You are on page 1of 10

Caaffee Mooraa Guddicha Yuunibarsiitii Jimmaatti

Xoofoo Sillaasee

: Guutamaa Goobanaa

Gulaalaan: Moosisaa Leellisaa

Jimmaa, Oromiyaa, Itoophiyaa

Eebila , B.A 2013


TORBAN DHUKKUBBII
Torban Dhukkubbii guyyaa gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos gara Iyyerusaalem galee kaasee
hanga du'aa ka'umsaatti kan jirudha. Torban xumuraa sooma guddichaas jedhamee ni waamama.
Dhukkubbii kan jedhamefis Gooftaa keenya ajjeessuf yeroo irratti maari'ataniif, gidiraa fi
dhukkubbii guddaan ajjeesanidha. Torban kana keessa luboonnii fi amantoonni mana
kiristaanaati walitti qabamuun cubbuurraa fagaatanii laguu nyaataa fi dhugaatiin yeroo kam
caalaatti cimaanii kadhannaafi sagadaan; akkasuma kitaaba dhukkubbii jedhamu dubbisaa tibba
waa'ee dhukkubbii gooftaa keenyaa itti yaadatanidha.

Erga abbaan keenya Addaam cubbuu raawwatee kaasee waggoota hedduuf ilmaan namaa
dhukkuba, gidiraa, abaarsaa fi wantoota adda addaa keessummeessaa seexanaaf garbicha ta‟anii
jiraachaa turaniiru. Gaafa abdiin fayyina ilma namaaf kenname ture gahuttis Iyyasuus kiristoos
qulqulleettii Durbee Maariyaam irraa dhalachuun fayyina dachee kanarratti taasiseera. Hammam
ilmi namaa dogoggorus; seera isaa cabsus arjaa, gara-laafessa, danda'aa fi obsaa kan ta'e waaqni
keenya badiifi cubbuu keenya nurraa balleessuuf torban inni itti dhukkubsatedha. Kunis sanyii
namaa hunda garbummaa seexanaa jalaa bilisa baasuuf gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos fedhii
isaatiin torban inni xoofoo gidiraa itti fudhate kan itti yaadannudha. Guyyota kana keessas
kiristaanoonni oolmaa Waaqayyo yaadachaa waa'ee oolmaa isaaf kan gaddan, kan boo'an, kan
sagadan manaa fi qabeenya isaanii dhiisanii yeroo kamuu caalaatti waa'ee cubbuu ofii kan itti
gaabbanidha. Egaa torban kana keessa baayisanii nyaachurra beela'aa, baayisanii dhuguurra
dheebochaa, yeroo yerootti sagadaa, kadhachaa waa'ee xoofoo dhiphinaa gooftaan keenyi nuuf
fudhatee yaadaa kan itti dabarsinudha.

Amantaa fi darbii darboon torbee Dhukkubbii keessa wantoota raawwataman

1) Fannoo, Mana kiristaanaa fi Wal-dhungachuun dhorkaadha!

Haala yeroo wajjin kan wal qabatu torban kana keessa fannoo dhungachuun hin danda'amu kunis
kakuu moofaa keessatti fannoon mallattoo abaarsaa waan tureef, Gooftaan keenya kabajamaa
dhiigasaan qulqulleessee faajjii moo'ichaa hanga nuuf godhutti hin dhungannu hiika jedhu waan
qabuuf. Harka wal fudhuunis hin danda'amu, Yihudaan Gooftaa keenya dabarsee gaafa kennu
dhungatee waan kenneef (Maat 26:48---) torban kana keessatti harka wal fuudhuun dhorkaadha.

Mana kiristaanaas dhungachuun hin danda'amu, manni kiristaanaa fakkeenya Gooftaa keenyaati
waan taateef. Akkasumas torban kana keessa hiikamni namoota du'aniif hin taasifamu. Kunis
torban du'a gara jireenyaatti, dukkana gara ifaatti itti ceene fakkeenya taasifachuuni. Akkasumas
Waaqayyo aangoo hidhuu fi hiikuu kan lubootaaf kenne kakuu haaraatti dha. Mat 16:19 "Kan
lafa irratti hiiktan samii irratti kan hiikame ta'a. Lafa irratti kan hiitan samii irratti kan hiikame
ta'a." kan jedhaman kakuu haaraatti yoo ta'u torbeen gidiraa garuu bara gidiraa kan ittiin
yaadannu dha. Namoota torbee kana keessa du'aniif dursamee gaafa hoosaa'inaa kadhannaan
hiikumsaa ni gaggeeffama.
Cuuphaan Kiristaanummaa hin gaggeeffamu. Mat 3:16 irraa akkuma dubbisnu gooftaan keenya
cuuphamee kan cuuphaa kiristaanummaa nuuf bu'uure kakuu haaraatti dha. Torbee gidiraa kana
garuu kan yaadannu akka bara gidiraa (bara 5500tti) dha

Guyyaa kamisaa irraa kan hafe kadhannaan qiddaasee hin gaggeeffamu. Gaafa kamisaas kan
gaggeeffamu guyyaa itti iccitiin qurbaanaa hundaa'e waan ta'eefidha. Sirni kadhannaa qiddaasee
guyyaa kanaas kanneen guyyaa biraa irraa adda dha.

Lubootni sagalee isaanii gadi qabuun qaddasu. Kunis Ayihuudotni sagalee isaanii gadi qabuun
(asaasuun) fayyisaa keenya akka qabatan agarsiisa. Qaacilliin hin rukutamu. Bakka qaacillii
tsinaatsilliitti fayyadamu.....

2) Miilla dhiqaa

Gooftaan gad of-qabiinsa gonka ta'een miilla duuka bu'ootasaa dhiqee, "akkuman ani isiniif
dhiqe isinis akkasuma godhaa" jedhee gad of qabinsa bartoota isaa barsiiseera. (Yon 13:3-17)
(guyya kamisaa waliin ilaalla)

3) Mulluu (Gulbaanii)

Naannoo tokko tokkotti baaqelaa, Qamadii, Garbuu iraa kan qopha'u yoo ta'u gara wallaggaatti
garuu Boqqolloo, Baaqelaa fi Qamadii irraa kan qophaa'udha. Mulluun guyyaa kadhannaa
kamisaa kan nyaatamu yoo ta'u ergaan isaas gadda fannifamuu isaa kan ibsudha.

4) Rurrukutamuu/xibxaabii

kunis amantootni torban dhukkubbii keessa guyyaa Jimaataa cubbuu isaanii Lubatti himachuun
Lubni baala Ejersaan rurrukutuun hanga namni tokko sagaduu qabu kan kennudha.

5) Dhallaadduun/Allaaduun (Qeexamaa)

Dhallaadduun marga dheera lalisaadha. Dhalladduu kanas Sanbata Duraa qabachuun mallattoo
misiiraachoti. Nagaan bu‟uu agarsiisa. Kiristoos Nagaa keenya waan ta‟eef (Efe 2:14) nagaa
kanas kan nuuf fide lola fannoo Isaatiin ajjeseti (Efe 2:16). Misiraachoo kana namootaaf himuuf
Lubootni fi Diyaaqonoonni Sanbata Xinnaa amantootaaf rabsu. Dhallaadduu kana ammoos
Sanbata xinnaa luboonni fi diyaaqonoonni uummataaf naanna‟anii raabsu. Kunis lola fannoo
isaatiin ajjeese; nuuf ammoo fannoo isaatiin nagaa buuse jechuudhaan. Madaa‟uusaatiin fayyuu
keenya ibsuuf! Akkasumas hayyuun amantaa Qulqulluu Yaared waa‟ee nagaa kana faarfateera,
Kanas uummatatti himuuf, hordoftoonni mataatti hidhachuun isaanis tokkos, gonfoo qoraattii
kan gooftaa mataatti kaa‟a sana yaadachuuf lammataa, ammoo gonfoo injifannoo argachuu
keenya ibsachuuf taasifanna.
Jechoota Kadhannaa Torbee Dhukkubbiitti Itti Fayyadamnu

Jechootaa fi Sirnoota Kana Hordofuun Torbee Kana Kadhadhaa. Haala barameen addatti torbeen
dhukkubbii kadhannaa addaa fi jechoota kadhannaa addaatiin gaggeeffamuun turama. Jechoonni
kadhannaa afaanota adda addaa irraa walitti fudhatamuun kadhannaaf oolanis torbee kana keessa
qalbii jijjiirrannaa amantootaaf hojiirra oolu. Jechoonni kadhannaa kunneenis hiika mataa isaanii
kan qaban yommuu ta‟an akka armaan gaditti dhiyaataniiru.

1) Kiraalaayisoon: Jecha Giriikii irraa kan fudhatame yoo ta‟u, kiriyee fi Eeleeyisoon irraa
ijaarame. Kiriyee jechuun Gooftaa jechuu yoo ta‟u Eeleeyisoon immoo dhiisi/oo‟i jechuu
dha. Jechoonni kun lamaan gara afaan Oromootti hiikni kallattiin isaa Yaa Gooftaa nu
maari, nuuf dhiisi, nuuf oo’i dha.

2) Naayinaan/Naayin: Jecha warra Gibxootaa (Coptic) yoo ta‟u hiikni isaa nu maari, nuuf
dhiisi jechuu dha. Kunis jechoota biroo waliin galuun fayyada. FKN Ibnoodii naayin/
Ibnoodiinaayinaan jechuun Yaa Waaqayyo nu maari jechuu dha.
3) Ibnoodii Jecha Warra Gibxootaa (Coptic) yoo ta‟u hiikkaan isaa Waaqayyoon jechuu
dha.
4) Aministiitii: Nu yaadadhu jechuu yommuu ta‟u hima guutuun isaa aministiitii mukiriyaa
antii faasiiliyaasuu –innis, Maaloo yaa Gooftaa mootummaa keetti nu yaadadhu jechuu
dha.
5) Taa’oos: Jecha Giriikii yommuu ta‟u Waaqayyo jechuu dha.

6) Taa’oos naayinaan/Taa’oos naayiin: Yaa Waaqayyo nu maari jechuu dha,


7) Maasiyaas: Jecha Ibrootaa yommuu ta‟u hiikni kallattii isaa Masihii jechuu dha. Kunis
hiikni isaa Kiristoos jechuu dha.
8) Tisbuxaa: Jechi kun jecha Giriikii deespoottaa jedhurraa kan dhufe yommuu ta‟u afaan
Oromootiin hiikni isaa Bulchaa gaarii jechuu dha.
9) Mukiriyaa: Maaloo yaa Gooftaa jechuu dha.
10) Antii Faasiiliyaasuu: Mootummaa keetti jechuu dha.
11) Mu’aagiyaa: Qulqulluu jechuu dha.
12) Mudaasuxaa: Gooftaa arjaa jechuu dha.

✍Ajaja: Yeroo Jechoota armaan Oliin Kadhannu, Uummanni Garee Lamatti qoodamee
kadhannaa armaan Gadii Wal-jalaa qabuudhaan irra deddeebi‟uun Haa jedhan

A. Kiriyaalaayisoon(4×}

B. Kiriyaalaayisoon (2x) Ibnoodii Naayinaan Kiriyaalaayisoon


A. Kiriyaalaayisoon (2x) Taa‟oos Naayinaan Kiriyaalaayisoon

B. Kiriyaalaayisoon (2x) Maasiyaas Naayinaan Kiriyaalaayisoon

A. Kiriyaalaayisoon (2x) Iyyasuus Naayinaan Kiriyaalaayisoon

B. Kiriyaalaayisoon (2x) Kiristoos Naayinaan Kiriyaalaayisoon

A. Kiriyaalaayisoon (2x) Amaanu‟eel Naayinaan Kiriyaalaayisoon

B. Kiriyaalaayisoon2xTisbuxxaa Naayinaan Kiriyaalaayisoon

A fi B Dabaree Dabareen Wal Jalaa Qabuun: Kiriyaalaayisoon(45x)

Maddi: Kitaaba Hojii Dhukkubbii, Kan Guyyaa Wixataa Halkan

Sa‟a 3, Fuula 123 Irraa)

Jechoota Torbee Dhukkubbiitti Akka Nagaa Walgaafannaaf Itti Fayyadamnu (afaan


Gi‟iizii fi Afaan Oromootiin)

እንበለ ደዌ ወሕማም እንበለ ፃማ ወድካም አመ ከመ ዮም ያብጽሐኒ

ያብጽሕክሙ እግዚአብሔር በፍሥሓ ወሰላም አሜን፡፡

(Dhibee fi Dhukkubbii Malee, Laafinaan fi Dadhabbii Malees

Akkuma Har‟aa Waggaa Har‟aatiin Gammachuu fi Nageenyaan Waaqayyoon Nu Haa Gahu;


Isiniinis Haa Gahu, Ameen.)

(Maddi Kitaaba Hojii Dhukkubbii, Fuula 1050: lakkoofsa xumuraa irraa)

Hojii Gooftaan kan Guyyaa Wiixataa hojjete

Akkuma qulqulluun Maatiwoos barii isaatti ni beela‟e (Mat21:18) jedhe, ayyaana Hosaa‟inaa
barii Gooftaan Biitaaniyaa irraa gara Iyyarusaalemitti seenuun wantoota lama taasise.

Tokkoffaan muka baala malee firii ofirraa hin qabne abaareera. Lammaffaa immoo gara mana
qulqullummaatti seenuudhaan warreen gurguranii fi jijjiiran achi keessaa isaan baaseera (Mat
21:19). Egaa Gooftaan saba Isaa Israa‟elootaaf Mannaa samiirraa buusuun soore; Eeliyaasiif
nyaata samiirraa ergamaa fi allaattiidhaan ergee soore, namoota 5000 ol ta‟an buddeena shanii fi
qurxummii lama maaddessee nyaachise ofii Isaatiif ni beela‟e yoo jedhamu mee hammam nama
haa ajaa‟ibu! Kanatti dabalees guyyaa afurtamayyuu nyaata malee kan ture guyyaa tokkotti ni
beela‟e jechuunuu nama ajaa‟iba.

Egaa mukni firii dhabuun Isaa Isiraa‟elirraa amantaa fi gocha gaarii dhabuu isaanii kan ibsu yoo
ta‟u, abaaruunis mukti firii hin qabne akkuma badu namni firii amantaa hin qabne akka badu
ibsuufidha. Kanaaf fakkeenya mukichaan kan abaaraman Israa‟eloota warra foonii bakka firii
buusuu caalaa Gooftaaf qoraattii warra qopheessantu abaarame. Beelli Gooftaan beela‟e
qajeelummaa dha; qajeelummaa ykn qulqullummaa kanas saba Isaa irraa barbaadee argachuu hin
dandeenye. Kanaanis Gooftaan keenya akka beela guddaa dhala namaa irraa qabu ibsee, kan
qulqullummaa irraa barbaadee dhabe abaaramuuf akka jiru ibsuufii dha. Kanas hayyichi mana
kiristaanaa keenyaa qulqulluun Yohaannis Af-warqeen (st.John Chrysosytom), „’Kunoo namoota
muka firee hin qabneen fakkeeffaman dheekkamsi ajaa’ibsiisaan guddaan Waaqayyoon biraa
akka isaan irratti bu’u amma dhageenye‟‟ jechuun dubbichi fakkeenyummaaf raawwatamuu isaa
dubbateera.

Hojii Gooftaa Guyyaa kiibxataa

Guyyaan kun hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa wiixataa hojjeteefi dubbate irratti gaaffii warri
Ayuudootaa dhiyeesaaniifi guyyaa inni deebii itti kennedha. Sababuma kanaaf guyyaan kun
guyyaa gaaffii fi baruumsaa jedhamees beekama. Gaaffii kanas warreen barreessiitotaa fi
fariisotaan kan gaafatame yoo ta'u barumsa barsiiftu, raajii raawwattu fi warreen gurguran mana
kiristaanaa keessaa kan hariitu "Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa kan gootu?
Gooftummaa kanas eenyutu siif kenne?" (Maat 21: 23) jedhaniin kan gaafataniidha."

Barsiisonni seeraafi Fariisonni kun gaaffii kan gaafataniif kiristoosin wallalanii osoo hin taane
aangoon isaanii waan jalaa xuqameef; seera barsiisu malee, ofii waan hin kabajneef hojii isaanii
isa badaa sana dhoksachuuf karaa isaan qaban kiristoosiin hadheessu qofa waan ta'eef malee.

Hojiiwwan barsiisotaa fi warra fariisotaa kan hojjetan har'as mana kiristaanaa guutan. Lafa
cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanu warreen jaallatan, Gabaa keessattis
namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis kabaja
Waaqayyoo caalaa kabaja mataa isaaniif warri jiraatan heddummataniiru. Garuu warra hojii
akkasii hojjetaniif wayyoo!

Gooftaan keenyas "Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii
duukaa hin bu'iinaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan." Akkuma
jedhe isaan keessaa tokkoon isaaniillee baruumsa inni barsiiseen hin deebine Yohaaniis cuuphaas
hin dhageenye." Yommuu Yohaannis cuuphaan qajelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hin
amanne; qaraxxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii
booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne" isaaniin jedhe. (Maat 21: 32)

Hojii Gooftaa Guyyaa Roobii

Guyyaa kanati hojiiwwan raawwataman keessaa:- Guyyaan kun guyyaa angafoonni lubootaa fi
barsiisonni seeraa Gooftaa akkamitti akka qaban itti mari'ataniidha. Kanaaf guyyaa "walii
galtees" jedhame ni waamama. walii galteen kunis kan taasifame bartoota keessaa tokko kan
ta'ee Yihuudaa wajjin yoo ta'u walii galteen kun murtee hammeenyaaf ture.Walii galtee kana
erga raawwatee booda gara gooftaa fi waldaa duuka bu‟ootaatti deebi‟e. Roobii kaasee hanga
kamisa galgalaattis homaayyuu akka hin uumamne fakkeessee dabarse. Kunis sirriitti Yihuudaan
nama fakkeessaa fi hamaa akkamii akka ture nutti agarsiisa.

Qulqulluun Pheexiroos haalli isa sodaachisnaan Gooftaa isaa si‟a sadaffaa “hin beekuun” jedhee
erga ganee booda Gooftaan keenya si‟a tokko miil‟atee yoo ilaaluun qofa fuula gooftaa isaa
jabina ittiin ilaalu dhabee boo‟icha hadhaawaan mooraa keessaa ba‟e. Yihuudaan garuu yeroo
dabarsee laachuuf walii galtee uumee kaasee sagalee isaa balleessuun akkuma durii isaa gooftaa
wajjin taa‟uu si‟a tokkollee hin qaanofne.

Yaada mataa isaa burqisiisee, ofii isaa gara shangoo deemuun qarshii fudhachuuf abdii godhatee
deebi‟ees ija gooftaa keenyaa ilaaluun “Dabarsee kan si kennu ana ta‟aa laata?” jedhee
gaafachuufis ija jabina qaba ture. Yihuudaan gowwoomsuu yoo barbaadeenis Gooftaan
hundumaa beeku garuu “fakkeessituu nana” jedhee hin ifanneef obsa uumaa ni ajja‟ibsiifanna.

Guyyaan kun ammas guyyaa urgaa gaarii qabuu fi imimmaaniis hin jedhama. Kunis immoo
sababa Maariyaam urgooftuu dibata gati-jabeessa shurrubbeetti qabattee gara Gooftaa keenyaa
dhufte isa dibdeefi waa'ee cubbuu ishee fi baay'iftee itti boosse waan ta'eef. (Maat 26:3-13 7,
Marq 14:1-11 Luq 22:3-6). Maariyaam gara gooftaa dhuftee gaafa isheen urgooftuu dibdu
"Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu
in danda'a ture" waliin jedhan; isheettis in dheekkaman. Iyyasuus garuu, "Ishee dhiisaa! Maaliif
rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti
argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu, ana garuu yeroo hundumaa of
biratti hin argattan. Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhaqna koos duraan dursitee
awwaalaaf dibdeetti. Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma
wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama" jedhe.
Warreen osoo urgooftuun kun gurguramee hiyyeessotaaf kennamee jedhan kun dhuguma
hiyyeessotaf yaadanii osoo hin taane urgooftuun sun yoo gurgurame tokko kurnee argamu
barbaacha malee! Abbaan yaada kanaas yihuudaa ta'u hin hafu!
Hojii Gooftaa Guyyaa Kamisaa

Hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa kana raawwate:- Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaa
Iyyasuus Kiristoos gad of qabinsa, jaalala, ajajummaa akkasuma maalummaa tajaajilaa, barsiisaa
fi gorsaa, miilla duuka bu'oota isaa dhiqe waan ta'eef guyyaa miilla dhiqaa jedhama.

Duuka bu'ichi qulqulluun Yohaannis "Iyyasuus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee, iddoo
isaatti erga deebi'ee booddee, "Waanan isiniif godhe hubattuu ree? "'Barsiisaa, gooftaas' jettanii
na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan
miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a. Ani akkuman
isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera, (Yoh13:12-15)

Gooftaan waaqa ta'ee osoo jiruu inni waa'ee waaqummaa isaa hin ilaalle ture. Uumaa ta'ee otoo
jiruus gad ofi qabee miilla uumama isaa kan dhiqe Gooftaan duuka bu'oota isaaf fakkeenya ta'ee
jira. Ana irra baradhaa akkuma jedhe, barsiisaan keenya hojii fakkeenyummaa gaarii raawwate.
"Yaada garaa isa Iyyasuus kiristoos qabu ture qabaadhaa! Inni bifa waaqayyummaatiin utuma
jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti
hafanitti hin lakkoofne. ..... Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti
iyyuu abboomamaa ta'e."(Fil 2:5-8)

Guyyaa Icciitiis hin jedhama. Gooftaan keenya fayyisaan keenya erga miilla duuka bu'oota isaa
dhiqee, gad of- qabinsa barsiisee booda kun foon kooti nyaadhaa kun dhiiga kooti dhugaa jedhee
aarsaa kakuu moofaa diigee, guyyaatti aarsaa kakuu haaraa kan ta'e iccitii qurbaanaa itti
hundeessedha.

"Iyyesuus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, "Fudhadhaa nyaadhaa,
kun Foon kooti!" jedhe. Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee,
"Hundumti keessan kana dhugaa! Kun dhiiga kooti, dhiigni kun kakuu dhaabbate sana
cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay'eetiif dhangala'a. (Maat 26:26-28) jedhe. Kunis
ilmi namaa fooniifi dhiiga isaa fudhatee isa wajjin tokkummaa fi jabinaan akka jiraatu akkasuma
diina seexana moo'atee injifannoo argatee mootummaa waaqayyoo keessaa qooda akka
qabaatuuf humna moo'ichaa kan nuuf kennedha.

Guyyaa kadhanna kamisaas ni jedhama. Guyyaa kana halkan gooftaan keenya gara
Geetesemaanii dhaquun hanga harka Ayuudotaan qabamutti kadhachaa turedha. Iccitii
kadhannaas nu barsiisee jira. Yoo kadhanne qormaata jalaa bahuu akka dandeenyus nuuf ibsee
jira. (Maat 26:36-39)

Hojii Gooftaa Guyyaa jimaataa

Guyyaan kun guyyaa warri ayihuudotaa badii fi cubbuu tokko malee qulqulluu kan ta'e Gooftaa
keenya Iyyasuus kiristoosiin itti fannisanidha. Egaa guyyaa har'aa Gooftaan keenyaa Iyyasuus
kiristoos fayyisaa addunyaa Hundaa kan ta'e, waadaa Addaamii fi ijoollee isaaf gale
raawwachuuf fannifamee qaaraniyoo gubbaa irra oole itti yaadannudha. (Maat 27:35-75)

Dabarsee Gooftaa kan kenne yihuudaan akka murteeffame yommuu hubate gaabbee, meetii
soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee, "Ani dhiiga nama
yakka hin qabnee dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera" isaaniin jedhe. Isaan garuu,
"Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!" jedhan. Yihudaan kana irratti meeticha mana
qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqees of rarraase. Luboonni warri
angafoonni garuu meeticha fuudhanii, "Meetiin kun horii dhiiga namaa dhangalaasise waan
ta'eef, horii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti" jedhan. Ergasii mari'atanii iddoo
awwaala warra ormaaf akka ta'utti, lafa namicha suphee dha'u tokkoo ittiin bitan. (Maat 27:3-9)

Guyyaan kun guyyaa abaarsi sanyii ilma namaa inni dadarbaa dhufe sun xumura itti argatedha.
Ummanni kiristaanaas guyyaa jimaataa kana fannifamuu, dhukkubsachuu fi du'uu gooftaa
guyyaa itti yaadataniidha. Akka seeraa fi sirna warra Roomaanotaatti fannoon namoota warra
jallootaaf kan ta'u mallattoo adabamtootaa yoo ta'u Gooftaan keenya dhiigasaan qulqulleessuun
faajjii moo'ichaa guyyaa itti nu taasiseedha.

Dhukkubbii 13'n kan jedhaman eenyu fa'a?

Dhukkubbii 13'n Fannoo Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kudha sadan kan jedhaman kan
armaan gadiiti

1. Mataa rukutamuu (Takori‟oota ri‟is): Mataa Isaa rurrukutaa turan

2. Kaballaa (Tatsafi‟oo maltaahit): Fuula Isaa kabalaa itti qoosaa turan, yaa mooticha Yihudaa
dubbadhukaa jedhaanii turan

3. Hancufa itti tufuu (Wariqa miraaq): Tuffii keessa darbee hancufa isaanii irratti tufu ture
.Kanaa ol maaltu nama dhukkubsa!

4. Dhangaggaa‟aa dhuguu (Satiye hamoot): Yeroo dheebodhe jedhetti wanta hadhaawu obaasan

5. Dugda reebamuu (Taqasifo zabaan): Dugda isaa ni reebu ni garafus turan

6. Qullaa ta‟uu (Ta‟arqoota libsi): Uffata Isaa Irraa fuudhanii, carraa(Ixaa) itti buufatu turan

7. Cinaacha eeboon waraanamuu (Rigzata gaboo): Cinaacha Isaa eeboon waraanu turan

8. Harka duubatti hidhuu (Ta‟asiroota dihaarit)

9. Mismaara Saadoor jedhamuun waraanamuu

10. Mismaara Alaadoor jedhamuun waraanamuu

11. Mismaara Daanaat jedhamuun waraanamuu


12. Mismaara Adeeraa jedhamuun waraanamuu

13. Mismaara Roodaas jedhamuu waraanamuu

Jechoota Fannoorraa 7n
Gooftaan Fannoorra osoo jiruu waan 7 dubbate

1. Waaqa koo Waaqa koo maaliif na dhiiste? Maat 27:46


2. Yaa Abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!" (Luqaas 23: 34)
3. Dhuguman sitti hima har'a anaa wajjin jannata keessatti in argamta"

(Luqaas 23: 43)

4. Yaa Abbaa koo, hafuura koo harka keettan kennadha!"

(Luqaas 23: 46)

5. Haadhako, ilaa ilma kee!" Yoh 19:26


6. Nan dheebodhe" Yoh 19:28
7. Hunduu hin Raawwate" Yoh 19:30

Gooftaan hunduu hin raawwate jedhee fedhasaatiin lubbuu isaa foon isaarraa yeroo adda
baasuu waaqummaa isaa ibsuuf raajiiwwan raawwataman isaan kana.

Samiirratti (Maat 24:29; 27:45)

 Aduun (biiftuu) in dukkanoofte


 Jiinis dhiiga uffatte
 Urjoonni waaqa irraa in harca'ani

Lafarratti (Maat 27 : 51-52)

 Golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e,


 Lafti in socho'e,
 Awwaalonnis hin banamani
 Warri du'an in kaafamani

Galanni Waaqayyoof Haa Ta’u!

You might also like