You are on page 1of 73

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN HAFUURA QULQULLUU

WAAQA TOKKO AMEN

BARUMSA DUBBII AMANTAA

Laphee Kee Guutuun Waaqayyoon Amanadhu; Hubannoo Mataa Keetti


Hin Hirkatiin ; Karaa Kee Hunduma Irratti Isa Beeki; Innis Daandii Kee
Siif Qajeelcha. Fak 3:5-6

Boqonnaa 2
Sirna Uumamaa
Dn Motuma
Haagayyya 2013
Boqonnaa kana jalatti mata dureewwan armaan gadii baranna:
➢ Hiikkaa Sirna Uumamaa
➢ Argamsa Sirna Uumamaa
➢ Haala Argamsa Sirna Uumamaa
➢ Amaloota Foonii Arfan
➢ Uumamtoota Guyyaa Jahanii
➢ Uumama Namaa
➢ Guyyaa Sanbata Duraa
➢ Addunyawwaan Digdama
Hiikkaa
Sirna Uumamaa jechuun maal jechuudha?
• Sirni uumama jechoota lama sirnaa fi uumama kan jedhaman irraa
kan argamedha.
• Sirna kan jedhu gaarii kan ta’e, bareeda, kan bareechame, jechuu
yommuu ta’u uumama jechuun immoo kan hojjetame, kan
argamsiifame, waan duraan hin turre argamsiisuu jechuudha.
• Bakka tokkotti yeroo dubbisnu sirna uumama jechuun argamsa
gaarii, walii galtee uumama jechuudha. “Waaqayyos kan raawwate
hunduu gaarii akka ta’e arge.” Uma 1:31
• Uumamni kun gaarii kan jedhame waan hin turre argamuu isaa
qofaaf osoo hin taane wal simannaa isaafidha.
• Fakkeenyaaf amaloonni foonii arfan amalli isaanii kan walballeessu
ta’ullee walsimatanii akka isaan jiraatan, biqiloonni fi bineeldonni,
aduun fi jiinii, … haala kanaan walii galuu isaanii jechuudha.
Kaayyoo Uumamuu Uumamtootaa
• Waaqayyoo uumamtoota maaliif uume? Gaaffiin kun gaaffii
sirrii fi ka’uu kan qabudha.
• Waaqayyo uumamtoota kan uumeef isaaf kan hir’ate jiraannaan
akka itti guutaniif, galatoo fi kabaja isaaniirra barbaadee ykn
walumaa galatti faayidaa mataa isaaf jedhee miti.
• Inni addunyaan osoo hin uumamiin dura tokkummaa fi
sadummaa isaan, galatoo guutuun jiraachaa ture.
galateeffamuun, qulqullummaan amalummaa isaa waan ta’aniif
uumamni kamiyyu galateeffataniis qulqulleessanis isaaf waan
dabalan waan tokkoyyu hin qaban.
Kitaabileen qulqullaa’oon akkas jedhu.
• “Ammas yaa Abbaa koo osoo addunyaan hin uumamiin kabajan
si biraa qabuun ati ofii kee biratti na kabaji” Yoh 17:5
• “Uumamtoota hunda osoon hin uumin dura galatoonkoo ana
waliini” (Q. Qelemenxos)
• “Ergamoota galatoof osoo hin uumin dura galatni Abbaa Ilmaa
Hafuura Qulqulluu kan addaan cite miti kan guutedha malee”
(S/Qulqulleessaa Abbootii 318)
• Addunyaa dursee hanga bara baraatti Waaqayyo mootummaa
isaan Waaqayyo sadummaa isaan Waaqayyo Waaqummaa isaan
jira, Bakkalchaa fi barii dura, guyyaa fi halkan dura,
ergamoonni osoo hin uumamin Waaqayyo mootummaa isaan
jira. (S/Qulqulleessaa Diyoosqoriyoos)
• Kanaafuu Uumamoonni uumamuun isaanii Waaqayyoof faayidaa
tokko illee kan hin argamsiisne, inni kaayyon inni uumeef isa
biratti kan beekamefi kan eegame ta’us nuti garuu sababoota
muraasa akka armaan gadiitti dhiyeessina
1. Maqaa isaa qulqulleessuun mootummaa isaa akka dhaalaniif
2. Nyaata foonii fi lubbuu akka ta’aniif
3. Akka ittiin barannuuf

• Maqaa isaa qulqulleessuun mootummaa isaa akka dhaalaniif kan


uumaman namaa fi ergamootadha. Kana jechuun immoo ammas
Waaqayyo isaan irraa kabajaa fi galatoo barbaadee miti.
• Yoo galateeffanne nutuu jireenya, boqonnaa fi gammachuu bara
baraa argata.
• “Ijoollee koo warra dhiiraa fagoo irraa ijoolleekoo warra shamarraniis
daangaa lafaa irraa maqaa kootiin kan waamame kabaja koofis kanan
uume kanan hojjedheefi kanan raawwadhe fidaa nan jedha” Isa. 43:7
• Uumamtonni biron immoo nyaataf, barumsaaf, uuma keenyaan akka
ittiin beeknuuf uumaman.
• Nyaata foonii fi lubbuu: nyaata foonii(kanneeen dhalli namaa
sooratu) fi nyaata lubbuu(foonii fi dhiigni Gooftaa keenya Iyyasuus
Kiristoos kan irraa qophaa’u qamadii fi wayniidha)
• jiraachuu isaa akka ittiin hubannuuf. Fkn. Icciitii Sillaasee –
biiftuudhan.

• Akka ittiin barruu fi barsiisnuuf : fkn, aduu, lubbuu namaa, ...


• Samiiwwan kabaja Waaqayyoo dubbatu, samiin Xefer hojii harka Isaa
dubbatu”. (Far18:1).
Waaqayyo Uumamoota Meeqa Uume?
• Kitaabni faarfannaa “Maaloo hojiin kee baay’ee guddaadha;
hundumaa ogummaa keetiin raawwatte” Far 103:24-25
akkuma jedhu uumamni waaqayyo uume tokko tokkoon isaa
osoo lakkoofne dubbatnee hin xumurru.
• Haata’u malee gosa gosaan yeroo lakkoofnu digdamii
lamadha. Kufaalee 3:9

Argamsa Sirna Uumamaa


Waaqayyo wantoota mul’atanii fi hin mul’anne kan uume karaa
lamaanidha.

a. Bakka hin jirree gara jireenyaatti fiduun


b. Kanneen uumaman irraa kan biroo uumun
a. Bakka Hin Jirree Gara Jireenyaatti Kan Fidaman
• Isaan kun uumamoota Waaqayyo waanta uumame osoo hin jiraatin
akkasumatti bakka hin jirre irraa gara jireenyaatti fidedha.
Uumamonni kun kan irraa argaman hin qaban.
• Uumamtoota guyyaa jalqabaa kan akka lafaa, bishaan, qilleensa,
ibidda, ergamootaa fi dukkana bakka hin jirre irraa gara jireenyaatti
isaan fidee uume.
• “Addunyaawwan Jecha waaqayyoon qophaa’an. Kanaafis, kanneen
argaman waanta argamu irraa akka hin taane amantiidhaan ni
hubanna.” (Ibr 11:3)
• Kitaabni qulqulluun yeroo jalqabu “Waaqayyo samii fi lafa uume”
jedha. (Uma 1:1).

b. Kanneen Uumaman Irraa Kan Uumaman.


• Isaan kun immoo amaloota foonii afran (bishaan, lafa, qilleensaa fi
abidda) irraa kanneen uumamanidha.
Haala Argamsa Uumamtootaa
Waaqayyo uumamtoota haala sadiin uume.

a. Callisuun: Waaqayyo uumamtoota gaafa dilbataa ergamoota


dabalatee warreen isaan dursanii uumamanii osoo homaa hin
dubbatiin callisuun uume. Isaanis, amaloota foonii arfan, dukkana,
samiiwwaan 7n fi ergamootadha. (waliigala uumamoota 7 dha.)

b. Dubbachuun: Kanneen Uumamuu ergamootaa hanga Addaamitti


jiran Waaqayyo akka uumaman dubbachuun isaan ajaja ture. Isaanis
baay’inaan 14 dha.

c. Hojiin: Kun immoo Waaqayyo biyyoo irraa bocee hojjechuun kan


uumamedha. Haala kanaan kan uumame namadha.
Amaloota Foonii Arfan
• Amaluuma fooni arfan kanneen jedhaman: bishaan, qilleensa,
abiddaa fi lafadha.
• Amaloonni foonii kun bakka hin jirre irraa gara jirutti kan
fidaman uumamtoota biroof immoo hundeedha.
• Tokko tokkoo isaanii amala sadi sadii kan qaban taasisee isaan
uume.
• Sababa maaliif yoo jedhan amalummaa kootiin tokkummaa fi
sadummaa akka ani qabu irra baradhaa beekaa (sirna uumamaa
kootiin hubadhaa) yoo jedhudha.
• Akkasumas amala foonummaa afur taasisuun isaa Waaqayyo
amalamummaa isaatiin wantoota afur akka qabu nu
hubachiisuufidha.
Amaloonni foonii arfan amaluummaa Waaqayyoo keessa amaloonni afur
akka jiran argisiisa. Isaanis

• Sooressummaa Isaa
• Abbaa murtee dhugaa ta’uusaa
• Gara laafummaa Isaa
• Hundaa kan danda’u ta’uu Isaati.
1. Lafa
• Lafti amaloota sadii qabdi isaanis:-
• Gogummaa
• Dukkanummaa
• Qorrummaa
• Lafti amala isaa isa sooressummaan fakkeeffamti. Sababni isaas lafti
namaaf bu’uura jireenya kan jedhaman (nyaata, uffataa fi dawoo)
argamsiisti.
• Akkuma kana Waaqayyos sooressa isaaf hin liqeeffamne, kan
qabeenya hin dhumne qabu, nyaata foonii fi lubbuu namaaf
kennudha.
• “Foon qabeessa hundaaf soorata kan kennu, dhiifamni isaa bara
baraanihoo.” Akkuma jedhu kitaabni faarfannaa. (Far 135:24)
• Karaa biraa immoo lafti obsituudha. Yoo ishee qotan, qofforanii fi
irra ejjetan maaliif hin jettu. Hundumaa akka amala isaatti
dandeessee jiraatti.
• Waaqayyo obsaa fi danda’aadha. Cubbuu fi badii uumama hundaa
danda’ee obese jiraata. Humna osoo qabuu akka hin qabnee, osoo
arguu akka hin arginee, osoo beekuu akka isa hin beeknee ta’ee
dabarsa.
• Far 84:12. “Waaqayyo araara isaa ni kenna, laftis firii ishee ni
kenniti.” Far 7:11 “Waaqayyo abbaa murtii dhugaadha. Cimaa fi
obsaadha. Yeroo hundas badinsa hin fidu.”
2 Qilleensa
• Qilleensi amala sadii qaba. Isaanis:-
• Ho’ummaa
• Jiidhinsummaa
• Dukkanummaa
• Qilleensi abbaa murtii dhugaa ta’uu Waaqayyoo argisiisa.
• Qotee bulaan firii midhaaanii isaa galabaa irraa adda kan baasu
qilleensaan. Waaqayyos qulqulloota cubbamtoota irraa,
amantoota shakkitoota irraa haqummaa isaatiin adda baasa
• “…. Qoorbiin harkumasaattidha; oobdichas gonkuma ni
qulqulleessa; qamadichas gumbiitti ni galcha. Galabichas ibidda
hin badneen ni guba” Mat 3:12
• Cubbamoota qulqulloota irraa ni foo’a. Yeroo cubbamootatti
dheekkamu qulqulloota isaan waliin hin adabu. Fkn. Nohiin badinsa
bishaaniin isa hin balleessine. Akkasumas Looxiin abidda Sodomii fi
Gamooraa balleesseen isa hin balleessine.

3. Bishaan
• Bishaan hojii sadii qaba. Isaanis:-
1. Ifummaa (fuulli isaa ni ifa)
2. Jiidhinsummaa
3. Qorrummaadha.
• Dhiifamaa fi gara laafummaa Waaqayyoo ibsa.
• Bishaan kan xuraa’e ni qulqulleessa kan dheebotes dheebuu baasa.
• Haaluma kanaan namni yoo gaabbe cubbuu irraa deebi’e Waaqayyos
ni qulqulleessaan. Dhiifama isaas ni taasisaaf.
• Yoh. 6:37 “Kan Abbaan naaf kenne hunduu gara koo ni dhufa. Gara
koo kan dhufus tasa gara alaatti gadi hin baasu.”
4. Ibidda
Ibiddi qaamni isaa tokko yoo ta’u amaloota afur qaba. Isaanis:-
1. Ho’ummaa
2. Ifummaa
3. Gogummaa dha.

• Ibiddi waaqayyoof fakkeenya hunda danda’ummaa isaati.


• Yeroo ibiddi ka’u galaannii fi hallayyaan yoo isa dhorken alatti
isa jiidhaa gogaa wajjin tokko taasisee ni guba.
• Waaqni keenyas jaalalli isaa, tolummaan isaa yoo isa dhorke
malee dandeettii isaatiin hunda balleessuu ni danda’a.
• “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru.” Luq. 1:37
Uumamtoota Guyyaa Jahanii
• Waaqayyo addunyaa mul’atuu fi hin mul’anne hunda guyyaa jaha
keessatti uume.
• Kunis guyyaa tokko keessatti uumuu dadhabee miti. Inni haala
beekeen hundumaayyuu seeraa fi haalaan raawwachuuf jedheetu
malee.
• Kana taasisuu isaanis icciitin waaantota baay’ee kan nutti
agarsiise ta’uyyu lamaan tokko haa kaasnu.
1. hojii hojjettan karoora isaatiin hojjedha
2. waan tokko har’uma eegalle har’uma xumurra akka hin
jennef
3. hojii keessan boodas boqadha jechuufi.
• Namoonni tokko tokko Waaqayyo uumamoota guyyaa
tokkotti uume; Muuseen garuu yeroo seera uumamaa
barreessu guyyaa torba tarreessee barreesse kunis ogummaafi
qophii isaa ajaa’ibsiisaa ta’e argisiisuufidha jedhu.
• Kun garuu dogongora. Museen seera uumamaa kan barreesse
Hafuura Qulqulluun ibsameefiti.
• Yoo akkas jenne garuu Museen yaada mataa isaa itti dabaleera
jechuudha.
1. Uumamtoota Guyyaa Dilbataa
• እሑድ jechuun afaan Gi’iiziitiin tokko, jalqaba jechuudha. Guyyaa
jalqabaa jedhamti.
• Guyyiittiin kun yeroo jalqabaaf guyyaa argamtedha.
• Guyyaa kana Waaqayyo guyyittii argamsiise, yeroo lakkaa’unis ni
eegalame.
• uumamni guyyaa dilbataa uumaman saddeet yoo ta’an isaanis
1. Qilleensa
2. Bishaan,
3. Ibiddaa
4. Lafa
5. Dukkana
6. Samiiwwan Toorban
7. Ergamoota Fi
8. Ifadha.
• Uumamoota hunda keessaa dura kan uumaman amaloota
foonii kanneen bakka hin jirre irraa gara jirutti kan isaan fide
(kan isaan uume) yoo ta’an tokko tokkoo isaaniis amala sadi
sadii kan qaban taasisee uume.
• Sababa maaliif yoo jedhan amala kootiin tokkummaa
sadummaa akka ani qabu sakatta’aa beekaa (sirna uumamaa
kootiin hubadhaa) yoo jedhudha.
• Akkasumas amala foonummaa afur taasisuun isaa waaqayyo
amalamummaa isaatiin wantoota afur akka qabu ibsuufidha.
• Shanaffaa irratti dukkana uume. Dukkanni fakkeenya
Waaqayyooti, duukkanni akkuma hin qoratamne Waaqayyoos
hin qoratamu
Samiiwwan Toorban
Samiiwwan toorban gubbaadhaa gaditti yoo lakkaa’aman isaan
armaan gaditti argamanii dha.

1. Tserhaa Aariyaamii:
• Isheen kun samiiwwan hundaan oliidha; kanaafuu samii
samiiwwanii jedhamti.
• Samiiwwan hundaa caalaa iftuudha “kunoo samiin, samiin
samiiwwaniis laftis isheerra kan jiru hundis kan Waaqa kee kan
Waaqayyooti” Deb 10:14
• Ogeessichi sololmoonis “kunoo samiin samiiwwanii ol samiin
jiru siqabuu hin danda’u” jedheera. 1Mot 8:27
2. Teessoo Mootummaa
• Tserhaa aariyaamii gaditti samii wuddudi olitti kan argamtudha.
• Samiin kun maqaawwaan adda addaan waamamti.
• Gooftummaansaa kabajni isaa bifa eeyyamasaatiin fakkeenya
adda ta’een qulqullootaf bakka itti ibsamu ta’uusheen teessoo
mootummaa;
• Waaqayyo samii itti galateeffamu ta’uu isheetiin member
tsebaa’ot;
• Iftuu ta’uusheetiifi ifti dhugaa ifti waaqummaa kan ittiin ibsamu
ta’uu sheetiin member birhaan (teessoo ifaa) jedhamteetti.
• Isa. 6:1. “Waaqayyo teessoo dheeraa fi ol ka’e irra taa’ee osoo
jiruun arge. Galanni isaas manicha guutee ture. Suraafelis isatti
naanna’anii dhaabbatanii turan.” Mul.4:2
3. Samaay wuddud
• Samii jaal’atamaa jechuudha.
• samiin kun kiruubelirra diriiree menbere mengistiif akka
walalii galmaa kan ta’eefi teessoo manbere mengistii kan itti
diriirfame samii ifaadha.
• teessoo Sillaasee kan Kiruubeel baatanidha.
• Mataa bineensotaa sana irras xefer kan fakkaatu kan nama
sodaachisu cabbii kan fakkaatu mataa isaanirra diriire jira. . .
. Kiruubelis akka ta’anin hubadhe. Hiz. 1:22-27
4. Iyyarusaaleem Ishee Samii
• maqaan ishee biraa mootummaa ishee samii (mangiste
semayat)dha.
• samiin isheen kun samiiwwan toorbaniif gidduu galeettii
yommuu taatu Addaamif kan laatamte bakka amantootaati
• Akka mana qulqullummaa roga afur qabdi
• Balbala 12 qabdi
• Waan hunda isheen ifadha.
• 1Qor.2:9. “ kan gurri hin dhageenye, ijis kan hin argine, laphee
namaatiinis kan hin yaadamne, Waaqayyo warra isa jaalataniif
kan qopheesse…”
• Gal.4:26 “Iyyarusaaleem isheen gubbaa garuu bilisummaan kan
jiraattudha…”
• As keessas Taaboor Zedoor ni jirti.
• Mul.11:19 “Kanaan booda manni galatoo Waaqayyoo isheen
samiirra jirti ni banamte.
• Taabonni Waaqayyoo mana galatoo isaa keessatti ni argamte.”
Isheen kunis bultoo Waaqayyooti. Taaboor Zedoor fakkeenya
haadha keenya dubroo Maariyaamiidha.
• Giiftiin keenya bultoo Waaqayyoo ta’uudhaan Ilma nuuf
deesseetti.Kanaaf nuti isheen fakkeessina
• Iyyoor, raamaa, ereer kan jedhaman samii sadan ergamoonni
akka qomoo isaaniitti kan keessa jiraatan waan ta’aniif
magaalota ergamootaa jedhamu
5. Iyyor
• Samiin kun magaalawwaan ergamootaa sadan keessa isa jalqabaa
yommuu ta’u, magaalaa qomoowwan ergamootaa 40dha.
• Qulqullichi Phaawuloos amma samii kanatti olfudhatamee akka
deeme ofii isaa osoo of hin mulisin “nama Kiristoosiin nan beeka
… hanga samii sadaffaa gahutti ol fudhatame” jechuun gara oliitti
yeroo lakkoofnu gara samii sadaffaa Iyyoor kan taate akka olbaase
dubbatee ture. 2Qor12:1-3
6. Raamaa
• Magaalaa Ergamootaa kan 2ffaa yommuu taatu teessoo ergamoota
qomoowwan 30ti.
7. Erer
• Magaalaa ergamootaa kan dhumaati
• Akkuma Raamaa qomoowwan ergamootaa 30n kan irra jiranidha.
Ergamoota
• Waaqayyo ergamoota bakka hin jirree gara jireenyaatti fiduun
isaan uume. haala uumama isaanii ilaalchisee yaadni biraas jira.
• Innis Waaqayyo ergamoota qilleensaa fi ibidda irraa uume kan
jedhu yoo ta’u kanaafis ragaa isaan kaa’an Far 103:4 fi Ibr 1:6
irra kan jirudha.
• Ibr 1:6 “Ergamoota isaa qilleensa, kan ergamanis labooba ibiddaa
kan isaan taasisu isadha.” kun garuu uumama ergamootaa osoo
hin taanee amalamummaa isaaniiti.
• Kunis ibiddi fi qilleensi dhokattoota, gurguddoota, eeyyama
namaa raawwattoota akkuma ta’an hundaa ergamoonnis
dhokattoota, gurguddoota eeyyama namaa fi Waaqayyoo
raawwattoota dha.
• Ibiddi fi qilleensi amaloota fooniiti. Ergamoonni immoo qaamaf
amala foonii kan hin qabne, kan hin argamne nyaachuun,
dhuguun, uffachuun kan isaan hin barbaachisne dadhabuu,
dhukkubuu, dulloomuufi amala du’uu kan hin qabne uumama
jiraatoodha. Abbootii firdii 13:15-20, Mat 22:30

Lakkoofsi isaanii meeqadha?


• Hin beekamu
• Ergamoonni kan uumamanis qomoon dhibba tokkotti
qoodamuunidha. Qomoowwan kana magaala ykn samiiwwaan
sadan irra akka armaan gadiirra akka armaan gadii qoode
1. Samii Iyyor
• Waaqayyo Iyyooriin gubbaadha gara gadiitti bakka 4tti hire.
• Qomoo ergamootaa dhibba keessaa qomoo afurtama kudhan
kudhaniin kutaalee Iyyor arfan keesssa isaan qubachiise.

Magaalaa jalqabaa
• Qomoo kudhan Agaa’izt jedhee moggaasee Saaxinaa’eliin
hoogganaa isaanii taasisuun magaalaa Iyyor ishee gubbaa keessa
qubachiise.

Magaalaa 2ffaa
• Qomoo kudhan itti aanan Kiruubel jedhee moggaasee hoogganaa
isaanii Kiruub taasisuun magaalaa Iyyor kutaa lammaffaa keessa
qubachiise.
Magaalaa 3ffaa
• Qomoo kudhan 3ffaa Suraafeel jedhee moggaasee hoogganaa isaanii
Suraafii taasisuun magaalaa Iyyor kutaa sadaffaa keessa qubachiise.
Magaalaa 4ffaa
• Qomoo kudhan hafan immoo haylaat jedhee moggaasee hoogganaa
isaanii Qulqulluu Mikaa’eli taasisuun magaalaa Iyyor kutaa ishee
dhumaa keessa qubachiise.

Qomoo Kiruubeel
• Mudhii isaaniiti gad tokko ta’anii mudhii olitti immoo mataa fi fuula
afur afur qabu.
• Fuulli isaanis fuula namaa, sa’aa, joobiraa fi kan leencaati.
• Ijaan kan guutamanii fi iji isaanii burree akka bifa qeerransaa kan
akka fuullee diriiraa ta’edha.
• Tajaajilli isaanii bifa lubootaan teessoo Sillaasee baatu. His. 1:6-7,
Hiz.18:9
Qomoo Suraafeel
• Fakkeenya diyaaqonootaan kan kadhannaaf jabaatanii fi
jabeessan, ergamoota galataati.
• Bifti isaani bifa guchii fi beelladaati
• Tokkoon tokkoo isaani koochoo jaha qabu. Isa 6:2-4

2. Samii Raamaa
• Waaqayyo magaalaa Raamaa bakka sadiitti qoode.

Magaalaa jalqabaa
• Qomoo ergamootaa kudhan jalqabaa Arbaab jedhee
moggaasee hangafa isaanii qulqulluu Gebri’elii taasisuun
magaala Raamaa ishee olii keessa qubachiise.
Magaalaa 2ffaa
• Qomoo kudhan itti aanan Manaabirt jedhee moggaasee
Qulqulluu Rufaa’eli hogganaa isaanii taasisuun magaalaa
Raamaa ishee gidduu keessa qubachiise.

Magaalaa 3ffaa
• Qomoo kudhan xumuraa immoo Silxaanat jedhee moggaasee
qulqulluu Suuriyaa’el hoogganaa isaanii taasisuun magaalaa
Raamaa ishee dhumaa keessa qubachiise.

• Arbaab: Waaqayyo dura dhaabbatu. Luq. 1:19


• Manaabirt : gaachana bakakkaa fi eeboo ibiddaa qabatanii bara
baraaf balali’aa jiraatu.
• Silxaanat: himaa labsii ta’uudhaan ergamoota kadhannaaf
kakasu.
3. Samii Erer
• Waaqayyo Ereriin bakka sadiitti hiruun qomoo ergamootaa 30
hafan bakka sadiitti hiree magaalota sadan keessa isaan
qubachiise.
• Qomoo kudhan Mekuwaanint jedhee moggaasun Sadaka’elin
hogganaa taasisee muudee maagalaa Erer ishee olii keessa
isaan qubachiise.
• Isaanis dhala namaa rakkina foonii fi lubbuu irraa kan
eeganidha.
• Bara dhumaa irrattis foonii fi lafee dhala namaa sassabanii
kan murtoo ishee dhumaaf qopheessanidha.
• Qomoo kudhan 2ffaa Liqaanat jedhee moggaasee Salata’elin
hoogganaa isaanii taasisee magaala Erer ishee gidduu keessa
isaan qubachiise.
• Bineensotaa fi beelladoota kanneen miillan socho’an, kanneen
koochon balali’ani fi kanneen lapheen foqoqon hundaa kan
eeganidha.
• Qomoo ergamootaa kudhan hafan immoo Melaa’ikt jedhee
moggaasee Anaani’eelin hogganaa isaanii taasisuun magaala Erer
ishee gadii keessa isaan qubachiise.
• Isaanis, biqiloota, biiftuu, urjiilee, addeessa, midhaan, muduraa fi
kudura lafaa olii fi samiitii gaditti kan uumaman hundaa kan
eeganidha.

• Waaqayyo qomoo ergmootaa samiiwwan sadan keessa isaan


boqochiise bakka uumaan isaanii isaan qubachiiseen ala hin bahan.
Yeroo Waaqayyo ergaaf isaan barbaadu garuu samii samii
oliitti gadis hanga Barbaanositti bu’uudhaan ergama isaanii ni
raawwatu.
8. ifa
• Ifaan duratti umamni toorban uumaman callisiifamanii akkasitti
uumaman.
• Waaqayyo ifa kan uumee ifni haa ta’u jedhee dubbachuudhaan.
Dhaga’uun bakka jirtuutti dubbachuun akka ta’u hubachiisuuf
dhaga’uu kan danda’an ergamoonni waan uumamaniif
dubbachuun uume. Uma 1:3
• Waaqayyo ifa uumuun isaa amantiin taatanii yoo na barbaddan
yoo na qorattan nan argama yoo jedhuudha.
2 Uumama Guyyaa Wiixataa
• Wiixatni uumamaaf guyyaa 2ffaadha. Waaqayyo guyyaa kanatti
guyyitti argamsiisuutti dabalee Xeferin uume. Isas samii jechuun
moggaase.
• Uma 1:7-8 “Waaqayyo Xeferin hojjete. . . Waaqayyos Xeferin
samii jedhee waame.”
• Osoo Xefer hin uumamiin dura bishaan lafaa hanga Eereritti
guutee ture. Waaqayyos bishaan gidduutti akka adda baasuuf
Xefer haa ta’u jedhee yeroo ajajetti bishaan addunyaa irra guutee
ture bakka 3tti hirame. Isaanis:
1. Xefer
2. Haanos (bishaan isa xeferin ol jiru)
3. Bishaan xeferin gad jiru
Faayidaa Xefer

1. Bultoo biiftuu, addeessaa fi urjiileeti


2. Ifti Biiftuu asii gadi gara lafaatti akka ifu taasisa
3. Dhalli namaa isa ilaalee mootummaa Waaqayyoo akka
abdii godhatu taasisa.
3. Uumama Guyyaa Kibxataa
• Waaqayyo uumama guyyaa kanaa uumun dursee kanneen
uumaman mijeesseera.
• Kunis bishaan samiin (xafariin) gadii lafa waliin akka baaduufi
dhamaa walmakanii turan. Kanaafuu dachee irratti kan hafe
bishaan kutaa tokko dacheen gaditti taasise; lammaffaa immoo
lafa boollessun wuqiyaanoos taasise; isa hafe immoo dachee
irratti galaana, laga, haroo … taasise.
• Lafti erga mijooftee booda ona fakkaattee yeroo argamtuu
lafti sanyii kan kennituu margaa fi biqiltuu haa baastu jedhee
uumama sadii guyyaa kanatti uumeera. um 1:11-13. Isaanis:
1. harkaan kan funaanaman fuduraa,
2. haamtuun kan haamaman gosa sanyii,
3. qottoodhaan kan muraman mukkeenidha.
• Kan isaan uumamanis amaloota foonii arfan irraadha.
• Ibidda irraa uumamuu isaaniif yeroo walitti rigaman ibidda uumu
• Bishaan irraa uumamuu isaaniif Gaafa kutaman ni dhiigu
• Lafa irraa uumamuu isaaniif yerooo kutamanii kufan biyyee ta’u
• Qilleensa irraa uumamuu isaaniif ni socho’u, ni guddatu.

Fakkeenyummaa Isaanii
• Lafti fakkeenya haadha keenya Dubroo Maariyaamidha.
• Lafittin kun sanyiin osoo isheerra hin bu’iin jecha qofaan
biqiloota nyaata foonii fi lubbuu akkuma argamsiiste haati
keenya Dubroon Maariyaamis sanyii dhiiraa malee sagalee
ergamichaa dhagahuun nyaata foonii fi lubbuu argamsiiste. Luq.
1:30-31
➢ Kanneen ganna goganii bona firii baasan
Fakkeenya namoota waa’ee qulqullummaadhaaf addunyaa kana
irratti rakkataanii jiraachuudhaan addunyaa isaa dhufutti immoo
gammaachuudhaan jiraataniti. Ganni fakkeenya addunyaa kanaa
bonni immoo fakkeenya addunyaa ishee dhuftuuti.

➢ Kanneen ganna daraaruudhaan bona gogan jiru


Fakkeenya namoota amma badhaadhinaa fi gammachuun
jiraatanii fi booda immoo rakkatanidha. Luq 16:19-30

➢ Warreen gannas bonas hin dagaagne.


Warreen biyya lafaa kanattis waan gaarii hin hojjennee fi jireenyi
foonii isaanii gammachuudhaan hin jiraanne akkasumas
addunyaa ishee dhuftu irrattuis kanneen rakkinaan jiraatanidha.
Fkn. Qaayeel
➢ Kanneen bonaa fi ganna dagaagan
Warreen biyya lafaa kana irratti gammachuun jiratan, waan gaariis
hojjetan boodas warreen mootummaa Waaqayyoo dhaalanidha.
Fkn. Qulqulluu Daawit, Iyoob, Abrahaam

❖ Kanneen osoo hin daraarin firii baafatan


Isaan kun namoota osoo amantaa hin qabaatin hojii gaarii
qabaatanitti fakkeeffamu
❖ Kanneen daraaraa qaban garuu firii hin qabne
Fakkeenya namoota amantaa qabatanii hojii gaarii kan hin
qabnedha.
❖ Daraaraa fi firii kan hin qabne
Amantaa fi hojii gaarii kannneen hin qabneen fakkeeffamu
❖ Kanneen daraaraa fi firii qaban
Namoota Amantaa fi hojii gaarii qabniin fakkeeffamu
4. Uumama Gaafa Guyyaa Roobii
Uumamni guyyaa roobii sadii yommuu ta’an isaaniis:
1. Biiftuu (aduu)
2. Ji’a (addeessa) fi
3. Urjii dha.

Waaqayyo uumamtoota isaan kanan kan uumeef


a. Bara ittiin lakkaa’uuf,
b. Yeroo ittiin dabarsuuf,
c. Umurii ittiin ibsuuf,
Urjii jireenya nama tokkoo irratti dhiibbaa tokkoyyu hin qabdu.
Carraanis hin jiru.
Fakkeenya Uumamoota Guyyaa Roobii
• Kabajni uumamoota kanaa wal caala. Hundumarra aduun ni
caalti, jiini immoo urjii irra ni caalti. Kanas qulqulluun
phaawuloos “kabajni biiftuu (aduu) tokko dha. Kabajni ji’aas
kan biraa dha. kabajni urjiis kan biraadha.” jechuun ibseera.
1Qor15:41
• Uumamni guyyaa kanaa kabajaan wal caalun isaanii
fakkeenya kabajni qulqulluu tokkoo kan biraa irraa adda
akka ta’uudha.
• “…tokkoo firii dhibba tokko firii jahaatama tokkoo firii
soddoma kenne” edhee dubbate. Mat. 13:8
Biiftuu:
• biiftuun fakkeenya qulqullootaati. Biiftuu ifa isheetiin jabattee
jiraatti qulqullonnis amantaa fi hojii gaariin jabaatanii jiraatu.
• Cubbamootaafis fakkeenya ni taati. Cubbamoonnis cubbuu
isaanii fi hojii hamaatiin jabaatanii ni jiraatu.
Addeessa:
• Fakkeenya cubbamootaati. ifti ishee guutuu taatee uumamtee
suuta suuta badaa deemti. Cubbamoonnis hagamiyyuu
qulqulluu ta’anii yoo uumaman hojii isaanii isa hamaatiin
badaa deemu.
• Akkasumas fakkeenya warreen gaabbii galaniiti. Addeessi
guutuu turte hir’achaa deemun ammas immoo guutaa jiraatti.
Warreen gaabbii galanis akkuma kana cubbuu isaaniitiin yoo
kufaniyyuu gaabbii galanii gara Waaqa isaaniitti ni araaramu.
• “Qulqulluun yeroo torba ni kufa ni ka’as.” Fak 24:16
5. Uumamoota Gaafa Guyyaa Kamisaa
Waaqayyo gaafa kamisaa “Bishaan lubbuu qabeeyyota haa
argamsiistu,” jedhee ajajuudhaan uumamtoota sadii uume.
Uma1:20. Isaanis:
1. Kanneen miillaan deddeebi’an
2. Kanneen lapheen foqoqanii fi
3. Kanneen koochoon balali’an uume

Fakkeenya Uumamtoota Guyyaa Kamisaa


Uumamtoonni kun bakka tokkotti uumamanii, bakka jireenyaa
isaan garuu adda addaadha. kunis
1.Kanneen bishaan keessatti uumamanii bishaan keessa jiraatan
2. Kanneen bishaan keessa bahuun hafan
3. Kanneen bishaan keessaa baha fi gara bishaaniitti galaa jiraatan
1. Warreen bishaan keessa jiraatan
• Fakkeenya kiristaanota erga cuuphamanii booda jabaatanii
jiraatanidha.
• Seera Waaqayyoon jabaatanii, gaa’elaan murtaanii qabeenya
isaanii hojii hojjetanii, kurnoo baafatanii jiraatanidha.

2. Bishaan keessatti uumamanii gara lafaatti bahuun kan hafan


• Fakkeenya namoota amanuun erga cuuphaamani booda
kadumsaan amantaa isaanii dhiisanii badaniiti.

3. Kanneen bishaan keessaa baha fi gala jiraatan


• Fakkeenya namoota yeroo tokko gara amantaatti yeroo biraa
immoo gara ganuutti deebi’uudhaan raafamaa jiraatan
6. Uumamtoota Gaafa Guyyaa Jimaataa
• Uumamni guyyaa jimaataa afuridha.
• Warreen jalqabaa sadan “lafti uumamoota jiraatoo akka gosa
isaaniitti haa baastu”(uma 1:24) jedhee ajajuun akkuma
uumama sadan guyyaa kamisaatti lafarraa uumeera. Isaanis

1. Kanneen miillaan deddeebi’an


2. Kanneen lapheen foqoqanii fi
3. Kanneen koochoon balali’an
• Isaan kana erga uume booda 4ffaa irratti immoo nama uume.
• Nama dubbachuun osoo hin taane harka isaatiin biyyee irraa
uume.
• Uumamoonni sadan duraa kan uumaman amaloota foonii arfan
irraa yoo ta’u lubbuun isaanii lubbuu dhiigawaadha. (lubbuun
isaanii dhiiga isaanii irratti hundaa’a, dhiigni isaanii yeroo
dhaabbatu lubbuun isaaniis ni baddi).

Fakkeenya Uumamtoota Guyyaa Jimaataa


• Uumamtoonni sadan jalqabaa fakkeenya du’aa ka’umsaati.
• “Laftti akka gosa isaaniitti uumamtoota jiraatoo haa baaftu”
(uma 1:24) jedhee Waaqayyo yeroo ajajetti (abboometti)
jiraatoo kan turan amaloonni foonii arfan jireenya argatanii
akka uumaman guyyaa dhufaatii Gooftaa bineensi kan nyaate
ibiddi kan gube boolla galee kan du’ee … biyyee bososaa kan
ta’e hundi akka ka’uuf fakkeenyaadha. 1Qor 15
Uumamoonni kun sadii ta’uunsaanii immoo fakkeenya faaggaa
yeroo dhufaatii keenya afuufaman sadanidha.
1. Kanneen lapheen foqoqanii fakkeenya faaggaa isa jalqabaati.
Faaggan jalqabaa yeroo afuufamu amaloonni foonii arfan bakka
jiranii walitti qabamuun osoo bakkaa hin deemiin qofaa isaanii ni
taa’u.
2. Warreen Miilan sosocho’an fakkeenya faaggaa 2ffaadha.
Faaggan 2ffaan yeroo afuufamu amaloonni foomii arfan wal
qabachuudhaan foon, lafee, ribuu, dhiiga… ta’u. Lubbuudhan
waan wal hin fudhanneef raawwatanii reeffa ta’u.

3. Warreen baallen balali’an fakkeenya faaggaa 3ffaa afuufamuuti.


Faaggaa sadaffaa gaafa afuufamu lubbuun foon wajjin tokko ta’uun
du’aaka’umsi ni ta’a. 1Qor 15:51-52, Mat. 24:31
Uumama Namaa
Haala Uumama Namaa
• Waaqayyo Qulqulluun uumama 21 erga uume booda nama
(Addaamiin) uumama 22ffaa taasisee uumeera. Yeroo uumes
akka uumamtoota warreen biroo yaada fi dubbachuun osoo hin
taane hojjechuun uume. Uma 1:26.
• Nama jechuun afaan gi’iizin seb’i jechuu yoo ta’u amaloota
toorba kan qabu jechuudha. Isaaniis amaloota foonii arfan
(qilleensa, ibidda, bishaan, biyyee) fi amaloota lubbuu sadan
(dubbachuu, yaaduu fi jiraachuu) dha.
• Foon namaa amaloota foonii arfan irraa uumamuu isaan
akkuma bineeldota biroo ni nyaata, ni dadhaba, ni rafa, ni du’a.
lubbuun isaa amaloota lubbuu sadan irraa uumamuun akka
ergamootaa ni galateeffata, jiraata bara baraadhas
• Amalonni lubbuu kun namni kan yaadu, kan dubbatee walii
galu akka ta’u taasiseera. Foonsa yeroo du’u lubbuunsaa hin
duutu; keessa baate gara Uumaashee deemti.
• Waaqayyo nama haala kanaan uume kana Addaam jedhee
moggaase.
• Addaam jechuun baay’ee kan hin dheerannee baay’ee kan hin
gabaaabbanne kanatu itti hafe kan hin jedhamne bareedaa
jechuudha. Karaa biraas biyyoo irra kan hojjetame jeechuu dha.
Yommuu uumus dargaggeessa waggaa 30 taasiseedha.

Bifaa Fi Fakkeenya Waaqayyo


• “Nama akka bifa keenyaa fi fakkeenyaatti haa uumnu jedhe.
Waaqayyoos nama akka bifa isaatti uume.” Uma 1:26-27
• Uumama kamiif iyyuu kan hin taasifamne Waaqayyo nama
yeroo uumu akka bifa fi fakkeenya isaatti uume.
• Bifa Waaqayyo : namni akka bifa Waaqayyootti uumame kan
jedhame akka Waaqayyo jiraataa bara bara ta’uusaa, bulchaa
ta’uusaa, …
• Waaqayyo yeroo nama uumu isaan kana waliin uume. Kanaaf
nama ta’uu isaaf qofa bifa Waaqayyoo qaba jechuudha.
• Fakkeenya Waaqayyoo kan jedhame immoo qulqullummaadha.
Isa kana namni fedha isaan kan argatudha malee namni nama
ta’uu isaan kan inni qabu miti. Akka fedhaa fi jaalala
Waaqayyootti yoo deddeebi’e fakkeenya Waaqayyo kana
argachuu ni danda’a. fkn qulqulloota
• Waaqayyo uumama 21 erga uumee booda Addaamiin uumama
22 ffaa taasisee uumuun isaa inni abbaa gaarii ta’uu isaa
ibsuufidha.
• Firri gaariin waan dhugan, waan nyaatan, akkasumas teessuma
erga qopheessee booda fira isaa ni waama.
• Abbaan gaarii ilma isaaf, qabeenyasni laataaf boodas haadha
manaa gaarii fuusisee wanta jiru hundumaa ni dhaala.
Waaqayyoos addamiif kan godhe kanaadha.
• Waaqayyoo Addaamiin yeroo uume umamtoota kaan irraa adda
taasisee qajeelaa isa godhee dabalees kan taa’u, kan
dhaabbatu, kan rafu, kan ka’u, isa taasise.
• Kunis bulchaa (bitaa ta’i karaa biraas du’aa ka’umsa qabda
yommuu jedhu kanneen biro gadi isaan garagalchuun (gadi
isaan jechisiisuun ) bitamoo dha jeehuudha. Karaa biraa foon
keessaan tortoree hafa (du’aa ka’umsa hin qabdan) jechuudha.
• Dabalees kan taa’u, kan ka’u, kan rafu, kan dammaqu taasisee
uumuun isaa taa’uu isaan biyyaa lafaa, ka’umsa isaan biyyaa
samii, rafuu isaan akka du’u, dammaquu isaan du’aa ka’umsa
(jireenya) isaa ibsuufidha.
• Addaam kan uumamee walakkeessa lafa Qaraniyootti maqaan
isaa addaa Eeldaa bakka jedhamutti dha.
• Addaamiin waklakkeessa lafa irratti kan uumeef addaam
guutummaatti ergamoota akka hin taane guutumaatti bineesota
akka hin taane giddugaleessa dha waan ta’ef gidduu galeessa
yeroo jedhuudha.
• Karaabiraas addaam booda waaqayyootiin balleessee gannataa
yeroo ba’e ilmoo ilmoo isaa irraa dhalatee waalakkeessa lafaa
qaraniyootti akka isa fay’isu ibsuu isaati.
• “Walakkaa lafaatti fayyina taasise” akkuma jedhe. Far 73:12,
Yoh 19:17
• Waaqayyoo Addaamiin uumee guyyaa 40 mucummaa erga
isaaf kennee booda ergamootni isaa “Addaamiin kan uumte
yaa Waaqayyoo Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu dha”
jedhanii gannatatti galchan. Hewaaniis guyyaa itti uumamte
80tti akka Addaam mucummaa Waaqayoo erga argattee booda
ergamootaan simatamtee gannata galteetti.
• Addaam uumamee gaafa guyyaa 40 Hewaan uumamtee
guyyaa 80ffaa isheetti mucummaa argatanii gara gannataa
galuu isaaniirraan kan ka’e yeroo har’a daa’imman yeroo
dhalatan dhiironni gaafa guyyaa 40ffaa isaaniitti warri
shamaranii gaafa guyyaa 80ffaa isaanii gara mana
gulqulluummaa deemanii cuuphaadhaan mucummaa akka
argatan ta’eera.
Uumama Hewaan
• Waaqayyo uumamtoota warreen biroo yeroo uumu saala lama
taasiseeti. Saala qeenxee ta’ee kan uumame nama qofadha.
Waaqayyoos qofummaa Addaam ilaalee gargaartuu kan isaaf
taatu guyyaa 8ffaatti “namni qofaa isaa ta’uun gaarii miti,
gargaartuu haa uumnuf” jedhe. Uma 2:18
• Haaluma kanaan gargaartuu kan isaaf taatu uumuuf jedhee
Addaam irratti hirriba buuse.
• Baay’ees rafee osoo of hin gatiin baay’ees osoo of hin beekiin,
ka’uu fi rafuu gidduu osoo inni jiruu cinaacha isaa irraa lafee
fudhachuun nama guutuu taasisee, nama akka Addaam guutuu
taate Hewaanin isaaf uume.
• Ni uume yeroo jennu kan biraa argamsiise jechuu osoo hin taane
qaama Addaam kan turte jireenyaan akka mul’attu taasise
jechuudha.
• Addaamis kana booda lafeenshee lafee koo irraa; foonshee foon
koo irraa; dhiira irraa argamteetti waan ta’eef dubartii haa
jedhamtu jedhe. Uma 2:21-25.
• Dubartii kan taate kana immoo maqaanshee Hewaan haa
jedhamtu jedhe. Hewaan jechuun haadha jiraattotaa jechuudha.
• Addaam baay’ees rafee osoo of hin gatiin baay’ees osoo of hin
beekiin Waaqayyo Hewaan isarra argamsiisuunsaa:
• Of wallaalee rafe osoo ta’ee, yeroo ka’u uumama biraa itti
fakkaattee eessa dhufte jechuu danda’a ture, akkasumas hafuura
hamaa itti fakkaachuun sodaachuu danda’a ture.
• Ka’ee sirritti osoo inni of beekuu osoo irra argamte ta’ees,
yeroo cinaacha isaarra baatu isa dhukkubbiin waan itti
dhagahamuuf ishee jibbuu danda’a ture.
• Hewaanin Waaqayyo cinaacha Addaam irraa ishee uumuunsaa
(ol butee addaa isaarraa ykn gad siqee miil’a isaarra osoo hin
taasisin):
• Addi fakkeenya abbaa manaa, miil’i immoo fakkeenya maatiiti.
Isheenis kana gidduuti argamuunshee abbaa manaa gadii fi
maatii ol ta’uushee ibsuuf
• Tokkoos of haa haguuggattu jechuu isaati. Cinaachi keenya
akka uffata yoo dhabnellee qullaa buusnee hin adeemnu,
akkuma kanaa jechuudha.
• Hewaan bakka itti uumamte Eeldaa ergamootaan eegamaa
guyyaa 80 erga turtee booda gara gannataatti galte
Addaam Gannata Keessatti

• Addaam uumamee guyyaa 40ffaa isaatti gannata akka galfame


armaan olitti baranneerra.
• Erga kana Addaam hanga Hewaan cinaacha isaarra argamtutti
jireenya qofummaa jiraachaa ture. jireenyisaa yeroo kanaa
waantota afur of keessa qaba. (Uma 2:15) Isaanis
1. Waaqayyo waliin jiraachaa ture
2. Gannata eegaa, kunuunsaa ture (hojii hojjechaa ture)
3. Bineensota hundaaf maqaa baasaa ture
4. Gannata gidduu ciisaa ture
Walumagalatti Waaqayyo guyyoota jahan kanatti uumamtoota 22
uume uume isaanis

1. Guyyaa Dilbataa : Uumama 8


1. Qilleensa
2. Bishaan,
3. Ibiddaa
4. Lafa
5. Dukkana
6. Samiiwwan Toorban
7. Ergamoota Fi
8. Ifadha.
2. Guyyaa wiixataa : Uumama 1
1. Xefer
3. Guyyaa Kibxataa : Uumama 3
1. Harkaan Kan Funaanaman Fuduraa,
2. Haamtuun Kan Haamaman Gosa Sanyii
3. Qottoodhaan Kan Muraman Mukken
4. Guyyaa Roobii : Uumama 3
1. Biiftuu (Aduu)
2. Ji’a (Addeessa)
3. Urjii
5. Guyyaa Kamisaa : Uumama 3
1. Kanneen Miillaan Deddeebi’an
2. Kanneen Lapheen Foqoqanii
3. Kanneen Koochoon Balali’an Uume
6. Guyyaa Jimaata : Uumama 4
1. Kanneen Miillaan Deddeebi’an
2. Kanneen Lapheen Foqoqanii
3. Kanneen Koochoon Balali’an
4. Nama
Sanbata Duraa
• Waaqayyo gaafa guyyaa 7ffaa uumamtoota uumee xumuree
boqote.
• Ni boqote jechuunis uumama uumuu goolabe (xumure)
jechuudha malee akka uumamaa dadhabaa ta’ee boqote jechuu
miti.
• Guyyaa kanatti Waaqayyo hojii hojjete hunda arge, hundumtuu
gaarii turan. Uma 2:1
• Uumaan keenya hanga guyyaa jimaataatti umamtoota 22 erga
uume booda uumamtoota haaraa hin umne.
Adduunyaawwan 20
• Waaqayyo waliigalatti uumamoota 22 akka uume barannerra.
Isaan kana keessaa amaloota foonii arfan irraa immoo
addunyaawwaan 20 argamsiiseera. Argamsiiseera yeroo jennu
uumama haaraa uume jechuu osoo hin taane bakka qabsiiseera
akka jechuuti.
• Addunyaawwaan kun uumamtoota digdamii lamaan kan
lakkaawan malee akka uumama haaraatti kan lakkaa’aman miti.
• Addunyaawwaan kana guyyaa dilbataa hanga guyyaa
kibxataatti bakka bakka isaanii kan qabsiisedha.
addunyaawwaan kun isaan armaan gadiiti.
lakk Gosa addunyawwanii Baay’ina Maqaa Waliinii

1 Addunyaawwan ibiddaa 9 Kooreb

2 Addunyaawwan bishaanii 4 Naageb

3 Addunyaawwan qilleensaa 2 Azeb

4 Addunyaawwan lafaa 5 Duduleb


1. Addunyaawwan Ibiddaa
• Addunyaawwaan ibiddaa kan uumaman amala ibiddaa irraa
gaafa guyyaa dilbataadha.
• Baay’inni isaanii sagal yommuu ta’u isaanis:
1. Samiiwwaan toorban
2. Ibidda gahanamaa
3. Ibidda hundee samii (ምጽንዓተ ሰማይ)
• Ibiddi gahanammaa lafa gaditti kan argamu dukkaanaa’aa kan
ta’e fi bakka diyaabiloos, ergamoota isaafi cubbaamootaf
dhufaatii Gooftaa keenyaan booda kennamudha.
• Ibidda hundee samii ibidda Waaqayyo samiiwwaan hundaaf
hundee taasiseedha isaan uumedha.
2. Addunyaawwan Bishaanii
• Addunyaawwan bishaanii bishaan irraa kan argaman, bishaanin
kan guutanidha.
• baay’inni isaanii afur yommuu ta’an, isaanis:
1. Haanos
2. Xefer
3. Wuqiyaanos
4. Bishaan lafa jalaa
• Haanos bakka bishaanin guutamee samii Ererii gaditti
argamuu fi qilleensa Baabilin baatamee kan jirudha. Xefer ho’a
aduun akka hin caccabneef kan qabbaneessudha.
• Xefer bishaan jabaataa yeroo asii ol ilaallu kan agarru bultoo
aduu, urjii fi ji’aadha.
• Wuqiyaanos bishaan dachee irra jiraannu marsee jirudha
• Bishaan lafa jalaa immoo bishaan dachee baatee jirudha.
“dachee bishaan irratti kan jabeesse arjummaan isaa bara
baraanihoo” (Far 135:6)

3. Addunyaawwan Qilleensaa
• Addunyaawwan qilleensaa qilleensaan kan guutaniifi
qilleensaan kan jabaatanidha.
• baay’inni isaanii lama yommuu ta’an, isaanis:
1. Baabil fi
2. Berbaanos
• Baabil – qilleensa jabaataa xeferii ol jiruu fi Haanosin kan
baatedha.
• Berbaanos – qilleensa jabaataa dachee gadii jiruu fi baatudha.
4. Addunyaawwan Lafaa
• Addunyaawwan lafaa biyyoo irraa kanneen uumamanidha.
• Baay’inni isaanii shan yommuu ta’an, isaanis:
1. Dachee
2. Biyya jiraattotaa
3. Biyya qajeeltotaa
4. Gannata
5. Si’ool
1. Gannata
• Dura Addaamii fi Hewaan bakka jiraachaa turan, har’a immoo
kiristaanonni amantaa fi hojii gaarummaan cimanii jiraatan
bakka isaan galanifi hanga dhufaatii 2ffaa Gooftaa keenyatti
bakka isaan turanidha.
• Kallatti bahaa irratti kan argamtuu fi kan hin mul’annedha.
• Bakka gammachuu, boqonnaa fi qananiiti.
• Fireeshee funaanamee kan hin dhumnee fooliin ishees foonii fi
lubbuu adda kan baasu mukti jireenyaa as keessatti argamti.
• Lageen gurguddoon arfanis ishee keessa kan burqanidha.
2. Biyya Jiraattotaa
• Isheen kun bakka jireenyaa Qulqulloota jireenya isaaniin
uumaa isaanii gammachiisanii fi foonii fi lubbuun
fudhataniidha. Kallattii kaabaa irratti argamti.
• Qulqulloonni abbootni keenya kan akka Heenok, Eeliyaas,
Yohaannis abbaa Wangeela, Izraa, Yaared, . . . bakka jiranidha.
• ‘Heenok deemsa isaa Waaqayyo waliin waan taasiseef hin
argamne; Waaqayyo fudhateera waan ta’eef.’ (Uma 5:24).
3. Biyya Qajeeltotaa
• Addunyaan kun bakka hojiin cubbuu itti hin hojjetamneefi
qajeeltonni hojii qajeelummaa hojjetan qofti jiraatanidha.
• Kallaattii kibbaa irratti argamti.
• Waaqayyo akka beekumsa isaatti cubbamoota jalaa kan
dhoksee, qajeeltonni gaa’ela qulqullaa’aan kan keessa jiraatan
akka ta’e qabsuurri qulqulluu Zoosimaas dhugaa baha.
• Addunyaawwaan armaan olitti ibsaman sadan dachee iftuu
jedhamu.
• Xeferii gadii fi dachee irra jiraannu ol kan jiran ija fooniin kan
hin mul’annedha.
4. Dachee
• Bakka nuti amma jiraachaa jirru fi cubbuu Addaamii fi
Hewaanin booda dhala namaaf bakka jireenyaa taatee kan
kennamtedha.

5. Si’ol
• Addunyaa dukkanaan jabaatte, ibidda lubbuu namaa gubuu
danda’uun kan guutteefi kalattii lixaan kan argamtudha.
• Cubbamoonni foonii fi lubbuun isaanii erga adda ba’ee hanga
dhufaatii Gooftaa keenyaatti bakka turanidha.
• Addunyaawwaan kun shanan qabiyyee ifa isaaniin wal caalu.
Si’ol caalaa dacheen irra jiraannu, dachee caalaa biyyi
qajeeltotaa, biyya qajeeltotaa caalaa biyyi jiraattotaa, ishee
caalaa immoo gannatni baay’ee kan iftudha.
BOQONNAA 3
Seensa Icciitiiwwaan Utubaa Amantaa
Shananii

You might also like