You are on page 1of 267

BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

BARTUMMAA FI
BARTOOTA
GOOFTAA

B/saa Saamu’el
Girmaayee Danuutiin,
Waldaa Adveentistii
Guyyaa 7ffaa Najjoo,
Mudde 14/04/2015 A.L.I.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 1


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

“Isin waaqayyo gooftaa


keessan duukaa bu’aa,
isa sodaadhaa,
abboommii isaa
eegaa,sagalee isaa
dhaga’aa,isaaf
hojjedhaa,isattis
maxxanaa!!!” Seera
Keessa Deebii 13:4.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 2


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Qabiyyee
Bartummaa Fi Bartoota Gooftaa .......................................... 1
Galata ...................................................................................... 6
Seensa ..................................................................................... 7
Bartummaa Jechuun Maal Jechuudha? ....................... 7
Seenaa Ergama Duuka Bu’ummaa Kitaaba Qulqulluu
Keessatti ................................................................................... 9
Bartummaa Kakuu Moofaa Keessatti ...................................... 9
Bartummaa Kakuu Haaraa Keessatti ................................. 10
Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoos Booda ............................ 11
Bu’uurawwan Duuka Bu’ummaa......................................... 11
Duuka Buutuun Eenyu? ...................................................... 15
Bartummaan Eessaa Eegala? ............................................. 16
Walakkeessa Bartummaa .................................................... 17
Amaloota Bartummaa Dhugaa ........................................... 30
Qabxiilee Bu’uura Bartummaa Saddeettan (Yoh 13:34-35)
............................................................................................... 31
Wantoota Bartuu Yesuus Ta’uun Of Keessaa Qabu .......... 32
Hojii Bartuutti Kenname ..................................................... 32
Iccitii Bartummaa ................................................................ 33
Leenjii Bartoota Kudha Lamaanii....................................... 33
Wantoota Bartuun Irraa Of Eeguu Qabu........................... 42
Jajuu Bu’aa Hin Qabne ....................................................... 43
Faayidaa Biyya Lafaaf Tajaajiluu ....................................... 45

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 3


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Qormaata Irraa Of Eeguu .................................................... 46


Namoota Faayidaan Isaanii Jalaa Tuqame (Nu Jalaa
Tuqama Jedhanii Yaadan) Irraa .......................................... 47
Shakkitootaa Fi Warra Waaqayyoon Hin Beekne Irraa .... 47
Tarkaanfilee Barbaachisoo Bartuu Ta’uuf Barbaachisan 48
Akkamittiin Bartuu Taasifna? ............................................ 48
Izraa Fakkeenya Bartummaa Kakuu Moofaa .................... 49
Maatii Akka Bartootaatti(Parents As Disciples) ................. 51
Gosoota Maatii Arfan .......................................................... 51
Bartuu Taasisuu Keessatti Ittigaafatamummaa(Gahee)
Abbaa Manaa ........................................................................ 52
Bartuu Taasisuu Keessatti Itti Gaafatamummaa(Dirqama)
Haadha Manaa ..................................................................... 57
Bartuu Taasisuu Keessatti Ittigaafatamummaa(Dirqama )
Warri Ijoollee Isaaniitiif Qaban ......................................... 62
Bartuu Taasisuu Fi To'annoo Maatii ................................. 66
Bartuu Taasisuu Keessatti Firii Leenjii Dogoggoraa ........ 69
Bartuu Taasisuu Keessatti Bu'aa Maatii Sirriitti Leenjisuu
............................................................................................... 73
Bartuu Taasisuu Fidhiibbaawwan Manaa ......................... 75
Bartuu Taasisuu Fi Barumsa Mana Kèessaa..................... 78
Kadhannaa Fi Bartummaa.................................................. 87
Hariiroo Sadan Waaqa Tokkichaa Fi Bartummaa Gidduu
Jiru....................................................................................... 108

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 4


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Waaqayyo Abbaan Bartuu Dhugaaf Maali?.............. 108


Yesuus Inni Bartuu Isaa Akka Taanuuf Waamicha Nuuf
Gochaa Kan Jiru Guutummaa Macaafa Qulqulluu Keessatti
Maal Jedhamee Beekama? ................................................. 109
Hafuurri Qulqulluun Bartuu Dhugaadhaaf Maali? ........ 112
Kennaa Hafuuraa Fi Bartoota Gooftaa............................ 124
Pheenxeqoosxee Fi Bartoota Gooftaa............................... 129
Seenaa Bartoota Gooftaa Tokko Tokkoon........................ 143
Pheexiroos Cirracha Irraa Gara Kattaatti ........................ 147
Indiriyaas Dhokachuu Irraa Gara As Bahanii
Muldhachuutti..................................................................... 167
Yaaqoob Ofittummaa Irraa Gara Warra Kan Biroof Dursa
Kennuutti ............................................................................. 183
Yohaannis Ilma Zabdewoos: Beekumsaa Fi Ogummaan
Kooruu Irraa Gara Hojii Wangeelaatti .............................. 195
Yihuudaa Asqorticha Waan Gaarii Irraa Gara Waan
Akkasumaaniitti .................................................................. 201
Maatiyaas ........................................................................... 207
Yaaqoob Isa Xiqqicha Beekamtii Kan Hin Qabne Irraa
Gara Galateeffamuutti ........................................................ 208
Siimon Hinaafticha Hayyuu Siyaasaa Irraa Gara
Ambaasaaddaraa Yesuusitti ............................................... 209
Taadewoos .......................................................................... 215
Filiphoos Dhugaatti Dhihaachuu Irraa Gara Dhugaatti 215

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 5


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Naatinaa’el (Bartolomewos) Yaada Nama Kan Biraa


Mormuu Irraa Gara Obbolummaatti ................................. 226
Toomaas Shakkii Irraa Gara Hojii Hafuuraa Hojjechuutti
............................................................................................. 229
Maatewos; Jechuu Irraa Gara Hojiitti Hiikuutti ............. 237
Yaaqoob Ilma Alfewoos ..................................................... 245
Phaawuloos: Maqaa Amantiin Ariyachuu Irraa
Garahariiroo Uumuutti(Ari’aataa Irraa Gara Bartuu
Ta’uutti)............................................................................... 245
Yaada Cuunfaa Bartoota Gooftaa Irraa Barannu Maali?
............................................................................................. 259
Gaaffilee Bartuu Dhugaan Of Gaafachuu Qabu ............. 260
Xalayaa Waamicha Waaqayyoo ........................................ 263

Galata
Waan hundumaa dura waaqayyoon Abbaa koo isa
jaallatamaa Hojii isaa keessatti carraa kana naaf kenneef
galata guddaan galcha. Kanaafis ―Utuun abdii si godhee
jiruu maaltu si harkaa na baasa Yesuus raayyaa
samiitu naa wajjini; silaas gaarummaa kootiiif miti situ
ana waame maleessaa dhiiga kee isa naaf
lola’eeni‖jedhee yeedaloo galataan isaaf dhiheessa. Itti
aansuudhaan amantoota waldaa Adiveentistii guyyaa
torbaffaa Najjoo,keessumaa immoo faarfattoonni
hamileedhaan waan na tumsitaniif Galatoomaa!
Yoomiyyuu kanaan hin daganne bartoonni gooftaa
Seenaan goolabbii jireenya isaanii maal akka ta‘e irratti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 6


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

barreeffamoota adda addaa naaf kennuu fi na


jajjabeessuu keessaniif Luba Kabbadee Badhaasaa fi
Hojjetaa wangeelaa Iddoosaa Mul’ataa Baayisaatiin
baayisaa fayyaa naaf ta‘aa jechuun barbaada.
Yeroo mul‘anni koo fagaatee sababii hanqina maallaqa
maxxansaatiif bifa haardikoppitiin kitaaba kana
dubbistootaan gahuun natti ulfaatetti bifa sooftikoppitiin
dubbistootaan gahuu irratti waan na tumsitaniif toora
telegiraamii haftuu Pirodaakshinii guddaan isin
galateeffadha. Kallattiinis ta‘ee alkallattiin Hojii kanaaf
kan mogolee na jabeessitan hundumaa Waaqayyo isin
haa eebbisu!!!

Seensa
Bartummaa jechuun maal jechuudha?

Jechi bartuu yookaan duuka buutuu jedhu jecha afaan


Giriikii isa ‘Maataayitas’ jedhu kan barataa yookaan
hordoftuu jedhamu irraa dhufe. Duuka bu‘ummaan
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Yerusaalemitti,
Yihudaatti, Samaariyaattis hanga andaara lafaa hundatti
dhugabaatuu taatu jechuun bu‘uura ajajeen Kiristoos
kaa‘een deemanii wangeela lallabaa jecha waaqummaa
jedhu hojiirra oolchuudha. HOE 1:8. Macaafa Qulqulluu
keessatti waa‘ee barumsaa isa kan biyya lafaa utuu hin
taane barsiisaa isaanii hafuuraa isa ta‘e Kiristoosiin akka
geggeessaa isaaniitti namoota fudhatan of keessaa qaba.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 7


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Jechi ergamaa wangeelaa jedhu jecha afaan Giriikii


‗Apostolos’jedhu irraa kan dhufe yoo ta‘u hiikkaan isaa
kan ergaa dhaqu yookaan Ambaasaaddara jechuu dha.
Bartuu dhugaan akkuma raajicha Isaayaasiin Isaayaas 6
keessatti ibsame ergamaa wangeelaa ta‘uu dhaaf asan
jiraa na ergi jedha. Seenaa bartoota gooftaa yennaa
ilaalle Maatiyaas bakka Yihuudaa isa Yesuusiin ganee
bu‘e. Bartoonni warri kaan immoo hedduun isaanii ni
wareegaman. Isaan kana keessaa Yohaannis isa
wangeelaYohaannis barreesse qofatu oddoola
Phaaximootti dhiphachaa umurii dheeraa jiraatee du‘e.
Bartoonni gooftaa kan akka Phaawuloos fi Barnaabaas
fa‘aa booda irra warra ormootaatti ergamanii bartoota
gooftaatti dabalaman. HOE 14:14. Andiroonikesii fi
Yuunes (Roomaa 16:7), Ximootewosii fi Siilaas (1
Tasaloonqee 2:6), Yaaqobii obboleessi gooftaa hojii
waaqayyoo warra ergamoota wangeelaa ta‘uu dhaan
hojjetaa turanii dha. Kan nama ajaa‘ibu immoo seexanni
mataan isaayyuu yoo isaaf danda‘ame egramoota ifaatti
of fakkeessee dhihaachuu isaati. 2 Qorontos 11:13-15.
Kanaaf bartuu dhugaan akkuma jiru ergamtoonni fi
bartoonni sobaa waan jiraniif sirriitti waa‘ee bartootaa fi
bartuu dhugaa qorachuu qabna. Bifa salphaa ta‘een
bartummaa jechuun barataa waanta‘e tokko barsiisaa
irraa baratee waan barate Sana immoo hojiitti hiikuun
irraa eegamuu jechuudha. Nuti bartoota Yesuus warra
dhugaa yoo taane Kiristaanota dhugaa ta‘uu keenya dha.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 8


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Kiristaana jechuun mataan isaayyuu hordoftuu yookaan


duuka buutuu kiristoos jechuu dha waan ta‘eef dha.
Bartummaa jechuun maal jechuudha?
Bifa salphaa ta‘een bartummaa jechuun barataa waan ta‘e
tokko barsiisaa irraa baratee waan barate Sana immoo
hojiitti hiikuun irraa eegamuu jechuudha. Gama bitootiin
bartummaan barsiisaa keenya yookaan leenjii mana
barnootaa seenuutii wajjin dhimma walqabatuu dha.
SEENAA ERGAMA DUUKA
BU’UMMAA KITAABA QULQULLUU
KEESSATTI
Jechi ―duuka bu‘aa‖ jedhu hojiin kan mul‘ate Kakuu
haaraa keessatti yoo ta‘e illee, duuka bu‘ummaan
(tajaajillii fi ergamni isaa) garuu kakuu haaraa duras akka
ture hafuura Waaqayyoo kan ta‘e kitaabni qulqulluun ni
ibsa. Kes 13:5. Kan kakuu haaraa keessatti ifa bahe
isuma kakuu moofaa keessatti haala garaagaraatiin
raawwatamaa tureedha ijaa ta‘eef.
BARTUMMAA KAKUU MOOFAA
KEESSATTI
Israa‘eel jedhamuun sabni waaqayyoo maqaa masootiin
waamamee ture. Isa. 44:5. Yaa‘iqoobis maatii isaa fi isa
waliin kan turan hundaaf ―Kan isin waliin jiran waaqota
ormaa gidduu keessanii balleessaa, qulqulloota ta‘aa,
huccuu keessanis miiccaa, ka‘aatii gara Beeteelitti haa
baanu, achittis bara rakkinaa koo kan na dhagaheef,
iddoon deeme hundatti kan na waliin tureef , dararama
irraa na baraaree kan yoonaan na gaheef Waaqayyoof
iddoo aarsaa haa hojjannu‖ jechuun amantaa alagaa
qaamaa fi huccuu isaanii waliin ture kan warra Sooriyaa
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 9
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

irraa dhaalan ofirraa mulqanii akka gatanii fi kan gubatu


akka gubatu, kan awwaalamus muka abdaarii Seekeem
gajjallaatti akka awwaalamu taasiseera. (Uma 35:1-5).
Sabni Waaqayyoo Israa‘eelis gabrummaa Misir jalaa
akka bilisa bahan Museen gara Israa‘elitti ergamuun isaa,
Iyyaasuun irraa fudhatee lafa waadaa galchuun isaa,
Isaayyaas ―eenyun erga? Eenyutus gara ummata sanaa
nuuf deema?‖ jedhamee ergamuun. (Isa. 6:8)
Kiristaanummaan dura namootni Waaqayyoon filataman
hanga dhufaatii Kiristoositti jecha Waaqayyoo suga isaas
dheekkamsa isaas fudhachaa mul‘ataa fi abjuun,Uriimii
fi Tuumiim tti ergaa dhufeef barsiisaniiru. Luq. 2:46.

BARTUMMAA KAKUU HAARAA


KEESSATTI
Jabana kiristaanummaa (bara kakuu haaraa) lallabaa
jalqabaa jedhamee kan waamamu Yohaannis cuuphaa
dha. ―Mootummaan Waaqayyoo dhiyaateeraa qalbii
jijjiirradhaa‖ (Maat. 3:2) jechaa lallabaa fi cuuphaa
ergama isaa raawwateera. Yohannis Raajotaa fi abbaa
isaa Zakkaariyaas waliin raajiin kan dubbatameefidha.
(Isa. 40:3, Luq. 1:36) Raajichi Milkiyaasis qalbii
abbootaa gara ijoolleetti, kan ijoollees gara abbootaatti
deebisa‖ jechuun dubbateeraaf. Milk. 4:6. Kaayyoon
bu‘uuraa ergama Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
lamadha. Inni tokkoffaan Dhala namaa bade barbaadee
fayyisuu Luq. 19:10 yoo ta‘u,inni lammaffaan immoo
Warra itti amanan hundaaf fakkeenya ta‘uu ture. 1Pheex.
2:21, Yoh. 13:14. Bu‘uuruma kanaan warreen du‘aniif
jireenya, dhukkubsatootaaf qoricha, warra beela‘eef
soorata, kan gaddaniif jajjabina fi tasgabbii, warreen

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 10


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

salphataniif ol‘aantummaa ta‘uudhaan ergama isaa


wayita raawwatu gara abbaa isaa kan isa ergetti
deebi‘eera.

GOOFTAA KEENYA YESUUS


KIRISTOOS BOODA
Abbaan akkuma ana erge anis akkasuma isinan erga
(Yoh. 20:21) jechuun bu‘uuruma dubbateen duuka
bu‘ootni qulqullaa‘oon ―akka hoolotaa yeeyyii gidduutti
ergamaniiru (Mat. 10:16) Isaanis akka bofaa abshaala,
akka gugee garraamota ta‘anii ergama isaanii
raawwachuudhaan duuka bu‘ummaa isaanii
wareegamuun raawwataniiru. Duuka bu‘oota boodas
barattoota isaanii kan turan duuka bu‘ootni abbootaa
miilaan kan duuka bu‘an, gochaan kan fakkaatan, dhugaa
kan dubbatanii fi rageessan wareegamtoota,
abukaatoowwan waldaa kiristaanaa kaayyoon guddaan
Naanna‘anii barsiisuun,Kitaabolee
barreessuun,Kitaabolee hiikuun,Afaanirraa gara afaanitti
hiikuutiin shoora irraa eegamu bahaniiru.
BU’UURAWWAN DUUKA BU’UMMAA
Duuka bu‘ummaan ergama gatii hedduu qabuu fi kabaja
argamsiisudha. Gatii kennisiisuu kan danda‘us duuka
bu‘ichi (ergamichi) ergama isaa qixa sirrii ta‘een yoo
raawwachuu danda‘e qofaa dha.
1. Amantii Cimaa
Iddoo fi yeroo kamittuu, haalli tajaajilaa amanamaa
ta‘anii argamuu barbaachisa. Qunnamtiin
ergamichaa/duuka bu‘ichaa/ Waaqayyoo fi nama waliinis
ijaa ta‘eef. Yeroo tajaajilaa, qorumsa keessatti aarsaa
kanfaluun kan waameef, uummata tajaajiluufi tajaajila

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 11


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isaaf, sammuu ofiitiifis amanamuu qaba. Duuka bu‘aa


qulqulluu Phaawuloos ―amantaa fi sammuu gaarii
qabaadhu‖ (Xim. 1:19) jechuun barataa isaa kan gorseef
amantaadhaan jiraachuunii fi amantaa lallabuun
beekumsa malee amantaa hin ibsu ijaa ta‘eefi.
Barreessaan seenaa tokko amantaa fi amantoota kan
balleessu Hoogganaa amantaa hacuucaa (waa‘ee waldaa
kiristaanaa dantaa kan hin qabne), Lallabaa amantii fi
jireenya hin qabne jechuun akka dubbatee ture, Duuka
bu‘aan kan itti amanu kan dubbatu, kan dubbate kan
amanu ta‘uu qaba. ―Akkuman dubbadhen amana‖
akkuma jedhu.(Faar. 115:1) Duuka bu‘aan Phaawuloosis
―namni laphee isaatii amanee fayya, afaaniinis dhugaa
bahee fayya‖ jechuun kan dubbate (Room. 10:10).
Rakkoo guddaan lallabdoota jabana kanaas dhugaa
Waaqayyoo ergama waldaa kiristaanaa dubbachuu
dhabuu, jallisanii dubbachuu, waltajjiiwwan garaagaraa
irratti lallabbiin jiraatus tajaajilaan dhabamuu isaati.
Kanaafuu, lallabaan Waaqayyootti amanu, jireenya
mataa isaatiinis Waaqayyoon naaf raawwata jechuun
amanamuu fi deebii raawwatamu laachuu qaba.
2. Hafuura Qulqulluun Hojjechuu
Deemsa duuka bu‘ummaa duuka bu‘aa Phaawuloos
hunda keessatti kan hubannu dhugaan afuura qulqulluun
kan hojjatame ta‘uu isaati. Afuura Waaqayyootiin kan
hojjatan hundi immoo ijoollee Waaqayyooti. Tajaajilli
waldaa kiristaanaa afuurawaa fi kan samiiti. Hojichis
raawwatamuu kan qabu namoota afuurawaa ta‘aniini.
Kanaafi dha kan gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus
Kiristoos duuka bu‘oota isaaf afuura qulqulluu kan inni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 12


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

erge. HoE. 2:15; Luq.24:54. Barnaabaasii fi Saa‘ol hojii


itti waamamaniif kan filataman afuura qulqulluudhaani.
HoE 13:3. Kana jechuunis hojiin duuka bu‘ummaa kan
afuura qulqulluu malee kan namaa akka hin taane
amanuu,Itti kabajamuu fi galateeffatamuu kan qabu
Waaqayyoo Afuura Qulqulluu qofaa ta‘uu
amanuu,Aangoon maallaqaa, namaa, gargaarsi saayinsii
fi teekinooloojii yoo jiraatan illee hojichi kan
Waaqayyooti; kan hojjatamus hooggansaa fi gargaarsa
Waaqayyoo Afuura Qulqulluutiin ta‘uu hubachuu
barbaachisa. ―Anaan ala homaa gochuu hin dandeessan‖
akkuma jedhe. (Yoh. 15:5). Mana sagadaatti dura taa‘ee
kennaa gargaarsaa kadhachaa namichi ture akkamitti
akka fayye hooggantootni lubootaa fi Jaarsonni ummataa
yeroo qorannoo adeemsisan deebiin laatameef ―Isin
fanniftanii kan ajjeeftaniin, Waaqoyyooniis du‘arraa
kan kaaseen maqaa Yesuus Kiristoos Isa Naazireetiin
namni kun akka fayye fuuldura keessanis akka dhaabbate
dhugumaan beekaa‖ (HOE. 4:5-12) kan jedhu ture.
3. Nama hafuuraa ta’uu
Duuka bu‘aa ergame tokko ergama isaatiif humna kan
ta‘uuf laphee guutuu fi aangoo afuura qulqulluutiin ija
jabinaan dubbachuu kan danda‘u, uummatni/amantootni/
akka ta‘an waan barbaadu inni dursee yoo raawwachuu
danda‘e qofaadha. Kana jechuunis ibsa eenyummaa
afuurummaa kan ta‘an iccitiiwwan qooddachuudha.
Jireenya hafuuraa keessatti rakkoo fi dadhabbii cimaan
hojiiwwan hafuuraa namoota hafuura hin qabneen
hojjatamuu isaati. Waldaan kiristaanaa gaaraa hanga
dakaatti/jalaatti, guddaa hanga xiqqaatti, beekaa hanga

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 13


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

daa‘imaatti rakkoon qabdus kanuma. Amma amma


tajaajilaadhaan kan cimurra tajaajilaadhaan kan
dogongoru/karaarratti hafu baay‘achuun hir‘ina hafuuraa
agarsiisa. Phaawuloos kana ajajiitii barsiisi, jechaa fi
jireenyaan, amantiinis jaalalaanis, qulqullummaanis
warreen amananiif fakkeenya ta‘iitii…hangan dhufutti
dubbisuu gorsuun fi barsiisuu fi kadhannaan of eegi.
Qulqulluu ta‘uun kee hunda biratti akka baramuuf kana
dubbisi, kanaanis cimii jiraadhu. Egaan ofii keetii fi
barumsa keetiif of eegi; kanneenis cimii jiraadhu; kana
yoo raawwatte ofii keetis warreen si dhagahanis ni
fayyifta (1Xim. 4:11-16) jechuun Ximootiwoos kan
gorse jireenyi hafuura isaa waldaa kiristaanaaf kitaaba
dubbifamu akka ta‘uufi dha(2Qor.3:2).

4. Gadi of qabuu fi Miira Itti Gaafatamummaa

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos miila barattootasaa


erga dhiqeen booda ―waanan siniif raawwadhe
hubattanii? Isin barsiisaa keenyaa fi gooftaa keenya naan
jettu; gaarii jettan; ani akkasuma ijaan ta‘eef, egaan ani
barsiisaa fi gooftaa keessan yoon ta‘u miila keessan yoon
isin dhiqe isinis akkasuma miila obboloota keessanii
dhiquu qabdu, ani akkuman isiniif raawwadhe isinis
akkanuma raawwadhaa‖ (Yoh. 13:12) jechuun
barsiiseera. Duuka bu‘ootnis jechaa fi gochaan
raawwataniiru. Tajaajila alaas ta‘ee keessaa gadi of
qabuun raawwataniiru.
Gad of qabuu jechuun qabxiilee armaan gadii of keessaa
qaba. Eenyummaa ofii Gad of xiqqeessanii of ilaaluu fi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 14


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

fudhachuu, eenyummaa waaqayyoo immoo ol ol


kaasuu,Ani tajaajila kanaaf ga‘aan turee? jechuun of
gaafachuudhaan waamicha Kiristoosiin yeroo mara
dinqisiifachuu,Gad of qabanii gootota amantii darban
kanneen akka Abrahaam, Daawit fi Phaawuloos irraa
fakkeenya gaarii fudhachuu fi Karaa jireenya gad of
qabuu qulqullootaa hordofuu,Of ganuu dhaan waan
hundaan Kiristoosiin hordofuu (Maat. 16:26),Waadaa
eebbifamummaa ―Hafuuratti hiyyeessa kan ta‘an
eebbifamoodha‖ (Maat. 5:31) qajeelfama taasifachuu fi
eeguudha. (Yaa‘iqoob 4:6).
Miira itti gaafatamummaa kan jennu: - amananii
cuuphamuu fi miseensa mana kiristaanaa ta‘uun mirga
malee dirqama miti. Jireenya kiristaanummaan
jiraachuunii fi tajaajiluun immoo dirqama
kiristaanummaati. ―yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf
wayyoo…gatiitu narra jira ‖ (Qor. 9:16) kan jedhu ba‘aa
itti gaafatamummaa baachuu jechuudha. Keessattuu,
jabana kana gaheessotni Wangeela lallabuu fi Fannoo
isaa baachuun itti gaafatamummaan maatii Waaqayyoo
keessatti argamuu namoota laphee hayyamamaa qabanii
fi dargaggoota hinaaffaa waldaa kiristaanaaf qaban
gaafata.

DUUKA BUUTUUN EENYU?


Kaayyoon Waaqayyoo yeroo hunda namoota irratti
kaayyoo jaalalaa fi nageenyaa, gammachuu, jireenyaa,
gaarummaa fi qulqullummaati. (Hiz. 18:32, Ba‘uu 30:15,
Yoh. 3:16). Kaayyoowwanii fi yaadotni kunneen jireenya
namaa hunda keessatti akka raawwatamaniif

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 15


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Waaqayyoon karaa tokkoonis ta‘ee biroon namoota ni


waama. Karaa waamichi Waaqayyoo ittiin mul‘ate
keessaa muraasni Mul‘ata, Abjuu, Karaa namaatiin,
Hojiin walqabatee, Miira onnee kakaasuun, Barumsaan
kakaasuun Namoota waamaman fakkeenyaaf Museen
wayita hoolaa eegu (Deeb. 3:1-10), Daawit wayita hoolaa
eegu (1Saam. 16:13),Eelsaa‘in qonna irratti (1Moot.
19:19), Amoos wayita ija Arbuu funaanu (Amoos
1:1),Pheexiroos faan wayita Qurxummii kiyyeessan
(Maat. 4:18),Qulqulluu Phaawuloos wayita kiristaanota
ari‘atu (HoE. 9:1). Waaqayyoon waamichaaf ulaagaa kan
taasisu beekumsa, qabeenya, aangoo, ykn sababa biroo
miti. (1Qor. 1:26) Waaqayyo kan nurraa barbaadu
gaarummaa laphee/onnee akka Daawit fi Musee,hinaaffaa
hafuura qulqulluutiin akkuma Yesuus gaaftokko warra
mana waaqayyo holqa hattuu godhatan irratti akkuma
hinaafee gad isaan oofe namoota hinaaffaa hafuuraa
qabaataniii hinaaffaan mana keen a gube
jedhan,Kaka‘uumsaa fi dharraa/hawwii hojii waaqayyoo
kan qaban, wangeela Barsiisuun dirqama isaanii akka ta‘e
kan beekan, iddoo waaqayyo itti isaan erge kamiin iyyuu
deemuuf kan qophaa‘an,kennaa garagaraa kan qabanii fi
waan hundaa irraa bilisa ta‘anii Fannoo Yesuusiin
gammachuudhaan kan baatanii dha.

Bartummaan eessaa eegala?


1. Yeroo namni tokko cubbuu,badii,jaamummaa, qullaa
ta‘uu fi fuula waaqayyoon duratti gadadamaa ta‘uu isaa
hubatuu dha. Mul 3:16-17.
2. Hojii yookiin amala gaarii isa kan mataa keenyaatiin
fayyuu akka hin dandeenye yemmuu hubannu. Efe 1:9.
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 16
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

3.Yeroo jaalalli Yesuus iddoo olaanaa qabatee jireenya


of ganuu jiraannuu dha. Luq 14:26, Mat 16:24.
4. Bakka bu‘aa keenya ta‘ee Yesuus Kiristoos fannoo
irratti du‘uusaa yemmuu amannu.
5. Murteeffannaa sirrii irra gahudhaan yemmuu namni
tokko Yesuusiin akka gooftaa fi fayyisaa isaatti yeroo
fudhatuu dha.
Walakkeessa Bartummaa
Bartummaa jechuun Kiristoosiin fakkaachuu dha.
Kiristoos immoo maal fakkaata?
1. Jaalala abbaasaa isa waaqarraaf abboomame.
2. Jireenya humna Hafuura Qulqulluun guutame
jiraate.
3. Ofittummaa malee namoota biro tajaajile.
4. Dhiphinnii fi gaddi yemmuu isa quunname
obsaan baate.
5. Hinaaffaa Hojii waaqayyoo qaba ture.
6. Namoota ni jaallata ture.
7. Of qabuu beeka.
8. Garraamii fi kan gad of deebisee fi amanamaa
dha.
9. Quuqama waa‘ee abbaasaa isa waaqarraatiif ni
qaba ture.
Anii fi ati yoos dhuguma Kiristoosiin
fakkaanneerraa?
―Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna,
yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa
jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa
ti.‖Roomaa 14:8. Phaawuloos ergamaanis hiikkaa
bartummaa akkasitti ibsa."Dhagni keessan mana

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 17


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa


jiriu ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas
Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa
hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii
keessanii miti.Waaqayyo gatiidhaan isin bitate;
kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni
ittiin galateeffamu hojjedhaa!" 1 Qorontos 6:19-
20.
Qabxiilee ijoon bartummaaf walakkeessa ta’an
kanneen armaan gadiiti.
1. Guutummaa keenyaan waaqayyoon jaallachuu
dha. ―Yommus Yesus deebisee, '''Waaqayyo kee
goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee
guutuudhaan, yaada, kee guutuudhaanis jaallachuutu siif
ta'a.‖Maatewos. 22:37.Garaa guutuu dhaan Waaqayyoon
jaallachuun maaliif barbaachisa? Seerri waaqayyoo garaa
keenya keessa waan taa'uuf dha. Daawit kana ilaalchisee
akkan si hin yakkineef waan ati jette garaa koo keessa
kaa'adheera jedha. Faarfannaa 119:11. Garaa guutuu
Waaqayyoon jaallachuu jechuun garaa hir'uu hin taaneen
isaaf abboomamuu dha.―Billaadhaan rukutanii ajjeesuu
iyyuu yoo ta'e, namni isa Waaqayyo abboome kana garaa
hir'uudhaan hojjetu abaaramaa dha!‖Er. 48:10. Seera
Waaqayyoof abboomamuu keessa maaltu jira?"―Eyyee,
ati seerrata koo utuu eegdeetta ta'e, silaa nagaan kee akka
laga bishaanii in yaa'a, qajeelummaan kees akka guuboo
galaanaa ol in ka'a ture" Isa. 48:18. Sabni Israa'el
hedduun isaanii garaa isaanii keessatti waaqayyoon irraa
fagaatan. Kanaafis ani waggaa afurtamaaf dhaloota
sanatti nan aare, garaa isaanii keessatti yeroo hundumaa
karaa irraa in kaatu, isaan karaa koos hin barin
jiru.‖Ibroota. 3:10. Waaqayyo garuu ala bartuu warra

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 18


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ofiin jedhanii utuu hin taane keessa isaanii ilaala.


Waaqayyo ulaagaa biyya lafaa homaattuu hin lakkaa‘u.
Mooticha Saa'oliin onnee yookaan garaa isaa ilaalee
tuffate. Kanaafis raajicha Saamu'eliin itti ergee akkana
jedhe."Waaqayyo garuu Saamu'eliin, "Ani waanan isa
tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin!
Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala,
ani Waaqayyo garuu garaan ilaala" jedhe.‖1Sam. 16:7.
Faallaa kanaa garuu Daawitiin filate. Daawit kun immoo
nama ejjituu ture. 2 Saamu'el 11:2,3 irratti Gaaf tokko
gara galgalaa Daawit iddoo ciisicha isaatii ka'ee bantii
mana mootummaa isaatiitti ol ba'ee, asii fi achi utuu
adeemuu gad ilaalee, dubartii dhagna dhiqachaa jirtu
tokko in arge; isheen baay'ee miidhagduu dha.Daawit
nama tokko waamee ergee, waa'ee dubartittii in
qorachiise; namichis deebi'ee, "Dubartittiin haadha
manaa Uriiyaa Heetichaa ti, isheen intala Elii'aam;
maqaan ishee 'Baat-Sheebaa' jedhama" jedhe. Daawit
namoota itti ergee ishee in fichisiise; isheen gara isaa
yommuu dhufte, akka seeraatti xuraa'ummaa isheettii of
qulleessitee turte; Daawit yommus ishee bira in ga'e;
isheenis ergasii gara mana isheetti in deebite.2Sam.
Dubartittiin yommus ulfooftee, "Ani siif ulfaa'eera" jettee
Daawititti dhaamsa in ergite. Kana irratti Daawit, "Mee
Uriiyaa Heeticha anaaf ergi!" jedhee Yo'aabitti nama in
erge; Yo'aabis Uriiyaa gara Daawititti in erge.2 Saamu'el
11:6-8 yemmuu dubbifnu immoo onnee yookaan garaa
isaa isa cubbuu ejjummaatiin xuraa'e golguuf yaalii
gochuu isaa argina."Daawit kana booddees
Uriiyaadhaan, "Gara mana keetti gad bu'iitii dhagna kee
dhiqadhuu dadhabbii ba'i!" jedheen; Uriiyaan yommus
mana mootummaatii gad in ba'e; utuu inni gad bu'uu,

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 19


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

mootichi kennaa ba'eessa tokko isa booddeedhaan in


erge.‖ 2 Saamu'el. 11:8.Naataan raajichi yemmuu gara
Daawitiin dhaqee ―Ati garuu Uriiyaa Heetichi billaa
Amoonotaatiin rukutamee akka ajjeefamu gootee, haadha
manaa isaa haadha manaa kee godhatte; ija koo duratti
wanta hamaa sana hojjechuudhaan maaliif dubbii koo
tuffatte?‖ 2 Saamu'el 12:9. Cubbuu hojjete hundumaaf
balaan adda addaa isa irra yoo gahe illee Daawit akkana
jedhee kadhate."Cubbuu koo fuula kee duraa dhoksi,
yakka koo hundumaa haxaa'ii ana irraa balleessi! Garaa
qullaa'aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura
dhaabataas ana keessatti haaressi! Fuula kee duraa ana
hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin
fudhatin! Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu,
iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na
gargaaru anaaf kenni!" Faarfannaa 51:10-12.Waaqayyos
cubbuu isaa isaaf dhiisee Saa'olin mootummaa irraa
buusee immoo, Waaqayyo, Daawitin isaaniif moossise.
Waa'ee isaatiifis, 'Ani, Daawitin ilma Iseyi nama akka
garaa koo argadheera, inni jaalala koo hundumaa in
raawwata' jedhee dhugaa ba'e. HOE 13:22.Garaa guutuu
dhaan waaqayyoon jaallachuun inni bartuu gooftaa irraa
eegamu isa kanaa dha. Isa kanaaf dha kan Ermiyaas
raajichi Egaa kottaa karaa keenya qorree in ilaallaa, gara
Waaqayyoottis in deebinaa kan inni jedhu. Faaruu
Ermiyaas 3:40. Sababii garaan keenya qoramuu qabuuf
garaa keenya Kiristoos qofatu qajeelchuu danda'a waan
ta'eef dha."Garaan namaa waan hundumaa irra jal'aa dha,
namnis isa qajeelchuu hin danda'u; egaa eenyutu isa
beekuu danda'a ree?‖Ermiyaas 17:9.Waaqayyo Maaliif
duutu yaa mana Israa'el! Irra-daddarbaa ittiin yakkitan
hundumaa of irraa gataa, garaa haaraa fi hafuura haaraa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 20


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

godhadhaa!‖ nuun jechaa jira. His. 18:31. Kana malees


kakuu ―Ani garaa haaraa isaaniif nan kenna; hafuura
haaraas isaan keessa nan kaa'a; garaa isa akka dhagaa
isaan keessaa baasee garaa isa akka foonii isaaniif nan
kenna.‖jedhu nuuf galeera. His. 11:19. Yaada garaa
geeddaratanii Mootummaan waaqaa dhi'aachuu isaa
labsuun ergama bartuu dhugaati. Maatewos 3:2. Yesuus
garaa namoota hundumaa kan bartoota isaa dabalatee ni
beeka ture. Inni garuu namoota hundumaa gaarii godhee
waan beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne. Inni ofii
isaatii garaa namaa keessa kan jiru waan beekuuf, kan
biraa dhufee waa'ee nama tokkoo isatti himuu hin
barbaachifne. Yohaannis 2:24-25. Har‘a iyyuu nu bartuu
gooftaati kan ofiin jedhan namoota Yesuus amanee itti
gad of hin dhiifne ija fooniitiin kan hin argamne hedduu
isaaniitu jiru. Garuu waamichi bartummaa kan nuuf
dhihaate garaa kee guutuu dhaan waaqayyoon jaalladhu
kan jedhuu dha. Kun immoo Kiristoos wajjiniin waliif
galuu dhaaf Yaaqa garaa isa Kristos Yesus qaba ture
qabaachuu dha. Filp. 2:5.
Qabxii inni itti aanu bartuu gooftaa ta'uu dhaaf jireenya
ofii aarsaa gochuu dha. Yesuus waa'ee aarsaa of gochuu
irra deddeebi'ee barsiisee jira.―Warra foon namaa
ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin
sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee
keessatti balleessuu danda'u sodaadhaa!‖Mat.
10:28.Maatewos 16:26 irratti immoo Namni biyya lafaa
guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe,
bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa
maal kennuu danda'a ree? jedhee dubbate.―Namni
jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in
fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 21


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

immoo isa in argata. Mat. 10:39. Kana malees jireenya


ofii keessaa muranii gatuu waan barbaachisu nama
gachisiisa."―"Harki kee yookiis miilli kee yoo si
gufachiise, of irraa murii gati; harka lama yookiis miilla
lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu kee
mannaa, bu'aan dhagna keetii hir'uu ta'ee, yookiis
hokkolaa taatee jireenyatti galuuu siif wayya.‖ Mat. 18:8
2. Maatiiwwanii fi olloota keenya jaallachuu dha.
Yesuus walii walii keessan jaallachuu keessaniin
namoonni akka isin bartoota koo taatan ni beeku jedhe.
Yoh13:35. Yoos jaalalli kun amaloota akkamii qaba?
1Qor 13 irraa:
1. Jaalalli gochaan agarsiifama.
2. Ofiisaarra caalchisee warra kan biroof Akkuma
Yesusiin dursa ni kennaaf.
3. Jaalalli cubbuu baayyee golgee hambisa.
4. Jaalalli danda‘aa fi garraamummaa kan agarsiisuu
dha.
5. Waan isa qofa gammachiisu hin barbaadu.
6. Ofittummaa duukaas hin bu‘u.
7. Namoota biroo irratti waan hamaa
raawwachuuttis hin gammadu. people
8. Jaalalli namoota waan gaarii fi dhugaa hojjetanitti
kan gammaduu dha.
9. Jaalalli barabaraan jiraata.
10. Jaalalli iddoo gahe Sodaas gadi baasee gata.
―Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti;
'Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif
ta'a'.‖Maatewos. 22:39. Abboommiiwwan kurnan bakka
lamatti qoodamu. Isaanis hariiroo Waaqaa fi nama

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 22


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gidduu kan jabeessan abboommii 1ffaa hanga arfaffaatti


jiran yoo ta‘u, abboommii shanaffaa eegalee hamma
kurnaffaatti kan jiran immoo hariiroo namoota gidduu
jiru kan jabeessee eeguuf kennamee dha. Waaqayyoon
jaallachuu jechuun isa duratti waaqa kan biraa qabaachuu
dhiisuu,bifa fakkeenyaa yookaan bifa qirixame adda
addaaf sagaduu dhiisuu,maqaa Waaqayyo akkasumaan
dhahuu dhiisuu fi guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguu
ilaallata. Ollaa ofii akka mataa ofiitti jaallachuun immoo
abbaaf haadha ofii kabajuu, ajjeesuu,ejjuu,hatuu,sobaan
dhugaa bahuu,hawwuu fi kanneen kana fakkaatan nama
akka keenyaa irratti raawwachuu dhiisuu dha. Ba'uu
20:1-17.
3. Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu (Efesoon
5:18). Hafuura Qulqulluun guutamuun lammaffaa
dhalachuuf nu gargaara.―Kanaaf Yesus,"Dhuguma,
dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura
qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa
Waaqayyootti galuu hin danda'u.‖ Yoh. 3:5. Yesuus erga
hafuuratti lammaffaa dhalannee booda hojiisaatti nu
ergata.Yoh. 20:21-22 irratti Yesus ammas itti deebi'ee,
"Nagaan isiniif haa ta'u'" isaaniin jedhe; itti fufees,
"Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga"
jedhee isaanitti dubbate.Kana jechaa hafuura isaanitti
baafatee, "Hafuura qulqulluu fudhadhaa! jechuu isaa
argina. Phexros immoo, "Yaada garaa keessanii
geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf,
tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti
cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.‖HoE.
2:38. Hafuurri Qulqulluun iccitii milkaa'insa
bartummaati."―Isaan kadhata afaanii fixuunii fi iddoon
isaan itti walitti qabaman socho'uun, wal faana ta'e.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 23


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii,


dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa
turan.‖ HoE. 4:31.Egaa inni "Goofticha" jedhame kun,
hafuura qulqulluu dha; iddoo hafuurri gooftichaa jiru
immoo, birmadummaatu jira.‖2Qor. 3:17. Jireenya
bartummaa jiraachuu yemmuu jalqabnu immoo ―Garaa
qulqulluudhaan beekumsaanis in hojjenna, waliif in
dandeenya, gaarummaadhaan in jiraanna, hafuura
qulqulluutiin in geggeeffamna, jaalala amanamaa in
argisiifna.‖2Qor. 6:6. Hafuura Qulqulluu immoo hidhaa
nagaatii fi tokkummaatiin of harka turfanna.―Hidhaa
nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti
eeggachuudhaaf dhama'aa!‖ Efe. 4:3. Dabalataanis
Phaawuloos ergamaan ―Fayyina akka gonfoo sibiilaatti,
sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu
biraa fudhadhaa!‖nuun jedha. Efesoon. 6:17. Wangeelli
qalbii cubbamootaa jijjiirrachiisu wangeela shaakala
hafuura qulqulluutiin kan guutame yoo ta‘e
dha."―Wangeelli nuyi isiniif lallabne humnaan, hafuura
qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan
malee, sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne;
nuyi immoo sababii keessaniif namoota attamii taanee
akka isin gidduu turre in beektu.‖1Tas. 1:5. Imaanaa
Waaqayyo nutti kenne akka eegnuuf hafuura Qulqulluutu
nu gargaara."―Wanta gaarii hadaraa sitti kenname sana
hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi!‖ 2Xim.
1:14.
4. Qullaa’ummaa shaakaluu (Efesoon 1:4). Phaawulos
Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa,
waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii
of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti
jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafannaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 24


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jedhee nu gorsa. 2Qor. 7:1. ―Namummaa haaraa isa


qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii
Waaqayyootiin uumame uffadhaa!‖ Efe. 4:24. Isaayaas
qulqulloota walitti lallabaniis, "Qulqulluu! Qulqulluu!
Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan
lafaas ulfina isaatiin guutuu dha" in jedhan dhaga‘ee
"Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota
arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan
ta'eef, iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan argeef
nan bade!" jedhee nan iyye.Kana irratti Suraafelli warra
achi dhaabatan keessaa tokko, barbadaa ibiddaa isa
qabduudhaan iddoo aarsaatii fuudhe harkatti qabatee gara
kootti in balali'e;barbadichas afaan kootti buusee,
"Kunoo, kun afaan keetti waan bu'eef, yakki kee si irraa
fuudhameera, cubbuun kees siif dhiifameera" naan
jedhe.Yommus sagalee Waaqayyoo isa, "Eenyunan erga?
Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?" jedhu nan dhaga'e;
achumaan ani immoo, "Kunoo, ani jira, ana ergi!"
jechuusaa dubbifna.Isaayaas 6:3-8. Isaayaas erga
qulqulleeffamee booda cubbuun isaa isaaf dhiifamuu isaa
erga mirkaneeffatee booda asan jiraa na ergi ittiin jedhe.
Waaqayyo nu qulleessinaan iddoo jirru hubanna. Iddoo
jirru hubannaan immoo asan jiraa na ergi ittiin jenna.
Waaqayyo cubbuu keenyaa wajjiniin yennaa nu waame
illee cubbuu keenya irraa nu qulqulleessuu barbaada.
Namoota mudaa amala isaanii hedduu Yesuus isaaniif
sirreesse hedduu isaanii argineerra. Seera waaqayyoo irra
daddarbuudhaan dhalli namaa martinuu cubbamaa
yennaa ta‘e illee karaa aarsaa isa Yesuus Kiristoos
kaffaleen cubbuu keenya irraa dhiiga isaa isa gati
jabeessaan nu qulqulleessuudhaaf Yesuus nu waameera.
Dhugumayyuu bartummaan bakka nuti dhiiga

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 25


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hoolichaatiin cubbuu keenya irraa itti miiccannuu dha.


"Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii
dha; uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii
addeeffataniiru.‖Mul. 7:14. Warri uffatasaanii miiccatan
immoo karra Yerusaalem haaraatiin akka ol galaniif
Waaqayyo waadaa isaaniif seeneera. ―Warri uffata
isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya
namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis
mandarichatti ol in galu.‖ Mul. 22:14.
5. Ija hojii hafuuraa naqachuu (John 15:16). Yesuus gara
bartummaatti yemmuu nu waamu jireenya qullaa‘aatti nu
waamuu isaati. Jireenya qullaa‘aa keessa immoo
―Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa'aa
dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa
dha; oo'aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir'uun,
of arguu dhabuunis keessa hin jiru.Yaq. 3:17.
6. Argamuu Waaqayyoo dheebochuu fi beela’uu (Mat
5:6). Lubbuun keenya oobdii mana Waaqayyoo yaaddee
yemmuu gaggabdu! Lubbuun koo fi foon koo Waaqayyo
isa jiraataatti gammadanii in ililchu.‖ Far. 84:2. Iddoo
kan biraattis Daawit ―Ani Waaqayyoon waan tokkicha
nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara
jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa
jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana
qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.‖ jedhee
Waaqayyoon kadhata.Far. 27:4. Yeroo nuti isaa wajjiniin
nagaa buusuu barbaadan innis nu wajjiniin nagaa ni
buusa.―Wanta Waaqayyo dubbatu dhaggeeffachuu nan
barbaada; sabni isaa warri isaaf of kennan, gara
gowwummaatti hin deebi'in malee, gooftichi nagaa
isaanitti in dubbata.‖Far. 85:8.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 26


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

7. Ayyaana Kiristoosiin qajeelaa ta’uu.―Yaada keessan


qajeejfadhaa! Cubbuutti qabamtanii hin jiraatinaa! Isin
keessaa kaan Waaqayyoon wallaalaniiru; kana immoo
isin qaanessuufan isinitti dubbadha.‖1Qor. 15:34.Yesuus
erga nu waamee jireenya cubbuu isa kaleessaa akka
jiraannu hin barbaadu. "Gooftaa keenyaa fi fayyisaa
keenya Yesus Kristosin beekuudhaan xuraa'ummaa biyya
lafaa duraa baqatanii erga ba'anii, deebi'anii ittiin
qabamanii yoo mo'aman, akki isaan itti jiran inni
booddee isa duraa irra in hammaata, Karaa qajeelummaa
erga beekanii booddee, abboommii qulqulluu isa isaaniif
kenname irraa gara galuu irra, takkaa utuu hin beekin
hafaniiru utuu ta'ee, isaaniif in wayya ture, Jechi inni,
"Sareen diddigee diddiga isaatti in deebi'a" akkasumas,
"Booyyeen dhiqatee dhoqqee keessa gangalachuutti in
deebi'a" jedhu dhugaa ta'uun isaa, waan isaan kana irra
ga'uun in mul'ata. 2 Pheexiroos 2:20-22.―Nuyi warra
amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha
malee warra badiisaaf dugda isatti gatan miti.‖Ibr. 10:39.
8. Waaqayyoof abboomamuu
―Namni seera birmadummaa isa hir'ina hin qabne keessa
lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, isa dhaga'ee hojii
irra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne garuu, gocha
isaatti gammaduuf jira.‖ Yaq. 1:25.Yesus itti fufee, "Isin
yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu jedhe. Yoh.
14:15. Iddoo kan biraatti immoo ―Namni abboommii koo
qabu, inni isa raawwatus, isa kan na jaallatu; nama na
jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa
nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira"
jedhe.‖Yoh. 14:21.Bartummaan filannoo keenya dha.
Kes. 30:15-18 irratti akkana jedha."Ilaa! Ani har'a wanta

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 27


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gaarii fi jireenya, wanta hamaa fi du'a isin dura kaa'eera.


Waaqayyoon gooftaa keessan yoo jaallattanii fi karaa
isaa irra yoo adeemtan, abboommii isaa, seerrata isaa,
wanta qajeelaa ta'es isa ani har'a isin abboomu kana yoo
eegdan in jiraattu, in baay'attus; Waaqayyo gooftaan
keessan biyya isin itti galtanii qabachuuf jirtan sana
keessatti isin in eebbisa. Garuu garaan keessan isattii
garagalee, isaaf yoo dhaga'uu dhabaattan, waaqayyolii
biraatiif sagaduudhaaf, isaaniif hojjechuudhaafis gara
isaaniitti yoo harkifamtan, isin in baddu, kanas ani har'a
isinitti himeera; laga Yordaanos ceetanii biyya itti
galtanii qabachuuf jirtan sana keessas yeroo dheeraa hin
jiraattan." Kes. 30:15-18.
9. Obboloota wajjin tokko ta‘uu"―Obboloota ko, isin
hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan,
yaada tokkoon akeekkattanii tokkummaadhaanis
raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, is in gidduutti
gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya
Yesus Kristosiin isinan gorsa.‖1Qor. 1:10.
10. Lola Hafuuraatiif qophaa’uu" Kanaa achi,
gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa.
Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti,
mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal
qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa
qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa
dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota
hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin
wal'aasoo wal qabna. Kanaaf guyyaa hamaa sanatti
mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhattan
sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 28


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! Egaa akka nama


sabbataan hidbatuutti dhugaadhaan mudhii keessan
jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti
uffadhaatii dhaabadhaa! Akka nama kophee kaa'ateettis
wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa!
Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti
fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa
adeeman dhaamsuu in dandeessu. Fayyina akka gonfoo
sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura
qulqulluu biraa fudhadhaa! Kadhataa fi himata keessan
hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan
geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti
dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof
qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! Ani immoo
dhoksaa wangeelaa ija jabinaan beeksisuudhaaf
yommuun afaan saaqqadhu, dubbiin akka anaaf
kennamutti, anaaf kadhadhaa! Akka dubbachuun anaaf
ta'utti ija jabinaan akkan dubbadhuuf anaaf kadhadhaa!
Ani funyoo sibiilaatiin lafan hidhametti iyyuu wangeela
isaa lallabuudhaaf Kristosiif afaan ta'ee ergameen
jira.Efesoon 6:10-20.
11. Yaada garaa isa Kan Yesuus Kiristoosiin
qabaachuu
"Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!
Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina
waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu
wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina
sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of
godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii
namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee
argame.Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 29


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e."Filiphisiiyus


2:5-8.
12. Hubataa fi ogeessa ta’uu ―Kanaaf jaalalli gooftaa
maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa!‖
Efe. 5:17.―Kun saba hundumaa duratti ogummaadhaa fi
hubannaa keessan waan ta'uuf, isaan seerrata kana
hundumaa yeroo dhaga'an, 'Dhuguma sabni guddaan kun
saba ogeessaa fi hubataa dha' isiniin in jedhu; kanaaf isin
kana duukaa bu'aa eegaa!‖Kes. 4:6.Nuti Ogummaa hin
qabnu. Waaqayyo garuu ogummaa waan qabuuf
ogummaa isarraa ni dabalanna. Solomoon
ogeessichi―nama ogeessa gorsi, inni caalaa ogeessa in
ta'a; nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa in
baay'ifata.‖jedha. Fak. 9:9.―Ogummaa argadhu, hubataas
ta'i! Dubbii afaan kootii hin irraanfatin, irraas hin
jal'atin!‖Fak. 4:5.
13. Waaqayyoof jennee biyya lafaattii adda bahuu (1
Tas 4:3).
14. Jireenya galata Waaqayyoon guute jiraachuu (1
Tas 5:18).
15. Adeemsa dhimma baasu gooftaa wajjiniin
deemuu (Qol 1:9-12)
16. Jabaatanii dhaabbachuu (Filp 1:27)
17. Kiristoosiin irratti hiddaa fi hundee godhachuu dha.
(Qol 2:6-7).
Amaloota Bartummaa Dhugaa
1. Bartuun Kiristoos jireenya isaa krrssatti iddoo isa
olaanaa gooftaa isaatiif kennee cubbuu irra adda bahuuf
tarkaanfii fudhata.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 30


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

2. Bartuu dhugaan guyyaa guyyaatti waaqayyoof yeroo


isaa aarsaa godhee guyyuma guyyaatti jireenya
kadhannaa isaatii gabbifata.
3. Bartuun dhugaan amanamaa fi guyyaa guyyaatti
sagalee waaqayyoo qayyabachaa nama caaffata
qulqulla‘aa yaadasaatti qabachuuf, dubbisuu fi dubbii
dhaga‘es itti yaaduuf kan hawwii qabuu dha. Mul 1:3.
4. Bartuu dhugaan guyyaa guyyaatti hafuura dhugaa
bahuu fi dandeettii dhugaa wangeelaa dhiheessuu isa
guyyaa guyyaatti isaaf dabalamaa adeemu qaba.
5. Bartuu dhugaan walitti qabama amantootaa ni hordofa;
amantoota warra isaa wajjin waaqessan wajjiniinis
jaalalaa fi tokkummaa hundeessa.
6. Namoota rakkatan tajaajiluu dhaaf garaa Kiristoos
qaba ture sanaan tajaajila.
7. Bartuu dhugaan sammuu banamaa fi barachuu danda‘u
waan qabuuf yesuus irraa barachuuf yeroo hundumaa
qophaa‘aa dha.
8. Bartuu dhugaan guyyuma guyyaatti horii isaa
hundumaatiin waaqayyoof ulfina ni kenna.
9. Bartuu dhugaan ija hojii hafuuraa adeemsa hawwataa
ta‘een Kiristoosii fi ollaawwan isaa yookaan namoota
akka isaatii wajjiniin taasisa.
Qabxiilee bu’uura Bartummaa Saddeettan
(Yoh 13:34-35)
1. Jaalala – 1 Qor 13
2. Abboomamuu–Yoh 14:23-24
3. Aarsaa of gochuu– Mat 16:24-25

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 31


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

4. Gad of deebisanii tajaajila gochuu– Mar 10:42-45


5. Qorannaa Caaffata Qulqulluu– dubbisa, Qayyabannaa,
yaadatti qabachuu, itti yaaduu fi hojiidhaan agarsiisuu
6. Kadhannaa–Jajannaa, cubbuu himachuu, galata
galchuu, himata
7. Dhuga bahumsa
8. Tokkummaa yookaan Hariiroo waaqaa fi namoota
wajjinii–Ibr 10:24-25.
Wantoota Bartuu Yesuus ta’uun of keessaa
qabu
1. Fayyina
2. Mirkaneeffannoo Fayyinaa
3. Waaqayyoon gooftaa taasisanii of irratti moosisuu
4. Michummaa KAristoosii wajjinii
5. Aarsaa guyyaa guyyaatti taasifamu
6. Hirmaannaa waldaa keessatti godhamu
7. Barsiisa sirriitti guddachuu
8. Shaakala sirriitti guddachuu
Hojii Bartuutti Kenname
1. Bartootatti hojii maaliitu itti kennamee jira?
Mat 28:19-20,Luq 4:18 ,2 Qor 5:18
2. Bartoonni hojii isaanii eessatti hojjetu? Marq 16:15
3. Bartoonni hojii isaanii yoom hojjetu? HoE 2:46-47
4. Bartoonni hojii isaanii maaliif hojjetu? Luq 24:46-48.
5. Bartoonni hojii isaanii akkamitti hojjetu? HoE 1:8

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 32


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Iccitii Bartummaa
Jireenyi bartuu ta‘uu qabxiilee armaan gadii of keessaa
qaba.
1. jireenya caaffata qulqulluu keessa jiruun
walsimate jiraachuu
2. jireenya ofii keessatti jaalala waaqayyoo fiixaan
baasuuf aarsaa barbaachisaa hundummaa kaffaluu
3. jaalala Dubbii waaqayyoof qabaachuu
4. garbicha waaqayyoof ta‘uu dhaan yeroo
hundumaa isa tajaajiluu
5. raawwatanii foonitti amanachuu dhiisuu
6. namoota hundumaa jaallachuu
7. jireenya ofii tooratti galfachuu
8. kiyyoo hadhaa‘ummaatti galuu mormuu
LEENJII BARTOOTA KUDHA LAMAANII
Heertuuwwan armaan gadii sirriitti yoo qoranne
yaadota armaan gadii ni arganna. Maariqoos
3:13-14; Yohaannis 15:26-27,16:33 Hojii isaa
akka baataniif Kiristoos ,namoota barnoota
qabaan ykn dubbannaatti jaboo ta‘an mana maree
warra Yihudootaa ykn Aango qaboota warra
Roomaa keessaa hin filatne. Barsiisota Yihudotaa
warra tola mataa isaaniin fayyuuf yaalan bira
darbuudhaan, Gooftaa hojjetootaa kan ta‘e
Kiristoos namoota gad of deebisan, namoota hin
baratin filatee dubbii dhugaa sana labsuudhaan
addunyaa ykn ardii akka sochoosan taasise.
Namoota kanas barsiisuu fi leenjisuudhaan
Waldaa isaa akka geggeesaniif isaan ergate.
Isaanis deebi‘anii namoota biroo barsiisuudhaan
ergama wangeelaaf isaan bobbaasan. Hojicha

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 33


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

akka milkeesaniif immoo humna Hafuura


qulqulluu isaan abdachiise. Humna namaatiin ykn
ogummaa namaatiin Wangeelli labsamuu hin
danda‘u, garuu humna waaqayyootiin ta‘a.
Waggaa sadiif walakkaadhaaf bartootni qajeelcha
barsiisaa isa olaanaa ta‘ee addunyaan illee kan isa
beekte jalatti baratan. Dhuunfattis, walitti qabama
keessattis kiristoos tajaajila isaaf isaan leenjise.
Guyyaa guyyaan isa faana adeemu, isa waliin
haasa‘u,warra dadhabanii ba‘aan isaanitti
ulfaateef sagalee jajabinaa isarraa dhaga‘aa
turan, humni isaas isaan irraa ni mul‘ata ture
warra dhukkubsataniif dhiphatan cinatti.Yeroo
tokko tokko gara gaaraatti ol ba‘ee isaan gidduu
taa‘ee isaan barsiisa ;yeroo kaan immoo andaara
galaanaa cinatti ykn utuu isaan waliin deemuu
dhoksaa mootummaa waaqayyoo isaan barsiisaa
ture. Bakka onneen banamtee dubbii waaqayyoo
fudhachuuf qophooftetti, daandii dhugaan inni
fayyinaa sun dhorkaa tokko malee banamaf.
Bartootaan kana ykn sana godhaa hin jenne,
garuu ―na duukaa bu‘aa‖ isaaniin jedhe.
Biyyootaa fi magaalota deemu hunda keessa
isaan fuudhee adeemaa ture; kanas akkamitti akka
saba barsiisuu isaan argiisiisuuf godhe. Isa faana
bu‘uudhaan iddoodhaa iddootti adeeman. Isaanis
beenyaa ykn aarsaa inni kaffale irraa hirmaatan,
isaanis akkuma isaa yeroo tokko tokko
dheebotanii, dadhaban. Daandii tuuta namaan
guutee gidduutti, andaara galaanaa cinatti, iddoo
qophummaa lafa onaa kessaattii isa waliin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 34


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

turan.Wal‘aansoo jireenyaa hunda kessatti isa


argan.
Dibamuun bartoota kudha lamaanii tarkaanfii
jalqaba hundeeffama waldaa kiristaanaa ,kan
kiristoos ergama isaa addunyaan akka ga‘aniif
biyya lafaa irraa kaa‘ee gara samiitti ol
ba‘eedha.Waa‘ee dibamuu isaanii wanti
galmaa‘ee akkas jedha, ―Gara gaaraatti olba‘ee
warra jaallatu ofitti waamee,isaanis gara isaa
dhufan.Isaa wajjin akka turaniif wangeela
lallabuufis akka isaan erguuf ,namoota kudha
lama bartoota godhate;(isaan kana warri inni
―Ergamoota‖ jedhee waamee. Marqoos 3:13-14.
Mee tuqaa kana yaadaan xinxalii. Kunoo humni
macca samii isaan kudha lamaan fo‘aman sana
marsan. Waaqayyoo abbaan hojii adda ba‘eef
isaan erguuf. Humna dadhabaa kanaan, karaa
sagalee fi hafuura isaa fayyina namootaan akka
ga‘aniif karoorse. Waaqayyo, Ergamootni isaas
gammachuuf jaalalaan irratti waliif galan.
Waaqayyoo abbaanis beeka ture karaa namoota
kanneenii ifti samii akka ifu, dubbiin karaa isaanii
dubbatamuu dhuga baatuu Ilma isaa ta‘e, hamma
xumura baraatti dhalootaa hanga dhalootaatti
dubbatama.

Bartootnis akka dhuga baatuu kiristoositti bakkaa


bakkatti deemuudhaan, waa‘ee isaa waan
arganiif waan dhaga‘an addunyaatti labsu turan.
Waajjirri isaan itti waamaman baayyee
barbaachisaa fi Kan namni kam iyyuu takkaa itti
waamamee hin beeknee, kan kirstoos ofiii isaatii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 35


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

keessaa hojjeteedha.Isaan fayyina ilmaan


namootaatiif Waaqaa wajjin kan hojjetaniidha.
Akkuma kakuu moofaa keessatti abbootni amantii
kudha lamaan Israa‘elota bakka bu‘an,
Ergamootni kudha lamaanis waldaa wangeelaa
bakka bu‘u. Tajaajila isaa biyya lafaa irratti
godhe keessatti kiristoos keenyan ykn girgiddaa
gargar ba‘umsaa Yihudummaa fi Ormootaa
diigee, wangeelli fayyinaa nama hundumaaf akka
labsamu godhe. Kunoo ofii yihudii ta‘ee utuu
jiruu, warra samaariyaatti makamee, akka aadaa
yiihudoota warra Fariisotaatti isaan waliin
taa‘uun waan ciigaasisaadha. Inni garuu foddaa
ykn gardaafoo mana isaanii jala bulee, maaddii
isaanii irraas nyaatee, daandii irrattis isaan
barsiise.
Kiristoos bartoota isaa waa‘ee diigamuu
keenyaan diinummaa yihuudii fi ormoota gidduu,
dhugaa jiru gadi fageenyaan isaan barsiise.
―Kiristoos nagaa keenya; inni keenyan
diinummaa isa gidduu ture diigee, warra
yihuudota hin ta‘iin Yihudootas, lamaanuu tokko
godheera.‖ ; dhoksaan kuniis warri saba
waaqayyoo hin ta‘in wangeelatti amanuudhaan
wanta Yihudootni argatan akka argatan, isaanii
wajjin bu‘aa dhagna tokko akka ta‘an, abdi isa
waaqayyoo karaa kiristoos yesuus kenne keessaas
akka hirmaatan gochuuf kan qophaa‘ee ture.‖
Efesoon 2:14; 3:6. Dhugaan kun kan mul‘atee
yeroo amantii dursaa ykn ajajaa dhibbaa iddoo
Qiifirnaahoom jedhamutti waa‘ee amantii isaaf
galateeffate sanaa ture. Akkasumas yeroo inni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 36


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

wangeela iddoo Saayikaar jedhamutti lallabe ture.


Darbees caalmaattii deemsa isaa iddoo
Fooneshiyaas jedhamutti taasisee,intala dubartii
Kaana‘aan sana fayyisee ture. Taateen kun garee
namootni fayyinaaf hin malan jedhanii dhiisan
keessaa lubbuun ifa dhugaa dheebottu akkaa jirtu
akka bartootni hubataan isaan taasise.
Kanaafuu kiristoos, mootummaan waaqayyoo
daangaadhaan, gosaan, guddina sanyiitin, kan
nama hin qoodne, ta‘uu isaa akka barsiisaniif
bartoota isaa irraa eega; gara andaara lafaa
hundumaa akka dhaqan ergaa jaalalaa fayyisaan
biyya lafaa isaanitti kennee akka barsiisanif
barbaade. Hamma wanti waaqayyo jedhe
raawwatamutti dhoksaan kun isaaniif hin galle
turee. ―Sanyiin namaa hundinuu namicha
tokkicha irraa argamanii, irra lafaa hundumaa irra
akka jiraatan godhe; bara isaanitti iddoo taa‘umsa
isaanittis daarii itti godhe; kanas waaqayyoon
akka isaan barbaadaniif , qaqqabataniis akka isa
argataniif godhe; amma illee waqayyoo hunduma
keenyattii fagoo miti.‖ Hojii Er. 17:26-27.
Bartoota jalqabaa addaa adduummaa ykn garaa
garummaa ifatti mul‘atutu isaan qunname. Isaan
barsiisota addunyaa kanaa ta‘anii ergaman
akkasumas amaloota garaa garaa adduunyaa
irratti mullatu akka bakka bu‘aniifidha. Hojii itti
waamaman akka milkeessaniif, namoota
uumamaan amalaa fi fedhii jireenyaa adda addaa
qaban , namoota miiraan,yaadaan,gochaadhaan
gara tokkummaa qabaachuuttii dhufuun isaan
barbaachisuudha. Tokkummaan kunis isa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 37


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kiristoos isaan giddutti eeguu barbaaduudha.


Yaadni isaas isa waliin tokkummaa akka
qabaatan waan isaan irraa eeguuf. Tajaajila inni
isaaniif godhe keessaa caalaa kan isatti ulfaatee
argame, kadhata inni waa‘ee isaaniitiif abbaa isaa
kadhate keessatti mul‘ateera. ―Isaanis tokko haa
taa‘aniif , yaa abbaa, akka ati ana kessa jirtu, anis
sikeessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa
jiraataniif, biyyii lafaas ati akka na ergite haa
beekuuf kadhachuu kooti‖ ― Ani isaan keessa
Atis na keessa jiraachuukeetiin, issanis
raawwaatanii tokko haa ta‘an; biyyi lafaas ati na
erguu kee, akkuma na jaallatees isaan immoo
jaallachuu kee haa beeku!‖ W.Yohaannis
17:21,23 Kadhatni inni yeroo hundaa isaaniif
kadhatu dhugaadhaan akka isaan
qulqulla‘aniidha,kadhata wabii qabu isa utuu
biyyii lafaa hin uumamiin isa humna
waaqummaatiin labsamee sana beekuudhaan
isaaniif kadhate.
Hundumaatti dhugaa haa ta‘uuf wangeelli akka
lallabamu kiristoos beeka. Loltootni dhugaa jabaa
humna Hafuura Qulquulluutiin lola jallina waliin
godhamu akka isaan injifatan ,alaabaan dhiigaan
dibamee sun duuka buutota isaa warra isaa wajjin
mo‘an irra akka afarsamu kiristoos beeka.
Akkuma tajaajillii isaa biyya lafaa xumuramuuf
dhi‘aachaa deemeen,bartoota isaa irraa adda
ba‘uuf hordooffii isaa malee hojii isaanitti
kenname akka hojjetaniif,isaan jajjabeessee
fuulduraaf isaan qopheessuu barbaade. Abdii
sobaan isaan jajjabeessuu hin barbaanne.Akka

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 38


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kitaaba saaqamee wanti ta‘uuf jiru hunduu isaaf


ni dubbifama. Isaan irraa akka adda ba‘uuf jedhu
beeka,akka hoolaa yeeyyii keessattii gadi
dhiifamteetti isaan dhiisuuf.Ari‘atamuun,mana
sagadaa keessaa akka gadi baafaman, mana
hidhaatti akka galfaman kiristoos beeka. Kiristoos
Masihii ta‘u isaa waan dhugaa ba‘aaniif du‘aa
dhiphinaa akka ajjeefaman kiristoos beeka.
Wantoota kanaaf kan kana fakkaatan isaanitti
hime. Waa‘ee waan fuuldura isaani gadi
fageenyaan isaaniif ifa godhee,kunis yeroo
dhiphinichi dhufu jecha isaa yaadatanii akka
jabaatanii fi fayyiaa isaanii akka amananiif ture.
Sagalee abdii fi jajjabinaa isaanitti dubbatee
ture.‖Garaan keessan hin na‘in. waaqayyootti
amanaa nattis amanaa. Mana abbaa koo iddoon
baay‘een jira, akkanas utuu ta‘uudhaa baatee
isiniin hin jedhun ture.nan dhaqaa iddoo isinii
qopheesuudhaaf; ergaan dhaqees iddoos ergaan
isinii qopheessee, ammo nan dhufa gara kottis
isinaan fudhadha;iddonaan jiraadhuu isinis
immoo akka jiraatanutti; Eessa akkan dhaquus
beektu karichas beektuu‖ W.Yohaannis 14 :1-4.
Siif jedheen biyyaa lafaa dhufe;siifan hojjedhas .
Yeroon si biraa adeemus siifan hojjedha,
eenyummaa koo sitti muli‘isuufan biyyaa lafaa
dhufee,akka ati natti amantuuf. Gara abbaa koo
abbaa keessanii nan dhaqa isaa wajiin ta‘uuf
qooda kessan.
―Dhugumaan, dhugumaan isiniin jedhaa, namni
anatti amanuu waan ani hojjedhu hundumaas in
hojjeta, ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 39


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kan caalu iyyuu ni hojjeta.‖ W. yohaanniis 14:12.


Kanaan, kiristoos bartootni isaa hojii inni hojjete
caalaa hojjechuu danda‘u jechuu isaa utuu hin
ta‘in ,hojiin isaanii caalaa akka bal‘atu ibsuuf
jedheeti. Hojii maalallee adda ta‘e akka
hojjetaniif isaanitti hin ergine;garuu humna
Hafuura Qulquulluu jala of taasisaniif, ―inni isin
jabeessuu sun yeroo dhufu ― akkas isaaniin
jedhuudhaan, ― Hafuura isa isiniif dubbatu abbaa
biraa isiniif nan erga,hafuurri inni abbaa biraa
ba‘u sun yommuu dhufu; anaaf dhugaa in ba‘a;
isinis immoo jalqabaa jalqabdanii anaa wajjiin
waan turtaniif dhugaa in baatu jedhe‖.
W.Yohaanniis 15:26-27.
Haala adda ta‘een sagaleen kun
raawwate.Hafuurri Qulqulluun ergaa bu‘ee
bartootni jaalala isaan guutamanii akkasuma ,
lubbuu kiristoos du‘eefis jaalala qabaatan; dubbii
isaan dubbatanii fi kadhata isaan godhaniin
onneen namootaa in baqa ture.Humna Hafuura
Qulquulluttiin dubbatan;dhiibbaa Hafuurrii
Qulquulluun godheen lubbuun kumaatama ta‘u
gooftaa fudhate.
Bartootni kiristoosiin bakka bu‘anii aduunyaa
murteeffachiisuuf dhiibbaa akka godhaniif
kaa‘aman. Dhugaadhumatti namoota gad of
deebisan ta‘uun isaanii dhiibbaa isaan geggeessuu
qaban irraatti ilaalcha xiqqaa hin kennisiifne,
garuu akka dabalu,dhageettiin sammuu warra
isaan dhageeffatuu isaan irraa ka‘ee fayyisaa irra
ta‘e, Inni utuu hin mul‘atin isaan barsiisaa ture
sun ammas isaanii wajjin hojjechaa jira.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 40


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Barsiisi bartootaa inni ajaa‘ibsiisaan,sagalee


jajjabinaaf amantii, inni wanti hundinuu akka
isaaniif mirkanaa‘u godhe,humna isaaniitiin utuu
hin ta‘in humna kiristoosiin ture. Gadi of
deebiisuudhaan isa mootii jireenyaa ta‘e;
Yihuudootni kan fannisan,ilma waaqa jiraataa
jechuudhaan labsan,maqaa isaan wanta inni
hojjete hojjetan.
Fannoo isaa fuula dura kiristoos bartoota isaa
waliin haasaa godhe kessatti waa‘ee dhiphina
fuldurasaa jiruu, isa baachuuf jiru sana isaanitti
hin dubbanne.Salphina fulduraa isa eegaa jirus
isaanittii hin himne, akka sammuudhaan amantii
isaanitti ciman ,gammachuu warra mo‘anii isa
fuldura isaanii jiru irraattii akka jabaatan
barbaade. Hordoftoota isaa kan ta‘aaniif isa inni
godhee caalaa isa inni abdachiisetu caalaa kun
immoo gammachuu isaa isa mul‘ataadha;isa biraa
kan maddu jaalallii fi gara laafinni,qaama lubbuu
qulqulleessee,amala nama hundaa akka amala ofii
isaatti guutuu godhee dhaabuuf,kanas akka
loltootni dhugaa humna hafuura Qulquulluutiin
mo‘ichaa gara mo‘iichaatti adeemaniif.
―Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaaniif ani
kana hundumaa isinitti hime biyya lafaatti
rakkina qabdu, garuu jabaadhaa!ani biyya lafaa
mo‘eera.‖ jedhe.wal‘aasoo qabe kessatti hin
kufne,abdiis hin kutanne; akkasuma bartootnis
amantii danda‘ee dhaabbatu akka mul‘iisuu
qabu.akka inni hojeteetti akka hojjetan,jabinaaf
isarratti hirkachuu isaan barbaachisa.kunoo
daandiin isaanii gufannaa godhatee kan hin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 41


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dandaa‘amne ta‘ee isaanitti mul‘atee, ayyaana


waaqayyootiin fuulduratti akka tarkaanfataniif,
utuu isaanitti himamuu waan hundumaatti abdii
kan hin qabnee fi duwwaa taa‘ani of argan.
Kiristoos hojii hojjechuuf dhufe hunda
raawwateera. Namoota Hojicha itti fufuu qaban
namoota gidduudhaa walitti qabeera. Akkas
jedhe; ―kan koo hundumtu kan keetii, kan kees
kan kooti,ulfinni koos isaaniin in mul‘ata.Ammas
ani si‘achi biyya lafaatti hin argamuu, isaan garuu
biyya lafaa keessa jiruu;ani immoo gara keen an
dhufa . Yaa abba qulquulluu,akku nuyi tokko
taanee, warri ati anaaf kennites tokko akka
ta‘aniif maqaa keetiin isaan eegi;…..Ani isaan
keessa atis na keessa jiraachuukeetiin isaanis
raawwatanii tokkoo haa ta‘an;biyyi lafaas ati na
erguu kee, akkuma na jaallates isaan immoo
jaallachuu kee haa beeku!‖. W. Yohaannis
17:10,11, 20-23.
WANTOOTA BARTUUN IRRAA OF
EEGUU QABU
Tajaajilaan hojii duuka bu‘ummaa kam irrattuu hirmaate
Gooftaan akkuma dubbate ―ibsaa gaara gubbaa irra jiru‖
jechuudha. Jecha biraatiin ―alaabaa kiristaanummaati‖.
Balleessaan amantootni balleessanii fi inni balleessu
namas ta‘ee Waaqayyoon fuulduratti qixxee hin
ilaalamu, hin madaalamus. Tajaajilaan hayyama Gooftaa
isaa beekee akka hayyama isaatti hin hojjannee fi hin
qophoofne adabbiin isaa baay‘eedha‖ (Luq. 12:47)
akkuma jedhame itti gaafatamummaa fudhatee beekee
kan balleessu hangi adabbii isaa cimaa ta‘uu hubachuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 42


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

barbaachisa. Waan ta‘eefuu qabxiileen irraa of eeguu


qabu:-

Jajuu bu’aa hin qabne


Jajuun bu‘aa hin qabne beekaniis ta‘ee osoo hin beekin
baay‘ee isaanii teessoo kennaa isaa irraa kan hongeesse,
kaayyoo isaanii irraa kan maqse, kallattiisaanii kan
dogoggorsiise, kiyyoo sammuu gaarii fi gufuu cimaadha.
Kanaafidha ―waan ajajamtan wayita raawwattanitti nuti
garboota hin fayyadneedha, wanta raawwachuu qabnu
raawwaneera jedhaa‖(Luq. 17:10) jechuun Gooftaan
keenya barattoota isaa kan gorse. Jajuun hin malle ana
malee namni hin jiru kan jechisiisu,Ol of qabuu fi of
tuulummaa kan hordofsiisu,Altakko nama qabannaan kan
hin buqqaane hidda summaa‘aadha.Ergama keenya
keessatti hojichi haguma fedhe illee kan milkaa‘ee fi
galma gahe yoo taa‘e illee nuti gadi of qabuu,
Waaqayyoon immoo itti kabajamuu fi galateeffatamuu
qaba. Abbaan isaa Waaqayyoo ta‘uu amanuu fi dhugaa
bahuu, gatiin keenyas samii irraa harka Waaqayyootii
malee biyya lafaa, nama irraa eeguu hin qabnu. Hafuurri
of jajuu Fariisota fayyina isaan irraa hongeesse,Gatiin
isaanii lafa irratti qofa ta‘ee kan hafee fi Ofii isaanii
qulqullaa‘oo taasisuu isaanii fi kan hojjatan mul‘achuuf
qofa ta‘uusaati. (Luq. 18:9; Maat. 6:2-18).Yohaannis
Cuuphaan waa‘ee eenyummaa isaa wayita gaafatametti
dhugaa ofii isaa dubbachuu hin barbaanne. Kaayyoon
isaa ofii isaa barsiisuu osoo hin taane Kiristoosiin ibsuu
ture ijaa ta‘eef. (Yoh. 1:19). Utuu warra Fariisotaatii
carraan kennameeraaf ta‘ee silaa carraa kanaan waa‘ee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 43


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

waaqayyoo utuu hin taane waa‘ee mataa isaanii waan


hedduu odeessu turan.
Jajuun hin malle karaa adda addaatiin dhufuu ni danda‘a.
isaan keessaas muraasni kan armaan gadiiti. Inni
jalqabaa jajamuu nuuf hin malle fedhuu/barbaaduu
dha.Duuka bu‘aan keessa isaatti dinqisiifamuu,
kabajamuu, jaalatamuu, yaadamuu/barbaadamuu/ fi
wantoota kana fiduu danda‘an irra deddeebi‘uun karaa
tokkoonis ta‘ee karaa biroon (kallattiin ykn alkallattiin)
yoo carraaqee dha. Inni lammaffaan immoo jajuu
Qaama Biroo irraa dhufu dha, Nama irraa dhugaanis
dharaanis dinqisiifannaan dhufuu danda‘a. Si‘a kanatti
mormuu dhiisuu, inumaayyuu keessa isaatti gammaduu,
ani nama akkanaati jechuun of jajuu fi ofii iddoo
ol‘aanaa fi tilmaama guddaa laachuu dha.
 Gosummaa fi sanyii fi ulaagaa adda addaan
walqoqqooduu dha.
Waldaan kiristaanaa Qoronxoosii fi Filiiphisiyuusiin
wanta jeeqan keessa tokko gosummaadha. Waldaa
Kiristaanaa QoronxoosittiAni kan Phaawuloosi,Ani kan
Keefaati jechuu fiAni kan Apholoosi jechuun wal
qoodinsatu ture.(2Qor. 3:1-12). Waldaa kiristaanaa
Filiiphiisiyuusitti immoo Phaawuloos wayita
hidhamee turetti amantootni maallaqa walitti funaanuun
harka Afroodiixuutiin ergaa wayita
gaafatan,Gaarummaan kan lallaban,Gaarummaan
foonummaa kan lallaban,Shakkummaa galchuuf kan
lallaban,Asiif achi jechuun oduu kan deddeebisanii fi
dubbii dhaadessuun waldaa kiristaanaa kan jeeqan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 44


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dubartoota lama Eewaadiyaana fi Siinxiikiin jedhamantu


ture. Isaan kun ergama duuka bu‘ummaatiif gufuudha.
(Filiphisiyus 1:14-18, 4:2).Gosummaan karaa
garaagaraatiin ibsama. Isaan keessaa muraasni Gosummaa
siyaasaa,Kan gosaa fi Afaanii,Naannoo itti dhalatan fi
Garee garagaraa uumuun kan ta‘uu dha.

Faayidaa Biyya Lafaaf Tajaajiluu


Jabana kana waldaa kiristaanaa daran kan qore, gariinis
Uumaa itti amananii fi waldaa kiristaanaa amanamanii fi
isaan amante ganuu irra darbanii cirracha kophee keessaa
fi qoraattii dhoqqee keessaa akka itti ta‘an kan taasise
fedhii faayidaati.
Gooftaan dursee ―Waaqayyoo fi maallaqaaf bitamuu hin
dandeessan‖ jechuun barsiisus Yihudaan gooftaa isaa
dabarsee akka kennu kan geessise maallaqadha. Seenaa
mana kiristaanaa keessatti maallaqaaf tajaajiluun hafuura
Simi‘oon kan humna waaqayyoo maallaqaan bituu
barbaaduu fi jaalala horiitiif kan tajaajiluu dha. HOE
8:9-25. Kunis Jiruun dadhabaa ta‘uu fi dhiibbaa jireenya
hawaasummaa,Maallaqaaf jecha qofa tajaajiluu,Warra
kanfaltii gaarii kaffalan qofa filatanii tajaajiluu /kan
foonii fi lubbuu jechuun hanga yaa‘ii addaan qooduutti
gahameera/dureeyyii qofa walitti qabuu,Tajaajila irraa
maallaqaaf jecha hafuu,Dursa kennamuufii kan maluuf
dursa kennuu dhabuu, fi Haala qilleensaatti
sababeeffachuu dha. Kanaanis kennaan Waaqayyoo
maallaqaan jijjiirameeraatii, iddoodhaa iddootti iyyatni
amantootaa ni dhagahama. Baay‘een tajaajiltootaan
saamamanii lammata walgahii hafuuraa hin qopheessinu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 45


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hanga jechuutti gahaniiru. Gocha gadhee akkasii kana


irraa of eeguun gocha dursaa tajaajilaa tokkoo ta‘uu
qaba. ―Jireenya addunyaa kanaa qofaaf Yesuusiin duukaa
buune yoo ta‘eef nuuf boo‘uutu ta‘a. 1Qor. 15:19.

Qormaata irraa of eeguu


Qormaatni karaa garaa garaatiin dhufa. Qormaatni hundi
cubbuu miti. Namni qoramus waan qorameef qofa
cubbamaa miti. Namni qormaataan cimu kan
eebbifameedha kan jedhameefis qixa kanaani. (Yaa‘i.
1:12) Qormootni eessaa dhufuu danda‘a? Tokkoffaa
Ofirraa dhufuu danda‘a. Amalli dhuunfaa, ilaalchi
dhuunfaa, dadhabbii fi nuffiin, jireenya afuuraan
bilchaachuu dhabuu, waan ta‘e hundaan abdii kutachuu,
gargaaraa dhabuu irraati. Inni lammaffaan immoo
Abbootii taayitaa irraati. Abbootiin taayitaa tokko
tokko ummatni kan isaan irratti baruu fi irratti kaka‘u
fakkaatee yoo itti mul‘ate , hojiin keenya ni gufata
jedhanii waan yaadaniif tajaajilaa fi tajaajila isaa irratti
gufuu ta‘uun isaanii hin oolu, ta‘aa kan jirus
kanuma.Kiristaanummaan erga hundaa‘ee eegalee hanga
jabana wareegamtootaatti wal‘aansoon ture sodaa
Qeesaarota Roomaa ti. Barbadaa‘uu Iyyerusaaleemiif
sababa kan ta‘e Yihudootni Kiristoosiin fannisanii
ajjeesuu isaanii fi raajiin Gooftaan dubbate akka
raawwatuuf yoo ta‘e illee Qeesaarota Roomaatti kan
mul‘ate garuu ―kiristaanummaan sochii siyaasa-amantii
haaraa itti fakkaateeti.
Inni kan biraan immoo fiixeetti bahummaa fi seera muka
abbootaa eeguu dha.Mormitootni Kiristoos isaan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 46


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jalqabaa Fariisotni, dursitoota lubootaa fi jaarsolii


ummataa turani. Bara keenyas iddoodhaa iddootti aadaa
fi barmaatileedhaan kan hidhamanii fi hawaasa biratti
―namoota guguddoo‖ Iddirii fi waldaalee, hoogantoota
gosaa fi aadaa ergama duuka bu‘ummaatiif
gufuudha.Iddoodhaa gara iddootti wayita sochoonu
gaaffii fi yaada nu muudatan keessaa muraasni Nuti kan
baranne ijaa ta‘eef barumsi nu hin barbaachisu,Lallaba
kan jettan waan barri fideedha jechuu,Wal kabajnee kan
jiraanne nu qoqqooddu jechuu fi k.k.f.

Namoota Faayidaan isaanii jalaa tuqame


(nu jalaa tuqama jedhanii yaadan) irraa
Fariisotni Seera Waaqayyoo fi Museetiin ala sammuu
isaaniitii maddisiisanii faayidaalee garagaraa argachuuf
seera baasanii ummata irratti fe‘aa turan. Gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristoosis seera isaaniitiin isaan
qeeqeera. (Mat. 15:3-9, Mat. 23:16) kanneenii fi
sababoota birootiin kan hin dubbatin dubbateera jechuun
sobaan himataniiru, itti ragsiisaniiru, ummatas
goyyoomsuudhaan irratti kakaasaniiru, hanga fannoottis
qaqqabsiisaniiru. Bara baraan babal‘achuun Wangeelaa,
dhaabbachuun mana kiristaanaa fi kabajamuun seera,
ummatni barumsa Wangeelaatiin qaroomuun mortoota,
hooggantoota aadaa, saamtota meeshaalee waldaa
kiristaanaa, namoota ummata goyyoomsaa fi waliin
dhahaa turanii fi luboota dabalatee qormaatni dhufuu
danda‘a.Qulqulluu Phaawuloos deemsa duuka bu‘ummaa
isaa keessatti kan isa muudates kanuma ture. (HoE. 13:4-
12, 16:19, 19:23-41).
Shakkitootaa fi warra waaqayyoon hin
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 47
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

beekne irraa
Kitaaba qulqulluu keessatti raajotaa fi duuka bu‘oota,
beektotaa fi barsiisota dhugaa mormuun ummataa fi
hoogantoota waliin walitti buusaa kan turan keessaas
alaas shakkitootni turan.Fakkeenyaaf bara tajaajila
Eeliyaas fi Miikiyaas (1Moot. 22:13) fi Shakkitoota
(2Xiim. 2:17, Mul. 2:15). Dhufaatiin isaanii ifattii fi
dhoksaadhaani ijaa ta‘eef qophaa‘anii eeguu barbaachisa.
― Seexanaaf karaa hin banin‖ Efesoon. 4:2.
Tarkaanfilee barbaachisoo bartuu ta’uuf
barbaachisan
1.Yeroo hundumaa argama Kiristoosiin keessatti
argamuu shaakali.
2.sagalee waaqayyoo dubbisi,qoradhu,Yaadadhu,ittis
yaaduudhaan jireenya guyyaa guyyaatiin agarsiisi.
3. yeroo hundumaa kadhadhu.
4. guyyaa guyyaaatti waa‘ee waaqayyoo dhugaa bahi.
5. Kiristaanota biro waliin walitti dhufeenya uumuuf
afeerraa dandeessu godhi.
Akkamittiin bartuu taasifna?
1. Namoota akka isaan bartuu ta‘aniif barbaannu sanaaf
waaqayyoon kadahachuufii dhaan.
2. Isaan jaallachuu dhaan
3. Fakkeenya isaaniif ta‘uudhaan
4. Yeroo barbaachisaa ta‘etti isaan ifachuudhaan
5. Waliin haasa‘uu fi yaada isaanii dhaggeeffannee isaaniif
deebii kennuudhaan
6. Firii isaan kennan eeguudhaan
7. Galma ifaa ta‘e dura kaa‘uudhaan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 48


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

8. Waan akka isaan godhan barbaannu dursinee ofii


gochuudhaan
9. Iftoomina isaaniif uumuudhaan.
Yesuus Irbaata Faasikaa fi Geetesemaanee gidduutti
Hojii akkamii bartoota isaatiif raawwate?
1.Yesuus miilla bartootaa ni dhiqeef.
2.Yihuudaan akka isa ganuuf jiru dubbate.
3. Akka waljaallataniif abboommii haaraa kenneef.
4. Gantummaa Pheexiroosiin dursee dubbate..
5. Bartooota jajjabeessee hafuura qulqulluu erguuf
waadaa isaaniif seene.
6. Akka isaan isatti jabaatanii firii hedduu naqataniif
qajeelche.
7. Biyyi lafaa akka isaan ari‘atuu fi jibbu itti hime.
8. Hojii hafuura Qulqulluu isaaniif ibseef.
9. Gaddi isaanii gammachuutti akka jijjiiramu itti hime.
10.Yesuus ofiisaaf, bartootaa fi warra isatti amanan
hundumaatiif kadhate.
Izraa Fakkeenya bartummaa Kakuu
Moofaa
Izraan fakkeenya bartummaa isa gaarii nuuf ta‘uu ni
danda‘a. Izraa 7:9-10. Izraan Fakkeenya Bartuu Gaarii
maaltu isa taasise? Izraan onnee isaa waaqayyoof
qopheesse. Izraan sagalee Waaqayyoof abboomame.
Abboomamuun kun immoo eebba fida. – Ba'uu 19:5,
K/deebii 4:30; 5:29; 7:12-13; 28:1-6; Iyaasuu 1:8;
Maatewos 7:21; 1 Yohaannis 3:22; Yaaqoob

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 49


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

1:25..Abboomamuu diduun walitti bu'iinsa uuma. Kes


11:28; 28:15-19; 1 Sam 12:15; 28:18; 1 Mot 13:21-26;
Erm 12:17.
Izraan akka inni onneesaa waaqayyoof qopheessuuf
maaltu isa gargaare?
1. Kadhachuudhaaf qophaa‘e. Yoh 15:5
2. Cubbuu isaa himachuuf qophaa‘e– 1 Yoh 1:9.
3. Qullaa‘ummaa garaatiif qophaa‘e– Efesoon 1:4
4. Jaalala qabaachuudhaaf qophaa‘e – 1 Yoh 4:7-8
5. Gammachuu argachuu dhaaf qophaa‘e–Far 51:12-13
Izraan sagalee yookaan dubbii waaqayyoo barbaade.
Sagaleen waaqayyo kan Izraan barbaaddate kun
sagalee akkamii ture?
1. Sagalee isa barabaraan jiraatu – 1 Phex 1:25
2. Sagalee lubbuu beela baasu– 1 Phex 2:2
3. Sagalee ifa kennu– 2 Phex 1:19
4. Sagalee abdii kennu– Rom 15:4
5. Sagalee beekumsa kennu– 1 Yoh 5:13
6. Sagalee isa akka ibiddaatti xaph godhu–Erm 5:14
7. Sagalee isa akka burruusaatti caccabsu – Erm 23:29
8. Sagalee isa fayyisu– Rom 1:16
9. Sagalee isa mi‘a lolaa waaqayyoo ta‘e, Efe 6:17
10. Sagalee isa keessa garaa namootaa qoruu danda‘u–
Ibr 4:12.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 50


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

11.Sagalee isa nama qulqulleessu– 1 Phex 1:22.


Maatii akka bartootaatti(Parents As Disciples)
Gosoota maatii Arfan
1. Jaalalaa fi naamusa eegsisuu irratti kanneen gadi
bu‘anii dha.
2. Maatii isaanii baayyee jaallatanii garuu naamusa
eegsisuu irratti gadi bu‘oo ta‘anii dha.
3. Maatii jaalala gadi bu‘aa utuu agarsiisanii naamusa
eegsisuuf akka Abbaa irreetti hooggananii dha.
Authoritarian — low in love, high in discipline
4. maatii jaalala guddaa agarsiisanii waa‘ee naamusaas
guddisanii barsiisanii dha.
Gosoota maatii arfan armaan olii keessaa Maatiikee
Bartuu Yesuusiin gochuudhaaf ati isa kamiidha?
Gosoota ijoollee arfan
1. ijoollee naamusa hin beekne, jibbamoo fi
dhibooftuu kanneen hawaasatti ba‘aa ta‘an
kanneen kaayyoo fi galmasaanii hin beekne
2. ijoollee waa‘ee ofiisaanii ilaalcha badaa qaban
garuu akka namni kallattii sirriirra isaan buusu
barbaadan
3. ijoollee mana Abbaa irrummaan keessatti
dagaage keessatti jaalale malee yookaan jaalala
xiqqoodhaan guddatanii maatii,ofii isaanii fi
amantiif illee dhimma hin baafne
4. ijoollee maatii jaalalaa fi naamusni keessatti
dagaage keessaa bahan kan abboomamaniidha.
Yaa ijoolle isinoo ijoollee akkamiit? "
Waaqayyo maatii lafarraa akka bakka bu'aa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 51


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

maatii isa waaqarraatti kan hundeesse mana


Kiristiyaanaa akka karoora Waaqayyootti kan
hundeessee fi bu'uuresse akka jaarmiyaa bu'a
qabeessa isa olaanaa kan amala Kiristiyaanaa
uumuu(bocuu) fi kan hojiin isaa akka ittiin
guddatuufi. T., v. 6, p. 430.
Bartuu taasisuu keessatti
Ittigaafatamummaa(gahee) abbaa manaa
• Uma 2:24. Haadha manaasaaf jedhee abbaaf
haadha isaa dhiisuu qaba."Kanaafis dhiirri abbaa
isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa
isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko
in ta'u."
• Kes 13:6-8. Abbaan manaa haati manaasaa
yoo Waaqayyo irraa adda isa baasuuf yoo
gaafatte heyyamuufii hin qabu."Obboleessi kee
haadhoon kee, ilmi kee, intalli kee, haati manaa
kee jaallalleen kee yookiis firri kee inni ati akka
lubbuu keetti jaallattu, "Kottuu dhaqnee
waaqayyolii kan biraatiif hojjennaa" jedhee
dhoksaatti si wallaalchisee, warra abboonni kee,
atis hin beeknetti si geessee, "Waaqayyolii saba
warra sitti dhi'oo naannoo kee yookiis daarii lafaa
gar tokko hamma gara kaaniitti sittii fagoo jiraniif
hojjennaa" yoo jedhe, ati isaaf tole hin jedhin, hin
dhaggeeffatiniif, garaan kee isaaf hin oo'in, isa
hin mararsiifatin, hin dhoksinis!"

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 52


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Kes. 24:5. Namni dhihoo(reefuu) niitii fuudhe


lola dhaquu hin qabu; niitiisaa gammachiisuu
qaba."Namni dhi'oo niitii fuudhe tokko duulatti
hin ergamin, yookiis hojiin tokko illee isa irra hin
kaa'amin! Inni waggaa tokkoof ajaja malee mana
isaa taa'ee, haadha manaa isaa ishee fuudhe sana
haa gammachiisu!"
• Fak. 5:18. Haadha manaa isaa wajjin
gammaduu qaba."Burqaan kee eebbifamaa haa
ta'u, haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin
gammadi!"
• Lal. 9:9. Gammachuu dhaan ishee waliin
jiraachuu. M.H. 374, 375."Bara jireenya kee
isa waa'ee hin baafne hundumaa kana keessatti
haadha manaa kee ishee jaallattuu wajjin
jireenyatti gammadi! Aduu jalatti isa kanatti akka
jiraattuuf Waaqayyotu siif kenne; bara jireenya
kee isa waa'ee hin baafne hundumaatti wanta ati
aduu jalatti itti dadhabdee hojjetteef qoodni kee
isa kana."
• Efe 5:25,33. Akkuma Kiristoos waldaa isaa
jaallatee isheedhaaf of kenne isinis haadha
manaa keessan jaalladhaa. M.H. 360"Kristos
akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate,
waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma
abbaan manaas haadha manaa isaa haa
jaallatu!""Dubbiin kun isinis immoo in ilaala;
tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 53


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu;


haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa
kennitu!"
• Qol. 3:19. Itti hin hammaatinaa(hadhaawaa itti
hin ta‘inaa)."Atis abbaan manaa haadha manaa
kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!"
• Fak. 31:28. Ishee jajachuu fi
galateeffachuu"Ijoolleen ishee lafaa ka'anii
"Eebbifamtuu!" jedhanii ishee in waamu, abbaan
manaa ishee immoo ishee jajate.
• 1 Phex 3:7. Haadha manaasaaf ulfina kennuu
T., v. 5, pp. 180, 181; M.H. 373, 374."Akkasuma
isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif
beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya
isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif,
kadhanni keessan gufuu argatee akka hin
ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokkoo
dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!"
• Milk 2:14, 15. Waaqayyo warra haadha
manaasaani haxxummaan gowwoomsanii fi
haadha manaa qeerrummaa isaanii gidduutti
dhugabaatuudha"Isin, "Kun maaliif ta'e?" jettanii
in gaafattu; Waaqayyo isiniif haadha manaa isin
qeerrummaadhaan fuutan gidduutti dhuga-baatuu
dha; isheen hidhata keessan, haadha manaa kakuu
keessanii taatee utuma jirtuu, isin isheedhaaf
amanamuu dhiiftanii ishee in gowwoomsitan.
Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 54


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

goonee ree? Maaliifis tokko isaan godhe? Sanyii


ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis
jireenya keessan eeggadhaa! Haadha manaa
qerrummaa keessan irraas amanamummaa hin
dhabinaa!"
• Mat. 19:3-9. Sababii gargar hiikamuu isa
tokko dha." Yommus warri Fariisotaa gara isaa
dhufanii isa qoruudhaaf, "Namni tokko
sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun
seeraa?" jedhanii gaafatan. Inni garuu deebisee,
"Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume 'Dhiiraa fi
dubartii akka uume hin dubbifnee ree?" jedhe.
Itti dabalees, "' Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa
fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in
maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u'.
Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis
waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar
hin baas in!" jedhe. Fariisonni immoo, ''Yoos
Museen, 'Caaffata ittiin ishee baasu kenneefii haa
baasu' jedhee maaliif abboome ree?" jedhanii
Yesusin gaafatan. Yesus deebisee, "Museen
sababii mata-jabina keessaniitiif haadha manaa
keessan akka baaftaniif karaa isiniif bane malee,
jalqabatti akkas hin turre. Ani isinittan hima, yoo
isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa
baasee kan, biraa fuudhe in ejja" isaaniin jedhe."
• 1 Qor. 7:12-16. Jireenya isa kan Waaqayyo
jiraachuu dhaan jireenya ishee jijjiiruu."Warra

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 55


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kaan immoo gooftaa utuu hin ta'in ani nan gorsa;


namni amane tokko haadha manaa hin amanin
yoo qabaate, isheenis abbaa manaa ishee sanaa
wajjin jiraachuu yoo jaallatte, inni ishee hin
baasin! Dubartiin amante tokko abbaa manaa hin
amanin yoo qabaatte, innis haadha manaa isaa
sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallate, isheen
namicha gad hin dhiisin. Abbaan manaa hin
amanin karaa haadha manaa isaatii Waaqayyo
biratti fudhatamaa dha; haati manaa hin amanin
karaa abbaa manaa isheetii Waaqayyo biratti
fudhatamtuu dha. Yoo akkas ta 'uu dhaabaate
ijoolleen keessan Waaqayyo biratti fudhatamoo
miti, amma garuu fudhatamoo dha. Isin keessaa
inni hin amanin hidhata isaattii gargar ba'uu yoo
fo'ate garuu, gargar ba'uu in danda' a; Waaqayyo
jireenya nagaatiif waan isin waameef; yeroo
kanatti inni amane yookiis isheen amante hidhata
gaa'elaattii hiikamuu isaanii ti. Ati dubartii nana!
Abbaa manaa kee gara amantiitti akka fiddu
attamitti beekta? Atis namicha nana! Haadha
manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti
beekta?"
• Namni waan waaqayyo isa gaafatu eegee
jiraatu maatii gammachuu ni qabaata. Haadha
manaa isaa wajjin jilbeenfachuu ni danda'u;
kadhannaan isaaniis teessoo araaraa bira danqaa
tokko malee ni gaha.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 56


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Bartuu taasisuu keessatti Itti


gaafatamummaa(Dirqama) Haadha manaa
• Uma 3:6, 17-24. Akkuma Hewaan abbaan
manaashee akka abboommii cabsu gochuu hin
qabdu. M.H. 361."Dubartittiinis iji mukichaa
nyaataaf gaarii ta'uu isaa, ija namaatti kan tolu,
ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta'uu
isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte;
abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis
immoo in laatte, innis in nyaate.""Waaqayyo
amma immoo namichaan, "Ati dubbii haadha
manaa keetii waan dhageesseef, ija mukichaa isa
ani 'Hin nyaatin!' jedhee si abboomes waan
nyaatteef, lafti sababii keetiif abaaramaa in ta'a;
atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee
isa irraa in nyaatta. Inni qoraattiidhaa fi
baalaanwaraantee siif in biqilcha, atis biqila lafaa
in nyaatta. Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in
taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara
isaatti hamma deebituttis, dhamaatee dafqitee
buddeena in nyaatta" jedhe. Namichi Addaam
jedhames haati manaa isaa haadha warra jiraatan
hundumaa waan taateef, maqaa ishee "Hewwaan"
jedhee moggaase; (innis "Jiraattuu" jechuu dha).
Waaqayyo gooftaan Addaamii fi haadha manaa
isaatiif uffata gogaa irraa hojjetee isaanitti in
uffise. Ergasii Waaqayyo gooftaan, "Kunoo,
namni hamaa fi gaarii beekuu isaatiin nu keessaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 57


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

akka isa tokkoo ta'eera; ammas harka isaa


hiixatee ija muka jireenyaa immoo fudhatee
nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf hin
ta'u!" jedhe. Kanaafis Waaqayyo gooftaan nama
iddoo dhaabaa Eeden sana keessaa gad baase;
namichis lafa isa ofii isaatii biyyoo isaa irraa
kutame sana akka qotu in godhe. Waaqayyo nama
gad oofee, karaa isa gara muka jireenya kennutti
geessu sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee
iddoo dhaabaa Eeden gara ba'a-biiftuutiin
Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa boba'u isa gara
hundumaatti nanaanna'u in dhaabe."
• Fak. 12:4 Haati manaa hubattuun abbaa
manaasheef gonfoodha."Haati manaa
dandeessuun abbaa manaa isheetiif gonfoo dha,
isheen yeellaasiftuun garuu, akka dhukkuba lafee
bososiisuu ti."
• Efe. 5:23. Abbaan manaa mataa haadha
manaati."Kristos mataa waldaa kristiyaanaa
akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaa
ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiyaanaa ti;
waldaan immoo dhagna isaa ti."
• Efe. 5:33. Haati manaa abbaa manaashee
sodaachuu qabdi."Dubbiin kun isinis immoo in
ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma
kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa
jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif
ulfina haa kennitu!"

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 58


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Tit 2:4, 5. Abbaa manaa jaallachuu fi


ajajamuufii qabdi"Akkasitti abbaa manaa,
ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara
ijoollee in gorsu. Dubbiin Waaqayyoo maqaa
gadhee akka hin godhannetti, warra of qaban,
warra gaa'ela isaaniitti amanaman, warra mana
isaaniitiif ba'eessa godhanii eeggatan, warra
abbaa manaa isaaniif abboommaan akka ta'an haa
gorsan!"
• Qol. 3:18. ―Gooftaa duratti fudhatamaa akka
ta'utti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa
abboomamtu!‖
• Fak. 19:13; 21:9, Haati manaa qoccoltuun
mana gammachuu dhabsiisti." ilmi gowwaan
abbaa isaatti badiisa fida, haati manaa qoccoltuun
akka mana yeroo hundumaa dhimm'isuu
ti.""Haadha manaa qoccoltuu wajjin mana tokko
keessa taa'uu irra, golee bantii manaa irra taa'uu
wayya."
• Fak. 21:19, Dubartii akkasii wajjin jiraachuu
irra gammoojjii keessa jiraachuu
wayya."Dubartii qoccoltuu fi aartuu wajjin
jiraachuu irra, lafa onaa keessa jiraachuu wayya."
• Fak. 31:10-12, 26. Dubartii garraamummaan
dubbattu fi hubattuu abbaan manaashee ishee
amanata."Haadha manaa mana ishee qabuu
dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree? Isheen
callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 59


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

caalti; abbaan manaa ishee ishee in amanata;


qabeenyis isatti hin hir'atu. Bara jireenya ishee
hundumaatti, wanta gaarii gootiif malee, wanta
hamaa isa irratti hin hojjettu""Ogummaadhaan in
dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in
ba'a."
• 1 Qor. 7:10, 11. Haati manaa abbaa
manaasheettii gargar hin bahin." Warri wal
fuudhan akka gargar hin baane nan abbooma;
kanas gooftaatu abboome malee ana miti; haati
manaa abbaa manaa isheettii gargar hin ba'in!
Yoo abbaa manaa isheettii gargar baate garuu,
utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo
abbaa manaa isheetti haa araaramtu; abbaan
manaas haadha manaa isaa hin baasin!"
• Rom 7:2, 3. Hamma inni lubbuun jirutti abbaa
manaasheetti hidhamtee jirti." Fakkeenyaaf
dubartiin heerumte tokko, hamma abbaan manaa
ishee jiraatu duwwaatti seeraan itti hidhamtee
jirti; abbaan manaa ishee yoo du'e garuu, seera isa
ittiin abbaa-manaa ishee sanatti hidhamteettii
hiikamuu ishee ti. Egaa akka kanatti abbaan
manaa ishee utuma jiruu, dhiira kan biraa wajjin
yoo jiraatte, ejjituu jedhamti; abbaan manaa ishee
yoo du'e garuu isheen seera sanattii hiikamteetti,
dhiira kan biraatti yoo heerumtes ejjituu hin
jedhamtu."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 60


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Marq 10:12. Haati manaa abbaa manaa ishee


dhiiftee kan biraatti heerumtu ejjituudha."
isheenis abbaa manaa ishee hiiktee kan biraatti
yoo heerumte, in ejjiti" isaaniin jedhe."
• 1 Qor. 7:13, 16. Jireenya Waaqayyummaa
jiraachuu isheen abbaa manaashee isa hin
amanne mo‘uu dandeessi. Utuu durboonni gara
ijoollee maatii isaaniitiin qajeelfama kana
barsiifamanii abbaa manaa isaanii isa sodaatanii
fi abboomamaniif ofeeggannoon filatu turan.
M.H. 357, 358. Gaayilli walitti dhufeenya
Waaqayyoo fi sabasaa gidduu bakka bu'a. Efe
5:31-33; Erm 3:14; Hosea 2:19, 20; Erm.
31:32."Dubartiin amante tokko abbaa manaa hin
amanin yoo qabaatte, innis haadha manaa isaa
sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallate, isheen
namicha gad hin dhiisin.""Ati dubartii nana!
Abbaa manaa kee gara amantiitti akka fiddu
attamitti beekta? Atis namicha nana! Haadha
manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti
beekta?"""Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi
haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in
maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u" in
jedha. Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa
qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa
kristiyaanaa in dubbata jechuu koo ti. Dubbiin
kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa
manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 61


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa


manaa isheetiif ulfina haa kennitu!"Waaqayyo,
"Yaa saba anattii garagaltanii, ani gooftaa
keessani'o deebi'aa! Ani isin keessaa mandara
mandaraa nama tokko tokko, qomoo qomoo
keessaa nama lama lama, deebisee gara Xiyoon
nan fida.""Maqaan Ba'aal waaqayyolii tolfamoo
kanaas afaan isheetti akka hin dhufne nan godha;
maqaa isaanii namni yaadatus hin jiru. Gaafas
bineensota daggalaa, simbirroota qilleensa keessa
balali'an, warra lafa irra munyuuqanii wajjinis
kakuu isiniif nan gala; iddaa fi billaa, mi'a lolaas
caccabsee lafa irraa nan balleessa, akka isin
nagaatti, gabiitti teessanis nan godha." "Innis
sanyii kakuu isa ani abboota isaanii gargaaree
biyya Gibxii yommuun baase isaaniif dhaabnaan,
utuma ani gooftaa isaanii ta'ee jiruu, isaan immoo
kakuu koo cabsan sanaa miti; ani Waaqayyo kana
dubbadheera"
Bartuu taasisuu keessatti
Ittigaafatamummaa(dirqama ) warri
ijoollee isaaniitiif qaban
• Titus 2:4. Isaan jaallachuu . T., v. 4, p.
363."Akkasitti abbaa manaa, ijoollees akka
jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee in
gorsu."
• Mat. 19:13, 14. Kiristoositti isaan fiduu. T., v.
4., pp. 113, 199, 200." Ergasii Yesus harka isaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 62


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

irra kaa'ee akka isaaniif kadhatuuf, namoonni


mucoolii gara isaatti fidan; bartoonni garuu
ifatanii isaan dhowwan. Yesus immoo, "Lakkisaa
mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin
dhowwinaa! Mootummaan waaqaa warra
akkasiitiif in ta'a" jedhe."
• Fak. 22:6; Efe. 6:4. Waa'ee Waaqayyoo isaan
leenjisuu. M.H. 44."Akka itti jiraachuun ta'u
mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu
irraa hin kaatu.""Isin immoo abboota nana!
Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan
guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin
tuttuqinaa!"
• Kes. 4:9. Isa. 38:19 Sagalee waaqaatiin
qajeelchuu . E. 185.""Isin garuu dammaqaa,
wanta ijaan argitan akka hin irraanfannetti, bara
jireenya keessanii guutuus garaa keessan keessaa
akka hin badnetti of eeggadhaa! Ijoollee keessan,
ijoollee ijoollee keessaniis barsiisaa!""Akkuma
ani har'a si galateeffadhu, warra jireenyatti jiran
duwwaatu si galateeffata, abbaanis ijoollee isaatti
amanamummaa kee in hima"
• Yoel 1:3. Waa'ee murtii Waaqayyo itti himuu
. E. 34, 35."3 Waa'ee kanaa ijoollee keessanitti
himaa! Ijoolleen keessanis ijoollee isaaniitti haa
himan! Ijoolleen isaaniis dhaloota dhufutti haa
himan!"

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 63


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Ba'uu 10:2; Far 78:4 Hojii Waaqayyoo itti


himuu E. 52."Ati immoo warra Gibxii irratti
waanan hojjedhe, milikkita ani isaan gidduutti
argisiises dabarsitee ilma kee, ilma ilma kees
dhageessisi; isin hundumti keessan ani Waaqayyo
akkan ta'e akka beektaniif kana godheera"
jedhe.""Gocha gooftichaa isa jajamaa fi aangoo
isaa, dinqii inni hojjetes, nuyi dhaloota dhufutti in
himna malee, ijoollee isaanii jalaa hin dhoksinu!"
• Kes 32:46. Akka Waaqayyoof ajajaman isaan
abboomuu."Museen dubbii kana hundumaa
guutummaa Israa'elitti erga himee booddee,
"Dubbii ani har'a isinitti beeksisu kana hundumaa
garaa keessan keessa kaa'adhaa! Ijoolleen
keessanis dubbii seera kanaa hundumaa gaarii
godhanii akka eeganiif isaan abboomaa!"
• Uma 48:15. Isaan eebbisuu"Inni ilmaan Yoseef
yommuu eebbise, "Waaqayyo inni akka
Abrahaamii fi Yisihaq abboonni koo itti
deddeebi'aa turan ilaale, Waaqayyo inni dhaloota
kootii jalqabee hamma ammaatti na tikse."
• Far 103:13. Garaa isaaniif laafuu T., v. 2, p.
57."Abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu,
Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa
in laafa."
• Iyob 42:15; 2 Qor. 12:14; 1 Xim. 5:8. Waan
isaan fedhan dhiheessuufii . T., v. 2, p.
85."Guutummaa biyya sanaa keessatti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 64


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dubartoonni akka intaloota Iyoob bareedan hin


argamne; abbaan isaanii immoo obboloota isaanii
wajjin dhaala isaaniif in hire.""Si'a sadaffaa gara
keessan dhufee isin dubbisuudhaaf qophaa'eera;
garuu ba'aa isinitti hin ta'u. Anoo isinan barbaada
malee, waa isin irraa hin barbaadu, warratu
ijoollotaaf walitti qaba malee, ijoolleetu warra
isaaniitiif walitti qaba miti."
• 1 xim. 3:4, 12. Isaan bulchuu"Nama warra mana
isaa ba'eessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina
hundumaan abboomamuuf kan guddisu ta'uun isa
irra jira.""Diiyaaqonoonni, abbaa manaa haadha
manaa tokkoo haa ta'an! Ijoollee isaanii, warra
mana isaaniis ba'eessa godhanii haa bulchan!"
• Fak. 13:24; 19:18; 23:13; 29:17; Ibr . 12:7.
Isaan sirreessuu"Namni qajeelaan hamma
quufutti in nyaata, namni jal'aan garuu in beela'a.
""deebisuudhaaf utuu abdiin jiruu, ijoollee kee
adabi! Gad dhiiftee akka isaan du'an hin
godhin!""Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin,
karaabaadhaan yoo rukutte inni hin du'u""Ilma
kee adabii karaa irra isa buusi! Inni immoo aara si
galfachiisa, garaas si in ciibsa."
• Efe. 6:4; Qol. 3:21. Tuttuqanii isaan aarsuu
dhiisuu"Isin immoo abboota nana! Adabaa fi
barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa
malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin
tuttuqinaa!""Isin immoo abboota nana! Yaadni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 65


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan


tuttuqxanii hin aarsinaa!"
• Uma. 24:1-4; 28:1, 2. Hidhata(hariiroo )
qulqulluu hin taane akka hin uumne
gochuu."Yommus Abrahaam dulloomee, barri
isaas in sokke; Waaqayyos waan hundumaan
Abrahaamin eebbiseera. Gaaf tokkos Abrahaam
namoota mana isaa keessaa hojjetaa isaa isa
jaarsa, isa wanta inni qabu hundumaa irratti
abboomaa ture sanaan, "Kakaadhaaf harka keetiin
gudeeda koo gidduu qabi! Ati durboota warra
Kana'aan warra ani isaan keessa jiraadhu kana
keessaa ilma koo akka hin fuusifneef, Waaqayyo
gooftaa waaqaa fi lafaatiin sin kaksiisa! Biyya
koo, lammii koo bira dhaqi! Yisihaq ilma kootiif
durba barbaadii fidi!" jedhe.""Yisihaqis
Yaaqoobin waamee, eebbisee, isa abboomee,
"Durboota warra Kana'aan keessaa hin fuudhin!
Ka'i gara biyya Phaadaan-Aaram mana Batu'el
abbaa haadha keetii dhaqi! Achii immoo intaloota
Laabaan obboleessa haadha keetii keessaa tokko
fuudhi!"
Bartuu taasisuu fi To'annoo maatii
• Far 127:3. Ijoolleen kennaa waaqayyooti."Ilaa
ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala
godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha."
• Ba'uu. 2:9. Akkuma intalli Fara'oon haadha
Museef gatii baaste Waaqayyos maatii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 66


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hundumaaf gatii ni kennaaf."Intalli mootichaa,


"Mucaa kana fuudhii hoosisii anaaf guddisi! Ani
immoo gatii dadhabbii kee siifan baasa!" jetteen;
dubartittiinis mucicha fuutee hoosiftee in
guddifte."
• Fak. 29:17; 10:1. Boqonnaa fi gammachuun
lubbuu maatii amanamaadhaaf ni kaffalama. T.,
v. 7, p. 186."Ilma kee adabii karaa irra isa buusi!
Inni immoo aara si galfachiisa, garaas si in
ciibsa.""ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa,
ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa."
• Fak. 29:15; 17:25; 15:20.
Yeelloon,tuffatamuunii fi jireenyi hadhaawaan
miindaa maatiisaanii warra leenjii balleessaniif
kaffalamuu dha. T., v. 7, p. 66."Ijoollee
adabanii karaa irra buusuun gaarii dha, mucaan
gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa
yeellaasisa;Ilmi gowwaan abbaa isaatti aarii in
fida, ishee isa deessettis jireenyi akka hadhaa'u in
godha;Ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa,
namni gowwaan garuu haadha isaa in tuffata"
• Fak. 29:15; 22:15. Uumamaan mucaa gaariin
hinjiru( No child naturally good)."Ijoollee
adabanii karaa irra buusuun gaarii dha, mucaan
gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa
yeellaasisa""Wallaalumni yaada mucaatti
qabamee jira, uleen adabaa garuu wallaaluma
oofee isattii in fageessa."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 67


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• 1 Sam. 3:11-14. Mucaa kee sirriitti qabi.


T., v. 5, pp. 44, 45."Waaqayyo yommus
Saamu'eliin, "Kunoo, ani wanta dhaga'uun isaa
dhagna nama suukessu Israa'el keessatti nan
hojjedha. Gaafas ani maatii Elii irratti waanan
dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti
nan raawwadha. Ilmaan isaa wanta nama
yeellaasisu hojjechuu isaanii utuu beekuu isaan
hin dhowwine; anis sababii yakka kanaaf bara
baraan maatii isaatti akkan faradu isatti
beeksiseera. Kanaafis yakki maatii Elii,
aarsaadhaan yookiis kennaa garaa garaatiin
raawwatee akka hin dhiisifamneef kakadheera"
jedhe."
• Fak. 31:26-28. Garraamummaa dhaan bulchi.
T., v. 7, pp. 47,48."Ogummaadhaan in dubbatti,
barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in ba'a.
Isheen yeroo hundumaa jireenya maatii isheetii in
eegdi, utuu hin hojjetinis akkasumaan buddeena
hin nyaattu. Ijoolleen ishee lafaa ka'anii
"Eebbifamtuu!" jedhanii ishee in waamu, abbaan
manaa ishee immoo ishee jajate"
• Fak. 19:18. Mucaakee hamma to‘achuu dhaaf
sitti guyya'u(dadhabdutti ) hin eegin.
"Deebisuudhaaf utuu abdiin jiruu, ijoollee kee
adabi! Gad dhiiftee akka isaan du'an hin godhin!"

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 68


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Fak. 20:11. Ijoolleen martinuu amala isaanii


calaqqisiisu."Mucaan iyyuu qullaa'aa fi qajeelaa
ta'uun isaa, hojii isaatiin in beekama."
• Fak. 23:13, 14. Mucaakee adabuu hin
dhiisin."Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin,
karaabaadhaan yoo rukutte inni hin
du'u;karaabaadhaan isa yoo rukutte, lubbuu isaa
iddoo lafa jalaa dhaquu in oolchita."
• Fak 13:24. Kan jaalala dhugaa mucaasaaf qabu
ni to'ata.. T., v. 5, pp. 319, 320."Namni ilma isaa
karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu
isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa
jaallachuu isaa ti"
• Fak. 29:22. Mucaa aariidhaan jiru tuttuquun
qoccolloo kaasa."Namni dheekkamaan lola in
kaasa; namni aaraanis irra-daddarbaa in baay'isa."
• Fak. 25:28. Of to‘achuu(of qabuu) utuu hin
beekin eenyullee kan biroo leenjisuu hin
danda'u. M.H. 131; P.P. 142, 143."Namni of
qabuu hin dandeenye, akka mandara dallaawwan
isaa jijjiganii ti."
• Fak 16:32. Of qabuun gatii guddaa qaba.
M.H. 371, 372."Nama aango-qabeessa irra, nama
obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchu irra,
nama of abboomu wayya."
Bartuu taasisuu keessatti Firii leenjii
dogoggoraa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 69


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 1 Sam. 2:27-34. Eeliin maatiisaa guddisa waan


balleesseef aangoo lubummaatu irraa fudhatame."
Yommus namni Waaqayyoo tokko gara Elii dhufee,
ergaa Waaqayyoo isatti hime; "Waaqayyo, 'Sanyiin
abbaa keetii biyya Gibxii, harka Fara'oon jala
yommuu turan, ani isaanitti mul'adheera mitii ree?
Abbaa kee luba akka anaaf ta'uuf iddoo aarsaa
kootiitti ol ba'ee ixaana akka aarsuuf, dirata fuula
duraas diratee ana duratti akka argamuufan gosa
Israa'el hundumaa keessaa isa fo'adhe; akkasumas
waan Israa'eloonni qalma gubamuuf dhi'eessan
hundumaa sanyii abbaa keetiif nan kenne. Atii fi
ilmaan kee garuu aarsaadhaaf kennaa sabni koo
godoo koo keessatti akka anaaf dhi'eessan
abboommadhe maaliif salphiftan? Ilmaan kee kennaa
sabni koo anaaf dhi'eessan keessaa isa hundumaa
caaluun foon isaanii akka gabbifataniif cal jettee
maaliif ana caalaa isaaniif ulfina kennite? " 'Ani
Waaqayyo gooftichi Israa'el:- Dhuguma sanyiin kee,
sanyiin abbaa keetiis yeroo hundumaa ana dura
deddeebi'anii anaaf in hojjetu jedheen ture; si'achi
garuu akkas hin ta'u; warra ulfina anaaf kennaniif
ulfina nan kenna, warra na tuffatan immoo nan
salphisa. Kunoo, sanyii kee fi sanyii abbaa keetii
keessaa jaarsi akka hin argamneef, yeroon ani itti ol
adeemaa kee hundumaa karaatti hambisu in dhufa.
Bara baraan sanyii kee keessaa namni jaarsomu hin
argamu; ati immoo akka diinaatti ilaaltee wanta
ba'eessa Israa'elootaaf godhamutti in hinaafta. Nama
kee keessaa inni ani iddoo aarsaa kootiitii akka inni
hojjetuuf hambisu iji kee akka dadhabuuf garaan kees
akka gadduuf sababii sitti in ta'a; siif kan dhalatu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 70


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hundinuu ijoollummaadhaan in du'a. Kanaafis ilmaan


kee lamaan Hofnii fi Fiinehaas guyyaa tokkotti in
du'u; kunis milikkita siif in ta'a."
• 1 Sam. 2:23-25. Eeliin wanti akkasii gaarii miti
qofa jedha ture. Afaan duwwaan ifachuun gahaa
miti." "Namoota hundumaatii waa'ee hojii
keessan isa hamaa nan dhaga'a; maaliif waan
akkasii hojjettu? Yaa ijoollee ko! Waa'ee saba
Waaqayyoo karaa irraa kaachisuu keessanii kanan
dhaga'u kun gaarii miti; namni nama tokko yoo
yakke Waaqayyotu gidduu gala, namni yoo
Waaqayyoon yakke garuu eenyutu gidduu gala
ree?" jedheen; ilmaan isaa garuu, sababii
Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef abbaa
isaaniitiif hin dhageenye."
• 1 Sam. 3:13. Maatiin ijoollee isaanii sirriitti
qabuu,to‘achuu fi isaaniin sirreessuu qabu.
T., v. 5, pp. 323, 324."Ilmaan isaa wanta nama
yeellaasisu hojjechuu isaanii utuu beekuu isaan
hin dhowwine; anis sababii yakka kanaaf bara
baraan maatii isaatti akkan faradu isatti
beeksiseera."
• 1 Sam. 2:29. Maatiin Ijoollee waaqaaf hin
ajajamne guddifachuun waaqayyoon salphisuu
isaaniiti."Atii fi ilmaan kee garuu aarsaadhaaf
kennaa sabni koo godoo koo keessatti akka anaaf
dhi'eessan abboommadhe maaliif salphiftan?
Ilmaan kee kennaa sabni koo anaaf dhi'eessan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 71


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

keessaa isa hundumaa caaluun foon isaanii akka


gabbifataniif cal jettee maaliif ana caalaa isaaniif
ulfina kennite?"
• Fak 29:15. Ijoolleen hin abboomamne
maatiisaanii leeyyaasisu." Ijoollee adabanii karaa
irra buusuun gaarii dha, mucaan gad-dhiisiitti
guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa"
• 1 Sam. 8:1-5. Abboomamuu diduun ilmaan
Saamu'eel abbootii firdii ta'anii geggeessuun
maatii Saamu'eel irraa akka fudhatamu
taasise."Saamu'el yommuu dulloome ilmaan isaa
abboota firdii ta'anii Israa'elin akka geggeessan in
godhe. Maqaan ilma isaa isa angafaa "Yo'el",
kan isa quxisuu immoo "Abiiyaa" jedhama ture;
isaan mandara Bersheebaatti abboota firdii turan.
Isaan garuu akka abbaa isaanii hojii isa qajeelaa
duukaa hin buune; bu'aa dalgaa argachuuf
gabbarsuu fudhatanii, firdii in jal'isan. Kana irratti
jaarsoliin saba Israa'el hundinuu walitti
qabamanii Raamaatti Saamu'el bira in dhufan.
Jaarsoliin sun Saamu'eliin, "Kunoo, ati
dulloomteetta; ilmaan kees hojii kee isa qajeelaa
duukaa hin buune; sabni kan biraa hundinuu
akkuma qaban amma nuufis firdii kan kennu
mootii nuuf moosisi!" jedhan."
• 2 Mot 19:37. Ijoolleen guddisa badde maatii
ishee gorraati." Gaaf tokko inni mana "Nisroo"
waaqayyolii tolfamoo isaa keessa lixee utuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 72


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

sagaduu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer


billaadhaan rukutanii isa ajjeesanii, gara biyya
Araaraatitti in baqatan; ilmi isaa inni "Esaar-
Hadon" jedhamu immoo iddoo abbaa isaatii
mootii in ta'e."
• Fak . 17:25. Ilmi gowwaan maatiisaatti gaddaa
fi hadhaa'ummaa itti fida."Ilmi gowwaan abbaa
isaatti aarii in fida, ishee isa deessettis jireenyi
akka hadhaa'u in godha"
Bartuu taasisuu keessatti Bu'aa maatii
sirriitti leenjisuu
• 1 Sam. 3:19. Gooftaan ijoollee gaarii wajjin
jira. P.K. 245, 246."Saamu'el guddachaa in
adeeme; Waaqayyo isaa wajjin waan tureefis
wanti inni dubbatu hundinuu akka lafa hin buune
in godhaaf ture."
• 2 Xim. 3:15. Caaffata qulqullaa‘aa wajjin
sirriitti walbeeku."Mucummaa keetii jalqabdee
caaffata qulqullaa'aa isa Kristos Yesusitti
amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa siif
kennuu danda'u akka barte in beekta."
• Fak. 28:7. Ilmi ogeessi seera Waaqayyoof
abboomama."Namni seera eegu ilma hubataa dha,
inni hidhata albaadhessaa ta'u garuu abbaa isaa in
salphisa."
• Qol. 3:20. Waaqayyo ijoollee abboomamootti
gammada." Ijoollee! Waan hundumaatti abboota

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 73


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa!


Kun gooftaatti in tola."
• HoE 2:39. Kakuu Waaqayyoo keessaa
qooddatu."Abdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi
ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif,
Waaqayyo keenya gooftichi itti waamu
hundumaafis" jedhee deebiseef."
• Efe. 6:2. Eebbi ijoollee gaariidhaaf akka jiru
labsameera."Abboommiin inni dura abdii wajjin
kenname, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina
kenni!" isa jedhuudha."
• Uma 46:29. Ilmi gaariin maatiisaa jaallachuu
fi kunuunsuuf yeelloon isa hin qabatu." Yommus
Yoseef konkolaataa isaa fe'atee, Israa'elin abbaa
isaa simuudhaaf gara Gooshen dhaqe; inni abbaa
isaa yeroo arge, morma isaatti kufee, yeroo
dheeraadhaaf in boo'e."
• Fak. 13:1. Ilmi ogeessi qajeelfama maatiisaa
ni dhaga‘a."Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaatii in
dhaga'a, inni ga'isaan garuu ifata hin dhaga'u"
• Fak . 23:22. Maatiin dullooman ijoollee
gaariidhaan kabajaan kunuunfamu."Abbaa kee isa
si dhalche dhaga'i, yommuu haati kee dulloomtus
ishee hin tuffatin!"
• Iyob 32:6, 7. Murtii kennuun(ogummaan )
umurii fi muuxannoo dhaan hubatama." Kanaaf
Eliihuun ilmi Baaraakel Buzichaa deebisee, "Ani
ijoollee dha, isin garuu baay'ee dulloomtaniittu;

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 74


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kanaafan waanan beeku isinitti mul'isuu


sodaadhee of qabe; ani, 'Waggoonni in dubbatu,
barri baay'eenis ogummaa nama barsiisu' jedheen
ture."
• Ibr 12:9. Maatii warra lafarraa kabajuunii fi
sodaachuun yaadachiiftuu Waaqayyoon
sodaachuu keenyaati.
Bartuu taasisuu fiDhiibbaawwan Manaa
• Far. 101:7. Namoonni nama goyyoomsanii fi
hamoon mana keessa kaa'amuu hin
qaban."Namni haxxummaadhaan hojjetu, mana
koo keessa hin jiraatu, namni soba dubbatu ija
koo dura hin dhaabatu."
• 1 Qor. 15:33. Namoota hamoo hamma isaan
dhiibbaa ijoollee kee irraan gahanitti maatii kee
keessa kaa‘uu hin qabdu. T, v. 4, pp. 110-
112."Hin gowwoominaa! "Hiriyaa gadheen amala
gaarii in mancaasa."
• 1 Qor. 5:6. Raaacitii xiqqoon ishee guutummaa
bukichaa dhangaggeessa." Of jajuun keessan
gaarii miti; raacitiin xinnoon ishee guutummaa
bukichaa akka bokoksu hin beektanii ree?
Raacitii moofaa isin keessa jiru baasaa gataa!"
• Efe. 6:4. Maatiin ijoollee isaanii
tuttuquudhaan hin aarsin."Isin immoo abboota
nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee
keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan
hin tuttuqinaa!"

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 75


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Qol. 3:21. Hamilee buusuu hin qabnu."Isin


immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin
badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin
aarsinaa!"
• Fak 22:6. Leenjifamuu qabu."Akka itti
jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu
dulloomu iyyuu irraa hin kaatu."
• 1 Xim. 3:4, 5. Namni maatiisaa qabuu hin
dandeenye isa kan waaqayyoos qabuu dhaaf itti
hin amanamu."Nama warra mana isaa ba'eessa
godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina hundumaan
abboomamuuf kan guddisu ta'uun isa irra jira.
Namni akka itti warra mana isaa bulchu hin
beekne immoo, attamitti waldaa Waaqayyoof
yaaduu danda'a ree?"
• Tit 1:6, 7. Ijoolleen ilaaltuu waldaa
Kiristiyaanaa waan jechaa kan hin qabne haa
ta'an."Namni hojii akkasii irra dhaabatu immoo
waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha
manaa tokkittii, ijoolleen isaa kan amanan malee,
gad-dhiisatti jiraachuu isaaniitiin yookiis
abboomamuu diduu isaaniitiin kan hin
hadheeffamin haa ta'u! Ilaaltuun hojii waldaa
tokko, hojii Waaqayyoo in adeemsisa erga ta'ee,
waan ittiin jedhan kan hin qabne ta'uun isa irra
jira; ofii isaa malee warra kaan kan hin
gammachiifne yookiis nama dafee aaru yookiis
machaa'aa yookiis nama lola jaallatu, nama bu'aa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 76


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

karaa dalgaa argachuuf sassatu ta'uun isa irra hin


jiru."
• 1 Xim. 3:12. Diyaaqoniin ijoolleesaa qabuu
danda'uu qaba." Diiyaaqonoonni, abbaa manaa
haadha manaa tokkoo haa ta'an! Ijoollee isaanii,
warra mana isaaniis ba'eessa godhanii haa
bulchan!"
• Uma 18:17-19. Waaqayyo nama ijoollee fi
warra mana isaa seerratu amanachuu danda'a. E.
187."Yommus Waaqayyo yaada isaatti, "Wantan
gochuuf jedhu Abrahaamin nan dhoksaa ree?
Abrahaam saba guddaa, saba jabaas in ta'a; sabni
biyya lafaa irraa hundinuu sababii isaatiif in
eebbifamu. Ani Abrahaamin beekee fo'adheera;
ammas ani Waaqayyo isan Abrahaamin
abdachiise akkan raawwadhuufitti, inni ijoollee
isaa, namoota mana isaas wanta qajeelaa, wanta
dhugaa ta'es hojjechuudhaan karaa ana
Waaqayyoo akka eeganiif, isaan abboomuun isa
irra jira" jedhe."
• 2 Qor. 12:14. Maatiin waan dandeettii isaanii
ijoolleesaaniif dhiheessuu qabu."Si'a sadaffaa
gara keessan dhufee isin dubbisuudhaaf
qophaa'eera; garuu ba'aa isinitti hin ta'u. Anoo
isinan barbaada malee, waa isin irraa hin
barbaadu, warratu ijoollotaaf walitti qaba malee,
ijoolleetu warra isaaniitiif walitti qaba miti."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 77


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• 1 Xim. 5:8. Kiristiyaanni kamiyyuu waan


maatiinsaa barbaadan dhiheessuu qaba. "Namni
tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti
immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu
dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin
amanin caalaas hammaachuu isaa ti."

Bartuu taasisuu fi Barumsa mana kèessaa


• Kes. 6:7-9. Yeroo hundumaa barsiisi. Sagaleen
Waaqayyoo mana keenya keessaa fi alatti
mataduree haasaa keenya guyyaa guyyaa haa
ta‘u. P.P. 141."Isas keessa deddeebi'ii ijoollee
kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa
irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus
waa'ee isaa dubbadhu! Ati akka milikkitaatti
harka kee irratti isa hidhadhu! Ija kee durattis kan
rarra'u haa ta'u! Michichila balbala mana keetii fi
karra keetii irratti isa caafi!"
• Kes 4:9-13. Waa'ee seera kennamee ijoollee
barsiisi.""Isin garuu dammaqaa, wanta ijaan
argitan akka hin irraanfannetti, bara jireenya
keessanii guutuus garaa keessan keessaa akka hin
badnetti of eeggadhaa! Ijoollee keessan, ijoollee
ijoollee keessaniis barsiisaa! Gaafa isin Siinaatti
Waaqayyo gooftaa keessan dura dhaabattan,
'Sabni kun bara lafa irra jiraatan hundumaatti ana
sodaachuu akka baraniif, ijoollee isaaniis
akkasuma akka barsiisaniif, ani dubbii koo akka

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 78


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dhaga'an nan godha, atis na biratti walitti isaan


qabi!' jedhee Waaqayyo anatti in dubbate" jedhe.
Gaafas isin itti dhi'aattanii, miilla tulluu sanaa jala
akka dhaabattan, tulluu duumessi gurraachi
dukkanaa'aan itti uffifame sana irraas ibiddi
hamma bantii waaqaatti ol akka boba'e, yommus
Waaqayyo ibidda sana gidduudhaa isinitti akka
dubbate, isinis sagalee isa isinitti dubbatame sana
dhageessaniittu, garuu sagalee duwwaa malee,
bifa tokko illee akka hin argin, inni kakuu isaa
isinitti akka beeksise, abboommii kurnan isa akka
isin gootaniif isin abboome sanas inni gabatoota
dhagaa lama irratti akka caafe"
• 2 Xim 3:15. Beekumsi sagalee Waaqayyoo
ogummaa kenna." Mucummaa keetii jalqabdee
caaffata qulqullaa'aa isa Kristos Yesusitti
amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa siif
kennuu danda'u akka barte in beekta."
• 2 Xim. 3:16, 17. Beekumsi akkasii namoota
hojii gaariidhaaf qopheessa." Caaffanni
qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura
Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa
hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis
leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni
Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e, hojii gaarii
hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u in godha."
• 2 Xim. 1:5. Haati ijoolleeshee barsiisuutti
amanamtuu taate Waaqayyo maqaashee ni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 79


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

yaadata."Amantiin kee garaa qulqulluudhaan


ta'uun isaa anatti yaadatama; amantiin inni dur
akkoo kee Lo'is, haadha kee Ewuniiqee keessas
ture sun, si keessas akka jiru nan amana."
• 1 Xim. 4:12. Wantoota jahan dargaggoonni
leenjifaman akka ittiin fakkeenya akka ta'aniif
barsiifaman."Dubbii afaan keessaa ba'uun, akka
jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of
qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta'i! Namni
tokko illee ijoollummaa keetiif si hin tuffatin!"
• Asteer 2:20. Ijoolleen sirriitti baratan erguma
guddataniiyyuu maatiif ni abboomamu."Asteer
akkuma yeroo Mordekaayi ishee guddisee isaaf
abboomamaa turte, ammuma iyyuu yaada isaa
duukaa bu'aa jirti; eessaa akka dhufte akka isheen
hin mul'ifneef ishee dhowwe waan tureef,
isheenis hamma har'aatti iyyuu qomoo ishee fi
sanyii ishee hin mul'ifne."
• Uma. 45:7, 8. Ijoolleen karoora Waaqayyoo
sirriitti baratan umurii ijoollummaatti akka
hojjetoota wangeelaatti biyya diidaatti(Ormaa)ni
ergamu. P. P. 24"Waaqayyo hambaa lafa irratti
isiniif qusachuudhaaf, warra baay'atanii
hoofkalanis fayyaatti isiniif jiraachisuudhaaf, isin
dura na erge. Egaa Waaqayyo malee, isintu as na
erge miti; inni mootichaaf abbaa, mana isaa
hundumaa irratti gooftaa, guutummaa biyya
Gibxii irrattis bulchaa biyyaa na godhe."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 80


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Iyaasuu 4:6, 7. Ijoolleen wantoota naannoo


isaaniitti argamuun barsiifamuu qabu. P.P.
572."Kunis isin gidduutti akka milikkitaatti haa
hojjetu! Eger bor ijoolleen keessan, 'Dhagoonni
kun maal isiniif godhu?' jedhanii yommuu isin
gaafatan, isin immoo, 'Bishaan Yordaanos utuma
yaa'uutti jiruu sanduuqa kakuu isa kan
Waaqayyoo duraa gargar in cite; sanduuqi kakuu
yommuu Yordaanosin ce'e, bishaan Yordaanos
waan gargar citeef, dhagoonni kun namoota
Israa'eliif bara hundumaa seenaa in ta'u' jedhanii
haa himan!" jedhe."
• "Ba'uu 12:25-27. Fakkeenyota garagaraatiin
barsiifamuu qabu. E. 186."Isin biyya Waaqayyo
akkuma isin abdachiisetti isiniif kennu sanatti
yeroo galtan akkasitti isaaf hojjechuu ittuma
fufaa! Yeroo ijoolleen keessan, 'Inni isin akkas
gootan kun maali?' jedhanii isin gaafatan, isin
immoo, 'Waaqayyo biyya Gibxiitti warra Gibxii
yommuu dha'e manneen keenya manneen
Israa'elootaa oolchee waan bira darbeef, kun
aarsaa Faasiikaa isa bira darbuu Waaqayyoo
argisiisuu dha' isaaniin in jettu" jedheen; yommus
sabni sun, qoomma'anii Waaqayyoof in sagadan."
• Ba'uu 13:8. Maatiin waan Waaqayyo godheef
itti himee barsiisuu danda'a."Gaafas, 'Kun wanta
Waaqayyo yeroo ani biyya Gibxii keessaa ba'e

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 81


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

anaaf godhe sanaaf in hojjetama' jettee ilma keetti


in himta."
• 1 Xim. 1:4. Asoosamni gaarii hin taane
dubbisuu hin qaban. T., v., 2, p.
410."Mammaaksa amantii eeguu, hidda qomoo
isaanii isa dhuma hin qabne lakkaa'uus akka
dhiisan godhi! Wanti isaan godhan kun falmaa
duwwaa kaasuu malee, akeeka Waaqayyoo isa
amantiidhaan fudhatamu sanaaf hin hojjetu."
• 1 Xim. 4:7. Barreeffamoota xuraa'oo hin
fudhatin. E. 227."Mammaaksa wanta
qulqullaa'aadhaan mormu isa dubartoonni
dullooman mammaakan hin fudhatin; nama
Waaqayyoo ta'uudhaaf of qopheessi!"
• 1 Xim. 6:20. Saayinsii isa sobaa jalaa
baqadhu."Yaa Ximotewos, wanta hadaraa sitti
kenname jabeessii eegi! Dubbii midhaan hin
qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa,
wanta sobaa isa "Beekumsa" jedhame
dhugaadhaan mormu irraas fagaadhu!"
• Kes. 11:19-21. Sagalee Waaqayyoo akka
qajeelfama Waaqayyootti manatti barsiisuun
guyyoota samii lafa kanarratti akka waan
qabaataniitti ilaalama." Mana kee keessa yommuu
teessu, karaa irra yommuu adeemtu, yommuu
ciiftu, yommuu kaatus waa'ee isaanii dubbadhu,
ijoollee kees ittiin barsiisi! Michichila balbala
mana keetii fi karra kee irratti isaan caafi!

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 82


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yommus barri kee fi barri ijoollee kee biyya


Waaqayyo abboota keef kennuudhaaf kakate
keessatti hamma bantiiwwan waaqaa lafa gararraa
jiranitti in dheerata."
Bartummaa fi Abboommii shanaffaa
• Ba'uu 20:12. Lafti haaraan warra maatiisaanii
kabajaniif waadaa galame. " "Biyya ani
Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara
dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef
ulfina kenni!"
• Lew. 19:3. Ijoollummaa isaanii qofaatti utuu
hin taane gaheessummaa isaaniittiyyuu maatiif
ajajamuu qabu. " T., v. 3, p. 294."Ani
Waaqayyo gooftaa keessan! Isin hundumti
keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif
ulfina kennaa! Guyyaa Sanbata kootiis eegaa!"
• Uma 9:20-27. Maatii dhuma machaa'aniyyuu
yoo salphifne ni abaaramna; yoo kabajne ni
eebbifamna."Nohi inni qottuun iddoo dhaabaa
waynii hojjetachuuf isa jalqabaa ta'e; inni daadhii
waynichaa irraa dhugee machaa'ee, qullaa isaa
dunkaana isaa keessa in ciise; Kaam abbaan
Kana'aan immoo qullaa abbaa isaa argee,
obboloota isaa lamaan warra bakkee turanitti in
hime. Seemii fi Yaafet wayyaa fuudhanii gatiittii
isaanii lamaan irra buufatanii, dugda duubaan
adeemanii qullaa abbaa isaanii in dhoksan; fuulli
isaanii irraa garagalee waan tureef, qullaa abbaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 83


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isaanii hin argine. Nohi irraa machiin daadhii


waynii isaatii erga galee booddee, waan ilmi isaa
inni xinnaan isa irratti hojjete in bare; kana
irratti, "Kana'aan abaaramaa haa ta'u, obboloota
isaatiifis garba garbootaa haa ta'u!" jedhe.
Akkasumas, "Waaqayyo gooftichi inni kan Seem
haa jajamu! Kana'aan immoo garbicha Seem haa
ta'u! Waaqayyo daarii Yaafet haa bal'isu!"
• Ba'uu . 21:15. Bara durii maatii ofii rukutuun
abaarsa cimaa dha."Namni abbaa isaa yookiis
haadha isaa rukutu haa ajjeefamu!"
• Ba'uu 21:17. Maatii ofii abaaruun dur du‘aan
nama adabsiisa. "Namni abbaa isaa yookiis
haadha isaa abaaru haa ajjeefamu!"
• Kes. 27:16. Namni abbaa fi haadhasaa salphisu
abaaramaa dha. " Namni abbaa isaa yookiis
haadha isaa salphisu, abaaramaa haa ta'u!
Namoonni hundinuu "Ameen" haa jedhan!"
• Kes. 21:18-21. Ijoollee addaggee fi finciltuun
dur du'aan adabamti turte."Namni nama jaamaa
karaa irraa jal'isu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni
hundinuu "Ameen" haa jedhan! Namni nama
galaatti, ijoollee abbaan irra hin jirretti, dubartii
abbaan manaa irraa du'ettis firdii jal'isu,
abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu
"Ameen" haa jedhan! Namni haadha manaa
abbaa isaatii wajjin ciisu,siree abbaa isaatii waan
salphisuuf, abaaramaa haa ta'u! Namoonni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 84


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hundinuu "Ameen" haa jedhan! Namni horii


kamii wajjin illee ciisu, abaaramaa haa ta'u!
Namoonni hundinuu "Ameen" haa jedhan!"
• Erm. 35:18, 19. Ijoolleen Ulfina kan qabanii fi
ajajamoon gatiisaanii ni argatu."Kana booddee
ani Ermiyaas warra Rekaabotaatiin, "Waaqayyo
gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,
'Isin wanta abbaan keessan Yonaadaab isin
abboome waan eegdaniif, akka inni isin barsiisetti
waan jiraattaniif, wanta inni isin ajaje hundumaas
waan gootaniif, sanyii Yonaadaab ilma Rekaab
keessaa namni ana dura dhaabatee anaaf hojjetu
hin dhabamu!' jedha" nan jedhe; kana Waaqayyo
gooftaa maccaa, Waaqayyo isa kan Israa'eltu
dubbate."
• Marq 7:9-13. Maatiif ajajamuu diduun
kamiyyuu seera waaqayyoo cabsuu waliin
tokkuma."Yesus itti fufee, "Seera muka abbaa
keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii
Waaqayyoo diiguudhaaf mala ba'eessa argattan.
10 Museenoo, 'Abbaa keetii fi haadha keetiif
ulfina kenni!' iddoo biraatti immoo, 'Abbaa isaatii
fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu haa du'u!'
jedheera. Isin immoo namni abbaa isaa fi haadha
isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, wanti na biraa
isiniif kenname, waa'ee isiniif baasuuf ture, amma
'Qurbaana ta'eera', kana jechuunis 'Waaqayyoof
kennamera' yoo jedhe 'Ba'eessa godhe' jettu.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 85


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Akkasitti inni deebi'ee abbaa isaatii fi haadha


isaatiif waanuma tokko iyyuu akka hin goone
karaa laattuuf. Kana kan fakkaatan waan baay'ee
gochuudhaan, seera muka abbaa keessanii isa
walitti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo
busheessitu" isaaniin jedhe."
• Mat. 15:5-7. Namni Kiristiyaana ofiin jedhee
maatiisaaf ajajamuu didan oftuultota jedhamu. "
Isin garuu, 'Namni abbaa isaa fi haadha isaa
gargaaruuf ture tokko isaaniin" wanti na biraa
isiniif kennamuuf malee, amma Waaqayyoof
kenname yoo jedhe; egaa abbaa isaaf yookiis
haadha isaaf ulfina kennuu isa hin barbaachisu
jettu. Akkasitti seera muka abbaa keessaniitiif
jettanii dubbii Waaqayyoo busheessitu. Isin of
hin arginee nana! Isaayaas waa'ee keessaniif raajii
isaa keessatti, 'Sabni kun afaan isaatiin ulfinaa
naaf kenna,garaan isaa garuu baay'ee anattii
fagoo dha;"
• Qol. 3:20. Abboomamuun waan
gammachiisaadha.
• Efe 6:1. Abboomamuun keenya akka sagalee
Waaqayyootti ta'uu qaba. Gooftaadhaaf
abboomami." Ijoolle! Abboota keessanii fi
haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa
duratti qajeelaadha."
• Mat 10:37. Gaariis ta‘an hamaa utuma
maatiisaaniif abboomamanii caalaatti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 86


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Waaqayyoof abboomamuu qabu."Namni abbaa


yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan
male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti
jaallatu, anaaf kan male miti."
• Lew 19:32. Nama umurii nu olii kabajuutu nuuf
ta'a." 'Ani Waaqayyoo dha; ati nama mataa harrii
yommuu argitu ka'iif! Nama dulloomaaf ulfina
kenni! Ana Waaqayyo kees sodaadhu!"
Kadhannaa fi bartummaa
Kadhannaan quunnamsiistuu Kiristoos waliin
walitti nu hidhuudha. Yeroo tokko tokko immoo
kadhannaan bantuu samii jedhama. Humna
kadhannaa amantiin godhamu keessa,jiru kan
hubatan namoota muraasa qofaadha. Iyyata
nama kadhannaan gad of deebisee kiristoos akka
hawwii kan ofii isaatiitti waa'ee lubbuu sanaaf
dhiyeessa. Kadhannaan dhugaatti kadhatamu
samiirratti ni dhaga‘ama. Bifa sirriitiin
ibsamuudhaa yoo baate iyyuu garuu inni onnee
keessa jiru gara mana qulqullummaa isa Yesuus
keessaa tajaajiluutti inni mudaa tokkoo fi hidhii
sodaan raafamu tokko malee ixaana qajeeummaa
isaatii isa urgaa'aa fi bareedaa isa kansaa sanaan
fuula abbaatti dhiyeessa." D.A. 667.
Qophaa’ummaa Kadhannaa deebii argatuu
• Ibr. 11:6. Inni gara Waaqayyoo dhufu akka inni
jiru amanuu fi warra garaa guutuun isa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 87


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

barbaaddataniif akka inni gatii kennuuf beekuu


qaba. D.A. 200.
• Mat. 6:12-15. Waaqayyo akka cubbuu keenya
nuuf dhiisuuf nutis kan nu yakkaniif isaaniif
dhiisuufii qabna."Akkuma nuyi warra nu
yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!
Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi
malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma
baraan kan kee ti.Ameen!] jedhaa! "Namootaaf
irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan
keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa.
Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan,
abbaan keessan immoo irra daddarbaa keessan
isiniif hin dhiisu" jedhe."
• Mat. 5:23-25. Namoota kan biroon walitti yoo
buune isa sirreessuuf yaaluu qabna."Kennaa
aarsaa, dhi'eessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde,
iddoodhuma sanattis akka obboleessakee waa
yakkitee yaada isaa miite, sitti in yaadatama ta'a.
Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti
dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami;
kana booddee deebi'ii kennaa aarsaa kee
dhi'eessi! "Nama waan ittiin si hadheessu qabuu
wajjin gara yaa'iitti utuu adeemtuu dafii isa
firoomfadhu; kanaa achi inni si hadheessu sun
abbaa firdiitti si kennata, abbaan firdii immoo
eegduu mana hidhaatti si kenna, mana hidhaattis
in galfamta."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 88


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Far. 66:18. Jibbi cubbuu jiraachuu qaba.Yeroo


cubbamaan cubbuusaa qajeelummaatti
jijjiirrachuuf qophaa'aa ta‘u Waaqayyo
kadhannaa ni dhaga‘a."Ani hamaa gochuu garaa
kootti utuun yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa
ana hin dhaggeeffatu ture."
• Fak. 28:9 "Nama seeraaf hin abboomamne,
kadhanni isaa iyyuu ciigga'amaa dha. Sammuu
abboomamaa qabaachuu qabna. Yoo inni
abboomamuuf fedha qabaate kadhannaan isa
seera irra daddarbee ni dhaga‘ama. T., v. 9, p.
164.
• Yoh 15:16.Wanti nuti gaafannu maqaa
Yesuusiitiin ta'uu qaba. D.A. 668. "Isin ana hin
fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija
godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa
kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif
kennuuf, ani isin kaaseera."
• Iyob 35:13. Koormaanii fi wanti akkasumaanii
dhabamuu qaba. " Biyya lafaa eenyutu hadaraa
isatti kennate? Guutummaa biyya lafaas eenyutu
uume?"
• Yaq. 1:6, 7. Namni altokko cubbuu
mo'uudhaaf akka waaqayyo isa gargaaru gaafatee
yeroo kan biroo cubbuu filatu gargaarsa
eeggachuu hin danda'u. "Garuu utuu hin mamin
amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka
dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 89


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

oofamee darbatamuu ti. Namni akkasii gooftaa


biraa waa nan argadha jedhee hin eeggatin!"
Kadhannaa deebii argate
• Rom. 8:26, 27. ―Hafuurichi nuyi maal
kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti
hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa
namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen
nuuf in kadhata.
• Dan. 9:21-23. Kadhannaan yeroo tokko tokko
atattamaan deebii argata." Dubbii kanaan
kadhachaa utuun jiruu, Gabri'el inni nama
fakkaate ani duraan mul'atatti arge, yeroo aarsaa
galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali'ee na bira
ga'e. Inni na hubachiisuudhaaf anatti dubbatee,
"Yaa Daani'el, ani amma si qalbifachiisuudhaaf,
si hubachiisuudhaafis ba'ee nan dhufe. Jalqaba
himata keetii irratti dubbiin tokko sitti in
dhaamame; ati guddaa jaallatamaa waan taateef,
ani dubbicha sitti himuudhaaf nan dhufe; kanaaf
isa yaadatti qabadhu, mul'atichas hubadhu!"
• Luq 18:2-7. Yeroo tokko tokko deebiinsaa ni
tura. C.O.L. 142, 143. " "Abbaan firdii
Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin
safeeffanne tokko mandara tokko keessa ture.
Mandarichuma sana keessaa immoo haati
hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee,
'Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa
anaaf kenni!' jettee, itti boossi turte. Inni immoo

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 90


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee


garuu innumtuu, 'Waaqayyoon yoon sodaachuu
dhaabaadhe, namas yoon safeeffachuu
dhaabaadhe, haati hiyyeessaa kun waan na
dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya,
kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti' jedhee ofitti
dubbate" jedhe. Gooftaan kana irratti,
"Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal'aan kun
jedhu! Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii,
guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa
isaanii hin baasufii ree? Yookiis lafa irra duraa
harkisaa ree?"
• 2 Qor. 12:8, 9. Akkuma maatiin lafarraa
ijoollee isaanii dhugaatti jaallatan wanta isaan
argachuuf iyyan irra kan caalu kennaniif
waaqayyos yeroo tokko karaa hawwii keenyarraa
adda ta‘een kadhannaa keenya deebisa. "Kanas
akka ana irraa fuudhuuf si'a sadii gooftaa
kadhadheera. Inni garuu, "Ayyaanni koo si ga'a,
humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in
raawwata" naan jedhe. Humni Kristos ana bira
akka buufatuuf, dadhabaa ta'uu kootiin hundumaa
irra caalchisee gammachuudhaan of nan jaja."
• Erm. 33:3"Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a;
wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye
sitti nan hima.; Efe. 3:29.Waaqayyo hamma nuyi
yaadnuun olitti nuuf kenna." Jaalala Kristos isa
safara beekumsa namaa bira darbus beektanii,

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 91


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessamtti


akka guutamtaniif nan kadhadha."
• Yaq 5:14-16.Deebiin kadhannaa amantiitiin
ta'een dhukkubsataan ni fayyifama. "Isin keessaa
namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa
kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa
gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.
Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa
dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa,
cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf. Yoos
dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan
walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa!
Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee
hojjechuu in danda'a. "
• 1 Yoh 5:14. Gaaffiin hundinuu akka fedhii
isaatiitti haata'u. M.H. 229. "Akka fedha isaatti
yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka
kanatti isa in amananna."
• 1 Yoh 3:22. Kan waaqayyoof abboomamu
deebii kadhannaa isaatii haa eeggatu."Nuyi
waanuma isa kadhannu isa biraa in fudhanna;
abboommota isaa in eegna, waan isa
gammachiisus in hojjenna."
• Fil. 4:6. ―Waan hundumaatti, kadhataa fi
himataan galataa wajjin wanti is in barbaachisu
Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa!
• Qol. 4:2―Garaa galateeffatuu fi yaada
dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!‖

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 92


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Mat. 21:22"Amantanii kadhataan waan


dhi'eeffattan hundumaa in fudhattu" isaaniin
jedhe."; Yaaq 1:6. "Garuu utuu hin mamin
amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka
dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi
oofamee darbatamuu ti."Kadhannaan
qoochoowwan amantiirratti baatama( Prayer is
carried on the wings of faith). D.A. 126.
• 2 Sen. 30:27. Kadhannaan amantii iddoo
taa'umsa,waaqayyoo isa qulqulluu waaqarraa
seena. A.A. 564. "Yommus luboonni warri
sanyii Lewwii ka'anii jara in eebbisan; Waaqayyo
iddoo jireenya isaa isa qulqullaa'aa waaqa irraa
irraa dhaga'ee kadhata isaanii in fudhateef."
• HoE 12:5-11.Ergamoonni kadhannaawwan saba
waaqayyoo deebisuudhaaf ni ergamu. C.O.L.
341, 342. "Yeroo Phexros mana hidhaa keessatti
eegamaa turetti, waldaan kristiyaanaa immoo
utuu gargar hin kutin Waaqayyoon in kadhattiif
turte. Edumtii guyyaa itti Herodis Phexrosin akka
qoramuuf dhi'essuudhaaf jedhe sanatti, Phexros
fuuncaa lamaan hidhamee, loltuu lama gidduu in
rafa ture; eegduun immoo balbala manicha hidhaa
dura dhaabatanii in eegu turan. Kunoo, ergamaan
gooftichaa Phexros bukkee dhaabate; golli
manicha hidhaa inni keessa tures ifa waaqa
irraatiin guute. Ergamaan sun cinaacha Phexros
rurrukutee dammaqsee, "Dafii ka'i!" ittiin jedhe;

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 93


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

achumaan fuuncaan inni ittiin hidhame harka


isaatii bu'e. Ergamichi immoo, "Hidhadhu,
kophee kees kaa'adhu!" jedheen. Phexros ka'ee
hidhatee, kophee isaas kaa'ate; ergamichi ammas,
"Wayyaa kee uffadhuu ana duukaa bu'i!" ittiin
jedhe. Phexros manicha hidhaa keessaa ba'ee,
ergamicha duukaa bu'e. Garuu ergamaan gooftaa
kan hojjeteef kun dhugaa itti hin fakkaanne;
innoo mul'ata waan arge se'e. Ergamichaa wajjin
eegduu warra duraa, warra lammaffaa biras
darbanii, balbalicha sibiilaa isa mandaratti baasuu
bira ga'an. Balbalichi utuu namni itti hin bu'in
isaaniif baname, Isaanis gad in ba'an; karaa tokko
irra takka erga adeeman, ergamichi achumaan
Phexros biraa sokke. Phexros yommus of bare,
"Gooftichi ergamaa isaa ergee, harka Herodisii fi
harka Yihudoota warra hamaa na irratti yaadan
hundumaa akka na oolche, amma dhuguma
beekeera" jedhe."
Kadhannaa Iccitii
• Mat. 6:6 Ayyaanatti guddachuuf yeroo
dhoksaatti waaqayyoo wajjin walquunnamnu
qabaachuun dirqama . T., v. 6, pp. 47, 50; v. 5, p.
161."Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti
ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo
dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni
dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 94


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Mar 1:35. Guyyaa hojiin yoo itti nu duraa


baay'ate akkuma fayyisaan ganama utuu lafti hin
bari'in ka'ee kophaasaa waaqayyoo wajjin yeroo
dabarse nutis akkasuma haa goonu. "
• Mat. 14:23. Fayyisaan abbaa wajjin
dhuunfaatti erga yaaddoon guyyichaa darbeeyyuu
abbaa wajjin yeroo dabarseera."Tuuta sana erga
gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti
kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu
galgalaa'es kophaa isaa achi ture."
• Far. 55:17. Galgala, ganamaa fi guyyaatti
yeroon kadhannaa addaa jiraachuu qaba.
"Galgalaa fi ganama, waareettis, isatti nan
himadha, isatti nan boo'as, innis sagalee koo in
dhaga'a."
• Far. 88:1, 2. Guyyaa yookiinis galgala
kadhachuu ni dandeenya. G.C. 210."Yaa
Waaqayyo gooftaa ana fayyiftuu, guyyaa gara
keetti nan iyyadha, halkanis fuula kee duratti nan
wawwaadha. 2 Kadhanni koo si bira anaaf haa
ga'u, ati immoo gurra kee gara boo'icha kootti
qabi!"
• 1 Tas. 5:17. Nuyi yaada kadhannaadhaan
guutame keessa yeroo hundumaa ta'uu ni qabna.
T., v. 5, pp. 200, 201. "Kadhata keessan ittuma
fufaa malee hin dhiisinaa! "
• Iyob 22:27, 28. Kadhannaan isaa,akka
dhaga‘amu amanuun ayyaana kiristiyaanaaf

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 95


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kennameedha." Isa in kadhatta, innis siif in


dhaga'a; ati immoo wareega kee in baafta. Wanti
ati murtoo gootu dhaabataa siif in ta'a; ifnis karaa
keetti in ifa."
• Isa. 43:26.Waadaa inni nuuf seene yommuu
gaafannu kun Waaqayyoon ni gammachiisa.
"wantan si godhe mee himadhu! Kottu walii
wajjin dhugaa isaa keessaa in baafnaa! Dhugaa
qabda yoo ta'eef akka siif beekamutti, dhimma
kee himadhu!"
• Isa. 41:21.Waaqayyo dhimma keenya
qopheeffannee isa nutti cime garasaatti akka
fidnuuf nu afeera. "Waaqayyo mootiin Yaaqoob,
"Yaa waaqayyolii saba lafa irraa, mee dhimma
keessan dhi'eeffadhaa! Wanta ittiin falmattanis
himadhaa!"
• Luq 11:1.Akkamitti akka kadhatan akka nu
barsiisuuf Waaqayyoon gaafachuu qabna.
"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa
isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa
tokko, "Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa
akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!"
jedheen."
• Rom. 8:26, 27. Hafuurri Qulqulluun
kadhannaa garaa,cabaa fi bulla'aan kadhatame
fuula Waaqayyoo duratti fudhatamaa akka
ta‘utti dhiyeessa."Hafuurichis immoo akkuma
kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 96


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka


ta'utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin
karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin
dandeenyeen nuuf in kadhata. Hafuurichi akka
jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif
in kadhata; Waaqayyo inni garaa namaa
fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka."
• Amos 5:4. Kadhannaa garraamummaan
kadhatamu keessa jireenyatu jira. T., v. 6, p. 266;
G.C. 621, 622. "Waaqayyo, warra biyya
Israa'eliin, "Ana barbaaddadhaa, jiraadhaas!"
• Filp. 4:6.Yemmuu eebba guddaadhaaf
waaqayyotti iyyannu Waan Waaqayyo nuuf
godheef yeroo hundumaa isa galateeffachuun
nuuf ta'a. T., v. 5, p. 317."Waan hundumaatti,
kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti is in
barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu
godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin
qabaatinaa!"
Kadhannaa maatii( Family Prayer)
• Mat. 18:19. Sagaleen Waaqayyo bakka
namoonni lama yookaan sadii kadhatanitti
kadhannaa isaanii deebisuuf gidduutti ni
argama. "Ammas isiniin nan jedha; isin keessaa
namoonni lama biyya lafaa kana irratti waa'ee
waan tokkootti walii galanii yoo kadhatan, abbaa
koo isa waaqa irraa biraa wanti isaan kadhatan in
kennamaaf. Iddoo namoonni lama yookiis sadii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 97


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti


isaan gidduutti nan argama" jedhe."
• Mat. 18:20.Akkuma maatiin lamaa fi isaa ol
kadhannaaf jilbeeffataniin waadaawwan argama
Waaqayyoo torban gaafachuun mirga isaaniiti.
T., v. 6, p. 357.
• HoE 2:46, 47. Waldaan miseensotni ishee
guyyaa guyyaan manasaaniitti kadhatan waldaa
yeroo hundumaa guddattuudha. "Guyyaa
guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti
deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena
cabsatanii, gammachuudhaan, garaa
qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in
nyaatu turan. Isaan Waaqayyoon in galateeffatan,
saba hundumaa durattis ayyaana argatan;
gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan
amantootatti in dabale."
• Uma. 12:7, 8. Abraham bakka jiraate
hundumaatti iddoo aarsaa kan maatii olkaase."
Waaqayyo yommus Abraamitti mul'atee, "Ani
biyya kana sanyii keetiif nan kenna" jedhe;
Abraamis iddoo Waaqayyo isatti mul'ate sanatti
iddoo aarsaa Waaqayyoof in ijaare. 8 Achii
immoo ka'ee gara biyya tulluun itti baay'atu isa
Bet'el irraa gara ba'a-biiftuutti argamu dhaqe;
godoo isaas Bet'elin gara lixa-biiftuutti, Aayin
gara ba'a-biiftuutti hambisee gidduu dhaabbate;

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 98


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

achittis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessu


ijaaree, maqaa Waaqayyoo waammate."
• Uma. 35:2-4.Yaaqoob maatii isaa
waaqeffannaa maatiitiif walitti isaan qabe. "
Kana irratti Yaaqoob warra mana isaa fi namoota
isaa wajjin turan hundumaan, "Waaqayyolii
ormaa kan qabdan of gidduudhaa baasaa, of
qulleessaa, uffata keessanis geddaradhaa! Kottaa
gara Bet'el in dhaqnaa! Ani achitti Waaqayyo isa
guyyaa rakkina kootti deebii anaaf kenne, karaa
koo hundumaatti anaa wajjin tureef, iddoo aarsaa
nan ijaara" jedhe. Yommus isaan waaqayyolii
ormaa warra isaan harka turan, amartii gurra
isaanii isa qorichummaadhaaf kaa'atanis, fidanii
Yaaqoobitti kennan; inni immoo qilxuu isa
Sheekemitti dhi'oo jiru jala in awwaale."
• Uma. 35:5. Maatii waaqeffannaatti amanamoo
ta'an ollaa isaaniitiin ni kabajamu. " Yeroo isaan
ka'anii adeemanitti, namni tokko illee akka isaan
hin hordofnetti, naasisuun Waaqayyoo
mandaroota naannoo sana turan hundumaa irra in
bu'e."
• Iya 24:15 Kiristiyaanni kamiyyuu akkuma
Iyaasuu anii fi mannikoo waaqayyoon ni
tajaajilla(waaqessina) jechuu danda'uu qaba.."
Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo
fakkaate garuu, waaqayyolii warra abboonni
keessan lagicha gamatti hojjechaafii turaniif

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 99


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

yookiis warra kan Amoorota isin biyya isaanii


keessa teessan kanaaf hojjettu yoo ta'e, har'a
eenyuuf akka hojjettan fo'adhaa!' Garuu anii fi
manni koo Waaqayyoof in hojjenna" jedhe."
• Iyob 1:5. Iyoob walitti fufiinsaan maatiisaatiif
aarsaa dhiyeesse."Yeroon nyaachisa isaanii
yommuu raawwatamu, Iyoob, ''Ijoolleen koo
yaada isaaniitti Waaqayyoon yakkanii, isa
arrabsaniiru ta'a'' jedhee waan yaaduuf, ganama
obboroodhaan ka'ee ijoollee isaa geessee, akka
lakkoobsa ijoollee isaa hundumaatti qalma
gubamu in dhi'eessa, isaan in qulleessas ture;
kanas yeroodhuma yerootti in hojjeta ture. "
• Erm. 10:25.Maatiiwwan waaqeffannaa maatii
hin qabne warra Waaqayyoon hin beekne waliin
bakka tokkotti ramadamu. M.H. 392, 393.
• Erm. 10:25.Imaanaan kan waaqayyoo
maatiiwwan akka ta‘utti waaqeffannaa maatii hin
qabne tokko tokko biratti nyaatamee dhumee
onaa taasifama." Sabni si hin beeknee fi gosi
maqaa kee hin waammanne, Yaaqoobin waan
nyaataniif, nyaataniis waan isa fixaniif, biyya
isaas raawwatanii waan onsaniif, ati dheekkamsa
kee isaan irratti dhangalaasi!
Eenyufa'if haa kadhannuu?
Moototaa fi warra aboo qaban hundumaaf, 1Xim.
2:2."Nagaatti gabitti akka namoota Waaqayyootti
jireenya ulfina qabu jiraachuu akka dandeenyuuf,

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 100


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

moototaaf, biyya bulchuu keessatti warra aboo


qaban hundumaafis akkasuma godhaa!"
Tajaajiltootaaf, 2 Qor. 1:11"Isinis waa'ee kanaaf
nuuf kadhachuu keessaniin nu gargaaruu in
dandeessu; namoonni baay'een gaarummaa inni
ittiin nu oolche kanaaf, nuuf jedhanii
Waaqayyoof galata guddaa in galchu."; Filp 1:19.
"Kun kadhata keessaniin gargaarsa hafuura Yesus
Kristosiinis gara hiikamuutti akka na geessu nan
beeka."
Waldaadhaaf,Far. 122:6"Nagaa Yerusaalemiif
kadhadhaa! Warri si jaallatan itti tolee gabiitti haa
jiraatan!"; Isa. 62:6, 7. "Yaa Yerusaalem, ani
kelloota mandara kee irra eegdota kaa'eera, isaan
halkanii fi guyyaa calluma hin jedhan; isin warri
waa'ee Yerusaalem Waaqayyo duratti dhi'eessitan
hin boqotinaa! Hamma Waaqayyo Yerusaalemin
deebisee jabeessee dhaabutti, hamma inni akka
isheen biyya lafaa irratti jajamtu godhutti,
boqonnaa isaaf hin kenninaa! "
Qulqulloota hundumaaf, Efe 6:18."Kadhataa fi
himata keessan hundumaa keessatti yeroo
hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa!
Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti
jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an
hundumaafis kadhadhaa!"
Namoota hundumaaf, 1 Xim. 2:1. "Ammas waan
hundumaa dura himannaan, kadhannaan warra
kaaniif dubbachuun, galata dhi'eessunis
Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka
godhamuuf nan gorsa."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 101


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Ijoolleef, Uma. 17:18"Abrahaamis Waaqayyoon,


"Ishmaa'el illee utuu fuula kee dura jiraachuu
danda'ee, in ga'a ture!" jedhe."; Mat.
15:22."Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko
naanna'aa biyya sanaatii dhuftee sagalee
guddaadhaan, "Ilma Daawit, gooftaa koo! Intalli
koo hafuura hamaadhaan qabamtee jirti, anaaf
maari!" jette."
Kan nu hojjechiisan(gooftolii) keenyaaf, Uma.
24:12-14."Hojjetichis, "Yaa Waaqayyo gooftaa
isa kan Abrahaam gooftaa kootii, ati har'a adda
anaaf kenni, Abrahaam gooftaa kootti gaarummaa
argisiisi! Kunoo, ani boolla bishaanii kana bira
dhaabachaan jira, durboonni warra mandara
kanaa bishaan waraabbachuuf ba'uuf jiru. Ani
durba tokkoon, 'Mee bishaanan dhugaa gomboo
kee gad anaaf qabi!' nan jedha; isheen immoo,
'Ati dhugi, gaalota kees nan obaasa' yoo anaan
jette, isheen kun ishee ati Yisihaq garbichaa keef
yaaddee qopheessite haa taatu! Kanaanis ati
gooftaa kootti gaarummaa argisiisuu kee nan
beeka" jedhe."
 Kan nuuf hojjetan(garboota) keenyaaf, Luqaas
7:2, 3. "Naa'oon angafa dhibbaa tokko, kan inni
baay'ee mararfatu, duraa dhukkubsatee du'atti
dhi'aatee ture. Angafichi waa'ee Yesus dhaga'ee,
inni dhufee naa'oo isaa akka isaaf oo1chuuf
maanguddoota Yihudootaa itti ergate."
 Michoota keenyaaf , Iyob 42:8, 10. "Kanaaf
amma tuntunoota torba, korbeeyyii hoolaa torbas
fudhadhaatii, gara garbicha koo Iyoob dhaqaa;

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 102


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isin ofii keessaniif qalma gubatu dhi'eessaa! Ani


sababii isin akka garbicha koo Iyoob waa'ee koo
qajeela hin dubbatiniif, akka gowwummaa
keessan isa yeellaasisaatti isiniif akkan hin
deebifnetti, garbichi koo Iyoob isiniif haa
kadhatu! Anis kadhata isaa nan dhaga'a" jedhe.
Kana irratti Eliifaaz Temaanichi Biildaad
Shu'aahichi, Zofaar Naa'imaatichis dhaqanii
akkuma Waaqayyo isaanitti dubbate in godhan;
Waaqayyo kana booddee kadhata Iyoob in
dhaga'e. Iyoob firoota isaatiif Waaqayyoon erga
kadhatee booddee, Waaqayyo qabeenya isaa
iddootti in deebiseef; wanti inni qaba tures dachaa
lama hamma ta'utti itti in dabalameef."
 Namoota biyya keenyaatiif Rom.
10:1."Obboloota ko! Yihudoonni akka fayyan
garaa koo hundumaan nan hawwa, isaaniifis
Waaqayyoon nan kadhadha."
 Kan dhukkubsataniif Yaq 5:14; T., v. 5, pp.
315, 443. "Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa?
Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu;
isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii
kadhata haa godhaniif. "
 Kan nu ari'ataniif, Mat. 5:44." Ani garuu isinittan
hima, diinota keessan jaalladhaa, warra is in
ari‘ataniifis kadhadhaa!"
 Diinota keenya gidduu jiraannuuf Erm 29:7."
Mandara ani akka isin booji'amtanii itti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 103


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

geeffamtan godhe, kanaaf nagaa barbaadaa,


Waaqayyoonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo
argatte isinis nagaa in argattu' jedhee dubbateera"
kan jedhuu dha."
 Kan nutti hinaafaniif. Seera Lakkoofsa 12:13."
Museen yommus gara Waaqayyootti iyyee, "Yaa
Waaqayyo! Maaloo ishee fayyisi!" jedhee in
kadhate.
 Kan nu dhiisanii sokkaniif , 2 Xim. 4:16."Gaafa
ani dura yaa'ii duratti dhi'aadhee falmadhe,
hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee
dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana
isaanitti hin lakkaa'in."
 Cubbuu gowwummaan godhameef, 1
Sam.12:23."Ani karaa isa gaarii fi isa qajeelaa
isin nan barsiisa; isiniif kadhachuu dhiisuudhaan
Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuun immoo ana
irraa haa fagaatu!"
Akkaataa dhaabbii(posture) yeroo
kadhannaa
•Far 95:6. Waaqayyoon Uumaa keenya duratti
ha jilbeenfannu."Kottaa in sagannaa gadis in
jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in
jilbeenfannaa!"
• Luq 22:41.Fayyisaan jilbeenfatee kadhate."Inni
hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii
fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture"

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 104


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• HoE 20:36. Phaawuloos jilbeenfatee


kadhate."Phaawulos kana erga dubbatee booddee,
hunduma isaanii wajjin jilbeenfatee Waaqayyoon
kadhate."
2 Sen. 6:13. Solomon walgahii sabaa dura
jilbasaatiin jilbeenfatee kadhate.
• Mat. 26:39. Fayyisaan dhiphina keessa
yemmuu ture addaan gombifamee
kadhate."Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin
gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo
ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu,
garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa
ta'u malee" jedhee kadhate."
• 1 Sen. 21:16. Daawit yeroo dhiphate fuula
isaatiin gad gombifamee kadhate. G.C. 156, 157.
"Daawit immoo ol ilaalee, ergamaa isa billaa
luqqifamee Yerusaalem irratti ol fuudhame
harkatti qabatee waaqaa fi lafa gidduu dhaabatu
tokko in arge; yeroo sanatti Daawitii fi jaarsoliin
uffata gaddaa uffatanii adda isaaniitiin lafatti in
gombifaman. "
• Iya 5:14. Iyaasuun fuulaan gad gombifamee
kadhate." Inni immoo deebisee, "Waawuu, ani
amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe"
jedhe; Iyaasuun immoo lafa ga'ee qoomma'ee
sagadeefii, "Yaa gooftaa ko ana garbicha keetti
maal himta?" jedhee isa gaafate."

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 105


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

• Lak. 16:20-22. Musee fi Aaron fuulaan


gadgombifamanii kadhatan."Waaqayyo
Museedhaa fi Aaroniin, "Ani battalatti akkan
isaan fixuuf isin warra walitti hidhatan kana irraa
gargar ba'aa!" jedhe. Museenii fi Aaron garuu
adda isaaniitiin lafatti gombifamanii iyyanii, "Yaa
Waaqayyo, gooftaa hafuura nama hundumaa!
Namni tokkichi cubbuu yoo hojjete ati immoo
guutummaa waldaatti dheekkamtaa ree?" jedhan."
• Mar 11:25. Namni tokko dhaabbatee
kadhachuus ni danda'a."Kadhachuuf yommuu
dhaabattan, abbaan keessan inni waaqa irraa
yakka keessan akka isiniif dhiisutti, nanmi tokko
waa isinitti yakkee yaada keessan miidheera yoo
ta'e dhiisaaf!"
• Isa. 38:1, 2 Hisqiyaas siree isaarra ciisee
kadhate."Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu
ga'ee ture; Isaayaas ilmi Amoz inni raajichi gara
isaa dhaqee, "Ati in duuta malee hin fayyituutii,
wanta mana keetiif abboomtu qoqqopheessi! siin
jedhe Waaqayyo" jedheen; yommus Hisqiyaas
gara keenyaniitti garagalee Waaqayyoon in
kadhate"
• Isa. 1:15. Kaan immoo harka bal'isanii
kadhatan."Yommuu isin harka keessan gara
kootti bal'iftanii kadhattan, ani immoo gara
keessan hin ilaalu; harka keessan keessa dhiigni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 106


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

waan guuteef, kadhata yoo baay'iftan iyyuu ani


isiniif hin dhaga'u"
• Far. 28:2. Abbaan Faarfannaa sun harka isaa
gara mana qulqullummaa waaqarraatti kaasee
kadhate . "Harka koo mana qulqullummaa kee
keessaa gara iddoo isa hundumaa irra caalaa
qulqulluutti, yeroon ol kaafadhu sagalee himata
koo isa ani gargaarsaaf sitti iyyadhu, anaaf
dhaga'i!"
• Faaruu 2:19.Akkaataan itti dhiyaanne waan
fedhe yoo ta‘es onneen keenya fuula
waaqayyoo duratti dhangala'uu qaba."Akka
eegdotaa yeroo yerootti dammaqiitii ka'ii iyyi!
Gadda garaa keetii Waaqayyo duratti gad jijjigsi!
Lubbuu ijoollee keetii warra beela'anii, walga'ii
karaa hundumaa irratti kukkufaniif harka kee gara
isaatti ol qabiitii isa kadhadhu!"
• Far. 66:18. Utuun irra,daddarbaa onnee koo
keessa,dhokfadhee gooftichi ana hin dhaga‘u
ture."Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun
yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa ana hin
dhaggeeffatu ture."
• Fak. 28:9. Namni gurrasaa dubbii Waaqayyoo
dhaga'uu irraa deebisu kadhannaan isaayyuu
ciigga'amaadha. "Yemmuu xiqqoodhuma
kadhattee si gammachiisu, lubbuu keetiin" Waan
si barbaachisu isa guddaa kan ati kadhachuu
qabdu ni jira" ittiin jechuu bari.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 107


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Hariiroo Sadan Waaqa Tokkichaa


Fi Bartummaa Gidduu Jiru

Waaqayyo abbaan bartuu dhugaaf maali?

 Waaqayyo abbaa isa waaqa irra jiruu dha. Mat 6:9.


 Waaqa waan hundumaa gochuu danda‗u. Luqaas 1:37.
 Waaqayyoo isa hafuura ta‗e, Yohaannis 4:24.
 Waaqa isa beekumsisaa dhuma hin qabne,Roomaa
11:33.
 Waaqa namoota hundumaa biratti beekame, Efesoon
1:17.
 Waaqayyoo isa jiraataa dha. 1 Xim 4:10.
 Waaqa isa murtii kennuu danda‗u, Yaaqoob 4:12.
 Waaqa jaalalaati.1 Yohaannis 4:16,
 Waaqa isa waan hundumaa danda‗uu fi iddoo hundatti
argamuu dha. Mul 1:8.
 Waaqayyoo isa jajamuu qabuu fi qulqulluu dha. Mul
4:8. Yesuus bartuu dhugaa dhaaf maali?
 Kan Yesuusiin arge abbaa isaa arge. Yohaannis 14:9,
 Yesuusiif abbaan tokko Yohaannis10:30,
 Abrahaamiin dura iyyuu kan ture dha.Yohaannis 8:58,
 Yesuus karaa, dhugaa fi jireenya dha. 14:6,
 Yesuus buddeena jireenyaati. Yohaannis 6:35.
 Yesuus ifa biyya lafaati. Yohaannis 8:12,
 Yesuus balbala ittiin olgalanii dha. Yohaannis 10:9,
 Yesuus tiksee gaarii dha. Yohaannis 10:11, Yesuus
du‗aa ka‗uu fi jireenya dha. Yohaannis 11:25,
 Yesuus muka Wayinii isa dhugaa dha. Yohaannis
15:1,
 Hafuurota hamoo irratti isa aboo qabuu dha. Maarqos
1:27.
 Yesuus ilma Waaqayyooti. Luqaas1:35.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 108


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Yesuus waaqa dha. Yohaannis 1:1-5.


 Yesuus Masihii isa dibamee dha. Yohaannis 4:25,26.
 Yesuus Abbaa murtiiti. Yohaannis 5:22.
 Yesuus Jireenya isa kennuu dha. Yohaannis 10:10.
 Yesuus Tiksee gaarii dha. Yohaannis 10:11.
 Yesuus daandii gara abbaa ittiin dhaqan isa tokkicha
dha. Yohaannis 14:6.
 Yesuus ogummaa isa kan Waaqayyooti. 1 Qor 1:21-
24.
 Yesuus mataa waldaa Kiristaanaati. Efesoon 5:23.
 Yesuus aangoo guddaa kan qabuu dha. Filiphisiyus
2:9-10.
 Yesuus uumaa dha. Qol 1:15,16.
 Yesuus amanamaa dha. 2 Xim 2:13.
 Yesuus abdii keenya isa deebi‗ee dhufuu dha. Tit
2:13.
 Yesuus cubbuu kan hin qabnee dha. Ibroota 4:15.
 Yesuus Qulqulluu dha. Ibroota7:26.
 Yesuus mootii barabaraati. Mul‗ata 15:3.
 Yesuus Hoolaa Waaqayyooti. Yohaannis
 1:29, Mul‗ata 21:22.
 Bartuu jechuun soogidda mi‗aawaa jechuu dha. Maate
5:13,14.
Yesuus inni bartuu isaa akka taanuuf
waamicha nuuf gochaa kan jiru
guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti
maal jedhamee beekama?
 Seera uumamaa keessatti sanyii dubartittii
 Seera ba‗uu keessatti Hoolaa Faasikaa
 Seera Leewwotaa keessatti angafa lubootaa
 Seera lakkoofsaa keessatti utubaa duumessaa fi utubaa
ibiddaa
 Seera keessa deebii keessatti raajii akka Musee isa
waaqayyo isaaniif kaasu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 109


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Macaafa Iyaasuu keessatti angafa loltuu Waaqayyooti.


 Abboota Firdii keesatti Ergaa Waaqayyoo isa deemu
dha.
 Macaafa Ruutiin keessatti fira aantii isa furu dha.
 1 Saamu‗el keessatti Luba amanamaa dha.
 2 Saamu‗el – Riqaa fayyinaati
 1 Moototaa – Solomoon irra kan caalu
 2 Moototaa– Mootii isa mo‗aa dha.
 1 Seenaa – Saanduqa Kakuu
 2 Seenaa – dhiiga teessoo araaraatti faca‗u
 Izraa – isa boojuu deebisuu dha.
 Naahimiyaa – Waaqa sodaachisaa fi dinqisiisaa
 Asteer – Mordekaayii keenya dha.
 Iyoob keessatti Furee du‗ee du‗aa ka‗e,
 Macaafa FaarfannaakeessattiMootii ulfinaa
 Macaafa Fakkeenyaa keessatti Michuu obboleessa
caalaatti nutti aanu
 Macaafa Lallabaa –isa jireenyaa fi hafuura kennu
 Weedduu Weedduu Caalu keessatti Michuu
Jaallatamaa
 Isaayaas – Bakka keenya bu‗ee isa dhiphate
 Ermiyaas keessatti Qajeelummaa keenya
 Faaruu Ermiyaas keessatti Gahee(qooda) sabaa
 Hisqi‗el – Bishaan jireenyaa
 Daani‗el – Jaarsa Barootaa
 Hoose‗aa –Bokkaa duraa fi bokkaa booddeeti.
 Yo‗el – Iddoo baqannaa saba Waaqayyooti.
 Amoos – Isa Israa‗eliin oolchu dha.
 Obaadiyaa – Furee Gaara Tsiyoon
 Yoonas – Fayyisaa du‗ee du‗aa ka‗ee dha.
 Miikiyaas keessatti Waaqa dhiifamaa
 Naahom –Guyyaa rakkinaatti iddoo baqaa
 Anbaaqom – Galaa amantii keenyaati.
 Seefaaniyaa keessatti Walakkeessa murtii fi
qulqulleessuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 110


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Haagee keessatti Tiksee hoolotaa isa rukutame


 Zakaariyaas keessatti Damee
 Milkiyaas – Ilma qajeelummaa qoochoo isaatti
fayyina baaatu
 Maatewos keessatti Mootii Yihuudotaa
 Maarqos – Garbicha Waaqayyoo
 Luqaas keessatti Ilma Namaa
 Yohaannis – Ilma Waaqayyoo
 Hojii Ergamootaa keesatti gooftaa samiitti ol bahee
dha.
 Roomaa keessatti qajeelummaa keenya dha.
 1 Qorontos keessatti angafa warra du‗aa kaafamaniiti.
 2 Qorontos- ilma Waaqayyo isa ol jedhe
 Galaatiyaa keessatti furee keenyaa fi isa seericha
fiixaan baasu
 Efesoon keessatti Mataa waldaa Kiristaanaati.
 Filiphisiyus keessatti maqaa maqaa hundumaarra
caalu dha.
 Qolosaayis keessatti isa du durii kaasee jiruu dha.
 1 Tasaloonqee keessatti Gooftaa keenya isa deebi‗ee
dhufuu dha.
 2 Tasaloonqee keessatti Abbaa Murtii keenya isa
deebi‗ee dhufuu dha.
 1 Ximootewos keessatti araarsaa keenya.
 2 Ximotewos keessatti isa gonfoo kennuu dha.
 Titos keessatti Waaqaa fi fayyisaa keenya isa guddaa
dha.
 Filemoon keessatti Abbaa Michuu yookaan hiriyaati
 Ibroota keessatti Kakuu haaraa keessatti gidduu
seenee kan araarsuu dha.
 Yaaqoob keessatti gooftaa ulfinaati.
 1 Pheexiroosiin keessatti Dhagaa golee qajeelchuu
dha.
 2 Pheexiroosiin keessatti Bakkalcha barii isa
Calaqqisaa dha.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 111


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 1 Yohaannis keessatti abukaattoo yoo cubbuutti kufne


nuuf dhaabbatuu dha.
 2 Yohaannis keessatti ilma Waaqayyoo isa foon
uffatee dha.
 3 Yohaannis keessatti inni dhugaa dha.
 Yihuudaa keessatti wabii amantootaaati.
 Macaafa Mul‗ataa keessatti gooftaa gooftotaa fi
mootii moototaati.
Hafuurri Qulqulluun bartuu dhugaadhaaf
maali?
 Yesuus cuuphaa hafuura Qulqulluutiin cuupha.Mat
3:11.
 Hafuura Qulqulluu irratti dubbachuun dhiifama hin
qabu. Mat 12:32.
 Kennaa raajii hafuura Qulqulluutu kenna. Maarqos
12:36.
 Waaqayyo warra isa kadhataniif hafuura isaa ni
kenna. Luqaas 11:13.
 Hafuurri Qulqulluun barsiisaa keenya. Yohaannis
14:26.
 Hafuurri qulqulluun qajeelchaa keenya. Yohaannis
16:13.
 Humna ittiin dhugaa baanu nuuf kenna. HOE1:8.
 Kiristaana kadhatu hundumaaf hafuurri Qulqulluun ni
kennama.HOE 2:38-39.
 Hafuurri Qulqulluun ija jabina nuuf kenna. HOE 4:31.
 Keessa keenya illee ni jiraata. Roomaa 8:11.
 Nu qulqulleessa. Rom 15:16.
 Ija Hafuuraa keenya nuuf bana. 1 Qor 2:10.
 Karaa amantii Hafuura Qulqulluu fudhanna.Gal 3:2-5.
 Kiristaanni geggeessaa Hafuura
 Qulqulluutiin jiaachuu qaba. Gal 5:16-25.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 112


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Kiristaanni Hafuuura Qulqulluu gaddisiisuu hin qabu.


Efesoon 4:30.
ERGAMA ISA GUDDAA
Luqaas 24:45-49,Mat 28:19-20 dubbisi.
Du‘a kiristoos booddee Bartootni (darasootni)
dukkana abdii kutannaatiin liqimfaman. Gooftaa
isaan abdatan tuffatameera,itti faradamee
fanniifameera. Lubootniif bulchitootni qoosaa
irratti labsan, ―inni namoota biraa oolcheera,ofii
isaa immoo oolchuu hindanda‘u. Inni mootii
Israa‘el erga ta‘ee , mee amma fannoo irraa gad
haa bu‘u,nus isatti ni amanna. Maat. 27:42.
Aduun abdii bartootaa duraa dhiitee,dukkanni
jabaanis onnee isaani irra buufate. Yeroo
baayyeedhaaf irra deddeebi‘anii akkas jedhan,
―Nuyi garuu kan Israa‘eliin furu isa,jennee
abdannee turre‖. Luqaas 24:21.
Qophummaadhaan utuu onneen isaan
dhukkubuu,jechoota isaa yaadatan, ― Egaa muka
jiidhaa ergaa akkas godhanii, muka gogaa
immoo attam godhinnu laataree?‖ jedhe. Luqaas
23:31.
Kiristoos yeroo baayyee wal‘aansoo fuuldura
bartootaa jiru banaa godhee isaanitti
himeera,garuu isaan waa‘ee waan inni dubbatee
dhimmaa hin godhanne. Sababii kanaaf duuti
isaa isaan dinqifachiise;kana booddee waan
darbe xiinxaluu yeroo eegalan firii amantii
dhabuu isaanii kan ta‘e gaddaan guutaman.
Yeroo kiristoos fannifame akka inni ka‘u hin
amanne turan.Isaanitti himee ture guyyaa
sadaffaattii akka du‘aa ka‘u, garuu maaliif akka

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 113


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

inni dubbate hubachuu hin dandeenye. Kana


hubachuu dhabuun isaanii immoo waa‘ee du‘a
isaa irrattii abdii malee akka hafan isaan
taasise.Abdii kutannaan isaanii baayyee hadha‘aa
ture. Amantiin isaanii gaaddiduu seexanni
kallattii maraan isaan dura diriirse uree darbuu
hin dandeenye. Waan hundumtuu kan hin
danda‘amneef iccita ta‘ee isaanitti mullate. Utuu
jecha kiristoos amananiiru ta‘ee, gadda meeqa
baraaramu turan. Abdii dhabuudhaan,gaddaan,
dhiphuudhaan cabanii utuu jiranii bartootni kutaa
olaanu keessatti walitti qabaman,ariitiin balbala
isaani cufatan, sababiin isaas, barsiisaa isaanii
inni qaqqabe carraan sun nuunis achitti nu
qaqqaba jedhanii waaan sodaataniif.Bakka kanatti
du‘a ka‘uu isaa booddee kan kiristoos isaaniitti
mul‘ate.
Du‘a isaa booda Guyyaa afurtamaaf kiristoos
biyya lafaa irra turee fuuldura isaanii kan jiru
hojiidhaaf isaan qopheessuuf waan isaaniif hin
hubatamne baayyee bartootaaf ifa godhe. Raajiin
kan dubbatame waa‘ee dhufa isaa ,Yihuudootaan
tuffatamuu isaa , waa‘ee du‘a isaa, wanti raajiin
waa‘ee isaaf dubbatame hundumtuu akka
raawwaate isaaniitti dubbate. Kana kan isaaniitti
dubbateefis raajiin dubatame akka raawwatu inni
godhe humni, nuufis hojii keenya fuulduratiif
humna abdii keenyaati jedhanii akka isaan
hubataniif ture. ―ergasii macaafa haa hubataniif
sammuu isaanii ibseef‖ ,Kiristoosichi
dhiphifamuuf, guyyaa sadaffattis ka‘uuf akka jiru,
yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 114


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

maqaa isaatiin yerusaaleemii jalqabee saba lafa


irraa hundumaatti akka lallabamuuf
jiru,caafameera, isiniis dubbii kanaaf dhuga
baatuudha‖. Luqaas 24:45-48.
Guyyoota inni isaanii wajjiiin dabarsee kana
kessaatti bartootni muxannoo haaraa ta‘e
argatan.Gooftaa isa jaallattan sana irraa waan
ta‘ee darbee ifa eertuu macafaan yommuu
dhaga‘an, hundeen amantii isaan yesuus irratti
qaban bu‘uureffame. ― ani eenyuuti akkan
amane beeka‖ 2ximootewos 1:12. Qixa jedhan
ga‘an. Bal‘innii fi bifti hojii isaaniitti kennamee
maal akka ta‘ee hubatanii , dhugaan karaa isaanii
biyya lafaatti labsamu arguuf qophaa‘an. Taateen
jireenya kiristoos,du‘uu fi du‘aa ka‘uun,
agarsiiftuun waan raajiin dubbatamee,dhoksaan
karoora fayyinaa, humni cubbuu dhiisuu
kiristoos. Kana hundumaaf dhuga baatuu akka
ta‘an, addunyaan akka beektu gochuu akka
danda‘aniidha. Karaa humna gooftaa keenya
kiristoos yesuusiin wangeela nagaaf, fayyinaa
yaada garaa geedderachuu labsan.
Kiristoos utuu gara abbaattii ol hin ba‘in
,bartootatti(darasootati) ergama kenne.
Qopheessitoota ykn hojjetoota abbaa cidhaa
ta‘anii biyya lafaa gara qabeeya jireenya bara
baraatti akka waamaniif isaanitti dubbate. Ana
bakka bu‘uudhaan isa aarsaa ta‘e jireenya koo
biyya lafaaf dhugaa ba‘aa isaaniin jedhe. Hojiin
Israa‘eeliif hojjedhe argitaniitu. Sabni koo gara
koo hin dhufne jireeyna akka qabaatuuf,
akkasumas lubootnif bulchitootni utuu na

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 115


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dhageeffatanii na tuffatan, Ilma Waaqayyoo


fudhachuudhaaf carraa dabalataa qabu turan.
Cubbuu isaanii himataa kan dhufan hundumaa
tola akkan isaan irraa fuudhe argitaniittu.
Gara koo kan dhufe hundumaa gad baasee hin
gatu. Bartoota koo !, isinittis ergaa araara kanan
isinitti kenna. Lachanuu ;Yihudii , Ormootaafis
…jalqaba israa‘eelotaaf,booddees saba hundaaf,
afaan,sanyii ykn gosa hundumaaf. Kan amane
hundumtuu waldaa tokkotti walitti haa qabamu.
Ergamni wangeelaa mootummaa Kiristoos
keessatti tajaajila beekamtii guddaa qabuudha.
Bartootni tajaajila onnee irra madde lubbuuf
oolchuu qabu, waamicha araraa hundumaaf
gochuu qabu. Namootni gara isaanii akka
dhufaniif eeguu hin qaban, ergaa fudhatan
qabatanii saba bira dhaquu qabu. Bartootni maqaa
kiristoosiin hojii isaanii fuulduratti deemsiisutu
isaaniif ta‘a. Jechaa fi gochaa isaanii hundumaan
ilaalcha si‘aawaa ta‘e maqaa isaaf
kennuudhaan,humna addaa kan qabu cubbamaan
akka ittiin fayyuutti. Isa madda humnaaf araaraa
ta‘e sana giddu galeessa amantii isaanii
godhachuutu isaaniif ta‘a. Maqaa isaan kadhata
isaanii abbaa isaanitti dhi‘eeffatu,deebiis argatu.
Maqaa Abbaa, Ilmaa , Hafuura Qulqulluutiinis
cuuphaman. Maqaan kiristoos isaaniif jecha
dhaadannooti , maqaan kiristoos waraqaa
eenyummaa isaanii mul‘isuudha, akka
cancalaatti kan tokkummaa isaanii walitti hidhu,
haboo gochaan isaanii ittiin mullatu,akkasumas
madda milkaa‘ina isaaniiti. Wanti maqaa isaa of

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 116


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

irraa hin qabne mootummaa isaa kessatti


beekamtii qabaachuu hin danda‘u.
Kiristoos bartoota isaan maqaa kootti kan amanan
hundumaa waldaatti walitti qabaa yeroo isaaniin
jedhe ,dhimma ergaa isaanii bifa salphaa ta‘een
dhi‘eessuu ilaalchisee ibsa ball‘aa ta‘e isaaniif
kenne. Gad kan of deebisee namummaa
mullisuun,dhiibbaa isaan geessisan gaarii akka
ta‘uuf bartootni bifa salphaa akkaataa kiristoo
isaanitti dubbateen akka dubbataniif. Barumsa
inni isaan barsiiseen isaaniis dhageeffatoota
isaanii irratti dhiibbaa akka godhaniif.
Kiristoos bartoota/Darasoota/ isaatiin hojiin
keessan salphaadha ittiin hin jenne. Humni
wallaansoo isaaniin qabu inni hammaa sun
ballatee, isaan marsee akka jiru isaanitti agarsiise
isa loluu qabu .. ―nuyi namoota foon uffatanii
wajjin wal‘aansoo wal qabna miti; garuu
humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban ,
warra bantii waaqaa kessaa biyya lafaa isa
dukkana kessa jiru kana seerratan, macca
hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa
jiraatanii wajjin wal‘aansoo wal qabna‖ Efesoon
6:12. Garuu qophaa isaanii akka lolaniif isaan hin
dhiifne. Isaanii wajjin akka ta‘u abdii isaaniif
gale;amantiidhaan yoo fuulduratti kan
tarkaanfatan ta‘e,gaachana isa hundumaa
danda‘uu sana jalaan socho‘u. Kan jajjabaataniif
,kan ciman akka isaan ta‘aanif isaan filee
ergamaa hundumaa irra jabaa inni ta‘e tokkichi
dursaa isaaniiti… innis dursaa loltoota samiiti.
Hojii itti wamaman keessatti ari‘atamuu ykn

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 117


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

wal‘aansoo isaan mudatu ofii isaa irra


kaa‘uudhaan,milkaa‘ina hojichaaf ofii isaatii itti
gaafatamummaa guutuu ta‘e fudhate. Hanga
sagalee isaaf abbomamaniitti,hanga isaa wajjiin
hojjetanitti raawwatanii hin kufan. Gara maccaa
ykn ardii dhaqaa jedhee isaan fo‘e. Gara iddoo
fagoo , andaara biyya lafaa bakka namni irra
jiaatu hundumaa dhaqaa, anis isinii wajjinan jiraa
jedhee waadaa isaaniif galee. Amantii fi ija
jabinaan hojjedhaa; yeroon an qophaatti isin
dhiisu tokko iyyuu hin jiru. Yeroo hundumaa
isinii wajjiinan jira, hojii keessan raawwaachuuf
isinan gargaara,isinan qajeelcha, isinan
jajjabeessa,isinan qulqulleessa, isinan oolcha,
ilaalchi namootaa gara samiitti akka harkifamuuf,
dubbii isin milkeessu isiniifan kenna.
Aarfamuun kiristoos qooda ilmaan namaa
raawwate guutuudha. Hojiin sirna aarsaa fiixaan
ba‘eera.Biyya lafaa irratti hojii raawwachuuf
dhufe raawwateera. Mootummaas fudhatee
Seexanaa harkaa fuudhuudhaan dhaala nama
hundumaa godhe. Gara teessoo abbaatti ol ba‘ee
ergamoota macca samiitiin kabajamuuf daandii
irra jira. Haboo daangaa hin qabnee gonfatee,
bartoota isaatti ergama kennee, ― Egaa dhaqaa,
maqaa Abbaatii fi Ilmaatti,kan Hafuura
qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba
hundumaa bartoota koo godhaa! ; waanan isin
abboome huundumaa eeguu isaan barsiisaa !
kunoo ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa
hundumaa isinii wajjiinan jira‖ isaaniin jedhe.
Maat. 28:19-20.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 118


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Kiristoo utuu bartootattii addaa hin ba‘in


akkaataa hundeeffama mootummaa isaa isaaniif
ifa godhee ture. Waa‘ee isaa kan kanaan dura
isaanitti dubbachaa ture akka yaadataniif
taasiise.Mootummaa yeroof jiraatu biyyaa lafaa
irratti hundeessuun kaayyoo isaa akka hin taanee
labse. Mootii biyyaa lafaa ta‘ee teessoo Daawwit
irratti akka moosifamuuf hin kaa‘amne. Bartootni
isa gaafatanii turan, ― yaa gooftaa, si‘a kana
Israa‘eeliif mootummaa deebiftaafii ree?‖
jedhanii gaafatan. Inni immoo, ―yeroo yookiis
bara Abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe,
beekuun isiniif hin kennamne.‖ Waan gara
fuulduraatti arguun isaaniif ta‘u mul‘ata, isaaniif
kennee malee, fagoo waan fuuldura isaani jiru
beekuun isaan hin barbaachiifne. Hojiin isaanii
ergaa wangeelaa labsuudha. Argamuun Kiristoos
inni qaamaan Bartootaa wajjin ture sun
isaanittii addaan ba‘uuf jedha,garuu humni
haaraan bu‘uuf jedhu sun kansaaniiti.Hafuurri
Qulquulluun safara malee guutuutti isaaniif
kenname,hojiichaaf isaan mallateesse. ―kunoo, isa
abbaan koo isin abdaachiise isiniif nan erga,garuu
akka nama uffannaa guutuu uffatuutti waaqa
irraa humna hamma argatanitti mandaricha keessa
turaa‖ Isaaniin jedhee. L uqaas 24:49.
―Yohaannis bishaaniin cuuphe,isin garuu guyyaa
baayyee utuu hin turin Hafuura qulqulluudhaan in
cuuphamtu‖ ― isin garuu , hafuurri Qulqulluun
yommuu isin irra bu‘u, humna in godhattu;
Yerusaaleemitti, Yihuudaa hundumaatti,
Samaariyaatti, hanga andaara lafaatti dhuga-

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 119


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

baatuu koo in taatu‖ isaaniin jedhe. H/


Ergamootaa 1:5,8.
Adda addummaan yaadaa isaan gidduu akka hin
jirre kiristoos beeka, ta‘us sababa , garaa jabate
baqsuu ykn kaabbaa biyya lafummaa fi
ofittummaa cabsuuf. Humna bu‘uu Hafuura
qulquulluu fudhachuu akka bartoota barbaachisu
Kiristoos beeka, wangeelli humnaan ka inni
lallabamu yoo onnee hoo‘eefi hidhiin beekumsa
jiraataa isa karaa, dhugaa fi jireenya ta‘e sana
qabaate qofa. Hojiin bartootatti kenname hojii
ga‘umsa guddaa gaafatu; oduun humna hamaa
gad- fagaataa fi isaaniitti cimaa adeema. Humni
hojii dukkanaa geggeessuuf dura bu‘aa ta‘e sun
dammaqee yeroo hordofu, duuka buutoota
kiristoosiif immoo qajeelummaatti ,gargaarsa
Waaqayyootiin, Hafuura Isaatiin,lolichatti
ba‘uutu kennamaaf.

Bartootni/Darasootni/ hoji isaanii yerusaaleem


keessaa akka jalqaban Kiristoos isaanitti dubbate.
Magaalattiin aarsaa dinqiisiisaa Kiristoos sanyii
dhala namaaf raawwatee keessatti bakka ykn
ilaalcha adda ta‘e qabdi. Bakka kanatti kan inni
namummaa uffate,namaa wajjin adeemee, namaa
wajjin dubbate, muraasni namootaa, attamitti
samii dhi‘oon biyya lafaa dhufe jedhan. Bakkuma
kanatti akka inni fannifamuuf itti
murtaa‘e.Yerusaaleem keessa Yesuus Masihii,
Yesuus nama Naaziireet ta‘uu isaa kan amanan
namootni muraasni turaniiru, akkasumas
baayyotni kan lubootaa fi bulchitootaan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 120


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gowwooman turaniiru. Isaan kanatti wangeellii


lallabamuu qaba. Gara yaada garaa
geedderannaatti waamamuu qabu.
Dhugaa dinqisiisaa, dhiifamni cubbuu argamuu
kan danda‘u Kiristoos qofaan akka ta‘e isaaniif
ifuu qaba. Yerusaaleem kessatti torbanoota
muraasa darban kessattii waan raawwate sana
utuu dinqiisifatanii, lallabni bartootaa dhiibbaa
isaan irratti uumuu danda‘e. Tajaajila bartootaa
wajjin godhe kessatti Kiristoos itti fufiinsaan kan
inni isaan duratti ofii isaatii eegee, isaa wajjiin
ta‘uudhaan biyyaa lafaa ykn ardii garbummaa
cubbuu jalaa fayyiisuudha. Yeroo kudha lama
godhee isaan erge boodas torbaatama,
mootummaa Waaqayyoo akka labsaniif ,waan isa
irraa baran kaanis barsiisuu akka qaban isaan
barsiise. Hojii isaa hunda keessattii tajaajila isaan
dhuunfaatti gochuu qaban isaan leenjisee,
lakkoofsi isaanii dabalaa akka deemeen daangaa
akka ballisan,andaara lafaa hamma ga‘anitti.
Barumsi xumuraa kan inni duuka buutota isaaf
kenne,kan isaan amanamummaan fudhatanii
ka‘an dubbii misiraachoo fayyinaa ture.
Kiristoosiif Yeroon gara abbaattii ol ba‘uu isaa
yeroo ga‘ee,hanga Bitaaniyaa ga‘utti bartoota
isaa geesse. Bakka sana dhaabbatee, isaaniis
isattii marsanii dhaabbatan. Harka isaa lachuu ol
fuudhees isaan eebbise,kunis wabii eegumsaa inni
isaaniif godhuudha ; suuta isaan irraa adda ba‘ee
gara samiitti ol ba‘e. ―utuma isaan eebbisaa jiruus
, isaan irraa gargar ba‘ee, gara waaqa keessaatti ol
fudhatame‖ Luqaas 24:51

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 121


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Utuma bartootni isaa corraa ifa gooftaasaanii


isa xumuraa arguuf ijaan samii keessa
ilaalanii,gammachuu ergamoota samiitiin
fudhatame. Utuu Ergamoota samiin marfamee
gara dhaddacha samii deemuutti jiranii, faarsaa
mo‘ichaa faarfatan, ―isin mootummoonni lafaa,
Waaqayyoof weeddisaa,goofticha
faarfannaadhaan jajadhaa!isa banttiwwaan
Waaqaa irraa, bantiwwaan waaqaa warra durdurii
keessa adeemuu faarfaadhaa! Kunoo inni sagalee
isaa, sagalee kakawwee isaa isa aangoo qabeessa
in dhageessisa; Waaqayyoo sodaatamaa fi
dinqisiisaa ta‘uun isaa mana qulquullummaa isaa
irraa in argama; inni waaqayyoo isa kan Israa‘eel,
inni humnaa fi jabina saba isaatiif in
kenna;maqaan waaqayyoo haa galateeffamu!
Faarsaa 68:32-34.

Bartootni utuma isaan karaa inni ol ba‘ee sanattii


ija hin buqqifatin,kunoo namoonnii uffata
adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabbatanii
―isin namoota Galiilaa ,maaliif dhaabbattanii
waaqa keessa ilaalaa jirtuu? Yesuus, inni isin
biraa gara waaqattii ol fudhatame kun, akkuma
amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti
immoo, deebi‘ee in dhufa‖ jedhaniin.
H/Ergamootaa 1:10-11.

Waadaan deebi‘ee dhufuu ilma namaa sammuu


bartootaa keessaa hin qabbanoofne ykn akka
ho‘etti jira. Akkuma Yesuus utuu ol ba‘uu
argan, akkasumatti deebi‘ee in dhufa, warra as

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 122


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

biyya lafaa irratti isa tajaajiluuf of kennan ofitti


fudhachuuf. Inni Sagalee walfakkatuun, ―kunoo
An yeroo hundumaa isinii wajjinan jira, hamma
dhuma baraatti,‖ isaaniin jedhe sun, baga nagaan
dhuftan jedhee gara teessoo mootummaa samiitti
isaan dhi‘eessa.
Akkuma sirna aarsaa mana qulquullummaa
keessatti lubni uffata lubummaa isaa of irraa
baasee lafa kaa‘u, uffata gad aanaa ( salphaa)
adii quncee talbaa irraa tolfame uffatee aarsaa
dhi‘eessuu, Kiristoosiis uffata isaa isa ulfinaa
lafa kaa‘uudhaan ,qaama namummaa uffatee
aarsaa qalmaa dhi‘eesse, Lubniis, hoolaan aarsaaf
dhi‘aatus isuma. Lubni akkuma tajaajila aarsaa
mana qulquullummaa iddoo qulqulluu –
qulqullootaatti raawwatee yeroo ba‘uu, uffata
lubummaa isaa uffatee saba oobdii ykn balbala
mana qulquullummaa keessa ta‘anii isa eeganitti
mul‘atu; akkasuma Kiristoos dhufa isaa
lammataatti uffata adii adii irra caalu uffatee
mullata, ― uffanni isaas miicciituun lafa irraa
akkas calaqqisiisuu akka hin dandeenyetti adii
calaqqisaa ta‘e.‖ Maariqoos 9:3. Ulfina ofii isaan
deebi‘ee dhufa, akkasumas ulfina abbaa isaan,
Ergamootni hundumtu daandii isaa irratti isa
duukaa hiriiru.
Egaa, waadaan Kiristoos bartoota isaaf galee
raawwachuuf jira, ―deebi‘ee nan dhufa gara
koottis isinan fudhadha‖ W/ Yohaanniis 14:3.
Warra isa jaallataniif isa eegatan, gonfoo ulfinaa
fi qaama hin duune uffachuuf jiru. Qulqullootni
du‘an awwaala isaanii keessaa ka‘u, lubbuun kan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 123


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jiran qulquulootni immoo isaanumaa wajjin


qilleensa keessatti gooftaa simu. Sagalee
kiristoos isa mi‘a sagalee meeshaa faarfaannaa
gurra namaan dhaga‘amu irra kan caaluun, akkas
isaaniin jedha, lolli keessan xumurameera. ― Isin
yaa warra abbaakootiin eebbifamtanii, kottaa !
Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii
jalqabee isiniif qophaa‘eetti galaa.‖ W/
Maatewoos 25:34. Kun Humna jabaa kan
bartootni deebi‘uu gooftaa isaanitti
gammadaniidha.
KENNAA HAFUURAA FI BARTOOTA
GOOFTAA
Mata dureen kun Yohaannis 14:16-17; Hojii Ergamotaa 2
irratti hunda‘a. Kirstoos yeroo bartoota/Darasoota/ isaa
Hafuura qulqulluu abdachiise tajaajila isaa biyya lafaa
xumuruudhaaf jedha. Gaaddisa fannoo jala dhaabbatee,
sagaleen nama cubbamaa inni guddisee dhaga‘aamu
akka baattuu cubbuutti isarratti labsamuuf akka jiru
hubateera. Akka hoolaa mudaa hin qabneetti utuu aarsaa
hin ta‘in fuula dura,waa‘ee kennaa isa baayyee
barbaachisaa fi isa guutuu,isa duuka buutota isaa kan
taa‘an irratti dhangala‘uuf(bu‘uuf) jiruu
bartoota/Darasoota/ isaatti himee ture. Kennichis iddoo
isaan dhaqan maratti isaanii wajjin kan jiru daangaa kan
hin qabne kennaa ayyaanaati. ―ani abbaa nan kadhadhaa,
inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf,kan biraa kan
isiniif dubbatu,isiniif in kenna. Inni isiniif dubbatu kun
hafuura dhugaati; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa
hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda‘u. Isin garuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 124


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

inni isinii wajjiin waan turuuf , isin keessas waan


jiraatuuf isa beekuuf jirtu.‖ W/yohannis 14: 16-17.
Kiristoos fayyisaan ,isa bakka isaa bu‘ee hojii guddaa
hojjechuudhaaf jiru waa‘ee dhufaatii Hafuura qulqulluu
argisiisuu isaati. Hamminni inni jaarraa hedduuf walitti
kuufamaa ture sun humna waaqummaa Hafuura
qulqulluutiin dhorkame.
Firiin bu‘u Hafuura qulqulluu guyyaa pheenxeeqoosxee
maal turee? Oduu misiraachoo inni ta‘e fayyisaan du‘aa
ka‘uun isaa kutaa addunyaa/ardii/ hunda irratti
lallabame. Bartootni(Darasootni) ergaa fayyina ayyaanaa
labsuuf akkuma ba‘aniin,garaan(onneen) isaanii humna
ergaa sanaa irrattii hirkate. Kallattii adda adda irraa
lubbuun amanan waldaatti dabalaman. Amantii isaanii
irraa warri teellaa deebi‘anis qalbii jijiiratan.
Cubbamootnis warra amananii wajjin ayyaana gati
qabeessa sana barbaaddachuutti dhufan. Warri macaafa
qulqulluu hadheeffatanii jibbanis sagalee macaafa
qulqulluutiif du‘uutti dhufan. Raajiin dubbatame bakka
ga‘e. ―ani Waaqayyoo guyyaa sanatti, namoota
Yerusaalem keessa jiraatan nan golbooba; isaan keessaa
inni dadhabaan illee akka Daawit nama jabaa in ta‘a;
sanyiin Daawit immoo akka ergamaa kootti, akka koo
akka Waaqayyoottis isaan in geggeessa‖ zakaariyaas 12:
8. Amantootni hundinuu obboloota isaanii irratti
mull‘ata jaalala Waaqayyoo fi fedhii gaarii argan. Fedhii
tokko qabaachuutu isaan irratti dhangala‘e;kaayyoo
tokkoof dorgomuu keessattis liqinfaman. Hawwiin
amantootaa amala Kiristoos mul‘isuu fi tajaajila
mootummaa Waaqayyoo baballisuu ta‘e.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 125


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

―Ergamootni s humna guddaa argiisiisuudhaan du‘aa


ka‘uu Gooftaa Yesuus dhugaa ba‘an; ayyaana guddaas
qabu turan.‖ Hojii Er. 4:33. Tajaajila isaaniitiin
baayyootni waldaa kiristaanatti dabalaman;warri sagalee
dhugaa sana fudhatan, nagaa fi gammachuu jireenya
isaanii guute namootaan ga‘uuf hojichaaf garaa isaanii
qulqulleessan . Kana gochuufis of hin qabne ykn hin
sodaatne. Waaqayyoo isaan keessaan dubbate, bakka
bakkatti akkuma deemaniin, hiyyeesotni lallaba
wangeelaa argatan, dinqiin(maalalleen) ayyaana
Waaqqayyoos isaan faana bu‘a ture.
Kanaafuu yeroo namootni to‘annaa Hafuura isaa jala of
galchan waaqayyoo isaaniin waan guddaa hojjechuu
danda‘a. Abdiin Hafuura qulqulluu baroota ykn
dhaloota kam keessati illee hin daangeeffamne(hin
yarfamne). Hordoftoota isaa kan ta‘an hundumaa wajjiin
humni Hafuura qulqulluu hamma dhumaatti isaanii
duukaa akka bu‘u, dhiibba akka gegeessu Kiristoos
dubbateera. Guyyaaa pheenxeeqoosxee tii eegalee
hamma ammaatti ,warra gooftaa irratti hirkatanii fi isa
tajaajilan hundumaaf inni isaan jajabeessu humni sun
isaaf in ergamaaf (in kennama) . Warra kiristoosiin akka
fayyisaa dhuunfaa isaaniti fudhataniif ,Hafuurrii
Qulqulluun akka gorsaa isaanitti, isaan
qulquulleessuutti, geggeessaa fi dhuga baatuu isaanittii
gara isaanii dhufa. Amantootni caalmaatti waaqayyoo
wajjin deemuuf hammuma gara isaatti siqachaa
deeman, caalchisanii jaalala fayyisaa fi waa‘ee fayyisuu
ayyaana isaatii humnaan dhugaa ba‘uu itti fufu. Dhiirriif
dhalaan jaarraa baayyeef ari‘amaa fi dhiphifamaa turan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 126


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

sun argamuu Hafuurra qulqulluu jireenya isaanii


keessatti ta‘ee yommuu argan gammachuu safara hin
qabne qabaatanii addunyaaf(ardiif) mallattoo fi
dinqii(malaallee) dhaaban. Namaa fi Ergamoota
duratti(afoottii)humna fayyiisuu jaalala isaa isa
jijjiirama fide sana mul‘isan.
Guyyaa pheenxeqoosxeetti humni oli kan isaan irratti
bu‘e namootni sun ,sana booda qorumsaa fi dhiphina
jalaa bilisa(walaba) ta‘uu hin dandeenye. Dhugaa fi
qajeelummaa akkuma dhugaa ba‘uu itti fufaniin , diina
dhugaa warri akka isaan muuxannoo kiristaanummaa
isaanii akka saamamu godhaniin marfamuun isaaniis itti
fufe. Humna waaqayyoo isaaniif kenneen dhiiraaf
durboota mootummaa kiristoos keessattii ijaaruuf
dirqama fudhatan. Ayyaana haaraa argachuuf guyyuma
guyyaatti waaqayyoon in kadhatu turan,hamma jireenya
isa guutuu safara qixxee hin qabneetti guuddatanii fi
guutuu ta‘anitti ture.
Hojii Hafuura Qulqulluu jalatti ,dadhaboota kan ta‘an
illee karaa shaakala amantii waaqayyoo irratti
qabaniin,akka qulqulla‘aniif, akka haara‘aaniif
kabajamaan amantii isaanii waqayyoo irratti cimsachuu
akka isaan barbaachisu baratan. Garaa(onnee) gad of
deebiseen dhiibbaa Hafuura Qulqulluu isa boca(bifa)
isaanitti gochuu danda‘u jala akkuma of taasisaniin,
guutu guutummaattii humna waaqa abbaa
fudhachuudhaan waaqayyoon fakkachuu bira ga‘aan.
Yeroon jijiiramuun Abdii Hafuura Qulquulluu isa
Yesuus bakka bu‘aa ofii isaa godhee isaan abdachiise

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 127


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

sana jijiiruu hin dandeenye. Yoo abdiin seename akka


raawwaatamuu qabutti guutummaattii hin mul‘annee
yoo ta‘ee, sababa waaqayyoo Badhaadhummaan ayyaana
isaa gara dachee akka hin dhufneef waaqayyoo ofii
isaatii daangaa itti godhe utuu hin ta‘iin sababii namni
eebba dhufe sana akka galateeffachuun ta‘uufii qabuttii
waan namni hin galateeffatin hafeef. Bakka
baarbaachisummaan Hafuura Qulqulluu dhimma xiqqaa
ta‘ee yaadamu hundatti,kan mul‘atu gogii hafuuraa,
jaamummaa hafuuraa, kufaatii hafuuraa fi hafuuratti
du‘uutu mul‘ata. Yeroo dhimmootni xixiqq Ergama
Duuka Bu‘ummaa:- ergamaa fi kaayyoo hangafa waldaa
kiristaanaati. Sababni isaas Waaqni kan nama itti ta‘e,
dhiiga isaa kan itti lolaaseef waldaan kiristaanaa
geggeessaa hfuura Qulqulluutiin kan itti hundeeffamteef
waamicha fayyina dhala namaa isa bu‘uuraati ijaa ta‘eef
namoota akka fayyan taasisuufi Waaqayyoo waliin
walitti araarsuuf wangeela misiraachoo kiristoosiin ta‘e
dhageessisuu fi miseensa waldaa kiristaanaa taasisuu,
warreen dhagahanis akka jabaatan hordofuu, warreen
badan barbaaduu fi deebisuuf kan taasifamu adeemsa
afuuraati. Mar.16:8,16-17, Yoh. 10:16, Maat. 28:19, Luq.
19:10. Dubartittiin warra Samaariyaa ergama kana
raawwatte Yoh. 4:33. Warri bittinnaa‘an jechasaa
lallabaa turuu isaanii Yoh. 8:4 irraa ni dubbisna.Aqiilaa
fi Phirisqilaan gumaacha Apholoosiif taasisaniiru.
HOE18:24 Namoonni Kanneen hundi kan nutti
agarsiisan duuka bu‘ummaan sadarkaa mataa isaa yoo
qabaatellee, ergama kiristaana kamiiyyuu ta‘uu isaati.
―Nama fuulduratti kan natti amane, anis samiitti abbaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 128


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

koo fuulduratti ittan amana; nama fuulduratti kan natti


yeella‘e anis anis samiitti abbaa koo fuulduratti ittan
yeella‘a‖ Maat. 10:32. Jechi Waaqummaa jedhu
kiristaana hunda kan ilaallatuudha.Kunis kan
raawwatamu sagalee Waaqayyoo waliin gahuuf
iddoodhaa gara iddootti socho‘uu, dhaloota hin amanne
gidduutti argamuu, iddoo itti dhalatanii fi jiraatan irraa
adda bahuun, hojii fi maatii jaalatan dhiisuun aarsaa
yeroon gaafatu simachuun aarsaa kanfaluuniidha.

PHEENXEQOOSXEE FI BARTOOTA
GOOFTAA
Luqaas 24:53; Hojii Erg.1
Bartootni gaara Ejersaatti gara Yerusaaleemitti akka
deebi‘aniin,namootni fuula miira gaddaa uffate,bita
galummaa fi mo‘amuu isaan irratti arguuf eegaa turan,
garuu gammachuu fi mo‘umsa isaan irratti argan.
Bartootni abdii isaanii citeef boo‘uutti hin jiran turan.
Du‘aa ka‘uu fayyisaa isaanii arganiiru, waadaa yeroo
inni isaan irraa adda ba‘e isaaniif galame sun itti fufee
gurra isaanii keessaa sagalee kennaa jira. Ajaja ykn
sagalee kiristoosiif abboomamuudhaan, Yerusaaleem
keessa turanii waadaa abbaan isaaniif gale bu‘uu Hafuura
qulqulluu eeggatan. Isaan hojii malee taa‘anii isa hin
eegne. Galmeen kan dubbatu ―gaafa hundumaa mana
qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo
galateeffachaa turan‖ Luqaas 24:53. Wal ta‘uudhaanis
waan isaan barbaachiisu maqaa Yesuusiin abbaa kadhatu
turan. Samiidhaa bakka bu‘aa akka qaban beeku, bakka
keenya bu‘ee teessoo Waaqayyoorra kan jirudha. Gadda

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 129


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

sodaa qabuun kadhataaf mataa gad-qabatanii, waadaa


galameef irra deebi‘an ―waanuma isin maqaa kootiin isa
kadhattan abbaan isiniif in kenna. Hamma ammaatti isin
maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa
gammachuun kessan guutuu akka ta‘uuf kadhadhaa, in
fudhattus!‖ isaaniin jedhe. W/ Yohaanniis 16:23-24.
Jabaa isa hundumaa danda‘u sanaa wajjin, irree amantii
ol ol kaasaa adeeman, ―Ergaa Kiristoos Yesuus du‘ee
kaafamee immoo , gara mirga Waaqayyootti argamee
Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru.‖
Roomee 8:34.
Bartootni raawwachuu waadaa isaanii eegaa akkuma
turan,dhugaatti garaa isaanii gad of
deebisuudhaan,amantii dhabina isaaaniitiifis qalbii
jijiirratan. Jecha isaa akka yaadataniif du‘a isaa fuula
dura kan Kiristoos isaanitti dubbate,sana hiikaa isaa
guutummaattii hubatan. Dhugaan isaan yaadachuu qaban
garuu kan sammuu isaaniitti hin yaadatamin hafe, amma
gara sammuu isaanii dhufee, kanas irra deebi‘anii walii
walii isaaniitti dubbatan. Fayyisaa isaanii dogoggora
hubachuu isaaniitiif of ceepha‘an. Toora tooraan jireenyi
inni jiraate akka daawwannaa ykn diraamaatti fuula
isaanii dura darbe. Qullaa‘ummaa isaatiin aagii akkuma
galan ,jireenya qulqulla‘aa jiraachuun yommuu isaanitti
dhaga‘amu,dhiphuu isaan hin injifanne hin jiru, aarsaa
ykn ciincaan kaffaluun isaanitti ulfaatu hin jiru,kana
gochuu kan isaan danda‘an yoo jireenya isaanii keessatti
dhuga ba‘umsa amala yesuus isa jaallatamaa qabaatan
qofaadha. Utuu carraa waggaa sadan dabarsan sana irra
deebi‘anii kan argatan ta‘ee, isa duraan hojjetan caalaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 130


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gochuu dandeenya jedhanii yaadan. Deebi‘anii gooftaa


isaanii arguuf carraa dabalataa utuu argatanii hagam
akka isa jaallatan garaa isaaniirraa kaasanii isatti
mul‘isuuf in fedhu turan,akkasumas jechaaf,
gochaadhaan, isatti amantii dhabuu isaaniitiin isa isa
gaddisiisaniif gadda garaa isaanii irraa madde gadduuf
turan. Garuu akka isaaniif dhiifame yaadachuudhaan
jajjabaatan. Garuu jabaatanii hanga danda‘an amantii
dhabina isaaniitif ciincaa/ aarsaa kaffalanii qalbii
jijjiirrachuuf murteessan.
Bartootni jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti
namoota itti dhi‘aatan hundatti dhugaa ba‘uuf ga‘umsa
akka argataniif, dubbii isaaniitiin cubbamaa gara
kiristoosittii fiduu akka danda‘aniif dhimmanii kadhatan.
Adda addummaa gidduu isaanii jiru dhabamsiisanii, isa
dursu qabu tokkummaa irra fedhii isaanii
godhachuudhaan kiristoositti tokko ta‘uutti dhufan.
Waaaqayyotti dhi‘aachaa , dhi‘aachaa dhufan, kana
gochaa akkuma deemaniin,jireenya isaaniitiin
kiristoositti siqachuu yoo eeyyaman,carraa attamii akka
qaban hubachuutti dhufan. Isa hubachuu dadhabuudhaan
isa isa gaddisiisaniif garaan ykn onneen isaanii
gaddaan guutee,gaarii isaaniif gochuuf isa inni isaan
barsiise barumsa hubachuu isaan dadhaban; isaan
hubachiisuuf yaalii godhe.
Guyyaan qopha‘aa turan sun guyyaa itti gadi fageenyaan
onnee/ garaa ofii itti qoran ture. Hafuurri akka isaan
barbaachisu yeroo isaanitti dhaga‘ame bartootni, lubbuuf
hojjechuuf kan isaan dandeessisu humna argachuuf

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 131


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gara gooftaa isaanitti iyyan. Ofii isaanii qofaaf


eebbifamuuf hin gaafanne. Ba‘aa fayyina lubbuu ilmaan
namootaatu isaanitti ulfaate. Wangeellii adduunyaatti
lallabamuu akka qabu hubatanii,humna kiristoos isaan
abdachiise kansaanii godhanii lakka‘atan.
Bara abbootaa keessa Hafuurri Qulqulluun mallattoo
adda ta‘een bakka murtaa‘eetti mul‘atee dhiibbaa
geggeessaa ture. Garuu guutuu guutummaatti miti.
Amma garuu dubbii waaqayyootiif abbomamuudhaan,
bartootni kan isaan tumsu humna argatan akka kennaatti
fudhatan,dabalataanis kiristoos hojii araarsuu isaa samii
irratti itti fufe. Hafuura qulqulluu akka kennu,saba isaa
irrattis akka dhangala‘u dubbate.―Guyyaan
pheenxeqoosxee yeroo ga‘e , hundinuu iddoo tokkotti
walitti qabamanii turan. Dingatas huursaan waaqa irraa
sagaleen waaqarraa akka bubbee bubbisuutti
dhaga‘amee, manicha isaaan keessa jiranis guute.‖
Hafuurri warra isa eegaa turan irratti bu‘ee,kadhatni
barootni qabaatanis guutummaatti garaa /onnee
hundumaa bira kan ga‘u ture. Inni dhuma hin qabne
tokkichi sun humna ofii isaan waldaa isaatti humnaan
mul‘ate. Baroota keessatti humni of qabuu irratti
dhiibbaa godhu akkasii utuu tureera ta‘ee jedhamee
hawwamaa ture;amma garuu hafuurri ayyaana isaa inni
irraa hafaan sun yeroo waldaa isaa irratti dhangala‘u
samii irratti gammachuu guddaatu ta‘e. Akkasumas
dhiibbaa Hafuura qulquulluutiin ,jechoota obsa qabanii
fi qalbii jijirrannaa kan mul‘isu faaruu galataa haa hafuu
cubbuu isaaniif dhi‘eessan. Jechoota galataa fi raajiitu
dhaga‘ame. Samiin hundumtuu isa ogummaa isaan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 132


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

wanti gitu hin jirree sanaaf, sagaduudhaaf gad jettee,isa


hubachuun isaa namaaf hin dandaa‘amne jaalala isaa isa
sanaafis. Maalallee gudda isaanitti ta‘e, bartootni akkas
jedhanii ibsan,‖ as keessa kan jiru ilaalaa‖ kennaa sanas
fudhatan. Kan itti aanu maali? Billaan Hafuuraa
hidhannoon inni haaraan ifa samiitiin haguugame sun
amantii dhabuu isanii,sanaaf daandii isaan duraa cire.
Kumaatama kan ta‘an namootni guyyaa tokkotti amanan.
Dhugumaan isinitti hima , yoon adeeme isiniif
wayya;yoon adeemuudhaa baadhe inni isiniif dubbatu
gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqee garuu isa
isiniifan erga.‖ ―Hafuurri dhugaan sun yommuu dhufu,
garaa dhugaa hundumaa keessaatti isin in geessa;inni
waan dhaga‘u dubbata malee, of keessaa fuudhee in
dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul‘isa.‖
W/Yohaannis 16:7,13.
Kiristoos gara samiitti ol ba‘un isaa agarsiiftuu
hordoftootni isaa waadaa eebba isaaniif galame
fudhachuu isaanii kan argisiisuudha. Kanaaf hojii isaanii
utuu hin jalqabin isa eegaa turan. Kiristoos balbala
samiitti yeroo ol darbe ergamoota samiin kabajamee
teessoo ulfinaa irra taa‘e. Lallabni achi ta‘u erga
xumuramee Hafuurri qulqulluun dachaa bartoota irratti
dhangala‘e. Kiristoos in kabajame,barootaa eegalee isa
ture ulfina abba isaa wajjin qaba ture sanatti. Bu‘uun
Hafuura qulqulluu guyyaa Pheenxeqoosxee, fayyinni
qulqullootaa galma akka ga‘e kan mul‘isu labsamuu
isaatiif haasaa ykn dubbii samiin taasiseedha. Akka
abdachiisuu isaatti duuka buutota isaaf Hafuura
qulqulluu ergee akkuma dubbatame, akka lubaa fi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 133


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

mootiitti haboos fudhatee waaqaaf lafarratti, saba isaa


irraattis moosifame. ―Arraba ibiddaa kan fakkaatan
isaaniitti mul‘atan,gargar tamsaa‘aniis, wanti akka arraba
ibiddaa kun tokkoon tokkon isaani irra taa‘an. Yommus
hundumti isaanii Hafuura qulqulluun guutaman; akka
hafuurri dubbachuu isaaniif kennetti, afaan garaa garaa
dubbachuu jalqaban.‖ Namoota achitti wal ga‘an
sanarratti kan bu‘e Hafuurri qulqulluun akka arraba
ibiddaatti ibsame. Mudaa kan hin qabne kennaa
bartootaaf kenname,kan akka isaan afaan sirriitti
dubbatan isaan taasisu ,sichi kan isaan beekuuf jiran isa
dur beekan irra kan caalu humna isaan taasisuudha.
Mul‘achuun ibidda hinaaffaa hojii wangeelaaf kan
bartootni humna sanaan hojjechuuf qophaa‘oo ta‘uu
isaanii argisiisa. ―Yihuudootni waaqayyoon sodaatan
Yeruusaaleem kan jjiraatan , saba irra lafaa hundumaa
keessaa kan dhufan turan.‖ Yihuudotni jaarraa
tatamsa‘uu keessatti kutaa addunyaa hunda keessatti
tamsa‘anii yeroo turan , biyya boojuun turan keessatti
afaan adda addaa dubbachuu baran. Baayyee yihuudotaa
yeroo sana amantii isaanii ayyaaneeffachuuf bakka
sanatti argamanii turan,ayyaannichi deemsifamuutti jira
ture. Afaanni dubbatamu hundumtuu bakka wal- ga‘an
sanatti namoota argaman sana waliin achitti argameera.
Garagarummaan afaanii wangeela labsuudhaaf gufuu
guddaa ta‘era;kanaaf waaqayyoo maalallee adda ta‘een
waan bartootatti dadhabbii ta‘e kanaaf tumsa ykn
gargaaarsa adda ta‘e isaaniif godhe. Umurii isaanii
guutuu keessatti xumuruu , kan isaan hin dandeenye,
Hafuurri qulqulluun isaaniif hojjete. Amma daangaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 134


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

darbanii wangeela hojjechuudhaaf in danda‘u, afaan


warra tajaajilanii sirriitti dubbachuudhaan. Ergamni
isaanii mallattoo samii of irraa qabaachuu isaaf, kennaan
maalalchiisaan kun biyyaa lafaatiif ykn ardiidhaaf ragaa
qabatamaadha. Yerosii eegalee afaan bartootaa sirriitti
kan qajeele, salphaatti kan hubatamu fi hiikka sirrii kan
qabu, afaan dhalootaas ta‘u kan lammii alaa sirritti
dubbachuu danda‘an. Sagaleen isaanii kun yeroo daangaa
ce‘ee dhaga‘ameetti,baayyeen walittii qabamaniiru
waan ta‘eef rifatan. Sababiin isaas utuu isaan
dubbatanii hundumtuu afaan afaan isaaniitiin utuu isaan
dubbatanii waan isaan dhaga‘aniif. Hundumti isaaniis
na‘anii dinqifatan/malalchiifatani/akkanas waliin jedhanii
warrii dubbachaa jiran kun hundumtuu galiilota
mitimoo? Jedhanii gaafatan. Dabalaniis tokkoon
tokkoon keenya attamitti afaan itti dhalanneen isaan
dhageenya?‖
Lubootniif bulchitootni malallee adda mul‘atee kanaaf
baayyee aranii dheekaman,garu miirri jallinaa isaan
keessa ture utuu bakkeetti hin ba‘iin haguugamee hafee,
sababiin isaas akka seera cabsituuttii sabni waan isaan
fudhatuuf of mull‘isuu sodaatan. Yesuus nama
naaziireet sana kan isaan du‘attii dabarsanii turan;garu
garbootni isaa warrii barnoota hin qabne namootni
Galiilaa, sun afaan dubbatamu hundumaan waa‘ee
jireenya isaaf tajaajila isaa nama hundatti dhugaa ba‘aan.
Lubootni waa‘ee humna dinqii (maalallee)bartoota irratti
ta‘ee sana taatee uumamaa naannotti beekaniin wal
qabsiisanii hiikoo itti kennuuf yaalanii turan,isaan kun
daadhii jabaa wayinii ayyaanichaaf qophaa‘ee dhuganii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 135


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

quufaniiru ittiin jedhan. Sabni hin baratne muraasni achi


turan waan jedhame sana akka yaada dhugaa ta‘ee
dhi‘aateetti hubatan, warri qaroon ykn hubatoo ta‘an
garuu yaada sobaa ta‘uu isaa adda baasanii
hubatan;warri afaan addaa addaa hubachuu danda‘an,
bartootni afaan sirriitti dubaatanii itti fayyadamuu isaanii
dhugaa ba‘an.
Himata lubootni dhi‘essaniif Pheexiiroos deebii akkas
jechuudhaan ibse, inni asitti ta‘ee kun garuu ,waan
waaqayyoo afaan rajicha Yo‘eeliin dubbatee dha, humni
hojii adda ta‘e kanaaf ga‘umsaan nama dhaabuu namoota
irraatti bu‘uuf akka jiruu himameera. ― isin yaa warra
Yihuudootaa, warrii Yerusaalem jiraatanis hundinuu,
mee hubadhaa, dubbiin koos isinif haa galuu,; jarreen
kun kan machaa‘an isinitti hin fakkaatin, amma ganama,
yeroonis sa‘aatii sadaffaadha. Inni asitti ta‘ee kun garuu
waan waaqayyoo afaan raajicha Yo‘eeliin
dubbateedha;guyyaa gara dhumaatti akkana in ta‘a jedha
waaqayyo, foon qabeessa hundumaaf hafuura koo nan
kenna,ilmaan kessaniifi intalootni keessan raajii in
dubbatu;dargagootni keessan mul‘ata in
argu,maanguudootni keessan abjuu in abju‘atu, hojjetota
koo warra dhiiraa fi dubartiidhaaf hafuura nan keenna,
raajiis in dubbatu.‖
Pheexiiroos; Ifaatti humnaan waa‘ee du‘uu fi du‘aa
ka‘uu kiristoos dhugaa ba‘e. ― isiin yaa warra
Israa‘eel,dubbi kana dhageeffadhaa,waaqayyoo harka
Yesuus nama naaziireet kanaan,hojii aangoo isaa
dinqiidhaa fi milikita garaa garaa kan isin beektan, isin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 136


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhee;isin


immoo harka ,warra seera waaqayyoo hin
eegneetiin,muka irratti fanniftanii isa
ajjeeftan;waaqayyoo garuu hidhaa du‘aattii hiike; inni
harka du‘aa jalatti qabamee turuu waan hin
dandeenyeef,du‘aa isa kaase.‖
Pheexiroos gita ofii isaa ibsuu hin barbaanne,sababni
isaa garaa garummaa( yihuudootaa fi kiristoos gidduu)
waan tureef barsiisi inni kennu sun jireenya in tuqa
jedhee hin amannee waan ta‘eef. Qooda isaa ,waa‘ee
Daawwiit isa Yihuudootni akka hidda dhiiga abboota
isaanitti beekanii dubbate. Akkas jedhe ―Daawwit
waa‘ee isaatiif ,yeroo hundumaa goofticha fuula koo
durattaan ilaala, akka ani hin soochooneefis inni gara
mirga koo jira; kanaaf garaan koo gammadee, arrabni
koos in iliilcha; foon koos abdii keessa in buufata;
lubbuu koo iddoo warra du‘aniitti hin dhiiftu, dhuunfaa
kees tortooratti dabarsitee hin kennitu…‖
Yaa obboloota ko, waa‘ee Daawwit abaabilii keenyaa
mull‘inattii isinitti himuu nan jaalladha;inni du‘eera
awwalameeras, awwaallii isaas hamma har‘aatti iyyuu nu
bira jira.‖ ― Inni …. Kanaaf duraan dursee argee,
waa‘ee du‘aa ka‘uu kiristoosiif, Inni iddoo warra
du‘aniitti hin dhiifamne,foon isaas tortooratti hin
kennamne jedhee raajii dubbate. Yesuus kana
,waaqayyoo du‘aa kaaseera; nus hundumti keenya isa
kanaaf dhuga baatuudha.‖
Haalli iddoo sanaa baayyee hawwataadha. Dhugaa akka
kiristoos keesa jirutti bartootaa irraa dhaga‘uuf sabni

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 137


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kallattii adda addaa irraa dhufe. Daandii ykn karaas


dhiphisanii manni sagadaa hamma guututti. Lubootnif
bulchitootni biyyaas achi turan. Hamminni inni fuula
isaanii gurraachesse sun amma iyyuu fuula isaani irra
jira,garaan ykn onneen isaanii akka jibba kiristoosiin
guutetti jira,harki isaaniis inni Kiristoos isa fayyisaa
ilmaan namaa ta‘e fannise sun ,akka xuraa‘etti jira.
Dhiibbaa harka warra isaan cunqursaniitii fi
ajjeesaniitiin bartootni of jibbanii argamuu isaanii eegaa
turan,garuu sodaa hundumaa ol ta‘anii, Hafuuraanis
guutamanii,humna waaqummaa Kiristoos nama
Naaziireet sanaa labsan. Ija jabinaan sagalee
isanii(bartootni) ol fuudhanii waa‘ee isa gad of deebise,
isa leeyyoo baate, isa harka hamootaan reebame,fi
fannifame, mootii jireenyaa isa ta‘e,amma gara harka
mirga waaqayyootti kan ol fudhatamee sana utuu isaan
labsanii dhaga‘aan.
Warra bartoota dhageeffatan sana keessaa muraasni
warra akka kiristoosittii duuti murtaa‘uuf akka inni
du‘uuf si‘eessan keessatti hirmmaannaa godhaniidha.
Sagaleen isaanii warra fannisi,fanniisi jedhanii jeequmsa
kaasan sanatti makameera. Yeroo Barbaanii fi Kiristoos
galma murtoo keessatti fuula isaanii dura dhaabbatanii fi
Phiilaaxoos ― eenyuun akkan isiniif gadi dhiisu
barbaaddu?‖ jedhee isaan gaafate, isaan itti iyyanii, ― isa
kana miti, Barabbaa malee‖jedhan. W/Maatewos 27:17,
W/Yohaannis 18:40. Philaaxoos yommuu isaanitti
dhi‘eesse, isin ofii kessanii fuudhaatii isa fanniisaa , ani
daba tokko illee isa irratti hin argine‖ ;ani dhiiga nama
kanaa irratti yakka hin qabu isi beekkadhaa‖ jedhe.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 138


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Iyyaniis ―dhiigni isaa nurra, ijoollee keenya irraas haa


barbaadamu‖ jedhan. w/ Yohaannis 19:6, w/ Maatewoos
27:24-25.
Amma yeroo lallaba bartootaa dhaga‘an ,inni fannifame
sun ilma Waaqayyoo akka ta‘e hubatan. Lubootnii fi
bulchitootni in raafaman(ni hollatan). Yaada garaa
gedderamee fi gaddaan sabni akkas jedhe. Waraansi
onnee isaani utuu isaan dhukkubuu,Pheexiroosii fi
bartoota warra kaaniin akkas jedhan, ― obbolota nana !
maal goonu?‖ warra isaan dhageeffatan keessa
Yihuudotni waaqayyoon sodaataan amantii isaanittii
jaboo kan ta‘aan turaniiru. Humni nama dubbatu sana
tumsaa jiru Kiristoos dhugaadhumatti Masihii ta‘u isaan
amansiise.
―Pheexiroos akkas isaaniin jedhe ,qalbii diddiiradhaa
,isin kessas hundinuu adda addaan maqaa Yesuus
kiristoosittii haa cuuphamu dhiisuu cubbuutiif , ayyaana
Hafuuraas in argattu, abdichi isinifi‘o , ijoollee keessaniif
fagoos kan jiranuu hundumaaf,baayyataniis gooftaan
akka isaan waametti.‖
Pheexiiroos mana namoota amananii turuudhaf isaan
kadhate,sababni isaas isaas lubootaaf bulchitoota biyyaan
gowwoomfamanii waan turaniif Kiristoosiin warra
ganan turan;kanaafi namoota akkasii irraa gorsa eeguu
yoo itti fufan , carraan isaan eggatu Kiristoosiin utuu hin
galateeffatin , akkasumas utuu isa hin fudhatin hafuu
ture. Namootni humna qabeeyyiidha jedhaman kun
yaada isaniitti maqaa waaqeessuu,fedhii
duroomuu(sooruma) biyya lafaa fi ulfina barbaadu ture.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 139


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Kiristoos bira dhufanii ifa fudhachuuf fedhii hin


qabaannee.
Dhiibbaa ifa samiitiin ifti dubbii heertuu Macaafa
qulquulluu kan Kiristoos bartootaaf kennee ture dhugaan
sun fuula isaanii dura ifee dhaabbate. Keenyan
(girgiddaan) raawwii ykn xumuraa akka isaan hin
argineef isaan ittise sun amma iddoodhaa
dhabamsiifameera,ergamaa fi kaayyoo mootuummaa
Kiristoos sirritti gara hubachuutti dhufan. Humna
waaqayyootiin akkuma dubbatan; warra isaan
dhageeffataniif karoora fayyinaa labsan,baayyotni qalbii
jijiiratanii amanan. Akkasumaan kan ta‘e ykn kan hin
faayidaa hinqabne duudhaa (aadaa) isa lubootni dur irra
deddeebiidhaan gochaa turan sun sammuu isaanii
keessaa haxa‘aamee,barsiisi Kiristoos Yesuus
fudhatame.―Isaan keessaas dubbiisaa gammachuun kan
fudhatan cuuphamanii,guyyaa tokkichattis lubbuun
kumni sadii cuuphaman.‖ Geggeesitootni Yihuudotaa
du‘uu Kiristoosin hojiin isaa ni dhaabbata se‘an; garuu
qooda isaa guyyaa Pheenxeeqoosxee dhuga ba‘umsa
maalalchiisaa addaatu ta‘e. Utuu bartootni Hafuuraan
guutamanii ,humna hin dubbatamneenis
lallabanii,dubbiin isaaniis milikitaaf dinqii(maalalleen)
utuu deggeramuu dhaga‘an. Yeruusaaleem ,Yiihudaa kan
jiraatan hundumtuu ifaaf ifatti Yesuus nama Naazireet
Masihii sanatti amanachuu isaanii labsan. Bartootnis
makara (sassaabbii) lubbuu baayyee kanaaf
dinqisiifatanii gammadan. Sassabbii ykn makara kana
akka firii dadhabbii isaanitti hin lakka‘anne;kan namni
biroon itti dadhabe (dafqe) ta‘uu hubatan.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 140


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Addaamii eegalee ,Kiristoos sanyii dubbii isaa, garaa


namootatii facaasuu adaraa(imaanaa) namootattii kennaa
ture. Jireenya isaa biyya lafaa keessatti dabarse kessatti,
Kiristoos sanyii dhugaa dubbii isaa facaase dhiiga Isaas
akka bishaaniitti obaase. Guyyaa Pheenxeeqoosxeetti
lubbuun gara Kiristoosittii deebi‘ee sun firii yeroo sana
faca‘eedha, makarri(sassaabbiin) hojii Kiristoos humna
barsiisa isaa mul‘ise. Wal falmiin bartoota waliin
taasifame sun qofti ifaa fi quubsaa,ta‘uu utuu baatee
,dhiphummaan sammuu isaan dura dhaabbatee ture sun
isaan duraa maquu hin danda‘u ture? Garuu Hafuurri
qulqulluun gara mana warra isaaniin falman sanaa
dhaqee garaa isaanii irraan dhiibbaa geesise. Dubbiin
bartootni dubbatan akka xiyya humna waaqaan qara
ba‘ee,cubbuu rifaasiisaa isa gooftaa ulfinaa tuffatanii fi
fannisan sanaaf akka gaabban isaan taasise.
Leenjii Kiristoos isaaniif kennee kessaatti Bartootni
Hafuurri qulqulluun akka isaan barbaachisutu isaanitti
dhaga‘ame. Barsiisa Hafuura qulqulluu jalatti ga‘umsa
isa xumuraa argatanii, hojii gutuummaa jireenya isaanii
hojjetanitti ba‘an. Kan hin baratin,kan hin bilchaatiin
jedhamuun isaanii hafeera. Jireenyi dhuunfaan socho‘u,(
ofitti amanuu),adda addummaan, walitti bu‘iinsis isaan
gidduudhaa hafeera. Guddummaa biyyaa lafaa(ardii)
abdii ofii godhachuunis isaan keessaa hafeera. ― Kan
amanan hundumaafis garaan tokkichi; lubbuun tokkichiis
ture; tokkollee waan qabu keessaa kun horii kooti kan
jedhu hin turre. Hundumtinu isaani hiriyoota saaniifis
walumatti ture male.‖ H/Erga. 2:46; 4:32. Kiristoos
yaada isaanii guute; mootummaa isaa baballisuunis

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 141


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kaayyoo isaanii ta‘e. Sammuu fi amalaan akka gooftaa


isaanii ta‘anii argaman, namootnis ― Yesuusii wajjiin
turuu isaanii hubatan.‖ H/Erga. 4:13.
Pheenxeqosxeen ifa samii isaaniif fide. Dhugaa yeroo
Kiristoos isaanii wajjiin ture hin hubatiin turan sana
amma labsuu egalaniiru. Duraan kan hin hubatin turan
amma amantiif abdiidhaan, barsiisa qulqulla‘aa fudhatan.
Si‘achi (kanaan booda) Kiristoos ilma waaqaa ta‘uu
isaaf wanti isaan shakkisiisu hin jiru. Isaan
inni(Kiristoos) kan gad of deebisee qaama namummaa
uffate,Masihii isa abdachiifame ta‘u baran,muxannoo
isaaanii ija jabinaan shakkii malee waaqayyoo isaanii
wajji akka ture biyya lafaa(ardiitti) himan.
Maqaa Kiristoos abdiidhaan dubbachuu qabu; sababni
isaas inni abbaa fi obboleessa angafaa isaaniif hin
turreeree? Marii walitti dhufeenyaa Yesuus waliin
qabaatanii, iddoo samii keessas isa waliin taa‘an. Afaan
akka ibiddaatti boba‘u attamiitiin yaadni isaanii
haguugame isaaf dhugaa ba‘u! Onneen isaanii gatii
guddaa kaffaluuf jaalalaan kan guute, kan gad fagaateefi
kan tuqame sun akka isaan hojii Kiristoos jalqabe
fuudhanii andaara lafaan ga‘anif isaan dandeesise. Hojii
inni jalqabee humnaan fuulduratti deemsisuuf fedhii
dhaan guutaman. Liqii ykn baasii samiin isaan irraa qabu
itti gafatamuummaan hojii guddaa ta‘u isaa hubatan.
Bu‘uu Hafuura qulquulluun guutamanii,hinaaffaan
guutamanii mo‘icha fannoo babal‘isuuf deeman.
Hafuurri qulqulluun humna isanitti gochuudhaan isaan
keessaan dubbate. Nagaan kiristoos fuula isaanii irraa ife.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 142


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Isa tajaajiluuf jireenya isaanii Isaaf addaan baasan


,fuuldurri isaaniis isa jireenya isaanii irratti gatan
sanaaf kan dhuga baa‘umsa of irraa qabuudha.

SEENAA BARTOOTA GOOFTAA


TOKKO TOKKOON
Ergamoonni Gooftaa Yesuus kristoos Mat 10 keessatti
warra inni halkan tokko guutuu gaara Galiilaa irratti
isaaniif kadhachaa bulee dha. Ganama isaa bartoota
torbaatamii lamaan keessaa addaan baafatee ―Ergamoota
―jedhee waame kudha Lamaan akkaataa adda addaatiin
kaayyoo isaaniifi amantii isaaniitiif jecha dabarsanii of
kennuudhaan wareegama lubbuu taasisan. Isaan kaan
ibiddan gubaman, Isaan kaan ni fannifaman,Isaan kaan
bineensaaf kennaman, Isaan kaan fayyaattiawwaalaman,
Isaan kaan fayyaatti bineensota hamootaIsaan
kukkutaniif kennaman , Isaan kaan gogaa beeladaa
uffatanii naanneeffaman,Isaan kaan boolla bineensaa one
keessa jiraatan , Isaan kaan fayyaatti ibidda holatuun
gubatan. Ibroota 11:36-40.

―Ergamoonni amalaa fi waan hedduun garaagara turan.


Maatewos isa qaraxxuu, Simoon hinaafticha isa akka
jibba akka ibiddaatiin bulchiinsa warra Roomaa jibbu,
Pheexiroos isa garraamii fi miiraan oofamu, Yihuudaa
isa amallisaa giddu galeessa ta‘e, Toomaas isa sodaataa fi
shakkituu garuu onnee dhugaa kan qabu, Filiphos isa
suuta jedhuu fi ilmaanZabdewosiin warra ofittoo fa‘aa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 143


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kanneen dogoggora addaaddaa uumamaa fi shaakalaan


guddifatan kana akka isaan maatii waaqayyoo keessa
jiraataniif walitti fide. Jaalalli isaa walii waliisaanii isaan
jaallachiise.Kiristoos giddugaleessa isaanii waan tureef
hammuma gara isaatti dhihaachaa adeeman caalchisanii
walii waliisaaniitti dhihaachaaturan.‖DA 296.2.

Yaa jaallatamaa fi jaallatamtuu michuukoo Yesuus


Har‘allee akkuma bartoota gooftaa darban Sanaa sifilatee
si leenjisee,hojii isaa isa amanamaa sitti kennee si erguu
barbaada. Yakkamaa ta‘uu kee fi amanamaa ta‘uu
dadhabuu kee isa kaleessaatiif homaa hin yaadda‘in.
Har‘a murteessitee nama haaraa ta‘uu dhaaf yoo isa
gaafatte Yesuus waan hundumaa siif gochuu dhaaf
qophaa‘ee jira. Kaleessi har‘a miti. Har‘i immoo bor
miti. Yesuus kiristoos seenaa koo fi seenaa Namoota ana
fakkaatanii hedduu isaanii jijjiiree jira. Dhiigni ilma
waaqayyoo yoo nuti cubbuu keenya himannee irraa
deebine yakka keenya hundumaattii nu qulqulleessa. 1
Yohaannis 1:7-9.

Yesuus Namoota haala adda addaa fi eenyummaa


garagaraa qaban tokkummaa socho‘uu hin dandeenyeen
walitti fide. Isaanis isa tajaajilan malee ofii isaanii hin
tajaajille. Waggaa sadiif walakkaaf namoonni kun walii
wajjiniin deemaa, nyaachaa,fi sagalee gooftaa
dhaggeeffachaa turan. Waggoota kana keessa iddoo
jalqabaa qabachuu dhaaf wallolaa fi waliin morkachaa
turan. Waliinis ta‘ee dhuunfaa dhuunfaasaaniitti
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 144
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dogoggora hojjetan ni qabu turan.Kun hundinuu utuu


jiruu hariiroon kiristoos keessaa isaan tokkummeesse.
Jalqaba irratti maal akka isaan tokkummeesse hin
beekanturan. Kiristoosiin duukaa bu‘uudhaaf walitti
bu‘iinsa dhuunfaa isaanii lafa kaa‘an. Waaqayyo garuu
warra waan ulaagaa hin guunne fakkaatankana bu‘uura
waldaatiif itti fayyadame. Efesoon 2:20.

Tarreeffama Maqaa bartoota Gooftaa Chaartii


armaan gadii irraa ilaali.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 145


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

T/L Maatewo Maarqos 3:16– Luqaas 6:14–16 HOE 1:13–13


s 10:2–4 19
1 Simoon Simoon Simoon Pheexiroos
Pheexiroo Pheexiroos Pheexiroos
s
2 Indiriyaas Yaaqoob ilma Indiriyaas Yohaannis
Zabdewos
3 Yaaqoob Yohaannis Yaaqoob ilma Yaaqoob
ilma obboleessa Alfewos
Zabdewos Yaaqoob
4 Yohaannis Indiriyaas Indiriyaas
obboleess
a Yaaqoob
5 Filiphoos Filiphoos Filiphoos Filiphoos
6 Bartolome Bartolomewoos Bartolomewoos Toomaas
woos
7 Toomaas Maatewos Maatewos Bartolomewoos
8 Maatewos Toomaas Toomaas Maatewos
9 Yaaqoob Yaaqoob ilma Yaaqoob ilma Yaaqoob ilma
ilma Alfewos Alfewos Alfewos
Alfewos
101 1 10 Taadewos Taadewos Simoon Simoon
Hinaafticha Hinaafticha

11 Simoon Simoon Yihuudaa ilma Yihuudaa ilma


Hinaaftich Hinaafticha Yaaqoob Yaaqoob
a
12 Yihuudaa Yihuudaa Yihuudaa Yihuudaa
Asqortich Asqorticha Asqorticha Asqortichi waan
a du‘eef asitti hin
caqafamne

Obboloota lamaan,namoota hojii adda addaa


hojjetan,qaraxxoota,namoota hojii siyaasaa
hojjetan,waan argan hojiin agarsiisuu kan
barbaadan,namoota waa oliif gadi buusanii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 146


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

xiinxalan,shakkitoota,Obboloota lakkuu,namoota
ariifatan,ogummaa fi beekumsi isaanii kanofittummaan
guute,namoota of jajan,namoota mata jabinaan waa
gochuu barbaadan,namoota namni isaan bira darbee fi
k.k.f hundinuu akka tokko ta‘aniif isaaniif kadhate. Akka
innii fi abbaan tokko ta‘an isaanis akka tokko ta‘aniif
kadhate. Yohaannis 17:11. Inni namoota kana keessatti
maalargaa turee? Tokkoffaa irratti Akka isaan
jijjiiramuuf fedhii qaban fi lammaffaa irratti Dadhabbiin
isaanii jabinatti akka jijjiiramuu danda‘u fi sadaffaa
irratti Akka isaan Ciminaa fi dadhabina walii walii
isaanii irraa barachuu danda‘an arge.Tarreeffama
bartootaa keessatti walfakkeenya tokko tokko ni argina.
Isaan garee adda addaa of keessaa qabu.Garee
garagaraayoo qabaatan illee kaayyoo fi ergama tokko
qabu. Gooftaa tokkichaafis hojjetu.Maqaan isaanii
Maatewos 10:2-4; Maarqos 3:16-19; Luqaas 6:14-16;
Hojii Ergamootaa 1:13.Gooftaan geggeessitoota akka
ta‘aniif hunduma isaanii leenjise.
PHEEXIROOS CIRRACHA IRRAA
GARA KATTAATTI
Maqaan isaa inni sirriin Simooni dha.Pheexiros jedhee
boodarra Yesuustu maqaa itti moggaase.Yesuus akka isa
duukaa bu‘uuf isa waame.Pheexiroos jechuun keefaa
jechuu yoo ta‘u, keefaa jechuun immoo kattaa ykn
dhagaa jechuu dha.Yesuus Pheexiroosii fi michoota isaa
akka isa duukaa bu‘aniif yeroo waametti isaan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 147


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hatattamaan bidiruu dhaa fi kiyyoo qurxummii ittiin


qaban sana lafa kaa‘anii isa duukaa bu‘an. Michoonni
isaanii deggersa bartoota kanaatiin kan jiraatan muraasni
tokko tokko turaniiru.Isaan afeerrraa wangeelaa yeroo
isaaniif dhufetti mamii tokko malee akkamittan jiraadhee
jireenya maatii kootii geggeeffadha jedhaniiutuu hin
gaafatin waamicha Yesuusiif tole jedhan. Luqaas 22:
22:35. DA 273.3. Qifirnaahomitti Indiriyaasii wajjiniin
utuu qurxummii qabatanii Yesuusii wajjiniin wal argan.
Maarqos 1:29; Luqaas 4:38. Yesuus bartoota kanneen
biro caalaatti eenyummaasaa itti
agarsiiseera.Eenyummaa pheexiroos isa Yesuus duukaa
bu‘ee kana irraa kaanee mee qorannaa keenya haa
eegallu. Simoon Pheexiroos Betasayidaatti dhalate.
Yohaannis 1:44. Beetasayidaan immoo mana qurxummii
qabdootaa jechuu dha. Yesuus iddoo Pheexiros itti
dhalatee fi hojii inni hojjetee ittiinjiraatu hundumaa
beeka ture. Gaaffiin yesuus isa gaafate na duukaa bu‘i
kan jedhu ture.Innis abbaa isaa, hojii isaatii fi kiyyoo
ittiin qurxummii qabandhiisee yesuusiin duukaa bu‘e.
Abbaan isaa Yoonaa jedhama. Maatewos16:17,
Yohaannis 1:42, 21:15. Pheexiros Obboleessa Indiriyaas
jedhamu qaba. Maatewos 10:2. Erga Yesuusiin duukaa
bu‘ees Simoon Pheexiroos Yaaqoobii fi Yohaannis
wajjiniin bartoota keessaa warra Yesuusitti maxxananii
taa‘anidha.Maarqos 5:37, 9:2, 14:33. Yaa jaallatamaa fi
jaallatamtuu michuu koo adeemsa hafuuraa keenya
keessatti fiixaan bahuudhaaf Yesuusitti maxxanuun

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 148


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Keenya baay‘ee barbaachisaa dha. Nuti Yesuusitti hin


maxxannu yookaan itti hin siqanne taanaan wantoonni
nuyii fi Yesuus gidduu seenuu barbaadan hedduu dha.
Pheexiros Yesuusitti maxxanuu dhaan qaawwaa kana
irratti hojjechuu danda‘eera. Nuti illee bartoonni kiristoos
warri xumura baraa kun qormaannii fi lolli hafuuraa
gama seexanaatiin nuuf qopheeffamu salphaa waan hin
taaneef yeroo kamiin caalaatti iyyuu Yesuusitti
maxxanuu nu barbaachisa. Pheexiros Yesuusitti
maxxanee waa‘ee isaas mi‘eeffatee dhandhamateera. Ati
hoo Yesuusiin moo waan kan biro mi‘eeffachaa jirta
laata?Bartuu warra kaan caalaatti maqaan Pheexiroos si‘a
156 caqafameera. Pheexiroos si‘a baayee garee
hooggana,dura bu‘ee haasaa kan geggeessuu dha.
Maatewos 15:15,Luqaas 12:41,Maatewos 17:24.
Pheexiroos akka kitaaba banamee ti.Gooftaa wajjiniin
illee waliigaluu yeroo dadhabu yaadasaa keessatti
haasa‘a. Luqaas 5;1-10,Maatewos 26:35,Maarqos 14:31.
Gaaffii deebii isaa of harkaa hin qabne deebisuu yaala.

Luqaas 8:45. Yeroo tokko tokko gooftaan karoora itti


agarsiisaa ni ifata ture. Maatewos 16:22,Maarqos 8:32.
Yeroo gooftaan isa ifatu achumaan kufee hin badu.
Maatewos 16:23;Maarqos 8:33,Yohaannis 8:11.
Pheexiroos maatii ofii isaatii utuma geggeessuu
bartuuYesuusiin ta‘eera. Maatii qabaachuu isaatiif
fakkeenya kan nuuf ta‘u Pheexiros haadha manaa qaba.
Yeroo wangeela lallabus haadha manaa isaa fudhatee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 149


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

adeemaa ture. Maarqos 1:30,.1 Qorontos 9:5.Akkuma


Pheexiros ofiisaa Yesuusiif dabarsee kenne Yesuus
immoo rakkoo maatii isaatiif furmaata laachuu dhaan
amaatii Pheexiroosiin fayyisuu danda‘eera. Maatiin
keenya sababii nuti bartuu Yesuus taaneef karaa keenya
dhibee hafuuraatii fi isa kan qaamaattii illee fayyuu ni
danda‘u. Akkuma kana immoo bartuun waamichaa fi
ergama isaa hin beekne miidhamuu hafuuraa fi qaamaa
kan maatii isaatii fi kan namoota kan birootiif sababii ni
ta‘a. Kanaafuu mata duree kana irratti dammaqanii
hojjechuun bartuu Yesuusiin kam irraayyuu waanuma
eegamuu dha.

Pheexiros gaaftokko fuula yaa‘ii durattillee sababii


Yesuusiif dhihaatee ture.‖ Waa‘ee Pheexiroos,
Isxifaanosii fi Phaawuloos faan fuula Yaa‘iitti hojjetan
kitaabni hafuura raajii akkana jedhee ibsa.Yeroo
Pheexiroosii fi Yohaannis fuula Yaa‘ii duratti waa‘ee
Yesuusiin dhugaa bahan namoonni isaan dinqifachaa
akka isaan Yesuusii wajjiniin turantu isaaniif gale. HoE
4:13. Har‘a namoonni fuula keenyaa fi jireenyakeenya
irraa maal dubbisaa jiru? Jireenya Pheexiroosii fi
Yohaannis irraa waa‘ee Yesuusiin dubbisaniiru. Nu illee
har‘a caaffata addunyaan waa‘ee Kiristoosiin irraa
dubbisuu barbaadduu dha. Pheexiros qofaa utuu hin hin
taane gaaftokkonamoonni fuula Isxifaanosiin irraa waa
dubbisuu danda‘uun isaanii fakkeenya kan biro nuti irraa
barachuu qabnuu dha. Fuulli Isxifaanosis fuula yaa‘ii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 150


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

duratti akka fuula ergamaa waaqayyootti ife.Namoonnis


hafuuraa fi hubannaa isxifaanos ittiin dubbate dura
dhaabbachuu hin dandeenye.HoE 6:15, 10. Fakkeenyi
kan biroon inni sadaffaan Phaawulos dha. Gaafa
Phaawuloosii fi Siilaas mana hidhaatti galfaman
faarfannaa hidhaa hiikuu danda‘e faarfatanii fuulli isaanii
fi kan namoota mana hidhaa keessa turanii ifuu
danda‘eera. Iddoo kan birootti immoo Phaawulos utuu
inni mana murtii jiruu hundinuu isa dhiisanii sokkinaan
gooftaan koo ana bira dhaabbatee jiruuf afaan leencotaa
keessaa na baase jedhee dubbate‖ 2 Ximootewos 4:16,
17, R. V. DA 354.3.

Gabaabaa dhumatti fuulli keenya ifee guutummaan


addunyaa akka ifuuf gooftaan keenya nu bira dhaabachuu
fi nu tumsuu isaatu gahaa nu taasisa. Waaqayyos karaa
keenya biyya lafaa akka ibsu shakkiin tokko illee hin
jiru.Yohaannis 6 keessatti Pheexiros gaaffii Yesuus isinis
ana biraa deebi‘uu barbaadduu jedhee gaafatnaan
Pheexiros si dhiifnee eessa dhaqna dubbii jireenya bara
baraa kennu si bira jira yeroo jedhe sana kitaabni hawwa
barootaa jedhamu tokko yaada Pheexiroosiin sana
akkasittiin ibsa. Yesuusiin dhiisuu jechuun isaaniif harka
warra sirnootagaragaraa fi ulfina mataa isaani
barbaadanii keeessatti kufuu akka ta‘e dha. Erga
Yesuusiin fudhatanii Gammachuu fi nagaa jireenya
isaanii isa duraaniirra caaluYesuusiin keessaa
argataniiru. Yoos akkamittiin gara warramichuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 151


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

cubbamootaa ari‘atanii fi tuffataniitti akkamittiin


deebi‘uree? Masihiin isaan bara dheeraaf eeggachaa
turan isaan bira dhufeera. DA 393.5.

Pheexiros barasaa hundumaa Yesuus duukaajiraate.


Maarqos 3:16. Namoota tokko tokkoof bartuu ta‘uun
yookaanKiristaanummaan waan haala irratti hundaa‘uufi
kan yeroo muraasaa isaanitti fakkaata. Garuu dhugaan
jiru bartuu dhugaan yeroo haalonni isaa gaarii irra jiran
yookaan mijachuu dhaban inni bartuu dhuma dha.
Yeroon keeyyata kana barreessaa ture yaadni kun faaruu
obboleessakoo faarfataa Girmaayee Baayisaa keessaa
hima Isa Ijoollee Waaqayyootiif Haalatu Isaaniif
Jijjiirama Malee Haalli Isaan Hin Jijjiiru kan jedhu na
yaadachiise. Kanaaf immoo fakkeenya kannuuf ta‘an
dargaggoota Ibrootaa sadanii fi Daani‘el raajicha dha.
Dargaggoonni Ibrootaa sadan ibidda keessa buufamuu
fuula duraa fi erga achi keessaa bahaniis Daani‘el
boqonnaa sadii keessatti haalaan warra hin jijjiiramne
ta‘uu isaanii dubbisna. Daani‘el raajichis boolla
leencotaa keessa bu‘uu isaa duraa fi erga bu‘ee booddees
amanamaa ture. Pheexiroosis guutummaa bara isaatii
Yesuusii wajjinkanumaaf jiraate. Yesuus duukaa
guutummaa bara kee deemteetta yoo taate isa kanaaf
waaqayyoon galateeffachaa ammallee akka hin kufneef
caalchiftee Yesuusitti maxxani. Yesuusiin duukaa
buutee biraa deebite yoo ta‘e immoo qalbii kee
jijjiirrachuu dhaan isa duukaa bu‘i. Cubbuun kee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 152


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hammam illee guddaa yoo ta‘e dhiigniYesuus si


qulleessa.Yesuus cubbuukee siif dhiisuufis amanamaa
dha. Samiin kan namoota warra takkaa cubbuu hin
hojjennee utuu hin taane kan warra yakkaniituranii garuu
cubbuu isaaniittii fakkeessaan utuuhin taane dhugaatti
jijjiiramanii kan qalbii jijjiirrataniif kan qophaa‘e dha.
Yesuusiin duukaa goonkumaa buutee hin beektu yoota‘e
yesuus dhugumaan karaa, dhugaa fi jireenya akka tae
ammaa jalqabdee amani. Inni jireenya haaraa ati takkaa
jiraattee hin beekne si jiraachisa. Nagaa,gammachuu fi
jireenya barabaraas si badhaasa. Ati dhugumaan bartuu
dhugaa isaaf ta‘i.Pheexiros namoota hafuura waaqayyoo
sobuu barbaadan ni ifate.Waaqayyos karaa Pheexiroosiin
Anaaniyaa fi Saphiiraan akka isaan hafuura qulqulluu
sobanisaanitti dubbateera. HOE 5:1. Yeroo kan biroo
immoo Pheexiroos kun WarraYesuusiin qabuuf dhufan
billaadhaan ittisuuf yaalee ture. Yohaanis 18:10-11.
Pheexiros namoota hafuura waaqayyoo sobuu barbaadan
ni ifate. Waaqayyos karaa Pheexiroosiin Anaaniyaa fi
Saphiiraan akka isaan hafuura qulqulluu soban isaanitti
dubbateera. HOE 5:1. Yeroo kan biroo immoo
Pheexiroos kun WarraYesuusiin qabuuf dhufan
billaadhaan ittisuuf yaalee ture. Yohaanis 18:10-11.
Gama kaaniin immoo Yaada seexanaas dubbatee ture.
Maatewos 16:15-21. Yesuus akka inni hin ajjeefamneef
yookaan hin duuneef waaqayyo kana si haa oolchu
ittiinjechuu isaa nu yaadachiisa. Wangeela ija
jabummaan lallabee,hojii humnahafuura qulqulluun

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 153


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

guutame hojjetee maqaagooftaafis ar‘atameera. HOE


1:2,3:1-4,5:17-22,8:14-25,12:1-15,15:7-11.Barnoota
Kiristoos irraa barateen fi kennaa hafuuraa isaaf
kennameen namoota hedduu gara Yesuusitti
harkiseera.HOE 12 keessatti Ergamaan waaqayyoo
Pheexiroosiin mana hidhaa keessaa isa baaseera. Kun
saba waaqayyootiif barumsa akkamii kennuu danda‘a?
Sababni kun ta‘eef waldaan kiristaanaa isaaniif waan
kadhachaa turteef dha.Ergamaan waaqayyoo loltoota
mana hidhaa eegan sana gidduudhaa Pheexiroosii fi
Yohaannisiin hiikee baasuu dhaan karaa irra isaan buusee
obboloota isaanii gammachuu fi dinqisiifannaa dhaan
guute.‖ AA 80.1.

Seenaa Raajotaa fi Ergamootaa keessatti Waaqayyo


warra qooda seera waaqayyo cabsan hidhamuu,
dhiphinaa fi du‘a filatanii isaaf amanamaniif ergamoota
isaa ergee isaaniin oolcheera. Isaanis Namaaf
abboomamuurra waaqayyoof abboomamuutu nuuf caala
jechaa turan. AA 81.4. Heroodisis oduu mana hidhaatii
bahuu Pheexiroos fi Yohaannisiin Yemmuu dhagahe
warra mana hidhaa sana eegaa turan amanamummaa hin
qabdan jedhee humni waaqayyoo akka Pheexirosfaa
oolche utuu hin beekin isaan ajjeesise. AA 149.3.
Pheexiroos si‘a baay‘ee hoogganaa waa gad fageessee itti
hin yaadne, garraamii, ariifataa fi daddafee dogoggora
isaa irraa kan deebi‘u ture.‖ Kiristoosiin fudhatanii warri
jalqabuma ofii isaanii amananatanii ani fayyeera ofiin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 154


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jedhanbalaa mataa isaaniitti amanuun fidu keessa


jiru.Dadhabina isaanii arguun ija isaanii dura dhokachuu
dhaan yeroo hundumaa jabina waaqayyoo hin
barbaadan.Akkuma Pheexiroosiin meeshaa seexanni
isaaniif qopheessu keessatti baayyeen namootaa bowwaa
cubbuutti kufuu irraa kan isaan oolchuuf hin qophaa‘in
jiru. Ani dhaabbadheen jira kan of se‘u akka hin kufnetti
of haa eegggatu. 1Qorontos 10:12.‖ Iddoon nuuf nagaa
ta‘e yeroo mara ofitti amanuu dhiifnee yoo Kiristoositti
hirkanne qofa dha. COL 155.2. ―Pheexiros ofitti amanuu
isaatiin yennaa kufe illee karaa qalbii jijjiirrannaa fi gad
of deebisuu miilli isaa deebi‘ee isaaf dhaabbachuu
danda‘eera. Muuxannoon jireenya Pheexiros
barreeffamuun isaa cubbamaa qalbii jijjiirrateef abdii
dha. Pheexiros cubbuu gaddisiisaa yoo hojjete illee
achumaan hin irraanfatamne. Jechoonni Kiristoos lubbuu
isaa keessatti barreeffamanii turan. Gooftaanis amantiin
kee akka iddoo isaatii hin kufneef ani siif kadhadheera
ittiin jedhe. Luqaas 22:32.

Jaalalaa fi garraamummaa dhaan kiristoos deebi‘ee isa


yaadachuu isaatu abdii isaaf kenne. Kiristoosis du‘aa
ka‘uu isaa booddee ammasPheexiroosiin
yaadachuudhaan ergamaan dubartoota awwaaala bira
dhufan akka isaan waan ta‘e hundumaa pheexiroositti
akka himaniif akka isaan qajeelchu taasisee ture.
Maarqos 16:7. Qalbiin jijjiirrannaan Pheexiros Fayyisaa
isa cubbuunamaaf dhiisuun ni fudhatame. COL 155.4

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 155


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Pheexiros ifaa fi ulfina waaqayyootiin deebi‘ee


tajaajilaKiristoosiin isa amanamaa fi baay‘ee kabajamaa
ta‘eera. Waldaa Kiristoosiin ijaaruu keessatti
hirmaannaan isaa ho‘aa ture. Muuxannoo gad of
deebisuu isaatii hin irraanfanne. Cubbuun isaas isaaf
dhiifamee ture.Inni ayyaana Kiristoosiin isa kufaatii
nama oolchu maleessaa waan ittiin of jaju tokko illee
ofisaa keessatti hin argine. COL 160.1

Pheexiros jalqabuma irraa eegalee akka Masihiitti


Yesuusiin fudhateera. Namoonni baayyeen lallabbii
Yohaannis Cuuphaa dhaggeeffatanii Yesuusiin
fudhatanii turan Yohaannis hidhamee dhuma irrattis
ajjeefamnaan Masihii ta‘uu Yesuusiin shakkuu eegalan.
Pheexiroosii fi michoonni isaa garuu amanummaa isaanii
Kiristoosiin irraa hin kaafne. Kaleessa fayyisaa dha
jedhanii faarsanii har‘a immoo murtii itti murteessuun
amantii dukka bu‘oota Kiristoos warra dhugaa sana
jijjiiruu hin dandeenye. Kanaafuu Pheexiros ati Masihii
ilma waaqa jiraataati jedhee waa‘ee Yesuus dhugaa bahe.
Pheexiroos utuu inni gonfoo ulfinaa hin kaawwatin yeroo
inni gad of deebisee dhufettiiyyuu Masihii ta‘uusaa
fudhateera.‖ DA 411.5. Pheexiroos Yesuus kattaa
fayyina Israa‘eliinta‘uu isaa agarsiisaa ture. "Keessa
deebii 32:4; Faarfannaa 62:7; Isaayaas 28:16, 1
Pheexiros 2:3-5, R. V. DA 413.1.

Dogoggora Pheexiroosiin irraa maal baranna?


―Namoonni dogoggoranii yeelloonii fi gowwummaan
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 156
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isaanii itti dhaga‘amu hedduutu jiru. Isaan hamma abdii


kutatanitti dogoggora isaanii ilaalu. Lubbuuwwan
akkasii dagachuun nurra hin jiru. Akkuma obboleessa
keenya isa angafaa Yesuus, harkasaa Pheexiroos isa
galaanaan liqimfamaa jiru qabee oolche Sanaa harki
isaan gargaaru isaaniif diriirfamuu qaba. Jechoota abdii
of keessaa qaban kan ofitti amanamummaa fi jaalalaan
isaan dammaqsuu danda‘an isaanitti dubbadhaa‖ COL
387.

Har‘as yaa obboleessa yookaan yaa obboleettii koo


sababii dogoggorteef yeelloonii fi qaaniin waa‘ee cubbuu
keetii sitti dhaga‘amaa kan jiru gara Yesuuusiin kottu.
Inni cubbuu kee siiif dhiisuu dhaaf harka fayyisuu isaatii
fi kan araara isaatii siif diriirsee jira. Du‘aa ka‘uu isaa
booddee Yesuus bifa addaatiin Pheexiroositti of
muldhise. Kunis Simoon gooftaa ganee waan tureef
iddoo isaa isa duraaniitti deebifamuu waan qabuu fi dha.
Yohaannis 21:15-19. Iddoo isaatti deebifamuu isaa
xalayaa isaa 1ffaa fi 2ffaa Pheexiroosiin keessatti arguu
ni dandeenya. Pheexiroos gaafa Pheenxeqoosxee
jijjiirama addaa agarsiisee bakka bartootaa bu‘ee saba
Yerusaaleemiin jiranitti lallabeera. HOE 2:14-40.
Namoota 3000 ta‘anis guyyaa tokkotti akka cuuphaniif
hafuurri qulqulluun Pheexiroosfaatti fayyadameera.
Sababii Pheexiros waan Yesuus hojjetuuf dursa kennuuf
Yesuus akka gaariitti itti dhimma ba‘aa ture.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 157


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Pheexiroos dinqii fi gochaalee yesuus hojjete kanarmaan


gadii kanaaf dhuga baatuu dha.Yeroo Yesuus intala
tokko du‘aa kaase Maarqos 5:35-43,Fuulli yesuus gaafa
inni jijjiirame.Maatewos 17:1-13,Pheexiroos godoo sadii
tokko siif, tokko Musee fi tokkoEliyaasiif haa ijaarru
jedhe. DA 422.1. Gonfoo dura fannoon dhufuu
qaba(but before the crown must come the cross).
Waaqayyo gaafa Pheexiros akkas jedhe sana ergamoota
samii utuu hin taane akka isa jajjabeessaniif Musee fi
Eliyaasiin warra gaddaa fi rakkina obsaan dhandhaman
isaaf erge. Museen qooda sabni kun badu maqaakoo
galmee jireenyaa irraa haqi jedhee dhiphatee kadhachaaa
ture. Ba‘uu 32:32. Eliyaasis waggaa sadii fi walakkaa
dhaaf gammoojjiitti baqachaa gaara Qarmelosiin faa
irratti jibbaa fi wayyoo biyya Sanaa baachaa ture.Isaan
kun samiirraa gara laafinaa fi jajjabina Yesuusitti
agarsiisuudhaaf ergamoota caalaatti filatamanii
Yesuusiin jajjabeessuudhaaf ergaman. DA 422.

Pheexiroos Dadhabbii yesuus isa Geetesemaaneetiif


dhugabaatuudha. (Maatewos 26:36-46).Yesuus Masihii
ta‘uusaa Mandara Qeesaariyaa Filiphoositti dhugaa
baheera.‖ Deebiiwwan Gaaffii eenyummaa Yesuus
ilaalchisee odeessan kan armaan gadii ture. Isaan kaan
Yesuusiin akka Yohaannis cuuphaa ta‘etti isa yaadan.
Herodisiyyuu Ysuusiin Yohaannis cuuphaatu du‘aa ka‘e
jechuu dhaan shakkeera. Maatewos14:1-2. Isaan kaan
keessumaa Yihuudonni Eliyaas isa Masihiin utuu hin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 158


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dhufin daandii qopheesssuu dha jedhanii yaadu turan.


Milkiyaas 4:5. Isaan kaan kun Ermiyaas dha yeroo
jedhan garee kan biraan immoo kun raajota keessaa isa
tokko ta‘a ittiin jedhan. Pheexiroosiif garuu kan isaaf
gale Yesuus Masihii ta‘uu isaati. Qeesaariyaa
Filiphoosiin ishee waaqa tolfamaa adda addaatiin
weeraramte keessa taa‘ee Pheexiros waa‘ee Masihii
dhugaa bahe. Kun ilaalcha bartoonni waan namoonni
Yesuusiin itti yaadan kan isaan dubbatanii dha.

Namoonni kan biroon ilaalcha Dogoggoraa akkamii


Yesuusiif qabu Turan? Isaan kaan Ilma muka sooftuu
ittiin jedhan. Maarqos 6:3. Isaan kaan ilma Yooseef ittiin
jedhan. Yohaannis 6:42.Isaan kaan inni cubbamaa dha
jedhaniin. Yohaannis 9:24.Isaan kaan akka mucaa
seeraan abbaa isaarraa hin dhalanneetti ilaalan.
Yohaannis 8:41. Kaan immoo hafuura hamaa qabda
jedhaniin. Maatewos 12:24. Isaan kaan qalbiitu darbe
yookaan ni maraate jedhaniin. Yohaannis 10:20. Isaan
kaan immoo tuffatanii itti gahisan. Maatewos 27:38-43.

Yesuus immoo waa’ee ofii isaatii akkamitti Beeka?


Maal jedhes?

―Kan na arge abbaa arge. Yohaannis 14:9, ―Anii fi


abbaan koo tokko. Yohaannis 10:30―Ani Abrahaamiin
dura iyyuu tureera. Yohaannis 8:58, ―Ani karaa, dhugaa
dhaa fi jireenya. Yohaannis 14:6, Yohaannis 17
guutummaasaa fi Yohaannis 6:35 dubbisi. Ani buddeena

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 159


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jireenyaati. Yohaannis 8:12. Ani ifa biyya lafaati.


Yohaannis 10:9. Ani balbala dha. Yohaannis 10:11 ,Ani
tiksee gaarii dha. Yohaannis 10:36, Ani ilma
waaqayyooti. Yohaannis 11:25, Ani du‘aa ka‘uu fi
jireenya. Yohaannis 15:1, Ani muka Wayinii isa dhugaa
dha ofiin jechaa ture.

Namoonni waaqayyo seenaa isaanii haaresse Immoo


yesuusiif ilaalcha akkamii qabu Turan? Simi‘oon
ijikoo fayyisuukee argeera jedheen. Luqaas 2:28-32,
Naatinaa‘el Ati barsiiisaa mootii Israa‘el ilma
waaqayyooti jedhee dhugaa baheera. Yohaannis 1:49,
Simoon Pheexiroos Masihii akkanni ta‘e, Maatewos
16:16, Dubartiin isheen Samaariyaa Kiristoos isa waanan
hojjedhehundumaa natti himee dha jette. Yohaannis
4:29.Maartaan ati Kiristoos ilma Waaaqayyoo akka ati
taate nan amana jette. Yohaannis 11:27. Hattuun inni
Kiristoosii wajjiniin fannifame keessaa inni tokko ati
Kiristoosiin yoo taate maaliif of oolchitee nuunishin
oolchitu jedhee gaafate. Luqaas 23:39-43. Angafni
dhibbaa warra Roomaa namni kun dhuguma
ilmaWaaqayyoo ti jedhee dhugaa baheera.Maarqos
15:39. Toomaas ati gooftaa dhaa fi waaqa kooti ittiin
jedheera. Yohaannis 20:24-28.

Amantiin garagaraa illee addunyaa Kana irraa waa’ee


Yesuusiif ilaalcha Adda addaa qabu.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 160


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Dhuga baatonni Jehoovaa ‘Mikaa‘el angafniErgamootaa


Kiristoosiin malee waan kan biraa tokkoiyyuu ta‘uu hin
danda‘u jedhu. New Heavens and New Earth, pp, 30-31.
Gareen amantii Mormons jedhaman Yesuus fooniin
obboleessa keenya isa angafa nuuf ta‘ee amma immoo
samiirra abbaa keenya ta‘ee isa jiruu dha. Journal of
Discourses; Vol. 1, pp. 50-51.Yesuus ilma Waaqayyoo
irratti isa angafa samii irratti isaaf dhalatee dha kan
jedhanis jiru. Amantiin Islaamaa Yesuus nama du‘uu
danda‘u kan Allaahn faara tolaa itti agarsiisee
Israa‘elotaaf fakkeenya akka ta‘uuf ergee dha. Warri
Masihiin ilmi Maariyaam Waaqayyoodha jedhan warra
hin amannee dha jedhu.Yesuus raajiidha garuu fannoo
irratti hin fannifamne deebi‘ees ni dhufa garuu waaqa
miti ittiin jedhanii amanu. Sura 43:59. Warri Hindii
immoo Waaqolii miliyoonotaan lakkaa‘aman keessaa isa
tokkoo dha ittiin jedhu. Taalmuudiin warra Yihuudotaa
immoo waan nama qaanessu waa‘ee Yesuusiin akkasitti
barreessanii jiru. ―Maariyaam isheen sanyii warra
bulchitootaa fi moototaa turte warra muka soofanii
wajjiniin ejjaa turte. Sanhedrin, 106a. Yesuus Qaanaa
galiilaatti dubartoota hedduu kan akka Maartaa fi
Maariyaamiin fuudhee ijoollee kan qabuu dha kan
jedhanis jiru. Journal of Discourses, Vol. 1, pp. 345-346;
Vol. 2, pp. 79-82; Vol. 4, pp. 259-260; The Seer, p. 172).
―Maariyaam isheen rifeensa tottochitu immoo namoota
hedduu wajjiniin quunnamtii saalaa gochaa turte ittiin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 161


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jedhu. Shabbeth 104b.Yesuus immoo kan inni du‘eef


sababii qoricha namatti godhuufi jedhu.

Yesuusiin ilaalchisee samiin Kun ilma koo isa


jaallatamaa dha jedhee dhugaa baheera. Maatewos 3:17,
17:5. Ergamoonni samiis waa‘ee Yesuusiin waan
beekan dubbataniiru. Maatewos 1:18-25; Luqaas 1:26-
38; Luqaas 2:8-20. Hafuuronni hamoon iyyuu ilma
Waaqayyoota‘uu isaatiif ragaa isaaf bahaniiru.
Maatewos. 8:29; Luqaas 4:41; Yaaqob 2:19. Caaffanni
qulqulla’aanis waan hedduu dubbateera. Isaayaas 9:6;
Miikiyaas 5:2; Isaayaas 11:1-5; Ermiyaas 23:5; Isaayaas
53:1-12; Yohaannis 1:1, 14; Maarqos 1:1;
Filiphisiyus2:5-11; Hojii Ergamootaa 2:36; Hojii
Ergamootaa10:36. Macaafni Qulqulluun Yesuus Masihii
ta‘uu isaautuu ragaa hedduu dhiheessaa utuu
jiruunamoonni maaliif isa amanuu hin dandeenye?
Deebiin kanaa tokko qofaa ta‘uu dhaa baatu illeeseexanni
ija namootaa jaamsuu fi akka hin amanneef garaa isaanii
hadoochuun isaa waanwal nama gaafachiisu miti.
2Qorontos 4:4. Waaqayyicha isa hamaa bara si‘anaa
kanatu akka isaan Kiristoosiin wangeela keessatti hin
argineef ija isaanii jaamse. Nu warra amanneef garuu
Yesuus Masihii isadibamee dha. Yesuus jechuun immoo
isa cubbuu keenyattii nu fayyisuu dha.

Pheexiroos miiraan yeroo oofamutti wantoota armaan


gadii godheera.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 162


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yesuusii wajjin galaana irra adeemuudhaaf


gaafate.Maatewos 14:28.Bidiruu keessaa gadi bu‘e.
Maatewos 14:29. Jijjiiramuu Yesuus dhugaa bahee
godoo sadii haa ijaarru jedhee afeerraa dhiheesse.
Maatewos17:4,Maarqos 9:5,Luqaas 9:33.Gurra Maalkos
isa mirgaa Pheexiroostu kute. Yohaannis
18:10.Gooftaadhaan miilakoo situ naaf dhiqaa jedhee
boodarra immoo guutummaa dhagna kootii naaf dhiqi
jedheen. Yohaannis 13:6-9. Fuula Aannaas duratti
waa‘ee Yesuusiin dhugaa baheera.Yohaannis 18;
16.Yeroo kan biro ammas Inni miiraan oofamee gara
bishaan daakuu deeme.Yohaannis 21:4-11. Pheexiroos
miiraan oofamee nama gaaffii baayyee gaafatu
ture.Dhiifama si‘a meeqa akka namaaf godhu gaafate.
Maatewos 18:21. Sababii waan hundumaa aarsaa goonee
si duukaabuuneef maal si biraa arganna jedhee
gaafate.Maatewos 19:27.Eenyu inni dabarsee si kennu
jedhee Yesuusiin gaafate. Yohaannis 13:24.Pheexiroos
Miiraan guutuu dha.Yesuus Masihii tahuu isaa dhugaa
baheera. Maatewos16:16,Maarqos 8:29,Luqaas
9:20,Yohaannis 6:68-69.Gooftaan garuu nama miiraan
oofamu akkasii kanaaf maqaa Pheexiroos jedhu kan
kattaa jechuutti hiikamu isaaf kenne.Maatewos
16:18Pheexiroos ooftuulaa yookaan kan boonu ture.
Maatewoos 26:33 & Maarqoos 14:29 & Luqaas 22:23 &
Yohaannis 13:37 Pheexiros gaafa gooftaan muka harbuu
sana abaaare nama waa ilaalu yookaan daawwatu ture.
Maarqos 11:21.Pheexiroos yeroo murtaa‘eef hirriba

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 163


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hafuuraa rafeera. Maatewos 26:40.Maarqos


14:37.Pheexiroos waanuma ittiin oftuulaa yookaan of
jajaa ture irratti kufe. Maatewoos 26:69-73 & Maarqos
14:66-72 & Luqaas 22:55-6. Pheexiros nama gooftaa
dhaaf irbaata qopheessu argachuu hin dandeenye. Luqaas
22:8.Ammas irra deebi‘anii qurxummii qabuun itti
ulfaatee ture. Yohaannis 21:3. Gooftaan Pheexiroosiin ni
jaallata innis gooftaa isaa ni jaallata. Yohaannis 21:15-
17‖ Yesuus irra deddeebi’ee hoolota koo tiksi ilmoolee
koo eegi kan inni ittiin jedhe sun tajaajiltota hundumaa
ilaallata.Warra xixinnayyoota akkahin tuffanneef
baroota hundumaa keessa bartoota isaatti dabarsee
kenne.‖ Testimonies on Sabbath-School Work, 113.
Pheexiroos hojii geggeessummaatti cimina guddaa qaba.
Ibroota 5:12 Ta‘us garuu Gad of deebisuu irratti
qormaanni itti dhufe. Maatewos 26:69-73; 1 Pheexiroos
5:5 Dadhabinni isaa koormaa isaa isa hammaataa sana
ture.1 Pheexiroos 5:6. Dulluma Pheexiroosiin keessa
Neeroon Pheexiroosiin ajjeesuuf karoora baasaa ture.
Yohaannis 21:18,19.Bartoonni gooftaa har‘a utuu lafarra
jiraatanii warra nuti hordoftoota kiristoos dha ofiin
jedhaniin maal jedhanii isaan akeekkachiisu isinitti
fakkaata? Ellen Waayit kitaaba Confrontation jedhu
fuula 59 keeyyata 2ffaa irratti yaada armaan gadii
kenniti. Pheexiros Yaada foonii isa lubbuu keessan lolu
irraa of eeggadhaa jedha. Phaawuloos xuraa‘ummaa
fooniirraa of qulleessaatii qulqullummaa soda
waaqayyootti guddadhaa jedha.Warra Tamboo fi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 164


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kanneen kana fakkaataniin mana qulqullummaa


waaqayyoo xureessaniinYesuus akka gaaftokko
Yihuudotaan jedhee ture manni koo saba hundumaatiif
manakadhataa ta‘uu utuu qabuu aaraan xureessitanii
holqa hattuu kan godhattan oofeen gadi isin baasa jedha
ture. Fedhii nyaataa keessan guuttachuudhaaf qabeenyaa
isa kan waaqayyoo kumaan hedduun lakka‘amu
hedduuhattaniittu jedha. Con 59.2

Walumaagalatti Macaafa Qulqulluu keessatti


Pheexiros maaliin beekamaa?

 Galaana irra adeemuu dhaan Maatewos 14:28-33.


 Ariyannaa sodaatee Yesuusiin ganuusaatiin
Luqaas22:54-62.
 Lallaba Gaafa guyyaa Pheenxeqoosxeetiin HOE
2:14-41
 Yihuudotaa fi ormoota waldaatti
tokkummeessuun HOE 10:9-48.
 Utubaa waldaa ta‘ee tajaajileera. Galaatiyaa 2:9.
 Godoo sadii Yesuus, Musee fi Eliyaasiif gaara
gubbaatti ijaaree achuma jiraachuudhaaf hawwe.
 Pheexiros DH.K.B bara 68 magaalaa Roomaa
keessatti mooticha Neerootu gadi garagalchee
yookaan gadi gombisee fannisuu dhaan ajjeese.
Sababiin Pheexiroos ajjeefameef gooftaa isaa
ganee akka lallabuu dhiisee qooda isaa waaqolii
tolfamoof akka sagadu, aarsaas akka isaaniif
aarsuuf ajajamee waan raawwachuu dideef ture.
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 165
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Sababoonni lamaan Neeroon mootichi


Pheexroosiin du‘atti dabarsee kenneef inni
tokkoffaan haadha manaa isaa oolfachuuf jedhee
amantii isaa akka ganuuf ture. Inni lammaffaan
immoo haati manaa Pheexiroos amantii ishee yoo
gante malee jiraachuu waan hin dandeenyeef ture.
Jalqaba yeroo mormishee akka muramuuf haadha
manaa Pheexiroositti murteeffame Pheexiros
akkana jedhee ishee jajjabeesse. ―Duuti ati
du‘uudhaaf jettu kun gaayila isa ati ittiin Abbaa
manaa kee isa ulfina barabaraa ittiin gonfattutti
kan ittiin heerumtu waan ta‘eef jabaadhuutii gara
kuteettii ta‘i. Kun waanuma nuti Kiristoos
gooftaa keenyaaf ta‘uu qabnuudha.‖ Jedheen.
Akkasitti mormishee mana hidhaa keessatti irra
muramnaan duute. Yeroon isaa yemmuu gahe
Pheexiroos Abbaa manaa isheettis duuti fannoo
itti murteeffamee jennaan Pheexiroos garuu
―Akka gooftaa kootiitti fannifamee du‘uun anaaf
hin ta‘u waan ta‘eef gadi gombisaatii na
fannisaa!‖ jedhee deebiseef. Kun immoo kan
isaan amma isa dhiphisuuf jiran caalaatti iyyuu
Kiristoosiif dhiphachuu akka barbaadu ibsuuf
jedheeti. Yeroo taateen kun itti raawwatame
umuriin Pheexiroos waggaa 70 yoo ta‘u, tajaajilli
isaa waggaa 37ffaa isaa ture jedhama.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 166


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

INDIRIYAAS DHOKACHUU IRRAA


GARA AS BAHANII
MULDHACHUUTTI
Afaan Giriikiitiin Indiriyaas jechuun nama jechuudha.
Obboleessa Simoon Pheexiroosiin ture. Beetasayidaa
irraa dhufe. Yohaannis1:44. Bartuu Yesuusiin ta‘uu
isaatiin fuuldura bartuu Yohaannis cuuphaa ture.
Yohaannis 1:40. Waa‘ee gatii waan hafuuraa qabuu,
waa‘ee mootummaa waaqayyoo, qalbii jijjiirrannaa fi
murtii isa dhumaa Yohaannis irraa barateera.Waa‘ee
badiisa Yerusaalemiin Yesuusiin gaafateera. Abdii
Hafuura Qulqulluus argateera. Yohaannis 1:35-
46,Maarqos 1:16-17,13:3,14, Maatewos 10:2, HoE
1:13.Indiriyaasii fi Simoon Pheexiroos bartoota Yesuus
keessaa warra jalqaba waamamanii dha. Maarqos 1:16-
18; HOE 1:13. Yohaannis cuuphaan Yesuusiin ilaa
hoolaa waaqayyoo ittiin jennaan Indiriyaas Yesuusiin
faana bu‘e. Indiriyaas Obboleessa Simoon Pheexiroos
kan turee fi qurxummii qabduu dha.Nama akka qabuuf
Yesuus isa afeerraan afeerraa Yesuusiif deebii kenne.
Maatewos 4:19. Yeroo bartoonni kiristoositti naanna‘anii
taa‘an geengoo isa gara keessaatti argama.Maarqos 13:3.
Indiriyaas namoota gara gooftaa isaatti fiduudhaan
beekama. Obboleessa isaa Pheexiroosiin gooftaatti
geesse. Yohaannis 1:41.Gurbaa buddeenaa fi Qurxummii
qabu sana Yohaannis 6:8 Giriikota warra Yesuusiin
arguu fedhan gara yesuusitti fide. Yohaannis

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 167


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

12:22.Namoota simachuu fi namootaa wajjin haasawuutu


isa gammachiisa. Maarqos 1:29; Yohaannis 1:40.
Namootaa wajjin michummaa kan uumuu danda‘uu dha.
Yohaannis 1:40, 1 Pheexiros 4:9. Indiriyaas
beetasayidaatti dhalate. Beetasayidaan kun ciisa bishaan
Galiilaa irraa gara kaabaatti kan argamtu yemmuu taatu
hiikni isaa immoo"mana qurxummii qabduu"jechuu dha.
Pheexiroos, Indiriyaasii fi Filiphoos magaalaa kana
keessa jiraachaa turan.Kiristoos magaalaa kanatti
namicha jaamaa ta‘e tokko ijasaa baneera. Warri
Beetasayidaa kun garuu barsiisaYesuusiin hin fudhanne
turan. Yesuus magaalaa Beetasayidaatiin siif wayyoo
ittiin jechaa ture.""Siif wayyoo yaa: Koraaziin siif
wayyoo yaa Betsayidaa! Hojii humna Waaqayyoo isin
keessatti godhame, utuu Xiiroosii fi Sidoon keessatti
godhameera ta'ee, sabni isaan keessa jiraatu yoona, uffata
gaddaa fi daaraadhaan geddarannaa yaada garaa isaa in
mul'isa ture;Egaa ani isinittan hima, guyyaa sanatti isin
irra kan caalu Xiiroosii fi Sidooniif firdiin in salphata.
Ati immoo yaa Qifirnaahom, hamma waaqaatti ol ol
kaafamuu barbaaddee? Badduu baasa iyyuu gara lafa
jalaatti gad, in darbatamta; hojiin humna Waaqayyoo inni
si keessatti godhame, utuu Sidoon keessatti godhameera
ta'ee, hamma har'aatti dhaabatee in argama ture. Egaa ani
isinittan hima, guyyaa sanatti mandara kana irra kan
caalu biyya Sodoomiif firdiin in salphata" jedhe.
Maatewos 11:21-24.Luqaas ammooakkas jedhee
barreesseera." Yesus itti fufee, "Siif wayyoo yaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 168


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Koraaziin, siif wayyooyaa Betsayidaa, hojiin humna


Waaqayyoo isin keessatti godhame, utuu Xiiroosii fi
Sidoonaa keessattigodhameera ta'ee, sabni isaan keessa
jiraatu silaayowwana, uffata gaddaa uffatee, daaraa
keessas taa'ee, geddarannaa yaada garaa isaa in mul'isa
ture."Luqaas10:13."Kana booddee Betsayidaa dhufan.
Achittis jarreentokko namicha jaamaa tokko gara Yesus
fidanii, akka inni harkaan isa qaqqabuufis kadhatan.
Kana irratti inni namicha jaamaa sana harka qabee ganda
keessaadiidatti baasee, ija namichaatti tuttufee, harka
isaas irrakaa'ee, "Waa arguu in dandeessaa?" jedhee,
gaafate. Namichi immoo ilaalee, "Namoota arguu nan
danda'a, akka adeemanis nan arga, garuu mukkeetii anatti
fakkaatu" jedhe. Inni ammas harka isaa ija namichaa irra
kaa'e, yommus iji namichaa fayyee, hubatee ilaalee waan
hundumaas ba'eessa godhee arge. Kana booddee Yesus,
"Gandichatti hin deebi'in iyyuu" jedhee namicha gara
mana isaatti erge." Maarqos 8:22-26. Bakki kun bakka
Yesuus namoota kuma shan itti nyaachisee dha. Luqaas
9:10, 17. Yerusaalem keessaa iddoo kuufama bishaanii
dhukkubsattoonni hedduun jiran turte. Yohaannis 5:2.
Indiriyaasii fi Filiphoos magaalaa hamtuu akkasii keessa
taa'anii utuu jiranii waaqayyoon barbaaddatan. Nuti illee
har‘a biyya lafaa akkuma Kooraaziinii fi Beetasayidaa
Yesuusiin hin fudhanne kan fakkaattu keessa teenyee
akkamittiin akka Indiriyaas, Filiphoosii fi Pheexiroos faa
akkamittiin bartoota Yesuusiin akka taanu beekuutu
nurraa eegama.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 169


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Bartoonni Yohaannis waa'ee hoolaa Waaqayyoo


dhaga‘anii Yesuus duukaa bu'an. Sagalee Yesuusiin kan
beekan hoolota isaati. Yesuus an hoolota koo beeka.
Isaanis ana waan beekaniif sagalee koo dhaga‘u jedha.
Utuu isaan gaafa sana sagalee Yesuus hin dhageenye ta‘e
maaltu ta'uu danda'a jettee yaadda?. Fayyina isaaniitiif
yeroo murteessaan yeroo sana waan tureef deebii
hatattamaa waamicha Yesuusiif kennan. Har'a Yesuus
namootaaf waamicha isaaniif godhee ka'ee fedhiin isaanii
maal akka ta‘e dursee isaan gaafata. Isaan kaan buddeena
barbaadanii waan quufaniif yeroo isa duukaa bu'an isaan
kaan immoo onnee isaaniirraa waamichi Yesuus waan
isaan amansiiseef bartuu ta'an. Yesuus iddoo kan biraatti
namoota isa duukaa deemaa turaniin akkana jedhee ture.
"Yesus immoo deebisee, "Dhuguma, dhuguman isinitti
hima, isin milikkitawaan argitaniif utuu hin ta'in,
buddeena nyaattanii waan quuftaniif na barbaaddu."
Yohaannis 6:26. Inni wantoota namoonni cimsanii
barbaaduu qaban lafakaa'ee jira."Nyaata baduuf hin
dhama'inaa! Nyaata jireenya bara baraatiif argamuuf
dhama'aa malee!" nuun jedha. Yohaannis 6:27. Iji
hafuuraa keenya banamee argeera yoo ta‘e jireenya
guyyaaguyyaa keessatti kan arginu namoota jireenya
barabaraatiif dhama'aa jiranii dha moo namoota nyaata
isa baduuf dhama'aa jiranii dha? Har‘a dhibaa'ummaa
tokko malee hojii bultoo keenyaa hojjechuun nuuf ni ta'a.
Garuu dhugaan jiru wanta nuti dursinee barbaaduutti
jirruudha. Ani gama kootiin rakkoo dhaloota bara kana

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 170


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gooftaaduukaa bu'uu dhaaf isa rakkisan keessaa inni


guddaanwaan dursuu qabu durfachuu dadhabuu dha.
Yesuus wantoota namoonni itti yaadda'anii fi dhiphatan
xiinxaluu dhaan akkana jedhe."Kanaafis isin 'Maal
nyaanna?' yookiis 'Maal dhugna?' yookiis 'Maal uffanna?'
jettanii hin yaadda'inaa! Warri saba Waaqayyoo hin ta'in
yaada isaanii isaan kanattihidhanii jiru'o; isaan kun
hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan
keessan inni waaqa irraa in beeka.Duraan dursitanii
yaada keessan mootummaaWaaqayyoo fi qajeelummaa
isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu
hundinuu immoo isiniifin kennama." Mat 6:33.

Wanti dursuu qabu mootummaa Waaqayyooti. Isaan


kaangaruu 2ffaa fi sadaffaa jedhanii itti aananii dhufuu ni
danda'u. Yaa jaallatamtoota koo
Kiristiyaanummaanbakka itti rakkina, beela, daaruu,
hiyyummaa fi balaahamaa jalaa ooluuf itti baqatan utuu
hin taane bakkawantoota amma caqafne hunduma isaanii
Yesuus keessaan injifannee bira darbinuu dha. Yesuus
biyya lafaatti rakkina akka qabnu nutti dubbateera. Ta'us
garuu karaa Kiristoosiin injifannoon kanuma keenya.
"Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana
hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu,
garuu jabaadhaa! Ani Biyya lafaa mo'eera" jedhe. Yoh
16:33.

Namoonni hedduun mana jireenyaa, fayyaa, ulfina,


beekamtii fi k.k.f argachuu waan yaadaniif aarsaa Yesuus
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 171
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

duukaa bu'uun isaangaafatu hin beekan. Yesuus biyya


lafaatti rakkina qabdu jabaadhaajedhee barsiisaa jira.
Har'a woo namoonni hedduun nuti bartoota Kiristoos dha
ofiin jechaa yemmuu yemmuu Wangeela
badhaadhummaa lallaban akkamittiin isaan ilaalla? Akka
naaf galetti yoo ta‘e kun faallaa barsiisaKiristoos dha.
Yesuus karaa dhiphaa irra akka adeemnu nu
barsiise."Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara
badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal'aa dha;
namoonni ittiin ol galan immoo baay'eedha. Karaan gara
jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha,
namoonni isa argatan muraasa" jedhe. Mat 7:13-14,Luq
13:24. Asitti Yesuus karaan gara jireenyaatti geessu
daandii walqixxee bu'aa bahii hin qabnee dha jechaa hin
jiru. Inni rakkoo akka qabu, garuu warri rakkoo guddaa
injifatan akka isa argatan beekamaadha. Ergamoonni
waa'ee Kiristoosiin lallabaa yemmuu turan dhiphina
guddaa dhaan mootummaa Waaqayyootti galuutu nuuf
ta‘a jedhanii dubbachaa turan. Yesuus bartootaYohaannis
irraa maal akka isaan barbaadanii isa duukaa bu'an akka
adda baafatan barbaade. Kana booddee bartoonni
Yohaannis sun lamaan iddoobuufata isaatii eessa
buufattee jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo kottaatii
ilaalaa isaaniin jedhe.Yohaannis1:38-39. Yesuus har‘a
iddoo inni buufatee jirutti isa arguuf fedhayoo qabaanne
iddoo buufata isaa nu jalaa hin dhoksu. Bartoonni sunis
iddoo Yesuus buufate arganii isa bira oolan jedha. Biyya
lafaa keessatti namoonni hedduun hojii gaarii, iddoo

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 172


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

bashannanaa gaarii, nyaataa fi uffata gaggaariifilachuu


utuu danda'anii iddoo buufataa lubbuu isaaniitiif mijataa
ta‘e Yesuus bira filachuu dadhabuunisaanii waan nama
ajaa'ibsiisuu dha.Indiriyaas bartuu Yohaannis ta‘ee utuu
jiruu ofiisaatii dursee Yesuusiin duukaa bu'ee obboleessa
Pheexiroosiingara Yesuusitti geesse. Yohaannis 1:42.
Indiriyaas kun fakkeenya warra namoota Yesuusiif
lubbuu booji'aniiti. Utuu gaafa sana inni Simoon
Pheexiroosiin hin waamne ta‘ee maaltu ta'a
ture?Pheexiroos inni gaafa guyyaa Pheenxeqoosxee
lallaba tokkichaan lubbuu kuma sadii cuuphe sana
Indiriyaastu gara Yesuusitti geesse. Utuu nuti jabaannee
namoota gara Kiristoositti waamuu dandeenyee namoota
hedduu kana akka Pheexiroosfaa dhufanii hojii seena
qabeessa hojjetan hedduu horachuu ni dandeenya.
Waaqayyo immoo bara sana caalaatti bara keenyatti kan
duraan ture caalchisee hojjechuuf fedha guddaa qaba.
Indiriyaas Pheexiroos isa guutummaa addunyaatti
lallabaa cimaa hojii Waaqayyo hojjetee beekamu gara
Yesuusitti geesseera. Inni ani akka Pheexiroos maaliifan
beekamtii dhabe jedhee utuu inni guungumuu isa hin
arginu. Kana irraa wanti nuti barannu hojii Waaqayyoo
anatu caalaa dhaa fi anatu beeka jechuudhaan utuu hin
taane Waaqayyoo isa nama hundumaa caalaatti beekaa
ta‘een karaa tumsa Hafuura Qulqulluutiin akka inni
hojjetamuu dha.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 173


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yesuus bartoota Yohaannisiin yemmuu waame"Na


duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan
godhadha" isaaniin jedhe. Maarqos 1:17. Yesuus karaa
inni adeemerra akka adeemnuuf nu gaafata malee karaa
ofii keenyaan isa dursinee yookaan Yesuusiin of duubatti
hambifnee akka nuti adeemnu hin barbaadu. Gama kan
biraatiin akkuma Pheexiroosiin kophaa Yesuusiin dura
bu'anii adeemuun rakkoo qabu Yesuus irraa fagaatanii
booddee hafuunis balaa guddaa qaba. Nurraa kan
eegamu faanasaa hordofnee isatti siqannee isa duukaa
bu'uutu nuuf ta'a. Indiriyaas bartoota warra gaara Ejersaa
gubbaattiwaa'ee mallattoo xumura barichaa fi waa'ee
badiisaYerusaalem kan gaafatan keessaa isa tokko ture.
Yesuus akkuma jalqaba irratti maal barbaaddu jedhee
isaan gaafannaan akka isa barbaadan akkuma isatti himan
amma immoo mallattoolee xumura baraa kan isaan
arganii fi dhaga‘uu danda'an yoo barbaachisaa ta‘es kan
isaan aarsaa itti kaffalan ifaa dhumatti isaanitti dubbate.
"Yesus gaara ejersaa gubbaa gara mana
qulqullummaattigaragalee utuu taa'uu, Phexros,
Yaaqoob, Yohannisii fi Indriiyaas kophaatti isa gaafatan,
"Nutti himi, kun yoom ta'a? Wanti kun hundinuu
yommuu raawwatamuuf jedhu immoo milikkinni isaa
maali?" jedhan. Maarqos 13:3-4. Yesuus dubbii garaa
namaa kutu Indiriyaasii fi bartoota warra kaanitti himee
ture. "Isaan dabarsanii isin kennuudhaaf yammuu isin
geessan, isa dubbachuuf jirtaniif dura hin yaadda'inaa!
Waanuma yeroo sanatti isiniif kennamu dubbadhaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 174


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

malee; isintu dubbata miti'o, hafuura qulqulluutu dubbata


malee. Yommus obboleessi obboleessa du'atti dabarsee
in kenna, abbaanis mucaa isaa, ijoollonnis warra isaanii
irratti ka'anii isaan in ajjeesisu. Anaaf jettanii hundumaa
biratti kan jibbamtan in taatu; namni hamma dhumaatti
jabaatee dhaabatu garuu in fayya" isaaniin
jedhe.Maarqoos 13:12-13. Egaa bartuu dhugaa wantoota
akkasiitu isa quunnama. Indiriyaasis kana yemmuu
dhaga‘e sodaatee gara booddee isaa hin deebine. Inni
Yesuus irraa jireenya barabaraa akka argatu waan
beekuuf rakkina sababa inni bartuu ta‘eef isatti dhufe
sodaatee duubatti hin deebine. Indiriyaas gaaftokko
Yohaannis 6 keessatti Gurbaan buddeena garbuu shanii fi
qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu namoota
baay'ee kanaaf kun maal godha?" jedhee gaafachuu isaa
dubbifna. Indriiyaas obboleessi Simoon Phexros,
bartoota isaa keessaatokko kan ture, Yesusitti dubbatee,
"Gurbaan buddeenagarbuu shanii fi qurxummii lama
qabu tokko as jira; garuu namoota baay'ee kanaaf kun
maal godha?" jedhe. Yesus immoo, "Namoota teessisaa!"
jedhee abboome. Achi margi baay'een jira ture;
namoonni akka kuma shanii ta'anis marga sana irra
taa'an. Kana booddee Yesus buddeenan sana fuudhee,
Waaqayyoof galata galchee, warra taa'aniifis hire;
qurxummicha irraas akkasuma hamma isaan barbaadan
hireef. Namoonni erga nyaatanii quufanii, Yesus, "Waan
tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti
qabaa!" jedhee bartoota isaatti hime. Hurraa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 175


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

buddeenangarbuu shanan jarri nyaatan irraa hafes


gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. Yohaannis 6:8-
13. Asiratti Indiriyaas namoota kennaa namoota hedduu
gahuu danda'u utuu of harkaa qabanii kan callisanii ta'an
akkaisaan jajjabeessee fi hojii Waaqayyoof dhimma akka
itti bahu gochuu isaatiin beekama. Namoonni as akka
Indiriyaas kun namoota ciccimoo akka gurbaa kanaa kan
saba Waaqayyo hedduu quubsuu danda'an kana as baasu.
Namoonni waan Waaqayyo harka isaanii keessa kaa'een
akka hojjetaniif hojjechuu irratti Indiriyaas Fakkeenya
gaarii dha. Waldaan waaqayyoo namoota
shaakalaIndiriyaasiin qaban kan akkasii utuu qabaattee
silaa namoota akka Pheexiroosii fi gurbaa maqaan isaa
asitti caqasaa jirru kanaa hedduu isaaniitu Waaqayyoof
dhimma baasee tajaajila isaaniittis dheebuu baati. Gaafa
Pheexiroos namoota kuma sadii guyyaa tokkotti
cuuphsise Indiriyaasitti gammachuu guddaa akkamiitu
itti dhaga‘amaa ture laata?Namoota hojii Waaqayyoo
sirriitti hojjetan gara Hojii wangeelaatti yemmuu fidnu
gammachuu tilmaamuuf baay'ee guddaa ta‘e akka
Indiriyaasiin argachuu ni dandeenya.

Bartoota ciccimoo gooftaan waame kana mee Fakkeenya


armaan gadiitiin haa ibsinu. Pilaaneetiin Merkurii
jedhamtu ni hoo’iti. Pilaaneetii Piluutoon garuu ni
diilalloofti. Meerkuriin maaliif hoo’itii piluutoon
immoo maaliif diilalloofti jennee yoo gaafanne deebii
isaa meerkuriin biiftuutti dhihaachuu isheetii fi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 176


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Piluutoon immoo biiftuu irraa fagaachuu isheeti.


Hammuma biiftuutti dhihaattu yookaan irraa fagaatan
yookaan itti dhihaatantu pilaaneetonni kunniin
diilallaa’u yookaan ho’u. Nuti garuu pilaaneetii ishee
lafa jedhamtu irra kan jiraannu haala jijjiirama jiruu
irratti hundoofnee hafuuratti takka gubaa taanee yeroo
kan biro immoo diilallaa’uu ni dandeenya ta’a.
Waaqayyo kiristaanota akka Piluutoo diilallaa’oo
ta’anii fi akka pilaaneetii lafa jedhamtuu takka ho’anii
yeroo kan biro diilalla’an utuu hin taane warra
akkaPilaaneetii Meerkurii yeroo hundumaa hafuuratti
gubaata’an barbaadaa jira. Ati kiristaana isa
kamiidha?

Gaaftokko Indiriyaas Yohaannis 12:22 irratti Waa‘ee


Giriikota ayyaana Faasikaa irratti Yesuusiin barbaadanii
Filiphoos isatti himnaan lama ta'anii dhaqanii waa'ee
Giriikota kanaa Yesuusitti himan. Yohaannis 12:20-26
akkas jedha."Warra yeroo ayyaanichaatti sagaduudhaaf
ol ba'an keessa, Giriikonni tokko turan. Isaan kun
Filiphos, nama Betsayidaa isa kutaa biyya Galiilaa sana
bira dhufanii, "Yesusin arguu feena, gooftaa" jedhaniin.
Filiphos immoo dhaqee Indriiyaasitti hime; Indriiyaasii fi
Filiphos walii wajjin dhaqanii Yesusitti himan.Yesus
garuu deebisee, "'Yeroon ilmi namaa ulfina isaatti ol
fudhatamu ga'eera. Dhuguma, dhuguman isinitti hima; iji
qamadii biyyoo keessa bu'ee yoo du'uu dhaabaate,
tokkichuma ta'ee hafa; yoo du'e garuu ija baay'ee in

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 177


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

godhata. Namnni jireenya isaa mararsiifatu jireenya isaa


in dhaba; namni biyya lafaa kanatti jireenya isaa hin
mararsiifanne garuu, jireenya bara baraatiif isa in kaa'ata.
Namni tokko yoo anaaf ergamuu barbaade, anaduukaa
bu'uun in ta'aaf, inni anaaf ergamus lafa ani jiru in
jiraata; namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo
ulfina in kennaaf jedhe." Giriikonni kun Yesuusiin arguu
fedhaniiru. Yeroon sun Yeroo ilmi namaa olbutamuun
isaa dhihaate ture. Tarii akkanaa kana gaaftokko dhabuu
ni danda'a. Giriikonnibara durii ilaalchisee Phaawuloos
akkana jedhee barreessee ture."Ani wangeelatti hin
yeella'u, inni humna Waaqayyo isa warraamantii qaban
hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas
warra Giriikotaa fayyisuu dha.Qajeelummaan Waaqayyo
namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis
nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul'ata;
akkuma caafamee jiru immoo, "Namni amantiidhaan
fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in
jiraata." jedhee warra Giriikiitti lallabuu akka qabu
dubbatee jira. Roomaa 1:16-17. Maarqos immoo Yesuus
uumama hundumaatti wangeela lallabaa jedhee Yesuus
akka dubbate barreesseera. Maarqos16:15. Uumama
hundumaa kan jedhu Giriikota kana illee
nihammata.Giriikonni warra ogummaa barbaadanii dha
malee waa'ee fannoo kanaaf utuu isaan dhimmanii
si'abaay‘ee hin arginu. Yohaannis 12 keessatti Giriikota
keessaa namoota qaqqaxalee Yesuusiin arguu fedhan
argina. Sagaleen waaqayyo iddoo kan biraatti akkana

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 178


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jedha."Phaawuloos waa'ee amala Giriikotaa akkana


jedhee barreesseera."Waa'ee fannifamuu Kristos
dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif
gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf
garuu, innihumna Waaqayyoo ti. Caaffanni
qulqullaa'aan, "Ogummaa warra ogeessotaa nan
balleessa, hubannaawarra hubattootaas lafatti nan dabala"
in jedha. Egaa namni ogeessi eessatti hafa ree?
Barsiisaan seeraas eessatti hafa ree? Dubbi-beekaan bara
si'anaas eessatti hafa ree? Waaqayyo ogummaa biyya
lafaa kanaa gowwummaa godheera mitii ree? Biyyi lafaa
ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan
guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi
lallabnuutiin warra amanan fayyisuun Waaqayyotti tole.
Yihudoonni illee milikkitoota gaafatu, Giriikonni immoo
ogummaa barbaadu. Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in
lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha,
warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha.
Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaa fi taanaan
Giriikotaafis taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti,
ogummaa Waaqayyoo tis. Wanti gowwummaa
Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala,
wanti dadhabbii Waaqayyoo fakkaatus jabina namaa irra
in caala." Jedhee dubbata. 1 Qorontos 1:18-26. Yesuus
Giriikota sanaaf"Yaada ani isiniif yaade anuma
duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin
garafuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee,
yaada isin balleessu miti. Yommus isin gara kootti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 179


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis


isiniif nan dhaga'a;isin ana in barbaaddattu; garaa
keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in
argattu" kakuu jedhu ni eegaaf. Ermiyaas 29:11-13.
Dhihootti olbahuuf waan jedhuuf daddafanii isa arguu
barbaadan. Kun nuuf illee barumsa guddaa nuuf kenna.
Daddafnee Yeroo fayyinaaf qabnutti fayyadamuun
barbaachisaa dha."Yeroo inni argamuu danda'utti
Waaqayyoon barbaaddadhaa! Utuu inni dhi'oo jiruus isa
waammadhaa! Namni jal'aan karaa isaa isa jal'aa haa
dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa
deebi'u! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa
ta'eetti haa deebi'u, innis isa in maara. Waaqayyo,
"Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka
karaa keessanii miti; akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu,
akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos
yaada keessan irraa in fagaata." Isaayaas 55:6-9.Bara
kamiin caalaatti barri kun bara itti cubbamaan itti
Waaqayyoon barbaaddachuu qabuu dha. " Sababni
cubbamaan daddafee qalbii jijjiirrachuukan inni qabuuf
dhihootti isa qajeelaa fi isa jal'aa gidduutti daangaan
namni ce'uu hin dandeenyetu sararama waan ta‘eef."Inni
waan jal'aa hojjetu, jal'aadhuma isaa haa hojjetu; inni
xuraa'aan, ittumaa of haa xureessu; inni waan qajeelaa
hojjetu, qajeelaadhuma isaa haa hojjetu; inni
Waaqayyoof qulqullaa'e, isumaaf haa qulqullaa'u!"
jedhee anatti hime."Mul‘ata 22:11.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 180


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yesuus Giriikota kana biyya lafaattiii du‘uudhaan akka


isaan isa duukaa bu'aniif isaan gorse."Dhuguma,
dhuguman isinitti hima; iji qamadii biyyoo keessa bu'ee
yoo du'uu dhaabaate, tokkichuma ta'ee hafa; yoo du'e
garuu ija baay'ee in godhata. Namnni jireenya isaa
mararsiifatu jireenya isaa in dhaba; namni biyya lafaa
kanatti jireenya isaa hin mararsiifanne garuu, jireenya
bara baraatiif isa in kaa'ata, Namni tokko yoo anaaf
ergamuu barbaade, ana duukaa bu'uun in ta'aaf, inni
anaaf ergamus lafa ani jiru in jiraata; namni anaaf
ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf
jedhe."Yohaannis 12:24-26. Har‘a iyyuu Yesuus isa
duukaa yemmuu buunu maal barbaaddu jedhee nu
gaafata. Yohaannis 1:38. Yesuus eenyuun akka
barbaadaa jirru adda baafachuu qabna. Isaan kaan
qabeenya, ulfina wantoota ijaan argaman barbaadu.
Bartoota gooftaa keessa iyyuu faayidaa barbaacha kan
adeemu Yihuudaan ni jra. Kanaaf seenaa Indiriyaas irraa
waan hedduu barachuu nidandeenya.

Indiyaas DH.K.B. bara 70 magaalaa Paatiraas


jedhamtutti Aayigaas Abbaa Biyya Iddeessaatiin guyyaa
sadii fi halkan sadiif fannifamee fannoorra turuudhaan
wareegame. Sababiin inni ajjeefameefis haadha manaa
mootii kan maqaan ishee Maaksimiliyaa jedhamtutti
dhugaa bahee waan amansiiseef ture. Yeroo duuti fannoo
itti murteeffames ―Ani du‘a fannoon sodaadhaaree? Ani
waa‘ee fannoo Kiristoos yemmuun lallabe ulfaachuu isaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 181


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

fi aangoo olaanaa agarsiise jedhee hin lallabne‖ jedhe.


Fannoo isaaf qopheessanis yemmuu arge
gammachuudhaan ―O yaa fannoo jaallatamaa nana!
Garakee dhufuu dhaaf yeroo dheeraadhaaf hawwaan ture.
As dhaabbattee utuu jirtuu si arguu koof baayyeen
gammada. Yemmuun gara kee dhufu gammachuu
guutuudhaan, oo‘a guddaan nama argate ta‘uu koo
beekuudhaanis garakeen dhufa. Kunis hawwiikoo yeroo
dheeraati. Anoo ergamaa gooftaa koo isa fannoo irratti
fannifamee tureeti. Obboloonni hedduunis Akkuma kana
fannifamaniiru‖ jedhe. Bartuun kun fannoo irra guyyaaf
halkan sadii kan ture du‘uu isaatiin fuula dura afaan isaa
sosochoosee namoota hedduu naannoo muka fannoo
dhaabbataniin akkana jedhe. ―Ani gooftaa koo Yesuusiin
nan galateeffadha. Inni yeroo barbaadeef akka
Ambaasaaddara isaatti anatti fayyadamee amma immoo
akka ani dhagnasaa uffadhuuf waan naaf eyyameef ani
karaa dhuga bahumsa gaarii ayyaanaa fi araara barabaraa
akkan argadhu waan naaf godheef, amantii keessan isa
fudhattanitti jabaadhaatii itti fufaa,walgorsaa, wal
jajjabeessaa! Kanaanis jireenya barabaraa keessatti
waaqayyoo wajjiniin jiraachuuf jirtu. Ija kakuu isaa
fudhadhaa!‖ isaaniin jedhe. Ergamichi ammayyuu
fannoo irratti waan hin du‘in jiruuf kiristaanonnii fi
namoonni sun kana hundumaa yemmuu dhaga‘an gara
mootichaa dhaqanii gadi buusee akka inni isaaniif
kennuuf gaafatan. Inni fannootti hidhamee ture malee hin
waqaramne ture. Bartuun kun waan ta‘aa jiru kana ilaalee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 182


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

― O yaa gooftaa koo Yesuus! Hojjetaa kee isa


maqaakeetiif asitti fannoo irratti dhiphachaa jiru kana
kana caalaa hin dhiphisin. Si‘achi na fudhadhu malee
gadi bu‘ee namoota gidduu akkan jiraadhu hin godhin.
Yaa isa ani dhiphachaafii jiruu, yaa isa ani arguu
hawwuu,yaa isa ani keessatti waanan ta‘e hundumaa
ta‘ee!‖ jedhee kadhate. Kana booddees ni obbaafate.
YAAQOOB OFITTUMMAA IRRAA
GARA WARRA KAN BIROOF DURSA
KENNUUTTI
Mat 27:56 irratti haati isaa Maariyaam jedhamti
turte.Haati Yaaqoob kun dubartoota Yesuusiif hojjetan
keessaa ishee tokko turte.Maarqos 15:40. Maatiin
keessumaa dubartoonni akka maariyaam haadhaYaaqoob
kana ofii isaaniitii waaqayyoon tajaajilaa ijoollee isaanii
bartuu Yesuusiin kan taasisan ni barbaachisu. Haati
Yaaqoob ofii kootii tajaajiluun nan barbaachisuijoolleen
koo qofti bartuu Yesuusiin haa ta‘an hin jenne. Ofii
isheetiis bartuu Yesuusiin taatee maatii ishees bartoota
Yesuus warra dhugaa isaan taasiste.Ofiisheetiis hojjechaa
dhala isheetiif hojjettee jirti. Garuu wanti nama ajaa‘ibu
immoo ijoolleen ishee Ilmaan Kakawwee jedhamu turan.
Kana jechuunis hafuura ofittummaa fi aariin kan
guutamanii dha jechuu dha. Ta‘us isheen ijoolleen koo
bakkaa fi iddoo an itti isaan eege hin jiran,amalli isaanis
hin jijjiiramne jettee abdii ishee hin kutanne. Waaqayyo
amala ilmaansheetii kana akka jijjiiruuf obsa guddaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 183


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dhaan eegaa turte. Kun maatii har‘a utuu nuyi ijoollee


keenya gorsinuu akka nuti yaadne nuuf ta‘uu didan
jedhanii kan dhiphataniif hamma dhumaatti obsaan
isaaniif waaqayyoon kadhachuufii akka qabnu nu
barsiisa.Nuti bakka hundumaatti waa‘ee waaqayyoo
isaan barsiisuu qabna. Kes 15:5,6. Erga isaan barsiifnee
booda murteeffachuun kan mataa isaanii ta‘a. Hisq
33:11. Yaaqoob gaafa Pheexiroos halkan guutuu
qurxummii qabuu dhaaf yaalii hedduu taasisee erga
dadhabee booda borumtaa yeroo inni halkan guutuu akka
yaalee dadhabe sababii Yesuus jedheef garuu kiyyoo
darbachuuf murteessee Yeroonni milkaa‘ee qurxummii
hedduu qabatee turetti Yaaqoobii fi Yohaannis michuu
Pheexiroosiin waan ta‘aniif isa dinqisiifataniiru.
Yaaqoob faan waan qaban hundumaa dhiisanii Yesuusiin
duukaa bu‘an. Hiikkaan fannoo baachuus isaaniif
galeera. Yesuus anaaf jedhee haadha isaa, abbaa isaa,
ilmasaa, intalasaa dhiisee naduukaa kan hin buune anaaf
kan male miti jedheera. Yaaqoob faana Yesuus duukaa
bu‘uuf waan hundumaa itti dhiisan. Yihuudaan garuu
isaan keessaa waan kan biraa hundumaa dhiisuurra
Yesuusiin dhiisee deemuu filate. Dargaggeessicha
badhaadhaa jireenya barabaraatti galuudhaaf maal godhu
jedhee Yesuusiin gaafannaan Yesuus isa jaallate sana
waan hundumaa dhiisee garuu waan tokkittii ishee
bu‘uura taate qabeenyasaa gurguree warra hiyyeessotaaf
kennuutu Yesuusiin biraa isa hambise.Yaaqoob garuu
garee warra waan hundumaa dhiisanii fannoo baatanii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 184


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yesuusiin duukaa deemaniiti. Yesuus waan hundumaa


anaaf jecha dhiisii na duukaa bu‘i nuun jedha. Nuti isaaf
jennee waan hundumaa yoo dhiifne, waanti hundinuu
qabeenyasaati waan ta‘eef hafuurattis ta‘ee qaamatti
harka keenya qullaa nama hin hambisu. Bartuu Yesuusiin
ta‘anii fannoo baachuun kisaaraaakka hin qabne iji
keenya nuuf baname yeroo ulfina samii arginu nuuf gala.
Sababni nuti obsaan dandeenyuuf fannoo baachuun
gonfoo mataatti kaawwachuu dursuu waan qabuu fi dha.

Guyyaa kan biraa tokko Yaaqoobii fi Yohaannis Gaaffii


tokko si gaafachuu barbaadna ittiin jennaan Yesuus maal
barbaaddu isaaniin jedhe. Kun Yesuus kiristoos yeroo
hundumaa gaaffii keenya deebisuudhaaf fedha
qabaachuu isaa agarsiisa. Isaanis akkana ittiin
jedhan.‖Ulfina keetti yemmuu dhuftu isa tokko mirga
kee isa tokko bitaa kee nu teessisi jedhanii Maarqos
10:35-45 irratti utuu isaan Yesuusiin gaafatanii argina.Isa
iyyuu iddoo kanatti waan si kadhanne yaa yesuus nuuf
deebisuutu sirra jira ittiin jechaa jiru. Yesuus garuu maal
akka kadhattan iyyuu hin beektan ittiin jedhe. Utuu
Yesuus akka isaan kadhatanitti isaaniif deebisee silaa
maaltu ta‘a ture jettanii yaaddu? Ani kana irraa wanti ani
hubadhe tokko yoo jiraate jireenya keenyaaf ni ta‘a
jennee isa nuti yaadnu irra inni waaqayyo nuuf yaadu
dacha kumaatama nuuf caala.

Umuriin jiraadhe kana keessatti anumti mataa kootiin


waaqayyoon utuu hin mariisisin akkana naaf godhi
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 185
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jedhee waaqayyoon dirqisiisee waanan ofii kootii


filadhee itti miidhame hedduusaan qaba. Isinis mudannoo
akkasii qabaachuu dandeessu ta‘a. Bartuu inni dhugaan
fannoo baatu garuu waanti ati anaaf yaadde naaf haa
raawwatamu jechuu qaba malee waaqayyoon waanan ofii
kootii yaade ati naaf raawwadhu jedhee waaqayyoon
dirqisiisuu akka hin qabne sirriitti Xiinxalee bira gaheera.
Yaaqoobis Yohaannisii wajjiniin haala akkasii kana
keessa turan. Isaan ulfina keetti inni tokko mirga kee inni
tokko mirgakee inni tokko bitaa kee nuuf haa ta‘u
jechuun maal akka ta‘e hiikkaa isaa isa sirrii hin beekan
turan. Akka Maatewoos 25:31-33 irra jirutti hiikkaan
mirgaa fi bitaa Yesuus taa‘uu isaaniif galeeraa laata?
Kadhannaa isaanii kanaan lubbuu tokko muudaa isa kan
biraa immoo akka baduuf kadhachuutti jiru. Altokko
tokko ijaaruuf dhaqne yeroo diignee gallu, jajjabeessuu
dhaqnee yeroon boossifnee galluu, eebbisuu dhaqnee
yeroo abaarree galluu fi fayyisuu dhaqnee ilaalcha mataa
keenyaa qofaan yeroon nuti kadhannaa keenyaan
namoota ajjeefnee gallu ni jira.Yesuus yeroo akkasii
kanatti Yaaqoobii fi Yohaannisiin waanuma
kadhattaniyyuu hin beektan ittiin jedhe. Dhuguma
duraanis bartoonni akkamittiin akkakadhannu hin
beeknuu nu barsiisi ittiin jennaan Yesuus kadhannaa
bartootaa isaan barsiisee ture. Amma illee dhiibbaa
dhibba akkaataa fi hiikkaan kadhannaa isaaniif hin galin
jira jechuu dha. Nuuf illee har‘a akkasuma dha.
Phaawuloos ergamaan Roomaa 8:26-27 irratti nuti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 186


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

akkamitti akka kadhannu hin beeknu: hafuurri qulqulluun


garuu aadnaa isaatiin kadhata keenya fuula abbaatti
guutuu godhee nu gargaaruudhaan nuuf kadhatee
dhiheessa jedheedhugaa nuuf baha. Sana booda Yesuus
xoofoo dhiphinaa an keessaa dhuguuf jiru keessaa
dhuguu ni dandeessuuree jennaan eeyyee ni dandeenya
jedhanii deebisaniif. Eeyyeen xooficha keessaa booddee
dhuguu ni dandeessu. Bitaa dhaa fi mirga koo taa‘i
isiniin jechuu hin danda‘u. Kun dhimma filannoo
dhuunfaa keessaniiti ittiin jedhe. Gooftaan har‘as
dirqamaan ati fayyuu yookaan baduu qabda nuun hin
jedhu. Keessa deebii 30:15. Mul‘ata 3:20 irratti immoo
ala dhaabatee balbala garaa keenyaa akka inni rurrukutuu
fi fedhii keenyaan yennaa ol isa seensifne malee
dirqamaan cabsee akka inni mana keenyatti ol hin seenne
nutti dubbata. Yesuusiin waaqessuun yookaan waaqessuu
dhiisuun filannoo keenya dha. Garuu faayidaa fi miidhaa
filannoon keenyanuuf fidee dhufu immoo fudhachuun
dirqama keenya dha. Yaaqoob garuu filannoo gaarii
filatee kiristaana waldaa waaqayyoof sababii
bu‘aabuuseef hidhame akka ta‘e macaafni qulqulluun
ragaa bahaaf. HOE 12:2. Gaaffiin mirga yookaan bitaa
Yesuus taa‘uu kun bartoota warra kan biraas hinaafsisee
isaan aarseera. Maarqos 10:41.

Yesuus garuu nama walcaalchisuun mootummaasaa


keessa akka hin jirre isaanitti hime. Isin keessaa dura
bu‘uu kan barbaadu booddee ta‘ee hundumaaf hojjechuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 187


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

qaba isaaniin jedhe.Biyya lafaa keessatti jalqaba ol


kaafamanii boodarra gadi bu‘u. Yesuusiin fuulduratti
garuu jalqaba gadi qabamanii xumura irratti ol ol
kaafamu. Iyoobillee jalqabnisaa baayyee fokkisaa yoo
fakkaate akkuma Yesuus Yaaqoobitti dubbate xumurri
isaa baayyee guddaa ta‘eera. Iyoob 8:7. Asitti wanti nuti
jala sararree beekuu qabnu yeroo kanatti gad of
deebisuun Yaaqoobii fi Yohaannisiin biraa
dhabamuusaa nu hubachiisa. Jireenya Yesuusiinis yennaa
ilaalle namootaaf hojjechaa ture malee namoota
hojjechiifachaa hin turre. Gooftaa ta‘ee utuu jiruu akka
garbichaatti dhufee nu tajaajile. Waaqa ta‘ee
waaqeffatamuu utuu qabuu nuuf jedheedhufee gad of
deebisee foon uffate. Filp 2:5, 6, Luqaas 19:10. Luqaas
22:24-30 keessatti gaaffiin anatu caala jedhu bartoota
keessa yennaa jiraate illee Yesuus garuu bulchiinsi isaa
walqixxeetti nama hundumaa ilaala waan ta‘eef Yaaqoob
fi Yohaannis qofatu teessicha irra taa‘ee murtii kenna
jedha utuu hin taane hunduma keessantu irra taa‘uuf jira
isaan jedhe.

Utuun barreeffama xiqqoo kana barreessaa jiruu yaadi


naaf dhufe kanan isiniif qoodu yoo jiraate ulaagaan biyya
lafaa waan hedduu dhaan nama kuffisa; Ulaagaan Yesuus
garuu caba namaa dhidhiibee ayyaana isaatiin guutuu
nama taasisa kan jedhu qabatamaatti jireenya koorraa
dhugaa isiniif ba‘uun barbaada. Nuti fannoo Yesuusiin
jalatti walqixxeedha. Abbaan keenya inni waaqarraa ija

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 188


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

tokkoon walqixxeetti hunduma keenya ilaala. Anatu


caalaa fi koormaan keenya walakkeessa cubbuu irraa kan
madduu dha. Maatewos 19:28 irratti yeroo murtii sanatti
hundumtisaanii teessoo Israa‘el 12 irra taa‘anii akka
murtii kennan waadaa isaaniif gale. Anatu caalaan amala
seexana biraa maddee dhufe waan ta‘eef Yesuus amala
anatu caalaa kana isaan keessaa buqqisee gatuu barbaade.
Seerri warqee gooftichi isaaniif kennee tures waan akka
namoonni siif godhan barbaaddu atis dhaqii namootaaf
godhi kan jedhu ture. Namni ofii isaatiif waan gaarii ta‘e
hundumaa hin hawwine tokko illee hin jiru. As irratti
Indiriyaasii fi bartoota hundumaadabalatee anatu caalaa
dhiiftanii jaalala ani ittiin isin jaalladheen walii walii
keessan jaallachuu qabdu isaaniin jechaa jira. Yohaannis
13:35. Yesuus gabaabaa dhumatti nama dura ta‘uu
barbaadda taanaan namoota hundumaatiif booddee taatee
isaaniif hojjechuu qabda jechuu isaati.Maarqos 9:35.

Namni sababii Yesuusiif jedhee gad of deebisus ol ol


qabamuun isaa hin hafu.Sababii gad of qabeefis waan
kisaaru tokko iyyuu hin qabu. Maatewos 23:11.
Fariisonni bara Yesuusiin keessaa mata duree gad of
deebisanii anatu caala jechuu dhiisuu dadhabuutiin
baayyee komatamaa turan. Warra mana waaqayyoottis
ta‘ee iddoo hojii ooltoo fi bultoo keenyaatti nu
jalajiranittillee aboo itti agarsiisuudhaan utuu hin taane,
jaalalaan isaan hoogganuu qabna. 1Pheexiros
5:3.Yaaqoob wanti kan biraan inni nu barsiisu yoo jiraate

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 189


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

amalli Yesuus yeroo hundumaa ba‘aa namootaa baachuu


fi obsaan danda‘uu ture. Utuu Yesuus garaa dhiifamaa fi
jaalalaa hin qabu ta‘ee silaa onneen Pheexiros jaalala
isaatiin hin baqu, Yohaannisii fi Yaaqoobis jaalalaa fi
dhiifama namaaf gochuu jechuun maal akka ta‘e hin
hubatin hafu turan. Isaayaas 53:10-12 waa‘ee amala
Yesuus isa gaarii nuti barachuu qabnuu sana nu
barsiisa.Nuun illee Phaawulos yaada garaa kiristoos qaba
ture akka qabaannuuf nu gorsa. Galaatiyaa 2:20. Luqaas
9:51-56 irratti gaaftokko Yesuus gara mandara
Samaariyaa deemee achitti warri Samaariyaa isa
simachuu didanii turan. Iddoo kanatti yeroo inni samiitti
ol bahus dhihaateera. Bartoonni iddoo isaaf qopheessuu
dhaaf mandara kana seenaniiru. Yesuus akka inni
Yerusaaleemiin dhaquuf murteeffate waan beekaniif
warri samaariyaa isa simachuu didan. Yeroo kana
Yaaqoobii fi Yohaannis akka Eliyaas gaaf tokko godhe
ibidda waaqarraa bu‘ee akka Xaph isaan godhuuf
waamnuu? jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuus hafuura
akkamiitiin geggeeffamaa jirtu? jedhee isaan gaafate.
Dhuguma altokko tokko utuma hojii waaqayyoo keessatti
waan lubbuu badaa jiraniif hojjechaa jirru utuu nutti
fakkaatuu yeroon nuti ibidda xaph isaan godhu gara
laafina tokko malee isaan irratti kadhannu ni jira.
Phaawuloosis amantiitti jirtu yoo taatan isinumtuu qoraa
of ilaalaa jedhee madaallii namni kan biroon akka nu
madaaluuf nuti silaa eeggannu akka ofii keenya
madaalluuf gara keenyatti deebisa. Yaaqoob asitti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 190


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hafuura ofittummaa fi morkiitiin geggeeffamaa ture


malee hafuura qulqulluu dhaan hoogganamaa hin turre.
Ta‘us isaan dogoggora isaanii irraa barumsa guddaa
argatanii jiru. Waaqayyo dheekkamsatti suuta akka
jedhuu fi araaraaf akka inni ariifatu jireenya Yesuus
keessaa baratan. Yaaqoobii fi Yohaannis warra ibidda
xaph godhu kadhatan keessaa Yohaannis bartuun
gaaftokko garaa hafuurri qulqulluun jaalalaan
misoomseen guutamee akkana jedhee
barreesse.Waaqayyo ilmsaa gara biyya lafaatti ergeetu
jaalallimaal akka fakkaatu qabatamaatti nutti agarsiiseera
jedhee barreessuu danda‘e. 1 Yohaannis 4:9. Akka
gaaffii Yaaqoobii fi Yohaannisiin utuu ta‘eesilaa gaafa
sana mandara Samaariyaatiif baduutu mala ture. Isaan
garuu sababii jaalala Yesuusiif badiisa irraa ooluu
danda‘aniiru. Nullee akkuma warra Samaariyaa
Yesuusiin warra simatan hin turre. Inni garuu hamma
har‘aatti amala keenya isa gadhee fi manca‘aa danda‘uu
dhaan nuu wajjiniin jira.Yoos baga waaqa akkasii
qabaanne. BartuuYesuusiin ta‘uun carroomuu fi akka
ayyaantuutti ilaalamuu dha. Yaaqoobii fi Yohaannis
seenaa Eliyaas raajichaa kan isaan Kakuu moofaa
keessaa Yesuusiif caqasan 2 Moototaa 1:9-16 keessatti
isa argamuu dha. Gaaf tokko Ahaaziyaan mootichi kutaa
manaa isa olaanu keessaa lafa dhahee kufee waan
dhukkubsateef ni ciisa ture.Nan fayya moo nan du‘a laata
jechuu dhaan Ba‘aal zebuub waaqa tolfamaa warra
Eqrooniin gaafachiisuudhaaf nama gara sanatti ergata

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 191


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ture. Jarreen ergaman kunniin karaa gubbaatti Eliyaas


raajichaan walitti dhufan. Eessa deemaa jirtu ? jedhee
isaan gaafachuun Eliyaas hin oolle. Isaanis Ahaaziyaa
mootichatu dhukkubattii nan fayya moo hin fayyu jedhee
akka nuti Ba‘aal zebuubiin isaaf gaafannuuf nu ergate
jedhaniin.mEliyaas immoo dhukkuba kanaan duuta
malee hin fayyitu jedhee gara manaatti isaan deebise.
Yeroo warri ergaman kunniin gara Ahaaziyaatti
deebi‘anii dhufanii nama tokkotu ati ni duuta malee hin
fayyitu siin jedhe ittiin jennaan eenyummaa namichaa
yeroo isaan gaggaafatu Eliyaas raajicha ta‘uusaa
mootichi ni bare. Sana booddee mootichi loltoota 50
ajajaa shantamaa wajjiniin si‘a garagaraa sadii itti
erginaan ati raajii waaqayyoo yoo taate jedhanii isaan itti
gayifnaan inni immoo ibidda waaqarraa xaph isaan
godhu Eliyaas raajichi isaan irratti kadhatee ture. Ajajaan
shantamaa lamaan warri jalqabaa ni dhuman. Inni
sadaffaan garuu harka kennate. Yaaqoobii fi Yohaannis
taatee akkasii kana mandara warra Samaariyaa irratti
raawwachuudhaaf Yesuusiin gaafatan.HOE 12:1-2 irratti
Yaaqoob bartuu waldaakiristaanaatiif bu‘aa addaa buusaa
ture waan ta‘eef yeroo Herodis waldaa Kiristaanaa irra
ciqileesaa dhaabbate sana mormasaa irraa kuchisiise.
Bartuun kun sababii Yesuus duukaa bu‘eef aarsaa guddaa
akkasii kaffale. Dubbiin Yesuus waa‘ee Yaaqoobii fi
Yohaannisiif kan inni dubbachaa ture asitti fiixaan
bahuusaa argina.Maarqos10:39.Nutis bartoota Yesuus
warra xumura baraa kanumatu nu eeggata. 2

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 192


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Ximootewos 3:16. Mul‘ata 12:17.Yohaannis Amalli isaa


fi kan obboleessa isaatii kan Yaaqoob waliin faallaa ture.
Nama akka gaariitti waa dubbachuu fi ibsuu danda‘uu
dha.Yaaqoob moggoon isaa Kakuu Moofaa keesssatti
gowwoomsituu ture.Yaaqoobii fi obboleessi isaa
Yohaannis durbii Yesuusiin yeroo ta‘an maatiin isaanii
immoo Zabdewoosii fi Saalomee turan. Yohaannis
19:25, Maatewos 27:56, Maarqos 15:40.Utuu yesuus
isaan hin waamin fuuladura abbaa isaanii wajjiniin hojii
qurxummii qabuu hojjechaa turan. Luqaas 5:10-11.
Yohaannisii fi Simoon Pheexiroosii wajjiniin baayyee
Yesuusitti kan dhiyaatu ta‘e.Ilmaan Kakawwee jedhamaa
turan.Yeroo Yesuus mootummaa fudhatutti isa garasii fi
garanaan taa‘uuf gafatan. Maarqos 10:35-45. Ibiddi
waaqarraa bu‘ee mandara Samaariyaa warra isaan
simachuu didan akka xaph godhuuf gaafatan. Luqaas
9:51-56.Utuu Yesuus fannoo irratti hin du‘in fuuldura
waa‘eeYesuus gaara gubbaatti jijjiiramuu isaatii fi
intalaYaayiroosiin du‘aa kaasuu isaatiif dhuga baatuu
turan. Bartuun kun bartoota kudha lamaan keessaa kun
jalqaba irratti yesuusiin waamamee jalqaba irrattis
kan isaaf wareegame ture. HOE 12:2.

Walumaagalatti Yaaqob Ilma Zabdewoosii fi


Obboleessa Yohaannisiin ture. Maatewos 10:2.Innii fi
obboleessi isaa hiriyootaPheexiroosii fi Indiriyaasiin
turan. Luqaas 5:10.Innii fi Yohaannis abbaa isaaniitii fi
bidiruu isaanii dhiisanii gooftaaduukaa bu‘an. Maatewos

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 193


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

4:22.Yesuusitti siqee taa‘aa ture.Dhugabaatuu jijjiiramuu


gaara gubbaa Yesuusiin ture.Maatewos17:1. Yeroo
Yesuus intala namicha mana qulqullummaa ijaarsisee
kaase argee dhugaa baheera.Maarqos 5:35-43. Dubbii
gaara Ejersaa gubbaatti kan dubbatame sana
dhaga‘eera.Maarqos 13:3.Yeroo Yesuus Geetesemaanee
deemee duukaa ture.Maarqos 14:33. Qurxummii haala
nama dinqisiisuun qabamteef dhugaa baatuudha.Luqaas
5:10. Yohaannis 21.Innii fi Obboleessi isaa Yohaannis
ilmaan Kakawwee jedhamanii beekamu.Maarqos 3:17.
Innii fi obboleessi isaa akka iddoo argataniif haati isaanii
Yesuusiin gaafatteefii turte.Maarqoos 10:35-40. Isaan
kun ofittoo waan turaniif bartoota warra kurnan sana
irraa wanti adda isaan taasisu fedhii isaan haaloo bahuu
dhaaf qabanii dha. Maarqos 10:41. Gaaftokko Yesuus
ibidda waaqa irraa gadibuusee warraSamaariyaa warra
isaan simachuu didan akka balleessuuf gaafatan. Luqaas
9:54. Ciminni Yohaannis iddoo olaanaa gahuu dhaaf
yaaliigochuu isaati. Qormaanni isaaf dhihaate waa‘ee
waaqayyoo isa waan hundumaa godhuuti.1 Pheexiroos
5:6.Dadhabinni isaa ofittummaa isaa ture.Maarqos 10:35-
40.

Yaaqob ilmi zabdewos akkamitti wareegame?

DH.K.B bara 45 magaalaa Yerusaalemitti


mooticha Agriiphaatiin mana hidhaa keessatti morma
isaa kuchisiisanii ajjeesan. HoE 12:1. Kunis sababii ajaja
waldaa ariyachuutiif Yihuudota gammachiisuuf ajaji
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 194
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Roomaadhaa itti ergameef ture. Mootichi Herodis yeroo


ayyaana Faasikaatti qabsiisee mana hidhaatti kenne.
Yeroo gabaabaa keessatti immoo manuma hidhaa
keessatti morma isaa billaan irraa kuchisiise. Lama
ta‘anii mormi isaanii irraa murame. Hojii Ergamootaa
12:2. Kun immoo akka Yesuus raajee turetti
raaawwatame. Maarqos 10:39. Hamma ammaatti
Yesuusiin kan fudhatin jirtan yoo jiraattan akkuma
Filiphos gaaftokko Naatinaa‘eliin jedhe Kottaatii
gaarummaa Yesuusiin ilaalaa isiniin jechuun barbaada.
Yesuus duukaa jirtu yoo taatan immoo garaan keessan
akka garaa Yaaqoobii fi Yohaannis warra bartoota
Yesuusiin turanii sana jijjiirameeraa laata? Deebii isaa
garaa keessanii fi hafuura qulqulluutu beeka.
YOHAANNIS ILMA ZABDEWOOS:
BEEKUMSAA FI OGUMMAAN
KOORUU IRRAA GARA HOJII
WANGEELAATTI
Yohaannis jechuun afaan Giriikiitiin ayyaana waaqayyoo
jechuu dha.Abbaanii fi haati isaa qabeenyaa hedduu qabu
turan.Maarqos 1:20, 15:40.Pheexiroosii wajjiniin irbaata
Faasikaa qopheesseera. Luqaas 22:8. Bartuu isa gooftaan
jaallate jedhameetu beekama.Yohaannis 13:23. Maatiin
bartuu kanaa Galiilota warra qurxummii qabdoota
namoota biratti jaallataman turan. Maarqos 1:19 – 20.
Ilmaan Zabdewoosii fi Saloomee keessaa isa quxisuu
ture.Maarqos 3:17.Yeroo ilmaan Kakawwee jedhaman
sananamoota hin bilchaatin turan.Yohaannis kun waa‘ee
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 195
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isaa dubbachuu ni sodaata. Maqaa isaa Yohaannis ofiin


jedhee waamuurra bartuu isa Yesuus jaallate
jechuudhaan of waama ture. Waan dhugaa itti hin
fakkaanneef danda‘ee obsaan bira hin darbu.Nama Yaada
isaatiin mormu ni ifata. Luqaas 9:49. Mootummaa
Kiristoos keessatti iddoo ulfinaa bitaa fi mirga taa‘uu
barbaadu turan. Maatewos 20:20 Maarqos
10:27.Yohaannis kun Yesuus intalli Yaayiroosiin du‘aa
kaasuu Maarqos 5:37, gaara gubbaatti jijjiiramuu Yesuus
Maarqos 9:2, Taatee Geetesemaanee Maarqos14:33,
Qophii Faasikaa godhameef dhugabaatuu dha. Luqaas
22:8. Efesoonitti qabamee hidhaaf Phaaximootti
geeffame. Mul‘ata 1:9.Wangeela Yohaannis,ergaa sadii
fi Kitaaba Mul‘ataa isatu barreesse. Bartoota gooftaa
keessaa Yohaannis qofatu umurii dheeraa jiraatee
yookaan dulloomee du‘e.Yesuus Yohaannisiin nama
akkasii kana Ergamaa XalayaaJaalalaa barreessu isa
taasise. Yohaannis si‘a 80 oliif waa‘ee jaalalaa Ergaa
Yohaannis isa 1ffaa.2ffaa, 3ffaa fi Kitaaba mul‘ataa
keessatti barreessee jira. Yohaannis Macaafa qulqulluu
keessatti Yohaannis bartuun maaliin beekamaa?
Yohaannisii fi Yaaqoob mandarri Samaariyaa isaan
simachuu didnaan ibidda akka xaph isaan godhuuf
kadhatan.Luqaas 9:54. Haati isaanii waa‘ee mirgaa fi
bitaa yesuusiin mootummaa waaqayyookeessatti akka
taa‘angaafachuudhaan Maarqos 10:35–40,Haadha
Yesuusiin kunuunsuudhaan (Yohaannis 19:26–
27).Pheexiroosiin dura bu‘ee fiigee awwaala yesuusiin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 196


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isa duwwaa ilaale.(Yohaannis 20:2–9). Utubaa waldaa


ta‘ee hojjechaa ture.(Galaatiyaa 2:9)Yohaannisii fi
obboleessi isaa Yaaqoob si‘a baayyee caaffata keessatti
walfaana,waan walfakkaataa utuu hojjetanii fi yaadanii
isaan agarra.Amaloota Yohaannis dhuunfaa isaatti qabu
addatti ilaaluu dandeenya.

Gaaftokko Yohaannis namoota Hafuurota hamoo baasan


argee isaaniin morkate.Maarqos 9:38;Luqaas
9:49.Yohaannis ofittummaa irratti beekumsaa fi
ogummaa dhiibbaa uumuu danda‘u qaba.Irbaata gooftaa
qopheessuudhaaf Yohaannisii fi Pheexiros itti
gaafatamummaa fudhatanii turan. Luqaas
22:8.Yohaannis gooftaatti maxxanee iddoo kabajaa
taa‘uu jaallata. Ciminni Yohaannis jabaatee hojjechuu
isaati. Yohaannis 18:15-16. Qormaanni Yohaannisiif
dhihaate warra kaan akka maatii gooftaatti fudhachuu
ture.Roomaa 15:7. Dadhabinni isaa tajaajila utuu hin
kennin beekumsaa fi ogummaa qofaan deddeebi‘uu isaa
ture. Maatewoos 23:11. Bartuu isa gooftaan jaallate
jedhee yemmuu of waamu ilaalcha badaa utuu qabuu
ayyaana gooftaa fudhachuu isaa ibsuuf ture. Yohaannis
13:1,23;20:2. Yohaannisii fi Pheexiroos kophaa isaanii
fuulaQayyaaffaa duratti dhugaa bahan. Yohaannis 18:15-
16.Fannoo biratti kan dhugaa bahe Yohaannis
qofadha.Yohaannis 19:25-26. Yohaannis mana hidhaatti
galfamee balaan adda addaas isa quunnamuu dhaan gara
Phaaximoo geeffame. Dhuma irratti garuu umurii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 197


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dheeraa jiraatee du‘a uumamaan jiru du‘e.Yohaannis


muuxannoo waa‘ee jaalalaa kanneen armaan gadii
barreesseera. Waaqayyo Jaalala akka ta‘e, Yohaannis
15:10. Jaalala Waaqayyo ilmasaaf qabu, Yohaannis
10:17, 17:23-26 Jaalala waaqayyo bartoota Yesuusiif
qabu,Yohaannis 16:27, 17:23. Jaalala Waaqayyo namaaf
qabu, Yohaannis 3:16. Jaalala Yesuus Abbaa isaatiif
qabu, Yoh 14:31. 126

Cimina Yohaannis bartuu

Nama goota dhiphina obsaan baachuu danda‘uu dha.


Waa‘ee Yesuusiin barsiisuuf Pheexiroosii wajjiniin
dhiphina hedduu argeera. Bartoota kudha lamaan
baqatanii yoofaffaca‘an illee hamma fannootti jalaatti
bartuu Yesuusiin hordofaa turee dha. Haqa jaallachuu
dhaan ni beekama. Gaafa Yesuus du‘aa ka‘e awwaalcha
Yesuusiin ilaaluuf Pheexirosii wajjiniin waldorgomaa
ture.Yesuusii wajjiniin hariiroo addaa uumuu danda‘eera.
Yohaannis 13:23.

Dadhabina isaa

Araara gochuutu itti hir‘ata ture.Keessumaa mandara


warra samaariyaatti ibiddi akkaxaph isaan godhuuf
kadhate. Amala Yohaannis kana qabda taanaan har‘uma
kana wantoota armaan gadii gochuuf
murteeffadhu.Harka Kiristoosiin jala of galchi. Araara
gochuu hin irraanfatin.Garaa laafina gabbifadhu.Kana

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 198


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

immoo fannoo irraa akka gaariitti barachuu dandeessa.


Kana hundumaa gochuu kan si dandeessisu ayyaana
waaqayyoo ta‘uu isaa garaakee guutuudhaan Amani.

Walumaagalatti bara 102 Dh. K. B. Yohaannis ilmi


Zabdewos(Yohaannis cuuphaa miti) magaalaa Efesoon
keessatti du'a uumamaan jiru du‘e, kunis du'a nagaa dha.
Ta‘us garuu Yohannis aarsaa hedduu Kaffaleera. Mar
10:39 ...Yesus garuu, "Xoofoo ani keessaa dhuguuf jedhu
keessaa dhuguuf jirtu, Cuuphaa ani ittiin cuuphamus
Cuuphamuuf jirtu. Gooftaan dhiphina koo Keessaa
hirmaachuuf jirtu jedhe.Yohannis baay'ee kan Gooftaan
jaallatamu yoo ta'ee iyyuu dhiphina keessaa akka qooda
qabaachuun isaa dirqama wangelaati. Mootiin Neeroon
bara 56-70 Dh.K.B tti Mootii mootota ta'ee Roomaa
irratti mo'ee ture. Bara kana ari'annaa hadhawaatu waldaa
Kirstaanaa irratti ta'e. Yohaannis mootii Kanatti haala
ajaayibsisaan dhugaa wangeelaa dubbateen lafa itti raase.

Yohaannis Zabdewos kun Zayita danfaa Keessa


buufamee ture.Mootichi wal-gayii guddaa magaalaa
Roomaa fi naannoo ishee jiraatan mara waamuudhaan
Abbootii aangoo, loltoota mootichaa, gurguddooota
biyyaa hedduu waame. Macci hedduun dirree guddaa
irratti walitti qabamanii turan. Mootichaafis teessoon
ulfinaa isaaf dhaabbatee fuula wal-ga'ii Sanaa dura
kaa'ameefii Barmeelli guddaan Zayitiidhaan guutee
dhiyeeffame. Ibidda qophaa'ee ture irra barmeelii Zayitii

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 199


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kanaa ol fuudhanii kaa'an. Humna guddaadhaan itti ni


bobeessan Zayitichis guddisee ni danfe.Namootni iti
dhiyaachuu hamma dadhabanitti ho'i sun gubee of irraa
isaan ari'e. Hurkaa fi danfaa guddaas qaba ture.
Kanaafuu, halaalatti nama miidha ture. Yohannis akka
yakkamaa tokkootti bakka sanatti dhiyeeffame. Mootichi
loltootni isaa Zayitaa hamma sana danfe keessa
Yohaannisiin akka buusan abboome. Ho'i guddaan sunis
loltoota kana halaalatti gubee isaan ajjeese. Namni kam
iyyuu ho'a guddaa kana dandamatee Yohaannisin Zayitii
danfaa keessa buusuu hindandeenye. Xumuratti
Yohaanniis ofi isaatii dhaqee Zayita sana lixuudhaan
isaan gargaaru akka

danda'u itti dubbate. Kana irratti hundi isaanii na'anii


raafaman. Yohaannis utuu namni kamuu hin qabin
dhaqee itti seene.Hin miidhamnes. Achuma keessa
dhaabbatee Humnaan guutamee lubbuu kumaatamatti
wangeela Mootummaa Waaqayyoo misirachoo lallabe.
Guutummaan saba achi jiranii sodaa guddaa fi rom'a
irraa kan ka'e lafatti gombifaman. Neeroon Mootichis
naasuu guddaadhaan qabamee yeroo jalqabaaf teessoo
mootummaa isaa irraa ni hollate. Lallaba ergmaa kanaa
yemmuu dhaga'an lubbuu hedduun booyicha guddaan
qalbii jijjiirratan. Kiristoositti ni amanan. Kunis seenaa
Addunyaa keessatti taatee yeroo jalqabaaf sodaachisaa
ture. Kana hundumaa booda Neeroon dhuguma iyyuu
ergamichis hin du'u, anarraa isa fageessa jedhee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 200


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

abboome. Sana booda Phaaximootti geeffame.


Yohaannis bartuun dhiphina Hadhaawaa dabarseera.
Summii obaasanii isa ajjeessuf yaalaniru. Garuu summii
dhugu iyyuu utuu hin du'in hafee,Zayitiin danfes isa
gubuu hin dandenye.Bineensi namoota nyaachaa tures
Phaaximootti illee isa nyaachuu hin dandeenye. lbiddi
boba'u illee isa gubuu hin dandeenye. Ergamichis
dulloomee umurii waggaa 80 yeroo guutetti du‘a nagaa
du'e. kanaafis Yohaannis kana qofatu bartoota gooftaa
keessaa umurii dheeraa jiraatee baras quufee obbaafate
jedhama.

YIHUUDAA ASQORTICHA WAAN


GAARII IRRAA GARA WAAN
AKKASUMAANIITTI
Maatewos 10:4; 26:14-30 Maarqos 3:19; Luqaas 6:16.
Yihuudaan ilma Simoon Keeriiyoot kan nama
biyyaYihuudaa tokkoo ture. Yohaannis 6: 71, 13: 26.
Keeriyot kun magaalaa Yihuudaa keessatti argamtuu dha.
Iyaasuu 15:25.Sababii inni Yesuusiin ganeef tarree
maqaa bartootaa keessaa maqaan isaa duuba yookaan
dhuma irratti caqafame. Maatewos 10:4.Horii bartoota
isa baachaa ture keessaa keessaa ni hata ture. Yohaannis
12:6. Gocha Maariyaam Yesuusiif gooteef ishee ifatee
ture. Yohaannis 12:3-5. Qarshii 30 fudhatee gooftaa isaa
du‘atti dabarsee kenne.Maatewos 26:6-26.Akeekkachiisa
Kiristoosiin fudhachuu waan dideef Seexanni isatti gale.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 201


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yohaannis 13:2, 21:30.Waa‘een isaa ilma badiisaa akka


ta‘etu dubbatame. Yohaannis 17:12.Jalqabarra gantuu hin
turre. Luqaas 6:16. Nama bartoonni kan biroon amantii
irraa qaban ture. Qarshii qabaa isaanii ture. Yohaannis
13:29.Hiyyeessotaaf isatu maallaqa hiraafii ture.
Yohaannis 13:29. Yeroo Gooftaan isin keessaa inni
tokko dabarsee na kenna jedhetti namumti garagalee gara
Yihuudaa ilaale tokko illee hin turre. Gooftaan waan
Yihuudaan ta'uuf jiru hundumaa beeka ture. Yohaannis
6:71; 13:11, 26. Gooftaan ciminaan waa'ee gantummaa
isaatiif isa akeekkachiisaa ture. Luqaas 22:22. Yihuudaan
bifa alaan mul‘atu qofaan qajeelaa fakkaata ture. 2 Qor
11:15 Gantuun, fi sobduun eenyummaa isaa ni muldhisa.
Nuti garuu akkuma argineen nama shakkuun nuuf hin
ta‘u. Qormaanni namni gooftaa duukaa bu'uu yookaan
dhiisuu isaatiif ni dhufa. Yihuudaan karaa tokkoonis
ta‘ee karaa kan biraadhaan waan gooftaa irraa argachuu
danda'u qofaaf isa duukaa bu'e. Yohaannis 12:6;
Maatewos 26:25. Jaalalli horii murtii Yihuudaan godhe
sosochoosaa ture. Maatewos 26:14-16; Yohaannis 12:4-6
, 1Xim 6:10. Seexanni dadhabina Yihuudaa argatee
yaadasaa kakaasaa ture. Yohaannis 13:2. Wantoota kan
biroo yeroo gooftaa dura buufnee durfannu seexanaa fi
humnoota isaatu carraa argata.Yihuudaan qabeenya
Seexanaa of gochuudhaaf balbala ofitti bane. Luqaas
22:3; Yihuudaan seenaa gooftaa isa kaleessa beeku irratti
hundaa‘ee loltuu warra Roomaa geessuudhaan dhungatee
dabarsee isa kenne.Yohaannis 18:2; Maatewos 26:47-50.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 202


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Jaalala fakkeessee sochiin inni qaamaan agarsiisaa ture


ilaalcha dabarsanii kennuu isaa irraa kan maddee
dha.Nama qulqullaa‘aa kana dabarsee kennuun isaa akka
inni of ajjeesu isa taasise. Maatewos 27:3-10, HOE 1:18–
19. Utuu waan gaariif itti fayyadameera ta‘eetii Ciminni
Yihuudaan qabaachaa ture nama bartoonni kan biroon
amantaa irratti gatan qabaachuu isaa ture. Qormaanni
guddaan isaaf dhihaate gooftaa amanachuu
ilaalchiseeti.Dadhabinni isaa inni guddaan jaalala horii
ture. Bartoonni warri kan biroonis yoo barbaadan ganuu
iyyuu ni danda'u turan. Garuu Yihuudaa qofatu akkas
gochuuf murteeffate.Seenaa Yihuudaa yemmuu
dhageenyu akkamittiin bartuun gooftaa kan seexanaa
ta‘uu danda‘e jennee yaaduu dandeenya ta‘a. Dhuguma
iyyuu iddoo ulfinaa irraa maaltu iddoo salphinaatti gad
isa buuse? Waan ta‘e kana hubachuun isaa iccitii guddaa
of keessaa qaba. Yihuudaan Asqortichi akkuma
Addaamii fi Hewaan iddoo olaanaa irra lafa of
kaa‘e.Maqaa Yihuudaa jedhu yeroo isaaf moggaafame
maqaa kabajaa fi namni ittiin of jajuu dha. Yihuudaa
jechuun galata Waaqayyoo jechuu dha. Yihuudaan garuu
akka maqaa isaatii jireenya waaqayyoon galateeffachiisu
hin jiraanne. Yihuudaan akkuma dargaggoota yihuudaa
warra kan biro Masihii eeggachaa guddate.Inni isa
Israa‘eliin dhufee furu sana abdii guddaa dhaan
eegaature. Mootummaan Israa‘el inni haarawaan
dhihootti hundeeffama jedhanii utuu isaan eeganii yeroon
jedhames geenyaan Masihiin ni mul‘ate.Dhufaatiin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 203


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

mootummaa Maihichaa Yeroo Yohaannis cuuphaadhaan


lallabamaa ture Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachuutti
qoosaa turan. Yihuudaan garuu hawaasa akkasii keessaa
Yesuusiin dhaggeeffachuu dhaaf dhufee bartoota keessaa
tokko ta‘e. Luqaas 6:12-16.Yihuudaan maaliin
harkifamee gara Yesuus akka dhufe beekuu yoo baanne
iyyuu amaloota Yihuudaan qabu Macaafni Qulqulluun
akkasitti lafa nuuf kaa‘a.Yihuudaan nama sirriitti
maallaqa qabuu danda‘uu dha. Kanaafis qarshii qabaa
bartootaa ture. Yohaannis 12:5,6. Maatewos illee qabaa
fi lakkoofsa maallaqaa yoo sirriitti beeke illee Yihuudaan
Asqortichi isa caalaatti cimaa fi kabajamaa ture.
Yihuudaan garuu akka namni itti isa ilaalu isa
bakkeedhaan mul‘atuu sana utuu hin taane inni hattuu
ture. Yohaannis 12:6. Yesuus garuu gooftaa lamaaf
hojjechuu hin dandeessu jedhee isa akeekkachiisaa
tureera. Maatewos 6:24. Namni guutummaa biyya lafaa
buufatee lubbuu isaatti yoo hir‘ate waa‘ee isaaf akka hin
baafneYihuudaa dhaaf hin galle ture. Maatewos. 16:26.
Lammaffaa irratti Yihuudaan Wangeela lallabuuf, warra
dhukkubsatan fayyisuu fi hafuura hamaa baasuudhaaf
waamamee ture. Maarqos 3:14-19. Sadaffaa irratti
Yihuudaan amala waan gaarii yoo namni tokko isa biraaf
godhetti hinaafuu qaba. Kunis gaafa Maariyaam
urgooftuu gati jabeessa Bitaaniyaatti Yesuusiin dibde
sirriitti mul‘ate. Yohaannis 12:7. Yihuudaa biratti
maallaqni hannaaf utuu hin saaxilamin waan gaariirra
oole isaaf maallaqa akkasumaan bade akka ta‘etti yaadaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 204


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ture. Yohaannis 12:5. Inni arfaffaan immoo Yihuudaan


namni kabajaa gaarii kun dabarsee Yesuusiin kennuu
dhaaf itti siqee taa‘aa ture. Yohaannis 13:21. Akka nama
gaarii tokkottis dhungatee dabarsee isa kenne. Aadaan
bara sanaa keessa ture bartuun tokko barsiisaa isaa
yemmuu argu harka isaa gatiittii barsiisaa isaa irra yeroo
inni kaa‘utti barsiisaan isaa kun immoo isa dhungata ture.
Geetesemaaneetti Yihuudaan akka nama Yesuusiin
jaallatuutti ammaa amma isa dhungachaa ture.
Yihuudaan Yesuusiin dhungachuu isa mallattoo jaalalaa
ture sana Yesuusiin dabarsee kennuu dhaaf itti
fayyadame. Yesuus Maatewos 26:24 irratti Yihuudaan
utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture jedheetu ani
hunda keessan fo‘adheera; isin keessaa garuu tokko kan
seexanaati ittiin jedhe. Yohaannis 6:70. Yesuus
jalqabuma irraa jalqabee garaaYihuudaa ni beeka
ture.Yohaannis 2:24,25; 6:64. Michuu ani isa
amanadhee maaddii koo irraa naa wajjin nyaatetu na
dhiituuf miila ol fudhate kan jedhu Yihuudaan hojiitti
hiike. Faarfannaa 41:9. Jaalalli Yihuudaan horii dhaaf
qabu gatii ilma waaqayyoo isa waaqnii fi lafi baasuu hin
dandeenye isa gati jabeessa qarshii rakasatti isa
gurgursiise.Horii jaallachuun madda waan hamaa
hundumaati. 1 Xim. 6:10. Seenaa horii jaallachuu
Yihuudaa kana Yohaannis12:1-8 irratti ni argina.
Seexanni Yihuudaatti gale. Luqaas 22:3. Akkuma irbaata
isa xumuraa nyaateen halkaniin ifa biyya lafaa dabarsee
kennuutti deeme. Yohaannis13:2, 6:70. Luqaas 22:31

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 205


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

irratti immoo seexanni hunduma isaanii kuffisuudhaaf


yaalii hundumaa godhee Yihuudaa argachuu dhaan
milkaa‘e.Yohaannis 17 irratti Yesuus bartoota
hundumaatiif kadhateera. Namni garuu dhuunfaasaatti
waan barbaadu filachuudhaaf mirga qaba. Efesoon
1:11,Maatewos 26:16. Yihuudaan Yesuusiin dabarsee
kennuu dhaaf fucha barbaadaa tureera. Maarqos 14:11.
Yesuusiin erga dabarsee kennee booddee boo‘ichaan
fiigee mana sagadaa dhufee maallaqicha fidee lubootatti
darbate. Dhiiga qulqulla‘aa dabarsee kennuu kootiin
cubbuu hojjedheera jedhee iyye. Maatewos. 27:1-4.Duuti
Yihuudaan qaamaan of ajjeese gara du‘a barabaraatti isa
geesse. Kana booddee akka kanaan duraaYaa ilma koo
cubbuun kee siif dhiifameera kan ittiin jedhu isaaf
argamuu hin dandeenye. Sarara fayyina yookaan qalbii
isaa jijjiirrachuu danda‘u irra ofii isaatii qaxxaamuree
jira. Kana utuu beekuu dhaqee of rarraase. Erguma
cubbuu hammana guddatu hojjetee iyyuu maalta‘a
gaabbii fi qalbii jiijjiirrannaa dhaan gara Yesuusitti utuu
deebi‘ee? Yesuus inni Pheexiroosiif dhiifama
godheYihuudaadhaafis dhiifama gochuu ni danda‘a ture.
Yihuudaan garuu filannoo isaatiin akkana of godhe.
Akeeldaamaatti ofiisaa galaafatee deebi‘e. HOE 1:25.
Bartuun akkasii kun utuu dhalachuu baatee isaaf wayya
ture. Maatewos 26:24. Walumaagalatti Yihuudaa
Asqorticha irraa maal baranna? Seenaan Yihuudaa
jireenya ulfinaaf waamamee xumurrisaa baayyee
gaddisiisaa ta‘e nuuf dhiyeessa. DA 716.1.Dabalataan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 206


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Kitaaba Hawwii barootaa boqonnaa 76ffaa guutummaa


isaa irraa waa‘ee seenaa Yihuudaa dabalataan
guutummaatti qoradhu. Dhuma irratti faallaa Yihuudaa
seenaa gaarii haa hojjennu.Waaqayyo Israa‘elotaaf
dhumarratti waan gaarii godheef.

Kes 8:16.Solomoonis Jalqaba gaarii irra dhuma gaarii


wayya nuun jedha. Lal 7:8.
MAATIYAAS
Maatiyaas bartoota warra 12 keessa hin turre.Yesuus
qaamaan isa hin waamne. Ergamootatu bakka Yhuudaa
isa Asqortichaa isa buuse.Waa‘een Maatiyaas macaafa
qulqulluu keessatti bakka lamatti caqafame. HOE
1:23,26.Ulaagaa ittiin Maatiyaasiin waaqayyo filate
maali? HOE1:21–22 . Gaaffiin yeroo baayyee ka‘u
Maatiyaasiin kan bakka Yihuudaa Asqortichaa isa buuse
waaqayyoo dha moo waaqayyoon miti kan
jedhuudha.Sababiin namoonni akkas jedhaniif immoo
namoonni Phaawuloos isa isa booddee waameyyuu
Yesuus qaamaan itti muldhatee waame mitiiree jedhanii
namoonni yaada gaaffii kana dhiheessu. Gaafa
Maatiyaas miseensa waldaa naannoo 150tiin carraan
buufnaaniif filatame sana namoota lamaaf carraan
buufamee ture. (HOE 1:24–25). Kun immoo karoora
waaqayyootiin filatamuu isaa agarsiisa.Sababa yaadicha
Pheexiros dhiheesseef namoota hedduutti yaada
Pheexiroosiin malee yaada waaqayyootiin waan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 207


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Maatiyaas hin filatamne itti fakkaata.Waaqayyos isatti


gargaaramee waldaa isaa ittiin babaldhiseera.

Walumaagalatti, Maatiyaas Dh. K. B 70 Kutaa Biyya


Yihuudaa keessatti luboota waaqolii tolfamoo Juuppiterii
Waaqessaniin ajjeefame. AKkaataan du‘a isaas akkana
ture. Jalqaba Fannoo irratti fannisan,itti aansudhaan
immoo fannoo iratti dhagaadhaan reeban. Xumura irratti
Qottoodlhaan fannoo irratti morma isaa kutanii ajjeesan.
Seera Musee fi Waaqayyoon arrabsa jedhanii akkuma
Gooftaa Yesuusiin hadheessanii turanitti isa hadheessan.
YAAQOOB ISA XIQQICHA
BEEKAMTII KAN HIN QABNE IRRAA
GARA GALATEEFFAMUUTTI
Hundumti keenya iyyuu namni kun tarree bartoota warra
kaanii keessa jiraachuu isaa ni beekna. Maatewos 10:4;
Maarqos 3:19; Luqaas 6:16; Hojii Ergamootaa 1:13. Inni
akkuma Maatewosiin ilma Alfewos jedhama. Maarqos
2:14. Jecha Afaan Giriikii"Micros" kan dhaabbii isaa
kan gabaabbate, ijoollee,yookaan buufata xiqqaa
jechuutti hiikama. Ciminni isaa nama gad of deebisu
ta'uu isaati.Qormaanni isaaf dhihaate jabina isaa
mirkaneessuuf dha. Maatewos 23:11. Dadhabinni isaa
tarii beekamtii dhabuu isaa jibbuu ta'uu danda'a ta'a.
Maatewos 16:15. Maqaan isaa samiirratti waan
barreeffameef gammaduu barateera. Luqaas 10:20.
Bartuun kun DH.K.B bara 63tti magaalaa
Yerusaaleemiitti luboota warra Yesuusiin fannisaniin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 208


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ajjeefame. Mana qulqullummaa irraa gad isa darbannaan


miilli isaa cabe. Dhagaadhaaf uleedhaan tumanii
ajjeesan. Gaafa inni du‘e sana angafni
lubootaa,Fariisonnii fi Saaduqonni fiixee mana
qulqullummaa irra dhaabbachiisanii turan. Inni garuu
achuma dhaabbatee lallaba humna qabeessa lallabe.
Lallabni isaas Yesuus masihii isa abdachiifame,fayyisaa
fi ilma waaqayyooti kan jedhuu fi waa‘ee dhufaatii isaatii
fi waa‘ee murtii ture. Diinonni isaa ―maaloo haqni
badeera kottaa achi irraa isa buufna‖ jedhan. Yeroo
fiixee manichaa irraa kufee miillisaa lamaanis cabanii
dhagaadhaan rukutame sana jilbasaa irra ciisee ―Yaa
gooftaa waan godhan hin beekanii isaaniif dhiisi.‖ jedhee
warra akkas isa godhaniif kadhate. Isaan keessaa lubni
kan biraan tokko garuu ulee cimaa harkasaa keessa
tureen mataa bartuu kanaa keessa rurrukutee isa ajjeese.
SIIMON HINAAFTICHA HAYYUU
SIYAASAA IRRAA GARA
AMBAASAADDARAA YESUUSITTI
Simoon jechuun anaaf dhaga‘e jechuudha. Simoon
Pheexiros irraa maqaa Siimon hinaafticha jedhamuun
adda bahee beekama. Hinaaftota gareen jedhaman kun
mormitoota bulchiinsa warra Roomaati. HOE 5:37. Isaan
kun biyya Yihuudaatii fi amantii isaaniitiif du‘uudhaaf
qophaa‘oo turan.Yihuudota bilisan baasa jedhee Yesuus
faana bu‘e ta‘uu iyyuu ni danda‘a. Simoon kun aangoo fi
hojii siyaasaa dhiisee bartuu Yesuusiin ta‘e.Namni kun

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 209


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

tarreeffama maqaa bartootaa qofa keessatti ibsame. Inni


Simi'oon isa Kana'aan yookaan Siimon isa Hinaafticha
jedhama ture. Hinaaftota kan jedhaman kun garee
siyaasaa warra Mootii Roomaa jalaa bilisa bahuu
barbaadan turan. Namoonni kunniin Israa‘eliif
amanamoo ta'uu dhaan bilisummaa isaaniitiif hanga
lubbuu isaanii kennuutti iyyuu fedha qabu. Isaan kun
jabinaa fi Booree qabu turan. Namni kun Yesuusiif balaa
guddaa ture. Basaastuu isaan waa'ee Yesuus ittiin
dhaggeeffatan ta'uu danda'a ture. Isaan durumaanuu
warra Roomaa keessatti hirmaatan argachuu danda'u
turan. Seexanni warri Roomaa akka isa argatan hin
barbaadu ture. Ciminni isaa booree fi murtii qabaachuu
danda'uu isaati. Qormaata waa sirriitti ilaaluutu isaaf
dhihaate. Yohaannis 8:31-32. Dadhabinni isaa
gabaabsee waa ilaaluu isaati. 2 Pheexiroos 1:9.Innii fi
Maatewos walii wajjin hin jiran turan. Gooftaan garuu
akka inni balaa sana fudhachuu danda'u yaade.Hojjetaa
Wangeelaa ta‘uu dhaan Gibxii fi Engilaanditti lallabaa
ture jedhama. Dhumarratti Magaaziidhaa fi billaa dhaan
baqaqfamee dhiphinaan Taadewoos waliin Peershiyaa
keessatti du‘e jedhama.Namni kun Wangeela gara
Afriikaa sana booddee immoo Biriteen bakka DH.K.B
bara 74 fannifame sanatti kan geesse dha.

Mee simoon isa hayyuu siyaasaa turee fi jireenya


kiristaanummaa walitti fidnee haa ilaallu. Macaafni
qulqulluun waa‘ee dhimma siyaasaa maal jedhee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 210


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

barsiisa? Dirqama bartuu dhugaan Biyyaaf (Moototaaf)


qabu ilaalchisee Phaawulos Rom. 13:1 irratti Mootota
Waaqayyotu kaa‘a (dhaaba). Fak 8:15, 16 irratti
Solomoon Mootota biyyaa Waaqayyotu hundeessa jedha.
"Mootonni anaan mo'u, gurguddoonni biyyaas anaan
seera qajeelaa baasu; abboonni biyyaa, gurguddoonni
biyyaa, warri firdii qajeelaa kennanis hundinuu anaan
biyya bulchu"Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf
aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha Waaqayyoo malee
aboo qabachuun hin danda'amu; warra aboo qabatanis
Waaqayyotu achi isaan dhaabe."itti dabalees phaawulos
Rom. 13:1 irratti Moototaaf abboomamaa. T., v. 1, pp.
361, 201, 202. "Mootota Waaqayyotu kaa‘a
(dhaaba)."Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf
aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha Waaqayyoo malee
aboo qabachuun hin danda'amu; warra aboo qabatanis
Waaqayyotu achi isaan dhaabe." Rom. 13:1, 2. Garuu
gamanumaan wanti Phaawulos nu akeekkachiisu
Mootota Waaqayyoof kabaja hin kenninee kabaja hin
kenninaafii."Kanaaf namni aboo kanaaf abboomamuu
didu, waan Waaqayyo dhaabeen in morma; warri kana
godhanis firdii of irratti in fidu." Callisanii utuu isaan
seera waaqayyoo utuu nun cabsiisin abboomamuu
diduun keenya waaqayyoon mormuu dha. Sababiin isaas
Rom. 13:3, 4 kan inni ibsu Mootonni tajaajiltoota
Waaqayyoon jalatti gaarummaaf hojjetaniidha. Isaan
"Namoota waan gadhee hojjetan malee namoonni gaarii
hojjetan warra biyya seerratan hin sodaatan. Egaa atis

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 211


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

aboo isaanii akka hin sodaanne godhachuu in


barbaaddaa? Yooswaan gaarii hojjedhu! Akkasitti warra
aboo qaban biraa galata in argatta. Isaan kun waan gaarii
hojjechiisuudhaaf Waaqayyo biraa siif kennama. Ati
waan hamaa yoo hojjette garuu, isaan sodaadhu! Isaan
nama hamaa hojjetu irratti adaba Waaqayyoo
raawwachuudhaaf malee, billaa isa ittiin adabuudhaaf itti
kenname sana akkasumaan hin baatan. "Macaafni
Qulqulluun mootota waaqayyoo ofii isaatii dhaabeef
abboomamuu qabdu jedha. Garuu moototaaf
abboomamuun keenya hamma isaan seera waaqayyoo
nun cabsisiisnetti ta‘uu qaba.

Yesuus bara kakuu haaraa keessa yeroo barsiisaa ture


gaaffii waa‘ee mootota gabbaruu yookaan gibirabaasuu
gaafatamee ture. Yesuusis akkuma phaawuloosiin
Moototaaf ulfina isaaniif malu kennaafii jedhee
barsiiseera. "Horii ittiin gibira sana baaftan anatti
argisiisaa!" jedhe; kanaaf isaa bifa horichaa isatti fidan.
Yesus immoo; "Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?
"Jedhe. Isaanis, "Kan mooticha warra Roomaa ti" ittiin
jedhan. Achumaanis Yesus, "Egaa mootichaaf, kan
fudhachuun isaaf ta'u kennaa; Waaqayyoofis kan
fudhachuun isaaf ta'u kennaa!" isaaniin jedhe." Mat.
22:19-21.Carraa dhuma kanatti fayyadamee mootota,
hooggantootaa fi bulchitoonni garagaraa hojii isaanii
yemmuu hojjetan ergamoonni waaqarraa guyyaa firdiitiif
isaaniin daawwachaa akka jiran beekuu akka qaban

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 212


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ibsuun barbaada . Kanas Dan. 4:13-18; 10:20; 11:1


irratti Ergamoonni mootota ni daawwatu. T., v. 1, p. 203
heertuu armaan gadii waa‘ee Nabukadneezaariin
dubbifna. "Utuun siree koo irra ciisee jiruu, mul'ata
mataa koo keessa dhufe keessatti kunoo, ergamaan
qulqullaa'aan dammaqee eegu tokko bantii waaqaa
keessaa gad utuu bu'uu nan arge; innis sagalee
guddaadhaan iyyee, 'Mukicha muraa, damoota isaas irraa
kukkutaa, baala isaairraa duguugaa, ija isaas bittimsaa!
Bineensonni isa jalaa, simbirroonni damoota isaa irraas
haa baqatan! Gufuu hiddaisaa garuu, hidhaa sibiilaa fi
sibiila diimaatiin marga bakkee warra lallaafaa keessatti
hidhaatii lafa keessatti hambisaa! Fixeensa waaqa
irraatiin haa tortoru, ga'aan isaas marga lafaa keessatti
bineensotaa wajjin haa ta'u! Sammuun isaa sammuu
namaa irraa haa geddaramu; sammuun bineensaas isaaf
haa kennamu; barri torbas isa irratti haa darbu; dubbii
cite kana eegdota warra ergamantu abboome, murtoo
kanas warra qulqulloota sanatu dubbate; kanaan inni
hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti
akka mo'u, abbaa ofii isaatii jaallateefis akka isa kennu,
namoota hundumaa keessaa isa gad deebi'aas isa irra
akka inni kaa'u, warri jiraatan hundinuu haa beekan!'
jedhee anatti dubbate. "Abjuu kana ana Nebukadnezaar
mootichatu arge; beektonni mootummaa koo keessa jiran
hundinuu hiikaa isaa anatti beeksisuu hin dandeenye; ati
garuu yaa Belxishaazaar, hafuurri waaqayyolii
qulqullootaa si keessa waan jiruuf, in dandeessa; ammas

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 213


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ati hiikaa isaa anatti himi!" naan jedhe "Inni immoo,


"Maaliif gara kee akkan dhufe ati beektaa? Amma illee
ergamaa guddaa isa Biyya Faaresiif dhaabatu sanaa
wajjin wal loluudhaaf achi nan deebi'a; isaa wajjin ergan
fixee booddee immoo, ergamaan guddaan biyya Griikiif
dhaabatu dhufuuf jira.""Inni anatti dubbachaa ture sun
itti dabalee, "Daariyos namni Medoon mo'ee waggaa
tokkoffaaisaa keessa, ani ergamaa isa guddaa sanaaf
gaachana ta'ee, jabaadhee isa bira dhaabadheen ture."
Phaawulos yeroo kan biraa immoo 1 Xim. 2:1-3 irratti
Warra biyya bulchaniif kadhadhaa jedhee imaanaa
kadhataa waa‘ee moototaa nutti kenna."Ammas waan
hundumaa dura himannaan, kadhannaan warra kaaniif
dubbachuun, galata dhi'eessunis Waaqayyo duratti nama
hundumaaf akka godhamuuf nan gorsa. Nagaatti gabitti
akka namoota Waaqayyootti jireenya ulfina qabu
jiraachuu akka dandeenyuuf, moototaaf, biyya bulchuu
keessatti warra aboo qaban hundumaafis akkasuma
godhaa! Kun gaarii dha, fuula Waaqayyoo fayyiisaa
keenyaa durattis fudhatamaa dha.―Yeroo mootonni
daangaa darbanii seera Waaqayyo baaseen morman
Kiristiyaanni Kiristiyaanni yeroo hundumaa namootaaf
abboomamuurra Waaqayyoof
abboomamuuwayya."Phexrosii fi ergamoonni warri kaan
garuu deebisanii, "Nuyi namaaf abboomamuu irra,
Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira." HoE 5:29.
Jireenya simoon hinaaftichaa irraakana barachuu ni
dandeenya.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 214


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Walumaagalatti Simoon Alfewoos, kun bara 70 Dh.K.B.


magaalaa guddaa sooriyaatti wareegame. Kan isa ajjeese
mootii sooriyaa ture. Sababni inni irratti wareegames
dhuga bahumsaa fi lallabbii isaaf kutataa ta'uu isaati.
Mootiin sooriyaa ergamaa kana fannoo irratti fannisiisee
ajjeesise.

TAADEWOOS
Taadewoos kun Yihuudaa ilma Yaaqoob jedhee beekama
ture. Luqaas 6:16; Hojii Ergamootaa 1:13.Tarreeffama
maqaasaatii isa kan bartootaatiin alatti waa'ee amala
isaatii si'atokko qofa argina. Yohaannis 14:22.Ciminni
isaa inni dubbii xiinxaluu(alanfachuu) danda'e.
Qormaanni isaaf dhufe muuxannoo gaaffiin tokko tokko
yeroo dhihaatan obsa gahaa qabaachuudhaan deebisuu
ture. Amala kan Kiristoosiin fakkaatu qabaachuun
ilaalcha keenyairraa malee ala qofaa dhaan
miti.Dadhabinni isaa muuxannoo dhabuu isaati. 2
Pheexiroos 3:18, Maqaa ta‘e qabaachuu jechuun
mallattoo kufaatii ta‘e tokko agarsiisu miti. Inni kunis
DH.K.B bara 74 Edessatti fannifame.
FILIPHOOS DHUGAATTI
DHIHAACHUU IRRAA GARA
DHUGAATTI
Filiiphos jechuun afaan Giriikiitiin kan Fardeen jaallatu
jechuu dha.Kakuu haaraa keessa Filiiphos jedhamee
namoota lamatu beekama. Inni jalqabaa Filiphos isa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 215


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

bartuu gooftaa ta‘e kanamma ilaalaa jirru yemmuu ta‘u,


inni lammaffaan immoo Filiphos isa abbaa wangeelaa isa
daaqunoota turban keessaatokko ta‘uu dhaan filatame
keessaa tokko ta‘e, Samaariyaatti lallabuudhaan namicha
biyya itoophiyaa sana kan cuuphee fi durboota raajii
dubbatan 4 isa qabu sana ture. HOE 6:3-5,HOE 8,21:8,9.

Filiphos inni bartuu gooftaa ta‘e kun amaloota armaan


gadiitiin beekama.―Filiphos kun Naataanaa'elin argatee,
Isa Museen macaafaseeraa keessatti, raajonnis immoo
macaafa isaanii keessatti waa'ee isaa caafan arganneerra;
inni namicha Naazireet, Yesusilma Yoseef" jedheen.‖
Yoh. 1:45.―Naataanaa'el yommus, "Naazireet keessaa
wanti gaariin ba'uudanda'aa?" jedhee Filiphosin gaafate;
Filiphos immoo, "Kottuutii ilaali!" jedhee
deebiseef.‖Yoh. 1:46. Naazireet keesaa maaliif wanti
gaariin ni bahajedhamee hin yaadamu? Naazireet
magaalaa Yesuus keessatri tuffatame turte. ―Achis
dhaqee, raajonni waa'ee Yesusiif, "Inni 'Naaziricha in
jedhama" jedhanii kan dubbatan akka raawwatamuuf,
mandara Naazireet jedhamtu tokko keessa jiraate.‖Mat.
2:23. Yesuus Magaalaa Naazireet keessatti guddate.
Luqaas 4:16. Haa ta'u malee, amala ijoollee Naazireet
warra Waaqayyoon hin beeknee hin calaqqisiisu ture.
―Kana booddee mucichi abbaa isaa fi haadha isaawajjin
Naazireetitti deebi'ee, isaaniif abboomamaas jiraate; haati
isaa garuu dubbii kana hundumaa garaatti in qabatti
turte.‖ Luq. 2:51. Yesuus Tajaajila humna qabeessa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 216


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Naazireet keessattigochaa ture.―Inni, "Waan attamii ti?"


isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama
Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota
duratti raajii aango-qabeessa ture sana,‖ Luq. 24:19
ture.Sababii Yesuusiin tuffatteef Yesuus magaalaa
Naazireetiin kana dhiisee deeme. ―Yesus iddoo sana
dhiisee adeemee, gara mandara kutaa biyya itti dhalatee
dhaqe; bartoonni isaas isa duukaa dhaqan.‖ Mar. 6:1.
―Naataanaa'el, "Eessatti na beekta?" jedhee isa gaafate;
Yesus immoo deebisee, "Filiphos utuu si hin waamin
muka harbuu jalattan si arge" jedheen.‖ Yoh. 1:48.
Gaaffii Naatinaa'el eessatti na beekta jedhuuf deebiin
Macaafa Qulqulluu maali dha? seenaa Naatinaa'eliin
yemmuu wal qabsiisnu hima armaan gadii arganna. Yaa
Naatinaa'el , ani qoree si ilaaleera. si beekas! Taa'uu kee
fi ijaajjuu kee nan beeka, fagoodhaas yaadakee nan
hubadha. Kaatee adeemuu kee fi ciisuu kees gargar nan
baafadha, karaa jireenya kee hundumaa keessa in beeka
Utuma dubbiin afaan keetii hin ba'in, isa ati jechuuf turte
hundumaa ani dur illee beeke, yaa naatinaa'el ! Ani karaa
hundumaan naannoo keettiargamee, harka koo si irra
qabeen jira.Wantadinqisiisaa akkasii kana beekuun
humna kee gararraadha, siin ol, isa bira ga'uus hin
dandeessu.Hafuura koo duraa eessa dhaqxa? Fuula koo
duraas eessatti nan baqatta? Bantiiwaaqaatti yoon ol
baate, ni achi jira! Iddoo lafa jalaakeessa yoon ciistes, ani
achittis immoo nan argama!Atii baallee baastee akka ifa
bariitti balaliit'ee, galaana dhidhimaa qarqara utuun

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 217


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

qubattee silaa achitti immoo harki koo si geggeessa,


harki koo mirgaas jabeessee siqaba ture.Ati , "Dukkanni
ana irra haa bu'u, ifniguyyaas naannoo kootti halkan haa
ta'u!" yoojette,dukkanni iyyuu ana duratti hin
dukkanaa'u, halkan akkuma guyyaa in ifa; dukkanni
immoo akkuma ifaa in ta'a.Keessa namummaa kee anatu
uume, gadameessa haadha kee keessatti natu si tolche;
isa ani guddaa dinqisiisaa godhee si uumeef, atii
galatanaaf nan galchita;gochaan koo waanuma raajii ti,
atiskana ba'eessa gootee ni beekta ittiin jechaa ture. Ati
dhoksaatti yommuu hojjetamte, gadameessa [isaakka lafa
gad fagootti ilaalamu] keessatti yommuun tottolfame
lafeen kee iyyuu na duraa hin dhokanne.Nama ta'uun kee
utuu hin beekamin iji koo si arge, dhalattee barri jireenya
kee lakkaa'amuu utuuhin jalqabin, guyyoonni siif
yaadaman guutummaatti macaafa koo keessatti caafaman
jedhee Yesuus isatti dudubbachaa ture. Far. 139:1-
16.Atoo yaa michuukooYesuus akkanni si beeku utuu
hin beekin eessatti na beekta ittiin jettee gaaffii
walfakkaataa Yesuusiin gaafattee beektaa laata?

Yesuusiinis ta‘e waaqayyoo abbaa beektes yoo beekuu


baattes Macaafni Qulqulluun akkana jedha. Sanyiin
namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, irra
lafaa hundumaa irra akka jiraatan godhe; bara isaaniitti
iddoo taa'umsa isaaniittis daarii itti godhe.Kanas
Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif, qaqqabataniis
akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 218


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hunduma keenyattii fagoo miti.Nuyi isatti in jiraanna, in


sochoona, in argamnas; isin keessaa iyyuu warri walleen
akkuma jedhan, 'Nuyi immoo sanyii isaati'.HoE 17:26-
28.Kanaafuu,Of tuulummaa keessan hin baay'isinaa! Of
jajuunis afaan keessan keessaa hin ba'in! Waaqayyo
gooftichi beekaa dha! Hojii namoota hundumaas miijana
irra kaa'ee in ilaala.‖1Sam. 2:3.―Yaa Naatinaa'el , wanta
ani si biraa argachuu fedhu hundumaa situ beeka, hafuura
dheeraa baafachuun kees na duraa hin dhokanne.‖Far.
38:9 waan ittiin jechaa jiru fakkaata.

―Yesus achi taa'ee asii fi achi ilaalee, namoonni danuun


gara isaa akka dhufan arge; kana irratti, "Buddeena
jarrikun nyaatan eessaa binna?" jedhee Filiphosin
gaafate.‖ Yoh. 6:5. ―Kana immoo waan Filiphos jedhu
ilaaluuf itti dubbate, Yesus ofii isaatii waan gochuu jedhe
beeka ture'o.‖ Yoh. 6:6. Yesuus buddeena namni kumni
shan nyaatu eessaa binna? jedhee Filiphoosiin gaafate.
Warshaan daabboo yookaan buddeena oomishu bara sana
hin turre. Yoo jiraates namoota kuma shan hin gahu.
Nama jarreen kana keessumsiisuu danda'u argachuunis
salphaa itti hin fakkaanne ture. Yesuus waan kana
hunduma isaa ofii isaatiiraawwachuuf isa gaafatee waan
Filiphoos jedhu qoree isa ilaaluuf gaaffii kana isa
gaafate. Har‘a waan nuti gochuuf hin dandeenye akka
namicha kanaa wajjiniin dhiphachuun nuuf hin ta'u;Gara
Yesuusitti haa fidnu. Inni gaaffii keenya maradeebisuuf
daandii mataa isaatii ni qaba. ―Nuyi ofii keenyaa wanti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 219


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

tokko illee nu biraa, in ba'a jennee himachuu waan


dandeenyu hin qabnu; hammi danda'aa keenyaa
Waaqayyo biraa in ba'a.‖ 2Qor. 3:5. Yesuus garuu isa
arge. Yesuus baroota keessatti namoota iddoo adda
addaatti isaan arga ture. Warra yeroo ayyaanichaatti
sagaduudhaaf ol ba'an

keessa, Giriikonni tokko turan. Isaan kun Filiphos,


namaBetsayidaa isa kutaa biyya Galiilaa sana bira
dhufanii, "Yesusin arguu feena, gooftaa"
jedhaniin.Filiphos immoo dhaqee Indriiyaasitti hime;
Indriiyaasii fi Filiphos walii wajjin dhaqanii Yesusitti
himan. Yesus garuu deebisee, "'Yeroon ilmi namaa ulfina
isaatti olfudhatamu ga'eera. Yohaannis 12:20-23. Yesus
deebisee, "Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii
wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni
ana arge abbaa arge; attamitti, 'Abbaa nu argisiisi' jetta
ree?Ani abbaa keessa, abbaanis anakeessa akka jiru hin
amantuu ree? Abbaa isa anakeessa jiraatutu hojii isaa
hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa
ofuma kootiin hin dubbadhu. Ani abbaa keessa, abbaanis
ana keessa akkajiru na amanaa! yookiis sababii
hojichuma kana hundumaaf ana amanaa! "Dhuguma,
dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani
hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan
dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta.Abbaan ilma
isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaakootiin
kadhattan ani nan raawwadha.Waanuma tokkoisin maqaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 220


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha"


jedheen.Yohaannis 14:8-14.

Filiphoos kutaa olaanu keessatti humna hafuura


Qulqulluu kadhachaa ture.―Yommuu deebi'an immoo
mana isa keessa turan kutaa ol aanutti galan. Isaanis
Phexros, Yohannis, Yaaqoob, Indriiyaas, Filiphos,
Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob 'ilma
Alfewos, Simoon isa "Hinaafticha" jedhamee beekamee
fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan.‖ HoE. 1:13.Giriikotaa
wajjiniin hariiroo cimaa qaba. Namni kun beekumsa fi
falaasama warra Giriikii sirriitti ni beeka. Giriikiin
atileetiksii fi Ispoortii garagaraatiin waan beekamtuuf
Filiphos gosa atileetiksii kanneen keessa farda
gulufsiisuu kan jaallatu ture. Waa dafee hin murteessu.
Sagalee waaqayyoo irra irra keessahubata.Waan haaraa
tokko yoo arge daddafee itti hin madaqu.Akkuma
Pheexiroosii fi Indiriyaas innis nama magaalaa xiqqoo
ishee Beetasaayidaati. Beetasayidaajechuun immoo mana
qurxummii qabdootaa jechuudha.Yesuus amantii isaa
waan beekuuf gaaffii buddeenanamni hammi kun nyaatu
eessaa haa bitnu jechuudhaan Filiiphosiin gaafate.
Yohaannis 6:5. Yesuus Filiphosiin namoota 5000 kana
maal nyaachifna eessa teessifna, buddeena namoota kana
gahuu danda‘us eessaa argannaa jedhee gaaffii isa
gaafate. Haalli Filiphos argaa jiruu fi gaaffiin Yesuus isa
gaafachaa jiru waan wal simatu hin fakkaatu.Suuqiin
yookaan warshaan buddeena yookaan daabboo namoota

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 221


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

5000 gahu kanaaf dhaqanii waa bituu danda‘anis hin jiru.


Utuma argamee illee maallaqni buddeena hamma kana
ittiin bitan isaan harka hin jiru ture. Yesuus yeroo harka
bartootaa keessa waan hundumtuu hin jirretti harka isaa
keessa waan tokko akka jiru isaaniif mirkaneessuu
barbaadee ture. Filiphoos garuu Shallaggii herregaa
fayyadamee gaafasana qormaaticha ni kufe. Yohaannis 6:
Gaafa Yesuus namoota 5000 nyaachise sana ergama
Kiristoosiin hubate.Yesuus Giriikota tokko simachuu
didaa laata jedhee sodaa qaba ture. Kanaafuu
Indiriyaasitti hime. Yohaannis 12: 20-22. Giriikonni
garuu gara Filiphoos mataa isaa kana dhufan. Filiphoos
eenyummaa Kiristoosiin utuu hin beekin yeroo dheeraa
dhaaf isa duukaa adeeme. Yohaannis 14:7-12. Dhoksaa
sadan waaqa tokkichaa nu barsiisi kanaa achi nu gaha
ittiin jedhe. Waggaa sadii oliif yesuusiin duukaa yoo
adeeme illee eenyummaa yesuusiin amma illee adda hin
baafanne ture. Eenyummaan Yesuus garuu tokkoon
tokkoo kutaa macaafa qulqulluu keessatti haala
armaan gadiitiin ibsameera. Seera uumamaa keessatti
sanyii dubartittii,Seera ba‘uu keessatti Hoolaa Faasikaa,
Seera Leewwotaa keessatti angafa lubootaa, Seera
lakkoofsaa keessatti utubaa duumessaa fi utubaa ibiddaa,
Seera keessa deebii keessatti raajii akka Musee isa
waaqayyo isaaniif kaasu,Macaafa Iyaasuu keessatti
angafa loltuu Waaqayyooti. Abboota Firdii keesatti
Ergaa Waaqayyoo isa deemu dha. Macaafa Ruutiin
keessatti fira aantii isa furu dha. 1 Saamu‘el keessatti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 222


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Luba amanamaa dha. 2 Saamu‘el –Riqaa fayyinaati. 1


Moototaa keessatti Solomoon irra kan caalu dha. 2
Moototaa keessatti Mootii isa mo‘aa dha. 1 Seenaa –
Saanduqa Kakuuti. 2 Seenaa – dhiiga teessoo araaraatti
faca‘u dha. Izraa keessatti isa boojuu deebisuu dha.
Naahimiyaa keessatti Waaqa sodaachisaa fi dinqisiisaa
Asteer Mordekaayii keenya dha. Iyoob keessatti Furee
du‘ee du‘aa ka‘e,Macaafa Faarfannaa keessatti Mootii
ulfinaati. Macaafa Fakkeenyaa keessatti Michuu
obboleessa caalaatti nutti aanu dha. Macaafa Lallabaa
isa jireenyaa fi hafuura kennu dha. Weedduu Weedduu
Caalu keessatti Michuu Jaallatamaa dha. Isaayaas
keessatti Bakka keenya bu‘ee isa dhiphate, Ermiyaas
keessatti Qajeelummaa keenya dha. Faaruu Ermiyaas
keessatti Gahee (qooda) sabaati. Hisqi‘el keessatti
Bishaan jireenyaati. Daani‘el keessatti Jaarsa Barootaati.
Hoose‘aa –Bokkaa duraa fi bokkaa booddeeti. Yo‘el
keessatti Iddoo baqannaa saba Waaqayyooti. Amoos
keessatti Isa Israa‘eliin oolchu dha. Obaadiyaa keessatti
Furee Gaara Tsiyoon dha.Yoonas keessatti Fayyisaa
du‘ee du‘aa ka‘ee dha. Miikiyaas keessatti Waaqa
dhiifamaa,Naahom keessatti Guyyaa rakkinaatti iddoo
baqaa, Anbaaqom keessatti Galaa amantii keenyaati.
Seefaaniyaa keessatti Walakkeessa murtii fi
qulqulleessuu Haagee keessatti Tiksee hoolotaa isa
rukutame, Zakaariyaas keessatti Damee dha. Milkiyaas
keessatti Ilma qajeelummaa qoochoo isaatti fayyina
baaatu dha. Maatewos keessatti Mootii Yihuudotaa ti.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 223


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Maarqos keessatti Garbicha Waaqayyooti. Luqaas


keessatti Ilma Namaa ,Yohaannis keessatti Ilma
Waaqayyoo, Hojii Ergamootaa keesatti gooftaa samiitti
ol bahee dha. Roomaa keessatti qajeelummaa keenya
dha. 1 Qorontos keessatti angafa warra du‘aa
kaafamaniiti. 2 Qorontos ilma Waaqayyo isa ol jedhe
dha. Galaatiyaa keessatti furee keenyaa fi isa seericha
fiixaan baasu, Efesoon keessatti Mataa waldaa
Kiristaanaati. Filiphisiyus keessatti maqaa maqaa
hundumaarra caalu dha. Qolosaayis keessatti isa dur
durii kaasee jiruu dha. 1 Tasaloonqee keessatti Gooftaa
keenya isa deebi‘ee dhufuu dha. 2 Tasaloonqee keessatti
Abbaa Murtii keenya isa deebi‘ee dhufuu dha.1
Ximootewos keessatti araarsaa keenya. 2 Ximotewos
keessatti isa gonfoo kennuu dha. Titos keessatti Waaqaa
fi fayyisaa keenya isa guddaa dha. Filemoon keessatti
Abbaa Michuu yookaan hiriyaati. Ibroota keessatti
Kakuu haaraa keessatti gidduu seenee kan araarsuudha.
Yaaqoob keessatti gooftaa ulfinaati. 1 Pheexiroosiin
keessatti Dhagaa golee qajeelchuu dha. 2 Pheexiroosiin
keessatti Bakkalcha barii isa Calaqqisaa dha. 1
Yohaannis keessatti abukaattoo yoo cubbuutti kufne nuuf
dhaabbatuu dha. 2 Yohaannis keessatti ilma Waaqayyoo
isa foon uffatee dha. 3 Yohaannis keessatti inni dhugaa
dha.Yihuudaa keessatti wabii amantootaaati. Macaafa
Mul‘ataa keessatti gooftaa gooftotaa fi mootii moototaati.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 224


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Filiphoos ergamaa Hojiidhaan agarsiisu ture. Inni hayyuu


herregaa fi itti gaafatamummaa meeshaalee adda addaa
irra ture. Yohaannis 6:5,7. Waan ragaadhaan deggerame
arguu barbaada. Yohaannis 14:8. Salphaa dhumatti
Yesuus na duukaa bu'ijennaan ka‘ee duukaa bu'e. Gara
Naatinaa'eliin deemee waa'ee Yesuus isatti himuudhaan
ragaa jiru isaaf kennee Naatinaa'eliin immoo kottuutii
ilaali jedheen." Yohaannis 1:43-46. Namoonni hedduun
isaanii waanuma namni isaan afeereef har‘a gara waldaa
dhufu. Filiphoos waan godhu yeroo hin beekne akkaataa
ittiin namatti siqatanii gorsa gahaa gaafatan gaarii godhee
beeka. Yohaannis 12:21-22. Ciminni isaa hojiidhaan
agarsiisuu isaati. Dhugaatti Yesuusiin akka hubatuuf
qormaanni isaaf dhufee ture. Yohaannis. Yohaannis 14:9.
Dadhabinni isaa immoo humna Waaqayyoo hubachuu
dadhabuu isaa ture. 2 Ximotewos 3:5. Erga Yesuus ol
bahee booddee kennaa hafuura qulqulluu fudhateera.

Filiphoos bartuun akkamitti wareegame?

DH.K.B bara 54tti Biyya Israa‘el magaalaa Hiraappoliis


(Israa‘el)tti wareegame. Kiristaanota dhihoo amanantu
isa ajjeese. Mataa isaa utubaa yookaan fannootti hidhanii
dhagaadhaan tuman. Sababii olaantummaa Yesuusiif
waaqni tolfamaan waaqeffatamuu hin qabu jedhee waan
mormeef mormii isa irratti kaasan. Sababii mormii
kanaaf mana hidhaatti galfame. Mataan isaa utubaa
yookaan fannootti hidhamee dhagaadhaan tumamee
magaalaa Hiiraapolisiitti DH.K.B. bara 54 awwaalame.
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 225
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

NAATINAA’EL (BARTOLOMEWOS)
YAADA NAMA KAN BIRAA MORMUU
IRRAA GARA OBBOLUMMAATTI
Maqaan isaa inni guutuun Naatinaa'el Bartoloomewoos
jedhama.Namicha kana Filiphoostu akka inni dhufee
waa'ee Kiristoosiin mirkaneeffatuuf isa afeere.
Naatinaa'el barataa sagalee Waaqayyoo fi nama mul‘ata
qabu ture. Inni nama miidhaan irra gahee dha.
Yohaannis 1:46. Yeroo Yesuus isatti dubbatee ariifateetu
deebii deebisaaf ture. Yohaannis 1:49. Inni Fakkeenya
namoota ragaa muraasa barbaadaniiti. Amantii kan
ijoollee fakkaatu qaba. Maatewos 18:2 Guutummaatti
amanamaa ture. Yohaannis 1:47 Inni hin sobne...
Ciminni Naatinaa'el nama qajeelaa fi amanamaa ta'uu
isaati. Yohaannis 1:47, Fakkeenya 29:18. Qormaatni
isaaf dhihaate ofii isaa amanamaa akka ta‘e akka inni
ilaaluuf ture. 2 Qorontos 13:5. Dadhabinni isaa abdii
kutannaa keessa ture. Yohaannis 1:46, Qolosaayis
3:11.Yesuus yeroo Naatinaa‘eliin arge waa‘ee
Naatinaa‘eliin waan 3 dubbate. Inni duraa Kun nama
Israa‘el isa dhugaa dha jedheen. Israa‘el hundumtinuu
Israa‘el dhugaa miti. Israa‘el dhugaan namoota
akkumaAbrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob waaqayyyootti
amanankan waaqayyootti amananii dha.
NutiKiristaanonnis akkuma Naatinaa‘eliin sagalee
waaqayyoo qorachuu qabna. Inni lammaffaan immoo
nama isa qajeelaa ittiin jedhe.Inni hojii ittiin dhaadatu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 226


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

utuu qabuu fayyinaaaf gara Yesuusiin dhufe. Sadaffaa


irrrattis inni namni kun nama mudaan yookaan
haxxummaan keessa hin jirreedha jedheen. Akka
Yaaqoob ilma Yisihaaqiin isa obboleessa isaa
sanagowwoomsituu hin turre. Faarfannaan
boqonnaan15ffaan isaa akkuma Naatinaa‘eliin amala
mudaa hin qabne akka guddifachuu dandeenyuuf nu
jajjabeessa. Naatinaa‘el kana hundumaa booddee
akkamittiin na beekuu dandeesse jedhee Yesuusiin
gaafate. Yesuus immoo muka harbuu jalattan si arge
jedhe. Muktiharbuu sun fakkeenya warra Israa‘elotaa
turte.Maatewos. 24:32. Yihuudonni Waaqayyoon
jaallatan muka harbuu jalatti Waaqayyoon kadhatan qabu
turan. Naatinaa‘eliin Yesuus achitti isa beeke? Mukti
harbuu ati jalatti boqottee kadhachaa Yesuus qofti
waa‘ee kee iddoo inni itti beeku akka Naatinaa‘eliin
qabdaa laata? Iddoo itti yeroo hundumaa waaqayyoo
wajjin itti wal quunnamtu qabaachuu qabda. Namoonni
armaan gadii kun iddoo itti yeroo hundumaa waaqayyoo
wajjiniin itti wal argan ni qabu turan.Fakkeenyaaf
Addaamii fi Hewaan jannata keessatti yeroo qilleensi
qabbanaa‘aan jiruttii fi Yeroo waaqayyo isaan
haasofsiisu qabu turan. Abrahaam iddoo aarsaa
irratti,Museenis gaara irratti waaqayyoon kadhatu qaba
ture.Eliyaas gaara irratti waaqayyoo wajjiniin wal argu
qaba.Yesuus illee iddoo addatti waaqayyoo wajjiniin wal
quunnamu qaba ture.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 227


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Naatinaa‘el Yohaannis 1:51 irratti erga jijjiiramee


Yesuus akkanni barsiisaa ta‘e, bakka hundatti argamuu fi
hundaa danda‘uu isaa dhugaa baheera. Waa‘een
Naatinaa‘el hedduun yoo kan barreeffamne ta‘e iyyuu
samii irratti maqaan isaa barreeffameera. Luqaas 10:20.
Naatinaa‘el nama amanamaa fi gaarii dha.Dafee waa kan
isaaf galu,nama cimaa fi dandeettii addaa kan qabuu dha.
Olaantummaanis itti dhaga‘amti. Naatinaa‘el jechuun
Kennaa Waaqayyoo jechuu dha.Naatinaa‘el kun Qaanaa
Galiilaa dhaa dhufe. Yohaannis 21: 2. Maatewos 10:3;
Yohaannis 1:45. Filiphostu Yesuus waliin wal isa
barsiise.Bartoota Yesuus 12 keessaa afeerraa waamichaa
Yesuusiin isa qofatu mame. Afeerraa Filiphoos isaaf
taasise ni shakke. Yohaannis 1:45. Dhuguma Naazireet
keessaa wanti gaariin ba‘uu danda‘aa ? jedhee
gaafachuun isaa haalli Naazireet keessaa baay‘ee gadhee
ta‘uu isaa agarsiisa. Yesuus mataan isaa Naazireet ishee
gadhee taate keessatti dhiibbaa gaarii uumaa guddate.
Luqaas 4:16.Filphos isa fuudhee deemee Yesuusii wajjin
wal isa quunnamsiise. Naatinaa‘el nama sammuun isaa
banameef, amanamaa fi kan hin sobne ture. Naatinaa‘el
nama amanamaa fi gaarii dha.

Bartuun Bartolomewos jedhamu kun barri Wereegama


isaa 70 Dh. K. B Biyya Armeeniyaa Magaalaa
Paalemooniyoos yoo ta‘u Kan ajjeese mootichaa
Astiyaagees jedhamuu dha. Mootiin kun isa reebsisee,
gadi gombisee fayyaatti utuu jiruu fannoo irratti gogaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 228


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

irraa baasise. Sababa inni Waaqa tolfamaa jiraachisuu


dide fannoo irratti mormatti kute. (fannoo iraSababaa:
Waaqa tolfamaa jiraachisuu dide. Maatiin mootii sanaas
mootichaa dabalatee ni amansiise. Yammuu mooticha
duratti dhiyaates akkana jedhe ―Dhuga ba'umsakoos
dhigaan itti mallatteessuu nan barbaada , dhiphinni kam
iyyuu bidiruu amantii kootii hin barbaadesssu" jedhee
deebise. Mootichis sana booda ajaja dabarseen
dhukkubbii guddaadhaan alangaa sibilaatiin akka
reebamu, itti aansuun mataan isaa gadi gombifamee akka
fannifamu, Kana booda lubbuudhaan utuu jiruu akka
gogaan irraa baafamuu, Sana booda immoo qottodhaan
fannoo sana irratti mormi akka irraa citu itti fmurteesse.
Kun hundumtuu akkuma ajaja mootii kanaatti irratti
raawwate. Hafuura isaa harka Gooftaatti yaboo(adaraa)
kennatee obbaafate.

TOOMAAS SHAKKII IRRAA GARA


HOJII HAFUURAA HOJJECHUUTTI
Toomaas jechuun lakkuu jechuu dha. Jireenyi isaas
daandii lakkuu irra waan jiru fakkaata. Amanuu dhaaf
si‘a baayyee mamiitu isa rakkisa. Mamiin isaa kun
immoo yesuus biraa eebba hafuuraa baayyee isa
dhabsiise.Sabni waaqayyoos jijjiiramuu isaatiin fuula
dura shaakala Toomaas qabu kan qabaatanii dha yoo ta‘e
Yaaqoob ergaa isaa keessatti isaan akkasii kun warra
mamtuu fi ogummaan itti hir‘atee dha jedhee isaan
waama. Kanaafis akkana jedhee barreesseera. Isin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 229


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo


isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu
haa kadhatu! Innis in kennaaf. Garuu utuu hin mamin
amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa
galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu
ti. Namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee
hin eeggatin! Garaan nama akkasii walaallammii dha,
yaadni isaas waan hundumaa qabee gad dhiisa malee,
iddoo tokko hin dhaabatu. Yaaqoob 1:5-8. Daawit
abbaan faarfannaa sunis―Nama yaada walaallammii nan
jibbe, seera kee immoo nan jaalladhe.‖jedhee
barreesseera. Far. 119:113. Sabniwaaqayyos geggeessaa
waaqayyotti yoo kan hin amanne ta‘eefi onneen isaaniis
mamii dhaan yoo guute ni kufa. ―Geggeessaan yoo itti
hir'ate sabni in kufa, gorsituun baay'achuun garuu, biyya
nagaatti jiraachisa.‖ Fak. 11:14. Ilma waaqayyootti
amanuu dhaaf Toomaas shakkii qaba ture. Yesuus
duukaa yemmuu bu‘e abdii fi hubannoo kan hin qabnee
fi kan shakkiin guute ture. Yesuus faayidaa dhuunfaatti
isaaf kenname akka ta‘es hin beeku ture. Caaffanni
qulqulla‘aan garuu akkana jedha. Kunisilma namaatti kan
amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf ta'a.
"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma
kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan
amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf
malee, haa baduufmiti! Yohaannis 3:15-16.Du‘aa ka‘uu
booddee erga Kiristoosiin harkaan qaqqabee ilaalee
booda gara amantii guutuutti dhufe. Bartoota gooftaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 230


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

kudha lamaan keessaa, Toomaas inni "Diidimos"


jedhame tokko, Yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin
hin turre. Bartoonni warri kaanis, "Goofticha argineerra"
jedhanii itti himan; innigaruu, "Iddoo sibiilichi ure, harka
isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo
sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa
cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu'"
isaaniin jedhe. Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa
ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis
isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu taa'anii,
Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif
haa ta'u!" isaaniin jedhe.Kana booddee Toomaasiin,
"Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali,
harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan
hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!" jedhe.
Toomaasis, "Gooftaa ko, Waaqayyo ko!" jedhee
deebiseef.Yesus immoo, "Yaa Toomaas, waan ana
argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam
haa gammadan!" ittiin jedhe.Yohaannis 20:26-
29.Toomaas Yeroo Yesuus Alaazaariin kaasuuf deeme
tureera. Kanaaf Yesus mul'inumatti, "Alaazaar
du'eera;isin amanuu akkadandeessaniif, baga ani achi hin
jiraatin; amma garuu kottaa gara isaa in dhaqnaa!"
isaaniin jedhe.Toomaas inni "Diidimos" jedhame immoo,
"Egaa kottaa in dhaqna, nuyis barsiisaa wajjin in
duunaa!" jedhee bartoota warra kaanitti dubbate. Iddoo
gooftaan deemuutti jiru uituu adda hin baafatin bartoota
kan biroo dhaan dhaqeetan isaa wajjiniin du‘a ittiin

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 231


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

jedhe. Yohaannis 11:16;14:5. Yesuus isa du‘aa ka‘e


arguun isaa jireenya isaa jijjiireera. Kana booddee
Toomaasiin, "Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo
lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo
keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i
malee!" jedhe. Toomaasis, "Gooftaa ko, Waaqayyo ko!"
jedhee deebiseef.Yesus immoo, "Yaa Toomaas, waan
ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan,
attam haa gammadan!" ittiin jedhe. Yohaannis 20:26-29.

Toomaas irraa maal baranna? Inni akeeka kanaaf nu


qopheessu immoo, Waaqayyo isa hafuura isaa qabsiisa
nuuf kennee dha.Nuyi amantiidhaan jiraanna malee,
waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti.Nuyi ija
jabina qabna; mana dhagna keenyaa kana irraas
fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf
in wayya.Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus
isa irraa fagaannus, gooftaa biratti fudhatamoo akka
taanuuf in dhimmina.Namni adduma addaan dhagna isaa
kanatti utuu jiruu gaariis ta'e hamaas ta'e, akkuma
hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti
keenya barcuma firdii Kristos duratti dhi'aachuuf jirra. 2
Qorontos 5:5-10.Toomaas waa'ee isa ilma muka sooftuu
ture kanaa hubachuu fi mirkaneeffachuu irratti daddafee
kan hin hubanne ture. Yesus bartoota isaatiin, "Garaan
keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis
amanaa!Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa
baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 232


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaafnan


adeema.Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus,
iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee
dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha. Lafa ani
dhaqu, karicha achi geessus in beektu" jedhe sana
Toomaas immoo, "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu
hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?"
jedheen.Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis,
ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin
dhufu.Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in
beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa
argitaniittus" jedheen.Yohaannis 14:1-7. Si‘a hedduu
Toomaas waan gareen irratti waliif gale tokko
fudhachuuf qophaa‘aa miti.Yohaannis 20:25. Dhugaa jiru
yemmuu amansiifamee yemmuu jajjabeeffamu dubbicha
nyaachuudhaaf inni qophaa‘aa ture.Yohaannis 20:28.
Ciminni Toomaasdhagna isaatiin gooftaaf kan amanamu
ture. Roomaa 12:1. Qooda shakkii gooftaa akka amanuuf
qormaanni isaaf dhihaate. 2 Qorontos 1:9. Dadhabinni
isaa amala waa shakkuu qabaachuu isaati. Maatewos
18:2, Yohaannis 20:28.Akkuma Toomaas isa jijjiiramuu
isaa fuulduraa sana maaltu Yesuusiin si shakkiisiise
yookaan si mamsiise? Wantoota har‘a mumullatanii dha
laata? Buddeenaa fi uffataa fi k.k.f waan dhabdeef
Yesuusiin waaqa ta‘uu isaa shakkitee laata? Yoos luqaas
12:28-31 akkas jedha.Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a
bakkeetti argamee, bor ibiddatti nam'utti akkana
bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti immoo hammam

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 233


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

caalchisee haa uffisuree! Isin warra amantiin itti hir'atee


dha malee. Isinoo, yaada keessan waan nyaattanii fi waan
dhugdan barbaaduutti hin hidhinaa! Yaaddoodhaanis hin
dhiphatinaa!Warri biyya lafaa irraa Waaqayyoon hin
beekne hundinuu, yaada isaanii isaan kanatti hidhanii
jiru; soora kana argachuun akka isin barbaachisu abbaan
keessan in beeka. Duraan dursitanii yaada keessan
mootummaaisaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan
barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama" jedhe.
Waaqayyo yeroo bartuu isaa akka taanuuf nu waamu
waan tokko illee nutti hin hir‘isu. Rakkinni keenya inni
guddaan amantii keenyatu akka kan Toomaasiin
hir‘uudha. ³Yesus ammoo, "Horii, qalqalloo, kophees
utuu hin fudhatin yeroo ani isin erge, waa isinitti hir'ate
tureeree?" jennaaniin, isaan immoo, "Homtinuu nutti hin
hir'anne" ittiin jedhan. Akka nuti shakkinu kan nu taasise
ulfina waaqayyoo arguu dadhabuu dha. ―Hundinuu
yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.‖
Rom. 3:23. Akka hin mamneef waaqayyo nu
akeekkachiiseera. ―Billaadhaan rukutanii ajjeesuu iyyuu
yoo ta'e, namni isa Waaqayyo abboome kana garaa
hir'uudhaan hojjetu abaaramaa dha!‖ Er. 48:10. Nuu
wajjiniin jiraachuu waaqayyootiif dhuga baatuun akka
duumessaa lafa uwwisan utuu jiranii yoo mamne
sagaleen waaqayyoo akkas nuun jechuun isaa hin hafu.
―'Teqel' jechuun 'Miijane' jechuu dha; kanaaf miijana irra
kaa'amtee, hir'uu taatee argamte.‖Dan. 5:27.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 234


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Yesuus gaaftokko bubbee galanaa hamaan


kaanaanbartoota isaa miijanee ture. ―Inni immoo
deebisee, "Isin yaa warra amantii hir'uu, maaliif
sodaattan?" isaaniin jedhe; yommusumas ka'ee
qilleensichaa fi bishaanicha ifate; gabiin guddaan isaas in
ta'e.‖ Mat. 8:26. Yesus garuu kana baree, "Yaa warra
amantii hir'uu! Maaliif waa'ee buddeena dhabuu
keessaniitti hiiktanii walii keessan gidduutti
dudubbattu?Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii?
Buddeenan shanan namootakuma shaniif kennaman,
hurraa gundoo meeqas akkawalitti qabdan hin yaadattanii
ree?Yookiis buddeenan torban namoota kuma afuriif
kennaman, gundoo meeqas walitti qabdan?Attamittis
waa'ee buddeenaaf akka ani isinitti hin dubbatin yaadatti
fudhachuu dadhabdan ree? Maatewos 16:8-11.

Pheexiros gaaftokko akkuma Toomaasiin galaana


gubbaatti koormaadhaan amantii dhabee ture. Phexros
deebisee, "Gooftaa! Si erga ta'ee, bishaan irra gara kee
akkan dhufu na abboomi!" jedheen.Inni immoo, "Kottu!"
jedhe; yommus . Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan
gubbaagara Yesusitti adeemuutti ka'e. Qilleensi jabaan
sun yeroo isatti dhaga'ame garuu in sodaate; gad
liqimfamuu jalqabnaanis iyyee, "Gooftaa! Na oolch!"
jedhe.Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabee,"Yaa
namicha amantii hir'uu! Maaliif mamte?" jedheen. Yeroo
isaan bidiruu yaabbatanitti qilleensichi in dhaabate. Kana
irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, "Ati

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 235


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

dhuguma ilma Waaqayyoo ti!" jedhaniin. Yohaannis


14:28-33. ―Yesus immoo deebisee, "Amantiin keessan
waan hir'ateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha,
amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii,
gaara kanaan, 'Asii ka'ii achi butadhu' in jettu, gaarichis
asii ka'ee achi in butata; wanti isiniif hin danda'amnes hin
jiru.‖ Mat. 17:20.

Walumaagalatti, Toomaas bara 70 Dh. K. B bakka


Kaallaa Miinaa jedhamuttimooticha Savaajees
jedhamuun ajjeefamuudhaan wareegame.

Reebicha alangaan diimeffamee,Zayitii danfaa qodaan


isaa uraa qabuu keessa buusuun Waraansa Eeboo
cinaacha irraatiin dararamaa ture. Sababni inni
dhiphateefis Waaqa tolfamaaa biyya Sanaa waan
mormeef ture. Toomaas Magaalaa Baha Hindii
Kaalaamiyaa jedhamutti waaqa tolfamaa warra waaqa
biiftuu waaqessan akka dhiisaniif lallabe. Hafuurota
hamoota gadgaragalchee bifa waaqolii tolfamoo
barbadeesse. Mootichis Alangaa sibilaa baay'ee
ho'ifamee gubeen akka reebaniif itti murteesse. Qodaa
ibiddi baayyee humna guddaa qabu keessatti boba'ee
cufaa qabu keessa buusan. Ibiddi sun yeroo jalqabaa
gubuu hin dandeenye. Booda irra luboota achi turan
keessaa tokko kana argudhaan ibidda keessatti
eebodhaan cinaacha waraane. Ibiddichis karaa madaa
Sanaa qaama ergamaa kanaa gubuu danda'e. Innis dafee

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 236


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

gara gooftaa isaa isa dhiphachaa jirutti hafuura isaa harka


isaatti kennatee reeffa isaa ibidda keessaa baasanii
achumatti awwaalan.

MAATEWOS; JECHUU IRRAA GARA


HOJIITTI HIIKUUTTI
Bartoota gooftaa keessa obbolaa lama lama ta‘anii mana
tokko keessaa waamaman sadiitu jiru. Isaanis 1.
Maatewosii fi Yaaqoob isa xiqqicha, 2. Pheexiroosii fi
Indiriyaas 3. Yaaqoobii fi Yohaannis dha. Maatiin walii
wajjiniin yemmuu Yesuusiif bartuu ta‘an caalaatti wanti
nama gammachiisu hin jiru.Maatewos kun yeroo tokko
tokko Leewwii jedhama. Gosi Leewwii immoo warra
tajaajila manaqulqullummaatiif waaqayyo adda isaan
baafateturan. Lakk 3:6; Kes 10:8. Lakk 18:1,2.Inni nama
badhaadhaa ture. Maatewos LammiiGaliilaa
Qifirnaahoomitti dhalatee dha.Abbaan isaa Alfewoos
Haati isaa immoo Maariyaam jedhamti.Maariyaam kun
ishee haadha Yesuusiin miti. Maatiin isaa Yihuudii
amantii isaaniitiif hinaaffaa qaban turan.Maatewos garuu
faallaa maatii isaatii qaraxxuu mootummaa Roomaatiif
gibira sassaabu ture.Yihuudota biratti qaraxa fuuchuun
jibbamaa fi cubbuu dhaa wajjiniin walqixxeetti kan
ilaalamuudha. Yesuus Qifirnaahomitti isa argee na
duukaa bu‘i waamicha jedhu isaaf dhiyeesse. Luqaas
5:27, 28. Maatewosis hatattamaan hojii jibbamaa kana
dhiisee Yesuus duukaa bu‘e.Maqaan isaa gara Maatewos

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 237


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isa kennaawaaqayyootti hiikamuutti jijjiirame. Maatewos


akkaataa hojii sirnaan hojjetanii fi gabaasa ittiin
qindeessan sirriitti beeka.Waa‘ee Yesuus barreesuuf
iyyuu dandeettii qabukanatti fayyadame Wangeela
Maatewosiin barreesseera. Maatewos waa‘ee dhalachuu,
Taatee guyyaajimaataa fannoo irratti ta‘e,ergaa Yesuus
utuu ol hin ba‘in dubbate,ergama guddaa waa‘ee gara
maccaa hundumaa dhaquu galmeessee jira.

Maatewos kun Leewwii jedhamee beekama. Maarqos


2:14.Qaraxxuu Na duukaa bu‘i jennaanafeerraa Yesuusiif
deebii kennee turee dha. Maatewos 9:9; 10:3Namoonni
tokko tokko inniNaazireetii dhufe ittiin jedhu.
Yihuudotaan jibbamee akka nama Israa'eliin ganeetti
ilaalame.Michoonni isaa warra qaraxxuu ta'an qofa
turan.Maatewos qaraxxoota biraa warra cidha
qopheessanii Yesuusiin keessummaa kabajaa godhanii
afeeran wajjin ture. Maarqos 2:15-17, Akka inni
michummaa warra Roomaa qabutti isailaalu turan.
Maatewos garuu ijoollummaa isaatiieegalee akka nama
gosa Leewwii tokkoottiwaaqayyoof hojjechuun kan irra
ture hammaYesuus isa waame sanatti mootii warra
Roomaaf qaraxa fuudhaa ture. Kan akka Maatewos
har‘awaaqayyo irraafagaatanii bakkee keessa kan jiran
lakkoofsaan meeqa ta‘u laata?Inni maallaqa argachuuf
jedhee diina warra Israa‘eliin garboomfateef hojjetaa
ta‘e. Bakka maatiin isaa itti isa eegan mana sagadaa
dhiisee warra Roomaa faana bu‘e.Ta‘us garuu gaaftokko

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 238


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

yesuus akka inni bartuu ta‘uuf waamicha isaaf taasise.


Namoota bara durii keessaa namoonni qaraxa sassaaban
baayyee tuffatamoo fi jibbamoo turan. Maatewos
namoota akkasii keessaa tokko ture. Maatewos
badhaadhaa yoo ta‘e illee fedhii maallaqni isaaf guutuu
hin dandeenyeqaba waan tureef inni jijjiiramuu dhaaf
qophaa‘aa ture. Utuu Maatewos namoota hedduu
irraaqaraxa fuudhaa jiruu Yesuus ija Maatewosiin keessa
ilaalee isa duras dhaabbatee na duukaa bu‘iittiin jedhe.
Na duukaa bu’i jechuun isaa jecha lama Follow me
jedhu irraa kan dhufe yoo ta‘u, waan ammahojjechaa
jirtu itti dhiisii na duukaa kottu jechuu isaati. Nu illee
waan biyya lafaa utuu lafa hin kaa‘in Yesuusiif bartuu
dhugaa ta‘uu hin dandeenyu. Guyyaa gaafa Maatewos
Yesuus duukaa bu‘e sana samii guutummaan nama gosa
Leewwii badee argame kanaaf gammachuu guddaatu itti
dhaga‘ame. Yeroo Yesuus keessummaa kabajaa ta‘ee
afeeramuttis qaraxxootaa fi warra akka seeraatti hin
jiraanne hedduutu isa biratti walitti qabamaa ture.
Maatewos. 9:20. Maatewosii fi namoota isa fakkaatan
kana simachuun Yesuus gaaffii hedduun akka isa irratti
ka‘u taasisu. Deebiin Yesuus deebise garuu ilmi namaa
warra badan cubbamoota waamuu malee qajeelota
barbaachuu akka hin taane dubbachuu isaa ture.
Maatewoos. 9:12,13. Maatewos hiyyummaa hafuura isaa
bareera. Yesuus immoo akkana jedhee ture. Karaa
hafuuraatti hiyyeessota kan ta‘an haa gammadan,
mootummaan Waaqaa kan isaaniiti.‘ Mat. 5:2, 3.Akkaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 239


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

waan haaraa fi keessummaatti dubbiin kun gurra


namoota lakkoofsaan hedduu ta‘anii fi maaltudubbatama
laata jedhanii eegaa jiranii keessa bu‘e. Barsiisni kun kan
isaan lubootaa fi barsiisota isaanii irraa dhaga‘anii wajjin
baayy‘ee kan walfaallessu dha. Dubbii Isaa kana keessaa
of tuulmaaisaanii ykn abdii ol of qabuuf isaan eegankan
gargaaru hin arganne. Haa ta‘u malee, yeroo barsiisaan
haaraa ta‘e kun dubbatutti humna akka isaan dhiisanii hin
deemneef achitti isaanhidhutu ture. Minyaan jaalala
Waaqummaa Isaatii argamuu Isaa irraa akka foolii
abaaboo gaariitti kan dhangala‘u dha.Dubbiin Isaa ―Akka
bokkaa lafa margi irraa haamame irratti bu‘uu, akka
tiifuu deddeebi‘ee lafa jiisuuti‖. Far. 72:6. Hundi isaanii
akka Namni iccita onnee namaa keessa jiru dubbisuu
danda‘uu fi gaarummaa guddaadhaan gara isaanii dhufe
itti dhaga‘ame. Onnee isaanii waan Isaaf bananiif utuma
dhaggeeffachaa jiranii hiikkaa dubbii dubbatamaa jiruu
kan namni hundinuu bara hundumaa keessatti barachuu
qabu akka hubataniif Hafuurri Qulqulluun isaaniif ibse.

Bara Kiristoos lafa irra ture keessa geggeessitootni


amantii turan akka waan Hafuuraan badhaadhoo ta‘aniitti
of yaadu turan. Kadhannaan Faarisichaa kan inni, ―Akka
namicha cubbamaa sanaa waan na hin taasifneef si haa
galatu‖ (Luq. 18:11) jedhesun miira namoota sadarkaa
isaa wajjin walfakkaatu hundumaa fi saba sana
hundumaakeessa jiru ta‘uu ibsa. Haa ta'u malee, namoota
Yesuusitti marsanii ta‘aa turan keessaa kan Hafuuratti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 240


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hiyyeessa ta‘uunisaanii itti dhaga‘amu muraasni


turaniiru. Yeroo qurxummii qabuu keessatti dinqiin
humna Waaqayyoo mul‘ate Pheexiroos miilla Yesuus
jalatti kufee, ―Ana irraa fagaadhu; ani
namacubbamaadhaa‖ (Luq. 5:8); akkuma kana namoota
bakka gaara sana irratti walitti qabamankeessaa kan
Qulqullummaa Yesuusii wajjin walbira of qabanii ―Ani
nama xura‘aa, dadhabaa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa
dha‖ ofiin jedhan turaniiru (Mul. 3:17); isaan
AyyaanaWaaqayyoo isa fayyina isaaniif fidu fedhaaturan
(Tit 2:11). Lubbuu kanneen keessatti, nagaan Yesuus
gaafate abdii keessa isaaniitii dammaqse; jireenyi isaanii
eebba Waaqayyoo jala jiraachuu isaa argan.Namoota,
―Sooressaa fi waan hunda kan geessifatan of se‘aniif‘
Yesuus eebba qaaxee guute kenneef (Mul. 3:17), wanti
nutti hir‘atu hin jiru waan jedhaniif kennaa ulfina
qabeessa sana ni tuffatan. Namni guutuu dha ofiin jedhu,
haala ofii isaatiitti kan quufu, ani nama gaarii dha kan
ofiin jedhu, ayyaanaa fi qajeelummaa Kiristoosittii
hirmaachuuf hin dubbattu. Of tuulmaan homaa na hin
barbaachisuudhaanguuta; kanaaf onnee isaanii Kiristoosii
fi eebba Innifideefii dhufetti akka cufatan godha. Onnee
nama akkasii keessaa Yesuus iddoo hin qabu. Warri ija
ofii isaaniitti kabajamoo fi badhaadhoo ofse‘an
amantiidhaan waan hin gaafanneef Waaqayyo biraa
eebba hin argatan. Guutuu waan of se‘aniif duwwaa
isaanii deebi‘u. Warri akka ofii isaanii oolchuu hin
dandeenye, ykn ofii isaaniitii qajeelummaa gochuu akka

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 241


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hin dandeenye beekan, isaantu gargaarsa Kiristoos biraa


argamu dinqifata. Warra hafuurattihiyyeessota ta‘ani dha
kan inni kan eebbifamanidha jedhe.

Namni Yesuus cubbuu isaa dhiisuuf, kan duraandursee


qalbii jijjiirratu dha, cubbuu isaa akka inni amanuuf
immoo kan amansiisu Hafuura Qulqulluu dha. Warri
amansiisuun Hafuura Qulqulluu isaan keessa guute ofii
isaanii keessattigaarummaa ofii isaanii tokko illee hin
argan. Kan isaan of keessatti argan, kan isaan hojjechaa
turan hundi ofummaa fi cubbuudhaan kanfaalame ta‘uu
isaati. Akka namicha hiyyeessaqaraxa funaanu sanaa,
fagaatanii dhaabatanii, ija isaanii gara waaqaatti utuu ol
hin kaasin, ―Ani nama cubbamaadhaa yaa Waaqayyo
natti araarami‖ jedhanii boo‘u, Luq. 18:13. Isaan kun
eebbifamoo dha. Kiristoos ―Hoolaa WaaqayyooIsa
cubbuu biyya lafaa balleessu waan ta‘eef‘; warra qalbii
jijjiirratuuf dhiifamni jira, Yoh. 1:29. Waadaan
Waaqayyoo, ―Cubbuun keessanakka dhiigaa yoo diimate,
akka cabbii ni addaata; diimaa biluus yoo ta‘e akka jirbii
iddamaa ni addaata.‖ Isa. 1:18; Hiz. 36:26, 27 jedha.
Warra hafuuratti hiyyeessota ta‘aniin Yesuus akkana
jedha, ―Mootummaan Waaqayyoo kan isaaniiti.‖
Mootummaan kun akka dhaaltotni Yesuus itti eegan kan
yeroo fi kan lafa kana irraa miti. Kiristoos mootummaa
Isaa isa Hafuuraa, jaalalaa, ayyaanaa fi qajeelummaa
Isaatiin guute namootaaf bane. Alaabaan mootummaa
Masihichaa kan Inni ittiin adda baafame Ilma namaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 242


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

fakkaachuudhaani dha. Mata dureen isaa, „hafuuratti


hiyyeeyyeessota kan ta‘an, warra gad deebi‘ootaa fi
warra qajeelummaadhaaf jedhanii jibbaman‘ ture.
Mootummaan Waaqayyoo kan isaaniiti. Yoo
guutummaatti hin raawwatamne ta‘e illee, hojiin akka
isaan ―Ifa isa waaqa irraatti qooda warraIsaaf
qulqulla‘anitti hirmaachuu isaan dandeessisu‖ jalqabeera.
Qol. 1:12.

Namootni hiyyummaan lubbuu isaanii fi keessa isaanii


gaarummaan ofii isaanii tokko illee akka hin jirre
amanan, gara Yesuusiin ilaaluudhaan qajeelummaa fi
jabina argachuudanda‘u. Akkana ittiin jedha, ―Isin
dadhaboota nana ba‘aan keessan kan isinitti ulfaate gara
koo kottaa.‖ Mat. 11:28. Hiyyummaan keessan
badhaadhummaa ayyaana Isaatiin ni jijjiira. Nuti kan
jaalalli Waaqayyoo nuuf malu miti, garuu Kiristoos Isa
furii keenya ta‘eef waan maluuf, Inni warra gara Isaa
dhufan fayyisuudhaaf ni danda‘a. Muuxannoon kee
yeroo darbee maal iyyuuyoo ta‘e, haalli ati amma keessa
jirtus kan abdii nama kutachiisu yoo ta‘e illee, akkuma
jirtutti gara Yesuus yoo dhufte, dadhabaa, gargaarsa kan
hin qabne, fi abdii kan kutatte,fayyisaan keenya Inni gara
laafessi isaan kana hunda si irraa fuudha, harka jaalala
Isaa fi uffata qajeelummaa Isaas sitti ni mara. Uffata adii
amala Isaatii nutti uffisee Abbaatti nu dhiyeessa. Akkas
jechuudhaan qooda keenya Abbaa nuufkadhata, ―Ani
iddoo cubbamaa kana fudhadheera. Mucaa kufe kana

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 243


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

utuu hin taane anaan ilaali.” Akkuma seexanni sagalee


ol fudhatee cubbuu keenyaaf nu hadheessuudhaan duuka
buutuu kooti jedhee lubbuu keenya falmatu, dhiigni
Kiristoos humna guddaadhaan nuuf kadhata.―Qajeelinnii
fi jabinni Waaqayyo duwwaa bira jira. . . sanyiin Israa‘el
hundinuu humna kootiin ni mo‘u, ana Waaqayyo
isaaniitiin ulfina ni argatu.‖ Isa. 45:24, 25. Ciminni
Maatewos gadi fageenyaan waa beekuu ta'a. 1 Qorontos
14:40. Qormaanni isaaf dhihaate waa'ee qabeenya isa
dhugaa barbaaduu ture. Maatewos 6:33-34. Dadhabinni
isaa maallaqa jaallachuu fi k.k.f dha. Nama hundumaa
caalaatti akka cubbamaa ta‘etti itti dhaga‘ameera ta'uu
danda'a.

Walumaagatti Maatewos bara 70 Dh. K. B bakka


Naadavaar, Maqaa duraanii Magaalaa Biyya Itoophiyaa
keessatti argamtutti wareegame. Kan isa ajjeese
mooticha Haayitaakaas jedhamu ture. Akka nama
fannifameetti lafatti waqaranii morma isaa qottoodhaan
kutan. Sababni isaan akkas isa godhaniif mootichi jibba
amantii waan qabuuf dha. Mootichi Harka isaa fi miilla
isaa akka nama fannifameetti babal'isee mismaaraan
lafatti waqaree achitti morma isaa qottoodhaan irraa
kuchisiise.Kunis Jaarraa1 ffaa keessa biyya Itoophiyaa
keessatti jedhama. Itoophiyaan bara sanaa biyyoota akka
sudaan,Itoophiyaa ammaa, Somaaliyaa fi Ugaandaa fa‘aa
of keessatti hammatti jedhamee beekama.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 244


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

YAAQOOB ILMA ALFEWOOS


Yaaqoob ilma Zabdewos irraa adda isa baasuuf
macaafniqulqulluun Yaaqoob ilma Alfewoos ittiin
jedha.Yaaqoobii fi Maatewos ilmaan Alfewoosii fi
Maariyaamiin turan. Maarqos 15:40. Wangeela
Maarqosiin keessatti Yaaqoob isa xiqqaa yookaan
quxisuu jedhamee beekama. Utuu Yesuus isa hin waamin
qaraxxuu ture. Bartoota keessaa kan Yesuusiin baayyee
hin rakkisin isa kana dha jedhama. Amala badaafi shakkii
isa kaleessaatti achi hin deebine, bitagalummaakeessas
hin seenne.Hojjaan isaa gabaabaa, umuriidhaanis warra
kaan caalaatti ijoollee ture.
PHAAWULOOS: MAQAA AMANTIIN
ARIYACHUU IRRAA GARAHARIIROO
UUMUUTTI(ARI’AATAA IRRAA GARA
BARTUU TA’UUTTI)

Mata dureen Kun Hojii Ergamootaa 9:1-18 irratti


hundaa‘a. Lallabbii wangeelaa milkaa‘ee
dhaggeefachuudhaan geggeesitoota Yihudootaa
beekamoo keessaa hidhatee kan ka‘e Saa‘ol nama
Tarseesiin ture. Saa‘ol sanyiidhaan Yihudii yoo ta‘e illee
dhalootaan lammii warra Roomaa ta‘e utuu jiru barsiisaa
seeraa beekamaatiin Yerusaalem keessatti barate. ― sanyii
Israa‘eel,gosa Biiniyaamiin keessaan dhaladhe. Abbaan
koo fi haatii koo Ibiroota waan ta‘aniif ani Hibiricha
makaa hin qabneedha; karaa seera eeguu immoo ani
warra Fariisootaa keessaa tokko. Seera sanaaf hinaafuu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 245


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

irraan kan ka‘e waldaa mantootaa ari‘achaan ture;


qajeelummaan seericha eeguudhaan in argama utuu ta‘ee
,ani isatti mudaan qabuun ture. Barsiisota seeraa biratti
amantii durii eeguuf akka dargaggeessa hinnaaffaa fi
dandeettii qabuutti kakuu fi abdiin guddaan akka irra
ka‘ameetti ilaalamee ture. Miseensa mana mareetti
muudamuun isaa qixa aangoo irra isa teessise.
Dhiphachuu Isxifaanos keessatti mul‘inatti qooda kan
fudhate Saa‘ol jabina amntii isaatii fi ragaa argamuu
Waaqayyoo yeroo hubate hordoftoota Yesusiin
ari‘achuun isaa hinnaaffaa qajeelaatiif akka hin taane
shakkutti isa geesse gad fageenyaan sammuu isaatti
dhaga‘aamee ture. Dhiphina isaa kana keessatti maal
akka godhu namootaogummaa fi murtoo sirrii kennuu
jedhe amantaa guutuuirratti gate ture sanatti dhi‘eessee.
Xumura irratti yaadniLubootaa fi bulchiitootaa ,
Isxiifaanoos arrabsituu akka ta‘ee fi Kiristoos, kan inni
utuu waa‘ee isaa lallabuu ajjeefame kunis
dogoogoorsiituu fi fakkeesiituu dha,warri iddoo hojii
qulqullaa‘aa ta‘e kana keessa hojjetan immoo sirriidha
yaadni jedhu isa amansiise. Saa‘ool utuu qormaata cimaa
keessaa hin darbiin xumura akkasii irra hin geenye. Garu
xumura irratti , barnootni fi sanyuummaan isaa,
barsiisoota isaa duraan turaniif kabaji inni qabu,
beekamtii hawwaasa keessatti qabuun boonuuttii
hirkachuun, sagalee Waaqay yoo fi ayyaana isaa irraatti
akka ka‘u isa taasiise. Guutuu guutummaattii Lubootni fi
Saaduqootni sirrii dha murtoo jedhu irra ga‘e. Saa‘ool

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 246


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

barsiisa macaafa qulquulluu bartootni barsiisaa jiran


sadarkaa caalmaattii hadheeffate mormuu irra ga‘e.
Qulquulloota kan ta‘an dhiiraaf dhalaan akka isaan mana
murtii addaatti geeffaman gochuu, kaan akka hidhaman,
kaan ammoo akka ajjeefaman gochiisiisuu keessaatti
Sababa ta‘e;sababii amantii Yesuusiitti qaban qofaaf.
Waldaa reefuu hundooftu irrattii gaddaaf dukkana fiduun
baayyootni iddoo baqaa akka barbaaddaatan taasise.

Ari‘annaa kanaan warrii Yeruusaaleem keessaa


duguugamanii ba‘an kun, ― bakka hundumaatti dubbicha
lallaban.‖ H/Erg.8:4. Magaaloota isaan deemaan keessaa
Damaasqoon iddoo namootni baayyinaan amantii itti
fudhatan turte. Lubootnii fi bulchiitootni barsiisi haaraan
kan isaan akka barsiisa sobaattii ilaalaan kana cimanii
eeguu fi ari‘aannaadhaan hacuucamee hafuu danda‘aa
jedhanii abdatani turan.kanaaf Ammas barsiisa wal
fakkaataa bakka biraatti jalqabame kana dhaabsiisuuf
tarkaaanfiinYeruusaaleem keessatti fudhatamee turee sun
akka irra deebi‘uuf murtoo godhan. Hojii addaa
Damaasqoo keessaatti isaan hojjechuu barbaadaaniif
Saa‘ool itti gafatamuummaa isaa fudhate. ― bartota
gooftaa sodaachiisuu ,qaluudhaafis banbanaa karaa isaa
irra bu‘e.‖ ―gara angafa lubootaadhaqee warra daandii
wangeelaa irra adeeman yoo argee, dhiirotas ta‘u
dubartootas ta‘u hidhee garaYeruusaaleemitti fiduudhaaf,
barbaade. Kanaafis ajajaamanneen sagadaa Damaasqootti
akka isaf caafuuf angafa lubootaa gaafate.‖ Aboodhaa fi

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 247


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

ajaja luboota warra angafoota biraa fudhadhe .‖ H/Erg.


26:12. Dogoggora qabuun gubachaa, imala seena
qabeessa (hin dagatamne) adeemuuf daandii eegale,
taateen hin baratamin kunis jireenya isaa kaleessaa
guutuu guutummaattii kan jijjiiruu ta‘e argame. Deemsa
guyyaa xumuraattii, ― walakkeessaa guyyaattuu‖ ykn
guyyaa saafaatti, deemsa dadhabsiisaa deemee
Daamaasqoottii akkuma dhi‘aateen, dirree walqixxaataa
fi bal‘aa lafti isaa baayyee gabbataa ta‘e, qalbii namaa
hawwatu, kan biqiloota ija namaahawwataniin
miidhage,fi iddoo biqilaan itti guddatuu bishaan tulluu
naannoosaa keessaa burquun kan qabbanaa‘e dha.

Saa‘ool utuu hiriyoota isaa waliin jiru, While Saul, with


his companions, gazed with admiration on the fruitful
plain and the fair city below, ― dingatas karaa irratti , yaa
mootii ifni ifa aduu irra caalu waaqa irraa naannoo
koottii fi naannoo warra ana wajjiin adeemaniitti utuu
ibsuun arge.‖ H/Erg. 26:13 ,ifni ilaalamuu hin dandeenye
ture. Arguu dandhabee gara itti goruus wallaalee, Saa‘ool
kufee lafattii gombifame. Ifni sun utuma naannoo isaatti
ifee jiru, Saa‘ool sagalee akkas isaan jedhu tokko
dhaga‘e, ― sagaleen suni afaan Hibiirootaatiin ture.
Saa‘ool , Saa‘ool maaliif na‘aarittaa? Innis akkas jedhe
,Ati eenyuu yaa gooftaa?, gooftaaniis akkas jedhe , Ani
Yesuus kan ati ari‘aattu: billaa(shukkaa) qaramaa irraa
yoo ejjette sittti hammaata.‖ ittiin jedhe. H/Erg. 26:14.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 248


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Sodaadhaan guutamee, humna ifaa sanaan


jaamuummaattii utuu jiruu, hiriyootni warri isa faana
jiran sagalicha dhaga‘aniiru, garuu nama hin argine.
Saa‘ool garuu sagalee isatti dubbataa ture sana , ilma
Waaqayyoo ta‘uu isaa sirriitti hubate. Ifa ulfina qabeessa
sana keessaan isa cubbuu biyyaa lafaatiif fannifame
Yesuusiin arge. Godaannisni madaa inni Yihuudootni
lubbuu isaa irraan ga‘an sun bara baraan kan fuula isaa
duraa hin badne ta‘ee isatti mul‘ate.( Upon the soul of the
stricken Jew the image of the Saviour's countenance was
imprinted forever.)

Sagaleen isatti dubbachaa ture mana rukutee humna


nama rifaasiisuun onnee isaa keessa seene. Kutaa
sammuu isaa dukkanaan guutamee keessa ifni samii
dhangala‘uudhaan , waan inni kaleessa jireenya isaa

keessatti irra taree(ce‘ee) fi dogoogore isatti mul‘isee,


akkasumas jireenya isaa har‘aaf kan isa barbaachiisu
Hafuurrii qulqulluun isaaf ibse. Saa‘ol duuka buutota
Kiristoos ari‘achuun isaa , ifaa ifattii hojii Seexanaa
hojjechaa akka jiru, of arge. Kallattii sirridha jedhe
qabatee jiru , waan ofi sirridha jedhee yaade fi hojii seera
irratti hundaa‘ee kan lubootnii fi bulchiitootni isatti
himan irratti ija jabaate deemaa akka jiru of arge.
Seenaan du‘aa ka‘uu Kiristoos gocha kalaqaa kan
bartootni isaa uumanidha jedhanii kan lubootnii fi
bulchiitootni isatti himan akka dhugaa ta‘e itti amanee
ture. Amma yesuus ofii isaatii dhaabbate isatti qaamaan
Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 249
BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

mul‘ate,kan bartootni dubbatan dhugaa ta‘uun Saa‘oolin


amansiise.

Yeroo ifni samii Saa‘ol irratti ba‘e gochaa sirreefamuu


qabuu gochuuf sammuun isaa baayyee arifate. Raajotni
kan dubbatan caaffata qulqulla‘aa isa galmaa‘ee jiru
hubachuuf sammuun isaa banaa ta‘e. Isa Yihuudootni isa
tuffatan, fannifamuu isaa, du‘aa ka‘uu , gara samiitti ol
ba‘uu isaa, fi isa raajootni waa‘ee isaaf dubbatan Masiihii
isa abdachiifame akka ta‘e mirkaneefate. Lallaba
Isxifaanos isa gaafa du‘a isaa lallabe ; ―ulfina
Waaqayyoo‖ bantiwwaan Waaqaa banamanii ilmi namaa
utuu inni mirga Waaqayyoo dhaabbatun argee‖ jechaa
du‘ee suun sammuu Saa‘ool keessa humnaan seene.
Hojii Erg. 7:55-56. Jecha isaa kanaan lubootni Waaqa
arrabsa ittiin jedhan amma garuu dhugaa ta‘u isaa
Saa‘ool hubateera. Guutummaan mull‘atichaa nama
ari‘ataa kanaaf maal ture? Inni abdachiifame masihiin
Yesuus nama Naaziireeti isa gara biyya lafaa kana dhufe;
warruma fayyiisuudhaaf dhufeen kan tufatamee fi kan
ajjeefame akka ta‘e Saa‘ool hubate. Akkasumas
fayyiisaan mo‘ichaan awwaala keessa akka ka‘ee fi
samiitti akka ol ba‘es in beeke. Saa‘ol mull‘ata
sodaachiisaa sana keessa ta‘ee du‘a Isxifaanoos isa
waa‘ee du‘uu fi du‘aa ka‘u Kiristoos dhugaa ba‘aa jiru
ajjeesu keessa qooda qabaachuu isaaf yaadaatee
naasuudhaan hollachaa ; boodas duuka buutoota isaa
warrii ta‘an ari‘annaa gara jabeenyaatiin du‘uun akka

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 250


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

isaan eeggatu hubate.Fayyisaan Isxiifaanosiitti


gargaaramuudhaan , Sababa ga‘aa wall‘aansoo hin
qabneen Saa‘olitti dubbateeture. Inni ajjeefame
Isxiifaanoos akka fuula Ergamaa fuula isaa irraa Ulfinii
Kiristoos utuu ifuu Yihuudotni arganiiru. Hojii Erg.6:15 .
Obsaa fi dhiifamni Isxiifanoos diinoota isaaf taasisee
isaaf dhuga baatuudha. Akkasumas Jabinaa fi
garaamuummaan inni warra isa dhiphisan, gidirsaniif
qabaatees isaaf dhuga baatuudha. Amantii isaaniif jecha
lubbuu isaani gammachuun kan kennanis argeera. Isaan
kun hundumtuu amanuu Saa‘oliif sagalee isaanii
olfuudhanii irra deddeebi‘anii iyyuudhaan Yesuus
Masiihii isa abdachiifame ta‘uu isaaf Saa‘ool duratti
iyyata isaanii dhageesiisan. Haala akkasii keessa
ta‘uudhaan halkan guutuu wanta isa amansiisuu danda‘an
kana wajjin wal‘aansoo qabaa bula , dhimma kana irrattii
xumii wall‘aansoo isaa yeroohunda amantii duraan
qabuu isa Kiristoos Masihii miti, hordooftootni isaas
warra fiixeetti ba‘anii dhumarratti badaniidha jedhu
jabeessuudhaan xumura ture. Amma Kiristoostu sagalee
ofii isaan ―Saa‘ool , Saa‘ool maaliif na‘ariattaa?‖
―gaafatees yaa gooftaa atieenyuudhaa?‖ deebiisees ― ani
Yesuus isatti ari‘achaa jirtuudha.‖ Bakka kanatti
Kiristoos saba isaa wajjin of beeksise. Saa‘ool duuka
buutoota Yesuus ari‘achuun kallattiidhaan gooftaa isa
samii ari‘atee argame. Himata sobaa fi raga sobaan isaan
irrattii ka‘uun , fayyisaa Biyya lafaa isa sobaan
himatamee fi irratti ragoome irratti akka ka‘uu isa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 251


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

taasise. Namni isa waliin dubbachaa jiru kun Kiristoos


,Masihii isa abdii fi furii Isiraa‘eel isa isaan eeggachaa
turan ta‘uun isaa sammuu Phaawuuloos keessa hin turre.
Naasuudhaan , dinqiifachaa goofataa isaa akkas jedhee
gaafate, gooftaa maal akkan godhu feetaa? Gooftaaniis
akkas isaan jedhe ka‘i gara mandaraa dhaqi achittis

waan ati gootu sitti ni himama.‖ Ulfinni naannoo isaa


ture yeroo isarraa fagaatetti, Saa‘ool akka ifa arguu hin
dandeenyee of arge. Ifti ulfina Kiristoos inni agartuu isaa
foonii irraattii ifee turee sun yeroo isarraa sokkee
mul‘atni isaa dukkana ulfaataan marfamee. Jaamummaan
ija isaa sababa inni duuka buutota Kiristoos kanta‘aan
arii‘ateef kan isattii dhufe adaba ta‘u isaa amane.
Dukkana naasiisaa sana keessa, hordooftota isa kan
ta‘anis sodaa sanaan dinqifachaa, nama isa qabee turee
sanaan tirfamee gara Damaasqoottii geeffame.‖ Saa‘ool
taatee ganamaa sanattii miira ofitti amanamummaa(
miira mataa ofiitti quufuu) isa duraan angafa Lubootaa
irraa isattii himamee sammuu isaa keessatti qabatee gara
Damaasqootti imale(socho‘e). Kun isaaf itti
gafatamummaa hanga du‘aatti eegamuu dha. Amantii
Yihuudoota keessa lixee sakatta‘uu,xiinxaluu fi amantii
haaraa biyyaa Damaasqoo keessaa tatamsa‘an to‘achuun
akka ergama isatti kennameetti ilaalaa ture. Ergama isaa
kanas haalaan milkaa‘uun immoo gonfoo na argachiisa
jedhee baayyee abdatee ture. Garuu akki inni itti gara
magaalaa sanaa seene akkaataa ittiabdate hin turre,

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 252


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

qaqqabachaa jaamuummaadhaan nama gargaasa hin


qabne ta‘ee, adabni fuulduraa walitti naaf qabamee jiru
maal ta‘iinna laata yaaddoo jedhuun dhiphachaa utuu
jiruu gara mana bartuu Yuudaas jedhamu nama kadhata
irra jiruu bira dhaquuf carraa argate. Guyyaa sadii guutuu
ifa utuu hin argin nyaatas ta‘e utuu bishaan hin dhugin
ture. Guyyootni dhiphiinaa kun sadan Saa‘ooliitti
dhiphina akka dhiphina waggaa tokko ture. Ajjeefamuu
Isxiifaanos keessaa harka qabaachuun isaaf immoo
hafuurri akka ammaa amma sammuu isaattii
dhaga‘aamuu gochuudhaan isa dhiphisa ture. Lubootaa fi
bulchiitoota biyyaa wajjiin isatti qoosuu, yeroo ifni samii
fuula Isxiifaanoos irra calaqqise illee utuu hin hafin
cubbuu isarratti hojjetame keessaattii eyyamamaa ta‘uu
isaaf naasuu guddaatu isa qabate. Gaddaa fi hafuura
cabaadhaan ija fi gurra isaa cuunfate ,isa duuka buutoota
Kiristoos nama Naazireet mullinaan ari‘ate sana meeqa
irra deebi‘ee lakkaa‘uu eegale.

Guyyaan dunuunfaannaadhaan of qoruu fi gad of


deebiisuu kun bakka calliisaa keessatti ture. Sa‘aatii
dheeraa kan ijaaf gurraa isaa cufachuudhaan Waaqayyoo
wajjiin dabarse sana keessatti ,heertuu macaafa
qulquulluu kan waa‘ee dhufati Kiristoos isa jalqaba
dubbatan seenaa baayyee sammuu isaattii yaadate.
Jijirama sammuu isaa keessatti argateen raajii caafame
jiru salphaattii yaadachuu fi sirriitti hiikuuf sammuu
qaroo ta‘e qabaachuu danda‘e. Akkuma raajii irraa isatti

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 253


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

mul‘achuu eegaleen, hubannaa dhabuu fi jaamuummaa


Yihuudotaa isa akka walii galaatti kanaan dura keessa
turan , isa gantummaa Masiihiitti isaan geesse sana
dinqiisifate. Ifa mul‘ataan isaf keenname kanaan amma
wan hundumtuu isaaf ifa ta‘ee jira. oftuulmaa fi amantii
dhabinni isaa hubannoo hafuura isaa akka duraa
dukkaneessee ,akkasumas Yesuus Masiihii isa raajiin
dubbatame akka hin fudhannee akka isa taasise
bare.Saa‘ol humna Hafuura qulquulluu isa nama jijiiru
irrattiihirkachuu akkuma eegalee,dogoggora jireenya isaa
keessa jiru arguu fi daangaan seera Waaqayyoo fagoo
ta‘u isaa hubate. Fariisii oftuulaa inni ture,hojii mataa
isaan qajeelaa ta‘uuf namni ija jabeessi, amma gad-of
deebisuudhaan akka daa‘ima xiqootti fuula Waaqayyoo
duratti gad jechuudhaan,badii isaattii gaabbuudhaan
fayyisaa isa fannifame du‘ee du‘aa ka‘e biraa araara
argachuuf garasaatti iyyate. Saa‘ool Abbaaf ilma waliin
gara walittii dhufeenya guutuu ta‘etti dhufuu hawwee ,
fedhii isaa kanaaf gargaarsa teessoo ayyaanaa biraa
barbaade. Kadhatni Faarisii obsaa qabeessaa kanaas
akasumaan hin hafne.yaadni keessa isaa, miirrii
dhageettii onnee isaa ayyaana Waaqaatiin jijiiramee, isa
keessa inni ture yaadni gaariiin sun Waaqaaf jiraachuuf
walii gale. Qajeelummaa Kiristoos , qabaachuun
Saa‘ooliif adduunyaa kana guutuummaa qabaachuu
caalee argame.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 254


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Humni Hafuura qulquulluu inni malaalleedhaan Saa‘oliin


rukutee jijiire sun , cubbamaa amansiisuuf akka danda‘uu
nuuf dhugoomsa. Saa‘ool Kiristoos biyyaa lafaa kana
kan dhufeef seera Waqayyoo salphiisuu fi seerri faayidaa
akka hin qabne bartoota isaa barsiisuu dhufe jedhee
amanaa ture. Ergaa jijiiramee booda garuu , kaayyoon
Kiristoos garabiyyaa lafaa kanaa dhufeef seera abbaa isaa
ibsuu fi qulqulleessuuf akka ta‘e amane. Kiristoos gidduu
galeessaa sirna aarsaa Yihuudootaa akka ture amaneera.
Fannifamuun Kiristoos gaaddidduusirna aarsaa mana
qulquulluummaa kakuu moofaa isaKiristoos, fayyiisaa
Israa‘el ta‘ee akka dhufuuf raajame sana ta‘u arge.
Jijiiramuu Saa‘ool ilaalchiisee qajeelfamni galmaa‘ee jiru
kan nuti sammuutti qabachuu qabnutu jira. Saa‘ool
kallattiidhaan iddoo argama Kiristoosiin dhufe. Inni
nama hojii barbaachiisaa ta‘eef Kiristoos yaadaan isa
qabe, qodaa warqee isaaf adda ba‘e dha, garuu hojii akka
hojjetuuf isatti kenname kun, yeroo tokko keessatti isatti
hin himamne. Leenjii ofii isaakeessatti isa hidhuudhaan
waa‘ee cubbuu isaa ergaa isa amansiise booda, ― gooftaa
maal akkan godhu feetaa?‖ jedhee Saa‘ool gaaffii
gaafate. Kiristoos dhoksaa yaada Yihuudootaa saaxiiluuf
waan fedhi Waaqayyoo waa‘ee isaaf dubbate hawwaa
jiranii fedhi Waaqayyoowaa‘ee isaa kan inni dubbate isaa
the Saviour placed the inquiring Jew in connection with
His church, there to obtain a knowledge of God's will
concerning him.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 255


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Ifti dinqiisiisaan dukkana Saa‘ooliin ibsee sun


hojiigooftaasaa ture, hojiin karaa bartootaa isaaf
hojjetamus garuu tureera. Kiristoos karaa Mul‘ataa fi isa
amansiisuun hojii isaa raawwaachuu ni danda‘a , garuu
amma akka Saa‘ol warra Waaqayyoo dhugaa isaa akka
barsiisaniif dibee ergee irraa obsaan akka inni baratu
godhe. Saa‘ool bakka calliisaa mana Yuudaas jedhamu
keessatti kadhata itti fufuudhaan gargaarsaaf yeroo
iyyachaa jirutti , Waaqayyoo mul‘ataan bartuu
Anaanii‘aas jedhamu iddoo Deemaasqootti itti
mull‘achuudhaan akkas isaan jedhe ― ka‘i gara karaa
sirrii jedhamu dhaqii , nama Biyya Xaarsees maqaan isa
Saa‘ool jedhamu tokko manaYuudaasitti iyyaafadhu ;
kunoo inni kadhatatti jira.‖ Anaanii‘aan akka gara
Saa‘ool dhaquuf waan Ergamaan isattii dubbate calisee
gara hojiitti hiikuuf hin jarjaarre (scarcely ) ,sababiin
isaas Saa‘ool akka inni Yeruusaalem keessaa
qulquulloota ari‘achaa fi ajjeesaa ture gabaasni
hadhaa‘aan bakka fagoottiis ta‘e dhi‘ootti himameera
waan ta‘eef . Akkas jechuudhaan rakkoo Saa‘ool duraan
qabu ol kaasee mul‘isuuf yaalee, ― yaa gooftaa namichi
kun Yeruusaaleemitti warra siif qulquulla‘aan attam akka
miidhaa ture, waa‘ee isaa nama baayyee irraa dhaga‘eera.
Asittiis warra maqaa kee waammatan hundumaa qabee
hidhuudhaaf, luboota warra angafoota biraa
habooargateera.‖ jedhe. Abboommiin(ajaji) garu itti
jabaatee . Gooftichi garuu , ― dhaqii ,inni mi‘a hojii
kootii isa warra saba Waaqayyoo hin ta‘iin duratti,

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 256


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

namoota Israa‘eel durattis maqaa koo beeksiisuudhaaf


ani fo‘adheedha.‖Anaanii‘aan sagalee Ergamaa sanaaf
abboomamuudhaan gara,nama yeroo muraasaaan dura
maqaa Kiristoos kan waammatn hunda irraan miidhaa
geessisaa ture,amma immoo dhiphina keessa jiruu harkaa
isaa mataa isaa irraa kaa‘uudhaan ― obbooleessa koo
Saa‘ool, gooftiichi, Yesuus inni karaa ati irra dhufte
irratti sitti mul‘ate, waa‘ee kee anatti himeera; akka
agartuun kee siif deebi‘uuf, Hafuura qulquulluudhaan
akka guutamtuufis,gara keettiina‘ergeera.‖ Ittiin jedhe. ―
Achumaaniis waan akka qolaa ija isaa lachuu irraa
buunaan, agartuun isaa deebi‘e;inni achumaan ka‘e
cuuphame.‖ Yesuus waldaa isaa kurfooftee
(caaseeffamtee) jirtuuf haboo isheef beekamtii kennee,
Saa‘ooliin immoo humna hojii isaa hojjetu godhee
waldaa isaa keessa kaa‘e. Kan isa bakka buutee jirtu
Kiristoos amma waldaa lafa kana irraa qaba. Hojiin
cubbamaa qalbii isaa jiijiirrachuu fedhu karaa gara
jireenyaa geessuu argiisiisu isheetti kennameera.

Baayyotni ifa Kiristoos isaaniif baasee keessa jiraachuu


dha dirqamni koo jedhanii yaaduudhaan, biyya lafaa
kana irraa hordoftoota tokko iyyuu utuu hin qabaatin
qophaa isaanii tarkaanfatu. Yesuus michuu
cubbamootaati; boo‘ichi isaaniis garaa(onnee) isaa tuqa.
Waaqaaf lafarratti haboon hunduumtuu kansaati. Inni
karaa ittiin ifaa fi fayyina Ilmaan namaa ittiin xumuuruuf
karoorse in kabaja;cubbamaan gara waldaa isaa

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 257


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

akkadhaquuf qajeelcha, isheenis karaa inni ittiin ifa isaa


gara adduunyaa kanaatti erguudha. Saa‘ol oftuulmaa fi
jaamummaa dogoggoraa gidduu utuujiruu,isa ari‘aachaa
jiru Kiristoos irraa mul‘atni isaaf kennamuudhaan, ifa
biyya lafaa ishee taate waldaa isaa wajjiin kallattiidhaan
haasaa akka taasisuuf qajeelfame. Dhimma kana
keessatti Anaanii‘aas Kiristoosiin, akkasumas hojjetoota
warra isaa qooda isaa ta‘an hojjetan argiisiisa. naanii‘aan
bakka Kiristoos ta‘ee Saa‘ool akka ifa arguuf ija isaa
tuqe. Bakka Kiristoos ta‘e harka isaa saa‘ool irra
kaa‘ee,utuu inni maqaa Kiristoosiin kadhachaa jiru,
Saa‘oolHafuura qulqulluudhaan guutame.Waan
hundumtuu maqaa Kiristoosii fi aangoo
Kiristoosiinraawwatame. Kiristoos madda waan
hundumaati; Waldaan toora ittiin isa qunnamnuudha.

Walumaa galatti seenaa Phaawuloosiin gabaabsinee


yoo Ilaalle Phaawuloos jechuun afaan Giriikiitiin xinnaa
jechuu yemmuu ta‘u, afaan Ibrootaatiin immoo Saa‘ol
jechuun kan gaafatame jechuu dha. Gosa Beeniyaamiin
keessaa Xarseesitti dhalate. Garee Fariisotaa isa hinaafaa
fi lammummaa Roomaa qabuudha.Ibricha barumsa
waa‘ee seeraa barsiisaa seeraa Gamaali‘el jedhamu irraa
baratee dha.Yeroo Isxifaanos dhagaa dhaan rukutame
inni uffata eegaa ture. HOE 16:37,18:3,22:26-
28,23:6,7:58, Roomaa11:1,Filiphisiyus 3:5.Erga
Anaaniyaas isaaf kadhatee cuuphamee booda saba warra
waaqayyoon hin beekiniif ergamaa wangeelaa ta‘e.HOE

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 258


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

9:1-19, 22:4-16, 26:9-18.Waldaa kiristaanaa hedduu


hundeessee xalayoota 13 barreesseera.Namni kun nama
waaqayyo isa filatee dha. Galaatiyaa 1:1.Gaafa
Isxifaanos dhagaa dhaan rukutame yeroo jalqabaatiif
Yerusaalemiin alatti isa argina. Hojii ergamootaa 7:58.
Hojii warra Yihuudotaa wajjiniin garaa guutuudhaan itti
waliif galee ture. Hojii Ergamootaa 8:1. Hoogganaa
warra Kiristaanota ari‘atanii ture. Hojii Ergamootaa 8:3.
Kiristaanota kan jibbu ture. Hojii ergamootaa 9:1.Akka
fooniittis waan ittiin of jaju ni qaba ture. Filiiphisiyus
3:4-6.Ciminni isaa nama hubannaa fi hinaaffaa qabuta‘uu
isaati. 2 Pheexiros 3:18 Qormaanni phaawulositti dhufe
karaa inni qajeelcha kennaa tureen dha.Efesoon 6:12.
Dadhabinni isaa sammuu fi yaadasaa keessa kan jiru ture.
2 Qorontor 12:7 Phaawuloosiin bara ariyannaa Neeroo
mormaisaa irraa muran.
Yaada cuunfaa bartoota gooftaa irraa
barannu maali?
Garaagarummaan yoo nu gidduu jiraate illee tokko
haataanu. Garaagarummaan nu gidduu jiru nuuf bu‘aa
keenya dha. Dhuunfaa keenyatti hanqinoota qabnu irratti
haa hojjennu. Jabina qabnu immoo of harka turfachuu fi
kunuunfachuu qabna. Seenaan keenya kaleessaa fi
kufaatiin keenyaa fi Namummaan keenya waan barbaade
yennaa ta‘e illee gooftaan iddoo gaarii jiru ilaalee irratti
ijaaruu ni jalqaba. Bakka amma irra jirruu kaanee
salphaadhumatti isaa wajjiniin deemuu haa jalqabnu.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 259


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Fuuldurri keenya Yesuus harka jira. Wanta namoonni


kunniin hojjetan seenaan galmeessee jira.
Gaaffilee bartuu dhugaan of gaafachuu
qabu
Mee gaaffilee armaan gadii dhuunfaa dhuunfaa keenyatti
of gaafadhuu itti yaadi. Anis itti nan yaada.

 Waan Yesuus caalaatti jaallattu kamiin iyyuu ni


qabdaa laata? Moo Yesuusiin waan hundumaa
caalaatti jaallattaa?
 Raawwattee guutummaatti of ganteettaa?
 Jireenyi kee jireenya Yesuusiin fakkaateeraa?
 Jaalala isa gadi fagoodhaan namoota hundumaa
jaallatteettaa?
 Waan hojjettu hundumaa keessatti Waaqayyo ni
argamaa?
 Waan hundumaan amanamummaa ni qabdaa?
 Yesuus jettee waan hundumaa dhiisuuf fedhii keetii?

Jabina waldaadhaaf barbachisu

 Akka Yaaqob isa xiqqichaa dudduuba taatee jiruu


kan beekan. Php 2:25f
 Hinaaftota akka Siimon Titoos 2:14
 Kan akka Taadewosiin waa xiinxalan yookaan
qaaccessan 2 Ximootewoos 2:15
 Akka Filiphosiin dhugaa qabatamaatti kan
agarsiisan. Roomaa 8:28

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 260


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Kan akka Naatinaa‘elitti mul‘ata qaban.


Fakkeenya 29:18
 Amanamtoota akka Toomaas Rom 12:1
 Akka Maatewosiin waa‘ee namootaa baldhinaan
kan beekan 1 Qorontos 14:40
 Akka Indiriyaasiin michummaa uumuu kan
danda‘an 1 Pheexiroos 4:9.
 Akka Yaaqoobiin waan guddaa kan abdatan Php
3:14
 Akka Yohaannis Jabaa kan ta‘e, Efesoon 6:19
Filiphisiyus 1:20.
 Dura deemtota akka Pheexiroos Ibroota 5:12.
 Akka Phaawuloos hubannaa kan qaban 2
pheexiroos 3:18.
Qormaata adda addaa waldaa quunnamuu
danda’an injifachuuf
 Akka Yaaqob isa xiqqichaa dursa ofiif hin
kenninaa. Maatewos 23:11.
 Akka Simoon sirriitti waa kan ilaalan ta‘aa. 1
Qorontos 10:31; Galaatiyaa 5:1; Qolosaayis 3:17
 Akka Taadewoos obsa qabaadhaa. 1 Qorontos
13:4
 Akka Filiphosiin dhugaa jiru irratti
xiyyeeffadhaa. 2 Qorontos 12:9.
 Akka Naatinaa‘el mudaasaa kan ofirratti arge
mudaa keessan ofirra ilaalaa. 2 Qorontos 13:5;
Yaaqoob 1:23-25.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 261


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Akka Toomaas gooftaa amanadhaa. 2 Qorontos


1:9.
 Akka Maatewosiin qabeenyaa isa dhugaa
barbaadaa. Maatewoos 6:33-34. Akka Indiriyaas
ija keessan namarra kan hin kaawwatinaa. Ibroota
12:2.Akka Yaaqoob kan Waaqayyoon ol ol
kaasaa. 1 Pheexiroos 5:6.
 Akka Yohaannisiin walii walii keessan simadhaa.
Roomaa15:7.
 Akka Pheexiroos gad of deebisaa. Efesoon 4:2;
Php 2:3; 1 Pheexiroos 5:5.
 Akka Phaawuloosiin waan hinaafuutti jirtan
addaan baafadhaa. 1Qorontoos 9:24-27; Efesoon
6:12.
Dadhabina waldaa keessa jiru furuuf:
 Akka Yaaqoob xiqqichaa warra beekamtii hin
qabne fudhachuu dhiisinaa. 1 Qorontos 12:24;
Maatewos16:25.
 Akka siimon gabaabsitanii waa hin ilaalinaa. 2
Pheexiroos 1:9.
 Akka Taadewoosiin muuxannoo hin dhabinaa... 2
Pheexiros 3:18
 Akka Filiiphoosiin humna waaqayyoo arguu hin
dadhabinaa. 2 Ximootewos 3:5.
 Akka Naatinaa‘eliin miidhamni kan irra gaheef
hin abdii hin kutinaa. Qolosaayis 3:11.
 Shakkitoota akka Toomaas hin ta‘inaa. Yaaqoob
5:1-7.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 262


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

 Akka Maatewoosiin Maallaqa kan jaallattan hin


ta‘inaa. 1Ximootewoos 6:10.
 Akka Indiriyaas hin hinaafinaa. Galaatiyaa 5:26;
Titoos 3:3.
 Akka Yaaqoobiin ofittoo hin ta‘inaa. 2 Qorontos
9:5; Galaatiyaa 6:2.
 Akka Yohaannis ogummaa fi beekumsaan hin
koorinaa. Roomaa 12:16.
 Koormaa akka isa kan Pheexiroos of keessaa
baasaatii gataa.,1 Pheexiroos 5:6.
 Akka Phaawuloosiin Yaadaa fi waa sakatta‘uu
dhaan hin booninaa.Yohaannis 9:34; 1
Qorontos13:2.

Tokkummaa galmaan gahuu dhaaf

 Ayyaana
 Dhugaa
 Jaalala
 Amantii
 Fudhatamummaa
XALAYAA WAAMICHA WAAQAYYOO
Waamicha waaqayyoo isa xumuraa kan inni addunyaa
guutuuf taasisee jiru kana simadhaa!!! Bartuu Yesuusiin
akka taatuuf yookaan taataniif xalayaan dhiiga
Kiristoosiin barreeffame armaan gadii isiniif
barreeffamee jira. Yoos xalayaa kana dubbistanii maaliif

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 263


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

har‘uma bartuu Yesuusiin hin taatanykn maaliif namoota


biro bartuu Yesuusiin hin taasistan? Samiin imimmaan
gaddaa lolaasaa xalayaa gabaabduu armaan gadii gara
isaatti akka deebitaniif isiniif ergee jira. Mee eenyuun
akka filattan har‘uma kana adda baafadhaa!!! Xalayichis
akkana jedha.
Yaa mucaa koo; Na hin beektu ta’a, garuu ani waa’ee
kee hundumaa nan beeka. (Far 139:1) Taa’uu keef
ijaajjuu kee nan beeka. (Far 139:2) Karaa jireenya kee
hundumaas keessa nan beeka. (Far 139:3) Rifeensi
mataa kee iyyuu lakka’aamadha. (Mat 10:29-31) Kun
immoo, ijaa ati akka bifa kootiitti uumamteef. (Uma
1:27) Na keessatti, in jiraattaa, in sochootaa, in
argamtas. (HoE 17:28) Kun immoo, ijaa ati sanyii koo
taateef. (HoE 17:28) Utuma ati hin uumaminan si
beeka. (Er 1:4-5) Duraan durseen si filadhe. (Efe 1:11-
12) Ati dogongoraan dhufte miti!! Guyyoonni siif
yaadaman guutummaatti macaafa koo irra jiru. (Far
139:15-16) Yoom akka dhalattee fi eessa akka ati
jiraattu anatu murteesse. (HoE 17:26) Ati guddaaf
dinqisiisaa taateetu uumamte. (Far 139:14)
Gadameessa haadha kee keessattan si tolche. (Far
139:13) Guyyaa ati dhalatten achii as si baase. (Far
71:6) Warra na hin beekneen jallinaan beeksifameen
ture. (Yoh 8:41-44) Ani sirraa fagaadhee hin jiru, anoo
jaalalaam. (1 Yoh 4:16) Jaalala koo sitti agarsiisuun
(sirratti dhangalaasuun) fedha kooti. (1 Yoh 3:1) Kun
immoo ijaa ati mucaa koo taateef, ani immoo abbaa
kee. (1 Yoh 3:1) Waan abbaan kee lafa irraa siif kennu

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 264


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

caalaan siif kenna. (Mat 7:11) Kun immoo, ijaan abbaa


kee isa mudaa hin qabne ta’eef. (Mat 5:48) Kennaan
gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus harka
koo keessaa siif dhufa. (Yaq 1:17) Waan si barbaachisu
hundumaa anatu sii kenna. (Mat 6:31-33) Yaada ani
gara fulduraatti siif qabu hundinuu abdiidhan kan
guute dha. (Er 29:11) Sababiin isaa immoo, ani Jaalala
bara baraatin ijaan si jaalladheef. (Er 31:3) Yaadan siif
qabu akka cirracha galaana biraa lakkaa’amanii hin
dhuman. (Far 139:17-18) Ani of irraa bu’eenis sitti
gammada (Sefe 3:17) Wanta gaarii sii gochuus hin
dhiisu. (Er 32:40) Kun immoo, ijaa ati kan dhuunfaa
koo taateef. (Bau 19:5) Ani dhugumaan garaa koo fi
yaada koo guutuudhan jabeessee si dhaabuun fedha.
(Er 32:41) Wanta guddaa ati qortee bira ga’uu hin
dandeenyes sitti agarsiisuun fedha. (Er 33:3) Garaa kee
guutuudhaan yoo na barbaadde, na argatta. (Kes 4:29)
Natti gammachuu qabaadhu, ani immoo fedha garaa
kee siif nan kenna. (Far 37:4) Ijaa inni fedha kana
hundumaa kennu ana ta’eef. (Filp 2:13) Ani wanta ati
kadhattuuf, yaaduu dandeessu hundumaa irra safara
malee caalchiisee siif gochuu nan danda’a. (Efe 3:20)
Ijaa ani jajjabeessaa kee ta’eef. (2 Tas 2:16-17) Ani
abbaa kee isa si rakkina kee hundumaa keessatti si
jajjabeessu dha. (2 Qor 1:3-4) Yommuu
garaan/lapheen kee cabu/madaa’u, ani sitti dhi’oon
jira. (Far 34:18) Ani akka tikseen ilmoolee hoolotaa
kaasuutti baatuutti, kaasuttan si baadha . (Isa 40:11)
Ani immimmaan ija kee irraa nan haqa. (Mul 21:3-4)
Gaddaaf waraansa ati biyya lafaa irratti dabarsite

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 265


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

hundumaas sirraan fuudha. (Mul 21:3-4) Ani abbaa


keeti, akkuman ilmma koo Yesusiin jalladheettan si
jaalladha. (Yoh 17:23) Jaalalli ani siif qabu, karaa
Yesusiin siif mul’ate. (Yoh 17:26). Inni guutummatti
anaan jiraachuu koo ibsa. (Ibr 1:3)Inni akka ani gara
kee ta’e, siif ibsuuf dhufe. (Rom 8:31). Akka ani irra
daddarbaa kees, sirratti hin lakkoofne sitti himuu
dhufe. (2 Qor 5:18-19). Akka ati araara argattuf Yesus
siif du’e. (2 Qor 5:18-19). Duuti isaa jaalala addaa ani
siif qabu ibsa. (1 Yoh 4:10). Si oolfachuuf jedheen,
waanan jaalladhu hundumaa dabarsee kenne. (Rom
8:31-32). Yoo kennaa ilmaa koo, Yesusiin, fudhattee,
anaan fudhatte jechuudha. (1 Yoh 2:23). Kanas yoo
goote homtuu jaalala koottii adda si baasuu hin
danda’u. (Rom 8:38-39). Kottu gara koo, gammachuuf
illlillee guddatu jannata keessatti ta’aatii. (Luq
15:7).Ani abbaa kee dha, Yeroo hundaas abbaa keen
ta’a. (Efe 3:14-15). Gaaffiin ani siif qabu garuu,
MUCAA KOO NI TAATAA? TA'UU NI FEETAA?
(Yoh 1:12-13).Si eegaan jira. (Luq 15:11-
32)JAALALA, ABBAA KEE, WAAQAYYO ISA
HUNDUMAA DANDA'U IRRAA.

Galatoomaa!! Waaqayyo isin haa eebbisu!!!

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 266


BARTUMMAA FI BARTOOTA GOOFTAA

Odeeffannoo fi yaada dabalataatiif

 Bilbila 0917662369 yookaan 0941752895


 Fuulbarruu (Facebook) Samuel Girmaye
 Email:samgirma2008@gmail.com fayyadamuu
ni dandeessu.

Saamu’el Girmaayee Danuu, Mudde 2015 A.L.I Fuula 267

You might also like