You are on page 1of 18

WAA`EE DINQII FI MILIKKITAA MACAAFNI QULQULL`AAN MAAL JEDHA?

Waa`ee Dinqii fi Milikkita Godhuu yeroo Qu`annu Kakuu Moofaa fi kakuu Haaraa keessatti Luqqistoota
baayyee argina.

Dinqii Fi Milikkitoonni Macaafa keessatti Barreeffamanii argaman Dhugumatti kan Hojjetanii dha, Hojii
dinqisiisaa Sammuu namaatii ol ta`aan baayyee ta`uun isaanii dhugaa dha.Dinqiiwwanii fi milikkitoonni
kun hundi humna Waaqayyoo isa dandaa`aa waan hundumaa ta`e nutty beeksisuu fi Waaqayyo eenyu
akka ta`e nu barsiisuu issati.

Waaqayyo yeroo biyya lafaa Uume Dinqiidhaan ta`I, Ta`I Ta`I jedhee Uume. Macaafa Seera Uumamaa
1, Macaafa Faarfannaa 33:6-9, Ibroota 11:3, Dinqiin Hojii Waaqayyummaa isaati Humna isaa, Dandaa`aa
waan hundumaa ta`uu isaa nuuf mirkaneessu.

Kunis Gooftaan Sagalee dubbii isaatii yeroo Namaaf dabarsu, bartoota isaa Warra ergaa kana macaafa
nuuf Caafan kana akka Dinqii fi Milikkita godhan humna kenneefii, dinqii isaan godhan kanas akka inni
Raggaasisaafii ture, ykn Cimsaafii tures Macaafni nuuf ibsa.( Maarqoos 16:20, Ibroota 2:2-3)

Dinqii Fi milikkita Jechi Jedhu, Kakuu Haaraa Keessatti yaada Jecha Griik Sadii ta`e irraa kan wal qabatee
dh

.( Hojii Erg.2:22, 2 Tasaloonqee 2:9, Ibro. 2:4)

Isaanis 1. Duunaamis (Dunamis), ( Power), A mighty work, Humna haalaan jabaa, jechuu dha.Jechi kun
Kan ibsu dinqiin godhaman kun humna Waaqummaa Duwwaadhaan ta`uu isaa ibsu. Namni tokko
humna mataa isaatiin kana gochuu hin dandaa`u Jechuu dha.

2. Teeraas,( Teras)( Wonder), Dinqisiisaa ,ajaa`ibsiisaa, jechuu dha, Kun immoo Sammuu namoota
dinqii fi Milikkikkinni isaan Hojjetan kun Sammuu namaa keessatti hafuun bu`aa Hojii humna
Waaqayyoo ta`uu isaa ibsuudha. Karaa biraa kana jechuun Dinqii fi Milikkitni godhamu kun Warra diinaa
illee warra Morman illee Amansiisuu isaati, Akka hin haalleef waan ijaan mullatu waan ta`eefiidha.
( Yoh. 11:47, Hojii Erga.4:16, Maatewoos 12:23).

3.Seemeeion (Semeion) ( Sign) Mallattoo ( Milikkita) Jechuudha. Dubbiin Sagalee kanaa Dinqiin kun Kan
raawwachaa jiru, bara Kristoosii fi Bartoota isaatii Dinqii fi milikkitoonni kun raawwachaa turan
Waaqayyo irraa kallattii dhaan ta`uu isaa kan agarsiisan turuu isaati.(Yoh 3:2, Dhuga bahiinsa
Niqoodemoos).
Macaafa qulqulluu Keessatti kan ibsaman Dinqii fi milikkitoota kana yeroo Qua`annu Ballinaan
Dubbisuu, Qu`achuu qabna.

1. Dinqii fi Milikkitoota jechuun maal Jechuu dha ? Hiikkaan isaa Sirriin Maali ?
Namoonni Baayyeen Dinqii fi Milikkta kan hubatan Akka macaafa qulqulluutti Utuu hint taane
akka hiikkaa mataa isaanii, akka ykn akka hubannaa isaaniitti Hiiku.
Garuu Dinqii fi Milikktni Macaafa keessatti arginu isa namoonni amma jechaa jiranii wajjin wal hin
fakkaatu, Dinqii fi Milikktni Macaafni qulqulluu nuuf himuu Waan sammuu namaatiin Yaadamuu
hin dandeenye, Wanta ta`ee hin beekne, jechuudha.Dinqii Fi milikkita dhugaa akkamitti adda
baafanna ? kan jedhu beekuun Barbaachisaa dha. Dhugumaan Namoonni dinqii fi Milikkita
Macaafni qulqulluu jedhu utuu hin hubatin bara ammaa waan dinqii fi milikkita dhugaa hin
taaneen, Namoonni baayyeen, “ Dinqiin godha…” Jedhanii isa Waaqa biraa hin taaneen, ykn isa
dinqii dhugaa hin taaneen Dhaloota Joonjessaa jiru., Namoonnis utuu Macaafa Qulqulluu Sirriitti
beekanii Hin Gowwooman turan darbees Baayyina guyyaa irraa guyyaatti namoonni sobaa kun
hin Baayyatan turan.

2. Macaafa qulqulluu Keessatti Dinqii fi Milikktni ibsaman, Wanti dinqisiisaan godhamaa turan
akeekni Ykn Kaayyoon isaanii maali ? Dinqiilee kana kan godhaa turan akkamitti ? kana malees
Dinqii fi milikktni Kun Amma dhuma biyya lafaatti itti fufu mo Kan dhaabbatanii dha? Itti fufuu fi fi
dhaabbachuu dinqii fi Milikkita kanaa fi dhaabbachuu dhiisuu ykn itti fufuu isaanii akkamittiin
beekna ?

3.Amma bara kana “ Dinqiidhaan fayyifna, Milikkta gochuu dandeenya…” Kan jedhanii ka`anii fi ka`aa
jiran, jiru haa ta`u malee Jarri kun dhugama godhuu ? isa Jedhuuf Macaafa qulqulluu Qu`achuu fi Sagalee
dubbii Waaqayyoo wajjin walittidhufeenya cimsachhutu dhugaa nuuf mullisa., Kana Macaafa qulqulluu
irraa adda baafannaan gowwonfamuun hin jiraatu, jara kanas saaxilanii dhaloota Oolchuun in
dandaa`ama.

Dinqii fi Milikkitoota Gooftaan Keenya Ojjete Xiqqoo Haa Ilaallu.

1. Humna Waaqummaatiin Hojjetamuu Uumamaa:-


 Ibroota 11:3, Waaqnii fi Biyyi lafaa sagalee Waaqayyootiin akka Uumaman Amantiidhaan in
Hubanna.
 Faarfannaa 33:9. “Inni In dubbate, wanti inni dubbates in ta`e, Inni in Abboome, want inni
abboomes Ka`ee dhaabbate”. Egaa Hundi keenya akka beeknutti wanta akkanaa eenyu illee
Hojjechuu hin danda`u, eenyu illee kana koppii gochuu hin danda`u, sababni isaa
Hojjetamuun Uumamaa turban tokko keessatti Raawwateera waan ta`eef.( Seera Uumamaa
2:1-2).
 Qaamni namaa Sirriitti fayyifameera.( Yoh.9:1-7, Nama dhaloota irraa kaasee Jaamaa turetu
Ijji isaa baname.
Hojii Erga. 3:1-10. Nama dhaloota irraa kaasee Naafa turetu Bartootaan fayyifame.
 Uumaan Abboomamuu. Qilleensichaa fi bishaanicha ifatee gab godhe.( Maatewoos 8:23-28)
Galaana irra miillaan adeeme.(Yoh. 6:16)
 D`ua irratti Humni Waaqummaa Mullateera
Alaazaar Awwaala keessaa awwaalamee guyyaa afur booda gooftaan kaaseera.(Yoh.11:43-
44, Du`aa ka`uun Iyyesuus Hundee jireenya Kristiaanotaati, Dinqii dha.( 1 Qor 15:20)
 Kakuu Haaraa keessatti Hafuura Hamaa qaama namaa keessaa baasuu, Kan haafuurri
hamaan afaan,Gurra, ija hunda Cufe Fayyiseera.(Matewoos 9:32,33, Matewoos 12:22)
 Bishaan Jjjiiruu, Nyaata baayyisuu.
Bishaan Wayiniitti Jijjiireera.( Yoh.2:1-11) Biddeena 5 fi Qurxummii 2, Baayyisee namoota
kumaatama Nyaachiseera.
 Mukaa fi Beeyilada irrati
Harreen Akka dubbattu godheera.(Seera Lakk. 22:28), Muka Harbuu Sagaleedhaan
goggosseera.( Maatewoos 21:19).

HAALLI DINQII FI MILIKKITAA MAAL FAKKAATA ?

Dinqii fi milikkitoonni Humna Waaqayyootiin Hojjetaman waan hin Shakkisiifne, ykn Waan
mormuu hin dandeenyee dha, ykn waan falmuu hin dandeenyee dha, Kakuu Haaraa
keessatti kan godhaman hundi waan ijaan argamanii Mullataniidha, Dhukkuba qaama
keessaa utuu hin taane, Naafa mullatu, Jaamaa mullatu, Duudaa mullatu, Reeffa namoonni
Awwaalanii faatu utuu namni ilaaluu dinqiin irratti ta`e…, Kan gooftaan Hojjetes ta`e kan
Bartoonni isaa Hojjetan hundi Diinnis Mormitoonnis, Waan amananii dha.( Maatewoos
12:24, Hojii Ergam. 4:14)

 Bara Macaafni qulqulluu Caafamaa ture sanatti dinqii fi milikkitoonni yeroo godhamanitti
Dhuga baatota warra arganii warra dhagaa`an Xiqqoo ilaalla.
 Yeroo gooftaan biddeena 5 fi Qurxummii 2 Baayyise sana namoonni 5000 dhuga
baatuu turan.(Yohaannis 6:10 irraa eegalaa dubbisaa.
 Kristiyaanummaa Cimsuuf dinqii fi milikkitoonni godhamaa turan dhossaatti otuu hin
taane ifaa fi ifatti (Hojii Erga. 26:26 Mootii Fiisxoos duratti dhuga bahiinsa Phaauloos)
 Bara sana Dinqii fi milikkitoonni godhamaa turan Warri godhan sun beekkamuu barbaadanii
ykn Faayidaa biraa argachuudhaaf jedhanii, Namoota of Jaallachiisuuf kkf jedhanii miti,
garuu Waaqayyo jaalala ilma namaa hundaaf qabuuf fayyina isaanii waan barbaadeef
Eenyummaa isaa beekanii akka amananii Fayyaniif kaayyeffatee isaan keessaan hojjete.
( Yoh. 20:30-31).
 Pheexroosii fi Yohaannis Yeroo gara mana qulqullummaa dhaqan nama erga dhalatee Naafa
ture sana yeroo fayyisan Horiis Warqees (Daabas) hin qaban turan.(Hojii ergam.3:6)
 Dinqii fi milikktni Dhugaan Waan turee hojjet utuu hint a`in waan yeroodhuma sanatti
Raawwatee Mullatuudha.
Marqoos 10:52, Namichi jaamaan yeroodhuma sana fayye.
Hojii Ergam. Pheexroos Naafa sana yeroodhuma sana arka qabee kaase.
Kakuu haaraa keessattikadhatameefii, bor ykn iftaan ykn turban booda Fayyitu jedhamanii
kan geggeeffaman ykn kan baallamni qabameef hin jiran, Dinqii kan dinqii jedhamuu
danda`u yeroodhuma sanatti akkuma Sagaleen ba`een kan Hojjetuu dha.

 Dinqii fi milikktni godhaman ijaan arguu, arkaan tuquu, dhandhamuudhaan adda baafatama.
--- Bishaan Wainiitti jijjirame dhandhamuudhaan dhugaa mi`yaa isaa dubbatan.(yoh. 2:9)
---- Akka gooftaan du`aa ka`e Toomaas Cinaacha isaa arkaan qaqqabatee tuqee dhugaa
ba`e.( Yoh.20:27)
-Namica gurri irraa murame lafa bu`e gooftaan gurra isaa iddootti deebisuu isaa ijaan
argan.(Luuqaas 22:51)

* dhugumatti dinqii fi milikkitoonni godhaman Sababa kamiif iyyuu kan godhaman miti, kana
JechuunWaa`ee gocha dinqisiisaa karaa eenyuu illeeakkanatti ta`e jedhee dubbachuu mormuu falmuu
hin danda`u.

Waan sammuu ilma namaatii olii waan ta`eef akkana akkana Jechuun hin dandaa`amu.fakkeenyaaf
( Yoh 6:16-21) irratti yeroo gooftaan galaana irra Adeeme sana wanti ta`e sun sammuu ilma namaatii ol
waan ta`eef, “kana” jedhanii ibsuun namaaf hin dandaa`amu.

Dinqii fi milikktni dhugaan yoom iyyuu yoo ta`e dhugaa sana qabatanii jiraatu. Kristoosii fi bartoota
isaatiin dinqiin godhaman sub hundi baroota hundumaaf kan dhugaa ta`anii dha.

Amma bara keenya kana garuu kan arginuu fi kan dhageenyu dinqii fi milikkitoonni jedhaman hundi
sobaa fi oduu duwwaa waan ta`aniif dinqii sobaati, barsiisa sobaatis.

KAAYYOON DINQII FI MILIKKITA GOCHUU MAALIIFI ?

Bara Iyyesuus Kristoos biyya lafaa irra deemaa turee fi bara bartootni isaa Humna isaatiin dinqii godhaa
turan sana, godhamuun dinqii fi milikkita sanaa hundi Kaayyoo qaba ture, kunis kaayyoo Waaqayyo
duraan dursee Akeekee dha.

Akkuma Maarqoos 16:20, irratti himame.

“ Ergasii bartoonni dhaqanii Iddoo halletti Lallaban gooftaan immoo Isaanii wajjin Hojjete, dubbichas
milikkitoota argamiin In Cime” Jedha.

Luqqisa kana irraa kan hubannu Bartoonni gooftaa dubbii isaa yeroo lallaban dubbiin isaa dhugumatti
Waaqayyo irraa ta`uu isaa Mirkaneesse ykn Cimseef.

Karaa kana fakkaatuun Barreessaan Macaafa gara Warra Ibrootaa, Akkas Jedha:-
“ Dubbiin Ergamoota Waaqayyootiin dubbatamee fudhatamaa ta`e, Namni isa irra daddarbee yookiis
Namni isaaf dhaga`uu dide hundinuu Adaba isaaf ta`u in argata, yoos immoo nuyi fayyina guddaa akkasii
isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee attamitti isa jalaa baana ree? Warri isa dhaga`an
immoo dubbii kana nuuf Cimsaniiru kana irrattis Waaqayyo ofii isaatii Milikkitaa fi wanta dinqisiisaa
karaa garaa garaas hojii Aangoo hojjechuudhaan akka jaalala isaatti kennaa Hafuura qulqulluu
hiruudhaan, duukaa bu`ee dhugaa ta`uu isaa mul`iseera” (Ibro. 2:2-4).

Iddoo biraatti immoo Yohaannis:-

“ Iyyesuus Macaafa kana keessatti kan hin Caafamin, milikkita kan biraa kan hin Caafamin baayyee
bartoota isaa duratti Hojjeteera, isaan kun garuu Iyyesuus Kristoosicha ilma Waaqayyoo ta`uu isaa akka
Amananiif Amanachuu isaaniitiin maqaa isaatti jireenya akka qabaataniif Caafaman” jedhee ibseera.
( Yoh. 20:30-31).

Luqqistoota kana irraa kan hubannu Kaayyoon Dinqii fi Milikkita Gochuudhaa:-

1.Bartoonni gooftaa kan lallabaa turan sagalee Waaqayyo, dhuguma afuura Waaqayyoo akka ta`e
Cimsuuf, Raggaasisuufi.

2. Iyyesuus Inni Mashihicha kan dibame Kristoos Ilma Waaqayyoo ta`uu isaa Mirkaneessuuf.

3.Isatti Amannee Jireenya akka nu ta`uu fi Sagaleen dubbii isaatii akka Caafamee nu bira ga`uuf.

Harra`a Macaafni qulqulluun nu arka jiru kan Raawwatee dha, guutuudhas, waan tokko Hirrina hin
qabu, Macaafa biraa nu hin barbaachisu. Sababni isaa sagaleen dubbii Waaqayyoo Kan Caafame kun
Hojii Dinqii fi Milikkita Kristoosii fi bartoonni isaa hojjetan kan Cimseedha. Kan mirkaneesseedha.

Kakuu Haaraa Keessatti Waa`ee Kennaa Dinqii fi Milikkitootaa yeroo Qu`annu waan kanaa gaditti
barreeffaman argina.

Duraan dursa Kristoos Yeroo foon Uffatee Biyya lafaa kana dhufe, humna Waaqayyo Kallattiidhaan
Kristoosiif kenne ta`uu isaa Hubanna, Pheexroos Yeroo dubbatu akkas jedha.

“Isin Yaa Warra Israa`el dubbii kana dhaggeeffadhaa Waaqayyo arka Iyyesuus nama Naazreet kanaan ,
Hojii Aangoo isaa, dinqiidhaa fi Milikkita garaa garaa kan isin beektan isin gidduutti Hojjechuu isaatiin
fudhatamaa isa godhe” Jedhe.( Hojii Erga. 2:22).

Kana Malees Bara Bartoota gooftaa Warri turan garboonni Waaqayyo Kennaa Hafuuraa bifa lamaan
akka isaan fudhachaa turan in hubanna.

1. Karaa Cuuphaa Hafuura qulqulluutiin Jechuunis Kallattiidhaan Kristoos irraa Kennameefiin.

“Inni gara mirga Waaqayyoo Abbaatti ol fudhatamee ture, abbaa biraa fuudhee erge, kan isin amma
argitanii fi dhageessan kun isa” ( Hojii Erga. 2:33)

Karaa biraa immoo:-


2. Arka namoota irra Kaa`uu bartoota gooftaatiin Humni Darbaa Kennaan afuura qulqulluu kan
dinqii fi Milikkita godhu Kennamaa ture”

Yaada dhugaa ta`an Lameen kana Ilaalchisee Macaafni Waan nu barsiisu Xiqqoo ilaalla.
Inni duraa Hojii Ergamootaa 1:5
“ Yohaannis bishaaniin Cuuphe isin garuu guyyaa baayyee Utuu hin turin Hafuura
qulqulluudhaan in Cuuphamtu” Jedhe, Jecha sagalee Raajii kanaan guyyaa Ayyaana
Shantammaffaa kun Bartoota irratti Raawwate. Akkuma Sagaleen Jedhutti
“ Yommus Hundumti isaanii Hafuura qulqulluudhaan guutaman, akka Hafuurri Dubbachuu isaa
isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu Eegalan” ( Hojii Ergamootaa 2:4)

Inni Lammaffaan :- ( Hojii Erga. 10:44-47)


Qorneeliyoosii fi Maatii isaa irratti karaa addaatiin afuurri qulqulluu yeroo irratti bu`ee dha.:-
“ Utuu Pheexroos Dubbii kana itti himaa jiruu Hafuurri qulqulluun warra dubbicha dhagaa`an
hundumaa irratti bu`e, Warra Yihudaa keessaa Amantoonni Pheexroosii Wajjin Yoopheedhaa
dhufan, kennaan Hafuura qulqulluu saba Waaqayyoo warra hint a`iniif Kennamuu isaa arganii
akka abjuu ta`an, warri Hafuura qulqulluu fudhatan sun utuu isaan afaan dur hin beekneen
dubbatanii guddina Waaqayyoos Mullisanii, isaan dhagaa`an. Pheexroos Kana irratti “ Jarreen
amma Hafuura qulqulluu akkuma Nuyi argannetti argatan kun, akka hin Cuuphamneef eenyutu
Bishaan dhowwachuu dandaa`a ree?” jedhe.

Jechuma kana Pheexroos Hojii Ergamootaa 11:15-17 irratti.


“ Yeroo ani dubbachuu jalqabutti Hafuurri qulqulluun akkuma jalqaba nu irratti bu`etti isaan
irra bu`e, Yommus isa gooftaan Yohaannis bishaaniin Cuuphe, isin garuu hafuura qulqulluutiin in
Cuuphamtu, jedhee isa inni jedhe nan yaadadhe, Egaa isaan akkuma keenya gooftaa Iyyesuus
Kristoositti yeroo Amanan Waaqayyo Kennaa Hafuuraa isa nuuf kenne, isaan kanaafis erga
Kennee, ani Eenyuun ta`eetan Waaqayyoon dhowwuu dandaa`a ree?” Jechuudhaan ibsa.

Bara ammaa kana Cuuphaan akkasii akka hin jirre gara Sagalee Waaqayyoo dhaqnee Xiqqoo
haa ilaallu. Akkuma beekkamu kakuu Moofaas ta`ee Kakuu Haaraa Keessatti akeeka gara
garaatiif Sirni Dhiqannaa fi Sirni Cuuphaa addaa addaa jiru ture. Sirnoonni Kun Baroota isaanii
Keessatti Waan akeeka isaanii Raawwataniiru ykn Xumuraniiru. Fakkeenyaaf kakuu haaraa
keessatti Cuuphaa bifa torbatu (7) ture, Kanneen.
Bara ammaa bara Kakuu Haaraa Keessatti Cuuphaa akkamiitu Kennama isa jedhu, ilaaluun
dura Cuuphaa turban jiran Haa ilaallu:-
1. Cuuphaa Yohaannis.
Mattewoos 3:11-12, Marq. 1:2-8, Luq 3:1-20.

2. Cuuphaa Hafuura Qulqulluu


Matewoos 3:11, Marqoos 1:8, Luq. 3:16, Yoh. 1:33, Hojii Erg.1:4-5,8, Hojii erg. 2:1-4,11,
15-17.
3. Cuuphaa Abiddaa:-

Matt.3:11-12, Luq. 3:16-17, Matewoos 13:30, Matewoos 13:41-51, Matewoos 25:41-46,


Ibroota 12:28-29, Mul. Yohannis 20:10,15, Milk. 3:2 ( Gaafa Firdii sirna Godhamuudha.)

Cuuphaa Waara du`anii.

4. 1 Qor 15:29,( Sagalee dubbii isaa Hubachuu dhabuu irraa Cuuphaa godhamu.)

5. Cuuphaa Duumessaa fi galaanaa

1 Qor 10:2, Seera ba`u 14:22 (Israa`eliin Lafa Abdachiisame Sanatti galuudhaaf kan
Cuuphaman.

6. Iyyesuusii fi Baratoonni isaa Cuuphaa isaan godhan furan.


Yoh. 3:22, 4:1-2 duukkaa buutota Horachuuf.

7. Cuuphaa fayyinaa
Maarqoos 16:16, 1 phex. 3:21, Yoh 3:3, Qol 2:12-13, Roomaa 6:3-4, Gal 3:27, Efesoon
4:5, (lubbuun akka fayyaniif Wangeelaaf Abboomamanii Cuuphamanii dha.

Phaauloos Namoota warra Efeesooniif kan Caafe Keessumatti 4:4-6 keessatti “ Torba
tokko” jedhamee kan Waamamu Keessatti sagalee akkas jedhu argina.
“Akkuma Abdiin Waamichaa inni isin itti Waamamtan tokkicha ta`e dhagni tooko,
akkuma hafuurris tooko ta`e ta`e gooftaanis tokko, Amantiin tokko, Cuuphaanis tokko
Waaqayyoo fi Abbaan waan hundumaa tokkicha,inni waan hundumaa irra jira, waan
hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras” ( Efeesoon 4:4-6)

Kakuu haaraa keessatti kan tuqaman isaan Armaa olii turban Cuuphaa keessaa amma bara
Kakuu Haaraa kan Hojjetuu fi kan itti fayyadamuu qabnu kami ?

CUUPHAAN KUN ISHEE KAMI ?

Efeesoon 4:5, irratti kan tuqame “ Cuuphaa tokko” kan jedhamte ilma namaa hundumaaf
Fayyinaaf barbaachistuu ta`uu ishee yoo amanne isheen Cuuphaa Fayyinaa jedhamtee kan
beekkamtu kun Cuuphaa bishaan keessatti Awwaalamuudhaan Cuuphamaniiti.( Maarqoos
16:16, Maatewoos 28:18-20, 1 Pheexroos 3:21).
Kana Jechuun Cuuphaa bishaanii Jedhamte Kanaa dha. Kanaa ala Kan tuqaman
Jahaan , Baroota itti hojjetan Raawwataniiru, Ykn Xumuraniiru. Cuuphaan Bishaanii kun
kan Raawwatu Namaani arka namaatiin yeroo ta`u Cuuphaan Hafuura qulqulluu garuu
namaan utuu hint a`in Iyyesuus Kristoosiin Kallattiidhaan ta`uu Sagaleen dubbii Waaqayyo
nutti hima.
“ Yaada garaa Keessanii geeddarachuu Keessaniif Bishaaniin isin nan Cuupha, Inni ana
booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis Kophee Miilla isaatii illee Baachuudhaaf
nama ta`u miti inni Hafuura qulqulluudhaa fi Ibiddaan isin Cuupha” ( Maatewoos 3:11)
 Kakuu Haaraa keessatti arka nama irra Kaa`anii Humna dabarsuun Bartoota Gooftaatiif
Kennaan Hafuura qulqulluu Kennameera.
Karaa Kristoos Kan Kenname Cuuphaa Hafuura qulqulluu malee Kennaa dinqii Gochuu,
ARka nama irra Kaa`uu Bartoota Gooftaatiin Kennamaa ture, Kanas aboo kana Gooftaatu
kenneef, Sagaleen Waaqayyoos kana barsiisa. Barsiisa kana ilaaluun dura,
Bartoota( Hawwaariyaatota) jechi jedhu, ‘Apostolos” Jecha Griikii Irraa kan fudhatame yeroo
ta`u Hiikkan isaa “ kan Ergame YKN ergamaa Wangeelaa ykn Ambaasaadara Wangeelaa
jechuu dha.Ambaasaddara jechuun Mootummaa Biyya isaatii bakka bu`uudhaan Biyya
biraatti kan Ergamee Hojjetuu dha. Bartoonni ( Hawwaariyaatonni) gooftaas Bakka bu`oota
Mootummaa Waaqayyo ta`anii Garboota Ergamanii dha.
Baratoonni Kun kan Iyyesuusiin Fo`amanii dha,,( Maatewoos 10:5-6,8, Luuqaas 6:13.
Kristoos Kaayyoo inni gara biyya lafaa dhufeef Cubbuu ilmaan namaatiif Qaraaniyoo irratti
fannoo Gubbaatti fannifamee du`ee du`aa ka`ee du`a mo`ee Ka`ee gara abbaa isaatti Ol
Ba`uuf yeroo qophii Irra jiru kanatti Bartoota isaa kanaan amma Humna fudhattanitti
Iyyeruusaalem turaa Achii booda Yeroo Humni isiniif dhufu Iyyeruusaalemii kaasee Yihudaa
fi Samariyaa Amma Andaara Lafaatti Dhuga baatuu ko taatu jedhee Itti dubbate.(Hojii
Ergam. 2:4-9)
Bartoonni ( Hawaariyaatonni) Kan Hawaariyaat) isaan Jechisiisu.
--- Yeroo Cuuphaa Yohaannisii Kaasee Amma Ol ba`uu isaatti Warra wajjin turanii dha.
-----Yeroo Gooftaa Iyyesuus ba`uu fi Galu Warra wajjin turan.
---- Dhuga baatota Du`uu fi du`aa ka`uu isaatiiti, Kana jechuun Du`aa Ka`uu isaa warra arganii
dha.( Hojii Erga.1:21-22, 2 Pheex.1:16-21)
--- Iyyesuusiin warra Warra ijaan arganiidha,warra arkaaan qaqqabatanii dha, Warra isaa
wajjin Haasa`anii isa irraa dhagaa`anii dha.( 1 Yoh 1:1-4)
Bartoota kudha lameen malee Phaauloosis Kan filatameedha, ( 1 Qor 9:1-2, 1 Qor 15:9-10,
2 q or 12:11, Gal 2:8, Phaauloos kan Wangeela fudhatee Ajajame kan Barates Nama
irraa otuu hin taane Kallattiidhaan Iyyesuus irraa barate, KALLATTIINITTI Mullate.( Gal.1:11-
12)
Bartoonni kun Wangeela Kristoos Lallabaa, Barsiisaa, Dinqii fi Milikkita Gochaa Biyya lafaa
irra Yeroo Deddeebi`aa turan Sana Waaqayyo irraa Hafuurri qulqulluun Keessa Waaqayyo
irraa Hafuurri qulqulluun Mullatee Hafuura Qulqulluutiin Geggeeffamanii kan isaan
dubbatan sagalee jiraataa kana Macaafa qulqulluutti Caafanii Warra nuuf dabarsan
Garboota Waaqayyooti/( 2 Pheex.1:21, Lakk.16-21, Dubbisaa.
Waldaan Kristiyaanaa gooftaa Keenya Iyyesuus Kristoosiin Erga HUNDEEFFAMTEE BOODA
Kan isheen Cimtee Bartootaa fi Raajota irratti.( Efeesoon 2:20-22), Waan kana ta`eef
macaafa isaan irra nutty darbe, ykn Caafanii nuuf dabarsan kun Macaafa qulqulluut dha.
Egaa Macaafa qulqulluu kana dubbifnee Akka sagaleen Macaafa kana irra jirutti dubbachuun
Lallabuun Nuuf ta`a.
Bartoonni kun Aboo Gooftaa Irraa kennameefiin yeroo sana Kristiyaanota irra arka
kaa`uudhaan kennaa addaa addaa dabarsaa turan.Waan kun ta`eef Waldaan gooftaa
Samaariyaa keessatti guddachaa dhufte. Kennaa kana Kristiyaanotatti dabarsuuf, Tajaajilaaf
ba`aanii turan argina.( Hojii Erga.8:5-25) dubbisaa.
Arka nama irra kaa`uu bartoota( Hawwaariyaatota) warra humna Dinqii fi Milikkita godhan
keessa Filiiphoos isa tokkoo dha.
Filiphoos Haawaariyaa miti, garuu Wangeelaawwii dha.Garuu arka irra kaa`uu
Haawwaariyaatotaatiin Kennaa dinqii Fi Milikkita gochuu Argatee kanaan Tajaajilaa ture,
( Hojii Ergam. 8:5-6, 14:-17, Inni garuu kennaa dinqii fi Milikkita gochuu malee Nama biraatiif
dabarsee arka irra kaa`ee kennuu hin danda`u ture, Sababni isaa kan kana godhan kan
humna kana dabarsuu dandaa`an Haawwriyaatota qofa waan ta`aaniif, Kun waan tae`eef
Pheexroosii fi Yohaannis Iyyeruusaaleemii Kaa`anii warra Amanee Cuuphamee irra kaa`anii
hafuura qulqulluutiin Arka irra kaa`uudhaan guutaa turan.
Luqqistoota kana irraa kan barannu Cuuphaan Afuura qulqulluu Kristoosii fi Bartoota
( Hawwaariyaat) qofaan akka godhamuu dah.kanaa alatti Eenyu illee Kristiyaana ta`eef
Humna kana kennuu akka hin dandeenye argina.
Kanaafu Bartoonni ( Haawwriyaatonni) gooftaadhaan fo`aman, ykn filataman Amma bara
kana waan lubbuun hin jirreef, Itti dabalees Cuuphaan Hafuura qulqulluu yeroon isaa
aHojjetee waan darbeef, bara kana Dinqii fi Milikkita goona kan Jedhan yoo jiraatan
isaanBarsiisa sobaatiin Warra deemuudha, Yoo godhan ta`es inni kan Hafuura qulqulluu
utuu hin taane kan biraati.
Isa kana Ilaalchisee Gooftaan Maatewoos 24:24, Maatewoos 7:13-15, 21-23, irratti
dubbateera, ammas Phaauloos 2 qoroontoos 11:13-15, irratti dubbateera, darbees
Yohhaannis afuuraan guutamee, Mullata Yohaannis 2:2, 13:13, 16:13-15, Irratti kan Kan
Caafame kana nu barsiisa.
Hojii Ergamootaa 8:18, irratti arka Nama irra kaa`uu Bartootaatiin akka hafuurri qulqulluun
guutamuu dandaa`amu namichi Xonqaayiin Simi`oon Jedhamu yeroo argetti “ anis arka
nama irra kaa`ee kennaa kana akkan namootaaf dabarsuuf naa kennaa jedhee Horiidhaan
kennaa kana gaafachuu isaa in argina, Garuu Kennaan akkasii kun kallattidhaan gooftaa
keenya biraa kan kennameedha malee Horii ykn Karaa addaa kan argatan miti.
Phaauloos erga Gooftaan keenya Iyyesuusiin Hawwaariyaa ta`uuf fo`amee booda Hojii
Ergamootaa 19:6, irratti akka ibsametti magaalaa Efeesoon keessatti duukka buutota 12
irratti yeroo arka irra kaa`u isaatiin yeroodhuma sana Afaan haaraa dubbachuu fi Raajii
Himuu akka danaa`an argina.
Haa ta`uutii Waldaa Qoroontoos Keessatti Hawariyaa ta`uu Phaauloos Fudhachuu
diduuf Yaaliin godhamee Ture, Garuu Phaauloos Yaalii Mormii kanaatiif Deebisaa yeroo kennu
Hawaariyaa ta`uu isaa ija jabinaan yeroo inni ibsu ilaalla.

“ Ani birmaduu mitii ree ? Ani ergamaa mitii ree ? Ani Gooftaa keenya Iyyesuusiin Iyyesuusiin hin
Arginee ree? Isin Hojii ani gooftaadhaaf Hojjedhe Mitiiree? Ergamaa ta`uun ko Warra kaan biratti Hin
fudhatamne yoo ta`e Iyyuu Isin biratti Fudhatamaa dha.Isin kan gooftaa Ta`uun Keessan iyyuu ergamaa
ta`uu ko Mallattoodhaan in Cimsa”( 1 Qoroontoss 9:1-2).

Ammas itti dabalee Akkas jedha:-

“ Ergamaa gooftaa ta`uu ko Mullisuudhaaf Milikknni, dinqiin Hojiin Aangoos obsa guddaadhaan isin
gidduutti Godhameera “ ( 2 Qoroontoos 12:12)., Akkasumas gooftaa Iyyesuus itti mullatee wajjin
Haasa`uu isaa hojii ergamootaa boqonaa 9 irratti argina.

DINQII FI MILIKKITA HOJII AANGOO GOCHUUN DHAABBACHUU YKN HAFUU ISAA.

Qu`annaa keenya keessatti akka arginetti Dinqii fi Milikkinni dhugaan yoom iyyuu haala isaan qaban
ilaalleerra.

Isaanis :-

 Ragaa qabatamaadhaan kan mirkanaa`anii fi kan hin shkkisiifne.


 Bartoonni gooftaa Erga Hafuura qulqulluu humnaa fudhatanii booda kan isaan Hojjetan
Hundi kan Raawwatamanii dha, Sababaan kan kufan keessa hin jiru.
 Dinqiin godhaman hundi Seera Uumamaa ala sammuu ilma namaatiin Xiinxalamuu kan hin
dandeenye turan.
 Bu`aan Dinqii fi Milikktaa hundi Waan barabaadame sana kan Raawwatan turan.
 Dinqiin godhamaa turan kan yeroo booda ykn Sa`aa fi guyyaa biro argaman utuu hin taane
yeroodhuma sanatti kan fayyisanii dha.

Amma bara Keessa jirru Keessa Dinqii fi Milikkta gochuu Dandeenya, Kennaa isaa qabna warri jedhan
yoo jiraatan Haalota armaa olitti tuxxuqamanii wajjin waan tokko illee wal fakkeenya hin qaban.
Kanaafuu sioba ta`uu isaanii Macaafan Adda baafachuu qaBNA. Bara kana kan arginu kan dhageenyu
hundi haala macaafni Qulqullaa`oon Himanii wajjin hin dhufu sabani isaa dinqii sobaa waan ta`aniifi.
Dinqii fi Milikktni Bara sana godhamaa ture amma bara kana hin barbaachisan Sababni isaa Kennaan
gaafa sana Kaayyoo isaa Raawwateera waan ta`eef.

Kan Jechuun Waaqayyo Dinqii fi Milikkita Hojjechuu Hin danda`u Jechuu miti, Waaqayyo Kan kaleessa
ture, Harra`a Kan jiru Bara baraanis Kan jiraatuu Waaqa Jabaa Dinqii fi Milikkita godhuu yoo Fedhe
gochuu In Dandaa`a, Wanti Isaaf Dadhabame hin jiru, Sababni isaa Inni Uumaa waan hundumaa fi Waan
Hundumaa irratti Waaqni Aboo qabu isa duwwaa dha.

Haa ta`u malee Dinqii fi Milikkitni Macaafa Qulqulluu Keessatti Cafaman Waldaa Kristiyaanaa Keessatti
Yeroo Murtaa`eef jechuunis Sagaleen Dubbii Waaqayyo Amma Caafamnii Raawwatanittii fi Sagalee
Dubbii isaatii amma Cimee Dhaabbatutti, Kan Hojjetan turan, Kana ilaalchisee Sagaleen Waaqayyoo Kan
Barsiisu Kanatti Aansinee Xiqqoo ilaalla.

Geggeessaan afuura qulqulluutiin ergaa Waaqayyo kan nuuf Caafe Phaauloos 1 Qor 13, Keessatti
Kennaan Hafuuraa Ammam amma turanii fi Dhaabbachuu isaanii nuuf Caafeera. Phaauloos Yeroo ergaa
isaa kana jalqabu Wanti hundumtuu Raawwachuu kan qabu Jaalalaan ta`uu isaatii fi Jaalaa ala kan
godhamu Hundinuu Waan gatii hin qabne ta`uu isaa Barsiisa.

Phaauloos Waldaan Qoroontoos Rakkina Tokkummaa Rakkina biros kan qaban Waan ta`eef Rakkina
kanaaf furmaata Kennuuf Sirreessuuf ergaa baayyee warra qoroontoosiif Dabarseera.

Phaauloos 1 Qor 12: 8-10 irratti Waa`ee Kennaa sagalan Caafe keessaa sadan akka fakkeenyaatti
dhiheessuu dhaan tajajila isaanii akka raawwatanii fi Akka hafan ibsa kenna. Kennaa sadan yeroo ilaallu
Waaqayyo Ilmaan namaatii fi Fedha isaa mullisuuf kan kennaman turan.

Phaauloos 1 Qor 13:8-10, irratti

“ Jaalalli Yoom iyyuu hin badu kennaa raajii dubbachuu yoo ta`e hafuuf jira, Afaan Hin beekneen
Dubbachuu yoo ta`e dhaabbachuuf jira, beekumsas yoo ta`e Hafuuf jira wanti nuyi beeknu Muraasa
wantiraajii dubbannus muraasa Raawwatamuun isaa yeroo ga`e immoo wanti muraasni kun In hafa”
Jedhee dubbate.

Luqqisa kana keessatti Raajii dubbachuun hafuuf, Afaan hin beekneen dubbachuu yoo ta`e
dhaabbachuufi Beekumsa yoo ta`e Hafuuf jira Jedha, kun kan ta`u immoo Raawwatamuun isaa yoo ga`e
jedha.

Egaa “ Raawwatamuun isaa” kan jedhame kun Eenyu? Afaan amaariffaatti “ Fitsum yehone Simexa”
Jedha. Afaan Ingiliffaatti “but When that which is perfect is Come” Jedha.

Raawatamuu, Fitsum ye hone, which is perfect Kan jedhu kana afaan griikiitti “teleios” Jecha jedhu
irraa kan dhufee dha. Hiikkaan isaas

 Kan guutame------ perfect


 Guutuu ta`eek an rawwate------- Complete
 Kan bilchaate------------ Mature
 Kan Xumurame------------fulfilled
 Kan dhuma irra ga`e----- Having reached the End. Kan jedhanii dha.

Egaa Raawwatamuun isaa yoo ga`e kan jedhame Kun kan duraan hin Raawwatamin Kan Hojii irra jiru ykn
kan Hojjetamaa jiru, Kan Hin Xumuramin garuu Xumuramuuf jiru, Kan Hin Raawwatamin garuu
Raawwatamuuf jiru… Jechuu dah. ( 1 Qor 13:9) irratti “Muraasa” kan jedhame kun Kan Caafamee hin
dhumin Kan Caafamee hin Raawwatamin Jechuu dha. Kun Egaa Wangeela . Wangeelli yeroo Ergamoonni
gooftaa tajaajila irra jiran Wanti isaan Gurraan afuura qulqulluu irraa dhagaa`anii Caaafan walitti
qabamee Macaafa hin taane, Phauloos yeroo ergaa kana barreessu mataa isaa macaafni kun guutuu
guutuutti Caafamee hin Raawwatamne Inni akka Caafamee Raawwatuuf Gooftaan Hafuura Qulqulluutiin
Isaanitti Dubbataa ture, ( Yoh.16:13).

Egaa amma Macaafni kun Caafamee Raawwateera Raawwaachuun isaa geenyaan Kunoo Macaafni
qulqulluun arka tokkoo tokkoo Keenyaa galeera, Hundumti Keenya Macaafa qulqulluu kana of arkaa
qabna.

Erga Sagaleen Dubbii Waaqayyoo Kun Raawwatee arka keenya keessa ga`ee Booda Raajii
Dubbachuunis Dinqii fi Milikkita godhuunis, Afaan Hin beekneen ( afaan Haaraa) tiin DUBBACHUUNIS
Hafeera Ykn Dhaabbateera.

Phaauloos Efeesoon 3:5-6, irratti Lallabni Wangeelaa Dura dursoo Kan hin Mullanne ta`uu isaa yeroo
ibsu akkas jedha “ Dhaloota Darban keessatti Dhoksaan Ilmaan namaatti hin argisiifamne, Amma garuu
Waaqayyo hafuura isaatiin Ergamoota qulqullaaotaa fi Raajotatti mulliseera Dhoksaan kunis Warri saba
Waaqayyoo hint a`in Wangeelatti amanuudhaan Wanta yihudoonni argatan akka argatan, isaanii wajjin
bu`aa dhagna tokkoo akka ta`an, abdii isa Waaqayyo karaa Kristoos Iyyesuus kenne keessaas akka
hirmaatan gochuuf qophaa`ee ture” Jedha.

Gooftaan Keenya Iyyesuus Kristoos Wangeela Yohaannis Keessatti Waan dubbate:-

“ Haffuurri dhugaan sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa inni Waan
dhaga`u dubbata malee, of keessaa fuudhee hin dubbatu waan dhufuuf jirus isinitti In mullisa” Jedha.
( Yohaannis 16:13)

Hafuurri Qulqulluun Bartoota irrattin Humnaan kan bu`ee isaan guutee isaanis Humna kanaan
guutamanii Hafuura qulqulluudhaan kan dubbachuu jalqaban Hojii Ergamootaa boqonnaa lama irratti
akka ta`e beenna. Yeroo sanaa kaasee amma mullanni Yohaannis Caafamee Raawwatutti, Bartoonni
gooftaa fi Raajonni geggeessaa Hafuura qulqulluutiin Sagalee Waaqayyoo dubbachaa, ilma nama Hundas
akka qaqqabuuf Macaafaan Caafanii Kunoo Macaafni qulqulluun Caafamee raawwatamee nu arka
ga`eera, Kanaafuu Raawwachuun Isaa yeroo ga`e 9 1 Qor 13:9) Kan jedhame Raawwateera kana booda
Macaafni Kakuu Biraa kan Eeggamu hin jiru, Raajii biraa, Amantii biraa, Waldaa Kristoosii ala Waldaan
biraa, Dinqii fi Milikkita nama nuuf fidus nu hin Barbaachisu, Sababni isaa Macaafa qulqulluu Keessatti
Kan Caafame Sagaleen Dubbii Waaqayyoo guutuu dha, Hirrinas hin qabu, Ilmi namaa hundinuu fayyina
lubbuu isaanntiif qajeelfamni isaanii maddi odeeffannoo isaanii kan ta`uu qabu macaafa qulqulluu
duwwaadha.

Pheexroos Ergaa isaa keessatti Akkas jedhee dubbate:-

“ Waaqayyoon, gooftaa keenya Iyyesuusiinis beekuu bira ga`uu Keessaniin Ayyaannii fi Nagaan isiniif
haa baayyatu, nuyi Waaqayyo isa Ulfina isaa fi Humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu waame beekuu bira
ga`uudhaan wanta nu barbaachisu Hundumaa Arganneerra, Gooftaan Humna Waaqayyummaa isaatiin
Gara jireenyaatti nu geessuuf namoota Waaqayyo Nu godhachuudhaaf kana hundumaa Nuuf Kenneera”
Jedhe.( 2 Pheex. 1:1-3)

Yohaannisis Macaafa isaa Mullataa keessatti akkas jedha.

“Yeroo Sanatti Ergamichi, Dubbiin kun Hundinuu Amanamaa dha,Dhugaadhas, Waaqayyo gooftaan
inni Hafuurota Raajonni ittin dubbatan abboomu, wanta dafee ta`uun irra jiru, Hojjetoota isaatti
argisiisuudhaaf Ergamaa isaa erge” Jedhe.9 Mullata Yohaannis 22:6-7)

Macaafuma Mullata Yohaannis keessatti Akkasitti Caafame:-

“Ani kana kanan Caafe, nama dubbii macaafa kana keessatti Raajii dubbatame Dhaga`u of
Eeggachiisuudhaaf Dhugaa itti ba`uuf nan jedha,Namni dubbii Kana irratti yoo waa dabale Waaqayyo
Adaba isaa irratti dhahicha Waa`een isaanii Macaafa kana Keessatti caafaman isatti dabaluuf jira.Namni
dubbii macaafa kana keessaatti raajii dubbatame irraa yoo hirri`ise immoo Waaqayyo muka jireenya
kennuu fi mandarattii qulqulluu Waa`een isaanii Macaafa kana keessatti Caafaman Keessaa hirrisuuf
jira” jedha.( Mul. Yoh. 22:18-19).

Macaafni Qulqulluu guutuu dha, Hirrina hin qabu Fayyina keenyaaf Waan nu barbaachisu Hundumaa
qaba. Harra`a dubbii Waaqayyoo Warri Barsiisan hundi Akka aboo Bartoota ykn Hawwaariatotaa gooftaa
Sanatti akka humna ergamoota gooftaa Akka humna isaaniif Kennameetti harra`as Bbarsiifna Lallabna
kan jedhan jiru yoo ta`e Isaan Soba isa Dhugaa irraa fagaate ta`uu isaa beekuu qabna.isaan
Dogoggorsitoota, Warra akkasii irraa of Eeguun Baayyee barbaachisaa dha.

WAA`EE RAAJOTA SOBAA MACAAFNI MAAL JEDHA ?

Bara Ammaa kana Namoonni Kumaatamaan Lakkaa`aman Raajii dubbanna jedhu, Namoota Baayyees Of
duuba Hiriirsanii Jiru, Garuu Dhuguma bara kana Humna Waaqayyummaatiin Akka bartoota ykn
Ergamoota gooftaatti aboo Kan dubbatan Kan tajaajilan jiruu ?

Gabaabduutti Hin jiran,sababni isaa sagaleen dubbii “ Wanta Caaffanni Qulqullaa`an Jedhu, gararraa hin
dabrin” Jedha,( 1 Qorontoos 4:6).

RAAJOTA SOBAA MAALIIN ADDA BAAFANNA?

Macaafni qulqulluun Raajota sobaa karaan adda itti baasanii beekan karaa lama ta`uu isaa dubbata.
1. Dubbii Rajii Isaan Dubbatan Kan hin rawwaane ta`uu isaa (Seera Keessa deebii 18:21-22)Luqqisa
kanaa olitti Caafame yeroo ilaallu Raajota sobaa kan ittiin beeknu Soba dubbachuu fi kan hojiitti
hin hiikamne dubbachuu isaaniiti.
Raajonni dhugaan kan Waaqayyo warri ta`an yeroo dubbatan 100% dhugaa Dubbatu, Guyyaa fi Sa
a`atii wanti kun itti ta`u dubbatu yeroodhuma sanatti ta`a. ( Macaafa moototaa 2ffaa 7:1,18) kan
warra sobaa garuu hin Hojjetu guyyaan isaas hin beekkamu, dhaloota ittin hidhanii kaa`u.
Raajiin dubbadha jedhee namni dubbatu tokko 99% dhugaa dubbatee 1% yoo soba dubbate, inni
Raajii Sobduudha, Sababni isaa Hafuurri qulqulluun Guutuu guutuutti dhugaa dha, Raajii sobduun
Yeroo baayyee dhugaa kan fakkaatu dubbatee garuu guyyaa tokko soba dubbannaan inni Rajii
sobduu dha, Sababni isaa Hafuurri Waaqayyoo yeroo hundumaa dhugaa malee soba hin dubbatu.
Bara kana garuu wanti nama ajaa`ibsiisu Warri Nuti raajii dha ofiin jedhan, Raajii hin
Raawwanne, raajii hin Hojjenne dubbachaa garuu warra isaan jala yaa`u, warra dhaqee isaan
Dhaggeeffatee “Ameen” jedhu Baayyifachuu isaaniiti.
Raajonni Sobaa kun Utuu Bara kakuu moofaa ta`ee Silaa du`aan adabamu turan. Akkas jedha
sagaleen Kakuu moofaa keessa:-
“ Raajii ani Dubbachuudhaaf isa hin Abboomin dubbii tokko maqaa kootiin Waan dubbatu kan
fakkeessu Yookiis maqaa Waaqayyootiin kan dubbatu haa ajjeefamu” Jedha.( Seera keessa deebii
18:20, Zakkaariyaas 13:2-4).

2. Inni Lammaffaan Ija Hojii isaaniitiin Beekkamu ( Maatewoos 7:15-20)

Gooftaan Waa`ee Raajota sobduu Yeroo dubbatu “ Raajota sobaa irraa of Eeggadhaa isaan
Hoolaa fakkaachuudhaaf raroo Hoolaa Uffatanii gara Keessan in dhufu,Keessa isaaniitiin Garuu Yeeyyii
Butatanii dha, Ija Hojii Isaaniitiin beektu Ija Wayinii bala Waraanteetti, Harbuus Kosorruuttii Ciruu
dandeessuu ree? Akkasuma Mukti gaariin ija baeessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata
mukti gaariin ija hamaa, mukti gadheenis ija gaarii godhachuu hin danda`u, mukti ija baeessa hin
godhanne hundinuu in murama, ibiddattis In naqama egaa ija Hojii Isaaniitifis Isaan beektu” Jedhee
dubbateera.

Akkasumas Seera Keessa deebii 13:1-3, Maarqoos 13:22, Maatewoos 24:24, Dubbisaa.

Luqqistoota kana irraa wanti Hubannu Raajonni Sobaa Wanti isaan Dubbatan yoo Raawwate illee Isaan
Raajotuma Sobaati. As irratti Qormaanni jiru” Ani Raajiidha” jedhee Kan dubbatu sun Sagalee Dubbiin
Waaqayyoo Wajjin wal ta`iinsa qabaa, ? Walitti dhufeenya qabaa? Isa jedhuu dha. Macaafni qulqulluun
Waa`ee Raajota sobaa Sagalee Akeekkachiisaa baayyee qaba.

“ Michhota ko Warra afuuraan In dubbanna jedhan Hunda Hin amaninaa, Waaqayyo Biraa yoo ta`an
Hafuura isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee” ( 1 Yoh. 4:1).

“ Bara boodaatti namoonni tokko tokko Hafuurota Wallaalchisoodhaa barsiisa Hafuurota hamootaa
duukkaa bu`anii, Amantii Wangeelaa irraa akka galagalan Hafuurri qulqulluun Keessaa baasee in dubbata
warri sobduun of Hin argineen yaadni garaa isaanii diiminaan gubamee milikkita Seexaanaa godhatee
Kun jara kana Wallaalchisanii galagalchaniiru”( 1 Ximootewoos 4:1-2).
Bara Ammaa barsiisa sobaa gurguddaatu Raajota sobaa irraa burqa, Isaaanis utuu Waaqayyo isaan hin
ergin “ Ergamneerra Waaqayyo akkas jedhee natti dubbate” Jechuudhaan Raajii Sobaa warra dubbatan,
raajota Ba`aal, akka jiran afaan Waaqayyoo irraa utuu hin taane, laphee isaanii keessaa kan ba`e mullata
warri dubbatan akka jiran Luqqistoota himan ilaalla.

“Akkuma raajonni Sobduun saba sana gidduu turan, Akkasuma barsiisonni sobduun isin gidduu in
jiraatu,isaan warra utuu irratti hin beekamin Barsiisa wanta amanamee irraa kaachisee nama balleessu
fidanii, goofticha isa isaan fure iyyuu gananii ofii isaanii irrattis badiisa fidanii dha” ( 2 Phex.2:1) Kanatti
Dabalees Luqqistoota kana Qua`achuun Barbaachisaa dha.

( Ermi. 14:14-16,Ermi. 23:13-16,Erm.23:24-34, Dubbisaa…

Macaafni qulqulluun Waa`ee Raaajota sobduu Akeekkachiisa kenneera, kanaafuu Dhaloonni isaan kana
irraa of Eeggachuu qaba.Lallabni lallabamu sagalee dubbii Macaafaa irraa wajjin yoo adda ta`e Wal hin
fakkaatu yoo ta`e Adda baafachuun baayyee barbaachisaa dha.Kana malee kana adda baafachuuf
immoo Macaafa qulqulluu Dubbisuun Barachuun, Qu`achuun, dirqama ta`a, yoo kanaa achii afaan
bineensaa seenanii Irbaata bineensa sanaa ta`uudha..

Raajii dha kan ofiin jedhu tokko Saba guddaa gidduutti utuu lallabuu Barattoota Universiitii walitti
qabee Waldaa dhuma sana keessatti, isiniifan kadhadha, Jedhee Baayyee kadhateefii rakkoo Keessaniif
jedhee, akkas jedheen, “ Yeroo rakkinni isin irra ga`u, yeroo dhiphinaa Daabboo tokko bitaa Shaayii
bitadhaa, Daabboo sanaan ati Foon Iyyesuusi jedhaa, Shaayii sanaan immoo Ati dhiiga Iyyesuusi jedhaati
Nyaadhaa dhugaa, Yeroodhuma sanatti Dhiphinnii fi Yaaddoon keessan lafa lixe dhabduu..” Jedhee
Waldaa guutuu gammachiisee “ Ameen Eebbifami nama Waaqayyoo” Jedhanii Eebbisan. Egaa kun
Barsiisa sobaa fi Raajii sobaa ta`uu isaa maaliin beekna ? Barsiisa sobaa ta`uun isaa gooftaa Iyyesuus
yeroo Biddeena fuudhee Galateeffatee Cabsee kenneef Kuni foon ko isa cuubbuu keessaniif jedhe
Muramu, Xoofoo sana immoo kun dhiiga ko isa isiniif jedhee dhangala`ee dha, yommuu fudhattan ittiin
na yaadattu, jedhe, Irbaata qulqulluu yaadannoo gooftaati Wanti sun, Waan kana kan fudhatamuu
Waaqeffannaa duwwaa irrati, Guyyaa sanbata guddaa, waa`een Foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuu
Kanaan ala Kan Caafame hin jiru, Garuu Namni kun Ijoollee kana gammachiisuu danda`a, tarii wanti kun
tokko tokkoof Hojjechuu danda`a, garuu namoota gammachiisus Barsiisa sobaa waan ta`eef Waaqayyo
Itti hin gammadu, Namni kun Ofii isaa akka waan Waaqayyo ergeetti dubbata, Waaqayyo immoo waan
Caafee kenneen alatti haaraa waan hin Caafamin hin himu. Erga Namnuu akkuma isatti fakkaateen
Barsiisa ta`ee maaliif macaafni qulqulluu kun Caafame ?

Phaauloos Ergaa isaa warra Galaatiyaatiif Caafe irratti akkas jedhee dubbate:-

“ Isa Karaa Ayyaana Kristoos isin Waame irraa galagaltanii, akkas ariifattanii gara Wangeela kan biraatti
goruu Keessaniif nan dinqisiifadha, Wangeelli biraa illee hin jiru, garuu Namoonni isin Wallaalchisanii,
Wangeela Kristoos galagalchuudhaaf barbaadan tokko jiru, Haa ta`u iyyuu malee, Ani yookiis ergamaan
Waaqa irraa tokko wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himneetti kan gargar ba`e yoo isinitti hime
abaaramaa haa ta`u , akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immoo keessa deebi`ee nan
dubbadha, eenyu illee wangeela isa isin fudhattanittii kan gargar ba`e yoo isinitti hime Abaaramaa haa
ta`u.” ( Galaatiyaa 1 :6-9)
Kanaafuu Kristiyaanni tokko dursee sagalee dubbii Waaqayyoo beekuun ittigaafatama mataa isaatii fi
Jireenya Lubbuu maatii eeguun dirqaa isaatii jireenya warra sagalee dubbii waaqayyo dubbatanii
ilaalamuu qaba.sababni isaa Maatewoos 7:22-23 irratti Gooftaan akkas jedheera.

“ Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayyeen , yaa gooftaa yaa gooftaa, Nuyi Maqqa keetiin
Hafuurota Hamoota baafneerra, Hojii Aangoos Hojjenneera, maqaa keetiin Raajiis dubbanneerra mitii ?
anaan jedhu, Ani immoo yeroo sanatti matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa ija ko duraa
badaa Jedheen mullinatti isaanitti hima” jedheera.( Maatewoos 7;22-23), egaa Maaa Iyyesuusiin
Waamaniif Dhugaa dha jechuu hin dandeenyu, garuu Akka macaafni qulqulluu jedhutti ta`uu isaatu
dhugeessa.

Egaa warri gaafa dhumaa sana akkas jedhaman jiru waan ta`eef mukni ija isaatiin beekkamaa ta`uu
isaa yaadachuu qabna. Akkasumas nuuf Dhagna jiraataa isa ta`e Sagalee dubbii Isaatii irratti Cimnee
dhaabbachuu qabna, gooftaanis maatewoos 7:24-27, irratti kana nu gorsa.

MADDI RAAJII SOBAA MAALI ?

1. Afuura Hamaa :- Ergamaa ifaa fakkaatee dhufuu danda`aa.(2 Qor 11:13-15, 2ffaa seenaa bara
baraa 18:19-21, mullata Yohaannis 16:13-14)
2. Garaa isaanii keessaa fuudhanii dubbachuu, Abjuu fi Mullata sammuu, ( Ermi 23:24-26, 23:30-
32, 14:14, Mikiyas 3:5-7..

WAAQAYYO BARA KANA AKKAMITTI NUTTI DUBBATA ?

Waaqayyo harra`a karaa inni nutty dubbatu barreessaan Macaafa gara warra Ibrootaa yeroo dubbatu
akkas jedha.

“ Bara duriitti Waaqayyo si`a baayyee karaa garaa garaatiin raajotaan Abboota keenyatti dubbateera
guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutty dubbate Waaqayyo ilma isaa kanaan
Waaqaa fi lafa Uume, waan Hundumaas Arka isaatti kennuuf isa dhaabe”( Ibroota 1:1-2)

Macaafuma kana keessatti :-

“ Dubbiin Waaqayyo jiraataa dha,humna hojjetu of keessaa qaba billaa gar lamaan qarame Caalaa qara
qaba inni lubbuu fi hafuura buusaa fi dhuka gargar in baasa. Yaadaa fi akeeka garaa namaa qoree
faraduudhaaf in danda`a” jedhe (Ibroota 4:12)

Macaafni qulqullaa`oon of arkaa qabnu, sagaleen dubbii Waaqayyoo jiraataa dha, kan du`e utuu hin
taane kan jiru kan kan hojjetuu dha Ilma Waaqayyoo kan ta`e Kristoos Iyyesuus Harra`a karaa hafuura
qulqulluutiin kan mullise macaafa qulqulluu keessaani, Yoo akks ta`uu baate garuu Karaa namaa waan
hin caafamin nuufhima yoo ta`e macaafni qulqulluu arkaa qanbnu kun gatii hin qabu jechuudha.
Macaafni qulqulluu Macaafa seenaa qofa miti, Waaqayyo isa kanaan dura dubbate qofa nutty hima osoo
hin taane harra`as karaa macaafa qulqulluu kana keessaan nutty in dubbata.

Amma bara keessa jirru kanatti kakuu haaraa keessatti Waaqayyo Macaafa Qulqulluullaa`an alatti
karaan biraa karaan itti nutty dubbatu jira jedhee Luqqisa dubbatu hin arginu.

Waaqayyo Harra`as yeroo Hundumaa akka fedhii fi Eegumsa isaatti waan Hundumaa duuba taa`ee
karaa Macaafa qulqulluu isa nuuf kenne dubbii jiraataa isaatiin nu geggeessa, nu gorsa, nu ifata, nu
eebbisa. Phaauloos akkas Jedha. “Caaffanni qulqullaa`aan hundinuu geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin
Caafame, barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuuf dhimma in baasa,
Namni Waaqayyoo Waa gochuuf kan danda`e akka ta`u in godha”( 2 Ximootewoos 3:16-17)

Fedhii Waaqayyoo godhuuf yeroo Nuyi Sossoonu inni immoo iddoo ofii fedhe, Jechuunis Jireenya bara
baraa bira akka geenyuuf nu gargaara kana jechuunis amma Waaqayyo Kan nutty dubbatuu fi kan nu
geggeessu karaa ilma Iyyesuus Kristoos Hafuura qulqulluu qofa ta`uu beekuu qabna. Waaqayyo kan nuuf
fedhee dubbii isaa qulqulluu kana keessan himeera, fedhii Waaqayyoo guutummaatti yoo feene,
macaafa isaa Sirriitti Dubbisuu qu`achuu barachuu qabna. Sababni isaa

--- Waaqayyoon akkamitti akka tajaajillu

--- Waaqayyoon akkamitti akka gammachiifnu

---- Waaqayyo maal akka nu irraa fedhu

-----Ulfina Waaqayyoof kan ta`u Murtii Murteessinuuf.

Kana hundumaaf Deebisaan Macaaficha keessa jira. Fayyina lubbuuf karaan tokkittiin jirtu macaafa
qulqulluu Wangeela. Mootummaan Dukkanaa ammaa kun akka waan karaan biraa jiruutti nama
gowwoomsaa jira, namootatti Cufee Jira.(2 Qoron.4:3-4)

Kanaafuu Jaallatamoo Kristiyaanota obboleewwan sagalee kana fudhachuu qabna, Abidda keessas
dhaloota baasuuf, dhugaa jirus itti agarsiisuuf, Ifaa biyya lafaa dukkanaa kana irratti Ibsuu qabna.

Macaafni Qulqullaa`aan harra`as gara dhugaatti nu qajeelcha, dhuguma nu qajeelcha, Harra`a inni
Karaan ittiin nu geggeessu karaa ilma isaa tokkicha, Kristoos Iyyesuus hafuura qulqulluu keessan
Bartoota isaatiin fayyadamee akka Caaffanni nuuf Dabarsan kan ta`e Macaafa qulqulluu duwwaadhaani.

Kanaafuu Dhaloonni bara kanaa Macaafa isaanii mana kaa`anii” Waaqayyo natti dubbata” Jechuudhaan
irbaata Raajota sobduu fi Ilkaan bineensaa seenaa jiru. Isaan garuu akka Waaqayyootti utuu hin taane
akka fedhii isaaniitti akka isaaniif tolutti Dhaloota joorsaa jiru. Kanaafuu nuti warri kana hubannu
Hubannee dhoksuu utuu hin taane Dhalootaaf qooduu barsiisuu qabna. “ Isin ibsaa biyya lafaati”

“Waldooliin Kristoos Nagaa isiniif dhaamu” Roomee 16:16.

You might also like