You are on page 1of 21

Dhiyeessii Seminaara

2023/2016
• BOQONNAA TOKKO ;SEENSA
Afaan Oromoo afoolaan gabbataadha.Afoolli kalaqa sammuu ilma
namaa ta’ee kan hawaasni muuxannoo isaa,bu’aa bahii jireenya isa
afaan yookaan bifa dubbiitiin dhalootaa dhalootatti dabarfataa kan
tureefi dabarfataa kan jiruudha.Uummanni oromoo akkuma saba biroo
afoola mataasaa qaba.Afoola kanaanis haala jiruuf jireenyaisaa
qajeelchaa,gorsaa, safuufi duudhaa akkasumas aadaa isaa ittiin ibsata.1
Seenduubee Qorannichaa
• 1.3 Kaayyoo Qorannichaa
• 1.3.1 Kaayyoo Gooroo
• Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gahee mammaaksi oromoo abdii
agarsiisuu irratti qabu kanGodina wallagga Lixaa aanaa Jaarsoo irrattikan
xiyyeeffateedha.
• 1.3.2 Kaayyoo Gooree
• Gaheen mammaaksa Oromoo; abdii agarsiisuu maal akka ta’e
addeessa Gahee mammaaksi Oromoo; abdii agarsiisuu irratti qabu
tarreessuu.
• Mammaaksa Oromoo; abdii agarsiisuu maal maaliin akka wal qabatu
addaan baasuu dha.
• 1.2 ka’umsa Qorannichaa
• Ogafaan gosa ogbarruu keessaa tokkota’ee dameewwan garagaraa
kan of keessaa qabuudha.Dameewwan kana keessaa mammaaksi isaa
tokko ta’ee uummata oromoo biratti gahee guddaa
qaba.mammaaksonni abdii agarsiisan mammaaksota uummata
birratti mammaakaman keessaa isa tokkoodha
• Gaaffilee Qorannichaa
• Gaheen mammaaksa oromoo; abdii agarsiisuu irratti qabu
maali?
• Gahee mammaaksa oromoo; abdii agarsiisuu akkamiin
tarreeffama?
• Mammaaksa oromoo;abdii agarsiisuu maal maaliin wal qabata
• 1.4 Barbaachisummaa Qorannicha
• Qorannoon kun faayidaalee yookaan bu’aalee armaan gadii nuu
kennuf deema. Namoota mataduree kanafakkatu irratti qorannoo
adeemsisuu barbaadaniif yoo mana kitaabaa barbaadanii dubbisan
akka madda odeeffannootti gargaaruu danda’a.
• 1.5 Daangaa Qorannichaa
• Qorannoon kun bakkaaf qabiyyeedhaan kan
daangeffameedha.Qabiyyeedhaan gahee mammaaksi oromoo abdii
agarsiisuu irratti qabu yoo ta’uu,bakkaan immoo Godina wallagga
Lixaa Aanaa Jaarsoo irratti irratti kan xiyyeeffateedha.
• BOQONNAA LAMA :SAKATTA'AA BARRU
• 2.1 Maalummaa Afoolaa
• Afoolli dame ogumaa keeesssaa tokko ta’ee umurii dheeraa kan
qabuuf labataattis/dhalootattis waan daddarbuuf hambaa
uummataati.Abbummaa isaa dhuunfaa osoo hin taanee kan
uummataati.Akkasumas ,afoolli raga qabatamaa,aadaafi duudhaa
dhaloota darbee kan ibsuuudha
• Kun immoo muuxannoofi eenyummaa hawaasa tokko
akkasumas,haala jiruufi jireenya hawaasa darbee dhalootaa
dhalootatti kan dabarsu ta’uu isaa mul’isa.
2.2 Amaloota Ogafaanii
 lufummaa
 miidhagummaa
 Uummatummaa
 Jijjiiramummaa
 hurruubummaa
• 2.3 faayidaa afoolaa
• Afoolli madda beekumsatti
• Afoollii Aadaa hawaasaa ni tursa
• Afoolli ni bashannansiisa
• Afoolli nibasiisa
•.
• 2.4 Gosoota OGafaanii
• Afoolli gosoota hedduu of keessaa qaba
• Eeba,makmaaksa,hibboo,geerarsa,tapha ijolle,sheekkoo fi kkf dha
• . 2.5 Maalummaa Mammaaksa
• mammaaksi yaada dheeraa tokko gabaabsee miidhagsee dhaamsa
ifaa ka dabarsuudha.
• Yaada kanarraa kan hubatamu mammaaksi dubbii gabaabaa kan
yaada bal’aa of keessa qabu ta’uusaati.
• 2.5 Maalummaa Mammaaksa
Beektonni adda addaa maalummaa mammaaksatiif hiika adda addaa
laatu.
Geetaachoon (2011:140) yommuu ibsu” mammaaksi yaada yookiin
dubbii dheeraa hima gabaabaan mala kurfeessanii yookaan walitti
qabanii ibsuuf kan gargaaruudha.Yaada kanarraa hubachuun kan
danda.amu mammaaksi yaada dheeraa tokko gabaabsee miidhagsee
dhaamsa ifaa ka dabarsuudha.
• 2.6 Qabiyyee mammaaksa
• Mammaaksi akkuma gooroowwan ogafaanii kan biroo qabiyyee
mataasaa qaba. Abarraan (1991)yoo ibsu “qabiyyeen mammaaksa
hawaasa kamiyyuu biratti wal fakkaataa mit “jedha.Yaada kanarra kan
hubatamu qabiyyee mammaaksa kan jedhanii lafa kaa’uun rakkisa
akka ta’ee hubachuun ni danda.ama.
• 2.7 Faayidaa Mammaaksa
• Uummanni oromoo mammaaksa akka cirrachaa galanaa baay’atu
qaba.Mammaaksonni kunneesnis faayida adda addaa qabu.Yaada
kana Soofiyan yoo ibsitu “mammaaksi yaada bal’aafi bilchaata ta’ee
kan qabuuf yaada ofii jechaa filatamoodhaan gabaabsuun
miidhaginaan kan ittiin ibsataniidha”jetti.
• 2.8 yomeessa mammaaksa
• Mammaaksi yommeessa mataasaa qaba .yomeessi kunis qabiyyee
yookaan ergaa dabarsuun waliin kan wal simu ta’uu qaba
• Yaada kana Misgaanuun (2011;51) yoo ibsu “mammaaksi iddoo fi
yeroo wal diddaan jirutti meeshaa wali quunnamtii gaariidha”jechuun
ibsa
• 2.9 Gahee mammaaksi abdii agarsiisuu irratti qabu
• Mammaaksi abdii gosoota mamaaksa keessaa tokko ta’ee waa
abdachuun barbaachisaa akka tahe hubachiisuuf kan gargaaruudha.
• BOQONNAA SADII ; MALLEEN QORANNICHAA
• 3.1 Saxaxaa qorannoo
Qorataan qorannoo tokko gaggeessuuf malleen qorannoo garaagaraa
fayyadamuun kaayyoo isaa galmaan ga’ata. Qorataan kunis,kanumarraa
ka’uudhaan malleen qorannoo jiran keessaa mala qorannoo
qulqulleeffataatti dhimma baahuuf kaayyefateera.
3.2 Irraawwatama qorannichaa
Irraawwatamni qorannoo kanaa hawaasa Godina wallagga Lixaa Aanaa
Jaarsoo irratti kan xiyyeeffateedha.
3.3 madda ragaalee
Maddi ragaa tokkoffaa ,maanguddootaa fi hojjettota Aadaaf
Tuuriziimii Aanaa Jaarsoo akkasumas namoota beekumsaa fi
muuxannoo mammaaksa irratti qaban yoo ta’u
maddi raga lamaffaa immoo kitaabiilee dhimma qorannoo kanaan
wal qabataan irraa odeeffannoo argadhuudha jedheen yaada.
• 3.3.1 Iddattoo qorannichaa
• Qorannoon kun kan geggeeffame hawaasa Godina Wallagga Lixaa
Aanaa Jaarsoo yoo ta’u namoota qorannoon kun irratti geggeeffame
filachuun nan dhiyeessa .Haaluma kanan hawaasa kana keessa
maanguddoota mammaaksa irratti odeeffannoo kennuuf muuxannoo
qaban filachuun maanguddoota nama kudha sadi
• fi hojjettoota aadaaf tuuriziimii nama saditti dhimma dhimma akkan
bahu nan karoorsa.
• 3.3.2 Mala iddatteessuu qorannichaa
• Qorannoon kun kan gaggeeffamu qaaccessa mammaaksa Oromoo
Abdii agarsiisan Aanaa Jaarsoo kan xiyyeeffatu yoo ta’u, caalatti
maanguddoota Oromoo waa’ee mammaaksa Oromoo Abdii agarsiisuu
irratti muuxannoo gahaa qabaniifi odeeffannoo sirrii ta’e kan nuu
kennuu danda’an filachuun nan adeemsisa. Gandoota aanicha keessa
jiran Digddamii Tokko (21)keessaa gandoota Afur(4) filachuufi.
Sababa ganda kana filadhuufis, gandoota kaan irra natti dhiyeenya
waan qabaniifidha.
• Walumaa galatti hojjetoota waajjira Aadaaf Tuizimii Aanaa Jaarsoo fi
• Gandoota sadii keessa Namoota 16 filachuun
• Dhiira 9,dhalaa 7
• 3.4 Malleen funaansa ragaalee
• Adeemsa qorannoo geggeessuu keessatti ragaa funaanuun isaa
bu’uuraa fi baay’ee barbaachisaadha.
• Afgaaffi
• Marii garee
• 3.5 Mala qaaccessa ragaalee

You might also like