommiin daldalaa akka cimu
ni taasisa, hojiilee barnoota hubannoo hawwaasa bal’aafi daldalaa babal’isan ni
kenna;
7. Seerota daldalaa akka biyyaattis ta’ee akka naannootti bahanii hojiirra jiran irratti
qorannoo ni gaggeessa; raawwii keessatti qaawwa mul’atan adda baasuun qaama
dhimmi ilaaluuf yaada furmaataa walin ni dhiyeessa;
8. Sagantaalee adda addaa qopheessuudhaan imaammata, tarsiimoo fi seerota misooma
daldalaa ilaallatan qaamolee dhimmi ilaalu hunda biratti hubannoon akka uumamu ni
taasisa;
9. Daldalli hammayyaa’ee fi sadarkaa isaa eeggate akka babal’atuufi hooggansi hojii
daldalaa akka cimu hawaasa daldalaaf deeggarsa ogummaafi teeknikaa ni kenna;
10. Walitti dhufeenyi daldalaa magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru akka cimu deeggarsa
barbaachisu ni kenna; walitti hidhamiinsa daldalaa ni cimsa.
1.3. MUL’ATA , ERGAMA FI DUDHAALEE W AAJJIRA DALDALAA MAGAALAA GALAAN

1 .3.1 MUL’ATA (V ISION )

Bara 2022tti Magaalaa Galaan keessatti misoomni Daldalaa dagaagee, jiruu fi jireenyi
uummataa Magaalaa fooyya’ee Oromiyaa badhaate arguu dha
1.3.2. ERGAMA (MISSION )
Sirna Daldalaa hammayya’aa fi haqa-qabeessa ta’e diriirsuun uummannii fayyadamaa
akka ta’u taasisuu dha.
1.3.3. DUUDHAALEE (CORE VALUES )
 Ittigaafatamummaa (Accountability)
 Iftoomina (Transparency)
 Tajaajila gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa qabu (Efficiency and Effectiveness)
 Hirmaachisummaa (Participatory)
 Jijjiiramaaf hojjachuu (Work for Change)
 Qindoominaan hojjachuu (Cooperation)
 Malaammaltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu
 Tajaajila maamila giddu galeessa godhate kennuu
 Ogummaa fi dandeettii bu’aa qabatamaaf oolchuu (Professionalism),
 Jjijjiiramaaf qophaa’uu
2.1. RAAWWII HOJII IJAARSA DANDEETTII
Hojiilee bu’a qabeessa ta’e karoorsuu, raawachiisuu fi raawwachuu keessati dandeettii
hoggansaa fi raawwataa iddoo olaanaa akka qabu beekamaa dha.Haaluma kanaan,
dandeetti raawwachisummaa hooggansaa fi raawwattootaa cimsuuf hojileen ijaarsa
dandeettii hojjetaman akka armaan gadiitti xiinxalamanii jiru.

Hojiin ijaarsa dandeettii dhimmoota gurmaa’insa garee hojii fi haala gaggeessummaa kan
qabate yoo ta’u, kunis kan irratti xiyyeeffatu ijaarsa dandeettii humna namaa
Waajjirichaa beekuumsaa fi daandeettii gahaa qabuu fi teekinolojjii ammayyaa’aa
fayyadamuun gahee isaa bahuu danda’u, akkasumaas meeshaalee ittiin hojjataman
guutuu fi Waajjiricha cimsanii dhaabuu barbaachisa.

KGT darbe keessatti human raawwachiisummaa ogeessootaa fi hoogansa cimsuuf sochii


taassifameen leenjiiwwaan adda addaa mata dureewwan:-

 Mirga fayyadamtootaa
 Labsii, qajeelfama fi maanuwaalota hojii daldalaa adda addaa irratti
 TMD
Ijaarsaa dandeettii cimsuu ilaalchisee, huma raawwachisummaa Biirichaa gama hubannoo fi
dhiyeessii teknooloojii fi loojistiksiidhaan cimsuu karoora qabamee ture raawwachiisuuf
hojjetamaa tureera.

Walumaa galatti hojiin ijaarsa danddeettii human namaa karoora biirichaa ba’atee fiixaan
baasuu danda’u ijaaruun cimsuun raawwii fooyyee qabu galmeessuuf hojii qulfii ta’e
yeroo ta’u akkuma hojiilee kaawwanii bara KGT dabretti raawwiin isaa hanqinaa fi
cimina of danda’e qaba.

Dandeettii raawwachiisummaa cimsuudhaann bulchiinsi gaariin akka mirkana’uu,


guddinni dinagdee naannichaa akka guddatuuf, hojii bal’aan hojjetameera. Yaa ta’u
malee ammaas gama ijaarsaa dandeettii humna namaa, meeshaalee fi caaseffama
sadarkaa sadarkaan jiru cimsuuf hojiin ijaarsaa dandeetti bal’aan hojjetamuu akka qabu
ilaalameera. Kanaaf bara 2014 irraa eegalee xiyyefannoo guddaan itti kennamee kan
hojjatamu ta’a.

2.2Hojii Daldalaa Ammayyeessuu fi haqaqabeessa gochuu


Daldallii dinagdee Biyyaa keenyaatiif bu’ura akka ta’e ni beekama. Haa ta’u malee,
akkaataan hojiin daldalaa biyya keenyatti geggeeffamu boodattii hafaa dha. Namni
kamuu hojii kanattii kan seenuu ogummaa irrattii hundaa’ee osoo hin taane, bu’aa
argachuu qofa irrattii xiyyeeffatee akka ta’ee hubacuun salphaa dha.

. Tajaajjilli kun, daldaltoota waliin ga’u irrattii hanqina yoo qabateyyuu, daldaltootni hojii
daldalaa keessaa ba’uf turan bu’a qabeessa akka ta’an hubatamuu isaati.Tajaajjilli kun,
daldaltoota waliin ga’u irrattii hanqina yoo qabateyyuu, daldaltootni hojii daldalaa keessaa ba’uf
turan bu’a qabeessa akka ta’an hubatamuu danda’eera.

Waajjirichi sochii daldala Magaalaa keenyaa Hammayyeessuu fi haqa-qabeessa gochuuf hojjataa


ture keessatti hojiin qorannoo fi ijaarsa dandeettii adeemsa hojii gara garaa keessatti faffaca’ee
waan tureef ragaa sirrii ta’e qindeessanii xiinxala raawwii qopheessuun rakkisaa ta’u illee
gurmaa’insa bara 2011 gaggeeffameen yeroo ammaa daayrektoreetiin qorannoo fi ijaarsa
dandeettii gurmaa’uun issaa hojii bakka garagaraatti faffaca’ee ture iddoo tokkotti dhufee abbaa
argachuun isaa karoora yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa qopheessuun gaggeeffamaa jira.

2.2.1. Hojii Qorannoo dhimma daldalaa

Bara 2003tti rifoormii daldalaa hojii irra ooluuf xiyyeeffannoo ol’aanaan kennamee kan
hojjatamaa ture ta’u illee humna raawwachiisummaa cimsuuf hojiin hojjatame bu’a
qabeessa hin turre.

Adeemsa kana jijjiiruuf waajjirri tarkaanfii fudhachaa ture keessaa tokkoo qorannoo
oguummaa irratti hunda’e geggeesudhaan hojii daldalaa ammayyaa’aa gochuu ture.

Hanqinni kun ilaalamee mataduree qorannoo bu’uraa adda baasuun deeggarsa


yunivarsitoota Magaalaa keenyaa keessa waan hin jirreef gama Biirootiin jiru
gaafanneera

Ciminaa fi hanqina
2.2.2.1. Cimina
1. Karoora hirmaachisaa fi yeroo isaa eeggate Biiroon qopheessee gadi buuhee haala
qabatamaa magaalaa keenyaan qopheessuun hojii keessa galuu,
2. Leenjii human raawwachiisummaa cimsuraawwatoottaa fi ogeessotaaf kennuu.
3. Gabaasa raawwii hojii ji’aa fi kurmaanaa qindeessanii Biiroof erguu.
4. Raawwattootni hunduu karoora mataa isaanii baafachuun karooraan hoogganamuu.
2.2.2.1. Hanqina
1. Adeemsichi haaraa waan taheef hojjetaan hunduu hubannoo walqixa dhabuu.
2. Haala karoorfameen raawwachuu dhabuu.
2.2.2. Kallattii fuula duuraa
1. Karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa qophaa”ee qaama oliin gadi buuheen hirmaannaa
keenyaaan gabbisanee hojii keessa galuu,
2. Gabaasa Raawwii hojii, qindeessuu, qaama oliif dabarsuu.
3. Hanqina Dhiyeessii humna namaa, Bajataa fi Loojistikii, Hanqina dandeettii fi
muuxannoo akkasumas Hanqina ilaalchaa fi hubannoo akka seektaraatti jiruu
sirreessuu.
4. Fedhii leenjii fi matadureewwan adda baasuu, TOR qopheessuu fi leenjii kennuu,
5. Hubannoo Hawaasa daldalaa fi qooda fudhattoota ykn qaama adda addaa
qindoomina Biiroo keenya waliin qabu seerota daldalaa hubatanii beekumsaan akka
deeggaran hubachiisuu,
6. Qorannoo gaggeessuuf baasii barbaachisu qaama nu deeggaru adda baasuu fi
mariisisuu,
7. Projeektii ijaarsa Giddugala Agarsiisaa fi leenjii dhimma daldalaa Magaalota shan
irratti akka ijaaramu hordoffii gahaa taasisuu,
8. Qorannoo Paakeejii deeggarsa daldaltootaa jedhu fi yaada haaraa maddisiisuun
qorannoo bu’a qabeessa gaggeessuuf ciminaan hojjachuu,
9. Galma ga’iinsa karoorichaatiif haala mijataa jiru daguuganii fayyadamuu, Humna
namaa, Bajataa fi loojistikii yeroo dhaan akka ramadamu gaafachuu,
10. Hojii qindoominaan hojjatamu adda baasuu qaama ilaalatu waliin hojjachu
 Qoranno Dimma Daldalaa gaggeessuu
1. Qoranoowwan gaggabaaboosadarkaa Bu/Magaalaatti Mata-duree adda addaa 1
irratti gaggeessuu.
2. Ijaarsa Giddugala agarsiisaa fi leenjii dhimma daldalaa gaggeessuu
1. Pirojeektii Ijaarsa giddu gala agarsiisa daldalaa fi leenjii ogummaa daldalaa
Bu/Magaala 1keessatti eegalchiisuu,
2. Site plan, Dizaayinii fi ispeesifikeeshiinii Bu/Magaalota 4 xumursiisuu,
3. Deeggarsa ijaarsa projeektichaatiif hawaasa daldala sosochoosuu fundi gara garaa
barbaaduu,
3. Pirojeektota Bocuu fi hordofuu
1. Qorannoo Paakeejii Deggersa Hawwaasa Daldalaa fi yaada haaraa maddisiifame 5
irratti qorannoo bu’uraa gaggeessuuf TOR qopheessuun, bajata barbaaduu, ogeessa
adda baasuu fi hordoffii ga’aa taasisuu,
2. Ijaarsa pirojeektota giddugala agarsiisa daldalaa fi leenjii ogummaa daldalaa
Bu/magaalaa shan keessaa kan Bu/Magaala Jimmaahaala dureewwan xumuruu fi
ijaarsa jalqabsiisuu
4. Ka’umsa Karooraa Tarsimoo Waggaa 5 Waajjira Daldalaa Bul/M/Galaan
Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Karoora
Toora Xiyyeeffannoo

Mul’ata fi Ergama Waajjira Daldala karaa bu’aa qaabessaa ta’een galmaan gahuuf
dhimmoota murteessaa ta’an addaan baasanii xiyyeefannoo ittii kenuun hojjachuun
barbaachiisaa dha.

Toorii xiyyeeffannootarsiimoo’aa utubaa hojii Waajjira Daldala (pillar of


exelence) ykn Magaalaa kaayyoo dhaabateef kan galmaan gahuuf deemu kan
agarsiisuu dha. Gara biraatiniis toori xiyyeeffannoo kun Waajjira Daldala keessattii
rakkoolee furmaata barbaadan fi carraaleen gaariin hojii daldalatiif gummaacha
ol’aanaa taasiisan jiraachu isaanii akkasumas dhibbaan isaanii milkaa’ina mul’ata
Biiroo irrattii qaban addaan baasuuf iddoo xiyyefefannoon itti keennamu dha.

Bu’aalee tarsiimoo'aa jechuun immoo mannii hojii toora xiyyeeffannoo adda


baafatee keewwate milkaa'ina tarsiimmoo'aa kan agarsiisanidha. Haaluma kanaan,
manni hojii keenyaas toora xiyyeeffannoo tarsiimo'aa fi bu’aalee tarsiimo'a akka
armaan gadiitti adda baafatee jira.

1. Ammayyummaa Daldala
2. Haqa-qabeessummaa Daldalaa

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo


Ammayyummaa Daldala
Bu’aa Toora xiyyeeffannoo:Daldala hammayyaa’aa umameen
uummatni bal’aa fi hawaasni daldalaa irra fayyadamaa ta’e.

Ammayyummaa Daldalaa
Ammayyummaa daldala jechuun hoji maata daldalaa booddetti hafaa ture sirnaa fi
hojjmaata hammayaatti gedderamee haala fedhii hawaasaa guutuu danda’uun hojii
hojjatamuu jechuu dha.

Hojii daldalaa naannoo keenyaa hundee irraa jijjiruun human dandeettii


raawwachiisummaa ogeessaa fi hoggansaa cimsuun, sirna Daldalaa booddetti hafaa
bifa ammayyaatiin akka gurma’an, Tajaajila si’ataa fi taknooloojiidhaan deeggarame
kennuu, sirna bulchiinsa gaarii uumuu, hundeefama giddu-gala leenjii, baazaarii fi
agarsiisa daldalaa keessatti qooda fudhatootni (mana qopheessaa, abbootii qabeenyaa
fi waldaalee Daldalaa) leenjii fi hubannoo gahaa argatanii hojii daldala beekkumsa
irratti hundaa’e akka gaggeefamu fiTajaajila Misooma Daldalaa (TMD) fi gorsa
mala daldalaa kennuu fi interpreenara yaada haaraa maddisiisan dargaggootaa fi
shamarranii kennuu fi kkf hojjiwwan hojjatamuudha.

Bu’aa Toora xiyyeeffannoo:Sirna Daldala ammayyaa diriiree ummani irraa fayyadamaa ta’e.

Kaayyoo Tarsiimoo’aa Sadarkaa Mana Hojii

Kaayyoon tarsiimoo’aa toora xiyyeeffannoo galmaan ga’uuf (milkeessuuf) kan


qophaa’anii fi toora xiyyeeffannichaa gara hojiitti jijjiiruuf kan dandeessisan gochoota
gurguddoo dha. Kaayyoon tarsiimoo’aa safaramuu kan dandaa’anii fi bu’aalee
tarsimoo’aa kan mirkaneessisan raawwii fooyya’insaa itti fufinsa qaban yoo ta’u,
tarsiimoon mana hojii kan ittiin ijaaramu burqaa sanyii (utubaa) dha. Akkasumas,
kaayyoon tarsiimo’aa toora xiyyeeffannoo gara gochaatti gadi cacabsuudhaan gara bu’aa
toora xiyyeeffannootti kan geessu dha. Toora xiyyeeffannoo tarsiimoo’aa fi safartuulee
raawwii gidduutti akka riqichaa ta’anii kan tajaajilanii dha. Kaayyoon tarsiimo’aa
jechoota adeemsa, fooyya’insaa fi itti fufiinsa argisisaniin kan xumuramaniidha.

Haaluma kanaan tokkoo tokkoo toora xiyyeeffannoo armaan gadiif kaayyooleen


tarsiimo’aa kaa’amanii jiru.

Gabatee: Kaayyoo Tarsiimoo’aa Waajjira Daldalaa Magaalaa

2.1. Kaayyoolee, Safartuulee, Manii fi Tarkaanfiiwwan Tarsiimoo’aa


2.1.1. Kaayyoo Waliigalaa;

Dandeettii raawwachiisummaa cimsuudhaan daldalli hammayyaa’aa ta’e akka mirkana’u sirna


hojiimaataa iftoomina qabu hojii irra olchuun guddinni dinagdee Magaalichaa xumura bara
karoorichaatti bu’uura akka qabaatu haala mijeessuu dha.

Guddina diinagdee magaalaa keenyaa keessatti gahee nurraa eegamu bahuuf humnoota
missoomaa ijaaruu fi gahoomsuun sochoosuu,raayyaa jijjiramaa siivil sarviisii lafa qabsiisuu,
hammayyummaa daldalaa qixa barbaadamuun hojii irra oolchuu.

Kaayyoo1. Gahumsaa fi Bu’aa Qabeessummaa Baajataa Guddisuu

Safartuulee fi Manniiwwan

2.1.2. Kaayyoo, Galmaa fi Kalattii raawwii

Danddeessitoota gurguddoo karoorichi bu’ureeffate

 Humni dandeettii raawwachiisummaa ogeessaa fi hoggansaa cimee hojii daldalaa


hammayyaa’e galiin biyya keenyaa irraa hawaasni fayyadamaa ta’a,

 Woggoota shanan itii aananitti guddinni diinagdee biyyaa waggaa woggaatti


giddu galeessan % 10 dabale itti fufuu danda’a,

 Diinagdee gooroo/Makiro economy tasgaba’aa jiraachuu,


 Sadarkaa mootummaa federaalas ta’e naannoo keenyatti xiyyeeffannaan dame
daldalaaf kennamu haala gaariin itti fufa,

 Dabalinsa yaa’insa investimentii fi babal’ina sochii daldalaatiif hojjachuu.

 Rakkoolee keessaa fi ala mul’atan sirraa’uun sochii diinagdeef haalli mijataan


uumamuu

 Diinagdee naannoo keenyaa ceessisuuf kutannoo cimaa hoogansa olaanaa


naannoo keenyaa fi caasaa sadarkaan jiru biratti jiraachuu qaba.

2.2. Maniiwwaan hojii Adeemsa Qorannoo fi Ijaarsa Dandeettii dhimmaa


daldalaa
2.2.1. Hojii Dandeettii raawwachiisummaa cimsu
Leenjii kennuu
1. Dandeettii Raawwachiisummaa cimsuuf hojjettoota waajjiraaf leenjii
gaggaabaabaa mata duree adda addaa irratti kennuu.
2. Leenjii Tajaajila Misooma Daldalaa (TMD) bara 2014itti kanatti daldaltoota
leenjisuun daldala isaanii beekumsaan akka gaggeessanuu fi bu’a qabeessa akka
ta’an hojjachuuf karoorfamee jira.
Hubannoo uumuu fi gorsa kennuu
1. Bara 2014tti ji’a kana keessa Daldaltoota matadureewwan gara garaa irratti
hubannoo uumuu.
2. Qooda fudhattoota adda addaa seektara mootummaa fi mit-mootummaa,
waldaalee fi manneen maree akkasumas qindominaan waliin hojjachuuf adda
bahan hubannoo uumuun karoora adeemsichaa milkeessuuf hojjachuu,
3. Dargaggoo fi Shamarran yaada haaraa maddisiisuu danda’an waggoota shanitti
hojii daldalaa keessa galanii ofjijijjiiruu akka danda’an hubannoo interpreenerii
uumuu,
4. Daldaltoota haaraa gara hojii daldalaatti seenuuf heyyama baafachuu fi buleeyyii
heyyama isaanii haaromsuuf gara seektara keenyaa dhufanu labsii galmeessaa fi
heyyamaa bu’ura godhachuun bara 2014itti ji’a kanattidaldaltoota gorsa mala
daldalaa GMD kennuu,
5. Hubannoo hawaasa daldalaa Bara 2014itti ji’a kanatti hawaasa daldalaa haaraa gara hojiitti
galanuu fi daldaltoota buleeyyii ta’an matadureewwan garagaraa dhimma daldalaa irratti
hubannoo waliigala hubachiisuun dorgomaa taasisuu,

Bu’aa leenjii fi Hubannoo irraa argame xiinxaluu

1. leenjii fi hubannoo uumamuun bu’aa argamee xiinxala gaggeessuun bara kana


Dokumentii 1 qopheessuu,
3. Muuxannoo gaarii argaman qindeessuun gandaalee2 irratti babal’isuu
3.1.1. Qorannoo bu’uraa fi Qorannoo gabaabaa gaggeessuu
1. Matadureewwan qorannoo bu’uraa 1 sadarkaa Magaalaatti gaggeessuuf adda
bahan qaamolee waliin hojjachuu dandeenyu fi Bajata barbaachisu qopheessuu,
3.1.2. Projeektota Bocuu fi hordofuu
1. Qorannoo Paakeejii Deggersa Daldalaa fi yaada haaraa maddisisame 8 keessaa
bara kana qorannoo bu’uraa 1 gaggeessuuf TOR qopheessuun hojii keessa galuu,
3.2. HOJIILEE BIFA ADDAATIIN RAAWWATAMAN (new initiative)
3.2.1. CAASAA MAGAALAA IRRADEEBI ’ AMEE AKKA QORATAMU YAADA
HAARAA DHIYEESSUU

 Caasaa ga’umsa qabu, jijjiirama daldalakeessatti fiduu danda’u (vibrant


structure) hanga gadiitti diriirsudhaan humna namaa baayyina, ga’umsaa fi
dandeettii qabu akka ramadamu hordofuu fi deeggaruu,
 Humna namaa hojiirra jiru yero yeroon leenjii hojiirraa akka argatu qaama gara
garaa deeggarsa gaafachuu,
 Deggersa ogommaa irrattii hundaa’e kennuu qaama danda’u horachuu,

3.2.2. GIDDUGALA AGARSIISA DALDALAA FI LEENJII HUNDEESSUU

Ijaarsa projeektichaa irratti daldalaa ballinaan hirmaachisuu, deeggarsa akka


taasisan qindeessuu,
Daldalaa giddugala mataa isaa qabu uumuun gahoomsuu fi dorgomaa gochuu,
Paakeejii misooma daldalaa qoratamee haala exteenshiinii tiin akka hogganamu
ciminaan hojjachuu,
3.2.3. QINDOOMINA HOJII CIMSUU

 Yuunivarsitootaa fi dhaabbilee barnoota ol’aanaa waliin qindoomina cimaa


horachuu,
 Ministeera Daldalaa fi Industirii irraa imaammata qoratame seerota foyyaa’e
deggersa ogummaa fi tekinikaa fudhachuu,
 Seekteroota qindoominaa waliin hariiroo cimaa uumuu,
 Manneen Maree Daldalaa fi Waldoolee seekteraa waliin ciminaan hojjechuu,
 Kallattii deggersi faayinaansii, ogummaa fi tekinikaa itti kennamuu danda’u
miijessuu,
 Interpireenara hojiilee daldalaa haaraa kalaqan gara seekterichaatti akka galan
jajjabeessuu,

7.1.1. Raawwii Hojii Gurguddoo Garee QID Dhimma Daldalaa


 Daldaltoota haaraa gara hojii daldalaatti seenan Gorsa Mala Daldalaa (GMD)
kennuu
 Karoora ji’a Hagayyaa 142 raawwiin 126 parsantaa %88.7 yoota’u Hanga ammaa karoora
284 raawwii 228 parsantaa 80.3 waggaa irraa % 13.3 raawwatamee jira.
 Leenjii burqisiisa yaada daldalaa (entrepneur) kennuu
Leenjii burqisiisa yaada daldalaa (entrepneur) kennuu karoora 77 raawwii 67 parsantaa
87%. Yoota’u Hanga ammaa karoora 152 raawwii 134 parsantaa %88 waggaa irraa parsantaa
14.6% raawwatamee jira.
 Dubartootaf karroora 19 raawwii 25 parsantaa 131%. Yoota’u Hanga ammaa karoora 38
raawwii 45 parsantaa %118 waggaa irraa % 19.5 raawwatamee jira.
 Horsiisee bulaa/Qoonaanbulaab karroora 19 raawwii 12 parsantaa 63% Yoota’u Hanga
ammaa karoora 38 raawwii 32 parsantaa %84 waggaa irraa % 13.9 raawwatamee jira.
 Qaama midhamttootaf karroora 10 raawwii 8 parsantaa 80% Yoota’u Hanga ammaa karoora
18 raawwii 13 parsantaa %72 waggaa irraa parsantaa 11.4% raawwatameejira.
 Dargaggoota/shammaraniif karroora 29 raawwii 22 parsantaa 75.8 % Yoota’u Hanga ammaa
karoora 58 raawwii 44 parsantaa %75.8 waggaa irraa %12.8 raawwatamee jira.
Mataduree leenjiin irratti kenname:-
o Dubartoonnii hojii daldalaa isaanii akka baballifatanii fi itti fayyadama naga’ee naga’ee
galii fi baasii isaanii qabachuu akka danda’anii fi dubartoonni haala qabatamaa naannoo
isaanii beekanii hojii keessa akka galan hubannoon kennamaafii turee jira.
o Ogummaa hojii harkaa isaanii kalaqanii hojjechuu akka danda’an leenjiin gama kanaan
kennamaafiin tiuree jira.
o Dubartoonni leenjii booda deeggarsa liiqii argachuu akka danda’an hubannoon
kennameef jira.
Bu’aa gama kqanaan argaman:-
 Dubartoonni magaalaa keenyaa leenjii duraa fi leenjii booda garaagarummaa
garaagarummaan kanjiru ta’uu isaati:-
o Galiin isaanii dabalee jira.
o Galii fi baasii isaanii adda baasanii qabachuu eegaluu isaanii
Gabaasa Hojiiwwan Gurguddoo QID Bulchiinsa Magaalaa Galaan Kan Ji’a Hagayyaa Bara 2014
Raa
Karooraa fi Raawwii
Safa. wkar
Karo. o.
Tarkaanfiiwwan Tarsiima'aa (Hojiilee Ka'um Karo. Ji'a Hagayyaa Kurmana 1ffaa Hanga Ji'a Hagayyaa
2013- Wag
Gurguddoo/Projektii) . 2014 2015
2022 g
irraa
Karo. Raaw. % Karo. Raaw. % Karo. Raaw. %
%
Daayirektoreetii Qorannoo fi                          
Ammayyummaa Daldalaa  
Gorsa mala daldalaa kennuu Lakk 13,634 1381 1712 142 126 88.7 428 228 53.3 284 228 80.3 13.3

Qorannoo gaggeeffame Lakk 10  1  -

Qorannoo hojii irra olee Lakk  -  - 1  -

Bu’aa qorannoo irra argame Lakk


 
Leenjii Tajaajila Misooma Daldala(TMD)  Lakk 1845 180 45 -

Leenjii burqisiisa yaada daldalaa(Entr)  Lakk 7432 925 918 77 67 87 228 134 58.7 152 134 88 14.6

Dubartootaf kenname  Lakk 2201 347 230 19 25 131 57 45 78.9 38 45 118 19.5

Horsiisee bulaa/Qoonaan bulaa  Lakk 1763 164 230 19 12 63 57 32 56 38 32 84 13.9

Qaama midhamttootaf  Lakk 136 15 114 10 8 80 28 13 46.4 18 13 72 11.4

Dargaggoota/shammaraniif  Lakk 3332 399 344 29 22 75.8 86 44 51 58 44 75.8 12.8

You might also like