You are on page 1of 95

Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa

• Qajeelfama Raawwii Bittaa Dhaabbilee Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa


Naannoo Oromiyaa;

Hagayya, 2013
Adaamaa
Qabiyyee Qajeelfamichaa

– Tumaalee Waliigalaa;

– Hiikkaa Jechootaa;

– Gurmaa’insaa fi itti gaafatamummaa qaamoolee adda addaa;

– Karoora Bittaa;

– Malawwan Bittaa fi Raawwii Isaanii;

– Bittaa Biyya Alaa fi Malawwan Bittaa Kanneen Biroo;

– Bulchiinsa Waliigaltee;

– Naamusa Bittaa;

– Sirna Iyyannoon Hojii Gaggeessaaf Dhiyaatu Ittiin Fuudhamuu fi Qoratamu;

– Sirna Gabaasni Balleessaa Boorditti Dhiyaatu Ittiin Ilaalamu;


Kutaa Tokko

Tumaalee Waliigalaa

• Mata Duree Gabaabaa


– Qajeelfamni kun qajeelfama raawwii bittaa tajaajila bishaan dhugaatii fi
dhangala’aa Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 03 jedhamee waamamuu ni danda’a.

• Hiikkaa;
– Akkaataan jechaa hiikkaa biraa kan kennisiisuuf yoo ta'e malee qajeelfama kana
keessatti jechootni qajeelfama raawwii bittaa hiikkaa kennameef ni qabaatu.
Kutaa Lama

• Gurmaa’insa, Itti-gaafatamummaa fi Hojilee Qaamoolee Adda Addaa


– Karoora Bittaa Boordii Dhaabbatichaan Murtaa’uu;

• Karoorri Bittaa manajiimantiin erga gamaagamame booda Boordiif dhiyaatee


mirkanaa’a;

– Gahee Qaamoolee Adda Addaa Adeemsa Bittaa Keessatti;

• Itti-gaafatamummaa Hojiwwan Hojii Gaggeessaa;

• Adeemsa hojii bulchiinsa faayinaansii fi bittaa;

• Koree Caalbaasi;

• Walitti qabaa koree;

• Barreessaa koree;
Kutaa Sadii

• Qophii Karoora Bittaa


– Adeemsaalee fi dameewwan hundi karoora isaan barbaachisu karoora bittaa sagantaa
raawwiin deeggarani jalqabaa bara bajaata dura ji’a Waxabajii keessaatti qopheessuun
Adeemsa hojii karoora, bajata hordooffii fi gamaaggammaaf dhiheessu qabu;
– Adeemsaaleen hojii fedhiin bittaa dabalataan ykn hirdhina yoo qabaatan sababa gahaa
ta’e qaama ilaallatutti dhiyeessuun akka mirkana’u taasifamu qaba;

– Karoorrii bitttaa qophaa’uus kaayyoowwan armaan gadii galmaan gahuu kan


dandeesiisuu ta’uu qaba;
• Qajeeltowwaan bittaa hojiirra akka ooluu taasisuuf;
• Sagantaa hojii fiixaan baasuuf;
• Bittaa kukkutamanii raawwataman hambisuun hojimaata yeroo fi baasii akka
qusatu taasisuu;
• Rakkoolee ykn sodaalee raawwii bittaa irratti qunnamuu danda’an dursanii
hubachuun qophii ghaa taasisuuf;
Kutaa Sadii

– Qophii Karoora Bittaa;

• Haala Karoorri Bittaan Itti Ragga’uu fi Fooyya’uu;

• Fedhii Bittaa Adda Baasuu, Sassaabuu fi Qindeessuu;

• Mala Bittaa Filachuu;


• Yeroo Bittaan Itti Raawwatamu Murteessuu;

• Qabiyyee Karoora Bittaa;


Kutaa Afur

• Malawwan Bittaa fi Raawwi Isaanii;


– Malawwan Bittaa Hayyamaman;

– Bu'uura qajeelfama raawwii bittaa kanaan malawwan bittaa hayyamaman;


1. Caalbaasii Ifaa;
2. Caalbaasii Murtaa'aa;
3. Dhiyeessaa Tokko Irraa Bittaa Raawwatamu;
4. Bittaa Dhiyeessa Gatiin Raawwatamu;
5. Bittaa Sadarkaa Lamaan Raawwatamu;
6. Bittaa Gaaffii Yaada Dorgommiitiin Raawwatamu;

o Hubachiisa;
o Dhaabbatichi mala caalbaasii ifaa dhiisuun, malawwan birootiin bittaa raawwachuu kan
danda’u haalawwan qajeelfama kana keessatti tumameen qofa;

o Dhaabbatichi bittaa raawwatu kamiyuu mala bittaa caalbaasii ifaatiin ala, mala biroon,
raawwachuuf yoo murteessuu sababa maaloota kanatti faayadamuuf filatee fi haala isaa
barreeffamaan ibsamu qaba;
Kutaa Afur…

• Haaldurewwani Bittaa Caal-baasii Ifaa Biyya Keessaa;

– Caalbaasii ifaa biyya keessaa fayyadamuun bittaan kan gaggeefamu dorgomtoota


biyya keessaatiin fedhiin bittaa barbaadamu guttachuu kan danda’amu yoo ta’u;

– Oomisha walfakkaatu gatii gadi aanaa ta’een fi sagantaa bittaan itti barbaadamu
waliin yoo madaalamu yeroo gabaabaatti biyya alaatii carraan argachuu xiqqaa ta’uun
yoo amaname;

– Bittaan raawwatamu kamiyyuu caal-baasii ifaatiin bittaa raawwatuuf sanada caal-


baasii idilee (Standard bid document) fayyadamuu fi adeemsa raawwii bittaa
qajeelfama kanaan tumaman hordofuu qaba;
Kutaa Afur…

•Waamicha Caal-baasii

–Dorgomtonni lakkoofsi isaani gahaa ta’e akka qooda fudhachuu danda’an Gaazexaa uwwisa

bal’aa qabuun al tokko maxxanfamee bahuu qaba;

–Raadiyoo Ykn Televiziinaan dabalataa taasifamuu ni danda’ama ;

–Qabxiiwwan ijoo beeksisa waamicha caal-baasii.


a)Maqaa fi teessoo dhaabbataa ykn Waldaa;
b)Dorgomtoonni caalbaasicha irratti qoda fudhatan ulaagaale guutuu qaban,
c)Iddoo fi yeroo sanadni caalbaasii itti argamu,
d)Hamma kabachiisa caalbaasii qabsiifamuu qabu,
e)Sanada caalbaasii bitachuuf gatii kaffalamuu fi maallaqa biyya kamitiin akka kafalamu,
f) Yeroo dhumaa sanadni caalbaasii itti galii ta’u fi guyyaa, iddoo fi sa’aatii itti banamuu,
g)Caal-baasicha gar-tokkeen ykn guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga qabaachuu isaa,
h)Dhimmoota dorgomtootaaf ibsamuu qabanii fi itti amane biroo qabachuu qaba.
Kutaa Afur…

• Sanada Caalbaasii;
– Sanadni caalbaasii bittaa abbummaan kan qophaa’u adeemsa hojii gaaffii bittaa
dhiyeesse waliin adeemsa hojii bulchiinsaa faayinaansii fi Bittaa ta’ee,
tarreeffama meeshaa ykn tajaajilichaa dhiyaate irratti hunda’ee ta’a.

• Sanadni Caalbaasii Yommuu Qophaa’uu;


– Bittaawwan caalbaasii kamifiyyuu Dhaabbatichi sanada caalbaasii kanneen
armaan gadii qopheessuu qaba,

a) Qajeelfama dorgomtoota / instruction to bidders/;

b) Tarreeffama meeshichaa ykn tajaajilichaa / specification /;

c) Uunkaa dhiyeessa yaada dorgommii caalbaasii gabatee gatii kan qabatu


/price schedule/;

d) Haalawwan waliigaltee /conditions for contract/;


Kutaa Afur…

• Qajeelfama dorgomtootaa
1. Dhaabbatichi bittaa gaggeessuu kamiyyuu qajeelfama dorgomtootaa qaama sanada caalbaasii
idilee ta’e qophaa’ee fi gabatee facaatii odeffannoo bittaa qaama sanada caalbaasii taasisuun
dorgomtootaaf kennuu qaba;
2. Qabiyyee qajeelfama dorgomtootaa sanada caalbaasii idilee irratti foyya’insi kamiyyuu hin
taasifamu. Gabatee facaati odeffannoo bittaa irratti garuu akkaataa barbaachisummaa isaatiin
foyya’insa taasisuun ni danda’ama;

3. Ulaagaaleen dorgomtoonni qabaachuu qaban :-


– Dorgomtootni biyya keessaa tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaani
waraqaa ragaa qabaachuu qabu;
– Dorgomtootni biyya alaa biyya itti hunda’an irraa waraqaa ragaa galmeeffama
kubbaaniyyaa ykn heyyama daldalaa dhiyeessuu qabu;
– Dorgomtootni sanada yaada dorgommiii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo fi mallattoo
isaanii barreessuu akka qaban ibsuu;
Kutaa Afur…

• Ulaagaaleen Dorgomtoonni Qabaachu Qaban :-


– Dorgomtootni caalbaasii biyya keessaa gibiraa kaffaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa Abbaa

Taayitaa Galiiwwanii, ykn Abbaa Taayitaa Galii fi Gumuruukaa Feedaraalaa irraa ragaa kan

dhiyessan ykn heyyama daldalaa haaraa ykn kan haaromfame dhiyeessu qabu.

– Dorgomaan biyya keessaa bittaa gatiin isaa Qar. 500,000.00 ol ta’e irratti hirmaatu kamiyyuu

kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaaf /VAT/ galmaa’uu isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa

dhiyeessuu qaba.

– Dorgomaan gocha malaamaltummaa fi qisaasa irraa bilisa ta’u, seerota Federaalaa fi Naannoo kan

kabajuu fi sanada yaada dorgommiii fi sanada caalbaasii waliin unkaa jiru irratti wadaa seenuun

mallatteessuu qaba.

– Dorgomtootni caalbaasicha gufaachisuuf yaalan caalbaasii ala akka ta'aan, gara fuulduraattiis

bittaa Dhaabbaticha irratti akka hin hirmaannee fi kabachiisa caalbaasii qabsiisan akka

dhaalaman ibsamuu qaba.


Kutaa Afur…

– Caalbaasii kamiyyuu gamaaggamuuf malawwan gamaaggamaa fi waldorgomsisaa hojii irra oolan ykn
tarreeffama ulaagaalee ykn qabxii ulaagaaleen tokkoo tokkoon qaban agarsiisu qophaa’uu qaba;

– Sanadni yaada dorgommiii dorgomtootaan dhiyaatu gosa meeshichaa, maqaa oomisheessaa, biyya itti
oomishame, lakkoofsa moodeelaa fi bara itti oomishame facaatii agarsiisuu qaba;

– Sammudni meeshaalee dorgomtootaan dhiyaachuun barbaachisa yoo ta'e, sammudni barbaadaman


bakkaa itti dhiyaatan fi akka barbaachisa isaatti yeroo dorgomtootaan itti ilaalaman fi
iddoo ,akkasumaas , sammudota kanneen dorgomtoota caalbaasii mo'amaniif kan deebi'u ta'uu ykn
deebi’uu kan hin dandeenye ta’uu,

– Dorgomtootni caalbaasichi erga banamee booda yaada dorgommiii caalbaasii dhiyeessan irratti
jijjiirama ykn fooyya'iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuu akka hin dandeenye,

– Bakka sanduuqni caalbaasii itti argamuu fi erga caalbaasiin cufamee booda sanada yadaa dorgomii
caalbaasii dhiyaatu fudhatama akka hin qabne kan ibsu,

– Wabummaa kabachiisa caalbaasii, kabachiisa waliigaltee, kabachisa kaffaltii duraa, sartifikeetii


waaraantii fi riiteenshinii gaafatamee fi yeroo wabummaan itti dhiyaatu fi raga’ee itti turu ibsuu,
Kutaa
Kutaa Afur…
Afur…

– Malawwan caalbaasii gamaaggamuuf itti fayyadaman, ulaagaalee gamaggama kanaaf


barbaachisuu fi ga'ee qabxii uulaagaan kun qabachuu qabu, akkasumaas , dorgomtootni lamaa
fi lamaa ol gamaaggamaan qabxii wal-qixaa yoo argatan , mo'ataa caalbaasii addaan baasuuf
yaada dorgommi haala itti dhiyaatuu fi ulaagaa isaa.

– Yeroo gatiin caalbaasii raga’ee itti turuu fi bakka wal-harkaa fudhiinsa ibsu,

– Dorgomtootni sanada yaada dorgommiii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo fi mallattoo isaanii
barreessuu akka qaban ibsuu,

– Caalbaasichi Invelooppii tokkoon ykn lamaan kan dhiyaatuu ta’uu ykn akkaataa
Inveloopponni itti saamsamuu, sanadoota oriijinaalaa fi waraabbii, baay’ina waraabbii fi
qaama aangoo qabuun kan mallatteeffamee fi chaappaa qabaachuu akka qabu,

– Haala ragaan deeggaraa itti dhiyaatu fi bakka saanduqni caalbaasii itti argamu ibsuu,

– Bittaa biyya keessaa dorgomtootni sanada caalbaasichaa irratti ibsa ykn gaaffii fooyya'insaa
dhiyeessuu akka danda'aanii fi yaada foyya’insaa bittaa biyyaa keessaaf guyyaa caalbaasiin
Kutaa
KutaaAfur…
Afur…

– Dorgomtoonni adeemsa raawwii caalbaasii irratti komii yoo qabaatan akkaataa


qajeelfama raawwii bittaa komii iyyataan dhiyeeffachuuf mirga akka qaban,

– Dhaabbatichi caal-baasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquu dhaaf


mirga kan qabu ta'uun isaa ibsamuu qaba.

– Kaffaltii dursaa kan kaffalamu yoo ta’e hangi kaffalamu ibsamuu akka qabu,
Kutaa
KutaaAfur…
Afur…

• Ibsa Fedhii Teekinikaa (Technical Specification)

– Dhaabbatichatti Adeemsaaleen hojii bittaa gaafatan bittaawwan walxaxaa


ibsa ogummaa barbaadanii fi baasii guddaa gaafataniif tarreefama fedhi
teeknikaa (specification) qopheessuun wal qabsiisanii gaafachuu qabu.

• Uunka Caal-baasii fi Gabatee Dhiyeessa Gatii


– Dhaabbatichi dorgomtootaan kan guutamu uunkaa dhiyeessa yaada
dorgommiii fi gabatee gatii akkasumas unkaalee guutamu qaban jedhamee
itti amaname biroo sanada caal-baasii keessatti akka dabalamu gochuu
qaba.
Kutaa
KutaaAfur…
Afur…
• Haalaawwan Waliigaltee Waligalaa fi Waliigaltee Addaa
o Sanada caalbaasii idilee keessatti kutaa tokko ta'ee kan qophaa’u haalawwan
waliigaltee waliigalaa fi unkaalee waliigaltee addaa kutaa sanada caalbaasii
bittaaf qophaa’ee taasisuudhan dorgomtootaaf kennuu qaba.

o Sanada caalbaasii idilee irratti haalawwan waliigalte waliigalaa (General


Conditions of contract) irraatti fooyya’insaa taasisuun hin danda’amu.

o Waliigaltee addaa (Special conditions of contract) irratti garuu akkaata


gosaa fi amala bittaa raawwatuun haalawwan waliigalte waliigalaa irratti
keewwatoota tuquudhaan fooyyessuun ni danda’ama.
Kutaa Afur…

• Qophii Ulaagaalee Gamaaggama Caal-Baasii


– Dhaabbanni ulaagaalee sanadni caalbaasii ittiin gamaaggamamu kutaa
ulaagaa ga’umsaa fi madaalli sanada caalbaasii idilee irratti ifatti
agarsiisuutu irra jiraata.

– Uulaagaan gamaaggama caalbaasii akaakuu bittaatiin adda addummaa


qabaatus, tooftaalee filannoo bu’uraa armaan gadii keessaa tokkoon
raawwatamu qaba.
1) Bittaaf ulaagaa teekiniikaa gadi aanaa /Minimum technical requirement/
fudhatama qabu murteesuudhan ulaagaa tekiniikaa gadi aanaa dorgomtoota
guutanii dhihessan keessaa dorgoma gatii xiqqaa dhiyeesse filachuu
ykn;

2) Ulaagaalee faayidaa ykn bu’aa dinagdummaa bittichi qabu murteessu


danda’anii fi ulfaatina tokkoon tokkoo ulaagaa qabaatu ifatti sanada
caalbaasii irratti ibsuun, ulaagaalee kanneen irratti hundaa’uun xinxalame
ida’ama waliigalaatiin dorgomaa qabxii ol’aanaa argate filachuu.
Kutaa Afur…

• Yeroo Caalbaasiin Banaa Ta’e Qillensaa Irra Itti Turu Murtessuu


Uwwisa Hirmaannaa Bittichaa
Caalbaasii Murtaa’aa
Caalbasii Ifaa (Open Bid) (Short lists)
Lak Gosa Bittaa Walxaxummaa
Dorgomtoonni Dorgomtoonni
Idil-Adunyaa Biyyoolessaa
Biyya Alaa Biyya Keessaa
(International) (Local)
Hirmaatan Hirmaatan
Walxaxaa Guyyaa 45 Guyyaa 30 Guyyaa 30 Guyyaa 20
Hojii Damee
1 Kan Walxaxaa Hin
Ijaarsaa Guyyaa 35 Guyyaa 15 Guyyaa 25 Guyyaa 10
Taane
Walxaxaa Guyyaa 45 Guyyaa 30 Guyyaa 30 Guyyaa 15
2 Meeshaalee Kan Walxaxaa Hin
Guyyaa 35 Guyyaa 15 Guyyaa 25 Guyyaa 7
Taane
Walxaxaa Guyyaa 45 Guyyaa 30 Guyyaa 45 Guyyaa 15
3 Tajaajiloota Biro Kan Walxaxaa Hin
Guyyaa 35 Guyyaa 15 Guyyaa 25 Guyyaa 7
Taane
Tajaajila Gorsaa
Walxaxaa Guyyaa 20 Guyyaa 15 Guyyaa 15 Guyyaa 10
Ibsa Fedhii Kan Walxaxaa Kan
Guyyaa 15 Guyyaa 10 Guyyaa 7 Guyyaa 7
Hin Taane
4
Walxaxaa Guyyaa 30 Guyyaa 15 Guyyaa 25 Guyyaa 20
Dhiyeessa Yaada
Dorgommii Kan Walxaxaa kan
Guyyaa 25 Guyyaa 10 Guyyaa 15 Guyyaa 10
Hin Taane
KutaaAfur…
Kutaa Afur…

Gurgurtaa Sanada Caalbaasii


• Gatiin gurgurtaa sanada caalbaasii dorgomtoota heddu akka hin arganne taasisuu
hin qabu;

• Gatiin gurgurta sanada caalbaasii murtaa’u bu’aa argachuu kan giddugalessa hin
godhannee fi baasii sanadicha qopheessuuf bahee uwwisuu qofa kan kaayyeefate
ta’u qaba;

• Dhaabbatchi sanada caalbaasii guyyaa beeksisni caalbaasii bahee kaasee hanga


guyyaa cufinsaatti guyyaa hojii jiran hundatti iddoo fi haala beeksisa caalbaasii
irratti ibsameen sa’aatii hojii idilee Dhaabbatichaatiin dorgomtoota
kaadhimamoof gurguruu qaba;
Kutaa
KutaaAfur…
Afur…

Gurgurtaa Sanada Caalbaasii ….


• Dhimmoota armaan gadii keessaa tokko guutee yoo argame sanada caalbaasii bilisaan
akka kennamu ykn baasii qophii sanadichaatiif bahee gadiin akka gurguramu hayyamuu
ni danda’a:-

1) Dorgomtoonni gahaan hin argamani jedhamee yoo yaadamu;

2) Baasiin qophii sanadichaaf bahe baayyee gadi aanaadha jedhamee yoo amaname,

3) Tilmaamni baasiin qophii sanada caalbaasichaatiif bahe baayyee Ol’aanaa ta’uu


isaatiin baasii isaa guutumaan guutuutti dorgomtoonni akka uwwisan gochuun
gatiin gurgurtaa caalbaasichaa baayyee ol’aanaa waan ta’uuf dorgomtoonni gahaan
akka hin argamne godha jedhee yoo amanu;
4) Caalbaasichi irra deebiin akka bahu kan godhamee fi caalbaasii jalqabaa irratti
dorgomuuf dorgomtoonni sanada bitan lammaffaa akka bitan gochuun sirrii ta’uu
baachuun isaa Dhaabbatichi yoo itti amaname,
Kutaa Afur…

• Saamuda Bittaaf Dhiyaatu

• Yeroo ibsa feedhii teekniikaa qopheessuun hin danda’amnetti ykn ibsa


fedhii teekniikaa dabalataan bittaa caalmaan bu’a qabeessa taasisuu
kan danda’amu saamuda ilaaluun ta’un yoo itti amaname
Dhaabbatichi dabalataan samuda dhiyeessuu ykn akka dhiyaatu
taasisuu ni danda’a.
• Samuda Dhaabbatichi ofii dhiyeessee dorgomtoonni samuda

dhiyaatee ilaaluun akka dhiyeessan yeroo barbaadamu,


Kutaa Afur…

• Ibsaa fi Fooyya’insa Sanada Caalbaasi Irratti Taasifamu

– Dhaabbatichi gaaffii ibsaa ykn foyya’insa sanada caalbaasii dorgomtoota


kaadhimamoo kamiyyuu irraa dhiyaatuuf fudhate deebbi kennu qaba.

– Dhimmoota armaan gadii osoo hin gutiin ibsii ykn foyya’insa gaafatameef
Dhaabbatichi deebbii akka kennuu hin dirqamu.
• Bittaa walxaxaa biyya keessaa guyyaa 30 banaa ta’ee turuuf caalbaasiin
cufamuuf guyyaa 10 gadii yoo isa hafu gaaffi dhiyaatu.
• Bittaa Addunyaaf caalbaasiin cufamuf guyyaa 15 gadii yoo isa hafuu kan
dhiyaatu
• Caalbaasii walxaxaa hin taane fi guyyaa 15 banaa ta’e turuuf guyyaa 5 gadii
yoo hafuu yoo dhiyaate fudhatama hin qabu.
Kutaa Afur…

– Afaan Caalbaasii
– Gatii Caalbaasii fi Sirreeffama Gatii

• Gatiin Ittiin Dorgommiiif Kenname Ragga’aa Ta’uu


• Haalawwaan Sirreeffamni Gatii Itti Taassifamu
• Sirreeffama Gatii Hojii Ijaarsaatiif Taassifamu
– Meeshaaleen ittigala hojii ijaarsaaf barbaachisan fi meeshaalee ittigala ijoo ta’an
jalatti galuu danda’an adda baasuu,
– Meeshaalee ittigala ijoo ta’an meeshaalee adda addaa of jalatti qabatan hojii
ijaarsichaa waliigalaa keessaa gahee qabaatan shallaguun sirreeffamni gatii kan
taassifamuu fi kan hin taasifamne murteessuu,
– Caalbaasichi osoo hin cufamiin dura indeeksiin gatii hojiirra jiru kan agarsiisu
bu’uura foormulaa sirreeffama gatii shallaguuf ka’umsa ta’ee fudhatama.
– Garaagarummaan sirreeffama gatii hojii ijarsaa kan shallagamu indeeksii gatii gabaa
hojii irra jiruu fayyadamuudhaan ta’a.
Kutaa Afur…

• Sirreeffama Gatii Bittaa Waliigaltee Yeroo Dheeraatiin Raawwatamuuf sirreeffama gatii gochuu kan danda’an

haala armaan gadiitiin ta’a;


– Sirreeffama Gatii Bittaa Tajaajila Gorsaa;
– Haalawwan Sirreeffama Sanada Caalbaasii Irratti Ibsamu Qaban;
– Sirreeffama Gatii;
– Sirreeffamni Gatii Waliigaltee Keessatti Hamataman;
– Garaagarummaa Gatii Irratti Uumamuu Beeksisuu;
– Kaffaltii Sirreeffama Gatii Ittigala Meeshaa;
– Yeroo Sanadni Yaada Dorgommii Itti Ragga’ee Turu
– Kabachiisa Caalbaasii (bid bond);
– Sanada Yaada Dorgommiii Fuudhuu;
– Baniinsa Caalbaasii;
– Gamaaggamaa Facaatii Teeknikaa, Faayinaansii fi Mo’ataa Adda Baasuu
– Ilaalcha Addaa, Caalbaasii Ala Taasiisuu;
– Irra Deebi’anii Caalbaasii Baasuu;
– Marii Dorgomtoota Waliin Taasifamu;
Kutaa Afur…

– Sirreeffama Gatii Bittaa Waliigaltee Yeroo Dheeraatiin Raawwatamuuf sirreeffama


gatii gochuu kan danda’an haala armaan gadiitiin ta’a….
– Caal-baasii Raggaasisuu;

– Mo’ataa Caalbaasii Beeksisuu;

– Kabachiisa Raawwatinsa waligalitee (Performance Bond);

– Kaffaltii Dursaa;

– Waliigaltee Mallatteessuu;
Kutaa Shan

• Bittaa Biyya Alaa fi Malawwan Bittaa Kanneen Biroo


– Mala Bittaa Caal-Baasii Ifaa Addunyaa;
• Caal-baasiin ifaa Idil- Addunyaa hojii irra oluu kan danda'u Kuppaaniyyoonni
biyya alaa caal-baasii irratti akka hirmaatan yoo taasifame malee caal-baasii
ifaa biyya keessaatiin dorgommiin bu'aa qabeessa ta'e jiraachuu akka hin
danda'amne yoo amaname ykn faayidaa dinagdee addaa yoo argachuun
amaname dha;

• Caal-baasii ifaa addunyaa kan raawwatamuu danda’u daangaan maallaqa bittaa


kan Baankii Biyyoleessaan sharafa biyya alaa argachuuf ta’een ol yoo ta’u;

• Caal-baasii ifaa Idil-addunyaatiin bittaa meeshaa irratti dorgomtoota hirmaatan


ofii isaanii oomishtoota meeshaa yoo ta’uu baatan akka barbaachisummaa
isaatti yeroo gaafataman bakka bu’insa oomisheessaa irraa kennameef
dhiyeessuu qabu.
Kutaa shan…

• Mala Bittaa Caal-Baasii Ifaa Addunyaa;

– Caalbaasiin ifaa Idil-Addunyaa kanneen armaan gadii hammachuu qaba Beeksifni


waamicha Caal-baasii fi sanadani caal-baasii kan qophaa’u Afaan Ingiliffaan ta’uu
qaba.

• Waamichi Caal-baasii Idil-Addunyaa Gaazeexaa afaan Ingiliffaan qophaa’uu


qaba.

• Dorgomtoota gahaa argachuuf kan gargaaru akka barbaachisummaa isaatti


toora ‘web site’ Dhaabbatichaa ykn Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi
Inarjii Oromiyaa tiin waamicha caal-baasii dabarsuun ni danda’ama.

• Tarreeffamni fedhii qophaa’u sadarkaa qulqullinaa biyya keessaa kan guutee fi


addunyaa irratti fudhatama kan qabu ta’uu qaba.

• Dorgomtotni biyya alaa gatii dorgommiii fi kabachiisa caal-baasii dhiyeessaan


maallaqa daldalli addunyaa ittiin hojjetamuu fi akka salphaatti sharafamuu
Kutaa shan…
• Mala Bittaa Caal-Baasii Ifaa Addunyaa;

– Caalbaasiin ifaa Idil-Addunyaa kanneen armaan gadii hammachuu qaba Beeksifni


waamicha Caal-baasii fi sanadani caal-baasii kan qophaa’u Afaan Ingiliffaan ta’uu
qaba.

• Dorgomaan mo’ataa biyya alaa fedhii bittaa dhiyeessu guutuuf keessa gala ykn
meeshaa dheedhii biyya keessaa yeroo fayyadamu gatii waliigaltee keessaa
kaffaltiin sharafa biyya keessaattiin (Birriidhaan) raawwatamu gabatee gatii
keessatti agarsiifamuun irra jiraata.

• Tumaatilee seerota biyyatti kana hanga hin faallessinetti Waliigalteen bittaa


addunyaa haalawwanii fi jechoota waliigaltee daldalli addunyaa ittiin
adeemsifamu irratti hundaa’uudhaan raawwatamu qaba.

• Waliigalticha keessatti haala addaatiin yoo heyyamame malee walitti bu’insi


yeroo raawwii waliigaltee uumaman seerota Itoophiyaatiin kan murtii argatan
ta’u.
Kutaa shan…

• Bittaawwan Idil- Addunyaa Kan Biroo

– Dorgomtootni biyya alaa dorgommii irratti yoo hirmaatan dorgommiin bu’aa


qabeessa ta’a jedhame yoo itti amaname akka barbaachisummaa isaatti hojmaatni
caalbaasii biyya alaa fi biyya keessaa akkuma eegamanitti ta’ee mala bittaa Caal-
baasii sadarkaa lamaa yaada dorgommii,Caal-baasii murtaa’aa, ittiin dhiyeessa
gatii, fi mala bittaa dhiyeessaa tokkoo fayyadamuudhaan bittaa addunyaa
raawwachuu ni danda’u;

– Mala caal-baasii ifaa addunyaan alatti mala bittaa biroo fayyadamuudhaaf tokkoon
tokkoon maloota bittaaf haalawwan ibsamanii fi/ykn daangaa maallaqaa ibsaman
irratti hundaa’uudhaan kan raawwatamu ta’a.
Kutaa shan…

• Hordoffi Bittaa Biyya Alaa

– Bittaan Biyya Alaatti bittamee geejiibamee hanga mana kuusaa keessa galuutti
hordooffii barbaachiisaa gochuudhaan qaamoolee akka Baankii daldalaa, Baankii
biyyolessaa, Abba Taayitaa Galii fi Gumurukaa, Waldaa Daldala Doonii, Buufata
Xiyyaaraa, inshuraansii waliin qunnamtii gochuudhaan sanada barbaachisaa
(Shipping Documents) sakata’ani fi dursee akka ga’uuf haala mijeessuun ni
barbaachisa.

– Kan bittamee tajaajila yoo ta’e qaamni itti fayyadamu/project/ hordooffii


barbaachisaa ta’e gochuudhaan bu’ura waligalameen hojiichi raawwatamu isaa
mirkaneessuu qaba.
Kutaa shan…

• Dirqama Sharafa Biyya Alaa Ofiirraa Buusuu;

– Baankii Biyyooleessa hayyamsisuun bittaa kamiyyuu ykn hayyama tajaajilaa


sharafa biyya alaatiin yoo gaafatamuu bu’uruuma dirqama seenameen bittaan
raawwachuu isaa meeshaan bittaa sirnaan galuu isaa kan mirkaneesuu;
• Dikiilaasiyooni Gumurukaa;

• Nagahee (Invoice);

• Ibsa facaati meeshaa (Packing list);

– Sanadoota kanneen biraas haaluma Baankiin gaafatuun dhiyeesuun dirqama


sharafa biyya alaa yeroon ofirraa buusuun dirqama qaama bittaa raawwatu ta’a;
Kutaa Shan…

• Caalbaasii Sadarkaa Lamaan Bittaa Raawwatamu

– Bittaa sadarkaa lamaan raawwachuu kan danada’amu haalaawwan kanaan gadiitti


ibsaman guutanii yoo argamani qofa dha;

• Meeshaawwanii fi tajaajiloota bitamaniif tarreeffama gahaa qophessuu fi


sadarkaa Dhaabbatichaatti kan hin danda’amne ta’ee yoo argame;

• Tajaajiloota ilaalchisee amala isaanii adda baasani agarsisuuf kan hin


danda’amne yoo ta’ee fi bittaan raawwatu fedhii bittaa isaa sadarkaa Ol’aanaan
guutachuuf furmaata dandeesisuu barbaaduuf;

• Bittaa hojiiwwan misoomaa, qorannoo fi qo’annoo adeemsisuuf kan


dandeesisuun waliigaltee raawwachuu yoo barbaade;
Kutaa Shan…

• Caalbaasii Sadarkaa Lamaan Bittaa Raawwatamu


– Bittaa sadarkaa lamaan raawwachuu kan danada’amu haalaawwan kanaan gaditti
ibsaman guutanii yoo argamani qofa dha;-
• Caalbaasiin akka bahu taasiffame meeshaaleen bitaman, hojiiwwan ijaarsaa,
tajaajila gorsaa fi amala tajaajila biro ykn ummamnni isaanii ifaa ta’uu
dhabuu isaatiin dorgomtootni kadhimaamoo caalbaasiicha irratti kan hin
dhiyaanne yoo ta’e ykn;
• Dorgoomtoonni dhiyaatan yoo kufanii fi kuniis kan ta’e tarreeffama fedhii
bittaa guutuu qopheessuu dhabuudhaan ta’uu yoo itti amane;

• Sabaaba amala ykn uumama meeshaawwan bitamanii, hojiiwwan ijaarsaa fi


taajaajiloota irraa kan ka’e dorgomtootaa kadhimaamoo waliin maarii
gochuun yoo barbaachise,
Kutaa Shan…

• Caalbaasii sadarkaa lamaan bittaan raawwatamu haalawwan addaa armaan gadii


hordofuun kan raawwatamu ta’a;
a) Waamicha caalbaasi irratti bittaa caalbaasii sadarkaa lamaa ta’uu isaa ibsuu qaba

b) Caalbaasi marsaa duraatiin dorgomtootni kabachiisa caalbaasii akka dhiyeessan hin


gaafataman;

c) Sanadni caalbaasii marsaa duraatiif qophaa’u fedhii waliigalaa qaama bittaa raawwatuu kan
ibsu ta’ee kaayyoon isaa yaadota dorgomtoota irraa dhiyaatan irratti hundaa’uudhaan
tarreeffama ibsa fedhii tekiniikaa qopheessuu waan ta’eef gaaffilee barbaachisaadha jedhaman
fi ibsawwan hammachuu qaba.

d) Caalbaasi marsaa duraa irratti dorgomtoonni argamu osoo hin barbaachisiin sanada yaada
dorgommiii fedhii teekniikaa dorgomtootaan dhiyaate haalawan waamicha caalbaasii keessatti
ibsamaniin akka banamu ni godhama.
Kutaa Shan…
– Gamaaggamni taasifamu yaada dorgomtoota kaadhimamoo irraa dhiyaate
qorachuun ibsa fedhii caalbaasii marsaa lammaffaatiif kan fayyadu fi dorgomtoota
caalbaasichaa irratti hirmaachuu qaban addaan baasuu kan dandeessisu ta’uu qaba.
Dabalataanis;
a) Yeroo gamaaggamaa, akka barbaachisummaa isaatti dorgomtoota
kaadhimamoo hunda ykn muraasa ykn dorgomaa kaadhimamaa tokko waliin
qaamni bittaa raawwatu maree taasisuu ni danda’a;
b) Qubee ”a” irratti bu’uura ibsameen mareen taasifamu yaada dorgomtootni
kaadhimamoo kennan caalmaatti ifa gochuu fi karaa fooyya’een yaada
burqisiisuuf kan kaayyeffatee ta’uu qaba;
c) Qubee ”a” irratti akkataa ibsameen mareen taasifamu qaamni bittaa
raawwatu dorgomtootni kaadhimamoo dorgommiii marsaa lammaffaa irratti
ulaagaa gad-aanaa hin guutne akka guutuuf gochuuf ta’uu hin qabu;
d) Marsaa duraa irratti dorgomtootni kaadhimamoo fudhatama argatan
dorgommiii caalbaasii marsaa lamaaf waamicha kan godhamuuf yoo ta’u
kabachiisa caalbaasiis akka dhiyeessan ni taassifama.
e) Waamichi dorgomtoota kaadhimamoof darbu dorgomtootni kaadhimamoo
sanada caalbaasii marsaa lammaffaaf qophaa’e fudhachuu kan danda’an fi
haalawwan guutanii argamuu qaban ifatti agarsiisuu qaba.
Kutaa Shan…

• Caalbaasii Mirkaneessa Ga’umsa Duraa


– Bittaawwan caalbaasii mirkaneessa ga’umsa duraan raawwataman yoo xiqqaate
haalawwan armaan gadii keessaa tokko guutamuu qaba;-

• Bittaa gatii ol’aanaa ykn amala walxaxaa qabu kan akka hojii Diizaayinii, hojii
oomishuu, fi dhaabuu, hojii ijaarsaa , dhaabbata tokkoon xumuramu qabu,
Maashineerii oomishaa ykn ‘Information Technology’ yoo ta'u;

• Meeshaan ykn Maashinariin dhiyaatu qabu faayidaan isaa baayyee barbaachisaa


fi qulqullina Ol’aanaa kan qabu ta’ee hojii dhaabuu kan haammatu yommu ta’u;

• Sanada dorgommi qopheessuuf bittaa baasii guddaa gaafatu ta’uu isaatiin


dorgomtoota ga’umsi isaanii madaalli ga’umsa duraatiin mirkanaa’u qofti
dorgommii irratti akka hirmaatan yoo itti amaname;
Kutaa Shan…

Uulaagaan filannoo ga’umsa duraa akkaataa amala fi gosa bittichaan addaa addummaa
qabaachuu kan danda’u ta’us, dorgomtootni kaadhimamoon ragaa akka dhiyeessan
gaafataman kanneen armaan gadii dabalachuu ni danda’a;

a) Hojii walfakkaatu ykn meeshaa walfakkaatu oomishuu irratti muxannoo


Dhaabbatichi qabu.;

b) Dhaabbatichi hojicha raawwachuuf ykn meeshicha oomishuuf kan dandeessisu


humna namaa gahaa fi baayina meeshaa omishaaf ooluu fi bu’uuraalee misoomaa
kan qabu ta’uu isaa;

c) Dhaabbatichi hojii ijaarsaa yeroo ammaa hojjechaa jiru ykn baayina fi hanga
meeshaan oomishamaa jiru;

d) Dhaabbatichi dirqama waliigaltee isaa raawwachuuf humna mallaqaa gahaa fi


hojicha irratti maqaa gaarii kan qabu ta’uu isaa;
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caalbaasii Murtaa’aa

– Bittaan caal-baasii murtaa’aa raawwatamu waamicha isaa irraa kan hafee qajeelfama
kana caal-baasii ifaatiif sirna tarreeffamaan ibsame hordofee kan raawwatamu ta’a;

– Bittaan caalbaasii murtaa’aa haalaawwan armaan gadii irratti hundaa’uun kan


raawwatamu yoo ta’u:

• Meeshichi, hojiin ijaarsichaa ykn tajaajilichi dhiyeessitoota murtaa’an biraa qofa


kan argamu yoo ta’e, xalayaan waamichaa dhiyeessitoota hundaaf teessoo
isaaniin qophaa’ee ergamuu qaba;

• Dhaabbatichi yeroo gabaabaa keessatti bittaa raawwachuu yoo barbaadu ykn


caalbaasii ifaa yoo baase sanada caalbaasii xinxaluuf yeroo fi baasii ol’aanaa
hordofsisaa jedhee yoo amane ykn caalbaasii ifaa baasee dorgomtootni gahumsa
dhabuun irra deebi’anii caalbaasii baasuuf yoo dirqame dhiyeessitootni
Caalbaasicha irratti hirmaachuu danda’an hedduu ta’ani argamanitti fi bittaa
daangaa maallaqaa armaan gaditti ibsame keessatti oluu, dhiyeessitoota seera
qabeessa ta’an keessaa haala loogii irraa bilisa ta’een yoo xiqqaate dorgomtootni
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caal-baasii Murtaa’aa;


– Dhiyeessitooni/ Warshoonni meeshichaa biyya keessa jiran muraasa ta’uun isaa
qorannoon dhiyaatee Hojii gaggeessaan yoo mirkanaa’e isaan jiran qofaa
dorgomsissuun bittaa gaggeessuun ni danda’ama;

– Daangaa bittaa mallaqaa caalbaasii murtaa’eef hayyamame keessatti kan kufu ta’e fi
dhiyeeessa gahan gabaa irraa kan hin argamne yoo ta’e murtii hojii gageessaa ykn
Manajimantii Dhaabbatichaatiin dhiyeesitoota lama fi isaa ol ta’aniif affeerra
gochuun wali-dorgomsisuunn bittaa rawwachuu ni danda’ama.

– Dhaabbilee afferamaniin ala dorgomtooni odeeffannoo argachuun nu hirmaachisaa


gaaffii jedhuu barreeffamaan yoo dhiyyeessan carraan dorgommi akka bal’atu fi
bittaan gahumsa qabu gaggeeffamu dabalataan xalayaan affeerri qophaa’e afferamu ni
danda'u;
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caalbaasii Murtaa’aa;

– Sanadni caalbaasii dhiyaate kaffaltii malee dorgomtoota kaadhimamoof kennamu


qaba jedhee yoo amaname xalayaa waamicha caalbaasii waliin sanada caalbaasii wal-
qabsiisuun erguun ni danda’a.

– Eenyummaan dorgomtoota caalbaasii murtaa’aa irratti hirmaatan dorgomtoota


kaadhimamoo birootti beeksifamu hin qabu.

– Dorgomtootni caalbaasii murtaa’aa irratti affeeraman hundi yeroo caalbaasiin


qilleensarra turu dursanii sanada dorgommii yoo dhiyeessan, caalbaasicha banuuf
yeroo dhumaa kenname eeguun osoo hin barbaachisiin caalbaasichi akka banamu
murteessuu fi dorgomtoota hundaaf beeksisuudhaan akka banamu taasisuun ni
danda’ama.
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caalbaasii Murtaa’aa;

– Meeshaa ykn tajaajila tokko bituuf caalbaasiin ifaan bahee/ caalbaasii murtaa’aa
dhaan dorgomtoonni afeeramanii itti hirmaachuu diduun isaanii yoo gabaafame,
ariifachiisummaan hojii fi bu’a-qabeessummaan isaa yaada keessa galchuun, murtee
hojii Gaggeessaa tiin kallatiin omishtoota biyya keessa irraa kan dhiyeessuuf fedhii
qabu irraa kallatiin bituun ni danda’ama;

– Kabachiisa caalbaasii gaafachuun dorgomtoota muraasa caalbaasii irratti akka hin


hirmaane taasisuu danda’a jedhame yoo itti amaname, wabuummaa gaafachuun osoo
hin barbaachisiin dorgomtonni kaadhimamoon dorgomuu ni danda’u.
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caal-baasii Murtaa’aa

– Mala bittaa caalbaasii murtaa’aa fayyadamuun kan danda’amu meeshaan, tajajilli


gorsaa fi hojiin ijaarsaa bitamu hariitiin yoo barbaadamu, mala kanaan bituun bu’a
qabeessa jedhamee itti yaadamee ykn karoora keessatti qabamu dha.

– Dhaabbanni ykn Waldaan tajaajila bishaan dhugaatii sadarkaa hunda irra jiru hundi
haalli arifachiisaan yoo isaan qunnamu murtee Boordii fi yaa’ii waliigalteetiin bittaa
ariifachiisaa hanga Qr. 5,000,000.00 (Miliyoona Shan) gahu sirna bittaa raawwachuu
ni danda’a.
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caalbaasii Murtaa’aa

• Bittaa caalbaasii murta’aan raawwachuuf haalawwan armaan gadii keessaa yoo xiqqaate
lamaan isaanii guutamuu mirkaneessuun barbaachisaa dha.
a) Bittaa raawwachuuf beeksifni caalbaasii ifaa yoo xiqqaate yeroo tokko bahee
dorgomaan tokkollee kan hin hirmaanne ykn caalbaasii yeroo lammaffaaf bahe
irratti dorgomtootni dhiyaatan tarreeffama fedhii teekiniikaa Dhaabbatichaan
dhiyaate kan hin guutne yoo ta’e.
b) Hanga danda’ametti dhiyeessitootni caalbaasii ifaa irratti hirmaachuuf fedhii yoo
dhaban maaliif akka fedhii dhaban qulqulleessuun sababa isaanii, seera
qabeessumaa fi faayidaa Dhaabbatichaa miidhuuf akka hin taane yoo mirkanaa’e.
c) Turuun bittichaa Dhaabbatichaa irratti miidhaa guddaa kan fidu tahuun isa yoo itti
amaname,
d) Dhiyeessitoonni bittaa irratti hirmaatan caalbaasii ifaa caalaa murtaa’aa irratti yoo
affeeraman hirmaachuu danda’an jedhame yoo itti amaname (fkn haala qabatamaa
bittaa Simintoo yeroo ammaa jiruun)
e) Raawwiin bittaa caalbaasii murtaa’aa, sirna caalbaasii ifa hordofee kan raawwatuu
ta’a,
Kutaa Shan…

• Raawwii Bittaa Caal-baasii Murtaa’aa

– Daangaa maallaqaa armaan gaditti ibsame keessatti oluu yoo ta’e

– Keewwata kana keewwata xiqqaa “b” kan ibsame akkuma jirutti ta’e yoo daangaa
bittaa mallaqaa caalbaasii murtaawaaf hayyamame keessatti kan kufu ta’e fi
dhiyeeessa gahaan gabaa irraa kan hin argamne yoo ta’e murtii Hojii Gaggeessaa
ykn Manajimantii Dhaabbatichaatiin dhiyeesitoota lamaa fi isaa ol ta’aniif affeerra
gochuun waldorgomsisuunn bittaa rawwachuu ni danda’ama.

– Gosa bittaa dorgomtoonni hedduun jiraniif mala bittaa caal-baasii murtaa’aa


fayyadamuun kan danda’amu meeshaan, tajaajilli gorsaa fi hojii ijaarsaa bitame ykn
gatiin waliigala bittaa marsaa tokkoon (one cycle procurement) gaggeeffamu
daangaa maallaqaa kennameen gabatee armaan gadii kan hin caallee yoo ta’e qofa
dha.
Kutaa Shan…
• Raawwii Bittaa Caal-baasii Murtaa’aa
– Dhiyeessaan caalbaasii murta’aa irrati hirmaachuu danda’u uulagaan caalbasii
ifaaf ta’ee kan guutamu ta’ee kanneen armaan gadii guutuu qaba:
• Dhiyeessii meeshaa wal-fakkaatu armaan dura dhiyeessuun kan beekamuu fi
raawwii gaarii kan qabu,
• Dhiyeessii wal-fakkaatu dhiyeessuu fi raawwii garii qabaachuu isaatiif ragaa
Waajjiralee moottummaa ykn dhuunfaa Dhaabbaticha irraa dhiyeessuu qaba,
– Dorgomtootni caal-baasii murtaa’aa irratti afeeraman hundi yeroo caal-baasiin
qilleensarra turu dursani sanada dorgommii ‘Tender’ yoo dhiyeessan,
caalbaasicha banuuf yeroo dhumaa kenname eeguun osoo hin barbaachisiin
Dhaabbatni caalbaasichi akka banamu murteessuu fi dorgomtoota hundaaf
beeksisuun akka banamu taasisuu ni danda’a.
•  
Kutaa Shan…
• Bittaa Dhiyeessa Gatiin Raawwatamu

– Bittaan raawwatamu keewwata kana fayyadamuuf jedhanii bittaawwan bakka


tokkotti raawwatamuu qaban kukutuun/ qoqqoodanii/ bituu hin danda’amu.
Haa ta’u malee,

• Hanga danda’ameen feedhii bittaa dursee karoorsuun bakka tokkotti caalbaasii


ifaatiin bittaa raawwachuuf kan hojjatamu ta’a;

• Ta’us bittaa karoorfamuu hin dandenyee fi hatattamaan hojii irra ooluu qaban
ykn bittaa bakka tokkotti raawwatamuu hin dandenyee ykn bittaa kuusaa
qabachuun miidhaa qabu fi tilmaamni gatii isaanii bittaa marsaa tokko kan
gabatee armaan gaditti kaa’ame kan hin caalle mala bittaa dhiyeessa gatiitiin
raawwatamuu ni danda’a.
–  
Kutaa Shan…

Gabatee Bittaa Dhiyeessaa Gatiitiin Raawwatamu /Pirooformaa/

Sadarkaa 1ffaa Sadarkaa Sadarkaa Sadarkaa Sadarkaa Waldaale


Addaa Sadarkaa 1ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa 5ffaa

Guyyaatti Guyyaatti
Guyyaatti Qr. Guyyaatti Qr.20,000 fi Qr.10,000 Qr.1,000 fi
fi Ji’atti Ji’atti
50,000 Ji’atti Qr.100,000 hin
Qr.30,000 Qr.10,000
Ji’atti Qr.200,000 hin caallee caallee hin hin
caallee caallee
Kutaa Shan

• Dhaabbatichatti mala bittaa ittiin dhiyeessa gatitiin bittaa yeroo raawwatuu


dhiyeessitoonni dorgommiicharratti hirmaatan tarreeffama dhiyeessitootaa
keessaa kan filataman ta’ee lakkoofsi isaanii sadii gadi ta’uu hin qabu.
Dorgommiicha haqa qabeessa gochuuf raawwiin isaa hojiimaata armaan gadii
hordofamu qaba;

– Dhiyeessitoonni galmaa’an hundi marsaadhaan carraa dorgommii akka argatan


dhiyeessaa tokko ykn dhiyeessitoota murtaa’an qofa wal duraa dubaan
(consecutively) deddeebisanii affeeruun hin barbaachisu.

– Dhaabbatichi bittaa ittiin dhiyeessa gatiitiin deddeebisee raawwatuuf qorannoo gabaa


fayyadamuudhaan gatiin itti bitamaa jiru gatii gabaa dhugaa ta’uu isaa
mirkaneeffachuu fi ragaa odeeffanoo qorannoo gabaa galma’ee akka qabamu tasisuu
qaba.

– Dhaabbatichi ittiin dhiyeessa gatii (piroforama) kan sassaabuu hojjataa bittaa


rawwatuun ala ta’ee hojjataa akka barbachisummaa isaatti yeroo yerootiin kan
jijjiramu ramaduu ni danda’a.
Kutaa Shan

• Bittaa dhiyeessa gatiitiin raawwataman Hoji gaggeessaa Dhaabbatichaan kan ragga’u


ta’a.

• Gatiin dorgommiii dorgomaa kaadhimamaan tokko akka dhiyeessu eeyyamamuuf gatii


tokko qofa yoo ta’u gatii dhiyeesse jijjiiruun hin eeyyamamuuf. Gatii ittiin dorgommiii
dorgomaa kaadhimamaan kenne irratti Dhaabbatichii fi dorgomaa kaadhimamaa
gidduutti mariin kamiyyuu godhamuu hin danda’u;

• Dhiyeesitoota sadarkaa qulqullinaa wal fakkaataa qabanii fi sadarkaa qulqulinaa


Dhaabbatichi barbaadu guutan dorgomsiisuudhaan dorgomaa gatii gadi-aanaa dhiyeesse
mo’ataa gochuun kan raawwatamu ta’a;

• Mala bittaa dhiyeessa gatiitiin bittaawwan raawwataman gatii dorgommi dhiyeessaan


kenne /Piroofoormaa/ fi xalayaan ajaja bittaa Dhaabbatichi dhiheessichaaf kenne akka
waliigalteetti waan lakkaa’amuuf waliigaltee dabalataa rawwachuun hin barbaachisu;
keewwata kana fayyadamuuf jedhee bittaawwan bakka tokkotti raawwatamuu qaban
qoqqoode bituu hin qabu;

• Bittaan dhiyeessa gatiitiin yemmuu raawwatamu dorgomiin gatii taasifamu taaksii ykn
gibiraa kan dabalate ta’u qaba;
Kutaa Shan…

• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu

• Bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwachuuf murteen kennamu kanneen


armaan gadii kan bu’uureffate ta’uu qaba.

1. Dhaabbatichatti dhiyessaa tokko irraa bittaan kan raawwatamu dhiyessitoota


giddutti dorgommiin akka hin jiraannee ykn dorgomtoota gidduu garaagarummaa
uumuuf yaadamee ta’u hin qabu;
2. Meeshichi ijaarsichi ykn tajaajilichi sababa omisha biyya keessaa ykn
dhiyeessaan bakka bu’insii addaa kennameef tokko irraa qofa argamuuf
waldorgomsisuun kan hin danda’amne ta’e yoo argame;
3. Meeshaalee gosaa fi gatiin tokko ta’an, tajaajilaawwan, hojii damee ijaarsaa fi
tajaajila biroo dhiyeessaa duraan dhiyeesse irraa raawwachuun faayidaa qabeessa
ta’uun isaa yoo itti amaname hayyama dhiyeessichaa irratti hundaa’ee hojimaata
armaan gadii hordofee bittaa dabalataa raawwachuun ni danda’ama.
Kutaa Shan…

• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu


– Isaanis;
a) Bittaa hojii damee ijaarsa ykn tajaajila gorsaa dabalataan bitamu
hamma bittaa duraan raawwatame %30 caaluu hin qabu.

b) Bittaa meeshaalee, hamma bittaa duraan raawwatame %50 caaluu hin


qabu.

c) Keewwata xiqqaa ’a fi b’ kana bu’uureffachudhaan bittaa dabalataa


ajajuudhaaf bittaan duraan raawwatame yeroo sana keessatti ykn erga
waliigalteen xumuramee booda ji’oota 6 keessatti ajajni bittaa darbuu
qaba;

d) Haala kanaan bittaan raawwatamu waliigaltee duraa keessatti gatii


tokko ykn baaqqee bittaan itti raawwatame olitti fooyya’insa gatii
taasisuun hin danda’amu.
Kutaa Shan…

• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu


– Isaanis;-
e. Armaan olitti qubee (d) irratti kan kaa’ame jiraatus waliigalteen duraa
sirreeffama gatii kan heeyyamu yoo ta’e fi keessa galoota sirreeffamni gatii
itti hayyamamu waliigaltee dabalataa keessatti kan argaman yoo ta’e gatii
waliigaltee duraa keessatti sirreeffama gatii ta’een hojmaata sirreeffama gatii
bu’uureffatee sirreeffama gatii taasisuudhaan bittaan raawwatamu ni danda’a;

f. Haalawwan hin yaadamne sababa qunnamaniin waliigaltee duraa keessatti


kan hin kaa'amiin hojiiwwan ijaarsaa dabalataa hojjechiisuun barbaachisaa
ta'ee yoo argame fi sababa teekinikaa ykn dinagdeetiin hojiiwwan ijaarsaa
kana waliigaltee duraanii irraa adda baasanii hojjechiisuun kan hin
danda'amne ta'ee yammuu argamu;
Kutaa Shan…

• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu

– Mala bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwatamuutiin fayyadamuun kallattiidhaan


gabaa iraa bituu ni danda'ama. Kunis baayyee ariifachiisaa ta'uu isaa irraan kan ka'e
rakkoo guddaa kan uumuu fi raawwii hojii Dhaabbatichaa irratti sababa miidhaa
geessissuu fi Dhaabbatichii qorannoo gabaa gahaa ta’ee fi filannoon fooyya’aan
biroo kan hin jiree ta’uun isaa mirkaneessuun Hojii Gaggeessaa Dhaabbatichaatiin
bittaa hayyamamu ta’a;

– Bittaan funaansaan ykn qinxaaboon gabaa idilee hin taane irraa raawwatamu tajaajila
qorannoo fi qo’annoof kan barbaadamu fi dhiyeessitoota idilee irraa kan hin argamne
ykn funaansaan osoo bitamee Dhaabbatichaaf faayidaa dinagdee akka argamsiisu
yoo mirkanaa’u hojimaata armaan gadii hordofuudhaan bittaan funaansaan
raawwatamuu ni danda’a;
• Yaadannoon sababa bittaa funaansaan raawwachuun barbaachiseef ibsuu Hojii
gaggeessaa Dhaabbatichiaaf dhiyaatee hayyamamu qaba;
Kutaa Shan…

• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu Bittaan funaansaan ykn qinxaaboon....


– Yaadannoon sababa bittaa funaansaan raawwachuun barbaachiseef ibsuu Hojii
gaggeessaa Dhaabbatichaaf dhiyaatee hayyamamu qaba;

– Dhaabbatichii bittaa funaansaan kana kan raawwatan koree yeroo baayinni isaanii
sadii kan hin caallee xalayaadhaan ni mogaasa. Hanga danda’ametti hojjetaan
waa’ee meeshaalee bitamanii beekumsa qabu miseensa koree akka ta’u taasifamu
qaba;

– Koreen yeroo hundaa’e waliin ta’uudhaan bittaa raawwachuu kan qabu yoo ta’u,
bittaa raawwachuuf guyyaa gabaa dhiyeessi gahaan jiru filachuun ittigaafatamaa ykn
gaggeessaa hojii dhimmi ilaaluuf ni beeksisa;

– Koreen yeroof dhaabbate kun waliin ta’uun dhiyeessa gabaa keessaa jiru, qulqullina
gahaa qabuu fi gatii filachuudhaan gatii irratti marii gaggessa, bittaa ni raawwata;
Kutaa Shan…
• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu Bittaan funaansaan ykn qinxaaboon....

– Adeemsa raawwii bittaa kanaan bittaawwan raawwataman baay’inaa fi gosaan,


bakka bittaan itti raawwatame, hamma maallaqaa kaffalmee, maqaa guutuu qaama
dhiyeesse ykn gurguree fi teessoo kan ibsu sanada qophaa’ee qaamni gurgure
mallattoo isaan akka mirkaneessu taasisfamu qaba.

– Bittaawwan funaansaan raawwataman yeroo geejibsiisan akka faayidaa ala hin taane
fi akka hin banne of-eeggannoon qabamuu fi saffisaan kutaan dhimmi ilaalu harkaa
fudhinsa taasisu qaba;

– Koreen yeroo bittaa funaansaa waliigalaa raawwachuu isaa kan ibsu qaboon yaa’ii
qophaa’ee mallattaa’ee gabaasa dhiyeessuu qaba;

– Bittaawwan xixiqqaa funaansaa raawwataman irraa kan hafe Dhaabbatichii


dhiyeessaa tokko irraa bittaa raawwatuuf hammaa fi gosa bittaa raawwachuu
barbaadu beeksisuu;

– Ibsa tarreeffama fedhii fi dhiyeessichi gatii dabalatee yaada guutuu ta’e akka
Kutaa Shan…

• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu

Daangaa Maallaqaa Bittaa Funaansaa ykn Qinxaaboo

Gosa Bittaa

ffaa

ffaa
Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

Waldaalee
Sadarkaa

Sadarkaa

Sadarkaa
Sadarkaa
Addaa

1 ffaa

4 ffaa
1 ffaa

5 ffaa
Bittaa Funaansaa ykn
10,000 8,000 6,000 4,000 3,000 2,500 2,000
Qinxaaboo
Kutaa Shan…
• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu Bittaan funaansaan ykn qinxaaboon....

– Bittaa tajaajila yeroo tokko qofaaf oolu (single service) akka fakkeenyaatti bittaa
tajaajila konkoolaataa fe’isa (low-bed) ykn fe’isa meesha si’a tokko iddoo tokkoo
gara tokkootti geessuuf haala itti dorgomsiisuun itti hin danda’amne yoo mudate
hojii ijaarsaa akka hin hubamne bittaa kallatiin iddoo tajaajilichi argamu irraa bituun
ni danda’ama.

– Dhaabbatichi omishtummaa guddisuuf, dhiyessii itti fufiinsa qabuu mirkaneesuuf,


yeroo gabaabaa keessatti dhiyessuun hojii saffisisuuf, hir’ifama gatii fi kaffalamaan
bituu (credit facility) argachuuf ykn omisha sadarkaa ququllina isaa eggatee
argachuuf bittaa kallatiin warshaalee omishitootota ykn dhiyeesitoota biyya ta’anii
warshaa mootuummaa ykn sheerii mootummaa kan qaban irraa raawwachuun ni
danda’a;

– Meeshaalee gosaan sadarkaa qulqullinaan ykn / gatiidhaan tokko ta’ani fi omishtoota


ykn dhiyessitoota adda addaa harkatti argaman fkn boba’aa gatiin isaa muramaa yoo
ta’e argamuu;
Kutaa Shan…
• Bittaa Dhiyeessa Tokko Irraa Raawwatamuu Bittaan funaansaan ykn qinxaaboon....

– Dhaabbatni dhiyeessaa tokko bittaan irraa raawwatamu waliin gatii dabalataa haala
qajeelfama kana akka hin cabsine mirkaneeffachudhaan dhimmoota marii irratti
taasisuu barbaachisu erga adda bahanii booda marii tasisuu ni danda’a;

– Bittaa tajaajilaa kanneen akka kiraa galmaa fi baasii keessumeessaa qaama ol’aanaaf
taasifamu akka barbaachisummaa isaatti murtii Hojii Gaggeessaatiin kallatiidhaan
rawwachuun ni danda’ama;
Kutaa Shan…

• Bittaa Addaa
– Biiroon dirqama irra jiru bahuuf ni gargaara Dhaabbaticha ykn Waldicha fayidaa
addaa ni kenna jedhamee koree manajimantii Dhaabbatichaa ykn Boordii
Dhaabbatichaan yoo itti amaname bittaan addaa gaggeefamuu ni danda’ama;

– Bittaa faayidaa Addaa qabu raawwachuuf, bittaa bifa addaan akka raawwatamu yoo
manaajimantii Dhaabbatichaa ykn Boordiin yoo ajajame malee bu’ura qajeelfama
kana eegudhaan bittaa raawwachuu qaba;

– Bittaa tajaajilaa (kiraa konkoolaataa fi maashinaarii) duraanii caalbaasiin bahee yoo


dorgomaan gahaa hin argamne yookin tajaajilichii isaa ariifachisaa yoo ta’e gatii
gabaa qorachuun gatii kiraa maashinaarootaa fi konkolaatootaa murtii manajimantiin
murteessuun kireeffachuu ni danda’ama;

– Pirojekttoota fedhii bittaa wal-fakkaatu ykn yeroo murtaa’e keessatti irra deddeebiin
fedhii bittaa qabaatuuf bittaa waliigaltee yeroo dheeraa raawachuun ni danda’ama;
Kutaa Shan…

• Bittaa Addaa
• Gatii baaqqee waliigaltee yeroo dheeraa ykn dhimmootaa waliigaltee irratti
jijjiirama taasisuun hin hayyamamu garuu dhimmi addaa yoo jiraate bu'aa
qorannoo gabaan madaalame Hoji gaggeessaa yoo itti amaname taha. Ta’us
waliigaltee yeroo dheeraatti dhimmoonni hin haammatamne fi dhiibbaa hin
hordofsiifne fi dhiyeessaan waliigaltee taasisaniin ni murta’a.

• Bittaa meeshaa caalbaasii ifaan Ejeensii bittaa meeshaa Mootummaa Naannoo


Oromiyaa ykn Ejeensii bittaa Mootummaa Federalaan bahee faayidaa
Dhaabbatichaa kan eegsisu ta’uu manajimantiin Dhaabbatichaa yoo itt amanee
bittaa caalbaasii ifaa ejeensiiwwan kanaan bahe irratti hunda’uudhaan bittaa
gaggeessu ni danda’ama;

• Bittaan waliigaltee yeroo dheeraa dhiyeessaa mo’ataa ta’ee wajjin waliigaltee


hanga waggaa 3 gahuu danda’u kan mallatteessu yoo ta’u haalawwan armaan
gadii fi kan biroo walsimsiisuudhaan akkaataa haala bittaa fi akka
barbaachisummaa isaatti dorgomtoota caalbaasii mo’atan ykn ogummaa addaa
qaban tokko ol-ta’an wajjin bu’uura tartiiba sadarkaa isaaniitiin waliigaltee
yeroo dheeraa walfakkaatu mallatteessu ni danda’a:
Kutaa Shan…

• Bittaa Addaa….Haalawwan Armaan Gadii fi Kan Biroo Walsimsiisuun…..

a) Dhiyeessa meshalee ijaarsaa ijoo ta’an kanneen akka Sibila (Re-bar), Simiintoo, Boba’aa,
Ujummoo, wal-qunnamsiistuu, Paampiwwan, Jenereetaroota, Keemikaaloota, Lakkooftuu
bishaani fi kanneen kana fakkaatanii fi caalaan hojii ijaarsa karooraan raawwatamuu fi
dabalataan dhufan (variation works) haala barbaadamuun saffisiisuuf bittaa kanneenii
raawwachuun ni dnda’ama;

b) Suphaa meeshaalee jijjiirraa Konkolaatotaa, Maashinarootaa, Motoroota ykn qaama


Konkoolaataa/ Maashinaraa kanneen akka ‘Injection Pump, Engine block, Turbo charge’,
Qaama Konkoolaataa fi kanneen biroo fi amala hammeenya walfakkaatu qabanii yeroon
suphuun itti fayyadama (efficiency) Maashinaroota dabaluuf ykn yeroo cabinsaan dhaabbii
(down time) isaanii gabaabsuuf, baasii bittaa haaraa hambisuuf ykn baasii qusachuuf dhaabbilee
ogummaa addaa suphaalee kanaan hayyama qaban qorannoo gabaa teeknikaa gochuun
dorgomsiisuun tokkoo fi isaa ol waliin waliigaltee suphaa yeroo dheeraa raawwachuun ni
danda’ama;

c) Sanadni caalbaasii bittaa waliigaltee yeroo dheeraatiif qaama bittaa addaa raawwatuun qophaa’u
sanada caalbaasii idilee fayyadamuun kan qopha’uu ta’ee bittaa tajaajila suphaa, kiraa tajaajila
geejjibaa qorannoo gabaa taasisamu xiinxala gahumsa teeknikaan tahuu ni danda'a.;
Kutaa Shan…

• Bittaa Addaa

– Hojii ‘work shop’ fi hojiiwwan biroo ogummaa addaa gaafatan rawatamuu danda’anii
fi ogeessa Dhaabbatichaa keessa jiraniin tajaajila yoo kennuun hin danda’amne ta’e,

– Hojii Gaggeessaan yoo itti amaname, ogeessoota alaa ta’anii fi tajaajila kana kennuuf
muuxannoo fi dandeettii cimaa qabaatan hojii murtaa’eef waliigaltee uumuun
hojjachiisuun ni danda’ama;

– Gatiin ogummaa qorannoo irrati kan hundaa’u ta’ee kutaalee hojii dhimmichii
ilaalatuun qoratamee dhiyaachuun Hojii Gaggeessaan ni mirkana’a;

– Hayyama galchuu fi baasuu (import- Export) akkasumas gurguurtaan qaama biraaf


dabarsuu kan danda’u waan ta’eef Kuppaaniyoota fi warshaalee biyyaa alaa oomishaa
meeshaalee, Motorootaa fi Maashinaroota misooma bishaniiti fi ijaarsaaf oolan
akkasumas meeshaalee jijjiirraa motorotaa fi Maashinarootaa ta’an qorannoo fedhii
gaggeessuun bakka bu’uumaa fudhachuun galchuu ykn kallattiin bittaa gaggeessuun
ni danda’a;
Kutaa Shan…

• Bittaa Addaa

– Dhaabbatichii Kuppaaniyoota ykn warshaalee biyya alaa kana waliin michooma


galchuu fi baasuu akkasumas bakka bu’anii raabsuu fudhachuu fi kennuu ni danda’a.

– Adeemsii raawwii isaas haala armaan gadiin kan murtaa’u ta’a:

• Filannoo michoomaa Kubaaniyoota biyyaa alaa waliin taasifamuu kun, qorannoo


irrati kan hunda’uu ta’ee, faayidaa Dhaabbaticha haala adda ta’een kan eegsisuu
fi bu’a qabeessa ta’u qaba;
• Qorannoon michummaa filachuu michooma taasisuun kun qaama Hojii
Gaggeessaa Dhaabbatichaaf ykn Boordii Dhaabbbtichaaf dhiyaatee mirkanaa’uu
qaba;
Kutaa Shan…

• Bittaa Amala Dhunfummaa Qabu

– Bittaan amala dhunfummaa qaban qaama seeraan akka meeshichaan ykn


tajaajilichaan fayyadamu seeraan hayyamameefiin bitamanii tajaajilaaf akka oluu
gochuun ni danda’u;

– Raawwannaan tumaati kanaa bittaa tajaajila kaardii Moobayiili irratti ni raawwatama;

– Hojii gaggeessitoonni ykn itti gaafatamtoonni hojii tajaajilli bilbila Moobaayiili hojiif
hayyamameef daangaa maallaqaa seeraan murtaa’eef yeroo murtaa’eef keessatti
kallattiin maallaqa callaan fudhatanii akka bitatan taasisuun ni danda’ama;
Kutaa Jaha

• Bulchiinsa Waliigaltee

• Waliigaltee Akka Raawwatamu Gochuu


– Qaamooleen bittaa irraa raawwatu haalli addaa yoo qunnameen alatti dhiyeessitoota
waliin waliigaltee taasifaman yeroo waligalamee keessatti hatattamaan akka
raawwatamu hojjachu qabu;

– Armaan olitti kan kaa’ame hojii irra oolchudhaaf haal-duree waliigaltichi teessisuu
akkuma eeggametti ta’ee qaamooleen bittaa raawwatan kanneen armaan gadii
raawwachu qabu;

a) Waligaltichaan kaffaltiin duraa kan raawwatu yoo ta’e, qajeelfama kana irratti haala
taa’een wabummaa kaffaltii duraa dhiyeessaan akka qabsiisu taasisuu dhaan kaffaltii
duraa kaffalu;

b) Bittaawwan “Letter of Credit ’ (LC)n banamuufi qabu ragaan barbaachisaa ta’e


guutamuu isaa mirkaneessuun “letter of credit” hatattamaan banuu;

c) Qaamni bittaa raawwatu waligaltichi akka raawwatamuuf kan gargaaran hojiiwwan


Kutaa Jaha

• Bulchiinsa Waliigaltee

• Waliigaltee Akka Raawwatamu Gochuu

– Dhaabbatichatti waligalticha raawwachuuf dhimmoota dhiyeessaan raawwatamu


qaban yeroon raawwatamu isaa addaan baafachuun dhiyeessaan bu’uura
waliigalteettiin raawwachuu isaa hordofuun mirkaneessuu qabu;

– Dhaabbatichatti haaldureen waliigaltee guutamee waliigaltichi guyyaa raawwatamuu


eegalee galmeessanii qabachuu fi akka barbaachisummaa isaatti yeroo fi haala
waliigalteetiin akka hojiirra oluu hordofu qabu;
Kutaa Jaha

• Raawwii Waliigaltee Hordofuu


• Dhaabbatichaan raawwii waliigaltee hordofuu addaan baasuu ykn raawwiin
waliigaltee qaamolee adda addatti qindaa’e kan raawwatamu yammuu ta’uutti
qamoleen hojiiwwan isaani ifaan akka beekan gochuun irra jiraata.

• Qaamni Dhaabbatichatti bittaa raawwatu raawwii waligaltiicha hordofu dhiyessaan


bu’ura waaligaltetiin hojiiwwan ijoo raawwatuuf bu’ura haalaa fi yeroo waliigaltee
irratti ibsameen raawwatamaa jiraachuu isaanii hordofuun irra jiraata;

• Yeroo raawwi waliigaltee akkuma haala isaatti fooyyessu waliigaltee gochuu kan
danda’amu yammu ta’u fooyyeessi godhamu faayida Dhaabbatichaa kan midhuu fi
dorgomtoota kaadhimamoo caalbaasicha irratti dorgomaan kan biroo waliin yammuu
ilaalamu dhiyessaa mo’ateef faayida addaa kan kennu ta’u hin qabu;

• Yeroo hordoffi raawwii waliigaltee kanneen armaan gadi raawwatamu qabu;-

a) (Letter of credit) tiin haalawwan waliigaltee eguun yeroon banu;


b) Gaaffiwwan fooyyeessa fudhatama qaban fudhachuun saffisaan deebii kennuu;
Kutaa Jaha

• Raawwii Waliigaltee Hordofu;


– Kabachisi waliigaltee warantii yeroon fayyadama isaanii akka hin darbine of-eeggannoo
fi hordoffii gochu;
– Dhiyeessii meeshaa fi tajaajiloonni yeroo waliigaltee kessatti raawwatamuu isaa hordoffii
taasisuu;
– Raawwi waliigaltee waliin walqabate dhiyessitoota irraa itti gaafatamummaan dabalataa
kamiyyuu Dhaabbatiicha irratti akka hin uummamme ofegannoo taasisuu;

– Dhaabbatichatti qaamni bittaa raawwatu bu’ura waliigalteetin akka barbachisummaa


isaatti bulchinsa waliigaltee kanneen armaan gadii rawwachuun irraa egama.
a) Kaffaltiiwwan walitti aanan yeroon rawwachuu;
b) Dhiyessaan dirqama waligaltichaa fiixaan baasaa jirachuu isaa ragaalee mirkanessan
qabachuu fi qaama ilaaluuf yeroon kennuu;
c) Dhiyeessaan dirqama waliigaltee fiixaan baasuu akka danda’uu deggarsa haqa
qabessa fi faayidaa Dhaabbatichaa eegsisuu kennu;

– Dhaabbatichatti qaamni bittaa raawwatu yeroo raawwii waliigaltee qaama sadaffaa irraa
tajaajiloota argaman adda baasuu fi tajaajilootni qaama sadaffaa raawwii waliigaltichaa
bifa gargaaruun kennamu isaa mirkanessuu qaba;
Kutaa Jaha

• Waliigaltee Xumuruu;
• Qaamni bittaa raawwatu waliigaltee dhiyeesitoota waliin mallatteeffamee fi dhimmoota
walqabatan fala barbaachisaa ta’e yeroon argatanii waliigalteen xumuramuu isaa
mirkaneessuu qaba;

a) Dhiyessaan bu'uura waliigalteetiin hojii ijaarsaa, dhiyessa meeshaa, tajaajila gorsaa


fi kan biro barbaachisaa ta’e dhiyeessuu isaa mirkaneessuu;

b) Akkaataa walgalteetiin wabii fi warantiin qabame hordoffii barbaachisaa ta’e


taasifameefii yeroo barbaachisaa ta’etti murteen kan kenname ta’u isaa ;

c) Bu’uura waligalteedhaan kaffaltii dhiyessitotaaf kaffalamu qabu kan raawwate ta’u


isaa fi kaffaltii kaffalame hundaaf bu'uura waliigalteetiin tajaajilli argamu isaa;
Kutaa Jaha

• Waliigaltee Xumuru;

– Qaama sadaffaa irraa tajaajiloonni argaman; jechuunis, Kubbaniyya inshuraansii,


hojii geejjibsiisan kan hojjatan Abba Taayitaa Gumuruka, Tiraanziiteroota, Baankii fi
tajajila kennitoota biroo wajjin walqabate faayidaa qaama bittaa raawwatuu
kabajamuu isaanii fi dirqamni qaamolee bittaa raawwatanii kan rawwatame ta’u isaa;

– Qaamooleen bittaa raawwatan dhiyeessa fi qaamoolee sadaffaa waliin herregoota hin


xumuramne cufuudhaan akka barbaachisummaa isaatti gamaaggama raawwii
waliigaltee taasisuu qabu;
Kutaa Toorba

• Naamusa Bittaa;
• Naamusa Ogummaa Ogeessa Bittaa Irraa Eeggamu;
– Hojjettoonni bittaa waliin qunnamti qaban kamiyyuu ykn itti gaafatamaan hojichaa haala
naamusaa guutuu ta’een raawwachu qaba;
– Hojjettooni Hojii Bittaan Walqabatee Hojjettan Hunda Haala Armaan Gadiin Raawwachuu
Qabu.

1) Bittaa kallattiin ykn kallattiin ala hojjetaan ykn ittigaafatamaan bobba'e kamiyyuu hojii
hojjetuuf murtoon kennu haala kamiinuu mata isaa ykn maatii isaa fayyaduu akka danda’u
yomuu hubatetti walitti bu’insi faayidaa hojii walin walqabatu jiraachu isaa barreefamaan
ibsuudhaan adeemsa hojii bittaa keessaa of baasuu qaba;

2) Hojjataan ykn ittigafaatamaan hojii bittaa irratti bobba'e kamiyyuu hojii hojjetu waliin haala
wal qabateen walitti bu'insa faayidaa akka jiru odeeffannoon yommuu ga’u;
a) Hojjetaan ykn itti gaafatamaan walitti bu’insa faayidaa dhiyaate irratti
barreeffamaan yaada isaa akka kennu taasifama;

b) Yaada barreeffamaan kennamee fi kallattii sirriidha jedhee itti amaneen ragaa


dabalataa sassaabuun hojjetaan ykn itti gaafatamaan hojii bittaa qabate waliin
walqabateen waltti bu’insa faayidaa akka qabu ykn akka hin qabne ni
Kutaa Toorba

• Naamusa Bittaa;
• Naamusa Ogummaa Ogeessa Bittaa Irraa Eeggamu;

• Armaan olitti keewwata kana keewwata 2 a fi b irratti haala ibsameen qaamni bittaa
raawwatu hojjetaan ykn ittigaafatamaan hojii bittaa hojjetu waliin walqabatee walitti
bu’iinsa faayidaa jiraachuu isaa yoo mirkaneesse;
a) Hojjetaan ykn ittigaafatamaan adeemsichaa keessaa akka dhorkamu taasisa;

b) Hojjetaan ykn ittigaafatamaan ademsichaa keessatti hirmaachuun dhimmootni


murtoon itti kenname irra deebi’ame akka ilaalamu ni taasisa;

c) Hojjetaan ykn ittigaafataman walitti bu’insa faayidaa umame kana beeksisuu dhiise
hubannoo dhabuu irraa kan ka’e jedhee yoo amane malee hojjetaan ykn ittigaafatmaa
irratti tarkaanfiin bulchiinsa ni fudhata;
Kutaa Toorba

• Naamusa Dorgomtoota Kaadhimamtoota Irraa Eegamu;


• Dorgomtoonni bittaa irratti hirmaatan naamusa hordofu qaban;
1) Dhiyeessaan ykn dorgomaan kaadhimama kamiyyuu bittaa irratti kallattin ykn
kallattin ala hojjetaa bobba’eef ykn ittigaafatama bobba’e ofiisaa ykn qaama
sadaffaan kennaa kennuu hin qabu;

2) Dorgomaan ykn dhiyeessaan ragaa beekuu Dhaabbaticha bittaa raawwachuuf ykn


waliigaltee bulchuuf fi murteef kan gargaaruu odeeffannoo barbaaduu fi dorgomaan
beekamu kennu qaba;

3) Dhiyeessitoonni kamiyyuu dorgomtoota biroo wajjin mari'achuudhaan gatii sobaa


kennuun ykn kennuu dhiisuudhaan faayidaa Dhaabbatichaa miidhuuf ykn sanada
dorgomaa biroo irratti hundaahanii dorgommiitti seenuu hin qaban;

4) Raawwii bittaa Dhaabbatichaa irratti gocha malaammaltummaa yaadame qaama


dhimmi ilaaluuf beeksisuu fi irratti hirmaataa ta’e argamu hin qabu;
Kutaa Saddeet

• Sirna Iyyannoon Hojii Gaggeessaaf Dhiyaatu Ittiin Fudhamuu fi Qoratamu;

– Mirga Iyyannoo Dorgomaa Kaadhimamaan Dhiheeffachuu Qabu


• Dhaabbatichi wantoota qajeelfama kana keessatti tumame raawwachuu
dhiisu isaatiin miidhaan ykn kisaaraan narra gaheera ykn narra gahuu
danda’a dorgomaan jedhu caalbaasichi irra deebi’amee akka ilaalamuuf
ykn adeemsi isaa akka qulqullaa’uuf Hojii Gaggeessaa Dhaabbatichaatti
iyyata dhiheeffachuu ni danda’a;
Kutaa Saddeet

• Haalawwan Iyyannoon Itti Dhiyaachuu Hin Dandeenye;

• Sababbiiwwan armaan gaditti mul’atan irratti iyyannoo dhiyeessuun hin danda’amu;

1) Murtoo filannoo mala bittaa ykn dhabamsisa qabeenyaa rratti;

2) Haala filannoo dorgomtoota bittaaf affeeramanii irratti ykn ulaagaalee dorgommii


duraan durse sanada caalbaasii keessa ta’e irratti;

3) Dhiyeessitoota biyya keessaatiif, dhaabbilee Korporeeshinii Maaykiroo fi


Xixiqqaaf, oomishaalee fi hojiiwwan ijaarsaatiif ilaalcha adda kennameef;

4) Sanada yaada dorgommii ykn dhiyeessa gatii kuffisuuf murtoo kenname;

5) Guyyaa Dhaabbatichi bu’aa gamaaggamaa ibsee ykn iyyata dhiyaateef irratti


barreeffamaan murtii kenne irraa eegalee kan lakkaa’amu guyyaa hojii 5 (shan) yoo
darbe;
Kutaa Saddeet…

• Sirna Iyyannoon Hojii Gaggeessaa Dhaabbatichaaf Dhiyaatu Ittiin


Qulqullaa’u;

1) Dhiyeessaan ykn dorgomaan adeemsa bittaa keessatti miidhamni narra gaheera


jedhu kamiiyyuu guyyaa murtoo iyyannoo isaatiif ka’umsa ta’e beekee ykn beekuun
irra turee irraa eegalee kan lakkaa'amu guyyaa hojji 5 (shan) keessatti iyyata isaa
dhiyeessuu kan qabu jalqaba Dhaabbatichaafii dha. Iyyannoon guyyaa kana booda
Dhaabbatichaaf dhiyaatu fudhatama hin qabu;

2) Iyyannoon dorgomaan kaadhimamaan dhiyeesse marii waliiniitiin hiikamuu yoo


baatee Hoji gaggeessaa Dhaabbatichaa guyyaa iyyannoon dhiyaatee kaasee kan
lakkaawwamu guyyaa hojii 5 keessatti iyyannoo dhiyaateef irratti murtoo isaa
barreeffamaan kennuu qaba. Murtoon barreeffamaan kenname maalummaa
murtichaa fi tarkaanfii fudhatamu kan agarsiisuu ta’uu qaba;

3) Garagalchi murtoo Dhaabbatichaan kenname guyyaa hojii 5 (shan) keessatti


dorgomaa kaadhimamaa akka gahu taasifamu qaba;
Kutaa Saddeet…

• Sirna Iyyannoon Hojii Gaggeessaa Dhaabbatichaaf Dhiyaatu Ittiin Qulqullaa’u

4. Haalli armaan olitti tumame akkuma jirutti ta’ee caalbaasii sanadni tekiniikaa fi gatii
poostaa adda addaatiin akka dhiyaatu godhame irratti dorgomtoonni yeroo bu’aan
gamaaggama sanada tekiniikaa ibsamu qaphxii barbaaddamu waan hin arganneef
dorgomiidhaan ala ta’an sanadni gatii dorgomtootaa osoo hin banamiin dura iyyata
isaa Dhaabbatichaaf dhiyeessuu ni danda’a;

5. Bittaan komiin irratti dhiyaate kamiyyuu kan qulqullaa’u sanada caalbaasii


dorgommidhaaf qophaa’e fi qajeelfama bu’uura taasisuun ta’a;
Kutaa Saddeet

• Haala Raawwiin [Adeemsa] Bittaa Dhaabbatichaa Itti Dhorkamu Danda’u;

1) Dhaabbatichi iyyannoon kan dhiyaateef yeroo armaan olitti keewwata 37 keewwata


xiqqaa 2 irratti ibsame keessatti ta’uu isaa yoo mirkaneesse hanga iyyannichi murtii
argatutti caalbaasichi dhoowwamee akka turu gochuutu irra jiraata;

2) Dhaabbatichi [ Qaamnii caalbaasicha baase] faayidaa mootummaa fi ummataa ariitiidhaan


eegsisuu qabuuf jecha raawwiin bittaa itti fufuu akka qabu yoo mirkaneesse dhoorkaan
keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsame raawwatinsa hin qabaatu;

3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, dorgomaan
iyyannoon isaa Boordiin akka ilaalamuuf yoo barbaade gaaffii isaa Boordiif dhiyeessuu ni
danda’a; Dhaabbatichi bu’uuruma iyyannoo dhiyaateen caalbaasicha dhoowwee sababa
murtii kennuu dadhabeef Boordiif ibsuu qaba;

4) Murtoon Dhaabbatichaan darbu kamiyyuu qaama sanadoota sirna bittaa agarsiisan ta’anii
galmaa’uutu irra jiraata;
Kutaa Saddeet…

Sirna Iyyaatni Komii Boordiif Dhiyaatu Itti Fudhamuu fi Qoratamu;


1. Komii Boordiif dhiyaatu koree qorate yaada murtee dhiyeessu ni hundeesa;

2. Boordiin iyyata dhiyeessitoota irraa dhiyaateef qorate yaada murtee akka


dhiyeessuu koreef qajeelchuun raawwii bittaa ni dhorka;
Kutaa Saddeet…

• Moggaafama Miseensa Koree Iyyata Qoratee Yaada Murtee Dhiyeessu;

– Walitti qabaan Boordii iyyata dorgomtootaan raawwii bittaa Dhaabbaticha irratti


dhiyaatu qulqullessee yaada mutee kan dhiyeessu koree miseensoota nama 3
hanga 5 qabu ni hundeessa;

– Bari hojii miseensoota koree waggaa 2 ta’ee, raawwii hojii fi naamusa gaarii
qaban ilaalame walitti qabaan Boordii yoo itti amane bara hojii walfakkaatuu
tokkoof dheerachuu ni danda’a;

– Miseensoota koree ta’anii kan moggaafaman hojii bittaa irratti beekumsaa fi


muuxxannoo gahaa, amalaa fi naamusa gaarii kan qaban ta’u irra jiraata ;
Kutaa Saddeet…

• Walitti Bu’iinsa Faayidaa Ibsuu

– Miseensi koree kamiyyuu dhiyeessa ykn dhimma raawwii bittaa iyyatni


irratti dhiyaate wajjiin kallatiinis ta’ee alkallattiin walitti dhufeenya yoo
qabaate kanuma koreetti ibsuun walgahii koreekeessa bahu qaba;
Kutaa Saddeet…

• Aangoo Koree
• Koreen hojii isaa yeroo raawwatu aangoo armaan gadi ni qabaata;

1) Dorgomaan kadhimamaan ykn dorgomaan kamiyyuu seerri kan ajajuun alaa


raawwachuu isaa ykn bittaa sirritti raawwachuu dhabuu isaa ykn oggaansi bittaa
sirriitti raawwachuu dhabuu isaa ykn walitti bu’insii fayyidaa ykn hojiin
malaamaltummaa raawwachuu isaa iyyannoon kan dhiyaate yoo ta’e ragaaleen
bittaa wajjin walqabatan, sanadoonni, galmeewwanii fi ibsoonni dorgomaa
kaadhimamaa irraa karaa Boordii akka dhiyaatuuf gochuu ni danda’a,

2) Dhimmicha irratti hanga murteen kennammutti Dhaabbatichi hojii sochii itti aanuu
akka hin taasisne dhorkaan barreeffamaa karaa Boordii akka ga’u ni taasisa;

3) Iyyannoo dhiyaate adeemsa bulchiinsa faayinaansii fi bittaan ykn ogeessa Biirootiin


facaatii tekinikaa irratti qoranoon taasifamee gabasnii akka dhiyaatuuf taasisuu;
Kutaa Saddeet…

• Aangoo Koree
• Koreen hojii isaa yeroo raawwatu aangoo armaan gadi ni qabaata;
4. Ragaa baatoota fi qamoolee bittaan isaan ilaalu karaa Boordii waamuudhaan jechaa
isaani kakuudhaan akka kennaan godhuu;

5. Bittaa Dhaabbatichi seeraa ala raawwatee ykn murteen inni kenne gutumma
guutuutii ykn gar tokkeen akka hafu ykn akka diigamu yaada murtee ni dhiyeessa.

6. Iyyaatni dhiyaate seera qabeessa ta’ee yoo hin argamne iyyaata dorgomaa kufiisuun
yaada murtee Ooggaanaaf ni dhiyeessa;

7. Iyyannoon kan dhiyaate guyyaa Dhaabbatichi murtoo kennee irraa guyyaa hojii 5
booda yoo ta’ee ykn iyyannoon duran Dhaabbatichatti kan hin dhiyaane yoo ta’e
iyyaanicha kufisuu ni danda’a;
Kutaa Saddeet…

• Itti Gaafatamummaa Koree


• Koreen hojii isaa yeroo raawwatu ittigaafatamummaa armaan gadi ni qabaata;

1. Iyyaanno dorgomaa ykn dorgomaa kaadhimamaa irraa karaa Boordiin qajeelfamuuf ni


fuudha, ni qoraata;
2. Iyyaanni Boordiif kan dhiyaate guyyaa Dhaabbatichaan murtoon kennameefii irraa
guyyaa hojii 5 keessatti ta’u isaa qulqulleessuu;

3. Dhaabbatichi [hojii] raawwii bittaa iyyaannoon irraatti dhiyaate wajjin sanadoota


walqabatan fi ibsawwaan akka erguu taasisuu;
4. Dhaabbatichi akkuma beeksisnii barreeffama isa qaqqabeen sanadoota adeemsa bittaa
itti raawwate, ragaawwanii fi ibsawwan akka erguu hordofii taasisuu;

5. Qabxii ijoo iyyatichaa qindaa’ee dhiyaate deebii Dhaabbaticha irraa kenname,


ragaawwanii fi sanadoota dhiyaatan akkaataa seera bittaa Dhaabbatichatiin
qulqulleessuun guyyaa hojii 12 keessatti yaada murtee Boordiif dhiyeessuu;

6. Hojiiwwaan raawwate irratti gabaasa Boordiif ni dhiyeessa;


Kutaa Saddeet…
• Sirna Iyyannoon Boorditti Dhiyaate Koreen Itti Qulqullaa’u
1. Hoji gaggeessaa Dhaabbatichaa guyyaa komiin iyyata dhiyaateef irraa kaasee kan
lakkaa’amu guyyaa hojii 5 keessatti murtoo yoo hin kennine ykn iyyataan murtee
kennameetti yoo quufuu baatee guyyaa kudha tokkoffaa ykn guyyaa murtoo kenname
beeke ykn beekuu qabu irraa kaasee kan lakkaa’amu guyyaa hojii 5 keessatti Boordiif
dhiyeessu ni danda’a. Yeroo kanaan booda iyyannoon Boordiif dhiyaatu fudhatama hin
qabatu;
2. Dorgomaa kaadhimamaan iyyannoo komii Boordiif yemmuu dhiyeessu ragaalee dursee
Dhaabbatichaaf iyyannoo dhiyeessuu isaa argisisanii fi koppii murtoo Dhaabbatichaa
irraa kenname walqabsisee dhiyeessu qaba;
3. Boordiin iyyata komii dorgomaa irraa dhiyaachuu isaa akkuma beekeen dorgomaan
ragaa qabu guyyaa hojii 5 keessatti akka dhiyeessu iyyaanichi koreen qoratamee Boordii
irraa murtoon dhumaa hanga kennamutti sochiin raawwii bittaa itti anuu akka dhaabbatu
ni dhorka;
4. Dhaabbatichi hojii adeemsa bittaa iyyannoon irratti dhiyaateen walqabatee sanadoota
adeemsi bittaa itti raawwate, ragaawwanii fi ibsawwan, guyyaa ajajni Boordii irraa isaa
ga’e irraa kaasee kan lakkaa’amu guyyaa hojii 5(shan) keessatti, erguu qaba;
5. Koreen iyyannoo kamiyyuu kan qulqulleessuu fi yaada murtee kan dhiyeessu sanada
caalbaasii, qajeelfama sirna bittaa kanaa gabaasa gamaaggama caalbaasii fi ragaa
dorgomaan dhiyeesse bu’uura taasisuun ta’a;
Kutaa Saddeet…

• Murtoo Boordiin Kennamu;

1. Boordiin yaada murtoo komii iyyataa qorachuun koreen dhiyeesse bu’uura


taasisuun hatattaamaan guyyaa hojii 3 keessatti murtoo kennuu qaba;
2. Murtoon Boordiin kenname yeroo murtaaye keessatti iyyataa akka ga’u
taasifamuu qaba.;
Kutaa Sagal

• Sirna Gabaasni Balleessaa Boorditti Dhiyaatu Ittiin Ilaalamu;


• Sirna Dhiyeessaan Caalbaasii Irraa Itti Dhorkamu;
– Boordiin bu’uuraa gabaasa balleessaa dorgomaa ykn dhiyeessaa Dhaabbatichaa
ragaan deeggaree dhiyeessuufiin haala armaan gadiitiin qoratee murtoowwan
armaan gadii ni kenna;

1. Dhaabbatichii dorgomaan ykn dhiyeessan kamiyyuu gocha sirna bittaan ittiin


gaggeeffamu kan qajeelfama kana keessatti tumame faallessuu raawwachuu isaa
ykn gocha waliin dhahuu raawwachuu isaa ykn sanada ykn ragaa sobaa
dhiyeessuu isaa ykn hojii malaamaltummaa raawwachuu isaa ykn caalbaasii
hiinjifatee waliigaltee mallatteessuu diduu isaa ykn dirqama seene raawwachuu
dhabuu isaatiin hubatiin kan irra gahe ta’uu isaa mirkaneessuu kan danda’u yoo
ta’e Boordiin murtoo barbaachisaa akka irratti kennu gabaasa balleessaa
dhiyeessuufii ni danda’a;
Kutaa Sagal

• Sirna Gabaasni Balleessaa Boorditti Dhiyaatu Ittiin Ilaalamu;


• Sirna Dhiyeessaan Caalbaasii Irraa Itti Dhorkamu;

2. Dorgomaa ykn dhiyeessaa irraatti gabaasa balleessaa yeroo dhiyeessutti ibsa


balleessaa ijoo iyyaannoo ibsu, kooppii sanadoota bittaan ittiin gaggeeffamee ykn
dorgommiif dhiyaatee fi raggawwan biroo dhimmicha qoraachuuf gargaran
walqabsisee dhiyeessuu qaba.
3. Dhaabbatichi dorgomaa ykn dhiyeessaa gabaasnii balleessaa irratti dhiyaate ijoo
isaa cuunfuun kara isaa ragaa fi ibsa qabu guyyaa hojii 5(shan) keessatti Boordiif
akka dhiyeessu ajajuun raawwii isaa hordofuu qaba.

4. Dhaabbatichi iyyaannoo komii dorgomaan dhiyaateef sanada caalbaasii,


waliigaltee bittaa bu’uura gochuun guyyaa gabaasni balleessaa dhiyaateef irraa
kaassee guyyaa hojii 15(kudha shan) keessatti qulqulleesse murtoo kennuun
murtoo isaa qaama dhimmichi ilaaluu hundaaf erguu qaba.
Kutaa Sagal…

5. Murtoon Boordiin kennuu kanneen armaan gadii keessa tokkoo ta’u ni danda’a.
6. Dorgoman ykn dhiyeessan kamiyyuu ta’e jedhee bu’aa adeemsa bittichaa waliin
dhahuuf ykn jijjiirsisuuf ykn yeroo raawwii waliigaltee keessatti kanneen armaan
gadii raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e akka haala balleessichaan hanga waggaa 4
ykn yeroo murtaa’eef caalbaasii bittaa Dhaabbatichi baasuu irraatti akka hin
hir’maannee gochuun ni danda’a;
a) Gocha malaamaltummaa jechuun ogeessa hojii bittaa gaggeessuuf ykn itti gaafatamaadhaaf
mataa’a ykn gatii kan qabu kennaa kamiyyuu kennuun ragaan yoo mirkanaa’e;

b) Waliin dhahuu jechuun ragaa sobaa ykn sanada seera qabeessa hin taane yoo dhiyeesse ykn
Qaama biraatiin dhorkamee yeroo jiru keessatti yeroo dhorkaa osoo hin xumuuriin caalbaasii
biraa irraatti hirmatee yoo argame ykn waliigaltee ala meeshaa , tajaajila ykn hojii ijaarsaa ykn
tajaajila gorsa qulqullina hin qabne dhugaa ykn sirrii jechuun dhiyeessu isaa yoo barame,
Kutaa Sagal…
• Sirna Dhiyeessaan Caalbaasii Irraa Itti Dhorkamu;

c. Dorgomtoota biroo waliin ta’uun gatii murteessuun dorgomtoota biroo fi


Korporeeshiniichaa dorgomii bilisaa irraa bu’aa argachuu qaban akka hin argane
gochuun yoo mirkanaa’e

d. Hojajjattoota ykn itii gaafatamaa Dhaabbatichaa waliin ta’un meeshaa ykn tajaajila
ykn tajaajila gorsaa ykn hojii ijaarsaa waliigaltee ala dhiyaachuun yoo mirkanaa’e,

e. Oggeesa hojii bittaa gaggeessu ykn itti gaafatamaa kallattin ykn al-kallattiin hubun
ykn hubuuf sodachisuun yoo mirkanaa’e

f. Murtee adabii Boordiidhaan itti murtaa’e yeroo raawwatee kaasee kan lakka’amu
waggaa 4 keessatti balleessa adaba biraa irraan ga’u raawwachuun yoo mirkanaa’e.

g. Dorgoman ykn dhiyeessan kamiyyuu balleessa itti anuu raawwachuun isaa yoo
mirkanaa’e , ulfinii balleessa isaa ilaalamee waggaa tokkoo gadi kan hin taanee fi
waggaa 4 kan hin calleef caalbaasii Dhaabbtichaa kamiyyuu irraatti akka hin
hirmane ni dhoorka.
Kutaa Sagal…
• Sirna Dhiyeessaan Caalbaasii Irraa Itti Dhorkamu;

h. Dhiyeessii meeshaa, tajaajilaa gorsaa ykn tajaajila biroo ykn hojii ijaarsaa bu’uura
waliigaltee seeneetiin yoo hin xumurin ykn dhiyeessu eegalee waan adda kuteef
sababa kanaan Dhaabbaticha irratti kisaara maallaqa ykn harkifanaa hojii ykn bu’aa
dhabuu yoo hordofsisee,

i. Mo’ata caalbaasii ta’uun isaa barreeffamaan ibsameefii waliigaltee seenuuf sababa


fedhii hin qabneef Dhaabbatichi dorgomaa biraa irraa bitticha raawwachuu isaatiin
kisaaraa ykn hojii boodatti harkisuu yoo hordosisee;

• Dhaabbatichi akkuma ulfaatina isaatti murtoo kana galagalcha isaa qaama Mootummaa
Waajjira Daldalaa,Waajjira Galii , Waajjira Maallaqaa fi Walita’insa Dinagdee fi
qaamolee dhimmi ilaaluu, akka ga’u ni taasisa;

• Dhaabbatichi sababa rakkoo dorgomaan ykn dhiyeessaan uumeetiin miidhaa irra gahuuf
bu’uura waliigaltee bittaa fi seeroota biyyattii biirootiin kisaaraa gaaffachuu ni danda’a.
Kutaa Sagal…

• Rakkoo Humnaa ol Ta’e;

– Rakkoon humnaa olii qaqabeera kan jedhamu dhiyeessaan haala rakkoo tasa
qaqabeen dirqama waliigaltee isaa akka hin raawwanne inni dandamachuu ykn
dhaabuu hin dandeenye yeroo qaqabe dha;

1. Rakkoo humna oliiti kan jechisiisuu danda’u sababoota armaan gadii keessaa tokko
ta’uu ni danda’a:
a) Waliigaltee akka hin raawwanne mootummaan yoo dhoowwame;
b) Kirkira lafaa, bakakkaa, lolaa fi balaa uumamaa kkf.
c) Waraana diina biyya alaa ykn biyya keessaa;
d) Seera hariiroo hawaasaa irratti kan tarreeffame haalli dirqisiisaan
humnaa olii yoo uumame;
• Waliigaltee keessatti ifatti faallaa kanaatiin wanti tumame yoo jiraate malee haalawwan
armaan gaditti tarreeffaman akka rakkoowwan humnaa oliitti lakkaa’amuu hin danda’ani;
a) Warshaa waliigaltee raawwate ykn damee warshichaa kessaa tokko keessatti fincilli
hojetootaa yoo ka’e ykn Dhaabbatichi yoo cufame,
b) Gatiin dhiyeessa raawwatinsa waliigaltichaa tiif barbaachisu yoo dabale ykn yoo gadi
bu’e,
Kutaa Sagal…

• Iyyannoo Mana Murtiin Ilaaluu;


– Dorgomaan ykn dhiyeessaan murtii Dhaabbatichaan [qaama caalbaasii
baaseen] ykn Boordiin kenname irratti komii qabu mana murtii dhimmi
ilaalutti dhiyeeffachuu ni danda'a;

• Yeroo Qajeelfmanni Kun Hojirra Oolu;


– Qajeelfamnni raawwii bittaa kun guyyaa ------- bara ----- irraa eegalee hojii
irra ni oola.

You might also like