You are on page 1of 15

IBSA WAA‟EE RAAJOTA HUNDUMAA

1 MACAAFA ISAAYYAAS RAAJICHAA:


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafni Isaayyaas “Macaafa Fayyinaa” jedhama. Maqaan Isaayyaas jedhu kun “Fayyisuu Waaqayyoo”
yookaan “Waaqayyo Fayyisaa” jechuu dha. Macaafa Raajotaa macaafa Qulqulluu keessatti argaman keessaa
Isaayyaas isa jalqabaa ti. Barreessaan macaafa Isaayyaas Raajichaa, Isaayyaas inni angafa Raajotaa
jedhamee beekamu, raajota warra kan biroo caalaatti ifee mul‟ata. Afaan inni ittiin barreeffame,jechoota seer
luuga inni itti gargaarame, fi ogummaan walaloo isaa hedduu guddaa dha. Isaayyaas nama baratee dha,
nama beekamaa fi nama hafuuraa ti.
Inni waggoota 55-60 of keennee abboomamuudhaan tajaajiluu isaatiin raajii Waaqayyoo isa guddaa dha.
Inni biyya isaa fi saba isaa nama jaallatuu dha. Akka odeeffannoon guddaan tokko ibsutti inni bara
mootummaa Minaasee keessatti muka balloo gidduutti hidhuudhaan bakka lamatti baqaffamee akka
ajjeefame dubbatama.
Waamichi Isaayyaas Raajummaaf waamame jalqaba irratti saba Yihudaatiif ture (Mootummaa Kibbaa) fi
Yerusaalem, sabni sun akka isaan qalbii isaanii diddiirratanii gara Waaqayyootti deebi‟an gochuuf ture. Inni
akkasuma waa‟ee dhufaatii Masihii fi fayyisuu Waaqayyoo raajii dubbateera.
Raajummaan isaa baayyeen isa barumsa Isaayyaas keessa jiraachaa turee fi yeroo dhihootti kan
raawwatamuu yeroo ta‟u, kaanis immoo kan baroota hedduu booddee raawwatamanii dha (isaanis; dhufaatii
Kristos isa lammaffaa). Guduunfuudhaaf, ergaan Isaayyaas fayyini Waaqayyo biraa akka dhufu- nama biraa
akka hin dhufnee dha. Waaqayyo qofatu fayyisaa dha, bulchaadhaa fi Mootii dha.

NAMOOTA MACAAFA ISAAYYAAS RAAJICHAA KEESSATTI ARGAMAN


Isaayyaasii fi ilmaan isaa lamaan, She‟aar-Jaashuub fi Maaher- Shaalal- Haash-Baaz. Akkuma maqaan isaa
ergaa fayyinaa agarsiisu, maqaan ilmaan isaas ergaa raajummaa isaa keessaa hamma tokko agarsiisa.
She‟aar-Jaashuub jechuun “warri hafan ni deebi‟u” jechuu dha. Maaher- Shaalal- Haash-Baaz jechuun
immoo “Gara isa miidhe rukutuutti ariifachuu” jechuu dha.
LAKKOOBSOTA HIIKTUU: Isa. 53:5.
Isaayyaas ilmi Amoos, baroota tajaajila isaa hundumaa Yerusaalem ishee Magaalaa Yihudaa taate keessa
jiraataa ture. Baroota sana keessa siyaasonni gurguddoon wal jijijjiiraa turan Yihudaa keessatti.
Mootummaan Israa‟elis bakka lamatti qoodame. Waamichi raajummaa Isaayyaas egaa gara saba Yihudaa fi
Yerusaalem ture. Inni Amoosfaa, Hose‟afaa fi Mikiyaasfaa wajjin baruma tokko keessa tajaajilaa ture.
Macaafni Isaayyaas baroota 740-680 KD gara dhuma bara Mootii Uziyaa fi bara mootummaa mootii
Yootaam, Ahaazii fi Hisqiyaas guutummaa isaa keessatti barreeffe. Jechoonni Isaayyaas kallattiidhumaan
saba Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiraatan ilaallata.

WANTOOTA IJOO MACAAFA ISAAYYAAS RAAJICHAA:


 “Fayyina” kan jedhu Macaafa Isaayyaas Raajichaa kana keessatti iddoo bal‟aa qabatee jira.
Wantoonni biroon kan akka firdii, qulqullummaa, adaba, boojuu, kufaatii saba sanaa, jajjabeessuu,
abdii fi fayyina dhufaatii Masihiitiin argamu jedhanis keessatti argamu.
 Boqonnaan 39n jalqabaa Macaafa Isaayyaas kun ergaa firdii jabaa Yihudaa irratti dhufuuf jiruu fi
waamicha gara qalbii diddiirrannaa fi qulqullummaatti Waaqayyo isaan waame qabatee jira. Sabni
sun irra keessaan waan Waaqayyoon waaqeffatan fakkaatu,,garaan isaanii garuu isa irraa fagoo dha
ture. Waaqayyo karaa Isaayyaasiin isaan of eeggachiise akka isaan of qulqulleessaniif. Isaan garuu
ergaa isaa tuffatan. Isaayyaas booji‟amuu saba Yihudaa raajii dubbate, garuu immoo abdii fuula
duratti isaan qabaniif isaan jajjabeesse; Waaqayyo isa isaan furu isaaniif erguuf isaaniif kakate.
 Boqonnaan 27 n hafan immoo ergaa Waaqayyoo waa‟ee dhiifama cubbuu, jajjbinaa fi abdii of
keessaa kan qabu yommuu ta‟u, karaa Isaayyaasiin eebbaa fi fayyinaa fi eebba karaa Masihii isa
dhufuuf jiruu akka ta‟uuf isaanitti dubbate.

WANTA IRRATTI YAADAMUU QABU:


 Waamicha raajii ta‟uu fudhachuun jabina nama gaafata. Akka nama afaan Waaqayyoo ta‟eetti raajiin
sabaa fi geggeessitootatti kallattiidhaan dubbachuu danda‟uu qaba. Ergaan Isaayyaas ergaa kallattii
ti; gara jalqabaatti yoo kabajame illee, booda garuu jechoota saba sanatti hin tollee fi ciccimoo waan
isaanitti dubbateef isaan biratti jibbamuu jalqabe. Jireenyi Isaayyaas jireenyaa aarsaa dhuunfaa ti.
Raajichi fuulaa fi fuulatti Waaqayyoo wajjin wal qquunnama, Waaqayyoo wajjinis adeema,
Waaqayyos yaada garaa isaa isatti dubbata inni immoo isa Waaqayyo afaan isa godhatee isatti
dubbbatu sabaaf hira.

QABXIIWWAN NAMATTI TOLAN:

 Isaayyaas akkaataa barreeffamaa walaloo fi miti walalootti; faallaa waan jechuu barbaadee tokko,
fakkeenyotatti, nama dhuunfaatti fakkeessee, fi wantoota ogummaa barreeffamaa keessa jiranitti
gargaaramee barreeffama isaa kana barreesse.
 Macaafni Isaayyaas Raajichaa boqonnaa 66 qaba akkuma Macaafa Qulqulluun Macaafota 66 qabu.
Boqonnaa 39 jalqabaa waa‟ee firdii Waaqayyo isa jabaa dubbata akkuma macaafota 39kakuu moofaa.
Macaafonni 27 immoo jajjabinaa fi dhufaatii Masihii irratti xiyyeeffata akkuma macaafota 27 kakuu
haaraa.
 Kakuu Haaraan Macaafa Isaayyaas Raajichaa kana yeroo 66 warabbii isaa fudhata.
 Haati manaan Isaayyaas raajii dha.

AKEEKAA FI GARAGARUMMAA ISAAYYAASII FI WARRA KAANII


Akka Raajii Waaqayyootti Isaayyaas eebbaa fi firdii Waaqayyoo saba Israa‟elitti dubbate. Karaa tokko
tajaajilli Isaayyaas irra caalaan isaa sababa sabani Israa‟el kakuu Waaqayyoof abboomamuu didanii isa
irratti ka‟aniif firdii fi dheekkamsa Waaqayyo Israa‟elii fi Yihudaa irratti fiduuf jedhu dubbata (Isa. 1:2-13;
13:1-23; 18; 56:9-57:13; 65:1-16). Raajichi abaarsa hedduu dhufuuf jiru dubbateera, isaan keessaa inni
guddaan booji‟amuu saba sanaa ti.
Karaa biraa immoo Isaayyaas ergaa isaa firdiif dubbate sanaafi abdii jiru waliin madaalee dubbata. Inni
eebba hedduu dhufuuf jiru itti dubbate. Kunis isa warri haftee ta‟an, qalbii isaanii diddiirratanii gara isaatti
kan deebi‟an boojuu booddee eebbifamuuf jiranii dha (Isa. 40-66). Isaayyaas akka isaan Waaqayyoon
barbaaddatan isaaniif waamicha godhe, kana gochuudhaanis akka isaan abdii fayyinaa fi eebbaa fuula isaanii
dura jiru akka isaan amantiidhaan dhaalaniif isaan jajjabeesse (Isa. 2:5; 8:13-17; 26:20-21; 33:14-16; 40:28-
31; 48:20-21; 55:1-12; 60:1-3; 61:10-11; 63:7-64:12; 66:5-6). Isaayyaas akka warri haftee ta‟anii
Waaqayyoo wajjin jiraatan boojuu dandamatanii gara biyya isaaniitti deebi‟anii eebba Waaqayyo isaan
eebbisuu dhadhamatan dubbate.

KRISTOS ISAAYYAAS KEESSATTI


Raajummaan Isaayyaas dhufaatii Kristosiin dura waan ta‟u yoo xiqqaate karaa sadii ibsa. Jalqaba, Isaayyaas
waa‟ee firdii Waaqayyoo namoota Waaqayyo irratti ka‟an irratti dhufuuf jiruu akeekkachiisa (Isa. 1:20;
3:13-15; 11:4; 34:2; 51:5). Firdiin inni Isaayyaas dubbate sun sirriidhumatti tajaajila Kristosiin fiixaann ba‟e
(53:4-6, 12; 2 Qor. 1:15; Ibr. 9:26).
Lammaffaatti, Sabni Waaqayyo warri isaaf amanaman eebba Waaqayyootti akka gammaduuf jiran isaaniif
mirkaneesse; kunis boojuu booddee deebifamanii ijaaramuu isa inni “samii haaraa fi lafa haaraa” (Isa.
66:22; 65:17) jedhe sana. Yesus uumama haaraa kana tajaajila isaa biyya lafaa kana irratti tajaajilaa tureen
isa inni dukkanaa fi ifa gargar baase sanaan mul‟iseera (Yoh.1:9). Tajaajila umama haaraa goochuu kana
seenaa waldaa Kristaanaa keessatti itti fufee tajaajila (2 Qor. 6:6; 5:17; Gal. 6:15; Yaq. 1:18). Dhufaatii isaa
lammaffaadhaan immoo guutuu godha yookaan xumura (Mul. 21:1-3).
Sadaffaatti, Macaafni Isaayyaas macaafota kakuu moofaa warra kaan hunduma caalaatti waa‟ee yesus kan
dubbatu akka ta‟etti Kakuu haaraa keessatti fudhatamee ilaalama. Waa‟ee Masihii raajummaan Isaayyaas
keessatti dubbbatame akkaataa dinqisiisaadhaan raawwatame bara kakuu haaraatti (Isa. 42:1-4), garbichi
Waaqayyoo kunis qajeelummaa fi haqa saba isaatiif fida, kakuu isaaniis Waaqayyoo wajjin isaaniif haaressa
(42:5-7), ibsaa warra ormaa ta‟a (49:1-7), cubbuu warra Waaqayyoof filatamanii isaaniif hambisa, du‟a
keessaas isaan kaasa (52:13-53:12).
Kakuu Haaraan garbichi kun Yesus Kristos isa fayyisaa biyya lafaa akka ta‟e addaan baasee kaa‟a (Mat.
8:17; 16:21; 27:26, 29, 31, 38, 57-60; Mar. 14:49, 61; 15:27, 43-46; Luq. 2:14; 18:31-33; 23:32; Yoh. 1:10-
11, 29; 3:17; 12:38; 19:17, 18, 38-41; HoE. 2:23; 3:13; 7:32; 8:32-33; 10:43; Rom. 4:25; 8:34; 10:15-16;
25:21; 1 Qor. 15:3; Efe. 3:4-5; Filp. 2:9; Ibr. 5:8; 9:28; 1 Phe. 2:22-25; 1 Yoh. 3:5; Mul. 14:5).

2 MACAAFA ERMIYAAS RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafni Ermiyaas Raajichaa kun Ermiyaasiin, Baarukii wajjin ta‟uudhaan barreeffame bara 627-586 KD
keessa. Macaafni kun saba Yihudaa fi Yerusaalemiif barreeffame. Akkasumas namoota booda irratti
Macaafa Qaulqulluu kana dubbifatan hunda, Anatoot, Raamaa, fi Gibxiif barreeffame.
Obsi Waaqayyo saba isaatiif qabu amma dhuma irra ga‟ee jira. Baroota darban keessatti wantoota hedduu
keessatti isaan oolcheera, garuu amma iyyuu isaan araara isaa kana dagatanii gara waaqolii tolfamootti
deebi‟anii jiru. Waaqayyo Ermiyaasiin kaasee karaa isaa firdii dhufaa jiruuf of isaan eeggachiise. Garuu
namni tokko illee isa hin dhageenye ture; tokkoon isaanii iyyuu hin jijjiiramne. Of eeggachiisa waggoota 40
booda dheekkamsi Waaqayyo isaani irratti dhufe.
Ermiyaas wantoota Waaqayyo isatti dubbatu hunda Baarukitti hime. Baarukis maraa macaafaa irratti
barreessa ture. Yommuu mootichi Yeho‟akiim maraa macaafaa sana gube inni ammas deebi‟ee mul‟ata
Ermiyaas sana ofii isaatiis yaada isaa itti dabalee seenaas itti dabaluudhaan barreesse.
Seenaa ishee keessatti Israa‟el yeroo hundumaa waaqa tolfamaa waaqessuu isheetiin komatamti turte.
Macaafni Ermiyaas Raajichaa kun cubbuu isaaniitiif kan isaan adabu mootota biyya ollaatiin akka ta‟e raajii
dubbate. Raajummaan Ermiyaas kan dubbatuu waa‟ee Israa‟el akka waliigalaatti, waa‟ee mootummaa
Kibbaa Yihudaa, barbadaa‟uu Yerusaalem, fi waa‟ee marfamuu Yerusaalem mootota biyya ollaatiin dha.
Waaqayyo mootii Baabilonitti, Naabukadenizaaritti fayyadamee Yihudaan akka qabamtu,booda immoo
akka rukutamtee baddu godhe. Macaafa Ermiyaas Raajichaa kana wanti adda isa godhu nama garraamii fi
jaalala biyya isaatii fi jaalalaa fi hojii Waaqayyootiif nama of kenneen barreeffamuu isaa ti. Bara jireenya
isaatti Ermiyaas hedduu dhiphate, abdii kutannaa keessa gale, garuu immoo akka Waaqayyo gara saba isaatti
deebi‟ee saba isaa oolchu guutuu guutummaatti Waaqayyoon amanita ture.
Macaafni Ermiyaas Raajichaa kun macaafota dubbisanii hubachuun isaa namatti ulfaatu keessaa isa tokko,
sababiin isaa raajummaan isa keessatti barreeffamee jiru toora yeroo taateetiinn hin barreeffamne.
Wantoonni isa keessatti barreeffamanii jiranis haasaa haalaatii fi fakkeenyaan kan guutee dha.
Raajummaan waa‟een dheekkamsaa fi dhiphina guddaa macaafa raajii kana keessatti barreeffamanii jiran
baayyee kan dhiphisanii dha yeroo dhaga‟an, garuu isaan waa‟ee dhufaatii Masihiif kan haala mijeessanii fi
Israa‟eliif kakuu haaraan kan itti dhufuu dha. Masihiin waggoota hedduu booda dhufe, Yesus Kristosiin
ta‟ee.

AKEEKA MACAAFA ERMIYAAS RAAJICHAA


Sababa maaliitiif booji‟amuu fi dhiphachuuf akka jiran saba Yihudaa yaadachiisuu, qalbii
diddiirrannaadhaan gara Waaqayyootti deebi‟uudhaan immoo gara biyya isaaniitti deebi‟uudhaan achitti
Waaqayyoon hedduu eebbifamuu akka jiru hubachiisuufdha.
YEROO FI BAKKA (580-539 KD)
Yoosiyaas mucaa waggaa sadeetii ta‟ee utuu jiruu mootii Yihudaa ta‟e. Abbaan isaa Amon mootii ta‟ee
waggaa lama booddee ajjeefame umuriin isaa yeroo waggaa 24 ta‟etti. Amon fakkeenya abbaa isaa fudhatee
karaa abbaan isaa itti hojii hafuuraa hojjetaa ture sana hojjetaa ture. Abbaan Amon Minaaseen waggaa
dheeraa bulche (55), waggoota kana keessa garuu cubbuu hedduu dalagaa ture. Gara dhuma jireenya isaatti
yeroo gara Baabiloonitti booji‟ame sana akka qalbii diddiirrachuu yoo godhe iyyuu baroota dheeraa
keessatti bulchaa ture sanatti yakka hedduu dalageera akka namootni Waaqayyo irratti ka‟an gochuu isaatiin.
Inni mo‟ee waggaa 8ffaa isaatti Yoosiyaas, “amma iyyuu ijoollee ta‟ee utuu jiruu Waaqayyoon isa kan
Daawit abaabilii isaa in barbaaddate.” (2 Sen. 34:3). Inni waggaa kudha lamaffaa isaatti Yerusaalemii fi
Yihudaa keessaa iddoowwan sagadaa ol ka‟uu , utuboota dhagaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf
dhadhaabaman, bifa fakkeenya waaqayyoolii tolfamoo qiqqirixamanii fi baqfamanii balleessuu jalqabe.
Ermiyaas waamicha raajummaa isaa waggaa wantoota mootii kanaan hojjetaman kana booda waggaa tokko
booda argate.
Bara mootummaa Yoosiyaas 18 keessatti wantoonni haara‟umsa fidan hedduun hojjetamanii jiru. Ayyaanni
Faasiikaa utuu hin ayyaaneffatamin ture akka ayyaaneffatamu ta‟eera. “Erga bara Saamu‟el raajichaatii
ayyaanni Faasiikaa akkasitti biyya Israa‟el keessatti ayyaaneffatamee hin beeku; mootota Israa‟el keessaa
tokko illee akka Yoosiyaas mootichaatti lubootaa fi Lewwota, guutummaa namoota Yihudaa fi namoota
israa‟el warra iddoo sanatti argamanii fi namootaYerusaalem keessa jiraatanii wajjin ayyaana Faasiikaa
akkasii ayyaaneffatee hin beeku!” (2 Sen. 35:18).

ERMIYAAS
Ermiyaas raajota warra kaan caalaatti beekamaa dha sababa wantoota waa‟ee seenaa jireenya dhuunfaa isaa
Macaafa isaa kana keessatti barreeffamee jiruuf. Macaafa isaa kana keessaa waa‟ee wallaansoo jireenya
isaa, qoramsa isaa, Waamichaa isaa fi hojii itti waamameef of kennuu isaa sirriitti hubanna.
Ermiyaas mandara Anaatot jedhamu gara kaaba Yerusaalemitti kan argamu tokko keessatti abbaa isaa isa
luba ta‟e maqaan isaa Hiilqiyaa jedhamu irraa dhalate. Ermiyaas baayyee mucaa dha yeroo hojii raajummaa
kanaaf waamame (Erm. 1:6). Barri tajaajila isaa Yoosiyaas mo‟ee waggaa 13ffaa (640-609 KD) isaatii
kaasee waggoota 40f hamma diigamuu mana qulqullummaa fi barbadaa‟uu Yerusaale boodaatti (586KD) tti
dha.

KAA’UMSA MACAAFA ERMIYAAS RAAJICHAA


Seenaan nuyi armaan olitti ilaalle haala keessatti Ermiyaas tajaajilaa ture nutti hima. Inni Yoosiyaas mootii
ta‟ee waggaa 13ffaa isaatti tajaajila jalqabe, hojii haara‟umsaa Yoosiyaas jalqabe keessattis hirmaannaa
godhe. Du‟uu Yoosiyaasiin tajaajilli Ermiyaas ulfaachaa deeme. Kunis sababa mootoota isa booddee ka‟an
biraa deggersi hin jirreef. Raajummaan isaa inni duraa dhugaa ta‟uun isaa yoo beekame iyyuu, yeroo inni itti
fufee mootota, lubootaa fi saba sanatti ergaa dubbate isaan isa fudhachuu didan.

WANTOOTA IJOO MACAAFA ERMIYAAS RAAJICHAA:


Waaqayyo yommuu tajaajila raajummaa kanatti Ermiyaasiin waamee; wantoota ja‟a: akka inni buqqisu,
diigu, akka balleessu, akka garagalchu, akka ijaaruu, akka dhaabuufis itti dubbate (Erm.1:10). Isaan kun
guutummaa Macaafa Ermiyaas Raajichaa kana keessatti yeroo baay‟ee caqasamee argina. Dubbiin ijoo
Macaafa kanaa qalbii diddiirradhaa, gara Waaqayyootti deebi‟aa yookaan immoo dha‟ichaa fi dheekkamsa
Waaqayyo isinitti dhufu sanaan dhiphadhaa kan jedhuu dha.

WANTOOTA ITTI YAADUUN NAMAAF TA’U:


Akkuma Yihudaan Waaqayyoon dhiisee gara waaqa tolfamaatti deebi‟e, har‟as namoonni hedduun aadaa
ammayyaa fudhachuudhaan Macaafa Qulqulluu akka waan waa‟ee hinn baafneetti ilaalanii jiru. Haa ta‟u
malee garuu, Waaqayyo hin jijjiiramu. Cubbuun isa arrabsiise inni waggoota kumaatamaan duraa har‟as
balaafamaa dha. Waaqayyo har‟as namoonni fi biyyoonni qalbii isaanii jijjiirratanii gara isaatti akka
deebi‟aniif waamicha godha.

Lakkoobsota Hiiktuu Macaafa Ermiyaas: 7:13, 23:5-6, 29:11


AKEEKAA FI GARAGARUMMAA ERMIYAASII FI WARRA KAANII
Ergaan Ermiyaas akkaataa caaseffama Macaafa Ermiyaas amma jiruutti miti kan dubbatame. Ta‟us garuu
ergaanisaa:
1. Inni Yihudaan qalbii jijjiirratee firdii dhufaa jiru jalaa akka ooluuf waamicha godheef. (Fak. Erm.
7:1-15).
2. Inni yeroo qalbii diddiirrachuu akka darbee fi amma yeroo itti firdiin Waaqayyo isaan irratti
dhufuun isaa dhihaate akka ta‟e isaanitti beeksise (Erm. 19:10-11).
3. Boojuu keessatti eegamanii gara biyya isaaniitti akka deebifamuu fi ijaaramuu saba Yihudaa
dubbate (Erm. 24:4-7). Ajaja Waaqayyootiin warri Baabiloon yoo Yihudota irratti mo‟anii isaan
cunqursan iyyuu kun yeroo murtaa‟aa qofaaf ta‟a. Baabiloon darabee isaa ni kufa (Erm. 25:9, 11-
12) bara 539 KD raawwatame kun (Erm. 50:3; 51:1, 27-28; 2 Sen. 36:20-23). Kun deebii
Ermiyaas raajota sobduudhaaf deebisee dha (Erm. 28:2-4).
Eermiyaas ergaa fayyinaas qaba ture, garuu warra firdii sana jalaa baraaraman haftee warra jedhaman sanaaf
qofa ta‟a (Erm. 29:11-14). Kakuu haaraan saba sanaaf akka ta‟u dubbatame waa‟ee dhufaatii Masihii wajjin
wal qabata.
Ermiyaas ergaa isaa waa‟ee mudannoo jireenya dhunfaa isaa wajjin walqabachiisee dubbata raajota warra
kan biroo caalaatti (Isa. 15:7; 22:4; Miik. 1:8-9).
Qabiyyeen Macaafa Ermiyaas Raajichaa kun akkaataa yeroo taatee isaa duraa duraa boodaatiin hin
kaa‟amne. Haaluma kanaan, boqonnaa 21-24 tti kan jiru raajummaa waa‟ee warra mooticha Yoosiyaas
booddeedhaan mo‟anii tokkoon tokkoon isaanii dubbata, garuu Zedeqiyaa hin dabalatu. Haaluma wal
fakkaatuun boqonnaa 35-36 tti gara mooticha Yeho‟akiimitti achi deebi‟a. Waa‟ee namoota dhuunfaaf kan
dubbatame baay‟eennisaa guyyaadhaan ka‟uun hin danda‟amu.

KRISTOS ERMIYAAS KEESSATTI


Ergaan Ermiyaas waa‟ee Kristos boojuu booddee deebifamanii ijaaramuu saba sanaa wajjin wal qabatee
dubbatama. Raajichi ifaa godhee kan dubbate booji‟amuun dhuguma akka dhufuuf jiru, isa booddee immoo
deebifamanii ijaaramuudhaan kakuu haaraan akka isaaniif ta‟u, eebba Waaqayyootiinis akka yaadataman
dha. Yesus gooftaa kakuu isa haaraa sanaa ti (Luq. 22:20; Ibr. 8:8; 9:5; 12:24).

3 MACAAFA FAARUU ERMIYAAS


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafni kun tilmaamaan waggoota 586-516 KD keessatti barreeffame. Macaafni kunis Yihudota boojuu
keessaa baraaramanii Yerusaalem keessa jiraatanii fi gara Israa‟elitti deebi‟aniif barreeffame. Macaafni kun
waa‟ee dhiphina cubbuun namatti fiduu dubbata. Ermiyaas raajichi waa‟ee wantoota yeroo warra
Baabilooniin marfamuu fi barbadeeffamuu Yerusaalem bara 586 KD ta‟eef dhuga baatuu ijaa ti. Ermiyaas
seenaa isaa sana bifa walalootiin dubbachuu filate.

BOOJUU FI KAKUU
Macaafni xiqqoon kun boqonnaa shanitti hirama. Lakkoobsi hundumtuu qubeewwaan 22 warra Ibirootaa
keessaa tokkoon jalqaba. Waa‟ee barbadeeffamuu mana qulqullummaa isa Solomoon mootichaan ijaaramee
waggaa 400 keessatti waaqeffatamaa turee sanaaf jaalala guddaa waan qabaniif sabni sun hedduu gaddan.
Ermiyaas namoota gurguddoo magaalaa Yerusaalem dhumaniif, qonnaan bultoota du‟anii fi diigamuu mana
qulqulqullummaa sanaaf hedduu boo‟e.
Dha‟icha sana kan fide maal akka ta‟e ifaa dha: Yihudaan Waaqayyo irratti ka‟ee kakuu isaa cabse.
Waaqayyo immoo warra Baabiloonitti fayyadamee deebii deebiseef, saba isaas ittiin qajeelchuuf itti
fayyadame.
Waa‟een dhiphinaa macaafa kana keessatti gad fageenyaan yoo ibsame iyyuu, boqonnaa 3 keessatti immoo
gidduu seenuudhaan waa‟een abdii fi kakuu immoo dubbatame. Ermiyaas gaarummaa Waaqayyoo yaadate.
Macaafni Faaruu Ermiyaas taatee waggoota 600 booda kakuu haaraa keessatti ta‟uuf jiruuf gaaddiduu ta‟e.
Luqaas 19:41-44 Yesus Yerusaalemiif in boo‟e, waa‟ee diigamuu ishees raajii dubbate sababii isaan Masihii
fudhachuu didaniif. Bara 70 keessa akkuma Yesus dubbatee ture loltoota Roomaatiin barbadeeffame.

DUBBII IJOO MACAAFA FAARUU ERMIYAAS:

 Cubbuun, akka dhuunfaattis akka biyyaattis firii fi gatii qaba. Yerusaalem Waaqayyoon caalaatti
filatte.
 Dukka buutonni isaa gara isaatti akka deebi‟aniif Waaqayyoo namootaa fi haalotatti fayyadama.
Macaafa Qulqullummaa guutummaa keessatti Waaqayyoo akka abbaa seenaa ta‟etti fedha isaa
seenaa namootaa keessatti hojjeta.
 Abdiin Waaqayyoon bira qofa jira. Akkuma boojuuu Baabiloon keessaa saba isaa hambifate, inni
Yesus Kristosiin kenne. Cubbuun du‟a bara baraa fida, garuu amma iyyuu Waaqayyo jireenya
bara baraa kenna.

AKEEKAA FI GARAGARUMMAA FAARUU ERMIYAASII FI WARRA KAANII


Macaafni Faaruu Ermiyaas kun wantoota dheekkmasa Waaqayyoo isa inni warra Baabiloonitti fayyadamee
Yihudaa adabe dhiheessa.
Jalqaba, Macaafni kun dhiphinnii fi booji‟amuun sababa cubbuutiif ta‟uu isaa mirkaneessa. Sabni sun qalbii
diddiirratanii hin deebi‟an yoo ta‟e, isaan ittuma fufanii Waaqayyoon aarsuu yoo ta‟e dheekkmsii fi firdiin
Waaqayyoo dhuguma akka dhufu of isaan eeggachiisaa ture raajichi. Waggoota dheeraadhaan dura Amos
guyyaan gooftaa saba isaatti akka dhufu raajii dubbatee ture (Amo. 5:18), guyyaan gooftaa sunis amma
dhuguma dhufe (Faru. 1:12).
Lammaffaa irratti, barreessaan macaafa kanaa firdii Yihudaatti dhufu kanaaf diddaa agarsiisa. Adabni
Waaqayyo saba isaa adabu fudhatama hin qabaataa (Faru. 2:20-22). Inni akka diinaatti saba isaa adabuun
isaa sirrii dhaa? (Faru. 2:4- ). Kanaa fi kan kana fakkaatu bara sana keessaa fi bara kanatti iyyuu gaaffii fi
morkii kan kaasuu dha waa‟ee macaafa kanaaf.
Sadaffaa irratti, Macaafni kun Waaqayyo amma iyyuu araara qabeessa akka ta‟e mirkaneessa (Far. 3:22-
36). Macaafni Faaruu Ermiyaas kun boojuun akka xumuramuuf jiru abdii guutuudhaan dubbata.
Boqonnaan 5 Macaafa Faaruu Ermiyaas kun walaloo adda addaa shan qabatee jira. Walaloon kun faaruu
dha, warra macaafota kakuu moofaa kan biroo keessattis; keessumattuu Macaafa Faarsaa keessatti argaman.

KRISTOS MACAAFA FAARUU ERMIYAAS KEESSATTI


Macaafni Faaruu kun haala boojuu sana garasitti Kristosiin agarsiisa karaa baay‟eedhaan. Gad of deebisee
qooda ilmaan namaa dhiphachuun Kristos boojuu keessatti dhiphachuu wajjin walfakkaata. Inni akkuma
sanatti dhiphate, isa caalaatti iyyuu dhiphifame.
Macaafni Faaruu kun duuka buutonni Kristos dhiphachuuf akka jiran, faaruu dhiheessuuf akka jiran
dubbata. Waldaan Kristaanaa dhiphina boojuutiin itti fuftee dhiphatti (1 Phe. 1:2). Baruma rakkinaa fi
dhiphinaa keessatti warra isa barbaaddataniif Waaqayyo gaarii akka ta‟e dubbata Macaafni Faaruu Ermiyaas
kun (Faru. 3:25).

4 MACAAFA HISQi’EL RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafni Raajicha Hisqi‟el raajichaa jireenya saba Israa‟el biyya boojuu keessaa kan namatti himuu fi
mul‟ata lafee gogaa jiraachisuu Waaqayyoo kan of keessaa qabuu dha (His.37:1-4). Raajichi Hisqi‟el
raajummaa waa‟ee barbadaa‟uu fi deebifamanii immoo ijaaramuu kan of keessatti qabatee jiruu dha.
Israa‟elotni kumaan lakkaa‟aman, Hisqi‟elii fi Yohaakiim mooticha dabalatee, bara 597 KD keessa
booji‟amanii gara biyya Baabuloonitti geeffaman. Hisqi‟el namoota boojuu keessa jiraatanitti maaliif
akka Waaqayyo akkas akka ta‟u godhe raajii itti dubbachaa ture.
Isa afaaniin dubbatutti dabalee Hisqi‟el gochaadhaanis akka namoonni boojuu keessa jiran sun waa irraa
barataniif hojjechaa fakkeenya tokko tokko agarsiisaa ture. Akka guyyoota 390 cinaacha isaa bitaatiin
ciisu, guyyoota 40 immoo cinaacha isaa mirgaatiin ciisuuf Waaqayyoon ajajamee Hisqi‟el.

BARREESSAA MACAAFA HISQI’EL RAAJICHAA


Macaafni kun kan barreeffame raajii ibirootaa isa ta‟e Hisqi‟eliin, isa ilma Buzii ta‟e sanaan bara 593-
570 KD keessa barreeffame. Kan barreeffameef Israa‟elota boojuu Baabiloon keessa jiraniif. Hisqi‟el
Baabilooniin taa‟ee barreesse, garuu raajummaan isaa Israa‟el, Gibxii fi biyyoota ollaa hedduu kan
ilaallatuu dha.

AKEEKAA FI GARAAGARUMMAA MACAAFOTA KAN BIROO


Macaafni Hisqi‟el Raajichaa warra kaann irraa adda akka inni ta‟u wanti isa godhe isa inni waa‟ee seenaa
dhuunfaa isaatiin jalqabuu dha. Macaafni kun bakka sadiitti qoodama.
1) Boqonnaa 1-24 – Firdii Yerusaalem beeksise Hisqi‟el,
2) Boqonnaa 25-32 – Firdii biyyoota ormaa irratti dubbatame,
3) Boqonnaa 33-48 – Waa‟ee deebifamanii ijaaramuu dubbata.
Waa‟ee firdii kan dubbates waa‟ee deebifamanii ijaaramuu inni dubbatames waa‟ee dhuunfaa Hisqi‟eliin
jalqabameetu gara dhimmaa isa gadi fagootti ce‟ame.
Hisqi‟el warra kan biraa caalaatti gochaa fakkeenyaan namoota barsiisuu :10-16; 12:17-20; 21:18-24; 24:15-
24; 37:15-28).

KRISTOS MACAAFA HISQI’EL RAAJICHAA KEESSATTI


Tajaajilli Hisqi‟el sabni Israa‟el sababa itti fufiinsaan Waaqayyyoof amanamuu didaniif isa isaan
booji‟aman, garuu immoo yoo gara isaatti qalbii diddiirrannaadhaan deebi‟an eebbi guddaa boojuu booddee
akka isaaniif ta‟u dubbate. Firdii warra of tuuloo Waaqayyo irratti ka‟anii hamma bara tajaajila Yesusitti itti
fufe. Yesus sabni Yihudaa akka qalbii diddiirrataniif waamicha isaaniif godhe. Amma iyyuu Yerusaalemiif
manni qulqullummaa ishee erga inni biyya lafaa kana irraa gara waaqaatti ol ba‟ee booda akka barbadaa‟u
dubbate (Mat. 24; Yoh. 2:19). Yesus akkasumas firdiin warra Waaqayyoon hin beekne, warra saba
Waaqayyoo rakkisaa turan irrattis akka ta‟u dubbate (Mat. 24:34; Luq. 11:32, 51), garuu guutuu
guutummaatti kan firdiin raawwatamu yeroo dhufaatii Kristos isa lammaffaatti akka ta‟e dubbatameera
(Mul. 11:18; 14:7; 15:1).
Kristos isa Hisqi‟el keessatti waa‟ee isa bara baraa mootii ta‟uu “Daawit” dubbatee sana akka ta‟etti eegama
(His. 34:24; 37:25; 44:3; 45:7, 16,17 fi 22). Mootiin kun ilma Daawit isa boojuu booddee saba Waaqayyo
bulchuu dha.

WANTOOTA MACAAFA HISQI’EL RAAJICHAA KEESSATTI IJOO TA’AN

 Firii waaqa tolfamaa waaqessuu,


 Guddina Waaqayyo biyya lafaa guutummaa irratti.

WANTOOTA IRRATTI YAADAMUU QABU:

 Macaafnii Hisqi‟el Raajichaa waa‟ee waaqa tolfamaa waaqessuu dubbata. Abboommii kurnan
keessaa inni jalqabaa isa kana ni dhorka, “Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin
qabaatin!” jedha (Bau. 20:3).
 Har‟a waaqa tolfamaa waaqessuu jechuun waan tokko Waaqayyoon gararraatti ilaaluudhaan
isatti of kennuu, isa abdachuu fi amanachuu dha.

NAMOOTA MACAAFA HISQI’EL RAAJICHAA KEESSATTI ARGAMAN


Hisqi‟el, Geggeessitoota israa‟el, Haadha manaa Hisqi‟el fi Nebukadeniizaar.
5 MACAAFA DAANI’EL RAAJICHAA
SEENSA BARUMSICHAA
Daani‟el dargaggeessa utuu jiruu bara 539 KD booji‟ame. Tajaajilli Daani‟el hamma Qiiros biyya
Faaresitti mootii ta‟ee waggaa sadaffaa isaatti itti fufe (Dan. 10:1). Kanaaf Daani‟el naannoo waggoota
69 tiif tajaajilaa ture.
Daani‟el nama amantii isaatti cimee dhaabbatu ture. Inni Waaqayyo irraa kan hafe waaqota tolfamoo kan
biraaf sagaduu diduudhaan hamma dhumaatti cimee kan dhaabbatee fi Waaqayyos isaan wajjin ta‟uu
isaa kan hedduudhaan kan mirkaneesseefii dha.

TAJAAJILA DAANI’EL
Akkuma walii galaatti yeroo dubbatamu, raajonni Israa‟el waa‟ee amantii fi jireenya hawaasummaa irratti
xiyyeeffatanii tajaajilaa turan. Yeroo raajummaan waa‟ee wanta gara fuula duraatti ta‟u dubbatamu
namoonni taateewwaan yeroo dhihootti ta‟aniitti fudhachuudhaan hiika itti kennu. Kanaafis warri hiikan
mul‟atni Daani‟el waa‟ee mootii kaabaa fi mootii kibbaa (11:2-12:3) baruma tajaajila Daani‟el, yeroo inni
itti jiraachaa ture waggoota 200-300 raajummaan dubbatame utuu hin raawwatamin fuula dura dha jedhu.
Daani‟el bara mootummoonni lamaan adda addaa: Baabiloonii fi Faaris keessa raajii dubbataa ture. Inni
waa‟ee Girikii, Roomaa fi waa‟ee bara booddee sana keessa wantoota ta‟anii dubbate.

AKEEKAA FI GARAAGARUMMAA MACAATOTA KAN BIROO


Maacaafni Daani‟el bakka lamatti qoodama. Boqonnaa 1-6 waa‟ee seenaa wantoota ja‟aa dubbata.
Boqonnaa 7-12 mul‟ata afur of keessaa qaba. Mul‟ati isaa waa‟ee wanta gara fuula duraatti ta‟uu ti. Waa‟ee
seenaa wantoota dubbatan ja‟an keessaa boqonnaa 2 keessa kan jiru adda, sababiin isaa waa‟ee raajummaa
gara fuula duraa of keessaa qaba.

KRISTOS MACAAFA DAANI’EL RAAJICHAA KEESSATTI


Xiyyeeffannoon Daani‟el waa‟ee boojuu booddee deebifamanii ijaaramuu irratti godhe waa‟ee Kristos
kallattiidhaan agarsiisa. Akkuma raajota kakuu moofaa warra kaanii keessatti waa‟ee ulfina saba
Waaqayyoo fuula duraa isa kakuu haaraan dhufaatii Yesus isa duraa fi lammaffaa Daani‟elis waa‟ee kanaa
gad fageenyaan dubbateera.

6 MACAAFA HOSE’AA RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafni Hose‟aa Raajichaa macaafota Ibirootaa keessaa isa tokko. Macaafni kun macaafota raajota
xixiqqaa jedhamanii beekaman keessaa isa jalqaba irratti argamuu dha.
Hose‟aan seenaa Israa‟el keessaa isa bara dukkanaa jedhamee beekame sana keessatti raajummaadhaa
tajaajilaa ture. Kunis weyita mootummaan kaabaa kufaatii irra jiru jaarraa 8ffaa KD. Sabni sun of
tuulummaa isaaniitiin Waaqayyo irraa galagalanii waaqota tolfamoo; Jabboota Yerobo‟aam fi Baal isa
waaqa warra Kana‟aan ta‟e sanaaf hojjete.
Bara Hose‟aa sanatti mootiin warra kaabaa fi luboonni saba sana seera Waaqayyoo irraa kaachisaa turan.
Waaqayyoon waaqessuu dhiisanii waaqota tolfamoo waaqessaa turan. Cubbuu kan biroos kan akka
hannaa, ejjaa fi malaammaltummaa hojjechuudhaan Waaqayyoon gaddisiisaa turan. Cubbuu isaanii kana
irraa yoo hin deebi‟an ta‟e akka Waaqayyo isaan balleessu, akkasumas sabni sun warra Aooriin,
mootummaa jabaa yeroo sanaatiin, akka booji‟aman isaanitti dubbate Hose‟aan.
Akka lakkoobsa 1 irratti barreeffamee jirutti, barreessaan Macaafa Hose‟aa Raajichaa Hose‟aa ilma
Beerii fi abbaa manaa Gomer (1:3) dha. Inni nama lammummaan isaa kaaba Israa‟el ta‟ee dha sababii
mootii Samaariyaatiin “Mootii Keenya” (7:5) jedheef. Waa‟een seenaa jireenya Hose‟aa isuma nuyi
Macaafa isaa kana keessaa arginuu dha. Macaafni kun maqaa barreessaa isaatiin moggaafame.
Maqaan Hose‟aa, Iyyaasuu fi Yesus maqaa hundeen isaa afaan ibirootaa ta‟e tokko irraa argame. Innis
„hoshea‟ hiiki isaas “Fayyina” jechuu dha. Iyyaasuu fi Yesus dabalataan “Waaqayyoo fayyisaa dha” kan
jedhu hiika qabu.

AKEEKAA FI GARAAGARUMMAA MACAATOTA KAN BIROO


Macaafni Hose‟aa Raajichaa sababii mo‟amuu fi kufaatii mootummaa kaabaa fi abdii ijaaramuu saba
Waaqayyoo gara fuula duraa dubbata.
Boqonnaa 1-3 waa‟ee jireenya maatii Hose‟aa, gaa‟ela isaa, hiikuu isaa fi deebisee fuuchuu isaa dubbata.

KRISTOS MACAAFA HOSE’AA RAAJICHAA KEESSATTI:


Hose‟aan yoo xinnaate karaa afuriin Kristosiin mul‟isa Macaafa isaa keessatti. Jalqaba irratti Israa‟el
Asooriin adabamuun ishee isa firdiin dhufaatii Kristosiin biyya lafaa irratti dhufuuf jiru agarsiise. Yesus
saba kakuu warra isaaf amanamuu didan irratti firdii labse (Mat. 23:13-39). Inni lammaffaan immoo isa
Yesus ergaa isaa boojuu booddee deebifamanii ijaaramuu wajjinn waliin madaalee kaa‟uu dha. Hose‟aan
boojuu booda, guyyaa booddeetti (3:5), Waaqayyo saba isaatiif dhiifama godha (14:1-3), isaanii wajjin
kakuu isaa haaressa (2:1), eebba guddaadhaanis isaan eebbisa (14:4-7). Kakuu Haaraan dhiifamuu cubbuu
(Mat. 26:28; Luq. 24:47), kakuu haaressuu (Mar. 14:24; Ibr. 8:1-13) fi eebba bara baraa (Mat. 25:46; Yoh.
10:28; Efe. 1:14; 2 Xim. 2:10) Kristosiin raawwatame (HoE. 2:17; 2 Xim. 3:1; Ibr. 1:2; Yaq. 5:3; 2 Phe.
3:3). Paawulosii fi Pheexros Hos. 1:9-10 akka Kristosiin raawwatameetti caqasu.
Sadaffaa irratti shaakalli gaa‟elaa, hiikuu fi deebisee fuuchuu Hose‟aa (Boq. 1-3) Kristosiin agarsiisa, isa
Waaqayyo saba isaa warra kakuu isaa wajjin qaban cabsanii wajjin deebi‟ee kakuutti galu agarsiisuuf.
Waaqayyo abbaa manaa saba Israa‟el, Israa‟el immoo haadha manaa Waaqayyoo akka taate, kakuu haaraa
keessatti Phaawuloos Waldaan Kristaanaa akka misirroo taate barreesse (Efe. 5:23-32; Mul. 19:7).
Afuraffaa irratti immoo waa‟ee mootummaa Daawit isa boojuu booddee (1:10-11; 3:5) dubbata Hose‟aan.
Abdiin kun kallattiidhumaan Masihii kan agarsiisuu dha. Kakuu haaraann Yesus abdii kana akka raawwate
dubbata; inni Mootii Moototaa tiii fi Gooftaa Gooftotaa ti (1 Xim. 6:15; Mul. 19:16).
Macaafni Hose‟aa raajichaa kun macaafota raajii kan biroo hundumaattii adda kan ta‟ee fi walitti dhufeenya
kakuu Waaqayyoo fi saba isaa mallattoo gaa‟elaatiin kan agarsiisee dha.

7 MACAAFA YO’EL RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Akkuma boqonnaa 1:1 irraa arginutti, barreessaan Macaafa Yo‟el Raajichaa “Yo‟el”. Hiiki maqaa isaa
„Waaqayyo Gooftaa dha‟ jechuu dha. Waa‟ee isaa homaa tokko waan beeknu hin qabnu maqaa abbaa
isaa Phetu‟el (1:1) irraan kan hafe.
Waa‟een guyyaa isaa macaafa kana keessatti iddoo kamitti iyyuu barreeffamee waan hin jirreef
tilmaama isaa ragaalee qabiyyee macaafa kanaa keessaa argannuun alatti homaa gochuu hin dandeenyu.
Namoonni akka yaada kennanitti barri isaa 835-400 KD akka ta‟ee dha.
Barreeffamni Yo‟el 3:2b barri isaa akka boojuu booddee ta‟etti agarsiisa.

DUBBII IJOO FI AKEEKA:


Yo‟el gogiinsaa fi awwaannisatti fayyadamee dha‟icha sababii cubbuutiif saba Israa‟el irratti dhufu
dubbata. Kunis firdii isa guddicha guyyaa gooftaa isa jedhamu sanatti kennamuuf of eeggachiisa akka
ta‟etti dhiheessa.
JECHA HIIKTUU: Guyyaa Gooftaa
LAKKOOBSA HIIKTUU: 2:11, 2:28-32
BOQONNAAHIIKTUU: 2
KRISTOS MACAAFA YO’EL RAAJICHAA KEESSATTI
Macaafni Yo‟el Raajichaa jireenya Waldaa Kristaanaa keessatti iddoo guddaa qaba. Kakuu haaraa keessatti
Yesusii fi duuka buutonni isaa macaafni Yo‟el kun beekamtii akka qabaatuu godhanii jiru.
Waldaan waa‟ee bu‟uu Hafuura Qulqulluu irrattis waa‟ee guyyaa gooftaa irrattis Macaafa Yo‟el Raajichaa
kana keessaa caqasuudhaan barsiifti.

8 MACAAFA AMOS RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Maqaan Amos jecha afaanIbirootaa aa,mas, “ba‟aa baachuu” kan jedhu irraa dhufe. Hiiki maqaa Amos
ba‟aa yookaan nama ba‟aa baatu jechuu dha. Kunis itti gaafatamummaa hojii Waaqayyo isatti kennee
wajjin walfudhata. Utuudhuma illee inni nama kibbaa, Yihudaadhaa kan dhufe ta‟e, inni ba‟aa ergaa of
eeggachiisaa kan warra mootummaa kaabaa fudhatee dhufe. Amos kun Amoz isa abbaa Isaayyaasii
wajjin tokko miti (Isa. 1:1).
Macaafni kun Amos isa tiksituu ta‟e, isa ija mukaa funaanu sanaan barreeffame (Amo. 1:1; 7:14). Inni
nama Teqo‟aa, isa Beetelihemitti dhihoo jiruu ti.

TAJAAJILA AMOS
Yoo qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa ta‟ee iyyuu Amos dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beeka. Akka
lakkoobsa 1 tti inni bara biyyi Yihudotaa iddoo lamatti hirame, Uziyaan biyya Yihudaatti (792-740 KD),
Yerobi‟aam ilmi Yeho‟aas immoo biyya Israa‟elitti (760-750KD) mootota turanitti, raafamuu lafaa isa
beekamaa sana dura waggaa lamatti waa‟ee Israa‟eliif waan Waaqayyo itti mul‟ise akka dubbate nutti hima.
Amos baroota 767-753 KD keessa raajummaadhaan tajaajilaa ture.

JECHA HIIKTUU:
Irra daddarbaa, firdii Waaqayyoo Israa‟el irratti.
LAKKOOBSA HIIKTUU: 3:1-2, 4:11-12, 8:11-12
BOQONNAAHIIKTUU: 9
KRISTOS MACAAFA AMOS RAAJICHAA KEESSATTI
Amos Kristosiin karaa sadiin mul‟isa:
1. Dubbii ijoon Amos – Firdii biyyoota ormaa fi saba isaa warra isaaf hin amanamne Israa‟elii fi
Yihudaa irratti dhufu sun firdii isa Kristosiin biyya lafaatti faradamuuf jiruuf gaddidduu dha. Kakuu
Haaraan Kristos warra Waaqayyo irraa galagalanitti akka faradu barsiisa (Yoh. 5:21-27; Rom. 2:12-
16). Saba kakuu isaattis ni farada (Ibr. 10:26-30; 1Phe.4:17; Mul. 2:4-5, 14-16, 20-23; 31:1-3, 15-
19). Kristos dubbii ijoo Amos „Firdii”kana raawwatamaa godhe.
2. Amos 9:11-15 boojuu booddee deebifamanii ijaaramuu Israa‟elii fi Yihudaa dubbata. Amos boojuu
booddee eebbi Waaqayyoo inni guddaan saba isaatiif akka ta‟uuf jiru dubbate. Abdiinn kenname kun
bu‟uu Hafuura Qulqulluutiin raawwii akka argate kakuu haaraan ni barsiisa (Efe. 1:14), akkasumas
guutummaatti waaqa haaraa fi lafa haaraatti deebi‟ee dhufuu Kristosiin raawwatama (Mul. 21:1…..).
3. Amos haareffamuu mootummaa Daawit dubbata (9:11). Raajummaan kun kan agarsiisu boojuu
booddee yeroo ta‟e tokko ilmi Daawit ka‟ee saba isaa akka geggeessu dha (9:12). Raajummaan kun
Yesusiin raawwatame. Inni ilma Daawit jedhamee kakuu haaraa keessatti beekama (Mat. 1:1; Luq.
1:32=3; Mul. 22:16).

9 MACAAFA OBAADIYAA RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Barreessaan macaafa kanaa, Obaadiyaan raajii Yihudaa keessatti hin beekamne ture (1:1). Maqaan
Ibirootaa „Obaadiyaa” kun hiiki isaa “tajaajilaa Waaqayyoo” jechuu dha.
Namoonni dhiira ta‟anii Kakuu Moofaa keessaa baayyeen isaanii maqaa Obaadiyaatiin mogga‟anii jiru.
Fak. angafa looltuu Daawit (1 Sen. 12:9), garbicha Ahaab (1Mot. 18:3), Leewwicha bara Yoosiyaasitti
(2 Sen. 34:12) fi geggeessaa isa boojuudhaa Iziraa wajjin deebi‟e (Iz. 8:9).
Waa‟ee Obaadiyaa, waa‟ee maatii isaa fi seenaa jireenya isaa wanti beekamaan hin jiru. Macaafni kun
macaafota Macaafa Qulqulluu keessaa macaafa xiqqoo lakkoobsa 21 qofa qabuu dha. Bara isaas kana
jedhanii kaa‟uun baayyee ulfaataa dha.

TAJAAJILA OBAADIYAA
Obaadiyaan Edom irratti raajii dubbate. Dubbiin ijoo Obaadiyaa oftuulummaa booddee kufaatiin akka
jiru dhugaa jiruu dha. Edom sababa of tuulummaa isheef akka itti faradamuuf jiru raajii itti
dubbate Obaadiyaan.
JECHA HIIKTUU: Firdii Edom.
LAKKOOBSA HIIKTUU: 1:10, 15, 21.

AKEEKAA FI GARAAGARUMMAA WARRA KAN BIROO


Macaafni Obaadiyaa waa‟ee Edomi (Lak.1), garuu macaafni kun Yihudota warra saba kakuu Waaqayyoo
ta‟aniif barreeffame.

KRISTOS MACAAFA OBAADIYAA RAAJICHAA KEESSATTI


Macaafni Obaadiyaa raajummaa Masihii kan kallattiidhaan Kristosiin agarsiisu hin qabu. Garuu dubbiin
ijoo macaafa kanaa inni akka firdiin warra saba Waaqayyoo ari‟atan irratti ta‟uuf jiru guutummaatti kan
raawwatamu Kristosiin. Yesus iyyuu ofii isaatii harka diinota Waaqayyoottii dhiphate (HoE. 2:36), warri
isa duukaa bu‟anis akkuma isaa dhiphatan (HoE. 14:21-22). Garuu amma iyyuu Waaqayyo yeroo
dhiphisaa sana keessatti akka saba isaa eegu waadaa gale (Rom. 8:28-39). Yeroo deebi‟ee dhufu warra
isa irrattii ka‟anii fi saba isaa irratti ka‟anitti faraduuf jira (Mat. 25; Mul. 19:1-2).
Kristos Obaadiyaa keessatti akka abbaa firdii ta‟ee biyyootaa fi sabootatti faradutti mul‟ata (15-16), inni
fayyisaa Israa‟el (17-20).

10 MACAAFA YOONAAS RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafa kana keessatti namni beekamaan maqaa dha‟ame isuma itti lixa macaafa kanaa keessatti
caqasame Yoonaas(1:1). Akka beekamutti barreessaan macaafa kanaa Yoonaas. Yoonaas jechuun
“Gugee”. Maqaan kun nagaa agarsiisa.

TAJAAJILA YOONAAS
Tajaajilli Yoonaas kun kan raawwatame bara mootummaa Yerobi‟aam II (793-753 KD) tti
(2 Mot. 14:25).

KRISTOS MACAAFA YOONAAS RAAJICHAA KEESSATTI


Yesus ofii isaa fi mallattoo Yoonaas raajicha gidduu walitti dhufeenya jiru dubbate (Mat. 12:39; 16:4;
Luq. 11:29). Akkuma Yoonaas guyyoota sadiif garaa Qurxummii keessa ture, Yesusis garaa lafaa keessa
guyyaa sadiif ture.
Inni Yoonaas garaa qurxummii keessa guyyaa sadiif ture sun, akka du‟uu, awwaalamuu fi du‟aa ka‟uu
Kristos dha (Mat. 12:39-41).

11 MACAAFA MIIKIYAAS RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafa kana keessatti kan argannuu fi Macaafa Ermiyaas Raajichaa 26:18 keessaa kan arginuun alatti
waa‟ee barreessaa Macaafa Miikiyaas Raajichaa wanti nuyi beeknu hin jiru. Maqaan Miikiyaas kun
maqaa gabaabaa „Micaiah‟ ti. Kana jechuunis “Kan akka Waaqayyoo eenyu?” jechuu dha. Miikiyaas
kana kunn dhugaa ta‟uu isaa 7:18 irratti yommuu dubbatu, “Yaa Waaqayyo kan akka kee cubbuu namaaf
dhiisu eenyu ree?” jedha.
Miikiyaas Mooresheet (Mik. 1:1; 1:14), magaalaa Yihudaa keessatti argamu, gara kibba dhihaa
Yerusaalemitti kan argamu keessaa dhufe.
Miikiyaas bara Yootaam (750-732), Ahaaz (736-716) fi Hisqiyaas (716-687) keessa akka raajii
dubbachaa ture nutti hima (1:1).

JECHA HIIKTUU:
Dhaga‟uu, dhiphina yookaan kufaatii, walga‟ii.
LAKKOOBSA HIIKTUU: 1:5-9; 6:8; 7:18-20

KRISTOS MACAAFA MIIKIYAAS RAAJICHAA KEESSATTI:


Macaafni Miikiyaas Raajichaa Kristosiin karaa lama mul‟isa.
1. Miikiyaas raajummaa firdii baay‟ee dubbate. Raawwiin firdii kanaa immoo guutummaatti raawwii
kan argatu firdii isa dhumaatti.
2. Raajummaan waa‟ee firdii fi eebba boojuu booddee kallattiidhaan waa‟ee Kristos dubbata.
Miikiyaas Kristosiin Waaqa Yaaqob akka ta‟e (4:2), firdii saba biyya lafaa (4:3) dubbata.

12 MACAAFA NAAHOM RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Macaafa Naahomm kana irraa1:1 akka dubbifannutti macaafni kun mul‟ata Naahom. Isa Waaqayyo
waa‟ee biyya Naanawweetiif isatti dubbatee dha. Hiiki maqaa isaa „Jajjabeessaa” jechuu dha. Garuu
ergaan isaa waa‟ee jajjabeessuuu miti Naanawweedhaaf, Haa ta‟u malee garuu Yihudaadhaaf jajjabina
ta‟uu nii danda‟a. Akka ilaalcha 1:15 tti inni raajii Yihudaa ta‟a.
Naahom waa‟ee kufaatii mandara Tebes dubbate (3:8-10), Tebes kunis bara 663 KD keessa kufte.
Boqonnaa sadan keessatti waa‟ee kufaatii Naanawwee dubbate Naahom, Naanawweenis bara 612 KD
kufte. Kanaaf Naahom baroota 663-612 KD gidduu tajaajilaa ture jechuu dha.

JECHA HIIKTUU:
Firdii Naanawwee.
LAKKOOBSA HIIKTUU: 1:7-8; 3:5
BOQONNAA HIIKTUU: 1

KRISTOS MACAAFA NAAHOM RAAJICHAA KEESSATTI


Macaafni Naahom Raajichaa wanta kallattiidhaan Masihii agarsiisu hin qabu. Garuu firdiin Naanawwee
fi inni Waaqayyo saba isaa warra isaaf amanaman fayyisuuf kakate sun guutummaatti Kristosiin
raawwatama. Yesusii fi ergamoonni isaa diinota Waaqayyoo irratti firdiin akka dhufu, saba Waaqayyoof
garuu fayyinni akka ta‟u labsanii jiru. Dhugaattuu Kristosdhufaatii isaa isa jalqabaatiin firdii fi fayyisuu
jalqabee jira (Yoh. 5:22-30).

13 MACAAFA ANBAAQOM RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Barreessaan macaafa kanaa Anbaaqomiin akka ta‟e adda ba‟ee jira (1:1 fi 3:1). Inni akka raajii ta‟e ifaa
godhee dubbateera. Anbaaqon bara mootummaa Yeho‟aaqiim mootii Yihudaa keessa tajaajilaa ture.
Yeroo sana Baabiloon Yihudaa hin weerarre ture. Kunis Anbaaqon weerara Baabiloon dura bara 606 KD
keessa akka tajaajiletti hubatama; Baabiloon bara 605 KD keessa Yihudaa weerarte.
Macaafni kun maqaa barreessaa isaa Anbaaqomiin moggaafame. Maqaan Anbaaqom jecha Ibirootaa
irraa kan dhufe yommuu ta‟u, „haabaq‟ jechuunis „haammachuu‟ jechuu dha.
JECHA HIIKTUU: Amantii
LAKKOOBSA HIIKTUU: 2:4; 3:17-19

BOQONNAAHIIKTUU: 3
KRISTOS MACAAFA ANBAAQOM RAAJICHAA KEESSATTI:
Jechi raajummaa Anb. 2 keessa jiru waa‟ee karaa ittiin Waaqayyo Kristos keessaancubbuu fi
qulqullummaa ilaalu kan mul‟isuu dha. Fannoon Kristosii fi firdiin inni dhumaa raawwii raajummaa
kanaa ti.

14 MACAAFA SEFAANIYA RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Akkuma Sef. 1:1 irraa dubbifannutti barreessaan macaafa kanaa Sefaaniya ilma Kuushii, dha. Maqaa
barreessaa kanaa hamma dhaloota afuriitti kaa‟amuun isaa kun itti lixa macaafa kanaa kan warra
kaaniittii adda godha.
Akkuma 1:10 irraa dubbifannu Sefaaniyaan bara mootummaa Yoosiyaas (640-609 KD) tti raajii
dubbachaa ture.
Sefaaniya jechuun „dhoksuu, kuusuu‟ jechuu dha.
JECHA HIIKTUU: “Guyyaa Gooftaa” “Guyyaa sanatti”
LAKKOOBSA HIIKTUU: 1:7; 1:12; 1:14-15; 2:3

BOQONNAAHIIKTUU: 3
KRISTOS MACAAFA SEFAANIYA RAAJICHAA KEESSATTI
Macaafni Sefaaniyaa raajummaa kallattiidhaan Kristosiin ilaallatu hin qabu. Garuu raajichi waa‟ee
guyyaa gooftaa irratti xiyyeeffannaa godha. Guyyaan gooftaa kun guyyaa firdii fi eebbaa waan ta‟eef
immoo hojii Gooftaan keenya Yesus Kristos raawwatee wajjin wal faana deema. Kakuu haaraan guyyaa
gooftaa kennamuu Hafuura Qulqulluu akka ta‟etti dubbata yeroo tokko. Garuu akkuma walii galaatti kan
kakuu haaraa keessatti beekamu guyyaan gooftaa deebi‟ee dhufuu Kristos akka ta‟ee dha.

15 MACAAFA HAAGEE RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Haagee, Zakkaariyaasii fi Miilkiyaas raajota boojuuu booddee ti. Akeekni isaanii namoota boojuu sana
irraa hafan hafuuraa fi miira isaanii jajjabeessuu dha.
Haageen akka raajii ta‟e ofii isaatii dubbata (1:1), waa‟ee maatii isaa wanti beekamu tokko illee hin jiru.
Haageen Macaafa isaa kana keessatti qofa beekama. Barri inni keessatti macaafa isaa kana barreesse
tilmaamaan bara 525-515 KD ti.

JECHA HIIKTUU:
“Mana” fi “Deebifamee ijaaramuu Mana Qulqullummaa.”
LAKKOOBSA HIIKTUU: 1:7-8; 1:14; 2:7-9.
BOQONNAAHIIKTUU: Boqonnaa 2

KRISTOS MACAAFA HAAGEE RAAJICHAA KEESSATTI


Dubbiin ijoo Macaafa Haagee lamaan: mana qulqullummaa fi hidda Daawwit raawwiin isaanii Kristosiin
dha. Kristos mana qulqullummaa isa xumuraa ti (Yoh. 2:21-22), garuu waldaan Kristanaa, isheen qaama
Kristos taate mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu ti (1 Qor.6:19-20). Yeroo Kristos deebi‟ee dhufu
waaqni haaraanii fi lafti haaraan iddoo buufata Waaqayyoo ta‟a (Mul. 21:22-23).

16 MACAAFA ZAKKAARIYAAS RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Zakkaariyaas ilma Baaraakiyaa ti. Inni raajiidhas (1:1). Zakkaariyaas jechuun „Waaqayyo ni yaadata‟
jechuu dha. Kun ijoo dubbii Macaafa Zakkaariyaas guutummaa keessa akka kirnii adeemuu dha.

TAJAAJILA ZAKKAARIYAAS
Zakkaariyaas Haagee wajjin bara tokko keessa tajaajilaa turan. Macaafa isaa kana bara 520-475 KD
gidduutti barreesse. Waa‟ee hojii Zakkaariyaas waann baayyee hin beeknu.

JECHA HIIKTUU:
“Dubbii Waaqayyoo” (yeroo 13) fii “Gooftaa Maccaa” (yeroo 53) caqasamee jira.
LAKKOOBSA HIIKTUU: 8:3; 9:9-10
BOQONNAA HIIKTUU: 14

KRISTOS MACAAFA ZAKKAARIYAAS RAAJICHAA KEESSATTI


Zakkaariyaas Israa‟elitti waa‟ee wanta gara fuula duratti ta‟uu fi isa bara Kristos ta‟uuf jiru dubbate.
Masihiin yoo addatti Milk. 2:5 fi 10 keessatti hin caqasamne ta‟e illee akka saba isaa gidduu buufatu inni
Waaqayyo dubbate Kristosiin raawwatame (Yoh. 1:14). Akkuma kanas ayyaanni godoo itti wal arganii
sun (14:16-20) ibsa guutuu kan argatuu fi raawwii xumuraa kann itti argatu samii haaraa fi lafa haaraa
keessatti (Mul. 21:1-3).

17 MACAAFA MIILKIYAAS RAAJICHAA


SEENSA BARUMSICHAA
Miilkiyaas 1:1 qofa irratti maqaa dha‟ame. Miilkiyaas jechuun „Ergamaa koo” jechuu dha. Tarii maqaa
gabaabbate „Malaak Ya,h‟ isa jedhu- hiikaan isaa “Ergaamaa Waaqayyoo” jechuu dha.

TAJAAJILA MIILKIYAAS
Miilkiyaas gara walakkaa jaarraa shanaffaa keessa naannoo bara 458 KD raajii dubbachaa ture. Kanas
kan nu jechisiisu:
1. Manni Qulqullummaa deebifamee ijaaramee jira yeroo sanatti (1:7, 10; 3:1).
2. Mootiin Faares bulchiinsa irra jira yeroo sanatti (1:8).
3. Cubbuun Miilkiyaas yeroo sana ceepha‟e isuma isa Naahimiyaan ceepha‟aa turee dha (1:6;
Nahi. 13:4-9).

JECHA HIIKTUU:
“Ati jette” yookaan “Atis jettee” kan jedhu yeroo 11 Macaafa Miilkiyaas Raajichaa keessatti
barreeffamee jira. Jechi „abaarsa‟ yeroo torba caqasamee jira.
LAKKOOBSA HIIKTUU: 2:17; 3:1; 4:5-6.
BOQONNAAHIIKTUU: 3 fi 4

AKEEKAA FI GARAAGARUMMAA WARRA KAN BIROO


Kakuun dubbii ijoo Macaafa Miilkiyaas Raajichaa keessaa isa tokko. Waa‟ee kakuu kana kan dubbatu bakka
afuritti: kakuu Leewwii (2:4-9), kakuu abbootaa (2:10), kakuu gaa‟elaa (2:14) fi ergamaa kakuu (3:1).
Kanatti dabalee macaafni kun waa‟ee kakuu jaalalaa Waaqayyoo dubbata (1:2-5).

KRISTOS MACAAFA MIILKIYAAS RAAJICHAA KEESSATTI


Macaafni Miilkiyaas Raajichaa Kristosiin karaa lama agarsiisa. Miilkiyaas namoonni boojuudhaa
deebi‟an gara Waaqayyootti deebi‟anii akka eebbifamaniif waamicha isaaniif godha. Yesusis akkuma
kana namoonni qalbii isaanii diddiirratanii gara Waaqayyootti deebibi‟uudhaan akka eebba Waaqayyoo
kana argatan waamicha isaaniif godha (Mat. 2:15). Sababa kanaaf Yaaqob waamicha Miilkiyaas qalbii
diddiirrannaadhaaf sabaaf godhu kana wanta itti fufiinsaan jireenya Kristaanotaa keessatti ta‟u akka
ta‟etti dubbata (Yaq. 4:8; Milk. 3:7). Miilkiyaas waaqayyoon waaqessuun biyya lafaa hundumaatti akka
babal‟atu dubbate (1:11). Kristosii fi ergamoonni isaa karaa fayyinaa warra ormaatiif banan isa duraanii
caalaatti (HoE. 10:9-48; Efe. 2:11-13).

You might also like