You are on page 1of 43

Leenjii Sirna Qabiinsa Ragaa

Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

Amajjii, 2010

1
Qabiyyee
1. Seensa
2. Qabiinsaa fi Sassaabii Ragaa
2.1 Qabiinsaa Ragaa Sadarkaa Gandaatti
2.1.1 Ragaa miseensotaa fi maatii isaanii
2.1.2 Ragaa Kaffaltii Miseensotaa
2.1.3 Galmee Hordoffii Miseensoota
2.2 Qabiinsaa Ragaa Sadarkaa Aanaatti
2.2.1 Galmee Miseensotaa
2.2.2 Galmee Kaffaltii
2.2.3 Galmee ittifayyadama tajaajila fayyaa
3 Haala Gabaasni IFH Itti Dhiyaatu
3.1 Gabaasa Ganda Irraa Aanaaf Dhiyaatu
2
Qabiyyee
3.2 Gabaasa Aanaa Irraa Godinaaf Dhiyaatu
3.2.1 Gabaasa Horannaa fi Buusii Miseensoota
3.2.2 Gabaasa Galii Dhaabbata IFH
3.2.3 Gabaasa Itti Fayyadama Tajaajila Fayyaa

3
Seensa

 Inshuraansiin fayyaa hawaasa sirna namoonni ji’aan hin


mindeffamnee maallaqa muraasaa dursanii wallitti fiduudhaan baasii
tajajaila fayyaa isaniif barbaachisu kuusaa tokkoo irraa akka
uwwifamu taasisuudhan baasii fayyaa humna ol ta’e irraa ittin ofegani
dha.
 Namni kamiyyuu rakkoon fayyaa eessattii fi yoom akka isa mudatu
tilmaamuu waan hin dandeenyeef yeroo fayyaa qabutti qarshii xiqqoo
kaffaale miseensa inshuraansii fayyaa ta’udhan yaaddoo tokko malee
tajaajila fayyaa argachuu fi baasii humna ol ta’e irraa of eeguu ni
danda’a.
4
Seensa

 Kana bu’ura godhachuudhaan Karoora Tiransformeeshinii Seektara


Fayyaa keessatti dhuma bara karoora kanaa (bara 2012) tti hawaasa
IFH keessatti haammatamuu qaban keessaa %80 miseensa IFH
taasisuuf akka ittigalaatti taa’ee jira.
 Raawwii karoora kanaaf haala mijeessuu fi tajaajila fayyaa lammii
hunda biraan gahuuf carraqqii biyyaattiin taasistu ariifachisuuf
toftaan IFH ittin babbal’atu sadarkaa federaalatti qophaa’e hojii irra
oola jira.

5
Seensa

 Raawwii IFH bu’aa qabeessa taasiisuu keessatti sirni qabiinsa ragaa


IFH daraan murteessaa dha
 Ragaan miseensotaa fi maatii isaanii sadarkaa gandaa kaasee hanga
aanaatti qindeessanii qabuu fi yeroodhaa gara yerootti madaluu fi
sirreessuun barbaachisa dha
 Ragaan IFH sadarkaa aanaatti qindeeffamee gara godinaa, naannoo fi
feederaalaatti gabaafamuu murtee wayitaawa fi ragaa dhugaa irraatti
hunda’e dabarsuuf ni gargaara

6
Seensa
 Xiyyeeffannoon lenjii kanaa akkaataa sirni qabiinsa ragaa IFH ittin
hojirra oolu ifaa taasisu dha
 Qabiyyeen lenjii kanaa dhimmoota gurguddoo lama irratti kan
xiyyeeffate yommu ta’u isaanis:
1. Sassabbii fi qabiinsa ragaa fi
2. Haala gabaasni IFH itti dhiyaatu dha

7
Sassaabii fi Qabiinsaa Ragaa: Sadarkaa Gandaatti

 Sadarkaa gandaatti misensoota fi maatii isaanii ilaalchisee ragaaleen


bu’uuraa gosa lamaatu walitti qabamee gara dhaabbata IFH
aanaa/magaalaatti darba. Isaanis:
1. Ragaa miseensootaa fi maatii isaanii fi
2. Ragaa kaffaltii galmee fi buusii miseensummaa ti

8
Ragaa miseensotaa fi maatii isaanii
 Ragaan miseensotaa fi maatii isaanii kan argamu misensoonni yeroo
galmaa’an unka iyyannoo miseensuumaa fi unka iyyannoo
fooyya’iinsa odeeffannoo miseensummaa guutan irraa ta’a
 Miseensootni yeroo miseeensa IFH ta’uuf galmaa’an unka iyyannoo
miseensuumaa guutuun isaan irraa eegama
 Yeroo jijjiramnii maatii isaanii irratti uumamuus unka iyyannoo
fooyya’iinsa odeeffannoo miseensummaa guutuu qabu

9
Ragaa miseensotaa ...
 Jiraataan gandaa kamiyyuu miseensa IFH ta’uuf dursee odeeffannoo
isaa fi maatii isaa unka iyyannoo miseensumma irratti guutuu qaba
 Miseensiichi unka iyyannoo miseensummaa guutuu kan danda’uu
dursee kaffaltii galmee fi buusii miseensummaa yoo kaffale dha

10
Unka Iyyannoo Miseensummaa
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Unka Iyyannoo Miseensummaa

Dhaabbata IFH Aanaa/Magaalaa________________


Ganda __________________________
Tessoo Walitti Dhufenya
Maqaa Guutuu Miseensichaa Guyyaa
Lakk. Saala Umrii Miseensa waliin Hojii
fi Maatii Isaa Dhalootaa Zooni Lakk.Manaa
qaban
1              
2              
               
               
               
Kooppii lamaan kan guutamu፡- Kooppiin tokko gara aanaa/magaalaatti kan ergamu ta’ee kooppii 2 immoo faayyila gandaa keessatti olkaa’ama.
ffaa

_______________
Mallattoo Iyyataa

Damee IFH Gandaatiin kan guutamu

Guyyaa Galmee_________________ Haala Kaffaltii: Kaffalaa

Harka
Qalleeyyii

11
Haala Unkaan Iyyannoo Miseensummaa Itti Guutamu

1. Miseensootni unka iyyannoo miseensummaa damee IFH Gandarraa


fudhatani kooppii lamaan guutu
2. Miseensotni unkicha yeroo guutan bo’oo dalgee duraa irrattii ragaa
dhuunfaa isaanii guutu; bo’oowwan itti aanan irratti ragaa maatii
isaanii guutu
3. Maqaa guutuu, saala, umrii, guyyaa dhalootaa fi teessoo miseensaa fi
maatii isaanii bo’oo kanaaf jedhamee qophaa’e keessatti ni guutama

12
Haala Unkaan Iyyannoo ...
4. Bo’oo ‘walitti dhufeenya miseensicha waliin qabu jedhu jalatti
bulchaa maatiif ‘miseensa’ jedhamee yoo guutamuu maatii
miseensichaaf immoo haala walitti dhufeenya qabaniin fakkeenya
haadha/abbaa manaa, ijoollee, maatii dabalataa fi kkf jechuudhaan ni
guutama
5. Dhimmootni dhuma gabatee kana jalatti ibsaman damee IFH
gandaatiin kan guutaman ta’a
 Guyyaa galmee kan jedhu irratti dameen IFH gandaa guyyaa unka iyyannoo
kana fudhatee harkaan guuta ykn chaappaa guyyaa qabuun (fkn: Amajjii 12,
2010) mirkaneessa
 Haala kaffaltii bakka jedhutti miseensa kaffalaa ta’aniif “kaffalaa” jedhamee
mallattoo (√), fi miseensa kaffaluu hin dandeenyeef “harka qalleeyyii” 13
jedhamee mallattoon (√) ni taasifama
Haala Unkaan Iyyannoo ...
6. Miseensichi unka iyyannoo kana guutuu isaatiif bakka qophaa’e
irratti ni mallatteessa
7. Dameen IFH gandaa unka iyyannoo miseensummaa kooppii lamaan
qophaa’ee dhiyaate kana walitti qabuudhaan kooppii tokko gara
dhaabbata IFH aanaa/magaalaatti yeroo dabarsu sirrii ta’uu isaa
chaappaa gandaatiin ni mirkaneessa
8. Kooppiin lammaffaa unka iyyannoo damee IFH gandaatti qindaa’ee
faayila keessa ni taa’a

14
Unka Iyyannoo Fooyya’iinsa Odeeffannoo Miseensummaa
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Unka Iyyannoo Fooyya’iinsa Odeeffannoo Miseensummaa
Dhaabbata IFH Aanaa/Magaalaa_____________
   
Ganda_____________
Maqaa Guutuu Miseensaa _____________ Lakk. Koodii miseensummaa IFH_____________
 
Tessoo
Walitti Dhufenya
Maqaa guutuu jijjiiramaaf Guyyaa
Lakk. Saala Umurii Miseensa waliin Sababa Iyyannoo
sababa ta’e Dhalootaa
Zooni Lakk.Manaa qaban

1              
2              
               
Kooppii lamaan kan guutamu፡- Kooppiin tokko gara aanaa/magaalaatti kan ergamu ta’ee kooppiin 2ffaa immoo faayyila gandaa keessatti olkaa’ama.
_____________
Mallattoo Iyyataa
   
Damee IFH Gandaatiin kan guutamu
   
Guyyaa Galmee _________________ Haala Kaffaltii:
Kaffalaa  
Harka
Qalleeyyii
       

15
Haala unka iyyannoo fooyya’iinsa odeeffannoo miseensummaa itti
guutamu
1. Miseensotni yeroo jijjiiramni maatii isaanii keessatti uumamu (fkn:
ijoollee dhalatte, du’a, guddifachaa fi kkf) unka iyyannoo
fooyya’iinsa odeeffannoo miseensummaa damee IFH gandaa irraa
fudhachuun kooppii lamaan ni guutu
2. Maatii miseensa keessaa jijjiiramaaf sababa namni ta’e maqaa, saala,
umrii, guyyaa dhalootaa, teessoo fi walitti dhufeenyi inni miseensa
wajjin qabu iddoo kanaaf qophaa’e irratti ni guutama
3. Sababa iyyannoo bo’oo jedhu jalatti nama haaraa kan “dhalate,
guddifame, du’aan kan adda ba’e, fuudhaa fi heerumaan kan of
danda’e fi kkf” jedhamee akaakuu jijjiiramichaatiin ni guutama
16
Haala unka iyyannoo fooyya’iinsa …
4. Dhimmootni dhuma gabatee kana jalatti ibsaman damee IFH
gandaatiin kan guutaman ta’a.
• Guyyaa galmee kan jedhu irratti dameen IFH gandaa guyyaa unka
iyyannoo kana fudhate harkaan guuta ykn chaappaa guyyaa qabuun
(fkn Amajjii 12, 2010) ni mirkaneessa.
• Haala kaffaltii iddoo jedhu irratti miseensa kaffalaa ta’aniif
“kaffalaa” jedhamee mallattoo (√) fi miseensa kaffaluu hin
dandeenyeef “harka qalleeyyii” jedhamee mallattoon (√) ni
taasifama.
5. Miseensichi unka iyyannoo kana guutuu isaa iddoo qophaa’e irratti
ni mallatteessa
17
Haala unka iyyannoo fooyya’iinsa …
6. Dameen IFH gandaa unka iyyannoo fooyya’iinsa odeeffannoo
miseensummaa kooppii lamaan qophaa’ee dhiyaate kana walitti
qabuudhaan kooppii tokko gara dhaabbata IFH aanaa/magaalaatti
yeroo dabarsu sirrii ta’uu isaa chaappaa gandaatiin ni mirkaneessa
7. Kooppiin lammaffaa unka iyyannoo kanaa damee IFH gandaatti
faayila kanaan dura baname waliin qabsiifamee akka taa’u ni
taasifama

18
Ragaa Kaffaltii Miseensotaa
 Miseensootni dhaabbata IFHtiif kaffaltii gosa laman raawwatu.
Isaaniis:
1. Kaffaltii galmee/ Haroomsaa fi
2. Buusii miseensummaa ti
 Kaffaltiin galmee miseensootni haaraa yeroo galmaa’an kan kaffalan
yoo ta’uu
 Buusiin miseensummaa miseensootni idiileedhaan waggaatti al-tokko
kan kaffalan ta’a

19
Ragaa Kaffaltii …
 Miseensootni kaffalaan buusii miseensumaa isaanii idileedhaan haala
gabatee yeroo dhaabbatichii beeksisuun kaffaluu qabu
 Dabaalataaniis miseensootni haaraan kaffaltii galmee kan tuuran
immoo kaffaltii haroomsaa kaffaluun isaan irraa eegama
 Miseensoota kaffaluu hin dandeenyeef immo kaffaltiin galmee fi
buusiin miseensummaa gama buulchiinsa aanaa/magaalaatiin fi Biiroo
Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiin lakkoofsa herreega baankii maqaa
dhaabbata IFHtiin banamee keessatti galii godhama

20
Buusii fi Kaffaltii Galmee Sassaabuu fi Dabarsuu

 Miseensootni kaffalaa buusii miseensumaa isaanii idileedhaan kan


kaffalan yoo ta’u miseensootni haaraan kaffaltii galmee kan tuuran
immoo kaffaltii haroomsaa ittii dabaluudhaan damee IFH gandaatiif
kaffalu
 Yeroo kaffaltii raawwatan hamma maallaqa kaffalaniif nagaheen galii
qixxee ta’e ni kennamaaf

21
Buusii fi Kaffaltii Galmee …
 Nagaheen galii sadarkaa gandaatti kooppii sadiin qophaa’ee haala
armaan gadiin raabsama
• Kooppiin duraa kaffalaaf kennama
• Kooppiin lamaffaa jildii irraa muramee dhaabbata IFH aanaa/magaalaaf
ergama
• Kooppiin sadaffaa jildii irraa osoo hin muramiin gara mana kuusa waajjira
eegumsa fayyaa aanaa/magaalaatti deebi’a
 Dameen IFH gandaa maallaqa miseensoota irraa sassaabamee yeroo
ji’a tokkoo keessatti herreega baankii maqaa dhaabbatichaan
banameetti galchuu qaba. Maallaqni sassaabamee kun qarshi 2000 ol
yoo ta’ee garuu, torban tokkoo keessatti galii gochuun irraa eegama
22
Buusii fi Kaffaltii Galmee …
 Dameen IFH gandaa maallaqa miseensoota irraa sassaabamee gara
herreega baankiitti osoo hin galchiin dura hojjetaa herreegaa
dhaabbata IFH aanaa/magaalaa waliin ta’uudhaan sirrumaa
herreegichaa ilaalanii mirkaneessuu qabu.
 Damee IFH gandaatiin maallaqni baankii galuuf qophaa’ee fi kan
nagahee galiin sassaabamee walqixa yoo ta’u baate hojjataan
herreegaa dhaabbata IFH sababa garaa garuummaan itti ummamee
adda baasuudhaan akka sirraa’uu gandicha ni beeksiisa.
 Garaagarumaan kun osoo hin siraa’iin torban tokkoo kan turu yoo
ta’ee waajjira bulchiinsa aanaa/magaalaatti beeksiisuun tarkaanfiin
akka fudhatamu ni taassisa. 23
Buusii fi Kaffaltii Galmee …
 Maallaqni Damee IFH gandaatiin sassabamee kun sirrummaan isaa
erga mirkanaa’ee baankiitti galee booda sanadoota herreegaa armaan
gadiitti ibsaman dhaabbata IFH aanaa/magaalaatti galchuu qaba:
• Maallaqnii baankii galuu isaaf nagahee olkeeyata baankii fi
• Nagahee galii kooppii 2ffaa
 Dhaabbatni IFH aanaa/magaalaa maallaqa dameen IFH gandaa galii
taassisee kanaaf nagahee galii xumuuraa/ moodeela 64 ni keenna.

24
Qabiyyee Nagahee Galii

Nagahee Gaalii

Haalli nagahee galii itti guutamu akka armaan gaditti ta’a:


 Nagahee kana irratti lakkoofsi seerii (kan maxxanfame) jiraachuu isaa
mirkaneessuu
 Guyyaa kaffaltii iddoo jedhurratti guyyaa kaffaltiin itti raawwatametu
guutama
 Maqaa ganda iddoo jedhu irratti maqaa ganda maallaqicha sassaabetu
guutama
25
Haalli nagahee galii itti guutamu …

 Maqaa kaffalaa iddoo jedhu irratti maqaa bulchaa maatiitu guutama


 Sababa kaffaltii bakka jedhuutti: miseensoota buuleeyyiif kaffaltii
haroomsa fi buusii miseensuma; miseensoota haaraaf kaffaltii galmee
fi buusii miseensummaa; kaffaltii sababa birootiif kaffalamu yoo
jiraate ibsamuu qaba.
 Hamma maallaqaa bakka jedhuutti gosa kaffaltiitin: Galmee/
haroomsa, Buusii fi kan biroottin adda baasuudhaan lakkoofsan
akkasumas hamma maallaqaa ibsamee ida’uun waliigali isa lakkoofsa
fi jechaan ni guutama

26
Haalli nagahee galii itti guutamu …
 Haala maallaqni itti sassaabame iddoo jedhu irratti maallaqa callaa
yoo ta’e mallattoo (√) fi kan biroos yoo jiraate mallattoo (√)
gochuun haali isaa ni ibsama.
 Bakka tajaajila kutaa herreegaa qofaaf jedhu keessatti koodiin
herreegaa, hammi deebiitii fi kireediitii ni guutama
 Bakka kan qopheessee fi mirkanneese jedhu irrattii hojjetaan dhimmi
ilaalu akka mallatteessu ni taasiiffamaa.

27
Galmee Hordoffii Miseensoota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
 Dameen IFH gandaa ragaalee miseensotaa fi maatii isaanii gara
aanaa/ magaalaatti qindeessee ergu irratti dabalataan sadarkaa
gandaatti galmee dhimma kanaaf qophaa’e irratti galmeessee
qabachuu qaba
 Galmeen kunis baay’ina miseensotaa, buusii fi haaroomsa
miseensummaa hordoofuuf kan gargaaruudha
 Qabiyyeen galmee hordoffii miseensotaa inshuraansii fayyaa
hawaasaa akka armaan gadiitti dhiyaate jira

28
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Galmee Hordoffii Miseensota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

Dhaabbata IFH Aanaa/Magaalaa________________ Ganda _______________

Buusii waggaa
Teessoo Baay’ina (Qar.)
Maqaa Koodii Kaffaltii
Lak Guyyaa Zooni/ Maatii Guyyaa
Guutuu Saala Umrii Miseensum Galmee
k. Dhalootaa Lakk.Ma Miseens Galmee
Miseensaa maa (Qar.)
naa aa
2009 2010 2011 2012 2013

                           
 

                           
 

                             
29
Haala galmeen hordoffii miseensota IFH itti qophaa’u

 Maqaa guutuu miseensaa iddoo jedhutti maqaan guutuu bulchaa


maatii ni guutama.
 Saala,umrii, bara dhalootaa, teessoo iddoo jedhu jalatti akkuuma
tartiiba isaatti ragaan ni guutama
 Baay’ina maatii iddoo jedhu jalatti baay’ina maatii waliigalaatu
guutama.
 Guyyaa galmee iddoo jedhu jalatti guyyaa miseensii itti galmaa’eetu
guutama

30
Haala galmeen hordoffii miseensota IFH itti qophaa’u

 Koodii miseensummaa iddoo jedhu jalatti yeroo waraqaa eenyummaa


miseensummaa dhaabbata IFH aanaa/magaalaa qopha’u koodiin
miseensichaaf kenname ni guutama.
 Kaffaltii galmee iddoo jedhu jalatti miseensichii yeroo jalqabaatiif
galmaa’u maallaqa kaffaltii galmeef kaffaletu guutama.
 Buusii waggaa iddoo jedhu jalatti miseensii bara baraan buusii
miseensuumaa kaffalutu guutama.

31
Waraqaa Eenyummaa Miseensummaa Kennuu

 Miseensi inshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu miseensummaa isaa kan ibsu


waraqaan eenyummaa ni kennamaaf
 WEM miseensota yeroo jalqabaaf galmaa’anii kaffaltii galmee fi buusii
miseensummaa kaffalaniif kennama
 WEM argachuuf miseensotni suuraa maatii isaani dhunfaadhaan ykn gareedhaan
ka’uudhaan dhiyeesu qabu
 WEM maqaa bulchaa maatiitiin kan qophaa’u ta’ee maatii miseensicha jala bulan
huundaafu wal-qixa tajaajila
 Dameen IFH sadarkaa gandaa ragaa miseensotaa fi maatii isaanii WEM irratti
gutudhaan lakkoofsa addaa fi chaappadhaan akka mirkanaa’uuf gara dhaabbata IFH
aanaatti/magaalaatti ni erga; yeroo mirkanaa’ee deebi’u ni raabsa; ni haroomsa
32 WEM
Haala Gabaasni IFH Itti Dhiyaatu

 Kutaan kuni gabaasaaleen barbaachisoo ta’an akkamitti akka


qopha’anii fi qaama dhimmi ilaaluuf dhiyaatan kan agarsiisu dha
 Gabaasni IFH sadarkaa ganda irraa kaasee gara aanaa; godinaa;
naannoo fi feederaalaatti qophaa’u qaban ji’a fi kurmaanaan
qaama dhimmi ilaaluuf akkaataa itti darbuu qaban kan ibsu ta’a

33
Gabaasa Ganda Irraa Aanaaf Dhiyaatu

 Gabaasni ganda irraa gara aanaa darbu qaban:


1. Ragaa miseensootaa fi maatii isaanii: UIM + UIFOM
2. Ragaa kaffaltii galmee fi buusii miseensummaa: NG Koppii
2ffaa + NOB

34
Gabaasa Ganda Irraa Aanaaf Dhiyaatu

Ragaa Miseensootaa Fi Maatii Isaanii


 Ragaan kun unka iyyannoo miseensummaa akkasumaas
jijjiiraamni maatii keessatti yoo umaamu unka iyyannoo
foyya’iinsa odeeffannoo miseensootan guutamanii yeroo
dhiyaatan gandichi dhaabbata IFH aanaattiif kan dhiyeessu dha

35
Gabaasa Ganda Irraa Aanaaf Dhiyaatu

Ragaa Kaffaltii Galmee fi Buusii Meseensummaa


 Gandi maallaqa galmee/haroomsa fi buusii miseensoota irraa
sassabame gara herreega baankii dhaabbata IFHtti galii
gochuudhaan sanadoota herregaa armaan gadii dhaabbata IFH
aanaatiif dhiyeessa:
• Baankiitti kan ittiin gale nagahee olkeeyata baankii fi
• Miseensoonni kaffaltii yeroo raawwatan kan kuutaman nagaheewwan
galii koppii 2ffaa

36
Gabaasa Aanaa Irraa Godinaaf Dhiyaatu
 Gabaasni aanaa irraa godinaaf dhiyaatu galmeewwan sadarkaa
aanaatti gurmaa’aanii qabaman ragaawwan gosa sadi irratti kan
hunda’u ta’a:
Beneficiaries
• Ragaa miseensootaa Database

Contributions
• Ragaa kaffaltii fi Database

Utilization
• Ragaa ittifayyadama tajaajila fayyaa dha Database

 Gabaasni IFH ji’aa ji’aan fi kurmaana kurmaanaan kan dhiyaatu ta’a


37
Gabaasa Aanaa Irraa Godinaaf Dhiyaatu

1. Gabaasa Horannaa fi Buusii Miseensootaa


 Qabiyyeen gabaasa ji'aa horannaa fi buusii miseensootaa dhaabbata
IFHtiin qopha’ee godinaaf dhiyaatu waa’ee miseensoota kaffala fi
harkaqalleeyyi haaraa galmaa’an fi miseensummaa isaani haroomsan
akkasumas waa’ee buusii miseensa kaffalaa irraa sassabame baankii
gale kan illaalatu ta’a.

Gabaasa Horannaa
fi Buusii Miseensootaa

38
Gabaasa Aanaa Irraa Godinaaf Dhiyaatu
2. Gabaasa Galii Dhaabbata IFH
 Qabiyyeen gabaasa galii dhaabbata IFHtiin qopha’ee godinaaf
kurmaanaan dhiyaatu ragaa buusii miseensoota (kaffaltii galmee/
haroomsa dabalaatte), ragaa deeggarsaa aanaa, naannoo fi fedaraala
akasumas galiiwwan madda adda addaa irraa argamu kan hammatu
ta’a.
 Galiiwwan adda addaa kan qabatu adabbii, kenna gargaartota irraa fi
toftaa addaa addaatiin galii argamu

Gabaasa Galii
Dhaabbata IFH
39
Gabaasa Aanaa Irraa Godinaaf Dhiyaatu
3. Gabaasa Itti Fayyadama Tajaajila Fayyaa
 Qabiyyeen gabaasa itti fayyadama tajaajila fayyaa dhaabbata IFHtiin
qopha’ee godinaaf kurmaanaan dhiyaatu ragaa itti fayyadama tajaajila
fayyaa miseensoonni fi maatiin isaani argatani fi maallaqa dhaabbilee
fayyaatiif kaffalame kan illaalatu ta’a.

Gabaasa Itti
Fayyadama Tajaajila Fayyaa

40
41
Managing CBHI Records
CBHI Schemes Filing System: Hard
Copy
Soft Copy 1 Members Application Forms: Paying and indigent
2 Model 64, Bank Credit Advice, Second Copy of
• Use a copy when you want to analyze Receipt Vouchers
3 Reimbursement Claim Sheets: Health Facilities
• Back up documents/ Databases regularly 4 Second Copy of Payment Vouchers, Original copy
of receipt voucher from HFs/ Cash transfer advice,
Bank transfer letter

Hard Copy 5 Bank Statements


6 Work plans
• Organize documents by project requirements
7 Reports
• Arrange chronologically: latest on the top 8 Contract Agreements
9 Minutes
42
10 Guidelines
GALATOOMAA!

43

You might also like