You are on page 1of 41

KOLLEEJII TE’OLOOGII ‘LEADSTAR’

MALAA FI QAJEELFAMA BARSIISAA TE’OLOJII

BAR: G.B. AHIEZER ONKOL, 2023


Barbaachisummaa Isaa:

 Bu’uura gaarii kaa’uuf barumsa baay’ee barbaachisaa


dha
 Kufaatiin Israa’elis sababa tajaajila barssiisaa kana akka
ta’utti fudhachuu diddeef akka ta’e Macaafa Qulqulluun
ni dubbata (Far. 78).
 Tajaajila isaa keessatti, Barsiisaa guddichi, gooftaan
keenya Yesus Kristos barbaachisummaa barsiisaa ifaatti
kaa’ee jira. Inni ergama guddaa keessattis akka barsiifnu
dubbatee jira (Mat. 28:19-20).
GALMA BARUMSICHAA

Barumsa kana yeroo barattee xumurattu:


Falaasama barsiisa te’oloogii hubatta.
Barsiisa akka Macaafa Qulqulluutti
addaan baafatta.
Kristosiin giddu galeessa kan godhate
barumsa Kristaanaa isa dhugaa
gabbifatta.
Kolleejjonni Te’olojii waa
lamaan rakkoo keessa jiru:
1. Waan barsiisan wallaaluu
2. Akka itti barsiisan wallaalu
BARUMSA KRISTAANAA ISA DHUGAA

 Barumsi Kristaanaa barumsa Kristoosiin giddu


galeessa godhatee mana, waldaa kristaanaa fi
mana barumsaa keessatti barsiifamuu dha.
 Barumsi Kristaanaa qoramsa qaba. Qorumsi
barumsa kristaanaa inni guddaan biyya lafummaa
dha. Sagalee Waaqayyoo duwwaatu tajaajilaa
qopheessuu danda’a.
Kaayyoo Barnoota Te’olojii

Akkaataa Waaqayyo MQ keessatti ofii isaa


ittiin nutti mul’ise qorachuudhaaf
barbaachise
Barsiisanii gara mootummaa Waaqayyootti
namoota fiduudhaaf gargaara
Akka namoonni dubbii Waaqayyootti
bilchaataniif gargaara
Jalqabamuu Barnoota Te’olojii

Jaarraa 5ffaa-16ffaatti hojjetoota waldaa


keessaa qofatu barsiifama ture
Sana booda namni hunduu dubbii
Waaqayyoo akka baratu gochuun
jalqabame
Barsiisaa Keenya Isa Guddaa fi
Barnoota Isaa (Our Role Model)
Amaloota Yesus:
1. BARATTOOTA JAAL’ATA
2. BARATTOOTA BEEKA
3. ISA BARSIISU SANA BEEKA
4. AKKA ITTI BARSIISU BEEKA
5. BARATTOOTATTI KARAA AGARSIISA
6. BARATTOOTAAF BEEKUMSA HIRA
Itti fufa…

7. HAALOTA TO’ATA
8. NI KAROORSA
9. BARATTOOTAAF EEGGANNAA
GODHA
10. ISA BARSIISUTTII JIRAATA
Haalota Guddinaaf Murteessan:

1. Maatii
2. Mana barumsaa, hojii fi waldaa
3. Ollaa
4. Gooftaa keessatti
Guddinni karaa 4 Guddatama:

1. Qaama
2. Ogummaa
3. Hawwaasummaa
4. Hafuuratti
Akkaataa Barsiisaa:

1. Kaka’umsa barattoota keessatti uumu.


2. Namoota barsiifnu umuriidhaan beekuu
Hojii Barsiisaa

1. Galma barnoota keenyaa beekuu


2. Haalaa mijataa uumuu
3. Isa baratan akka hojiirra oolchan
gargaaru
Akka itti baratan 3tu jira:

1. Sammuutti yaaduudhaan(cognitive
learning)
2. Jaalachuudhaan (affective learning)
3. Xiinsammuudhaan (psychomotor
learning)
AMALA BARATTOOTAA ADDAAN
BAAFACHUU
Mucoolii Umurii 0-5: Barsiisonni mucoolii
isaan jalqabaa abbaa fi haadha, namoota maatii
sana keessa jiranii dha.
Mucoolii Umurii 6-11: umurii kanatti
maatiinii fi barsiisonni ijoollonni kun jireenya
manaatti adda addunyaa bal’aa akka isaan itti
baratan gochuun isaan irra jira.
Itti fufa….
Ol Adeemtota Umurii 12-15: umurii kanatti
dargaggoonni eeggannaa guddaadhaan
barsiifamuu qabu.
Dargaggoota Umurii 16-18: Yeroo kanatti
dargaaggeessi ofiin wantoota naannoo
addunyaa keessatti geggeeffamaa jiru
hubachuu danda’a. umurii kanatti barattoonni
waan kamiin iyyuu akka dirqisiifamanii
hojjechiifaman hin fedhan.
Itti fufa….

Ga’eeyyii Umuriin isaanii 18 ol ta’e:


Barumsa ga’eeyyii gosa lamatu jira: inni
tokko isa akka isaan warra kaan
leenjisaniif barsiifamu yommuu ta’u inni
kan biraan immoo namni ga’yyiin sun
akka ofuma isaatii iyyuu beekumsatti
guddatuuf isa barsiifamuu dha.
SADARKAALEE
BARACHUU
Beekumsa: Isa irraa baratan sammuutti
qabachuudhaan yaadachuu
Hubannaa: Isa irraa baratan sana hubachuu
Hojii Irra Oolchuu: Isa irraa baratan sanatti
gargaaramuu
Qoqqooduu: Isa irraa baratan sana kutaa
kutaatti qoqqooduu
Itti fufa….

Walitti fiduu: Kutaatti isa


qoqqoodame sana walitti fidanii
tokko godhanii hubachuu
Gamaaggama: Bu’aa isa baratanii
sana gamaaggamuu
CAASAAWWAN BARACHUU
Odeeffannoo Qabachuuf dandeettiin
Barattootaa:
10% waan dhaga’anin
30% waan arganiin
50 % waan dhaga’anii fi arganiin
70 % waan arganiin, dhaga’anii fi dubbataniin
90 % waan arganiin, dhaga’aniin, dubbataniin
fi waan hojjetaniin.
DHIIBBAA BARACHUU IRRATTI
JIRU:
1. DHIIBBAA KEESSAA:
Haala mul’ataa ……. Shaakala darbe
Guddina sammuu ………. Beekumsa
Guddina hawaasummaa ………… Ilaalcha
Guddina hafuuraa ….. Dandeettii fi ogummaa
Itti fufaa…
2. DHIIBBAA BAKKEE:
Shaakala ………….. Maloota barsiisaa
Barsiisaa ……………….. Badhaasota
Fakkeenyota………..Adaboota
Ilaalcha warra kaanii.. Haala mul’ataa
AKKA ITTI NAMOOTAA WAJJIN
QUUNNAMTII UUMAN BEEKUU

Adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti wantoonni kun


barbaachisoo dha:
1. Itti dhiheechuudhaan
2. Qaamaan barattoota bira ta’uu
3. Haala fuulaa
4. Harkaan mallattoo agarsiisuu
5. Sagalee geggeeddaruu
ADEEMSA QUUNNAMTII
Barsiisaanbarattootatti dubbata,
Barattoonni immoo deebii deebisuuf
Yaada kee ifaa godhii ibsi
Yaada barattoota kee kakaasi
MALAA FI QAJEELFAMA BARSIISAA

Dhugaa isa ta’e sagalee Waaqayyoo kana


biyya lafaa isa sobaan guute kana
keessatti sirriitti barsiifamuu qaba. Kun
immoo hojii fi itti gaafatamummaa
kristaanota hundumaa ti.
Qajeelfama Bu’uuraa Barumsa Krsitaanaa

1. Barumsi Kristaanaa walitti dhufeenya Waaqayyo isa


uumaa waan hundumaa wajjin ta’e irratti bu’uureffama.
Waaqayyo uumaa uumama hundumaa ti.
2. Walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjinii sababa cubbuutiif
addaan cite ture amma iyyuu karaa Yesus Kristos deebi’ee
haareffame. (Rom. 1:18-23)
3. Waaqayyo biyya lafaa isa cubbuudhaan xureeffame
keessaa namoota isaa filatee addaan baafate. (Efe. 1:4)
Itti fufa…
4. Namni uumama amantii qabuu dha. (Uma. 1:27; 2:7)
5. Barumsi dhugaan soda Waaqayyoo fi ogummaa irraa
jalqaba (Far. 111:10; Fak. 1:7; Fak. 9:10).
6. Barumsi namoota hundumaa gara isa wayyuutti fiduu
dha. (Far. 24:1; 1 Qor. 10:31)
Itti fufa…

7. Ijoolleen maatii kristaanaa keessaa


dhalatan miseensa Waldaa Kristosi. Isaan
ijoollee kakuu ti. (Uma. 17:7; Mar. 10:16;
HoE. 2:39).
8. Itti gaafatamummaan mucoolii barsiisuu
maatiitti kenname. (Kes. 6:6-9).
Hojii baruu fi barsiisuu keessatti qajeelfamoota ja’atu jira:

 Qajeelfama 1: Barumsi tokko akka gaariitti kan


barsiifamuu danda’u yeroo barataan barachuuf fedha
qabaatuu dha. Kanaaf fedha qabaachuun isa jalqabaa ti.
 Qajeelfama 2: Barumsi tokko akka gaariitti kan
barsiifamuu danda’u yeroo barataan dammaqaa ta’uu dha.
Kanaaf dammaqummaan isa lammaffaa dha.
 Qajeelfama 3: Barumsi tokko akka gaariitti kan
barsiifamuu danda’u yeroo barumsichi waan beekamaa irraa
gara waan hin beekamneetti guddachaa adeemuu dha.
Itti fufa…
 Qajeelfama 4: Barumsi tokko akka gaariitti kan
barsiifamuu danda’u yeroo barattoonni akka akka
umurii fi fedhii isaaniitti walii wajjin ta’anii yaadaa
fi beekumsa isaanii walii hiranii dha.
 Qajeelfama 5: Barumsi tokko akka gaariitti kan
barsiifamuu danda’u wantoota ittiin barsiisuuf
gargaaan tokko tokko yeroo jiraatanii dha.
Fakkeenyaaf, Vidiyoo, fakkii fi kkf.
 Qajeelfama 6: Barumsi tokko akka gaariitti kan
barsiifamuu danda’u wantoota yaadatti qabaman
AFAANIIN DUBBACHUUDHAAN
BARSIISUU
1. MALA BARSIISA AFAANIIN DHIHAATUU
(LECTURE)
 Seensa,
 Qaama barsumsichaa /ijoo
 Xumura itti kennuun barbaachisaa dha.
2. SEENESSUU FI FAKKEENYATTI
FAYYADAMUU
3. DHUGA BA’UMSAA FI GAAFFII FI DEEBII
WAAN FAKKIIN ISAA SOCHO’EE
ARGAMUUN BARSIISUU
Wanta gurra qofaan dhaga’an irra inni
namni gurraa fi ijaan argaa baratu
baay’ee yaadata.
Hirmaachisaa Barsiisuu

SADARKAA GAAFFILEE SADAN:


Odeeffannoodhaaf kan gaafataman,
Odeeffannoo sana hubachuudhaaf kan
gaafataman,
Odeeffannoo sana hojii irra oolchuudhaaf kan
gaafatamu.
ADEEMSA BARUU
Haala barattoota sanaaf mijatuun
qopheessi
Dursa hamilee barattoota kee kakaasi
Mala barsiisaa barattoota kee wajjin
deemu filadhu
Sirriitti karoorsi
Adeemsa barsiisuu…itti fufa

Hojiidhaan agarsiisuu (practical


learning)
Bifa taphaa fi diraamaatiin
Barreefamaan barsiisuu
Hojii manaa fi gabaasa
Pirojektoota adda addaa
BARUMSA BARSIISUU
Phaawlos Ximootewoositti yommuu
dubbatu, “Ati akka hojjetaa qoramee
fudhatamee, waan itti yeella’u hin
qabneetti, akka nama dubbicha isa
dhugaadhaaf qajeeltootti hojjetuutti
Waaqayyo dura of dhaabbachiisuudhaaf
dhama’i!) jedha (2 Xim. 2:15).
Barsiisaan Ga’aan Tokko:
 Sirriitti itti qopha’a
 Qabiyyee sirrii filata
 Galma barnootichaa kaa’u qaba
Yeroo qabiyyee barumsaa kee filattu keessattii wantoota sadii sammuu
keetti qabachuu qabda.

1. Walsimsa: Gaaffii, “Qabiyyeen barumsaa kun wantoota barattoota


barbaachisanii wajjin walsimaa?” jedhu gaafachuun barbaachisaa dha.
Qabiyyeen barumsa keetii yeroo hundumaa fedhii barattootaa wajjin
kan simu ta’uun isa irra jira. Yoo kana ta’uudhaabaate dadhabbii
akkasumaanii ta’a.
Itti fufa…
2. Sadarkaa: Gaaffii, “Barumsi kan irraa
qophaa’e; kitaabni kun sadarkaa barattootaa
fi umurii isaanii wajjin kan deemuu dhaa?”
jedhu of gaafachuun barbaachisaa dha.
Sammuu fi dandeettii barattootaatii ol akka
hin taane eeggannaa gochuun barbaachisaa
dha.
Itti fufa….

3. Baay’ina Hojii: Gaaffii, “Kun hojii


barattootatti baay’isuu ta’aa laata?” jedhu
of gaafachuun barbaachisaa dha xumura
irratti. Qabiyyeen barumsa keenyaa
akkaataa hojii barattoota keetti baay’iftee
ittiin hin dadhabsiifneen ta’uun
barbaachisaa dha.
Yeroo Barsiifnu:
1. Dursinee argamuu qabna
2.Seensa nama hawwatuun jalqabuu qabna
3.Qabxiilee barbaachisoo irratti xiyyeeffachuu
4. Hirmaannaa baratootaa ilaalaa deemuun
gaarii dha
5. Gamagamaa adeemuun gaarii dha
Hojii Manaa
Gaaffiwwan armaan gadii bal’isiitii ibsi
1. Barumsi Te’olojii maalif barbaachise?
2. Barsiisaa gaarii isa tahe Yesus irraa maal baranna?
3. Koleejonni Te’olojii maaliin rakkoo keessa jiru?
4. Haalota guddinaaf murteessoo ta’an afuran ibsi.
5. Guddina karaa afuriin guddanna bal’isii ibsi

You might also like