You are on page 1of 144

Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa Sanbataa Ga’eessotaa


Qajeelfama Qu’annoo Macaafa Qulquulluu

Qorumsa Keessatti Kristosii


Wajjin

Qopheessaan:
Gaavin Antoonii
Afaan Ortomootti Kan Hiike:

Pr. Lammaa Haayiluu

Mana Maxxansaa Adveentistii Guyyaa 7ffaa


Finfinneetti Maxxanfame

Adoolessa, Hagayya, Fulbaana


2022/2014-2015
NUUSA 3FFA
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Baafata Fuula

1. Qorumsa Tiksee: ..................................................6

2. Qorumsa Dhufu:............……..............….….......16

3. Man’ee Simbirroo: .........……….…...................28

4. Fuula isa Warqee Baqsuu Arguu:.…....................39

5. O’aa Jabaa: ...........................…………….….…50

6. Hannisaa Hundumaan Wallaansoo Qabuu:..........61

7. Abdii hin Badne: ................…………….….…...71

8.Waan hin argamne Arguu: ….........…….…..........81

9. Jireenya Galateefatu: ...........................................91

10.Qorumsa keessatti Garraamummaa: ...........…..102

11.Qorumsa Keessatti Eeggachuu: ..............……...112

12. Akka Sanyii Du’uu: ..........................…………123

13. Kristos Qormaata Keessatti: ....………………..133


Barumsa Sanbataa Ga’essota

Uumaa Isa fannifame


“Wanti hundinuus isumaan ta’e; waan ta’e kees-
saas isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru” Yoh. 1:3.

“Wanti hundinuu” isuma, Yesusiin ta’e, haa ta’u malee


akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti “Yesus in boo’e”
(Yoh.11:35). Uumaan in boo’e? Kana irra caalaas “namoon-
ni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii
fi muddamni itti baay’ate ture” Isa. 53:3. Uumaan nama
dhiphinnii fi muddamni itti baay’ate, nama tuffatamee fi
dhiifame ta’ee? Yeroo tokko immoo akkas jedhee boo’e,
“Waaqa koo, waaqa koo maaliif na dhiifte?” Maat.27:46.

Kun attamitti ta’uu danda’e? Sababni isaa Yesus, uumaan


keenya, fayyisaa keenyas, inni waaqa isa fannifame, uu-
maa namummaa foonii uffatee namummaa kanaan immoo
dhiphachuudhaan jireeny hiyyumaa fi dadhabbii jiraatee
fannoo warra Roomaatiin xumure ture. Akkasitti uumaan
keenya, inni nuyi “isatti in jiraannu, sochoonuu fi argam-
nus” (H/Erg.17:28) bifa namni kam illee hin dandeenyeen
foonitti dhiphate. Dhiphinaa fi muddama keenyas kan nuyi
shaakkallu isa “inni dhugumaan dhiphina keenya of irra in
kaa’e, muddama keenyas in baate” (Isa.53:4) qofaadhaani.
Kun seenaa addunyaa hunda keessaa gochaa dinqisiisaadha.

Bu’uura kanaan ji’oota muraasa fuula keenya dura jiran dhiph-


ina keenya, dhiphina kristiyaanota jireenya isaanii Kristosiif
kennanii ilaalla. Kanaaf deebii hunda hin qabnu; deebiin jiru
Barumsa Sanbataa Ga’essota
“Waaqayyo jaalala” (1Yoh.4:8) kan jedhu qofaadha. Adeem-
si isaa hammam dhukkubsaa yoo ta’e illee, yoo wantoon-
ni kun hundumtuu ta’an waaqayyoon amanachuu in dan-
deenya, isaan keessaanis ayyaanatti guddachuu dandeenya.

Nuusa kana sagalee waaqayyoo qoranna, akkasu-


mas abdii kutachuu, ganamuu (dhiifamuu), dhabii-
sa, haqa dhabuu fi miidhamuu keessatti foonii fi dhii-
ga kan uffatan kan biroon attamitti amantiidhaan akka
kakaafamu ilaalla. Isaan attamitti danda’an? Isaan maal
baratan? Fakkeenyummaan isaanii maal nu barsiisa?

Namoota kana muuxannoo isaanii, wallaansoo isaanii


fi qorumsa amantii isaanii yeroo ilaallu bu’uura fannoo
wajjin wal bira qabnee ilaaluu qabna. Wanti nama kami-
in mudate maal illee yoo ta’eYesus Kristos uumaa fi fayy-
isaan keenya kan kana caalaa hammatu keessa adeeme.

Waaqayyo keenya waaqa dhiphateedha. Albert Kamus


namni kristiyaana hin taane hiikkaa fannoo fi dhiphina
waaqayyoo hubatee ture: “Halkanni Golgootaa sun seenaa
namaa keessatti barbaachisaadha, sababni isaa gaadidduu
isaa jalatti waaqayyo carraa isaa dhiisee cocoba abdii ku-
tannaa xumuraa isa du’aa cimaa of keessaa qabu dhuge.
Albert Camus, The Rebel (New York: Vintage Internation-
al, 1991), p. 33. Ellen G. Waayit immoo akkasitti ibsiti:
“Fannoon dhukkubbii cubbuun onnee waaqayyootti fide
miira keenya isa adoodaatti mul’isa.”—Education, p. 263.
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Barumsi keenya hamaa duratti waaqayyoon qajeelaa go-
chuuf miti. Qooda kanaa, as biyya lafaa cubbuun akka
hafuura baafannaa salphaatti ilaalame keessatti dhiphi-
na danuu hunda keenya mudatan keessatti nu gargaaruuf
yaadameeti. Dhukkubbii, dhiphinaa fi dhabiisa keessatti
waaqayyo nu dhiiseera jechuu akka hin taane in argisiif-
na. Kana jechuun akka amantootaatti carraa sanyii namaa
kufanii hirmaachuu jechuudha. Garaagarummaan jiru
karaa Yesusii fi abdii inni nuuf kennee hiikkaa fi kaayyoo
kan hin qabne waan fakkaatu keessatti hiikkaa fi kaayyoo
argachuu dandeenya. Abdii isaa “Waaqayyo warra isa jaal-
latan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in
geessa” (Room.8:28) akka itti amanannu yaaduu yoo dad-
habne illee, waaqayyo inni waan hundumaa uume dhiph-
ina hundumaa dhiphate (nuyis kanaaf isa jaallanna).

Gaavin Antooniin nuusa kana qindeessee kan gumaache akka


mucaa mishineriitti biyya Sri Laankaatti guddate. Inni yeroo
barumsa kana qopheesse biyya Ingilizii keessatti akka Paaste-
rii fi presideentii Konfiraansii A’isilaandii ta’anii hojjetaa jiru.
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Barumsa
1ffaa Waxabajji 25-Adoolessa 1

Qorumsa Tiksee
SANBATA WAAREE BOODA
Barumsa Torban Kanaatiif Qo’adhu: Faar. 23’Room.
12:18-21

Heertuu Yaadannoo: ”Inni lubbuu anat-


ti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee
daandii qajeelaa irra na geggeessa”
(Faar. 23:3).

S
oofiyaan kutaa ciisichaa ishee duubaan simmintoo irra
balbala dura ciifte. Immimmaanni ariitiidhaan irra yaa’ee,
utuu hin turin “attamitti inni kana gochuu danda’a? At-
tamitti inni kana gochuu danda’a! jettee iyyite.” Soofiyaan oduu
onnee ishee cabsu dhageesse. Namni isheen michuudha jettee
yaaddu tokko, namni isheen kabajjuu fi amantu tokko, maqaa
ishee balleesuu fi hojii isheen hojjechaa jirtu xureesuuf waa’ee
ishee hamaa hin taane tamsaasaa jira. Macaafa Qulqulluu ishee
siree irraa fudhattee akka tasaa bakka sagaleen beekamaan ak-
kas jedhu itti caafamee jiru utuu dubbiftuu ofii ishee argite: “inni
lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa
irra na geggeessa. Ani bowwaa dukkanaa’aa sodaachisaa keessa
yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu;
ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajja-
beessu” (Faar. 23:3, 4).
“Matumaa kun ta’uu hin danda’u” jettee ofii isheetti dubbatte.
Garuu saayinsiin isaa waan duraa ba’uun hin danda’amne fak-
kaata. Tikseen inni Macaafa Faarafannaa keessaa kun hoolota
-6-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
isaa gara daandii qajeelaatti geessaa jira, garuu daandiin kun
bowwaa dukkanaatiin …. Waan goolabamu fakkaata. Michuud-
haan ganamuun nama dhukkubsu akkasii, dachaan dukkanaa ak-
kasii, Waaqayyo qajeelummaatti ishee leenjisuuf waan dhimma
itti ba’u ta’uu in danda’a?
Torban kana mil’uu tokkoon: yeroo attamiitti kan ati caa-
laatti hafuuratti guddatte – yeroo salphaa keessa moo yooki-
in yeroo cimaa keessa?

Dilbata Waxabajji 26
Imalaaf Geggeessaa: Tiksee
“Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu” (Faar.
23:1)
Ijoolleen muraasi fakkii Waaqayyoo akka kaasaniif gaafataman.
Tokkoon tokkoon isaanii fakkii sana keessatti onnee kaasan.
Maaliif jedhamanii yeroo gaafataman Waaqayyo jaalala jedhanii
deebisan. Kun baay’ee salphaadha.
Yeroo wanti hundumtuu gaarii ta’ee jiru Waa’ee Waaqayyoo fi
waa’ee kaayyoo isaatii yaada gaarii qabaachuun salphaadha.
Garuu yeroo nuyi guddataa adeemnuu fi yeroo jireenyi cimaa fi
wal xaxaa ta’aa adeemu ilaalchi nuyi Waaqayyoof qabnu in jijjii-
rama. Dhugaadhumatti Waaqayyo hin jijjiiramu (Hib.13:8; Yaaq.
1:17); nuyi garuu in jijjiiramna.
Jireenyi namoota bara kakuu moofaa jireenya horsiisee bulaa
sababa ta’eef macaafni Faarfannaa 23 akkaataa Waaqayyo itti
nu eegu ibsuuf fakkeenya tikseetti dhimmi ba’e. Kakuu moofaa
fi kakuu haaraa keessatti fakkeenyi tiksee Waaqayyoof dhimmi
itti ba’ame. Kun fakkeenya dinqisiisaa fi kan hin jijjiiramneed-
ha. Utuu Faar. 23 hin ilaalin fuula dura barreesitoonni Macaafa

-7-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qulqulluu garaagaraa hojii fi amala tiksee akka isaan itti hubatan
haa ilaallu.

Tokkoo tokkoo heertuu armaan gadi irraa waa’ee tik-


see maal baratta?
Isa. 40:11 ___________________________________________
___________________________________________________
Erm.23:3, 4 _________________________________________
___________________________________________________
His.34:12 ___________________________________________
___________________________________________________
Yoh.10:14-16 ________________________________________
___________________________________________________
1 Phex. 2:25 _________________________________________
___________________________________________________

Amma gara Faar.23 deebi’i. Tikseen hoolota isaaf


eegumsa gochuuf maal godha?
Faar.23:2 ___________________________________________
___________________________________________________

Faar.23:3 ___________________________________________
___________________________________________________

Faar.23:4 ___________________________________________
___________________________________________________

Faar.23:5 ___________________________________________
___________________________________________________

-8-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Faar.23:6 ___________________________________________
___________________________________________________

Kan akkasitti si kunuunsu tokko akka jiru beekuun siif maal


jechuudha? Sababa wallaansoo isaatif fakkiin Waaqayyoo
kan jalaa dhokate tokko fakkii kanatti fayyadamtee attamitti
jajjabeessuu dandeessa?

Wixata Waxabajji 27
Kallattii Imalaa
“Maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa”
(Faar. 23:3).
“Daandii qajeelaa” (Faar. 23:3) fagootti fuula kee duratti di-
riirfamee akka waan jiruutti mee yaadi. Dhuma isaa arguu hin
dandeessu, garuu xumura adeemsichaatti manni, manni Waaqa-
yyoo akka jiru beekta. Sitti dhi’aachaa adeemuu isaa irratti yeroo
xiyyeefattu daandichi eessatti akka si geessu in argitaa? Bakka
muraasa ifatti in argita, garuu garri caalaan isaa guutummaadhu-
matti gufuu fi balaa guddaatiin huwwifamee jira. Yeroo tokko
tokko daandichi ol ka’iinsa lafaatiin si duraa in dhokata. Muraasi
karichaa irra adeemuuf si salphata; kaan immoo cimaadha. Is-
raa’eloonni Gibxii ba’anii gara biyya abdiitti adeemaa yeroo tur-
an karaan isaanii kanaa fi isa macaafa Faarfannaa kana keessatti
ibsame fakkaata.
Hoolonni daandii qajeelaa hordofuudhaan adeemsa isaanii
gara mana Gooftaatti yeroo qajeelfatan iddoo Daawit argaa
jiru Faar. 23 keessaa adda baasi.

___________________________________________________
___________________________________________________

-9-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Garuu daandii kun “daandii qajeelaa” maaliif jedhame? Kana ir-
ratti barumsa barbaachisaa afurtu jira. Tokkoffaa, isaan daandii
qajeelaadha, sababni isaa xumura qajeelaatti – gara mana tikseet-
ti gaassu. Lammaffaa, isaan daandii qajeelaa jedhamu, sababni
isaa nama sirrii (qajeelaa) – Tiksee mataa isaa wajjin akka nuyi
walii gallu godhu. Sadaffaa, isaan daandii qajeelaadha, sabab-
ni isaa akkuma tiksichaa saba sirrii (qajeelaa) akka taanuuf nu
leenjisu. Afuraffaa, isaan daandii qajeelaadha, sababni isaa akka
nuyi saba qajeelaa (sirrii) taane dhugaa ba’u, Waaqayyoof ulfina
kennina). Adeemsi isaa salphaa yookiin cimaa yoo ta’ees isaan
daadnii qajeelaadha.
Yeroo Waaqayyo nu gaggaassu gaaffiin salphaan ga’uumsaaf nu
furuu isaa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha. Irra geg-
geessaa fi eegumsa irra in caala. Akkauma fakkeenyota guutum-
maa Macaafa Qulqulluu baay’ee keessaa Waaqayyo saba isaa
geggeesse (isa inni Abrahaamiin abdiidhaan, yookiin Israa’eliin
utuba ibiddaa fi duumeessaan geggeesse) Waaqayyo saba yeroo
geggeessu yeroo hundumaa waa’ee qajeelummaatti isaa leenji-
suu isaati.
Qajeelummaan jireenya kee keessatti tiksee sanaaf dursa
kennuu ta’uu isaa attamitti yaadda? Amala Kiristosiin akka
gaariitti akka calaqiftuuf qorumsi attamitti jireenya kee
jijjiiruu danda’a?

Kibxata Waxabajji 28
Imala hin Eegamin (Kutaa 1ffaa): Bowwaa
“Ani bowwaa dukkanaa’aa sodaachisaa keessa yoon adeeme
iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa
wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabees-
su” (Faar.23:4).

-10-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Karaan qajeelotaa marga qarqara bishaan qabbanna’aa keessa
utuu ta’ee nan jaalladha. Garuu karaa Daawit akkas hin turre.
Daandii kana irra bowwaa gaadidduu du’aatu jira malee inni karaa
nuyi daawwachuu isaa hawwinu miti. Yeroo tkko Israa’el keessa
dhoqqee gadi fagoo fi dhiphoo bishaanni utuu hin yaadamin irra
ciisu tokkotu ture. Iddoon kun dhiphaa, fuggisoo (iraangadee) ifa
hin qabneedha. Kanaaf “gaadidduun du’aa” fakeenya “gaadisa
gadi fagoo” yookiin “dukkana gadi fagoo akkasiiti.”
Yeroo itti ofii keetii “bowwaa gaadisa du’aa” keessa turte
yaadi. Inni maal fakkaata? Tiksee akka achi jiru yoo beekta
illee in sodaatta turtee? Yeroo sana heertuun gati jabeessi isa
kam ture, maaliif?

___________________________________________________
___________________________________________________

Hoolaan adeemsa bowwaa keessaa xumuruu ishee attamitti


yaadda? Hoolaan achi keessa mataadhuma isheetiin adeemte
jettee yaaddaa? Moo yookiin tikseetu ofuma isaatii ishee ge-
ggeesse? Deebii kee mirkaneessi.
Elsaabeexi Eli’ooti namni jedhamtu akkas jettee barreesite,
“Hoolaan dacha gaadidduu du’aa keessatti mataa isaa arge so-
baan akka achitti geefametti goolabuu danda’a. akka hin so-
daanne baruuf inni dukkanicha qaxxaamuuruun barbaachisaad-
ha. Amma illee tikseen isaa wajjin jira.” –Elisabeth Elliot, Quest
for Love (Grand Rapids, MI: Revell Books, 1996), p. 218.
Gara bowwaatti “sobaan akka geefamte” sitti dhaga’amee
beekaa? Yeroo sana keessa attamitti Waaqayyoof deebii ken-
nite? Tikseen bowwaa dukkanaa keessa akka seennuuf utuu
hin hubatin heyyame jettee kan ati yaadeef maaliif?

-11-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Roobii Waxabajji 29
Imala hin Eegamin (Kutaa 2ffaa): Maaddii
Qophaa’e
“Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi’ees-
sita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee
irra in dhangala’a” (Faar. 23:5).
Jireenya keenya keessatti diinotaa wajjin wal in quunnamna. At-
tamitti isaanii wajjin wal quunnamna? Halkan karaa ittiin warra
sii fi hojii kee miidhuu barbaadan irratti ijaa baafatu yaadaa fi
abjootaa ciiftee beektaa? Akkaataa qabaa diinotaa beekuun kiris-
tiyanootaaf cimaadha.
Jireenya kee keessatti diinota attamii qabda? Warra si mi-
idhuuf yaalan yookiin warra eeggannoo gootuuf attamitti
deebii laatta? Waan Kiristos Maat.5:44 keessatti yooki-
in Phaawulos immoo Room. 12:18-21 keessatti dubbate at-
tamitti hordofuu dandeessa?

___________________________________________________
___________________________________________________

Faar. 23:5, keessatti Daawit akkaataa qabaa diinotaa waan namatti


tolu nutti argisiisa. Inni waan Waaqayyo bakka isaa bu’ee gochaa
jiru ilaaluudhaan jiraachuu diinotaa dhoksa. Waaqayyo achitti
isaaf maaddii qopheessaa jira.
Adaa Daawit keessatti, yeroo keessummaan kabajaa dhangaad-
haaf dhufu akkuma keessumaan sun mana dhangaatti seeneen
inni keessummaa simatu mataa keessummaa Sanaa zayitii ejer-
saa diba. Zayitiin sun makaa dhadhaa ejersaa fi urgooftuudha.
Kana booda keessummaan sun maaddii isa inni nyaachuu dan-
da’u caalaatti dhi’aate dura ta’aa.

-12-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Maaddii, dhadhaa ejersaa, xoofoon Faar.23:5 keessaa yeroo
nuyi dacha keessa jirru illee taanaan akkaataa Waaqayyo itti
kennu attamitti nu yaadachiisa?

___________________________________________________
___________________________________________________
Akkuma Phaawulos “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin
wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi
gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa
dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa
warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aasoo wal qab-
na” (Eph. 6:12) jechuudhaan nu yaadachiisu, diinonni keenya
kan nuyi arginuu fi hin argine hammata. Jaallannus jibbinus mar-
famnee jirra. Haa ta’u malee yeroo tiksee wajjin taanu kan nuyi
arginus kan nuyi hin argines diinni tokko waan inni nuuf kenne
nu duraa hatuu hin danda’u.
Yeroo ati diinotaan marfamte tikseen attamitti akka si kun-
uunse irratti yaada kee calaqisi. Yeroo cimaa akkasii keessa
galata dhi’eessuu kan si dandeesise maal arguu dandeessa?

Kamisa Waxabajji 30
Imalaaf abdii amansiisaa
“Eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi ar-
jummaan kee ana duukaa in bu’u; guyyoota kana hundumaafis
mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha” (Faar.23:6)
Yeroo bowwaa keessa jiraannu yookiin diinotaan marfam-
nu yeroo tokko tokko qofaatti dhiifamne jennee amanuudhaan
qoramna. Akka waaqayyoo nuuf hojjetaa jiru yeroo hundumaa
nutti hin dhaga’amu; utuu Waaqayyo nu gargaaraa jira ta’e haala
akkasii keessa hin taanu jennee yaadna. Daawit garuu akkasitti
hin ilaalu.
-13-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Daawit qorumsuma isaa keessatti wantoonni lama inni mir-
kaneefatee Faar.23:6 irratti dubbatu maal fa’i? (Efe. 1:4; 2
Phex. 1:10; Ibr. 11:13-15 ilaali.)

___________________________________________________
___________________________________________________
Hiikkaan tokko tokko “bara jireenya koo hundumaatti gaarum-
maan kee fi jaalalli kee inni hin jijjiiramne ana duukaa in bu’u
jedha. Haa ta’u malee gochimin inni jalqabaa caalaatti jabaadha,
kanaaf heertuun kun bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan
kee fi jaalalli kee inni hin jijjiiramne ana duukaa in bu’u jedha-
mee dubbifamuu qaba. Gochima afaan Ibraa’isxii kana fakkaatu-
tu heertuun kunniin keessatti argama Uum. 14:14, Iyaasu 10:19,
fi 1 Sam. 25:29.
Gaarummaa fi jaalala isaa isa hin jijjiiramne ana duukaa
bu’a isa jedhu yeroo yaaddu fakkii maaliitu sammuu kee
keessa dhufa? Eegumsa Waaqayyo nuuf godhu karaa kana
yeroo ibsu Daawit maal jechuu isaati?
Bowwaan hammam illee gadi fagoo yoo ta’e yookiin diinonni
hammam illee yoo jabaatan gaarummaan Waaqayyoo fi jaalalli
isaa inni hin jijjiiramne, akkasumas geggeessaan isaa hamma xu-
mura adeemsa keenyaatti kan hin mamsiifne ta’uun isaa gaaffii
hin qabu. Yesusiin Qaraaniyyoo keessa kan adeemsise yaada
kana erga ta’e, nuyis kana qalbii keenyatti qabachuu qabna.
Haa ta’u malee yeroon warri nuyi eeggannoo goonuuf gaaffi-
idhaan guutaman jira. Akka Daawitiin karaan ittiin warra akkasii
hubachiisan waan Waaqayyo gochuu danda’u qu’annoo aman-
tiitiin ibsuudhaan miti. Irra caalaa akkuma Daawit Faar. 23:6 ir-
ratti nutti argisiisu waa’ee dhugaa Waaqayyoo amantii dhuunfaa
mirkaneessuudhaani.

-14-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Beekumsa waa’ee Waaqayyoo qabdu irraa kaatee ragaan
Gaarummaa fi jaalalli isaa inni hin jijjiiramne nu wajjin
ta’uu isaa maal? Macaafa Qulqulluu keessaa ragaa maalii
dabaluu dandeessa? Waa’ee eegumsa waaqaa kan shakkaniif
attamitti kana qooduu dandeessa? Fannoon attamitti kanaaf
fakkeenya guddaa ta’uu danda’a?

Jimaata Adoolessa 1
Yaada dabalataa: kitaaba Ellen G. White, Testimonies for the
Church, vol. 4 mata duree “Missionaries in the Home,”jedhu fuu-
la 143,fi The Desire of Ages mata duree “The Divine Shepherd,”
jedhu fuula 476-484 dubbisi.
“Warroonni xumuratti injifatan jireenya isaanii keessatti yeroo
gidiraa fi qorumsaa keessa turaniiru; garuu isaan amanannaa
isaanii hin buufne. Sababni isaa kun mana barumsaa Kiristos
keessatti kutaa barumsa isaaniiti, akkasumas ligidaa’uummaa
qulleesuufis wanta barbaachisaadha. Garbichi Waaqayyoo ja-
binaan haleellaa diinaam mormii isaa isa jabaa dura dhaabba-
chuu qaba, akkasumas gufuu seexanni karaa isaa dura kaa’us
mo’achuu qaba. . . .
“Garuu yoo gara rakkoo keetii gadi ilaaluu dhiiftee ol ilaaluu itti
fufte, karaa keetti in dadhabdu, Yesus si gargaaruuf harka isaa
utuu diriirsuu argita, akka inni si geggeesuuf amantii salphaad-
haan harka kee isaaf kennuu si barbaachisa. Akkuma isa amana-
teen abdii qabaatta…
“Amala jabaa, wal fakkaataa, miidhagaa godhachuuf Kiristos
keessaa gargaarsa argatta. Ifa amala akkasii irraa ifu seexanni
gatii dhabsiisuu hin danda’u. . . . Guutummaa amala ofii isaatii
nurra kaa’uudhaan mana mootummaa isaa argachuu nu dandee-
sisuuf, ga’aa nu gochuu fi ol nu qabuuf, Waaqayyo kennaa hunda
-15-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
irra caalu, ilma isaa isa tokkicha illee nuuf kenneera.”—Ellen G.
White, Messages to Young People, pp. 63, 64.

Gaaffilee Maree:
1.Rakkinni sodaachisaa fi qorumsi gara jireenya keetii dhufe
kutaa barumsaa mana barumsaa Kiristos keessatti bartu
ta’uu isaa attamitti hubatte?
2.Warra bowwaa keessa jiraniif gargaarsi, jajjabinnii fi wal
jabeessuun keenya attamitti kutaa tikseen ittiin warra rak-
kina keessa jiran gargaaru ta’e? Akka waldaatti warra rak-
kina keessa jiran gargaaruuf gooftaan akka isinitti fayyada-
muuf maal gochuu dandeessu?
3.SGaarummaa fi araarri Waaqayyoo attamitti akka isaan
duukaa bu’e garee keessatti akka namni dubbatu godhaa.
Muuxannoo walii keessanii irraa maal baruu dandeessu?
4.Yeroo Yesus qorumsa keessa gale waa’ee yeroo isa xumu-
raa yaadi. Macaafa Qulqulluu irraa yookiin kitaaba Ellen G.
White (The Desire of 10 Ages) irraa dubbachuu akka dan-
deesutti Yesus namummaa isaatiin attamitti danda’e? Qo-
rumsi nutti dhufu maal illee yoo ta’e fakkeenya isaa irraa
maal fudhachuu dandeenya?

-16-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa 2ffaa Adoolessa 2-8

Qorumsa Dhufu
SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: 1 Phex. 4:12-19, 1 Phex.
5:8- 11, Room. 1:21-32, Erm. 9:7-16, 2 Qor. 12:7-10.
Heertuu Yaadannoo: “Michoota ko, wanti akka
ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yommuu isin irra
bu’u waan takkaa ta’ee hin beekne waan isin irra
bu’e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin! Kristos
ulfina isaatiin yommuu mul’atu, gammaddanii
akka ililchitanitti, hammuma dhiphina isaa
keessaa hirmaattuu taatan, isinis hammasuma
gammadaa!” 1Phex. 4:12, 13

N
amni Laburaatorii kemistirii keessaa meeshaalee ga-
raagaraa qodaa xiqqoo keessa kaa’ee o’inaa olka’aa
irraatti danfisa. Akkuma qodaan sun o’ina dabalaa
adeemeen meeshaaleen sun waan irraa tolfaman irratti hun-
da’uudhaan baquu, baqaquu, danfuu, yookiin gubachuu jalqa-
bu. Qodaan sun meeshaa sibila baqsan jedhamee waamama.
Jechi afaan Ingiliffaa Crucible jedu guuboo jechootaatiin
yeroo hiikamu (1) Qodaa wantoota keessatti baqsan kan ho’aa
guddaa barbaadan (2) Qormaata jabaa, (3) Iddoo yookiin haa-
la hannisaan jijjiirama yookaann guddina fiduuf itti kuufaman
jechuudha.
Hiikkaan kun waan guddina hafuuraa keenya keessatti ta’u
irratti hubannaa faayidaa qabu nuuf kenna. Turban kana saba-
-17-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
boota akka tasaa mataa keenya dhiibbaa fi shaakala qormaataa
haala jijjiirama, guddina amalaa nutti fidu keessatti of arginu
muraasa kaafna. Kun immoo yeroo nuyi qorumsa keessa
seennu attamitti akka deebii kenninu irratti yaada qabaachuuf
waan Waaqayyo jireenya keenya keessatti godhaa jiru huba-
chuuf nu gargaara.
Turban kana mil’uu tokkoon: Jireenya keenya keessatti
yeroo rakkisoo ta’an kan nuyi shaakkaluuf sababoota maa-
liitiif?
DILBATA Adoolessa 3
Dinqifachiisoo
“Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yom-
muu isin irra bu’u waan takkaa ta’ee hin beekne waan isin irra
bu’e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin!” (1Phex.4:12).
Wantoonni dinqifachiisoon, wantoonni dinqifachiisoon nama
dhukkubsan karaa baay’ee dhufu. Konkolaataan karaa kee ir-
ratti naanna’a. Hojii kee gadi dhiisaa akka jirtu beeksisi akka
tasaa si irratti ba’a. Qormaata (sakata’umsa) fayyaa oduu gad-
hee ati hin eegin sitti himutu dhaga’ama. Nama ati jaallattee fi
nama ati najaalata (tti) jettee yaadduutu si gana (si waakkata).
Hammuma dhukkubbiin kun gadhee ta’uu danda’u, dinqifa-
chiisummaan isaas in hammaata.
Turban kana haalota dhukkubsoo yookiin qorumsa nu dinqifa-
chiisuu hin qabne ilaalla.
Jalqabuuf mee gara 1Phex.4:12 tti deebinee haa ilaallu. “Din-
qifachiisoo” inni jedhu 1Phex.4:12 keessa kan jiru Giriikiin
isaa “Orma” yookiin “keessummaa” jechuudha. Dhiphinnii fi
qorumsi akka ibiddaa kiristiyaanotaaf shaakala keessummaa
-18-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
akka ta’etti amanuu keessatti akka hin kufneef Pheexros dub-
bistoota isaa jajjabeessa. Qooda kanaa akka waan kanaan dura
ta’ee beekuutti ilaaluu qabu, wantoonni kun in ta’u yookiin
ta’uu danda’u jedhamaanii eegamuu qabu.
Jechi “wanta akka ibiddaa gubu” yookiin “qorumsa akka ibid-
daa” jedhu jecha afaan Giriikii kan biraa irraa dhufe, innis
“gubachuu” jechuudha. Iddoo biraatti immoo “ibidda holataa”
jedhamee hiikameera. Shaakalli dhiphinaa kun amantii keen-
yaaf akka “adeemsa waa baqsuutti” ilaalamuu danda’a.

1Phex. 4:12-19 dubbisi. Ergaan Pheexros maal?

_________________________________________________
_________________________________________________
Baay’een keenya waa’ee dhiphinaa dinqifanna, sababni isaa
jireenya kiristiyaanummaa irratti ilaalcha salphaa waan qabn-
uufi. Gareen lama akka jiru beekna, innis waaqayyo isa gaarii
fi seexana isa hamaa. Yeroo baay’ee garuu miira gaarii saan-
duqa isa kan Waaqayyoo keessa, miira gadhee immoo isa kan
seexanaa keessa buusuuf ariifanna. Garuu jireenyi amma kana
salphaa miti. Yeroo tokko tokko adeemsi Waaqayyoo wajjinii
qom qabaa kan qabuu fi cimaa ta’uu danda’a. Seexana hordo-
fuunis badhaasa guddaa kan fidu fakkaachuu danda’a. Iyoob
namni qajeelaan yoo dhiphate illee “Warri jal’oonni maa-
liif jiraatu? Maaliif bara dheeraa jiraatanii dulloomu, humna
godhachaas adeemu?” (Iyoob 21:7) jedhee yeroo gaafate yaa-
da kana ibseera.
Pheexros waa’ee dhiphina isaa Kiristosiif dhaabbachuu ir-
raa namatti dhufuu dubbataa jira. Garuu dhiphinni kan inni
dhufuuf sababni biraanis jira. 1Phex. 4:12-19 michuun qo-
-19-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
rumsi isa/ishee mudate tokko dinqifachuu akka hin qabne
ibsuuf attamitti si gargaara?
WIIXATA Adoolessa 4
Qorumsa Seexanaa
“Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka
leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu bar-
baadee in naanna’a” 1Phex.5:8
Heertuu armaan olii dubbisi. Nuuf achi keessa ergaa maaliitu
jira? “Sagalee kana attamittan cimsee fudhadha” jedhii of gaa-
fadhu. Cimsitee akka ati fudhatte kan argisiisu jireenya kee
keessatti maal gochuu qabda?
Leenca beela’e argiteettaa? Baay’ee nama sodaachisa, sabab-
ni isaa waan barbaade qabuu fi nyaachuu akka inni danda’u
beekta. Seexanni akka kana naanna’ee aada jedhee pheexros
dubbata. Naannoo keenya yeroo ilaallu bu’aa fedhii ajjeechaa
isaatii argina. Duuti, dhiphinnii fi sona amilee cabsuu fi micci-
iruun bakka hunda jira. Hojii seexanaa ilaaluu irraa baqachuu
hin dandeenyu.
1Phex.5:8-11 dubbisi. Kiristiyaanonni aaduu seexanaaf at-
tamitti deebii kennu?
_________________________________________________
_________________________________________________

Warra dhiphina keessa jiraniif Waaqayyo maal gochuuf


waadaa seene?
_________________________________________________
_________________________________________________

-20-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qabiyyee haleellaa seexanni amantii kiristiyaanotaa irratti
godhu keessatti Pheexros sagalee kana barreesse. Garuu ak-
kuma dubbanne seexanni karaa garagaraa baay’ee hojii irra
jira. Jiraachuu seexanaa fi humna diina keenyaa hunachuu kan
qabnu yoo ta’e illee, abdii kutachuu hin qabnu, sababni isaa
Yesus seexana mo’eera, seexanni immoo diina mo’ame akka
ta’e yaadachuu qabna. Amma amantiidhaan isatti qabamnee
jirutti nuyis hin mo’amnu. Mo’ichi Kiristos sababa fannootiif
mo’icha keenya ta’eera.
Karaa seexanni dhiphina fidu karaa biraa yaadi. 1Phex. 5:6-
11 dubbisuun sababii addunyaa cubbuu ishee seexanni balaa
keessatti uumsu keessa jiraannuuf gadda nutti dhufu huba-
chuuf attamitti nu gargaara?

KIBXATA Adoolessa 5
Qorumsa cubbuu
“Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi
jal’ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul’ata,
isaanoo jal’ina isaaniitiin dhugaa gad in ukkaamsu”
Room.1:18
Wanti nuyi goonu hundumtuu bu’aa qaba. Nyaata daakuu fi
sukkaara irraa tolfame (Ice cream) baattee aduu keessa yoo
dhaabbatte in baqa. Sababnii fi bu’aan yeroo baay’ee wal cina
adeemu. Cubbuunis akkasuma. Yeroo baay’ee bu’aan isaa in
hamama. Namoota cubbuu hojjetan irratti waan sodaachisaa
kan fidu waaqa isa samii irra taa’e miti; cubbuun mataan isaa
bu’aa isaa wajjin dhufa.

-21-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Rakkoon isaa yeroo baay’ee akka waan cubbuun bu’aa hin
qabneetti, waaqayyotu godhe jennee yaadna. Kun ta’uu hin
danda’u. Cubbuu hojjechuun bu’aa barabaraa qofa utuu hin
taane har’as bu’aa dhukkubsaa fi dhiphisaa akka qabu Phawu-
los ifa godha.
Room. 1:21-32 keessatti Phaawulos adeemsa cubbuutti ku-
fuu namootaa fi bu’aa cubbuu Sanaa ibsa. Heertuu sana
kadhannaa fi ofeegannoodhaan dubbisii waa’ee sadarkaa fi
bu’aa cubbuu irratti xiyeefachuudhaan cuunfii kaa’i.

_________________________________________________
_________________________________________________
Phaawulos bu’aa cubbuu kana akka “dheekkamsa Waaqa-
yyootti” (Room.1:18) ibsa. Dheekamsa Waaqayyoo jedhamee
heertuu kana keessatti kan dubbatame ilmaan namootaa wanta
facaasan hammachuu isaanii Waaqayyo heyyamuu isaa argisi-
isa. Kiristiyaanotaaf illee taanaan Waaqayyo yeroo hundumaa
dhukkubbii gochaa ofii keenyaan nutti dhufe dhabamsiisuuf
gidduu hin seenu. Cubbuun keenya hammam jibbisiisaa fi
gadi fageenyaan balleesuu akka danda’u akka nuyi hubannuuf
inni bu’aa gochaa keenyaa akka hammannuuf (shaakalluuf) in
heyyama.
Seera safuu isa kan Waaqayyoo cabsuun bu’aan isaa maal akka
ta’ee ilaalaa turre. Garuu seera fayyummaa isa kan Waaqa-
yyoo cabsuun attam? Dhagni keenya mana Waaqayyooti.
Yoo akka fayyaa keenyaaf ta’utti nyaachuu yookiin shaakaluu
dhiisuudhaan, yookiin yoo walitti fufiinsaan gar malee hojj-
echuudhaan dhagna keenya miine kunis Waaqayyo irratti cub-
buu hojjechuudha. Kunis bu’aa qorumsa fidu uumuu danda’a.

-22-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Jireenya kee keessatti bu’aa cubbuu mataa keetii attamitti
hammatta? Kana irraa barumsa attamii baratte? Ammas
wanti wal fakkaataan deebi’ee akka hin taaneef jijjiirama
attamii gochuu qabda?

ROOBII Adoolessa 6
Qorumsa Quleefamuu
“Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, Kunoo, ani akka nama
sibiila baqsee qoruutti, saba koo qoree nan ilaala; kanaa achi
maal isaan godhu ree?” Erm.9:7.
“Yoo hafuurri Waaqayyoo sagalee Gooftaa isa si miidhu gara
sammuu keetti erge, wanti inni hamma du’aatti si miidhuu
barbaadeef wanti tokko si keessa jiraachuu isaa mirkaneef-
achuu danda’uu qabda.”–Oswald Chambers, My Utmost for
His Highest (Uhrichsville, OH: Barbour & Company, Inc.,
1963), p. 271.
Heertuu macaafa hafuuraa fi kan Macaafa Qulqulluu armaan
olii attamitti hubatta? Dhukkubbii adeemsa qullaa’ummaa
keessatti muuxannoon ofii keetii attam ture?

_________________________________________________
_________________________________________________

Erm.9:7-16 dubbisi. Waaqayyo ani Yerusaalemii fi Yihudaa


nan “qulleessa” nan “qora” nan “baqsasa” (Erm.9:7) jedha.
Waaqayyo kanaaf sababa attamii lama kenna? Erm.9:13,
14. Quleessuunkun attamitti ta’a? Erm.9:15, 16.

_________________________________________________
_________________________________________________

-23-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qurumsii fi qulleessuun Waaqayyoo gochaa cimaa of keessaa
qaba. Qoruu fi qulleessuun kun akka nama siibiila baqsuutti
kan inni namatti dhaga’amuuf sababa sadiitu jira. Tokkoffaa,
yeroo Waaqayyo cubbuu keenya gara xiyeefannoo keenyaat-
ti fiduuf haalota tokko tokko heyyamu dhukkubbii shaakalla.
Ermiyaas akkas jedhee barreesse, “Dilalii baqsuudhaaf bu-
ufaan hamma fedhe yoo itti buufame iyyuu, dilalichumatu
boolla buufaa keessaa ba’a malee, udaan sibiilaa keessaa hin
ba’u; akkasuma immoo warri jal’oonni saba kana keessaa hin
baafamin waan jiraniif, isaan qulleessuudhaaf itti dadhabuun
akkasumaan” (Erm.6:29). Kanaaf yeroo tokko tokko xiyyeef-
annoo keenya harkisuuf gochaan cimaan in barbaachisa. Lam-
maffaa, yeroo cubbuu amma ifatti argaa jirruuf gaddi nutti
dhaga’amu dhiphina shaakalla. Sadaffaa, haala adda ta’een ji-
raachuuf yeroo yaallu saodaa shaakalla. Wanta yeroo baay’ee
kutaa jireenya keenyaa ta’e dhiisuuf yeroo filannu waan hin
gammachiifnee fi waan cimaa ta’uu danda’a.
Waa’ee cubbuu wallaansoo qabaa jirtuu yaadi. Yoo har’a
Waaqayyo si qoruu fi si qulleessuu barbaade attamitti kana
godha? Akkuma kan Israa’el, utuu Waaqayyo tarkaanfii
jabaa kana si irratti hin fudhatin tarkaanfii attamii fudha-
chuu dandeessa?
KAMISA Adoolessa 7
Qormaata Bilchinaa
“Mul’ata hammas hin jedhamne sanaaf akkan ol of hin qab-
netti, wanti dhagna koo keessa taa’ee na waraanu ergaan Se-
exanaa anaaf kennamee, na rukuta; na rukutuu isaatiinis ol of
qabuu irraa na dhowwa” 2 Qor. 12:7

-24-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Muruu fi qexa’uu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Muka
hin barbaadne Murree ganna; muka akka ija danuu godhatu
barbaadnu immoo in qexaana. Lamaan isaa iyyuu billaa qara
qabu barbaada. Qexa’uun qaama muka Sanaa inni qexa’u dha-
bamsiisuun barbaachisaa isatti fakkate irra muruudha. Brusi
Wilkinson qabiyyee hafuuraa keessatti akkas jedhee barrees-
sa: “Eebba Waaqayyoo isa irraa hafaa kadhataa fi fakkaattii
ilma isaa akka si taasisu gaafataa jirtaa? “Deebiin kee eeyyee
yoo ta’e qexa’amuu gaafataa jirta jechuudha.” Bruce Wilkin-
son, Secrets of the Vine (Sisters, OR: Multnomah Publishers,
Inc., 2001), p. 60.
Inni Phaawulos “qoorattii dhagna koo keessaa” jedhee dub-
bate (2Qor.12:7) maal jechuu akka ta’e naamonni in dinqifatu.
kun haleellaa utuu wal irraa hin citin diinota isaa irra itti dhufe
irraa ka’ee akka dubbatametti yaadu. Kun rakkoo ija isaa
wajjin wal wabate fakkaata (Ellen G. White Comments, The
SDA Bible Commentary, vol. 6, p. 1107). Phaawulos “qoraat-
tiin” kun “naaf kenname” jedhee amanuun isaa nama dinqa.
Phaawulos “naaf kenname” yeroo jedhu maal jechuu akka
ta’e yaaddeetta? Eenyutu isaaf kenne? Waaqayyo attamitti
kana fayiidaa Phaawulosiif itti fayyadame?

_________________________________________________
_________________________________________________
Qoraattiin inni kan Phaawulos kaayyoo addaa qabachuu isaa
yaadaan qabi: “akkan ol of hin qabnetti” (2Qor.12:7). Kun sa-
baba inni cubbuu addaa hojjeteef utuu hin taane gara fuula
duraatti cubbuu hojjechuu irraa isa eeguufi. Uumamaan dad-
habbii cubbuutti isa geessu akka qabu Phaawulos hubateera,
qoraattiin kun immoo kana irraa isa eeguu danda’a.
-25-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
1Qor.12:7-10 dubbisi. Phaawulos “Qoraattii” isaa attam
godhe? Dadhabbiin Phaawulos bu’aa hafuuraa isaaf qaba
jettee yaaddaa? Karaan Phaawulos deebii kennu “qoraattii”
ati baattu fudhachuuf attamitti si gargaara?
_________________________________________________
_________________________________________________

Yaadni Waaqayyo guddina hafuuraa keef qabu isa kan keetii


wajjin maaliin garaagara ta’a? Jireenya kee keessatti bak-
ka itti qajeelummaatti ija godhachuu barbaaddu yaadi.
“Qexa’uu” isaatiin akka Waaqayyo si guddisu kan ati gaa-
fattu jireenya hafuuraa isa kam irratti?

JIMAATA Adoolessa 8
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Signs of the Times,
Nov. 18, 1903 jedhamu mata duree “Effectual Prayer,” fi The
SDA Bible Commentary, vol. 4; Ellen G. White Comments,
p. 1182, litaaba in My Life Today jedhamu irraa mata duree
“God Permits Trial and Affliction to Purify Me,” fuula. 6 92
dubbisi
“Inni onnee namaa dubbisu amala isaanii isa isaan of beekan
caalaatti isaan beeka. Muraasi isaanii humnaa fi dadhabina
sirriitti qajeelfame yoo qabaatan guddina hojee Waaqayyoo
keessatti dhimmi itti ba’amu akka isaan qaban inni argeera.
Akka isaan amala isaanii keessatti hanqina beekumsa isaanii
jalaa dhokate hubataniif gaarummaa isaatiin namoota kana
sadarkaa garaagaraa fi haala addaddaatti isaan fida. Hanqi-
na kana akka sirreessanii fi tajaajila isaa keessatti ofii isaanii
ga’aa akka taasisaaniif carraa isaaniif kenna. Yeroo baay’ee
akka isaan qullaa’aniif ibidda rakkinaa isaaniif heyyama.”
–Ellen G. White, The Ministry of Healing, p. 471.

-26-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Gaaffiilee Maree:
1.Bu’aa cubbuu keenyaa yeroo haammannu dhugaadhu-
matti cimaa ta’uu danda’a. “Ani deebi’ee Waaqayyoo wajjin
sirrii ta’uu nan danda’aa? Jennee gaafanna. Yeroo akkasii
keessatti akka abdii hin kutanneef nu eeguuf Waaqayyo kan
nu jajjabeessuu danda’u Waaqayyo abdii attamii nuuf ken-
ne? (Room.5:1-11 ilaali.) nama gaaffii kana si gaafatuun
maal jechuu dandeessa?
2.“Gaarummaa isaatiin” jechuun Ellen G. Waayit maal
jechuudha? Kunis attamitti hojjeta? Yeroo wanti tokko
gaarummaa Waaqayyootiin ta’u attamitti beekta? Gaarum-
maa Waaqayyoo isa kamtu gara qormaataatti jireenya kee
geesse? Waan yeroo kana barte gareedhaan irratti mari’ad-
haa. Taateen tokko gaarummaa Waaqayyootiin ta’uu fi
ta’uu dhiisuu isa nama dinqifatu tokko attamitti gargaaruu
dandeessa?
3.Nama shaakala qorumsaa keessa amma jiru tokko yoo
beekte maal akka kana itti fide beekuun in barbaachisaa?
Wanti kam illee yoo itti fide dhiphina isaaf/isheef attamitti
deebisuu qabda?
4.Akka gareetti, gara hospitaalaa adeemuuf yookiin warra
sababa kamiif illee taanaan qorumsa keessa jiran bakka itti
gargaarsa, jajjabinaa fi gammachuu kennuufii dandeessan
karoorsaa.

-27-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa 3ffaa Adoolessa 9-15

Man’ee Simbirroo
SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Ba’uu 14, Ba’uu 15:22-
27, Ba’uu. 17:1-7, Fakk. 3, Luq. 4:1-13, 1 Phex. 1:6-9.

Heertuu Yaadannoo: “Amma yeroo gabaabdu-


udhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun
keessan kan hin oolle yoo ta’e iyyuu, isa sanatti
immoo baay’iftanii in gammaddu” 1Phex.1:6

I
faa guyyaa fi qooqa sagalee faarsaa kan biraa dhageefachuu
keessatti simbirroon hidhamtee jirtu faarfannaa Gooftaan ish-
ee barsiisuu barbaade hin faarfanne.inni kana keessaa xiqqoo
ishee bare, sana keessas sagalee qalloo dhaga’a, garuu guutuum-
maa qoqa Sanaa adda baasuu hin dandeenye. Garuu gooftaan
ishee mana simbiraa sana qaawwa isaa cufee bakka simbirri sun
faarfannaa inni faarfatu qofa dhageessu kaa’e. Halkan hamma
faarfannaan sun baramutti ammas ammas irra dedeebi’ee faarfa-
ta. Kana booda simbirroon sun ifa guyyaa keessatti faarfachuu
erga bartee achi keessaa baate. Waaqayyos ijoollee isaa wajjin
akkuma kana godha. Inni faarfannaa nu barsiisu qaba, yeroo nuyi
gaadisa dhiphinaa jalatti isa barru booda eessattuu faarfachuu in
dandeenya.” —Ellen G. White, The Ministry of Healing, p. 472.
Simbirroo sana gara iddoo dukkanaatti kan geesse goofta ishee
akka ta’e yaadadhu.

-28-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Seexanni dhukkuba akka fidu hubachuun salphaadha, garuu
waaqayyo gara qorumsa nuyi keessatti bita galummaa yookiin
miidhamuu shaakaluutti nu geessuu keessaa qooda in qabaata?
Turban kana mil’uu tokkoon: macaafa Qulqulluu keessatti
Waaqayyo ofii isaatii saba isaa gara shaakala dhiphinaa ofii
isaatii beekuutti geessuu isaa fakkeenya attamii yaadda? Faar-
fannaan haaraan inni akka isaan akka faarfatan barbaadu isa
kam jettee yaadda?

DILBATA Adoolessa 10
Gara biyya Abdiitti Adeemaa Fiixee
Du’aa Irra Ga’uu
“Yeroo mootichi isaanitti dhi’aate, Israa’eloonni ol ilaalanii,
kunoo, warri Gibxii booddee isaaniitiin isaan hordofaa akka
dhufan argan; yommus Israa’eloonni guddaa sodaatanii
gara Waaqayyootti in iyyan” Ba’uu 14:10.
Kiyyoo keessa galtee yookiin fiixee du’aa irra geessee beektaa?
Yeroo tokko tokko akka isa utuu hin yaadin kutaa manaa isa
michoota warra “dinqiidha! Guyyaa dhalootaa gammachiisaa!”
jedhanii iyyanii keessa adeemuu namatti tola. Yeroo kan biraa
immoo rifaasisaa, kan namatti hin tolle ta’uu danda’a. Yeroo ati
mana barumsaa turte kan si hacuucaa ture yookiin iriyyaa bakka
hojii ta’uu danda’a akka ati ilaalcha gadhee ilaalamtu kan godhaa
ture.
Yeroo Israa’eloonni Gibxiin gad dhiisanii kaasee hamma isaan
biyya abdii galanitti “Waaqayyo akka isaan halkanii fi guyyaa
adeemuu danda’aniif, guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura
adeemee karaa isaanitti argisiise, halkan immoo utubaa ibid-
daatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan in geggeesse” Ba’uu 13:21.
-29-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
kutaan adeemsa isaanii hundumtuu Waaqayyoon kan geggeef-
ame ture. Garuu jalqaba eessatti akka inni isaan geesse ilaali:
bakka gaalaanni fuula isaanii dura jiru. Tulluun bitaa fi mirga
isaanii jiruu fi loltoonni Faara’oon immoo utuu isaan ilaalanii
duubaan dhufaa jiru.
Ba’uu 14 dubbisi. Waaqayyo maaliif bakka akka isaan so-
daatan beekutti Israa’eloota fide?

___________________________________________________
___________________________________________________
“Utubaa” hordofanii adeemuun yeroo hundumaa nama gamma-
chuu ta’uu hin mirkaneessu. Inni shaakala cimaas ta’uu danda’a;
sababni isaa qajeelummaatti leenjifamuun bakka onneen keenya
inni uumamumaan haxxee ta’e itti qoramutti nu geessuu danda’’a
(Erm.17:9). Yeroo rakkisaa kana keessa furtuun dhugaatti Waaqa-
yyoon hordofaa jiraachuu keenya ittiin beeknu qorumsi yookiin
dhukkubbiin dhibuu isaa utuu hin taane qajeelfama Waaqayyoof
banamaa ta’uu fi sammuu fi onnee keenya utuu walirraa hin kutin
isaaf bitamsiisuudha.
Muuxannoo kana irraa Israa’eloonni maal baru? Ba’uu
14:31.

___________________________________________________
___________________________________________________

Abdii dinqisiisoo inni nuuf kenne baay’ee isaa yoo beekne


illee yeroo tokko tokko Waaqayyoon amanachuun maaliif
cima? Akka isa amantuu fi akka isa sodaattuuf haala cimaat-
ti waaqayyo na geesse jettee amantu lakkaa’i.

-30-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
WIIXATA Adoolessa 11
Bishaan Hadha’aa
“Waldaan Israa’el guutummaatti akka Waaqayyo isaanitti
himetti, Siin lafa onaadhaa ka’anii iddoodhaa gara iddootti
darbaa dhufanii iddoo Refiidiim jedhamu in buufatan; garuu
sabni sun bishaan dhugan hin arganne” Ba’uu 17:1.

Waan bebaadnu hundumaa waaqayyo biraa argachuu dhiisuu


dandeenya, garuu waan barbaadnu hundumaa argachuuf yaad-
uu in dandeenyaa? Wanta yaadnu hunda hin barbaadnu waan
dhugaatti barbaadnu malee.

Wanti Israa’eloonni dhugaatti barbaadan tokko jira, innis


bishaani. Erga Waaqayyo Israa’elota galaana Diimaa keessa du-
umessaan isaan geggeessee booda isaan gamoojjii o’aa bishaan
hin qabne keessa guyyaa sadii adeeman. Lafa onaa bishaan arga-
chuun rakkisaa ta’e keessatti aariin isaanii in hubatama. Bishaan
barbaadan yoom argatu?

Waaqayyo eessatti isaan geessaa jira? Duumessi sun gara maaraa


bakka xumuratti bishaanni argamutti ademaa jira. Isaan gam-
maduutu isaan irra ture. Garuu yeroo bishaanicha afaaniin qa-
ban in tufan, sababni isaa inni hadha’aa ture. “Kana irratti jarri,
Egaa maal dhugna? jedhanii Musee irratti in guunguman” Ba’uu
15:24.

Guyyaa muraasa booda waaqayyo ammas akkuma sana godhe.


Yeroo kana immoo duumessi bakka guutummaatti bishaanni hin
jirre dhaabbatte (Ba’uu 17:1).

-31-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Ba’uu 15:22-27 fi Ba’uu 17:1-7 dubbisi. Maaraa fi Refiidiim-
itti Waaqayyo waa’ee ofii isaatii Israa’elitti maal mul’ise?
Barumsa maalii baruutu isaan irra ture?

___________________________________________________
___________________________________________________

Refiidiimitti ijoolleen Israa’el maal gaafatan? Ba’uu 17:7.


Gaaffii akkasii gaafattee beektaa? Yoo ta’e maaliif? Erga
isaaf deebii argattee booda maaltu sitti dhaga’ame, yookiin
barumsa maalii baratte? Utuu gaafachuu hin dhaabin fuula
dura yeroo meeqa deebii argachuu barbaadne?

___________________________________________________
___________________________________________________
___________________________________________________

KIBXATA Adoolessa 12
Wallaansoo Guddaa lafa Onaa keessatti
“Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee
Yordaanosii deebi’ee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyyaa
afurtama geggeeffame, Seexanaanis qoramaa ture. Guyyaa sana
hundaa homaa iyyuu hin nyaanne, dhuma guyyoota sanaattis in
beela’e” Luq.4:1, 2
Luq.4:1-13 dubbisi. Seenaa kana irraa waa’ee qorumsa
mo’achuu fi cubbuutti kufuu dhiisuu barumsa maalii bara-
chuu dandeessa?

___________________________________________________
___________________________________________________

-32-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qorumsi ulfaataa ta’uu in danda’a, sababni isaa wanta nuyi haw-
winuun nutti dhufu, akkasumas yeroo hundumaa yeroo dadhab-
bii keenyaa keessatti waan dhufan fakkaatu.
Kuqas 4 jalqabbii seenaa qorumsa Yesus seexanaan qorameeti,
innis dhimmi cimaa gara xiyeefannoo keenyaatti fida. Jalqaba,
Hafuurri Qulqulluun Yesusiin gara qorumsaatti akka geesset-
ti dubbata. Haa ta’u malee Waaqayyo nu hin qoru (Yaaq.1:13).
Qooda kanaa, akkuma ilaalaa turre, waaqayyo gara qormaataatti
nu geessa. Wanti cimaan Luqaas 4 keessaa Hafuurri qulqulluun
yeroo qorumsaa jireenyi keenya qorumsa seexanaa cimaaf saax-
ilamutti nu geessuu danda’a. Yeroo qorumsi kun cimaadha jen-
naa yaadnuwaaqayyoon sirriitti hordofaa hin jiru jennee yaaduu
yookiin hubannaa dhabuu dandeenya. Garuu kun dhugaa miti.
“Haala qorumsaa keessa yeroo ka’aamnu hafuurri Waaqayyoo
nu geggeessaa jiraa jennee shakkina. Garuu akka inni seexa-
naan qoramuuf Yesusiin gara lafa onaatti kan geesse geggees-
saa hafuuraa ture. Waaqayyo gara qorumsaatti yeroo nu fidu inni
kaayyoo gaarii nuuf raawwatu qaba. Yesus abdii Waaqayyoo
amanatee gara qorumsa itti hin waamaminiitti hin adeemne,
yeroo qorumsi itti dhufes abdii hin kutanne, nuyis akkas gochuu
hin qabnu.”—Ellen G. White, The Desire of Ages, pp. 126, 129.
Yeroo tokko tokko qorumsa cimaa keessa yeroo gallu qooda
qullaa’uu gubanna. Qorumsa jalatti yeroo tumamnu ammas irra
deebinee abdachuu akka dandeenyu beekuun wanta nama jajja-
beessuudha, sabani isaa Yesus cimee dhaabbate. Oduun gamma-
chiisaan sababa Yesus cubbuu keenya baatuuf, sababa nuyi qo-
rumsa baachuu hin dandeenyeef inni gatii keenya waan baaseef,
sababa inni qorumsa cimaa eenyu keenya illee hin quunnamin
keessa darbeef nuyi Waaqayyoon hin dagatamnu. Anagafa cub-
bamootaaf illee abdiin jira (1Xim.1:15).

-33-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Amma qorumsa attamiitu si mudachaa jira? Fakkeenyum-
maa Yesus irraa barumsa baratte jireenya kee irratti hojii
irraa oolchuuf gooftaan akka si barsiisuuf gaafachaa kad-
hannaadhaan yeroo muraasa fudhadhu. Qorumsaa jilbeen-
fachuu akka hin qabne yaadadhu, yoo jilbeenfate illee fayy-
isaa akka qabdu yaadadhu.

ROOBII Adoolessa 13
Dhaala Jiraataa
1Phex. 1:6, 7 dubbisi. Phexros maal jechaa jira?

___________________________________________________
___________________________________________________

Phexros namoota rakkoo keessatti wallaansoo gochaa jiranii


fi yeroo baay’ee qofummaan itti dhaga’amuuf barreesse. inni
“warra fo’amanii, isaanis warra biyyaa baafamanii kutaa biyya
Phonxositti, Galaatiyaatti, Qaphadooqiyaatti, Asiyaatti akka-
sumas Bitiiniyaatti tamsa’anii jiraniif” barreesse (1 Phex.1:1).
kun akka dhiha Tuurkitti iddoowwan nuyi har’a beeknuudha.
Heertuu muraasa booda isaan “qorama garaa garaa” (1Phex. 1:6)
keessa akka jiran beekuu isaa Phexros dubbata.
Warra “booji’amaanii” fi warra “biyyaa baafaman” jechuun
Pheexros maal jechuudha? Kun attamitti qormaata isaaniitti
dabalamuu danda’a?

___________________________________________________
___________________________________________________

Yeroo sana keessa kiristiyaana ta’uun waan haaraa ture; aman-


toonni lakkoobsaan yertuu fi bakka garaagaraatti xiqeenya
isaanii irraa kan ka’e kan hin hubatamne, kan ari’atamanis turan.
-34-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qorumsi kun darbee darbee yookiin goolii toora hin qabne akka
hin taane mirkaneessa (1Phex.1:6, 7). Amantiin dhugaan galma
warra qormaata garaagaraa keessatti obsaan danda’aniiti.
1Phex.1:6-9 dubbisi. Pheexros qorumsa isaanii keessatti saba
sanaaf maal akka kennamu mirkaneessa? Abdiin kun nuuf
maal jechuudha?

___________________________________________________
___________________________________________________

Qorumsi isaanii maal illee yoo ta’e, hammam illee yoo dhipha-
tan kun jireenya barabaraa isa yeroo Yesus dhufu isaan eeggatuu
wajjin attamitti wal bira qabama? Wanti fedhe yoo nu quunname
illee sagaleen Phexros isaanitti dubbate nuyiifis sagalee Waaqa-
yyooti. Qorumsi keenya hammam cimaa fi dhukkubsaa yoo ta’e
illee xumura keenya, jireenya barabaraa isa lafa haaraa fi waaqa
haaraa keessatti dhukkuba, dhiphina, yookiin du’a hin qabne
dagachuu hin qabnu. Abdii akkanaa dura keenyaa utuu qabnuu,
abdii karaa du’a Yesusiin nuuf mirkanaa’e, amantii keenya gatuu
dhiisuun hammam barbaachisaadha; qooda kana goonu qorumsa
keenya keessatti waaqayyo wanta daandii amantii keenyaa dura
dhaabbatu hunda irraa akka nu qulleessuuf Gooftaa haa gaafan-
nu.
KAMISA Adoolessa 14
Qorumsa Ibiddaa
Dargaggeessa hundi keenya Aleksi jennee waamnu tokkotu ture.
Inni dargaggoota araadaan, yakkaan, yeroo tokko tokko mana
hidhaatiin rakkatan keessaa dhufe. Garuu kana boodagaarum-
maa miseensa waldaa naanoo isaa irraa kan ka’e (nama Aleksi
kanaan dura hate ture) Aleksi waa’ee Waaqayyoon baree onnee
isaa Yesusiif kenne. Yoo rakkoo fi wallaansoon isaa, akkasu-
-35-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
mas amaloonni isaa warri darban isaa wajjin jiraate illee Alekxi
karaa Yesusiin nama haaraadha. Inni Waaqayyoon jaallatee jaa-
lala isaa immoo abboommii isaa eeguudhaan mul’isuu barbaade
(1Yoh.5:1, 2). Yeroo tokkon Aleksi tajaajilaa ta’uu akka qabutu
itti dhaga’ame. Wanti hundumtuu gar asana isa argisiisa ture.
Inni waa’ee isaa shakkii hin qabu ture, waamicha Waaqayyootiif
deebii kennaa jira.
Kolleejiitti jalqaba wanti hundumtuu gaarii ture. Wanti tokko
isaa kaan duubaan dhiphachaa dhufe, jireenyi isaas gargar fa-
ca’uu jalqabe. Burqaan horii isaatii goguu jalqabe; michuun isaa
dhihoon hammeessuu sobaatiin maqaa isaa balleessee isa irratti
ka’e. Itti aanee in dhukkubsate; eenyu illee maalummaa dhukku-
ba isaa hin beekne. Kunis qorannaa isaa irratti dhiibbaa geggees-
see hamma mana barumsaa dhaabuutti isa sodaachise. Kana ir-
ratti dabalee araada hawaasa naanoo isaa keessa jiruu wajjin lola
qorumsa jabaa keessa gale. Yeroo tokko naanoo kanatti kufee
argame. Kun hundumtuu maaliif ta’aa akka jiru Aleksi hin hu-
banne, sababni isaa Gooftaan gara mana barumsaa sanatti akka
isa erge mirkaneefateera waan ta’eef. Aleksi waa’ee kanaa dogo-
ggoraadhaa? Yoo akkas ta’e shaakalli inni Waaqayyoo wajjin
qabu dogoggora bal’aa turee? Bu’uurri amantii isaatii utuu hin
hafin gara shakkiitti dhufe.
Rakkina kana keessatti Aleksi gara kee dhufee gorsa si gaa-
fata jennee haa yaadnu. Maal ittiin jetta? Shaakala kee isa
kamtu nama akka isaatii gargaaruu danda’a? Heertuu Ma-
caafa Qulqulluu kamiin fayyadamta? Haala akkasii keessatti
heertuun armaan gadii gargaarsa attamii godhu? Fakk. 3,
Erm. 29:13, Room. 8:28, 2 Qor. 12:9, Ibr. 13:5.

___________________________________________________
___________________________________________________

-36-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Gooftaa duukaa kan bu’aan hundumtuu qorumsa Gooftaan isaan
geggeessuu isaa yeroo itti shakkan qabu. Haala akkasii keessatti
wanti barbaachisaan abdiitti maxxanuudha, geggeessaa Waaqa-
yyoo bara darbee lakkaa’uu fi obsaa fi amantii kadhachuudha.
Gooftaan nutti abdii hin kutatu. Isatti abdii akka hin kutanneef
attamitti qormaataaf harka kennuu dhiisuu dandeenya? kan jed-
hu gaaffii keenyaadha.

JIMAATA Adoolessa 15
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Patriarchs and
Prophets irraa mata duree “The Exodus,” fuula 281–290; “From
the Red Sea to Sinai,” fuula 291-302, kitaaba The Desire of Ages
mata duree “The Temptation,” fuula 114– 123, dubbisi.
“Garuu dur Gooftaan saba isaa gara Refiidiimitti geesse, akka-
sumas amanamummaa keenya qoruuf nuunis achitti nu geessuu
filata ta’a. inni yeroo hunda gara iddoo gammachuutti nu hin
geessu. Yoo inni kana godhe, ga’umsa mataa keenyaan inni gar-
gaaraa keenya ta’uu isaa irraanfanna. Inni ofii isaa fi kennaa isaa
isa irraa hafaa nutti mul’isuu barbaada, akkasumas gargaarsa
kan hin qabne ta’uu keenya akka hubannuuf qorumsaa fi abdii
kutannaan akka nutti dhufuuf heyyama, inni kattaa cimaa kees-
saa burqaan diilalla’aan akka lola’u taasisa. Ba’aa hammamii
akka inni nuuf baatee fi ba’aa nuyi amantii mucummaatiin gara
isaa fidne hammamii gammachuudhaan akka nuuf baate hamma
akka amma argamaa jirutti arguu fi akka amma beekamnutti isa
beeknutti, hamma fuulaa fi fuulaatti Waaqayyoo wajjin taanutti,
tasa isa hin beeknu.” —Ellen G.White, “Rephidim,” Advent Re-
view and Sabbath Herald, April 7, 1903.

-37-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Gaaffiilee Maree:
1. Yeroo baay’ee qormaatii kan dhuunfaa ta’uu isaa dubban-
na, dhugaadhumattis akkasuma. Qorumsi waloo, wantoonni
akka waldaatti yookiin akka waldaa maatiiti irraa of eeguu
qabnu jiraa? Yoo ta’e maal?
2.“Bakka namatti hin tolle” iddoo isaan itti fidaman nam-
ni dubbachuu barbaadu yoo jiraate gaafaadhu. Kan isaan
namatti hin tolleef maaliif? Har’a shaakala kana irra dee-
bi’uu yoo barbaadan bifa kan biraatiin ilaaluu?
3.Qorumsaan qullaa’uuf heyyamuu Waaqayyoo duuba qa-
jeelfama jiru hundumti keenya in hubanna. Qorumsa bu’aa
hin qabne – fakkeenyaaf namni tokko akka tasaa balaa
konkolaataan yoo ajjeefame haala kana attamitti hubanna?
Akka gareetti deebii isaa irratti hojjedhaa.
4.Tokkoon tokkoon namaa qorumsa obsuuf jabina akka ar-
gatuu fi amanamaas ta’ee akka dhaabbatuuf gareetti waliif
kadhachuuf yeroo fudhadhaa.
5.Nama qorumsaan karaa irraa bade gareedhaan beektuu?
Nama sana gargaartanii deebisuuf wanti qabatamaan akka
gareetti gochuu isin dandeessan maal?

-38-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Barumsa 4ffaa Adoolessa 16-22

Fuula Isa warqee Baqsuu Arguu


SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Maat. 5:16, 1 Qor. 4:9, Efe.
3:10, Iyoob 23:1-10, Maat. 25:1-12, Daan. 12:1-10, Efe. 4:11-16.

Heertuu Yaadannoo: “Ammas nuyi fuula keenya


utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa
akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfi-
naatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf,
akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhu-
feetti in diddiiramna” 2Qor. 3:18.

A
amii karmicheel namni jedhamu tokko garee mu-
coolii fudhatee gara nama biyya Indii keessaa warqee
baqsuu tokko dhaqe. Ibidda kasalaa keessa xuubii
supheetu jira. Xuubii sana irra makaa ashaboo, ija tamarin-
dii fi xuubii biyyootu jira. Wantoota wal makaa kana kees-
sa warqeetu jira. Yeroo ibiddi makaa wantootaa kana nyaatu
warqeen in qulla’aa. Namni warqee qulleessu sun qabduud-
haan warqee fuudhee ilaala, yoo inni hin qulloofne ta’e makaa
kan biraa wajjin ibidatti deebisa. Garuu yeroo lachuu warqeen
ibidda keessa buufama, o’ii ibiddaas in dabala. Gareen mu-
coolii sun “akka inni qullaa’e attamitti beekta?” jedhanii gaa-
fatan. Innis “yeroon fuula koo isa keessatti ilaaluu danda’uud-
ha” jedhee deebise.—Amy Carmichael, Learning of God (Fort
Washington, PA: Christian Literature Crusade, 1989), p. 50.
Waaqayyo gara bifa isaatti akka warqee nu qulleessuu, nu haa-
ressuu fi nu jijjiiruu barbaada. Kun immoo galma ajaa’ibsiisaad-
-39-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
ha, amala Kiristosiin fakkaachuun nu keessatti kan guddatu
qormaata jireenyaa keessa darbuudhaan qofa ta’uun isaa immoo
caalaatti dinqisiisaadha.
Torban kana mil’uu tokkoon: adeemsa qulleessuu keessatti
dhiphinni shoora maalii qaba? Qabiyyee lola guddaa kees-
satti kana hunda attamitti hubanna?

DILBATA Adoolessa 17
“Fakkaattii Isaatti”
“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo’ate, fakkaattii ilma
isaa isa obboloota baay’eedhaaf angafa ta’uuf jiru, akka ta’aniif
yaadaan isaan qabe” Room.8:29
Jalqabatti waaqayyo fakkaattii isaatti nama uume (Uum.1:27),
garuu bifti kun cubbuudhaan manca’e.
Fakkaattiin Waaqayyoo kun nama keessaa karaa kamiin
manca’ee argina?

___________________________________________________
___________________________________________________
Kun beekamaadha: hundumti keenya cubbuudhaan mancaaneer-
ra (Room.3:10-19). Haa ta’u malee fedhi Waaqayyoo gara wan-
ta nuyi jalqaba turreetti deebisee nu haaressuudha. Kun immoo
waan heertuun keenya har’aa itti galuudha. Innis karoorri waaqaa
warri jireenya isaanii hafuura qulqulluuf bitamsiisaan “fakkaattii
ilma isaa” (Room.8:29) akka ta’aaniidha. Garuu kallattiin biras
jira. “Fakkaattiin Waaqayyoo nama keessatti deebi’ee bocamuu
qaba. Ulfinni waaqayyoo, ulfinni Kristos guutummaa amala saba
isaa keessatti argama.” Ellen G. White, The Desire of Ages, p.
671.
-40-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Waan Ellen Waayit heertuu armaan olii keessatti jettu at-
tamitti hubatta? Iyoob 1, Maat. 5:16; 1Qor.4:8; Efe. 3:10.

___________________________________________________
___________________________________________________
Akka kiristiyaanotaatti diraamaa lola guddaa keessa akka jirru
irraanfachuu hin qabnu. Lolli guddaan Kristosii fi seexana gid-
duu jiru naannoo keenya hudatti saaqameera. Lolli kun bifa ga-
ragaraa qaba, karaa baay’ee mul’atas. Baay’een isaa dhokataa
yoo ta’e illee akka hordoftoota Kristositti diraama kana keessatti
ga’ee taphannu qabna, akkasumas jireenya keenyaan Kristosiif
ulfina kennuu in dandeenya.
Akka nama dirree Istaadiyeemii bal’aa keessa jiruutti yaadi.
Teesumma gar tokkoo irraa ergamoota samii warra goofta-
af amanamoo ta’antu taa’ee jira; gara kaaniin immoo war-
ra Lusiiferii wajjin kufantu jira. Jireenyi kee Sa’a 24 dar-
ban keessaa dirree kana keessa taphataa ture yoo ta’e garee
kamtu taphaa keetti gammade? Deebiin kee waa’ee mataa
keetii maal sitti hima?

WIIXATA Adoolessa 18
Amantii Ibidda Qulleessu keessaa
Lola sana keessa jiraachuun waan tokko; humnoota lola sana
keessa hiriiranii jiran ilaaluun immoo waan biraadha. Kun akka
kiristiyaanaatti waan nuyi xiyeefachuu qabnuudha. Humnoon-
ni sun jireenya keenya keessatti dhaga’amuu danda’u, haa ta’u
malee isa “ijaan hin mul’anne sana” (Ibr. 11:27) amanachuud-
haan amantiidhaan fuula duratti dhiibuu qabna.

-41-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Iyoob 23:1-10 dubbisi. Lolli Iyoob ijoon isaa maal? Kan inni
hin argine maal? Qorumsa isaa keessatti kan inni amantiin
fudhachuu qabu maal?

___________________________________________________
___________________________________________________
___________________________________________________

Iyoob qorumsa isaa isa sodaachisaa keessatti Gooftaa amanate.


Wanti fedhe yoo ta’e illee Iyoob obsuu murteefate. Wanti akka
inni obsu isa godhe warqeedha. Innis medaaliyaa warqee miti;
irra caalaa inni gara fuula duraa ilaaluudhaan yoo jabeessee
Waaqayyoon qabate isa keessaa fooya’ee akka ba’uu – akka
warqee ta’ee akka ba’u hubate. Taatee kana duubatti maaltu ta’aa
akka jiru Iyoob hammam akka beeku wanti nutti himame hin jiru.
Kun yoo hammam isa duraa dhokate illee inni ibidda qulleessu
sana in obse.
Ibidda in sodaatta? Waa’ee o’aa haalli qabsiisuu in yaadoftaa?
Tarii, akkuma kan Iyoobiin o’ii Waaqayyoo kan ibsamuu hin dan-
deenye ta’uu danda’a. Tarii rakkin hojii haaraatti yookiin mana
haaraatti baruu ta’uu danda’a. Bakka hojiitti yookiin maatii kee
keessatti qabaa gadhee ta’uu danda’a. Dhukkuba yookiin dha-
biisa maallaqaa ta’uu danda’a. Hubachuun isaa cimaa yoo ta’e
illee waaqayyo si qulleessuu fi si haaressuuf, amala kee keessatti
fakkaattii isaa fiduuf qorumsa kanatti dh imma ba’uu in danda’a
Warqee ta’uu isaa mirkaneefachuudhaan Iyoobiif jajjabina inni
ija isaa irra ka’aatuu fi rakkina isaa keessaa harkifamuuf isa
gargaaruudha. Dhukkubaa fi dhiphina kana keessatti adeemsa
qulleessuu hubachuu danda’uun isaa amala isaaf dhuga ba’um-
sa humna qabeessa. Hammam illee yoo hubachuu baate qorumsi
kun akka isa qulleessu inni beeka.

-42-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Shaakala kee keessatti qorumsi attamitti si quleesse? Qorum-
saan alatti karaan ati qullaa’uu dandeessu kan biraan jiraa?

KIBXATA Adoolessa 19
Jechoota Yesus isa gara Dhumaa
Yesus Yerusaalem keessatti du’uuf yeroon dhi’oo ture. Akka
wangeela Maatiwoositti, yeroon barsiisa Yesus inni dhumaa
Faasikaa fuula dura jiru waa’ee durboota kurnanii, waa’ee hoo-
lotaa fi re’ootaa dabalatee bartoota isaatti faakkeenyaan dubba-
chuudhaan dhume. Seenaan kun karaa nuyi ittiin dhufa Yesusiin
eeggachuu qabnu wajjin wal qabata. Kanaaf milikkita dafee dhu-
fuu Yesus naannoo keenya jiru hundumaa wajjin har’a barbaa-
chisummaan isaanii har’a caalaa barbaachisaa ta’ee hin beeku.
Fakkeenya durboota kurnanii keessatti (Maat.25:1-12) akka na-
moonni baay’ee yaada kennanitti dhadhaan nuugii fakkeenya
Hafuura Qulquluuti. Ellen G.Waayit yaada kanaa wajjin walii
galti, garuu dhadhaan nuugii kun fakkeenya amalaa isa namni
kan biraan nuuf kennuu hin dandeenyeedhas.
Fakkeenya kana dubbisi. Dhadhaan nuugii fakkeenya Ha-
fuura Qulqulluu yookiin amala qabaachuu ta’uu isaa arguu
irratti hunda’uudhaan hiikkaan seenaa kanaa karaa kami-
in jijjiirama? Dhadhaan nuugii Hafuura Qulqulluu yookiin
amala kan Kiristosiin yoo bakka bu’e seenaan kun hiikkaa
maalii siif qba?

Hafuura Qulqulluu: _________________________________


___________________________________________________

Amala: ____________________________________________
___________________________________________________

-43-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Maat.25:31-46 keessaa fakkeenya hoolaa fi Reettii dubbisi.
Hoolaa fi Reettii gargara baasuuf ulaagaa maaliitti dhimmi
ba’ame?

___________________________________________________
___________________________________________________
___________________________________________________

Mootichi hoolaa fi Reettii kan inni gargar baasu hojii yookaan


amala isaanii irratti hundaa’uudhaan ta’uu isaa yaadadhu. Asitti
Yesus hojiidhaan fayyuu barsiisaa hin jiru yoo ta’e illee karo-
ora fayyinaa keessatti guddinni amalaa hammam barbaachisaa
akka ta’ee fi warri dhugaatti Kristosiin fayyan fayyina sana karaa
jireenyaa fi amala isaanii attamitti akka calaqisiisan arguu dan-
deenya.

“Amalli namni sun dukkana keessatti maal akka ta’eedha”


jedhamee ture. Yeroo namni tokko illee si ilaalaa hin jirre ati
nama attamiiti? Waa’ee jijjiirama ati gochuun si barbaachi-
suu deebiin kee maal sitti hima?

ROOBII Adoolessa 20
“Ogeesota”
Kaleessa warra dhufaatii lamataa eeggataniif barbaachisummaan
amalaa attam akka ta’e ilaallee turre. Har’a warra yeroo Yesus
deebi’ee dhufu lubbuun jiraniif barbaachisummaan amalaa attam
akka ta’e addumaan ilaalla.

-44-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Daan. 12:1-10 dubbisi. Qabiyyeen isaa maal? Kun seenaa
lafaa isa kamiin ilaallata? Waa’ee amalli saba Waaqayyoo
yeroo kana keessa ta’uu qabuu ilaalchisee heertuu kana ir-
raa maal dubbachuu dandeenya? Faallaa kan cubbamootaa
amala attamiitu isaaniif kenname? Mul.22:11.

___________________________________________________
___________________________________________________
___________________________________________________

Dhufaatii Yesus dura yeroon rakkinaa seenaa keessatti ta’ee hin


beekne akka dhufu Daani’eel dubbatee ture. Daan.12:3, 10 kees-
satti yeroo kana keessa qajeelonnii fi hamoonni maal akka fak-
kaatan dubbatameera. Faallaa qajeelotaa warra lakk. 3 keessatti
sababa “yeroon rakkinaas in ta’a; sanyiin rakkinichaas erga sab-
ni jiraachuutti ka’ee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee hin
beekne” (Daan.12:1) sana keessa “qulleeffamaniif, qoramanii fi
calalamaniif” (Daan.12:10) akka ifa bantii waaqaa ifan, Warri ha-
moonni immoo “jal’ina isaanii ittuma in dabalu” (Daan.12:10).
Faallaa hamootaa warra hin hubaneetiin qajeelonni “ogeesota”
in hubatus. Maal hubatu? Herrega, saayinsii fi xiinxala olaanaad-
haa? Macaafni Fakkeenyaa akkas jedha, Waaqayyoon sodaa-
chuun jalqaba ogummaa ti” Fakk.1:7. Qabiyyee kana keessatti
ogeessonni ogeesota kan isaan ta’aniif taatee xumuraa, yeroo
gidiraa dubbatame sababa hubataniifi. Isaan gammachuudhaan
hin liqimfamne; akka inni dhufu sagalicha qorachuu irraa hu-
batan. Yeroon rakkinaa kun kan inni heyyamameef isaa qulleesuu
fi calaluuf akka ta’e beekuun isaanii baay’ee barbaachisaadha.
Karaa biraatiin hamoonni fincila isaanii itti fufuudhaan hammi-
natti ademan.

-45-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qabxiin barbaachisaan saba adeemsa qulleessuu fi calaaluu kees-
sa adeeman argisiisuu isaati.
Heertuu kanaa keessatti qabiyyee guyyoota xumuraa yoo
ilaalle illee, waa’ee adeemsa qulleessuu fi calaluu har’a huba-
chuuf kan nu gargaaru qajeelfama maalii arguu dandeenya?
KAMISA Adoolessa 21
Amalaa fi Hawaasa
Faarfannaan tokko akkas jedha: “Ani kattaadha, ani lafa galaa-
naan marfameedha.” Qofaa dhaabbachuun kan si barbaachisu
ta’ee sitti dhaga’amee beekaa? Namoonni utuu isaa “gaariidha,
adeemsi koo waaqayyoo wajjinii dhimmi dhuunfaati. Inni waan
ani waa’ee isaa dubbachuu barbaadu mit” jedhanii dubbatanii ta-
rii dhageeseetta ta’a.
Efe.4:11-16 dubbisi. Qabxiin Phaawulos asitti dubbachaa
jiru maal? Asitti hawaasaaf shoora maalii kennaa jira?

___________________________________________________
___________________________________________________

Phaawulos warra Efeesoniif yeroo barreesse waldaa akka qa-


amaatti ibse. Yesus mataadha sabni isaa immoo qaama isa ha-
feedha. Efe. 4:13 yoo ilaaltan kaayyoo hawaasa akkasii keessa
jiraachuu hubattu, innis “guddannees safara guutummaa Kristos
bira ga’uudha.” Kanaaf walii keenya barbaadna.
Dhugaadhumatti qofaa ofii kiristiyaana ta’uun in danda’ama. Ak-
kuma kan namoota baay’ee warra jaarraadhaaf ceepha’amuud-
haan, yookiin ari’atamuudhaan qofaa isaanii dhaabbatanii kun
waan dhabamsiisuun hin danda’amneedha. Dhiironnii fi dubar-
toonni dhiibbaa isaan marse jalaa dhokachuu dhiisuun isaanii
humna Waaqayyoof dhuga ba’umsa humna qabeessa. Kun
-46-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
dhugaa ta’ee utuma jiruu Phaawulos dhugaa cimaa irratti xiyeef-
ata: guutummaa Kiristosiin kan nuyi shaakaluu fi mul’ifnu yeroo
jaalalaan walii wajjin hojjennuudha.
Efe.4:11-16 keessatti utuu guutummaan Kiristos hawaasa
kiristiyaanaa keessatti hin mul’atin wanti Phaawulos ta’uu
qaba jedhee dubbatu maal?

___________________________________________________
___________________________________________________

Dhuga ba’umsi hawaasaa guutummaa Kristosiin mul’isu


nama dhuunfaa guutummaa Kristosiin mul’isu irraa karaa
kamiin adda ta’a? kun qabiyyee lola isa guddaa keessatti
hiikkaa attamii kenna? Efe.3:10.
Yeroo mataa keetti taatu yookiin keessummaa wajjin taatu
nama gaarii ta’uun salphaadha, garuu naamota beektu
yookiin namoota hin jaallaneef gaarii ta’uun baay’ee ul-
faataadha. Kana jechuun yeroo namoota kanatti gaarum-
maa fi ayyaana argisiifnu dhugaa waa’ee Waaqayyoo dhuga
ba’umsa isaan mormuu hin dandeenye kennina.

JIMAATA Adoolessa 22
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Sons and Daugh-
ters of God jedhamu irraa mata duree “God Promises Us a
New Heart of Flesh,” jedhu fuula 100, Christ’s Object Les-
sons irraa mataa duree “To Meet the Bridegroom” fuula
405–421, fi The Great Controversy. Irraa mata duree “The
Time of Trouble,” jedhu fuula 613–634, dubbisi.

-47-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
“Guddinni amalaa hojii barbaachisaa sanyii namaatti kenna-
meedha; akka ammaattis qorannoon cimaan kanaan dura barbaa-
chisee hin beeku. Dhaloonni darban kam illee dhimma olaanaa
kana bira ga’uuf hin waamamne; rakkoon guddaan har’a isaaniin
mudachaa jiru dargaggoota dhiiraa fi durbaa kanaan dura turan
mudatee hin beeku.” Ellen G. White, Education, p. 225.
“Fakkeenya kana keessatti durboonni gowwoonni dhadhaa nu-
ugii kadhatan, gaafii isaaniifis deebii hin arganne. Kun fakkeen-
ya warra yeroo gidiraaf amala isaanii guddisuuf mataa isaanii
hin qopheesineeti. Kun gara hollaa isaanii dhaqanii amala kee
anaaf kenni yookiin baduu kooti akka jechuuti. Warri ogeesonni
durboota gowwoota warra ibsaan isaanii dhaamuuf dimimis-
aa jiruuf dhadhaa nuugii kennuu hin dandeenye. Amalli waan
namaaf dabarsuun danda’amu miti. Inni hin bitamu yookiin hin
gurguramu; inni in fudhatam (waaqayyo irraa). Gooftaan yeroo
araaraa keessatti amala qajeelaa argachuuf nama dhuunfaa hun-
dumaaf carraa keneera; garuu qorumsa keessatti obsa argisiisuu
fi tulluu hin danda’amne dhabamsiisuu akka danda’uutti aman-
tii shaakaluuf amala namni biraan muuxannoo cimaa keessa
adeemuudhaan, barsiisaa guddaa irraa barachuudhaan guddifate
namni tokko akka hirmaatuuf karaa hin kennine. Ellen G. White,
The Youth’s Instructor, Jan. 16, 1896.

Gaaffiilee Maree:
1.“Ijaarsa amalaa” jechuun maal jechuudha? Attamitti kana
gochuu dandeessa? Jireenya kee fi kan hawaasa waldaa keetii
keessatti ijaarsi amalaa hammam durfamee argama?

2.Qu’annoon guyyaa kamisaa jireenya kiristiyaanaa keessat-


ti barbaachisummaa hawaasaa dubbata. Waldaan kee akka
dhagna Kristositti attamitti hojjetti? Akka hawaasaatti at-

-48-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
tamitti Gooftaa bakka buutu? Waa’ee kan fooyyeessuu ga-
reedhaan irratti dubbadhaa.
3.Karaa Kristosiin amantii qofaadhaan kan fayyine yoo ta-
ane illee ijaarsi amalaa maaliif akka barbaachisu gareed-
haan irratti dubbadhaa. Qajeelummaa fi amalli isaa inni
guutuun kan nu fayyise erga ta’ee guddina amalaa maaliif
barbaadna?
4.Helen Kiiler, isheen umurii ishee jalqabaa kaatee duudaa fi
jaamaa turte akkas jettee barreesitee turte, “Amalli callisaa
fi salphaatti guddachuu hin danda’u. Lubbuun jabaachuu,
mul’ati ifuu, fedhiin kakaafamuu fi milkaa’insi argamuu
kan danda’u qorumsaa fi rakkina shaakaluudhaan.” Lead-
ership, vol. 17, no. 4

-49-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa
5ffaa
Adoolessa 23- 29

O’aa Jabaa
SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Uum. 22, Hos. 2:1-12, Iyoo.
1:6-2:10, 2 Qor. 11:23-29, Isa. 43:1-7.
Heertuu Yaadannoo: “Waaqayyo, Isa ani dhiphise
sana caccabsuun jaalala koo in ta’e; inni lubbuu
isaaaarsaasababiiyakkaatiifdhi’aatugodheeyoo
dhi’eesse, sanyii isaa arguuf jira; jabanni isaas in
dheerataaf; jaalalli koos karaa isaa in raawwata-
ma” (Isa.53:6).

Y
eroo haati manaa kiristiyaana beekamaa isa barrees-
saa maqaan isaa C.S.Lewis jedhamuu du’aa jirtu,
Lewis akkas jechuun barreesse, “balaa guddaan ani
Waaqayyootti amanuu dhiisuu koo miti. Balaan inni sirriin
waa’ee isaa waan sodaachisaa amanuutti dhufuu kooti malee.
Goolabbiin ani sodaadhu “waan kana booda Waaqayyo hin
jiru” isa jedhu miti, garuu “kun waan Waaqayyo dhuguma
fakkaatuudha” isa jedhu malee.”—A Grief Observed (New
York: HarperCollins Publishers, Inc., 1961), pp. 6, 7.
Yeroo wantoonni dhukkubsoo ta’an muraasi keenya Waaqa-
yyoon dhiifna. Namoota kan biro akka Lewisiif, qorumsa ilaal-
cha Waaqayyo irraa qaban jijjiiruu fi waa’ee isa wanta gadhee
hundumaa yaaduutu jira. Gaaffiin jiru kun o’aa hammamitti?
Kan jedhuudha. Kaayyoo isaa isa fakkaattii ilama isaa akka
taanuuf akeeke (Room.8:29) sanatti nu fiduuf Waaqayyo saba
isaa o’a attamii keessa kaa’uu barbaada?
-50-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Turban kana mil’uu tokkoon: waaqayyo akka isa beekanii fi
isa jaallatan barbaaduun hubatamuu dhiisuu keessa galuu
maaliif barbaada jettee yaadda? Fakkaatti ilma isaatti si
bocuuf waaqayyo hubatamuu dhiisuu barbaada jettee ham-
mam yaadda?

DILBATA Adoolessa 24
Abrahaam Qorumsa Keessatti
Uum. 22 dubbisi. Waaqayyo ibsa tokko malee akka tasaa Abri-
haamii mucaa isaa akka aarsaatti akka dhi’eessuuf waame.
Hammam akka Abrahaamitti dhaga’ame yaaduu hin dan-
deessaa? Waaqni qulqulluun mucaa kee aarsaaf gaafachuun
walumaa galatti yaada fincilaati. Kun fudhatamaadha jedhee
Abrahaam yoo yaade illee, waa’een kakuu Waaqayyo dhaal-
tummaaf abdachiisee immoo attam? Abdiin sun mucaa malee
gatii hin qabu.
Akka Abrahaam aarsaa kana dhi’eessuuf Waaqayyo maaliif
gaafate? Yoo Waaqayyo waan hundumaa beeka ta’e qabxiin
kanaa maal?

___________________________________________________
___________________________________________________

Gaaffii fi yeroon Waaqayyoo utuu itti hin yaadin miti.


Dhugaadhumatti, hamma gaddi isaa baay’ee gad fagaatutti
shallagamee ture. “Abrahaamiif hamma ba’aan waggootaa
itti ulfaatee inni boqonnaa barbaadutti Waaqayyo qormaata
isaa isa xumuraa jabaa ta’e tursee ture.”—Ellen G. White, Pa-
triarchs and Prophets, p. 147. Kun qorumsa waaqa maraatee
turee? Raawwatee akkas miti. “Gaddi inni guyyoota dukka-
naa qormaata sodaachisoo sana keessa obse guddummaa aar-

-51-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
saa waaqayyo inni daangaa hin qabne fayyina namaaf godhe
muuxannoo ofii isaa irraa hubachuu akka danda’uufi.”—Patri-
archs and Prophets, p. 154.
Qorumsa kana macaa isaa ajjeesuuf Waaqayyo hin karoorsine.
Kun karaa Waaqayyo yeroo tokko tokko hojjetu waan baay’ee
barbaachisa nuuf kenna. Yeroo tokko tokko waaqayyo akka
nuyi raawwannuuf waan hin karoorsin nu gaafata ta’a. Bakka
nuyi akka geenyuuf hin karoorsin akka dhaqnu godha ta’a.
Waaqayyoof wanti barbaachisaan xumura isaa utuu hin taane,
adeemsa sanaan bocamuu keenya irraa wanta nuyi barreedha.
Yesus warra Yihudootaatiin “Abbaan keessan Abrahaam
guyyaa koo arguuf waan tureef gammachuudhaan isa eeggate;
guyyicha argees itti gammade” (Yoh. 8:56) yeroo jedhewaa’ee
muuxannoo Abrahaam keessa darbaa ture yaadaa jira ta’a.
Abrahaam akka waan ajaji kun seexana biraa dhufeetti fud-
hatee hubannaa kana dhabuu in danda’a ture. Furtuun jiraa-
chuu fi adeemsa kana guutummaa keessatti barumsa argachuu
Abrahaam sagalee Waaqayyoo adda baasee beekuu isaati.
Sagalee Waaqayyoo attamitti beekta? Yeroo Waaqayyo sitti
dubbachaa jiru attamitti beekta? Karaan inni ittiin si quun-
namu maal fa’i?

WIIXATA Adoolessa 25
Israa’el ishee karaa irraa Kaatte
Seenaan Hose’a nu barsiisuuf barumsa humna qabeessa qaba.
Haalli Hose’a dinqisiisaadha. Haati manaa isaa Goomer ma-
naa baatee nama biraa wajjin mucaa godhatte. Yoo ishee
fedhii saalaa keessatti amanamtuu miti taate illee, Waaqayyo
akka Hose’aan haadha manaa isaa deebisee fudhatuu fi jaalala
isaa itti mul’isuuf waamaa jira. Seenaan kun waa’ee Israa’eli-

-52-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
in fakkeenyaan dubbata. Israa’eloonni waaqayyoon dhiisanii
waaqa ormaatti hafuuraan eejjan, garuu waaqayyo amma
illee isaan jaallata, jaalaala isaas isaanitti mul’isuu barbaada.
Garuu tooftaa Waaqayyoo ilaali.
Hose’a 2:1-12 dubbisi. Waaqayyo Israa’eliin gara ofii isaat-
ti harkisuuf tooftaa maaliitti akka fayyadamu dubbate?
Muuxannoon kun maal fakkaata?

Hose’a 2:2, 3 ______________________________________


_________________________________________________

Hose’a 2: 5-7 _____________________________________


_________________________________________________

Hose’a 2:8, 9 ______________________________________


_________________________________________________

Hose’a 2:10 ______________________________________


_________________________________________________
Seenaan kun waa’ee yeroo Waaqayyo gara qalbii jiijjiranaatti
nu waamu nu shaakalluu dhimmi barbaachisaa lama kaasa.
Tokkoffaa, waaqayyo hojjechuu akka jiru hin hubannu. Is-
raa’el yeroo shaakala cimaa fi dhukkubsaa sana keessa adeem-
te waaqayyo fayyina isaaniif hojjechaa akka jiru hubachuun
isaaniif cimaa ta’uu danda’a. Yeroo karaan keenya qoraatti-
idhaan cufamu yookiin yeroo keenyaanni nutti cufamu eessa
akka dhqnu hin beeknu (Hos.2:6) – kun waaqayyoodhaa? Jen-
nee gaafanna. Yeroo fedhiin bu’uuraa keenya dhibamu yooki-
in yeroo nutti toluu didu (Hos.2: 9, 10) waaqayyo kana hunda
keessa jiraa? Dhugaan isaa, maal illee yoo nutti dhaga’ame
waaqayyo gara qalbii jijjiirannaatti nu fiduuf hojjechaa jira,
sababni isaa inni baay’ee nu jaallata.
-53-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Lammaffaa, yeroo inni hojii irra jiru Waaqayyoon hubachuu
dhabuu keessa buuna. Waaqayyo hojii irra akka jiru huba-
chuu dandeenya, garuu waan inni hojjechaa jiru hin jaallan-
nu. Akka miidhamne yookiin akka nutti hin tolle yeroo nutti
dhaga’amu gara jabeessa ta’uu isaatiif, gidduu seenuu dhiisuu
isaatiif yookiin nu kunuunsuu dhiisuu isaatiif Waaqayyoon
komachuun salphaadha. Garuu waaqayyo yeroo hundumaa
karaa kakuu jaalala isaatii nu haaressuuf hojjeta.
Hose’a 2:14-24 dubbisi. Heertuun kun waa’ee Waaqayyoo
maal mul’isa? Jireenya kee keessatti karaa Waaqayyo irraa
fagaachaa jirtu akka sitti mul’isuuf Hafuura Qulqulluu gaa-
fadhu. Akkas akka taate yoo si amansiise, qormaata kees-
sa adeemuu maaliif hin eegganne? Amma waan hundumaa
gooftaaf kennuu irraa wanti si dhaabe maal?

KIBXATA Adoolessa 26
Waaqefannaadhaan Jiraachuu
Asitti wanta dinqisiisaatu jira. Ergamoonni waaqayyoon ar-
guuf dhufan, seexannis isaanii wajjin dhufe. Waaqayyo seex-
anni eessa akka ture gaafate, seexannis ‘’Lafa irra asii fi achi,
olii fi gad deddeebi’aa tureen dhufa’’ jedhee deebise (Iyoob
1:7). Waaqayyos Seexanaan, ‘’Iyoob garbicha koo irra yaa-
da kee keessee ree? (Iyoob 1:8) jedhee gaafate. Gaaffiin kun
mataa isaatiin dinqii miti; dinqiin isa gaafachaa jiruudha. Mata
duree ilaalamuutiif Iyoobiin kan adda baase seexana utuu hin
taane Waaqayyoo dha. Waaqayyo waan itti fufee dhufu utuu
beekuu Iyoobiin xiyyeefannoo seexanaa keessa galche. Iyoob
o’I qorumsichaa hammam akka ta’e yaada hin qabu. Iyoob
akka dhiphatu kan godhe waaqayyo utuu hin taane, seexa-
na ta’uun isaa ifaa ta’ee yoo jiraate illee, seexanni qabeen-
ya, ijoollee fi fayyummaa qaama isaatii akka balleessuuf kan
-54-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
heyyame immoo waaqayyoon ta’uun isaa ifaadha. Akka Iyoob
dhiphatuuf waaqayyootu heyyame erga ta’e waaqayyo yooki-
in seexanatu qaamaan isa dhiphise jechuun garaagarummaa
maalii qaba? Akka seexanni Iyoobitti dhukkubbii kana fidu
erga heyyame Waaqayyo attamitti qajeelaa yookiin qulqulluu
ta’uu danda’a? Haala kana keessatti, kun karaa waaqayyo
har’a ittiin nu wajjin hojjetuudha?
Iyoob 1:20, 21 keessatti Iyoob qorumsa kanaaf attamitti dee-
bii kenne?

___________________________________________________
___________________________________________________

Qorumsa akkasii keessatti karaa lama deebisuun in dan-


da’ama. Waaqa isa gar jabeessaa yookiin hin jiru jennee ama-
nutti dugda gatuudhaan aaruu fi hadhaa’oo ta’uu dandeenya,
yookiin immoo waaqayyootti maxxanuu dandeenya. Iyoob
argama Waaqayyoo keessa turuu fi isa waaqessuudhaan balaa
isa mudate kana baate.
Iyoob 1:20, 21 keessatti kallattii waaqefannaa yeroo gaddaa
keessatti nu gargaaru sadii argina. Tokkoffaa, Iyoob gargaarsa
kan hin qabne ta’uu isaa amane, akkasumas waan tokko akka
hin qabne hubate: ‘’Qullaa koon garaa haadha kootiitii ba’e,
qullaa koos biyyootti nan deebi’a” (Iyoob.1:21). Lammaffaa,
Iyoob akka waaqayyo amma illee walumaa galatti to’atee jiru
hubate: “Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate” (Iyoob
1:21). Sadaffaa, Iyoob qajeelummaa Waaqayyootti amanuu
isaa mirkaneessuudhaan goolabe. “Maqaan Waaqayyoo haa
eebbifamu!’’ (Iyoob 1:21).
Qorumsa keessa adeemuu? Faana Iyoob irra adeeme hordo-
fuu. Kun attamitti si gargaaruu danda’a?
-55-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
ROOBII Adoolessa 27
Abdiidhaan Jiraachuu
“Rakkinni sun hamma nuyi baachuu dadhabnutti safa-
ra malee ulfaataa waan ta’eef, jireenyatti hafuu keenyaaf
iyyuu abdii kutannee turre. Akka waan firdiin du’aa nutti
faradameetti, nutti dhaga’amee ture; garuu nuyi, Waaqayyo
isa warra du’an kaasu duwwaa malee, ofii keenya akka hin
amananneef kun ta’e” 2Qor.1:8, 9.
Phaawulos akka ergamaa Waaqayyoof fo’ameetti nama kam
caalaa rakkina baateera. Haa ta’u malee Phaawulos rakki-
nichaan hin miidhamne. Irra caalaa Waaqayyoon galateefa-
chuutti guddate. Tarreefama rakkina isa irra ga’ee 2Qor.11:23-
29 keessaa dubbisi. Amma 2Qor.1:3-11 dubbisi.
2 Qor.1:4 keessatti Phaawulos sababni o’aa fi jajjabina
Waaqayyo biraa argachuu isaa “nuyi immoo rakkina attamii
keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf” jedhee
dubbata. Dhiphinni attamitti gara tajaajilaatti nu waama?
Kanaaf dammaqoo kan nuyi ta’uu dandeenyu attamitti?

___________________________________________________
___________________________________________________

Waaqayyo karaa keenya namoota miidhaman tajaajiluu bar-


baada. Kana jechuun inni jalqaba miidhama wal fakkaataa
akka shaakkaluuf heyyamuu danda’a. Sana booda tiyoori-
idhaan utuu hin taane shaakala keenya keessatti o’aa fi jajja-
bina waaqayyootiin jajjabina nuuf kenna. Kun qajeelfama ji-
reenya Yesus irraa argameedha (Ibr.4:15).
Ibsi Phaawulos rakkina isa irra ga’e dubbateef waa’ee isaaf
gaddi akka nutti dhaga’amuuf miti. Kana kan inni dubbateef

-56-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
yeroo nuyi gadda gadi fagoo keessa jirru illee waaqayyo o’aa
fi jajjabina nuuf kennuudhaan akka gidduu seenu akka beek-
nuufi. Jireenya keenyaaf abdii kutanna ta’a, ajjeefamus dan-
deenya, garuu hin sodaatinaa, waaqayyo akka isa irratti hir-
kannu nu barsiisuu barbaada. Waaqni keenya “warra du’an
waan kaasuuf” (2Qor.1:9) isa amanachuu in dandeenya.
Phaawulos lallabbii wangeelaa irra ija isaa yeroo ka’aatu fuula
duratti waaqayyo akka isa oolchu in beeka. Dandeettiin cimee
dhaabbachuu Phaawulos wantoota sadan inni 2 Qor. 1:10, 11
keessatti caqaseen deggeramee jira. Tokkoffaa, geggeessaa
Waaqayyoo isa mirkaneefamee barreefamee jiru: “Waaqayyo
sodaachisa du’aa, isa akkasii keessaa nu oolcheera, nu ool-
chuufis jira” 2Qor.1:10). Lammaffaa, Phaawulos xiyeefannoo
isaa Waaqayyo irra godhachuuf murteesse: “amma iyyuu dee-
bi’ee akka inni nu oolchuuf abdii keenya isa irra kaa’anneer-
ra” (2Qor.1:10). Sadaffaa, kadhannaa qulqulootaa isa wal irraa
hin cinne: “Isinis waa’ee kanaaf nuuf kadhachuu keessaniin
nu gargaaruu in dandeessu” 2Qor.1:11).
Wallaansoo kee keessatti akka hin kufneef kan si eeguu dan-
da’u Phaawulos irraa maal baruu dandeessa?

KAMISA Adoolessa 28
O’aa jabaa
Nuusa kana keessatti jireenya keenyaaf qulqulummaa fi Kris-
tosiin fakkaachuu fiduuf fakkeenyota qorumsaa Waaqayyo itti
dhimmi ba’u ilaalaa turre. Haa ta’u malee, namoonni muraasi
fakkeenyota kana ilaaluudhaan waaqayyo gara jabeessa jed-
hanii goolabuu danda’u. Dhugaadhumatti, namoonni muraa-
si “waaqayyo waan gaarii akka nuuf hawwu beekna, garuu
fakkeenyi kun kunuunsaa fi jaalala hin mul’isu. Qooda kanaa
Waaqayyoo dhiphisaa fakkaata. Kaayyoo tokko kaa’ee yeroon
-57-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
cimaan akka dhufu godha, waa’ee isaa immoo nuyi waan tok-
ko gochuu hin dandeenyu” jedhu.
Lafa cubbuudhaan guutte kana keessa yeroo jiraannu wantoon-
ni maaliif akka ta’an kan nuyi hubachuu dandeenyu muraasa
qofa ta’uun isaa dhugaadha. Samii irratti caalmaatti hubanna
(1Qor. 4:5; 1Qor. 13:12), garuu ammaaf yoo wantoonni yeroo
hundumaa gaarii ta’ee nutti dhaga’amuu baate illee waaqayyo
gargaaraa fi eegaa keenya ta’uu isaa amanuudhaan jiraachuu
qabna. Isaayaas kana gaarii godhee ibsa.
Isa.43:1-7 dubbisi. Lakkoobsa 2 keessatti waaqayyo akka sab-
ni isaa bishaanii fi ibidda keessa darbu dubbateera. Kun fak-
keenya balaa jabaati, garuu kun waa’ee yeroo sodaachisoo la-
maan, warra jireenya haaraaf karaa banan, isa galaana diimaa
fi Yordaanosiin ce’uu irratti ta’e dubbachuu danda’a. Waaqa-
yyo karaa salphaa irra isaan geggeessuudhaan balaa kana irraa
isin oolchuu nan danda’a jedhee dubbachuu in danda’a jettee
yaadda ta’a. Garuu akka tiksee isa Faar.23 keessaa inni isaanii
wajjin waan jiruuf yeroo rakkinni dhufu sabni Waaqayyoo
rakkinaan mo’amuu hin qabu jedhee dubbata.
Isa.43:1-7 irra deebi’ii ilaali. Yeroo bishaanii fi ibidda keessa
darban karaa garaagaraa ittiin Waaqayyo saba isaatiif jajja-
bina mirkaneessu barreessi. Kun waa’ee fakkii Waaqayyoo
sammuu kee keesssa maal ka’aa? Abdii isa kamiin kan kee
godhatta.

___________________________________________________
___________________________________________________

Waa’ee qodaa keessatti warqee baqsan isa kan Waaqayyoo


karaa sadii goolabuu dandeenya. Tokkoffaa, o’ii Waaqayyoo
inni cimaan cubbuu keenya balleessuuf malee nu balleessuuf
-58-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
miti. Lammaffaa, o’ii waaqayyoo inni cimaan gadadamoo nu
taasisuuf miti nu qulleessuuf malee. =sadaffaa, waan hundu-
maa keessatti eegumsi Waaqayyoo kan gara laafinaa fi kan
walirraa hin cinneedha. Wanti kam illee yoo nu irratti ta’e inni
qofaatti nu hin dhiisu.
Heertuun armaan gadii kun waa’ee gochaa fi amala Waaqa-
yyoo maal nu barsiisu? Faar. 103:13, 14; Maat. 28:20; 1 Qor.
10:13; 1 Phex. 1:7.
JIMAATA Adoolessa 29
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Patriarchs and
Prophets irraa mata duree “The Test of Faith,” jedhu fuula
145–155 Testimonies for the Church, vol. 5 irraa mata duree
“Praise Ye the Lord,” jedhu fuula 315–319 dubbisi.
“Waaqayyo ibidda qormaataa keessatti saba isaa qoraa ture.
Amala kiristiyaanaa isa warqee dhugaa ta’e irraa kosiin kan
inni adda ba’u o’aa ibiddaa kana keessatti. Yesus qorumsa
kana in ilaala; ifa jaalala isaa calaqisiisuuf sibiila gati jabees-
sa qulleessuuf maal akka isa barbaachisu inni beeka. Waaqa-
yyo garboota isaa kan inni barsiisu qormaata isaaniif dhi’ee-
seti. Guddina hojii isaatii keessatti isaanitti dhimmi ba’uuf
namoonni muraasi humna akka qaban yeroo argu namoota
kana qorumsa irra ka’aa; gaarummaa isaatiin gara gita amalli
isaanii qoramee ilaalamutti geessa…. Inni dadhabbii isaanii
isaanitti argisiisee isa irratti hirkachuu isaan barsiisa…akka-
sitti kaayyoon isaa fudhatama argata. Kaayyoo guddaa humni
isaaniif kennameef guutuuf in barsiifamu, in leenjifamu, in
adabamus.”—Ellen G. White, Patriarchs and Prophets, 1 pp.
129, 130.
“Gaarummaa Waaqayyootiin qorumsa akka baannuuf yoo
waamamne, hidhii keenyatti kan geessu harka Abbaa keenyaa
-59-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
ta’uu isaa yaadachuudhaan fannoo haa baannu, xooficha had-
ha’aas haa dhugnu. Ifa guyyaa keessattis ta’e dukkana kees-
satti isa haa amanannu. Waan hundumaa gaarummaaf akka
nuuf kennu amanuu hin dandeenyuu? …Jaalala isa fannoo
Qaraaniyyootti nuuf ibsame yeroo yaadannu, halkan dhiphi-
naa keessatti illee taanaan onnee fi sagalee keenya galataan ol
kaasuu attamitti dhiifna.” —Ellen G. White, Testimonies for
the Church, vol. 5, p. 316.
Gaafilee Maree:
1.Namni tokko qorumsa amantii isaa/ ishee garee keessatti
akka dubbatu godhi. Milkaa’insa yookiin kufaatii nama Sa-
naa irraa maal baruu dandeessa?
2.Sa’aatii 24 fannifamuu Kristos dura jiran irra deebi’ii
yaadi. Inni waan cimaa attamii quunname? Attamitti obse?
Qormaata mataa keenyaa keessa yeroo jirru fakkeenyum-
maa isaa irraa maal fudhachuu dandeenya?
3.Qormaata keenya keessatti warra kan biro qorumsa keessa
jiran attamitti tajaajiluu akka dandeenyu waan turban kana
tuqne irratti mari’adhaa. Hammam illee dhugaa yoo ta’e
yaada kana keessatti rakkoon nu mudatan maal?
4.Ellen G. Waayit akkas jettee bareesite: “guyyaattis hal-
kanittis isa haa amanannu.” Kana jechuun gochuu caalaa
salphaadha. Amantii kana gochuuf nu gargaaru guddifa-
chuuf attamitti wal gargaaruu dandeenya? Yeroo gadhee
keessa Waaqayyoon amanachuun maaliif barbaachisa?

-60-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa 6ffaa Adoolessa 30- Hagayya 5

Hannisaa Hundumaan Wallaan-


soo Qabuu
SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Yoh.16:5-15; Qol.1:28, 29;
1Phex. 1:13; Maat. 5:29; Uum.. 32.
Heertuu Yaadannoo: “Jabina isaa isa humnaan
ana keessaa hojjechaa jiruun kana gochuuf itti
nan dadhaba, wal’aansoon ittiin qabas.” Qol.1:29.

D
hiirrii fi dubartiin tokko argisiisa dubbannaa irratti wali-
in ta’anii turan. Lamaan isaanii iyyuu mucaa isaanii ajj-
eefamanii turan. Mucaan dubartii kanaa waggaa 20 dura
ajjeefaman, aarii fi hadhaa’uummaan ishee akkuma duraa gud-
daadha. Namichi walumaa galatti adda ture. Mucaan durbaa isaa
waggoota muraasaan dura shororkeesitootaan ajjeefamtee turte.
Inni waa’ee warra lubbuu ajjeesan kanaa fi attamitti Waaqayyo
miidhama isaa akka jijjiire dubbate. Dhukkubbiin kun hammam
sodaachisaa yoo ta’e illee namni kun Waaqayyo yeroo dukkana
jireenya keenyaa attamitti fayyisuu akka danda’u ibsa.
Namoonni lama attamitti deebii garaagaraa kennuu danda’u?
Qorumsa jireenyaa keessatti qooda isaaniin injifatamuu jireenya
kiristiyaanaa keessatti attamitti jijjiiramin hafuuraa ta’uu dan-
da’a?
Torban kana mil’uu tokkoon: lola mataa ofii fi cubbuu
wajjinii keessatti shoorri fedhii fi humna fedhii keenyaa maa-
liidha? Murtoo goonu keessatti dogoggora miirri keenya nu
to’achuu attamitti dhabamiisuu dandeenya? Yeroo qorum-
-61-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
sa keessa jirru abdii kutachuu dhiifnee obsuu kan kan nuyi
qabnuuf maaliif?
DILBATA Adoolessa 31
Hafuura Dhugaa
“Waaqayyo adaraa gaarii na taasisi” jettee kadhattee, garuu
jijjiiramni muraasi sitti dhaga’amee beekaa? Jireenyi keenya
akkuma isa durii akka ta’e utuu nutti fakkaatuu attamitti humni
haaressuu Waaqayyoo inni guddaan nu keessatti akka hojjetu-
uf kadhachuu dandeenya? Waaqayyo humna uumamaa olii isa
daangaa hin qabne akkasumaan nuuf kennuu barbaadu akka qabu
beekna. Nuyis carraa hunduma isaa argachuu in barbaadna, haa
ta’u malee jireenyi keenya isa inni nuuf kennaa jiruun qixa waan
jijjiirame hin fakkaatu.
Maaliif? Sababni inni tokko salphaadha: hafuurri nu haaressuuf
humna hin daangefamne yoo qabaate illee, filannoo keenyaan
waan Waaqayyo hojjechuu danda’u daangessuu in dandeenya.
Yoh.16:5-15 dubbisi. Heertuu kana keessatti Yesus Hafuura
Qulqulluu “Hafuura dhugaa” jedhee waama (Yoh.16:13).
Kun waan haafuurri Qulqulluun nuuf godhu maal argisiisa?

___________________________________________________
___________________________________________________

Hafuurri Qulqulluun cubbamaa ta’uu keenya dhummaa isaa yoo


nutti mul’ise illee, akka nuyi qalbii jijjiirannu nu gochuu hin dan-
da’u. Inni waa’ee Waaqayyoo dhugaa guddaa nutti mul’isuu in
danda’a, garuu amanuuf yookiin isaaf abboomamuuf nu dirqisii-
suu hin danda’u. Utuu waaqayyo nu dirqisiise fedhii biliisa keen-
ya in dhabna turre, sammuu fi onnee keenya dirqisiisuu isaatiif
seexannis Waaqayyoon in hammeessa ture, akkasittis wallaansoo
isa guddaa keessatti waaqayyo in hate jedhee hammeessa ture.
-62-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Yeroo wallaansoon guddichi samii keessatti ta’e abbaan keenya
seexana yookiin ergamaan kam illee inni gaarii fi qajeelaa ta’uu
isaa akka amanuuf hin dirqisiifne, yookiin ergamoonni akka qa-
lbii jijjiirataniif isaaniin hin dirqisiifne. Dhaabaa Jannataa kees-
sattis Waaqayyo dhugaa waa’ee muka jannata walakkaa jiruu
ibse malee abboomamuudhaaf fedhii biliisaa isaanii shaakaluu
irraa Addaamii fi Hewwaaniin hin dhorkine. Har’as Waaqayyo
nu waajjin gochaa addaa hin hojjetu. Hafuurri dhugaa waa’ee
Waaqayyoo fi cubbuu nuuf dhi’eessee “waan ani sitti mul’ise
kana irratti maal goota?” jedhee nu gaafata. Haala akkasii kees-
satti akka humni Waaqayyoo keessa keenya seenee nu haares-
suuf abbaan keenya akka hojjetuuf balbala qalbii jijjiirannaa fi
abboomamuu banuu filachuu qabna.
“Hafuurri dhugaan” yeroo dhi’ootti maal si amansiise? Sa-
galee isaa attamitti dhageefatte? Filannoo biliisaa keetiin im-
moo maal goote?

WIIXATA Hagayya 1
Walitti dabalamuu Waaqaa fi Namaa
Wanti guddaan ati yeroo hunda raawwattu maal? Wanti ati raaw-
watte salphaadhumatti ganama siree irra gangalachuudhaan hin
taane. Jireenya kana keessatti waan gatii qabu raawwachuu yoo
barbaadneyeroo fi dhamaasuu gaafata.bartummaan Kristosii
wajjinis kana irraa adda miti.
Qol.1:28, 29 dubbisi. Phaawulos waa’ee Waaqayyo isa kees-
satti hojjechuu yoo dubbate illee dhamaasuun namas keessa
jiraachuu akka qabu karaa kamiin argisiise? K/Deeb.4:4;
Luq. 13:24; 1Qor.9:25; Ibr.12:4 ilaali.

_________________________________________________
_________________________________________________

-63-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Qol. 1:29 keessa hojii kana keessatti karaa ittiin Phaawulos
hariiroo isaa fi waaqayyoon gidduu jiru ilaalu yaada baay’ee
namatti tokutu jira. Inni humna waaqayyootiin wallaansoo qa-
baa akka jiru dubbata. Jechi “nan dadhaba” jedhu “dadhabuu”
“hamma dadhabanitti hojjechuu” jechuudha. Jechi kun immoo
warri dorgommee keessa jiran yeroo leenjii irra jiran kan dhimmi
itti ba’amuudha. Jechi “wal’aansoo” jedhu inni itti aanee dhufu
qooqa tokko tokko keessatti “dhiphachuu” jechuu ta’uu danda’a.
Kanaaf, jecha nama mo’achuuf dorgommee keessatti hagaamaa
jiru argisiisu qabna. garuu Phaawulos yaada kanatti waan bi-
raa itti dabala, sababni isaa Phaawulos waan ofii isaatii qabuun
utuu hin taane waan Waaqayyo qabuun haggaamaa jira. Kanaaf
waa’ee tajaajila Phaawulosiin gudunfaa salphaa qabna – innis ta-
jaajila dhamaasuu fi naamusa dhuunfaatiin godhame, garuu hum-
na Waaqayyootiin ta’eedha. Hariiroon kun amala Kristosiin nu
keessatti guddisa.
Kana yaadachuun in barbaachisa, sababni isaa nuyi addunyaa
dhamaasuu baay’ee nu barbaadu keessa jiraanna. Yaadni kun
immoo gara kiristiyaanummaatti qaxisaa jira. Hojjetoonni wan-
geelaa dhaabbata amantii kiristiyaanaa muraasi yoo amante Ha-
fuurri Qulqulluun humna uumamaa olii dinqisiisaa ta’een sir-
ra bu’ee dinqii guddaa hojjeta jedhanii abdachiisu. Garuu kun
dhugaa walakkaa balaa of keessaa qabuudha, sababni isaa utuu
nuyi teesuma keenya irra nutti tolee teenyuu humni Waaqayyoo
akka dhufu eeguu barbaadna goolabbii jedhutti namoota geessuu
danda’a.
Kan akka wal’aansoo Phaawulos dubbachaa jiruu ilaal-
chisee shaakalli kee maal? Kan ati wal’aansoo qabaa jirtu
wanti Waaqayyo onnee kee keessa kaa’e maaltu jira? Fedha
Waaqayyootiif bitamuu attamitti baruu dandeessa?

-64-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KIBXATA Hagayya 2
Fedhii Leenjifame
Diinni fedhii keenyaa inni guddaan miira keenya. Nuyi utuu
hin hubatin aadaa fakkii fi muuziqaadhaa miira keenya hawwa-
tee aarii, sodaa yookiin kajeellaa keenya sochoosuun guutamte
keessa jiraachuu itti fufnee jirra. “Nyaata kana nyaachuuf maal-
tu anatti dhaga’amaa jira?” “Har’a kana gochuuf maaltu anatti
dhaga’amaa jira?” “kana bituuf miira gaariitu anatti dhaga’amaa
jiraa?” akka jechuutti Wantoota kana attamitti ilaalla? Miir-
ri murtoo gochuu keenya keessatti qooda qabaataa jira. Miirri
gadhee miti, garuu waa’ee wanta tokkoo attamitti akka ani yaa-
du wanta sirrii yookiin foya’aa ta’uu danda’a. Dhugaadhumatti
miirri keenya nu sobuu danda’a “Garaan namaa waan hundumaa
irra jal’aa dha” (Erm.17:9), akkasumas, qorumsa mataa keenya
bocuu (tolchuu) keessatti filannoo badaa akka goonuuf nu kakaa-
suudhaan waan sobaa dhugaa nutti fakkeessuu danda’a.
Macaafa Qulqulluu keessaa namoota sagalee Waaqayyoo ir-
ratti hunda’uu caalaa miira isaanii irratti hundaa’uudhaan
filannoo godhatan fakkeenya maalii argachuu dandeessa?
Fkk. Uum.3:6; 2 Sam.11:2-4; Gal.2:11-12 ilaali.

_________________________________________________
_________________________________________________

1Phex.1:13 dubbisi. Pheexros waa’ee maalii dubbachaa jira,


dubistoonni isaas maal akka godhan barbaada?

_________________________________________________
_________________________________________________

-65-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Sammuun qaama nuyi to’annuuf akka meeshaa ittiin bishaan
daakanii ta’uu isaa hubateera. To’annaa sammuu yoo dhabam-
siifne miira nuun gadiitiin to’atamna.
Karaa isa dhiphaa irra gara mana tiksituutti adeemaa akka jir-
tutti yaadi. Karaa sana cina karaan kallattii garagaraatti geessu
hedduutu jira haa jennu. Karaa sana keessaa muraasi bakka nuyi
dhaquu hin barbaadnetti nu geessa. Kaan immoo miira keenyatti,
fedhii keenyaafis qormaata waan qaban fakkaatu. Yoo isa kees-
saa tokko filanne daandii isa sirrii in dhabna, karaa isa daandii
sirrii dhabuun cimaa nutti ta’u irras adeemna.
Murtoo barbaachisaa attamiitu si mudataa jira? “Filannoo
koo faallaa sagalee Waaqayyootiinan miira, fedhii fi itti dha-
ga’ama irratti hundeessaa jiraa” jedhii amanamummaad-
haan mataa kee gaafadhu.
Roobii Hagayya 3
Of Kennuu Bu’uuraa
“Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii
gati; guutummaan dhagna keetii qililleetti darbatamuu man-
naa, bu’aa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya”
Maat. 5:28
Jechoota Yesus heertuu armaan olii keessa jiru irratti xi-
yyeefadhu. Jechoonni isaa kun jechoota bu’uuraa jettee in
waamtaa? Yoo akkas ta’e maaliif?

_________________________________________________
_________________________________________________
Gochaaleen bu’uuraa kan isaan barbaachisaniif sababa Waaqa-
yyo jireenya kiristiyaanummaa cimaa godheef utuu hin taane sa-
baba nuyii fi aadaan keenya karoora Waaqayyo nuuf qabu irraa
-66-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
fagaatee tureefi. Namoonni yeroo baay’ee ofitti dammaqanii “ani
attamittaan Waaqayyo irraa fagaachuu danda’ee?” jedhanii din-
qifatu. Deebiin isaa yeroo hundumaa tokkicha: innis yeroo ye-
rootti faana tokkoon duubatti deebi’uudhaani.
Maat.5:29, 30 dubbisi. Yesus qabiyyee cubbuu quunnamtii saalaa
dubbachaa jira. Haa ta’u malee qajeelfamni kun cubbuu warra
kan biros in ilaallata. Dhugaadhumatti, qajeelfamin kun guddina
nuyi akka walii galaatti Kiristos keessatti guddannu in ilaallata.
Sagalee isaa isa Maat.5:29, 30 keessa jiru keessatti Yesus
waa’ee qabxii barbaachisaa isa kamiin dubbachaa jira? Irra
keessa qaama keenyaa miidhuudhaan kana of goonaa?
_________________________________________________
_________________________________________________

Yesus qaama keenya isa duubaa akka miinuuf nu waamaa hin


jiru. Qooda kanaa inni aarsaa hammamii illee yoo nu gaafate
sammuu fi qaama keenya akka to’achuuf waamicha nuuf godhaa
jira. Heertuun kun akka Waaqayyo batalatti miira cubbuun
guutame nu irraa akka balleessuuf kadhachuu qabna jechaa hin
jiru. Yeroo tokko tokko Waaqayyo ayyaana isaatiin kana nuuf
in godha, yeroo hundumaa waan tokko dhiisuuf yookiin waan
tokko gochuu jalqabuuf of kennuu bu’uuraa akka goonuuf nu
waama. Kun qormaata jabaa attamiiti. Akkuma nuyi irra dedee-
binee filannoo qajeelaa gooneen jaboota taana, humni qorumsaa
jireenya keenya keessa jirus dadhabaa adeema.
Yeroo waci qalbii keenya hatu naannoo keenyatti baay’aatu
Waaqayyo yeroo tokko tokko xiyyeefannoo keenya harkisuuf qor-
maatatti fayyadama. Waaqayyo irraa hammam akka fagaanne
kan nuyi hubannu qormaata keessatti. Karoora abbaan keenya
nuuf qabutti deebi’uuf murtoo bu’uuraa akka goonuuf qormaati
waamicha Waaqayyoo ta’uu danda’a.
-67-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KAMISA Hagayya 4
Barbaachisummaa Obsaan danda’uu
Seenaa Waaqayyoo wajjin wallaansoo wal qabuu Yaaqobiin
dubbisi (Uum. 32). Abdii kutannaa guddaa keessatti illee ta-
anaan seenaan kun waa’ee obsaan danda’uu maal nutti hima?
(Utuu hin deebisin dura qabiyyee haala Yaaqobiin guutummaa
isaa sammuutti qabadhu.)

_________________________________________________
_________________________________________________

Waan sirrii ta’e beekuu fi waan sirrii ta’e gochuuf fedhii keenya
shaakalsiisuu in dandeenya; garuu dhiibbaa jala yeroo jiraannu
Waaqayyoo fi abdii isaatti qabamuun baay’ee cimaa ta’uu dan-
da’a. Sababni isaa nuyi dadhabootaa fi sodaatoo waan taaneefi.
Kanaaf, jabinni kiristiyaanaa inni barbaachisaan obsaan dan-
da’uudha, innis abdii kutannaan yoo jiraate illee dandeettii itti
fufuu qabaachuudha.
Fakkeenyi obsaan danda’uu Macaafa Qulqulluu keessa jiru inni
guddaan Yaaqoobidha. Yaaqob waggoota baay’een dura anga-
fummaa fudhachuuf jecha obboleessa isaa Esaawuu fi abbaa isaa
gowwomsee ture (Uum.27) erga yeroo Sanaa jalqabee Esaawuun
isa ajjeessuu waan barbaadeef baqataa ture. Abjuu yaabbannoo
waaqa bira ga’uun abdiin geggeessuu fi eebba Waaqayyoo inni
guddaa dinqisiisaan yoo kennameef illee (Uum.28), inni amma
illee sodaachaa ture. Yaaqob abdiin waaqayyoo inni fudhatee
turee fi abdiin waaqayyo waggoota dheeraan dura galeefii ture
amma illee dhugaa ta’uu isaa abdii kutee ture. Nama tokkoo
wajjin (Yesus) utuu wal loluu ribuun isaa iddoodhaa kaate. Yeroo
Sanaa kaasee dhukkubbiin isaa jabaa waan tureef loluu hin
dandeenye. Loluu irraa gara itti marmuutti gedderame. Yaaqob

-68-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
dhukkubbii obsuun isaa hin danda’amne keessatti hamma eeb-
ba argachuu isaa mirkaneefatutti Yesusitti marme. Kanaaf Yesus
“Boruun baqaqeera, gad na dhiisi” ittiin jedhe (uum.32:26).
Eebbi Yaaqobiif sababni inni dhufe dhukkubbii sana keessatti
waan inni jabeessee qabateefi. Waaqayyo “ribuu” keenya iddoo-
dhaa kaachisee dhukkubbii keenya keessatti akka isatti maxxan-
nuuf nu waamuu in danda’a. Dhugaadhumatti godaannis dhuk-
kubaa akka itti fufuuf waaqayyo heyyameera, Yaaqob yeroo
obboleessa isaa quunname illee in okkola ture. Kun immoo du-
ubaan yeroo mul’atu dadhabbii dha, garuu Yaaqobiif argisiiftuu
jabinaati.
Abdii kutannaa fi qorumsa keessatti Gooftaa wajjin obsaan
turuuf kan si gargaaru filannoon hojiidhaan mul’atu (kan
akka hariiroo, akkaataa jireenyaa, wantoota dubbifaman,
amala fayyummaa gaarii, jireenya hafuuraa) ati qabaachuu
dandeessu maal?

JIMAATA Hagayya 5
Yaada Dabalataa: kitaaba Ellen G. White, Patriarchs and Proph-
ets jedhu mata duree “The Night of Wrestling,” fuula 195–203,
fi Steps to Christ mata duree “Consecration” jedhu fuula 43–48
dubbisi.
“Fedhiin biliisaa inni amala namaa bocuuf barbaachisaa ta’e kun
yeroo kufaatii to’annaa seexanaa jala galfame; erga yeroo Sa-
naa kaasee badiisaa fi gadadoo ilmaan namaaf akka fedhii isaatti
nama keessatti hojjechaa jira, akkasumas waan isa gammachii-
su godhaa jiras.” —Ellen G. White, Testimonies for the Church,
vol. 5, p. 515.
“Gargaarsa Waaqayyoo fudhachuuf namni dadhabbii fi hanqina
isaa hubachuu qaba; sammuu isaa jijjiirama guddaa isa irratti

-69-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
ta’uuf jedhuuf qopheessuu qaba; kadhannaa kutannoo fi obsaan
danda’uuf dammaquu qaba. Amalli fi barmaati dogoggoraa raa-
famuu qaba; dogoggora kana sirreessuu fi qajeelfama sirrii wajjin
walii galuuf yaaliin kutannoo qofaadhaani mo’ichi argama. Saba-
ba waan Waaqayyo akka isaan hojjetaniif humna isaaniif kenneef
akka Waaqayyo isaaniif hojjetu eeganiif baay’een waan arga-
chuu danda’an hin argatan. Dhimmaa baasuuf kan malan leenjii
sammuu fi amilee jabaa keessa darbuu qabu, waaqayyos humna
waaqummaa yaalii namaatti dabaluudhaan isaaniin in gargaara.”
Ellen G. White, 4 Patriarchs and Prophets, p. 248.
Gaafilee Maree:
1.Kufaatii keessatti fedhiin keenya to’annaa seexanaa jala
galuu isaa attamitti yaadda? Amala Yesus irratti xiyyeefa-
chuudhaan hammam akka kufnee fi ayyaanni Waaqayyoo
hammam nu irratti guddaa akka ta’e attamitti hubanna?
2.Seenaa Yesus isa Geetasamaanee (Maat. 26:36-42) dubbisi.
Fedhii waaqayyoon faallaa fedhii fi miirri Yesus maal tutre?
Fakkeenya kana irraa maal barra?
3.Aadaa kee keessatti ittisa keenya cabsee haleellaa seex-
anaaf saaxilamoo taanee akka hafnu kan nu godhu wanti
addaa jiraachuu isaa gareedhaan irratti mari’adhaa. Balaa
kana irraa miseensota waldaa warra kaan, akkasumas warra
gargaarsi akka isaan barbaachisu isaanitti dhaga’amu gar-
gaaruuf maal gochuu dandeenya?
4.Waldaa kee keessaa abdii kutachuuf kan qophaa’e yookiin
kan abdii kutate beektaa? Nama kana gargaaruuf yookiin
akka inni Yesus irraa duuba hin deebine jajjabeesuuf akka
gareetti maal gochuu dandeessu? Gargaaruuf waan qabata-
maa hojiidhaam nul’atu maal gochuu dandeessu?

-70-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Barumsa 7ffaa Hagayya 6-12

Abdii Hin Badne


SANBATA WAAREE BOODA
Quannoo Torban Kanaaf Dubbisi: Ibr. 1:1-4, Iyoob 38-41,
Isa. 41:8-14, Erm. 29:1-10, Ibr. 12:1-13.
Heertuu Yaadannoo: “Sababii Waaqayyo, jaa-
lala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf ken-
name, garaa keenya keessatti dhangalaaseef,
abdiin immoo nu hin yeellaasisu.” Room.5:6.

W
aldaan yeroo namoota gammadaniin marfamtu
waa’ee abdii faarfachuu fi dubbachuun attam sal-
phaadha! Garuu yeroo mataa keenya qormaata kees-
satti arginu abdiin yeroo hunda salphaa ta’ee hin argamu. Yeroo
haalli naannoo keenyaa cimaa ta’u gaaffii gaafachuu, addumaan
immoo ogummaa Waaqayyoo irratti gaaffii kaasuu jalqabna.
C.S.Lewiis namni jedhamu macaafa isaa tokko irratti namni tok-
ko waa’ee wanta amanaa Leenca godhu barreessa. kana quun-
namuu barbaadee Leencichi fayyaa ta’uu isaa gaafate. Namichis
inni nagaa miti, garuu inni gaariidha jedhee deebiseef.
Waaqayyoon yeroo hunda hin hubanne ta’e illee, waan hin ya-
adamin kan godhu yoo nutti fakkaates waaqayyo faallaa keenya
jechuu miti. Garuu yaada nagaa, amanannaa fi abdii qabaachuu
wajjin wallaansoo wal qabna, waaqayyo hubatamuu fi kan dursee
waa dubbatu ta’uu qaba. Inni yaada keenya keessatti “nagaa”
akka ta’e yaadnu barbaada. Akkasitti, mataa keenya abdii kutan-
naaf mijeesina.

-71-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Torban kana mil’uu tokkoon: amala Waaqayyoo huba-
chuun qorumsa keessatti abdii qabaachuuf attamitti nu
gargaara?

DILBATA Hagayya 7
Fakkii Guddaa
Yeroo miidhamaa jirru wanti nu irratti ta’aa jiru dhimmi cimaad-
ha jennee tilmaamuun isaa salphaadha. Garuu fakkiin guddaan
kan “koo” irra caalu jira (Mul.12:7, Room. 8:22).
Anbaaqom 1:1-4 dubbisi. Anbaaqomiin maaltu mudate?

_________________________________________________
_________________________________________________

“Kun dhuguma sodaachisaadha, Anbaaqom; battalumatti dhu-


feen si gargaara” waan jedhu akka Waaqayyo dubbatu eegda ta’a.
Inni akka wanti kun hammaachaa adeemu Anbaaqomitti hime.
Kana Anb. 1:5-11 keessaa dubbisi.
Israa’eloonni warra Asooriin booji’amanii turan, garuu wanti
kana irra hammatu dhufaa akka jiru Waaqayyo abdachiise; amma
warri Baabilon saba Yihudaa fuudhanii adeemu. Anbaaqom am-
mas lakk. 12-17 keessatti in iyya, waan Waaqayyo dubbatu ar-
guufis in eega.
Badiisi Baabiloon inni Anb.2:2,3 keessatti abdachiifamuun
isaa inni Waaqayyo dubbate attamitti abdii fida?

_________________________________________________
_________________________________________________

Anb.2 badiisa Baabiloniin dhufu abdachiisuu Waaqayyoo dub-


bata. Ibr.10:37 Anb.2:3 caqasuudhaan abdii fuula duraa ka-
-72-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
naaf waa’ee Masihii dubbata. Haaluma wal fakkaatuun badiisi
Baabilon abdachiifame, kanaaf “badiisi Baabiloon guddittiis”
dhugaadha (Mul.18:2).
Anbaaqom hammina guddaa isa marsee jiruu fi waan gadhee dh-
ufaa jiru isa Waaqayyo abdachiise gidduutti kiyyootti qabame.
Haa ta’u malee kun iddoo nuyi seenaa fayyinaa keessatti mataa
keenya itti arginuudha. Hammina gudaatu naannoo keenya jira,
garuu wanti kana irra hammaatu dhufaa akka jiru Macaafni qul-
qulluun raagaa. Jiraachuu Anbaaqomiif furtuun guutummaa fak-
kii Sanaa arguuf dhufuu isaa ture.
Kanaaf, boqonnaa 3 keessatti waan Waaqayyo fuula duratti hojj-
echuuf jiruuf kadhannaa amanuun isaa nama rakkisu kadhate.
Anbaaqom 3:16-19 dubbisi. Anbaaqom adii isaatiif sababa
maalii kenna? Taatee raajii xumuraa mul’atan yeroo eeg-
gannu abdiin saba Waaqayyoo maaliidha? Abdii kana at-
tamitti kan kee godhachuu dandeessa?

WIIXATA Hagayya 8
Abbaan Keenya Eenyuudha?
Oswaaldi Chambers akkas jedhee barreessa, “waan Waaqayyoo
gochuuf jedhu gaafataa jirtaa? Inni sitti hin himu. Waaqayyoo
waan gochuuf jedhu sitti hin himu; inni eenyu akka ta’e sitti
mul’Isa.” is.”—My Utmost for His Highest (Uhrichsville, OH:
Barbour & 8 Company, Inc., 1963), Jan. 2.
Yaada kanaan Chambers maal jechuu barbaade jettee
yaadda?

_________________________________________________
_________________________________________________

-73-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Akkuma beeknu macaafni Iyoob balaa dhuunfaa guddaa Iyoob
irra ga’een jalqaba. Inni lubbuu fi haadha manaa isaa irraa kan
hafe waan hundumaa dhabe, isheen immoo “waaqayyoon abaree
akka du’uuf” yaada kennite (Iyoob 2:9). Wanti itti aanee dhufe
immoo maree michoonni isaa kun hundumtuu maaliif akka isa
irratti ta’e isa hubachiisuuf irratti hojjechuu yaaluu isaaniiti. Ma-
ree kana hundumaa keessatti immoo Waaqayyo in callise.
Akka tasaa ta’ee Iyoob 38 keessatti waaqayyo mul’atee dubbate:
“Inni dubbii beekumsa malee dubbatamuun, akeeki koo akka hin
mul’anne godhu” Iyoob 38:2. Waaqayyo gaaffiilee naannoo 60
Iyoobiin gaafate. Macaafa Qulqulluu kee banii Iyoob 38 fi 30
keessaa ilaali.
Gaaffii isa xumuraa booda Iyoob akkas jedhee deebise. “Kunoo,
ani salphadheera, afaan koo nan qabadha malee, maalan siif dee-
bisa ree? Ani akkan deebii hin kennineef takkaa dubbadheera,
si’achis lammaffaa itti hin dabalu jedhe.” Iyoob 40:4, 5. Garuu
waaqayyo hin fixne. Ammas itti fufee gaaffii kan biraa guddaa
gaafate.
Deebii Iyoob isa xumuraa Iyoob 42:1-6 keessatti dubbisi.
Wanti Waaqayyo Iyoobitti himuu barbaade maal ture, innis
isa irratti bu’aa maalii qaba?
_________________________________________________

Gaaffii michoota Iyoob isa “maaliif” jedhu Waaqayyo hin dee-


bifne. Garuu Waaqayyo guddummaa isaa isa qixxee hin qabne
karaa hojii uumamaa isa dinqisiisaa mul’ise. Kana booda Iyoob
deebii kan biraa hin barbaadne. Ibsa barbaaduun fakkii surraa
Waaqayyoo isa sodaachisaatiin golgame.
Seenaan kun hibboo dinqisiisaa mul’isa. Abdii fi jajjabinni bee-
kumsa xiqqoo nuyi hubannu keessaa madduu danda’a. Nuyi
-74-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
waan hundumaa beekuudhaan jajjabina argachuu barbaadna, ka-
naaf yeroo beekuu dadhabnu abdii kutannaan nutti dhufa. Garuu
abdiin namaa wabii argachuu kan danda’u kan nuyi irra gud-
daa caalu biraa akka dhufu akka hubannuuf yeroo tokko tokko
Waaqayyo walaalummaa keenya bakkeetti baasa.
Wanta ati hubachuu hin dandeenyetu ta’aa jiraa? Yoo akkas
ta’e amala Waaqayyoo irratti xiyyeefadhu. Kana gochuun
waan amma hin hubatamne keessatti attamitti abdii siif ken-
na?

KIBXATA Hagayya 9
Argama Abbaa Keenyaa
“Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee Hin
sodaatin! Ani sin gargaara’o siin jedhuu dha.” Isa.41:13.
Namni ta’e yeroo tokko akkas jedhe, “Waaqayyo fagoo yeroo
fakkaatu, eenyutu isa dhiibe?” Yeroo rakkoon uumamu waaqa-
yyo nu dhiise jennee yaadna. Dhugaan isaa garuu inni eessa illee
hin dhaqne.
Yihudoota boojuu keessa jiraniif argamin Waaqayyoo baay’ee
fagoo fakkaatee ture. Haa ta’u malee waaqayyo isaaniin oolchuuf
karaa Isaayaasiin fuula duratti dubbateera. Gara Yerusaalemitti
deebi’uuf waggoonni baay’een fuula duratti kan hafan yoo ta’e
illee waaqayyo isaan irraa fagoo akka hin taanee fi abdiif sababni
jiraachuu isaa akka sabni isaa beekaan barbaade.
Isa.41:8-14 dubbisi. Saba fedhii guddaan oolfamuu fuula du-
raa eeggachaa jiraniif sababin abdii ati kennuu dandeessu
maal? Xumura boojuu keenya lafa irraa eeggachaa utuu jir-
ruu abdiin kun attamitti nu gargaara?

-75-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Heertuu kana keessaa fakkiin humna qabeessi Isa.41:13 irratti ar-
gama. Waaqni aango qabeesi yuniversii kanaa, sababni isaa inni
“isa harka kee qabuudha” waan ta’eef sodaachuun hin barbaa-
chisu jedhee saba isaatti dubbata. Waaqayyo teessoo guddaa irra
taa’e taatee lafa kana irratti ta’u to’ata jedhanii yaaduun waan
tokko. Garuu harka saba isaa warra jaallatamoo qabuuf dhi’oo
jira jedhanii yaaduun immoo waan biraadha.
Yeroo hojiin nutti baay’aatu waaqayyo nutti dhi’oo akka ta’e
yaadachuun cimaadha. Garuu inni Amaanu’eel, “waaqayyo nu
wajjin” akka ta’e yaadachuun garaagarummaa uuma. Argamin
waaqayyoo nu wajjin yeroo ta’ukaayyoon isaa, abdiin isaa fi
humin isaa inni haaressus akkasuma.
Guyyoota muraasa itti aananiif kana shaakaluu yaali. Yeroo
danda’amu kamitti illee waaqni yunversii kanaa harka kee
qabuu fi dhuunfaatti gargaarsa si abdachiisuuf sitti dhi’oo
akka jiru mataa kee yaadachiisuu yaali. Kun akka ati itti ji-
raattu attamitti akka jijjiiru galmee qabaadhu. Guyyaa san-
bataa muuxannoo kana irratti mari’achuuf qophii godhi.

ROOBII Hagayya 10
Karoora Abbaan Keenya Nuuf Qabu
Hundumtuu abdii qabaachuu barbaada. Garuu inni eessaa
argama? Namoota muraasaaf abdiin michoota gammadoo
biraa argama. Namoota kan biroof immoo abdiin wabii di-
nagdee qabaachuu yookiin gaa’ela hin sochoone ijaarachuu
keessaa argama. Abdii fi jajjabina eessaa argatta?

___________________________________________________
___________________________________________________

-76-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Macaafa Ermiyaas keessatti raajichi saba boojuu keessat-
ti abdii kutataniif barreessa. “Nuyi biyya Baabilonitti lagoota
bishaanii bira teenyee, yommuu Xiyoonin yaadanne in boonye.”
Faar.137:1. Garaan isaanii yoo cabe illee Ermiyaas sababa isaan
abdii kutachuu hin qabneef dubbata.
Sababni isaan abdii qabaachuu qabaniif Erm.29:1-10 keessatti
maaltu kenname?
___________________________________________________
___________________________________________________
Heertuu kana keessa madda abdii barbaachisaa sadiitu jira.
Tokkoffaa, waaqayyo akka sabni isaa abdii kutachuu hin qabne
dubbata, sababni isaa haalli isaanii bu’aa carraa yookuun ham-
mina dursee hin raajamnee miti. Waaqayyo mataan isaa akkas
jedha waan ta’eef, “Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni
kan Israa’el, Yerusaalemiin Baabilonitti kanan isaan booji’amsi-
ise boojuu hundumaan.” (Erm.29:4). Hamminni yoo isaan marse
illee Yihudaan wiirtuu harka Waaqayyootiin hin dhiifamne.
Lammaffaa, waaqayyo akka sabni isaa abdii kutachuu hin qabne
dubbata, sababni isaa isaa inni haala isaanii isa rakkisaa isaan
amma keessa jiran keessatti illee hojjechuu in danda’a. “Man-
dara ani akka isin booji’amtanii itti geeffamtan godhe, kanaaf
nagaa barbaadaa, Waaqayyoonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo
argatte isinis nagaa in argattu’ jedhee dubbateera kan jedhuu
dha” (Erm.29:7).
Sadaffaa, waaqayyo akka sabni isaa abdii kutachuu hin qabne
dubbata, sababni isaa yeroon isaa yommuu ga’u inni boojuu
isaanii gara xumuraatti in fida. “Waaqayyo, Akkuman dur dub-
badhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjet-
tanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee
tures gara biyya kanaatti isin nan deebisa” (Erm.29:10).
-77-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Waa’ee isaanii isa yeroo darbeef itti gaafatamummaa akka fud-
hate, isa ammaaf immoo itti gaafatamummaa fudhataa akka jiruu
fi isa fuula duraafis ittigaafatamummaa akka fudhatu Waaqayyo
erga ibsee booda eegumsa isaa isa gaarii saba isaaf in kenna
(Erm.29:11-14).
Erm.29:11-14 dubbisiiti akka waan Waaqayyo dhuunfaatti
abdii kana siif kenneeti si’i jecha jedhuu duubaan maqaa kee
galchii waami. Amma wallaansoo akkamii keessa yoo jiraatte
illee abdii kana kan kee godhadhu.
KAMISA Hagayya 11
Adaba Abbaa Keenyaa
Ibr. 12:5-13 dubbisi. Ergaan iddoo kana jiru maal, waan nuyi
nuusa kana qorachaa jirruu wajjinis attamitti wal simata?
Ibr.12:5-13 keessatti Phaawulos qorumsa qabiyyee adabaa kees-
satti ibsa. Macaafa Qulqulluu hiikkaa NIV keessatti heertuun kun
jecha adaba jedhu bifa garaagaraatiin si’a kudhan dhi’eessa. Ad-
dunyaa Girikii keessatti jechi kun “barumsaaf” jecha bu’uuraati.
Kanaaf jecha “adaba” jedhu hubachuun mana barumsaa amantii
isa Phaawulos Ibrota 11 keessatti dursee dubbate keessatti at-
tamitti Waaqayyo akka nu barsiisu hubachuudha.
Ibr. 11 keessatti Phaawulos diirotaa fi dubartoota amantii kaasa.
Haala qorumsaa hunda keessa yeroo isaan adeemaa turan akka
isaan waaqayyoon hin dhiifne kan isaan eege amantii isaaniiti.
Boqonnaa 12 tti yeroo seennu Phaawulos gara keenya gara dub-
bistootaatti deebi’uudhaan qorumsa addaa kan obsaan danda’an
of duraa erga qabaanne nuyis jireenya amantii keessatti kaachuu
keenya xumuruu in dandeenya jedhee dubbata. Furtuun isaa ija
keenya Yesus irra ka’aachuudha (IBr.12:2), sababni isaa yeroon
cimaan yommuu isa quunname inni nuuf fakkeenya (Ibr.12:3).
Boqonnaa 12 dubbisuun akka kalayyaa dubbisaa fudhachuuti.
-78-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Kalayyaa kana malee rakkinaaf hubannaan yookiin mul’ati nuyi
qabnu dimimmisa’aadha. Garuu kalayyaa kana keessaan ilaalu-
un ibsa dhiphinaa aadaan keenya nu irra kaa’e sirreessa. Kana
booda ifatti hubachuu fi qorumsaaf dammaqnee deebii kennuu
dandeenya.
Ibr.12:1-13 kalayyaa kana keessaan dubbisi. Lakk. 5-13 ir-
ratti hunda’uudhaan gaaffiilee kana deebisi.

Maddi adabaa maali?

Adabaaf deebiin keenya maali?

Galmi adabaa maali?


Ibr.12:1-13 irra deebi’ii dubbisi. Bu’uura abdii kan ta’u sa-
baboota argachuu dandeessu mara tarreesi. Yeroo “barum-
sa” hafuuraa kee keessa abdii kana attamitti shaakalte?

JIMAATA Hagayya 12
Yaada Dabalataa: kitaaba Ellen G. White, Education jedhu irraa
mata duree “The School of the Hereafter,” jedhu fuula 301–309,
fi The Ministry of Healing mata duree “Help in Daily Living”
jedhu fuula 470, 471 dubbisi.
“Yeroon abdii kutannaa fi jabina dhabuu – Guyyaan gaddi qoo-
da namaa ta’uu fi waaqayyo ijoollee isaa warra lafa irraatiif
gaariidha jedhanii amanuun cimu, guyyoonni gidiraan lubbuu
dhiphisuudhaanjireenya irra du’a filatan muuxannoo hundumaa
keessatti in dhufa. Baay’een amantii Waaqayyo irraa qaban kan
dhiisanii fi shakkiidhaaf gabroomuu, garba amanti dhabinaa
ta’uutti kan dhufan yeroo sana. Yeroo akkasii keessa hiikkaa
geggeessaa waaqayyoo adda baasuu, ergamoonni mataa keenya
irraa nu fayyisuuf hojjechaa utuu jiranii, miilla keenya hundee
gaarota barabaraa caalaa jabaatu irra dhaabuuf utuu dhama’anii

-79-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
arguu qabna, yeroo sana amantiin haaraa fi jireenyi haaraanis nu
keessatti in biqilu.”—Ellen G. White, Prophets and Kings, p.162.
Gaaffiilee Maree:
1.Ellen G. White akkas jetti, “hundumti keenya” yeroo abdii
kutannaa fi jabina dhabuu in shaakkalla. Yeroo akkasii kees-
sa yommuu adeemnu walii keenya attamitti yaadanna? Abdii
kutannaa hadhawwaa akkasii yeroo shaakallu attamitti bakka
bu’oota abdii waliif ta’uu dandeenya?
2.Gaaffii guyyaa Kibxataa xumura irra jiru gareedhaan irratti
mari’adhaa. Waaqayyo yeroo hundumaa si bira jiraachuu isaa
mirkaneefachuun jireenya kee keessatti garaagarummaa maalii
fida?
3. Iyoob 38-41 garee keessatti sagalee ol kaasii dubbisi. Fakkii
waaqayyoo bifa maaliitiin dhi’eessa? Abdii fi jajjabina inni ken-
nu irraa maal baratta? Fakkii kana keessatti sanbati attamitti
gala? Kun uumamaa fi amala Waaqayyoo attamitti fuula keen-
ya dura ka’a?
4.Abdiin nama haaressu samiidhaa dhufa. Kana jechuun jireen-
ya walii keenyaa keessatti abdii fiduuf kadhachuu in dandeenya
jechuudha. Warra abdiin isaanii duraa raafameef akka abdiin
isaanii haara’uuf kadhannaadhaan yeroo muraasa fudhadhu.
Warra abdii barbaaduuf wallaansoo keessa jiraniif kana irra
kan caalu maal gochuu dandeessa?
5.Yeroon rakkisaa fi qorumsaa dhufee amantii fi abdii kan
dhabsiise namni sana yaadatu yoo jiraate fedha isaa/ ishee
gaafadhu. Nama sana akka inni deebi’u maaltu godhe? Yeroo
shakkii fi abdii kutannaa keessa jirru waan nu gargaaru maal
waliif qooduu dandeenya?

-80-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Barumsa
8ffaa Hagayya 13-19

Waan hin Argamne Arguu


SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban Kanaaf Dubbisi: Room. 8:28-39, Yoh. 14:1-
14, Efe. 1:18-23, Isa. 40:27-31.

Heertuu Yaadannoo: “Inni amantiidhaan


dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaa-
tin biyya Gibxii ba’e; isa ijaan hin argarmne
akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate”
(Ibr.11:27)...

H
iikkaan amantii macaafa Ibrootaa keessaa yeroo hun-
dumaa qom qabaa qaba. “Amantiin waan abdatan
Dhuguma in ta’a jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan
hin argines akka waan arganiitti Jira jedhanii lakkaa’uu dha”
(Ibr.11:1). Waa’ee waan hin argine tokkoo attamitti mirkaneefa-
chuu dandeenya? Heertuu yaadannoo keenya keessatti wanti mu-
seen ibsu isa kana. “Isa ijaan hin argarmne akka waan arguuttis
yaada isaatti jabaate” (Ibr.11:27).
Yeroo haallii gaarii qofa utuu hin taane addumaan yeroo wan-
toonni dogoggoraan ta’an isa ijaan hin argamne arguuf waama-
muu hubachuun baay’ee qom qabaadha.sababa kanaaf amantii isa
kan Kiristosiin fakkaatu, isa dhugaa waa’ee Waaqayyoo fi moo-
tummaa Waaqayyoo beekuudhaan bocame barbaadna. Dhugaan
waa’ee gaarummaa Waaqayyoo, humna maqaa Yesus keessa ji-
ruu, humna du’aa ka’uu keessa jiruu fi gara laafina Waaqayyoo
dhugaa barbaachisaa yeroo qorumsaa fi waan hundumaa shak-
kuuf qoramuu keessa dhaabbachuu nu dandeesisuudha.

-81-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Torban kana mil’uu tokkoon: Haala hammaataa keessatti
dhabbachuuf kan nu gargaaru dhugaan Waa’ee Waaqayyoo
maali?

DILBATA Hagayya 14
Abbaa keenya Isa Qixxee hin Qabne
“Waaqayyo yoo dhuguma ana jaallate, inni
____________________________anaaf godha!” yaadni kun
si’a baay’ee sammuu keenya keessa naanna’uu isaa nan dinqi-
fadha. Haala keenya ilaallee waaqayyo dhuguma ana in jaallataa?
Jennee gaafachuu jalqabna, sababni isaa utuu inni kana godhee
wantoonni adda ta’u. Gaarummaa Waaqayyoo shakkuutti kan nu
geessan sababoota lamatu jiru. Tokkoffaa, wanta gaariidha jennee
amanneef fedhii gubaa onnee fi sammuu keenya keessaa qabaan-
nee, wanti Waaqayyo nuuf hawwu immoo kan biraa yeroo ta’u
keessummaa nutti fakkaata. Lammaffaa, sababa muuxannoon
keenya waan nuyi amannee wajjin walitti bu’uuf gaarummaa
Waaqayyoon shakkina. Wanti tokko gaarii yoo fakkaate yookiin
gaarii ta’ee yoo nutti dhaga’ame yookiin sagaleen isaa gaarii yoo
fakkaate yookiin dhandhami isaa yoo gaarii ta’e inni gaarii ta’uu
qaba. Kanaaf yoo isa argachuu dadhabne Waaqayyootti aarra.
Bakki amantiin itti shoora taphatu asitti. Yeroo nuyi waaqayyoo
fi gaarummaa isaa shakkuuf qoramnu kana amantiin gara hojiitti
dhufa.
Room.8:29-39 heertuu humna qabeessaa waa’ee gaarum-
maa Waaqayyo nuuf qabu ibsuudha. Heertuu kana keessaa
gaarummaa Waaqayyoo shakkuu irraa kan nu eegu maal ar-
gachuu dandeessa?

_________________________________________________
_________________________________________________

-82-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Room. 8:32 keessa waan barbaachisaa haala keenyaan akka
hin mo’amneef nu gargaarutu jira. “Erga waaqayyo haala
keenya hundumaa ofitti fudhatee ilma isaa erguudhaan waan
hamaatti of saaxiluudhaan waan hundumaa toora irraa nuuf
galchuuf hin shakkine ta’ee, wanti inni gammachuu fi akka-
sumaan nuuf hin goone jiraa?” waaqayyo Yesus akka nuuf
du’uuf ergee isaaniin dhiise jennee attamitti yaaduu dandeen-
ya?

_________________________________________________
_________________________________________________

Kana jechuun gaarummaan waaqayyo nuuf qabu inni karaa du’a


Yesusiin nutti mul’ate shakkii qorumsi keenya keessa keenyat-
ti uumu caalaa yaada keenya irratti dhiibbaa cimaa geggeessuu
qaba.
Dhugaan waa’ee gaarummaa Waaqayyoo shakkii kee irra
caalaa attamitti dhiibbaa humna qabeessa geggeessuu dan-
da’a? Dhugaa isa Waaqayyo Yesusiin bakka kee akka du’uuf
erge, akkasumas gaarummaan isaa kun immoo har’a karaa
garagaraa kumaatamaan itti fufa kan jedhu itti yaaduuf
yeroo fudhadhu. Kun amantii keef maal godha?

WIIXATA Hagayya 15
Maqaa Yesusiin
“Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan
raawwadha jedheen.” Yoh.14:14
Yesus yeroo dheeraa bartootaa wajjin hin turu. Inni deggeraa fi
jajjabeessaa isaanii ture gara waaqaatti ol ba’uufi, bartootattis
bita galummaa fi abdii dhabuutu isaanitti dhaga’amuu jalqabe.
Garuu yoo bartoonni qaamaan isa arguu hin danda’an ta’e illee
Yesus abdii dinqisiisaa isaaniif kennee ture.
-83-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Yoh. 14:1-14 dubbisi. Akka lakk. 13 fi 14 irra jirutti yoo maqaa
isaatiin kadhanne “waanuma” nuyi kadhanne akka nuuf kennu
Yesus waadaa seeneera. Sababa kanaaf yeroo hundumaa xumura
kadhannaa keenyaa irratti “maqaa Yesusiin, Ameen” jenna.

Yeroo akkas jennu maal jechuu akka ta’e in yaadna? Yesus


akkasitti akka kadhannu yeroo nu jajjabeessu maal jechuu
isaati?qabxii inni tuquu barbaade hubachuuf kan nu gargaa-
ru heertuu kana keessa maaltu jira?
“Maqaa Yesusiin” yeroo gaafannu maashiniin samii guutummaan
sababa keenyaaf hojii irra akka jiru mirkaneefachuu dandeenya.
Utuu ergamoonni naannoo keenyaa hojjetanii arguu dhiisuu dan-
deenya. Garuu gaaffii keenya fiixaan baasuuf teessoo waaqaatii
maqaa Yesusiin in ergamu.
Yeroo tokko tokko maqaa Yesusiin yeroo kadhannu nannoo
keenyatti wanti hundinuu adda akka ta’uuf ija keenya bannee
eegganna, garuu hundumtuu akkuma duraati. Haa ta’u malee,
akkuma yeroo Yesus guuboo galaanaa cal jechisiisee, akkuma
Geetasamaneetti humni Waaqayyoo Yesusiinhirkisee yeroo hum-
ni waaqayyoo dhufu hin hubatamu, callisaanis dhufuu danda’a.
wanti akka diraamaa ta’uu dhiisuu dnda’a, garuu kana jechuun
waaqayyo hojjechaa hin jiru jechuu miti.
Yoh.14:1-14 irra deebiin dubbisi. Yeroo dubbiftu akka waan
Yesus fuulaa fi fuulatti sitti dubbachaa jiruutti yaadi. Abdii
kana irraa abdii fi jajjabina attamii argatta? Abdiin kun naaf
raawwatamuu keessatti wanti jireenya koo keessatti karaa
koo dura dhaabbatu maal jedhii of gaafadhu. Jijjiiramni ani
onnee koo keessatti gochuu qabu maal?

-84-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KIBXATA Hagayya 16
Humna Du’aa Ka’uu
Du’aa ka’uun rakkoo humna dhabiisa namaa dubbata. Yeroo
waa’ee jireenya, du’aa fi du’aa ka’uu Yesusiin yaadnu yeroo hun-
dumaa waa’ee duuti Yesus Waaqayyoon duratti mirga seeraa nu
qabaachisee yaadna. Kun immoo dhugaadha.
Haa ta’u malee du’aa ka’uun fayyinatti kallattii addaa tokko da-
bala. Du’aa ka’uun Yesus nuyis guyyaa tokko akka du’aa kaa-
nu kan nu agarsiisu qofa miti. Du’aa ka’uun Yesusiin umnaa fi
aangoodhaan gara mirga Abbaa kaa’e. humni du’aa ka’uu kun
immoo humna har’a waaqayyo nuufis kennuudha.
Efe. 1:18-23 keessatti Phaawulos waa’ee humna Waaqayyoo
dubbata. Heertuu`n kun waa’ee humna du’aa ka’uu maal
nu barsiisa? Heertuu kana keessaa mataa keef abdii maalii
argatta?

_________________________________________________
_________________________________________________

Phaawulos waan gargaarsa waaqayyootiin qofa hubatamuu dan-


da’u muraasa akka hubataniif warra Efeesoniif kadhata: (1) Ab-
diin jijjiiramaa fi waamichi barabaraa Yesus itti nu waame fuula
duraan jira; (2) humna nuuf jecha mul’ifame hubachuu in dan-
deenya.
Kana booda Phaawulos humni kun hammam dinqisiisaa akka
ta’e ibsuu yaala. Humni har’aa nuuf jirus humna isa biyyoo
keessaa gara jireenyaatti Yesusiin kaase qofa utuu hin taane isa
mirga Abbaa humnaan teesiseedha.
Garuu Phaawulos asitti hin dhaabne. Du’aa ka’uun Yesusiif hum-
na salphaa in kennine, garuu waan sabni isaa jireenya barabaraaf
barbaadan isaaniif kennuuf isaaniin geggeessu kenneefi.

-85-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Jireenya kee keessatti humna Yesus isa du’aa ka’ee bakka
itti barbaaddu tarreesi. Yeroo xumurtu, humni kun bakka
ati itti barbaaddu hundatti akka hojjetuuf kadhadhu. Hum-
ni kun jireenya kee keessatti akka hojjetu heyyamuuf waan
wayyu maal gochuu dandeessa, filannoo maalii gootas?

ROOBII Hagayya 17
Yaaddoo Keenya Hundumaa Baachuuf
Namoonni tokko tokko barreefama “utuu yaadda’uu dandeessuu
maaliif kadhatta?” jedhu mana isaanii keessaa qabu. Kun nu ko-
falchiisa, sababni isaa gara waaqayyoo dhufnee dhimmi keenya
isatti kennuu irra caalaa hammam akka dhiphannu beekna.
Yeroo tokko namni tokko akkas jedhe, yeroo jireenyi keenya
hundumtuu hidhamu, waaqayyotti kenni inni hidhaa isaa haa
hiiku. Waaqayyo kana kuuf gochuuf hammam fedha. Haa ta’u
malee hamma inni nu cabsuu danda’utti rakkoo keenya to’achuuf
itti rarraana. Utuu gara Gooftaa hin dhaqin dura amma abdii ku-
tanutti maaliif eegna?
1Phex. 5:7 dubbisi. Pheexros Faar.55:22 irraa dubbisa. Er-
gaan bu’uuraa kun nuuf qabu maal? Maat.6:26-33?

_________________________________________________
_________________________________________________

1Phex.5:7 heertuu baay’ee salphaadha. Dhoksaan isa keessa hin


jiru, waanuma dubbatu jechuu isaati. Gataa jechuun dhimmi
isin dhukkubsu deebi’ee isinii wajjin walitti dhufeenya akka hin
qabaanetti darbadhaa, dhiisaa jechuudha. Garuu ba’aa keenya
bakka kamitti iyyuu hin gannu. Yaaddoon keenya akkasumaan
hin dhabamsiifamu. Inni Abbaa keenya isa waaqa irraa, isa isa
nu irraa adda baasuuf nu abdachiisetti kennama. Wanti Yesus
-86-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Maatewos keessatti dubbate isa kana. Rakkoon isaa kana gochu-
un cimaa waan ta’eef miti; qooda kanaa inni salphaa fakkaata,
dhugaan isaas gaariidha.
Gaddi waan baay’ee irra dhufa. Dhiibbaa hojii irraa ta’uu dan-
da’a. Ceephoo hin eegamin irraas. Miira nu hin barbaadnee fi
hin jaallanne irraa. Fayyummaa yookiin horiif yaadda’uu irraa.
Miira nuyi waaqayyoof gaarii miti jechuu irraa. Cubbuun keen-
ya nuuf hin dhiifamne jennee amanuu irraa.
Maal illee yoo ta’an, sababni nuyi rakkoo keenyatti rarraanu-
uf kan biraa caalaa isa fooyyessuu in dandeenya jennee waan
yaadnuufi. Yaada akkasii irra deebinee akka yaadnuuf Pheexros
nu jajjabeessa. Sababni nuyi yaadda’uu hin qabneef waaqayyo
waan nuuf yaadda’uufi. Garuu yeroo wal hiikuun dhufaa jiru
yookiin gatii hin qabu jennee yeroo yaadnu waaqayyo gidduu
in seena? Inni haala jijjiiruuf eeggannoo akka godhu Macaafni
Qulqulluun dubbata.
Wanti amma si yaaddessu maali? Hammam illee rakkisaa
yoo ta’e wanti Gooftaatti cimu jiraa? Rakkoon keenya inni
guddaan waaqayyo waa’ee isaa akka beekuu fi iddootti dee-
bisuu akka danda’u yoo amanne illee karaa akka inni fura-
mu barbaadnu akka inni furu hin amannu. Yaada xumuraa
kana irratti xiyeefachuudhaan kun jireenya kee keessatti
hammam dhugaa akka ta’e of gaafadhu.

KAMISA Hagayya 18
Yeroo Waaqayyo Argamuu Hin Dan-
deenyetti illee Amanamuu
Waan ta’aa jiru kan dhimma qabu tokko illee hin jiru jedhanii
yaaduun nuuf baay’ee gaddisiisaadha. Garuu waaqayyo nu hin
beeku yookiin dhimmi keenya hin qabu jedhanii yaaduun immoo
baay’ee kan abdii nama kutachiisu ta’uu danda’a.
-87-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Yihudoota Baabiloonitti booji’amaniif waaqayyo haala isaanii
waan dhimmi hin qabne fakkaata. Sababa cubbuu isaaniif amma
illee booji’amanii jiru, waaqayyoonis waan dhiifaman isaanitti
fakkaata. Isaayaas garuu sagalee jajjabinaa isaanitti dubbata. Isa.
40 waa’ee waaqa isaanii Isaayaas jaalalaan kan isaanitti dubbatu
heertuu miidhagaadha. “Inni akka tikseetti hoolota isaa in tik-
sa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in
baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.”
Isa.40:11. Garuu yeroo dheeraa booda, booji’amtoonni Gooftaa
eessa jirta? Akka ati jirtu yookiin nuuf yaaddu ragaa tokko illee
arguu hin dandeenye jedhanii gaafatu.
Isa. 40:27-31 dubbisi. Isaayaas waaqayyoon karaa kamiin
ibsa? Amantii isaanii isa “Karaan koo Waaqayyo duraa in
dhokate, firdiin koos Waaqayyo koo biratti anaaf hin ilaa-
lamne” (Isa.40:27) jedhuuf ibsi kun attamitti deebii kenna?

_________________________________________________
_________________________________________________

Karaan koo Waaqayyo duraa in dhokate kan jedhan gareen biraan


macaafa Asteer keessatti argamu. Kitaaba kana keessatti waaqa-
yyo si’a tokko illee hin caqafamne. Haa ta’u malee guutummaa
seenaa kanaa seera hin galagalle isa isaaniin balleessuuf ba’e ir-
raa saba isaa oolchuuf diraamaa gidu seentummaa Waaqayyoo-
ti. Seenaan kun taatee darbe qofa hin ibsu – kun fakkeenya isa
yeroo sabni waaqayyoo akka balleefamaniif seerri fuula duratti
ba’uuti (Mul.13:15). Haalli rakkisaan kun yoo jiraate waaqayyo
saba isaa in dhiisa jedhanii yaaduudhaan goolabuun salphaad-
haa? Garuu sodaachuu hin qabnu. Waaqayyo inni bara Asteeriin
saba isaa oolche rakkina xumuraa keessattis ammas isaan ni ool-
cha.

-88-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Isaayaas warra boojuu keessa jiraniif waaqayyoon attamitti
akka ibse dubbifneerra. Saba waaqayyo nu irraa fagaateera,
nu dhiiseera jedhanii yaadanitti waaqayyoon attamitti ibsi-
ta? Wanta ija fooniitiin naannoo isaanitti arganiin utuu hin
taane ija amantiitiin akka isa arganiif attamitti isaan bar-
siifta?

JIMAATA Hagayya 19
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Prophets and Kings
irraa mataa duree “In the Days of 3 Queen Esther,” jedhu fuula
598–606 dubbisi.
“Waaqayyo warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu akka ergu
in dubbanee? Hafuurri kun immoo geggeessaa dhugaa miti? Na-
moonni muraasi waaqayyoon akka sagalee isaatti fudhachuu in
sodaatu, kana akka tilmaamaatti yaadu. Isaan waaqayyo akka nu
barsiisuuf in kadhatu, haa ta’u malee sagalee waaqayyoo akka
kan isaanii godhachuu fi isa irraa akka barre amanuu in sodaatu.
Kanaaf barachuuf fedha qabaachuudhaan gad of deebisuu fi ha-
fuura baratuun gara Abbaa keenya isa waaqa irraa yeroo dhuf-
nu waaqayyo abdii isaa akka raawwatu maaliif shakkina? Yeroo
tokkoof illee isa shakkuudhaan ulfina isa dhowwachuu hin qab-
du. Jaalala isaa baruu yeroo barbaaddu, ga’een kee jaalala isaa
gochuuf akka si geggeessuu fi eebbifamtu amanuudha. Barsiisa
isaa dogoggoraan akka hin hiikneef mataa keenya amanuu dhii-
suu dandeenya, garuu kana mata duree kadhannaa godhadhu, ak-
kasumas akka Hafuurri Qulqulluun karooraa fi gaarummaa hojii
isaatii sirriitti hiikuuf amanadhu.”—Ellen G. White, Manuscript
Releases, vol. 6, p. 225.
“Amantiin jabaatee kan guddatu shakkii fi dhiibbaa mormii
wajjin wallaansoo gochuudhaani. Muuxannoon qorumsa kana
keessaa argamu callee gati jabeeyyii irra caalaa gati qabeessa.”

-89-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
jewels.”—Ellen G. White, Testimonies for the Church, vol. 3, p.
555.
Gaaffiilee Maree:
1.Wantoonni nuyi beeknu argaa keenya gararraadha, wan-
toota utuu hin argin itti amanuu qabnu maal faa akka ta’an
gareedhaan irratti mari’adhaa. “Isa hin argin amanuu”
jechuun maal jechuu akka ta’e hubachuuf kun attamitti nu
gargaara?
2.Gaaffii xumuraa guyyaa Roobii irra jiru irratti waliin
mari’adha. Haala akkasii keessatti yeroo hammamii mataa
keenya argine? Kan nuyi hin barbaadne yoo ta’e illee Karaan
Gooftaa nuuf kan wayyu ta’uu isaa amanachuu danda’uuf
maal gochuu dandeenya?
3.“Amantiin jabaatee kan guddatu shakkii fi dhiibbaa
mormii wajjin wallaansoo gochuudhaani” erga ta’ee, Kun
immoo “gara waan callee gati qabeessa caalaa gatii qabuut-
ti” nu geessa erga ta’e kun akka itti mormii kana ilaallu at-
tamitti bocuu qaba?
4.Baay’een keenya namoota, kiristiyaanonni akka keenyaa
illee taananhaala bu’aan isaa sodaachisaa ta’e keessa utuu ji-
ranii argina. Kadhannaa fi yaalii godhame irra darbee wan-
ta hamaa nuyi yaadnetu raawwatame. Ifa qoranne keessatti
kana attamitti hubanna?

-90-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa 9ffaa Hagayya 20-26

Jireenya Galateefatu
SANBATA WAAREE BOODA
Barumsa Torban Kanaatiif Qo’adhu: Fili. 4:4-7, Iyaasu
5:13– 6:20, Faar. 145, H/Erg. 16:16-34, 2 S/Bara. 20:1-30.

Heertuu Yaadannoo: Yeroo hundumaa gooftaatti


gammadaa! Ammas irra deebi’ee nan jedha, gam-
madaa! Fili.4:4

G
ammachuun yeroo nutti dhaga’amu gammachuudhaan
gara Gooftaatti iyyuun salphaadha. Haa ta’u malee
yeroo wantoonni gadhee ta’an, yeroo haala hamaa hin
yaadamne keessa taanu, yeroo qorumsi nutti bu’u kun salphaa
hin ta’u. haa ta’u malee yeroo kam irra caalaa waaqayyoon gala-
teefachuutu nu barbaachisa, sababni isaa galateefannaan amantii
keenya tursuuf karaa ittiin gargaaramnuudha.
Dhugaadhumatti, galateefachuun haala keenya isa dukkanaa’e
jijjiiruu in danda’a, haala naannoo keenyaa jijjiiruu dhiisuu dan-
da’a ta’a, garuu akka nuyi haala naannoo keenya jiru quunnamuu
dandeenyutti nu jijjiiruu in danda’a.
Galateefannaan amantii hojiidhaan argisiifamuudha. Inni nuuf
yeroo hundumaa uumama keenya ta’uu dhiisuu danda’a, garuu
akka inni kutaa uumama keenyaa ta’uuf galateefannaa yeroo
shaakallu inni humna nu jijjjiiruu fi nu moosisu ta’a.
Torban kana mil’uu tokkoon: Galateefannaan maal? Haala
rakkisaa akkasii keessatti galateefannaan attamitti meeshaa
hafuuraa humna qabeessa ta’e? Galateefannaan attamitti haala
naannoo keenyaa fi nuun jijjiiruu danda’a?
-91-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Dilbata Hagayya 21
Bu’uura (sababoota) galateefannaa
Barreessaan Raashiyaa guddaan Fiyodor Dostoyeviski jedha-
muutti duuti itti murta’ee, murtiin kun immoo yeroo ishee xu-
muraatti darbeef. Qooda kanaa inni waggoota hedduu mana
adabaatti dabarse. Waa’ee shakala mana adabaa isaa yeroo dub-
batu akkas jedhee barreesse: “yoo namni hundumtuu karaa irraa
goree qofaa kee amanamaa taatee hafte illee hamma dhumaatti
amanadhu, kennaa jaalalaa kee fidi, qofummaa keettis Waaqa-
yyoon galateefadhu.”
Barumsa kana keessatti Phaawulos attamitti sri’annaa fi mormii
cimaa isa irra ga’e akka dandamate argina. Garuu amma mana
adabaa Roomaa keessa ta’aa jira. Haa ta’u malee inni abdii hin
kutanne; qooda kanaa amantoota Filiphisiyuus keessa jiran jajja-
beessuuf fedha guddaatiin barreessaa jira.
Fili.4:4-7 dubbisi. Phaawulos ofii isaatii mana adabaa kees-
sa ta’ee utuu jiruu waan akkasii barreessuu danda’a jettee
attamitti yaadda? Heertuu kana keessatti furtuun “nagaa
Waaqayyoo” argachuu maal?

_________________________________________________
_________________________________________________
Wanti hundumtuu sirriitti adeemaa yeroo jiru gammaduun waan
tokko. Garuu Phaawulos yeroo hundumaa akka gammadnuuf nu
jajjabeessa. Kun keessummaa nutti ta’uu danda’a. waan phaawu-
los barreessu kana irra keessa yoo fudhanne nuuf hiikkaa cimaa
lama qaba.
Tokkoffaa, yeroo hundumaa gammaduu qabna taanaan yeroo
gammaduuf haalli hundee waan hin qabne fakkaatee mul’atu
illee gammaduu qabna jechuudha. Lammaffaa, yeroo hundumaa
-92-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
gammaduu qabna taanaan yeroo gammachuun nutti hin dha-
ga’amne illee gammaduu baruu qabna jechuudha.
Yoo amala uumama keenyaa miti ta’e illee yeroo hundumaa
Waaqayyoon akka galateefannuuf Phaawulos waamicha godha.
Kun sababa kan hin qabne fakkaachuu danda’a. Garuu akkauma
fuula duratti ilaaluuf jirru, yeroon gammaduuf waamamuudhaaf
sababni waan hin jirre fakkaatee mul’atu jira. Jecha biraatiin
galateefannaan hojii amantiiti. Akkuma amantiin dhugaa waa’ee
Waaqayyoo irratti malee haala irratti hin hundoofne, galateefan-
naanis sababa nutti dhaga’ameef kan goonu miti, garuu sababa
Waaqayyo eenyu akka ta’ee fi maal akka nu abdachiise dhugaa
beeknuuf malee. Amantiin akkasii immoo yaada keenya, miiraa
fi haala keenya bocuutti kan dhufu ta’uun isaa dinqiidha.
Heertuu har’aa keessatti dhugaan Waa’ee Waaqayyoo,
hidhaa keessatti illee taanaan gammaduu kan isa dandeesise
maal? Dhugaa waa’ee Waaqayyoo waan beektu tarreesii bar-
reesi. Waan tarreesite kana keessa adeemii tokkoo tokkoo
isaatiif Waaqayyoon galateefadhu. Kun ilaalchaa haalota
keetii fi waa’ee isaa waan sitti dhaga’amuu attamitti jijjiire?

Wiixata Hagayya 22
Kadhannaan Keenyaan Jigse
Jecha Ingiliffaa “moggee (corner) haalluu dibuu” jedhutu jira.
Afala (floor) kutaa haalluu dibuu yaadi, kana booda gara roggeet-
ti akka fidde yaaduudhaan haalu dibame irra utuu hin adeemin
ba’uu hin dandeessu. Amma inni gogutti turuu qabda.
Yeroo tokko tokko amantiin keenya gara moggeetti waan nu
geesse nutti fakkaata. Haala tokko irra geenyee akka afala qa-
lamni isaa jiidhaa amantiin keenya kiyyootti qabama. Haala
ilaallee waaqayyoo, amantii fi waan itti amanne hunda dhiisuu

-93-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
yookiin waan hin danda’amne fakkaatee mul’atu amanuuf aman-
tiin keenya nu dirqisiisa.
Waaqayyo Israa’eloota gara moggeetti (corner) fide. Lafa onaa
keessa waggoota 70 erga jooranii booda waaqayyo gara marga
magariisaa duwwaa nagaa qabuutti isaan hin geesine. Waaqayyo
gara magaalaa riqaa cimaa qabduutti isaan geesse. Kana booda
guyyaa ja’a callisanii Yariikootti naanna’uu qabu turan. Guyyaa
torbaffaatti waaqayyo akka isaan iyyaan isanitti hime, sagalee
malakataa duukaa iyyuun immoo mo’icha fide.
Iyaasuu 5:13-6:20 dubbisi. Waaqayyo Israa’eloota maal bar-
siisuuf yaalaa jira?

_________________________________________________
_________________________________________________
Sagalee ol fuudhanii iyyuun sagalee keenyan sana jigsu hin fidu.
Waaqayyo akka Israa’eloonni iyyan yeroo abboome iyya isa
Daawit Faar. 66 keessatti barreesee wajjin tokkicha: “Yaa guu-
tummaa biyya lafaa, Isin warri isa keessa jiraattan, ulfina ma-
qaa isaa faarfadhaa, jajuu ulfina argisiisuunis isa jajadhaa!” Faar.
66:1,2. Iyyi kun galateefannaadha. Guyyoota ja’aaf keenyan
kana erga ilaalanii booda mataa isaaniitiin isa jigsuuf carraa akka
hin qabne goolabuu qabu turan.
Yaadni kun hiikkaa Ibr.11:30 hubachuuf attamitti nu gargaara?
Waaqayyo jireenya keenya keessatti waan haaraa gochuu yeroo
barbaadu gara Yaarikootti nu fiduu danda’a, sababni isaa hum-
ni mo’ichaa jabinaa fi tooftaa keenya keessaa akka hin dhufne
nu barsiisuu waan barbaaduuf. Wanti nuyi barbaadnu hundinuu
mataa keenyaan alaa dhufa. Kanaaf, wanti kam illee nu dura yoo
jiraate, waan hin mo’amne illee yoo fakkaate shoorri keenya
waaqayyo isa madda waan nuyi barbaadnu hunda isa ta’e gala-
teefachuudha. Kun immoo amantii hojiitti hiikameedha.
-94-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Kibxata Hagayyya 23
Jireenya Galateefannaa
Haala gaarii keessatti illee taanaan Gooftaa galateefachuun uu-
mama keenya ta’uu dhiisuu danda’a. yoo akkas ta’e haala gad-
hee keessatti immoo hammam cimaadha? Haa ta’u malee akka
goonuuf wanta nuyi itti waamamneedha. Galateefannaan waan
nuyi yeroo murta’e keessatti gochuu irraa haala qilleensa keessa
jiraannu keessatti goonuutti jijjiiramuuf shaakaluu qabnuudha.
Galateefannaan gochaa yeroo murta’ee utuu hin taane daandii
jireenyaa mataa isaa ta’uu qaba.
Faar.145 dubbisi. Daawit waaqayyoon galateefachuuf saba-
boota attamii kenna? Jechoonni faarfannaa kana keessaa
karaa kamiin kan kee ta’uu danda’a?

_________________________________________________
_________________________________________________

Lallabaan Ingiliz inni guddichi Charles Haddon Ispargi’oon jed-


hamu kitaaba shaakala galateefannaa jedhu barreessee ture. Inn-
is Faarfannaa guyyaa har’aaf kenname lakk. 7 irratti kan hunda’e
ture. Heertuu gabaabaa kana keessatti Ispargi’oon wantoota bar-
baachisoo jireenya keenya keessatti galateefannaa guddifachuuf
nu gargaaran sadii irratti xiyyeefannoo keenya harkisa.
1.Galateefannaan naannoo keenya yeroo ilaallu
shaakalam. Guddummaa Waaqayyoo arguuf naannoo keenya
hin ilaallu taanaan Isa galateefachuuf sababa hin qabnu. Akka ati
galateefattu kan si godhu, kanneen akka miidhagina uumamaa
addunyaa naannoo kee keessatti ati arguu dandeessu maaltu jira?
Addunyaa hafuuraa, kanneen akka guddina amantii kiristiyaana
dargaggoo keessaa ati arguu dandeessu maal fa’i?

-95-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
2.Galateefannaan yeroo waan argine yaadannu
shaakalama. Qilleensa galateefannaa keessa jiraachuu yoo bar-
baadne sababoota isaa yaadachuu qabna. Gaarummaa fi dhugaan
waa’ee isaa sammuu keenya keessatti akka hin califneef wantoo-
ta gurguddaa waa’ee Waaqayyoo karaa kamiin yaadanna?
3.Galateefannaan waa’ee isaa yeroo dubbannu shaaka-
lama. Galateefannaan waan nuyi sammuu keenya keessatti
goonu miti. Inni naannoo keenya kan jiraniin akka dhaga’amutti
afaan keenya keessaa ba’uu qaba. Jechaan Waaqayyoon galateef-
achuuf sababoota attamii yaaduu dandeessa? Galateefannaan ak-
kasii bu’aan isaa maal, eenyu irratti?
Waraqaa fi qalama fudhadhuuti qabxii kana irratti hojj-
echuuf yeroo fudhadhu. Amala galateefannaa jireenya kee
keessatti guddisuuf maal gochuu dandeessa?
Roobii Hagayya 24
Dhuga ba’umsa Amansiisaa
Macaafa H/Ergamootaa keessatti galateefannaan warra isa dha-
ga’an keessatti bu’aa dinqisiisaa qaba. H/Erg. 16: 16-34 dub-
bisi. Phaawulosii fi Siilaas danuu erga reebamanii booda mana
hidhaati darbataman. Dhagna isaanii isa cicitee fi dugda isaanii
isa buruqetti dhadhaa (dibata zayitii) kan itti naqu achi hin turre.
Dhukkubbii qaamaa fi miilli isaanii fuuncaan hidhamee dukkana
mana hidhaa keessa buufamanii jiru. Garuu hidhamtoonni warri
kaan ta’anii utuu dhageefatanii Phaawulosii fi Siilaas faarfachuu
fi galateefachuu jalqaban.
Socho’a lafaa boodaa fi mana hidhaa sana namni eegu Phaawulo-
sii fi Siilaas, akkasumas hidhamtoonni kan biroon akka jiran erga
adda baafate booda “Inni … rom’aa miilla Phaawulosii fi Siilaa-
sitti kufe. Gadis isaan baasee, Ani akkan fayyuuf maal gochuutu
anaaf ta’a? Gooftolii ko jedhee isaan gaafate.” H/Erg.16:29, 30.
-96-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Taateen kun akka namni mana hidhaa kana eegu fayyina ofii
isaa irratti akka xiyyeefatu maaliif godhe? Akka hidham-
toonni mana hidhaa keessaa hin baanee fi namni kunii fi
maatiin isaa akka jijjiramaniif faarfannaa fi galateefannaan
Phaawulosii fi Siilaas shoora maalii taphate jettee yaadda?

_________________________________________________
_________________________________________________

Galateefannaan keenya carraa barabaraa namoota naannoo


keenya jijjiira jedhanii yaaduun dinqiidha. Utuu Phaawulosii fi
Siilaas akkuma hidhamtoonni yeroo baay’ee godhan dukkana
keessa ta’anii komee kaasaniiru ta’e halkan sana namni tokko
illee in fayya jettee yaaddaa? Nama mana hidhaa sana eeguu fi
maatii isaa irratti booddee waan ta’e hin beeknu, garuu xalayaa
Phaawulos mana hidhaa Roomaa keessa ta’ee barreesse dub-
bisaniiru jettee yaaduu in dandeessaa? “Kristositti amanuu kees-
san duwwaa utuu hin ta’in, isaaf dhiphachuu danda’uunis immoo
isiniif kennameera. Kanatti dhama’uu koo akkuma kanaan dura
ana irraa argitan, ammas waa’ee kootiif dhaga’aa jirtan, isinis itti
dhama’uu in dandeessu.” Filip. 1:29, 30. Yoo kana dubbisaniiru
ta’ee fi dhiphinni Phaawulos attamitti gammachuu akka isaaniif
fide hubataniiru yoo ta’e gatiin inni kaffalchiisu maal illee yoo
ta’e amanamoota ta’anii akka dhabbataniif gara onnee isaaniitti
faarafannaa fida.
Faarfannaa galataa onnee kee irraa Waaqayyoof dhi’aatu-
un gara Waaqayyootti dhiibamuu danda’eera jettee kan ati
yaaddu eenyu? Naannoo namoota birootti galata Waaqa-
yyoof dhi’eesitu banamaa fi dhiibbaa kan qabu gochuuf yaa-
li. Bu’aa qajeelaa inni fiduu danda’u hin beektu ta’a.

-97-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Kamisa Hagayya 25
Meeshaa lolaa Injifatu
2 S/Baraa 20:1-30 dubbisi. Akkuma Yoshaafaaxi hubate gala-
teefachuun meeshaa lolaa humna qabuudha.”Waraana danuun”
dhufaa akka jiru odeefannoo erga argatee booda Yoshaafaaxi da-
fee tarkaanfii waraanaa hin fudhanne, garuu “Waaqayyoon gaaf-
fachuuf murteesse” (2 S/Baraa 20: 3). Akkuma sabni Yihudaa
soomiidhaan gara gara Yerusaalem dhufeen Yoshaafaaxi dhu-
gummaa haalichaa akkas jechuudhaan isaaniif dhi’eesse “Yaa
Waaqayyo keenyaa! Ati isaanitti hin faradduu ree? Nuyi waraana
danuu isa nu rukutuuf jedhu kana loluuf humna hin qabnu, waan
goonus hin beeknu, garuu gargaarsaaf gara kee in ilaalla jedhe”
2S/Bara 20:12.
“Waraanni danuun” dhufaa akka jiru yeroo argitu tarkaan-
fiin kee maal ta’a? Deebii Yoshaafaaxi isa 2 S/Baraa 20:3-12
keessa jiru irraa waa’ee mormii cimaa maal baruu dandees-
sa?

_________________________________________________
_________________________________________________
_________________________________________________
Hafuurri Gooftaa Yaahazii’el irra yeroo bu’e ija jabinaan akkas
jedhee dubbate “isin ofii keessanii loluun isin hin barbaachisu,
iddoo qabadhaatii dhaabadhaa, mo’icha Waaqayyo isiniif kennu
ilaalaa! Isin yaa warra Yihudaa fi warra Yerusaalem! Hin sodaati-
naa, hin na’inaas! Waaqayyo isinii wajjin waan jiruuf bor isaan-
itti dhaqaa!’ jedha jedhe.” 2S/Baraa 20:17. Kana booda Waaqa-
yyoof “sagadanii sagalee isaanii ol fuudhanii Waaqayyo gooftaa
isa kan Israa’el in galateeffatan.” 2S/Baraa 20:19. Yoo waaqayyo
isaaniif loluuf ba’e illee diina quunnamuuf ba’uu qabu.
-98-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Garuu kun hiriira lolaa dasiiba (salphaa) hin turre. Yoshaafaaxi
yeroo hiriiraan faarfannaa galataa Gooftaaf akka faarfataniif
faarfatoota kaa’e. “Isaan faarfannaadhaan galateeffachuu yom-
muu jalqaban, Waaqayyo immoo Yihudoota loluu warra dhufan
warra Amoon, warra Mo’aabii fi warra tulluu Se’iiritti warra
riphanii eegan kaasee akka isaan rukutaman in godhe.” 2S/Bara
20:22. Akka barreessaan kun dubbatutti, yeroo isaan akka ab-
dii isaatti amantii isaanii shaakaluudhaan “ulfina qulqullummaa
isaaf isa galateefatan” (S/Baraa 20:21) battalumatti Waaqayyo
gidduu seene.
2S/Baraa 20:1-30 dubbisi. Adeemsa kee waaqayyoo wajjinii
keessatti addumaan yeroo gaddaa fi qorumsaa keessatti qa-
jeelfama Hafuuraa maalii argachuu dandeessa?

_________________________________________________
_________________________________________________
_________________________________________________

Jimaata Hagayya 26
Yaada dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Prophets and Kings
jedhu mata duree “Jehoshaphat,” jedhu fuula 190–203, fi kitaaba
Patriarchs and Prophets jedhu mata duree “The Fall of Jericho,”
fuula 487–498 dubbisi.
“Jaalala isaa isa qixxee hin qabneef galata waaqayyoo akka
himuuf onnee fi hidhii keenya haa barsiifnu. Ifa fannoo Qaraan-
iyoo irraa ifu keessa akka turuu fi akka abdatuuf lubbuu keenya
haa barsiifnu. Ijoollee mootii samii, dhiirotaa fi durboota Gooftaa
maccaa ta’uu keenya dagachuu hin qabnu. Waaqayyo irratti gab
jennee boqochuun carraa keenya.” Ellen G. 13 White, The Min-
istry of Healing, p. 253.
-99-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
“Yeroon isa jajjadhuu fi ol qabu anaa wajjin akka isin ol isa
qabdan nan barbaada. Yeroo dukkana keessatti gatamtan illee
Gooftaa galateefadha. Qorumsa keessatti illee isa galateefad-
ha. Gooftaatti gammadaa, jedha ergamichi ammas nan jedhaa
gammadaa. Kun maatii keessanitti dukkanaa fi gadda fidaa?
Miti. Inni carallaa aduu fida. Isinis teessoo ulfinaa irraa caral-
laa ifa barabaraa isaaniin tamsaasu walitti qabattu. Hojii kana
keesasa seentanii karaa keessan qofaa irratti utuu hin taane
karaa warra isinii wajjin jiranii irratti jireenyaa fi ifa kana
akka tamsaaftaniif isinan jajjabeessa. Warra naannoo keessan
jiran fooyessuu, isaaniin ol kaasuu, gara ulfinaa fi gara samii
isaaniin argisiisuu fi waan barabaraa, dhaala hin dune, bad-
haadhummaa hin badne waan lafaa olitti isaan geggeessuun
kaayyoo keessan haa ta’u.”—Ellen G. White, 8 Testimonies
for the Church, vol. 2, pp. 593, 594.
Gaaffilee Maree:
1.Galateefannaan hawaasaa jireenya kiristiyaanaa keessatti
shoora maalii qaba? Galateefannaan barumsa sanbataa kee
keessaa attamitti ibsita? Hafuura namaa kan ol kaasuudha?
Miseensonni qorumsaa fi dhukkubbii keessa amanamum-
maa isaanii akka eeggataniif isaaniin in jajjabeessaa? Yoo
miti ta’e maaltu godhamuu danda’a?
2.“Yeroo dukkana keessatti kuftu illee yookiin qorumsa
keessatti ille Gooftaa galateefadhu” jechuun maal jechuud-
ha? Haala akkasii keessatti galateefannaan attamitti nu gar-
gaara?
3.Galateefannaan jireenya isaanii irratti attamitti dhiibbaa
akka godhe miseensonni dhugaa haa ba’an. Muuxannoo
walii irraa maal baruu dandeessa?

-100-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
4.Akka gareetti faarfannaa galataa fudhadhuuti isa dubbi-
suudhaan yeroo dabarsi. Inni waa’ee galateefannaa maal
si barsiise? Galateefannaan amantii kee irratti dhiibbaa
maalii godhe?

-101-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa 10ffaa Hagayya 27-Fulbaana 2


Qorumsa Keessatti
Garraamummaa
SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Ezek. 24:15-27, Exod.
32:1-15 14, Matt. 5:43-48, 1 Pet. 2:18-25, Ps. 62:1-8.

Heertuu Yaadannoo: “Warri garraamiin haa gam-


madan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu.”
Maat.5:5

J
echa garraamii jedhu yeroo waa’ee Musee dubbifnu yooki-
in waa’ee eebbaa (Maat.5) qorannu malee baay’ee hin
dhageenyu. Maaliif akka ta’e adda baasuun cimaa miti.
Garraamummaan “hadhaa’ummaa malee miidhama obsaan
danda’uu” jechuudha. Waa’ee isaa baay’ee dhaga’uu dhiisuun
keenya dinqii miti; kun aadaa har’aa keessatti kabaja baay’ee hin
qabu. Macaafni Qulqulluun yeroo tokko tokko gad of deebisuu
jedhee hiika. Gad of deebisuunis aadaa baay’ee keessatti amala
baay’ee hawwamu ta’ee hin argamu.
Garuu “hadhaa’ummaa malee miidhama obsaan danda’uu” inni
jedhame garraamummaan amala Yesusii fi kan hordoftoota isaatii
keessatti humna qabeessa ture. Haa ta’u malee inni ofii isaatii
xumura miti; hafuurri garraamummaa harka warra dhiphinaa fi
qorumsa keessa jiranii keessatti humna qabeessa ta’uu in dan-
da’a. Dhugaadhumatti qorumsi bakka guddaa itti garraamummaa
garaa itti barruudha, sababni isaa garraamummaa fi bakka caba
keenyaatti waaqayyoof dhuga baatota humna qaban ta’uu dan-
deenya.
-102-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Turban kana mil’uu Tokkoon: hariiroon dhiphinaa fi gar-
raamummaa gidduu jiru maal? Garraamummaa fi iddoo
caba keenyaa keessatti warra kaaniif attamitti dhuga baato-
ta ta’uu dandeenya? Garraamummaan kiristiyaanotaaf dad-
habina utuu hin taane attamitti jabina ta’uu danda’a?

DILBATA Hagayya 28
Buddeena cabee fi Wayinii Buufame
Nuyi warra kaaniif buddeena cabee fi wayinii buufame ta’uu
qabna jedhe Oswaaldi Chambers. Kana jechuun isaa maal
jechuudha jettee yaadda?

_________________________________________________
_________________________________________________
Guutummaa macaafa Qulqulluu keessa fakkeenya namoota war-
ra kaan tajaajiluuf jecha cabaniitu jira. Museen yeroo gara biyya
abdiitti saba geggeesse hamii fi ceephoo dhuma hin qabne ob-
suuf waamame. Yoseef yeroo gara tajaajila aangoo Gibxitti dhufe
ganamuu fi hidhamuu keessa akka darbuuf waamame. Jireenyi
ijoollee isaatii ofii isaanii qofaaf utuu hin taane gaarummaa war-
ra kan biroof ilaalcha ayyaanaa fi kunuunsaa akka ta’uuf waaqa-
yyo haalota kana lachuu heyyame. Waaqayyo haaluma kana fak-
kaatuun nuttis fayyadamuu in danda’a. Haala akkasii keessatti
aaruun yookiin miidhamuun salphaadha. Garuu akkuma kaleessa
ilaallee turre, “hadhaa’ummaa malee obsaan” waan akkasii dan-
da’uuf garraamummaan dandeettii waaqayyo kennuudha.
His. 24:15-27 dubbisi. Asitti maaltu ta’aa jira? Hisqi’eel
maaliif qormaata akkasii keessa kaa’ame?

_________________________________________________
_________________________________________________

-103-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Hisqi’eel 24:24 keessatti Waaqayyo akkas jedha, “Waaqayyo,
Hisqi’el milikkita ittiin of eeggattan isiniif haa ta’u; wanta hundu-
maa akkuma inni hojjetetti hojjedhaa! Wanti kun yommuu dhufu
immoo, ani Waaqayyo gooftaa akkan ta’e isin in beektu jedhe.”
Karaa fakkeenyummaa Hiqi’eeliin sabni Israa’el dhugaa waa’ee
Waaqayyoo amansiifamu qabu; fakkeenyummaa fi dhiphina isa
mudateen jireenya Gisqi’eel keessatti raajiin raawwatamuu isaa
yeroo shaakalan waaqa hundumaa danda’u argu. Iddoo caba
keenyaatti karaa keenya naamoonni “waaqa hundumaa danda’u”
akka argan eenyutu beeka?
Dhihoos ta’ee yookiin fagootti jireenyi hunduma keenya in
cabsa. Caba keessatti muuxannoon kee maal ture? Isa irraa
maal barte? Lubbuu kee ishee cabdeen warra kaan gar-
gaaruuf Gooftaan attamitti dhimmi itti ba’e?
WIIXATA Hagayya 29
Araara Kadhachuu
Ba’uu 32:1-14 dubbisi. Asitti Museen shoora maalii tapha-
chuu isaa argina?

_________________________________________________
_________________________________________________
Sabni jabbii warqee waaqessuu erga jalqabee booda waaqayyo
sab asana balleessee Musee saba guddaa gochuuf murteesse.
Museen qooda kennaa waaqayyoo kana fudhachuu waaqayyo
araara isaa sabatti akka argisiisuuf waaqayyoon kadhate.
Ba’uun 32:1-14 dhimma barbaachisaa lama kaasa. Tokkoffaa,
waaqayyo sab asana balleessee Musee eebbisuun isaa isaaf qo-
rumsa. Waaqayyo akka Museen saba abboomamuu didan sanaaf
gara laafina argisiisu barbaade. Museenis qormaata kana in dar-

-104-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
be. Inni akkuma Yesusiin cubbamaadhaaf araara kadhate. Kun
waan baay’ee namatti tolu tokko mul’isa: yeroo tokko tokko
waaqayyo akka mormiin nu quunnamu in heyyama; akka warra
karaa irraa goraniif hammam akka garaa laafnu nuyii fi daawwa-
toonni yunversii arguu akka danda’aniif qormaata keessa akka
taanu heyyama.

Gooftaan Israa’eliin akka hin balleesine gaafachuuf Museen


sababoota maalii dhi’eesse?

_________________________________________________
_________________________________________________

Lammaffaa, heertuun kun mormii fi abboomamuu diduun waa-


micha ayyaana mul’isuuti. Yeroo sabaaf kan hin malle ta’utti
ayyaanni in barbaachisa. Garuu yeroo obbooleetiin Musee Miiri-
yaam isa ceephaate akka Gooftaa lamxiitti ishee qulleessuuf
gara Waaqayyootti iyye (S/Lakk. 12). Yeroo waaqayyo Qoree
fi hordoftoota isaatti aaree isaaniin balleessuuf dubbate Museen
lubbuu isaaniif kadhachuuf fuula isaatiin kufe. Guyyaa itti aanu-
utti waa’ee warra fincilanii du’an kanaafi sabni Musee irratti gu-
ungumee fi waaqayyo immoo ammas isaaniin balleessuuf dub-
bate Museen fuula isaa lafatti gombisee akka Aroon dafee hunda
isaaniif araarsuuf dubbate (S/Lakk.16). Qorumsa kana keessatti
Museen garraamummaa isaatiin, ofittummaa malee warra ayyaa-
na argachuun isaaniif hin malleef araara barbaade.
Namoota naannoo keetii kanneen ayyaanni isaaniif hin malle
yaadi. Attamitti garaamummaa fi gad of deebisuu ofittum-
maa hin qabneen mul’ata ayyaana waaqaa isaaniif ta’uu
dandeessa?

-105-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KIBXATA Hagayya 30
Warra nu Miidhan Jaallachuu
Namni tokko akkas jedhe: “diinota keenya jaallachuu jechuun
kosii somboon (pearl) keessa awwaalame jaallachuu jechuu miti;
qooda kanaa somboo (pearl) awwaara keessa jiru in jallanna
jechuudha…. Sababa nuyi umamaan jaallatamoo taaneef Waaqa-
yyo nu hin jaallanne. Garuu kan nuyi jaallatamoo taane sababa
inni nu jaallateefi.”
“Diinota” yeroo ilaaltu samboo moo yookiin kosii isatti nan-
naa’ee jiru argita?

_________________________________________________
_________________________________________________

Maat.5:43-48 dubbisi. Yesus akka nuyi diinota keenya jaal-


lannuu fi isaaniif kadhannuuf nu waama. Maaliif diinota
keenya jaallachuu akka qabnu hubachuuf kan nu gargaaru
achi keessatti Yesus uumama irraa fakkeenya maalii nuuf
kenna?

_________________________________________________
_________________________________________________
_________________________________________________

Maat.5:45 keessatti warra nu miidhan attamitti qabuu akka qabnu


ilaalchisee fakkeenya Abbaa isaa isa waaqa irraa, isa tarii yeroo
tokko tokko qorumsa hamaa keessa nu kaa’u nuuf kenna. Yesus
Abbaan Isaa eebba bokkaa isaa tolotaa fi hamootaaf akka kennu
dubbata; erga Waaqayyo bokkaa isaa hamootaaf in kenna ta’ee
immoo nuyi immoo attamitti isaaniin qabuu qabna?

-106-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Yoo kun ta’uu in danda’a ta’e illee, Yesus warra rakkina nutti
fidan yeroo hundumaa miira o’aatiin simachuu qabna jechuu
isaa miti. Bu’uurumaan, diinota keenya jaallachuun miira nuyi
isaaniif qabnu jechuu miti, garuu gochaa kunuunsaa fi ilaalcha
isaaniif qabnu mul’isu jechuudha malee.
Yesus jecha iddoo kanatti dubbate heertuu falmii hedduu kaa-
suun goolabe: “Egaa abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa
malee akkuma ta’e, isinis warra mudaa hin qabne ta’aa! jedhe.”
Maat.5:48. Garuu qabiyyee kana keessatti hiikkaan isaa ifaadha.
Akka waaqayyo guutuu ta’e sabni guutuu ta’uu barbaadan ak-
kuma inni diinota isaatti jaalala mul’ise diinota isaanitti jaalala
mul’isuu qabu. Ija waaqayypootti guutuu ta’uu jechuun mormii
jaallachuu jechuudha; kana gochuuf immoo garaa garraamum-
maa isa waaqayyo qofaan kennu gaafata.
Hiikkaa garraamummaa (hadhaa’ummaa malee obsaan
miidhama baachuu) sammuu keessa kaa’achuudhaan gar-
raamummaa garaa diinotaaf ilaalcha qajeelaa qabaachuuf
si gargaaru gooftaan akka siif kennuf jijjiiramni ati gochuu
qabdu maal akka ta’e tarreessi.

ROOBII Hagayya 31
Afaan Cufame
Qormaata keessatti fakkeenyi garraamummaa humna qabeessi
Yesus biraa dhufa. “ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan
gad of deebises” (Maat.11:29) jedhee yeroo dubbate karaa nuyi
yaaduu hin dandeenyeen dubbachuu isaati.
1Phex. 2:18-25 dubbisi. Pheexros garbootaaf gorsa dinqisi-
isaa kennaa jira. Inni Yesus hamootaa fi warra qabaa dhuk-
kubsaa isa qabaniif attamitti akka deebise ibsa, akkasumas,
“akka faana isaa duukaa buutaniif immoo fakkeenya isaa

-107-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
isiniif dhiise” isaaniin jedha (1Phex. 2:21). Akka Pheexrosiin
asitti ibsametti qorumsa keessatti qajeelfama garraamum-
maa fi gad of deebisuu attamii fakkeenyummaa Yesus irraa
baruu dandeenya?

_________________________________________________
_________________________________________________
Namni tokko nama biraa karaa qajeelaa hin taane qabuu isaa ar-
guun nama dhukkubsa. Nuyis qabaa akkasii yeroo goonu baay’ee
dhukkubsaadha. Sababni isaa nuyi qajeelummaa jabaa qabna,
wanti nuyi amannu qajeelaa yeroo ta’u wanti qajeelaa hin ta’in
immoo yeroo raawwatamu in aarra.
Akkasitti jiraachuun salphaa miti. Dhugaa cimaa tokko yoo qa-
banne malee waan hin danda’amne ta’uus in danda’a; abbaan
keenya inni waaqa irraa akka to’atus amanuu qabna; akkasumas
yeroo akka fedha isaatti ta’u inni qooda keenya nuuf in hojjeta.
Kana jechuun akkuma Yesusiin yeroo hunda haqa dhabuu kees-
saa furamna jechuu akka hin taane hubachuu qabna. Garuu ab-
baan keenya inni waaqa irraa nu wajjin akka jiruu fi itti gaafat-
amummaa keenya akka fudhatu yaadachuu qabna.
Gorsi Yesus inni jireenya Yesusiin fakkeenya godhate dinqisi-
isaadha, sababni isaa haqa malee dhiphachuu keessatti callisuun
namoota sirreessuu caalaa ulfina Waaqayyootiif dhuga ba’um-
sa guddaadha. Yeroo Qayaafaa fi Philaaxosiin gaafatame haala
sana sirreessuu fi qajeelummaa ofii isaaf falmachuuf Yesus waan
baay’ee jechuu in danda’a ture, garuu hin goone. Callisuun isaa
garraamummaa isaatiif dhuga ba’umsa.
Qabaa hin taane yeroo qabamtu haala sana attamitti keessu-
meesita? Qajeelfamoota har’a ilaalle kana attamitti jireenya
kee keessatti hojii irra oolchita?

-108-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KAMISA Fulbaana 1
Kattaa fi Da’oo koo
Yeroo baay’ee namoonni oftuultonni, kan baay’ee of gurgud-
disanii fi nama dhiiban warra mataa isaanitti tilmaama xiqqaa
kennuudhaan of rakkisaniidha. Oftuulummaa fi of gurgudisuun
isaanii garraamummaa yookiin gad of deebisuu dhabuu isaaniiti,
keessaan akka waa itti hir’ate immoo hin beekan. Wanti isaan
barbaadan waan hundi keenya barbaadnuudha; innis yeroo
gaddaa fi dhiphinaa keessa wabii argachuu, qati qaboota ta’uu,
fudhatama argachuu dha. Kana kan nuyi argachuu dandeenyu
karaa Gooftaa qofa. Gabaabadhumatti, garraamummaa fi gad of
deebisuun dadhabina irraa fagoodha, lubbuun cimtee kattaa irra
dhaabbachuu ishees humna guddaadhaan kan mul’isuudha.
Faar.62:1-8 dubbisi. Duduubi faarfannaa kanaa maal fak-
kaata? Daawit tuqaa maalii dubbachaa jira? Waan inni
jechaa jiru irraa qajeelfama attamii baruu dandeessa? Qa-
jeelfamoota kana immoo attamitti jireenya kee keessatti hojii
irra oolchuu dandeessa?

_________________________________________________
_________________________________________________
“Namoonni sababa malee diinota nuuf ta’u. Yaadni garaa saba
waaqayyoo biyya lafaa biratti qofa utuu hin taane obboloota
isaanii biratti illee dogoggoraan hin hiikama. Garboonni Gooftaa
iddoo cimaa irra ni ka’amu. Ofitummaa namootaa, hojii isaanii
isa qajeelaa hin taane qajeelaa gochuuf tolluun lafa ol ka’aa irraa
tolfame.Namoonni kun uffati gurraachi amanamoota akka isaan
hin taane ibsu itti uwwifama, sababni isaa haalonni to’annaa
isaaniin ala ta’an hojii isaanii wal xaxaa godheera. Isaan akka
namoota amanamuu hin dandeenyeetti qubni itti qabama. Kun

-109-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
immoo miseensota waldaatiin godhama. Garboonni waaqayyoo
sammuu Kristosiin qabaachuudhaan mataa isaanii deggeruu
qabu. Isaan arrabsoo yookiin murtii sirrii hin taane baqachuu hin
qaban. Isaan hinaaftotaa fi makaraarsitoota jedhamuudhaan in
waamamu. Harki Waaqayyoo konkolaataa sana irra ta’uudhaan
gara ulfina maqaa isaatti hojicha in geggeessa/” Ellen G. White,
The Upward Look, p. 177.
Ceephoo fi arrabsoo warra kaanii hammam dandamatta?
Dandamannaa hin qabduu? Miira tilmaama mataa keetii at-
tamitti Gooftaa isa si jaallachuudhaan cubbuu keef du’etti
hidhuudhaan ceephoo warra kaanii irraa attamitti of eeguu
dandeessa?
JIMAATA Fulbaana 2
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, The Ministry of
Healing irraa mata duree “The Importance of Seeking True
Knowledge,” jedhu fuula 453, 454, The Desire of Ages irraa
mata duree “The Sermon on the Mount,” fuula 298-314, fi Evan-
gelism irraa mata duree “The Worker and His Qual.
“Rakkooleen nuyi quunnamuu qabnu garraamummaa Kristo-
siin keessa of dhokseen xiqqachuu danda’a ta’a. Utuu gad of
deebisuu Gooftaa qabaanne arrabsoo, jibbamuu, aarii guyyaa
guyyaatti itti saaxilamnuun olitti ol kaafamuu dandeenya, isaanis
hafuura irratti dukkana isaanii gatuu in dhiisu. Ulfina Kiristi-
yaanummaatiif ragaan guddaan mataa ofii to’achuudha. Nam-
ni miidhamaa yookiin gar jabina jala jiru hafuura amanatuu fi
tasgabbii qabu qabaachuu hin danda’u, akkasumas mirga amala
isaa isa guutuu karaa isaa mul’isuu waaqayyoon saamas. Gad of
deebisuun onnee irraa ka’e jabina hordoftoota Kristosiif mo’icha
kennuudha; inni daandii isaan dadhacha olii ittiin quunamani-
idha.”— Ellen G. White, The Desire of Ages, p. 301.

-110-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Gaaffiilee Maree:
1.Gad of deebisuun attamitti miidhamuu fi aaruu keessaa ol
nu kaasa? Amalli gara laafinaa kana gochuuf nuuf heyyamu
maal ?
2. Aadaa kee keessatti amalli garraamummaa fi gad of dee-
bisuu attamitti ilaalama? In kabajamuu yookiin in tuffat-
amuu? Amala kana guddifachuu keessatti wanti faallaan
aadaan kee hojjetu maaltu si mudate?
3.Namoota har’a jiran keessaa fakkeenya garraamummaa
fi gad of deebisuu kan ta’an jiruu? Yoo jiraatan eenyu fa’I,
amala kana attamitti mul’isan, ati immoo isaan irraa maal
baruu dandeessa?
4.Maaliif yeroo baay’ee garraamummaa fi gad of deebisuu
dadhabinaa wajjin wal qixxeesina?
5.Daawit waaqayyoon akka da’ootti barbaaduu isaa argi-
neerra. Kun attamitti ta’a? Da’oon yeroo hunda attamitti
mul’ata? Jecha biraatiin akka waldaatti warra da’oo bar-
baadaniif attamitti da’oo ta’uu dandeenya? Waldaan kee
da’oo attamii kennuu dandeessi? Warra isa barbaadaniif
iddoo da’oo akka taatuuf maal gargaaruu dandeessa?

-111-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa
11ffaa Fulbaana 3-9

Qorumsa Keessatti Eeggachuu


SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Room.15:4, 5; Room.5:3-5;
1Sam.26; Faar. 37:1-11.

Heertuu Yaadannoo: Iji hojii hafuuraa im-


moo… obsa… Gala. 5:22

S
aayintistiin tokko ijoollee waggaa 4 fi nyaata marshi-
maaloo irraa hojjetamu irratti qorannaa geggeesse. Tok-
koon tokkoon ijoollee Sanaa marshimaaloo qabaachuun
akka isaan irra jiru karaa saayintistii Sanaa isaanitti himame; haa
ta’u malee hamma saayintistiin sun hojiidha deebi’uutti ijoolleen
sun yoo eegan lamatu isaaniif kennama. Ijoolleen sun muraasi
isaanii battaluma saayintistiin sun achii adeemeen marshimaaloo
sana afaan isaanii keessa ka’aatan; warri kaan garuu in eegan.
Garaagarumman jiru in barame.
Saayintistiin kun ijoollee kana hamma waggaa kudhaa keesssa
ga’anitti isaan eege. Inni saayintistii kana eege kun warra saay-
intistii kana eeguu dhiisan caalaa barataa gaarii fi kan ofitti aman-
taa qabu ta’e. Obsuun guddummaa kan argisiisuu fi amala namaa
keessatti waan barbaachisaa fakkaatee argame. Kanaaf Gooftaan
akka isa guddifannuuf nutti himuun isaa dinqii miti.
Torban kana qormaata duuba kan jiru maal ta’uu danda’a kan
jedhu ilaalla: innis qormaata turanii eeggachuu.

-112-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Torban kana mil’uu tokkoon: Yeroo tokko tokko yeroo
dheeraaf turree waa eeggachuun maaliif? Qorumsa keessatti
obsuu irraa maal baruu dandeenya?

DILBATA Fulbaana 4
Waaqa Obsaa
Room. 15:4, 5 dubbisi. Heertuu kana keessa nuuf maaltu
jira?

_________________________________________________
_________________________________________________
Nuyi waa’ee wanta barbaadnuu yookiin nu abdachiifamee obsa
hin qabnu. Yeroo baay’ee waan hawwaa turre yeroo argannu
qofa quufna. Sababni isaa yeroo barbaadnetti waan barbaadne
kan nuyi argannu yeroo muraasa, kana jechuun yeroo mara aarii
fi obsa dhabuu jalatti kufneerra jechuudha. Haala kana keessa
yeroo taanu immoo waaqayyoon amanachuu fi nagaa qabaachu-
un hin danda’amu.
Eeggachuun hiikkaadhumti isaa iyyuu dhukkubsaadha. “Ob-
saanis isa eeggadhu” (Faar.37:7) jechi jedhu afaan Ibraa’isxii
“guddaa dhukkubsachuu,” “raafamuu,” “madaa’uu” “gadduu”
jechuutti hiikamu irraa dhufe. Obsa baruun salphaa miti; yeroo
tokko tokko qorumsa keessa ta’u jechuu wajjin yaada tokko qaba.
Faar.27:14; Faar. 37:7 fi Room. 5:3-5 dubbisi. Heertuun kun
maal nuun jechaa jira? Obsi eessatti geessa?

_________________________________________________
_________________________________________________

-113-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Yeroo eeggannu waan tokko yookiin waan lama irratti xiyeef-
achuu dandeenya. Waan eeggachaa jirru irratti xiyeefachuu
dandeenya yookiin isa wantoota sana harka isaa keessatti qa-
bate irratti xiyeefachuu dandeenya. Wanti garaagarummaa fidu
hammam akka nuyi eegganne utuu hin taane yeroo eeggannu
ilaalcha nuyi qabnuudha. Yoo Gooftaa amananne, yoo jireenya
keenya harka isaa keessa keenye, yoo fedha keenya dabarsinee
isatti kennine yoo yeroo tokko tokko amanuun isaa cimaa ta’e
illee yeroo wayyutti waan wayyu akka nuuf godhu amanachuu
in dandeenya.
Maal eeggachaa jirta? Waan hundumaa yeroo isaa fi waaqa-
yyootti kennuu baruu kan ati dandeessu attamitti? Karaa
kee guutummaatti waaqayyootti kennuuf kadhadhu.

WIIXATA Fulbaana 5
Yeroo Waaqayyootti
Room.5:6 fi Gal. 4:4 dubbisi. Waa’ee yeroo Waaqayyoo maal
nutti himu?

_________________________________________________
_________________________________________________
Heertuu kana keessatti Yesus nuuf du’uuf yeroo sirriitti akka
dhufe Phaawulos nutti hima. Maaliif yeroo sirrii akka ta’e garuu
Phaawulos nutti hin himu. Heertuu kana dubbisanii Kristos cub-
buu irratti hojjechuuf gara lafaa utuu hin dhufin waggoota ku-
maatama kana maaliif ture jennee gaafachuun salphaadha, isa
dura cubbuun gadhee akka ta’e yunversiin hin hubannee? Yesus
lammaffaa dhufuuf maaliif yeroo eegaa akka jirus gaafachuu in
dandeenya ta’a. Kadhannaa koo deebisuuf gooftaa maaliif yeroo
dheeraa tura jennees gaafachuu in dandeenya?

-114-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Raajii tornam 70, raajii Yesus Masihii ta’uu isaa argisiisu
isa Daan. 9:24-27 keessa jiru yaadi. Yeroon kun hammam
dheerata? Yoo waan yeroo dheeraa fudhate nutti fakkaate
illee yeroo Waaqayyootti wantoota eeguu baruu ilaalchisee
kun maal nutti hima?

_________________________________________________
_________________________________________________

Yeroo eeggachuu maaliif shaakaluu akka qabnu sababoota ha-


fuuraa barbaachisoo baay’eetu jira. Tokkoffaa, eeggachuun xi-
yeefannoo keenya wantoota irraa fageesuudhaan gara waaqa-
yyootti deebisa. Lammaffaa, eeggachuun ka’umsa yaada garaa
keenyaa fi fedhii keenya guddifachuuf nuuf heyyama. Sadaffaa,
eeggachuun cimina hafuuraa, obsaan danda’uu ijaaruuf nu gar-
gaara. Afuraffaa, eeggachuun jabina hafuuraa baay’ee kan akka
amantii fi amanachuu guddifachuuf balbala nuuf bana. Shanaf-
faa, eeggachuun shanaffaa, eeggachuun Fifth, waiting hibboo
gurguddaa akka waaqayyo gad xiqqeessu godha. Ja’aaffaa, maa-
liif eeggachuu akka qabnu hin beeknu ta’a, haa ta’u malee aman-
tiidhaan jiraachuu barra. Eeggachuuf sababa kan biraa yaaduu in
dandeessaa?
Waan sirrii yeroo isaatti akka siif godhu amanachuu baruuf akka
si gargaaruuf waaqayyo yeroo isaatti waa akka godhu Macaafa
Qulqulluu keessaa fakkeenya maal argita? Fakkeenyaaf waa’ee
Abrahaamii fi Saaraa, waa’ee ilma abdachiifamee yaadi. “Dee-
bii kadhannaa kadhannaa bara dheeraan dura deebi’uun irra ture
utuu hin deebi’iin akka turu gochuu kan danda’ee maalan god-
he?” jedhii mataa kee gaafadhu.

-115-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KIBXATA Fulbaana 6
Daawit: Eeggachuu keessatti Barumsa
1saam. 16:1-13 keessatti Daawit dargaggeesichi akka mootiitti
Saamu’eeliin dibamuu isaa argina. Haa ta’u malee maasii ab-
baa isaa Iseyii hamma teessoo isa Yerusaalem jiruutti adeemsa
fagoodha. Gidduutti qorumsi itti dhaga’amuun isaa shakkii hin
qabu.
Tokkoffaa, mucichi hafuura Saa’ol isa jeeqame tasgabbeessuuf
faarfannaa faarfachuuf waamame (1Sam. 16). Booda yeroo
Goliyaadiin ajjeese goota Israa’el ta’e (1Sam. 17). Sana booda
Daawit lubbuu isaa oolchuuf waggoota baay’ee baqate. Saa’olii
fi ilmi isaa Yoonataan akka Daawitti mootii itti aanu ta’u beeku
(1Sam. 23:17; 1Sam. 24:20). Daawit garuu ga’umsa waaqayyoo
bira ga’uuf homaa hin goone. Yeroo Saa’ol isa ajjeesuu yaale
waan hamaa gochuu akka hin barbaadne argisiisuuf Daawit fiix-
ee uffata isaa kute (1Sam. 24:5-7). Ammas yroo Saa’ol Daawitiin
ajjeesuuf yaale, Daawit immoo yeroo carraa argate isa ajjeesuu
hin dhiise (1Sam. 26:7-11).
1Sam. 26:1-17 dubbisi. Daawit maaliif Saa’oliin ajjeesuu
dide? Karaa ittiin waaqayyo karoora isaa gara jireenya keen-
yaatti fidu ilaalchisee kun qajeelfama maalii nu barsiisa?

_________________________________________________
_________________________________________________
Amma 1Sam. 26: 12-25 dubbisi. Daawit Saa’oliin ajjeesuu
dhiisuun isaa attamitti Saa’oliin miidhe? Kun bu’aa waaqa-
yyoon eeggachuu maal nu barsiisa?

_________________________________________________
_________________________________________________

-116-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Daandii ittii Daawit gara teessoo dhaqe guutummaa isaa yeroo
ilaallu hima gabaabaa waan Waaqayyo siif hin kenning fudha-
chuuf hin hiixatin kan jedhu hima gabaabaatiin cuunfuun in dan-
da’ama. Kennaan waaqayyoo inni yeroo isaa fi harka isaa keessa
fudhatame yeroo hunda gaariidha. Kun yeroo eeggachuu dheer-
aa gaafachuu danda’a. Mukti Odaa waggoota baay’ee fudhachuu
kan danda’u yeroo ta’u, baaqelaan garuu sa’aatii tokko keessat-
ti biqiluu danda’a. Garuu yeroo qilleensi dhufu mukti kun hin
buqqa’u.

Daawit Saa’oliin ajjeesuudhaan qajeelaa ta’uu akka danda’u


yaadi. (Daawit teessoo akka qabatu itti dubbatameera, Saa’ol
immoo hamaadha) Haa ta’u malee gochaan isaa amantii inni
waaqayyotti qabu dubbata. Waa’ee waan eeggachaa jirtuuf
fakkeenyummaa kana irraa maal argachuu dandeessa?

Roobii Fulbaana 7
Eliyaas: Rakkoo Baqannaa
Argisiisi tulluu Qarmeloos irraa xumurameera (1Moot. 18). Ibid-
di waaqa irraa dhufeera, namoonni hundinuu waaqa dhugaa hu-
bataniiru, raajonni sondunis ajjeefamaniiru. Waaqayyo ijaa baa-
fateera. Akkuma guyyaa dhufee darbu Eliyaas jabina hafuuraatti
guddachaa jira jettee yaadda, garuu akka tasaa waan guddaa isa
naasisu dhaga’ee du’uu barbaade. Seenaa isa hafe 1Noot. 19:1-9
dubbisi. Jechi xumuraa lakkoobsa kana irra jiru nama yaaddessa:
“Tulluu sana irra yommuu ga’es holqa dhagaa tokko keessa lixee
achi keessa in bule; kunoo, dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,
Yaa Eliyaas asii maal hojjetta? jedhee isa in gaafate.” 1Moot.
19:9.sodaan Eliyaas baqatee iddoo dogoggoraatti akka of argu
isa taasise.

-117-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Giddu seentummaa Gooftaa isa tulluu Qarmeloos irraa boo-
da Eliyaas amantii fi amanannaa guutuu qabaachuutu irra
ture; qooda kanaa inni garuu lubuu isaatiif sodaatee fiige.
Fakkeenyummaa gadhee kana irraa maal baruu dandeenya?

_________________________________________________
_________________________________________________
Seenaan kun waan barbaachisaa ibsa: yeroo fiignu salphaatti
mataa keenya iddoo dogoggoraatti of argina. Waa’ee Eliyaas ir-
ratti sodaa isaati utuu hin dhalatin hafuu isaa hawwee mo’amuud-
haan gara lafa onaatti akka fiigu kan isa taasise. Garuu karoora
waaqaa keessaa baanee akka fiignu kan nu godhu wanti biraanis
jira.
Heertuu armaan gadii dubbisi. Uum. 16:1-3; S/Lakk. 20:10-
12; A/Fir. 14:1-3; Maat. 20:20, 21; Luq. 9:52-56; H/Erg. 9:1.
Amaloonni asitti mul’atan fedha waaqayyoo jalaa baqa-
chuutti kan geessan maal fa’i?

_________________________________________________
_________________________________________________

Wantoonni akka kajeellaa, aarii, hawwii, amanti dhabinni yookiin


Gooftaaf hinaafuu kan fakkaatu bakka nuyi argamuu hin qabnetti
akka fiignu kan nu godhaniif heyyamuun salphaadha. Balaa kana
dandamachuu kan danda’e hin turre. Furtuun isaa gaarummaa fi
araara Waaqayyoo isa akka inni nu jaallatuu fi wanta nuuf wayyu
hawwuu isaa beeknutti amanachuu guddisuudha. Kun batta-
lumatti hin ta’u. Amantii kennaa ta’uu danda’a, garuu kennaa
kunuunfamuu, sooramuu fi hinnaaffaadhaan eegamuu qabuudha.

-118-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KAMISA Fulbaana 8
Gooftaatti Gammachuu Qabaachuu Baruu
“Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! innis fedha garaa kee
siif kenna.” Faar. 37:4
Faar. 37:4 abdii dinqisiisaadha. Wanta yeroo hundumaa bar-
baaddu akka waan argateetti yaadi. Garuu fedha garaa keenyaa
argachuun onnee gooftaatti gammachuu qabaatu irratti hun-
da’aa. Kanaaf “Gooftaatti gammachuu qabaachuu” jechuun maal
jechuudha?
Faar.37:1-11 dubbisi. Qabiyyeen Faar. 37:4 tarii xiqqoo nama
dinqifachiisuu danda’a. Daawit waa’ee namoota faallaa waaqa-
yyoo fi faallaa isaa hojjetanii isa marsanii jiranii barreessaa jira.
Yeroo namoonni faallaa keenya hojjetan deebiin uumamaan nuyi
kenninu aaruu yookiin mataa keenya qajeelaa gochuudha. Daaw-
it garuu waan adda ta’e gorsa.
Heertuu armaan gadii keessatti Daawit haala akkasii kees-
satti saba waaqayyoo maal gorsa?

Faar. 37:1 __________________________________________


___________________________________________________

Faar. 37:5 __________________________________________


___________________________________________________

Faar. 37:7 __________________________________________


___________________________________________________

Faar. 37:8 __________________________________________


___________________________________________________

-119-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Ammas Faar. 37:4 dubbisi. Heertulee armaan olitti yaada
kee irratti kennite irratti “Waaqayyotti gammachuu qabaa-
chuu” jechuun maal jechuudha?

___________________________________________________
___________________________________________________

Daawit karaa garagaraa ammas ammas irra dedeebi’ee waa’ee


“Waaqayyoon amanchuu” dubbata. Akka inni hojjetuuf amana-
chuu. Hin aarin, sababni isaa waaqayyo waaqa keeti, inni amma
illee taanaan siif hojjechaa jira. Itti gaafatamummaa isaa fudhat-
tee mataa keetiin wantoota adda baasuu hin dandeessu. Abbaan
kee inni waaqa irraa itti gaafatamaadha. Isa amanadhu. Guutum-
maatti isa amanadhu.
Daawit waa’ee gooftaatti gammachuu qabaachuu kan inni bar-
reessu qabiyyee kana keessatti. Waaqayyootti gammachuu qa-
baachuu jechuun haala guutummaatti isa amanannu keessa ji-
raachuu jechuudha. Nagaa keenya raasuu kan danda’u hin jiru,
sababni isaa Waaqayyo nu bira hojii irra jira. Isa galateefachuu in
dandeenya, gammaduu in dandeenya, sababni isaa waaqa keenya
dhorkuu kan danda’u hin jiru. Kana gochuu yeroo barru waan
abbaan keenya inni jaalalaa waaqa irra jiru yeroo isaa fi moo-
tummaa isaa keessatti nu fayyadu nuuf kennuu barbaadetti waan
garaan keenya hawwu in arganna.

“Gooftaatti gammachuu qabaachuu” attamitti baruu dan-


deessa? Kun attamitti jireenya kee keessatti akka dhugoomu
ilaalchisee qajeelfama Waaqayyoo argachuuf yeroo muraasa
kadhannaadhaan dabarsi.

-120-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
JIMAATA Fulbaana 9
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, Patriarchs and Proph-
ets irraa mata duree “The Anointing of David,” jedhu fuula 637–
642 keessaa dubbisi.
Karoorri waaqayyo nuuf qabu baay’ee eeggachuu nu gaafata
ta’a, kun immoo akka qormaataatti nutti dhaga’amuu danda’a.
Yeroo kana keessa obsa baruun yeroo nuyi namummaa waaqa-
yyoo fi nuuf hojjechaa jiraachuu isaa amanachuu irratti xiyeef-
annu raawwatama. Eeggachuuf sababoota hedduutu jira, garuu
hundumti isaanii raawwii karoora waaqayyo nuuf qabuu fi moo-
tummaa isaaf qabuu irratti hunda’a. yoo waaqayyoon dura fiigne
waan baay’ee dhabna, garuu isa amanachuu fi isatti gammaduutti
yoo amananne baay’ee argachuu dandeenya.
Gooftaan qorumsa hundumaa in madaala. “Dhiphina koo kees-
satti kaayyoo waaqayyoo dubbisuu hin danda’u, garuu inni waan
wayyu beeka, kanaaf akka uumaa koo isa amanamaatti lubbuu,
dhagnaa fi hafuura koo isattan kenna. “Kanaafan amma itti
dhiphachaa jira; ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf
hin yeella’u; akkasumas inni wanta hadaraa anatti kenname
kana, hamma guyyaa sanaatti eeguu akka danda’u nan amanad-
ha.” 2Xim.1:12. Amantii guddaa, jaalala guddaa, obsa guddaa
fi abbaa keenya isa waaqa irratti amanannaa guutuu qabaachuuf
lubbuu keenya yoo barsiifnee fi yoo leenjifne yeroo wallaansoo
jireenyaa kana keessa darbinu hundumaa guyyaa guyyaadhaan
gammachuu fi nagaa guddaa akka qabaannu nan beeka.
“Irree Kristosiin alatti mataa keenya dhiphsuu fi yaaddesuut-
ti Gooftaan hin gammadu. Turree eeggachuun baay’ee nu irra
barbaadama. Yoo miirri gaariin nutti dhaga’ame malee daandii
sirrii irra hin jirru jennee yaadna, waan ta’uu tokkoof milikkita
-121-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
barbaadna; garuu shallagiin kanaa amantiidhaan malee miiraan
miti,”—Ellen G. White, Selected Messages, book 2, p. 242.

Gaafilee Maree:
1.“Yesus qormaata hundumaa in madaala” jechuun maal
jechuudha? Yeroo eeggannu kana beekuun attamitti nu gar-
gaara?

2.Jwaa’ee obsanii eeggachuu dhuga baatii dhuunfaa akka


kennaniif garee keessatti namoota gaafadhu. Sodaan isaanii,
gammachuun isaanis maal ture? Attamitti keessa darban?
Maal irraa baran? Abdii maaliitti maxxanan?

3.Warra qorumsa keessa jiran yeroo waaqayyoo akka eegan


gargaaruuf akka waldaatti yookiin akka gareetti maal go-
chuu dandeessu?

4.Obsa guddifachuu keessatti shoorri kadhannaa maal? Ji-


reenya isaanii keessatti hafuurri obsaa akka guddatuuf nam-
ni ati kadhachuuf dandeessu jiruu?

-122-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Barumsa 12ffaa Fulbaana 10-16

Akka Sanyii Du’uu


SANBATA WAAREE BOODA
Quannoo Torban Kanaaf Dubbisi: Fili. 2:5-9; Room. 12:1, 2;
1 Sam. 2:12–3:18; 1 Sam. 13:1-14; Zakk. 4:1-14.
Heertuu Yaadannoo: “Dhuguma, dhuguman
isinittihima;ijiqamadiibiyyookeessabu’eeyoo
du’uu dhaabaate, tokkichuma ta’ee hafa; yoo
du’e garuu ija baay’ee in godhata” Yoh.12:24.

F
akkeenyi Yesus waa’ee du’uu sanyii qanadii dubbate fak-
keenya fedha Waaqayyootiif of kennuu keenyaati. Jalqaba
biyyoo keessa bu’uutu jira. Sanyiin qamadii irraa biyyoo
keessa bu’e akkamitti akka biyyoo keessa bu’uu of to’achuu hin
danda’u. Inni lafa naannoo isaa to’achuu hin danda’u.

Lammaffaa, eeggachuutu jira. Sanyichi yeroo biyyoo keessa bu’u


waan fuula duraa hin beeku. Sanyii qamadii waan ta’eef jireenyi
fuula duratti maal akka ta’u yaaduu hin danda’u.

Sadaffaa. Du’uutu jira. Sanyiin akka sanyiitti nagummaa isaa,


haala isaaf mijatu yoo dhiisuu baate muka qamadii ta’uu hin
danda’u. inni du’uu qaba; sanyii irraa gara muka ija godhatuutti
jijjiiramuuf waan dura ture dhiisuu qaba.
Torban kana Mil’uu Tokkoon: Fedhi waaqayyoo akka nuuf
wayyu erga beekne yeroon cimaan akkasii maaliif nu fudha-
ta? Fakkeenya of kennuu attamii Kristos nuuf dhiise? Fak-
keenyi sanyii qamadii jireenya kee kan ilaallatu ta’uu isaa
attamitti ilaalta?

-123-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
DILBATA Fulbaana 11
Tajaajilaaf Of Kennuu
Filip. 2:5-9 dubbisi. Heertuu kana keessa ergaa barbaa-
chisaa attamiitu jira?

___________________________________________________
___________________________________________________

Aadaan bara si’anaa mirga keenyaaf akka gaafannuuf nu dhiiba.


Kun hundumtuu gaariidha, karaa ta’uu qabuudhas. Garuu karaa
mootummaa waaqaatiif dhiibbaa barabaraa geggeessuun Abbaa
tajaajiluuf Yesusiin wal yeroo taanu fedhiin Waaqayyoo akka
nuyi mirga keenya dhiifnu nu gaafata. Adeemsi kana dhiisuu ci-
maa fi kan namatti hin tolle, haala qormaataa kan uumsu ta’uu
danda’a.
Akka itti Yesus kana godhe ilaali (Fili.2:5-8). Heertuun kun Ye-
sus fedha Abbaa isaaf of kennuuf jecha tarkaanfii inni fudhate
sadii ka’aa. Phaawulos jalqabuma irratti akkas jechuun nu yaa-
dachiisa: Yaaqa garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!”
Fili.2:5.
Bakka nu fayyisuu danda’u ta’uuf Yesus wal qixxummaa Abbaa
wajjin qabu dhiisee bifa namaa isa daangefamaa fudhatee gara
lafaa dhufe (Fili. 2:6,7).
Yesus akka garba sanyii namaatti malee akka nama guddaa fi ul-
fina qabeessaatti hin dhufne (Fili.2:7).
Yesus akka garbicha sanyii namaatti jireenya naga qabees-
saa fi umurii dheeraa hin jiraanne, garuu hamma “du’aatti ab-
boomamaa” ta’e. Garuu du’aa kabajamaa fi ulfina qabeessa hin
dune. “Inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee
du’utti iyyuu abboomamaa ta’e” Fili.2:8.
-124-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Fakkeenyummaa Yesus kun jireenya attamii keessatti fak-
keenya nuuf ta’a? Mirgii fi wal qixxummaan gaarii fi ee-
gamuu kan qabu yoo ta’e isa dhiisuun barbaachisaa ta’uu
isaa attamitti ibsita? Amma Fili.2:9 dubbisi. Heertuun kun
fedha waaqayyoof of kennuu hubachuuf attamitti nu gar-
gaara?

WIIXATA Fulbaana 12
Du’uun Fedha Waaqayyoo Beekuu Dura
Dhufa
Kiristiyaanonni baay’een jireenya isaaniif fedha Waaqayyoo
beekuu barbaadu. “Utuun fedha waaqayyo jireenya koof qabu
beeke waan hundumaa isaaf aarsaa nan godha” jedhu. Garuu
erga waaqayyoof kana waadaa seennee booda fedhiin isaa maal
akka ta’e bita galla. Sababni bita galummaa kanaa Room.12:1,
2 keessatti argama. Phaawulos attamitti fedha waaqayyoo akka
beeknu ibsa, akkasumas qabxii barbaachisaa ka’a: fedhi waaqa-
yyoo maal akka ta’e beekuu yoo barbaadde jalqaba aarsaa go-
chuu qabda.
Room. 12:1, 2 dubbisi. “Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e
gargar baasuudhaaf” (Room.12:2) akka danda’amu Phaawulos
barreessa.
1.Araara waaqayyo nuuf godhe hubannaa dhugaa qabna
(Room.12:1).
2.Mataa keenya aarsaa jiraataa goonee waaqayyoof dhi’eesina
(Room.12:1).
3.Sammuun keenya haarefameera (Room.12:2).
Yaada garaa haarefame qofaadha fedha waaqayyoo dhugaatti
hubachuu kan danda’u.garuu haarefamuun kun mataa keenyattii
-125-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
du’uutti nu geessa. Kristos nuuf dhiphachuun qofaan ga’aa miti
– inni du’uu qaba.
Kan ati irraa hin du’iin jirtu akka sitti mul’isuuf Hafuura Qulqul-
luu gaafadhu. Waaqayyoof aarsaa jiraataa ta’uuf wanti Hafuurri
Qulqulluun akka dhiiftu barbaadu maal?
Jireenya keenya keessaa wanti nuyi ittii hin duune yoo jiraate
gara hubannaa keenyaatti isa fiduuf Waaqayyo qorumsa heyya-
ma. Haa ta’u malee dhiphinni keenya cubbuu keenyaa wajjin
wallaansoo qabuu qofaaf nu hin gargaaru, Yesus mataa isaa
nuuf kennuu isaas hubannaa nuuf kenna. Elzaabex Elli’oot akka
jechuunbarreesite, “fedhii onnee keenyaa isa gad fagoodabar-
sanii kennuun fannoo hubachuutti akka dhi’aachuu ta’uu dan-
da’a.… muuxannoon fannoo keenyaa yoo kan fayyisaa keenyaan
gad ta’e illee dhiphina isaa keessaatti isa waliin ta’uu beekuu
jalqabuuf carraa nu qulleessuu nuuf kenna. Dhiphina keenya
hunda keessatti michummaa isaaf waamicha nuuf godha.” fel-
lowship.”—Elisabeth Elliot, Quest for Love (Grand Rapids, MI:
Fleming H. Revell, 1996), p. 182.
Room. 12:1, 2 dubbisii irratti kadhadhu. Aarsaa ta’uuf
waa’ee waan dhiisuun si barbaachisuu yaadi. Dhiphina ye-
sus siif jedhee fannoo irratti baate hubachuuf kun attamitti
si gargaara? Beekumsi kun tokkummaa Y3esusii wajjinii fi
dhiphina isaa keessa seenuuf attamitti si gargaara?

KIBXATA Fulbaana 13
Dhaga’uuf fedha Qabaachuu
“Kana booddee Waaqayyo dhufee achi dhaabatee, akku-
ma isaa si’a duraa, Saamu’el! Saamu’el! jedhee in waame;
Saamu’el immoo, Yaa gooftaa ko, garbichi kee in dhaggeeffa-
taatii dubbadhu! Jedhe” 1Sam.3:12.

-126-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Sagalee Hafuura Qulqulluu sagalee asaasa xiqqootiin dubbatu
dhageessee garuu murmitee beektaa? Wanti hundumtuu dogo-
ggoraan ta’ee kana booda maaliifan dhaga’uu didee? Jettee ofitti
deebitee yaadda.

Saamu’el tokkoffaan seenaa nama dulloomaa tokkoo fi ijoolee


hamoo lamaa warra gooftaa dhaga’uu didanii fi mucaa xiqqoo
gooftaa dhaga’e tokko ibsa. Akeekkachiisi cimaan yoo jiraate
illee warri karaa isaanii jijjiirachuu hin barbaadne hin dhageenye.
Seenaa isaanii 1Sam. 2:12-3:18 keessaa dubbisi. War-
ra waaqayyoon dhaga’ee fi dhaga’uu dide gidduutti ga-
raagarummaa maaliitu ta’e?

___________________________________________________
___________________________________________________

Ijoolleen Elii waa’ee waaqayyoon ala waan biraa sammuu isaanii


keessaa qabu turan. Yeroo Eliin waan waaqayyo barbaade erga
dhaga’ee booda ijoollee isaatti dubbate illee waan gochuu hin
barbaadne turan. Ijoolleen isaa jireenya isaanii fedha waaqa-
yyoof kennuuf hin qophoofne turan. Kan Saamu’eel isa dargag-
geessaa wajjin attam faallaadha!
Lallabaan Charle Istaneliin sagalee waaqayyoof banaa ta’uun
barbaachisaa ta’uu isaa yeroo ibse akkas jedhe: “Hafuurri Qul-
qulluun … odeefannoo dabarsuuf hin dubbatu. Inni deebii arga-
chuuf dubbata. Yeroo ajandaan keenya xiyeefannoo keenya gara
caalu qabatu faallaa isaa yaada dhi’eessuun yeroo balleesuudha.
Yeroo kun ta’u inni yeroo baay’ee in callisa. Dhaga’uu fi ab-
boomamuuf akka nuyi banaa taanuuf nu eega.” Charles Stanley,
The Wonderful Spirit-Filled Life, (Nashville, TN: Thomas Nel-
son Publishers, 1992), pp. 179, 180.

-127-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Waa’ee waaqayyoof banaa ta’uu yeroo yaaddu inni Istani-
liin “giddu galeessa” ta’uu jedhu maal jechuudha? Sagalee
waaqayyof banaa ta’uu guddisuu fi qajeelfama isaaf ab-
boomamuu murteefachuuf jireenya kee keessatti maal go-
chuutu barbaachisa?
ROOBII Fulbaana 14
Ofitti Hirkachuu
Hewwaan yeroo dhaabaa Eden keessatti cubbuu hojjette sababa
sagalee waaqayyoo shakkiteef miti. Rakkoon isaa gaarii fi gad-
hee murteefachuuf ogummaa ga’aa nan qaba jettee amanuu ishee
ture. Murtoo ofii isheetii amanatte. Sagalee waaqayyoon amana-
chuu faallaa murtoo mataa keenyaatti yeroo hirkannu rakkoo
hundumaatiif mataa keenya banaa goona.
Seenaan Saa’ol sadarkaa ofitti hirkachuu fi balaa attatamaa isa
hordofee dhufu ibsa. Saamu’eel akka mootiitti isa dibe (1Sam.
10:1). Kana booda saa’oliif qajeelfama addaa kenne (1Sam.10:8),
garuu Saa’ol in abboomamne.

Seenaa itti aanu 1Sam.13:1-14 keessaa dubbisi. Saa’ol waan


kufaatiitti isa geesse maal godhe?

___________________________________________________
___________________________________________________

Saa’ol erga mootii ta’ee karaa gara ofitti hirkachuutti kan isa
geesse sadarkaa sadiitu jira. Rakkoon isaa sadarkaaleen sun tok-
koon isaanii illee mataa isaaniitiin gadhee ta’uu dhiisuu isaaniiti.
Haa ta’u malee sanyii balaafamaa qabu, sababni isaa tokkoon
tokkoon tarkaanfii kana utuu Waaqayyootti hin hirkatin fudhata-
man. Kufaatiin Saa’ol akkataa isaan itti raawwataman toora isaa
yaadaan qabi.

-128-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
1.Saa’ol akkas jedhe, “namoonni ana dhiisanii tatamsa’anii ati
immoo dhufuu dhiisuu kee “nan arge.” (1Sam.13:11). Saa’ool
dhiibbaa jala jira, waan ta’aa jirus ija ofii isaatiin madaale.
2.Saa’ol “nan arge” jechuu irraa gara “nan jedhe “jechuutti
adeeme- innis Filisxeemonni isaaniin in rukutu. Wanti inni ija
isaatiin arge waan inni jedhe boce, yookiin waa’ee haalota sana
gudunfeefi.
3.Saa’ol “nan jedhe” jechuu irraa gara “natti dhaga’ame”
jechuutti adeeme – aarsaa dhi’eessuuf dirqame (1Sam. 13:12).
Wanti saa’ol amma yaade miira isaa boce.
Hundi keenya kana gooneerra: ilaalcha namummaa keenyaatti
hirkaneerra. Inni immoo yaada namummaa keenyaatti hirka-
chuutti nu geessa, innis miira namummaa keenyaatti hirkachuutti
nu geessa. Kana booda akka miirri kun nutti dhageesisetti goona.
Saa’ol amma illee qajeelfamin waaqayyoo gurra isaa keessat-
ti utuu dhaga’amuu murtoo mataa isaa hordofuun salphaa
akka ta’e kan ati yaaddu maaliif? Kan kufne ta’uu keenyaa fi
beekumsa guutuu hin taane akkasii qabaachuu keenya utuu
beeknu amma illee maaliif mataa keenyatti hirkachuuf yaal-
la? Mataa keenyatti hirkachuu caalaa abboommii gooftaa
amanachuu baruu danda’uuf maal gochuu dandeenya?

KAMISA Fulbaana 15
Bakka Buutota
Akkuma kaleessa dubbannee turre yeroo jabina mataa keenyaatti
hirkannu fedha waaqayyoof of kennuun gaditti ilaalamuu dan-
da’a. akkasumas waaqayyoon kan biraatiin bakka buusanii itti
hirkachuunis in danda’ama. Namoonni muraasi dhiphinni yeroo
isaanitti dhaga’amu waan isaan gammachiisuu bitachuu dhaqu.
Miirri itti quufuu yeroo dhibu namoonni beekamtii argachuu bar-
baadu.namoonni kaan haadha manaa isaanii wajjin rakkina yeroo
-129-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
qabaatan kan michummaa yookiin gammachuu isaaniif kennitu
kan biraa barbaadu.
Wanti nuyi itti fayyadamnu baay’een dhiibbaa nuuf salphisuu
danda’u, garuu rakkoo furuu hin danda’an yookiin yeroo fuu-
la duraatiif attamitti haalota to’achuu akka dandeenyu nu hin
barsiisan. Kana gochuu kan danda’u gargaarsa umamaa olii isa
waaqayyo biraa dhufu qofaadha. Rakkoon isa yeroo baay’ee
qooda waaqayyo mataa isaatti hirkachuu isa nuyi waan biraa
bakka waaqaa buufnee itti hirkanuudha.
Qooda waaqayyo bakka bu’uumsi nuyi itti fayyadamnu sadii
kunooti:
1.Yeroo mul’ata waaqayyoo isa o’aa barbaadnutti tooftaa namaa
yookiin muuxannoo darbetti faayyadamuu.
2.Yeroo furmaata waaqayyoo barbaadnutti rakkoon akka hin ji-
reetti sammuu keenya cufachuu (of amansiisuu).
3.Humna waaqayyoo argachuuf waaqayyoo wajjin wal qu-
unnamuun yeroo nu barbaachisutti haqa jiru jalaa baqannee
waaqayyoon dhabamsiisuu (fedhuu dhiisu).
Bakka buutota fayyadamuuf yeroo qoramnu dhimmi qabatamaa
irratti akka xiyeefannuuf Zakkaariyaas nu gargaara. Waggoota
dheeraa booda booji’amtoonni Baabiloonii deebi’an mana qul-
qulummaa ijaaruu jalqaban. Garuu mormii amanuun isaa nama
rakkisutu ture (Izira 4-6). Kanaaf Zakkaariyaas Zarubaabel isa
hojicha geggeessuuf ergaaa jajjabinaa kanaa wajjin dhufe.
Ergaa kana Zekk.4 keessaa dubbisi. Zakk. 4: 6 irratti waaqa-
yyo maal jechaa jira? Projektiin ijaarsa kanaa dhiibbaa Ha-
fuura Qulqulluutiin attamitti xumurama? Kun hariiroo Ha-
fuura Qulqulluu fi waan qabatamaa nuyi goonu gidduu jiru
attamitti nu barsiisa?
___________________________________________________
-130-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Waaqayyo mormii ijaarsa mana qulqulummaa hin dhabamsiifne,
yookiin isa hojjechuu irraan gadda isatti dhufu keessaa Zarubaa-
beliin hin oolchine. Waaqayyo yeroo hundumaa mormiin akka
nutti hin kaaneef hin dhowwu. Garuu yeroo mormiin dhufu isa
akka qorumsaatti fayyadamee isa irratti hirkachuu nu barsiisa.
Yeroo dhiphinni dhufu deebiin kee jalqabaa maal? Nyaataa?
Televishinaa? Kadhannaadhaa? Waaqayyoof bitamuudhaa?
Waa’ee mataa keetii fi waan baruu yookiin jijjiiruu barbaad-
du ilaalchisee deebiin kee maal?

JIMAATA Fulbaana 16
Yaada Dabalataa: kitaaba Ellen G. White, Patriarchs and Proph-
ets irraa mata duree “Eli and His Sons,” jedhu fuula 575-580, fi
mata duree “The Presumption of Saul,” jedhu fuula 616–4 626
dubbisi.
Fedha waaqayyoof bitamuun yeroo nuyi fedhii mataa keenyaa
fi kajeellaa keenya irraa duunu dhufa. Kun immoo warra kan bi-
roof tajaajila dhugaa kennuuf karaa bana. Utuu aarsaa hin ta’inii
fi sagalee Waaqayyoof utuu walirraa hin kutin banaa hin ta’in
waaqayyoof jiraachuu hin dandeenyu. Fedhii keenya jaalala Ab-
baa keenyaaf bitamsiisuuf balaa mataa keenyatti hirkachuu fi
humnaa fi sagalee waaqayyoo waan biraan bakka buusuun qabu
hubachuu qabna. jaalala waaqayyoof bitamuun onnee jireenya
Kristosiin fakkaachuu waan ta’eef waaqayyo isa irratti hirkachuu
nu barsisuuf qorumsa heyyamuu in danda’a.
“Dagannaan Elii abbootaa fi haadhota lafa irra jiraatan hundu-
maaf ifatti dhi’aateera. Inni bu’aa fedhii hin qulqulla’inii yookiin
gochaa itti walii galuun hin danda’amne dhiisuuf fedhii dhabuu
isaatiin ijoollee isaa keessatti Makara hamminaa hamate. Maatiin
hamminaa fi hojii hamminaa shaakaluuf ijoollee kanaaf heyya-
man lachuu waaqayyoon duratti yakkamoota, yakka isaaniifis
-131-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
aarsaa yookiin kennaa hin fudhatu.” Ellen G. White, 2 Child
Guidance, p. 276.
Gaaffiilee Maree:
1.Isa ilmi waaqayyoo cubbuu keenyaaf du’uuf jecha akka
namaatti gad of deebisee gara lafaa dhufe gareedhaan irrat-
ti dubbadhaa. Namoota kan biraaf gaarii akka ta’uuf aar-
saa of gochuu fi mataa ofii ganuu ilaalchisee kun maal nutti
hima? Akka Yesus godhetti waa gochuu kan hin dandeenye
yoo taane illee qajeelfamin isaa achuma jira, yeroo hundu-
maas fuula keenya dura ta’uu qaba. Of kennuu fi aarsaa of
gochuu akka isa Yesus fannoo irratti argisiisee karaa kamiin
jireenya keenya keessatti hordofuu dandeenya?
2.Waan itti aanee ta’u utuu hin beekin waaqayyoof of kenn-
uun namoota baay’eef waan sodaachisaadha. Namoota qoo-
da waaqayyootti hirkachuu mataa isaanitti hirkatan maal
gorsita? Waan fuula duraa beekuu dhabuu yookiin to’achuu
dadhabuudhaan sodaa isaanitti dhufu dhabamsiisuuf maal
isaaniin jetta?
3.Fedha waaqayyoo amanachuun nagaa xumuraa akka fiduu
arguu akka danda’aniif namoota fedha waaqayyoo beekuun
cimaa isaanitti ta’ef kadhachuuf akka gareetti yeroo fudhad-
ha. Waaqayyoof of kennuu akka danda’anii fi karaan isaa
kan wayyu ta’uu akka argan gargaaruuf wanti qabatamaan
namoota kanaaf ati gochuu dandeessu maal? Jechaa biraati-
in jaalala isaa akka beekaniif warra kaan gargaaruuf waaqa-
yyo attamitti dhimmi sitti ba’a?

-132-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Barumsa 13ffaa
Fulbaana 17-23

Kiristos Qorumsa Keessatti


SANBATA WAAREE BOODA
Barumsa Torban Kanaatiif Qo’adhu: : Luq. 2:7, 22-24; Maat.
2:1- 18; Yoh. 8:58, 59; Luq. 22:41-44; Maat. 27:51, 52; Room.
6:23; Tit. 1:2.
Heertuu Yaadannoo: “Gara sa’aatii salgaffaatti
Yesus sagalee guddaadhaan, Elii, Elii6 lamaa
sabaktanii? jedhee waammate; kunis, Waaqa-
yyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?
jechuutti in hiikama” (Maat. 27:46)

D
himma dhiphinaa yeroo ilaallu gaaffiitu dhufa: cubbuu
fi dhiphinni jalqaba attamitti ka’e? Mul’ata waaqaatiin
deebii gaarii qabna: kun kan dhufe sababa uumamni bi-
liisaa biliisummaa Waaqayyo isaaniif kenne akka malee waan itti
fayyadamaniifi. Kun gaaffii biraatti geessa: uumamni kun akka
kufan waaqayyo dursee beeka turee? Eeyyee, garuu but akkuma
C. S. Lewis namni jedhamu barreessee ture yeroo hundumaa ba-
laa qaba.”

Balaa qabaa? Eenyuuf? Nuyiifi, yeroo waaqayyo teessoo isaa


irra samii keessa taa’uu? Miti. Biliisummaan uumama isaa
maraa qulqulluu hin turre, kanaaf, qooda nuyi biliisummaa
dhabuu, waaqayyo dhiphina isa bu’aa biliisummaa dhabuun
keenya nutti fide ofii isaa irratti baachuu filate. Dhiphina kana
immoo jireenyaa fi du’a Yesus isa foon keenya of irratti baa-
tee dhiphachuudhaan samii fi lafa gidduutti hariirro barabaraa
uume keessatti argina.
-133-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Torban kana mil’uu Tokkoon: Kiristos qooda keenya maal
dhiphate? Dhiphina isaa irraa maal baruu dandeenya?

Dilbata Fulbaana 18
Guyyoota Gara Jalqabaa
Waa’ee waggoottaan gara jalqabaa kan Yesus Macaafni Qul-
qulluun odeefannoo muraasa nuuf kenna. Haa ta’u malee,
waa’ee haalota kanaa fi addunyaa fayyisaan keessa seenee tu-
ree heertuun muraasi in dubbatu.
Luq. 2:7, 22-24 Mul.12:6-8 fi Maat.2:1-18 dubbisi. Heertuun
kana keessatti haala jireenyaa gara jalqabaatti Yesusiin mu-
date argisiiftuu maalii argina?

___________________________________________________
___________________________________________________

Dhugaadhumatti jireenya hiyyumaa jiraachuuf yookiin umu-


rii isaa jalqaba irraa kaasee warra isa ajjeesuu barbaadan qu-
unnamuunf Yesus nama jalqabaa miti. Haa ta’u malee yeroo
jalqabaa kaasee dhiphinni Yesus adda ta’uu isaa hubachuuf
kan nu gargaaru wanti biraan jira.
Yoh. 1:46 dubbisi. Yesus isa dargaggeessa sana dhiphina mu-
date hubachuuf kan nu gargaaru kun maal itti dabala?

___________________________________________________
___________________________________________________

Addaamii fi Hewwaan isa yeroo kufaatiin dura jiraatan irraa


kan hafe Yesus namoota lafa irra jiraatanii darban hunda kees-
saa nama cubbuu malee jiraateedha. Inni qulqullummaa isaati-
in, cubbuu malee jiraachuu isaatinis addunyaa cubbuu keessa
-134-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
ka’aame. Akka mucaatti, quunamtii cubbuu wajjin jiru kees-
satti lubbuu isaa ishee qulqulluuf dhiphina attamii ture.. Kris-
tos isa lubbuun isaa qulqulluu, isa xiqqoodhuma ishee illee
cubbuun hin faalaminiif attam akka ture yaadi. Isaa fi naannoo
isaa kan jiran gidduu wanti faallaan attamii akka jiru yaadi.
Isaaf dhiphina guddaa ta’uu qaba.
“Cubbuu naannoo keenya jiru hundumaaf hammaman
si’aa’aadha” jedhii mataa kee gaafadhu. Isaan na jeequu
moo yookiin ani isaaniif cimaadha? Yoo ati isaanitti cimaad-
ha taate kun sababa dubbisa, ilaalcha yookiin goochaa keeti?
Waa’ee kanaa itti yaadi.
WIIXATA Fulbaana 19
Namoota keessatti kan tuffatamee fi kan
Jibbame
Heertuu armaan gadii dubbisi, Yesus waaqa uumaa waaqaa
fi lafaa ta’ee utuu jiruu cubbuu guutummaa biyya lafaaf
jecha ofii isaa aarsaa gochuuf dhufuu isaa sammuu kees-
sa ka’aadhu (Maat. 12:22-24; Luq. 4:21-30; Yoh. 8:58, 59).
Heertuun kunniin dhiphina lafa kana irratti Yesusiin mudate
hubachuuf attamitti nu gargaaru?

___________________________________________________
___________________________________________________

Jireenyi, gochaa fi barsiisi Yesus geggeesitootanis ta’e yookiin


sabootaan utuu walirraa hin citin hin hubatamne ture, kun im-
moo saba inni fayyisuuf dhufe biratti akka inni jibbamuu fi tuffa-
tamu godhe. Dhugaadhumatti, kun maatii mucaa isaanii karaa
irraa kaatee gargaarsa barbaadaa jiruu fi maatiin sun immoo
mucaa sanaaf waan hundumaa kennuu utuu barbaadanii mucaan

-135-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
sun maatii isaa tuffatee, maatii mucaa sana badiisa oolchuu bar-
baadanitti qoosee fi isaaniin jibbe fakkaata. Wanti lafa irratti Ye-
susiin mudate kana ture. Kun isaaf hammam dhukkubsaa ture?
Maat. 23:37 dubbisi. Waa’een jibbamuu isaa Kristositti
hammam akka itti dhaga’ame kun maal nutti hima? “Itti
dhaga’amni kun isaaf gadhee ture moo yookiin sababa bi-
raaf” jedhii yeroo dubbiftu mataa kee gaafadhu. Yoo sababa
biraaf ta’e sababni biraan sun maal ture?

___________________________________________________
___________________________________________________
___________________________________________________

Arfiin jibbamuu hunda keenyatti dhaga’ameera, ofitummaa kan


hin qabne ta’uu isaa irraa kan ka’e dhukkubbiin keenya kan Kris-
tosii wajjin wal fakkaachuu in danda’a. kan nu dhukkube saba-
ba jibbamneef miti, garuu sababa nama isa jibbaa jiruuf jibbuu
jechuun maal jechuu akka ta’e beeknuuf malee. Yesus isa isaan
fayyisuuf jecha maal akka isa mudatu guutummaatti beekuu fi
bu’aan jibba isaanii maal akka ta’e beekuuf hammam akka itti
dhaga’amu yaadi. “Kristositti haleellaan seexanaa cimaan kan
itti dhaga’ameef sababa qulqulummaa isaatiif ture.”—Ellen G.
White, Selected Messages, 3 book 3, p. 129.

Jibbamuu keessatti isa fakkaachuuf kan si gargaaruu dan-


da’u Kristos irraa maal baruu dandeessa? Fakkeenyum-
maan isaa maal sitti argisiisa? Jireenya kee keessattis at-
tamitti hojii irra oolchita?

-136-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
KIBXATA Fulbaana 20
Yesus Geetesamaaneetti
“Isaaniin immoo, Lubbuun koo hamma du’aatti baay’ee
gaddite; isin as turaa, dammaqaas! jedhe.” Maar.14:34.
Yesus lafa kana irratti waggoota 33 yoo dhiphate illee isa inni
fannoon dura yeroo xumuraatti dhiphatee wajjin kan wal gitu hin
jiru. Cubbuu biyya lafaatiif akka aarsaatti dhi’aachuun Yesus ba-
rootaan dura karoorfamee ture (Efe. 1:1-4; 2Xim.1:8,9; Tit. 1:1,
2) amma garuu hundumtuu raawwatamaa jira.
Heertuun armaan gadii waa’ee Kristos Geetesamaaneetti
dhiphachuu isaa maal jedhu? Maat.26:39; Maar. 14:33-36;
Luq. 22:41-44.

___________________________________________________
___________________________________________________

“Fagoo utuu hin taane xiqqoo isaan irraa kan inni hiiqeef yeroo
inni lafatti gombifamu akka isaan arguu fi dhaga’uu danda’anit-
ti ture. Cubbuu irraa kan ka’e Abbaa isaa irraa akka waan adda
ba’eetti isatti dhaga’ame. Halayyaan sun ballaa, gurraach, gadi
fagoo waan tureef isa duratti hafuurri isaa in raafame. Gadda
kana jalaa ba’uuf humna waaqummaatti dhimmi ba’uu hin qabu
ture. Akka namaatti bu’aa cubbuu namootaaf dhiphachuu qaba.
Akka namaatti irra dadarbaa cubbuuf dheekkamsa waaqayyoo
baachuu qaba.
“Amma Kristos isa duraan dhaabbachaa turee wajjin ilaalcha
adda ta’een dhaabbachaa jira. Dhiphinni isaa kun sagalee raa-
jichaa keessatti akka gaariitti ibsameera, “Waaqayyo gooftaan
maccaa, Yaa billaa, tiksee koo irratti, nama ani amanadhu irrattis
-137-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
ka’i! Hoolonni akka bittimmaa’aniif tiksee rukuti! Ani harka koo
warra xixinnaayyoo irratti ol nan fudhadha” (Zakk.13:7). Kristos
akka bakka bu’aa nama cubbamaatti haqummaa waaqaa jalatti
dhiphachaa jira. Haqa jechuun maal jechuu akka ta’e argeera.
Kan biroof araarsaa tureera; amma garuu mataa isaatiif araarsaa
qabaachuu barbaade.” Ellen G. White, The Desire of Age, p. 686.

Kun Geetesamaanetti Yesus irratti raawwatamuu isaa irratti


xiyeefadhu. Cubbuun guutummaa biyya lafaa isa irratti ku-
fuu jalqabe. Kun maal fakkaachuu akka qabu yaadi. Ergasis
ta’e duraanis dhalli namaa waan akkasii keessa darbuuf hin
waamamne. Kun waa’ee jaalala waaqayyo nuuf qabuu maal
nutti hima? Kana irraa abdii maalii argatta?

ROOBII Fulbaana 21
Waaqa isa Fannifame
Fannoodhaan ajjeefamuun adaba cimaa Roomaan eenyuun
illee ittiin adabduudha. Inni akka du’aa hamaatti ilaalama ture.
Karaa kanaan ajjeefamuun nama kamiif iyyuu, addumaan im-
moo ilma Waaqayyootiif sodaachisaadha. Yesus akkuma keen-
ya foon namaa uffatee akka dhufe yeroo hundumaa yaadachuu
qabna. Rukkuttaan, abaarsimisimaarri harkaa fi miillaa isaatti
ciniinsifame, ulfaatinni qaama isaatiin inni madaa sana baqaq-
su, dhukkubbiin qaamaa hundumtuu kan obsamu hin turre. Kun
yakkamaa hamaaf illee cimaadha; waan qajeelaa yoo ta’uu baate
illee Yesus inni waan hundumaa irraa qulqulluu ta’e carraa kana
quunnamuutu irra ture.
Haa ta’u malee akkuma beeknu dhiphinni qaamaa Kristos waan
ta’aa jiruu wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu xiqqoodha.
Kun immoo nama qulqulluu ajjeesuu irra in caala.

-138-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Wanta namoonni yeroo sana jiran hubatan irra caalaa wanti
naannoo du’a Yesusitti wanti ta’aa ture kan inni argisiisu
maal? Taatewwan sana keessaa waan ta’aa jiru mul’isuuf
kan gargaaru waan barbaachisaa maal arganna?

Maat. 27:45 _________________________________________


___________________________________________________

Maat. 27:51, 52 ______________________________________


___________________________________________________

Maar. 15:38 _________________________________________


___________________________________________________

As keessatti du’a nama qajeelaaf haqa hin qanbe irra caalaa wanti
ta’aa jiru jira. Akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti cubbuu
keenyaaf jecha Yesus irratti dheekkamsi waaqayyoo dhangala’e.
Yesus waaqa qajeelaatu fannoo irratti aarii cubbuu biyya lafaaf
qajeelummaadhaan dhiphate. Yesus akkasitti muuxannoo namni
kam illee beekuu danda’u irra caalaa gadi fageenyaan, dukka-
na’aa kan ta’ee fi dukkubsaa kan ta’een dhiphate.
Wallaansoo kam keessa adeemaa yeroo jirtu dhiphana Kris-
tos fannoo irratti dhiphate irraa abdii fi jajjabina maalii ar-
gatta?

KAMISA Fulbaana 22
Waaqa Isa Dhiphatu
Hamma as biyya lafaa kana keessa jirutti in dhiphanna. Akka uu-
mama kufaniitti kun carraa keenya. Macaafa Qulqulluu keessatti
abdiin adda ta’e kan nuuf kenname hin jiru.

-139-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
Heertuun armaan gadii waa’ee mata duree kanaa irratti
maal nutti himu? H/Erg.14:22; Fili.1:29; 2Xim.3:13.

___________________________________________________
___________________________________________________

Dhiphina keenya keessatti waan lama sammuu keenya keessa


ka’aachuu qabna.
Tokkoffaa, Kristos Gooftaan keenya kan nuyi dhiphannu hun-
da caalaa dhiphate. Inni fannoo irratti “dhiphina keenya of irra
in kaa’e, muddama keenyas in baate” Isa. 53:4; waan nuyi akka
dhuunfaatti beeknu (goone) hunda keenyaaf akka walii galaat-
ti dhiphate. Inni cubbuu kan hin beekne “nuuf jedhee cubbuu”
ta’ee (2Qor. 5:21) akka uumama cubbamaatti dhiphate.
Lammaffaa, yeroo dhiphannu bu’aa dhiphina Kristosiin, innis
abdii waan Kristos nuuf godheen nuuf galame yaadachuu qabna.
Yoh. 10:28; Room.6:23; Tiit. 1:2 fi Yoh.2:25 dubbisi. Maal ab-
dachiifamne?
___________________________________________________
___________________________________________________

Dhiphinni keenya maal illee yoo ta’e, isa inni adba cubbuu
keenyaa mataa isaa irratti baateef, kennaa wangeelaa isa gud-
daa – karaa amantii Yesusiin keessa guutuu taanee dhabba-
chuu danda’uu keenyaan abdii jireenya barabaraa waan qab-
nuuf Yesusiin haa galatu. Sababa waan Kristos nuuf godheef,
sababa jireenyaa fi aarsaa isaa isa guutuuf, abdii qabna. Ji-
reenyi keenya inni asii dhukkubaan, abdii kutannaadhaa fi
dhabiisaan kan guute yoo ta’e illee jireenya barabaraa isa nu
eeggatu, lafa haaraa fi waaqa haaraa isa cubbuun, dhiphinnii
fi duuti keessa hin jirree wajjin yeroo wal bira qabamu waan
-140-
Barumsa Sanbataa Ga’essota
yeroof hamma liphisuu ijaatti argamee baduudha. Abdiin kun
hundinuu kan keenya, sababa Kristosii fi qorumsa inni kees-
sa adeemeef guyyaa tokko nuuf in dhugooma. Guyyaa tokko
dafee dhufuudhaan “ija dadhabbii lubbuu isaa in ilaala, in qu-
ufas” Isa. 53:11

JIMAATA Fulbaana 23
Yaada Dabalataa: Kitaaba Ellen G. White, The Desire of Ages
irraa mata duree “Gethsemane,” fuula 685–697, fi “Calvary”
fuula 741–757 dubbisi.
“Kadhannaa sana si’a sadii kadhate. Aarsaa xumuraa jalaa
namummaan isaa si’a sadii baqate. Amma garuu seenaan
sanyii namaa fuula fayyisaa biyya lafaa dura dhufe. Seera irra
dadarbitoonni yoo mataa isaanitti dhiifaman akka badan arge.
Inni gargaarsa dhabuu namaa arge. Inni humna cubbuu arge.
Iyyii fi boo’ichi addunyaa itti faradamee is duratti ol ba’e. inni
waan isa dura jiru ilaalee murteesse. Inni gatii kamiin kaffalee
nama fayyisuu barbaade. Inni cuuphaa dhiigaa sana fudhate,
miliyoononni badaa jiran karaa isaa jireenya barabaraa in ar-
gatu. Inni hoola bade tokko, addunyaa irra dadarbaadhaan
kufte tokko fayyisuuf jecha dhaaddacha samii iddoo qulqul-
luu, iddoo gammachuu fi ulfinaa sana dhiisee dhufe. Ergama
isaa irraas duubatti hin deebine. Inni aaraarsaa sanyii namaa
isa fedha isaatiin cubbuu hojjetee ta’e. Amma kadhannaan
isaa hafuura dabarsanii of kennuuti: “Yaa abbaa koo! Xoo-
foon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin
danda’amu yoo ta’e, jaalalli kee haa raawwatamu jedhe.” El-
len G. White, The Desire of Ages, pp. 690, 693.

-141-
Barumsa Sanbataa Ga’essota

Gaaffiilee Maree:
1. Waaqayyo mataan isaa karaa Kristosiin nama kam irra
caalaa akka dhiphate beekuun dhiphina keenya keessatti
attamitti nu gargaara? Kristos qooda keenya dhiphachuu
jechuun maal jechuudha? Dhugaa dinqisiisaa kana irraa
jajjabina maalii arganna? Deebii kee yeroo yaaddu jecha
Ellen G. Waayit armaan gadii sammuu keessatti qabadhu:
“Dhiphinni inni bu’uu cubbuu ta’e hundumtuu ilma waaqa-
yyoo isa cubbuu hin qabne irratti dhangala’e.” Selected Mes-
sages, book 3, p. 129.
2. Dhiphina Kristos isa barumsa torbee kanaa keessatti ilaal-
le gareedhaan irra deebi’aa ilaala. Qorumsi Yesusiin quun-
name maal ture? Kan keenyaa wajjin maaliin wal fakkaata,
maaliinis garaagara ta’a? Qom qabaa kana akka inni itti
danda’e irraa qorumsa keenya keessatti waan nu gargaaruu
danda’u maal baruu dandeenya?
3. Gaddaa fi dhukkubbii keessatti kan ati itti maxxanuu
dandeessu abdiin Macaafa Qulqulluu ati jaallattu isa kam?
Isaaniin barreesi, kan mataa keetii isaaniin godhadhu, garee
keessattis qoodi.
4. Waan barumsa nuusa kanaa irraa argatte gabaabsi cu-
unfaa isaa barreesi. Gaaffii maaliitu siif furame? Dhimmi
amma illee siif hin deebi’in jiru maal? Waan guddaa bita
nu galchuu fi rakkisu keessatti attamitti wal gargaaruu dan-
deenya?

-142-
HUBACHIISA
Maqaa waldaalee amantaadhaan kan gurmaa’an, jaarmilee hayya-
ma tajaajila deeggarsaa kan qabanii (supportive ministry) fi namoota
dhuunfaa dhaan Macaafota hafuura raajii afaan garaa garaatti (afaan
Oromoos ta’e afaan Amaaraa) dabalatee hiikuu, maxxansiisuu, fi gur-
gurtaanis ta’e rabsuu kan barbaadan hundaaf-
Kitaabni hafuura raajii (Spirit of Prophecy = SOP) martinuu qabeen-
ya dhaabbataa kan Waldaa Amantaa Adiveentistii Guyyaa torbaffaa
adunyaawaa ta’uun isaa beekamaa dha.
Qaamni kam iyyuu caaffata hafuura raajii kana qooddiins ta’e gutuu
guutummaatti otoo hiikuu hin eegaliin dursanii gara waajiira dhaabba-
tichaa fiildii/konfireensii tti caaffataan , qaamaanis dhiyaachuun waajji-
ra muummee maxxansa dhaabbatichaa wajjin marii’achuun sababa
quubsaa ta’e irratti erga walii galanii toora keessa darbanii( following
the procedure) seeraan qaama waajira ola’aanaa dhaabbatichaa fi qa-
beenya dhaabbatichaa bulchu Yuniyeenii misiyoonii (UNION MIS-
SION) irraa hayyama argachuu qaba.
Haala kanaan hayyama dhaabbatichaan caafatoota hafuura raajii af-
aanota garagaraa naannootti hikaanii, maxxansiisanii, rabsuun ba-
bal’ina hojii wangeelaaf kan dhama’an hundi nijajjabeeffamu.
Garuu hayyama dhaabbata amantaa waldaa Adiveentistii malee caffa-
toota hafuura raajii kam iyyuu hiikuun,maxxansiisuun, rabsuunis ta’e
gabaatti dhiyeessuun qisaasama yeroo fi baasiif saaxilamuu irrayyuu
darbee seeraa fi heeraa maxxansaa biyyattii fi addunyaan qabduun seer-
aan akka gaafachiisu dhaabbatichi cimsee hubachiisa.
Kanaafuu akkataa seerrii fi dambiin dhaabbata waldaa Amantaa Ad-
iveentistii guyyaa torbaffaa hayyamuun hundumti keenya caaffatoota
hafuuraa garagaraa afaan naannootti hiiknee, maxxansiisnee, rabsu-
un waliin ergaa ergamoota sadanii addunyaa dhaan gahuu akka dan-
deenyuuf Waaqayyo nu haagargaaru.

DHAABBATICHA

You might also like