You are on page 1of 36

QAJEELFAMA SIRNA INSHURAANSII

FAYYAA HAWAASAA

HOJIIRRA OOLCHUUF BIIROO EEGUMSA FAYYAA


OROMIYAATIN BAHE

Onkololessa 2009
Finfinnee
Contents
Qajeelfama Sirna Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Hojiirra Oolchuuf Biiroo Eegumsa Fayyaa
Oromiyaatin Bahe ................................................................................................................................... 1
KUTAA TOKKO ......................................................................................................................................... 2
Tumaalee Waliigalaa ........................................................................................................................... 2
1. Mata Duree Gabaabaa ............................................................................................................ 2
2. Hiika ........................................................................................................................................ 2
3. Ibsa Koorniyaa ......................................................................................................................... 3
4. Daangaa Raawwatiinsaa ......................................................................................................... 3
5. Kaayyoo ................................................................................................................................... 3
KUTAA LAMA........................................................................................................................................... 4
Hundeeffamaa fi Dhimmota Ijoo Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa .................................................. 4
6. Haala Hundeeffama Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ............................................ 4
7. Miseensummaa ...................................................................................................................... 4
8. Buusii, Kaffaltii Galmee fi Haaromsa Miseensummaa .......................................................... 5
9. Gosawwan Tajaajila Fayyaa Miseensotaaf Hayyamaman .................................................... 6
10. Tajaajilaawwan Fayyaa Dhaabbatichaan Hin Hammatamne ........................................... 8
11. Yeroo Turmaataa ................................................................................................................ 8
KUTAA SADII ............................................................................................................................................ 9
Hundeeffama fi Gurmaa’insa Dhabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa/maagaalaa ............. 9
12. Hundeeffama Yaa’ii Waliigalaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa/Magaalaa ......... 9
13. Miseensota Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa/Magaalaa .......................... 10
14. Hundeeffama fi Gurmaa’insa Dhaabbata Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa
Aanaa/Magaalaa .......................................................................................................................... 10
15. Gurmaa’iinsa Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Gandaa................. 11
KUTAA AFUR ......................................................................................................................................... 12
Haala Hoggansa Dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa fi Itti gaaffatammummaa Qaamoolee
adda addaa........................................................................................................................................ 12
16. Koree Qindeessituu Inshuransii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Naannoo ......................... 12
17. Gahee Hojii Koree Qindeessituu Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Naannoo ................... 12
18. Gahee Hojii Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa ............................................................... 13
19. Gahee Hojii Ejansii Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaatii Qindeessaa Damee Naannoo
Oromiyaa ...................................................................................................................................... 14
20. Miseensoota Koree Qindeessituu Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Godinaa.. 14
21. Gahee Hojii Koree Qindeessituu Sadarkaa Godinaa ....................................................... 15

i
22. Gahee Hojii Garee Hojii/yuuniitii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Godinaa .. 15
23. Gahee Hojii Damee Eejansii Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa kilaastara Godinaa ......... 16
24. Gahee Hojii Yaa’ii Waliigala Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa ............................... 17
25. Gahee Hojii Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa ............................................ 17
26. Gahee Hojii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa ...................................... 18
27. Gahee Hojii Kaabinee Gandaa ......................................................................................... 19
28. Gahee Hojii Damee Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Gandaa .......................... 19
KUTAA SHAN ......................................................................................................................................... 21
Sirna Kenniinsa, ittifayyadama fi Qulqullina Tajaajila Fayyaa ........................................................... 21
29. Kenniinsa fi Ittifayyadama Tajaajila Fayyaa .................................................................... 21
30. Sirna Ergiinsa fi Simannaa Dhukkubsataa ....................................................................... 21
31. Dhaabbilee Fayyaa Wajjin Waliigaltee Uumuu ............................................................... 22
32. Too’annoo Kenniinsaa fi Qulqullina Tajaajila Fayyaa ..................................................... 22
KUTAA JAHA ......................................................................................................................................... 23
sirna bulchiinsaa fayinaansii dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ......................................... 23
33. Madda Galii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ................................................ 23
34. Deeggarsa Mootummaa................................................................................................... 23
35. Haala Waliitti Qabiinsa Galii ............................................................................................ 23
36. Baasii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa .......................................................... 24
37. Sirna Bulchiinsa Maallaqaa Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ........................ 24
38. Puulii Maallaqa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fi Fandii Ittiin Of Eeggannoo ............... 25
39. Qabiinsa Herreegaa fi Odiitii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ..................... 25
KUTAA TORBA ....................................................................................................................................... 27
Mirgaa fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa ....................................................................................... 27
40. Mirgaa fi Dirqama Miseensotaa fi Maatii Isaanii ............................................................ 27
41. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ...................................... 28
42. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbilee Fayyaa ............................................................................ 28
KUTAA SADDET ..................................................................................................................................... 29
Tumaalee adda addaa ....................................................................................................................... 29
43. Dambii Ittiin Bulmaata Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ............................... 29
44. Qajeelfamnii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa lakk. 11/2006 ba’ee ture qajeelfama
kanaan bakka bu’ee jira. .............................................................................................................. 29
45. Qajeelfama Fooyyessuu ................................................................................................... 29
46. Yeroo Qajeelfamni kun Itti Hojiirra Oolu......................................................................... 29

ii
Qajeelfama Sirna Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Hojiirra Oolchuuf
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatin Bahe

Inshuraansiin fayyaa hawaasaa jiraattoota baadiyyaa fi magaalaa ji’an hin mindeffamne kanneen
akka qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, daldalaa fi kan kana fakkaatangurmeessuudhaan, hawaasa
gidduutti waldeeggarsi akka Uummaamu taasiisuudhaan tajaajilla fayyaa lammii hunda biraan
gahuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Hawaasni tajaajila fayyaa yommuu barbaadu battalatti kaffaltii kiisii isaatii baasee kaffaluun
osoo isa hin barbaachisini fi baasii akkamaleef osoo hin saaxilamin tajaajila fayyaa barbaadu
argachuuf kan isa dandeessisu sirna inshuraansii fayyaa hawaasaa diriirsuun barbaachisaa ta’ee
waan argameef;

Tajaajila fayyaa qulqullina qabuu fi haqa qabeessa ta’e itti fufiinsaan hawasaaf kennuuf seektara
fayyaa faayinaansii gahaadhan deeggaruun barbaachisaa ta’ee waan argameef.

Akkaataa Dambii Lakk. 56/1997 Keewwata 41(1) tiinBiiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Qajeelfama kana baasee jira.

1
KUTAA TOKKO
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamnikun “Qajeelfama Sirna Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Hojiirra Oolchuuf
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatin Bahe”Lakk12/2009” jedhamee waamamuu ni
danda’a.

2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee qajeelfama kana
keessatti:

1. “Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa” jechuun dhaabbata bu’aadhaaf hin hundoofne ta’ee


namoota ji’aan hin mindeffamnefi sochiin hawaas-diinagdee isaanii ciminaan walitti
hidhamee fi walitti dhufeenya qaban kan haammatu dha.
2. “Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa” jechuun dhaabbata sadaarkaa aanaatti
hundeeffamu ta’ee hojiiwwan inshuraansii fayyaa hawaasaa guyyaa guyyaadhaan kan
raawwatu dha.
3. “Miseensa” jechuunbulchaa maatii buusii idilee fi baasii galmee ofiisaatiif kaffalatee ykn
qaamni sadaffaan kaffaleefiimiseensa dhaabbata inshuuransii fayyaa hawaasaa kanta’e
jechuudha.
4. “Ijoollee” jechuun miseensichi dhalootaan, guddifachaan ykn seeraan akka guddisu itti
gaafatamummaan kan keennameefiijoollee umriin isaanii waggaa 18 tii gad ta’e
kamiyyuu ni dabalata.
5. “Abbaa/ Haadha Manaa” jechuun miseensicha wajjin seeraan kan walfuudhan jechuu
dha.
6. “Bulchaa Maatii” jechuun maatii bu’uuraa fi maatii dabalataa mana tokko keessatti
nama bulchu jechuudha.
7. “Maatii Bu’uuraa” jechuun mana tokko keessa kan jiraatan haadhawarraa, abbaa
warraa fi ijoollee umriin isaanii waggaa 18 gadi kan ta’e akkasumas umriin isaa waggaa
18 ol ta’ee sababa miidhama qaamaatiin ykn sammuutiin of bulchuu kan hin
dandeenyejechuudha,“Maatii Dabalataa” jechuun miseensa maatii bu’uuraatiin ala kan
ta’ee fi galii miseensichaatiinmana tokko keessatti maatii waliin yoo xiqqaate ji’a sadiif
kan jiraate jechuudha.

2
8. “Fayyadamaa” jechuun bulchaa maatii, maatii bu’uuraa fi maatii dabalataa miseensa
dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’ee tajaajilaawwan fayyaa dhaabbatichaan
kennaman argachuuf mirga kan qabu jechuudha.
9. “Dhaabbata Fayyaa” jechuun dhaabbata fayyaa mootummaa fi dhuunfaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa waliin tajaajila fayyaa kennuuf waliigaltee seene
jechuudha,
10. “Sirna Ergiinsa fi Simannaa Dhukkubsataa” jechuun sirna dhukubsataan dhaabbata
fayyaa tokko irraa gara dhaabbata fayyaa sadarkaa ol’aanaatti ergamuu fi simatamu
jechuu dha.
11. “Kaffaltii Sirna Erginsaa fi Simannnaa Dhukkubsataa Cabsuu” jechuun fayyadamaan
tokko fedhii mataa isaatiin sirna erginsa dhukkubsataa cabsuudhaan dhaabbata fayyaa
sadarkaa ol’aanaa itti aanuttti deemee yoo yaalamee argame baasii waliigaalaa tajaajila
fayyaaf baheherreguudhaan kallatiidhaan maallaqa callaatiin kan kaffalamu jechuu dha.
12. “Harka-Qalleeyyii” jechuun buusii fi kaffaltii galmee miseensummaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa mataa isaaniitiin kaffaluu kan hin dandeeyneeakkaataa
Labsii, Dambii fi Qajeelfama Kenninsa Tajaajila Fayyaa fi Bulchinsa Dhaabbilee Fayyaa
Oromiyaattin calalamanii kaffaltiin isaanii qaama sadaffaatiin kan uwwifamu jechuu
dha.
13. “Buusii” jechuun maallaqa bulchaan maatii miseensummaaf waggaatti dhaabbata
Inshuraansii Fayyaa Hawaasaatiif kaffalu jechuudha.

3. Ibsa Koorniyaa
Jechikoorniyaadhiiraatiin qajeelfama kana keessatti ibsame dubartiis nidabalata.

4. Daangaa Raawwatiinsaa

Qajeelfamni kunaanaalee fi bulchiinsa magaalootaaNaannoo Oromiyaa keessatti argaman


hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata

5. Kaayyoo
Kaayyoon qajeelfama kanaa sirna raawwii Inshuraansii fayyaa hawaasaa aanalee fi magaaloota
hunda keessatti haala walfakkaatuun hojiirra oolchuudhaan hawaasa naannichaa fayyadamaa
taasisuufi.

3
KUTAA LAMA
Hundeeffamaa fi Dhimmota Ijoo Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
6. Haala Hundeeffama Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa osoo hin hundeeffamin dura hawaasni


dhimma kana irratti hubannoo gahaa argachuu qaba.

2. Dhaabbatniinshuraansii fayyaa hawaasaa kan hundeeffamu sadarkaa aanaa ykn


magaalaatti ta’ee sadarkaa gandaatti damee ni qabaata.
3. Dhaabbatniinshuraansii fayyaa hawaasaaaanaa/magaalaa hundaa’uu kan danda’u
buulchaa maatii miseensa ta’uu qabukeessaa yoo xiqqaate %50 yoo galmaa’an qofa
dha.
4. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa yaa’ii waliigalaatiin ni hundeeffama.
5. Dhaabbatni Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa tokkoon tokkoon isaa yaa’ii waliigalaatiin
kan mirkanaa’u dambii ittiin bulmaataa ni qabaata.

6. Dambiin ittiin bulmaata inshuraansii fayyaa hawaasaa bahu qajeelfama kana wajjin
walfaalleessuu hin qabu.

7. Maqaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa maqaa aanaa/magaala tiin kan


moggaafamu ta’a.
8. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa asxaa mataa isaa qabaachuu ni danda’a.
9. Teesson dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasa bulchiinsa magaalaa yookanmagaalaa
teessoo bulchiinsa aanaa keessa ta’a.

7. Miseensummaa

1. Miseensummaan inshuraansii fayyaa hawaasa sadarkaa gandaatti kan murtaa’u


jiraattootni marii taasisan irratti murtii sagalee caalmaan kennaniin ta’a.
2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee gandaa
murtiin miseensummaa darbee keessatti jiraattotni ganda sanaa hundi miseensa ni
ta’u;
3. Miseensummaan inshuraaansii fayyaa hawaasaadhuunfaadhan osoo hin ta’iin bulchaa
maatiitin ta’a.
4. Miseensiinshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu buusii fi kaffaltii galmee kaffaluu qaba;

4
5. Galmee fi haaroomsi miseensummaa waggaatti yeroo tokko qofa ta’ee yeroon isaas
yeroo Oomisha aaniichaa irratti kan hundaa’u ta’e ji’a Mudde 1 hanga Guraandhala 30
gidduutti ni ta’a;
6. Miseensi inshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu miseensummaa isaa kan ibsu waraqaa
eenyummaa ni kennamaaf;
7. Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee,
namootni harkaqalleeyyii ta’anii calalaman kaffaltii qaamni sadaffaa raawwatuun
miseensa inshuuraansii fayyaa hawaasaa ni ta’u.
8. Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 jaaltti kan tumame raawwatiinsa kan qabaatu
calalliin harka qalleeyyii akkaataa Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Fayyaa fi Bulchiinsa
Dhaabbilee Fayyaa foyya’e lakk 08/2007 kuutaa afur keewwata 42 hanga 54 irratti
ibsameen ta’a.
9. Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalatti kan tumame akkuma eegametti
ta’e,harkaqalleeyyiin miseensa inshuuraansii fayyaa hawaasaa kan ta’an:
a. Ulaagaa calallii harkaqalleeyyii aanaa/magaalaa guutee yoo argame,
b. Koree calallii gandaatiin calalamee koree calallii sadarkaa aanaatiin/magalaatiin
yoo mirkanaa’e,
c. Tarreeffamni bulchaa maatii harka qalleeyyii ta’anii calalaman bulchiinsa
aanaa/magaalaatiin mirkanaa’e gara dhaabbata inshuraansii fayyaa
hawaasaaaanaa/magaalaatti yoo darbe,
d. Baajatni miseesummaaf barbaachisu naannoo fi bulchiinsaaanaa/magaaalaatiin
bulchaa maatii harkaqalleeyyii calalaman tokko tokkoof yoo ramadame,

8. Buusii, Kaffaltii Galmee fi Haaromsa Miseensummaa

1. Buusiin miseensummaa bulchaa maatii tokkoof waggaatti:-


a. Aanaa baadiyyaa fi buulchiinsa magaalaa ittiwaamanii isaa aanaa sanaaf ta’e
keessattiqarshii 240 (Dhibba lamaa fi afurtama)
b. Bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaanii godinaa fi naannoof ta’e keessatti
hangi buusii qorannoo taasifamu irratti hundaa’ee ni murtaa’a.
2. Miseensi kamiyyuu yeroo jalqaba galmahu kaffaltii galmee qarshii 10(kudhan)kan
kaffalu ta’eehaaromsa miseensummaatiif qarshii 5 (shan) kaffaluu qaba.
3. Kaffaltiin galmee fi haaromsa waraqaaa eenyummaa, nagahee fi maxxansa adda addaaf
ni oola;
4. Hangi buusii miseensummaa baayyina maatii bu’uuraa yaada keessa osoo hingalchin
haala walfakkaatun bulchaa maatiitin ta’a;
5
5. Buulchaan maatii haadha manaa lamaa fi isaa ol qabu buusii idilee waggaatti bulchaa
maatiif murta’e irrattiidabalataanii% 50 kaffalee miseensa ni taasisa.
6. Bulchaan maatii maatii dabalataa fayyadamaainshuraansii fayyaa hawaasaa taasisuu
yoo barbaade,kaffaltii buusii bulchaa maatiif murtaa’e kessaa waggatti nama tokko
tokkotti buusii dabalataa %20 (dhibbanta digdama) kaffaluu qaba
7. Bulchaa maatiiharkaqalleeyyii ta’efmootummaan ykn qaamni sadaffaa maqaa isaatiin
kaffalee miseensa ni taasisa.
8. Maallaqni galmee miseensummaa fi buusii walitti qabamu fi galii kan biroo irraa
argamu kamiyyuu lakkoofa herreega baankii maqaa dhaabbata Inshuraansii Fayyaa
Hawaasatiin baname keessatti kuufamuu qaba.
9. Maallaqni ganda irraa sassaabame yeroo torban lamaa hin caallee keessatti gara
baankiitti galuu qaba.
10. Maalaqni buusii miseensummaa irraa sassaabamu kaffaltii tajaajila fayyaa miseensotni fi
maatiin isaanii argataniif oola.

9. Gosawwan Tajaajila Fayyaa Miseensotaaf Hayyamaman

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa tajaajilawwan fayyaa ifatti adda bahanii


beekkaman miseensotni fi maatiin isaanii akka aragatan ni taasisa;
2. Miseensotni fi maatiin isaanii sirna ergiinsaa fi simannaa dhukkubsataa hordofuudhaan
tajaajila fayyaa dhaabbilee fayyaa waliigalteen waliin mallatteeffame hunda irraa
argachuu ni danda’u;
3. Tajaajilli fayyaa sadarkaa buufata fayyaa fihospitaalatti miseensotaa fi maatii isanitiif
kennamu waliigaltee dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa waliin taasisaniin ta’a.
4. Gosni tajaajila fayyaa miseensotainshuuraansii fayyaa hawaasaatiif kennaman kan
armaan gaditti tarreeffaman ta’u:-
a. Tajaajila deddeebi’anii yaalamuu;
b. Tajaajila ciisanii yaalamuu;
c. Tajaajila baqaqsaanii yaaluu;
d. Tajaajila qorichaa;
e. Tajaajila qorannoo adda addaa ogeesota fayyaatiin ajajaman (kan akka
laboratorii, imeejingiifi, kkf)
f. Tajaajiloota biroo waliigaltee keessatti hammataman;
5. Tajaajilli fayyaa kennamu guddinaafi humna faaynaansii dhaabbatichaa fi fedhii
miseensotaa bu’uura godhachuudhaan yeroodhaa gara yerootti fooyya’uu ni danda’a.

6
7
10. Tajaajilaawwan Fayyaa Dhaabbatichaan Hin Hammatamne

Tajaajilaawwan fayyaa dhaabbatichaan hin hammatamne akka armaan gadiitti ibsamanii jiru

1. Bittaa manatsirii ijaa fi leensii; haata’u malee daa’imman umriin isaanii waggaa shanii
gadi ta’e dhorkaan kun kan ilaallatu miti.
2. Ilkaan nam- tolcheen dhaabisisuu fi sirreessuu akkasumaas yaalii ruutkanaalii sabaaba
infeekshinii irraa kan hafe yaalii ruutkanaalii kamiyyuu
3. Balaa adda addaa qaama seeraa biraatiin uwwifaman fi tajaajilaawwan fayyaa kaffaltii
malee akka kennaman mootummaan heyyamaman;
4. Tajaajila baasii geejjibaa
5. Yaalii dhibee kalee hanga ji’a sadii irraa kan hafee tajaajila yaalii dhibee kalee
hammaataa (Chronic dialysis) kamiyyuu;
6. Tajaajila yaalaa biyya alaatti kennamu kamiyyuu;
7. Qaama nam-hojjeteen bakka buusuu;
8. Baqaqsa miidhaginaaf jedhamee gaggeeffamu;
9. Rakkoo sababa qoricha sammuu adoochuu fudhachuun dhaqqabeef tajaajila yaalaa
kennamu;
10. Meeshaalee yaalaa dandeettii dhagahuu dabalan bituu;

11. Yeroo Turmaataa

1. Miseesotnii fi maatiin isaanii inshuraansiin fayyaa hawaasaa erga hundaa’ee booda


galmaa’an tajaajila fayyaa argachuuf yeroo turmaataa eeguu qabu.
2. Yeroon turmaataa miseensichii erga galmaa’ee jalqabee yoo xiqqaate ji’a tokkoof ta’a.
3. Miseensootni miseensumma addaan kuutanii deebi’aanii yoo miseensa ta’an tajaajila
fayyaa argachuudhaaf yeroo turmaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti
ibsame eeguu qabu.

8
KUTAASADII
Hundeeffamafi Gurmaa’insa Dhabbata Inshuraansii Fayyaa
HawaasaaAanaa/maagaalaa
12. HundeeffamaYaa’ii WaliigalaaInshuraansii Fayyaa
Hawaasaa Aanaa/Magaalaa

1. Yaa’iin waliigalaa inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa


aanaa/magaalaattiolaanaantummaadhaan qaama murtee kennuu dha.
2. Yaa’iin waliigalaa inshuraansii fayyaa hawaasaa hirmaannaa miseensoota ganda irraa
filataman fi sekteroota mootummaa dhimmi ilaalu irraa walitti dhufaniin kan
hundeeffamu ta’a.
3. Yaa’iin waliigalaa inshuuraansii fayyaa hawaasaa miseensota armaan gadii ni qabaata:
a. Bulchaan aanaa/Kantiibaa -----------------------------------------------------Walitti qabaa
b. Ittigaafatamaa waajjira eegumsa fayyaa -------------------------------------Miseensa
c. Ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi walta’iinsa Diinagdee – ------------Miseensa
d. Ittigaafatamaa Waajjira Dhimma Dubartoota fi Daa’immanii -----------Miseensa
e. Ittigaafatamaa Waajjira Dhimma Koominikeeshiinii Mootummaa ------Miseensa
f. Ittigaafatamaa Waldaa Dubartootaa – ---------------------------------------Miseensa
g. Ittigaafatamaa Waajjira Dhimma Hawaassummaa – -----------------------Miseensa
h. Qindeessaa Dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa----------------------Miseensa
i. Bakka bu’oota miseensotaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa damee ganda tokko
tokko irraa nama 2- Miseensa Bulchiinsa magaaloota keessatti bakka bu’ootni
yaa’ii waliigalaa ganda tokko irraa namoota 5-7 ta’uu danda’a.
j. Bulchaaleen gandoota miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’an------Miseensa.
4. Barri hojii yaa’ii waliigalaa waggaa sadii dha.
5. Yaa’iin waliigalaa waggaatti al tokko kan adeemsifamuu ta’ee murteen kennamu
sagalee caalmaatiin ta’a.
6. Yaa’iin waliigalaa yeroo jalqabaaf taasifamu hundeeffama dhaabbata Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaa aanaa ni mirkaneessa.
7. Dambiin ittiin bulmaata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa aanaa yaa’ii waliigalaa jalqabaa
kanaan kan nimirkanaa’u ta’a.
8. Yaa’ii waliigalaa hunda irratti qaboon yaa’ii qabamee dookumantii ta’uu qaba.

9
13. Miseensota Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
Aanaa/Magaalaa

1. Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa sadarkaa aanaa/magaalaattii kan hundaa’u ta’ee


miseensota armaan gadii ni qabaata:
a) Bulchaa aanaa/Kantiibaa Walitti qabaa;
b) I/gaafatamaa waajjira eegumsa fayyaa Miseensa;
c) I/gaafatamaa waajjira maallaqaa fi walta’iinsa diinagdee Miseensa;
d) I/gaafatamaa waajjira dhimma dubartoota fi daa’immanii Miseensa;
e) I/gaafatamaa waajjira dhimma kominikeeshiinii mootummaa Miseensa;
f) Miseensota yaa’ii waliigalaa keessaa kan filataman nama 3 Miseensa;
g) Qindeessaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa Barreessaa
2. Ittiwaamamni boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa yaa’ii waliigalaa fi Bulchiinsa
Godinaatiif/kantiibaa magaalaatiif ta’a.
3. Namoota seketeroota mootummaa irraa bakka bu’aniin ala barri hojii miseensoota
boordii waggaa sadii ta’ee irra deebi’anii yeroo tokko qofaaf filatamuu ni danda’u.
4. Walgahiin idilee boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa kurmaana kurmaanaan ni
gaggeeffama.

14. Hundeeffama fi Gurmaa’insa Dhaabbata Inshuuraansii


Fayyaa Hawaasaa Aanaa/Magaalaa

5. Aanaa/Bulchiinsa magaalaa sadarkaa aanaa qabu tokko keessatti dhaabbata


inshuraansii fayyaa hawaasaa tokko qofatu hundeeffama.
6. Bulchiinsa magaalaa baayyinni bulchaa maatii isaanii 5,000 gadi yoo ta’e aanaa
naannawaa isaanii jiru waliin gurmaa’uun dhabbata inshuuraansii fayyaa hawaasaa
hundeessuu ni danda’u.
7. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee hoggansi
hojii, bulchiinsaa fi adeemsa sochii hojii dhabbatichaa kan raawwatamubakka bu’oota
bulchiinsa magaalaafi aanaa nannawaa sanaa waliin qindoominaan ta’a.
8. Hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa idileedhaan kan hojjetamu
hojjettoota afur (4) dhaabbataan qaxaramaniin.
9. Akaakuun ogummaa hojjetoota dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa ogeessa
fayyaa, hojjetaa herreegaa fi hojjetaa ragaa lama kan hammatu ta’a.
10. Qaxaarrii fi kaffaltiin miindaa hojjettoota dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan
raawwatamu waajjiira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaatiin ta’a.

10
11. Caasaan fi guddinni sadarkaa hojjettota inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa Biiroo
Pablik Sarvisii Oromiyaatiin kan mirkanaa’ee fi muuxannoo hojii fi qophii barumsaa
yaada keessa kan galche ta’uu qaba.
12. Mindaa fi faayidaalee ogeessota fayyaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaa/magaalaa akkaataa iskeelii miindaa hojjeettoota eegumsa fayyaatiin ta’a.

15. Gurmaa’iinsa Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa


HawaasaaSadarkaa Gandaa

1. Dameen dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa gandaatti ni


hundeeffama.
2. Dameen dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa gandaa kan hogganamu
kaabinee gandaatiin ta’ee hojiin idiilee guyyaa guyyaadhaan hojjatamuu bulchaa gandaa,
hojjettuu eksiteenshiinii fayyaa fi manaajeragandaatiin kan raawatamu ta’a.

11
KUTAA AFUR
Haala Hoggansa Dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa fi Itti
gaaffatammummaa Qaamoolee adda addaa
16. Koree Qindeessituu Inshuransii Fayyaa Hawaasaa
Sadarkaa Naannoo

1. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa naannootti olaantummaan kan


hogganu koreen qindeessituu inshuraansii fayyaa hawaasaa naannootiin ta’a.
2. Miseensotni koree qindeessituu sadarkaa naannoo kanneen armaan gaditti
ibsaman ta’a.

a) I/G Waajira Pirazadaanti Mootummaa Nanno Oromiyaa Walitti qabaa;


b) I/G Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa I/A walitti qabaa;
c) Qindeessaa IFH Birro Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Barreessaa
d) I/G Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee Oromiyaa Miseensa;
e) I/G Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Miseensa;
I/G Biiroo Dhimma Koominikeeshiinii Mootummaa Oromiyaa Miseensa;
f) I/G Biiroo Dhimma Hawaasummaa Oromiyaa Miseensa;
g) Qindeessaa Damee Naannoo Ejansii Inshuraansii Fayyaa Miseensa;
Itoopiyaa

17. Gahee Hojii Koree Qindeessituu Inshuraansii Fayyaa


Hawaasaa Naannoo

1. Naannicha keessatti hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee kallattii ni kaa’a,


ol’aantummaan ni hoggana.
2. Qajeelfama kana irratti hunda’ee haala inshuraansii fayyaa hawaasaa itti gurmaa’u:
miseensummaa, buusii miseensummaa fi paakeejiin faayidaalee haala qabatamaa
naannoo wajjin ilaaluudhaan murtii ni dabarsa, hojiirra ooluu isaa ni hordofa.
3. Karoora babal’insa inshuraansii fayyaa hawaasaa naannichaa qopheessudhaan Waajjira
Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif ni dhiheessa, yeroo mirkanaa’u
hojiirra akka oolu ni taasisa, ni hordofa, ni gamaaggama.
4. Bayyina uumata naannoo keessaa harkaqalleeyyiin hangam akka ta’an ni murteessa.

12
5. Baajata hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessuuf fi deeggarsa harkaqalleeyyiif
barbaachisu akka ramadamu kalatti ni dabarsa, yeroo hayyamamus hojii irra ooluu
isaa ni hordofa.
6. Tooftaa galiin dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa ittiin argamu ilaalchisee kallattii
ni kaa’a; hojiirra ooluu isaa ni hordofa.
7. Sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee hawaasni naannichaa hubannoo akka
argatu hojiiwwan raawwataman ni deeggara, ni hordofa.
8. Muuxannoo fi barnoota hojiirra oolmaa yaalii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa irraa
argame akka qindaa’u ni taasisa, muuxannoo argame irratti hunda’udhaan yaadaa
foyya’iinsaa mootummaa naannichaatiif murteef ni dhiheessa.

18. Gahee Hojii Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

1. Biiroo eegumsa fayyaa keessatti gareeinshuraansii fayyaa hawaasaa qindeessuu


fi deeggaruni gurmeessa, humna namaa, meeshaaalee fi kutaa hojii barbaachisu
hunda ni guuta.
2. Kallattii koreen qindeessituu inshuraansii fayyaa hawaasaa naannoo irraa
kennamu bu’uura gochuudhan namoota harkaqalleeyyii ta’aniif baajatni akka
ramadamu fi deeggarsi maallaqaa akka taasifamu ni taasisa.
3. Qaamootni seektara fayyaa sadarkaa adda addaa jiran hojii inshuraansii fayyaa
hawaasaa akka hojii ijoo tokkootti fudhatanii qabxii gamaaggamaa akka
taasisan ni godha.
4. Hawaasa keessatti sochiin hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa raayyaa
misooma damee dubartootaa fi hojjettoota ekisteenshiinii fayyaatiin akka cimu
ni taasisa.
5. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa
qulqullinaa fi gahumsa qabu akka argatan ni taasisa, argachuu isaaniis ni
mirkanneessa.
6. Dhaabbileen fayyaa naanicha keessatti argaman tajaajila fayyaa qulqullinaa fi
gahumsa qabu miseensootainshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatii isaaniitif
kennuu isanii ni hordofa, bakka rakkoon jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni
fudhata.
7. Bulchiinsi Aanaa/magaalaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif baajata
hojii gaggeessituu ramaduu isaanii ni hordofa.
8. Hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa qaama hordoffii qindaahaa naannoo keessa
galee akka raawwatamu ni taasisa.
13
9. Sirna qabiinsa ragaa inshuransii fayyaa hawaasaa ni diriirsa hojii irraa akka oolu
ni taasiisa.
10. Gabaasa raawwii hojii inshuuraansii fayyaa hawaasaa qindeessudhaan qaama
naannoo fi federaalaa dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa.

19. Gahee Hojii Ejansii Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaatii


Qindeessaa Damee Naannoo Oromiyaa

1. Koree qindeessituu naannoo fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa wajjin


tahuudhan, hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa naannichaa ni hojjata.
2. Dameewwan Ejansii Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa naannicha keessatti
argaman hojii hojjatan ni qindeessa, ni hordofa.
3. Dhimmaamtoota adda addaa naannicha keessatti argamaniif waa’ee
inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti leenjii ni kenna.
4. Gabaasa raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa naannichaa Biiroo Eegumsa
Fayyaa waliin tahuudhan qopheessee qaama dhimmi ilaaluuf akka darbu ni
taasisa.
5. Naannichaa keessatti hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee dhimmoota
xiyyeeffaannoo addaa barbaadan adda baasudhaan qaama naannoo dhimmi
ilaaluu fi waajjira ol’aanaa Eejansiichaaf ni dhiheessa.
6. Inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee sochii naannicha keessatti gaggeeffamu
ni hordofa.

20. Miseensoota Koree QindeessituuInshuraansii Fayyaa


HawaasaaSadarkaa Godinaa

1. Koreen qindeessituu inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa miseensota


armaan gadii ni qabaata:
a. Bulchaa godinaa……………………………………………….…Walittiqabaa
b. I/G Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaa………………………….Miseensa
c. I/G Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee Godinaa….……..Miseensa
d. I/G Waajjira Dhimma Daa’immaanii fi Dubartoota……………….Miseensa
e. I/G Waajjira Dhimma Kominikeeshiinii Godinaa ………………..Miseensa
f. I/G Waajjira Dhimma Hawaasummaa Godinaa …………………Miseensa
g. Qindeessaa inshuraansii fayyaa hawaasaa godinichaa……………Barreessa
h. I/G Damee Ejansii Inshuraansii Fayyaa Feedaraalaa

14
Godinicha keessatti argamu (Godinoota
Dameen Eejansiichaa keessatti argamuu) ……………………….Miseensa

21. Gahee Hojii Koree Qindeessituu Sadarkaa Godinaa

1. Kallattii fi tarsiimoo koreen qindeessituu naannoo kaahuun hojii inshuuraansii fayyaa


hawaasaa sadarkaa godinaatti ni hoggana, ni qindeessa, ni hordofa.
2. Karoora hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa ni mirkaneessa, raawwii
isaas ni gamaaggama.
3. Sosochii hojii hubaannoo uumuu inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa
ol’antummaan ni hoggana.
4. Godina keessatti miseensotni inshuraansii fayyaa hawaasaa sagantaa yeroo taa’e
keessatti galmaahuu isaanii ni hordofa.
5. Sadarkaa godinaatti garee hojii/yuuniittiiinshuraansii fayyaa hawaasaa waajjira eegumsa
fayyaa godinaa jalatti akka hundeeffamu ni taasisa, humna namaa, meeshaalee fi kutaa
hojii barbaachisun guutamuu isaa ni hordofa.
6. Dhaabbileen fayyaa godinicha keessa jiran miseensotaa fi maatii isaniitiif tajaajila fayyaa
qulqqullinaa fi gahumsa qabu akka kennaan haala ni mijessa.
7. Raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa ni gamaaggama,
rakkoolee mul’atan adda baasuun furmaata ni kenna.

22. Gahee Hojii Garee Hojii/yuuniitiiInshuraansii Fayyaa


HawaasaaSadarkaa Godinaa

Yuuniitiin inshuraansii fayyaa hawaasaa godinaa waajjira eegumsa fayyaa godinaa jalatti kan
gurmaa’u ta’ee gahee hojii armaan gaditti ibsaman ni qabaata.
1. Aanalee inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessaniif deeggarsa teeknikaa ni kenna, ni
hordofa.
2. Karoora hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa ni qopheessa, yeroo
mirkanaa’e hojii irra ni oolcha.
3. Aanaleen inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessan yeroo sagantaa baheen galmee fi
haaromsa miseensota akka taasisan ni hordofa.
4. Hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa haala karoorfameen raawwatamuu isaa yeroo
yeroon hordoffii fi deeggarsa ni taasisa.

15
5. Ragaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa godinaa fi aanaatti qindaa’ee akka
qabamu ni taasisa; qaama dhimmi ilaaluuf yeroon ni gabaasa.
6. Gabaasni raawwii hojii yeroo isaa eeggatee kaabinee godinaa fi naannootiif akka
dhiyaatu ni taasisa.
7. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa kan biroo Kaabineen godinaa fi Waajjira Eegumsa
Fayyaa Godinaatiin kennaman ni raawwata.

23. Gahee Hojii Damee Eejansii Inshuraansii Fayyaa


Itoophiyaa kilaastara Godinaa

1. Waa’ee inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee qaamoolee godinaatiif leenjii ni kenna.


2. Dhaabbilee inshuraansii fayyaa hawaasaa fi koree qindeessituu inshuraansii fayyaa
hawaasaa godina jala jiraniif deeggarsa humna raawwachiisummaa cimsuu ni kenna.
3. Tajaajilli fayyaa sadarkaa hospitaalatti miseensotaa inshuraansii fayyaa hawaasaa fi
maatii isanitiif kennamu qulqullinaa fi gahumsa isaa kan eeggate ta’uu isaa oditii
kilinikaalii gaggeeffamu irratti ni hirmaata, ni hordofa.
4. Dhaabbileen inshuraansii fayyaa hawaasaa sadrakaa aanaa/magaalaa odiitiin faayinaansii
yeroo isaa eeggatee akka gaggeeffamu waajjira maallaqaa fi Walta’iinsa diinagdee
waliin tahuudhan akka raawwatamu deeggarsa barbaachisu ni taasisa.
5. Dhaabbilee inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa aanaa/magaalaa jiraniif deeggarsa
teeknikaa ni kenna, argachuu isaanis ni hordofa.
6. Ragaa miseensummaa fi ittifayyadama tajaajila fayyaa godinichaa qindeessuudhaan
gamaaggamaaf ni qopheessa, waltajjiiwwan gamaaggamaa ni mijeessa.
7. Gareeinshuraansii fayyaa hawaasaa godinaa waliin tahuudhan gabaasa raawwii hojii
inshuraansii fayyaa hawaasaa qopheessudhaan qaama sadarkaa godinaa dhimmi ilaaluu
fi Qindeessaa Ejansii Inshuraansii Fayyaa Damee Naannoo Oromiyaa fi Biiroo
Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiif akka qaqqabu ni taasisa.

16
24. Gahee Hojii Yaa’ii Waliigala Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
Aanaa

1. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa olaantummaan ni hoggana; kallattii ni kaa’a.


2. Dambii ittiin bulmaata dhaabbatichaa ni mirkaneessa, akkataa barbaachisummaa
isaatiin ni fooyyessa.
3. Karooraa fi baajata waggaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa ni mirkaneessa.
4. Gabaasa raawwii hojii fi baajataa gamaaggamee ni mirkaneessa.
5. Gabaasa odiitii hojii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa ni gamaaggama ni
mirkaneessa.
6. Miseensota boordii yaa’ii waliigalaa keessaa filataman ni moggaasa; miseensummaa
irraa ni gaggeessa.
7. Yeroo buusiin idilee itti walitti qabamu ni murteessa.

25. Gahee Hojii Boordii Inshuraansii Fayyaa HawaasaaAanaa

1. Dhaabbata inshuraansii fayyaa hawasaa tiif qajeelfama hojii waliigalaa ni kenna.


2. Karoora hojii fi baajata inshuraansii fayyaa hawaasaa yeroon akka qophaa’u ni taasisa;
yeroo mirkanaa’u raawwii isaa ni hordofa.
3. Gabaasa raawwii hojii fi bajataa kurmaana kurmaanaan ni gamaaggama; rakkoolee
muudataniif kallattii furmaataa ni kaa’a.
4. Ajaandaa marii yaa’ii waliigalaa ni qopheessa, walgahii ni waama.
5. Walgahii idilee kurmaana kurmaanaa fi akka barbaachisummaa isaatti walgahii
ariifachiisaa ni gaggeessa.
6. Harkaqalleeyyiin ganda irraa calalamanii akkka dhihaatanii fi baajatni barbaachisu
yeroon akka qabamu deegrasaa fi hordoffii ni taasisa.
7. Kaabineen aanaa hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa cheeckliistii isaa keessa galfatee
akka hordoofu ni taasisa, hojii irra oolu isaa ni hordoofa.
8. Rayyaa Misoomaa fi gurmaa’iinsa hawaasaa biroo fayyadamuudhaan hojii inshuraansii
fayyaa hawaasaa irratti hubannoo fi dadammaqinni akka uumamu haala ni mijeessa,
raawwii isaas yeroo yerootti ni hordoofa, ni gamaaggama.
9. Gabaasa raawwii hojii fi baajata waggaa yaa’ii waliigalaaf ni dhiyeessa.
10. Waajjiira maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee aanaa waliin ta’uudhaan hojiin inshuraansii
fayyaa hawaasaa yeroo isaa eeggatee odiitii akka ta’u haala ni mijeessa.

17
26. Gahee Hojii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
Aanaa

1. Inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hubannoo hawaasa aanichaaf ni kenna.


2. Ragaa maatii, buusii, kaffaltii adda addaa, miseensota tajaajila fayyaa argatanii fi kkf
qindeessee ni qabata; qaama dhimmi ilaaluuf yeroon ni gabaasa.
3. Ragaan bu’uuraa ”database” inshuraansii fayyaa hawaasaa kompiitaraan akka
qabamu ni taasisa; ni qindeessa; ni xinxala; qaama dhimmi ilaaluuf yeroon ni
dabarsa.
4. Karoora hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ni qopheessa; waajjira eegumsa fayyaa
aanaa/magaalaa fi qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yeroo mirkanaa’us hojiirra
ni oolcha.
5. Tajaajilli fayyaa qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate miseensota Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaatiif kennamuu isaa odiitii kiliniikaa ni gaggeessa bakka rakkoon
mul’ateetti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa.
6. Tajaajila fayyaa miseensootni argataniif dhaabbilee fayyaatiif haala waligaltee irratti
hundaa’uudhaan kaffaltii ni raawwata.
7. Gabaasa raawwii faayinaansii dhaabbatichaa yeroo yeroon qindeessuudhaan
qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa.
8. Deeggarsa ogummaa barbaachisu damee inshuraansii fayyaa hawaasaa gandaaf ni
kenna; haala qajeelfamaatiin hojiirra ooluu isaa ni hordofa.
9. Waraqaa eenyummaa miseensotaa gandoota irratti qopha’ee dhiyaate
mirkanessee (Lakkoofsa addaa kennuu fi chaappeessun) gara damee gandaatti
erguudhaan akka raabsamu ni taasisa.
10. Waraqaa eenyummaa badeef yookaan hojii ala ta’eef bakka buusee ni kenna.
11. Sirni faayinaansii inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa sirna faayinaansii mootummaa
eeguudhaan akka hojiirra oolu ni taasisa; maallaqa damee inshuuraansii fayyaa
hawaasaa gandaa irraa fuudheef nagahee ni kenna.
12. Herreegni dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa waggaatti yoo xiqqaate al
tokko odiitii akka ta’u haala ni mijeessa.
13. Gabaasni raawwii hojii yeroo isaa eeggatee waajjira eegumsa fayyaa aanaa fi qaama
dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.
14. Hordoffii, deeggarsaa fi too'annoo hojii ni raawwata.
15. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa biroo waajjira eegumsa fayyaa aanaan
kennaman ni raawwata.

18
27. Gahee Hojii Kaabinee Gandaa

1. Kaabineen gandaa hojii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa sadarkaa gandaa


olaantummaan ni hoggana.
2. Sadarkaa gandaatti abbootii amantaa, namoota beekamoo, waldaalee fi dhabbilee
adda addaa hawaasa keessatti argaman wajjin tahuudhan hawaasni gandichaa hundi
inshuraansii fayyaa hawaasaa irraatti hubannoo akka argatu ni taasisa,
3. Hawaasa dadammaqsuu fi kaka’umsa uumuudhaan miseensaa inshuraansii fayyaa
hawaasaa akka ta’an ni taasisa sochii isaas ni hordofa.
4. Hojii sassaabbii buusii miseensummaa irratti ni hirmaata; maallaqni sassaabame
baankiitti galuu isaa ni hordoofa; haala ni mijeessa; ni too’aata; deeggarsa
barbaachisaa ta’e ni kenna;
5. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa miseensummaa isaanii akka
haroomfatan hojii dadammaqinaa ni hojjeta ni hordoofa.
6. Namoota harkaqaleeyyii yeroon akka calalaman taasisuu fi tarreeffama isaanii gara
aanaa/magaalaatti akka darbu ni hordoofa.
7. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa waraqaa eenyummaa yeroodhaan
argachuu isaanii ni hordoofa.
8. Komii miseensoota irraa ka’uuf qaama dhimmi ilaalu wajjin ta’uudhaan furmaata ni
kenna.

28. Gahee Hojii Damee Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa


Sadarkaa Gandaa

1. Maalummaa fi faayidaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee jiraataan gandichaa


hubannoo gahaa akka argatu ni taasisa.
2. Miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa ni galmeessa: ragaan isaanii uunkaa fi galmee
barbaachisu irratti guutudhaan ni qabata; dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaatiif yeroon ni dabarsa.
3. Naghee galii aanaa/magaalaa irraa yeroon fudhachuudhaan buusii miseensotaa walitti
ni qaba; yeroo isaa eeguun lakkoofsa baankii maqaa dhaabata inshuraansii fayyaa
hawaasaa aanaa/magaalaatiin banametti ni galcha; galchuu isaatiif ragaa isaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaatiif ni kenna; dhabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaa/magaalaa irraa nagahee galii gochuu isaa ibsu ni fudhata.

19
4. Uunka iyyaannoo miseensummaa miseensootaaf ni kenna; akka guutamu ni deeggara;
kan guutaman fudhachuudhaan ragaa isaa qabatee aanaa/magaalaadhaaf ni dabarsa.
5. Ragaa miseensotaa fi maatii isaanii waraqaa eenyummaa irratti gutudhaan lakkoofsa
addaa fi chaappadhaan akka mirkanaa’uuf gara dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaatti/magaalaatti ni erga; yeroo mirkanaa’ee deebi’u ni raabsa; ni haroomsa.
6. Gabaasa raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ji’aa fi kurmaanaan qopheessuun
dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif yeroon ni erga.
7. Hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa gandaatti haala barbaadameen hojiirra
ooluu isaa ni hordofa; ni gamaaggama.
8. Komii miseensoota irraa ka’uuf qaama dhimmi ilaalu wajjin ta’uudhaan furmaata ni
kenna.
9. Galmee miseensotaa maatii isaanii dabalatee guutudhaan ni qabata; jijjiiramni maatii
yoo muudate ragaa sirreessudhaan qabatee dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaatiif ni dabarsa.

20
KUTAASHAN
Sirna Kenniinsa, ittifayyadama fi Qulqullina Tajaajila Fayyaa
29. Kenniinsa fi Ittifayyadama Tajaajila Fayyaa

1. Miseensotni fi maatiin isaanii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa tajaajila fayyaa kan
argatan dhaabbilee fayyaa Waajjiira Eegumsa Fayyaa ykn qaama isa bakka bu’uun
waliigaltee waliin mallatteesse qofa keessatti ta’a.

2. Miseensootni fi maatiin isaanii inshuraansii fayyaa hawaasaa tajaajila fayyaa yeroo


barbaadan dursaanii buufata fayyaa waligaltee seene deemu qabu. Bakka buufatni fayyaa
dhiyyenyatti hin jirretti hospitaala jalqabaa waliigaltee seene irraa tajaajila argachuu ni
danda’u.

3. Dhabbileen fayyaa waliigaltee seenan miseensootaa fi maatii isaaniif tajaajila fayyaa


qulqullinaa fi safiina qabu kennuun irraa eegama.

4. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa bakka dhaabbatni fayyaa mootummaa tajaajilaa


gahaa kennuu hin dandeenyeetti dhaabbata fayyaa mootummaan ala wajjin waligaltee
mallatteessuun fayyadamtootni tajaajilla gahaa akka argatan ni taasiisa.

5. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa argachuuf yeroo gara dhaabbata fayyaa
deeman waraqaa eenyummaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiin haroomfame
qabachuu qabu.

6. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa argachuu kan eegalan guyyaa inshuraansii
fayyaa hawaasaa sadarkaa aanaatti/magaalaatti hundaa’e irraa kaaseeti.

30. Sirna Ergiinsa fi Simannaa Dhukkubsataa

1. Kenninsi tajaajila fayyaa kan eegalu buufataa fayyaa waliigalteen taasifamee irraa ta’ee
sirna ergiinsaa fi simannaa issaa eegatee hospitaalota sadarkaa sadarkaan jiranitti ta’a.Haa
ta’u malee dhukkubni tasaa yeroo nama qunnamu dhaabbilee fayyaa waliigaltee seene
kamiyyuu irraa tajaajila argachuun ni danda’ama.

2. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa sirna ergiinsaa fi simannaa hordoofamu qabu


miseensoota fi maatii isaaniitiif beeksisuun irraa eegama.

3. Sadarkaa sirna ergiinsaa fi simannaa dhukkubsattootaa hordofamuu qabu:


21
a. Buufata fayyaa irraa gara hospitaala jalqabaatti;
b. Hospitaala jalqabaa irraa gara hospitaalaa waligalaatti ;
c. Hospitaaloota sadarkaa walfakkaatan gidduuttis tajaajila fayyaa addaatiif (Speciality)
kan taasifamu ta’a.
4. Keewwata kana keewwata xiiqaa 3 jallatti kan tuumame akkumma jirutti ta’eedhaabbatni
fayyaa tokko tajaajilli fayyaa sadarkaa dhaabata fayyaa itti aanu keessa akka hin jirree yoo
mirkaneesse kallattiidhaan gara dhaabata fayyaaa tajaajilichi itti argamuutti eerguu ni
danda’a.
5. Miseensootni fi maatiin isaanii waraqaa ragaa sirna ergiinsa fi simannaa osoo hin qabatiin
yoo deeman baasii sadarkaa hospitaalaatti kaffalamu keessaa %50 kaffaluu qabu.
6. Keewwata kana keewwata xiiqqaa 5 jallatti kan tuumame namoota dhibee tasaatiin
tajaajila argatan hin ilaallatu.

31. Dhaabbilee Fayyaa Wajjin Waliigaltee Uumuu

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa yookan qaamni isa bakka bu’u dhaabbilee fayyaa
tajaajila fayyaa qulqullinaa fi saffiina qabu adda baasudhaan waliigaltee ni mallatteessa.

2. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa iddoo dhaabbileen fayyaa gahaan


aaniicha/magaalicha keessatti hin jirreetti dhaabbilee fayyaa aanaa/magaalaa ollaa jiran
waliin waliigaltee mallatteessuu ni danda’a.

3. Yeroon turmaata waliigaltee dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa fi dhaabbilee fayyaa


tajaajila kennaan jidduutti taasifamuu waggaa lama caaluu hin qabu.

32. Too’annoo Kenniinsaa fi Qulqullina Tajaajila Fayyaa

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhan


miseensootni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa qulqullina fi saffiina qabu argachuu isaanii
mirkaneeffachuuf hojii kilinikaal odiitii ni gaggeessa.

2. Kilinikaal odiitiin kan gaggeeffamu maanuwaalii dhimma kanaaf jedhamee qophaahu


irratti hundahee ta’a.

22
KUTAA JAHA
sirna bulchiinsaa fayinaansii dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
33. MaddaGalii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

Maddi galii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kanneen armaan gadii irraa ta’a
1. Kaffaltii galmee fi haaroomsa miseensummaa;
2. Buusii miseensotaa;
3. Deeggarsa (deeggarsa waliigalaa fi deeggarsa haarkaqalleeyyiif taassifamu);
4. Madda galii biroo (adabbii, kennaa, teleetoonii, invastimantiifi, kkf.)

34. Deeggarsa Mootummaa

1. Mootummaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif deeggarsa gosa lama ni


taasisa:
a. Deeggarsa waliigalaa
b. Deeggarsa harkaqalleeyyii
2. Deeggarsi waliigaalaa mootummaa federaalaatiin dhaabbata inshuraansii fayyaa
hawaasaatiif Kan keennamu ta’ee, kunis buusii miseensota waliigalaa sassaabbame
irraa %10 (kudhan) uwwisuudha.
3. Mootummaan Naannoo namoota kaffalanii miseensa ta’uu hin dandeenye tilmaamni
isaanii baay’ina hawaasa aanichaa keessaa %10 ta’aniif baajata ramaduun miseensa
inshuraansii fayyaa hawaasaa ni taasisa.
4. Deeggarsi harka qaleeyyiif taasifamu bulchiinsa mootummaa naannoo fi aanaatiin kan
kennamu ta’ee buusii fi kaffaltii galmee miseensootaa ni uwwisa. Deeggarsi
mootummaan kennu kunis %70 baajata naannoo fi %30 immoo baajata aanaatiin kan
uwwifamu ta’a.

35. Haala Waliitti Qabiinsa Galii


1. Buusiin walitti qabamu kamiyyuu nagahee galii dhaabbata inshuraansii fayyaa
hawaasaatiif Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee /Waajjira Maallaqaa fi
Walta’iinsa Diinagdee aanaatiin maxxanfameen qofa ta’a.
2. Buusiin kan walitti qabamu bulchaa gandaatiin ykn kaabinee gandaa keessaa nama inni
bakka buusuun ta’a.

23
3. Galiin iddoo adda addaa irraa argamus nagahee galii dhaabbata inshuraansii fayyaa
hawaasatiin kan walitti qabamu ta’a.

36. Baasii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa


1. Kaffaltii tajaajila fayyaa miseensootni fi maatiin isaanii argataniif,
2. Maxxansa waraqaa eenyummaa miseensummaa fi nagaheewwan adda addaatiif,
3. Kaffaltii onnachiftuu qaamoota buusii sassaabaniif,

37. Sirna Bulchiinsa Maallaqaa Dhaabbata Inshuraansii


Fayyaa Hawaasaa

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa maqaa isaatiin lakkoofsa herreega baankii ni


banata.
2. Herreegni baankii banamu Baankii Daldala Itoophiyaa fi damee isaa keessatti qofa
ta’ee iddoo baankiin kuni hin jireetti baankii Waajjiri Maallaqaa fi Walta’iinsa
Diinagdee aannichaa/magaalichaa fayyadamu keessatti ta’a.
3. Dhaabbata inshuuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa keessatti namootni herrega
akka sochoosan ykn cheekii irratti akka mallatteessan aangoon kennameef
ittigaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa aanaa, Itti aanaa ittigaafatamaa waajjira
eegumsa fayyaa aanaa fi qindeessaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiinta’a.
4. Lakkoofsi herreega baankii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan socho’u
mallattoo namoota sadii keessa mallattoo nama lamaatiin ta’ee, qindeessan
Inshuraansii Fayyaa Hawaasa dhaabtaan kan mallatteessu ta’a.
5. Maallaqni dhuma waggaatti tajaajila fayyaaf osoo hin ooliin hafe bara baajata itti aanutti
ni darba.
6. Baasiin dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan kaffalamu cheekii ykn maallaqa
callaa ykn xalayaa dabarsa maallaqaatin ta’a.
7. Keewwata kana keewwata xiqqaan 6 akkuma jiruti ta’ee, baasiin qarshii 50,000 (kuma
shantamaa) ol ta’e yemmuu ajajamu xalayaan mirkaneessaa karaa waajjira eegumsa
fayyaa aanaatiin baankiif cheekii wajjin ergamuu qaba.
8. Galiin kaffaltii galmee miseensotaa irraa argamu waraqaa eenyummaa, uunkaalee,
cheekii fi galmee adda addaa maxxansiisuu fi bituuf kan oolu ta’a.
9. Baasiiwwan adda addaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif oolan kan akka
mindaa hojjettootaa, durgoo oolmaa, baajata hojii adeemsiftuu fi kkf waajjira eegumsa
fayyaaaanaa/magaalaa irraa kan uwwifamu ta’a.

24
10. Maallaqa buusii miseensummaa ganda irraa sassaabamee keessaa %2 shallagamee
namoota maallaqa sassaabaniif akka onnachiiftutii ni kaffalama.
11. Keewwata kana keewwata xiqqaa 10jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, kafaltiin
onnachiistuu kun kan kaffalamu maallaqni buusii miseensummaa gandaa irraa
saassaabamee lakkofsa herreega baankii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaattiyoo
galee fi jildiin nagahee galiin ittiin sasaabamee xumuramee gara dhaabbata inshuraansii
fayyaa hawaasaa aanaaatti deebi’uun isaa erga mirkanaa’ee booda ta’a.
12. Keewwata kana keewwata xiqqaa 11 irratti kan ibsame erga mirkanaa’ee booda
dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa kaffaltii onnachiiftuu nagahee baasiitiin ni
raawwata.
13. Maallaqni kaffaltii onnachiiftuu buulchaa gandaatiin baasii ta’e namoota sassaabbii
buusii inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hirmaataniif hanga qarshiisassaabbameen
shallagamee ni qoodama.

38. Puulii Maallaqa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fi Fandii


Ittiin OfEeggannoo

1. Sirna ergiinsaa fi simannaa dhukkubsattootaa hordoofuun miseensootni fi maatiin


isaanii tajaajila fayyaa sadarkaa federaalaa irraa argataniif kaffaluuf akka mijaa’u gara
fuuladuraatti puuliin maallaqaa sadarkaa naannoo fi biyyoolessatti ni hundeeffama.
2. Hangi maallaqa puuli sadrakaa sadarkaatti hundeeffamuu fi bulchiinsii isaa qoorannoo
irratti hundaa’e kan muurteeffamu ta’a.
3. Maallaqni of eeggannoo dhaabata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaaaanaa
maallaqasasaabamu keessaa %5 ta’a.

39. Qabiinsa Herreegaa fi Odiitii Dhaabbata Inshuraansii


Fayyaa Hawaasaa

1. Sirni faayinaansii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa sirna faayinaansii


mootummaa kan hordofu ta’a.

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
dhaabbatichi koodii herreegaa maataa isaa ni qabaata.

3. Barri baajataa inshuraansii fayyaa hawaasaa bara baajataa mootummaanaannichaata’a.

25
4. Herreegni inshuraansii fayyaa hawaasaa waggaatti yoo xiqqaate al tokko Odiitara
Mootumaatiin kan sakatta’amu ta’a; akka barbaachisummaa isaatti yeroo kamiyyuu
odiitii ta’uu ni danda’a.
5. Gabaasni firii oditii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa qaama dhimmi ilaalu
hundaaf akka qaqqabu ni taasifama.

26
KUTAATORBA
Mirgaa fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa
40. Mirgaafi Dirqama Miseensotaa fi Maatii Isaanii

1. Miseensotnii fi maatiin isaanii tajaajiloota fayyaa gama dhaabbata inshuraansii fayyaa


hawaasaatiin paakeejii faayidaa keessatti hammataman hunda argachuuf mirga ni qabu.
2. Miseensotnii fi maatiin isaanii sirna ergiinsa dhukkubsataa eeganii tajaajila argataniif
kaffaltii tokkollee hin kaffalan.
3. Miseensotni waraqaa eenyummaa miseensummaa ni argatu.
4. Miseensi kamiyyuu maatii isaa wajjin tajaajila fayyaa walqixa ta’e ni argata.
5. Miseensi kamiyyuu hoggansa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa keessatti
hirmaachuuf mirga ni qaba.
6. Miseensi kamiyyuu waa’ee sochii hojii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti
odeeffannoo gaafatee argachuuf mirga ni qaba.
7. Miseensotni buusii irraa barbaadamu yeroo kaffaltiif murtaa’e keessatti kaffaluuf
dirqama qabu.
8. Miseenotnii fi maatiin isaanii sirna ergiinsa dhukkubsataaosoo hin eegiin darbanii yoo
tajaajilaman baasii sadarkaa hospitaalaatti kaffalamu keessaa %50 kiisii isaanii keessaa
kaffaluu qabu.
9. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa barbaacha yeroo gara dhaabbilee fayyaa
deeman waraqaa eenyummaa haaromsame agarsiisuu fi dabaree isaanii eeguun
tajaajilamuuf dirqama qabu.
10. Miseensi waraqaa eenyummaa isaa gate, baasii maxxansaaf bahu uwwisuun waraqaan
eenyummaa biroo akka kennamuuf ni taasifama.
11. Du’aan, dhalootaan ykn waan birootiin jijjiiramni maatii yemmuu uumamu
dameeinshuraansii fayyaa hawaasaa gandaattibeeksisuun dirqama ta’a.

27
41. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaa

1. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa gahaa argachuu isaanii hordofuu fi


mirkaneessuuf dirqama qaba.
2. Odeeffannoon barbaachisaa ta’e yeroo isaa eeggate qaamoota dhimmi ilaaluuf
dhiyeessuu qaba.
3. Haalli kaffaltii dhaabbilee fayyaa akkaataa tajaajila fayyaa kennan irratti (fee-for-
service) kan hundaa’e ta’a.
4. Yeroo gaaffiin kaffaltii dhiyaatuuf, guyyoota hojii 10 keessatti maallaqa dheedhii ykn
cheekii ykn xalayaa dabarsa maallaqaatiin kaffaltii raawwachuu qaba.
5. Gaaffiin kaffaltii keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti dhiyaate ragaa gahaa yoo
ta’uu baate guyyaa hojii 10 keessatti kaffaluu dhiisuu ni danda’a.

42. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbilee Fayyaa

1. Dhaabbileen fayyaa tajaajila fayyaa miseensotaa fi maatii isaaniif kennaniif kaffaltii


yeroon argachuuf mirga qabu.
2. Dhaabbileen fayyaa tajajila fayyaa miseensotaa fi maatii isaaniif kennaan yeroo
yeroodhan galmeessuudhaan uunkaa gaaffii kaffaltii tajaajila fayyaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa guutudhaan gaaffii kaffaltii isaanii dhiheeffachuu qabu.
3. Dhaabbileen fayyaa tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahumsa qabu miseensotaa fi maatii
isaaniif kennuu qabu.
4. Dhaabbileen fayyaa waliigaltee dhaabbatainshuraansii fayyaa hawaasaa waajjira
eegumsa fayyaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaawajjinseenan kabajuuf dirqama
qabu.

28
KUTAASADDET
Tumaalee adda addaa
43. Dambii Ittiin Bulmaata Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaa

1. Tokkoon tokkoondhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa dambii ittiin


bulmaataa of danda’e ni qaabata.

2. Dambiin ittiin bulmaatadhaabbata inshuuraansii fayyaa hawaasaa guyyaa yaa’ii


waliigalaa isa jalqabaa gaggeeffamu irratti ni mirkanaa’a

3. Dambii ittiin bulmaata dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kana miseensotni hundi
akka beekan ni taasifama.

4. Dambiin ittiin bulmaataa kun miseensotaa fi dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa


gidduutti akka waliigaltee walta’iinsa ta’ee ni tajaajila.

44. Qajeelfamnii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa lakk. 11/2006


ba’ee ture qajeelfama kanaan bakka bu’ee jira.
45. Qajeelfama Fooyyessuu

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa qajeelfama kana foyyessuu ni danda’a.

46. Yeroo Qajeelfamni kun Itti Hojiirra Oolu

Qajeelfamni kun Onkololessa 16/2009irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a

Darajjee Dhugumaa (Dr.)

Hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

29

You might also like