You are on page 1of 29

😎𝕊𝕠𝕠𝕞𝕒

Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -


WALDAA QULQULLOOTAA
Damissee Jemaanee

Sooma
sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa
dhorkamuu yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu
jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa
yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu
guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin
bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa
keessa turan Waaqayyo faana waqtii itti wal argan
bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture
( seera bahuu 34:28). Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa
baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi’u soomaan
yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)
Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume
osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos
fooniin deddeebi’aa yeroo turetti jalqaba hojii hundaa
godhee seera uume dha.(Maat 4:2; Luq. 4:2).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa


warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya
jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo’ee
nutis moo’uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas
osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee
jiru soomaan ofirraa arii’uu akka dandeenyu dubbateera.
(Mat 17:21 ,Maar 9:2)

Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu’oonni


Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra
osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa
fi kadhaan kan adda hin bane ta’uu isaafi yommuu
soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty
dhiyaatu ta’uu isaa nu agarsiisa.
Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf
qophaa’e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’e ta’uufi
innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.

Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu


aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii
ergamootaa 13:3,4:25)

Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa


seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta’eef waqtii
soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii
afuuraaf faallaa kan ta’e hojii fedha foonii kan jajjabeessu
dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon,
dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.

Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa


qulqullaa’uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan
soomamu ta’uu hubachuu qabna.
Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo
hin taane diinaafis ni soomama.“warra sin arii’ataniif
soomaa”( Didisqiliyaa 1:5 jedha).

Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan


biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa’ee
isaanii kadhachuun nurra jira.

Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi


dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.

Sooma Guddaa
Barumsa duuka bu’oota waaqayyoo irratti kan hundoofte
manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Itiyoophiyaa
tokko waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi.
Sooma manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan
torbadha.Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa
kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.
Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos
nuuf fakkeenya ta’uuf nu barsiisuuf kan
soomedha.Soomaguddaa kanattis diinni keenya jalqabaa
seexanni kan itti moo’amedha.Nutis kana hubachuun
karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa
fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka
argannuuf ni soomna.

Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas


eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome
kunis maqaa adda addaa qaba.

1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa


Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma
Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota
55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa
guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan
keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti
soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii
isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi
jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis
seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo
qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis soomni
kun sooma guddaa jedhama.

2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bali’ina qabuufi


lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti
“hudaadee” jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis
lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-
guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin
fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa
ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.

3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamiifi Hewwaan Jannataa


kan arii’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa
nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du’eef Gooftaan
beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa
kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.

4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo


sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu-
Gooftaan soomarra osoo jiruu mo’ichaan waan bira
darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira
dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.

5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus


Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu
ceesisuus sooma soome waan ta’eef soomni kun Sooma
Ce’umsaa ni jedhama.

6ffaa.Sooma Barumsaa:-Gooftaan keenya Iyyesuus


Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu
kan qabu ta’ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya
ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa
jedhama.

7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:- Gooftaan


keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee
soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu
Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan
eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran
hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun
Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.

8ffaa.Sooma Qohaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa


faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture.
Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga
Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan
qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma
Qophaa’inaa jedhama.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40


Soomee?
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa
waan ta’eef hojii Isaa soomaan jalqabe.Sooma jalqaba
hojii hundaa taasise.

Nyaatni foonii hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma


ta’e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama
jiraachisuuf hundeedha.
Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama
soomani. Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoosis “ani kanan
dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti; raawwachiifidha
malee” akkuma jedhe (Matt.5:17) guyyaa afurtamaafi
halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise
Ayihuud seera raajotaa hin eegne jedhanii seera
wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef;
yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan
deebi’aniif akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa
afurtama soome.

Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee


seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama
soomuun seera wangeelaa hundeesseera.

Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee


booda saboota Isiraa’eel bitttaa Misiraa jalaa baaseera
(Ba’uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis halkan
afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan
si’ool keessa jiran baaseera.
Isiraa’eelonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda
biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin
guyyaa afurtama yoo soomtan mootummaa Waaqayyoo
ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama
soomee nu agarsiise.

Hizqi’eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama


ciisuun lubbuu du’an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis
guyyaaa afurtama yoo soomtan du’aa ka’umsa kabajaa ni
argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama
some.

Nuti Maaliif Guyyoota 50 Soomnaree?


Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan
saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessas
Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu jira.Guyyootni kunis
(Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeladaa irraa
malee sa’aatii hedduu turuun kan soomnu miti.
Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen
lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos
(Himamat) dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan
guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni
gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin
soomsise dha.

Torbeen inni jalqabaa soooma Hirqaal jedhama. Inni


dhumaa immooo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.

Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin


ture. Torbeen kun maqaa isaatiin sababni inni itti
waamame bara sana Faarsoonni Iyyerusaalemiin
weeraranii muuziyeemii biyya israa’eel keessa kan jiru
fannoo Gooftaas booji’anii fudhatanii ture. Lubootas
ajjeesanii deeman magaala ishees ni guban. Kana booda
kuma jaatama kan ta’an ajjeesaniifi madeessanii kuma
sadii kan ta’an booji’anii gara Faaris Baabiloonitti
fudhatan.Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa jalaa
warri miliqanii holqaafi bosonaalee adda addaa keessa
warri turan uummanni Iyyerusaaalem bara waggaa 14
booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi gidiraa isaanirra
gahe Waaqa isaaniifi kiristaanicha mootii Roomaatti
(Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitu waan booji’amne hunda
nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee “duuka
bu’oonni lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii isaa
guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru. Kanaafuu
sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon
siniif lole natti tola jedhe.Isaanisdeebisaniis namni tokko
kan jiraatu yoo baay’ate waggaa 70 ykn 80; nuti hundi
keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu
baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko
akka isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti
duulee fannooo Gooftaa deebisiisee gara Iyyerusaalemitti
deebi’eera. Kana booda isaafis fakkeenya akka ta’uuf
sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma
guddaa kana faana akka soomamu taasisan.Soomni isaas
Soooma Hirqaal jedhama.Seenaan isaas seenaa jaalalli
fannoo kan itti mul’atedha. Torban Gidiraa immoo yeroo
biraa ni ilaalla.Kanas ta’e sana torbeen lamaan kun
fuulduraafi duubaan akka hundee (ejjannoo) fi
xumuraatti waan sooma gooftaa faana jiraniif sooma
guddaa faana akka lakkaa’aman taasifameera.
Moggaafama Torbeen (Dilbata) Sooma Guddaa Keessaa
Mana amantaa keenyaaf faaruufi yeedaloo wal-
simsiisuun cimsee kan barsiise qulqulluu Yaareed kitaaba
isaa “Tsoome Diggu’aa” jedhamu keessatti torbeewwan
sooma guddaa hundaaf faaruu faarfatamuu qabaniif
maqaa torbeewwan kanatti kenneera.Manni Amantaa
Ortoodoksii aadaafi duudhaa mataa ishee qabaachuun
ishee ni beekama.Sirnabal’aa qabaachuu isheetiinis kan
kabajju guyyaa Sanbataafi ayyaanotaa,sooma
soomtu,kadhaa kadhattu,maahileeta dhaabbattu hundi
seeraafi sirna mataa isaa ni qaba. Ka’umsa tokko malee
sanbata kabajju, sooma soomtu,kadhaa kadhattu
hinqabdu. Haala kanaan sooma hudaadee kana kan
soome gooftaa keenya fayyisaa keenyaa Iyyesuus
Kiristoos waan ta’eef biyya lafaarra deddeebi’ee barsiisaa
yeroo turetti gocha inni raawwate yaadachaa sanbatoota
tokkoo tokkoo isaaniitti maqaa kennuun akka maqaaa
sanaattis seenaasaa kaasuun Manni Amantaa keenyaa
gooftaa ni galateeffatti,ni faarfatti,ni kadhatti.
Haalakanaan turban inni:

1ffa– “Zeweredee”;
2ffa– Qiddist;
3ffa– Mikuraab;
4ffa– Mitsaaguu;
5ffa– Debre Zeyit;
6ffa– Gebriheer;
7ffa– Niqoodimoos;
8ffa– Hoosaa’inaa jedhama.
Egaa warraa armaan olitti ilaalle kana hunda torbee
torbeen ni ilaalla. Torbeen inni 9ffaa Ayyaana Du’aa
Ka’umsaa ta’uunsaas dagatamuu hinqabu.

Zeweredee (Museenii)
Sanbatni guyyaa sooma jalqabaa itti simannu kun
Zeweredee yookiin Museenii jedhama. Sababa inni itti
Zeweredee jedhameef jala bultii guyyaa kanaatti
luboonni bataskaana keessatti kan faarfatan jalqaba
sooma diggu’aa kan ta’e ‘ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ’
jecha jedhu waan ta’eef sanbata kana qulqulluu Yaareed
Zeweredee jedhee moggaase.Hiikniisaas ‘’isa samiirraa
bu’e Ayihuud fannisani ‘’kanjedhu yommuu ta’u waa’ee
gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos samiirraa gadi bu’ee
fannisamuu isaa kan ibsu dha.(Yoh 1:9-11, yoh 3:13-21)

Dabalataanis torbeen kun Abbootiin Seenaa Musee


kaasaa kan seenaa Gooftaa faana wal-simsiisuudhaan
waan faarsaniif Museenii jedhameera.

Caqasoonni guyyaa Wiixataa gaafa jalqaba soomaa


dubbifaman keessaa “raajonni guyyaa afurtama afurtama
soomanii erga darbanii booda raawwataa seera Museefi
raawwataa raajii raajotaa kan ta’e Gooftaan Iyyesuus
Kiristoos akka isaanii guyyaa afurtamaafi halkan afurtama
kan soome ta’uu isaa kan yaadachiisu dha.(Bahuu 24:18;
1Moot. 19:8; Maat 4:1-4)
Gara biraanis “sagalee Waaqayyoo warra isinitti himan
dursitoota keessan yaadadhaa; firii jireenya isaanii ilaalaa
amantii keessaniin fakkaadhaa. Iyyesuus Kiristoos
kaleessas, har’as barabaraan sanuma.Barumsa
keessummaa adda addaan hin fudhatamiinaa.
Lapheenkeessan kennaa Waaqayyoon yoo cime gaariidha
malee nyaataan miti….garuu hojii gaarii hojjechuu warra
kaaniifis qooduu hin dagatiinaa aarsan akka akkanaa
Waaqayyoon ni gammachiisa’’ jedha (Ibr.13:7-16).
Kanaaf hangafoota keenya warren karaa Waaqayyo nutti
himan, waa’ee soomaas warra nutti agarsiisan warren
akka Musee yaadachuuf deemsa isaanii hordofuun nurra
jira.

Egaa walumaa galatti torbeen jalqaba soomaa kun torbee


samiirraa gadi bu’uun Kiristoos itti labsamu ta’uu isaa
hubachuu qabna.Kan torbee itti aanu kanaan booda wal-
duraa-duubaan hordofaa.

Nagaan Waaqayyoo hunda keenya faana haa turu;


ameen!
𝕪𝕒𝕒𝕕𝕒 𝔸𝕓𝕓𝕠𝕠𝕥𝕒 𝕨𝕒𝕒'𝕖𝕖 𝕤𝕠𝕠𝕞𝕒𝕒 𝕚𝕣𝕣𝕒𝕒𝕥𝕥𝕚

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati,


xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa
guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29
hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa
Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
in Tibbana
Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko
Amiin!

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati,


xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa
guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29
hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa
Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.

++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++
Kutaa Tokko

Akkuma raajii Yoonaas keessatti bal’inaan ibsame, yeroo


namoonni Nanawwee Waaqayyo irratti fincilanii fi
gochaan isaanii Waaqayyoon jibbisiisu, Waaqayyo
Yoonaasiin, “Ka’ii gara Nanawwee magaalaa guddittii
sana dhaqi; Hammeenyi isaaniis na dura waan dhufeef
ishee irratti lallabi” Jechuun ajaje. Raajii Yoonaas
Boqonnaa 1 Lakkoofsa 2. Yoonaas sagalee isaa ol kaasee
namoota Nanawweetti sagalee Waaqayyoo yoo lallabu,
“Sabni Nanawwee Waaqayyoon ni amanan,Soomaf labsii
ni baasan, Guddaa irraa kaasee hamma xiqqaattis huccuu
gaddaa uffatan. Oduun kun mootii Nanawwee bira gahe.
Innis Masara isaarraa bu’ee uffata isaa baafate waaroo
gaddaa uffate. Innis daara irra taa’e. Labsii labse. Labsii
mootichaa fi bulchitoota Nanawweetti labse. Innis,
namaa fi beeyladooni, Horii fi hoolonni bishaan
dhandhamuu, dheeduu, dhuguu hin qaban. Namoonni fi
Beeyladoonnis uffata gaddaatiin of haa haguugani, iyya
guddaadhaan gara Waaqayyootti haa iyyan, Namoonni
hundinuu karaa isaanii isa hamaa irraa fi jal’ina harka
isaanii irra jiru irraa haa deebi’ani. Akka nuti hin badneef
Waaqayyo deebi’ee yoo gaaba ta’ellee eenyutu beeka.
Waaqayyos hojii isaanii isa hamaa irraa akka deebi’an
arge. Waaqayyos wanta hamaa isaan irratti raawwadha
jedhe sana irraa gaabbii galeera malee hin raawwanne.”
Raajii Yoonaas 3:5-10

Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatis


soomanna namoota Nannawwee kana bu’ura
gochuudhan, Waaqni araara isaatiin ummata Nanawwee
daawwate nuyis araarsa isaatin dhiifama nuuf godha
jechuun labsiidhaan soomaa waggaa waggaan kadhachaa
turte. Akka murtee walga’ii guutuu Sinodosii Qulqulluu
Guraandhala 26, 2015 ti, Soomni fi kadhannaan
Nanawwee kan Fulbaana 1, 2015 xumurame, kadhannaa
hafuuraa addaa ta’een nagaadhaan xumurame.

Kadhannaa taasifame irrati, Qulqulluuu Paatriyaarkii irraa


kaasee hanga Qulqulloota Angafa Phaaphaasotaatti,
Luboota, Hayyoota mana kiristaanaa, Tajaajiltoonni fi
Amantoonni akka namoota Nanawwee uffata gurraacha
uffatan, ganamaafi galgala Kadhannaadhan,guyyaa
immoo qiddaaseedhaan, akkasumas wayitaa kadhannaa
torban Waaqayyoon sababiin kadhachaa turreef
qormaanni Mana Kiristaana keenya irratti dhufe kun
baay’ee cimaa waan ta’eefi.

Yeroo soomanaa fi gaabbii kana keessatti ijoolleen


keenya waamicha abbootii keessanii
dhaggeeffattanii,adabbii fi hidhaa isinirra gahu osoo hin
sodaatin gurraacha uffattanii ganamaa fi galgala
kadhannaa fi soomanaan, guyyaa immoo qidaaseedhaaf
mana kiristaana keessattii argamuun, kadhannaa isin
Waaqayyoof dhiheesitan dhagahuudhan rakkoo keenyaaf
furmaata akka nuuf kennu fi nagaa biyya keenyaaf akka
nuuf kennu abdiin keenya cimaa dha. Isinis waamicha
mana kiristaanaa dhaggeeffattanii jaalala guddaa amantii
keessaniif, tokkummaa fi nagaa biyya keessaniif qabdan
waan ibsitaniif, jajjabina nuti arganne osoo isinitti hin
ibsin darbuu hin dandeenyu.
Gargaarsa Waaqayyootiin, araarsummaa haadha keenya
Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin, araarsummaa
qulqullootaan, eeggumsa ergamootaatiin, kadhannaa
keenya jaalalaa fi tokkummaa guutuudhaan xumurree
jirra. Rakkoo keenya boo’aa fi iyyaan waaqa keenyatti
himneera. Kana booda rakkinni sun yoo itti fufe illee
yeroon gidiraa dheeratus Waaqayyo gidiraa sana
keessatti nu jabeessuu fi nu jajjabeessuuf yaada waan
qabuuf yoomiyyuu hin raafamnu. Gidiraa kana booda
seenaa barreessinee amantaa keenya eegsifnee cimina
hafuuraa fi qabsoon ni ceena.

Gochi raawwatame dhugaa mana kiristaanaa warra


gananii fi mana kiristaana ishee dhugaa gidduutti. Kuni
immoo amantii Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Seera fi
seera bulchiinsaa ishee cabsanii mana phaaphaasota
seeraan alaa waan muudaniif. Kanarraa kan ka’e
Qulqulluun Sinodoosiin namoota sarbama kana
raawwatan Guraandhala 18, 2015, akkaataa heera mana
kiristaanaa fi seera mana kiristaanaatiin balaaleffachuun,
waldaa mana kiristaanaa irraa adda baase ta’ullee
dhimmi kun namoota dhuunfaa osoo hin taane namoota
siyaasaa gara jabeeyyii fi hordoftoota amantii birootiin
deeggaramaa kan jiru yoo ta’u, Mana kiristaana aarsaa
guddaa kafalchiisaa jira.

Gochi raawwatamaa jiru jireenya hafurawaa samii fi


jireenya foonii lafaa kanaa gidduu waan ta’eef, yeroo
gabaabaa kana keessatti kabajaa fi olaantummaa
dhaabbataa mana kiristaanaa sarbamee jira. Nageenya
dallaa mana amantaa qaamolee hidhatee fi caasa human
nageenyaa mootummaattin humnaan weerarameera.
Phaaphaasonni bu’uura seeraa tokko malee waggoota
dheeraaf kutaa lallabaa keessa jiraatan keessaa caasaa
nageenyaatiin ari’amaniiru. Mirgii bilisummaadhan iddoo
dha gara iddootti socho’uu isaanii daangeffamee gara
Finfinneetti akka deebi deebi’an taasifameera. Gara
kutaa lallabaa isaaniitti akka hin deebine dhorkamaniiru.
Luboonni fi hordoftoonni Mana Kirstaanas bu’uura
seeraa tokko malee seeraan ala mana hidhaa keessatti
hidhamaniiru. Reebichi garmalee humnoota
nageenyaatiin raawwatameen lubbuu namaa, miidhaa
cimaa fi salphaan qaqqabsiiseera. Walumaagalatti
humnoota mootummaatiin sarbama mirga namoomaa
hamaa isaan irra gaheera.

Manni kiristaanaa miidhaa kana hunda irra ga’us,


Waaqayyo keenya inni hunda caalaa gara laafessa ta’e,
Mana Kirtaana fi biyya keenyaaf furmaata akka nuuf
laatu, mootummaanis garaa qalbii isaatti deebi’ee Mana
Kiristaana akka kabajuu fi nuuf eegu kara nagaa ta’een,
akkuma namooni Nanawwee godhan gurraacha uffannee
gadda guutuudhaan gara Waaqa keenyatti akka iyyannu
Qulqulluun Siinoodos ajaja nuuf baaseen osoo
raawwachaa jirruu, Dabra Sibihaat Mana Kirtaana
Qulqulluu Mikaa’eela Shashamanneetti, akka
odeeffannoon hanga ammaatti nu qaqqabeetti
miseensonni mana kiristaanaa keenyaa 30 ol ta’an,
luboota fi tajaajiltoota dabalatee, dallaan akka hin
cabsine, manni kiristaanaas namoota Mana kiristaana
irraa foo’amanii adda ba’aniin akka hin xuroofne
jechuudhan amantii isaaniif wareegama fudhataniiru.
Ijoolleen ishee lakkoofsi isaanii hedduun miidhaa cimaa fi
salphaan irra gahees yaalamaa jiru. Miidhaa kana hunda
boodas namoota du’an sirnaan awwaaluu fi namoota
miidhaman haala gahaa ta’een yaaluu hin dandeenye.
Wareegamtoonni kun bara cubbuun itti baay’ate kana
keessatti hanga du’aatti Mana Kiristaanaaf
amanamuudhan Mana Kiristaana fi amantootaaf
fakkeenya obsaa waan ta’aniif, Manni Kiristaana yeroo
hunda isaan yaadatti. Akkasumas Manni Kiristaanaa du’a,
hidhaa fi gidiraa hedduun ijjoollee ishee irra gaha jiru kan
ishee gaddisiise ta’us, Qulqulloota Wareegamtoota
haaraa dhugaa Kiristaanummaaf ragaa ta’an argachuu
isheetiin baay’ee gammaddeetti.

Erga soomni jalqabee booda ummanni gara Waaqayyooti


akka hin iyyinee fi hin kadhanne gochuuf qaamonni
mootummaa seera biyyattii raawwachiisudhaaf itti
gaafatamummaadhan fudhatan cabsuudhan, ijoolleen
Mana kiristaana ta’an uffata gurraacha uffachuun
waajjira seenuu fi waajjira mootummaa keessatti tajaajila
argachuu akka hin dandeenye keessattuu mootummaa
naannoo Oromiyaa fi waajjiraalee mootummaa
federaalaa fi magaalaa tokko tokko keessatti ijoollee
keenya gurraacha uffatanii gadda keessa jiran hidhaa fi
rakkina gara garaa yommu irra geesisan ragoonni ija
isaaniitiin argan nuuf mirkaneessaniiru. Haala kanaan
qaamonni mootummaa aangoo isaaniitti fayyadamanii
mana kiristaanaa irratti duuluu fi Mana kiristaanaa fi
amantoota mana kiristaanaaf tuffii fi jibba guddaa akka
qaban hubanna.

Gidiraa fi miidhaa mana kiristaanaa irra ga’aa jiru kun


bara kana keessatti bakka guddaa kan qabu dha. Yeroon
gidiraa fi miidhaan guddaan Mana Kiristaana kun seenaa
Mana Kiristaana fi kitaaba Sanksar keessatti galmaa’a.
Dhalootaaf ni darba. Yeroon qormaataa kun ni darba.
Garuu seenaa kana keessatti yeroo warri dhugaa waliin
dhaabbattan maqaan keessan seenaadhaani fi halluu
warqeetiin barreeffamu, Mana kiristaana irratti warrii
gidiraa hojjettan seenaa keessan hamaa har’a harka
keessanniin barreessitanii jirtu.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa


Finfinneettin ala bulchiinsa naannoo fi magaalota biroo,
keessattuu bulchiinsa magaalaa Diredawaa, Mootummaa
Naannoo Sab-lammootaa fi Ummatoota Kibbaa,
Mootummaa Naannoo Sidaamaa, Mootummaa Naannoo
Kibba Lixa Itoophiyaa, Mootummaa Naannoo Somaalee,
Mootummaa Naannoo Benshangul, Mootummaa
Naannoo Hararii, Mootummaa Naannoo Ummatoota
Affaarii fi Gaambeellaa; Magaalaa Sawula godina Goofaa
fi dhaabbilee mootummaa biroo kan nuti hin kaasne
waamicha Mana kiristaana keenyaa hordofuun furmaata
haqa qabeessaa fi seera qabeessa seeraa fi sirna
kabachiisuuf fudhattan ni dinqisiifanna. Maqaa Mana
kiristaanatiin galatoomaa. akkasumas, waldoonni gaddi
keessan gadda keenya jedhanii nu cinaa hiriiran,
dhaabbilee amantii, Dhaabbilee fi yaa’iiwwan,
hordoftoota amantii Islaamaa, Obboleeyyan keenya kan
amantaan wal hin fakkanne, gargaarsa fi tumsa nuuf
gootanii fi itti fufiinsanis nuuf gootaniif maqaa Mana
Kiristaanaa Qulqulleettiitiin isin galateeffanna.

Yeroo Kadhannaa lallabsinu, Mootummaan seera kabajee


akka nuuf kabachiisu, Ulfina Mana Kiristaanaa akka nuuf
kabajuu, dhimma keessoo amantii keenyaa keessa
seenuu dhiisee keessa isaa akka ilaaluf ture. Hanga
ammaatti mootummaan, mana kiristaanaa jaarraa
hedduuf dhaabbata seeraa qabeettii fi biyyaaf tola oolte
dhaggeeffachuu fi rakkoolee isheef furmaata laachu
dhiisee, rakkoolee adda addaa irratti uumuu ciminaan itti
fufeera. Mootummaan itti gaafatamummaan itti
dhagahamee rakkoo ni fura jennee amannus, garuu
sirnichi daran jabaachaa dhufuu arguun baay’ee
nugaddiseese jira. Keessattuu guyyaa 3 kadhannaa Mana
kiristaana keenya labsite sirnaan illee hin xumuramne
dhimma nageenyaa yeroo ammaa ilaalchisee qamolee
nageenya mootummaa irraa Labsiin uggura hiriira
Guraandhala 1, 2015 bahee mootummaan ammallee
rakkoo kana furuuf carraaqqii akka hin goone, garuu
labsii takkaa fi bara baraaf mana Kiristaana balleessuuf
bahe ta’uu cimsinee akka amannu nu taasiseera.

Ibsa kenname keessatti:

1ffaa. Abbootiin amantichaas hiriirri akkasumaan


waamaniiru jedhee eerun isaa, Qaamni Mana Kiristaanaa
inni dhumaa Sinodoosi Qulqulluun warra balaaleffatee
addaan baase hordoftoota amantichaa gochuu qofa osoo
hintaane, Qaama seera qabeessaa fi akka abbootii Mana
Kiristaanati waamun, ibsa kennuu yaaluun ulfinaa Mana
Kiristaana kan tuqu fi kan xureessu akkasumas seeraa fi
sirna kabachiisuu dhiise mootummaa warra seeran alaa
leellisu ta’uu isaa hubanneerra. Kanaafuu, ibsa seeraan
ala mirga mana kiristaanaa keenyaa kan sarbu waan
ta’eef manni kiristaanaa Qaamolee nageenya kabachiisan
waloo mootummaan kenname hin fudhattu.

2ffaa. Dhimmicha diina alaa fi keessootiin uumame


jechuudhaan bifa siyaasaa barameen sirreessuuf yaaluun
Mana kiristaanafis ta’e ummataaf tuffii waan ta’eef hin
fudhannu. Keessumaa waggoottan 4n darbaniif, yeroo
ijoolleen ishee bakka adda addaatti seeneffama sobaatiin
rakkachaa jiran, tokkummaa biyyaa irratti ejjennoo hin
raafamneen, bu’uurri biyyattii akka hin raafamne, dallaan
ishee akka hin cabne yaaduudhaan, rakkoolee mudatan
gara bal’inaan dendeessee darbuun ishee waan
beekamuu dha. Dhimmichi gidduu galuumsa
mootummaa ifa jiru ta’ee osoo jiruu furmaanni isaas
harka mootummaa qofa jiraachun isaa osoo beekamuu,
bifa siyaasaa qabsiisuuf yaaluun rakkoo kana
hammeessuu malee furuu miti.

Yeroo dhiyoo asitti waldaan keenya kan caasaadhaan


hoogganamtuu fi ijoolleen ishee sagalee ishee beekanii
sirriitti dhaggeeffatan ta’uun isaa osoo beekamuu,
kaayyoodhaan, dhaamsolee itti fayyadamni jechootaa
isaanii illee kan amantaa ortodoksii ibsu kan hin
fakkannen, ergaa sobaa fi jeequmsaa ummata gidduutti
uumu kan maxxanfaman ta’uu isaani yoo arginu
dhimmichi hammam dhimma siyaasaa hin
barbaachisneef oolchuuf barbaadame hubanneera.
Barreeffamni seeraan alaa maxxanfame kun Mana
kiristaanaa Qulqulleettii keenya akka hin taanee fi
gonkumaa ta’uu akka hin dandeenyes isin yaadachiisuu
barbaanna

You might also like