You are on page 1of 32

•XIINXALA DANQAALEE HOJIIRRA OOLMAA

GULANTAALEE DUBBISUU BARNOOTA AFAAN OROMOO


KUTAA 9FFAA GODINA BUUNNOO BEDDELLEE AANAA
DHIDHEESSAA MANNEEN BARNOOTA SADARKAA 2FFAA:
CALLOO, DAMBII, OOGOOFI YEMBEROOTTI

•WIIXINEE QORANNOO ULAAGAA DIGIRII LAMMAFFAA AFAAN


OROMOO FI OGBARRUU BARSIISUU GUUTTACHUUF QOPHAA’EE:
YUUNIVARSIITII JIMMAA, KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI
HUUMAANITIITTI, DAMEE BARNOOTA AFAAN OROMOOFI
OGBARRUUF DHIYAATE
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
1.1. Seenduubee Qorannicha
• Afaan meeshaa dhalli namaa qofti ittin walii galuudha.
• Lubbu qabeeyyiin biroon afaaniin guutummaa guutuutti akka
ilma namaatti waliigaluu hindanda’an.
• Afaan kan dhalli namaa qofti dhimma itti bahu kan jedhamuufis
kanumaafi.
• Tajaajila kana caalmaatti haala gaarii ta’een kennuu akka
danda’u afaan barachuunis ta’e barsiisuun baay’ee barbaachisaa
dha.
Itti fufe…
• Afaan tokko barnootaaf hinolle taanaan seera barreeffamaa
hinqabaatu, tajaajilli isaatiis dubbachuufi
dhaggeeffachurratti kan daangeffame ta’a.

•Afaan barumsaa yoo ta’e garuu ogummaan dubbisuufi


barreessuu akka dabalatu beekamaadha.

•Ogummaawwan afaanii keessaa dhaggeeffachuufi


dubbisuun karaa ergaa ittiin fudhannu yoo ta’an, barreessuufi
dubbachuun immoo karaalee ergaa ittiin dabarfannudha.
Itti fufa….

•Ergaa barreeffamaa dubbisani huachuuf dandeettii dubbisuu,


tarsiimoofi kaayyoo dubbisa tokko adda baasanii beekuun
bay’ee barbaachisaadha.

•Tarsiimoleen dubbisuu gulantaa yeroo dubbbisuu keessaatti


waan argamuuf gulantaalee dubbisuu ergaa barreefama
tokkoo beekuuf isa bu’uuraa akka ta’e hubachuun
barbaachisaadha.

•Gulantaa dubbisuu jechuun sadarkaalee barreefama tokko


dubbisuuf keessa darbamuudha.
1.2. Ka’umsa Qorannichaa
• Qorannoon tokko calliseedhuma kan adeemsifamu osoo
hintaanee, dhimma ka’umsa godhate yookaan dhimma sana
irratti akka qorannoo geggeessuuf wanti qorataa kakaase
jiraachu mala.

• Yaada kana Addunyaan (2011:53-54) yammuu ibsu,


“ka’umsi qorannoo tokkoo dhugaa qabatamaan jiru yookaan
hojii hojjetamaan irratti qaawwa ykn hanqinoota mul’atan
duuchuuf, yaaxxina tokko haaromsuuf, ibsa bal’aa
dhimmicha irratti kennuufi kkf. ta’uu danda’a” jedha.
Itti fufe…

Qorannoowwan Afaan Oromoon hojjetaman hedduun ogummaa


dubbisuu irratti yoo ta’an mataduree xixiqqaa jalatti waa’ee
gulantaalee dubbisuu nituqu, haata’u malee kallattiidhaan qorannoo
kanaan kan walitti dhufeenya qaban bay’inaan jiraachuu baatanis
kanneen afaan Ingiliffaatiin hojjetaman hamma tokko ni mul’atu.

Qorannoo mata-dureen isaa “The Effectiviness of Three Pheses


Techniques in Teaching Reading Comprehension Viewed from
Intelligence” jedhu kan bara 2010 Yuunivarsiitii Sebelasmaretitti
nama maqaansaa Mudyo Eryawatii jedhamuun hojjetame waliin
walbira qabee ilaaluu yaaleera.
Itti fufe…

Bu’aan qorannoo Mudyo Eryawatin argame faayidaa


hojiirraa oolmaa gulantaalee dubbisuu kan jedhu yoota’u
inni kun ammoo danqaa hojiirra oolmaa gulantaalee
dubbisuu kanjedhudha.

 Inni biroon Joornalii qorannoo kanaan walitti dhufeenya


qabu nama Elif Leyla Toprak jedhamuun maxxansa.5,
lak.1, bara, 2009 hojjetame mataduree isaa: Three Reading
Phases and Their Applications in the Teaching of English as
a Foreign Language in Reading Classes with Young
Learners jedhamuudha.
Itti fufe…

Jornaaliin kun gulantaaleen dubbisuu daree barnoota


keessatti yoo hojiirra oole dandeettiin dubbisuu barattoota
nidabala kan jedhu xiyyeeffate.

 Bu’an argames gulantaaleen dubbisuu akkamittiin akka


hojjirra oolan ibsee jira.

Haata’u malee qaawwaan qorannoowwan gama kanaan


hojjetamaniin mul’atu danqaalee hojiirra oolmaa gulantaalee
dubbisuu adda baasuufi furuu dhabuuti.
Itti fufe…

•Kanaafuu qorannoon kun hanqina karaa kana mul’atan


duuchuuf hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu kanaaf
wantoota danqaa ta’an adda baasuufi yaada furmaataa kaa’uuf
kan deemuudha.

•Haaluma kanaan qorannoon kun gaaffilee bu’uuraa armaan


gadii deebisuu ni danda’a jedhamee wiixineeffameera.Isaanis:
Itti fufe…

1. Gulantaaleen dubbisuu Afaan Oromoo kutaa 9ffaa manneen


barnootaa sadarkaa lammaffaa: Calloo, Danbii, Oogoofi
Yemberoo keessatti haala kamiin hojiirra oolaa jiru?

2. Danqaalee hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu Afaan


Oromoo kutaa 9ffaa manneen barnootaa eeraman keessaatti
mul’atan maalfaadha?

3. Hanqina hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu Afaan


Oromoo manneen barnootaa kanneen keessatti mul’ataniif
yaannii furmaataa maalfaa ta’uu danda’u?
1.3.1. Kaayyoo Gooroo

•Kaayyoowwan qorannoo kanaa kaayyoo gooroofi gooreetti


qoodamuun akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

•1.3.1. Kaayyoo Gooroo

• Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa danqaalee hojiirra


oolmaa gulantaalee dubbisuu barnoota Afaan Oromoo
kutaa 9ffaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, godina
Buunnoo Beddellee, aanaa Dhidheessaa, Calloo, Dambii,
Oogoofi Yemberootti argaman sakatta’uun xiinxaluudha.
•1.3.2. Kaayyoo Gooree
•Qorannoo kana kaayyon isaa guddaan danqaalee hojiirra oolmaa
gulantaalee dubbisuu daree barnoota Afaan oromoo kutaa 9 ffaa keessatti
mula’atan addabaasuun xiinxaluu yoo ta’u, akka armaan gadiitti qindaa’anii
jiru.

Gulantaaleen dubbisuu barnoota Afaan Oromoo kutaa 9 ffaa manneen
barnootaa sadarkaa lammaffaa: Calloo, Dambii, Oogoofi Yemberoo
akkamiin hojiirra akka oolaa jiru xiinxaluu.

Danqaalee hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu barnoota Afaan Oromoo
kutaa 9ffaa maalfaa akka ta’an sakatta’uu.

Yaanni furmaataa danqaalee hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu barnoota
Afaan Oromoo maalfaa ta’uu akka danda’u xiinxaluun addeessuu.
1.4. Barbaachisummaa qorannichaa

 Namoonni qorannoo walfakkaataa geggeessan, akka madda


ragaatti dhimma itti ba’uu nidanda’u.

 Barsiisonni manneen barnoota sadarkaa lammaffaa aanaa


Dhidheessaatti barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisan
hanqina hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu furuuf adda
durummaan itti nifayyadamu.

 Qulqullina barnootaa mirkanessuu keessatti qaamni dhimmi


ilaalu furmaata bu’aa qorannoo kanaa irratti xiyyeeffatanii
akka dalagan ni gargaara.
1.5. Daangaa Qorannichaa

Yeroo kenname kana keessatti manneen barnoota aanicha keessa jiran


hundafi kutaa barnootaa hunda irratti hojjechuun waan hin
danda’amneef, qorataan qorannichi bu’a qabeessummaa,
amanamummaafi iftoominni isaa akka eegamuuf akkasumas, daangaa
yeroo kennamee keessatti xumuruun bu’aa isaa dhiyeessuufis ta’e,
humnaafi baasii qorannoo sana geggeessuuf barbaachisu wal
simsiisuuf, daangaa qorannichaa murteessuun barbaachisaa ta’ee
argameera.
. 1.6. Qindoomina Qorannichaa

 Qabiyyeen qorannoo kanaa boqonnaalee shaniin qindaa’a. Isaanis,

boqonnaan tokkoffaan: seenduubee qorannichaa, ka’umsa


qorannichaa, gaaffilee qorannichaa, kaayyoowwan gooroofi gooree
qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaafi daangaa qorannichaa
ofkeessatti qabata.

Boqonnaan lammaffaan: Ogummaawwan afaanii, maalumma


dubbisuu, hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu, gulantaa dubbisa
duraa, gulantaa yeroo dubbisuu, gulantaa dubbisuu boodaa,
tarsiimoowwan yeroo dubbisuu hojiirra oolan, gahee barattootaafi
gahee barsiisotaa gulantaalee dubbisuurratti qaban, yaaxxina
qorannichafi qorannoo walfakkiifa’i.
Itti fufa…
• Gochaaleen biraa sadarkaa kanatti raawwataman barattoonni osoo
dubbisaa jiranii, waan yaadaniifi itti dhaga’ame ni xiinxalu, yaada
ijoo barreeffamichaa sana adda baafatu. Wallace C. (1993:7)
gulantaa yeroo dubbisuu akkasiin ibsa, “Dubbisuun dandeettii
beekumsa duraa fayyadamuun adeemsa ykn wal-quunnamtii
dubbisaan wanta barreeffamee jiru waliin godhudha.

• Kunis muuxannoo duraan qaban fayyadamuun odeeffannoo


barreeffamicha keessa jiru waliin walsimsiisuun ergaa
barreeffamaa argachuudha.”
BOQONNAA SADII, SAXAXA FI MALA QORANNOO
• Boqonnaa kana jalatti kanneen ibsaman qorannoo kana geggeessuuf
wantoota qorataan fayyadamuuf karoorse keessaa: saxaxa
qorannichaa, irraawwatama qorannichaa, madda ragaa qorannichaa,
mala iddattoo, meeshaalee funaansa ragaa, adeemsa funaansa
ragaaleefi mala qaaccessa ragaalee of keessatti kan qabateedha.

• 3.1. Saxaxa Qorannichaa

• Saxaxa qorannoo ilaalchisee akka Addunyaan (2011:63) ibsetti,


“Saxaxni qorannoo waliigala qorannichaa to’ata. Kunis, qorannichi
maal fakkaata, maal irratti bu’uure gaaffiiwwan jedhan saxaxa kana
jalatti deebii argachuu qabu.’’ jechuun kaa’eera.
Itti fufa…

• Haala ibsa kanaa irratti hundaa’uun, ‘Danqaalee hojiirra oolmaa


gulantaalee dubbisuu barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa’ xiinxaluu
kan jedhuuf saxaxni qorannichaa addeessuu ykn ibsuu ta’a
jechuudha.

• Qorannichi gosa qorannoo mala akkamtaa fayyadamuun kan


geggeeffamuudha.

• Qorannoon akkamtaa ragaa karaa daawwannaa, af-gaaffiifi


sakatta’iinsa barruu irraa argaman, xiinxaluun ibsuuf gargaara.
Itti fufa…

• Haaluma kanaan wantoota danqaa ta’anfi akkaataa gulantaaleen


sadan ittiin hojiirra oolaa jiran madda odeeffannoo irraa funaanuun
xiinxaluudha.

• Kana bu’uura godhachuun mala akkamtaan ragaalee funaanaman


qindeessuun gadi fageenyaan qoratee ibsuuf qorataan mala kana
filateera. .
3.2. Irraawwatama Qorannichaa
• Irraawwatama qorannoo jechuun, namootaafi dhimmoota qorannoon
irratti geggeeffamu kan ilaallatudha. Kanas Adunyaan (2011:64)
“irratti kan raawwatame” jechuurra akka dhufe ibse.

• Kanuma irraa ka’uun irraawwatamni qorannoo kanaa, Xiinxala


danqaalee hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu; Godina Buunnoo
Beddelleetti manneen barnoota sadarkaa lammaffaa Calloo, Dambii,
Oogoofi Yemberootti barsiisota barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa
barsiisan, barattoota barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barataniifi
kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti kan
raawwatamuudha.
3.3. Madda Ragaa Qorannichaa
• Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaa
irratti kan xiyyeeffateedha. A.L.H. bara, 2014tti barsisonnifi
barattoonni godina Buunnoo Beddellee, Aanaa Dhidhissaa, manneen
barnootaa sadarkaa lammaffaa Calloo, Dambii, Oogoofi Yemberootti
barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisanfi barattoota barnoota
Afaan Oromoo kutaa 9ffaa baratan madda ragaa tokkoffaa yoo ta’an,
kitaabni barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa kan bara 2005 qophaa’ee
ittiin baratamaa jiruufi karoorri barsiisaan ittin barsiisa jiru madda
ragaa lammaffaa ta’uun dhiyaachuu malu.
3.4. Iddattoo fi Mala Iddatteessuu

• Qorannoo tokkoof iddattoon baay’ee barbaachisa yoo ta’u,


iddatteessuun qorannoo sanaa meeshaa funaansa ragaalee bu’uura
godhachuun murtaa’a.

• Kanuma irraa ka’uun qorataan iddatteessuu miti carraa keessaa


iddatteessuu kaayyootti gargaaramuun odeeffannoo qorannichaa
guurrachuuf karoorse.

• Addunyaa (2011:66), Dawson (2006:76) wabeeffachuun, iddatteessuu


kaayyoo akka kanatti ibsa: “Iddatteessuun kaayyoo akaakuu
iddatteessuu mit-carraa kan qorataan beekumsa dhimmicharratti qabu
irraa ka’uun kanneen odeeffannoo sirrii ta’e irraa argachuun danda’a
jedhee amanu ofii isaati murteessudha” jechuun ibsee jira.
3.4. 1. Iddattoo Qorannichaa
• Iddattoon kan qorataan namoota ykn wantoota qorannoo irratti
geggeessuu barbaadu hunda biraga’ee odeeffannoo fudhachuu waan
hindandeenyeef, namoota dhimmi qorannichaa ilaallatu keessaa mala
adda addaatiin filachuun odeeffannoo irraa fudhatuudha.

• Akka Dastaa Dassaaleny (2013, Trochim, 2006) wabeeffachuun


ibsetti iddatteessuun hiika kanaa gadii akka inni qabu hubanna.
“Iddatteessuu jechuun adeemsa jamaa tokko keessaa odeeffannoo
argachuudhaaf namoota ykn qaamota jamaa sanaa keessaa filataman
irraa odeeffannoo fudhachuudha.”
Itti fufa…
• Qorataanis kanuma bu’uura godhachuun, manneen barnoota sadarka
2ffaa aanaa Dhidheessa keessaatti argaman baay’inni isaanii 6 yoo
ta’an isaan kana keessaa mala iddatteessuu miti carraa keessaa qorataan
mala iddatteessuu kaayyootti dhimma bahuun manneen barnootaa
sadarkaa 2ffaa afur(4): Calloo, Dambii, Oogoofi Yemberootti barsiisota
barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisan hunda, barattoota
sadarkaa keessa 1-3tti ba’anfi kitaaba barnootaa Afaan Oromoo kutaa
9ffaa irratti qorannoo isaa geggeessuuf karoorsee jira.

• Sababni iddattoo murteessuun barbaachiseefis humna, yeroo fi baasii


qorannichaaf barbaachisu wal simsiisuudhaaf.
3. 4. 2. Mala iddatteessuu
• Malli iddatteessuu qorannoon kun ittiin adeemsifamu iddatteessuu miti
carraa yoo ta’u, qorataan qorannichaa mala iddattoo miti carraa
keessaa, iddatteessuu kaayyootti dhimma bahuu filatee jira.

• Manneen barnootaa sad. 2ffaa filatamanitti baay’inni daree kutaa 9ffaa


lama lama qofa; dareewwan jiran kan barsiisu barsiisota tokko tokko
qofaa waan ta’eef walii galaan barsiisota Afaan Oromookutaa 9ffaa
barsiisan manneen barnootaa arfan (4) jiran akkuma jiranutti mala
iddatteessuu kaayyoon fudhachuun, itti gaafatamtota muummee Afaan
Oromoo manneen barnootaa arfan irraa barsiisota jiran mala carraa
kaayeeffataan, barattoota daree keessaa sadarkaa tokkoo hanga sadii
ba’an digdamii afurifi supparvaayizara tokko carraa kaayyeffataan
fudhachuun wixinee qorannoo kanaa qophaa’e jira.
3.5. Meeshaalee Odeeffannoon ittin Funaanamu
•Qorannoo kamiifuu odeeffannoon barbaachisaa akkuma ta’e, kun
galmaga’uuf yoo meeshaan odeeffaannoon ykn ragan ittiin funaanamu
jiraatedha.

•Kanaafuu odeeffannoon qorannoo kanaa argachuuf meeshaale


qorannoo qorataan gargaaramuuf karoorfate: daawwannaa daree
barnootaa, sakatta’a dookimentiifi af-gaaffiin odeeffannoo argame gadi
fageenyaan erga xiinxalee booda ragaalee qorannichaa gargaaran
addeessuudha.

• Meeshaaleen kun qorannoo qulqulleefataa keessatti


barbaachisummaan isaanii ol’aanaadha (Dane, 1990).
3. 5. 1. Daawwii Daree
• Daawwiin kan qorataan bakka taatee sanatti argamuun gaaffilee
mirkaneessituu qopheeffachuun odeeffannoo ittiin funaanudha.

• Kanaafuu, gaaffile qophaa’ee qoratichi harkatti qabachuun daree


barnootaa keessatti argamuun rakkinicha addaan baasee xiinxaluuf
karoorfatee jira.

• Akkasumas gaaffilee mirkaneeffannaatiin alas adeemsa gulantaalee


dubbisuu baruu fi barsiisuu keessatti daawwatee ibsuudha.

• Dareen daawwataman mana barumsa tokko irraa daree lama yoo ta’an
walii galatti mana barumsaa afuriif daree sadeet ta’u.

• Yeroon daawwii qabame barsiisaa tokkoof wayitii sadii daree seenuun


ilaaluuf karoorfamedha.
3.5. 2. Sakatta’a dookumentii
• Sakatta’a dokumentii keessatti ragaan qabiyyee gulantaalee dubbisuu
kitaaba barataa kutaa 9ffaa keessatti dhiyaatan hojiirra oolchuuf yeroon
kenname wal simuu isaa mirkaneessuuf, ragaan karoora torbee
barsiisonni baafatanii ittiin barsiisan bu’uura waan ta’eef daawwii
daree booda sakatta’uun xiinxaludha.

• Kun ammoo barsiisaan gulataalee dubbisuu hojiirra oolchuuf


hammam karoorfate? Karooramoo hojiirra oolmaarratti gufate? Kan
jedhu irratti danqaalee adda baasuuf kan dhiyaateedha.
3.5. 3. Af-gaaffii
• Af-gaaffiin meeshaa odeeffannoon qorannoo qulqulleefataa ittiin
guuramufi xiinxalamuudha.

• Meeshaa kana yeroo odeeffannoo kennitoonni qaamaan argamuu


hindandenyeetti bilbilaa fi tajaajila interneetii addaa addaa
gargaaramanii wal quunnamuun odeeffannoo argahcuun karaa
danda’amuudha.

• Kanamalees gaaffileen afaanii akka odeeffannoo kennitootaaf galutti


haala mijatoon karaa banaafi ifaa ta’een kan gaafachuuf mijataa
ta’an dhimma ba’uudha.
Itti fufa
• Haaluma kanaan, af-gaaffiin gosa gaaffii banaa barsiisota iddattoo
madda odeeffannoo ta’anii filaatamaniif gaaffilee qorannoo
danqaalee hojirra oolmaa gultaalee dubbisuu deebisuuf odeeffannoo
dabalataa aragachuuf dhiyaatuudha.
3.6. Mala qaaccessa ragaa
• Ragaaleen erga funaanamanii booda akkaataa wal fakkaataniin walitti fiduun
garee garee isaatti qooduun xiinxaluun qaacceefamu.

• Odeeffannoon meeshaalee funaansa raga kanneen akka: dawwannaa daree,


sakatta’a dokumentiifi af-gaaffin funaanaman, mala qorannoo isaaf ta’uu
xiiyyeefatamanii qaacceffamuun dhiyaatu.

• Odeeffannoon meeshaale kanneen akka daawwannaa daree, sakatta’a dokmentiifi


af-gaaffiin guuraman mala qorannoo qulqulleeffatan (akkamtaan) qaacceffamu.

• Kana keessatti Odeeffannoo daawwannaa dareetiin sassaabamu cheklistii


qophaa’e keessatti hojiirra oolmaa gulantaalee dubbisuu qorataan xiinxalamuun
himaattii jijjiree qaaccessuun dhiyeessa.

• Odeeffannoo sakatta’a ragaafi af-gaaffiin argate walitti qindeessuun bifa ibsaatiin


dhiyeessa.
ittifufa

• Walumaa galatti, ragaalee funaanaman qorataan himoota


gaggabaaboodhaan qindeessee xiinxaluun gara gaaffilee
qorannoo isaatti fiduun; mala qorannoo qulqulleeffataan
ragaalee adda adddaa dhihaatan qaacceesuu; kanneen
walfakkaatan garee garee saaniitti qoqqoduun dhumarratti,
cuunfaa, argannoofi yaboon ibsamuuf karoorfamaniiru.

You might also like