You are on page 1of 5

AKKA KANATTI YAADDANII BEEKTUU?

Waa’ee boqonnaa ykn Sanbataa ilaalchisee, kitaaba qulqulluu keessatti wanneen barreeffaman
hedduutu jira. Garuu dhimmi kun amantii Kiristaanaa keessatti baay’ee kan walfalmisiisu fakkaata.
Garri tokko dhimmi kun dhimma guddaa waan ta’eef; xumura addunyaa keenyaa irrattis kan
namoota gar-lamatti hiru waan ta’eef baay’ee barbaachisaadha jedhu. Garri caalaan garuu
Kirstoositti amanuu qofaan fayyina malee dhimmi Sanbataa nu hin ilaallattu; inni dhimma Kakuu
Moofaati jedhu. Mee qabxii falmii kan warra boodaa dura ilaalla.

1. Waa’een Sanbataa jalqaba kan caqasame yeroo Museeti; Kanaaf Sanbanni sanyii nama
hundumaaf kan kenname osoo hin taane Yihudoota qofaaf jedhu Seera Ba’u 31:16-17
2. Sanbanni maaliif barbaachise? Sababiin isaa Waaqayyo saba Isiraa’eliin gabrummaa Misir jalaa
isaan baasuu isaa akka yaadataniif. Seera Kessa Deebii 5:15
3. Kakuu Haaraa keessatti wanti jedhame jiraa? Pheexiroos Hojii Ergamootaa 15:10 irratti ba’aa
ulfaataa maaliif nama irra keenya jedha. Phaawulosis isuma kana cimsuu isaati yeroo dhimma
sanbataatti eenyullee isinitti hin murteessin jedhu. Qolaasaayis 2:16-17. Roomee 14:5-9
dhimma wal-fakkaatu arganna.
4. Bartoonni guyyaa Dilbataa (jalqaba torbanii) eegaa turan. Hojii Ergamootaa 20:7-12; Wangeela
Yohaannis 20:19
5. Guyyaan Dilbataa guyyaa Gooftaan keenya itti du’aa ka’e waan ta’eef eegna; guyyaa Gooftaa
jedhamas. Mul’ata Yohaannis 1:10
6. Nuti seera eeguudhaan osoo hin taane Gooftaa Yesuusitti amanuudhaan fayyine (amantiidhaan
tolaa taane). Roomee 1:17

Amma immoo gara warra gartuu lammaffaatti dabarra. Deebii isaanii akka kanatti lafa kaa’u:

1. Sanbanni jalqaba Kitaaba Qulqulluu keessatti kan caqafame yeroo Musee osoo hin taane
uumamni kun guyyaa ja’a keessatti xumuramee gaafa guyyaa torbaffaa Waaqayyo hojii Isaa
hundumaa waan xumureef boqote jedhu. Seera Uumamaa 2:1-3. Kanaaf Sanbanni kan kenname
Yihudoota qofaaf osoo hintaane sanyii nama hundaaf. Yeroo sana Waaqayyo Yihudoota qofa hin
uumne. Maarqoos 2:27 irratti Sanbanni namaaf uumame jedhe malee Sanbanni Yihudootaaf
umame hin jenne. Yihudoonni Sanbati erga uumamee waggoota 2,500 booda kan dhufan. Itti

1
dabalees Waaqayyo Sanbata abboommiiwwan kurnan waliin yeroo Musee saba Isiraa’eliif kenne.
Seera Ba’uu 20: 8-11
2. Barbaachisummaan Sanbataa waan baay’eedhaaf:
 Waaqayyo Uumaa keenya ta’uu Isaaf yaadannoodha. Seera Ba’uu 20:8-11;
 Sanbati mallattoo tola amantiiti ykn amantiidhaan tolaa ta’uuti. Inni kunis hojiidhaan fayyuu osoo
hintaane kan fayye hojii isaatiin mul’ata jechuudha. Waaqayyo nama uumee boqonnaatti galche
malee hojiidhaan hin jalqabsiifne. Uumama 2: 1-3
 Sanbati mallattoo gabrummaa cubbuu jalaa ba’uuti. Keessa Deebii 5: 12 -15
 Sanbati mallattoo kakuu Waaqayyoo eeguuti. Isaayyaas 56:6
 Sanbati mallatoo qullaa’ummaati. Iziqeel 20:12; Isaayyaas 56:2
 Sanbanniifi gaa’illi jannata eden keessatti Waaqayyo kan dhaabe dhaabbata (institutions)
qulqulluu lamadha. Kanaaf Waaqayyo kan dhaabe eenyutu buqqisuu danda’a? Isa qofaan hin
dhiisne Waaqayyo Gooftaan abboommiiwwan harka Isaatiin barreessee kenne keessaas Sanbanni
isa tokkodha. Abboommii kurnan keessaas Sanbata irratti ibsi bal’aanis kennamuun isaa
xiyyeeffanaan addaa akka godhame agarsiisa. Nama amantii Kiristaanaa hordofu kamillee yoo
gaafanne waaqa tolfamaa waaqessuun, ejjuun, hatuun ykn ajjeesuun seera Waaqayyoo cabsuu
akka ta’e itti walii gala. Kurnan Abboommota Waaqayyoo keessaa Sanbata cabsuu maaltu sirrii
taasise ree? Waaqayyo inni abboommicha kenne cabseeraa? Hin cabsine; “Ani seeraafi raajota
cabsuu hindhufne raawwachuuf malee” jedhe Maatewoos 5: 17-18. Bartoonni isaa cabsaniiruu?
Gonkumaa! Yaa’iqoob 2:10; Roomee 6:15. Gooftaanis kan nurra barbaadu maali? “Yoo na
jaallattan abboommii koo eegaa” jedha W. Yohaannis 14:15. “Ani Isa beeka kan jedhu
abboommii Isaa kan hin eegne inni sobaadha” 1Yohaannis 2: 3-4. “Asi jira obsi qulqullootaa
abboommii Waaqayyoo kan eegan amantii Yesuusis” Mul’ata 14:12. Jawwichis isaan kanaan lola
Mul’ata 12:17
 Hojii Ergamootaa 20:7-12 irra kan jiru bartoonni guyyaa Dilbataa eeguu isaanii hin mirkaneessu.
Guyyaa tokko kan jedhamu sa’atii 24. Akka kitaaba qulqulluutti guyyaan kan jalqabu dukkanaan
Seera Uumamaa 1: 5, 8, 13, 19, 23, 31; Seera Leewwotaa 23:32. Sanbanni kan jalqabu Jimaata
lixa biiftuutii kaaseeti. Kan xumuramu ammo Sanbata lixa biiftuutti. Walga’iin Phaawuloosfaa
inni Hojii Ergamootaa 20 keessaa kun kan geggeeffame Sanbanni erga darbee aduun lixxee booda
(jechuunis dilbati yeroo jalqabuudha). Amma bari’utti barsiisee deeme (Lakk. 11). Kanaaf jalqaba
torbanii barii isaa karaa deeme. Jechuudha malee mana sagadaatti hin dabarsine. Buddeena

2
cabsuunis tajaajila guyyaa Sanbataa hin agarsiisu. Sababiin isaa guyyuma guyyaatti (guyyaa
hundumaa) buddeena cabsaa turan Hojii Ergamootaa 2:46.
 1Qorontoos 16:1-2 dhimma kennaa guyyaa sagadaatti kennamuu miti. Horichi mana mana
isaaniitti erga Sanbati darbee booda guyyaa Dilbataa gargaarsa beela biyya Yihudaa keessatti
ta’eef kan walitti qabamu ture. Roomee 15:26; Hojii Ergamootaa 11:26-30.
 Wangeela Yohaannis 20:19 irratti bartoonni kan walitti qabamaniif sagadaaf osoo hintaane
Yihudoota waan sodaataniif jedha. Balballis cufaa ture jedha. Bartoonni du’aa ka’uu Gooftaa
iyyuu hin beekne kanaaf Goftaan du’aa waan ka’eef guyyaa Dilbataa kabajan jechuun soba
dubbiiti.
 Inni Qolaasaayis 2:14-17 jiru Sanbata isa guyyaa torbaffaa miti. Sanbanni boqonnaa bara-baraati
malee gaaddidduu waan dhufuuf jiruu miti. Waggaa keessatti kan kabajamaa turan ayyaanota
torbatu turan Seera Leewwotaa 23:38. Isaan kun gara fannoo kan agarsiisan yoo ta’u fannoo
booda ni dhaabbatan. Sanbanni guyyaa torbaffaa garuu utuu cubbuun hin galin waan
uumameef gaddidduu fannoo ta’uu hin danda’u. Haaluma walfakkaatuun Roomee 14:5 irratti
kan argamu waa’eedhuma ayyaanota kanaati. Dhimmi boqonnaa kanaa waa’ee walitti
murteessuuti (lakk. 4, 10, 13). Kiristaanonni Yihudoota ta’an Kiristaanota warra ormaatti
ayyaanota kana ilaalchisee waan ceepha’aniif Phaawuloos ayyaanonni kun gaaddidduudha waan
ta’aniif kanaa jettanii wal hin ceepha’inaa jedha. Sanbanni seera Musee osoo hin taane,
abboommii quba Waaqaatiin barreeffameedha. Waaqayyotu nu abboome; kanaaf eegna. Seera
Waaqayyoof abboomamuun seeraan hidhamuu miti.
 Namoonni kaan ammoo guyyuma feene kabajuu dandeenya jedhu. Garuu Waaqayyoo eebbisee
kan qulqulleesse guyyaa torbaffa qofa. Seera Ba’uu 20:8-11.
 Dhimmi Sanbata eeguu yeroo Kiristoosiinis ta’e yeroo bartootaa qabxii falmii hinturre. Yesuusis
akkuma amala Isaa guyyaa Sanbataa mana sagadaatti galee barsiisaa ture Luqaas 4:16.
Phaawuloosfaas akkasuma Hojii Ergamootaa 13:42-44; 15:21; 18:4. Farisoonni Sanbata
qulqullummaatti eeguu kan jedhu gar-malee hubachuu isaaniirraa kan hafe eenyullee Sanbata
irratti gaaffii kaasee hin beeku.
 Waaqayyo Sanbata uumee; deebi’ee diigee; deebi’ee ammoo hin dhaabu. Isaayyaas 66:23
irratti warri fayyan akka isaan Sanbataa gara Sanbataatti fuula Waaqayyoo dura dhufanii sagadan
dubbata. Erga diigee maaf deebisee ijaara?

3
 Abboommii afraffaa eeguun yoo hin barbaachisu ta’e warra hafan salganis eguun hin barbaachisu.
Kanaaf abbaan barbaade ejjuu, hatuu, sobuu danda’a jechuudha. Warri kana godhan ammoo
mootummaa Waaqaa hin dhaalan. Ayyaanaan fayyina jechuun seera Waaqaa cabsina jechuu miti.
Akkas taanaan hundumtuu seeraa Waaqaa cabsaa (cubbuu hojjetaa) mootummaa Waaqayyoo
dhaaluu danda’a jechuudha. Karaan mootumaa Waaqaatti nama geessu dhiphaa ta’uu isaa
Wangeelli nutti hima.
 Namoonni hedduun seera eeguudhaan hinfayyinu jedhu. Seera eeguudhaan tolaa ta’uu
hindandeenyu jechuudha. Kitaabni qulqulluun garuu seera eeguudhaan tolaa ni taana jedha
Roomee 2:13; 6:1. Kana jechuun humna keenyaan seera eegna osoo hintaane ayyaana
Waaqayyoo isa nu dandeessisuun waan hundumaa ni dandeenya jechuudha. Kan fayyine
Kiristoos qofaan. Kan Kiristoosiin fayye garuu ayyana Isaatiin seera jabeessa malee seera Waaqaa
hin diigu.
 Guyyaa Gooftaa inni Mula’ta 1:10 keessatti Yohaannis Gooftaa arge isuma Maatewoos 12:8;
Maarqoos 2:28 irratti Ilmi namaa Gooftaa Sanbataati jedhameedha. Guyyaa Gooftaa kan jedhamu
Kitaaba Qulqulluu keessatti irra deddeebi’amee kan ibsame guyyaa torbaffaa isa har’a guyyaa
sanbata duraa (Saturday) namoonni jedhaniidha. Ragaa Kitaaba Qulqulluu yoo feetan Seera ba’uu
16: 23,25; 20:10; 31: 15; 35:2 Seera keessa-deebii 5:14; Leewwota 23:3 akkasumas
Isaayyaas 58:13 dubbifadhaa. Guyyaa koo kan inni jedhu guyyaa Sanbataa (7ffaa) qofa.
 Sanbati guyyaa boqonnaafi guyyaa yaa’iin qulqulla’aan itti ta’uudha Seera Leewwotaa 23:3.
Kanaaf har’a illee akkuma kanatti fudhatamuu qaba. Seerri Waaqayyoo kan barabaraati.
Waaqayyos hin jijjiiramu. Seera Isaa jijjiiruu kan barbaadan garuu jiru. Raajii Daani’eel 7:25 “…
seeraafi baroota jijjiiruu ni yaala, amma baraafi barootaafi walakkaa baraatti harkasaatti ni
kennamu jedha (Waggaa sadii fi walakkaa jechuudha). Kana Rajii Daani’eeliifi Mul’ata
Yohaannis kessatti bakka baay’etti arganna. Ammaaf eertuuwwan kana qofan isinii kenna. Yoo
waa’ee kanaaf kan biroo qorachuu feetan lakk. Bilbilaa xumura irra jirutti fayyadamaa. Daani’eel
12:7; Mul’ata 11:2; Mul’ata 11:3; Mul’ata 12:6; Mul’ata 12:14; Mul’ata 13:5. Eertuun kun
tokkoon tokkoon isaanii waggaa 1260. Maaliif Kitaabni qulqulluun waa’ee waggaa 1260 yeroo
torba irra deddeebi’ee nutti dubbachuu fedhe? Lakkoobsi kun maal agarsiisa?
Maaliif seera Waaqayyoo jijjiiru yaadu. Maaliif Sanbanni dhugaan sanbata isa sobaatiin bakka
bu’e? Aangoo kanaa eenyutu qaba? Waaqayyo deebii maalii kenna? Kitaabni qulqulluun
mallattoo bineensichaa, lakkoobsa bineensichaa 666 yeroo jedhu maal jechuu isaati?

4
Bineensiifi fakkiiwwaan adda-addaa Raajii Daani’eel, Mul’ata Yohaannis, Raajii Iziqeeliifi
kan biroo keessatti barreeffaman maal agarsiisu? Kitaaba qulqulluu keenya qorachuun nu
barbaachisa moo ykn isuma namni nu barsiisu qofa dhageenyee faarfannee yoo galle nu ga’a?
Yeroon amma keessa jirru kun yeroo itti bashannanan moo gidduutti gab-jedhanii yeroo itti
Waaqayyoon barbaaddatan? Dhuguma Waaqayyo sagalee Isaa naaf ibsuuf fedha qabaa?
Barreeffama biroon itti deebina.
 Ergaan kun yeroon osoo hin darbin gara Waaqayyoofi seera Isaatti akka deebitee
qalbii jijjiirrachuun dhufaatii Gooftaatiif qophooftuuf si bira ga’e. Waamicha Hafuura
Qulqulluutiif deebii kennuu akka hin daganne.
Kutaan lammaffaan itti fufa.
Waaqayyo isin haa eebbis!
Odeeffannoo dabalataaf
0910149808
0913062363

You might also like