You are on page 1of 35

BIIROO EEGUMSA FAYYAA OROMIYAA

QAJEELFAMA INSHURAANSII FAYYAA HAWAASAA

HOJIIRRA OOLCHUUF BIIROO EEGUMSA FAYYAA

OROMIYAATIIN IRRA DEEBIIN BAHE

Fulbaana 2013

Finfinnee

1
Qajeelfama Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Hojiirra Oolchuuf Biiroo Eegumsa
Fayyaa Oromiyaatiin Bahe

Inshuraansiin fayyaa hawaasaa jiraattoota baadiyyaa fi magaalaa ji’aan hin mindeffamne kanneen
akka qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, daldalaa fi Kan kana fakkaatan gurmeessuudhaan, hawaasa
gidduutti waldeeggarsi akka Uummaamu taasiisuudhaan tajaajilla fayyaa lammii hunda biraan
gahuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Hawaasni tajaajila fayyaa yommuu barbaadu battalatti kaffaltii kiisii isaatii baasee kaffaluun osoo
isa hin barbaachisini fi baasii akkamaleef osoo hin saaxilamiin tajaajila fayyaa barbaadu argachuuf
kan isa dandeessisu sirna inshuraansii fayyaa hawaasaa diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan
argameef;

Tajaajila fayyaa qulqullina qabuu, haqa qabeessaa fi hawaasaa hundaaf dhaqabamaa ta’e itti
fufiinsaan hawasaaf kennuuf seektara fayyaa faayinaansii gahaadhaan deeggaruun barbaachisaa
ta’ee waan argameef.

Akka naannoo Oromiyaatti inshuraansii fayyaa hawaasa aanaalee fi magaalota hunda keessatti
bifa walfakkaatuun cimee hojii irra akka ooluuf sirna hojii fi raawwii diriirsuun waan
barbaachiseef;

Akka biyyaatti tarsiimoon hojii irraa oolmaa inshuraansii fayyaa hawaasaa waan baheef qaamni
raawwachiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa labsii lakk. 213/2011 keewwata 71(3) tiin
qajeelfama kana Biiroon Eegumsa Fayyaa Baasuu waan danda’uuf;

Akkaataa Dambii Lakk.56/1997 Keewwata 41(1) tiin Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Qajeelfama kana baasee jira.

2
KUTAA TOKKO

TUMAALEE WALIIGALAA

1. Mata Duree Gabaabaa

Qajeelfamni Kun “Qajeelfama Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Hojiirra Oolchuuf Biiroo


Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiin Irra Deebiin Bahe Lakk 21/2013” jedhamee waamamuu
ni danda’a.

2. Hiika

Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee qajeelfama kana keessatti:

1. ''Biiroo'' jechuun Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaati.


2. “Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa” jechuun dhaabbata bu’aadhaaf hin hundoofne ta’ee
namoota ji’aan hin mindeffamne fi sochiin hawaas-diinagdee isaanii ciminaan walitti
hidhamee fi walitti dhufeenya qaban kan haammatu dha.
3. “Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa” jechuun dhaabbata sadaarkaa
aanaatti/magaalatti hundeeffamu ta’ee hojiiwwan inshuraansii fayyaa hawaasaa guyyaa
guyyaadhaan kan raawwatu dha.
4. ''Boordii'' jechuun hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ol'aantummaan hoogganuuf
sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaa/ magaalaatti kan dhaabbatu jechuudha.
5. “Miseensa” jechuun bulchaa maatii buusii idilee fi baasii galmee ofiisaatiif kaffalatee ykn
qaamni sadaffaan kaffaleefii miseensa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan ta’e
jechuudha.
6. “Ijoollee” jechuun miseensichi dhalootaan, guddifachaan ykn seeraan akka guddisu itti
gaafatamummaan kan keennameefi ijoollee umriin isaanii waggaa 18 tii gad ta’e
kamiyyuu ni dabalata.
7. “Abbaa/ Haadha Manaa” jechuun miseensicha wajjin seeraan kan walfuudhan jechuu
dha.
8. “Bulchaa Maatii” jechuun maatii bu’uuraa fi maatii dabalataa mana tokko keessatti nama
bulchu jechuudha.

3
9. “Maatii Bu’uuraa” jechuun mana tokko keessa kan jiraatan haadha warraa, abbaa warraa
fi ijoollee umriin isaanii waggaa 18 gadi kan ta’e akkasumas umriin isaa waggaa 18 ol
ta’ee sababa miidhama qaamaatiin ykn sammuutiin of bulchuu kan hin dandeenye jechuu
dha,
10. “Maatii Dabalataa” jechuun miseensa maatii bu’uuraatiin ala kan ta’ee fi galii
miseensichaatiin mana tokko keessatti maatii waliin yoo xiqqaate ji’a sadiif kan jiraate
jechuu dha.
11. “Fayyadamaa” jechuun bulchaa maatii, maatii bu’uuraa fi maatii dabalataa miseensa
dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’ee tajaajilaawwan fayyaa dhaabbatichaan
kennaman argachuuf mirga kan qabu jechuu dha.
12. “Dhaabbata Fayyaa” jechuun dhaabbata fayyaa mootummaa fi dhuunfaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa waliin tajaajila fayyaa kennuuf waliigaltee seene jechuu dha,
13. “Sirna Ergiinsa fi Simannaa Dhukkubsataa” jechuun sirna dhukubsataan dhaabbata
fayyaa tokko irraa gara dhaabbata fayyaa sadarkaa ol’aanaatti ergamuu fi simatamu
jechuu dha.
14. “Kaffaltii Sirna Erginsaa fi Simannnaa Dhukkubsataa Cabsuu” jechuun fayyadamaan
tokko fedhii mataa isaatiin sirna erginsa dhukkubsataa cabsuudhaan dhaabbata fayyaa
sadarkaa ol’aanaa itti aanuttti deemee yoo yaalamee argame baasii waliigaalaa tajaajila
fayyaaf bahe herreeguudhaan kallatiidhaan maallaqa callaatiin kan kaffalamu jechuu dha.
15. “Harka- Qalleeyyii” jechuun buusii fi kaffaltii galmee miseensummaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa mataa isaaniitiin kaffaluu kan hin dandeeynee akkaataa
Labsii, Dambii fi Qajeelfama Kenninsa Tajaajila Fayyaa fi Bulchinsa Dhaabbilee Fayyaa
Oromiyaattiin calalamanii kaffaltiin isaanii qaama sadaffaatiin kan uwwifamu jechuu dha.
16. “Buusii” jechuun maallaqa bulchaan maatii miseensummaaf waggaatti dhaabbata
Inshuraansii Fayyaa Hawaasaatiif kaffalu jechuu dha.
17. ”Puulii” jechuun sirna inshuraansii fayyaa hawaasaa keessati maallaqa buusii miseensa
,deeggarsa mootummaa federaalaa, naannoo, aanaa/magaala fi madda galii biroo irra
argamu iddo tokkotti waliitti fiduun kaffaltii tajaajila fayyaaf qabeenya oolu.

4
3. Ibsa Koorniyaa

Jechi koorniyaa dhiiraatiin qajeelfama kana keessatti ibsame dubartiis ni dabalata.

4. Daangaa Raawwatiinsaa

Qajeelfamni kun godinaalee, magaalootaa fi aanaalee naannoo Oromiyaa keessa jiran


hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata

5. Kaayyoo
Kaayyoon qajeelfama kanaa sirna hojiirra oolmaa Inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaalee fi
magaaloota hunda keessatti haala walfakkaatuun raawwachuun hawaasa naannichaa
fayyadamaa taasisuuf.

5
KUTAA LAMA

HUNDEEFFAMAA FI DHIMMOOTA IJOO INSHURAANSII FAYYAA HAWAASAA

6. Hundeeffama Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa osoo hin hundeeffamiin dura hawaasni


dhimma kana irratti hubannoo gahaa argachuu qaba.
2. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa kan hundeeffamu sadarkaa aanaa ykn
magaalaatti ta’ee sadarkaa gandaatti damee ni qabaata.
3. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa hundaa’uu kan danda’u
buulchaa maatii miseensa ta’uu qabu keessaa yoo xiqqaate %50 yoo miseensa tahan
qofa dha.
4. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa yaa’ii waliigalaatiin ni hundeeffama.
5. Dhaabbatni Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa tokkoon tokkoon isaa yaa’ii waliigalaatiin kan
mirkanaa’u dambii ittiin bulmaataa ni qabaata.
6. Dambiin ittiin bulmaata inshuraansii fayyaa hawaasaa bahu qajeelfama kana wajjin
walfaalleessuu hin qabu.
7. Maqaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa maqaa aanaa/magaalaatiin kan
moggaafamu ta’a.
8. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa asxaa mataa isaa qabaachuu ni danda’a.
9. Teessoon dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa bulchiinsa magaalaa yookan magaalaa
teessoo bulchiinsa aanaa keessa ta’a.

7. Miseensummaa

10. Jiraattootni gandaa miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’uun dura hubanoo gahaa
argachuu qabu;
11. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee jiraattotni
ganda sanaa hundi fedhiidhaan miseensa tahu;
12. Miseensummaan inshuraaansii fayyaa hawaasaa dhuunfaadhaan osoo hin ta’iin bulchaa
maatiitiin ta’a;
13. Miseensi inshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu buusii fi kaffaltii galmee kaffaluu qaba;

6
14. Galmee fi haaromsi miseensummaa waggaatti yeroo tokko qofa ta’ee yeroon isaas
yeroo oomisha ykn galii aaniichaa/magaalicha irratti kan hundaa’u ta’ee ji’a Mudde 1
hanga Guraandhala 30 gidduutti ni ta’a;
15. Miseensi inshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu miseensummaa isaa kan ibsu waraqaa
eenyummaa ni qabaata;
16. Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee,
namootni harka qalleeyyii ta’anii calalaman kaffaltii qaamni sadaffaa raawwatuun
miseensa inshuuraansii fayyaa hawaasaa ni ta’u.
17. Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 jalatti kan tumame raawwatiinsa kan qabaatu
calalliin harka qalleeyyii akkaataa Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Fayyaa fi Bulchiinsa
Dhaabbilee Fayyaa fooyya’e lakk 08/2007 kutaa afur keewwata 42 hanga 54 irratti
ibsameen ta’a.
18. Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, harka
qalleeyyiin miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa kan ta’an:
a. Ulaagaa calallii harka qalleeyyii aanaa/magaalaa guutee yoo argame,
b. Koree calallii gandaatiin calalamee koree calallii sadarkaa aanaatiin/magalaatiin yoo
mirkanaa’e,
c. Tarreeffamni bulchaa maatii harka qalleeyyii ta’anii calalaman bulchiinsa
aanaa/magaalaatiin mirkanaa’e gara dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaa/magaalaatti yoo darbe,
d. Baajatni miseesummaaf barbaachisu naannoo fi bulchiinsa aanaa/magaalaatiin
bulchaa maatii harka qalleeyyii calalaman tokko tokkoof yoo ramadame,

8. Buusii, Kaffaltii Galmee fi Haaromsa Miseensummaa

1. Buusiin miseensummaa bulchaa maatii tokkoof waggaatti:-


a. Aanaa baadiyyaa fi bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaa aanaa sanaaf ta’e
keessatti qarshii 240 (Dhibba lamaa fi afurtama)
b. Gandoota baadiyyaa bulchiinsa magaalaa jalatti hammatamanii jiraniif qarshii
240 (dhibba lamaa fi afurtama)
c. Bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaanii godinaaf ta’e keessatti qarshii 300
(dhibba sadii)
d. Bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaani naannoof ta’e keessatti qarshii 350
(dhibba sadii fi shantama)

7
e. Daldaltoota kaffalaa gibiraa sadarkaa A ta’aniif qarshii 1000 (kuma tokko),
sadarkaa B tiif qarshii 700 (dhibba torba) fi sadarkaa C tiif qarshii 500 (dhibba
shan)
2. Miseensi kamiyyuu yeroo jalqaba galmaa’u kaffaltii galmee qarshii 10(kudhan) kan
kaffalu ta’ee haaromsa miseensummaatiif qarshii 5 (shan) kaffaluu qaba.
3. Kaffaltiin galmee fi haaromsa waraqaa eenyummaa, nagahee fi maxxansa adda addaaf ni
oola;
4. Hangi buusii miseensummaa baayyina maatii bu’uuraa yaada keessa osoo hin galchin
haala walfakkaatun bulchaa maatiitin ta’a;
5. Bulchaan maatii haadha manaa lamaa fi isaa ol qabu buusii idilee waggaatti bulchaa
maatiif murtaa’e irratti dabalataan % 50 kaffalee miseensa ni taasisa.
6. Bulchaan maatii maatii dabalataa fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa taasisuu yoo
barbaade, kaffaltii buusii bulchaa maatiif murtaa’e kessaa waggaatti nama tokko tokkoof
buusii dabalataa %20 (dhibbantaa digdama) kaffaluu qaba
7. Bulchaa maatii harka qalleeyyii ta’ef mootummaan ykn qaamni sadaffaa maqaa isaatiin
kaffalee miseensa ni taasisa.
8. Maallaqni galmee miseensummaa fi buusii walitti qabamu fi galii kan biroo irraa argamu
kamiyyuu lakkoofa herreega baankii maqaa dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasatiin
baname keessatti kuufamuu qaba.
9. Maallaqni ganda irraa sassaabame yeroo torban lama hin caalle keessatti gara baankiitti
galuu qaba.
10. Maallaqni miseensota gandaa magaalaa irraa sassaabamu qarshii 2000 (kuma lama) fi
isaa ol yoo ta’e gara baankiitti galuu qaba.
11. Maallaqni buusii miseensummaa irraa sassaabamu kaffaltii tajaajila fayyaa miseensotni fi
maatiin isaanii argataniif ni oola.

9. Gosawwan Tajaajila Fayyaa Miseensotaaf Heyyamaman

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa tajaajilawwan fayyaa ifatti adda bahanii


beekaman miseensotni fi maatiin isaanii akka aragatan ni taasisa;
2. Miseensotni fi maatiin isaanii sirna ergiinsaa fi simannaa dhukkubsataa hordofuudhaan
tajaajila fayyaa dhaabbilee fayyaa waliigalteen waliin mallatteeffame hunda irraa
argachuu ni danda’u;

8
3. Tajaajilli fayyaa sadarkaa buufata fayyaa fi hospitaalatti miseensotaa fi maatii isaaniitiif
kennamu waliigaltee dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa waliin taasisaniin ta’a.
4. Gosni tajaajila fayyaa miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaatiif kennaman kan armaan
gaditti tarreeffaman ta’u:-
a. Tajaajila deddeebi’anii yaalamuu;
b. Tajaajila ciisanii yaalamuu;
c. Tajaajila baqaqsaanii yaaluu;
d. Tajaajila qorichaa;
e. Tajaajila qorannoo adda addaa ogeesota fayyaatiin ajajaman (kan akka
laboratorii, imeejingiifi, kkf)
f. Tajaajiloota biroo waliigaltee keessatti hammataman;
5. Tajaajilli fayyaa kennamu guddinaa fi humna faayinaansii dhaabbatichaa fi fedhii
miseensotaa bu’uura godhachuudhaan yeroodhaa gara yerootti fooyya’uu ni danda’a.

10. Tajaajilaawwan Fayyaa Dhaabbatichaan Hin Hammatamne

Tajaajilaawwan fayyaa dhaabbatichaan hin hammatamne akka armaan gadiitti ibsamanii jiru

1. Bittaa manatsirii ijaa fi leensii; haa ta’u malee daa’imman umriin isaanii waggaa shanii
gadi ta’e dhorkaan kun kan ilaallatu miti.
2. Ilkaan nam- tolcheen dhaabisisuu fi sirreessuu akkasumas yaalii ruut-kaanaalii sabaaba
infeekshinii irraa kan hafe yaalii ruut-kaanaalii kamiyyuu
3. Balaa adda addaa qaama seeraa biraatiin uwwifaman fi tajaajilaawwan fayyaa kaffaltii
malee akka kennaman mootummaan heyyamaman;
4. Tajaajila baasii geejjibaa
5. Yaalii dhibee kalee hanga ji’a sadii irraa kan hafe tajaajila yaalii dhibee kalee hammaataa
(Chronic dialysis) kamiyyuu;
6. Tajaajila yaalaa biyya alaatti kennamu kamiyyuu;
7. Qaama nam-tolcheen bakka buusuu;
8. Baqaqsa miidhaginaaf jedhamee gaggeeffamu;
9. Rakkoo sababa qoricha sammuu adoochuu fudhachuun dhaqqabeef tajaajila yaalaa
kennamu;
10. Meeshaalee yaalaa dandeettii dhagahuu dabalan bituu;

9
11. Yeroo Turmaataa

1. Miseesotnii fi maatiin isaanii inshuraansiin fayyaa hawaasaa erga hundaa’een booda


galmaa’an tajaajila fayyaa argachuuf yeroo turmaataa eeguu qabu.
2. Yeroon turmaataa miseensichii erga galmaa’ee jalqabee yoo xiqqaate ji’a tokkoof ta’a.
3. Miseensootni miseensumma addaan kutanii deebi’aanii yoo miseensa ta’an tajaajila
fayyaa argachuudhaaf yeroo turmaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti
ibsame eeguu qabu.

10
KUTAA SADII

H UNDEEFFAMA FI GURMAA’INSA DHAABBATA INSHURAANSII FAYYAA H AWAASAA


AANAA/MAGAALAA

12. Hundeeffama Yaa’ii Waliigalaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa/Magaalaa

1. Yaa’iin waliigalaa inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa aanaa/magaalaatti


olaantummaadhaan qaama murtee kennuu dha.
2. Yaa’iin waliigalaa inshuraansii fayyaa hawaasaa hirmaannaa miseensoota ganda irraa
filataman fi seekteroota mootummaa dhimmi ilaalu irraa walitti dhufaniin kan
hundeeffamu ta’a.
3. Yaa’iin waliigalaa inshuuraansii fayyaa hawaasaa miseensota armaan gadii ni qabaata:
a. Bulchaa aanaa/Kaantibaa --------------------------------------------- Walitti qabaa
b. Itti gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa -------------------------- Miseensa
c. Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee------Miseensa
d. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaaggota --
Miseensa
e. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa – Miseensa
f. Itti gaafatamtuu Waldaa Dubartootaa --------------------------------Miseensa
g. Itti gaafatamaa Waajjirra Abba Alangaa -------------------------------Miseensa
h. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma hojjataa fi Hawaassummaa-----Miseensa
i. Qindeessaa Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa--------Miseensaa fi Barreessaa
j. Bakka bu’oota miseensotaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa damee ganda tokko
tokko irraa nama 2- Miseensa. Bulchiinsa magaalootaa keessatti bakka bu’ootni
yaa’ii waliigalaa ganda tokko irraa namoota 7-9 ta’uu ni danda’a.
k. Bulchaaleen gandoota miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’an- Miseensa.
l. Sadarkaa bulchiinsa magaalatti itti gaafatamaa waajjira mana qopheessa, itti aanaan
kaantiiba fi itti gafaatamaan abba taayiitaa galiiwwanii miseensa ni ta’u
4. Barri hojii miseensoota yaa’ii waliigalaa waggaa sadii dha.
5. Yaa’iin waliigalaa waggaatti al tokko kan adeemsifamuu ta’ee murteen kennamu sagalee
caalmaatiin ta’a.(1+50%)

11
6. Yaa’iin waliigalaa yeroo jalqabaaf taasifamu hundeeffama dhaabbata Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaa aanaa mirkaneessa.
7. Dambiin ittiin bulmaata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa aanaa yaa’ii waliigalaa jalqabaa
kanaan kan mirkanaa’u ta’a.
8. Yaa’ii waliigalaa hunda irratti qaboon yaa’ii qabamee dookumantii ta’uu qaba.

13. Miseensota Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa/Magaalaa

1. Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa sadarkaa aanaa/magaalaattii kan hundaa’u ta’ee


miseensota armaan gadii ni qabaata:
a. Bulchaa Aanaa/Kaantibaa---------------------------------------------------Walitti qabaa
b. Itti gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa----------------------------------Miseensa
c. Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee------------Miseensa
d. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaaggotaa---
Miseensa
e. Itti gaafatamaa Waajjirra Abbaa Alangaa------------------------------------Miseensa
f. Itti gaafatamaa Waajjirra Dhimma Hojjatta fi Hawaasummaa-----------Miseensa
g. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa--Miseensa
h. Miseensota Yaa’ii Waliigalaa Keessaa kan Filataman Nama 3------------Miseensa
i. Qindeessaan Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa-----Miseensa fi Barreessaa
j. Ittigaafatamaa Waajjira Mana Qopheessaa Magaalaa ----------------------Miseensa
2. Ittiwaamamni boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa yaa’ii waliigalaa fi boordii
inshuraansii fayyaa hawaasaa godinaatiif ta’a.
3. Namoota seeketeroota mootummaa irraa bakka bu’aniin ala barri hojii miseensoota
boordii waggaa sadii ta’ee irra deebi’anii yeroo tokko qofaaf filatamuu ni danda’u.
4. Walgahiin idilee boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa kurmaana kurmaanaan kan
gaggeeffamu ta’ee akka barbaachisummaa isaatti walgahii ariifachiisaa gaggeessuun ni
danda’ama.

12
14. Hundeeffama fi Gurmaa’insa Dhaabbata Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa
Aanaa/Magaalaa

1. Aanaa/Bulchiinsa magaalaa tokko keessatti dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa


tokko qofatu hundeeffama.
2. Bulchiinsa magaalaa baayyinni bulchaa maatii isaanii 5,000 gadi yoo ta’e aanaa naann awa
isaanii jiru waliin gurmaa’uun dhaabbata inshuuraansii fayyaa hawaasaa hundeessuu ni
danda’u.
3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee hooggansi
hojii, bulchiinsaa fi adeemsa sochii hojii dhaabbatichaa kan raawwatamu bakka bu’oota
bulchiinsa magaalaa fi aanaa nannaawwa sanaa waliin qindoominaan ta’a.
4. Dhaabbani inshuraansii fayyaa hawaasaa waajjira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaa jalatti
kan gurmaa’u taha.
5. Hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa idileedhaan kan hojjetamu
hojjettoota dhaabbataan qaxaramaniin ta’a.
6. Akaakuun ogummaa hojjeetoota dhaabbata inshuuraansii fayyaa hawaasaa
aanaa/magaalaa ogeessa fayyaa, hojjetaa herreegaa fi hojjetaa ragaa kan hammatu ta’a.
7. Qaxarrii fi kaffaltiin mindaa hojjettoota dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan
raawwatamu waajjiira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaatiin ta’a.
8. Caasaan fi guddinni sadarkaa hojjettota inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa
Biiroo Paablikii Sarvisii Oromiyaatiin kan mirkanaa’ee fi muuxannoo hojii fi qophii
barumsaa yaada keessa kan galche ta’uu qaba.
9. Mindaa fi faayidaalee ogeessota fayyaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaa/magaalaa akkaataa iskeelii mindaa hojjeettoota eegumsa fayyaatiin ta’a.

15. Gurmaa’insa Damee Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Gandaa

1. Dameen dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa gandaatti ni hundeeffama.


2. Dameen dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa gandaa kan hogganamu
kaabinee gandaatiin ta’ee hojiin idiilee guyyaa guyyaadhaan hojjatamu bulchaa gandaa,
hojjeetu eksiteenshiinii fayyaa fi manaajera gandaatiin kan raawwatamu ta’a.

13
KUTAA AFUR

HOGGANSA DHAABBATA INSHURAANSII FAYYAA HAWAASAA FI ITTI


GAAFATAMUMMAA QAAMOLEE ADDA ADDAA

16. Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Naannoo

1. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa naannootti olaantummaan kan hogganu


boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa naannootiin ta’a.
2. Miseensotni Boordii sadarkaa naannoo kanneen armaan gaditti ibsaman ta’a.

a. Itti Aanaa Pireezidaantii / Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Walitti qabaa


Mootummaa Naannoo Oromiyaa
b. Hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Miseensa
c. Dayireektara Dhimma Hooggansa, Hirmaannaa Ummataa fi Miseensa
Maddisiisa Qabeenya Biiroo
d. Hoogganaa Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee Oromiyaa Miseensa
e. Hooggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Miseensa
Dargaggoota Oromiyaa
f. Hoogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Miseensa
g. Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Miseensa
h. Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Miseensa
Naannoo Oromiyaa
i. Qindeessaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Biiroo Miseensaa fi
Barreessaa

14
17. Gahee Hojii Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Naannoo

1. Naannicha keessatti hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee tarsiimoo haaraa


qophaa’an ilaalee ni mirkaneessa, ol’aantummaan ni hooggana.
2. Qorannoowwan inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti dhiyaatan ka’umsa godhachuun
gurmaa’insa, miseensummaa, buusii miseensummaa fi paakeejiin faayidaalee haala
qabatamaa naannoo wajjin ilaaluudhaan murtii ni dabarsa, hojiirra ooluu isaa ni hordofa.
3. Karoora hojii fi baajata inshuraansii fayyaa hawaasaa naannichaa qophaa’ee dhiyaate
ilaalee ni mirkaneessa, hojiira oolmaa isaa ni hordofa, raawwii isaa ni gamaaggama’
4. Baay'ina harka qalleeyyii fi baajata barbaachisu akka ramadamu kallattii ni kenna, yeroo
heyyamamus hojii irra ooluu isaa ni hordofa.
5. Baajatni hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessuuf barbaachisu giddugala Baasii (
Cost Center) of danda'e qabaatee akka ramadamu kallattii ni kenna.
6. Tooftaa galiin inshuraansii fayyaa hawaasaa ittiin argamu danda'u kallattii ni kaa’a;
hojiirra ooluu isaa ni hordofa.
7. Sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee hawaasni naannichaa hubannoo akka
argatu hojiiwwan raawwataman ni deeggara, ni hordofa.
8. Konfiraansii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa naannootti gaggeeffamu irratti
qaamolee raawwii ol'aanaa galmeessan beekamtiin akka kennamu kallattii ni kaa’a ,
hojiirra ooluu ni hordofa.
9. Muuxannoo fi barnoota hojiirra oolmaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa irraa argam e
akka qindaa’u ni taasisa, muuxannoo argame irratti hundaa’udhaan yaadaa fooyya’nsaa
mootummaa naannichaatiif murteef ni dhiheessa.
10. Walgahiin Boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa Naannoo waggaatti si'a lama
tahee akka barbaachisummaa isaatiin yeroo lama ol gaggeessuu ni danda'a.
11. Boordiin inshuraansii fayyaa hawaasaa dambii itti bulmaata ni qabaata.
12. Qorannoo dhiyaatu irratti hundaa'udhaan Sadarkaa Naannoo fi Godinaa irratti Puuliin
inshuraansii fayyaa hawaasaa akka hundaa'u ni murteessa, hojiirra oolmaa isaa ni
hordofa.

18. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Biiroon kallattii Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kaa’u irratti hundaa'udhaan gahee
hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

15
1. Gurmaa'insa inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa naannoo, Godinaa fi Aanaa/
Magaalaa humna namaa, meeshaaalee fi kutaa hojii barbaachisuun akka guutamu ni
taasisa.
2. Kallattii Boordiin inshuraansii fayyaa hawaasaa naannoo irraa kennu bu’uura
gochuudhaan baajata harka qalleeyyiif barbaachisu qopheessuudhaan Biiroo maallaqaa
fi Walta'iinsa Dinagdee naannootiif dhiyeessee akka ramadamu ni taasisa.
3. Baajata hojii adeemsistuu sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessuuf
barbaachisu ni ramada, hojiirra oolmaa isaa ni hordofa.
4. Baajata baasii durgoo boordii naannoof barbaachisu ni ramada, boordiin yeroo isaa
eeggatee akka gaggeeffamu ni taasisa
5. Hawaasa keessatti sosochiin hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa akka milkaa'u gochuuf
qooda fudhattootaa fi midiyaalee adda addaatti fayyadamudhaan hubannoon hawaasaa
akka cimu ni taasisa.
6. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa qulqullinaa fi
gahumsa qabu akka argatan ni hordofa, iddoo rakkoon jiruttis tarkaanfii sirreeffamaa ni
fudhata.
7. Dhaabbileen fayyaa naannicha keessatti argaman tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahumsa
qabu miseensoota inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatii isaaniitif kennuu isaanii ni
hordofa, ni gamaggaama, bakka rakkoon jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
8. Bulchiinsi Aanaa/magaalaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif baajata hojii
adeemsistuu fi baajata harka qalleeyyii haala qajeelfamaatiin ramadamuu isaa ni hordofa.
9. Ragaa deeggarsa baajata waliigalaaf (General subsidy) barbaachisu qindeessuun qaama
dhimmi ilaaluuf yeroon ni dhiyeessa, yeroo heyyamamu godinaalee fi
aanaalee/magaalootaaf darbuu isaa ni hordofa.
10. Sirni qabiinsa ragaa inshuransii fayyaa hawaasaa ammayyeessuudhaan hojii irraa akka
oolu ni taasisa.
11. Gabaasa raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa qindeessudhaan mootummaa
naannoo fi federaalaaf ni dhiheessa.
12. Puuliin inshuraansii fayyaa hawaasaa Sadarkaa Naannoo fi Godinaatti akka hundaa'u
qorannoo gaggeessuudhaan boordiif ni dhiyeessa, yeroo murtaa'u hojirra akka oolu ni
taasisa.
13. Konfiraansii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa naannootti qopheessuudhaan qaama
raawwii ol'aanaa galmeessisaniif akka beekamtiin kennamu ni taasisa.

16
14. Muuxannoo gaarii hojii Inshuraansii fayya hawaasaa milkeessuu keessatti qooda guddaa
qaban naannoo keessaa fi ala jiran qindeessuudhaan akka babal'atu ni taasisa.
15. Hojilee inshuraansii fayyaa hawaasaa biroo mootummaa naannoo fi boordiirraa
kennamuuf ni raawwata.
16. Eejansii inshuraansii fayyaa Itoophiyaa fi qaamolee biroo hojii inshuraansii fayyaa
hawaasaa deeggaran wajjin qindoominaan ni hojjata.

19. Miseensoota Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Sadarkaa Godinaa


Boordiin inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa miseensota armaan gadii ni
qabaata:
1. Bulchaa Godinaa-----------------------------------------------------------------Walittiqabaa
2. Itti gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa-------------------------------------Miseensa
3. Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee---------------Miseensa
4. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartoota, Daa’immaanii fi Dargaggootaa-------
Miseensa
5. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Koominikeeshiinii Mootummaa-------Miseensa
6. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa -----------------Miseensa
7. Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa ------------------------------------------Miseensa
8. Qindeessaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa---------------------------------------Barreessaa

20. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa


Godinaa
Kallattii Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Naannoo kaahu irratti hundaa'udhaan
gahee hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:
1. Kallattii fi tarsiimoo boordiin naannoo kaa’un hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa
sadarkaa godinaatti ni hooggana, ni qindeessa, ni hordofa.
2. Karoora hojii fi baajata inshuraansii fayyaa hawaasaa godinichaatti qophaa’ee dhiyaate
ilaalee ni mirkaneessa, hojiira oolmaa isaa ni hordofa, raawwii isaa ni gamaaggama.
3. Baajata harka qalleeyyiif barbaachisu aanaaleen haala qajeelfamaatiin qabachuu isaanii
ni hordofa.
4. Sosochii hojii hubannoo uumuu inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaa
ol’aantummaan ni hoggana.
5. Kallattii Boordiin Naannoo kaa’een galiin inshuraansii fayyaa hawaasaa ittiin argamu
danda'u akka hojiirra oolu ni taasisa.

17
6. Aanaalee/Magaalootni godinichaa horannaa miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa
yeroo taa’e keessatti galmaahuu isaanii ni hordofa, ni gamaaggama, tarkaanfii bakka
barbaachisutti ni fudhata.
7. Sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee hawaasni godinichaa hubannoo akka
argatu hojiiwwan raawwataman ni deeggara, ni hordofa.
8. Godinichatti gareen hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa waajjira eegumsa fayyaa godinaa
jalatti humna namaa, meeshaalee fi kutaa hojii barbaachisun akka guutamu ni taasisa.
9. Konfiraansii inshuraansii fayyaa hawaasaa godinichatti gaggeeffamu irratti qaamolee
raawwii ol'aanaa galmeessan beekamtiin akka kennamu kallattii ni kaaha , hojiirra
oolmaa isaa ni hordofa.
10. Waajjiira Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee godinaa waliin ta’uudhaan hojiin inshuraansii
fayyaa hawaasaa yeroo isaa eeggatee odiitii akka ta’u haala ni mijeessa.
11. Walgahiin boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa waggaatti si'a sadi kan gaggeeffamu
tahee akka barbaachisummaa isaatiin sana ol gaggeessuu ni danda'a.
12. Boordiin inshuraansii fayyaa hawaasaa dambii ittiin bulmaata ni qabaata.
13. Dhaabbileen fayyaa godinicha keessa jiran miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaaf fi
maatii isaaniitiif tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahumsa qabu akka kennaan haala ni
mijeessa, ni hordofa , bakka rakkoon jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
14. Kallattii boordiin inshuraansii fayyaa hawaasaa naannoo kaahu irratti hundaa'ee Puuliin
inshuraansii fayyaa hawaasaa godinaa akka hundaa'u ni deeggara, hojiirraa oolmaa isaa
ni hordofa.
15. Damee Eejansii inshuraansii fayyaa Itoophiyaa fi qaamolee biroo hojii inshuraansii
fayyaa hawaasaa deeggaran wajjin qindoominaan ni hojjeta.

21. Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaa

Waajjiri Eegumsa Fayyaa godinaa kallattii Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa godinaa fi
Biiroon Eegumsa Fayyaa kaahu irratti hundaa'uudhaan gahee hojii fi itti gaafatamummaa
armaan gadii ni qabaata:

1. Caasaa heyyamame irratti hundaa'ee humna namaa, meeshaaalee fi kutaa hojii


barbaachisu ni guuta, sadarkaa aanaa/ magaalaatti guutamuu isaa ni hordofa.
2. Baajata harka qalleeyyii gahee aanaa/ magaalaa barbaachisu ramadamuu isaa ni hordofa.

18
3. Baajata hojii adeemsistuu sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessuuf
barbaachisu aanaalee/ magaalootni ramaduu isaanii ni hordofa.
4. Baajata baasii durgoo boordii godinaaf barbaachisu ni ramada, boordiin yeroo isaa
eeggatee akka gaggeeffamu ni taasisa
5. Hawaasa keessatti sosochiin hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa akka milkaa'uu gochuuf
qooda fudhattootaa fi midiyaalee adda addaa fayyadamudhaan hubannoon hawaasa akka
cimu ni taasisa.
6. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa qulqullinaa fi
gahumsa qabu akka argatan ni hordofa, ni gamaggama iddoo rakkoon jirutti tarkaanfii
sirreeffamaa ni fudhata/chiisa.
7. Dhaabbileen fayyaa godina keessatti argaman tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahumsa qabu
miseensoota inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatii isaaniitif kennuu isaanii ni hordofa,
ni deeggara, ni gamaggama, bakka rakkoon jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni
fudhata/chiisa.
8. Bulchiinsi Aanaa/magaalaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif baajata hojii
adeemsistuu fi baajata harka qalleeyyii haala qajeelfamaatiin ramadamuu isaa ni hordofa.
9. Ragaa deeggarsa baajata waliigalaaf (General subsidy) barbaachisu qindeessuun qaama
dhimmi ilaaluuf yeroon ni dhiyeessa, yeroo heyyamamu aanaalee/magaalootaaf darbuu
isaa ni hordofa.
10. Sirni qabiinsa ragaa inshuransii fayyaa hawaasaa bifa qindaawaa taheen hojiirra ni oolcha.
11. Gabaasa raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa qindeessuudhaan biiroo fi
boordiidhaaf ni dhiheessa.
12. Puuliin inshuraansii fayyaa hawaasaa akka hundaa'u yoo heyamame hojiirra ni oolcha.
13. Konfiraansii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa godinaatti qopheessuudhaan qaama
raawwii ol'aanaa galmeessisaniif akka beekamtiin kennamu ni taasisa.
14. Muuxannoo gaarii hojii Inshuraansii fayyaa hawaasaa milkeessuu keessatti qooda
guddaa qaban godinaa keessaa fi ala jiran qindeessuudhaan akka babal'atu ni taasisaa.
15. Hojilee inshuraansii fayyaa hawaasaa biroo biiroo fi boordii irraa kennamuufi ni
raawwata.
16. Damee Eejansii inshuraansii fayyaa Itoophiyaa naannoo fi qaamolee biroo hojii
inshuraansii fayyaa hawaasa deegaran wajjin qindoominaan ni hojeta.

19
22. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Yaa’ii Waliigalaa Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaa Aanaa/magaala

1. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaala olaantummaan ni hoggana; kallattii ni


kaa’a.
2. Dambii ittiin bulmaata dhaabbatichaa ni mirkaneessa, akkataa barbaachisummaa isaatiin
ni fooyyessa.
3. Karooraa fi baajata waggaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa ni mirkaneessa.
4. Gabaasa raawwii hojii fi baajataa gamaaggamee ni mirkaneessa.
5. Gabaasa odiitii hojii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa ni gamaaggama ni
mirkaneessa.
6. Miseensota boordii yaa’ii waliigalaa keessaa filataman ni moggaasa; miseensummaa irraa
ni gaggeessa.
7. Yeroo buusiin idilee itti walitti qabamu ni murteessa.

23. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Boordii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa


Aanaa/magaalaa
Kallattii Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa godinaa fi yaa’iin waliigalaa aanaa/magaalaa
kaahan irratti hundaa'uudhaan gahee hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

1. Hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa aanaa/magaalaatti ni hooggana, ni hordofa.


2. Dhaabbata inshuraansii fayyaa hawasaa tiif qajeelfama hojii waliigalaa ni kenna.
3. Karoora hojii fi baajata inshuraansii fayyaa hawaasaa yeroon akka qophaa’u ni taasisa;
yeroo mirkanaa’u raawwii isaa ni hordofa.
4. Gabaasa raawwii hojii fi baajataa kurmaana kurmaanaan ni gamaggama; rakkoolee
muudataniif kallattii furmaataa ni kaa’a.
5. Ajaandaa marii yaa’ii waliigalaa ni qopheessa, walgahii ni waama
6. Harka qalleeyyiin ganda irraa calalamanii akka dhihaatanii fi baajatni barbaachisu yeroon
akka qabamu ni taasisa.
7. Sosochii hojii hubannoo uumuu inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa aanaa/magaalaa
ol’aantummaan ni hooggana.
8. Hawaasni aanichaa/magaalichaa hundi akka miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’an
taasisuf dirqama qaba
9. Kallattii boordiin godinaa fi yaa’ii waliigalaa aanaa/magaalaa kaheen haala galiin
inshuraansii fayyaa hawaasaa ittiin argamu danda'u akka hojiirra ooluu ni taasisa.

20
10. Horannaa miseensaa inshuraansii fayyaa hawaasaa yeroo taa’e keessatti raawwatamuu
isaa ni hordofa, ni gamaaggama, tarkaanfii barbaachisu ni fudhata.
11. Sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hawaasni hubannoo akka argatu
hojiiwwan raawwatamu qaban ni deeggara, ni hordofa.
12. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa waajjira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaa jalatti
humna namaa, meeshaalee fi kutaa hojii akka guutaman ni taasisa.
13. Yaa’ii waliigaalaa gaggeeffamu irratti qaamolee raawwii ol'aanaa galmeessan beekamtii
akka kennamu kallattii ni kaaha , hojiirra oolmaa isaa ni hordofa.
14. Walgahii idilee kurmaana kurmaanaa fi akka barbaachisummaa isaatti walgahii
ariifachiisaa ni gaggeessa.
15. Kaabineen aanaa/magaalaa hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa cheekliistii isaa keessa
galfatee akka hordofu ni taasisa, hojiirra oolu isaa ni hordofa.
16. Gurmaa’iinsa hawaasaa fayyadamuudhaan hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti
hubannoo fi dadammaqinni akka uumamu haala ni mijeessa, raawwii isaas yeroo
yerootti ni hordofa, ni gamaaggama.
17. Gabaasa raawwii hojii fi baajata waggaa yaa’ii waliigalaaf ni dhiyeessa.
18. Gabaasa raawwii faayinaansii inshuraansii fayyaa hawaasaa ji’a fi kurmaanaan waajjirra
mallaqaa fi walta’insa dinagdee fi qaamota ilaallatuuf qaqqabuu isaa ni hordofa.
19. Waajjiira maallaqaa fi walta’iinsa dinagdee aanaa/magaalaa waliin ta’uudhaan hojiin
inshuraansii fayyaa hawaasaa yeroo isaa eeggatee odiitii akka ta’u ni taasisa, bu’aa odiitii
irratti hundaa’udhaan tarkaanfiin akka fudhatamu ni taasisa.
20. Dhaabbileen fayyaa aanicha/magaalicha keessa jiran miseensotaa fi maatii inshuraansii
fayyaa hawaasaaf tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahumsa qabu akka kennan haala ni
mijeessa, ni hordofa , bakka rakkoo qabutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
21. Damee Eejansii inshuraansii fayyaa Itoophiyaa fi qaamolee biroo hojii inshuraansii fayyaa
hawaasaa deeggaran wajjin qindoominaan ni hojjeta.
22. Boordiin inshuraansii fayyaa hawaasaa dambii itti bulmaata ni qabaata.

24. Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Waajjira Eegumsa Fayyaa


Aanaa/Magaalaa

Waajjirri Eegumsa Fayyaa aanaa/magaalaa kallattii Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa


aanaa/magaalaa fi yaa’iin waliigalaa kaahan irratti hundaa'udhaan gahee hojii fi itti
gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

21
1. Caasaa heyyamame irratti hundaa'ee humna namaa, meeshaaalee fi kutaa hojii
barbaachisu ni guuta.
2. Baajata harka qalleeyyii gahee aanaa/ magaalaa barbaachisu ramadamuu isaa ni hordofa.
3. Baajata hojii adeemsistuu sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeessuuf
barbaachisu dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaaf ni ramada.
4. Hawaasa keessatti sosochiin hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa akka milkaa'u gochuuf
qooda fudhattootaa fi midiyaalee adda addaa fayyadamuudhaan hubannoon hawaasaa
akka cimu ni taasisa.
5. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa qulqullinaa fi
gahumsa qabu akka argatan ni taasiisa.
6. Sirna komii hawaasaa itti fudhatamu diriirsuudhaan kenniinsa tajaajila fayyaa irratti
komii dhiyaatu yeroo yeroon ilaaluudhaan tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatamu ni
taasisa.
7. Sirni qabiinsa ragaa inshuransii fayyaa hawaasaa bifa qindaawaa taheen hojiirra ni oolcha.
8. Gabaasa raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa qindeessudhaan boordii fi waajjira
eegumsa fayyaa godinaaf ni dhiheessa.
9. Muuxannoo gaarii hojii inshuraansii fayya hawaasaa milkeessuu keessatti qooda qaban
aanaa/magaalaa keessaa fi ala jiran qindeessuudhaan akka babal'atu ni taasisaa.
10. Hojilee inshuraansii fayyaa hawaasaa biroo godinaa fi boordii irraa kennamuuf ni
raawwata.
11. Damee Eejansii inshuraansii fayyaa Itoophiyaa naannoo fi qaamolee biroo hojii
inshuraansii fayyaa hawaasaa deeggaran wajjin qindoominaan ni hojjeta.

25. Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa


Aanaa/magaalaa

Dhaabbanni inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa kallattii Boordiin Inshuraansii


Fayyaa Hawaasaa aanaa/magaalaa fi waajjirri eegumsa fayyaa aanaa/magaalaa kaahan irratti
hundaa'udhaan gahee hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

26. Gahee Hojii fi Itti gafaatamumma Bulchiinsa /Kaabinee Gandaa/Kutaa


Magaalaa
Bulchiinsi/kaabineen gandaa/kutaa magaalaa kallattii bulchiinsi aanaa/magaalaa kennan irratti
hundaa'udhaan gahee hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:

22
1. Hojii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa sadarkaa gandaa/kutaa magaalaa olaantummaan ni
hooggana.
2. Sadarkaa gandaatti/kutaa magaalaatti abbootii amantaa, namoota beekamoo, waldaalee
fi dhaabbilee adda addaa hawaasa keessatti argaman waliin tahuudhaan hawaasni
gandichaa/kutaa magaalichaa hundi inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hubannoo akka
argatu ni taasisa,
3. Hawaasa dadammaqsuu fi kaka’umsa uumuudhaan miseensa inshuraansii fayyaa
hawaasaa akka ta’an ni taasisa sosochii isaas ni hordofa.
4. Hawaasni gandichaa/kutaa magaalichaa hundi akka miseensa inshuraansii fayyaa
hawaasaa tahan taasisuuf dirqama qaba.
5. Bulchiinsi/kaabineen gandaa/kutaan magaalaa hojii sassaabbii buusii miseensummaa
irratti ni hirmaata; maallaqa sassaabee baankiitti ni galcha, ni hordofa;
6. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa miseensummaa isaanii akka haroomfatan
hojii dadammaqinaa ni hojjeta ni hordofa.
7. Harka qalleeyyii haala qajeelfamaa irratti hundaa’ee yeroon calalee waajjirra bulchiinsa
aanaa/magaalaa ni dabarsa.
8. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa waraqaa eenyummaa yeroodhaan akka
argatan ni taasisa, ni raabsa.
9. Komii miseensoota irraa ka’uuf qaama dhimmi ilaalu wajjin ta’uudhaan furmaata ni
kenna.
10. Hojiilee biroo bulchiinsi aanaa/magaalaan kennamuuf ni raawwata.

27. Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Damee


Gandaa
Inshuraansii fayyaa hawaasaa damee gandaa kallattii bulchiinsi gandaa fi waajjirri eegumsa
fayyaa aanaa/magaalaa kennan irratti hundaa'udhaan gahee hojii fi itti gaafatamummaa
armaan gadii ni qabaata:

1. Maalummaa fi faayidaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee jiraataan gandichaa


hubannoo gahaa akka argatu ni taasisa.
2. Miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa ni galmeessa: ragaan isaanii uunkaa fi galmee
barbaachisu irratti guutuudhaan ni qabata; dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaatiif/magaalaatiif yeroon ni dabarsa.
3. Naghee galii aanaa/magaalaa irraa yeroon fudhachuudhaan buusii miseensotaa walitti ni
qaba; yeroo isaa eeguun lakkoofsa baankii maqaa dhaabbata inshuraansii fayyaa

23
hawaasaa aanaa/magaalaatiin banametti ni galcha; galchuu isaatiif ragaa isaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaatiif ni kenna; dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaa/magaalaa irraa nagahee galii gochuu isaa ibsu ni fudhata.
4. Uunka iyyaannoo miseensummaa miseensootaaf ni kenna; akka guutamu ni deeggara;
kan guutaman fudhachuudhaan ragaa isaa qabatee aanaa/magaalaadhaaf ni dabarsa.
5. Ragaa miseensotaa fi maatii isaanii waraqaa eenyummaa irratti guutuudhaan lakkoofsa
addaa fi chaappaadhaan akka mirkanaa’uuf gara dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa
aanaatti/magaalaatti ni erga; yeroo mirkanaa’ee deebi’u ni raabsa; ni haaromsa.
6. Gabaasa raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa ji’aa fi kurmaanaan qopheessuun
dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaatiif yeroon ni erga.
7. Hojiin inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa gandaatti haala barbaadameen hojiirra
ooluu isaa ni hordofa; ni gamaaggama.
8. Komii miseensoota irraa ka’uuf qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan furmaata ni
kenna.
9. Galmee miseensotaa fi maatii isaanii dabalate guutuudhaan ni qabata; jijjiiramni maatii
yoo jiraate ragaa sirreessudhaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaatiif ni
dabarsa, sadarkaa isaatti ni qabata.

24
KUTAA SHAN

Sirna Kenniinsa, Ittifayyadama fi Qulqullina Tajaajila Fayyaa

28. Kenniinsa fi Ittifayyadama Tajaajila Fayyaa

1. Miseensotni fi maatiin isaanii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa tajaajila fayyaa kan
argatan dhaabbilee fayyaa Waajjiira Eegumsa Fayyaa ykn qaama isa bakka bu’uun
waliigaltee waliin mallatteesse qofa keessatti ta’a.
2. Miseensootni inshuraansii fayyaa hawaasaa fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa yeroo
barbaadan dursanii buufata fayyaa waliigaltee seename deemu qabu. Bakka buufatni
fayyaa dhiyeenyatti hin jirretti hospitaala jalqabaa waliigaltee seename irraa tajaajila
argachuu ni danda’u.
3. Dhaabbileen fayyaa waliigaltee seenan miseensootaa fi maatii isaaniif tajaajila fayyaa
qulqullinaa fi saffina qabu kennuun irraa eegama.
4. Dhaabbani inshuraansii fayyaa hawaasaa bakka dhaabbatni fayyaa mootummaa tajaajilaa
guutuu kennuu hin dandeenyeetti dhaabbilee dhuunfaa kan akka fannoo diimaa, mana
qoricha waldaa jiraattota magaalaa (Kenema) fi mana qoricha hawaasaa(Community
pharmacy) irraa tajaajila gahaa akka argatan ni taasisa.
5. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa argachuuf yeroo gara dhaabbata fayyaa
deeman waraqaa eenyummaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiin haaromfame
qabachuu qabu.
6. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa argachuu kan eegalan guyyaa inshuraansii
fayyaa hawaasaa sadarkaa aanaatti/magaalaatti hundaa’e irraa kaaseeti.

29. Sirna Ergiinsaa fi Simannaa Dhukkubsataa

1. Kenninsi tajaajila fayyaa kan eegalu buufataa fayyaa waliigalteen taasifamee irraa ta’ee
sirna ergiinsaa fi simannaa isaa eeggatee hospitaalota sadarkaa sadarkaan jiranitti ta’a.
Haa ta’u malee dhukkubni tasaa yeroo nama qunnamu dhaabbilee fayyaa waligaltee
seene kamiyyuu irraa tajaajila argachuun ni danda’ama.
2. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa sirna ergiinsaa fi simannaa hordofamuu qabu
miseensoota fi maatii isaaniitiif beeksisuun irraa eegama.

25
3. Sadarkaa sirna ergiinsaa fi simannaa dhukkubsattootaa hordofamuu qabu:

a. Buufata fayyaa irraa gara hospitaala jalqabaatti


b. Hospitaala jalqabaa irraa gara hospitaala waliigalaatti
c. Hospitaala waliigalaa irraa gara hospitaala kompreensiiv ispeeshalaayizdi
hospitaalatti
d. Hospitaaloota sadarkaa walfakkaatan gidduuttis tajaajila fayyaa addaatiif (Speciality)
kan taasifamu ta’a.
4. Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jallatti kan tuumame akkumma jirutti ta’ee
dhaabbatni fayyaa tokko tajaajilli fayyaa sadarkaa dhaabbata fayyaa itti aanu keessa akka
hin jirree yoo mirkaneesse kallattiidhaan gara dhaabbata fayyaaa tajaajilichi itti
argamuutti erguu ni danda’a.
5. Miseensootni fi maatiin isaanii waraqaa ragaa sirna ergiinsaa fi simannaa osoo hin
qabatiin yoo deeman baasii sadarkaa hospitaalaatti kaffalamu hunda (%100) kaffaluu
qabu.
6. Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 jallatti kan tuumame namoota dhibee tasaatiin
tajaajila argatan hin ilaallatu.

30. Dhaabbilee Fayyaa Wajjin Waliigaltee Uumuu

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa yookaan qaamni isa bakka bu’u dhaabbilee
fayyaa tajaajila fayyaa qulqullinaa fi saffiina qabu adda baasuudhaan waliigaltee ni
mallatteessa.
2. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa iddoo dhaabbileen fayyaa gahaan
aaniicha/magaalicha keessatti hin jirreetti dhaabbilee fayyaa aanaa/magaalaa ollaa jiran
waliin waliigaltee mallatteessuu ni danda’a.
3. Yeroon turmaata waliigaltee dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa fi dhaabbilee
fayyaa tajaajila kennaan jidduutti taasifamu waggaa lama caaluu hin qabu.

26
31. To’annoo Kenniinsaa fi Qulqullina Tajaajila Fayyaa

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan


miseensootni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa qulqullinaa fi saffiina qabu argachuu isaanii
mirkaneeffachuuf hojii kiliinikaal odiitii kurmaana kurmaanaan ni gaggeessa.

2. Kiliinikaal odiitiin kan gaggeeffamu maanuwaalii dhimma kanaaf jedhamee qophaahu


irratti hundaahee ta’a.

27
KUTAA JAHA

SIRNA BULCHIINSAA FAAYINAANSII DHAABBATA INSHURAANSII FAYYAA


H AWAASAA

32. Madda Galii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

Maddi galii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kanneen armaan gadii irraa ta’a.
1. Kaffaltii galmee fi haaroomsa miseensummaa;
2. Buusii miseensotaa;
3. Deeggarsa (deeggarsa waliigalaa fi deeggarsa haarka qalleeyyiif taassifamu);
4. Madda galii biroo (adabbii, kennaa, teleetoonii, invastimantiit, dhala baankii fi kkf.)

33. Deeggarsa Mootummaa

1. Mootummaan dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif deeggarsa gosa lama ni taasisa:


a. Deeggarsa waliigalaa
b. Deeggarsa harka qalleeyyii
2. Deeggarsi waliigaalaa mootummaa federaalaatiin dhaabbata inshuraansii fayyaa
hawaasaatiif kan kennamu ta’ee, kunis buusii miseensota waliigalaa sassaabbame irraa
%10 (kudhan) kan uwwisudha.
3. Mootummaan Naannoo namoota kaffalanii miseensa ta’uu hin dandeenye tilmaamni
isaanii baay’ina hawaasa aanichaa keessaa %10 ta’aniif baajata ramaduun miseensa
inshuraansii fayyaa hawaasaa ni taasisa.
4. Deeggarsi harka qalleeyyiif taasifamu bulchiinsa mootummaa naannoo fi aanaatiin kan
kennamu ta’ee buusii fi kaffaltii galmee miseensootaa ni uwwisa. Deeggarsi
mootummaan kennu kunis %70 baajata naannoo fi %30 immoo baajata aanaatiin kan
uwwifamu ta’a.
5. Deeggarsi harka qalleeyyii jiraattota bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaanii godinaaf
ta’e mootummaan naannoo %50 fi bulchiinsi magaalicha %50 kan uwwifamu ta’a.
6. Deeggarsi harka qalleeyyi jiraattota bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaanii naannoof
ta’e Bulchiinsi magaalichaa %70 fi mootummaan naannoo %30 kan uwwisu ta’a.

28
7. Baajatni harka qalleeyyiif ramadamu kunis sadarkaa naannoo fi aanaa/magaalaa tti koodi
addaa (special code) mata isaa dandahe qabaate ramadama.

34. Haala Waliitti Qabiinsa Galii

1. Buusiin walitti qabamu kamiyyuu nagahee galii dhaabbata inshuraansii fayyaa


hawaasaatiif Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee /Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa
Dinagdee aanaatiin /magaalaatiin maxxanfameen qofa ta’a.
2. Buusiin kan walitti qabamu bulchaa gandaatiin ykn kaabinee gandaa keessaa nama inni
bakka buusuun ta’a.
3. Galiin iddoo adda addaa irraa argamus nagahee galii dhaabbata inshuraansii fayyaa
hawaasaatiin kan walitti qabamu ta’a.

35. Baasii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

1. Kaffaltii tajaajila fayyaa miseensootni fi maatiin isaanii argataniif,


2. Maxxansa waraqaa eenyummaa miseensummaa fi nagaheewwan adda addaatiif,
3. Kaffaltii onnachiiftuu qaamota buusii sassaabaniif,
4. Kaffaltii durgoo Boordii aanaa/magaalaa

36. Sirna Bulchiinsa Maallaqaa Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

1. Dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa maqaa isaatiin lakkoofsa herreega baankii ni


banata.
2. Herreegni baankii banamu Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ta’ee iddoo inni hin jirretti
Baankii Daldala Itoophiyaa, iddoo baankiin kanneen hin jireetti iddoo Waajjiri Maallaqaa
fi Walta’iinsa Dinagdee aanichaa/magaalichaa fayyadamu keessatti ta’a.
3. Dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa keessatti namootni herrega
akka sochoosan ykn cheekii irratti akka mallatteessan aangoon kennameef
ittigaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaa, Itti aanaa ittigaafatamaa
waajjira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaa yooka bakka caasaan itti aanaa itti gaafatamaa
waajjira eegumsa fayyaa hin jirretti immoo miseensa manaajimantii keessaa namni
tokko ittigaafatamaa waajjiraatiin kan bakka bu’uu fi qindeessaa dhaabbata inshuraansii
fayyaa hawaasaatiin ta’a.

29
4. Lakkoofsi herreega baankii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan socho’u
mallattoo namoota sadii keessa mallattoo namoota lamaatiin ta’ee, qindeessaan
Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa dhaabbataan kan mallatteessu ta’a.
5. Maallaqni dhuma waggaatti tajaajila fayyaaf osoo hin ooliin hafe bara baajata itti aanutti
ni darba.
6. Baasiin dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kan kaffalamu cheekii ykn maallaqa
callaa ykn xalayaa dabarsa maallaqaatiin ta’a.
7. Keewwata kana keewwatni xiqqaan 5 akkuma jirutti ta’ee, baasiin qarshii 50,000 (kuma
shantamaa) ol ta’e yemmuu ajajamu xalayaan mirkaneessaa karaa waajjira eegumsa
fayyaa aanaatiin/magaalatiin baankiif cheekii wajjin ergamuu qaba.
8. Galiin kaffaltii galmee miseensota irraa argamu waraqaa eenyummaa, uunkaalee, cheekii
fi galmee adda addaa maxxansiisuu fi bituuf kan oolu ta’a.
9. Baasiiwwan adda addaa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatiif oolan kan akka
mindaa hojjetootaa, durgoo oolmaa, baajata hojii adeemsiftuu,baasii yaa’ii waliigalaa fi
kkf baajata dhimma kanaaf jedhamee giddugala baasiii inshuraansii fayyaa hawaasaa
irratti ramadamee keessaa ta’a. Iddoo baajatni giddugala baasii kana irratti hin
ramadamne irratti immoo waajjira eegumsa fayyaa aanaa/magaalaa irraa kan uwwifamu
ta’a.
10. Maallaqa buusii miseensummaa ganda irraa sassaabamee keessaa %2 shallagamee
namoota maallaqa sassaabaniif akka onnachiiftutti ni kaffalama.
11. Keewwata kana keewwata xiqqaa 9 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, kaffaltiin
onnachiiftuu kun kan kaffalamu maallaqni buusii miseensummaa gandaa irraa
sassaabamee lakkoofsa herreega baankii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaatti yoo
galee fi jildiin nagahee galiin ittiin sassaabame xumuramee gara dhaabbata inshuraansii
fayyaa hawaasaa aanaaatti/magaalaatti deebi’uun isaa erga mirkanaa’ee booda ta’a.
12. Keewwata kana keewwata xiqqaa 10 irratti kan ibsame erga mirkanaa’ee booda
dhaabbatni inshuraansii fayyaa hawaasaa kaffaltii onnachiiftuu nagahee baasiitiin ni
raawwata.
13. Maallaqni kaffaltii onnachiiftuu buulchaa gandaatiin baasii ta’ee namoota sassaabbii
buusii inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hirmaataniif hanga qarshii sassaabbameen
shallagamee ni qoodama.

30
37. Kaffaltii Durgoo Boordii Sadarkaa Sadarkaan Jiranii

Kaffaltiin durgoo miseensa boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa sadarkaa sadarkaadhaan


jiran haala armaan gadiin ni kaffalama.

1. Durgoon miseensa boordii sadarkaa naannoo Qar. 2100 ta’ee waliiitti qabaa boordiif
dabalataan qarshiin 400 ni kaffalama.
2. Durgoon miseensa boordii sadarkaa godinaa Qar.1500 ta’ee,walitti qabaa boordiif
dabaltaan qarshiin 300 ni kaffalama.
3. Durgoon miseensa boordii sadarkaa magaala muummee fi olaanaa Qar.1500
ta’ee,walitti qabaa boordiif dabaltaan qarshiin 300 ni kaffalama.
4. Durgoon miseensa boordii sadarkaa aanaa fi magaala giddugaleessaa Qar. 500 ta’ee,
walitti qabaa boordiif dabaltaan qarshiin 200 ni kaffalama.
5. Durgoon miseensa boordii sadarkaa naannoo kan kaffalamu biiroo eegumsa fayyaa
Oromiyaatiin tahee durgoon miseensa boordii sadarkaa godinaatiif immoo gama
waajjira eegumsa fayyaa godinaatiin taha.
6. Durgoon miseensa boordii sadarkaa aanaa/magaalaa kan kaffalaamu galii dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa irraa taha
7. Keewwata 37 xiqqaa 1-4 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee durgoon boordii kan
kaffalamu akkaataa marsaa wal-gahii idilee sadarkaa sadarkaan qajeefama kana keessatti
ibsame qofaan kan kaffalamu taha.

38. Puulii Maallaqa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fi Faandii Ittiin Of- eeggannoo

1. Sirna ergiinsaa fi simannaa dhukkubsattootaa hordofuun miseensootni fi maatiin isaanii


tajaajila fayyaa sadarkaa naannoo fi godinaatti argataniif kaffaluuf akka mijaa’u gara
fuuladuraatti qorannodhaan puuliin maallaqaa sadarkaa godinaa fi naannoo ni
hundeeffama.
2. Hangi maallaqa puuli sadrakaa sadarkaatti hundeeffamu, maddi baajataa fi bulchiinsi isaa
fuuladuratti qorannoo irratti hundaa’ee tarreefamni isaa kan muurteeffamu ta’a.
3. Maallaqni of-eeggannoo dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa aanaa/magaalaa
maallaqa sassaabamu keessaa %5 ta’a.

31
4. Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa sodaa saaxilamummaa hanqina baajataa/kisaaraa
dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa hiri’suuf tarsimoolee adda
addaa qoratee hojii irra oolchuu ni danda’a.

39. Qabiinsa Herregaa fi Odiitii Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

Qabiinsi herregaa fi odiitii dhaabbataa inshuraansii fayyaa hawaasaa akka armaan gaditti
ibsamuun ta’a.

1. Sirni faayinaansii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa sirna faayinaansii mootummaa


kan hordofu ta’a.

2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
dhaabbatichi koodii herregaa mataa isaa ni qabaata.

3. Barri baajataa inshuraansii fayyaa hawaasaa bara baajataa mootummaa naannichaa ta’a.
4. Herregni inshuraansii fayyaa hawaasaa waggaatti yoo xiqqaate al tokko Odiitara
Mootumaatiin kan sakatta’amu ta’a; akka barbaachisummaa isaatti yeroo kamiyyuu
odiitii ta’uu ni danda’a.
5. Gabaasni firii odiitii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa yaa’ii waligalaa, boordii
inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa fi qaama dhimmi ilaalu hundaaf akka
qaqqabu ni taasifama.
6. Argannoo odiitii irratti hundaa’udhaan qaamni dhimmi ilaalu tarkaanfii sirreefamaa ni
fudhata.

32
KUTAA TORBA

MIRGAA FI DIRQAMA QAAMOLEE A DDA A DDAA

40. Mirgaa fi Dirqama Miseensotaa fi Maatii Isaanii

1. Miseensotnii fi maatiin isaanii tajaajiloota fayyaa gama dhaabbata inshuraansii fayyaa


hawaasaatiin paakeejii faayidaa keessatti hammataman hunda argachuuf mirga ni qabu.
2. Miseensotni fi maatiin isaanii sirna ergiinsa dhukkubsataa eeganii tajaajila argataniif
kaffaltii tokkollee hin kaffalan.
3. Miseensotni waraqaa eenyummaa miseensummaa ni argatu.
4. Miseensi kamiyyuu maatii isaa wajjin tajaajila fayyaa walqixa ta’e ni argata.
5. Miseensi kamiyyuu hooggansa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa keessatti
hirmaachuuf mirga ni qaba.
6. Miseensi kamiyyuu waa’ee sosochii hojii dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti
odeeffannoo gaafatee argachuuf mirga ni qaba.
7. Miseensotni buusii irraa barbaadamu yeroo kaffaltiif murtaa’e keessatti kaffaluuf
dirqama qabu.
8. Miseenotnii fi maatiin isaanii sirna ergiinsa dhukkubsataa osoo hin eegiin darbanii yoo
tajaajilaman baasii sadarkaa hospitaalaatti kaffalamu hunda %100 kiisii isaanii keessaa
kaffaluu qabu.
9. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa barbaacha yeroo gara dhaabbilee fayyaa
deeman waraqaa eenyummaa haaromsame agarsiisuu fi dabaree isaanii eeguun
tajaajilamuuf dirqama qabu.
10. Miseensi waraqaa eenyummaa isaa gate, baasii maxxansaaf bahu uwwisuun waraqaan
eenyummaa biroo akka kennamuuf ni taasifama.
11. Du’aan, dhalootaan ykn waan birootiin jijjiiramni maatii yemmuu uumamu damee
inshuraansii fayyaa hawaasaa gandaatti beeksisuun dirqama ta’a.

41. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

1. Miseensotni fi maatiin isaanii tajaajila fayyaa gahaa argachuu isaanii hordofuu fi


mirkaneessuuf dirqama qaba.

33
2. Odeeffannoon barbaachisaa ta’e yeroo isaa eeggate qaamoota dhimmi ilaaluuf
dhiyeessuu qaba.
3. Haalli kaffaltii dhaabbilee fayyaa akkaataa tajaajila fayyaa kennan irratti (fee-for-service)
kan hundaa’e ta’a.
4. Yeroo gaaffiin kaffaltii dhiyaatuuf, guyyoota hojii 10 keessatti maallaqa dheedhii ykn
cheekii ykn xalayaa dabarsa maallaqaatiin kaffaltii raawwachuu qaba.
5. Gaaffiin kaffaltii keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti dhiyaate ragaa gahaa yoo
ta’uu baate guyyaa hojii 10 keessatti kaffaluu dhiisuu ni danda’a.

42. Mirgaa fi Dirqama Dhaabbilee Fayyaa

1. Dhaabbileen fayyaa tajaajila fayyaa miseensotaa fi maatii isaaniif kennaniif kaffaltii yeroon
argachuuf mirga qabu.
2. Dhaabbileen fayyaa tajajila fayyaa miseensotaa fi maatii isaaniif kennan yeroo
yeroodhaan galmeessuudhaan uunkaa gaaffii kaffaltii tajaajila fayyaa dhaabbata
inshuraansii fayyaa hawaasaa guutudhaan gaaffii kaffaltii isaanii dhiheeffachuu qabu.
3. Dhaabbileen fayyaa tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahumsa qabu miseensotaa fi maatii
isaaniif kennuu qabu.
4. Dhaabbileen fayyaa waliigaltee dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa waajjira
eegumsa fayyaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa wajjin seenan kabajuuf dirqama
qabu.
5. Miseensonni dhukkuba malee fi deddeebii hin barbaachifne (moral hazard) tajaajila
fayyaa argachuuf yaalii godhan irratti dhaabbileen fayyaa barumsaa fi gorsa barbaachisu
kennun hordoffii cimaa taasisuu qabu.
6. Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 jalatti kan ibsame akkuma jirutti tahee miseensa
barumsaa fi gorsa dhaabbiille fayyaa hin fudhanne adda baasuun dhaabbata inshuraansii
fayyaa hawaasaatiif gabaasuun tarkaanfi barbaachisu akka fudhatu ni taasisa.

34
KUTAA SADDET

TUMAALEE ADDA ADDAA

43. Dambii Ittiin Bulmaata Dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

1. Tokkoon tokkoon dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaa dambii ittiin


bulmaataa of danda’e ni qabaata.

2. Dambiin ittiin bulmaataa dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa guyyaa yaa’ii waliigalaa
isa jalqabaa gaggeeffamu irratti ni mirkanaa’a

3. Dambii ittiin bulmaata dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa kana miseensotni hundi
akka beekan ni taasifama.

4. Dambiin ittiin bulmaataa kun miseensotaa fi dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa


gidduutti akka waliigaltee walta’iinsa ta’ee ni tajaajila.

44. Qajeelfamnii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa lakk. 11/2009 qajeelfama kanaan


bakka bu’ee jira.

45. Qajeelfama Fooyyessuu

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa qajeelfama kana fooyyessuu ni danda’a.

46. Yeroo Qajeelfamni kun Itti Hojiirra Oolu

Qajeelfamni kun Fulbaana 01/2013 irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a

Mangistuu Baqqalaa (Dr.)

Hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

35

You might also like