You are on page 1of 69

.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa


Oromiyaa Damee Kibba Lixaatti

Tarsimoo Qinda’aa ittisa malaammaltumaa irratti


Leenjii Qondaaltoota Naamusaa tiif Qopha’ee

Fulbaana 2016
Jimmaa
Seensa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa balaa


malaammaltummaanii fi hojimaatni badaan diinagdee,
hawaasummaa fi siyaasa biyyattii fi naannoo keenyaa
irraan gahu hubachuun; qaama dhimma kana irratti
abbummaadhaan hojjatu, KNFMNO Labsii
lakk.71/1995 akkasumas irra deebiin Labsii Lakk.
197/2008tiin hundeessuun isaa ni beekama.
Itt..
Hojiilee kanaanis bu’aan hedduun argamaniiru.

Haata’u malee, raawwiin tooraalee xiyyeeffannoo kunniin


yemmuu xiinxalamu bu’aan barbaadamu sadarkaa
barbaadamu irra hin geenye.

Kanaafuu, MHM fi DhMM keessatti qaama hojii QFM idileessu


dambii lakk 146/2004 fi qajeelfama lakk 1/2005n caasaa
qondaala naamusaa diriirsuun qondaaltonni naamusaa akka
gurmaa’anii fi hojii keessa galan taasifameera
Tooraalee xiyyeeffannoo

L Toora Xiyyeeffannoo Bu’aalee Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimawoo

Gurmaa’insa
1 Bu’uuraalee Dagaagina Gurmaa’insa fi hirmaannaa hawaasaa mirkanaa’e
Naamusaa

Lammii naamusa gaarii gonfatee fi


2 Barumsa Naamusaa malaammaltummaa hadheeffatuu fi balaaleffatu
horatame

hojimaataa gaarii diriire, kallattii qabsoo farra


3 Qo’annoo fi Qorannoo
malaammaltummaa akeekame;

Qabeenya mootummaa fi nama dhunfaa akka wal hin


Qabeenya Beeksisuu fi makne taasifame,walitti bu’iinsa faayidaa xiqqaate,
4
Galmeessisuu iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkanaa’ee
argame
Kaayyoo

Leenjii kana booda Hirmaatonni:

 Gurmaa’insaa fi Gahee hojii Qondaala Naamusaa

ykn Garee Hordooffii Dagaagina Naamusaa irratti

hubannoo akka argatanii fi hojii isaanii fuula duraa

cimsanii akka bahatan gochuuf.


Ka’umsa/bu’uura seeraa Hojiilee Qondaala Naamusaa
ykn Garee Hordofii Dagaaggina Naamusaa

 Labsii Lakk. 71/95 ykn 197/2008


 Dambii lakk 146/2004 Qondaala ykn Garee
Hordoffii Dagaagina Naamusaa MHMfi DhMM
keessatti hundeessuuf bahe.
 Qajeelfama Lakk 1/2005” Dambii Lakk 146
raawwachiisuuf bahe.
Daangaa Raawwatiinsaa Hojii Dagaagina naamusaa

Manneen Hojii Mootummaa fi Dhaabbilee


Misooma Mootummaa Naannichaa fi
Jaarmayaalee Uummataa keessatti argaman
Barbaachisummaa QondaalaNaamusaa
 Hundeeffama Qondaala Naamusaatiif ka’umsa kan ta’e;
• Rakkoo bara 1980 (ALA) Industrii Ameerikaa keessatti
muudateedha.
• Bara jedhamee kana keessa tajaajila bittaa meeshaleetiin
walqabatee rakkoon hojimaata fi qisaasama qabeenyaa
mul’achuun hooggantootattii bowwoo mataa ta’e,
• Yeroo sana pirezidantii Ameerikaa kan turan Roonaald
Reegan, ka’umsaa fi furmaata rakkoo kanaa akka qoratan
garee(task force) tokko hundeessan,
Barbaachisummaa..
• Gareen dhimmicha akka xinxalu hundeefame; kunis rakiinichii
malaammaltumman kan walqabate ta’uusaa hubate,
• Rakkoo kana hiikuuf akka furmaataattii kan gareen kun kaahee,osoo
rakinichii hin uumamiin battalattii qaama hordofee furmaata kennuu
hundeessuudha.
• Bu’uruma yaada koree kanaatiin Q/ Naamusaa Maneen hojii
Mootummaa keessatti xiyyeeffannoon ittii kennamee waajjiraalee
tajaajila kennan keessatti akka hundaa’uu godhamuu danda’eera.,
Barbaachisummaa..
• Hojiin isaanis Komii tajaajilamtootaa irraa dhiyaatu hiikuu
fi adeemsa hojii rakkoo qabu qo’achuun sirreessuu ture.

• Qondaaltonni Naamusaa kun yeroodhaa gara yerootti


bu’aan argamsiisan dabalaa dhufusaatiifn waajjira hunda
keessatti akka babal’atu godhame,

• Sochiin Qondaaltota Naamusaa USA-ttii eegalame kun


addunyaa hunda waliin gahee,
Barbaachisummaa..
• Yeroo ammaa duula qabsoo Farra Malaammaltummaa

fi hojimaata badaarratii godhamaa jiruuf hundeefamnii

Qondaala Naamusaa akka tarsiimoo tokkoottii

fudhatameera.
Qondaala Naamusaa
• Qondaala Naamusaa jechuun nama naamusaa gaarii dagaaggasuuf

malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuu fi to’achuuf MHM,


DhMM fi Jarmiyaalee Uumataa keessatti sochii taasifamu hunda
qindeessuu fi hogganuuf itti gaafatamummaa guddaa kan
qabuudha.

 Akka waliigalaatii wantii Qondaalli Naamusaa kan barbaachiseef,


akkaataa naamusaa mana hojichaa irratii;

• Hoggansaa akka gorsan

• dhimma naamusa mana hojichaa akka hordofan,

• akkasumas hojjetoota akka deeggaran taasiisuudha.


Qondaala Naamusaa..
Garee Hordoffii Dagaagina Naamusaa(GHDN) jechuun
MHM fi DhMM keessatti hojiilee dagaagina
naamusaa hojjachuuf caasaa gurmaa’eedha.
Qondaala Naamsuaa jechuun oggeessa hojii hordoffii
dagaagina naamsuaa MHM fi DhMM keessatti akka
hojjatu, raawwatu, qindeessuu, deeggaruu fi
hordofuf nama muudame ykn ramadamee ykn
qacarame jechuudha.
Qondaala Naamusaa..

• Hojiiwwan malaammaltummaa fi hojimaata badaa


ittisuuf hojjataman haala qindoomina fi walitti
hidhamiinsa qabuun sadarkaa sadarkaan akka
raawwataman taasisuuf
• caasaa qondaala naamusaa diriirsuun ykn akka
diriiruu taasisuun gochoota malaammaltummaa fi
hojimaata badaaf saaxilan dhabamsiisuu keessatti
ga’ee ol’aanaa waan qabuuf Qondaali Naamusaa
ykn Caasaan kun barbaachise
Gurmaa’insa Caasaa QN

 Ulaagaalee Sadarkaa caaseffama Bu’uuraalee Dagaaggina


Naamusaa
• Bal’ina caaseffama Dhaabbatichaan
• Baay’ina baajataa fi qabeenya bulchaniin
• Walittii dhufeenya imaammattootaa fi tarsiimoolee
mootummaan guddina ittifufiinsa qabu kallattii dinagdee,
hawaasummaa, fi kunuunsa naannoo mirkaneessuuf baase
waliin qaban;
Gurmaa’insa..

Murteessummaa hojii ol’aantummaa seeraa,


bulchiinsa gaarii, ijaarsa sirna dimookiraasii fi
haqa mirkaneessuu kessatti ga’ee qabaniin;

Amala hojii irraa kan ka’e sadarkaa saaxilamummaa


malaammaltummaa fi hojimaata badaaf qabaniin,
karaa wal qabatuun kan gurmaa’ee
Ulaagaalee Naamusaa Q/N Irraa Eegamuu

 Naamusa gaarii kan qabuu fi bakka hojii isaatti fakkeenya


gaarii kan ta’ee, kunis:
• Badii naamusaatiin kan hin adabamne,

• Ittigaafatamummaadhaan gahee isaa bahuu kan danda’u,


kaka’umsa hojii kan qabu.
• Hojii hojjatu irratti iftoomina kan qabu,hanqinaalee argu
irratti qabsaa’uu irra duubbatti kan hin jennee.hamii fi
dhibaa’ummaa irraa bilisa kan ta’ee.
Ulaagaalee..
• Icciitii hojichi barbaadu kan eegu,

• Amanamummaa fi haqaan kan hojjetu ,

 Bu’aa raawwii hojii isaatiin mana hojichaa keessatti


fakkeenya kan ta’e,
 Malaammaltummaa fi hojimaata badaa irraa bilisa kan
ta’e ,irrattis qabsaa’u, saaxilu, kutannoo kan qabu,
kaka’umsa fi fedhii guddaan hojjechuuf qophii kan
ta’e,fi kkf
Aangoo fi gahee hojii Qondaala Naamusaa
Barsiisuun hubannoo
cimsuu

Qorannoo
Gaggeessuu

Odeeffannoo/
QBG Eeruu
Aangoo fi gahee..
• Gaggessan garee ykn qondaalli naamusaa aangoo fi hojii Dambii
lakk. 146/2004 keewwata 8 fi tumaaleewwan kan biroo, akkasumas
Labsii Lakk. 169/2003 Labsii Qabeenya Beeksisuu fi
Galmeessuuf bahe keessatti tumaman kan qabaatu ta’a. Haluma
kanaan:

1. Hojiiwwan hordoffii dagaagina namusaa ni karoorsa, ni


qindeessa ,ni raawwata, qajeelfama naamusa mana hojichaa yookiin
dhaabbata misoomichaa ni qopheessa, akka qophaa’uu ni taasisa,
raawwii isaa ni hordofa.
Aangoo fi gahee..
2. Hojjettoota malaammaltummaa baachuu hin
eeyyamne horachuu
 Hubannoo umuu
 Dhimmoota Naamusa MH ykn rakkoowwan
qunnaman irratti marii waytawaa akka taasifamu
hogganaa yaadachisuu
 Seeraa fi qajeelfama irratti hundaa’un hojjettoota
malaammaltummaa fi hojimaata badaa irratti
qabsaa’anii fi adda duree ta’an galmeessuun akka
beekkamtii argatan gochuu.
Aangoo fi gahee..
3. Malaammaltummaa fi Hojimaata Badaa Ittisuu
 Seerota, Dambii fi Qajeelfamoota hojiin ittiin hojjatamu MH keessa
jiraachuu isaanii, kan hin jirre akka guuttaman ni hordofa,
raawwatiinsa isaa irrattis hoggana ni gorsa.
 Qajeelfama naamusaa mana hojichaa akka qopha’u ni taasiisa,
raawwii isaa ni hordofa.
 Mana hojichaa keessatti naamusni gaariin, miiri itti
gaafatamumma akka dagaaguu fi sochiin malaammaltumma
saaxiluuf taasifamu akka cimu ni taasiisa.
Aangoo fi gahee..
4.Koree manajimentii fi koreewwan adda adda keessatti
ni hirmaata, ni gorsa, deggersa ogummaa ni kenna.
5. Seerota, dambii fi qajeelfama bulchiinsa faayinaansii fi
bulchiinsa hojjettootaa kan qaxarrii, guddinaa fi jijjiirraa
jiraachuu isaanii ni mirkaneeffata, kan hin guutamne yoo
jiraate akka guutaman yaada itti gaafatamaa ykn hogganaa
ol’aanaaf ni dhiyeessa,raawwii isaas ni hordofa,
Aangoo fi gahee..

6. Qaxarrii, guddina, jijjiirraa, leenjii, bittaa qabeenyaa


ykn tajaajila waliigaltee kamiyyuu kan ilaallatu seerri,
dambii fi qajeelfamni cabeera jedhee yammuu amanu
hogganaa mana hojichaa ykn dhaabbatichaa ni
beeksisa. Raawwii isaas ni hordofa, furmaati kan hin
kennamneef yoo ta’e qaama dhimmi ilaallatuu ykn
komishinichaaf ni gabaasa.
Aangoo fi gahee..
7.Qu’annoo hojimaataa mana hojichaa ykn dhaabbaticha keessatti
gochoota malaammaltummaa fi hojimaata badaaf qaawwaa qaban
irratti ni gaggeessa, kan komishinichi gaggeessuuf deggersa ni
kenna. Kallattii fi yaadi furmaataa kennaman akka hojii irra oolan ni
taasisa.
8.Hir’ina naamusaa, hojmaata badaa, yakki malaammaltummaa
raawwatamuu isaa yoo shakke ykn eeruun yoo dhihaateef ni
galmeessa. Hogganaa mana hojichaa ykn dhaabbatichaa ni beeksisa,
Komishinichaafis ni gabaasa.
Aangoo fi gahee..
9. Gabaasa Odiitara keessaatiin yookiin Odiitara
alaatiin dhihaatee akka sirreeffaman ykn tarkaanfiin irratti
akka fudhataman taasifame hordofee hogganaa mana
hojichaa ykn dhaabbatichaaf ykn komishinichaafis ni
beeksisa.
10. Sochii naamusa gaarii dagaagsuu fi yakka
malaammaltummaa ittisuuf taasifamu ni hooggana, ni
qindeessa.
Aangoo fi gahee..
11.Hojii qabeenya beeksisuu fi galmeessuu akkaataa seeraa fi

Qajeelfamaan ni raawwata. Raawwii isaas komishinicha ni


beeksisa..
12.Dhimmoota naamusaa fi qabsoo farra malaammaltummaa
ilaalchisee hogganaa mana hojichaa yookiin dhaabbatichaa ni
gorsa. Deggersa ogummaa ni kenna.
13. Gumiin NFM manneen barnoota keessattii akka hunda’an ni
taasiisa
14. GFM,Kaawunsilii (TQIYM) hojii keessa akka galan ni
hojjeta,ni hordofaa.
Aangoo fi gahee..

15. Sirna hordoffii fi deggarsa hojirraa oolchuun


duub-deebii kennuu fi fudhachuu.
16.Gabaasa yeroo isaa eeggate qopheessee
komishinichaa fi hogganaa mana hojichaaf yookiin
dhaabbatichaa ni dhiheessa.
17.Hojiilee biroo hogganaa isaa ykn komishinichaa
irraa kennaman ni raawwata.
Tarsiimoo Qindaawaa Ittisa Malaammaltumma

Kaayyoo Gooroo
Karoora tarsimoo qindaawaa ittisa malaammaltumma
dhaabbileen mootummaa hojii irra oolchuun
sadarkaa hundatti malaammaltummaa fi hojimaata
badaa ittisuu bifa isaan dandeessisuun ijaaramaa
barbaachisuu fi hubannoo uumuudhaan
abbummaadhaan qabsicha akka hoogganan haala
mijeessuudha.
Kaayyoo Gooree

 Hojiiwwan Tarsimoo qindaawaa ittisa malaammaltumma


hojii irraa oolchuuf barbaachisan adda basuun qaama

raawwatuu fi yeroon daangessuun kaa’uu,

 Dhaabbileen kunniin itti gaafatamummaa isaan irraa

eegamu bahu akka danda’aniif karooraan hoogganuuf,

 Sirna hordoffii fi deeggarsaa diriirsuuf akka gargaaruuf


yaadamee kan qophaa’eedha.
Maalummaa Tarsimoo

 Dhaabbanni tokko haala fuuldura/booru isaa itti


tilmaamatu ykn itti ilaallatu; haala fuuldura isaatti
argachuuf maloota/hojimaataa fi raawwii adeemsa
ittiin adda baafatu jechuudha.
 Dhaabbanni tokko fuuldura maal ta’uu akka fedhuu fi
achis akkamitti akka gahu adeemsa murteessuuti.
 Kaayyoolee dhaabbataafi dameewwan/kutalee qaruu;
akkasumas galmoota bira gahuuf adeemsa maloota
filataman agarsiisuu fi gamaaggamuuti.
 Kana gochuuf ammo haala alaa, balaa fiduu danda’uu
fi carraa jiru akkasumas cimnina fi dadhabina keessoo
qindoominaan gamaaggamuu irratti hundaa’a.
Kallattii Karoora Tarsima’aa
Karoorri tarsima’aa gaariin kallattii ykn roga afur kan
agarsiisuu ykn fudhatu ta’uu qaba. Kunis;
Kallattii fuula duraa (future aspect),
Kalattii keessaa (internal aspect),
Kallattii alaa (external aspect),
Kallattii jijijjiramaa (Daynamic aspect) kan agarsiisu
ta’uu qaba.
•Sababa haalawwan naannoo sochii uumaniin
dhimmoonni jijjijjirama fedhan ifa ta’anii argamuu
gaafata,
•Adeemsa itti fufu malee yeroo tokko hojii irra olee kan
irra darbamuu miti.
Tarsiimoo Qindoomina Ittisa Malaammaltummaa

 Yakka malaammaltummaa ittisuu jechuun akkuma


balaa kamiiyyu dhaqabee ykn raawwatamee osoo
miidhaa hin geessisin durfamee hambisuun akka
danda’amu gochuu jechuudha.
 Haa ta’u malee yakki malaammaltummaa fi hojimaata
badaa yoo raawwatame ykn dagaage, miidhaa inni
hawaasa, diinagdee fi siyaasarratti geessisuu danda’u
sababa ol-aanaa waan ta’eef, kana hambisuuf ykn
hanga danda’ame xiqqeessuuf hojjechuudhaan madda
rakkoolee sana gogsuudhaaf waan hojjetamu ta’a.
itt...
Tarsiimoo qindaawaa Malaammaltummaa ittisuu
jechuun dhaabbilee mootummaa tokkoon tokkoon
keessatti uumamuu/ babal’achuu
malaammaltummaatiif haalota galtee ta’an sadan
gurguddoo hubachuun too’achuuf hojii
hojjatamuudha. /Fundamental Conditions for
Corruption in the Public Sector/
1.Haala mijaahaa malaammaltummaaf jiru /The
presence of corruption opportunities,
2.Aangoo /authority/
3.Fedhii malaammaluuf jiru /corrupt intention/
itt..
Public Authorty

Corruption
Corrupt intention
opportunity
Faayidaa Malaammaltummaa Ittisuun Qabu

• Sababoota malaammaltummaa fi hojimaata


badaatiin qisaasama qabeenya biyyattii irra gahuu
danda’u oolchuudhaan, waanuma karoorfameef
qofa akka oolu taasisa;
• Rakkooleen erga umamee booda, kanneen
rakkoolee uuman barbaaduu fi qabeenya qisaasame
deebisiisuuf baasii dabalataa bahuu danda’u
hambisuuf;
• Lammiilee haala salphaan badii irraa baratanii fi
sirratanii hojii faayidaa qabu biyyaa fi naannoof
hojjechuu akka danda’an, rakkoo keessa galuun
faayidaan ala akka hin taane ittisuuf ni gargaara.
itt..
• Sababa rakkoo kanaatiin jireenyi
hawaasummaa maatii yakkamtootaa akka hin
jeeqamne godha;
• Bulchiinsa yakkamtootaaf (sirreeffamtoota
seeraatiifi baasiiwwan wal-qabatee biroo)
baasii bahuu danda’u ni hambisa;
• MHM ykn DhMM keessatti qaawwii
malaammaltumma fi hojimaata badaa akka hin
uumamne taasisuun sirni cimaan kana ittisu
akka uumamu godha.
.

Tarsiimicha hojiirra olchuuf seeraa akka ka’uumsatti tajaajilan,

•Heera Mootummaa,
•Imaamata, Labsii dhaabbatichi ittiin hundeeffame,
•Seerota bulchiinsa humna namaa, Sirna bulchiinsa bittaa
fi qabeenyaa, Bulchiinsa faayinaansii,Gurgurtaataa,

•Seeroota malaammaltummaa ittisuun walitti dhufeenyaa qaban


Labsii Lakk.881/2007, 197/2008, 169/2003,Dambii
146/2004,Qajeelfama 1/2005 dhaabbatichi bu’uura godhatee
hojjataa turee fi
jiru
Tooftawwan Tarsimichii Ittiin Raawwachifamu
•Ittigaafatamummaa kan bahuu qaban MH sana qofa osoo hin taane
qamolee ittigaafatamummaa to’achuu fi hordofuu qabaniidha:
 Gurmaa’insa Kaawuunsilii Ittisa Malaammaltummaa
 Itti Gaafatamummaa fi Hojii Kaawuunsilichaa
 Itti Gaafatamummaa fi Hojii walitti Qabaa Kaawuunsilichaa
 Itti Gaafatamummaa fi Hojii Qondaala Hordoffii Dagagna Naamusaa
 Itti Gaafatamummaa fi Hojii Hojjatoota waliigalaa
 Itti gaafatamummaa fi Hojii dhimmamtootaa
 Itti Gaafatamummaa fi Hojii Waajjira Pirezidaantii
 Itti Gaafatamummaa fi Hojii Waajjira Caffee/koree dhaabbii
 Dhaabbilee hordoffii (KNFMNO, Mana Hojii Odiitara
Muummichaa, Komishinii KMD, AT Dhaabbilee Misoomaa,)
karaa hirmaannaa dhunfaafi qindaa’aatiin kan gaggeeffamu ta’a.
Gurmaa’insa Kaawuunsilii Ittisa
Malaammaltummaa
• Jarmiyaaleen tarsimoo ittisa yakka
malaammaltummaa kana mana hojii isaanii
keessatti hojii irra oolchuuf kan gargaaru
kaawunsiliin ittisa malaammaltummaa
ijaaramuu qaba. Kaawunsilichi miseensota
armaan gadii qabaachuu ni danda’a.
Gurmaa’insa Kaawuunsilii Ittisa
Malaammaltummaa
1.Hogganaa Dhaabbatichaa–walitti qabaa
2.Qindeessaa Garee Qon/ Hord/ fi Dag/ Naamusaa---
Miseensa fi barreessaa kawuunsilii,
3. A/A/H/D/Bit/Bul/Qab/ fi Faayinaansii------ Miseensa
4. A/A/H/D/ Hor/Deg/Odiitii keessaa -------- Miseensa
5. Bakka Bu’aan hojjettootaa -----------Miseensa
Hogganaan ol-aanaan dhaabbatichaa , qondaalli/qindeessaan
garee hordoffii dagaagina naamusaa fi Bakka Bu’an hojjataa
miseensa kaawunsilichaa keessaa hafuu hin danda’an.
Gurmaa’insa...

• Miseensota biroo garuu akkuma haala amala


dhaabbatichaatti qaama caalmaatti deeggarsa
hojii kanaaf taasisuu danda’u miseensa
taasisuun ni danda’ama.
• Laakkofsi miseensotaas haaluma bal’ina
caasaa fi hojii dhaabbatichaa irratti
hundaa’uun murtaa’uu kan danda’uudha.
itt...
Tarsiimoo malaammaltummaa ittisuu bu’aa
qabeessa ta’e qopheessuufi hojii irra oolchuuf:
Kutannoo Hooggansaa
Kutannoo Hojjettootaa
Qabeenya Barbachisu Guutuu
Qindoomina Barbaachisu uumuu
Angoo fi Gahee Hojii Hogganaa Ol’aanaa

 MH(DhM) keessatti hojjetaa fi gaggeessaan naamusa


gaarii akka qabaatu akkasumas qunnamtiin hojii gaariin
akka jiraatuu fi bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’u
hordoffii ni taasisa.
 Sirni hojmaataa MH ykn DhM malaammaltummaa fi
hojmaata badaaf kan hin mijanne, iftoominaa fi
ittigaafatamummaa kan qabu akka ta’u ni taasisa.
 Qondaala naamusaa ittigaafatamummaa isaanii bahuu
akka danda’an humna namaa, tajaajilawwan barbaachisu
guutuu,mindaa fi faayidaalee barbaachisu kennuun haala
hojii ni mijeessa.
Itti Gaafatamummaa fi Hojii Kaawuunsilichaa

Kallattii xiyyefffannoo sochii ittisa


malaammaltummaa qajeelchuu, karoorsuu,
hordofuu, gamaaggamuu fi kallattii itti aanu kaa’uu,
Iddoowwaan sodaa malaammaltuummaa
xiyyeeffannoodhaan adda baasuun tooftaalee ittin
qabsaa’an akeeekuu,
Kennisni tajaajila Mana Hojichaa
malaammaltummaa fi hojimaata badaa irraa bilisa
ta’uu isaa sagantaa idilaa’een yaada funaanuu/
sarveyii/ gaggeessuu,
itt...
 Gaggeessitoon fi hojjettoon sadarkaa sadarkaan jiran
sochii farra malaammaltummaa irratti akka hirmaatan
haala mijaa’aa uumuu,
 Ragaawwan dhiyaatan irratti hundaa’un tarkaaffii
fudhachuu fi akka fudhatamu taasisuu fi tarkaanfiwwaan
fudhataman ifa taasisuu
 Gabaasa bu’aa hordoffii fi gamaaggamaa bu’uura
godhachuudhaan kutaalee hojii fi hojjettoota sochii
ittisuu malaammaltummaa fooyya’aa taasisan
waldorgomsiisuu fi beeekamtii kennuu
 Gabaasa qaama dhimmi ilaallaluuf dhiyeessuu fi kkf
Hojii Garee Hordoffii Dagaaggina
Naamusaa/Bareessaa
•Bu’uuruma dambii lakk.146/2004 fi qajeelfama lakk.
1/2005 irratti gahee fi itti gaafatamummaan kennameef
akkuma jirutti ta’ee hojiiwwaan fi ittigaafatamummaa
armaan gadii ni qabaata:-
Barressaa kaawunsilichaa ta’uudhaan itti
gaafatamummaa itti kennamu ni baata,
Raawwii tarsiimichaa abbumaadhaan ni qindeessa,
Gaggeeesitootaa fi hojjettoota dhimmota naamusaa fi
farra-malaammaltummaa fi mata dureewwaan kkf
irratti leenjii/barumsa ni kenna, ittisa malaammaltummaa
fi naannoo barsiisutti hojiiwwaan hojjetaman ni gabaasa,
itt..
 Sirna too’annoo keessaa cimsuudhaaf kutaa
hordoffii fi deegarsa oodiitii keessaa waliin
qindoominaan ni hojjeta,
 Akkataa dambii lakk. 146 /2004 fi qajeeelfama
lakk.1/2005 tii hojii hordofffii fi dagaagina
naaamusaa murteessuuf bahee bu’uura
godhachuudhaan sochiilee bu’a qabeessa ta’e
ni gaggeessa.
Gamtaa Farra Malaammaltummaa
• Kaayyoon Gamtaa Farra
Malaammaltummaa
• Malaammaltummaa irratti walta’iinsaa fi
qindoominaan qabsaa’uu fi naamusin
gaariin Naannicha keessatti akka dagaagu
taasiisuun, hawaasa malaammaltummaa
fi hojimaata badaa baachuu hin eenyemne
uumuudha.
Gamtaa..
Kana galmaan gahuuf gamtichi miseensa
bal’aa kan hammateedha.
Isaanis:-
 Manneen Hojii Mootummaa,
 Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa,
Gamtaa..
 Jaarmiyaalee hawaasa siviilii adda
addaa,
 Bakka buutota dhaabbilee dhuunfaa,
 Bakka bu’oota dhaabbilee barnootaa,
 Namoota ogummaa adda addaatiin
beekamanii fi hayyuu ta’an kan of
keessaa qabuudha.
Gamtaa..
Haala bakka bu’iinsa miseensota gamtaa
farra malaammaltummaa ilaalchise;
 Itti gaafatamtoota sektaroota Hunda
 Bulchiinsa Godinaa, Aanaa fi Gandoota
dhiyyoo
 Manneen hojii fi Dhaabbilee Misooma
Mootummaa
Gurmaa’ina Gamtichaa
Kora Gamtaa,
Hoji- raawwachiiftuu,
Walitti-qabaaa,
itti aanaa Walitti-qabaa fi
Barreessaa qaba.
Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa

• Qajeelfama Lakk.07/2013
• Qajeelfama Hoji-maataa fi Gurmaa’insaa
Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa
Dhaabbilee Barnootaafi Leenjii Naannoo
Oromiyaatti keessatti Ijaaruu fi Gurmeessuuf
Bahe
Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa

• Komishinichi Biirolee Naannoo Oromiyaa


dimmii ilaalatu waliin qindoomuun dhaabbilee
barnootaafi leenjii hunda keessatti gumii
naamusafi farra malaammaltummaa
hundeessuun barbaachisaa waan ta’eef,
• Akkaataa Labsii komishinichaa irra deebiin
hundeessuuf bahe labsii Lakk. 197/ 2008
keewwata 31 (2) tiin qajeelfamani kun
baheera .
Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa

1.Kaayyoo Gooroo
• Gumii Naamusaafi Farra Malammaltummaa
lammii naamusa gaariin dagaage, tattaaffii ykn
dhafqa ofiin jiraachuuf kutannoo qabu,
sammuu, seeraafi biyya isaaf amanamaa ta’e,
beekumsaan, dandeettii fi ilaalchaan ijaarame
malaammaltummaa ykn hatummaa fi
hojimaata badaa lagatu horachuudha.
2.Kaayyoo Gooree

a.Hojii baruu fi barsiisutti keessatti hanqinaalee


naamusa mul’atan (wal-irraa garagalchuu,
dhibaahumma, hannaa fi hojimaata badaa)
dhabamsiisuun lammii ofitti amanuu naamusaa
gaariin ijaaruu,

b.Lammii naamusa gaariin dagaageefi gocha


malaammaltummaa balaaleffatu horachuuf
xiyyeeffannoo addaatiin hojjachuu,
Kaayyoo ...

c.Hojiin naamusa gaarii dagaasuu dhaabbiilee barnootaa


fi leenjii keessatti idilaa’ee fi itti- fufiinsa akka qabaatu
taasisuu,
d.Hariiroon barattootaafi hawaasa dhaabiilee barnootaafi
leenjii jidduu jiru duudhaalee naamusa gaarii irratti kan
hundaa’e gochuu fi gama hundaan hojii qindoomina
qabu raawwachiisuuf
Hundeeffamaa fi Itti Waamama Gumii Naamusaafi
Farra Malaammaltummaa

1.Gumiin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa


dhaabbilee barnootaafi leenjii naannoo oromiyaa
keessatti qajeelfama kanaan hundeeffameera.
2.Gumiin Naamusaafi Farra Malaammaltumma
itti-waamamni isaa barsiisaa guumicha
hogganuuf gaggeessa dhaabbata barnootaafi
leenjii tiin ramadameef ta’a,
Waa’ee Miseensummaa

1.Barattootni dhaabbilee barnootaafi leenjii


hundi miseensa gumichaa ta’uu ni danda’u,
2.Barsiisonni dhaabbilee barnootaafi leenjii
miseensa gumichaa ta’uu ni danda’u,
3.Miseensotni gumichaa hundi kaayyoo
gumichaa fudhatanii fedhiifi kaka’umsaan akka
hojjatan irraa ni eegama,
Gurmaa’insaa Gumichaa
• . Gaggeessaa Dhaabbilee Barnootaafi
Leenjii
Itti gaafatamaa Gumii

Koree Gumichaa

Walitti qabaa

Itti-aanaa walitti qabaa

Barreessaa

Dursaa Dursaa Dursaa Dursaa


Dhimmaa Hordoffii Sab- Dhimma
Barattoota Naamusaafi qunnamtii Hordoffii
Shamaranii Farra Miseensot
Malaammaltu aa
Koree Gumichaa
1.Baay’inni miseensota koree gumichaa akkaataa amala
dhaabbata barnootaafi leenjiitiin kan murtaa’u ta’ee,
miseensota 5-7 ni qabaata. Isaanis:
a. Walitti-qabaa
b.I/A Walitti-qabaa,
c. Barreessaa,
d.Dursaa Dhimma Barattoota Shamaranii,
e. Dursaa Hordoffii Naamusaafi Farra
Malaammaltummaa,
f. Dursaa Sab-qunnamtii,
g.Dursaa Dhimma Hordoffii Miseensotaa,
Guyyaa Farra Malaammaltumma kabajuu

• Malaammaltummaan sadarkaan isaa


walhaacaalu malee biyyaa fi seektara
kamiyyuu keessattti kan raaawwatamuu fi roga
hundaan kan miidhu ta’ullee;
• biyya keenya dabalatee biyyoota guddachaa
jiran keessatti daran kan hammaatuu fi
miidhaa hamaa geessisaa kan jiruu dha
itt..
• Kanaaf, malaammaltummaa fi hojimaata badaa
ittisuuf hirmaannaa fi qindoomina hubannoo
gahaa irratti hundaa’een qabsoo ittisa
malaammaltummaa bifa wal-irraa hincinneen
gaggeessuuf;
• qaamolee qabsicha keessatti gumaacha ol’aanaa
qaban adda baasuun, ijaaruun, dadammaqsuunii
fi qindeessuun qabsicha haala qabatamaa fi
tarsiima’aa ta’een milkeessuun barbaachisaa
dha.
itt..
• Bu’uuruma kanaan, malaammaltuummaa fi hojimaata
badaa waloodhaan ittisuufi olaantummaa seeraa
mirkaneessuuf
• Biyyoonni miseensa Mootummaa
Gamtoomanii(UN) ta’an akka Lakkoofsa
Awrooppaatti (9, December 2003) fi
• Gamtaan Afirikaa (11, July 2003) qindoominaan
waliin hojjachuuf waliigaltee qabsoo farra
malaammaltummaa(convetiion against corruption
prevension) taasisuun hojii qabatamaa hojjachaa
turaniiru hojjachaas jiru.
itt..
• Biyyi keenyas waliigaltee qabsoo farra
malaammaltummaa Mootummoota Gamtoomanii fi
Gamtaa Afriikaa adda durummaan ufitti fudhachuun
miidhaa malaammaltummaan dhaqqabsiisu ittisuuf,
too’achuuf akkasumas dhabamsiisuuf jecha seera
biyyattii godhachuun raggaasisuun(labsii lak.881/2007)
biyyoota hojiitti galan keessaa ishee tokkoo dha.
• Guyyaan kunis guyyaa farra malaammaltummaa
Addunyaa ta’ee biyyoota waliigalticha mallatteessan
hundumaa keessatti bara baraan ‘December 9’ akka
biyya keenyaatti ammoo Sadaasa 30 akka kabajamu
murtaa’eera.
Kaayyoo Kabajaa FM
• Malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuu irratti
qindoominaa fi hirmaannaan qamolee gahee qabanii
hubannoo isaanii cimsuu fi sosochii hawaasaa uumuuf
 Hubannoo hawaasa bal’aa cimsuun
malaammaltummaa fi hojimaata badaa irratti akka
qabsaa’an taasisuuf,

 MHM, DhMM fi JU malaammaltummaa fi hoji-maata


badaa seektara isaanii sadarkaan jiru keessatti
calaqqisu ittisuuf
itt..
• Seerota, Gurmaa’insaa fi caaseffamni
KNFMNO fi Hojiilee Dagaagina Naamusaa
xiyyeeffannoo Mootummaa fi qooda
fudhattootaa akka argatu gochuuf,
• kanaafuu Guyyaa kabaja ayyaana bara kanaa
itti qopha’uun qophii garaagaraa fi
dogaadorgee qopheesuun sekteerota sadarkaan
jiranii fi manneen barnootaa keesatti
kabajamuu qaba
.

Galaatoomaa

You might also like