You are on page 1of 98

KOLLEEJII TE’OLOOGII ‘LEADSTAR’

GEGGEESSUMMAA
FI
TAJAAJILA TIKSEE

FINFINNEE
HAGAYYA 2017
BAAFATA

QABIYYEE FUULA

SEENSA BARUMSICHAA 10

GALMA BARUSMSA KANAA AKKA WALIIGALAATTTI 11

KUTAA TOKKO

MAALUMMAA, GOSAA FI AMALA GEGGEESSAA 13

SEENSA 13

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA 13

1. MAALUMMAA GEGGEESSAA 13
2. GOSA GEGGEESSUMMAA 16
2.1. Geggeessitoota Ofiin Murteessoo
(Authoritarian Style) 16

2.2. Geggeessitoota Dimookiraatawaa


(Democratic Style) 17

2.3. Geggeessummaa Gurmuu


(Team Leadership) 18

KUTAA LAMA

GEGGEESSUMMAA AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI 19

SEENSA 19

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA 19

1. GEGGEESSAA AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI 20


2. AMALA GEGGEESSUMMAA 21
3. KAKUU MOOFAAN WAA’EE GEGGEESSUMMAA
2
MAAL JEDHA? 22

4. KAKUU HAARAAN WAA’EE GEGGEESSUMMAA


MAAL JEDHA? 23

5. QAJEELFAMOOTA MACAAFA QULQULLUUN WAA’EE


GEGGEESSUMMAAF KENNU 24

6. DANDEETTII UUMAMAATII FI GEGGEESSUMAA HAFUURAA


GIDDUU GARA GARUMMAA JIRAN 26

7. WAA’EE GEGGEESSUMMAAF QAJEELFAMA


ERGAMAA PHAAWULOS 28

8. WAA’EE GEGGEESSUMMAAF QAJEELFAMA


ERGAMAA PHEXROS 29

9. ULAAGAALEE GEGGEESSUMMAA KALLATTII


ADDA ADDAATIIN 31

9.1. Ulaagaalee Jireenya Hawaasummaa 31

9.2. Ulaagaalee Amalaa (Ethics) 31


9.3. Ulaagaalee Yaada Sammuu 32
9.4. Ulaagaa Namootaa Wajjin Walii Galuu 32
9.5. Jireenya Maatii 33
10. DANDEETTII GEGGEESSUMMAA GUDDISUUF
WANTOOTA GUUTAMUU QABAN 34

10.1. Sagalee Waaqayyoo fi Hojiidhaan Qophaa’uu 34


10.2. Dammaqanii Hojjechuu 35
10.3. Warra Kaan Irraa Barachuuf Qophaa’uu 35
10.4. Nama Mul’ataa Ta’uu 35
10.5. Murtoo Kennuu Shaakaluu 36
3
10.6. Obsaa fi Gara Balleessa Ta’uu 37
10.7. Geggeessaan Namootaa Wajjin Kan Walii Galuu fi
Hiriyummaa Uumuuf Nama Mijatu Ta’uu Qaba 37

10.8. Geggeessaan Nama Mala Qabuu fi Sammuu


Dammaqaa Qabu Ta’uu Qaba 38

11. AMALOOTA IJOO GEGGEESSAAN QABAACHUUN


IRRA JIRU 39

KUTAA SADII

YAADA WAA’EE GEGGEESSUMMAA FI

‘MOODELOOTA’ (FAKKEENYOTA) 42

SEENSA 42

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA 42

1. WAA’EE GOSA GEGGEESSUMMAA 43

1.1. Geggeessaa Aboon (Itti Gaafatamummaa Muraasa

Qabu) Isaa Muraasa Ta’e 43

1.2. Geggeessaa Waldaa Kristaanaa Guutummaa Keessatti

Hojii Dura Bu’ee Geggeessuu fi Hojjetu 43

1.3. Yeroo Isaanii Guutuu Guutummaatti Kennanii

Kana Tajaajilan 43

1.4. Geggeessaa Akka Biyyaatti Dhiibbaa Uumuu Danda’u 44

1.5. Geggeessaa Biyyoolessaa 44

2. GEGGEESSITOOTA KRISTAANAA IRRAA


4
WANTOOTA BARBAACHISAN 44

3. YAADA WAA’EE GEGGEESSAAF JIRU 45

KUTAA AFUR

TAJAAJILA TIKSEE IJA GEGGEESSUMMAATIIN ILAALUU 46

SEENSA 46

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA 46

1. GEGGEESSAA AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI 46

2. GEGGEESSUMMAA TIKSEE 47

2.1. Sodaa Irraa Kan Ka’e 47

2.2. Bu’aa Irraan Kan Ka’e 48

2.3. Amalaa fi Dandeettii Geggeessitoota Isaanii Irraan

Kan Ka’e 48

3. TIKSUMMAA FI GEGGEESSUMMAA AKKA

MACAAFA QULQULLUUTTI 49

4. GEGGEESSUMMAAN TIKSUMMAA WAAMICHAA

WAAQAYYOOTIIN TAJAAJILAMA 54

5. TIKSEE FI GEGGEESSITOONNI KAN BIROON KAN

ISAAN GOCHUU QABAN 56

5.1. Mul’ata Waaqayyo Biraa Argataniin Saba

Waaqayyoo Geggeessuu 56

5
5.2. Waldaa Kristaanaa Lakkoobsaanis Jireenyaanis

Guddisuu 57

5.3. Barsiisuu 58

5.4. Tokkummaa waldaa Kristaanaa Eeguu 58

5.5. Humna Warra Kaanii Cimsuu 59

6. GEGGEESSAAN HAFUURAA AMALOOTA INNI

QABAACHUU ISA BARBAACHISU 63

6.1. Dandeettii of Qabuu fi Of Bituu 64

6.2. Mul’ata Qabaachuutu Irra Jira 67

6.3. Ogummaadhaa fii Hubannaadhaan Socho’a 68

6.4. Nama Murtoo Ta’uu Qaba 69

6.5. Ija Jabeessaa fi Murataa Ta’uu Qaba 70

6.6. Gad of Deebisuu Qaba 71

6.7. Amanamaa Ta’uu fi Garaa Qullaa’aa Qabaachuu 72

TAJAAJILA TIKSEE 74

SEENSA 74

GALMA BARUMSA KANAA 74

1. HIIKA TIKSEE 75

2. ULAAGAALEE TIKSEE 77

2.1. Waamicha Tajaajilaa Qabaachuu 77

6
2.2. Jireenya Hafuuraatti Fakkeenya Ta’uu 78

2.3. Leenjii Adda Addaa Fudhachuu 78

2.4. Muxannoo Tajaajilaa Qabaachuu 79

2.5. Waldaa Kristaanaatiin Muudamuu 79

3. ITTI GAAFATAMUMMAA TAJAAJILA TIKSEE 80

3.1. Karra Hoolotaa (Amantoota) Kunuunsuu fi Eeguu) 80

3.2. Amantoota Gorsuu 80

3.3. Amantoota Barsiisuu fi Leenjisuu 81

3.4. Amantoota Geggeessuu 81

4. AMALOOTA TIKSEE AKKA MACAAFA QUQULLUUTTI 82

4.1. Of Bituu 82

4.2. Maatii Isaa Ba’eessa Godhee Bulchuu 82

4.3. Waldaa Kristaanaa Keessatti Dhuga Ba’umsa Gaarii

Qabaachuu 83

4.4. Hawaasa Keessatti Dhuga Ba’umsa Gaarii Qabaachuu 83

5. TIKSEEN JIREENYA ISAA KEESSATTI DURSA KENNUUN

KAN IRRA JIRU 84

5.1. Waaqayyo 84

5.2. Maatii 84

5.3. Tajaajila 84

7
5.4. Jireenya Hawaasummaa 85

6. WANTOOTA TIKSEEN IRRAA OF EEGGACHUU QABU 85

6.1. Dhibaa’ummaa 85

6.2. Wantoota Sadii Diina Tajaajilaa Ta’an Irraa Fagaachuu 87

1. Ejja 87

2. Horii 87

3. Of Tuulummaa 88

KUTAA SHAN

IBSA GEGGEESSAA TAJAAJILAA 89

SEENSA 89

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA 90

AMALOOTA 12 GEGGEESSUMMAA TAJAAJILAA 90

1. Daggeeffachuu 90

2. O’a Argisiisuu 91

3. Fayyisuu 92

4. Hubachuu 92

5. Waliigalchuu 93

6. Ija Ogummaatiin Ilaaluu 93

7. Fageessanii Ilaaluu 94

8. Galfata Eeguu 94

8
9. Guddina Namootaatiif Gara Mureessa Ta’uu 95

10. Hawaasa Ijaaruu 96

11. Jaalala 96

12. Gad of Deebisuu 97

WABII 98

9
SEENSA BARUMSICHAA

Geggeessaan eenyu? Geggeessaan dhugaanis isa kami? Eessaas argama?


Geggeessaa malee jiraachuun in danda’amaa? Yeroon itti geggeessaan
hin jirre jiraawoo? Geggeessaan maaliif barbaachise? Geggeessaanis
maal ta’uu qaba? Barumsi itti lixaaa geggeessummaa fi tajaajila tiksee
kun gaaffiilee kana yaaduu fi ilaaluuf akka gargaarutti yaadamee kan
qophaa’ee dha.

Keessumaa rakkoon geggeessaa hundumaatti bubu’a. Geggeessitoonni


dhalatanii bu’aa ba’ii jireenyaa keessa darbuun barabaachisaa ta’uu
danda’a. Geggeessitoonni dhugaan garuu biyya keenya keessatti, waldaa
kristaanaa keessatti, mana keessatti, akkasumas biyya keessaa fi biyya
bakkeetti attamitti argamu? Kana jedhu bu’uura waa’ee geggeessummaa
irratti qorannaa gochuuf barumsa gargaaruu dha barumsi kun.

Muujulli kun kutaalee gurguddoo shanitti qoodamee dhihaateera.


Haaluma kanaan kutaan tokkoffaan hiika geggeessummaa, gosa
geggeessummaa fi amaloota geggeessaa gadi fageenyaan wal nu barsiisa.
Kutaan lamaffaan immoo barisiisa bu’uuraa Macaafa qulqulluun waa’ee
geggeessummaa, fakkeenyota geggeessitoota ta’an, akkasumas kakuu
moofaa fi haaraa gidduu kan jiru tokkummaa fi garaagarummaa jiru kan
ilaaluu dha. Kutaa sadaffaa keessatti yaada waa’ee geggeessummaa jiru,
moodeloota (fakkeenyota) gadi fageenyaan ibsama.

Kutaa afuraffaan immoo tajaajila tiksummaa ija geggeessummaatiin


ilaaluudhaan tiksummaa kana waldaa kristaanaa keessatti gara
sadarkaa guddaatti guddisuuf dandeettii jiru ilaalla. Dhuma irrattis kuta
shanaffaa keessatti geggeessummaa tajaajilaa kan jedhu isa Macaafa

10
Qulqulluu irratti hundaa’e geggeessummaa kan agarsiisu gosa
geggeessummaa irratti ibsa gadi fagootu kennama.

Biyya keenya keessas ta’e biyya bakkeetti dhaabbata hafuuraas ta’e


dhaabbata kan biroo keessatti kan mul’atu rakkoo geggeessummaa
waliin madaaluudhaan ogummaa geggeessummaa kanaan attamitti
furmaatni akka itti kennamu haala qabatamaa ta’een barattoonni akka
hubataniif ibsi bal’aan itti kennama.

Kanaafuu ya barata, muujula kana tasgabbii fi hubannaadhaan


dubbisuudhaan waa’ee barumsa kanaa hubannaa ga’aa argattee jireenya
dhuunfaa keetii, kan maatii keetii, kan waldaa kristaanaa keessaa
tajaajiltu, kan waajjira keessaa hojjettuu fi kanneen kana fakkaatan
keessatti karaa tokkoonis karaa biraadhaanis dhiibbaa akka uumuu
dandeessu, karaa fi bakka itti wantoota kana hojii irra oolchuu
dandeessu hundumaatti fayyadamtee beekumsa bu’uuraa kana
fayyadamtee hojiitti akka jijjiirtu hawwii fi kadhata keenya isa guddaa
dha.

Waaqayyo waan hundumaa keessatti hubannaa isaa siif haa kennu


jechaa gara barumsa kanaatti gammachuudhaan akka seentu si afeerra.

GALAMA BARUMSA KANAA AKKA


WALIIGALAATTI

Erga barumsa kana hundumaa barattee xumrutee booda:

 Maalummaa geggeessummaa gadi fageenyaan hubatta,

 Gosa geggeessummaa addaan baafattee isa kamiin yoo hojjetan


irra caalaa bu’a qabeessa akka ta’an hubatta,

11
 Amaloota geggeessaan kristaanaa qabaachuu qabu addaan
baafatta,

 Geggeessummaan akka Macaafa Qulqulluutti maal jechuu akka


ta’e ibsita,

 Kakuu moofaa fi kakuu haaraan waa’ee geggeessummaa maal


akka jedhu erga hubattee booda geggeessitoonni eenyufaa akka
ta’an kakuu lamaanuu keessaa tarreessita,

 Geggeessummaa fi tajaajila tiksee walitti dhufeenyaa fi garaa


garummaa isaanii addaan baafatta,

 Maalummaa tajaajila tiksee ibsita,

 Amaloota Tiksee akka Macaafa Qulqulluutti tarreessita,

 Waa’ee geggeessaa tajaajilaa hubannaa argatte ibsita.

 Walumaagala waa’ee geggeessummaa hubannaa argattee atis bara


jireenya keetti isa baratte hojiitti jijjiiruudhaan tajaajila
Waaqayyoon garaa cibsu tajaajiluudhaaf murteeffatta.

12
KUTAA TOKKO

MAALUMMAA, GOSAA FI AMALA GEGGEESSAA

SEENSA

Kutaa kana keessatti maalummaa geggeessummaa, gosa


geggeessummaa fi amala geggeessummaa gadi fageenyaan ilaalla.

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA

Erga barumsa kana barattee xumurtee booda:

 Maalummaa geggeessummaa akka waliigalaatti ibsita,

 Gosa geggeessummaa ibsita,

 Amaloota geggeessaan qabaachuu qabu addaan baafatta.

1. MAALUMMAA GEGGEESSAA

Geggeessitoonni eenyu fa’i? Geggeessummaanis maali inni?

o Gaaffii kanaaf namoonni hedduun kan deebii kennan, “Namoota


taayitaa ykn ooggansa” irra jiran, ta’uu danda’a.

o Yookaan immoo, “Dhaabbata hawaasummaa fi hafuuraa


garaagaraa keessatti bakki itti gaafatamummaa kennameefii
tajaajila ogummaa kan tajaajilan” ta’uu danda’a.

o Namoonni tokko tokko immoo, lakki; “Geggeessitoota kan ittiin


jennu geggeessummaa qofaaf Waaqayyo kan isaan uume,

13
geggeessummaadhaan alatti hojii biraa yookaan ogummaa biraa
qabaachuu kan hin dandeenye “Dhaloota Geggeessummaa” qofa
dha yommuu jedhan,

o Warri kaan immoo, “Geggeessitoota warri nuyi ittiin jennu hojii


kan irratti iyyuu yoo hirmaatan, itti dabalas namoota yookaan
dhaabbata sana geggeessuuf leenjii kan fudhatan, “Leenjifamtoota
dha” jedhu.

o Haa ta’u malee geggeessitoonni eenyu fa’i? Geggeessitoonni in


dhalatu moo in hojjetamu?

 “Geggeessitoota kan ittiin jennu namoota hundumaani dha”


jennee haa jalqabnu. Haa ta’u malee geggeessummaan
hafuuraa namnii hundumtuu kan qabaachuu danda’u
kennaa dimshaashaa miti.

 Namni kam iyyuu deemsa jireenya isaa keessatti geggeessaa


haa ta’u malee gosi geggeessummaa namaa namatti adda
adda ta’a.

Fakkeenyaaf:

 Akka beekamee jirutti ‘Isa Xiqqaa’ kan fakkaatu bakki


geggeessummaa gaa’ela keenya yommuu ta’u xiqqoo
fakkaatee haa ilaalamu iyyuu malee gaa’ela namnii
dhaabbate kam iyyuu ga’ee geggeessummaa isa guddaa kan
shaakalu mana isaa keessatti dha.

 Akka beekamee jirutti ‘Isa Guddaa’ kan fakkaatu bakki


geggeessummaa dhaabbata mootummaa fi miti mootummaa
keessatti qacaramanii ga’ee isaanii kan ba’anii dha.
Sanaanis ta’e kanaan namni kam iyyuu mana isaattis ta’e

14
bakka hojii isaatii fi tajaajila isaatti geggeessummaa hojii
irra oolcha.

 Kanaafuu geggeessitoonni kan ittiin dhalatanis kan


leenjifamanis ta’uu danda’u. Geggeessitoota keessatti itti
dhalachuus ta’e leenjifamuu keessatti geggeessummaa akka
inni wayyaa’u kan godhu:

Geggeessummaa akka Macaafa Qulqulluutti


hojii itti bobbaane hundumaa irratti ulfina
Waaqayyoof oolchuu yoo dandeenye qofa dha.

o Haa ta’u malee Geggeessummaan maali?


Geggeessummaan kennaa moo dandeettii dha?

 Hiiki jecha ‘Geggeessummaa akka waliigalaatti:

 Akka barreessaa beekamaa sanaa, Waaren Beenis (Warren Bennis)


tti yoo ta’e waa’ee maalummaa geggeessummaaf hiiki itti kenname
yeroo ammaatti gara dhibba saddeetii fi shantamaa (850) ga’eera.

 Akka namtichi ‘Robert Clinton’ ibsetti hojiin geggeessuummaa inni


ijoon saba Waaqayyoo karoora Waaqayyootti akka ga’an dhiibbaa
gochuu dha.

 Akka ‘Oswald Sanders’ geggeessummaa jechuun warra kaan irratti


dhiibbaa fiduu jechuu dha.

 Namoonni lama maqaan isaanii ‘Blackaby Henry and Richard’


hiika hedduu erga ilaalanii booddee geggeessummaa hafuuraa
jechuun namoota gara akeeka Waaqayyootti fiduu kan jedhuun
guduunfuu irra ga’aniiru.

15
 Akka ‘Oswald Sanders’ geggeessummaa hafuuraa maqaan
jedhamu kan hojjetu akka yaada Waaqayyootti geggeessuu kan
fedhu geggeessaa bakka kam irra iyyuu jiruu dha.

 Geggeessaan hafuuraa kaayyoo fi hawwii namootaa utuu hin ta’in


kan Waaqayyoo nama fiixaan baasuu dha.

 Kan nama ajaa’ibu garuu Macaafa Qulqulluu keessatti


keessumattuu kakuu haaraa keessatti jechi ‘Geggeessaa’ jedhutti
gooftaan keenya Yesus Kristos bakka tokkotti iyyuu itti hin
fayyadamne.

 Sababiin kanaas kakuu haaraa keessatti hiiki


geggeessummaadhaaf kenname gara tajaajilaatti jijjiiramni irratti
godhameera waan ta’eef.

2. GOSA GEGGEESSUMMAA /Leadership Styles/

Geggeessummaan akka waliigalaatti gosa sadiitu jira. Isaanis:

2.1. Geggeessitoota Ofiin Murteessoo /The


Authoritarian Style/

Geggeessitoonni akkasii amaloonni isaan ittin beekaman:

 Hamoo fi amala warra kan biraa gadi qabuu qabu,

 Yaada isaanii qofaan akka hojii irra oolu cimsanii mormu,

 Gaaffii tokko malee akka namoonni isaan duukkaa bu’an


barbaadu,

 Yaada namoota kaanii hin fudhatan,

16
 Hojjettoota kan biraa wajjin walitti dhufeenya uumuu hin
barbaadan; akka warri kaan isaanitti dhihaatan hin fedhan,

 Hojjettoota irra hojii qofa yaadu,

 Dogoggorri yeroo uumaman yeroo hundumaa rakkoo dhaga’uu


diduu nama sanaa akka ta’etti lakkaa’u.

2.2. Geggeessummaa Diimokiraatawaa


/Democratic style/

 Gosi Geggeessummaa kun karaa inni ofii isaa


mul’isu:

 Namoota wajjin hojjetan hundumaa akka isaan ija qaboota ta’aniif


dhamaasuu hedduu godha,

 Warri kaan akka isaan yaada isaanii fi miira isaanii ibsatan


jajjabeessa,

 Murtoo kennuu irratti murtoo kan hunda isaanii hirmaachisu


akka murtaa’u godha,

 Warra kaaniif utuu hin ibsin, utuu isaanitti hin beeksisin homaa
iyyuu hin murteessan,

 Warrii kaan ga’umsa isaanii hamma agarsiisanitti


birmadummaadhaan akka hojjetan taasisu,

 Yeroo hundumaa jijjiiramaaf kan qophaa’anii dha,

 Dhuunfaa dhuunfaadhaan ija qabeessa ta’uuf dhama’uu irra


waliin ta’anii ija qabeessa akka ta’uun isaan irra jirutti amanu.

17
2.3. Geggeessummaa Gurmuu /Team
Leadership/

 Waliin ta’anii gurmuudhaan kan murteessanii


dha.

 Waliin kan hojjetamuu dha,

 Namoota baay’eedhaaf yookaan kan hunda


isaaniif dhaabbatee dha.

18
KUTAA LAMA

GEGGEESSUMMAA AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI

SEENSA

Kutaa kana keessatti Macaafa Qulqulluun waa’ee geggeessummaa maal


akka inni jedhuu fi geggeessummaan kakuu moofaa fi kakuu haaraa
keessattii akkamittiin akka hubatamu; geggeessitoonnis eenyufaa akka
isaan turan baratta.

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA

Erga barumsa kana barattee xumurtee booda:

 Geggeessummaan akka Macaafa Qulqulluutti maal akka ta’e


hubatta.

 Geggeessummaa kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessatti maal


jechuu akka ta’ee ibsita.

 Geggeessitoonni kakuu moofaa fi kakuu haaraa eenyufaa akka


isaan turan ibsita.

 Qajeelfamoota Waaqayyoo karaa Macaafa Qulqulluu waa’ee


geggeessummaaf kennu gadi fageenyaan hubattee atis tajaajila kee
keessatti hojii oolchuuf murteeffatta.

19
1. GEGGEESSAA AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI

 Waaqayyos ta’e namoonni; dhaabbattoota garagaraa fi


tajaajila kristaanummaa irrattii namoonni geggeessitoota
dhugaa barbaadaa jiru.

 Waaqayyo nama ofii isaatii geggeessummaadhaaf akka


barbaadu Macaafa Qulqulluu keessattii irra deddeebi’amee
caqasameera.

 Waaqayyo addumaan namoota baay’ee utuu hin ta’in, nama


tokko, gurmuu utuu hin ta’in nama dhuunfaa isaaf of kenne
barbaada (1 Sam. 13:14; Erm. 4:25; 5:1; His. 22:30).

 Waaqayyo namni inni barbaadu ulaagaalee hafuuraa nama


guutuu fi irraa kan eegamu gatii kaffaluu namni danda’u
yoo argame, karaa biraatiin immoo dadhabaa fi hir’uu yoo
ta’e iyyuu Waaqayyo akkaataa dinqisiisaadhaan utuu itti
gargaaramuu Macaafa Qulqulluudhaa fi seenaa Waldaa
Kristaanaa keessaa ilaaluun ni danda’ama (Fakkeenyaaf
Musee, Geediyoon, Daawit, Maartiin Luutar).

 Ergamni Waldaa Kristaanaa kan Waaqayyo biraa kennamu


waan ta’eef tilmaamaa fi yaada namaattii adda kan ta’an
geggeessitoota ishee barbaachisa. Itti gaafatamummaan
geggeessaa ulfaataa fi guddaa dha. Waldaan Kristaanaa
dirqama isheetii fi itti gaafatamummaa ishee dhaloota itti
aanutti dabarsuu akka dandeessutti aboo ishee kanatti
fayyadamuudhaan kan ergama ishee kana fiixaan baasan
geggeessitoota dhugaa fi aarsaa ta’uudhaan tajaajilan
baay’ee ishee barbaachisa.

20
 Geggeessaan waldaa Kristaanaa yeroo aarsaa ta’uudhaan
biyya lafaa kana keessatti fakkeenyummaadhaan geggeessu
namoonni gammachuudhaan isa duukkaa bu’u. Waa’ee
geggeessummaa yeroo yaadnu sammuu keenyatti kan
dhufu, dandeettii uumamaan nama haara’ee fi nama cimaa,
beekumsaanis warra kaan caalee kan argamuu dha.
Geggeessitoonni tajaajiltoonni dhugaan kaayyoo itti
amananiif jecha dhiphachuuf kan garaa kutatan, garaa
isaanii guutuu abboomamuuf kan qophaa’anii dha.

2. AMALA GEGGEESSUMMAA

 Geggeessitoonni hafuuraa namootaan kan filatamanii fi


koree addaatiin namoota muudaman miti.

 Geggeessitoota kan kaasu Waaqayyo qofaa dha.

 Geggeessummaa keessatti bakka murteessaa fi hiiktuu ta’e irra


taa’uu qofti nama tokko geggeessaa dhugaa isaan hin godhu.

 Barumsaa fi leenjii adda addaa fudhachuunis


geggeessummaadhaaf ga’aa nama hin taasisu.

o Namni tokko ga’umsa geggeessummaa kan qabaatu ulaagaalee


isa irraa barbaadaman guutee yeroo argamu qofa dha.

 Waldoonni Kristaanaa geggeessitoota dhaabbata isaanii


muuduu ni danda’u.

 Aboo hafuuraa garuu kennuu hin danda’an.

o Geggeessaa Kristaanaatiif wanti baay’ee barbaachisaan aboo


hafuuraa ti. Geggeessaan hafuuraa dhimma Hafuura Qulqulluu
ti.

21
 Isa kana kennuu kan danda’u Waaqayyo qofa.

 Yeroo baay’ee aboon hafuuraa kan dhufu barbaadanii


utuu hin ta’in, utuu hin barbaadini dha.

 Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhimmi geggeessaa


ta’uu filannoo Waaqayyoo ti malee firii eenyummaa
namootaa akka hin taane Gooftaan ergamootatti ifaa
godheera.

 Mootummaa Waaqayyoo keessatti bakka ol kan qabatan


utuu eenyu isaan hin beekin ofii isaanii kan qopheessanii
fi ga’aa ta’anii warra argamanii dha. (Mar. 10:43-44).

3. KAKUU MOOFAAN WAA’EE GEGGEESSUMMAA


MAAL JEDHA?

o Geggeessummaan Waaqayyo biraa kan kennamuu dha (Uma.


3:10; 33:12).

 Waaqayyo saba isaa akka geggeessaniif warra fo’ate, ofii isaaniittis


saba sanattis fo’atamuu isaanii in beeksisa ture.

o Aboon geggeessummaa harka nama tokkoo keessa qofa akka


ta’u fedha Waaqayyoo hin turre.

o Tajaajilli geggeessummaa tajaajila itti gaafatamummaa qabuu


dha (Lew. 4:22).

 Museen dhagaa sana aariidhaan waan rukuteef Waaqayyo


akka Museen biyya abdachiifame sanatti hin galle godhe.

 Geggeessummaan yeroo qophaa’ummaa akka qabaatan


barbaada.

22
 Geggeessummaan waan hafuuraatiif eeggannaa gochuu
gaafata. Cubbuu hojjechuu irraa of eeggachuu gaafata.

 Geggeessummaan waa’ee hojimaata dhaabbata sanaaf


hubannaa ga’aa qabaachuu gaafata.

 Geggeessummaan waa’ee Waaqayyoo fi dubbii isaatiif


hubannaa ga’aa qabaachuu gaafata.

 Geggeessummaan tajaajila warra kaan kan ittiin tajaajillu


malee tajaajila ofii keenya kan ittiin tajaajillu miti.
(Keessumattuu Kakuu Haaraa keessatti)

o Geggeessummaan tajaajila galfata itti fuudhanii dha.

o Geggeessummaan tajaajila geggeessitoonni warra kan biraa ittiin


qaranii dha.

4. KAKUU HAARAAN WAA’EE GEGGEESSUMMAA


MAAL JEDHA?

o Geggeessummaan Hafuura Qulqulluu biraa kan kennamuu dha.

o Geggssummaan tajaajila gad of deebisanii warra kaaniif hojjechuu


ti. (Yoh. 13)

o Geggeessaa ta’uun tajaajilaa yookaan hojjetaa ta’uu dha (Yoh. 13)

o Geggeessummaatti Waaqayyotu nama waama malee namatu ofiin


jaal’atee fudhata miti (Mat. 16:18-19)

23
5. QAJEELFAMOOTA MACAAFA QULQULLUUN
WAA’EE GEGGEESSUMMAAF KENNU

 Geggeessitoonni warra biyya lafaas ta’e kan hafuuraa itti


gaafatamummaan isaanii ulfaataa ta’uu isaa irraan kan ka’e
Macaafa Qulqulluun Geggeessummaa fi Geggeessaa jecha jedhu
kan itti fayyadame yeroo ja’a qofa ta’uun isaa baay’ee nama
ajaa’iba.

 Yeroo sadii lakkoobsa baaqqeedhaan yommuu gargaaramu, yeroo


sadii immoo ‘Geggeessitoota’ kan jedhu lakkoobsa baay’eetti
gargaarame.

 Kanaaf geggeessaan inni jalqabaa Kristos Yesus kan hundeesse


mootummaa sana keessatti inni tokko isa kan biraa kan ittiin
tajaajilu malee, inni tokko isa kan biraa irratti gooftummaa kan
qabaatu hin turre. (Fakkeenyaaf: Musee)

 Tajaajiluu irra tajaajilamuu kan jaal’atu utuu hin ta’in faallaa isaa
tajaajilamuu irra tajaajiluu kan filate ture Yesus. Bara biyya lafaa
irra turee barumsa barsiisaa ture sanattis barsiisi isaa akka hin
fudhatamne Yesus ba’eessa godhee beeka ture.

 Har’as taanaana akka Yesus barsiisetti namoonni tajaajilan


baay’ee yartuu dha.

 Geggeessummaan hafuuraa firummaadhaan kan argamu miti.


Fakkeenyaaf: Yaaqob fi Yohannis karaa haadha isaanii
geggeessummaa akka argataniif kadhatan Mat. 19:28).

o Geggeessummaan Hafuuraa filannoo Waaqayyoo irratti kan


hundaa’ee dha (Mar. 10:40).

24
 Utuu nu ta’ee xiyyeeffannaa kan itti kenninu
geggeessummaan hafuuraa dhimmuma kanaaf ofii
isaanii kennanii kan of qopheessaniif ta’uu qaba
jechuudhaan yaada mataa keenyaatiin kan itti muudnu
ture.

 Yesus garuu kanattii adda kan ta’e qajeelfama nuuf


kennee jira. Namni tokko nama kamittii iyyuu adda kan
ta’ee fi guddaa, beekumsa dubbii Waaqayyoo
qabaachuuttis warra kaan kan caalu yoo ta’e iyyuu,
hammam leenjii yoo fudhate iyyuu qofaa isaa geggeessaa
hafuuraa milkoomee fi ija qabeessa akka ta’u isa hin
taasisu (Yoh. 15:16).

o Geggeessummaan hafuuraa rakkinaa fi muddama kan of


keessaa qabu ta’uun isaa waan hafu miti (Mar. 10:38).

 Tajaajilaa mootummaa isaa ta’uun gatii kan nama


kaffalchiisu ta’uu isaa Yesus ifaatti shakkii tokko malee
dubbatee jira.

 Hojii isatti kenname isa ulfaataa sana galmaan ga’uuf


hamma du’aatti illee kan ofii isaanii kennan dukka
buutoti akka barbaachisan utuu hin dhoksin isaanitti
himee jira.

 Guddaa ta’uun kan argamu hojjetaa yookaan tajaajilaa


ta’uudhaan dha. Dura ta’uun kan argamu dura hojjetaa
namoota hundumaa ta’uudhaan dha. Kunis wanta isaan
naasisu isaanitti ta’e (Yoh. 13:15; 1 Phe. 2:21).

o Aboo geggeessummaa isa guddaa argachuun kan danda’amu


warra kaan tajaajiluudhaan dha.
25
 Gooftaan keenya Yesus Kristos kana yommuu dubbatu
namoonni hafuura hin taaneen karaa dalgaatiin ka’anii
warri tajaajilanis hin argatu jechuu isaa miti.

6. DANDEETTII UUMAMAATII FI GEGGEESSUMMAA


HAFUURAA GIDDUU GARA GARUMMAA JIRAN

(1 Qor. 2:1-4)

o Geggeessaan hafuuraa namoota kan harkisu gaarummaa isaa


qofaan utuu hin ta’in, gaarummaan isaa Hafuura
Qulqulluudhaan kaka’ee yeroo dadammaquu dha.

o Dandeettiin geggeessummaa namaa wajjin kan dhalatuudha


moo erga dhalatanii booda dandeettii argatamuu dha?

o Deebiin isaa inni sirriin lamaan isaanii iyyuu ga’ee mataa


isaanii qabu.

o Geggeessummaan kallattiidhaan Waaqayyoon kan kennamu


yommuu ta’u karaa kan biraa immoo akkuma dandeettii kan
biraa foyya’uu fi guddachuun isa irra akka jiru ifaa dha.

o Dandeettiin uumamaa fi geggeessummaa hafuuraa qabxiilee


ittiin wal fakkaatan baay’ee yoo qabaatan illee kan ittiin adda
ba’an tokko tokkos akka qaban ifaa dha. Kanas kanneen
armaan gadiitiin ilaaluun ni danda’ama.

Geggeessaa Uumamaa Geggeessaa Hafuuraa

- Ofii isaatti amana - Waaqayyoon amanita

- Namoota beeka - Waaqayyoonis beeka

- Ofii isaatii murteessa - Fedha Waaqayyoo hubatee murteessa


26
- Ofii isaatiif waan guddaa - Ofii kan ganee dha

Hawwa

- Ogummaa fi mala ofii isaatti - Kaayyoo fi fedha Waaqayyootti


hirkata

- Warra kaan gargaaruu jaal’ata - Waaqayyoof abboomama

- Bu’aa ofiitiif fiiga - Waaqayyoo fi namoota gammachiisa

- Karaa ofii isaa irra adeema - Karaa Waaqayyoo irra adeema.

o ‘A W Tozer’ waa’ee geggeessaa hafuuraa yommuu dubbatu,


geggeessaa dhugaan fedha warra kan biraa geggeessuu hin qabu.
Geggeessummaan Hafuura Qulqulluu keessa isaa jiruu fii
dhiibbaan alaa namni sun akka inni geggeessaa ta’u isa dirqisiisu.
Musee fi Daawit, akkasumas raajota kakuu moofaa irraa kan nuyi
barannu isuma kana.

o ‘General Lord Mont Gomeri’ kan jedhaman ajajaa waranaa


ogummaa fi hubannaa isaan waa’ee geggeessummaaf qaban
namoota dhugaa ba’ameef keessa tokko yommuu ta’an, geggeessaa
sirrii ta’uu kan ilaallatu ulaagaalee kaa’anii jiru. Yeroo waraanaatti
loltoota waraanaa namni geggeessuu irra jiru kan inni guutuu
qabu qabxii torba tarreessanii jiru.

A. Teellaa (booda) goree haala jiru hordofa malee dhimmoota tokko


tokko gidduu hin seenu.

B. Yaadni isaa dhiphaa waan hin ta’iniif jechootaa fi ceephoo


xixiqqoodhaaf haajaa hin qabaatu.

C. Argamuu nama barbaaduu fi of jajaa miti.

27
D. Hojii fi itti gaafatamummaa tokkoon tokkoon isaatiif namoota
madaalan filachuu itti beeka.

E. Namoota isaa wajjin hojjetan irraa amantii qaba.

F. Ga’umsa murtoo ifaa fi qajeelaa dabarsuu qaba.

G. Namoonni amantii isaanii akka isa irratti gatan gochuu


danda’a.

7. WAA’EE GEGGEESSUMMAAF QAJEELFAMA


ERGAMAA PHAAWULOS

o 1 Xim. 3:2-7

 Geggeessitoota gurguddoo irraa wanti nuyi arginu


amalli walitti isaan qaban yoo jiraate dandeettii
geggeessummaa gabbifachuu kan danda’an deemsa
keessa dha.

 Phaawulos ergamaan waldaan kristaanaa kan


oomishte geggeessitoota filatamoo keessaa isa tokko
ture.

 Ergamaan Phaawulos barsiisota seeraa turban


Yihudonni qaban keessaa tokko kan ta’e Gamaali’eel
irraa miilla isaa jala taa’ee waa’ee geggeessummaa
barate. Kunis beekumsa kakuu moofaa akka inni gadi
fageenyaan argatu isa dandeessiseera (Gal. 1:14).

 Tajaajilli geggeessummaa Phaawulos Kristosiin giddu


galeessa kan godhate ture.

28
 Tajaajilli geggeessummaa Phaawulos jaalala Phaawulos
Kristosiif qabuun kan boba’e ture.

 Jaalala Kristosiif qabu irraa kan ka’es itti


gaafatamummaa jalaa ba’uu hin dandeenyeef hidhamaa
ta’eera.

o HoE. 20:17 fi 28

 HoE. 20:17 fi 28 irraa Ilaaltuu (Ephisqoophoos) fi


Jaarsolii waldaa jedhamanii kan waamaman hojii
ququllummaa barbaaduuf maqaa kenname dha.

 Jaarsa Waldaa yommuu jedhu ulfina isaa fi aboo isaa


agarsiisa.

 Ilaaltuu (Ephisqoophoos) hojii fi tajaajila isaa agarsiisa.

8. WAA’EE GEGGEESSUMMAAF QAJEELFAMA


ERGAMAA PHEXROS

o Phexros ergamoota keessaa geggeessaa fudhatama argate


ture. Kanaafis geggeessitoonni attamitti hoolota eeguun
akka isaaniif ta’u muxannoo isaa irraa ka’uudhaan
geggeessitootaaf qajeelfama kenneera (1 Phe. 5:1-7).

 Geggeessaan kaayyoo qabaachuu qaba (1 Phe. 5:2).

 Bara Phexros ergaa isaa kana barreessetti garaa namaa kan


rukutu rakkina guddaatu ture, Haa ta’u malee garuu
geggeessitoonni rakkina kanaan utuu abdii hin kutatin, utuu hin
na’inis jabaatanii eeggannaadhaan geggeessuu akka qaban gorsa
kenna.

29
 Geggeessaan tajaajila isaa caalaatti bu’aa isaa
dursuun isa irra hin jiru.

 Phexros “Bu’aa nama yeellaasisu ……..” yeroo jedhu dirqama


qarshii yookaan horii qofa jechuu isaa miti. Beekamtii, taayitaa fi
kkf barbaaduu kan of keessatti hammaatuu dha.

 Akkasumas yaadaa fi hawwii hamaa keessa namaatii ka’u, wanta


fedha Waaqayyoo hin taane hundumaa kan keessatti qabatee jiruu
dha. Isaan kun hundumtuu geggeessaa kan kuffisan qormaata
hamoo dha.

 Geggeessaan hafuuraa dubbii afaan isaatii fi hojii


isaatiin fakkeenya ta’uu qaba (1 Phe. 5:3).

 Hoolonni Waaqayyo biraa kan namatti kennaman waan ta’aniif


akka fedha Waaqayyootti saba sanaaf kadhachuu, barsiisuu,
ifachuu fi jireenya gaarii jiraachuudhaan fakkeenya gaarii ta’uufiin
barbaachisaa dha.

 Yeroo hundumaa bakka aboon yookaan taayitaan jirutti of


tuulummaan jira. Waaqayyo immoo of tuultotaan tajaajilamuu hin
barbaadu.

 Gatiin Geggeessummaa guddaa dha (1 Phe. 5:4).

 Bara Phexros sanatti namoonni baay’een daraaraa fi baala jiidhaa


irraa gonfoo hojjetame badhaafamu turan.

 Daraaraan yookaan baalli yeroo muraasa booddee coolliganii badu.


Geggeessitoonni dhugaan kan fudhatan badhaasni kan hin
coolligne, kan hin gognee fi raawwatee kan hin badnee dha.

30
 Geggeessaan tajaajila isaa ilaalchisee yoo hojiin itti ulfaate angani
tiksootaa ba’aa isaa kana akka isa gargaaru abdii isaa kenname
dagachuu hin qabu (Mat. 11:29-30).

 Kanaaf dhiphachuu fi sodaachuun barbaachisaa miti. Phexros


yeroo barreessu, “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan
hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa” jedha (1 Phe. 5:7). Abdiin
kun kan amanamaa dha.

 Geggeessaan hafuuraa yeroo hundumaa ba’aa isaa Waaqayyottii


kennachuu shaakala isaa godhachuu qaba.

9. ULAAGAALEE GEGGEESSUMMAA KALLATTII


ADDA ADDAATIIN

9.1. Ulaagaalee Jireenya Hawaasummaa

 Geggeessaan tokko hawaasa naannoo isaa jiru biratti


kan waan ittiin komatamu hin qabne, amala isaatii fi
hojii isaatiin mudaa kan hin hin qabne ta’uu qaba.

 Geggeessaan Hafuuraa akka geggeessu sana ta’ee kan


geggeessu yookaan kan hojjetu ta’uu qaba. Namoota
hin amanne gidduutti kan kabaja qabu, amantiin kan
irratti gatamu qabuu qaba. Jireenyi fakkeenyummaa
kun afaaniin dubbachuu irra kan caalu hojiidhaan
kan dhugaa ba’ameef ta’uun isa irra jira.

9.2. Ulaagaalee Amalaa (Ethics)

 Yeroon ammaa kun yeroo itti biyya lafaa kan irraa


amalli namootaa manca’ee fedha Waaqayyoo irraa
fagaatee jiruu dha. Baruma akkasii kan keessa egaa

31
geggeessaan tokko amala isaa namoota naannoo isaa
irraa adda akkaataa ta’een akka fedha Waaqayyootti
jiraachuu qaba. Kun kan gatii isa kaffalchiisu yoo ta’e
illee ciniinnatee yaada Waaqayyoo keessa jiraachuu
qaba. Kanaafis nama haadha manaa tokkittii qabuu fi
nama ofii isaa to’ate ta’uun isa irra jira.

9.3. Ulaagaalee Yaada Sammuu

 Geggeessaan kan yaada ofii isaa bitu yookaan


to’achuu danda’u ta’uu qaba. Kunis keessa isaa kan
jiru miira isaa to’achuu dha. Sababiin isaa sammuun
keenya kun fedhaa fi hawwii keessa keenyaa kan
ittiin to’annu, kan ittiin of to’annuu dha.

 Jireenyi sirna qabeessi firii yaadaa fi sammuu sirna


qabeessaa ti. Wanta toora gad dhiise toora
qabachiisee qaqqajeelchuun amala Waaqayyoo ti.
Kanaaf geggeessaanis jireenyi isaa kan kabaja qabuu
fi sirna qabeessa ta’ee deddeebi’uun isa irra jira.

 Geggeessaan warra kan biraa barsiisuu kan danda’u


ta’uu qaba. Ga’umsa kanaaf immoo ofii isaatii
Macaafa Qulqulluu irraa kan baratee fi kan itti fufee
baratu ta’uun isa irra jira.

9.4. Ulaagaa Namootaa Wajjin Walii Galuu

 Geggeessaan Kristaanaa waan hundumaatti tasgabbii kan qabuu


fi nama warra geggeessu sana hin cunqursine ta’auu qaba. Waan
hojjetuu fi tarkaanfii fudhatu hundumaatti sababii ga’aa irratti
hundaa’uudhaan raawwachuu fi namootaa wajjin walii galee
hojjechuu qaba.
32
 Geggeessaan keessummoota kan simatu ta’uu qaba. Waa’ee
keessummoota simachuu Phaawloos yeroo barreesse isa bara
ammaa caalaatti tajaajilli akkasii bar asana baay’ee barbaachisaa
ture.

 Bara waldaa kristaanaa ishee duriitti manni keessummaa itti


simatan (Hoteelonni) baay’ee yartuu turan. Isumaa iyyuu bakka
itti hojiin xuraa’ummaa itti raawwatamu ture. Bifa adda
addaatiinis Kristaanota irratti ari’atamni waan tureef biyyicha
keessatti keessummoota kan ta’an kristaanonni akka garbaatti
bara itti gurguramaa turanii dha. Kanaafuu geggeessaan
kristaanaa namoota akkasii kana simachuu danda’uun irra jira.

 Geggeessaan jireenya isaatti nama sassataa fi horii gar malee


jaallatu goonkumaa ta’uu hin qabu.

9.5. Jireenya Maatii

 Geggeessaan nama gaa’ela qabu ta’uun isa irra jira. Sababiin isaa
hojiin geggeessaa inni xinnaatti ilaalamu yookaan dandeettiin
geggeessummaa kan keessatti argamuu fi raga ba’amuuf maatii
isaa keessatti. Kanaafi dha kan Macaafa Qulqulluun, “Nama mana
isaa bulchuu danda’u” kan jedheef.

 Geggeessaan tajaajilli geggeessummaa isaa akka fiixaan isaaf


ba’uuf, mul’ati hafuuraa isaa akka galma ga’uuf kan isa gargaartu,
aarsaa barbaachisaa ta’e kaffaluuf qophooftuu kan taate haadha
manaa qabaachuu qaba.

 Haadha manaa sirrii filachuu dadhabuu isaanii irraa kan ka’e


tajaajiltoonni kennaa baay’ee qaban jireenya hafuuraa isaaniitti ija
qaboota ta’uu hin dandeenye.

33
 Kanatti dabalee bilchinni hafuuraa geggeessummaa
gaariidhaaf baay’ee barbaachisaa dha.

 Lamaan isaanii iyyuu goonkumaa kan addaan ba’an miti.


Kanaafuu gooftaa yeroo dhihootti kan fudhate (kan amane) itti
gaafatamummaan hafuuraa itti kennamuu hin qabu.

 Dandeettii adda addaa yoo qabaatan iyyuu kristaanota haaraatti


bakka hiiktuu kennuun waan deggeramu miti. Muudamni akkasii
waldaa kristaanaatiifis nama sanaafis hin fayyadu.

10. DANDEETTII GEGGEESSUMMAA GUDDISUUF


WANTOOTA GUUTAMUU QABAN

10.1. Sagalee Waaqayyoo fi Hojiidhaan


Qophaa’uu (1 Xim. 3:2-7)

 Tajaajila fuula duratti isaan eeggatuuf bartootni isaa


akka jabaatanii fiixaan baasaniif sagaleedhaanis
hojiidhaanis isaan leenjisaa ture.

 Barumsichi carraa argatetti fayyadamuudhaan


beekumsa isaan qabachiisuuf kan barsiifamanii dha,
akkuma namni tokko mana barumsaa galee
baratuttis barumsa hojiidhaan deggaramee dha ture.

 Kanaaf barumsichi jireenya keessatti bu’aa ba’ii jiruuf


muxannoo jiru, amala geggeessummaas kan gabbisu
ture. Haala mijataatti, yeroo kufaatiitti, guyyaa
guyyaatti wantoota barbaachisan hundumaa
amantiidhaan jiraachuu isaan barsiisaa ture (Luq.
10:17-24; Mar. 9:14-29).

34
10.2. Dammaqanii Hojjechuu

 Gara fuula duraatti geggeessaa guddaa namni ta’u


warri kaan yeroo akkasumaan yommuu balleessan
inni garuu dammaqee hojjeta. Warri kaan yeroo rafan
inni jabaatee qo’ata. Warri kaan yeroo bashannanan
inni in kadhata.

 Hafuura Qulqulluudhaan guutamuudhaaf ofii isaa


dabarsee kenna. Geggeessaan Hafuura
Qulqulluudhaan guutame barbaachisaa taanaan
haala kamiin iyyuu, yookaan immoo nama fuulaa
fuulatti dhaabbatee ittiin qabuuf gara boodaatti hin
deebi’u. barbaachisaa taanaan gatii kaffaluuf
qophaa’aa dha.

 Baay’een keenya namoota ifatamuu qaban jaalalaan


ifachuudhaaf amanamoo miti. Garuu amaloota nuyi
gabbisuu qabnu keessaa inni kun isa tokko.

10.3. Warra Kaan Irraa Barachuuf


Qophaa’uu

 Geggeessaa dhugaan beekumsa warra kaaniif hiruu


qofa utuu hin ta’in, warra kaan irraas fudhachuuf kan
of kennee fi kan qophaa’e dha.

10.4. Nama Mul’ataa Ta’uu

 Namoota bara isaanii keessa jiran irratti dhiibbaa


uumuu kan danda’an namoonni warra kaan irra
fageenyaa fi bal’inaan ilaaluu kan danda’an, namoota

35
mul’ataa fi namoota amantii waan turaniif dha. Kanaaf
geggeessaan mul’ata isaa gabbifachuu qaba.

 Mul’ata jechuun isa amma yeroo keessatti mul’atu kan


irra ceesisanii isa haguugamee jiru isa ija araara
Waaqayyoon marfamee jiru ilaaluu danda’uu dha.

 Geggeessaan akka Museen isa tulluu irratti Waaqayyo


isatti kenne gabatee kakuu sana sabaaf ibse sana, innis
isa Waaqayyo isatti kennee fi agarsiise saba geggeessaa
jiru sanatti agarsiisuu kan danda’u nama mul’ataa ti.

 Mul’atii amma kan jiru qofa utuu hin ta’in gara fuula
duraatti wantoota ta’an warra kaan dursanii arguu of
keessatti haammata.

 Murtoowwan dabarsinuu fi karoora hojii irra oolchinu


firii isaan agarsiisan gadi fageenyaan hubachuu fi
gadhees ta’e gaarii itti gaafatamummaa fudhachuuf
qophaa’uu dabalata.

10.5. Murtoo Kennuu Shaakaluu

 Geggeessaan amaloota inni gabbifachuu qabu


keessaa tokko murtoo kennuu dha. Odeeffannoo, raga
fi dhugaa ga’aa erga argatee bood yeroo isaatti
murtoo kennuun mallattoo geggeessaa dhugaa tokkoo
ti.

 Namni mul’ata argate tokko mul’ata sana hojii irra


oolchuuf tarkaanfii fudhachuu qaba. Yoo kana
ta’uudhaabaate nama akkasumaan abjuu abjoote
ta’ee hafa. Murtoon inni kennu garuu dhugaa irratti

36
kan hundaa’ee fi haqa kan of keessaa qabu ta’uu
qaba.

10.6. Obsaa fi Gara Balleessa Ta’uu

 Abbaa waldaa Kristaanaa kan ta’e Yohannis Afawarq


kan jedhamu yeroo dubbatu, Obsi giiftii waan gaarii
hundumaa ti jedha. Kunis yeroo baay’ee dubbatama.
Yeroo baay’ee nuyi obsa akka dadhabinaattii fi waan
hundumaa amen jedhanii fudhachuutti waan
fudhannuuf hiiki isaa bara kana waan hubatame hin
fakkaatu.

 Obsi mo’amuudhaaf harka kennuu jechuu miti. Obsi


nama tokkoo kan ilaalamu walitti dhufeenya inni
namootaa wajjin godhuunii dha. Gooftaan keenya
Yesus Kristos Phexros isa jarjaraa sana, Yihudaa isa
qarshii jaallatuu fi hattuu sana, isa suuta jedhu
Yohannisii fi isa dheekkamaa Indiriyaasiin obsaan
danda’ee akeeka isaatiif isaan qaraa ture.

10.7. Geggeessaan Namootaa Wajjin Kan


Walii Galuu fi Hiriyummaa Uumuuf Nama
Mijatu Ta’uu Qaba.

 Geggeessaan tokko baay’ina hiriyoota inni qabuu fi ga’umsa


isaatiin madaalamuu danda’a. Phaawloos inni jaarsi Ximotewos
isa dargaggeessa, Luqaasii fi namoota ammayyaa bara isaa keessa
jiranii wajjin waliigalee nama tajaajilaa turee dha.

37
 Mootichi Daawit namoota akka kanatti ittiin boonuuf fedha
qaboota ta’an oomishoo kan danda’e namootaa wajjin walii galuu
danda’uu isaatiini dha (2 Sam. 23:15-16).

 Gooftaan keenya Yesus Kristos Daawitii fi Phaawloos irra caalaatti


duuka buutota hedduu of duukaa fuudhee geggeessaa kan ture
jaalalaa fi hafuura michummaatiin ture (Yoh. 13:10; 21-27).

10.8. Geggeessaan Nama Mala Qabuu fi


Sammuu Dammaqaa Qabu Ta’uu Qaba.

 Geggeessaan abshaala ta’uu qaba.

 Abashaalummaa yeroo jennuu waa’ee dandeettii waa madaaluu


dubbachuu keenya. Dandeettii kana yeroo gabbifannu yeroo
isaatti waan ta’uu qabuu fi waan sirrii dhiheessuuf dammaqoo
taana. Yaada ijaarsaa nuuf dhihaatuuf namoota nama
galateeffatanii fi dinqisiifatan taana. Morkii hin barbaachifne
wantoota fiduu danda’an eeggannaadhaan qabuu dandeenya.

 Fakkeenyaaf: Dubartii kophee bitattu tokkoon “Giifti miilli kee


guddaa waan ta’eef kopheen kun sitti ta’uu didee?” jechuu moo
“Giifti kopheen kun waan xiqqoo ta’eef sitti ta’uu didee?” jechuu
wayya. Isa duraa irra, “Giifti kopheen kun waan xiqqoo ta’eef sitti
ta’uu didee?” jechuutu filatama. Inni tokko miira maamila isaa
utuu hin miidhin tooftaadhaa fi abshaalummaadhaan itti
dubbachuun barbaachisaa dha. Namoonni baay’een garuu
hubannaa malee dubbachuudhaan maamila dhabaa jiru.

38
11. AMALOOTA IJOO GEGGEESSAAN QABAACHUUN
IRRA JIRU

o Haalota hundumaaf kan walii galu gosi Geggeessummaa


hin jiru. Geggeessummaa keessatti kan wal qabatan
wantoota sadiitu jira.

 Dhamaatii, dandeettii fi rakkoo Geggeessichaa

 Gaaffii fi fedha Gurmuu

 Haalli ture sun wanta inni gaafatu.

o Geggeessaan amala isaatti haala keessatti kan hojjetuu


dha. Gurmuun nuyi geggeessinuuf haalli nuyi keessatti
hojjennu gosa geggeessummaa keessatti geggeessaa jirruun
murteeffama.

 Adeemsa Geggeessummaa keessatti kan uumaman


wantoota lamatu jira:

 Waa’ee hojii qafa yaaduu,

 Waa’ee walitti dhufeenyaa qofa yaaduu.

 Isaan armaan olitti caqasaman lamaan keessaa isa


tokko qofa irratti xiyyeefachuun hojicha baay’ee
miidha. Kaanaaf waliin madaaluudhaan itti
hojjechuun barbaachisaa dha.

o Gosa geggeessummaa hordofaniif geggeessitoonni


murteeffachuu yoo barbaadan dhimmoonni gaaffii kan itti
uuman kanneen armaan gadii ta’uu malu:

 Hammaman diimokiraatawaa ta’uu danda’aa?

39
 Hammaman nama ajajuu danda’u ta’aa?

 Hammaman nama naan morkatu ofitti dhiheessuu


danda’aa?

 Hammaman gorsa warra ani wajjin hojjedhuu


dhaga’uu danda’a?

 Gurmuudhaan murteessuun gaarii dha. Ta’us yeroo


baay’ee kan gaafatu waan ta’eef maal gochuun qaba?

 Namootaaf itti gaafatamummaa qooduun hojiitti


kaka’umsa uuma. Ta’us nama tokkoon kan murtaa’u
utuu ta’ee ariitiitti murtaa’a ture. Kanaaf isa kamiin
filadhu?

o Geggeessummaa keessatti ni adeemsisa jedhanii namoonni


hedduun kan amanan keessaa hojimaatni geggeessummaa
angafoonni kanneen armaan gadii ta’u:

 Ajaja kan kennu /kan kakaasu/ - Geggeessummaa gosa


kanaa keessatti namoonni ajaja geggeessaan kennu
eeguu qofaan hojjetu.

 Dhiibbaa kan uumu – Karaa adda addaatiin dhiibbaa


uumuudhaan kan hojjennuu dha.

 Gorfamaa – Gorsa warra kaanii gaafatee kan


geggeessitoonni isa gorsaniin kan hojjetuu dha.

 Hirmaachisaa – Warra kaan gorsa gaafatee murtoo


waliinii dabarsu. Hundumtuu kan irratti hirmaateen
hojjeta yookaan murteessa.

40
 Itti Gaafatamummaa Namootaa Qooduudhaan bakka
bu’iinsa kan kennu. Ofii isaa duwwaa utuu hin ta’in itti
gaafatamummaa isaa warra kaanifis qoodee isaanis
dandeettii isaanii akka isaan keessatti agarsiisan godha.

41
KUTAA SADII

YAADA WAA’EE GEGGEESSUMMAA FI ‘MOODELOOTA’


(FAKKEENYOTA)

SEENSA

Kutaa kana keessatti yaada waa’ee gaggeessummaaf namoonni adda


addaa dhiheessan baratta. Akkasumas waa’ee gosa geggeessummaa
waldaa kristaanaatiif barbaachisanii fi isaan kunis eessa eessatti akka
hojjetan gadi fageenyaan baratta.

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA

Erga barumsa kana barattee xumurtee booda:

 Waa’ee yaada geggeessummaaf namoonni adda addaa qabanii


hubatta.

 Gosa geggeessummaa fi eessatti gosi inni kam akka barbaachisu


ibsita.

 Wantoota geggeessitoota kristaanaa irraa barbaachisan


tarreessitee tokko tokkoon ibsita.

 Wantoota geggeessitoota kristaanaa irraa barbaachisan maal maal


akka ta’ee erga ofii keetiii gadi fageenyaan hubattee booddee
keessatti of ilaaltee hanqina kee guuttachuuf dhamaata.

42
1. WAA’EE GOSA GEGGEESSUMMAA

Geeggessitoota gosa gara garaatu Waldaa Kristaanaa barbaachisa. Kanas


sadarkaa hojii gara garaa irratti barbaachisa.

1.1. Geggeessaa Aboon (Itti Gaafatamummaa Muraasa


Qabu) Isaa Muraasa Ta’e

Inni akkasii kun geggeessaa naannoo (Local) saba sanaa wajjin


kallattiidhaan wal arga, inni geggeessummaan hojii isaa miti;
yeroo ta’e yookaan yeroo muraasaaf dura bu’ee geggeessaa
yookaan hojjeta. Inni akkasii kun namoota barsiisota baruu
Sanbataa, koree dargaggootaa, geggeessaa gurmuu qorannaa
Macaafa Qulqulluu fi kkf ta’u.

1.2. Geggeessaa Waldaa Kristaanaa Guutummaa


Keessatti Hojii Dura Bu’ee Geggeessuu FI Hojjetu

Namootaa wajjin quunnamtii kallattii qaba. Namni kun kan


mindeeffamee hojjetu miti. Kun of keessatti qabatee jiru
Jaarsolii waldaa, Daaqunoota, Hojjettoota Wangeelaa fi Luboota
(Tiksitoota) of kennanii hojjetan dha.

1.3. Yeroo Isaanii Guutuu Guutummaatti Kennanii Kan


Tajaajilan

Isaan kun mindeeffamanii kan hojjetan; Luboota (Tiksitoota),


Hojjettoota Wangeelaa fi kanneen biroo dha. Isaan kunis namootaa
wajjin walitti dhufeenya kallattii kan qabanii dha.

43
1.4. Geggeessaa Akka Biyyaatti Dhiibbaa Uumuu
Danda’u

Inni kun namootaa wajjin quunnamtii kallattii hin qabu. Kun


immoo geggeessaa waldaa Guddaa magaalaa guddaa keessa
jirtuu, geggeessaa sabakaa yookaan qaxanaa, geggeessaa
(Pirezidaantii) Sinodoosii, barsiisaa mana barumsaa Macaafa
Qulqulluu, Kolleejii Macaafa Qulqulluu fi Seminaarii ti.

1.5. Geggeessaa Biyyoolessaa

Inni kun immoo biyya keessaa fi alattii itti gaafatamummaa


nama qabuu dha. Pirezidaantii Synodosii, Barreessaa duree,
Bishooppii, Lallabaa Wangeelaa fi Hojjetaa wangeelaa kan of
keessatti haammatuu dha.

 Gosi geggeessaa inni tokko isa kan biraa caalaatti barbaachisa


miti, hundumtuu guddina waldaa Kristosiif barbaachisoo dha.

2. GEGGEESSITOOTAA KRISTAANAA IRRAA WANTOOTA


BARBAACHISAN

 Geggeessaan Kristaanaa fedha Waaqayyoo keessa


jiraachuu fi isaan qajeelfamuu qaba.

 Geggeessaan Kristaanaa akka dirree lolaa hafuuraa


keessa jiru yaaduu qaba.

 Geggeessaan Kristaanaa inni gaariin hojii


geggeessaan hojjechuu qabu hunda sirriitti hubachuu
qaba. Hojiin isaa gara galma yaadameetti namoota
geggeessuuf kakaasuu fi dadammaqsuu akka qabu
beekuu qaba.

44
3. YAADA WAA’EE GEGGEESSAAF JIRU

 Waggoota hedduudhaaf waa’ee geggeessummaatiif yaadota


(Theories) gara garaatu addunyaa gara dhihaa keessatti
dhaga’amaa ture.

 Inni jalqabaa bara 1841-1904 keessa “Yaada Namoota


Gurguddoo” jedhutu ture. Namoonni gurguddoon
geggeessitoota akka ta’aniif uumaman kan jedhuu
dha. Fakkeenyaaf: Naapooliyoon, Haayila Sillaasee,
Gaandii, Linkon fi Kenedii faa.

 Inni lammaffaan immoo bara 1904-1948 keessa


“Yaada Dandeettiidhaan gara geggeessummaatti
dhufuu” jedhuu dha. Inni kun immoo yaadni isaa
namni tokko dandeettii namoota kan biraa irraa adda
isa godhu yoo qabaate, nama kana dandeettii isaa
kanaan gara geggeessummaa fiduun ni danda’ama
kan jedhuu dha.

 Yaadni sadaffaan bara 1948-1967 keessa “Yaada


Amala gaarii qabaachuudhaan gara geggeessummaa
dhufuu” jedhuu dha. Inni kun namni tokko amala
gaarii yoo qabaate namoota geggeessuu waan
danda’uuf geggeessaadhaaf amala gaarii namootaa
wajjin walii isa galchisiisu qabaachuun barbaachisaa
ta’uu isaa irratti xiyyeeffata.

 Yaadni afuraffaan bara 1967 keessa “Yaada Gosa


Geggeessummaa fi haala keessatti geggeessan”

45
jedhuu dha. Kun immoo geggeessaan haala keessatti
geggeessuu beekuu akka qabuu dha.

KUTAA AFUR

TAJAAJILA TIKSEE IJA GEGGEESSUMMAATIIN ILAALUU

SEENSA

Kutaa kana keessatti waa’ee tajaajila tiksee bal’inaan gadi fageessinee


ilaalla. Geggeessummaa fi tiksee wal bira qabuudhaan yommuu ilaallu
irra caalaatti waa’ee tajaajila tiksee hubachuuf ija geggeessummaatiin
waldaa kristaanaa keessatti tajaajilli tiksee attamitti ilaalamuu fi ittiin
hojjetamuu qabu baratta.

GALMA BARUMSA KUTAA KANAA

Erga barumsa kana barattee xumurattee:

 Waa’ee hiika geggeessumma akka Macaafa Qulqulluutti hubatta,

 Tajaajila tiksee gadi fageenyaan hubatta,

 Tajaajila tiksee ija geggeessummaatiin yeroo ilaalamu hiika isaa


addaan baafatta,

 Walumaagala waa’ee tajaajila tiksee ibsita.

1. GEGGEESSAA AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI

 Akkuma olitti ilaaluu yaalle gosa geggeessummaa adda


addaatu jira. Gaaffiin hunduma keenyaa garuu gosa
46
geggeessummaa jiran keessaa isa kamtu waldaa krsitaanaa
ija qabeessa godha? isa jedhuu dha.

 Waldaa Kristaanaa kan fayyadu geggeessummaa Macaafa


Qulqulluu hordofuu dha. Geggeessummaan kunis:

2. GEGGEESSUMMAA TIKSEE

o Tiksoonni akka geggeessitootaa geggeessummaa kan ittiin


shaakalan aangoo gosa sadiitu jira.

 Muxannoodhaan akka mirkaneeffametti tiksoonni


hedduunii fi geggeessitoonni kanneen namoonni
karaa adda addaa sadiin akka isaan duukaa bu’an
gochuu danda’u.

2.1. Soda Irraa Kan Ka’e

 Yoo duukaa bu’uudhaabaate waan gadhee fi hamaa isa


irra ga’uuf jiru yaaduudhaan namni geggeessaa sana
duukaa bu’uu danda’a.

 Geggeessummaan dirqisiisaan akkasii kun “Autocratic


Leadership” jedhama. Karaa kanaan kan geggeessan
duuka buutota isaanii kan geggeessan warra isaan
duukaa bu’aa jiran sodaachisuu guddaa dhaan dha.

 Dhaabbatni siyaasaa fi geggeessitoonni waldaa


kristaanaa tokko tokko isa akkasii kanatti
fayyadamuudhaan geggeessu.

 Adeemsi akkasii kun yeroo baayyee soda, dogoggora,


amanamuu diduu fi diigumsa uuma.

47
2.2. Bu’aa Irraa Kan Ka’e

o Geggeessaa fi warri geggeeffaman kan walitti hidhaman


bu’aa irraa kan ka’ee dha. “Ani kanan isiniif godha, isini
immoo kana nuuf in gootu” jedhu.

o Geggeessummaan akkasii kun iddoo baay’ee jira. Waldaa


Kristaanaa, iddoo daldalaa, Siyaasa keessa, jireenya
hawaasummaa keessaa fi kkf. Inni akkasii kun
geggeessummaa Waaqayyo ittii gammadu miti.

o Namoonni bu’aa baay’ee argachuuf gara isa isaaniif bu’aa


guddaa isaan barbaadan kana gochuufii danda’uu deemu.
Isa kanaaf jechas waamicha isaanii dhiisanii adeemu. Inni
akkasii kun raawwiinn isaa hin bareedu.

2.3. Amalaa fi Dandeettii Geggeessitoota Isaanii


Irraan Kan Ka’e

o Namoonni baayyeen nama ulfinaa, dandeettii ajaa’ibsiisaa


nama qabu, ogummaa fi amanamummaa nama qabu
duukaa bu’uu barbaadu.

o Nama akkasii kana namoonni beekaa ofii isaanii kennanii


garaa isaanii guutuudhaan gammachuudhaan duukaa bu’u.

o Geggeessummaan akkasii kun kan jiraachuu danda’u


geggeessaa fi namoonni geggeeffaman walii galanii kaayyoo
fig alma isaa irratti ba’eessa godhanii cimsanii yoo amananii
dha.

48
3. TIKSUMMAA FI GEGGEESSUMMAA AKKA
MACAAFA QULQULLUUTTI

o Geggeessummaan tiksummaa aboo Waaqayyootiin kan tajaajilluu


dha.

 Waldaa Kristaanaa namoonni geggeessaan


namootaan yookaan qaama kan biraadhaan kan
muudaman utuu hin ta’in, kan filatamanis kan
muudamanis Waaqayyooni dha.

 Bakka geggeessaa taa’uun geggeessaa nama hin


taasisu. Geggeessaa ta’uuf Waaqayyoon filatamuu fi
muudamuun barbaachisaa dha.

 Barumsa dhimma geggeessummaa kana mana


barumsaa Macaafa Qulqulluu fi bakka kan biraattis
barachuun geggeessaa nama hin godhu.

 Geggeessaa ta’uun kan danda’amu Waaqayyo yeroo


nama filatu, yeroo qopheessuu fi yeroo muudu
duwwaa dha.

 Gumiin Waldoonni Kristaanaa geggeessitoo


tajaajiltoota muuduu ni danda’u. Aboo Hafuuraa
Garuu Kennuu Hin Danda’an.

 Aboo hafuuraa kan namaaf kennu Waaqayyoon


duwwaa dha. Aboo hafuuraa namoota qaban
namoonni dirqamaan, namni maal naan
jedhaadhaan, bu’aa adda addaatiin, yookaan sababa
kan biraatiin utuu hin ta’in jaallatanii duukaa bu’u,
ajajamuufis.

49
 Namoota aboo hafuuraa qaban kanaaf namoota
duwwaa utuu hin ta’in hafuuronni hamoon iyyuu in
ajajamuuf. Kana irraa kan ka’es seexanni namoonni
akkasii kun akka isaan gara itti gaafatamummaa hin
dhufne dhorka.

 Aboo hafuuraa namoonni qaban namoota biratti


surraa guddaa qabu. Kana irraa kan ka’e ga’umsa
namoota ifachuu, itti dheekkamuu fi gorsuu qabu.
Kun immoo guddina waldaa kristaanaatiif
barbaachisaa dha (2 Qor. 2:1-11; 10:5-6).

o Geggeessummaan Tiksummaa muxannoo hojiitii fi beekumsa


isaatiin amaloota armaan gadii dabaluudhaan hojii irra oolchuu
qaba.

 Amansiisaa – waan itti amanee fi maaliif akka itti amane


bifa cimaa ta’ee fi amansiisaa ta’een ilaalcha warra kaaniis
utuu hin tuffatin namoota kan biraa amansiisuu danda’uu
qaba.

 Obsa – obsi geggeessummaa fi tajaajila tiksee keessatti


baay’ee barbaachisaa dha.

Hojiin nuyi hojjennu baay’ee rakkisaa ta’u


iyyuu, namoonni nuyi wajjin hojjennu akka nuyi barbaadne
ta’anis ta’uudhaabaatanis, hojiin haalaa fi yeroo barbaadne
keessatti yoo hojjetamanii dhumuu baatanis obsa qaboota ta’uu
qabna.

 Ogummaa qabaachuu – Yeroo namoonni abboomamuu


didan, dhibaa’uu yeroo ta’an, jibba yeroo agarsiisan
dheekkamsa, humna yookaan maal na dhibeedhaan deebii
50
kennuu irra tasgabbiidhaan ogummaa fi jaalalaan deebii
kennuun barbaachisaa dha.

 Warra kaann irraa baruuf fedha qabeessa ta’uu – namoota


warra kaan irraa dhaga’uu fi barachuuf fedha qabaachuun
barbaachisaa dha.

 Fudhatama qabaachuu – waan hundumaa keessatti


ga’umsa warra kaan irra caalu qabaachuu, amanamummaas
agarsiisuudhaan fudhatama ofii guddisuun barbaachisaa
dha.

 Arjummaa (Gaarummaa) – Namootaaf nama yaadu ta’uu


qaba. Waan gaarii hundumaa namoota geggeessinuuf
gochuudhaan, isaaniif kan eeggannaa goonu taanee waan
hundumaatti kan namoonni nu dhaga’an ta’uu qabna.

 Iftooma – Yeroo fi bakka kamittii iyyuu iftooma qabaachuu.

 O’a qabeessa – o’a itti agarsiisuudhaan yoo dogoggorri


hojjetame ifachuu. O’aan guutnee dogoggora namootaa
ifaatti ifannee qajeelchuuf ga’umsa qabaachuun nu irra jira.

 Nama hin gegeeddaramne ta’uu – Yeroo hundumaa


ejjennoo fi haasaa hin gegeeddaramne qabaachuu.

 Amanamummaa qabaachuu – tajaajilaanis walitti


dhufeenyaanis, jireenyaan, haasaadhaanis amanamaa
ta’anii argamuun baay’ee barbaachisaa dha.

o Geggeessummaan tiksummaa nama hafuuraa isa dhugaa


ta’uudhaan geggeessummaa geggeessinuu dha yookaan tajaajilluu
dha.

51
 ‘Aswald Sandars’ akka jedhanitti beekumsaa fi dandeettii
namoota booji’u qabaannee nama hafuuraa hin taanu ypp
ta’e firiin isaa kufaatii hafuuraa ti (Kasaaraa dha).

 Waldaan Kristaanaa bara keenya keessa kan isheen


dadhabdee jirtuuf afaan isaaniittin kan dubbatan utuu hin
ta’in geggeessitoota hafuuraa waan dabdeef.

 Namoonni geggeessitoota qulqullummaa qaban,


amanamummaadhaan kan guutanii fi tajaajila isaaniitiin
fakkeenya kan isaaniif ta’an duukaa bu’uun isaan hin
rakkisu. Beekumsa qabaachuun nama hafuuraa ta’uu
bakka hin bu’u. Waa’ee wantoota hafuuraa beekumsaa fi
shaakala baay’ee yoo qabaanne iyyuu nama hafuuraa miti
yoo taane namoota geggeessuu hin dandeenyu.

 Bakka wanti gaarii dha jedhame jiru namni dhaquu hin


barbaadne hin jiru. Qarshiin, beekamtiin namaa nama
hafuuraa ta’uu bakka hin bu’u. Namoonni sababa qarshii
baay’ee qabaniif naannoo isaaniittis wantoota tokko
tokkoon beekamtii sababa qabaniif waldaa kristaanaa
keessatti geggeessitoota gaggaarii ta’u jechuun hin
danda’amu.

 Waldaan Kristaanaa amma iyyuu taanaan wantoota biyya


lafaa akkasii kanaan madaluudhaan namoota gara
geggeessummaatti fiduu irraa of qusachuu qabdi.
Geggeessaa dhugaan inni nama hafuuraa ta’uu isaa arganii
akka isa duukaa bu’an gochuu geggeessaa danda’uu dha.

o Geggeessummaan tiksummaa aarsaa kaffaluudhaaf qophoofnee


kan ittiin geggeessinuu dha.

52
 Geggeessaa dhugaan kaayyoo itti amane sanaaf rakkina isa
irra ga’u fudhachuuf geggeessaa kutatee dha. Geggeessaa
dhugaan tajaajila isaatiin namootni akka fayyadaman waan
yaaduuf rakkina keessatti ni jajjabaata malee gara boodaatti
hin deebi’u.

 Geggeessaa dhugaan maatii isaatii fi jireenya isaa keessatti


wanti gatii baay’ee isa kaffalchiisu yoo jiraate iyyuu itti
gaafatamummaa isatti kenname dhiisee gara boodaatti hin
deebi’u.

o Geggeessummaan tiksummaa mul’ata Waaqayyoon biraa ta’een


kan hojjennuu dha.

 Waldaa Kristaanaa geggeessuu kan danda’anii fi ija


qabeessa kan taasisan geggeessitoota karaa waldaa
kristaanaa gara fuula duraa fageessanii arguu danda’anii
dha.

 Geggeessaan warri kan biraan arguu kan isaan hin


dandeenye arguu danda’uu qaba. Geggeessaan akeeka
Waaqayyoo keessa wanta jiru iyyuu arguu danda’uu qaba.

 Abbaan mul’ataa Waaqayyoo wajjin nama walitti dhufeenya


cimaa qabuu dha. Waaqayyo mul’ata isaa kan kennu
namoota amanamoo ta’aniifi dha.

 Waaqayyo mul’ata kan kennu namoota qophaa’aniifi dha.


Waa’ee ulfina mataa isaa, beekamtii isaa fi bu’aa isaa kan
yaadu namni Waaqayyo harkaa mul’ata fudhachuu hin
danda’u.

53
 Har’a Waldaan Kristaanaa mul’ata Waaqayyoon biraa ta’e
namoota qaban geggeessitoota barbaaddi. Geggeessitoonni
Waldaa Kristaanaa baay’een saba sana attamitti, eessattii fi
yoom geggeessuu akka qaban hin beekan.

o Geggeessummaan tiksummaa hin ta’u jechuu dha.

 Tikseen nama maal naan jedhuudhaan waan hin


barbaachifne nama hojjetu utuu hin ta’in hin ta’u jechuu
nama danda’u ta’uu qaba. Firaaf wantoota tokko tokko
geggeessummaa isaa keessatti loogeeffii kan raawwatuu
utuu hin ta’in hin ta’uu jechuu qaba.

 Geggeessaan waann hin ta’u jechuun isa irra jiru maal naan
jedhuudhaan raawwatu firii yaadame argachiisuu hin
danda’u.

4. GEGGEESSUMMAAN TIKSUMMAA WAAMICHA


WAAQAYYOOTIIN TAJAAJILAMA

o Waaqayyoo Wajjin walitti dhufeenya cimaa gochuu

 Geggeessitoonni eenyuun caalaatti iyyuu namoota jireenyi


kadhataa isaanii cimaa ta’e ta’uun isaan irra jira.

 Yeroon nuti kadhataaf kenninu waa’ee kadhataatiif


hubannaa nuyi qabnuun murtaa’a.

 Geggeessitoonni wantoota baay’ee Waaqayyoo harkaa kan


fudhatan kadhataanii dha.

 Kadhata iyyuu kan barannu kadhachuudhaan.

54
 Kadhannaan nama kadhataa jedhamanii waamamuuf utuu
hin ta’in, nama hafuuraa ta’uuf shaakaluun waan nu irra
jiruufi dha.

 Geggeessitoonni dhuunfaa isaaniitti, maatii isaanii keessattii


fi gurmuu keessatti kadhata shaakaluu qabu.

 Geggeessaan yeroo hundumaa dammaqummaadhaan


kadhachuun isa irra jira (1 Qor. 2:1; Yaq. 4:2; 1:29).

 ‘Hudsen Veler’ “Namoota sochoosuu kan danda’u humna


kadhata keessaa argamu qofaani dha” jedheera. Kadhati
Waaqayyoon namaaf kaasa, Waaqayyo immoo namoota
kakaasa.

o Macaafa Qulqulluu fi kitaabota hafuuraa kan biroo dubbisuu

 Geggeessitoonni namoota dubbisanii dha; namoonni


dubbisan immoo geggeessitoota.

 Macaafa dubbisuun dandeettii, sammuu keenyaa fi jireenya


keenyatti akka jabaannu nu godha.

 Baay’ee hammuma dubbifnu yaada Waaqayyoo baay’ee


barra.

 Baay’ee yeroo dubbifnu wantoota haaraa baay’ee argachuuf


carraa qabaanna.

 Haala keessa jirru ilaaluuf yookaan baruuf dubbisuu qabna.

 Namoonni Waaqayyo keessa isaanii itti gaafatamummaa


gurguddaa kaa’e dubbisanii hin quufan.

55
 Sababiin nuyi dubbifnuuf garuu Waaqayyoon fakkaachuu fi
akka fedha isaatti waldaa kristaanaa tajaajiluuf malee
namoota macaafa dubbisan jedhamnee waamamuuf miti.

 Kitaabota baay’ee dubbisuun keenya geggeessitoota nu hin


godhu. Namoota gurguddoo kan nu godhu isa dubbifne sana
hubachuudhaan hojii irra oolchuu danda’uu keenyaan.

 Ariifatee namni kitaaba dubbisu yaartu beeka malee baay’ee


hin beeku.

o Barumsa Waldaa Kristaanaatti kennamuu fi dhaabbilee kan


biro beekamoo keessatti kennaman beekumsaaf barachuu.

 Gooftaan keenya Yesus Kristos bartoota isaa utuu bakka


bu’aa isaa godhee biyya lafaa kana irrati isaan hin ergin
dura waggaa sadii fi walakkaadhaaf teessisee isaan barsiisaa
ture.

o Geggeessitoota Kan Biroo Jalattii Hojjechuu Danda’uu

 Geggeessaanis geggeessaa haa qabaatu.

 Warra kan biraa jalatti hojjechuudhaan ga’umsa ofii


fooyyeffachuun barbaachisaa dha.

5. TIKSEE FI GEGGEESSITOONNI KAN BIROON KAN


ISAAN GOCHUU QABAN

5.1. Mul’ata Waaqayyo Biraa Argataniin Saba


Waaqayyoo Geggeessuu

 Namoota bara isaanii turan irratti dhiibbaa guddaa fiduu


kan danda’an namoonni warra kaan caalaatti al’inaa fi

56
fageenya irratti ilaaluu kan danda’an abbaa mul’ataa warra
ta’anii dha.

 Geggeessaan Waldaa Kiristaanaa tokko mul’ata Waaqayyo


harkaa fudhateen waldaa kristaanaa geggeessuu qaba.
Waldaa Kristaanaa waggoota fuula duraa tokko, lama, sadii
yookaan shana yookaan kudhanitti eessa akka isheen
geessu warra kaan caalaatti ba’eessa godhee argee gara
sanaan ga’uuf adeemsa barbaachisaa hundumaa adeemuu fi
adeemsisuu danda’uu qaba.

 Sochii misiyoonummaa gurguddaa adeemsisaa kan turanii fi


firii guddaa kan argamsiisan tajaajiltoonni waldaa
kristaanaa kan isaan ittiin kana hundumaa raawwatan
mul’ata Waaqayyo isaaniif kenneen. Itti gaafatamummaann
isaanii immoo saba sana gara mul’ata sanaatiin ga’uu dha.

 Mul’ati Waldaa Kristaanaa inni ijoon namoota hundumaatiin


wangeela ga’uudhaan duuka buutota Kristos isa dhugaa
taasisuu dha. Isaan ala kan jiran wantoota lammaffaa irratti
dhufuu dha.

5.2. Waldaa Kristaanaa Lakkoobsaanis Jireenyaanis


Guddisuu

 Waldaan Kristaanaa duuka buutota Kristos baay’isuu kann


dandeessu:

 Tamsaasa Wangeelaatiif tajaajiltoota baay’isanii


qopheessuudhaan,

 Isa amanan sana akka guddisaniif tajaajiltoota baay’isanii


qopheessuudhaan,

57
 Baajata hojii kanaaf ga’u qopheessuudhaan,

 Tooftaa ittiin hojjetan beekuu fi sagantaa qopheessuudhaan,

 Meeshaalee ittiin barsiisan qopheessuudhaan,

 Raawwii isaa namoota hordofan qopheessuu fi


hordofuudhaan,

 Gamaaggama gochuudhaan ta’a.

5.3. Barsiisuu

 Waldaa Kristaanaa keessatti geggeessitoota ta’uu kan qaban


namoota barsiisuuf ga’umsa qaban ta’uu qabu.

 “Dhuga-baatota baay’ee duratti waan ana irraa dhageesse,


namoota amanamoo warra kaan barsiisuuttis ta’anitti
hadaraa kenni!” (2 Xim. 2:2).

 “Ilaaltuun hojii waldaa kristaanaa………..nama warra kaan


barsiisuu danda’us ta’uun isa irra jira.” (1 Xim. 3:2).

 “Barsiisa sirrii sanaan gorsuu, warra isaan mormanitti


immoo balleessaa isaanii itti mul’isuu akka danda’utti, akka
barsiisicha ofii fudhatetti dubbicha isa amanamaa sanatti
jabaatee qabamuun isa irra jira.” (Tit. 1:9).

 Waldaan Kristaanaa jabduudhaa fi barsiisa sobaattii


eegamtee akka jiraattu gochuuf nama sagalee Waaqayyoo
gadifageenyaan hubatee fi warra kaan barsiisu muuduun
diqama ishee ti.

5.4. Tokkummaa Waldaa Kristaanaa Eeguu

 Sagalee Waaqayyoo barsiisuudhaan,


58
 Miseensota gidduutti walitti dhiheenya uumuudhaan,

 Yeroo walii wajjin kadhatanii fi waliin ta’anii sagalee


Waaqayyoo qo’atan uumuudhaan,

 Yaada addaan namoota babaasuttii kristaanota


eeguudhaan,

 Yeroo tokko yaadni namoota addaan babaasu utuu hin


beekin namoota gaggaarii ta’an biraa dhufuu danda’a.

 Yaadni namoota addaan hiran Waldaa Kristaanaa keessatti


yeroo argamu geggeessitoonni yaada ijaarsa fiduun
ogummaa Waaqayyoo biraa argataniin akka gara gaariitti
hiikuu danda’aniif Waaqayyoon cimsanii kadhachuun isaan
irra jira.

5.5. Humna Warra Kaanii Cimsuu

 Warra kaan akka hojjechuu danda’anitti amanuun


barbaachisaa dha.

 Har’a geggeessitoonni erga taayitaa qabatanii booda taayitaa


sana warra kaaniif hiruu hin barbaadan. Waaqayyo isaan
amanee muudee utuu jiruu isaan garuu warra kaan
amananii muuduu hin barbaadan.

 Dhaabbati tajaajilaa ni hundeeffamu, hojjetoonni


Wangeelaas ni dhama’u, irrattis bobba’u; garuu taayitaan
/aboon/ hin kennamuuf.

 Yeroo tokko tokko immoo akka isaan hin guddannee


yookaan immoo ija barbaachisaa akka isaan hin godhanne
karaa itti cufu.

59
 Leenjii argatanii akka isaan dandeettii tajaajila isaanii hin
gabbifanneef karaa leenjii itti cufu/ carraa barumsaa
dhowwatu/. Akka isaan hin dubbanne godhu. Garuu
namoonni maaliif akka warri kaan hin guddanne kan
godhaniif?

 Warra kaan yoon guddise ani immoo ataman ta’a jedhanii


sodaachuudhaan,

 Waldaa Kristaanaa keessatti namni akka isaaniitti hojjechuu


danda’u hin jiru jedhamee akka isaaniif dubbatamuuf
barbaaduudhaan,

 Jijjiirama waan sodaataniif; keessumattuu umuriin isaanii


dabalaa yeroo deemu namoonni jijjiirama jibbaa dhufu. Jechi
tokko jira, “Hojii kee yookaan mana kee jijjiiruu yoo barbaadde
jaarsaan hin mari’atin” jedhama.

 Ofitti amanuu waan dhaban waan isaanitti fakkaatuuf.

o Namoonni tokko tokko ofittii amanuun isaanii kan jiru hojii


isaanii irra waan jiruuf bakka jiran sana gadidhiisuu hin
barbaadan.

o Ofuma isaaniiti duwwaa jajamuu waan barbaadaniif dha.

o Namoonni tokko tokko of duwwaadhaan hojjetanii isaanumti


qofaan akka jajaman barbaadu. Ofii galateeffamuu fi maqaan
isaanii akka itti waamamu barbaadu.

 Dandeettii fi humna warra kaanii karaa ittiin guddisuu


dandeenyu:

60
o Gamaaggamuudhaan, beekumsaa fi dandeettii
isaanii hubachuu.

 Gamaaggamuun sababii inni barbaachisuuf waa’ee


namootaa hubannaa sirrii qabaachuudhaa
yoobaanne itti gaafatamummaa humna isaanii ol
ta’e yookaan humnna isaanii gadi ta’e kennuufii
dandeenya waan ta’eefi dha.

 Humna isaaniitti ol yoo itti kennine kufaatiidhaaf


isaan goona. Humna isaanii gadi yoo itti kennine
immoo miira gadi aantummaa keessa isaan
galchina.

o Si irraa wanta barachuu qaban akka barachuu


danda’aniif hojiidhaan isaan agarsiisi.

 Attamitti akka ati geggeessitu, attamitti akka


murteessitu, attamitti akka quunnamtii uumtu,
attamitti akka rakkoo hiiktu isaanitti agarsiisi.

 Humnaa fi dandeettii isaanii akka guddifatan


isaaniif eyyami.

 Sagaleedhaan jajjabeessuudhaan, leenjii gara garaa


akka isaan argatan gochuudhuudhaan, akka isaan
ofiin murtoo tokko tokko murteessan
eyyamuufiidhaan isaan jajjabeessi.

o Aboo kee isaaniif hiri.

 Namoonni tokko tokko ba’aa hojii hir’ifachuuf jecha hojii


isaanii warra kaaniif hiru, aboo isaanii garuu hin hiraniif.

61
o Isaan amanuu kee namoota hedduu duratti mul’isi.

 Namoota hedduu duratti namoota amanuu fi ga’ee yookaan


aboo itti kennuudhaan amanuun akka isaan ofi amanuu
isaanii cimsataniif miira gaarii keessa isaaniitti uuma.

 Warri kaanis akkuma keenya akka isaan amanatan goona.

 Biyya keenya kana keessatti inni akkasii kun attamitti


ilaalama?

 Akka of tuulummaatti,

 Akka of jajuutti,

 Akka jaarsaatti,

o Hojii isaanii yeroo yerootti ilaaluudhaan yaada


ijaarsaa kennuufiidhaan qajeelchi.

o Taayitaa fi itti gaafatamummaa erga itti kenninee


booda akkasumatti dhiifnee taa’uu utuu hin ta’in,
attamitti akka isaaniif deemaa jiru hordofuudhaan
ilaaluu, yoo hanqinni jiraate akka isaan sirriiffataniif
gorsa kennuufiin barbaachisaa dha. Wanti
jajjabeeffamuu qabu immoo jajjabeeffamuun
barbaachisaa dha.

o Akka isaann ofiin socho’an eyyamiif.

 Iddoo baay’eetti namoonni taayitaa hin kennu garuu akka warri


isaan taayitaa /aboo kennaniif sun ofiin socho’an hin eyyamaniif,
birmadummaa ofiin waa hojjechuu hin kennaniif.

62
 Murtoodhaaf ammas gara isa taayitaa /aboo sana isaaniif hiree
akka dhufan gaafatu.

6. GEGGEESSAAN HAFUURAA AMALOOTA INNI


QABAACHUU ISA BARBAACHISU

“Ilaaltuun hojii waldaa kristaanaa, waan ittiin jedhan kan hin


qabne, nama haadha manaa tokkittii, nama dhugaatiitti of hin
ganne, nama of qabu, nama ulfinaa, nama keessummoota jaallatu,
nama warra kaan barsiisuu danda’us ta’uun isa irra jira; nama
garraamii, naga qabeessas malee, nama machaa’aa, nama lola
jaallatus hin ta’in! Nama horii jaallatus hin ta’in! Nama warra
mana isaa ba’eessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina
hundumaan abboomamuuf kan guddisu, ta’uun isa irra jira.
Namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne immoo,
attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu danda’aree? Of jajuudhaan
afuufamee, firdii isa kanaan dura Seexanatti faradametti akka
hin kufnetti, nama dhi’oo amane hin ta’in! Maqaan isaa bade
kiyyoo Seexanaa keessatti akka hin kufnetti, warra alaa biratti
maqaa gaarii qabaachuun isaaf in ta’a.” (1 Xim. 3:2-7)

Tajaajila fuula isaanii duratti isaan eeggatuuf isaan qopheessuu


Gooftaann keenya Yesus Kristos bartoota isaa yeroo barsiisaa ture
sagaleedhaanis hojiidhaanis isaan leenjisaa ture. Barumsi isaa carraa
argate hundumaatti fayyadamee beekumsa kan isaan qabachiisuu dha
malee namni tokko mana barumsaa galee kan baratu barumsa idilee hin
turre. Yeroo tokko tokko bakka qoofniitti isaan baasee barumsa addaa
isaan barsiisaa ture. Haa ta’u malee garuu amala isaanii kan ittiin
gabbifachuu isaann irra ture bu’aa ba’ii jireenyaa keessa galanii
muxannoo isaan namootattii adda ba’uudhaan shaakaliin miti. Jireenyi

63
isaan guyyaa guyyaatti shaakalan isa baratan sana hojiidhaan
agarsiisuudhaaf haala mijataa uumeeraaf (Luq. 10:17-24).

Tajaajilli yeroo milkaa’an qofa utuu hin ta’in kufaatii isaanii irraas wanti
isaan baratan in jiraata (Mar. 9:14-29). Guyyaa guyyaatti wantooti isaan
barbaachisan amantiidhaan jiraachuu isaan barsiisu turan. Gooftaan
Keenya Yesus Kristosis isa kana hundumaa akka isaan godhan isaan
barsiisee jira. Inni kan isaan barsiise sana hammam akka isaan hubatan
dhugaa akka ba’amuuf aboo fi itti gaafatamummaa isaaniif hire.

Yohaannis 13-16 keessa kan jiran boqonnoota jiran kana keessatti


barumsa waggoota sadii fi walakkaa barataa jiraniif sagantaa eebbaa
barattootaa irratti haasaa Gooftaan keenya Yesus Kristos godhee dha
jedhamuu danda’a. Geggeessitoota hafuuraa filatamoo ta’uu yoo
barbaadne fakkeenya barsiisaa guddichaa duukaa bu’uu irraa adda
filannoo kan biraa qabaachuu hin dandeenyu.

Waaqayyo nama tokko geggeessummaadhaaf yeroo qopheessu tajaajila


bifa tokkoo raawwachuu qaba jechuu dha. Nama tokko tajaajila addaatiif
kan Waamuu immoo kaayyoodhaani dha. Kanaaf kaayyoo sana fiixaan
baasuuf kan isa dandeessisu kennaa uumamaa fi ayyaana
barbaachisaatu duukkaa kennamaaf. Qophee fi leenjii akkasii utuu
argachuu baatee Phaawloos itti gaafatamummaa kana hundumaa bara
jireenya isaatti goonkumaa fiixaan baasuu hin danda’u ture.

Geggeessaan hafuuraa tokkoo amalootaa fi isaan kana immoo attamitti


guddifachuu akka qabu itti fufnee ilaalla.

6.1. Dandeettii of Qabuu fi of Bituu

Jireenya fuula keenya duraatti ija qabeessa ta’uun keenya firii of qabuu
fi of bituu keenyaa ti. Kennaa baayyee qabaachuun eessaanuu nama hin
ga’u of qabuu fii of bituun hin jiru taanaan. Wantoota barbaachisoo
64
geggeessaadhaaf barbaachisan keessaa of qabuu fi of bituu kana dura
kan gooneefis kanumaaf. Humnaa fi kennaa isaatti akka ta’uttii
gargaaramuu namni danda’u nama of qabuu fi of bituu danda’uu dha.
Jalqaba nama of mo’uu danda’utu warra kan biraa geggeessuu danda’a.

Geggeessaan tokko jalqaba irratti kaayyoo itti amanee fi dhaabbateef


sanaaf of bituu nama danda’u ta’uu qaba. Isa gararraatti namoota
taayitaa qabaniifis fedhaan ajajama. Ooggantoota irratti kan ka’an,
waa’ee of bituufis tilmaama gadi bu’aa kan qaban garuu goonkumaa
geggeessummaadhaaf ga’umsa hinn qaban. Jireenya of qabuudhaa fi of
bituu yeroo jiraannu itti gaafatamummaa Waaqayyo nutti kennuuf
qopheesseef ga’aa ta’uu baranna. Namoota baay’eedhaaf tajaajilli kan
milkaa’uu dadhabe sababa kennaa barbaachisaa dhabaniif yookaan
immoo dandeettii sababa dhabaniif utuu hin ta’in, amala isaanii isa
hamaa Hafuura Qulqulluudhaaf bitamuu didu qabaachuu isaaniitiini
dha. Namoonni dhibaa’oo fi asii fi achi adeemtuun geggeessaa dhugaa
ta’uu hin danda’an.

Geggeessummaa kan ilaallatuu namoonni barumsa gara garaa irratti


hirmaatu. Qajeelfama isaaniif kennamu garuu of bituudhaan hordofuu
waan hin barbaadneef kan isaan yaadan isaaniif hin milkaa’u. duukaa
bu’uu kan hin dandeenye, geggeessuus hin danda’u. Yeroo tokko
ijoollonni garee uummatanii taphumaaf jecha lola geggeessu turan. Akka
tasaa hundumti isaanii calluma jedhan. Namni tokkoo isaanitti dhufee
maaliif akka hundumtuu calluma jedhee taa’u gaafata. Isaan keessaa
tokko lafaa ka’ee “Hundumti keenya ajajaa waraanaa ti, nu keessaa
loltuun taayitaa hin qabne hin jiru, kanaafi dha” jechuudhaan deebiseef.

Seenaa jireenya geggeessitoota gurguddoo namnii qorate tokko akka


dubbatutti sadarkaa sana irra ga’uu kan danda’an umuriin isaanii
waggaa digdama keessa akka ture hubate. Kun kan agarsiisu bara

65
ijoollummaa isaaniitii kaasanii isaan of qabuu fi of bituutti kan
guddatan akka isaan ta’anii dha. Isaanis jireenya of bituu keessa
darbuudhaan gara boodaatti namoota geggeessuu akka isaan danda’an
isaan godhe. Isaan yeroo isaanii gara fuula duraatiif ijoollummaa
isaaniitii kaasanii qophee irra turan jechuu dha.

Yeroo tokko namni tokko haasaa kallattii biyyaa jijjiiruu kan danda’u
godhe. Haasaa dinqisiisaa kana kan dhaggeeffate namni tokko “Haa ta’u
malee haasaa dinqisisaa akkasii kana qopheessuuf hammam si
fudhate?” jechuudhaan gaafate. Namni kunis nama gaaffii kana isa
gaafateef deebii inni kenne “Har’a haasaan godhe qopheessuuf bara
jireenya koo hundumaa qophaa’aan jiraadhe” jedhee deebiseef.

Gara fuula duraatti geggeessaa guddaa namni ta’u warri kaan yeroo
isaanii waanuma hin taanetti yeroo balleessan inni garuu in ciminaan
hojjeta; warri kaan yeroo rafan innii garuu jabaatee qo’ata. Warri kaan
yeroo bashannanan inni garuu in kadhata. Dubbii isaatii fi yaada
isaatiin, gochaa isaatii fi uffannaa isaatiin namni toora hin qabne;
manca’aan geggeessaa sirrii ta’uu hin danda’u. Lola fuula duratti isa
eeggatuuf of eeggataa ta’uun isa irra jira. Hojii warri kan biraan tuffatan
inni garuu amanamummaadhaan hojjeta. Hojii qalbii namootaa hin
harkifne, yookaan eenyu iyyuu kan hin argine yoo ta’e iyyuu,
dinqisiifannaa fi harka walitti rukutuun yoo godhamuufiibaate iyyuu,
inni wanta godhamuu qabu hunda ni raawwata.

Geggeessaan Hafuura Qulqulluudhaan guutame barbaachisaa taanaan


haala kamiinuu, namootas yoo ta’e fuulaa fi fuulattii dhaabbatee ittiin
qabuu irraa gara boodaatti hin deebi’u. Yoo barbaachisaa ta’es gatii
kaffaluuf qophaa’aa dha. Haalichi akka inni raawwatu yoo godhe nama
ifatamuu qabu ni ifata. Deebii kan barbaadu, yookaan barreeffamuu kan
qabu xalayaa utuu yeroo itti kennee bor, iftaan hin jedhin barreessa,

66
yookaan mallatteessa. Nama waa’een wayi isa hin dhibne yoo ta’e garuu
rakkina ariifachiisaa furmaata ariifachiisaa barbaadu bira dafee hin
ga’u.

6.2. Mul’ata Qabaachuutuu Irra Jira

Bara isaanii keessatti namoota irratti dhiibbaa uumuu kan danda’an


namoonni /geggeessitoonni warra kaan caalaatti bal’isanii fageenya
irratti arguu kan danda’an namoota amantii fi namoota mul’ataa turan.
Amantii jechuun karaa biraadhaan mul’ata jechuu dha. Kanas namoota
amantii fi mul’ataa bara kakuu moofaa irraa arguu dandeenya.
Fakkeenyaaf: Musee yoo fudhannee ilaalle baroota keessatti kan ka’an
geggeessitoota gurguddoo keessaa tokko ta’uu kann danda’e abbaa
mul’ataa ta’uu isaa irraan kan ke’ee dha. Sababiin isaas kan hin
argamne akka waan argeetti hubateera waan ta’eef amantiin isaa mul’ata
ta’eeraaf. Ergamaa yookaan tajaajilaa Elsaayi kan ture sun warri kaan
arguu kan hin dandeenye loltoota qulqulleessee argeera. Jalqaba irratti
garuu isa warri kaan arguu hin dandeenye loltoota baay’ee sana kan
arge Eliyaas ture.

Mul’ati isa amma argan utuu hin ta’in isa gara fuula duraatti ta’u
dursanii arguu dha. Kanas geggeessaan warra geggeessaa jiru dursee
arguudhaan warra geggeessaa jiru sana gara sanatti geggeessa jechuu
dha.

Sochii misiyoonummaa gurguddaa gochaa kan turan, firii guddaas kan


galmeessisan tajaajiltoota abbaa mul’ataa ta’anii dha. Misiyooniin
Wiiliyaam Geerii jedhamu tokko galma tajaajila isaa kan godhate
addunyaa guutummaa yeroo ta’u namootni bara isaa turan warri akka
hojjettoota wangeelaa garuu waldoota kristaanaa xixiqqoo keessatti
murtaa’a tajaajilli isaanii.

67
Tajaajilli Henerii Maartiin Hindii, Faarsii fi Araba guutummaa kan of
keessatti haammatuu dha. Bara isaa keessa kan turan waldoonni
kristaanaa garuu ilaalcha hundee amantii xixiqqoo irratti waliin mormaa
jiraatu turan.

Waa’ee namticha E.B. Simpsan jedhamuu namni bara isaa keessa ture
tokko yommuu dubbatu inni mul’ata argate sana irraa kan ka’e nama
qofaa isaa gara fuula duraatti deemu ture. Namoonni warri kaan garuu
akka inni gara fuula duraati adeemuuf mul’ata humna isatti godhu hin
qaban turan jedhee dubbateera.

Mul’ati abdii ifaa fi amansiisaas kan haammatuu dha. Waan xinnoottis


waan guddaattis namni abdii kutatu, waan hundumaa immoo
dimimmiseessii kan ilaalu goonkumaa geggeessaa guddaa ta’uu hin
danda’u. Namoonni waa dimimmiseessanii ilaalan yeroo hundumaa
wanti isaan mudatu haala abdii kutachiisaa dha. Abdii kutannaadhaanis
waan hundumaa ilaalu. Namoonni ifaa godhanii ilaalan garuu haala
rakkisaa keessa jiran irra qaarisiisanii ifa abdii isaanii lalisiisu argu.
Warri dimimmiseessanii ilaalan garuu rakkina duwwaa waan ilaalaniif
gara fuul duraatti deemuu irra gara boodaatti deebi’uu yaalu. Namni
hubataan garuu mul’ata qabu sanaan gara fuula duraatti deema. Namni
hubataaf dammaqaan seenaa darbe irraa barumsa barata.

6.3. Ogummaadhaa fi Hubannaadhaan Socho’a

Ogummaan beekumsa irra kan caaluu dha. Beekumsi waa’ee wantoota


gara garaa dhugaa isaa baruuf odeeffannoo walitti qabuu dha.
Ogummaan garuu wantoota hundumaa bakkee isaa qofa utuu hin ta’in
maalummaa keessa isaa hubata. Ogummaan haalota yookaan garaa fii
yaada namoota ilaalcha Waaqayyootiin ilaaluu danda’uu jechuu dha.
Ilaalcha hafuuraa fi haamilee kan ta’an dhimmoota rakkisoo ta’an
ilaalcha gadi fagoodhaan hubatanii jiraachuu jechuu dha. Ogummaan
68
yeroo barbaachisaatti haalota hubata. Baay’een keenya garuu haalota
kan nuyi hubannu erga waa’een isaa barreeffamee booda dha.

Ogummaan geggeessaan haalota keessatti nama madaalawaa akka inni


ta’u gargaara. Beekumsi qo’annaa fi qorannaadhaan argama. Nama
tokko Hafuurri Ququlluun guunnaan garuu beekumsa kana akka ta’utti
akka inni itti gargaaramu ogummaa isaaf kenna. Seenaa waldaa
kristaanaa ishee durii keessatti hojjiidhuma ta’e tokko akka hojjetaniif
namoota yeroo filan ulaagaa isaaniif kaa’ame keessaa tokko Hafuura
Qulqulluudhaan guutamuudhaa fi ogummaa qabaachuu isaanii ture.
Beekumsii fi ogummaan tokko miti. Namni beekaan baay’ee waan
beekuuf ni boona. Namni ogeessi garuu waan beekuun isa irra jiru
amma iyyuu akka waan hin barreetti waan hubatuuf nama garraamii fi
nama gadi of deebisee dha.

Phaawloos kristaanota Qolaasaayisiif yeroo kadhatu “… fedha isaa


hubattanii ogummaa hundumaan qalbifannaa Hafuurri Qulqulluun
kennuunis akka guutamtaniif Waaqayyoon isiniif in kadhanna.” Jedha
(Qol. 1:9). Kunis kadhata yeroo hundumaa geggeessaan hafuuraa
hundumtuu kadhachuu qabuu dha.

6.4. Nama Murtoo Ta’uu Qaba

Dhugaa barbaachisaa fi odeeffannoo ga’aa erga argatee booda yeroo


isaatti murtoo kennuun mallattoo geggeessaa dhugaa ti. Namni mul’ata
fudhate mul’aticha ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu qaba. Kana
ta’uudhaabaannaan nama akkasumaan abjuu abjootu malee geggeessaa
sirrii ta’uu hinn danda’u. Murtoon isaa garuu dhugaa irratti kan
hundaa’e haqa kan eege ta’uu qaba.

Geggeessaan hafuuraa fedha Waaqayyoo erga hubatee booda firiin isaa


maalis haa ta’u maal akkuma sanaan tarkaanfii fudhachuu qaba.

69
Deemsa gara galma yaadeetti geessu irraa goonkumaa gara boodaatti
deebi’uu hin qabu. Milkoomina yookaan kufaatii isa mudatu keessatti
guutuu guutummaatti itti gaafatamummaa isaa ofii fudhata malee
kufaatii isa mudateef namoota kan biraa sababii hin godhatu.

Museen saba Israa’eliin geggeessuuf ga’umsa qabaachuu isaa kan


agarsiise qabeenyaa fi gammachuu warra Gibxii dhiisee dhiphina saba
isaa hirmaachuuf murteessuu isaa ture. Murtoo ulfaataa akkasii gatii
kan nama kaffalchiisu murteessuuf kan isa kakaase amantii isaa ti ture
(Ibr. 11:24-27).

Phaawloos Gooftaa Yesusitti erga amanee booda jalqaba irratti gaaffii


inni gaafate “Yaa Gooftaa, maal godhu?” kan jedhu ture (HoE. 22:10).
Gaaffiin isaa baay’ee hunde qabeessaa ta’uu isaa irra iyyuu darbee
murtoo kamiin iyyuu fudhachuuf qophaa’aa ta’uu isaa agarsiisa. Yesus
Kristos Waaqayyoon ta’uu isaa erga fudhatee asitti gaaffii tokko malee
ajajamuuf murteeffateera. Waan nu irraa eegamu raawwachuu malee
waan nu irraa eegamu beekuun keenya qofti ga’aa miti.

Geggeessaa dhugaan kaayyoo qaba. Iji isaa yoom iyyuu kaayyoo isaa
sana irratti xiyyeeffata. Mul’ata isaa hojiitti hiika. Waan tokko gochuuf
isa murteeffate yoo hojii irra oolche malee garaan isaa hin ciisu.

6.5. Ija Jabeessaa fi Murataa Ta’uu Qaba

Ija jabinni yookaan murataa ta’uun amala geggeessaa hafuuraa tokko


irraa eegamuu dha. Ija jabummaan kun yeroo baay’ee haamilee kan
ilaallatuu dha. Ija jabummaan haala rakkisaa fi hamaa keessatti
dandamatanii jabaatanii dhaabbachuuf kan godhamu qophee sammuu
ti. Phaawloos ergamaan haamileetti haalota bu’anii fi dhimmoota
jireenya isaa iyyuu balaaf kan saaxilu keessatti ija jabeessaa fi murataa
ture. Kana jechuun garuu tasa iyyuu hin sodaatu jechuu miti. Sababiin

70
isaa inni mataan isaa yeroo dubbatu, “Ani dadhabbii, sodaadhaa fi rom’a
baay’eedhaanan isin bira ture” jedha (1Qor. 2:3). Akkasumas, “Erga
Maqedooniyaa geenyee iyyuu nuyi boqonnaa hin arganne; waan
hundumaatti karaa alaa lolaan, karaa keessaa sodaadhaan rakkachaa
turre.” Jedha (2 Qor. 7:5).

Maartiin Luutar amala geggeessitootaaf barbaachisaa ta’e kana ba’eessa


godhee guutummaatti nama qabu ture. Ija jabummaa akkasii kan qaban
geggeessitoota baay’ee yartuu akka ta’an namoonni tokko tokko in
dubbatu. Maartiin Luutar amantii isaa kan ilaallatu gaaffii gaafatamee
deebii deebisuuf yeroo gara walga’ii Phaaphaasotaa dhaqetti “Ani amantii
koo irraa sodaadhaan gara boodaatti hin deebi’u” jedheera. Firoonni isaa
fi warri isatti dhihaatan rakkina fuula duratti isa mudatu irraa isa
hambisuuf jedhanii akka innii achitti iyyuu hin dhihaanne, gara
boodaattis akka inni deebi’u isa gorsanii turan. Inni garuu diinonni isaa
hammam yoo baay’atan iyyuu maal iyyuu fudhachuuf qophaa’aa akka
ture isaanitti dubbate.

Wanti nama sodaachisuu fi nama naasisu fuula isaa dura yoo jiraate
illee, jibbi namootaa fi mormiin namootaa isatti yoo baay’ate illee,
geggeessaa dhugaan cimee dhaabbata malee goonkumaa kaayyoo isaa
irraa gara boodaatti hin deebi’u. Haalota rakkisoo tasgabbiidhaan
keessumsiisa malee mormii fi jibba namootaatiin kaayyoo isaa hin
dhiisu. Ija jabummaan akkasii kun yeroo tokko mul’atee yeroo biraa kan
badu, yookaan ol ba’ee kan gadi bu’u utuu hin ta’in kaayyoon isaa
hamma galma ga’utti kan itti fufu ta’uutu isa irra jira.

6.6. Gad Of Deebisuu Qaba

Biyyi lafaa kana ilaalchisee ilaalcha gaarii yoo hin qabu ta’e iyyuu gad of
deebisuun Waaqayyo namoota itti gargaaramu kan isaan ittiin
beekamanii dha. Geggeessitoonni daldalaa fi siyaasa keessa jiran gad of
71
deebisanii argamuu hin barbaadan. Kan isaan cimsanii barbaadan irra
caalaattii saba sana duratti beekamtii argachuu fi bakka duraa
qabachuu dha. Akka ulaagaa Waaqayyootti garuu namni bakka duraa fi
ol ka’aa qabatu nama gadi of deebisee dha. Waaqayyoo warra kooraan ol
of qabaniin in morma, inni isaanii wajjin hin hoojetu. Sagaleen
Waaqayyoo waa’ee kanaa yommuu dubbatu, “Waaqayyo warra kooraan
ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in
kenna” jedha (1 Phe. 5:5).

Ol of qabanii of kabajsiisuun, nan mul’adha nan mul’adha jechuunii fi


ulfina barbaaduun amala geggeessitoota biyya lafaa kanaa ti. Kanas
Gooftaan keenya Yesus Kristos ifaatti dubbateera. Gooftaan keenya
Yesus Kristos tajaajila fuula isaanii duratti isaan eeggatuuf isaan
qopheessuuf yeroo isaanitti dubbate, “Warri saba biyya lafa kanaa
abbooman gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beeku;
gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu. Isin gidduutti
akkas hin ta’u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu,
hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira.

Eenyu illee isin keessaa dura ta’uu kan barbaadu, garbicha isiniif
ta’uutu isa irra jira.” Jedhe (Mat. 20:25-27). Geggeessaan hafuuraa
gooftaa isaa gammachiisuuf tajaajila isaaf ofii isaa aarsaa godhee
dhiheessa malee jajuu fi harka walitti rukutuu biyya lafaa hin barbaadu.

Namichi maqaan isaa Wiiliyaam Low jedhamu tokko waa’ee gad of


deebisuu yeroo dubbatu; guyyaan tokkoon tokkoon isaa guyyaa itti gad
of deebisuutti guddannuu fi gad of deebisuun keenya itti mul’atu haa
ta’u jedha.

6.7. Amanamaa Ta’uu fi Garaa Qulqulluu Qabaachuu


Qaba

72
Phaawloos kufaatii isaas milkoomina isaas tokko iyyuu utuu hin
dhoksin waan garaa isaa keessa jiru mul’iseera. Kan keessa keenya
waan jiru utuu hin dhoksin mul’ifnee dubbannu namoota baay’ee yartuu
dha. Phaawloos utuu gooftaa keenya Yesus Kristositti hin amanin fuula
dura iyyuu jireenya isaatiin Waaqayyoon garaa qulqulluudhaan
tajaajilaa ture. Waaqayyo isa yeroo sana tajaajilaa tureefis amanamaa
ture. Inni ofii isaatii yommuu dubbatu, “Waaqayyoon, isa ani akkuma
abboota kootii yaada garaa qulqullaa’aadhaan hojjedhuuf, nan
galateeffadha” jedha (2 Xim.1:3).

Jireenya isaa gara boodaa keessattis Warra Qorontoosiif yeroo barreessu,


“Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula
Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka
namoonni baay’een dubbii Waaqayyoo mi’a harkatti gatii dhabe
fakkeessaniitti miti.” Jedha (2 Qor. 2:17).

Bara kakuu moofaatti Waaqayyo saba Israa’el irraa amanamummaa fi


garaa qulqulluu qabaachuu barbaada ture (Kes. 18:13).

73
TAJAAJILA TIKSEE

SEENSA

Tajaajilli tiksee Ergaa Phaawulos Gara Warra Efesoonitti barreesse 5:11


keessatti tajaajila Waldaa Kristaanaa tarreeffaman shaman keessaa
tokko yommuu ta’u waldaa kristaanaa ishee jalqabaa keessatti kan
bal’inaan hojii irra oolee fi waldoonni kristaanaa karaa isaan ittiin
baay’atanii dha. Kanaaf tajaajilli tiksee waldaa amantootaa keessatti irra
guddeessa kan tajaajilamu yommuu ta’u, kunis jireenya amantootaa kan
ittiin eeganii fi tajaajiltoota karaa ittiin oomishanii dha.

Barumsa kana keessatti irra caalaa waa’ee hiika tiksee, ulaagaalee


tiksee, tajaajila tiksee fi ga’ee isaa, amaloota tiksee fi tikseen wantoota
inni dursuu fi eeguu qabu tokko tokkoon ilaalla.

GALMA BARUMSA KANAA

Erga barumsa kana barattee xumurtee booddee:

 Waa’ee hiika maqaa tiksee jedhuu hubatta,

 Hiika maqaa tiksee kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessaa


ba’eessa gootee ibsita,

74
 Tikseen amaloota attamii qabaachuun akka isaaf ta’u erga
hubattee booddee atis akka tikseetti tajaajila kee addaan baafatta.

 Waa’ee tajaajila tiksee isa hubatte warra kaaniifis ibsita.

1. HIIKA TIKSEE

Tiksee Jechuun Maal Jechuu Dha?

1. Tiksee jechi jedhu kun Ingiliffaan ‘Pastor’, Amaariffaan ‘ መጋቢ afaan


Oromootti immoo tiksuu yookaan nyaachisuu yookaan eeguu,
bobbaasuu jechuu dha. Kakuu Moofaa keessatti Tiksee jechuun
‘Ra’ah’ jechuu yommuu ta’u hiiki isaas hoolota nyaachisuu, eeguu
yookaan bobbaasuu jechuu dha (Uma. 29:7; Erm. 3:15). Jechi kun
kakuu moofaa keessatti yeroo 173 caqasameera.

2. Kakuu Haaraa keessatti Tiksee jechuun afaan girikiitti ‘Poi’en’


jedhuu yeroo ta’u hiiki isaas ‘Pastor’ yookaan እረኛ jechuu dha. Kakuu
haaraa keessatti tikseen, Ingiliffaan ‘Shepherd’ kan jedhamu kun
yeroo 17 kan caqasame yommuu ta’u (Luq. 2:8, 15, 18, 20; Yoh.
10:11, 14; 1 Phe. 2:25) kallattiidhaan ‘Pastor’ kan jedhu jechi
Ingiliffaa immoo Efe. 4:11 irratti yeroo tokko qofa caqasameera.

3. Kakuu Haaraa keessatti tajaajilli tiksee tajaajila Ilaaltuu hojii


waldaa kristaanaa fi jaarsolii waldaa wajjin wal fakkaata.
Garaagarummaa maqaa malee tajaajilli isaanii wal qabatee jira.

Kakuu Haaraa Keessatti Tajaajilli Tiksee Kan Ilaaltuu Hojii


Waldaatii fi Jaarsolii waldaa Wajjin Akka Inni Itti Wal
Hidhee Jiru Yoo Ilaalle:

75
A. Girikiittii ‘Episcopes’ jechi jedhu Ingliffaan ‘Overseer or Bishop’
jechuu yommuu ta’u Amaariffaan ኤጲስ ቆጶስ yookaan ጳጳስ jechuu
dha. (Tit. 1:7; Filp. 1:1; HoE. 20:28).

B. Girikiitti ‘Poimen’ jechi jedhu Ingiliffaan ‘Shepherd or Pastor’


jechuu dha, Amaariffaan እረኛ yookaan መጋቢ jechuu dha. (Efe. 4:11; 1
Phe. 2:25; 5:1-4; HoE. 20:28)

C. Girikiitti ‘Presbuteros’ jechi jedhu Ingiliffaan ‘Presbyter or Elder’


jechuu yommuu ta’u Amaariffaan ሽማግሌ jechuu dha. (1 Phe. 5:1;
Tot. 1:5; HoE. 20:17; 1 Xim. 4:14).

Maqaan Isaa Adda Adda Haa Ta’u Iyyuu Malee


Tajaajilli Isaa Tokko Akka Ta’e Yommuu Ilaallu:

A. Phaawulos Tit. 1:5 irratti ‘jaarsolii hojii waldaa’ warra jedhuun Tit.
1:7 irratti immoo deebi’ee ‘ilaaltuu hojii waldaa’ jedhee waama.

B. HoE. 20:17, 28 fi 1 Phe. 5:1-4 keessatti ‘Jaarsolii waldaatii fi


tiksitoota’ jedhee waama.

C. HoE. 15:1-6 keessatti ergamoonni fi jaarsoliin waldaa walii wajjin


bulchaa turan.

4. Hamma jaarraa lammaffaatti Tiksee fi Ilaaltuun hojii waldaa


(Phaaphaas) tajaajilli isaanii kan gargar hin bane yommuu ta’u,
jaarraa lammaffaa booda Ilaaltuun hojii waldaa (Phaaphaasiin)
magaalaa guddaa tokko jala kan jiran waldaa kristaanaa hedduu
bulcha ture. Jaarraa 3ffaa fi 4ffaa keessa immoo Phaaphaasiin
tokko naannoo tokko keessa kan jiran waldoota kristaanaa
hedduu bulchuu jalqabe. Fakkeenyaaf: Naannoo Bara 400tti
‘Augastin’ namni jedhamu, abbaa waldaa kristaanaa ta’ee kan

76
beekame Phaaphaasii Afrikaa Kaabaa ta’uudhaan Waldaa
Kristaanaa baay’ee bulchaa ture.

5. Sochii haara’umsaa ‘John Calvin’ faa booda waldaanni kristaanaa


Pirotestaantii jecha Phaaphaas jedhu irra isa Amaariffaan መጋቢ
jedhamutti, Ingiliffaan immoo ‘Pastor’ jedhutti fayyadamuu eegalan; hamma
har’aatti iyyuu isuma kanatti fayyadamaa jiru. Sababiin isaa yeroo sana
haara’umsi kan hojjetameef sababa Phaaphaasonni Kaatolikii tajaajila Macaafa
Qulqulluudhaan mormu ta’aajilaa jiraachuu isaaniitiin murmuuf godhame waan
ta’eef warri haara’umsa kana irratti hojjetan isa booda maqaa Phaaphaasii kanatti
fayyadamuu hin barbaanne ture.

6. Warri Kaatolikii, Ortodoksii fi Angiliikaanonni tajaailaa waldaa isaanii yookaan


geggeessitoota isaaniitiin “Qees” jedhanii yommuu waaman maqaan Phaaphaas
jedhu garuu baay’inaan qaama olaanaadhaaf fayyada.

2. ULAAGAALEE TIKSEE

Tikseenn tokko waldaa kristaanaa keessatti tajaajiluuf ulaagaaleen inni


guutuu qabu akka armaan gadiitti kan argamu ta’a:

2.1. Waamicha Tajaajilaa Qabaachuu

Tajaajila tikseetiif inni ijoonii fi inni duraa baay’ee barbaachisaan


waamicha tajaajilaa ti. Waaqayyo namoota tokko tokko hojii mataa
isaanii hojjechaa akka isaan yeroo tokko tokko immoo hojii mana isaa
hojjetaniif yommuu waamu warra kaan immoo tajaajila yeroo guutuutiif
waama. Tikseen tajaaila isaa keessatti wantoonni isa rakkisaniif
qoramsii adda addaa yeroo isa mudatan waamicha isaa waan ta’eef
galfata isatti kenname hamma dhumaatti akka inni socho’u kan godhu
waamicha isaa ti. Tikseen waamicha tajaajilaa qabu yeroo hundumaa isa
isa waame gooftaa isaa gammachiisuuf dhama’a, gatii isaa immoo
gooftaa biraa eeggata. Tikseen waamicha tajaajilaa hin qabne garuu gatii
77
isaa lafuma kana irratti argachuu waan barbaaduuf, bu’aa argachuufis
waan dhama’uuf yeroo hundumaa geggeessitootaa fi warra wajjin
hojjetanii wajjin walitti bu’a. (1 Xim. 1:12; 3:1).

2.2. Jireenya Hafuuraatti Fakkeenya Ta’uu

Tikseen jalqaba irratti Kristosiin fakkaachuudhaan isas mul’isuudhaan


warra kaaniif jireenya fakkeenya ta’u jiraachuun waan isa irra jiruuf
kadhannaadhaan, sagalee Waaqayyoo qo’achuudhaan,
waaqeffannaadhaan, maatii isaa bulchuudhaan, tajaajilaa fi jireenya
hawaasummaatiin jabaatee argamuu qaba. Tikseen mucooliidhaaf,
dargaggootaaf, ga’eessotaaf, kan gaa’ela dhaabbatanii fi kan hin
dhaabbanneef, dhiirotaaf, dubartootaaf, geggeessitootaaf, tajaajiltoota
yeroo isaanii guutuu kennanii tajaajila kan biraadhaaf waan
hundumaatiin fakkeenya ta’uu qaba. (1 Xim. 3:2).

2.3. Leenjii Adda Addaa Fudhachuu

Tikseen tajaajila fooyya’aa amantootaaf kennuuf ofii isaatii leenjii adda


addaa fudhachuun dirqama ta’a. Yoo danda’ame utuu tajaajila hin
eegalin dura barumsa Te’oloogii (Macaafa Qulqulluu) mana barumsaa
Macaafa Qulqulluu yookaan Seminaarii galee barachuun baay’ee
filatamaa dha. Leenjii kan hin fudhanne tajaajilaan tolchuu irra
balleessuu waan baay’isuuf waldaan kristaanaa xiyyeeffannaa itti
kennuudhaan karaa ittiin tikseen leenjii itti argatu mijeessuun irra jira.
Itti dabalees tikseen tajaajila isaa gidduutti yeroo yerootti tajaajila isaaf
akka isa gargaarutti leenjii gaggabaabaa fudhachuudhaan ofii isaa
gabbisuu qaba. Tikseen yeroo hundaa barachuuf qophaa’aa fi garaa
banamaa akka qabaatuuf kitaabota gara garaa dubbisuu shaakaluutu
isa irra jira. (2 Xim. 4:13)

2.4. Muxannoo Tajaajilaa Qabaachuu


78
Sagaleen Waaqayyoo yommuu dubbatu, namni dhihoo amane
geggeessummaa Waldaa Kristaanaa keessa akka hin galle dhorka.
Akkasumas muxannoo tajaajilaa baay’ee kan hin qabne, warra kaanii
wajjin hojjechuu kan barree fi tajaajila qindeessuu kan barre tajaajilli
tiksummaa isatti ulfaata. Ergamaan Phaawloos erga tajaajilattii
waamamee booda tajaajila sirriitti kan inni bobba’e waggoota sagal
booda ture. Kanaaf muxannoon tajaajilaa tiksee tokkoof baay’ee
murteessaa dha.

2.5. Waldaa Kristaanaatiin Muudamuu

Muudamni Waaldaan Kristaanaa isaaf kennitu tikseedhaaf tajaailatti


Waaqayyo isa waamuu isaatiif kan isaaf mirkaneessuu fi beekamtii isaaf
kennu waan ta’eef, kun immoo tajaajila isaa gara fuula duraatiif
amanamummaadhaa fi garaa qulqulluudhaan hojjechuuf bu’uura isaaf
ta’a. Itti dabalees tikseen erga muudama waldaa kristaanaa argatee
booda sirna tajaajila dhoksaawwan qulqullaa’oo kan akka Kennaa
Qulqulluu fi Cuuphaa fi tajaajila kan biroo kan akka Gaa’ela eebbisuu,
Sirna awwaalchaa raawwachuu fi kkf raawwachuuf aboo qaba. Kanaaf
tikseen tokko tajaajilli isaa waldaa kristaanaatii fi nannoo isaatti
fudhatama akka argatuuf sirna muuddaa Waaldaa Kristaanaatiin
raggaasifamuu qaba. (1Xim. 4:14; Tit. 1:5).

3. ITTI GAAFATAMUMMAA TAJAAJILA TIKSEE


79
Tikseen erga muudamee booda tajaajilli Waldaa Kristaanaa keessatti isa
irra eegamu:

3.1. Karra Hoolotaa (Amantoota) Kunuunsuu fi Eeguu

Itti gaafatamummaan tiksee inni duraa karra hoolotaa (Amantootaa)


kunuunsuu fi eeguu yommuu ta’u, kunis qaama, miira, yaada sammuu
fi fedha hafuuraa saba sana bira ga’ee gargaaruuf dhama’uu qaba. Saba
sana dhuunfaa dhuunfaa isaaniititii itti dhiheenyaan argatee jireenya
isaanii nyaachisuu fi jajjabeessuu yommuu ta’u tajaajila kanas saba
sanaaf yaaduu fi oo’uudhaan jaalalaan eeggannaadhaan gochuu qaba.
Tikseen dirqamaan amantoota sana tokkoon tokkoonn isaanii beekuun
dirqama isaa yommuu ta’u erga iddoo aarsaatii bu’ee booda amantoota
duraa dhokachuun isa irra hin jiru.

Tikseen maqaa miseensotaa tarreessee galmeessuu fi qabuun kan isa


irra jiru yommuu ta’u, kunis miseensota sana hordofuu fi to’achuuf
baay’ee isa gargaara. Keessumattii yoo waaqeffannaa waldaa irraa oolan,
kan dhukkubsate yoo jiraate, kan gadda taa’aa jiru yooo jiraate, rakkoon
dhuunfaa fi hawaasummaa kan isa irra ga’e yoo jiraate tikseen
xiyyeeffannaa itti kennee dhaqee do’achu fi dubbisuu qaba. (1 Phe. 5:1-
4; Far. 23; Yoh. 10:1-18).

3.2. Amantoota Gorsuu

Tikseen tajaajila gorsaa rakkoo hafuuraa fi qaamaa kan irra ga’eef


qajeelfama Macaafa Qulqulluu fi beekumsa sagalee Waaqayyoo irratti
hundaa’uudhaan kan raawwatu yommuu ta’u, kunis mantoonni
rakkoon isaan irra ga’e sun akka isaan akka dubbii Waaqayyootti
jajjabaachuudhaan rakkoo qabaniif ofii isaaniitii deebii itti kennan
gargaaruu fi akka isaan bilchina bira ga’an gochuuf dha. Tikseen
tajaajila gorsaa kennuu keessatti kan innii hubachuu qabu Waaqayyo

80
burqaa waan hundumaa akka ta’e hubachuu, Hafuura Qulqulluu
amanchuu, sagaleen Waaqayyoo hundumaaf deebii kennuuf guutuu
ta’uu isaa beekuu qaba. (Yoh. 14:15-17; Far. 119:1-5).

3.3. Amantoota Barsiisuu fi Leenjisuu

Tajaajila Tiksee keessatti ga’een inni lammaffaan immoo barsiisuu


yommuu ta’u kunis sabni Waaqayyoo dubbii Waaqayyootiin akka
guddatan gochuuf nyaachisuu dha. Tajaajiltoota leenjisanii nama itti
fufee tajaajilu horachuuf, karra hoolotaa sana (Saba Waaqayyoo) barsiisa
sobaattii eeguufis barsiisuun barbaachisaa dha. Tikseen sagantaa
waaqeffannaa Dilbataa irratti barumsa walitti fufiinsaa qopheessuu,
qo’annaa Macaafa Qulqulluu fi leenjii adda addaa qopheessuudhaan
barsiisuun isa irra jira. Tikseen dirqama kennaa barsiisaa nama qabu
ta’uu qaba; barsiisaan garuu dirqama tiksee ta’uu dhiisuu mala.

Barsiisi gaariin waldaa keessa jiraannaan barsiisi, shaakallii fi ilaalchi


dogoggoraa ni dadhaba. Amantoonni waldaa sanaas kallattii
baay’eedhaan bilchinni isaanii mul’ataa adeema. Kanaaf barsiisuun hojii
tiksee isa angafa ti. Kunis amantoota gara hubannaa fi bilchina
hafuuraatti fida. (Efe. 4:11; Tit. 2:3-5; 2 Xim. 2:2).

3.4. Amantoota Geggeessuu

Hojii tiksee keessaa isa tokko kan ta’e jaarsolii waldaa wajjin ta’uudhaan
waldaa kristaanaa geggeessuu fi bulchuu dha. Waldaa Kristaanaa
keessa kan jiru humna namaa fi qabeenyaa waldaa akka abbaa galfataa
tokkotti bulchuun isa irra jira. Aboon geggeessuu tiksee akka akka
caasaa waldaatti murtaa’a. Ta’us garuu tikseen itti gaafatamummaa fi
aboo guutuudhaan haala inni ittiin socho’u mijeessuufiitu ta’a.

4. AMALOOTA TIKSEE AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI

81
(1 Xim. 3:1-7)

4.1. Of Bituu

Tikseen tokko jalqaba irratti hundumaa dursee of bituu danda’uu qaba.


Kunis miira isaa, dheekkamsa, fedhaa fi hawwii isaa to’annaa isaa jala
galchuu qaba. Isaan tarreeffaman kana tikseen to’annaa isaa jala hin
galchu taanaan jireenya isaa fi tajaajila isaa irratti balaa guddaa fiduu
danda’u. Miiraan ka’ee homaa iyyuu akka hin raawwanne of to’achuu
qaba.

Miira yommuu jennu, gaddaa fi gammachuu isaa, akkasumas arraba


isaatiin barsiisuu fi gorsuu irraan kan hafe ittiin gar malee dheekkamuu
fi waan hamaa dubbachuun isa irra hin jiru. Akka wanti hamaan afaan
isaa keessaa hin baaneef eeggachuu qaba malee erga afaan isaa keessaa
ba’ee booda gaabbuun barbaachisaa miti. Itti dabalas fedha nyaataa,
dhugaatii fi quunnamtii saalaa irraa of bitee nama ma’atee jiraatu
ta’uunn isa irra jira.

4.2. Maatii Isaa Ba’eessa Godhee Bulcuu

Macaafa Qulqulluun isa kana irratti qajeelfama ifaa ta’e kaa’a. Kunis:
nama haadha mana tokkittii, kan haadha manaa isaa hinn hiikne, nama
hin sagaagalle, maatii isaa bulchuu irratti dhuga ba’umsa gaarii nama
qabu jechuudhaan tarreessa. Akkasumas namni maatii isaa sirriitti
seerrrachuun hin dandeenye attamitti waldaa kristaanaa seerrachuu
danda’aree? Jedhee gaaffii guddaa kaasa. Kanaaf tikseen gaa’elaa fi
maatii isaa bulchuu irratti nama waan ittiin jedhan kan hin qabnee fi
warra kaanis ija jabummaadhaan gorsuu fi ifachuudhaan fakkeenya
ta’uu qaba.

82
4.3. Waldaa Kristaanaa Keessatti Dhuga Ba’umsa
Gaarii Qabaachuu

Kutaa kana keessatti tikseen tajaajila isaa waldaa keessaa keessatti


dhuga ba’umsa gaarii akka inni qabaachuu qabu dubbata. Tikseen
barsiisuu kan danda’uu fi amanamummaadhaan nama hojjetuu fi itti
gaafatamummaa isaa nama ba’uu ta’uu qaba jedha. Tikseen tajaajila
waldaa kristaanaa keessatti namoota wajjin tajaajiluu wajjin walii galee
hojjechuun isaa ol ka’ee namootatti mul’achuu qaba. Hojii isaattis
amanamummaa qabaachuun isa irra jira. Hojii isaa keessattis nama
waan ittiin komatamu hin qabnee mudaa malee ta’ee argamuu qaba.

Kanaafuu tikseen amantoota waldaa hundumaa wajjin walitti gaarii


uumuudhaan nagaadhaa fi jaalalaan kan jiraatu, kana gochuu isaatiin
immoo amantoota biratti dhuga ba’umsa gaarii qabaachuun isa irra jira.
Itti gaafatamumaa isaa ba’uudhaan, amanamummaadhaa fi waan ittiin
komatamu qabaachuu dhiisuu isaatiin fakkeenya gaarii amantootaaf
ta’uu qabu.

4.4. Hawaasa Keessatti Dhuga Ba’umsa Gaarii


Qabaachuu

Tikseen hawaasa keessa jiraatu keessati waann hundumaa keessatti


dhuga ba’umsa gaarii qabaachuu qaba. Waldaa keessaa tajaajilu
keessatti qofa utuu hin ta’in, namoota alaa birattis fakkeenya gaarii
ta’uudhaan dhuga ba’umsa gaarii qabaachuun isa irra jira. Namoonni
bakkee isa irraa mudaa arganii kan itiin isa hammeessan utuu hin ta’in
isa hammeessuuf sababa kan dhaban akka ta’aniif jireenya
fakkeenyummaa gaarii qabu ta’uu qaba.

83
5. TIKSEEN JIREENYA ISAA KEESSATTI DURSA
KENNUUN KAN IRRA JIRU

5.1. Waaqayyo

Jireenya tiksee keessatti iddoo guddaa fi olaanaa qabaachuu kan qabu


walitti dhufeenya inni Waaqayyoo wajjin qabuu dha. Kadhannaadhaaf,
sagalee Waaqayyoo qo’achuudhaaf, karaa Hafuura Qulqulluu
qajeelfamaa fi humna argachuudhaaf, jireenya isaatiif tajaajila isaa
to’annaa Waaqayyoo jala gochuudhaaf, waaqa banaa fi garaa banamaa
tajaajila guyyaa guyyaa keessatti qabaachuuf tikseen Waaqayyoo wajjin
walitti dhufeenya cimaa qabaachuun isa irra jira. (1 Sen. 28:8-9; Filp.
3:3-14).

5.2. Maatii

Waaqayyotti aansee kan tikseen dursa kennuun isa irra jiru maatii dha.
Maatii isaatiif dursa kennuuf itti gaafatamummaa qaba. Kunis haadha
manaa isaa, ijoollee isaa fi mana isaa keessa kan jiran hundumaa kan of
keessatti qabatee jiruu dha. Isaan kana hundumaa kunuunsuu fi eeguu
qaba. Utuu gara tajaajila tiksummaa kana maatii isaa tajaajiluudhaan
fakkeenya gaarii ta’uu qaba. (Efe. 5:25-33; 1 Phe. 3:7; 1 Xim. 3:4-5; Ibr.
13:4; Qol. 3:20-21).

5.3. Tajaajila

Sadaffaa irratti kan tikseen dursa kennuun ta’u tajaajila isa Gooftaa
irraa fudhatee dha. Kunis waldaa kristaanaa keessatti tajaajila tajaajilu
hundumaa; amantoota kunuunsuu, gorsuu, barsiisuu, geggeessuu
akkasumas tajaajiltoota leenjisuu fi bakka bu’oota kaasuu irratti
xiyyeeffannaa guutuu kennuudhaan tajaajiluu qaba. Tikseen jireenya
amantootaatii fi kan tajaajiltootaa qaruudhaan jireenya isaanii irrattii

84
dhiibbaa guddaa gochuu danda’uun isa irra jira. (1 Tas. 1:4-8; 2:6-12;
Qol. 1:28-29).

5.4. Jireenya Hawaasummaa

Tikseen dhuma irratti dursa kennuuffiin kan isaaf ta’u dhimma


hawaasummaa ti. Kunis baay’inaan warra hin amainii wajjin walitti
dhufeenya uumuudhaan jireenya jiraatamuu dha. Tikseen olla isaa
wajjin, firoota isaa wajjin, naannoo isaa kan jiran qaamolee mootommaa
wajjin yeroo gammachuutti, yeroo gaddaattii fi wantoota hawaasummaa
gargaaran hundumaatti hirmaannaa gochuu qaba. Tikseen namoota
hawaasa naannoo isaa jiraatan kakaasuudhaan qulqullina naannoo fi
misoomatti akka bobba’an gochuun isa irra jira. Ta’us garuu
hawaassummaan kun walitti dhufeenya inni Waaqayyoo wajjin, maatii
isaa wajjinii fi tajaajila isaa wajjinii miidhuun isa irra hin jiru. Isaan
kana hundumaa madaallii isaa eegee socho’uu qaba. (Ibr. 12:1-3; Qol.
1:10; 1 Qor. 10:23).

6. WANTOOTA TIKSEEN IRRAA OF EEGGACHUU QABU

Tikseen jireenya isaa fi tajaajila isaatti wantoonni inni baay’ee irraa of


eeggachuu qabu kanneen armaan gadii ti.

6.1. Dhibaa’ummaa

Tiksitoonni hedduun sababiin isaan tajaajila isaanii dhiisanii fi utuu firii


hin naqatin tajaajila isaanii irraa ari’amaniif dhibaa’ummaa dha. Kunis
kan ta’u tikseen sun tajaajilatti yeroo hundumaa qabamee kadhachuu fi
jireenya hafuuraa isaa haaressuuf yeroo yommuu dhabu, baay’ina hojii
irraan kan ka’e sammuun isaa fi qaammi isaa yeroo dadhabu miirri isaa
karaa baay’ee miidhamuu danda’a. qorannaan tokko tokko akka ibsutti
tikseen rakkina kana hubatee dafee furmaata itti hin barbaadu taanaan

85
dhibaa’ummaan isaa kun gara dhiphinaatti geessuu danda’a. Dhiphinni
sammuu kun immoo gara of ajjeesuutti isa geessuu danda’a. Kanaafuu
kun diina tiksee isa guddaa waan ta’eef cimsee irraa of eeggachuutu isa
irra jira. (Gal. 6:9-10; Isa. Isa. 40:27-31; Mat. 11:28-30; Rom. 15:4-6).

Dhibaa’ummaa Kana Ittisuuf Tikseen Wantoota Inni


Gochuun Isa Irra Jiru:

(Barreeffamni kun ‘Denis Moc’ barumsa Tajaajila Tiksee jedhamee


mooggaafamee barreeffame fuula 159 irraa fuudhame.)

1) Jireenya isaa haaressuu kan danda’u guyyaa guyyaatti yeroo


Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaan isaa wajjin dammaqiinsa
hafuuraa qabaachuu qaba.

2) Qaammi isaa nyaata ga’aa, sochii qaamaa fi boqonnaa qabaachuu


qaba.

3) Wantooti duraa duubaan raawwataman jireenya isaa keessa


jiraachuu qaba (Waaqayyo – Maatii – Tajaajila – Hawaasummaa)

4) Dandeettii fii humna isaa gararraa tajaajilaa fi itti gaafatamummaa


fudhachuu diduu qaba.

5) Xiyyeeffannoo isaa Kristos irra godhachuudhaan namootaaf


jajamuu fi ulfina akkaataa hin taaneen argachuu baqachuu qaba.

6) Inni isa waame Waaqayyo akka isa hin dhiifne amanuudhaan


isatti hirkatee isa amanachuu qaba.

7) Itti fayyadama yeroo beekuu qaba.

8) Tajaajila hundumaa ofii qafa hojjechuuf wallaansoo qabuu irra


warri kaan akka hojjetan irratti hirmaachisuu fi itti
gaafatamummaa kennuufii qaba.
86
9) Isatti dhihoo kan ta’an akkuma isaa Tiksitoota warra ta’an
gorsituu qabaachuu qaba. Qofummaa baqachuu.

10) Sochii tiksee kan biraa fakkeessuu irra of ta’ee argamuu


qaba.

6.2. Wantoota Sadii Diina Tajaajilaa Ta’an Irraa


Fagaachuu

1. Ejja
Ejji tiksoota dargaggoota, warra gaa’ela dhaabbatanis ta’e warra hin
dhaabbannetti tajaajila isaaniitti gufuu guddaa kan ta’uu dha.
Qorannoon tokko tokko akka ibsutti tiksitoonni baay’een haadha manaa
isaanii irraa addattii kallattiidhaanis ta’e al kallattiidhaan dubartoota
wajjin ejjan qabu. Kun immoo waan yeellaasisaa fi Waaqayyoon duratti
xuraa’aa dha. Kanaaf tikseen sagaleen Waaqayyoo baay’ee kan mormu
ejjaaf kan nama kakaasanii fi namoota waan akkasii raawwatan
keessumaa dubartootaa wajjin akkaataa hin taaneen walitti dhufeenya
uumuu irraa of eeggachuu qaba.

2. Horii
Kan tikseen baay’isee irraa of eeguu qabu kan biraan immoo jaalala horii
ti. Horiin Waaqaayyo akka nuyi ittiin tajaajilamnuuf kan nuuf qopheesse
yommuu ta’u, yoo nuyi of irratti moosifne garuu gooftaa gadhee nu
irratti ta’a. keessumattuu umuriin isaanii giddu galeessa keessa kan
jiran tiksitoonni itti gaafatamummaa maatii fi ba’aa jireenyaa ittiin
hir’ifachuuf jecha karaa ittiin qarshii argatan akkaataa qajeelina hin
qabneen qopheessuu danda’u. Furmaati isaa egaa waldaan hojimaata
qarshii kana ittiin hojjetamu karaa iftoominaatiin qopheessuu qabdi.

87
3. Of Tuulummaa
Waaqayyo kan baay’ee jibbuu fi Diyaabiloos kan inni ittiin kufe keessaa
tokko of tuulummaa dha. Kun fuula Waaqayyoo dratti baay’ee cubbuu
ciiggaasisaa dha. Keessumatti umuriin isaanii kan deeme, tajaajila
keessa waggoota hedduu kan turan, tajaajila iddoo aarsaa baay’ee kan
tajaajilan, muxannoo tajaajilaa baay’ee qaban beekamtiis kan argatan
tiksoota baay’eedhaaf qoramsi isaanii inni guddaan of tuulummaa dha.
Macaafa Qulqulluun of tuulummaan kufaatii dursiti waan jedhuuf
tikseen of tuulummaaf wantoota nama kakaasan hundumaatti of
eeggachuu fi hafuura gadi of qabummaatiin galfata gooftaan itti kenne
fiixaan baasuu qaba.

88
KUTAA SHAN

IBSA GEGGEESSAA TAJAAJILAA

SEENSA

Geggeessaa tajaajilaan tarii warra kaan caalaatti hojjechuuf kan nama


rakkisu gosa geggeessummaa ta’uun isaa hin oolu. Namni hundumtuu
karaa tokkos karaa biraas tajaajiluu fi geggeessuuf waamameera. Kanaaf
hundumtuu tajaajilaa geggeessaa dha, hundutuu geggeessaa tajaajilaa
dha. Tajaajilaa geggeessummaan dhimmaa eenyummaa ti malee dhimma
hojii miti. Hojiin isaa firii eenyummaa isaa fi firii Hafuura qulqulluu ti.

Kaayyoon barumsa kanaa amma utuu barumsa isa irra jirtuus ta’e gara
fuul duraattis jireenya kee keessatti geggeessaa tajaajilaa akka ati taatu
si gargaaruu dha. Kana jechuun maal jechuu dha. Walumaagalatti kana
jechuun maatii kee keessatti, firoota kee biratti, yookaan dhaabbata
keessaa hojjettu keessatti, waldaa keessaa tajaajiltu keessatti amala ati
agarsiiftu hamma tokko in agarsiisa jechuu dha.

Barumsa kana karaa adda addaatiin qopheessuun in danda’ama ture.


Haa ta’u malee Kolleejii Macaafa Qulqulluu keessaa akka baratuutti
sagalee Waaqayyootti akka ta’utti xiyyeeffannaa gochuun barbaachisaa
ta’ee waan argameef Manneen barumsaa Macaafa Qulqulluu biratti
fuhdatama kan argatan kitaabotaa wajjin wal qabachiisanii ittiin
dhugoomsuuf dhamaasuu guddaan godhameera.

89
GALMA BARUMSA KANAA

Barumsa kana erga barattee xumurtee booda:

 Amaloota geggeessaa tajaajilaa kudha lamaan tarreessita,

 Tokkoon tokkoon amaloota geggeessaa tajaajilaa ibsita,

 Atis akka geggeessaa tajaajilaatti amaloota 12 kana of keessa


barbaaddee jireenya kee keessatti guddifachuuf yaalii gochuu
eegalta.

AMALOOTA 12 GEGGEESSUMMAA TAJAAJILAA

Kutaa geggeessaa tajaajilaa jedhu kana irratti xiyyeeffannaa kan nuyi


goonu amaloota 12 geggeessaa tajaajilaan qabu irratti dha. Amaloonnii
12 kun guutuu guutummaatti kan waraabame ‘Larry’ dhaan kan
barreeffame (Spears, Larry C. (ed.) 1966.Insight on Leadership.Service, Stewardship, Spirit
and Servant-Leadership. New York: John Wiley & Sone, PP.4-6) Kitaaba jedhamu irraa
ti.

1. Dhaggeeffachuu

Aadaadhaan geggeessitootaaf tilmaammi guddaan kan kennamu yaada


wal jijjiiruu fi murtoo kennuu irratti dandeettii jiru irra dhaabbatamee ti.
Yoodhuma illee hammam dandeettiin yaada wal jijjiiruu fi murtoo
kennuu geggeessaa tajaajilaadhaaf barbaachise namoonni calluma
jedhanii hubannaadhaan dhaggeeffachuudhaan dandeettii isaanii
gabbifachuu ni danda’u. geggeessaa tajaajilaan fedha gurmuu sanaa
adda baasuudhaan ifaa godhee bakkee baasa. Yaada isatti himamus ta’e
isa itti hin himamin hubannaadhaan dhaggeeffachuu fedha.

90
Dhaggeeffachuun tajaaila geggeessaa tajaajilaatiif hedduu fayyada.
Guddina isaatiifis shoora guddaa qaba.

Dhaggeeffachuu kan ilaallatu yaada hiiktuu:

 Tajaajilaan kam iyyuu akkuma godhu jalqaba dhaggeeffadhu

 Namoota calluma jedhii dhaggeeffadhu

 Yaada isaanii hubachuuf fedha garaa irraa ka’e qabaachaa


dhaggeeffadhu

 Kan himames kan hin himamnes dhaggeeffadhu

 Sagalee keessa ofii keetii dhaggeeffadhu

 Himamaa kan jiru yaadaa dhaggeeffadhu.

2. O’a Argisiisuu

Kana jechuun rakkina namootaa akka kan mataa ofiitti ilaaluu jechuu
dha. Geggeessaa tajaajilaan rakkoo namootaa fi haala isaan keessa jiran
hubachuuf garaa isaa irraa dhama’a. Hafuura namootaa isa adda ta’e
simatanii beekamtii kennuufiin barbaachisaa dha. Namni tokko amalli
isaa illee yoo isa gammachiisuudhaabaate akka namaatti kabajee
simachuutu isa barbaachisa. Geggeessitoonni gurguddoon kan isaan
milkoomina argataniif sababa rakkoo namootaa akka kan mataa
isaaniitti ilaalanii o’a itti agarsiisaniif dha.

Namootaaf O’uu Kan Ilaallatu Yaada Hiiktuu:

 Namootatti jaalala agarsiisi

 Dandeettii fi kennaa namootaa adda baaftee beekuudhaan


simadhu malee hin yaallessin duraa

91
 Hanqina ga’umsaa namoota qabaniif obsi; sababiin isaa Kristosiin
malee namni guutuun biyya lafaa kana irra hin jiru.

 Namoota sii wajjin hojjetan fedha isaanii isa gaarii tilmaama


keessa galchi.

3. Fayyisuu

Warra kaan fayyisuu yookaan sophuu baruun jijjiiramaaf humna


guddaa dha. Geggeessummaa tajaajilaa irraa kan argamu jabinni inni
tokko ofii isaa fi namoota fayyisuu danda’uu dha. Namoonni baay’een
garaa madaa’aa fi haamilee miidhamaa qabu. Geggeessitoonni tajaajilaan
egaa warra akkasii kana fayyisuu danda’uun isaan irra jira.

Fayyisuu Kan Ilaallatu Yaada Hiiktuu:

 Caba garaa fi miidhama hafuuraa namoota qaban suphuu irraa


gara boodaatti hin deebi’in.

 Namootni yaada gaarii fi abdii akka qabaatan godhi, atis abdii


qabaadhu.

4. Hubachuu

Hubannaan waliigalaatiif waa’ee mataa isaa iyyuu beekuun geggeessaa


jabeessa. Hubannaa argachuuf dhama’uun barbaachisaa dha. Tarii kana
gochuuf tarkaanfii fudhachuun illee sodaachisaa ta’uu danda’a. Garuu
immoo baay’ee barbaachisaa dha. Hubannaan dhimmoota amala gaarii fi
dhudhaalee hubachuuf gargaara. Kunis haalota karaa baay’ee
qindaa’aniin akka ilaallu nu gargaara.

Of Beekuu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu Ta’an

 Of beeki, akkasumas tasgabbii keessaa gabbifadhu

92
 Warri kaanis akka isaan of baraniif isaan jajjabeessi

 Nama dammaqaa fi ga’umsa ittiin wantoota hubatan qabaadhu

5. Waliigalchuu

Waldaa Kristaanaa keessattis ta’ae dhaabbata kamiin keessatti iyyuu


murtoon yeroo kennamu aboo keetti fayyadamuu irra namoota
waliigalchisiiftee akka hundumatuu waliigalteedhaan murteeffatu godhi.
Kunis wantoota ittiin geggeessaa tajaajilaan beekamu keessaa isa tokko.
Geggeessaa tajaajilaan namoota ajajuu irra amansiisuu filata.

Waliigalchuu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu:

 Namoota ajajuu irra hafuura namoota waliigalchisiisuun amansiisi

 Gurmuuwwanii wajjin waliigaltee uumi.

6. Ija Ogummaatiin Ilaaluu

Geggeessittonni tajaajilaan dandeettii abjuu gurguddaa abjo’achuu


gabbifachuu fedhu. Wantootaa fi rakkinoota ija hubannaatiin ilaaluu
jechuun dhugaa jiru irra qaarisiisanii ilaaluu jechuu dha. Kun
geggeessitoota hedduudhaaf sirnaa fi muxannoo kan gaafatuu dha.
Shaakalaan kan geggeessu geggeessaan yeroo isaa kan innii balleessu
galma yeroo gabaabaa fiixaan baasuuf dhama’uu irratti dha. Geggeessaa
tajaajilaa namni ta’uu barbaadu geggeessaan haala gara fuula duraas
tilmaama keessa galchuu qaba.

Ija Ogummaatiin Ilaaluu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu

 Dandeettii abjuu gurguddaa abjo’achuu namootaa gabbisiif

 Hojii guyyaa guyyaatti raawwatamu garasitti kan ilaaltu abbaa


mul’ataa ta’i.
93
7. Fageessanii Ilaaluu

Wantoota yookaan haalota ija ogummaatiin ilaaluu wajjin walitti


dhufeenya qabaatee kan waliin deemu fageessanii ilaaluu dha.
Fageessanii yaaduu isa jedhu kana ibsuun yoo ulfaataa ta’e iyyuu isa ija
ogummaatiin ilaaluu jedhuttii addaan baasuun garuu salphaa dha.
Kunis firiin haala tokkoo maal ta’uu akka danda’u hubachuu kan
agarsiisuu dha. Namoonni baay’ee waan tokko kan isaan baran yeroo
arganii dha. Fageessanii ilaaluun tajaajilaan isa yeroo darbe barate sana,
dhugaa amma keessa jiruuf firii inni gara fuula duraatti argamsiisu
hubachuudhaaf isa gargaara.

Fageessanii Ilaaluu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu:

 Firiin haala tokkoo maal ta’uu akka inni danda’u fageessii yaadi

 Barumsa yeroo darbanii, dhugaa yeroo ammaa jiruu fi murtoon ati


hara kennitu gara fuula duraatti firii inni argac=msiisu hubadhu.

8. Galfata Eeguu

Abbaa galfataa ta’uun namni tokko waan tokko galfata akka inni eeguuf
isa inni itti kennatu kan ilaallatuu dha. Kunis hojii adeemsiftoonni,
hojjetoonnii fi boordonni dhaabbata sana bu’aa waliigalaatiif wantoota
ta’uun geggeessuu yookaan bulchuu kan gaafatuu dha. Geggeessaa
tajaajilaan akkuma nama galfata fuudhee eegu sanaa fedha warra kaanii
guutuufiidhaaf dhama’a.

Galfata Eeguu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu:

 Wanta inni sitti kennate nama sanaaf amanamummaadhaan qabiif

 Warra kaaniif kunuunsa godhi

94
 Fedha ofii kee guutachuu irra tajaajila keef dursa kenni.

 Itti gaafatamummaa warra kaaniifis hiri

 Milkoomina dhaabbata sanaaf akka abbaa qabeenyaatti of


fudhadhuu hojjedhu

9. Guddina Namootaatiif Gara Mureessa Ta’uu

Geggeessaa tajaajilaan ga’ee isaan hojii isaanii keessatti dhaabbaticha


keessatti ba’an garsitti namoonni waa’ee eenyummaa isaanii irratti
xiyyeeffannoo akka kennan godha. Eenyummaa isaaniitti gatii kennuu
namootaatti amana. Kanaafuu geggeessaan tajaajilaan guddina namoota
dhaabbata sana keessaa hojjetaniif hamma isaaf danda’ae dhamaatii
godha.

Geggeessaa tajaajilaan itti gaafatamummaa isaa jala namoota jiran


guddina dhuunfaa isaanii, kan ogummaa isaanii, guddina hafuuraa
isaanii gabbisuuf itti gaafatamummaa guddaa akka qabu hubata. Kunsi
akka hojii irra ooluuf guddina wantoota jedhaman kanaaf kan gargaaru
baajeta, yaada namootaas fudhachuudhaan raawwii isaaf dhama’a.

Guddina Namootaatiif Gara Mureessa Ta’uu Ilaalchisee


Yaada Hiiktuu

 Namoonni namuummaadhuma isaaniif iyyuu akka isaan gatii


qaban amani

 Dhaabbata kee keessaa namoota hojjetan guddina dhuunfaa


isaanii; kan ogummaa isaanii fi guddina hafuuraa isaanii
ariifachiisuuf dhamaatii godhu.

95
10. Hawaasa Ijaaruu

Seenaa ilmaan namaa keessatti jireenyi hawaasummaa baay’ee


murteessaa dha. Namni hamma biyya lafaa kana keessa jiraatutti
naannoo jiru hundumaatti tokkummaa fi waliigalteedhaan jiraachuun
barbaachisaa dha. Kunis waan baay’eedhaaf gargaara. Dhaabbata
keessaa hojjetan keessatti hawaasummaa ijaaruun barbaachisaa dha.
Egaa geggeessaa tajaajilaan barbaachisummaa hawaasa ijaaruu kanatti
baay’ee amana. Geggeessaa tajaajilaan dhaabbata daldalaa fi kan biraa
keessatti namoota wajjin hojjetuu wajjin walii galuudhaan hawaasa
ijaaruu akka danda’u agarsiisa.

Hawaasa Ijaaruu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu

 Dhaabbata kee akka hawaasaatti hubadhuutii ijaari

 Dhaabbati kee jireenya namootaa qaruu fi yaada namootaas gara


gaariitti jijjiiruu akka danda’u hubadhu.

11. Jaalala

Maatii keessaa fi hawaasa keessa, hojjetoota gidduus jaalalli jiraachuun


waliif yaaduu fi wal gargaaruun akka isaan gidduu jiraatu godha. Miira
gaarii fi waliif dhimmuus isaan gidduutti guddisa. Kunsi namoota kan
biraaf kan nuyi qabnu yaada gaarii, gaarummaa fi miira obbolummaa ti.

Jaalalli Waaqayyo kennaa walabaa ti. Kanaafuu isa kana argachuuf


homaa tokko wanti nu dhamaasu hin jiru. Akka Waaqayyo nu hin
jaallanne wanti dhorku wanti tokko illee hin jiru. Waaqayyo jaalalli inni
ittiin nu jaallate jaalala dhiphina keessa darbee dha. Dhiphinnii fi
rakkinni nu irra ga’u takkaa iyyuu isa nu irraa fageessee hin beeku.
Fakkeenyummaa n jaalalaa kan jiru fakkeenya amala Waaqayyoo
keessaa ti. Inni jaalala isaatiin eenyuun iyyuu hin qoodu. Geggeessaan
96
tajaajilaanis akkasuma namoota hundumaa jaallachuu qaba. Kanaanis
beekama.

Jaalala Kan Ilaallatu Yaada Hiiktuu

 Jaalalli hin jiru taanaan amaloonni kan biroon hundumtuu hojii


ittiin raawwachiisuu duwwaadhaaf ta’u.

 Jaalalli Ilamaan Kristos ta’uu keenya kan nuuf mirkaneessuu dha.

 Jaalalli dadhabbii ofiis kan warra kaaniis fooyyessuuf dhama’uu


dha.

12. Gad of Deebisuu

Kun boonuu dhiisuu kan agarsiisu yommuu ta’u, hiiki isaa


garraamummaa ilaalchaa fi hafuuraa ti. Namni gadi of deebisee jiraatu
ulfina bitamuu keessa jiru agarsiisa. Kunis mataa ofii gadi qabatanii gadi
of deebisanii waan namatti kenname amanamummaadhaan
raawwachuu dha. Waaqayyo namoota akka isaan gadi of deebisan
godha. Geggeessaa tajaajilaan egaa amalli inni ittiin beekamu inni
guddaan yeroo hundumaa hafuura gad of deebisuutiin deddeebi’uu isaa
ti.

Gad of Deebisuu Ilaalchisee Yaada Hiiktuu:

 Tajaajilaa jalqabaa ta’i

 Namoota kan biraadhaaf beekamtii barbaachisu kenniif

 Waan ofii keetii hojjechuu hin barbaadne warri kaanis akka


hojjetan hin gaafatin.

97
WABII

Barna George, Leaders on Leadership. Ventura: Regal Books, 1997.

Clinton Robert, The Bible & Leadership Values.Altadena: Barnabas Publishers,1993.

Maxwell, John C. The 21 Irrefutable law of Leadership.Nashville: Thomas Nelson

Publishers, 1998.

Stark, David & Gary Wide.Christ-Based Leadership. Minnesota: Bethany House,

2005.

Watson, David. I Belive in the Church. London: Hodder, reprinted, 1993.

Williams, R. Michael. Mastering Leadership. London: Acron Magazines Ltd, 2004.

Wondossen Seifu & Getachew Hagos, Leadership. Levites Bible School:Addis Ababa,

2006.

98

You might also like