You are on page 1of 63

Seera Bittaa Mootummaa Naannoo

Oromiyaa Leenjii Misensota Koree


Raggaasistuu Caalbaasii Biiroolee
Naannoof Qophaa’e

Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee


Oromiyaa
Amajjii 2005
Qabiyyee
1.Sanadoota Seera Bittaa
2. Hiika
3.Qajeeltowwan Bittaa Mootummaa
4.Itti gaafatamummaa fi hojiiwwan qaamolee adda
addaa
5. Adeemsa Bu’uuraa raawwii bittaa
6. Maloota Bittaa hayyamaman
7. Raawwii Maloota bittaa
8. Dhimmoota caalbaasiin walqabatan

10. Rakkoolee bittaa mootummaa irratti mullatan


Qabiyyee
• 9. Iyyata raawwii bittaa mootummaa irratti
dhiyaatu
• 10. Rakkoolee bittaa mootummaa irratti
mullatan
1.Sanadoota Seera Bittaa
Sanadootni seeraa bittaa naannoo
oromiyaa kanneen armaan gaditti
ibsamanii dha.
• Labsii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa
Lakk157/2002
• Qajeelfama Bittaa Naannoo
Oromiyaa Lakk. 02/2004
• Maanuwaalii raawwii bittaa
• Sanadoota Idilee caalbaasii
2. Hiika
Bittaa Mootummaa”jechuun bittaa
“’’’’’

meeshaa fi tajaajilaa manni hojii


mootummaa maallaqa mootummaan
raawwatu jechuudha.
• “Mana Hojii Mootummaa ”jechuun
guutumaa guutuutti ykn gara
tokkeen baajata mootummaatiin kan
bulu jechuudha.
Hiika….
• “Maallaqa Mootummaa” jechuun
mana kuusa maallaqa
mootummaa irraa ykn gargaarsaa
fi liqii biyya alaa irraa ykn galii
keessaa manni hojii walitti qabu
irraa maallaqa MHMf
ramadamuudha.
3.Qjeeltowwan Bittaa Mootummaa
(principles of procurement)

 Bittaan Mootummaa qajeeltowwan armaan


gadii irratti bu’uurefata
• Maallaqni bu’aa argamsiisuu qabu
argamsiisuu isaa dhugoomsuu (Value for
money)
Qajeeltowwan…
• Loogiin kan hin taasisfamne ta’uu isaa
(lammummaan,saalaan ykn amantaan)
• Adeemsa bittaa mootummaa irratti
Iftoominnaa fi haqummaa qabaachuu
• Gaafatamummaan jiraachuu isaa
• Guddina Dinagdee naannichaa bifa
deeggaruun raawwachuu.
• Omishtootaa fi kubbaaniyoota biyya
keessaa jajjabeessuu
4. Itti Gaafatamummaa fi Hojiiwwan
Qaamolee Adda Addaa
4.1. Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee
• Raawwii Bittaa irratti Mootummaa ni gorsa,
• Qaama bittaa raawwatuuf deggarsa teknikaa ni
kenna.
• Raawwii bittaa mootummaa ni hordofa, gabaasa
ni dhiyeessa.
• Dandeetti qaama bittaa raawwatuu ni cimsa
• Sirna bittaa ni diriirsa, hojirra oolmaa isaa to’ata.
• Bittaa maloota hayyamamaniin alatti
raawwatamuun barbaachisu ni haayyama.
• Komii bittaa irratti dhiyaatu xinxaalee murtii ni
kenna.
4.2. Oogganaa olaanaa Mana
Hojii mootummaa
• Adeemsa hojii bittaa fi bulchiinsa
Qabeenyaa humna namaa gahumsaa fi
dandeetti qabuun gurmeessuu
• Koree raggasistuu caalbaasii hundeessuu.
• Ogeeyyiin ramadamanii fi miseensotni
koree leenjii argachuu isaanii fi hojicha
hojjachuuf gahumsa qabaachuu isaanii
mirkaneessuu.
Oogganaa olaanaa….
• Bittaan Mootummaa karooraa fi seera
irratti hundaa’ee raawwatamuu isaa
mirkaneefachuu
• Qabeenyi mootummaa karaa
dinagdummaa fi bu’aa qabeessa ta’een
hijiirra ooluu isaa mirkaneessuu
• Komii bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa
irratti dhiyaatu xinxalee murtii kennuu
4.3. Adeemsa Hojii Bittaa
• Fedhii bittaa mana hojichaa
qindeessuu irraa eegalee hanga
moo’ataa caalbaasii filachuu fi
bittaa raawwachuu jiran hundaa ni
raawwata
• Karoora fedhii bittaa mana hojii ni
qopheessa.
Aeemsa bittaa---
• Sanada caalbaasii ni qopheessa,ni gurgura.
• Bittaa dhiyeessa gatiin raawwatamu banee
akka mirkanaa’u oogganaaf ni dhiyeessa.
• Bittaa olaanaa xinxaaluudhaan koree
raggaasistuu caalbaasiif ni dhiyeessa.
• Qaboo yaa’ii gamaggama caalbaasii ni
qopheessa.
Adeemsa bittaa---
• Firii caalbaasii dorgomtoota caalbaasii
irratti hirmaatan hundaaf ni beeksisa.
• Kontraata waliigaltee bittaa ni bulcha.
• Bittaa qaama moo’ataa caalbaasii ta’ee
filatame irraa ni raawwata.
• Sanadoota bittaa ni qaba, ni eega.
4.4. Koree Raggaasistuu
Caalbaasii
• Karoora bittaa adeemsa bittaatiin qophaa’e
kaayyoo mana hojiichaa waliin deemuu isaa
xinxaalee akka ragga’u oggaanaaf ni dhiyeessa.
• Sanadi caalbaasii adeemsaa bittaatiin qophaa’e
sirna bittaa mootummaa eegee qophaa’uu isaa
ni mirkaneessa
• Bittaawwan olaanoo adeemsa bittaatiin
gamaggamamee dhiyaatu(bittaa dhiyeessa
gatiitiin raawwatamuu alatti) raggaasisuu.
Koree Raggaasistuu….
• Toftaalee bittaa mana hojiichaa bu’aa
qabeessa taasisan irratti itti
gaafatamaa ni gorsa.
• Hojiiwwan bittaa korichaan ragga’an
ilaalchisee kurmaana kurmaanaan
Oogganaaf gabaasa ni dhiyeessa.
Moggaafama Koree
Raggaasistuu
• Miseensa 3 hanga 5 kan qabu ta’a.
• Hojjattoota naamusa gaarii fi beekumsaa fi
muuxxannoo qaban
• Waggota lamaa asitti balleessaa kan hin
raawwatinii fi naamusaan kan hin
himaatamine.
5.Adeemsa Bu’uuraa Raawwii Bittaa
( Basic procurement procedures)
a/ Karoora bittaa qopheessuu fi bittaan
karooraan akka raawwatamu gochuu.
b/ Sanadoota bittaan wal qabatan
gurmeessuu, of eeggannoon qabachuu.
c/ Raawwii Bittaa irratti lammummaan,
Sanyummaa fi amantiidhaan ykn
dhimmoota madaallii dorgommiitiin wal hin
qabaneen dorgommaa kamiyyuu irratti
loogiin hin godhamu.
Adeemsa Bu’uuraa…..
d/ Walqunnamtii raawwii bittaan wal
qabatan kamiyyuu barreeffamaan
gochuu
e/ Sirna naamusa bittaa mootummaa
ilaalchisee tumaman kabajuun
hojiirra oolchuu.
F/ Maloota bittaa hayyamamanii fi
haalota guutamuu qaban qofa
hordofuun bittaa raawwachuu.
Adeemsa Bu’uura …..
Qaamni bittaa raawwatu sababni gahaan yoo
9/

jiraate hanga waliigaltee hin mallateessinetti


caalbaasii kuffisuu kan danda’an ta’uu isaa
 Sababoota caalbaasii kuffisuu danda’an:
• Dogoggorri bu’aa caalbaasii faalleessuu
danda’u raawwatamuun isaa yoo
mirkana’e.
• Sababa karoorrii hojii jijjiirameef ykn
filannoon caalama qabu biroo yoo argame.
Adeemsa Bu’uuraa…..

Dorgomtootni caalbaasii dhiyaatan
ulaagalee gadaanaa taa’e guutuu yoo
baatan.
• gatiin moo’ataan caalbaasii dhiyeessi gatii
gabaayaati ol yoo ta’ee fi caalbaasii 2ffaa
baasuun gatii fooyya’aa ni argamsiisa
jedhamee yoo amaname.
• Gatiin moo’ataan dhiyeessi baajata
bitichaaf qabamee ol ta’ee manni
hojiichaa baajata dabalataa argachuu kan
hin dandeenye yoo ta’e.
Adeemsa Bu’uuraa ……

Dorgomtootni caalbaasichaa walijaaruun
dorgommiin gahaan kan hin taasifamine
ta’uun yoo mirkanaa’e.
 Manneen hojii mootummaa sababa
caalbaasiin kufeef yeroo gaafataman
dorgomtootaaf ibsuu qabu. Haata’uu
malee seera qabeessummaa sababichaa
ibsuuf hin dirqaman.
h/ Yeroo xinxaala caalbaasii omishaawwan
kubaaniyoota biyya keessaatii fi IMXf
ilaalchi addaa ni kennama
Ilaalcha Addaa
 Bittaa dhiyeessa gatii fi dhiyeessa tokko irraa
raawwatamuu ala dorgomtoota biyya keessaa fi IMXf
ilaalchi ni godhama.
 Omishoota biyya keessaaf ilaalchi kennamuuf:
• Qorichaa fi meeshaalee yaalaa %25
• Meeshaalee birootiif %15
• Bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa %7.5
• IMXf gosa bittaa danbiin hayyamamee hanga qar.
5,000,000 dandeettiin raawwachuu isaanii ilaalamee
dorgommii malee ni kennamaaf
(hanga yeroo murtaa’eetti)
• IMX maallaqa ibsamee olitti caalbaasii irratti yoo
dorgoman %3 ilaalchi addaa ni kennamaaf.
6. Maloota Bittaa Hayyamaman

• Malootni bittaa hayyamaman 6n armaan


gaditti tarreeffamanii dha.
a/ Caalbaasii ifaa
b/ Bittaa gaaffii yaada dorgommiin
raawwatamu
c/ Bittaa sadarkaa 2n raawwatamu
d/ Bittaa caalbaasii murtaa’an raawwatamu
e/ Bittaa dhiyeessaa gatiin raawwatamu
f/ Bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwatamu
Maloota Bittaa ….
• Sababni gahaan yoo jiraate malee
bittaan mootummaa kamiyyuu mala
bittaa caalbaasii ifaan raawwatamuu
qaba
• Caalbaasii ifaatiin alatti maloota biroon
fayyadamuuf yeroo filatamu sababa
malli bittaa kun filatameef sanadni ibsu
seeraan qophaa’ee qabatamuu qaba.
Bittaa Addaa
• Bittaa walfakkaataa manneen hojii hedduu
keessatti barbaadamuu fi faayidaa
Olaanaa qabu bakka tokkotti ni bitamu
• Bittaa addaa waliigaltee yeroo dheeraa
[waggaa 2-3] turuun bituun ni danda’ama.
• Bittaan addaa Ejensii Bittaa fi
Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaatiin
kan raawwatamu ta’a.
7. Raawwii Bittaa maloota
Bittaatiin raawwatamanii
7.1. Raawwii Bittaa caalbaasii Ifaa
• Beeksisa caalbaasii gaazexaa uwwisa bal’aa
qabuun baasuu
• Barbaachisaa yoo ta’e dabalatan Raadiyoo fi
Televizhiiniin beeksisuun ni dandam’ama
• Guyyaan caalbaasiin ifaa qilleensa irra turu
guyyaa qajeelfama bittaan ibsamee gad ta’uu
hin danda’u
• Hanga dada’ametti guyyaan caalbaasiin
cufamuu fi banamu tokko ta’uu qaba
Caalbaasii Ifaa….
• Sanadni caalbaasii hanga guyyaa cufamuu
caalbaasitti dorgomtootaaf gurguramuu qaba.
(Dhumatee jira jedhamee dorgomtoota
deebisuun hin danda’amu)
• Qaamni bittaa raawwatu hanga moo’ataa
caalbaasii hin beeksisinitti caalbaasii haquu ni
danda’a.
• Dorgomtootni baniinsa caalbaasichaa irratti akka
argaman hafeeramuu qabu. Yoo argamuu
dhaban garuu sanadni dorgommii isaanii ni
banama.
Caalbaasii Ifaa….
• Dorgomaan moo’ataa ta’ee filatamu ulaagalee teknikaa
guutee kan gatii gad aanaa dhiyeesseedha.
• Manni hojii mootummaa bittaa dhiyeessaa tokko irraa
raawwatamu yoo ta’e malee moo’ataa caalbaasii waliin
dhimmoota gatiin wal qabatan irratti marii gochuu hin
danda’u.
• Bu’aa Caalbaasii dorgomtootni hundaa akka beekan ni
taasifama
• Qaamni bittaa raawwatu dorgomtoota moo’atamaniif
moo’atamuu isaanii erga beeksiseen booda guyyaa hojii
5 turee walii galtee mallatteessuu ni danda’a.
• Moo’ataan caalbaasichaa moo’achuu isaa guyyaa itti
himamee eegalee guyyaa hojii 15 keessatti waliigaltee
mallatteessuu qaba.
7.2 Raawwii Bittaa Caalbaasii
Murtaa’aa
• Caalbaasii murtaa’aan fayyadamuuf
haalawwan guutamuu qaban:
a/ Meeshaan ykn tajaajilli barbaadamu
dhiyeessitoota murtaa’aa qofa biratti
kan argamu yoo ta’e.
b/ Beeksisni caalbaasii ifaa yeroo lama
bahee dorgomtootni kan hin argamne
yoo ta’e ykn kan dhiyaatan ulaagaa
teknikaa guutuu yoo baatan.
Caalbaasii Murtaa’aa….
C/ Sanadoota caalbaasii xinxaluuf
yeroo fi baasiin inni gaafatu gatii
meeshichaa /tajaajilichaan kan wal
hin simne yoo ta’ee argamu.
d/ Daangaan maallaqaa caalbaasii
murtaa’aan raawwatamuu kan
armaan gaditti ibsame caaluu hin
qabu.
Caalbaasii Murtaa’aa….
- Bittaa ijaarsaaf qar…………2,000,000
- Bittaa meeshaaf qar………500,000.00
- Bittaa tajaajila gorsaa qar. 300,000.00
- Tajaajila biirootiif qar……...400,000.00
e/ Hanga danda’ametti haala mala bittaa
kanaatiin dorgomtootni haffeeraman 5nii ol
ta’uu qabu.
7.3. Bittaa Dhiyeessaa Tokko
Irraa Raawwatamu
 Dhiyeessa tokko irraa bittaa raawwachuuf
haalawwan guutamuu qaban:
a/ Meeshichi ykn tajaajilichi dhiyeessaa
tokko qofa biratti kan argamu yoo ta’e.
b/ Meeshaalee / tajaajila dabalataan
barbaadaman kan duraa irraa adda
baasaanii bituun kan hin danda’amne yoo
ta’e.
Bittaa Dhiyeessaa tokkoo ….
c/ Waliigaltee duraa keessatti kan hin
hammatamine hojiiwwan dabalataa
hojjachiisuun yoo barbaachisee fi hojii
waliigaltee duraatiin adda baasanii
hojjachiisuun kan hin danda’amne yoo
ta’e.
d/ waliigalteen hojii gorsaa duraa haala
quubsaa ta’een xumuramee, waliigalteen
akka dheeratu yoo barbaadame qusannaa
fi siyaa’inna kan argamsiisu ta’ee yemmuu
argamu.
Bittaa Dhiyeessaa tokkoo ….
e/ Bittaa addaa gabayaa irraa
qinxaaboon ykn funaanuun bituun
dirqama ta’ee yoo argamu
f/ Bittichii baayyee ariifachiisaa ta’uun
isaa itti amanamee Oogganaa mana
hojichaatiin yoo hayyamame.
g/ Bittaa xixiqqaa hanga qar. 1500
kallattiin akka bitamu hayyamame.
7.4. Bittaa Gaaffii yaada
dorgommiitiin Raawwatamu
• Bittaa gaaffii yaada dorgommiitiin
raawwachuu kan danda’amu tajaajila
gorsaatiif ykn gatii waliigaltee walii galaa
keessaa gatiin tajaajila gorsaa %50 yoo
ta’eedha.
• Tilmaamne bittaa tajaajila gorsaa mala
kanaan bitamuu qar. 300,000 ol yoo ta’u
caalbaasii ifaan raawwatama. Qar.300,000
gad yoo ta’u dorgomtoota 3-7 tarreeffama
dhiyeessitootaa keessaa filachuun ta’a.
7.5. Bittaa Dhiyeessaa Gatiin
raawwatamu
• Bittaa karoorfamuu hin dandeenyee fi
hatattamaan hojiirraa ooluu qaban.
• Bittaa bakka tokkotti bitamuu hin
dandeenye mala bittaa kanaatiin
raawwtamuu ni danda’u.
• Bittaan dhiyaaeessa gatiin raawwatamu
koree raggaasiftuu caalbaasiitti
dhiyeessuun osoo hin barbaachisne
oogganaa mana hojiitiin ykn bakka bu’aan
raggaasifama.
Bittaa Dhiyeessaa Gatii ….
• Daangaa maallaqa bittaa dhiyeessa gatiin
raawwatamu
Gosa bittaa Naannoo Godina Aanaa
- Bittaa ijaarsaa 250,000.00 150,000.00 100,000.00
- Bittaa meeshaa 100,000.00 60,000.00 40,000.00
- Tajaajila gorsaa 60,000.00 30,000.00 20,000.00
- Tajaajila biroo 75,000.00 50,000.00 35,000.00
 Dhiyeessitoonni mala bittaa kanaan filataman
tarreeffama dhiyeessitootaa keessaa ta’ee
lakkoofsi isaanii 3 gad ta’uu hin qabu.
7.6. Bittaa Caalbaasii Sadarkaa
Lamaa

Mala bittaa kanaan bittaa


raawwachuuf haalawwan guutamuu
qaban:
• Manni hojii Mootummaa meeshaa
ykn tajaajila barbaaduuf tarreeffama
fedhii bittaa qopheessuuf dandeettii
kan hin qabne yoo ta’e
Caalbaasii Sadarkaa Lamaa…

• Caalbaasiin bahee dorgomtootni


argamuu yoo dhaban ykn yoo
kufan kunis hanqina dandeettii
tarreeffama qopheeffachuu
dadhabuu mana hojichaa ta’uun
isaa yoo mirkanaa’e.
7.7. Caalbaasii Bittaa Addunyaa
 Mala caalbaasii addunyaatiin bittaan
kan raawwatamu:
• Hirmaannaa kubaaniyoota alaa malee
dorgommiin bu’aa qabeessa ta’uu hin
danda’u jedhamee yoo amanamu.
• Bittichi hanga maallaqa qajeelfama
bittaan murtaa’ee ol yoo ta’u
- Bittaa Ijaarsaaf qar. 50,000,000.00 ol
- Bittaa Meeshaaf qar. 10,000,000.00 ol
Bittaa Addunyaa………
- Tajaajila gorsaa qar. 2,500,000.00
- Tajaajila biroo qar. 7,000,000.00
• Daangaa maallaqaa ibsamee ol ta’ee
omishichi biyya keessatti qofa kan
argamu yoo ta’e caalbaasii ifaa biyya
keessatiin bittaan ni gaggeeffama.
8. Dhimmoota caalbaasiin wal
qabatan
8.1. Irraa Deebi’anii Caalbaasii Baasuu
 Sababoota armaan gaditti ibsamaniin caalbaasii
irra deebi’anii baasuun ni danda’ama.
• Gatiin Moo’ataa caalbaasiin dhiyaate gatii
gabayaatii ol jedhamee yoo amaname.
• Irra deebi’anii baasuun faayidaa qabeessa ta’ee
yoo argame.
• Kan dorgommiif dhiyaate dorgomaa tokko qofa
yoo ta’e.
• Sanada caalbaasii irratti jijjiirama gochuun
dorgomtoota hedduu argachuun ni danda’ama
jedhamee yoo yaadame .
Dhimmoota caalbaasiin…..
8.2. Caalbaasii Ala Taasiauu
 Dorgomaa badiiwwan armaan gadii keessaa
tokko raawwate caalbaasii ala taasisuun ni
danda’ama.
• Meeshaan biyya Itiyoophiyaa waliin qoqophii
qaban irraa kan dhufe yoo ta’e
• Gochoota labsii fi qajeelfama bittaa cabsu
raawwatamuun yoo mirkanaa’e
• Caalbaasii mootummaa kanaan duraa irratti
dirqama seene kabajuu yoo dhabee fi
caalbaasii mootummaa irratti akka hin
hirmaatni yoo dhowwame.
Caalbaasii Ala ……
• Kabachiisa caalbaasii / waliigaltee
kan hin qabsifne yoo ta’e
• Caalbaasii moo’achuuf gocha
malaamaltummaa raawwachuu isaa
yoo beekkame.
• Ragaa sobaa yoo dhiyeesse
8.3. Yeroo Caalbaasiin Ifaa Qilleensa
Irraa Turu
Gosa Bittaa Bittaa Biyya keessaa Bittaa Addunyaa
Walxaxaa Walxaxaa Walxaxaa Walxaxaa
hintaane hintaane

Taj.Ijaarsaa 30 21 45 35
Meeshaa 30 15 45 35
Taj.gorsaa 10 7 14 10
Taj.biroo 30 15 45 35
•Qaamni bittaa rawwatu barbaachisaa jedhee yoo
itt amane guyyoota murtaa’an kana dabaluu ni
danda’a. Garuu gad buusuu hin danda’u.
8.4. Yeroo Bittaan Gaggeeffamuu
hin dandeenye
• Bittaa adeemsa irra ture yoo ta’e malee
kurmaana 4ffaa keessatti bittaa
gaggeessuun hin danda’amu
• Haata’uu malee sababni bittaan
kurmaana 4ffaa keessa galeef rakko
mana hojii irraa maddeen ta’uu dhabuun
isaa yoo mirkanaa’e fi biticha
raawwachuun murteessaa ta’ee yoo
argame BMMD haayyamuu ni danda’a.
9. Iyyata Raawwii Bittaa Mootummaa
Irratti Dhiyaatu
9.1.Dhimmoota Iyyatni Irratti Dhiyaachuu
Danda’u
 Dorgomaan adeemsa raawwii bittaa irratti
haalawwan armaan gadii uumamanii jiru jedhee
yoo amane iyyata dhiyeefachuu ni danda’a
• Qaamni bittaa raawwatu waan gochuu qabu
gochuu dhabuu isaatiif ykn waan gochuu
hinqabne godhee jira jedhee yoo amane.
• Labsii fi qajeelfamni bittaa cabee jira jedhee yoo
tilmaame.
Iyyata Dhiyaachuu danda’u…
• Dorgomaa tokkoof ykn dorgomtoota murasaaf
tarreeffamni fedhii bittaa tolu yoo qophaa’e
• Yeroon caalbasiin qilleensa irra oolu yoo
xiqqaate
• Sanadni caalbaasii dhumee jira yoo jedhame
• Ulaagalee sanada caalbaasii irra hin jirreen
gamaggamne caalbaasii yoo taasifame.
• Erga caalbaasiin banamee booda ulaagaan
gamaggamaa miidhaa qabu yoo qophaa’e.
• Gamaggama loogii qabuu fi walitti bu’iinsi
faaydaa (Conflict of interest)yoo uumame .
9.2. Dhimmoota Iyyatni irratti
Dhiyaachuu hin Dandeenye
• Filannoo mala bittaa irratti taasifameef
• Murtii caalbaasii kuffisuuf qaamni bittaa
raawwatu kenne irrtti
• Ilaalcha addaa dhiyeessitoota biyya keessaa fi
IMXf taasifameef
• Qabeenya dhabamsiisuuf (gurguruuf) toftaa
manni hojii filate
• Ulaagaalee filannoo dorgomtootaa duraan
sanada caalbaasii keessatti ibsame irratti
Dhimmoota Iyyatni irratti hin…..

• Mootaan caalbaasii beeksifamee


ykn iyyata dhiyaateef murtiin
kennamee guyyaan hojii 5 yoo
darbe.
9.3. Iyyata Qaama Bittaa
Raawwatutti Dhiyaatu
• Iyyatni Oogganaa olaanaa qaama bittaa
raawwatutti dhiyaata.
• Dorgoomaan iyyata dhiyeefachuu kan danda’u
guyyaa murtii beekee ykn beekuu qabu irraa
guyyaa hojii 5 keessatti ta’a
• Oogganaan iyyatni dhiyaateef, adeemsa raawwii
bittaa dhaabsisee guyyaa hojii 10 keessatti
barreeffamaan murtii kennuu qaba.
• Iyyataan murtii kennametti quufuu yoo baate
guyyaa hojii 5 keessatti BMMDO tti iyyata
dhiyeefachuu danda’a.
9.4. Iyyata BMMDtti Dhiyaatu
 Biiroon MMD (koreen iyyata Bittaa) iyyata
dhiyaatuuf ilaalee:
• Adeemsa raawwii bittaa qaama bittaa
raawwatuu dhaabee iyyata ilaaluu ni danda’a
• Qaamni bittaa raawwatu bu’uura seera bittaan
akka raawwatu ajaja kennuu ni danda’a.
• Caalbaasicha haquu ni danda’a
• Iyyata dhiyaate kufisuu ni danda’a
Iyyata BMMDtti ….
• Guyyaa 15 keessatti murtii kennuu qaba.
• Erga waliigalteen mallattaa’ee booda iyyata hin
ilaalu. Ta’ullee:
• Waliigalteen osoo yeroo hin eegine yoo
mallattaa’e,
• Dorgomtoota biroo firii caalbaasii osoo hin
beeksisine waliigalteen yoo mallataa’e.
• Manni hojichaa iyyatni yeroon dhiyaateefii deebii
osoo hin kenniin waliigaltee yoo mallatteesse
ilaaluu ni danda’a.
9.5. Sirna Gabaasa Balleessaa Ilaaluu
 Biiroon MMD dhiyeessitoota manneen hojii mootummaa
gabaasa balleessaa irratti dhiyeessan ilaalee murtii ni
kenna.
 Dhimmota gabaasni balleessaa irratti dhiyaachu
danda’u:
• Dhiyeessaan akkaataa waliigalteen raawwachuu yoo
dhabe
• Waliigaltee hin mallateessu yoo jedhe.
• Raawwii caalbaasii kan waliin dhahe.
• Sanada sobaa yoo dhiyeesse
• Qaama biroo waliin michoomee miidhaa yoo dhaqqabse.
Sirna Gabaasa Balleessaa….
Biiroon gabaasni yeroo dhiyaatuuf
ibsa barbaachisu dafee dorgomaaf
erguu qaba.
Dorgomaan /dhiyeessaan guyyaa 5
keessatti deebii kennuu qaba.
Biiroon guyyaa 15 keessatti
qulqulleessee murtii ni kenna, qaama
beekuu qabuuf ni beeksisaa.
10. Rakkoolee Raawwii Bittaa
mootummaa Irratti mullatan
• Qaama bittaa raawwatu hedduu
keessatti humni namaa
gahumsaan bittaa raawwachuu
danda’u jiraachuu dhabuu.
• Karoora bittaa bara baajataa qopheessuu
dhabuu fi bittaa karooraan gaggeessuu
dhabuu.
Rakkoolee Raawwii Bittaa……
• Sanadoota idilee caalbaasii qophaa’eetti
fayyadamuu dhabuu
• Daanga maallaqaa maloota bittaaf
haayyamamee ol bittaa raawwachuu
• Haalotni labsii fi qajeelfama bittaa
keessatti ibsaman osoo hin guutamine
dorgommii malee dhiyeessaa tokko irraa
bittaa raawwachuu.
Rakkoolee Raawwii Bittaa….
• Bittaawwan karooraan gaggeeffamuu
danda’an irra deddeebi’anii mala bittaa
ittiin dhiyeessa gatiin bittaa raawwachuu.
• Yeroo gad aanaa caalbaasiin qilleensa irra
ooluu qabu osoo hin eegine bittaa
gaggeessuu
• Caalbaasii guyyaa cufiinsa caalbaasii
irratti banuu dhabuu.
Rakkoolee Raawwii Bittaa….
• Tarreeffama fedhii bittaa irratti maqaa ykn
mallattoo daldalaa dhaabbata tokkoo
ibsuu
• Dorgomtootni komii yoo qabaatan
dhiyeefachuu akka danda’an carraa
dhowwuudhaan guyyaa seeraan
hayyamame osoo hin eegine waliigaltee
moo’ataa waliin mallatteessuu
Rakkoolee Raawwii Bittaa….
• Moo’ataa caalbaasii waliin waliigaltee
osoo hin mallatteessine ajaja bittaa
kennuu meeshaa irraa fudhachuun kaffaltii
raawwachuu.
• Ulaagaa duraan sanada caalbaasii
keessatti hin ibsineen gamaggama
gaggeessuu.
Rakkoolee Raawwii Bittaa….
• Qaboo walga’ii baniinsaa fi murtii caalbaasii
agarsiisan seeraan qabuu dhabuu.
• Bu’aa dirgommii caalbaasii dorgomtoota
moo’atanii fi moo’atamaniif barreeffamaan
beeksisuu dhabuu.

• www.oromiabofed.org
GALATOOMAA

You might also like