You are on page 1of 43

GAAFFII SHAKKITOONNI DURBOO MAARIYAAM IRRRATT

KAASANIIF DEEBII
SEENSA
Bara gara garaatti shakkitootni lapheen isaani afuura diyaabiloosiin booji’ame waa’ee
Waaqummaa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi haadha Waaqa ta’uu
Qulqulleetti Durboo Maariyaa akkasumaas araarsummaa Qulqulloota irratti irra deddebiin
gaafacha akka turan, har’as gaafacha akka jiran beekamaadha. Egaa shakkitootni kun gaafa gaaffi
dhiyeessan sagalee Waaqa ulfataa fi kabajama akka fedha isaanitti hiikuun ittiin gufatanii
gufachiisuun dhaloota ganiinsaa barsiisuun akka galaa seexaana godha jiran argina. Bu’uurri
shakkii fi ganiinsa isaani Waaqayyoof ajajamuu dhiisani fedha diyaabiloos raawwachuu isaani
irraa kan ka’eedha.

“Akkuma raajoonni sobduun saba sana gidduu turan, akkasuma barsiisoonni sobduun isin gidduu
in jiraatu. Isaan warra utuu irratti hin beekkamiin barsiisa wanta amaname irraa kaachisee nama
balleessuu fidan. Goofticha isa isaan fayyiseeyyuu ganani ofii isaani irrattiis badiinsa ariifachiisa
fidaniidha.” jedhee Qulqulluu Pheexros waa’ee raajota sobduu dubbateera. (2Phex.2:1)

Qulqulluu Yaa’iqoob ergaa isaa irratti (Yaa’i.4:7) “Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa;
seexanaan immoo mormaa inni isin dhiisee ni baqata” akkuma jedhe Abbootiin keenyaas
gargaarsaa Afuuraa Qulqulluun fayyadamanii hiika kitaaba qulqulluu isaa sirrii nuu barreessuun
akkasumaas gaaffi shakkitootaas deebii sirrii ta’e kitaaba qulqulluu bu’uura godhatanii shakkitoota
afaansaanii cufaniru. Ammas Afuura Qulqulluu gargaarsaa taasifadhe gaaffilee waa’ee Haadha
Waaqa Qulqulleetti Durboo Maariyaamirratti warri jibba ishee qaban kaasan baay’ee osoo hin
taane muraasa isaa deebisuun yaala.

1. Elsaabex erga ulfoofte ji’a ja’affaatti Ergamichi Gabri’eel Waaqayyoo biraa kutaa biyya Galiilaa
mandara Naazeerit jedhamtutti gosaa Daawit kan ta’e Yooseef nama jedhamuu kan Kaadhimamte
gara Durba tokkootti ergame. Maqaan Durba kanaas Maariyaam jedhama.” (Luq.1:26-27)
Barreessa wangeela kanaa Qulqulluu Luqaas ergaa Qulqulluun Gabri’eel samiidha fide kana yeroo
barreessu kutaa biyya Galiila mandara Naazireetti gosa Daawit keessaa kan dhalate Yooseef nama
jedhamuuf kan kaadhimamtee gara Durba tokko maqaan ishee Maariyaam jedhamutti ergamee
jechuunsa Galiilawwaan danutu jira waan ta’eef isaanirra adda baasuus mandara Naazireet jedhe.
Durboonni baay’een biyya sana keessa jiru waan ta’eef isaani irra adda baasuuf Yooseefif kan
kaadhimamte erga jedheen booda Maqaan ishee immoo Maariyaam jedhama jechuun
durbummaaf maqaa ishee walsimsiisee dubbateera.

Shakkitoonni tokko tokko jecha “KAADHIMAA” jedhu kana fudhatani Durboo Maariyaam
Yooseefit heerumtee jirti jedhanii yeroo dubbatan dhaga’ama. Kun garuu dubbii dhugaarraa
fagaateedha. Kitaabni Qulqulluunis “Yooseef nama jedhamuuf kan kaadhimamte” jedhe malee
gara fuulduraatti Yooseef kan fuudhu hin jenne. Iccitii jecha kana hubachuu fi maaliif akka
jedhame sirritti adda baafachuun barbaachisaadha. Qulqulluu Gabri’eel Waaqa biraa ergamee gara
durba Yooseefiif kaadhimamte tokkotti misiraachoo himuu dhufe. Misiraachoon isaas “Gammadi
kennan kan guutamte Waaqayyoon si waliin jiraa … Ilma Waaqas in deessa…” jedheen malee
kaadhima Yoseef waan taateef isatti heerumte ilma isaaf deessa hin jennen.

1. Qulqulleetti Durboo Maariyaam maaliif kaadhimaa Yooseef jedhamte?


Giiftiin keenya tolumma fi qulqullummaan mana qulqullummaa keessa wagga kudha lama erga
teesse booda walumatti wagga kudha shan yemmuu guuttu hammeenyaan kan guutaman warrii
Ayihoodaata mana qulqullummaa keenya haa baatu jechuun irratti mari’atan. Lubni
Zakkaariyaasis marii isaani kana dhaga’ee gadda guddaan gara isheetti seenuun “Yaa Qulqulleetti
Israa’eel waa’een jireenyaa keeti kun maal wayya?” jedheen. Isheenis Waaqayyoo malee kan biraa
waanan hin beekneef gara Waaqayyootti naaf kadhadhu” jetten. Zakkariyaasi uffata lubaa uffatee
gara mana qulqullummaatti galuun “ Yaa Waaqayyoo Gooftaa Israa’eel hoo Kabajamtuu fi ulfinaa
qabeettii kan taate daa’ima kana akkam godhu?” jechuun gara Waaqayyootti yeroo kadhatuu
Waaqayyoos akkas jedheen “mana Yihuudati kan dhalatan haati mana isaanii warra jala du’e ulee
isaanii walitti qabuun maqaa isaani irratti barreessi mana qulqullummaa keessa kaa’i irrattii
kadhachaa bulii abbaan ulee mallattoon irratti mul’atee ishee haa kaadhimatu (haa eegu) jedheen.
Innis akkuma ajajameetti ulee namoota 1985 (kuma tokkoof dhibba sagaliif saddeettami shan)
walitti qabee mana qulqullummaa keessa ka’ee irratti kadhachaa yoo bulu ganama uleen Yooseef
akka ulee Aaroon osoo hin dhaabiin biqiltee bishaan osoo hin obaasiin daraartee laliste firii
horattee “Yaa Yooseef Maariyaamiin eegi” kan jedhuu irratti barreeffame argame. Guggeenis
dhuftee mataa isaa irra teesse; carraas gaafa kaasan isaaf ba’e sababootaa sadan kun isaaf
lakka’ame. Kunis Fakkeenyummadha:-
 Uleen fakkeenyaa Durboo Maariyaam

 Firiin fakkeenya cimina ammanta ishee,

 Daraaraan fakkeenya hojii gaarii ishee, Tokkos,

 Ililliin (daraaraan) fakkeenya amantaa ishee,

 Firiin fakkeenyaa Waaqa da’uu isheeti jechuun abbootii beektoonni amanta akkasitti hiiku.
Lubonnis maanguddoo Yooseefif “Waaqayyoorra argannee kan sitti kennine fudhuu eegi hin
tuqin” jechuun itti kennan.Wanti baay’ee kan nama dinqisiisuu, Waaqayyoon hojii isaa sababa
malee hin hojetuti kunoo kanan duras qomoo kudhaa lamaan gidduudha Aarooniin tajaajilaaf kan
filee gargaarsa isaatiin kan keessa bulu Qulqulleetti qulqulloota akka eeguuf ulee isaa kan
daraarse, akka lalistu fi firii horattu akuma godhe hunda (S/Lakk.17:1-10) dabalataan bultoos
dhugaa qulqulleetti qulqulloota kan jedhamte haadha isaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam akka
eeguuf qulqullummaa ishee bilisummaa ishee kan beekaan Sillaaseen Yooseef akka eeguuf filatan.
Abbaan Hiriyaaqosiis “Yaa durbee hoo! Yooseefif kan kadhimamte wal qunnamuuf miti
qulqulluu ta’ee akka si eeguu fi malee” jechuun akkuma dubbate Yooseefis Durboon Maariyaam
akka eeguuf adaran itti kennamte

Barreeffama armaan olii irraa akkuma hubannutti hiikni jecha ‘kaadhima’ jedhuu iddoo gara
garaatti hiika adda addaa qabaachuu danda’a. Garuu akka hiika kitaaba qulqulluutti kaadhima
jechuun eeguu, tiksuu, gargaaru hiika jedhu qaba. Fakkeenyaaf:-

Qulqulluu Phaawuloos uummata warra Qorontos yeroo barsiisuu “Ani akka durba amanamtutti
Kiristoos abba manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf isin kaadhimachiisee waanan tureef
akkuma Waaqayyoo inaafu anis nan inaafa” jedhe. (2Qor.11:2) Asiratti “Kiristoos abbaa manaa
tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf isin kaadhimachiise” yoo jedhu Kiristoositu fuudha
jechuudhaa? Miti Tokkicha abba hundumaa kan ta’e samii fi lafa kan uume mootummaa isaaf akka
inni isin eeguuf Kiristoositti isin kenne jechuusaati. Tokkos misirroo Kiristoos isin taasiseera
jechuusaatidha.

Raajichi Hoseenis raaja isaa keessatti Waaqayyoon dhiifama isaatiin gaafa saba cubbuu keessatti
kufe sana kaasu “… ani yeroo hundumaaf (bara baraaf) kan koo akka taatuuf si kaadhimadheera
qajeelina, dhugaa, jaalala, oo’as agarsiisuudhan kan koon si godhadha. Amanamummaa
agarsiisuudhaanis kan koo sin godhadha (sin kaadhimadha) atis ana Waaqayyoo kee bartee ni
hubatta” jedhe. (Hos.2:19-22) Asiratti Waaqayyoo uummatan si kadhimadhe jechuunsaa
uummata fuudha jechuudhaa? Miti Waaqayyoo hin fuudhus hin heerumus. Waaqayyoon si
kaadhimadheera kan koo si godheera jedhe dubbachuun isaa cubbuu akka warra sadoomii fi
gamoraa biyyatti sana keessatti raawwacha waan turaniif dheekkamsa itti roobsee ture. Boodaas
garuu Waaqayyoo waamicha dhiifama uummataaf dhiyeesse kana booda isin hin balleessu isin
kan kooti kaadhimaa koo isin godhadhera jechuusaatidha.

Dabalatanis Wangeela Maatewoos (Maat.2:13-14) irratti “Erga jarri biyya isaanitti sokkanii
immoo kunoo Ergamaan Gooftaa tokko abjuudhaan Yooseefitti mul’ate, “Ka’i mucichaa fi haadha
isaa fudhadhuuti biyya Gibxiitti baqadhu; Herodis mucichaa ajjeessuuf waan barbaaduuf hamma
ani sitti himutti achuma turi” ittin jedhe. Asirratti ergamaan Waaqa Yooseefiti abjuun mul’atee
daa’imicha fi haadha isaa fudhadhu baqadhuu ittin jedhe malee mucaa keeti fi haadha manaa
kee fudhadhu baqadhu hin jennen. Haaluma walfakkaatuun erga Herodis du’een boodaas
ergamaan Waaqa abjuudhan Yooseefitti mul’ate “Warri lubbuu mucichaa barbaadan du’aaniruuti,
ka’i mucaa fi haadha isaa fudhadhuuti biyya Israa’eel dhaqi! Ittin jedhe; kana irratti inni ka’ee
mucichaa fi haadha isaa fudhate gara biyya Israa’eel in dhaqe.” (Maat.2:20-21). Guutumaan
guututti hariiroo fuudhu fi heerumu isaan lamaan giddu hin jiru.

Walumaa galatti jechi kaadhimaa jedhu akka afaan warra Irbootaatti yoo ta’uu gara Afaan
Oromootti immoo Eegdu, tiksee jechuudha. Qulqulluu Luqaasiis barreeffama isaa keessatti
“kaadhimaa Yooseef” jedhe dubbachuun isaa Durboo Maariyaam yeroo rakkootti akka ishee
gargaaruuf jechuu barbaadeeti malee osoo waan ishee fuudhu yookiin isheen isatti heerumtu ta’ee
Yooseef kan fuudhu yookiin Yooseefitti kan heerumtu jedhe barreessuu danda’a ture. Ergaan isaa
kana irra kan fagaate waan ta’eef jechuun gabaabsee Yoooseef akka eeguuf kan isaaf kennamte
jedhe barreesse. Durboo Maariyaam gonkuma fedhii heerumaa hin qabdu turte; kanaafidha
Qulqulluu Gabri’eel ni ulfooftaa yeroo jedhuun “kun akkamitti naaf ta’aa? Ani dhiira hin
beekuu jetten” kun kan inni agarsiisuu sana duras dhiira hin beektu durbadha; gara fuulduraattis
dhiiraan wal baru gonkuma akka hin barbaanne bara baraaf durbummaan jiraachuuf murteessite
jirti waan ta’eef.

2. Ilma Ishee Hangafaa Hanga Deessuttii Hin Beekne. Maat.1:25


Shakkitoonni baay’een isaani jibbaa haadha Waaqaa Durboo Maariyaam irratti qaban irraa kan
ka’e sagalee Waaqa isaa dhugaa jal’isuudhan akka isaanitti tolutti akka fedha foon isaanitti yeroo
hiikan agarra. Kanaaf sagaleen Waaqa dhugaan Kitaaba Qulqulluu keessatti barraa’ee kanaaf hiika
sirri kennuufin barbaachiisadha. Qulqulluu Maatewoos wangeelarratti yoo barreessuu “Ilma
hangafaa ishee hanga deessuutti ishee hin barree” hima jedhu kana shakkitoonni akka jedhanitti
Durboo Maariyaam erga Iyyesuus deesse booda Yooseef wajjiin fedhii foonii raawwatte ijjoollee
biraas Yoooseefi deesse jirti jedhanii barumsa faalla kitaaba qulqulluu ta’ee gonkumaa dhugaarra
kan fagaatee kana ololchaa turan har’as haasa’a jiru. Kun garuu barumsaa faalla Kitaaba
Qulqulluuti waan ta’eef fudhatama hin qabu.
Hiika dubbii kanaa tokko tokkoon haa ilaallu:-
 Hangafa jechuun maal jechuudha?

 Hanga jechuun maal jechuudha?

 Hin beeknee inni jedhu hoo maal ibsaa?

A.Hangafa jechuun maal jechuudhaa?


Hangafa jechuun jalqaba irratti gadaameessa haadha kan bane yookiin kan saaqee bahee
jechuudha (S/Ba’uu 13:2) irratti Waaqayyoon Museeedhaan “Ijjoollee Israa’eeloota biratti nama
keessas beeyiladoota keessaas garaa haadha isaa kan banu hangafa hundaa naaf qulleessi inni kan
kootidha” jedhera. Hangafa jedhamuuf qixusuu (itti aanaa) qabaachuun dirqama miti.
Barbaachiisaan inni jalqaba gadaamessa haadha isaa bane (saaqee) bahe itti aanaa (qixusuu) yoo
qabaates yoo dhabees inni hangafa jedhama. (S/Ba’u34:20, S/Lakk.3:12). Haata’umalee, iccitii
kitaaba qulqulluu hubachuu dhabuu irraa kan ka’e ijaa foonii malee ijji lubbuu isaani warri jaame
shakkitoonni akka Helvidaas fi fakkattoonni isaa Kiristoos hangafaa waan ta’eef itti aanaa
(Qixusuu) qaba jedhanii waan hin jedhamne dubbacha ture har’as hafteen Helvidaas isuma sana
irra deddeebi’ani soba dubbachaa jiru.
Yeroo kana, Qulqulluu Jaaroom jedhamu gantuu Helvidaas jedhamuuf akkana jedhee deebiseef
“Daa’imni qofaan isaa hunduu hangafadha; hangafti hundi garuu daa’ima kophaa jirtu miti
ta’uyyuu nutti akka hubannutti jechi hangafa jedhu itti aantu kan qaban qofa miti kan qofaa isaa
dhalateefis ni ta’a.” jechuun ibseera. Wanti hubachuu qabnu hangafa yoo jennu akka Helvidaas fi
manaafiqoonni sobaan haasa’an kana osoo hin taane qixusuun jiraatus jiraachuu baatus
gadaameessa haadha saaqee kan dura dhalate hangafa jedhama.
Hangafummaan Iyyesuus Kiristoos haala gara garaan ibsama.
 “Ilmi obboloota isaa baay’ee gidduudha hangafa ta’uuf…” Room.8:29
 “Inni hunduma duraa ta’uun jalqaba irratti warra du’an keessa hangafa ta’ee ka’eera.”
Qol.1:18.
 “Bara boodaa qaamni jechaa (Iyyesuus Kiristoos) Durboo Maariyaamirra fooniin yoo
dhalatuu Abbaa isaa wajjiin duri kan ture bifaan abbaasa kan fakkatu amalummaa isaan isa
wajjiin kan wal qixxaatudha. Wanti samii keessaa jiruu fi wanti lafarra jiru hundinuu warrii
teessoo irra taa’anii fi warri mootummaa qaban warri bantii waaqaa keessa gooftummaa fi
aboo qabu jedhamani sodaataman isaan uumaaman wanti hundinuu karaa Iyyesuus
Kiristoos uumame isaafis umaame inni Hangafa hundumaa duraatidha.” Qol. 1:15-17
jechuun Qulqullichi Phaawuloos dubbateera.
 “Amma garuu Kiristoos warra du’an keessa hangafa ta’ee ka’eera” 1Qor. 15:20.
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoo abbaan Ilmasaa hangafa gara addunyaatti erge jedhe akkuma
dubbatu akka ilaalcha shakkitoota kanatti yoo ilaalle Waaqayyoo ilma qixusuu qaba jecha jirra.
Kun dubbii seeraa uumaa irra jal’ateedha. Waaqayyoo Ilma tokkicha qaba innis hangafa qopha
isaa dhalate qixusuu kan hin qabneedha.Walumagalatti Waaqayyoo Ilma tokkicha Iyyesuus
Kiristoos qofa qaba. Durboo Maariyaaminis isuma tokkicha Ilmaa Waaqa sana qofa deesse.
Innis hangafa hundumaati dursaa fi itti aanaa (qixusuu) gonkumaa hin qabu. Tokkicha Ilmaa
Waaqa Ilmaa Durboo Maariyaam jenne Waaqeessina.

B. Jechi Hanga jedhuu Maal ibsa?

Jechi hanga jedhuu hiika lama qaba. Tokko kan yeroon daanga’u yoo ta’uu hiikni lammaaffaan
kan yeroon hin daangeeffamnedha. Kan yeroon daangeeffamuu yookiin kan yeroo gabaaba
keessatti xumura yoo jennu yeroo isaa eeggate wanta ta’uudha. Erga yeroon isaa darbee deebisaani
hojjechuun wanta danda’amuudha. Fakkeenyaaf barattoonni Injinaaringi yunibarsitti jimma
wagga lamaa hanga wagga afuritti jiran hanga ji’a lamaatti boqonnarra turu. Ji’a lamaan booda
gara barumsa isaanitti deebi’u jechuudha. Boqonnaan isaani ji’a lamaan kan daanga’eedha.
Hiikni lammaaffan immoo gonkuma xummura kan hin qabnedha; Itti fufiinsaan kan tajaajiluudha.
Kitaaba Qulqulluu bu’uura taasifachuun jecha hanga jedhu kana yoo hiiknu:-

 “Noohi guyyaa afurtamaan booda foddaa doonii isaa bane quraas gara addunyaatti erge
innis bahee bishaan hanga lafarra gogutti hin deebine” jedha. Asirratti hanga gogutti
jechuunsaa erga gogeen boodaa qurichi deebi’eera jechuudha? Miti qurichi gara Noohitti
gonkumaa hin deebinee jechuudha.
 “Garbichi Waaqayyoo Museen akkuma sagalee Waaqayyootti achi lafa mo’aabitti du’e
naannoo mana Fagoorimi lafa iddoo Naaba jedhamutti awwalame. Hanga har’aatti
awwaala isaa namni beekuu hin jiru” (S/K/Deebi.34:5-6). Asi irratti hiikni jecha hanga
jedhuu erga du’ee booda awwaalli isaa beekameera jechuusaati? Miti awwaalli isaa
gonkumaa hin beekamne jechuusaati.
 “Intalli Saa’ool Melkool hanga guyyaa duutetti daa’ima hin deenye” (2Sam.6:23) jedha.
Hanga guyyaa duututti kan jedhu erga duute booda daa’ima deesse jechuudharee? Miti
sababni isaas namni erga du’een booda hin dhalchuus hin da’us kanaafuu hiikni hanga
jedhu gonkuma hin deenyee jechuusaati.
 “Bara isaatti qajeelummaan haa lalisu; hanga ji’i deebitee argamuu dhaabduttis nagaan haa
baay’atu” (Faar. 71/72:7) jedha. Egaa asi irratti ji’i erga dabartee booda nagaan hin jiru
jechuudha? Qajeelummaanis hin lalisuu jechuudha? Miti nageenyi bara baraaf jiraata
qajeelummaanis bara baraan lalisa jechuudha malee.
 “Waaqayyoon uummata hin gatuuti dhaala isaanis hin dhiisuti murteen gara
qajeelummaatti hanga deebi’utti laphee tolaa warri qaban ni hordofu” (Faar. 93/94:14-15)
jedha.Ta’uyyuu hanga deebi’utti gaaleen jedhu laphee tolaa kan qaban kasominaan kan
jiraataniif erga murteessani booda isa hin hordofaan jechuudha? Miti yeroo hundaa isaa
hordofuu hin dhaaban jechuudha.

 “Waaqayyoo Gooftaan koo hanga diina koo miilaa koo jala galchutti mirga koo taa’in
jedheen” (Faar.109/110:1) hanga miila koo jala galchitutti yoo jedhu erga naaf bichissifte
mirga koo hin taa’in jechuudha? Miti yeroo hundumaa mirgaa koo taa’i diina koo irra na
oolchi jechuu isaatidha.

 “Egaa deematii uummaata hundaa maqaa Abbaa Ilmaa Afuuraa Qulqulluutiin cuuphaa
waan ani isin abboomme hundaa akka eegaan isaan barsiisaati hordoftoota koo taasisa;
kunoo ani hanga dhuma addunyaatti yeroo hundaa isin waliini jira” Maat.28:19-20 jedha.
Hanga dhuma addunyaatti isin waliniin jira yoo jedhu erga addunyaan dabartee booda isaan
waliin hin jiru jechuudha? Miti hanga xummura hin qabne nutti agarsiisa malee inni bara
baraan barattoota isaa wajjiin jira.
 “Diinoota isaa hundaa hanga miila isaati gadi taasisutti moo’u qaba” jedha (1Qor.15:25).
diinota isaa erga miila isaati gadi taasisee isaanirratti hin moo’u jechuudha? Miti
mootummaan isaa dhuma kan hin qabneedha mana Yaa’iqoob irratti bara baraaf ni moo’a
mootummaa isaatifis dhuma hin qabu. Luq.1:33

 “Hangan dhufutti dubbisuuf gorsuu fi yoo barsiistu of eegannoo taasifadhu” 1Xim. 4:13
jedha. Hangan dhufutti yoo jedhu Ximootewoos erga Qulqulluu Phaawuloos dhufeen
booda hin dubbisuu hin gorsu hin barsiisu of eeggannoo hin godhu jechuudha? Miti jechi
hanga jedhu hiika xummura hin qabne kan agarsiisuudha. Erga inni dhufeen boodas inni
hojii isaa ittuma fufa jechuudha.
Kanneeni fi kan kana fakkaatan ragaan kitaabni qulqulluun jecha hanga jedhuu yoo fayyadamuu
raawwi xumura hin qabneef akka fayyadu agarsiisa. Bu’uura kanan Yooseef “hanga mucaa ishee
hangafaa deessutti hinbeekne” hima jedhu keessaatti erga deessen booda fedhii foonitin ishee
beeke jira jechuudharee? Gonkuma fedhii akkasi Kana ishee waliin hin yaadneyyu. Kana jechuun
hanga bara baraatti isheen durbummaadhan jiraatte Yooseefis ishee hin beekne jechuudha.
Yooseef Durboo Waliin wal baree yoo jettan intalli Saa’ool Melkool erga duute deessa jecha jirtu.
Yoo akkas ta’ee daa’imni Melkool deesse maqaansaa eenyu jedhama? Eessattis deesse? Kanaan
kan wal fakkaatuu warrii osoo daa’ima hin argatin du’aan daa’imaa maaliif hin arganneere?
Wantoonni kunnin seera uumati aladha yoomiyyuu ta’uu hin danda’an. Kanaaf Yooseef Durboo
Maariyaamiin walitti dhufeenyaa fooni gonkuma hin taasifne; isheenis haadha Waaqati. Sanyii
dhiira malee Waaqa deesse erga deessen boodas durbummaan jiraatte.

Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee hiika wangeela Maatewoos irratti “Yooseef Giiftii keenyaa
gara manaatti erga fudhatee booda “Hanga mucaa ishee isa hangafaa deessutti hin beekne” jedha
wangeelawwi Maatewoos jecha hanga jedhu fayyadamuunsa Gooftaa erga deesseen booda
Yooseef Giifti keenya Durboo Maariyaam wajjiin hojii foonitiin walbeeke jechuu barbaadee miti.
Osoo hin ulfaa’in dura fi erga ulfoofte booda namni fedhii fooniin akka ishee hin beekne barsiisuuf
malee; egaas jecha hanga jedhuu maaliif fayyadame? jedhee kan gaafatu jiraachu danda’a. Anis
jecha hanga jedhu wantoota yeroon hin daangeeffamne ibsuun amaleeffanna kitaaba qulqulluu
waan ta’eef jedheen deebisaaf.
Isa kana akka hubattaniif fakkeenya sadiin isini eera:-
 “Noohi dooni keessa taa’e quraan inni erge hanga lafti gogutti hin deebine”jedha.
(S/Uum.8:7) garuu lafti erga gogdeen boodaas quraan hin deebine.
 Kitaabni waa’ee Waaqayyoo dubbatu “bara hanga baratti ati si’idha” jedha. (Faar.89/90:2)
Asirratti jechi hanga jedhu yeroo murtaa’ee kan agarsiisuu miti. Bara baraaf daanga hin
qabu.
 Qulqulluu Daawit Afuura Qulqulluun gaggeeffame waa’ee wangeela yoo dubbatu “Bara
sanatti qajeelummaan ni lalisa ji’ini hanga dabartutti nagaan baay’eedha” jedha achirratti
hanga jechi jedhu yeroon daangeeffamuu hin agarsiisu,
Kanaafuu, Qulqulluu Maatewoos jecha hanga jedhu yoo fayyadamu gadaameessa ishee keessaatti
osoo hin ulfaa’in dura irraa jalqabe durba akka turte; Waaqa erga ulfooftee fi deessen booda
durbummaan cimtee (jabaatte argamtee jirti). Giiftiin teenyaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam
osoo hin ulfaa’iin dura; osoo hin da’in dura Durboo akka taate isinitti himeera. Akkasumas Waaqa
erga deessen boodas durbummaan ishee hin geeddaramne isheen bara baraaf durbaadha. Gooftaa
erga deessen booda tolaa fi qajeela kan ture Yooseef haadha Waaqa wajjin fooniin walqunnama
jedhame gonkumaa kan hin yaaddamneedha.” Jechuun barumsa dhugaa fi isa sirri mana kiristaana
barsiiseera.

C. Hin Beekne Yoo Jedhu Maal Ibsa?


Qulqulluu Phaawuloos Fil.3:19 irratti “Dhumni isaani badiidha; garaan isaani Waaqa isaaniti
kabajni isaani xuri isaaniti yaadni isaani yaada lafa kanaati jechuun akkuma dubbate fedhii lafa
kanaa fi fedhii foonitin kan kufan warri mormitoota “hin beekne” jecha jedhu hiika tokko qofa
kennuufidhaan barumsaa ganiinsaa fi gantummaa barsiisa turan har’as barsiisa jiru. Kitaabni
Qulqulluun akka nutti toletti fi akka fedha foon keenyaatti kan hiiknu osoo hin taane amantiin ija
afuuratiin gaggeeessumma Afuura Qulqulluuti hiikuudha. Sababni isaas jechi Waaqayyoo tokkichi
qoratamee bira hin gahamu hamma wuuqiyaanoos gadi fagaata waan ta’eefidha. Gargaarsa Afuura
Qulqullutiin ala kitaaba qulqulluu hiikuuf yaalla ta’e taanaan jalqabarratti jecha takkan qilee
keessa hin baane keessa buuna. Kanaafidha gooftaan keenya “ANAAN KAN HIN GUFANNEE
EEBBIFAMADHA” jedhe. Dhugumaa baay’een isaani isan gufataniru. Dubbumaa armaan olii
kanas asuma keessatti arganna.

Akka ilaalcha isaanitti (shakitootatti) Yooseef hanga isheen mucaa hangafaa ishee deessutti hin
beekne jedhu irratti kan hin jedhamne kan hin barreeffamne sana booda garuu ishee bareera fedha
foonis waliin raawwateera isheerrayyis ijjoolle argateera jedhani barumsaa SOBAA ofuma
kalaqani afuufa turan, afuufas jiru.

Namoonni dubbii Waaqa akkasitti caccabsani akka fedha isaanitti fi nama dogorsisuuf haala
mijeeffachuuf sagalee Waaqa hiikaniin Kitaabni Qulqulluun akkas isaaniin jedha "Dhugaa
beekanii garuu hammeenyaa isaanitiin kan jijjiran namoota of tuulanii fi cubbamtoota irratti
dheekamsi Waaqayyoo samiidha irratti ni dhufa; Waaqayyoon waan isaaniif ibseef Waaqayyoon
beekuun isaan madditti ifadha kan hin mul'anne amala Waaqa jabaa bara baraa fi Gooftummaan
isaa uumama addunyaa irra jalqabee uumama uumee yaaduu fi qorachuudhan beekama; deebii kan
itti kennan sababa akka hin arganneef; Waaqayyoon yoo beekaniyyu akka Waaqummaa isaatti isaa
hin kabajne hin galateeffanne garuu in ganan yaada isaanitin xuraa'an lapheen isaanis beekumsa
dhabuu irraa kan ka'e dukkanaa'e; haayyoota osoo ofiin jedhanu wallaaltoota ta'an kan hin duunee
kabaja Waaqa kan du'u fedhii foonitti jijjiran. Kanaafuu, Waaqayyoo kajeellaa garaa isaanitiin
xuraa'ummaatti walii isaani gidduuttis dhagna isaani salphisuutti dabarse isaan kenne; Isaan
DHUGAA WAA'EE WAAQAYYOO SOBATTI GEEDDARANI jiruti. (Room.1:18-25)
jechuun Qulqullu Phaawuloos akkuma dubbate sammuun isaani warra doofa ta'e akka doofummaa
isaanitti hiikani dhugaa waa'ee Waaqayyoo sobatti jijjiruun ofifis badanii nama biroos balleessu.
Kun immoo ta'uu hin qabu. Dhugaan isaa garuu akkana "Hanga mucaa ishee hangafaa deessuutti
hin beekne" jechuun
 Qulqulleetti Durboo Maariyaam Waaqa deesse ergamoonni samii "Kabajni Waaqayyoof
Ariyaamitti haa ta'u nageenyii lafarratti eeyyamni gaariin namoota haa ta'u" jedhanii yoo
galateeffatan (Luq.2:14)
 Haayyoonni harka fuudhi qabatani yoo jilbeeffataniif (Maat.2:11)

 Tiksoonnis misiraachoo ergamaa dhaga'ani yoo galata galchaniif (Luq. 2:18) hanga argutti
raajaa Isaayiyasiin kan dubbatame durbi sun ishee ta'uu sirritti hin hubannee yookiin hin
beekne jechuu barbaadeeti.
Qulqulluu Eraaqilis Ergamaa Qulqulluu Gabri'eel Durboo Maariyaamitti misiraachoo himuu isaa
keeyyaata barreesse keessatti "Yooseef mucaa hangafaa ishee hanga deessutti hin beekne"
keeyyata jedhu yoo hiiku "Kan amanamee kan kabajame galateeffama kan ta'e waa'ee Yooseef
waan dubbannu haa beeknu; Inni icciti Giiftii keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaamirratti
raawwatu hin beekne; Tajaajila ishee ta'ee iccitichi maal akka ta'e hin beekne; Isaaf kan
kaadhimamte durbee irraa raajoonni waa'ee isaa kan dubbataniif Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos sanyii dhiiraa malee akka dhalatu hin beekne; Raajichaan akkuma dubbatame daa'imni
abbaa malee durbarraa akka dhalatuu hin beekne; (Isa.7:14, 9:6, Ibr.1:1-2); Sanyii qulqulluurra
kan dhalatte Durboon Maariyaam haadha Waaqa akka taatu hin beekne (Isa.1:9, W/wed.4:7, Luq.
1:28); Bara baraaf kan hin jijjiramne Addam lammaffaan Kiristoos Durboo Gannata Giiftii keenya
irra akka dhalatu hin beekne (W/Wed.4:12); Uumamtoota hundumaa kan uume Kiristoos sanyii
malee akka dhalatu hin beekne. (Yoh.1:3, Qol.1:15-18); Ilillin lafa keenyarratti mul'ate jedhamee
raajiichaan akka dubbatame fi lafti firii ni kenniti jedhee akka dubbate(W/We.2:12, Faar.85/86:1)
gadaameessi durboo yeroo ulfi irraa mul'achuuf jedhu sanyii malee kan ulfoofte durbeen ulfaa'u
ishee gaafa argu lapheen Yooseef ni gadde icciti Giiftii keenya Maariyaam qorate hin beekneen
ulfooftee yeroo argetti yaada cimaa sammuu isaa keesatti baase buusuun qabame; ulfooftee yeroo
argetti waan sanyiin ulfoofte itti fakkaate "Isheerraa kan dhalatu hojii Afuura Qulqulluutin waan
ta'eef yaa Yooseef ilma Daawit kaadhimatee Maariyaamiin fudhachuu hin sodaatiin" jedhe
ergamaan Waaqa biraa ergame dhufee isatti hanga himutti Yooseef kana yeroo dhagahuu Durboof
ni jilbeeffate qulqulluummaa ishees amane Raajichi Isaayyaas "Kunoo Durbi qarree ni ulfoofti
ilma dhiiraas ni deessi maqaan isaas Amaanu'eel jedhama. Hiikni isaa Waaqayyoo nu wajjiin tokko
ta'e jechuudha jedhe kan isheef dubbatamee beeke" (Isa.7:14, Maat.1:18-25) jechuudhan hiika
sirrii itti kennera.
Walumagalatti Iyyesuus Kiristoos kan deesse; dugda isheetti marxifattee kan baatte; irree
isheerratti kan hammatte; afaan isheen kan dhungatte; harma durbaa kan isa hoosifte Qulqulleetti
Durboo Maariyaam gara fedha foonitti gonkumaa yaadee hin beektu.

3. OBBOLOOTA GOOFTAA
Manni Amanta Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam bara jireenya
ishee guutu durba bara baraa ta'uu ishee kitaaba qulqulluu bu'uura godhachuun barsiisa kan turte
har'as gara fuulduraatti ni barsiisti. Faalla kana kan ta'e namoonni sobdoonni akka Helvidaasi fi
shakkitoonni bara keenya dhugaa kana dabsuun isaan qofti beektoota of taasisuun Kitaaba
Qulqulluu keessatti iddoo gara garaatti "Obboloota Gooftaa" kan jedhu hunda yoo argan Gooftaan
Iyyesuus obbolotaa foonii qaba ture jecha qabxii ittiin morman kaasu. Kan nama dinquu barumsaa
dogogoraa akkasii fudhatani Waaqa tuffachuun jalqaba irratti kan gufatan Gooftaa kan fannisaan
warra Ayihuudotaati. Maat.13:54-57 irratti "Iyyesuus gara biyya isaatti dhufe hamma isaan
dinqisiifatanitti dunkaana isaanii keessatti isaan barsiisa ture; akkanas jedhan ogummaa kanaa fi
dinqii kana eessa argatee! Inni kun ilma Yooseef namicha muka soofuu sanati miti? Haatii
isaas Maariyaam jedhamti miti? Obboloonni isaas Yaa'iqoob, Yoosa, Simi'oon, Yihuuda
mitii? Obboleettin isaas kan nu wajjiin jiraan kana mitii? Eegasuu ogummaa kana hundaa
eessa argatee? Jechaani ITTIIN GUFATAN Iyyesuus garuu Raajaan biyya isaatti fi mana
isaatin alatti osoo hin kabajamiin hin hafuu jedheen"

Har'as yeroo isaanitti warra innaaffan barumsa Ayihuudoota hordofuun barumsaa kitaaba
qulqulluu fi haala ibsa isaa wallaaluu irraa kan ka'e amala isaatiin Waaqa kan ta'ee Kiristoosiin
irratti tuffii qabanii fi durbummaan ulfooftee durbummaan deesse erga deesseen boodaas
durbummaan bara baraaf kan jiraatte haadha Waaqa kabajuu dhiisuu fi jibbiinsa hadhaawaa isheef
qaban irraa kan ka'e akkuma Ayihuudoota kan ittiin gufatan gufachaas jiran baay'eetu jiru. Egaa
nutis dhugaa kana osoo arginuu isaan wajjiin Gufachuu qabnaaree?? Miti isa sirri qabannee
deemuu qabna malee gufachuu gonkuma hin qabnu!!

Mee akka ilaalcha Kitaaba Qulqulluutti hiika jecha obboloota jedhuu haa ilaallu
Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi obboleessa jedhu afaan Tsiriin adelfoos (adelphos) kan jedhamu
yoo ta'u hiika gara garaa qaba. Afaan Giriikitiin adelfe (obboleessa) adeelfoyi immoo obboloota
jedhamu. Gooftaa fi fayyisaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos duuka bu'oota isaa yemmuu barsiisa
turetti afaan Ibraayisxii fi afaan Aramaayikiin jecha eessuma jedhuuf hiika sirrii bakka buusan
waan hin qabneef warra afaan kana dubbatan obboleessaa fi durbii cinaa firoota jiran (fakkeenyaaf
Ilma eessuma kooti) jechuuf obboleessa koo jedhani waama akka turan qorattoonni kitaaba
qulqulluu ni dubbatu. Kanaafuu, firoota karaa eessumaatiin jiran isaan dhiiraa eeruun
Ayihuudoonni jecha "obboleessa" jedhu deddeebisani kan fayyadaman yoo ta'u barreesitoonni
kakuu haaraas dubbatoota afaan Aramaayiki waan ta'aniif eessumaa fi ijjoolleen abbaa isaani
firoottan biroo warra ta'an ibsuuf kanatti dhiyoo kan ta'e jecha "obboleessa " jedhu irra deddebin
barreeffama isaani keessatti ni mul'ata.

Bara (285-246) keessa kan turan hayyoonni torbaatamni ajaja Baaxilimoosiin kitaaba kakuu
moofaa gara afaan Tsiritti yeroo hiikan tooftaa barreeffama armaan olii fayyadamaniti. Hiika
hayyoota torbaatama kana keessatti afaan Ibraayisxiin eessumaa fi obboleessa jechi jedhu adelfoos
obboleessa jedhamee hiikame. Akka hiika afaan Ibraayisxii fi Aramaayikitti osoo hin ta'in afaan
Giriikitiin eessuma jecha jedhuun "anepsiyoos kan jedhu jecha mataa isaa kan ta'e yoo
qabaateyyuu hayyoonni torbaatamni garuu namoota eessumaan dhugaa ta'aniif "adelfoos" jedhanii
hiikaniru. Kana irra kan ka'e jechicha Ibraayisxii afaan Tsiritti ibsan malee hiikaniti jechuun akka
hin danda'amne qo'attoonni ni ibsu. Jecha Ibraayisxii isaan wal fakkaatu jecha "obboleessa" jedhu
ibsuuf fayyadaman malee darbee darbee abbaa fi haadha tokkorraa kan argaman ibsuuf
"adelfoosiin yookiin eessumman jechuuf "anepsiyoos" jedhani hin hiikne. Hiikni akkanaa kun
haala kanan kan hiikameedha. Obboloota obboleessa yookiin obboleettiwwaan jecha jedhu sirritti
hubachuun barbaachisaadha.

Akka dubbii Kitaaba Qulqulluutti Obboloota kan jedhaman warra akkamiti?


A. Warri wajjin dhalatan obboloota jedhamu.

Obbolummaan kun abbaa fi haadha tokkorraa; abbaan yookiin haadhaan tokko kan ta'an fooniin
obbolotadha. Fakkeenyaaf:-
 Yaa'iqoobii fi Eessa'uu (S/Uum. 27:1-6)
 Ijjoolleen Yaa'iqoob kudha lamaan. (S/Uum.49:1-26)
 Yihuudaa fi obbolotaa isaa (Maat.1:2)
 Duuka bu'aa Pheexroosii fi Duuka bu'aa Indiriyaas (Yoh. 1:41)
 Si'ii fi obboloota kee kan wajjiin dhalatte.

B.Obbolummaa Firoomina dhiigaatiin


Obbolummaan kun gosaan tokko ta'uu nu agarsiisa akka ibsa kitaaba qulqulluutti Ayihuudoonni
abbaa tokkicha Abrihaam gosaa isaa irraa waan argamaniif obboloota jedhamanii waamamaniru.
Fakkeenyaaf:-

 "Atis obboleessa kee isa Hibruu ishee Hibruu bitte waggaa ja'a si haa tajaajilan" (S/K/Deebi
15:12)
 Obboloota kee keessaa mooti isa Waaqayyoo gooftaan kee fo'atu of irratti moosisi malee
nama ormaa isa obboleessa kee hin ta'in of irratti hin moosisiin. (S/K/Deebi17:15)
 Qotiyoon yookiin hoolaan obboleessa keeti badee yoo argite osoo hin dhibaa'in gara
obboleessa keetti deebisiif. (S/K/Deebii.22:1, 1Seena Baraa. 15:5-18, Erm.34:8-9)
 Amma yaa obboloottan koo isin warrii isin gaggeessanis waan gootaan hundumaa otoo hin
hubatiin akka gootan anuu beeka. (H/Erg. 3:17)
 Haata'umalee, waggaa afurtama yemmuu guutu obbolota isaa ijjoolle Israa'eeloota
daawwachuuf laphee isaatti yaade. (H/Erg.7:23)
 Fooniin fira koo waan ta'aniif waa'ee obboloota koo Kiristoosirra addaan baase ani mataan
koo abaarama kanan ta'e nan kadhadha ture. (Room.9:5, H/Erg.28:17)
C. Hojiidhaan warri walfakkaatan obboloota jedhamu
Obbolotaa keessan qofaaf harka yoo kaastaan waan adda ta'e maal gootan? Alagoonnis kanuma
godhu mitiree?
D. Ijjoollee Namaa obboloota jedhamu.
Hundumarra xiqqaa kan ta'an obboloottan koo kanninii tokkofillee ta'u yoo gootaniif anaaf akka
gootaniti. (Maat.25:40, S/K/Deebii.23:7)
E. Duuka buutoota fi Amantootanni obboloota jedhamani waamamu.
 Barsiisaan keessan tokko waan ta'eef isinis hundi kessaanu obbolootadha. (Maat.23:10)
 Yeroo sanatti Iyyesuus hin sodaatinaa deemati gara Galiilaati akka deeman obbolootaa
kootti hima achitti argattu jedhaani.(Maat.28:10)
 Atis yeroo deebiteetti obboloota kee jajjabeessi. (Luq.22:32)
 Iyyesuusis ganaa gara abbaa kootti ol hin baanee waan ta'eef na hin tuqin; garuu gara
obboloota kootti deemi itti himi ittiin jedhe Maariyaam isheen Maqdalaa Gooftaa akkuma
argiteen waan inni jedheen Duuka bu'ootatti himte. (Yoh.20;17-18)
 Yeroo sanatti Pheexroos waldaa namoota 120 ta'an keessatti isa wajjiin kan turan obboloota
isaa gidduudha ka'ee yaa obbolootaan koo! jedhe. (H/Erg.1:12-15, 11:1, 13:15, 15:3)

 “Inni keeffa kan jedhamu Pheexrositti mul’ate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa
warra hafanitti mul’ate kana booddee immoo erga takka obboloota dhibba shan caalanitti
mul’ate; isaan keessa kaan illee boqotaniru garrii caalan amma iyyuu jiru.” (1Qor.15:5-6)
 “Yaa obboloota koo nuufis kadhadhaa; Yaada qulqullaa’aadhan dhudhungachuudhan
obboloota hunduma nagaa gaafadha; adaraa Gooftaa ergaan kun obboloota hundumaaf haa
dubbifamu!”1Tas.5:25-27
F. Obbolummaa Jaalalaa
Kitaabni Qulqulluun jaalala keessatti jireenyaa afuurawwaa tokko waliin qaban obboloota jedhaan.
 “Ani immoo maqaa kee obboloota kootti nan labsa walga’ii keessatti sin jajadha.”
(Faar.22/23:22)
 “Ilaa obboloonni tokkummaan jiraachuun attam gaariidha attam namatti tolas!” (Faar.
132/133:1)
 “Kana gochuun siif hin ta’u; ani si’i fi obbolotaa kee warra raajootaaf warra dubbii macaafa
kana eeganiifis hidhata hojiiti Waaqayyoof sagadi.” Naan jedhe. (Mul’ata Yoh. 22:9)
G. Hiriyootn walii obbolotaa
 “Yaa Yonaataan obboleessa koo ani siif nan gadda; baay’ee na mararta turte jaalalli ati na
jaalattee jaalala dubartoota caalaa dinqisiisaa ture.” 2Sam.1:26
 “Yaa obboleessa koo magaalaan ati naaf kennite kun kan maaliti.” (1Moot.9:13)
H. Firummaa fooniin kan waliin qaban obboloota jedhamu
 Akka ibsa kitaaba qulqulluutti firri fooni dhiyoon obboloota jedhanii wal waamu.
Fakkeenyaaf:-
 Looxi ilma obbooleessa Abrihaam kan ta’een Looxiif eessuma yoo ta’u “nuti obboloota
anaa fi si’i tiksoota koo fi kee gidduutti waldhabdeen akka hin taane sin kadhadha.”
Jechuun obboleessa koo jedhe waameera. (S/Uum.13:8)
Dabalataanis ilmi obboleessa isaa Loox yeroo booji’ameetti Abrihaam obboleeessi isaa akka
booji’ame yeroo dhaga’eetti manatti kan dhalataan ijjoollee 318 hirirsise daandi isaan erga
qabsiisee hanga Daanitti deeme. (S/Uum.14:14)
Dhugaansaa kana ta’ee osoo jiru mormitoonni garuu ibsa kitaaba qulqulluu kana hunda hubachuu
dhabuu irraa kan ka’e jecha obbolleessa jedhuuf hiika takka kennun wangeelarratti “obboloota
Gooftaa” jedhamanii kan waamaman Yaa’iqoob xiqqaa, Yoosaa fi Yihuudaan obboloota Gooftaa
kan foonii ijjoollee Durboo Maariyaamiti jechuun dubbachuun isaani soba guddaadha. Kun iccitii
Kitaaba Qulqulluu baruu dhabuu isaanii hubachiisa. Dhugummaansaa garuu kan isaan barsiisaan
irraa faalladha. Barreessan Waangeela haadha isaanii fooniin isaan deesse (obboloota haadhaaf)
jedhee Yohaannis kan eere haadha manaa Qalaayopha ijjoollee Maariyaam ta’uu isaani ifatti
barreessera.
Har’a kiristaanoota baay’ee biratti fudhatama kan qabu ijjoolleen kunnin firaa Gooftaatiidha kan
jedhu yoo ta’u ragaaf akka ta’utti jecha obboloota Gooftaa kan jedhaman keessaa tokko Yaa’iqoob
xiqqichaa fi Yoosaa fudhachu ni dandeenya. Haatii Yaa’iqoob maqaan ishee Maariyaam
jedhamtee kan caqafamte yoo ta’u dubartiin tun fannoo jalatti yeroo jirtutti maaliif akka ibsamte
kitaabni qulqulluun yoo ibsu:-
 Maariyaam isheen Maqdalaa, Maariyaam haati Yaa’iqoobii fi Yoosa haati ilmaan
Zabdewosis isaan keessa turan. (Maat. 27:56)
 Dubartoonni immoo halaala dhaabatanii ilaaluu turan isaan keessa Maariyaam isheen
Maqdalaa haati Yaa’iqoob quxisuu fi Yosaa Maariyaam Saloomenis turte isaan wajjiin
gara Iyyaruusaleem kan ba’an dubartoonni biroo baay’etu ture. (Maar.15:40)
 Fannoo Iyyesuus cinaa haadha gooftaa, obboleetti haadha isaa niiti Qalayophaa
Maariyaam, Maariyaam ishee Maqdalaa dhaabatani turan. (Yoh.19:25) jechuudhan
Qulqulluu Yohaannis Qulqulleeti Durboo Maariyaam adda baase Haadha Gooftaa ittiin
jedhe.
Isaan kana keessa obboleettin Qulqulleetti Durboo Maariyaam haati manaa Qalayopha
Maariyaam yoo argamtu isheenis adaada Gooftaati. Akka aadaa saba Israa’eelittis mucaan adaada
yookiin mucaan eessuma obbolootaa jedhamanii sababa waamamaniif ijjoolleen ishees
Yaa’iqoobi fi Yosaan ijjoollee adaada waan ta’aniif obboloota Iyyesuus jedhaman. (Maat.27:56,
Maar.15:40)
Kitaaba Qulqulluu keessatti Duuka bu’oonni maqaa isaani Yaa’iqoob ta’e lamatu jiru. (Maat.10:3-
5) tokkoffaan ilma Zabdewos Yaa’iqoob isa guddicha obboleessa Yohaannis yoo ta’u; lammaffan
obboleessa Gooftaa jedhame kan caqafamee Yaa’iqoob xiqqichaa ilma Ilfiyoos (Qalayopha) ti.
Sababni isaas duukaa bu’ootaa keessa isaan kana lamaan malee maqaa kana kan qaban waan hin
jirreef guddaa fi xiqqaa jenne addaan qoode. Osoo sadaffan jira ta’e xiqqaa fi guddaa jenne
qooduun hin barbaachisu. Kanaafu, abbaan Yaa’iqoob xiqqicha Ilfiyoos (Qalayoopha) yoo ta’u
haati isaa immoo wangeelaa Yohaannis irratti kan caqafamte Maariyaam kan jedhamtuudha.
Ilfiyoos Afaan Aramaayikiin yoo ta’u Qalayophaan immoo afaan Tsiri tiin maqaan lamaanu
namuma tokko ibsa. Kunis nama tokko maqaa lamaa fi sana oliin waamuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf:
 Amaati Musee kan ture Raagu’el iddoo biraatti Yotor jedhamee waamameera.
(S/Ba’u.18:6,S/Lakk.10:24)
 Mootichi Ooziyaan iddoo birootti Azaariyaas jedhameera. (Isa.6:1, 2Seena Baraa 26:20)
 Qulqulluu Pheexros Simi’oon Keeffa jedhameera. (Maat. 16:17-18)
 Toomaas Didimoos jedhamee waamameera.(Yoh.11:16,20:24, 21:2)
 Saawolis Phaawuloos jedhamee waamameera. (H/Erg.13:9) fi kan kana fakkatan maqaa
lamaan waamama turan.
Haata’umalee, dhugaa akka duummeessa gannatti nu marsee jiruu kana haxxa’ani gatuun warrii
shakkitoota fi gantoota obboloota Gooftaa kan jedhaman Yaa’iqoob, Yosaa fi Yihuuda fa’a jedhani
ittin gufataniru. Kitaaba Qulqulluu akkuma agarru warrii wangeela caafaan akka nu hubachiisanitti
obboloota Gooftaa kan jedhamaan abbaan isaani Qalayoopha yookiin Ilfiyoos jedhama; haati
isaani immoo Maariyaam kan jedhamtu obboleetti Durboo Maariyaamiti. Ijjoolleen kan adaada
Gooftaati kanaaf akka aadaa sabichaatti obboloota jedhanii wal waama waliifis owwaacha akka
jiraatan kitaabni qulqulluun dhugaa ba’a. (Maat.27:56, Maar.15:40-41, Yoh. 28:25) irratti “Haati
Yaa’iqoob, Yosaa fi Yihuudaa dubartii maqaan ishee Maariyaam jedhamtu obboleetti Durboo
Maariyaam” akka ta’e sirritti dhuga ba’a. Fannoo Iyyesuus cinaa (bukkee) haadha isaa (haadha
Iyyesuus Kiristoos durboo Maariyaam jechuu isaati), obboleetti haadha isaa niiti Qalayopha
Maariyaa (haadha Yaa’iqoob xiqqichaa, Yosaa fi Yihuudaa) Maariyaam ishee Maqdalaa faan
dhaabatani turan jedhe akkuma dubbate Durboo Maariyaam Haadha Gooftaati malee haadha
Yaa’iqoob xiqqaa, Yosaa fi Yihuuda miti.

Akkuma Yaa’qoob Yihuudanis obboleessa jedhamee waamamuun isaa firummaadhaan malee


haadha tokkorra dhalachuun miti. Kana hubachuufis ergaa Yihuuda jalqaba irratti Yihuudaan of
yoo beeksisuu “Garbichaa Iyyesuus Kiristoos obboleessa Yaa’iqoob kanan ta’e Yihuuda”
(Yih.1:1) jechuun ilma Maariyaam haadha manaa Qalayoopha obboleessa Yaa’iqoob akka ta’e fi
Iyyesuus Kiristoosiif immoo garbicha tajaajila isaa akka ta’e dubbii isaatirra hubachuu ni
dandeenya.

Yihuudaanis ta’ee Yaa’qoob dhugumatti warri gantoota akka jedhanitti obboloota foonii isaan
dhugaa Iyyesuus Kiristoos osoo ta’anii jiraatani “ANI GARBICHA IYYESUUS KIRISTOOSI
jechuun hin barbaachisu ture. Sababni isaas osoo obbolummaan isaani haadha tokkoo irra dhalatan
ta’e Yihuudan ani obboleessi Iyyesuus Kiristoos jedhe akka hin dubbanne maaltu isaa
saalfachiise?? Gabaabumatti Yaa’iqoob, Yosaa fi Yihuudan obbolummaan isaan Iyyesuus
Kiristoos waliin qaban obbolummaa karaa firummaan argamuutiin. Kanaafuu, nuti manni amantaa
keenyaa ragaa sirrii kitaaba qulqulluurra fudhanna malee barumsa sobdoota hin barbaannuu;
dinneerra. Ulfinni isaaf haa ta’uuti Gooftaan gooftoota Iyyesuus Kiristoos kopha jiraachuu haadha
isaa gaafa argu kan ishee maddi dhaabatee anii siif jira jedhuun akka hin qabne; isaa tokkicha
malee daa’imaa biraa akka hin qabnee ifa godhee Qaraaniyoorratti fannifaamee jaallee isaa
baay’ee jaalatu Yohaannisiif kunoo ilma kee jedheeni isaan immoo kunoo haadha kee ittiin
jechuun haadha adaraa isaa adaraa itti kennate. (Yoh.19:26-27)
Egaa asirra waan tokko hubanna innis osoo Durboo Maariyaam ijjoolle biroo qabdi ta’e
Yohaannisiif kennun hin barbaachisuu ture. Garuu isheen Haadha Waaqa jedhamti malee haadha
nama hin jedhamtu; haadha keenyaa jenne kan ishee waammannu haadha kennati malee fooniin
nu hin deenye; kanaafuu, Durboo Maariyaam durbummaan ulfooftee durbummaan kan deesse bara
baraanis durba kan taate dursaa fi itti aanaa kan hin qabnee tokkicha Ilmaa Waaqa malee ijjoollee
biroo hin qabdu. Kiristoosis duukaa bu’oota isaatiin obboloota koo jedheen malee Duuka bu’aa
isaa keessa namni tokkollee obboleessa keenya jedhani hin waamnees kitaaba qulqulluu keessattis
hin barreessine; Waaqa keenyaa qoricha keenyaa fayyisaa addunyaa tokkicha Ilmaa Waaqaa;
Waaqa Alfaa fi Omeega jalqabaa fi dhuma; hundumarrattu kan murteessu fi kan kana fakkataan
jedhani isaa waama dhugaas ba’aa fi turan.

Eebbi ishee nurra haa buluti qajeelummaa fi qulqullummaan kan jiraatte Giiftiin keenya
Qulqulleetti Durboo Maariyaam Waaqa biraa ergama Gabri’eeliin gara isheetti dhufee fayyisaa
addunyaa Ilma Waaqa akka deessu si’a itti himetti “dhiira waanan hin beekneef kun akkamitti naaf
ta’aa?” jettee gaafatterti. (Luq.1:34) Hayyoonni kiristaanaa durii jalqabee keeyyata kana yemmuu
hiikan “Giiftii Durboo Maariyaam jireenyaa ishee guutu durbummaan jiraachuuf murteesite akka
turte kan agarsiisuu yoo ta’u cinaa ishee Yooseef osoo jiru “eenyurran ulfa’aa?” jechuu dhiisuun
ishee gonkumaa jireenya akkasii waan hin yaadnee fi jechaan dabalte ergamichaan ibsuuni fi
Yooseefis ishee eegurra kan hafe hiree biraa kan hin qabne ta’uu isaa ibsiteerti. Haala qabatama
amala dhiiraa fi durbaa kan ta’e dhalchuu fi dhaluuf karoora osoo qabaatti ta’e irra caalattu
durbummaa isheetiin jabaatte jiraachuuf hin murteessitu ture; Akkamitti? gaaffi jedhu gonkumaa
hin kaastu irra caalattu heerumte akka deessu yaaduun yoomii? Eenyurra? Ittin jetti turte. Garuu
isheen jireenya ishee guutu gochuu dhiisiti yaaduma isaatu akka hin qabne ejjannoo ishee
cimsachuuf ergamicha wajjiin wal mormaa turte. Ergamichis kana hubatee haalli ulfaa’uu ishee
kan dubartoota kaani irra addaadha; hojii Afuura Qulqulluutiin ulfoofta ittiin jedhe. Dabalataanis,
“dhiira waanan hin beekneef” jechuun ishee gara fuulduraattis dhiira osoo hin beekiin
durbummaan jiraachuuf Waaqayyoof Kanaan wareegameedha waan ta’eef kun akkamitti ta’aa?
jechuu ishee ture. Ergama Waaqayyoo Qulqulluu Gabri’eelinis isheen kan deessu sanyii dhiira
malee akka ta’e fi haadhaas durbaas taatee akka itti fuftu erga itti himee booda walii galani isheenis
Ilma Waaqa durbummaan ulfoofte durbummaan da’uun haadhummaa durbummaa durbumma
haadhumma ishee waliin simsiifte argamtee jirti. Manni Kiristaana teenyaas hanga dhufaati
Kiristoos isaa lammaffaatti (darbiinsa addunyaatti) dhugaa wangeela kana qabattee Qulqulleetti
Durboo Maariyaam bara baraan durbadha jechuun in barsiisti dhugaas in baati.

Isin mormitoonni fi shakkitoonni warri iccitiin dubbi kanaa isiniif hin galle deema Hisqi’eeliin
gaafadha waan inni isinin jedhus amana fudhadha. Raajichi Hisqi’eel (Hisq.44:1-2) irratti “Kallatti
alaatti gara ilaalu gara baha biiftuuti gara karra mana qulqullummaa na fide; cufamaa ture
Waaqayyoos akkas jedhe “karri tun cufamtee jiraatti malee hin banamtu; namnis itti hin
seenu Waaqni jabaan Israa’eeloota itti seenerati cufamtee jiraatti” jedhe akkuma dubbate
manni qulqullummaa Kiristoos ishee dhugaan Giiftii Durboo Maariyaam isiniin jedha; cufamtee
turte gaafa jedhu osoo Gooftaa hin ulfaa’iin dura durba turte jechuusaati. Waaqayyoos akkas jedha
karri tun cufamtee jiraatti hin banamtu jechuun isaa yeroo ulfooftus durbummadhaan ulfoofte erga
ulfooftee boodas durba durbummaadhanis deesse ergaa deessen boodas durba jechuusaati; namnis
itti hin seenu Waaqayyoo jabaan itti seenera jechuun isaa dhugumatti jabaa kan ta’e addunyaa
hunduma kana uumee hundu kan isaan ta’ee; samii fi lafa kan uume tokkichi Ilmi Waaqayyoo
deesse malee ijjoollee biraa hin qabdu jechuusaati; cufameeti jiraata akkuma jedhe haati koo bara
baraan durbaadha; ana malee daa’ima hin qabdu anaa durbummaadhan nan deesse jedhe Waaqni
raajicharra bulee dhugaa isheedhaaf ba’eera.

Kanaafuu, karra Waaqayyoo cufamtee jiraatti malee hin banamtuu jedhe furtuu akkamitiin
bantani durboodhaan durba miti kan jettan? Gooftaa jabaa malee namni gara isheetti hin seenu
jedhe isa Waaqayyoon dubbate jal’isuun durboon ijjoolle baay’ee qabdi jettani ija jabinaan
akkamiin dubbattu? Teessoo kabaja Waaqa jabaa irra akkamiin nama teesiftu? Namni
akkamitti iddoo abiddi irra boba’uu irra taa’u danda’aa? Mana Waaqayyoon ana qofatu
keessa bula jedhee filate isin akkamiin nama itti galchitu? Silaa Waaqayyoo namni tokko
illee itti hin seenu cufameet jiraata jedhe isin barumsaa Waaqan walfamitan kana eessaa?
eenyurra barattani? Gabri’eel Waaqayyoo biraa ergamee gaafa gara ishee dhufu Ilma Waaqa
Waaqa deessa jedheen malee Yaa’iqoob, Yosaa fi Yihuudaa deessa hin jenneen. Elsaabex Afuura
Qulqulluun guutamtee “Yaa haadha Goofta koo akkamitti gara koo dhuftaa? Ani gara kee dhufuun
qaba” jette kasoominaan waamte malee “yaa haadha gooftaa, yaa haadha Yaa’iqoob, yaa haadha
Yosaa, yaa haadha Yihuuda” jette gonkuma hin waamne. Qulqulluu Gabri’eelii fi Elsaabex irraa
barachuun akka isaan galateeffatan nutis galateeffachuu qabna malee barumsa keessumma ta’een
gowwomuu hin qabnu. (Luq.1:26-42)
4. Haati Koo Eenyu?
Bara duriti kaase hanga ammatti hubachuu dhabuu fi barumsaa dhugaa dandeetti amanani
fudhachuu dhabu irraa kan ka’ee gaaffiin kun laphee gantoota keessa yeruma hunda akka
deddebi’a turee fi deddebi’a jiru argina. Bara kanatti mormitoonni harcaatuun warra duri ta’an
tokko tokko wangeela (Maat.12:48, Maar. 3:33 fi Luq.8:21) irratti “Haati kooti fi obboloonni koo
sagalee Waaqayyoo dhaga’anii warra raawwatan isaan kanadha” hima jedhuu kana qabachuun
kana nu haa oolchuti Waaqni Gooftaan akka waan haadha isaa salphiseetti ija jabinaan si’a
dubbatan mul’ata. Ergaan barumsicha garuu faalla kanatti.

Wangeelaa Luqaas (8:5-15) irratti yoo dubbisnu kan argannu Gooftaan keenyaa yeroo sanatti
barsiisaa kan ture fakkeenyaa sanyii yoo ta’u lakkoofsaa 15 irratti “sanyiin lafa gaarii irratti kufe
isaan gaarummaa fi laphee guutuun sagalicha dhaga’anii kan eegaan jabaatanis firii kan
buusanidha.” jechuun laphee isaaniin sagalee Waaqa dhaga’anii eeguun waa’ee warra bu’aa
buusani kan ibsu yommuu ta’u; egaa erga Qulqulluu Gabri’eel amantaan kan fudhatte fi lafa gaarii
taate iccitiwwan hundaa laphee isheetti yaadaa eega kan turt; qajeelummaa fi qulqullummaan
jabaatte firi jireenyaa bara bara kan ta’ee; addunyaa dura kan ture; Kirubeelii fi Suraafeel sodaa fi
roomman teessoo isaa kan baatan isheen garuu abiddi Waaqummma osoo ishee hin gubiin firi bara
baraaf hin jijjiramne kan deesse; Alfaa fi Omeegaa jalqabaa fi dhumni hundaa isa kan ta’uu hunduu
murtee dhumaa kan harka isaa irra eegatu; hundumaafuu akka hojii isaatti gatii dadhabbii isaa kan
kaffaluuf kan deesse Qulqulleeti Durboo Maariyaam mitiree? Haadha isaa waan taateef ilmi ishee
kutaa wangeela kana irratti namoonni biroos akkuma ishee sagalee Waaqa amantiin fudhate
jechichaaf abboommamaa akka ta’aniif kutaa itti barsiiseedha malee icciti biraa hin
qabu.(Luq.1:38, 2:19)

Dabalataanis (Maat.12:48, Maar.3:33, Luq.8:21) irratti “Haati koo eenyuu? Obboloonni koos
eenyuu faadha?” jedhe gooftaan Iyyesuus Kiristoos gaafachuun isaa durse Raajicha Daawit
(Faar.68/69:8-9) irra bulee kan dubbate akka raawwatuuf akkas ittin jedhe kunis isatti kan
dhiyaatan obbolota kan jedhaman duuka bu’oonni yeroo rakkoo akka isaarra dheessan jecha
dubbate raawwachuuf yoo ta’u; Firummaan afuura firummaa foonii caala faayidaa gudda akka
qabu fi hanga dhumaatti akka amananiif barsiisuuf ture. Baay’een isaani Kiristoosiif amanamuu
dhabuu isaanirraa kan ka’e yeroo rakkootti miila fannoo jalaa yoo baqatan Qulqulleetti Durboo
Maariyaam garuu hanga sa’aati dhumaatti miila fannoo jalatti argamte jirti waan ta’ee akka isheetti
amanamtoota ta’a jechuu isaati.

Gooftaan Haadha isaa tuffate salphisee jedhani ija jabinaan dubbachuun Waaqayyoo Yakkama
taasisuudha. Kun immoo seera uumaatiin kan walitti nama buusuudha. Kanaaf nama maqaa Waaqa
yakkaan waamu isaaf Waayyoo! Dafee deebi’ee gaabbi yoo galee isaaf wayya! Maati ofii
tuffachuu fi ajajamuufi diduun kan beekaman barsiisonni Faarisoota wangeela Maatewoos
(Maat.7:9-13) irratti Iyyesuus itti fufee “Seera muka abbaa keessani jabeessudhaaf jettani
abboommi Waaqayyoo diiguudhaaf mala ba’essa argattan; Museenoo abbaa keetii fi haadha keetiif
ulfina kenni; iddoo biraatti immoo abbaa isaa fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu haa du’u
jedheera. Isin immoo namni abbaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaanin wanti na biraa
isiniif kenname waa’ee isiniif baasu ture amma qurbaana ta’eera kana jechuunis Waaqayyoof
kennameera yoo jedhe ba’eessa godhe jettu akkasitti inni deebi’ee abbaa isaatti fi haadha isaatiif
waanuma tokko iyyuu akka hin goone karaa laattuuf kana kan fakkataan waan baay’ee gochuudhan
seera mukaa abba keessani isa walitti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo busheesitu isaanin jedhe”
Kan barsiisee sana alkallattiidhan Waaqni haadha isaa arrabsee jedhani dubbachuu miti yaaduunu
cubbuu guddadha. Sababni isaas Waaqni keenyaa Waaqa jaalala Waaqa kabajati malee kan nama
saalfachiisu miti.

Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos wangeela Maatewoos (Maat.5:17) irratti “Ani
seeraa fi raajoota shaaruuf (diiguuf) waanan dhufe isinitti hin fakkaatiin raawwaachuufiin dhufe
malee diiguuf hin dhufne” jedhe akkuma barsiiseetti haadha isaa kabaju hojii wajjiin kabajee nutti
agarsiiseera. Kunis daa’imummaa isaati kaase isheef ajajamuun haadha isaa kabaju kan ibse ta’uu
isaa wangeela Luqaas (Luq.2:51) irratti “Kana boodaa isaan wajjiin Naazirititti deebi’ee isaaniif
abboommaas jiraate haati isaa garuu icciti kana hundumaa laphee isheetti qabatte eega turte” jedha.
Egaas jechaa isaatinii fi hojiidhan kan nutti agarsiise shakkitoonni immoo Gooftaan haadha isaa
arrabse jechuun isaani yakka guddaadha.

Inni Waaqni uumaa hunduma Iyyesuus Kiristoos ulfinni fi galanni isaaf haata’uti yaadaan yakka
akka hin hojjenne beekuuf wangeela Yohaannis (Yoh.14:30) irratti “Kana booda isin wajjiin
baay’ee hin dubbadhu; bitaan addunyaa kana ni dhufa ana irratti wanti tokkolle hin jiru”
jechuun dubbateera. Dabalataanis Qulqulluu Pheexros “Innis cubbuu hin goone dabnis afaan isaa
keessatti hin argamne yoo arrabsan iyyuu deebisee hin arrabsine rakkoo yeroo fudhatu deebisee
isaan hin sodaachifne” jechuun barsiiseera. (1Phex.2:22-23) Hojiidhanis cubbuu hin hojjenne
“Isin keessaa cubbuudhaaf kan ana ceepha’u eenyu?” (Yoh.8:46)
Shakkitoonni tokko tokko Luq.11:28 irratti Isaan kana yoo dubbatu uummata keessa dubartiin
takka sagalee ishee ol kaaste "gadaameessi si baattee fi harmi ati hoote galateeffamoodha! Ittin
jette; innis eeyyeen eebbifamtoonni sagalee Waaqayyoo dhaga’ani warra raawwataniidha ittin
jedhe" bu’uuruma Kanaan dubbisa kana akka waan tuffitti fudhatani warri ittin gufatan baay’eetu
jiru. Haata’umalee, sagaleen kun kabaja guutu inni haadha isaaf qabu ibsa malee dhandhama tuffi
gonkuma of keessa hin qabu. Qulqulleeti Elsaabex Afuura Qulqulluun guutamte ati kan
galateeffamteedha eebbifamtu haadha Gooftaati ittin jette. Qulqulluu Gabri’eeliinis “Kennaan
kan guutamte gammadi yaa Ayyaana qabeetti Waaqayyon si wajjin jira hin sodaatin”
jedheen. Kan Waaqayyoo wajjin jiru Galateeffamadha malee tuffatama miti.

Bu’uura ragaa Ergama Waaqa Qulqulluu Gabri’eelii fi Qulqulleetti Elsaabex irraati hundoofte
isaan lamaan qofaan galateeffamtee kan haftu osoo hin taane dhaloonni hundu akka ishee
galateeffatu yoo dubbattu “Kunoo har’a jalqabee dhaloonni hundinuu galateeffamtuu naan jedha”
(Luq.1:48) jechuun kan dubbatte Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos galateeffatamtu ta’uu ishee kan
dhugaa baateef dubartitti sanaan "Eeyyeen Haati Koo Galateeffatamtuudha" jedhee deebiseef.
(Luq.11:28) Jalqabuma sagalee Waaqa dhageesse kan eegde akka taate wangeela Luqaas
(Luq.2:19) irratti “Maariyaam garuu wantoota kana hundaa laphee isheetti yaada eegas turte”
jedhamee kan mirkanaa’eef haadho isaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam akka taate erga dhugaa
ba’eefi booda warroonni biroos fakkeenyumma haadha isaa kana qabatani sagalee Waaqa
dhaga’uun kan raawwatan galateeffamoodha jedhe deebiseef.
Egaa warri shakku Maariyaam xurreessina jedhani alkallattin Waaqa xureessa jiran kun gara
Waaqatti deebi’ani Waaqummaa Iyyesuus Kiristoositti amanuu fi Durboo Maariyaam immoo
haadha Waaqa ta’uuf isheeti fi araarsumma ishee laphee guutuun fudhatani osoo ittiin jiraatani
ba’eessadha. Sababni isaas Waaqa nama kabajuun nama arrabsa salphisaa jechuu cubbuun caalu
gonkumaa hin jiru. Waaqni nama arrabsu inni Waaqa miti. Waaqni keenya kan kufee kan kaasu
kan salphate kan ulfina kennuuf kan irraanfatamee kan yaadatu kan kufe kan ol qabu
haadha fi abba keessan kabajaa jedhe abboommi namaaf kan kennedha. Galatni Waaqa
kanaaf haa ta’u!
5. Yaa Dubartii nana Si Wajjiin Maalan Qaba? (Yoh.2:4)
Ulfinni fi galanni isaaf haa ta’uti Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gadaama
qoronxoos keessatti halkan afurtamaa fi guyya afurtama erga soomee booda achi deebi’ee guyya
sadaffa isaati Qaana Galilaatti cidha godhame irratti duuka bu’oota isaa waajjin hirmaate ture.
Haati Iyyesuus Maariyaaminis achi turte. Hundumti isaanitu namoota biroo dabalate affeerra irra
osoo jiranu daadhiin wayini jalaa dhume. Hojjetoonni waan nama kennan dhabani dhiphuu guddaa
keessa yeroo jiran garaa laaftu kan taate haati Gooftaa dubbi jaalalaatiin “daadhiin wayini jala
dhume” jette ilma isheeti dabarsiteef. Innis araarsumma haadha isaa fudhate (dhaga’ee) raajii
cimaa dinqii ta’e itti hojatee Waaqummaa isaas itti agarsiise araarsumma Giifti keenya Durboo
Maariyaamis ifa godhera. Uummata hunduma duratti raajiin inni hojjate raajii jalqaba akka ta’e
Qulqulluu Yohaannis barreessera.(Yoh.2:1-11) irratti “guyyaa sadaffatti kutaa biyya Galiilaa
mandara Qaanatti cidhatu ture; Iyyesuusi fi Duuka bu’oonni isaa cidhicharratti affeeraman; yeroo
daadhiin wayinii dhumu haati isaa “daadhi Wayini hin qaban" jettee Iyyesuusiitti himte; Iyyesuus
“Ati yaa dubarti nana si wajjiin maalan qaba? Yeroon koo hin geenye ittin jedhe”. Haati isaa
hojjetootan waan inni isin ajaje hunda godhaa ittin jette akkuma bartee warra Ayihuudotaatti seera
itti qodaa isaani qulleessan qabu turan. Kanaafis gaani dhagaa ja’a tokko tokkoon isaa hubboo
lama yookiin sadi qabu turan. Iyyesuusis gaanichatti bishaan guuta jedheen, hanga afaan bira
gahutti itti guuta ittin jedhe. Amma waraabati (qicaati) keessummoota kenna jedheen isaanis in
kennan. Affeeramtoonnis bishaan daadhii wayini ta’ee sana yommuu dhandhaman eessa akka
dhufe hin beekne. Tajaajiltoonni bishaan gaanichatti naqan garuu ni beeku turan.Yemmus dhirsa
missirroo ofitti waame silaa illee akka amala biyya kanatti namni hundinuu daadhi wayini dura
kenna erga keessummoonni quufani daadhi laafa kenna ati garuu daadhi wayini hanga ammatti
keesse ittin jedhan. Iyyesuusi raaji jalqabaa kana Qaana Galilaatti hojjete ulfina isaa mul’se
bartoonni isaas isatti amanan” jedha.

Kabajni isaaf haa ta’uuti Gooftaan Iyyesuus Kiristoos haadha isaati “Ati yaa dubarti nan” jedhe
kan dubbate maqaa kabajaatiin yemmuu ishee waamu mormitoonni fi shakkitoonni iccitiin isaa
hin galleef tokko tokko Gooftaan akka waan haadha isaa tuffateetti yemmuu dubbatan argina.
Kitaabni Qulqulluun haalli barreeffama isaa haalli dubbi isaa aada warra Ibrootaatiin kan
barreeffameedha. Fakkeenyaaf biyya Israa’eel keessatti tikseen hoolaa fuuldura yemmuu deemu
akka aadaa biyya keenyaatti immoo tikseen hoolota duuba deema.(Yoh.10:4)
A. Ati Yaa Dubartinana
“Ati yaa dubartii nan” gaaleen jedhu akka afaan warra Ibrootaatti kabaja kan agarsiisuudha. Kunis
kan beekkamuu Gooftaan keenya fannorratti fannifamee yeroo jirutti miilaa fannoo jalatti kan
argamtee haadha isaa jaalatuun bartuu isaa jaalatu Yohaannis itti agarsiise “Ati yaa dubartinana
kunoo ilma kee” ittin jedhe. Kunis haalli dubbii Goofta kan kabaja fi mararteeti malee ulfina
dhoowachuu akka hin taane hundi keenya in hubanna.

Dabalataanis dubarti (seet) jechi jedhu “lafeen tee lafee too foon kee foon kootirra” jechuudha.
(S/Uum.2:23) irratti Uumaan keenya Waaqni lafee cinaacha Addaam keessa fudhate dubarti
godhee tolche gara Addaamitti fide. Yeroo sana Addaam “lafeen tuun lafee kooti foon ishees foon
kooti isheenis dhiirarra argamte waan taateef dubarti (seet) jedhamti jedhe maqaa Kanaan ishee
waame. Jechi dubarti jedhun dhagna ofiiti malee alagaa akka hin taane ibseera. Gooftaan keenya
haadha isaatin “Ati yaa dubartitti nan” jechuun isaa foon keetirra foon lubbuu keetirra lubbu
dhagna kee dhagna koo godhe amala koo amala kee godhe nama ta’eera jechuu kan ibse jecha
kabajaa fi jaalalati.

Kitaaba Qulqulluu keessatti baay’inaan akkuma dubbisnu “dubarti” jechi jedhamee waamamu
akka aadaa warra Israa’eelotaatti moggaasa kabajaa fi jaalalaati. Kanaafidha Gooftaani haadha
isaa waan kabajuu fi baay’ee waan ishee jaalatuuf maqaa kabaja Kanaan uummata giddutti ishee
waamee kabaja ishees mul’ise.

Ulfinni fi galanni isaaf haa ta’uti Gooftaa fi fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos fayyisummaa
isaa beekani gara isaatti kan dhufan moggasa Kanaan akka waama ture kitaabni qulqulluun dhugaa
ba’a.. Fakkeenyaaf
 Dubarti Kana’aan biyya Kana’ani baate fayyisummaa Kirstoositti amanuun “Gooftaa koo
yaa ilma Daawiti ilma koo jinni hamaan qabeerati naaf fayyisi” jette iyya akka ishee
gargaaru yommuu kadhattu amantii fi kasoomina ishee arge “Ati yaa dubartinana amantiin
kee jabaadha akka jaalatte siif haa ta’u” yeroo ittin jedhu daa’imni ishee sa’aati sanarra
jalqabde fayyiteef. (Maat.15:28)
 Guyyaa sanbataa dukkana keesatti yeroo barsiisu wagga kudha saddeti jalqabee ol jette
dhaabachuu kan hin dandeenye hafuurri hamaan dubartiitti takkaa irra bulee ture rakkoo
ishee kana Gooftaan ilaale “Ati yaa dubarti nana hidhaa keetirra hiikkatte jirta” jedhee
harka isaa yeroo irra kaa’u dhaabatte Waaqa galateeffatte jirti (Luq.13:12)
 Gooftaan Iyyesuus Kiristoos Samaariyaa keessan yemmuu darbu dubartiin takka bishaan
waraabdee galuuf yemmuu deemtu bishaan na obaasi ittin jedhe. Isheenis “abbootiin
keenya gaara kana irratti sagadanii isin garuu namni sagadu kan qabu Iyyarusaalem jettani
jette gaaffi yoo dhiyeesituuf “yaa dubarti nana an Amani gaara kana irratti yookiin
Iyyarusaalemitti abbaaf yeroon itti jilbeeffatan in dhufa jechuudhan deebi akka deebiseef
kitaabni qulqulluun dhugaa ba’a. (Yoh.4:21)

 Cubbuu namoota odeessuun kan beekaman; hammeenyaa fi jal’inaan kan guutaman warri
Ayihuudota dubarti ejja (sagaagaltu) irratti qabamte tokko ol galchani namoota gidduu
dhaabachisaan Iyyesuusiin immoo barsiisaa, dubartiin kun utuu ejjituu (sagaagaltu)
qabamte. Museen seera keessatti, dubartoota akkasii dhagaadhaan rukkunnee akka ajjeefnu
nu abboomeera; egaa ati immoo maal jetta?” jedhan. Isaan Kanaan qabanii isa
hadheessuudhaaf akkas jedhanii isa qoran. Iyyesuus garuu gadi jedhee qubaa isaatin
lafarratti caafe; isaan garuu ittuma dabalanii waan isa gaafataniif Iyyesuus ol jedhe “Isin
keessa namni cubbuu hin qabne duraan dursee dubarti kanatti dhagaa haa darbatu” isaanin
jedhe. Kana booddee ammas gadi jedhe lafatti caafe. Isa kana dhaga’ani jaarsooliidha
hamma warra kaanitti tokko tokkoon ba’ani adeeman; Iyyesuusin kophaatti dhiisani;
dubartittiinis achuma dhaabatte hafte. Yemmuus Iyyesuus ol jedhee “dubartii nana,
meerree isaan? Namni tokkolle firdi si’i irratti hin raawwanne?” isheedhan jedhe. Isheen
immoo “tokkolle Goofta koo” jettee deebifteef kana irrattis Iyyesuus “Egaa anis sitti hin
murteessu dhaqi amma jalqabdee cubbuu hin hojjetin! Isheedhan jedhee dhiifamaan ishee
gaggeese. (Yoh.8:4-11)
Gooftaan Iyyesuus Kiristoos du’a keessa yeroo ka’eetti baay’ee kan isaa jaalattu Maariyaam
isheen Maqdalaa guyyaa sanbata torbanitti (gaafa sanbata guddaa) dukkana keessa obboroodhaan
baate fiigichaan gara awwaalichaa dhufte; dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha
irraa akka fuudhame argite. Isheen fiiga gara Simi’oon Pheexrosii fi gara bartuu isaa kan Iyyesuus
baay’ee jaalatte dhuftee, “Gooftaa koo awwalaa keessa fudhataniiru eessa akka kaa’anis hin
beeku” jette isaanitti himte. Battaluma sanatti Pheexros fi bartuun inni kaan ba’ani gara
awwaalichaa dhaqan. Isaan lamaan walii wajjiin fiigan; bartuun inni kaan garuu Pheexros dura
darbee fiigee, dafee awwaalicha bira gahe. Innis gadi jedhee kafanni achi akka jiru arge malee
keessa hin lixne. Simoon Pheexros immoo isa booddeedhan dhufe, achuman awwaalichatti ol
lixee, kafanichi achi kaa’amee arge… Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatte ni boossi turte;
isheen boo’aa gadi jette awwaalicha keessa ilaalte. Ergamoonni Waaqayyoo lama wayyaa adii
uffatani iddoo Iyyesuus kaa’ame ture inni tokko mataa duraan inni tokko immoo miila jalan utuu
taa’ani argite. Isaan yemmuus “Yaa dubartii nana maaliif boossa?” jedhani ishee gaafatan; isheen
immoo Gooftaa koo fudhataniru; ani iddoo isaa kaa’an hin beeku” jette isaaniif deebiste. Kana
jette yemmuu garagalte Iyyesuus argite inni achi dhaabata ture; isheen garuu Iyyesuus ta’uu isaa
hin barre. Iyyesuus immoo “Dubartii nana maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?” jedhe ishee
gaafate. Isheenis isa argachuutti baay’ee gammaduun deemte bartoota Gooftaatti akka Gooftaan
du’a keessa ka’e itti himte.(Yoh.20:1-15)

Kanneen hundaa yoo ilaallu “dubartii nana” jedhee Gooftaan Iyyesuus Kiristoos haadha isaatti
dubbachuun isaa jaalala isheef qabu ibsuufi barbaadeet. Akka kana yoo hin taane abbootaa fi
haadhota isaani kan tuffatanii fi hin abboommamneef barsiisonni warra Faarisotaatu hin fayyanne.
(Maat. 5:17) Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos abbaa fi haadha kee kabaji jedhe ilma namaaf
ajaja kan kennee abbaa fi haadha kabajuu qofa osoo hin taane Qaana Galiilaa mana cidhaa sanatti
waan isheen isa gaafatte kennuufiin araarsummaa ishees cimsee barsiiseera. (Maat.15:3-6,
Maar.7:10-15) irratti daa’imummaa irra kaasee abboomma turera; Kabaja fi jaalala haadha isaaf
qabuus nu barsiiseera.

B. Si Waliin Maalan Qaba?


Ulfinni fi galanni isheef haa ta’uuti Giiftiin keenyaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam kenna
araarsummaa isheen ilma ishee “Daadhi wayini hin qaban” jette gaaffi yoo dhiyeessituuf
amalummaa isaan uumaa kan ta’e ILMI ishee itti fufuun “Si wajjiin maalan qaba?” jechuun
wanta ati na gaafaatte (kadhatte) akkan siif hin raawwanne si waliin maalan qabaa? Rakkoo
maalan, mormii maalan si wajjiin qaba haadho koo? Kan ati kadhatte hundaa siifaan taasisa
jechuun deebii jaalala haadha isaatiif deebiseera. Kitaaba Qulqulluu keessatti “si waliin maalan
qaba?” yaadni jedhu kabaja gonka ta’e kan ibsuudha. Kana jechuun akka shakkitoonni jedhan
tuffi yookiin ifanna of keessaa hin qabu.
Fakkeenyoota muraasa Kitaaba Qulqulluu keessaa fudhanne mirkaneessu ni dandeenya.
 Aboo qabeessi Yoftaaheem manguddoota Gala’aad wajjiin deeme uummannis walirratti
qondaala yeroo taasisaan; yeroodhaaf Yoftaheem gara ijjoolle mooti Amoon biyya koo
weeraruuf (waraanuuf) gara kootti kan dhufte “Ani si waliin maalan qaba?” jechuun
waldhabdeen tokkolle gidduu isaani akka hin jirre ergamoota isaa itti erge ture.(K/A/Murti
11:12)

 Waggaa sadii fi ji’a ja’aaf bokkan akka hin roobne kadhanna isaatiin kan godhe raajichi
Eeliyaas gara mana Saraaphitaa deeme mana ishee eebbaan erga guutee booda, mucaan
ishee tasa dhukkubsate yeroo du’etti Eeliyaasiin “yaa nama Waaqa si waliin maalan qabaa?
Cubbuu kiyya ana yaadachisuu mucaa koos ajjeesuuf gara koo dhufte?” jetten. Sodaadhaan
taate nama jecha kabajaa fi jaalala Kanaan yaa nama Waaqa si waliin maalan qabaa? Ana
fi si gidduu waldhabdee maaltu jiraa kan mucaa koo ajjeeste? Jechuun nama Waaqa
Eeliyaasitti iyyatte. Eeliyaasis “Yaa Waaqa koo lubbuu daa’ima kana gara isaatti akka
deebistuuf sin kadhadha” jechuun kadhanna dhiyeessen mucaan ishee du’aa ka’eeraaf.
(1Moot.17:18)

 Mootichi Iyyosiyaas mana qulqullumma erga xumureen boodde Mooticha Gibxii Nika’uu
cinaa laga Efraaxis kan jiru iddoo Karkaamish irratti waraanuuf yeroo ba’u innis “Yaa
mooti Yihuudaa anii fi ati maala waliin qabna? Ani warra naan lolu loluufaan dhufe malee
siin loluuf hin dhufne; Waaqayyoo inni ana wajjiin jiru akkan ariifaadhuuf waan na
abboommeef akka inni si hin balleessinetti isaan hin mormiin jedhe jechuun mooticha
Yihuudaa wajjiin wal dhabdee fi mormii tokkitti illee akka hin qabne ibseera. (2Seena
Baraa. 35:21)

 Gooftaa fi fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos gara biyya gergeesee’oon yeroo dhufetti
namni naannoo sanaan hanga darbu hin dandeenyetti baay’ee hamtoota kan turan jinnoonni
kan irra bulan namoonni lama awwaala keessa ba’anii walqunnaman. Yeroo sanatti
jinnoonni isaanirra bulanii turan sodaadhan ta’ani “Yaa ILMA WAAQA KIRISTOOS si
waliin maal qabnaa? Yeroon keenya osoo hin gahiin nu gidirsuuf gara kana dhuftee?”
jechuun yeroo iyyan “yoo nu ariites hooma booyyota sanatti nu ergi” jedhani kirkira
kadhannaan “deema” isaani jedhe waan eeyyameef gara hooma booyyota sanaatti
naqaman. (Maat.8:29)

 Gooftaan keenyaa Qifirnaahoomitti guyyaa sanbataatin gara mana sagadatti seene yeroo
barsiisu achitti namni hafuurri xuraawaan qabame tokko mana sagadaa isaani keessa ture
iyyuu si’uma sana caraane “Yaa Iyyesuus isa Naaziriti maaloo si waliin maalan qabaa? Nu
balleessuuf dhuftee? Eenyuu akka taate beekera “Yaa Qulqulluu Waaqa” jedhee yoo iyyu
Gooftanis “Callisii isarra ba’i” jechuudhan irra baaseera. (Maar.1:24, Luq. 4:34)

 Qorichi addunyaa Iyyesuus Kiristoos bartoota isaa wajjiin bidirichaan gara kutaa biyya
Gergeessaattis ce’an; innis fuulle Galiilaa ture. Iyyesuus qarqara bishaanitti yemmuu
bu’eetti kunoo namni mandara Sanaa hafuuronni hamoon keessa turan tokko itti dhufee.
Namichi yeroo dheeradha jalqabee qullaa isaa in adeema; awwaaloota gidduu jiraata malee
manatti hin galuu ture. Inni yeroo Iyyesuus argetti caraane fuula isaa fuulduratti kufe
sagadeefi sagalee guddaadhanis “Yaa Iyyesuus Ilma Waaqayyoo Abbaa si waliin maalan
qabaa? Akka na hin dhiphisnee sin kadhadha” jechuun kadhanna isaa itti dhiyeeffate.
(Luq.8:28)

Egaa dubbii Waaqa kana sirritti hubachuun baay’ee baay’ee barbaachisadha. Amma akkuma
Kitaaba Qulqulluu keessatti argaa jirru jinnooni illee Gooftaadhaan “Si waliin maal qabnaa?”
jechaa iyyuun isaani Gooftaa tuffachuu fi arrabsuu jechuudhaa? Miti sodaadhaan ta’ani kabajuu
isaaniti agarsiisa. Kanaafuu, ji’a sagalii fi guyya shan gadaameessa isheetti kan isa baatte;
mallattoo durbummaa ishee osoo hin jijjiramiin durbummaan kan isa deesse; dugdaa isheetti kan
isaa marxifattee; cinaacha ishee irratti kan hammatte; isaa wajjiin biyya Gibxiitti kan godaante
oolmaan isheen ilma isheerra qabdu tuffiidha akkamitti jedhama? Kun gonkumaa waan hin
yaadamnes waan hin taanes.

Haati ilma ishee yoo kadhattu innis “Si waliin maalan qabaa?” jedhuudhan wanta isheen kadhatte
hunda isheef akka taasisuuf malee akka hin dhorkanne keeyyata jaalalaatiin golobe. Innis
kadhanna isheetiin bishaan gara daadhi wayiniitti jijjiree hir’uu Dookimaas guute.

Ishee durbummaan isa deesse Qulqulleetti qulqullootaa haadha isaa dhiisati qulqulluu Phaawuloos
Room.8:30 irratti “Dursee kan murteesse isaan sanis waame; warra waamee sanas qajeeltoota
taasise; warra qajeeltoota godhees isaan kabaje” jechuun warra eere kabaja samiif kan isaan
ulfeesse qulqulloonni lubbuu isaaniin bakka jiran taa’ani yoo kadhatan kadhanna isaani akka
fudhatu kitaaba qulqulluu irratti iddoo baay’eet barraa’e arganna. Fakkeenyaaf:- [S/Uum18:17-33,
20:1-18, S/Ba’u.32:10-14,3:6, 32:13, S/Lakk.12:6-15, 1Sam.16:1, 1Moot.13:1-6,17:17-24, 11:11-
13, 2Moot.4:32-37, 13:20-21, Iyyo.42:7-9, Faar.33/34:15-21, 88/89:3, 105/106:23, 102/103:8,
Fakk.12:10,21:12,28:12, 10:7, 25:30, Isa.56:4-6,37:35, Erm.42:2-76, H/Erg.7:60, 1Qor.6:2,
S/K/Deebi. 9:5, Maat.10:40-42, 19:28, 22:33, Luq. 9:30-32, 20:37-40, 1Qor.13:12, 2Qor.9:14,
Fil.1:22, Mul’ata Yoh.2:22-27, 3:21, 6:9-11] irratti ilaala. Ragaa baay’een kun nu marsee osoo jiru
qulqulleetti qulqulloota kan taate “Waaqayyoon si wajjin jira Waaqayyoo fuulduratti simboo
argattee jirta” kan jedhamte kennaan kan guutamtee Giiftiin Keenya Qulqulleetti Durboo
Maariyaam haa hafuuti surra Waaqa fuulduratti kan argatan Qulqulloonni kennaan araarsumma
akka kennameef; Waaqayyoos waan isaan isa kadhatan kan isaaniif godhu inni amanamaadha.

Qaana Galiilaati raaji ta’eerra wanti nuti barannu:- Tokko Waaqummaa Gooftaa fi fayyisaa
keenyaa Iyyesuus Kiristoosidha. Kunis aangoo Waaqummaa isaatiin bishaan gara Daadhi
Wayinitti jijjirudhan. Lammaffan araarsummaa Durboo Maariyaam hojiidhanii fi qabatamaan
guyya itti barsiiseedha. Inni kunis haati Gooftaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam “daadhii Wayin
hin qaban” gaafa jettuun homaa rakkina hin qabu siifa haa ta’u ittin jedhe. Mee waan tokko haa
hubannu daadhiin wayinii akka dhume Gooftaan Iyyesuus hin beekuu? Maaliif gaaffi haadha isaa
irra eegeree? Lakki inni Waaqa waan ta’eef hunduma in beeka. Akka daadhiin wayinii dhumu
guyya cidhaa sana miti san duraa iyyuu inni beeka. Gaaffi eegachuun isaa inni kadhatama haati
isaa immoo warra dhiphataniif garaa laaftu waan taateef kadhattu (ARAARSITU) ta’uu ishee ifa
godhuufidha. Araarsumma (kadhanna) isheetiin aangoo Waaqummaa isaattin bishaan gara
Daadhii wayinitti jijjiruun deebii quubsaa ta’e isheedhaaf deebiseera. Kana jechuun walii galani
jiru jechuudha. Kunis akkamitti yoo jenne Haati daadhii wayinii hin qaban jetteen; ILMI ishees
“Si waliin maalan qabaa?” rakkina maaltu anaa fi si gidduu jiraree? Haadhoo ko wanti ati kadhatte
siif haa raawwatu” jedheen. Isheenis gammachuun guutamte warra cidha gaggeessuun “dafa waan
inni isiniin jedhe godhaa” jetten. Isaanis tolee jedhanii bishaan gaanitti waraabuun abboommaman.
Raajii guddadhanis bishaan daadhii wayinitti geeddarame. Qiccaa namoota kenna jedheen isaanis
kennan kunoo mi’aan isaa afaan isaan guute akka dammaatti muuxachu jalqaban. Ummanni
ajaa’iba jedhe abbaa cidha gaggeesse damma akkas mi’aa’uu kana eessaa fidde jedhani
dinqisifatan. Dhiphuu fi rakkoon isaani arjumma Waaqayyootinii fi kadhaanna Giiftii keenyatiin
gaddi gara gammachuutti jijjirame kunoo duuka bu’oonni isaatis Waaqummaa Gooftatti amanan.
Egaa nutis kiristaannonni Waaqumma Iyyesuus Kiristoositti kan amannuu fi haadhumma fi
araarsummaa Durboo Maariyaamitti kan amannu hundi keenya Waaqayyoon jiruu keenya yaada
biyya laafaatiin duwwaa ta’e kana akka nuuf guutuuf YAA QULQULLEETTI NUUF
KADHADHU haa jennu. Waaqayyoorra nuuf kadhatti jiruu keenya duwwaa guutu fi jireenya
keenya hadhaa’a mi’aa akka daadhii wayinitti nuuf jijjirti waan taa’eef.
C.Yeroon Koo Amma Illee Hin Geenye
Itti aansuun Gooftaan haadha isaatiin “Yeroon ko amma illee hin geenye” jechuun dubbii dinqii
ta’e fakkeenya fi iccitin itti hime. Fakkeenyi isaa Daawit Faar.78/79:1-2 irratti “Yaa uummata koo
seera koo dhaggeeffadha; gurra keessanis gara jecha afaan kootti as qabaa; afaan koo
fakkeenyaanan bana (saaqa) duri kan ture fakkeenyanan dubbadha jechuun akkuma dubbate
raajicha raawwachuuf fakkeenyaan barsiisera. (Maat.13:34-35)

Iccitin dubbii “Yeroon koo amma illee hin geenye” jedhu guyyaan jimaata guyyan dhiiga koo
dhangalaase addunyaa fayyisuu sun yeroon isaa hin geenye jechuu isaati. Egaa Gooftaa fi
fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos kaayyoo guddaan inni nama ta’eef keessa tokko ilma nama
cubbuun du’ee fayyisuufidha sababa ta’eef qulqulluu foon isaa kutuun kabajama dhiiga isaa
dhangalaasuun guyyaan itti ilma namaa fayyisuu sun akka hin geenye ibsuuf himicha sana
dubbate. Waa’een yeroo kun kitaaba qulqulluurratti irra deddebiin bakka baay’etti dubbatame.

Fakkeenyaaf:-
Wangeela Maatewoos (Maat.26:17-29) irratti “Jalqaba ayyaana maxinoottis bartoonni gara
Iyyesuus dhufanii hoolaa Faasikaa akka nyaattuuf eessatti akka qopheessinu barbaadda?”
jedhaniin inni immoo deebisee “mandarichatti lixaa gara mana nama tokkoo dhaqaati namichaan
yeroon koo jala gaheeraati kanaafa ani barattoota koo wajjiin Faasikaa mana keettin ayyaneessa
siin jedha barsiisaan jedhaani!” isaaniin jedhe.Yeroo sana bartoonni isaa akkuma Iyyesuus jedhe
godhan. Irbaata Faasikaas in qopheessan. Yemmuu galgalaa’e barattoota isaa kudha lamaan
wajjiin maadditti taa’e. Osoo isaan nyaacha jiranii Iyyesuus “dhuguman isiniin jedha isin keessa
tokko dabarsee na kennuudhaaf jira” jedhe. Kana irratti isaan baay’ee gaddanii tokko tokkoon ana
mitii kaa Gooftaa! Anaaree? Ittin jechuu jalqaban. Innis immoo deebiseefi “Inni ana wajjiin harka
kaa’ee qodaa ittootti cuuphate dabarsee na kennuuf jira. Ilmi namaa illee akkuma waa’ee isaaf
caafameetti du’uuf in dhaqa. Garuu namicha Ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamuu
sanaaf wayyoo! Namichi sun osoo hin dhalanne ta’ee ni wayyaaf ture” jedhe.Yihuudan inni
dabarsee isa kennuuf jedhe deebisee “Anaa mitii kaa barsiisa! Anaaree?” jedheen; inni immoo
“Atumtuu jette kaa!” ittin jedhe.

Utuu nyaacha jiranii Iyyesuus buddeena fuudhe eebbise cabsees barattoota isaati kenne
“Fudhadhaa nyaadha kun foon kooti!” jedhe. Xoofoo fuudhe Waaqayyoof galata galchee isaaniif
kannee “Hundumti keessaan kanatti dhugaa kun dhiigaa kooti; dhiigni kun kakuu dhaabate sana
cimsuudhaaf DHIIFAMUU CUBBUU NAMOOTA BAAY’EETIIF kan dhangala’uudha. Hamma
jalqabee hanga guyya gaafa ani mootumma Abbaa koo keessatti isa haara isin wajjiin dhuguutti
daadhi wayini kanarra akkan hin dhugne isinittan hima” jechuun foon isaa nyaata dhugaa fi
kabajama dhiigni isaa dhugaati dhugaa godhee duuka bu’oota kennera. Karaa duuka bu’ootan
ilman nama Waaqummaa isaatti amanuu hundaaf arjoomeera.

Wangeela Yohaannis (Yoh.7:2-8) irratti “Ayyaanni Yihuudotaa inni ayyaana Gordommaa


jedhamu tokko dhiyaate ture. Obboloonni Iyyesuus immoo bartoonni kee hojii ati hojjettu akka
arganiif iddoo kana ka’i kutaa biyya Yihuudaa dhaqi. Eenyunillee mul’inatti yoo beekamuu
barbaade hojii isaa dhoksaatti hin hojjetu. Amma garuu ati hojii kana hundumaa ni hojjetta erga
ta’ee biyya lafaatti of mul’isi” ittin jedhan. Obboloonni isaa duuka bu’oonnu itti hin amanne
Iyyesuus immoo “Yeroon koo amma illee hin geenye” isiniif garuu yeroon hundinuu kan ta’u
isinitti fakkaata; biyyi lafaa isin jibbuu hin danda’u ana garuu hojiin isaa hamaa akka ta’e waanan
dhugaa itti ba’uuf na jibba. Isin ofii kessaani gara ayyaanichatti ol ba’a; ani yeroon koo waan hin
geenyeef, amma illee gara ayyaana kanaatti ol hin ba’u” jedhe isaaniif deebise.

Yoh. 8:20 irrattis Iyyesuus kutaa mana qulqullumma keessa iddoo qodaan buusii kaa’amutti
dhiyoo taa’ee osoo barsiisuu dubbii kana hundumaa dubbate. “Yeroon isaa amma illee waan hin
ga’iniif namni tokko illee harkaan isa hin qabne.”

Gooftaan Iyyesuus Kiristoos mataansaa dirree Qaraniyyoo fannoorratti fannifamee yeroo jirutti
dhiiga isaa dhangalaasuun foon isaa kutuun ilma amalaa kan abbaasaa akka ta'e Ayihuudootatti
yeroo ibsetti "Ilma namaa yeroo ol ol qabdan ana akka ta'e abbaan koos akka na barsiiseetti isaan
kana dubbachuuf mataa kiyyaan waan tokkolle akkan hin goone yeroo sana ni bartu" jechuun itti
dubbate. (Yoh.8:28)

Ilmi namaa akka kabajamuuf jecha sa'aatinsaa ga'e “dhuguma dhugaan isiniin jedha sanyiin
qamadii lafa irratti kuftee yoo hin duune kophaa ishee hafti. yoo duute garuu firii baay'ee horatti"
waa'ee fannoo yoo isaan barsiisuu irra deebiin Iyyesuus ayyaana Faasikaa dura addunyaa kana
gara Abbaatti yeroon inni deemu akka ga'e beeke firoota isaa lafa kanarra jiran “warra jaalate
hanga dhumaatti jaalate" jechuudhan Yohaannis sa'aatii fi yeroo kan jedhu dhiigaa isaa kan itti
dhangalaasu guyya jimaata ta'u isaa barsiiseera. (Yoh.12:23, 13:1, 16:32, 17:1Maat.20:18-19)
Akkuma dubbiiwwaan armaan olii irraa hubannutti Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos bishaan
gara daadhi wayinitti akka jijjiruuf "daadhi wayini hin qaban" kan jetteen haadha isaatiin "yeroon
koo hin geenye" jechuunsaa sababa Addaami fi Hewaaniin wayini dhugaa Waaqayyoorraa addaan
bahee harka duwwaatti kan hafe mucaa namaatiif foonsherraa foon lubbuu isherra lubbuu fudhatee
Qaraaniyoo irratti wayini dhugaa dhiiga isaa guyyaan itti dhangalaasuu akka hin geenye barsiisuu
isaati.

Qulqulluu Luqaas (Luq.2:19) irratti "Maariyaam garuu wanta kana hundaa laphee isheetti yaada
fi eega turte" jedhe akkuma barreessetti gamna kan taate Giiftiin keenyaa Qulqulleetti Durboo
Maariyaam deebi kana afaan ilmaa isheeti akkuma dhageesseen walii galaniiru waan ta'eef
ariitidhaan geggeessitoota cidhichaatti "waan inni isin ajajee raawwadha" jechuudhaan kennaa
guddaa isheef kennameen isaan abboomte. Kunis ayyaanaa guutuu ilma ishee biraa argatte waan
jirtuufidha. Galanni isaaf haa ta'uuti Waaqni Abbaa tulluu Dabra Taaboor irratti dursaa fi qixusuu
kan hin qabne addunyaa dura haadha malee Abbaa irra kan dhalate bara boodaas Abbaa malee
Giiftii Durboo Maariyaamirraa kan dhalate Ilmi isaa Kiristoosiif "Kunoo Ilmi koo isa ani jaaladhu
gammachuun koos isatti in raawwatama isa dhaga'aa!" jedhe akka dhugaa ba'ee hundaa
Qulqulleetti Durboo Maariyaam wagga 5500(waggaa kuma shani fi dhibba shan) yeroo dhumu
Ilma Waaqa abba malee durbummaan ulfooftee durbummaan kan isa deesse "Kan inni isiniin
jedhu hunda raawwadha" jechuudhan waa'ee ilma ishee dhugaa baate jirti. Ergaa dubbii kana
keessatti Ilma Abbaa kan amala qaama jecha fooniin kan deesse Haadha Waaqa ta'uunshee
guutumatti beekameera. (Maat.17:5)

Wangeelaawwi Yohaannis akkuma wangeela isaa keessatti dubbate Gooftaan keenya kawaala erga
deebi'ee boodaa Qaana galiilaatti kabaja (Waaqummaa) isaa mul'isuuf raajiin jalqaba inni hojjete
arjummaa isaatinii fi kadhanna haadha isaa Qulqulleetti Durboo Maariyaamiin raaji ta'e hubatani
bartoonni isaa hunduu Waaqummaa isaatti akka amanan godheera. Har'as guyyaa guyyaan
wayiniin dhugaa kabajama dhiigni isaa yoo waraabamu qulqulluu foon isaa yeroo 'fattatamu' mana
cidhaa ishee dhugaa mana kiristaanatti walitti qabamne Waaqummaa Iyyesuus Kiristoosii fi
murteessa ta'u isaa akkasumas haadha Waaqa ta'u Giifti keenyaa fi araarsummaa isheetti ni
amanna.

"Nan amana nan amana nan amana hanga afuurri koo isheen dhumaa baatutti; ittiin abdaadha
karaa lamaan durba kan taate Giiftii hunduma keenyaa Qulqulleetti Durboo Maariyaamirraa kan
fudhate foonii fi dhiigaa Gooftaa keenyaa; Waaqa keenyaa qoricha keenyaa Iyyesuus Kiristoos
kana akka ta'e osoo wal keessa hin makinii fi osoon walitti hin ida'in; osoon hin jijjirinii fi osoon
addaan hin baasiin Akkeenya wajjiin tokko kan taasisee bara Philaaxoos pheenxichaatti ragaa
bareedaan dhugaan kan ba'ameef, nuuf jecha fi waa'ee hunda keenyaaf lubbuu isaa dabarsee kan
kenne" jechaani dhugaa bahaa ni jiraanna.

4. Afuurri Koos Waaqayyoo Fayyisaa Kootti Ni Gammaddi.(Luq.1:47)


Giiftiin keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaam Waaqa akka deessuuf kan filatamte fi raajoonni
dursani kan dhugaa bahaniif osoo hin dhalatiin dura gadaameessa haadha ishee keessa jalqabe
abaarsa duri irraa kennaa Waaqayyootiin eegama kan turte uuma ishee yoo galateeffattu
"Waaqayyoo fayyisaa kootti afuurri koo ni gammaddi" jette malee gara fuulduraatti kan na
fayyisuu hin jenne. Shakkitoonni tokko tokko "Afuurri koo Waaqayyoo fayyisaa kootti in ililcha"
jedhu qabachuun Durboo Maariyaam abaarsaa daddarbaa sana qabdi kanaaf fayyisaa koo jette
jedhani mormuu fedhu. Haata'umalee, Qulqulleetti Durboo Maariyaam kan dubbatte kana laphee
Afuura Qulqulluun guutaameen yoo ilaalle akka isaan jedhan kana miti. "Fayyisaa koo!" jechuun
ishee kan amanamee fi sirridha. Sababni isaas osoo hin dhalatiin gadaameessa haadha ishee keessa
yeroo jirtutti cubbuun daddarbaa, abaarsi duri akka irra hin geenye durseetu kennadhan ishee
eegera waan ta'eef galata Waaqaaf galchite.

Warroonni mormaan kun garuu ergaa Kitaaba Qulqulluu sirnaan hubachuu dhabuu irraan kan ka'e
hojii fayyisummaa Waaqaa guutumaan guututti hojjatame hiika jal'aa ta'e itti kennuu yoo yaalan
mul'ata. Haata'umalee, kitaabni qulqulluu keessatti "fayyina" jechuun namni tokko cubbuu osoo
hin hojjetiin duras dabalatee kan dhorkamu ta'uu isaa argina. Fakkeenyaaf Yihuudaan ergaa isaa
lakkoofsaa 24-25 irratti "osoo hin gufatin akka isin eeguuf kabaja isaa fuulduratti mudaa malee
gammachuun akka isin dhaabuuf kan danda'u qofaa isaa kan ta'e Waaqa fi fayyisaa keenya baroota
hundaa dura; ammas hanga bara baraatti surraa fi kabaja Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiif
kabajni, surraan, humnis aangoonis isaaf haa ta'u." jechuun sirritti ibseera.

Sababa abaarsaatiin qilee baditti kufuu irraa Qulqulleetti Durboo Maariyaam gadaameessa haadha
ishee keessa jalqabee kennaa Waaqayyootiin eegama kan turte yoo taatu kunis adda kan ta'e wanti
tokko gidduu osoo hin galiin fedha Waaqa qofaan kan raawwate fi sa'aati itti isheen gadaameessa
haadha ishee keessa bultuu jalqabee kan raawwate hojii Waaqayyootinidha. Kanaafuu, kenna
Kiristoosiin guyyaa Haati ishee Haannan ishee ulfoofturra jalqabe hojii fayyinaa raawwatameef
irraa ka'uun "Waaqayyoo fayyisaa koo" jette galateeffatte.

Inni biraan Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos haadha isaa Qulqulleetii Durboo Maariyaam
wanti inni isheef godhee waan guddaan waan jiruuf "fayyisaa kooti" ittin jette. Kunis dubartoonni
hunduu ulfaa'uu yoo barbaadaan dursanii saala faalla isaani ta'een fedha fooniin yaada keessa
galuun dhiira wajjin walqunnamti saala godhu. Sababa kanaan dhukkubbii guddaan durbummaa
isaani irraa addaan bahuun sanyii dhiira gadaameessa isaanitti fudhatu. Erga sanaan booda dhiphuu
fi rakkoo hedduun daa'ima deessi. Daa'ima erga deessen boodaa cininsuu cimaa keessa dabarte
sana irraanfatte yeroodhaaf in gammaddi. Ammas fedhiin ishee gara dhiiratti deebi'uun lammaffa
ulfaa'uuf sanyii dhiira barbaachisa sababa ta'eef dhiira waliin sanyii wal jijjirti; haaluma kanaan
taateen akkana kun irra deeddebiin yoo gaggeeffamu argina.

Ulfinni fi kabajni isheef haa ta'uuti Waaqni ishee Waaqayyoo jabaan haadha isaa irratti garuu
yeroo ulfaatti wantoota dubartoota biroo irra gahu sana wanti tokkitti illee osoo irra hin gahin kan
ishee eegedha fayyiseedhas waan ta'eef gammachuu guutu ta'een "Lubbuun koo Waaqayyoon ni
galateeffatti Afuurri koos Waaqayyoo Fayyisaa kootti ni gammaddi" jechuudhan galata guddaa
Waaqayyoof dhiyeesite jirti.

Walumagalatti Durboo Maariyaam abaarsa sanyiin daddarbaa dhufee sanarra arjumma


Waaqayyootiin eegamte kan jiraattedha waan ta'eef oolma Waaqayyoo isheef oleef galata kana
galchitedha. Ergamaan Waaqa Qulqulluu Gari'eelii fi Qulqulleeti Elsaabex "Ati dubartoota
keessaa kan eebbifamtedha, ulfina qabeettidha, kennaan kan guutamte gammadi” jedhanii ishee
galateeffatan nutis haa galateeffannu. (Luq.1:26-42) Dabalatanis muda kan hin qabne ta'u ishee
ogeessi Solomoon (W/Weed.4:7) irratti "Yaa misirroo ko, ati guutummaa dhumati
miidhagduudha, mudaa tokkolle hin qabdu" jechuun misirroon Kiristoos Durboo Maariyaam
mudaa tokko illee akka hin qabne dursee raajiin dubbateefira. Kanaafuu, nuti kiristaanooni
kiristoositti amannu haadha isaa "Yaa misirroo Kiristoos ati guutummaadhumatti miidhagduudha
mudaa tokkitti illee hin qabdu" jenne ishee ni galateeffanna, ni faarfannaaf.

6. Arrabsoo Bineensichi fi Bara Dhumaatti Jibbinsaan Giiftii Qulqulleetti Durboo


Maariyaam Irratti Waraana Ganiinsaa Inni Kaasuu.
Jaallee Gooftaa jedhamuun kan waamamu ilmi Zawudoos Qulqulluu Yohaannis kabaja
Qulqulleetti Durboo Maariyaam mul'ata isaa keessatti "Wanti guddaan dinqisiisaan tokko samii
keessatti argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilaa jala kaa'atte, gonfoo urjoota kudha lama
mataa ishee irraa qabdu tokko in mul'atte" jedhee erga ibseen booda jawwicha kufee kan jedhamu
Diyaabiloos Waaqa kan deesse Giiftii Qulqulleetti Durboo Maariyaam irratti jibbiinsaa hadhaawa
qaburran kan ka'e "Wanti dinqisiisaan biraa tokkos samirratti in mul'ate inni immoo bineensa akka
jawwee guddaa diima biluu, mataa torba gaanfa kudhan mataa isaa torban irratti wanta akka
gonfoo torba qabu ture. Eegee isaatiin urjoota samii keessa jiran harka sadii keessa harka tokko
haxaa'ee lafatti gadi ni darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee
liqimsuudhaaf jedhe ishee da'uudhaaf jettu sana dura ni dhaabate. Isheenis ilma saba hundumaa
siiqee sibilaatiin bituuf in deesse. Ilmi ishee garuu gara Waaqatti gara teessoo isaattis ol fudhatame;
dubartittiin immoo lafa onaa Waaqayyoon qopheessefitti baqatte." (Mul'ata Yoh. 12:1-6)

Kunis jawwichi kufe kan jedhame Diyaabiloos jibbiinsa hadhaawa Durboo Maariyaamiif qabu irra
kan ka'e Herodis irra bule Giiftii keenya Durboo Maariyaami uumaamtoota hunduma siiqqee
nageenyaatiin kan bitu, aboo isaa jaalatamaa ta'een kan eeguu; jabaa Ilma Abbaa Ilma ishee
Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf akka godaantu yoo godhu; haadha isaa wajjiin kan godaane
Tawaahidoon qaama tokko amala tokko kan ta'e, ilmi ishee yoo godaanuus Waaqummaan Abbaa
wajjiin qixa kan galateeffamuu ta'uu isaa fi Giiftii keenya Ilma ishee Waaqaa wajjin guyya 1260
(waggaa sadii fi ji'a ja'aaf) godaantee gammoojji Gibxii keessa jiraatte.

Itti fufuunis Qulqulluu Yohaannis (mul'ata 22:15-16) irratti "Bofichis lolaan akka fudhatamtuuf
bishaan guddaa afaan isaa keessa duuba isheetti dhangalaase. Laftis dubartiitti gargaarte afaan
ishee banuun bishaan afaan jawwee keessa dhangala'e xuuxee" jechuudhan bofichaan kan
fakkeeffamee Herodis Giiftii keenyaa fi Ilmi ishee gara Gibxitti godaanuu isaani yoo dhaga'u
ajjeesuuf bishaan lagaatiin kan fakkeeffaman loltuwwaan hedduu duuba isaani yoo ergu, Giiftiin
keenya lafa Iyyrusaalem sanarra fagaatte ishee fi ergamoonni waan gargaaraniif yaadni hamaan
Herodis akka hin guunneef(hin milkoofneef), barreesse. Dhuma irrattis "jawwichi dubartittiti in
aaree sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe. Isaanis warra abboommi Waaqayyoo eeganii
isaa Iyyesuus dhugaa baheettis jabaataniidha. Bineensichi sun immoo cirracha galaana qarqara
dhaabate" jechuudhan jawwichi kufe diyaabiloos Giiftii keenya ajjeessuuf fedhiin inni qabu waan
galma gahuufi dideef aaree haadha Waaqa ta'uu ishee fi Waaqumma Ilma ishee Iyyesuus
Kiristoositti kan amanuu fi uummata dhugaa bahu irratti waraanuuf cirracha galaanatiin kan
fakkeeffamee laphee shakkitoota, gantootaa keessa akka bulee katabameera.

Bishaan yoo hir'atu cirrachi baay'een akkuma argamu hunda bara dhumaatti diyaabiloos Giiftii
Durboo Maariyaam komachuuf laphee gantoota baay'ee keessa akka bulu himameera. Kunoo
'manaafiqanonni ' cirracha bishaan qarqaraatiin sababni isaan fakkeeffamaniif cirrachi gogaa
akkuma ta'e hunda lapheen shakkitoota shakkin, lapheen gantoota gantummaan kan gogeedhe.
Akkasumaas cirrachi qorraa akkuma ta'e lapheen shakkitoota dhugaa fudhachuuf kan qorreedha,
kan dukkanaa'eedha. Kun bara dhumaatti waan ta'u mul'ata Yohaannisiif ife raawwachuuf
addunyaa kana irratti wagga muraasa ka'an keessatti sababa namoota xiqqoon ta'ani ganiinsi
diyaabiloosiin jalqabe warri babal'isuun har'a ilma ishee Iyyesuus Kiristoos Waaqummaa isaa fi
murteessa ta'uu isaa, Giiftii Qulqulleetti Maariyaam haadhumma Waaqa fi araarsumma ishee irratti
waraana (lola) banuun baay'ee isaani gara dirree ganiinsatti bobbaasera.

Waaqummaa Iyyesuus Kiristoosii fi murteessumma isaa kan amannu akkasumas Qulqulleetti


Durboo Maariyaam haadha Waaqa ta'uu ishee fi araarsumma isheetti kan amannu hundi keenya
ijjoollen Kiristoos qulqulluu kan taate amanti keenyaa jabeessine qabachuuni fi raawwi mul'aticha
hubachuun nurra eegama.

Bara dhumaatti baay'een isaani amantii qulqulluu taate keessa bahanii jawwichi diyaabiloos gara
isaan qajeelchutti gara barumsa ganiinsatti bineensichaan kan fakkeeffame barumsa 'masii
sobaa'(hasawe Masihi)tin akka kiyyeeffaman; Raajiidhaanis kan nama dogogorsiisan akka
raajeffatan Yohaannis waan itti mul'ate yoo barreessu "Lafti hunduu bineensicha raajeffacha
hordofe (duuka bu'e) jawwichaafis sagadan bineensichaaf aboo kennefi jira waan ta'eef,
bineensichaanis maaltu isaa fakkaata? Isaas waraanuu eenyutu danda'a? jechaan sagadaniif"
jechuudhan diyaabiloosiin ulfeessuun aangoo Waaqayyoo tuffachuun irbaata diyaabiloos warri
ta'an baay'een akka jiru beekkamadha. Ergamni diyaabiloos kun Ilma Waaqa Waaqummaa isaa fi
bultoosaa akka taatuuf kan ishee jaalate, kan filate "isheen tun bara baraaf bultoo kooti dha;
filadheera isheerran bula" jechuun Daawitirra bule raajii kan dubbisee fi ji'a sagalii fi guyyaa shan
magaala taasifate mootichi samii kan irratti moo'e bultoo isaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam fi
qulqulloota ergamoota samii irra jiraatan qulqulloota arrabsuun akka isaan waraanu yoo ibsu
"Waan guddaa fi kan ittin arrabsu arrabni guddaan kennameef... Waaqayyoon arrabsuuf maqaa fi
bultoo isaa samirras kan bulan qulqulloota arrabsuu fi isaanin loluuf afaan isaa banate.
(Mul'ata.13:4-6, Faar.131/132:13-14)

Sababa kanarra kan ka'e yeroo amma kana Qulqulloota amantoota yeroo sanatti Waaqummaa
Iyyesuus Kiristoos murteessa ta'u isaatti; Haadha Waaqa Durboo Maariyaami fi araarsummaa
isheetti amanani jabinaan amanta isaani eeguun hanga dhumaatti amanamanii yoo jiraatan fi
mootummaa samiif yoo qophaa'an baay'een isaani immoo amantaa qulqulluu isaani keessa bahani
Uumaa isaani Kiristoosi fi haadha isaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam fi Qulqulloota hundaa akka
arrabsaniif bineensichi akka isaan qajeelchutti yoo ibsu "Qulqullootan loluudhaaf akka moo'ufis
aangoon kennameefira. Addunyaan erga uumamtee jalqabee dhiiga hoolicha qalameen kitaaba
jireenyaa keessatti warri hin galmoofne lafa irra kan jiran hunduu ni sagaduufidha. Gurraa kan
qabu yoo jiraate haa dhaga'u" Namni booji'amuuf jiru booji'amuun isaa hin oolu, namni albeen
ajjeeffamuun isaa hin oolu; kana keessa obsaan danda'ani amantiin waari Waaqayyoof qulqullaa'an
ni barbaadamu.

Egaa yaa mucaa namaa obbolota obboleetti amantoota bara keenyaatti Waaqayyoo, bultoo Waaqa
Qulqulleetti Durboo Maariyaam, Ergamooota qulqulloota fi qulqulloota namoota arrabsuuf afaan
isaa kan banatee fi Waaqummaa Kiristoos isaa amalaatti, bultoo Waaqa fi Haadhumma fi
Araarsummaa Durboo Maariyaamitti amantoota amanan seefiidhan kan balleessa Masiin sobaa
osoo hin dhufiin dura daandii masii sobaa warri qulqulleessan shakkitoonni, gantoonni,
mormitoonni wantoota faayidaa garagaraatti fayyadamuun namoota dallaluun (kiyyeessun)
baruumsa sobaa bineensichaa fi raajii sobaa agarsiisuun baay'ee isaani daandi dhugaa irra
baasaniru qilee abiddaatti guura jiru. Kitaaba fakkeenya (Fakk.14:11-12) irratti "Manni jal'otaa ni
jiga, godoon qajeelotaa garuu in eebbifama; Karaan qajeela namatti fakkaatu jira, dhumni isaa
garuu karaa du'aatidha." jedhe Ogeessi Solomoon akka dubbate dhumni jara kana du'a jechuudha.

Arrabsoof afaan kan kennameef bineensichaaf yoo ta'u bineensichi immoo hordoftootaa isaati
qooduun Waaqa fi bultoo Waaqa samii fi lafarra jiran tokko osoo isaa hin hafin hundumaa akka
arrabsan godha ture, ammas godhaa jira gara fuulduraattis Ardii kanarra kan dhufu bineensichaaf,
Masii sobaa baruumsa arrabsoo, barumsa gantummaaf namoota qopheessa jiru. Abbootiin yoo
mamakaan "Abbaa qe'ee yoo tuffatan malee dallaa hin cabsan" jedhani dubbii fakkeenyaan
akkuma barsiisan namoonni abba manaa tuffachuu gaafa jalqaban mana inni keessa bulu irratti ija
jabinaanii fi eenyutu nuu gaafata jechuun dhagaa akka itti darbatan hunda har'as bineensichi yeroo
dhumaatti laphee shakkitoota keessa buluun abbaa hundaa kan ta'e Waaqa tuffachuun bultoosaa
Qulqulleetti Durboo Maariyaam fi Qulqulloota irratti ija jabummaan arrabsoo ganiinsa akka
darbatan godhaa jira.

'Manaafiqoonni' nama kan arrabsan kitaaba qulqulluu keessatti kan barra'e Waaqayyoo biraa
ergamee dhufe dhugaa kan ba'e qulqulluu Gabri'eelii fi Afuura Qulqulluun irra bulee
qulqullummaa fi kabaja Durboo Maariyaam kan dhugaa baate Elsaabex caala abbaa sobaa
diyaabiloosirraa barachuudhan faayidaa fooni ari'uun ija jabinaan akka arrabsan qulqulluu
Phaawuloos ifeefi (2Ximo. 3:1-9) gubbaatti "Haata'u malee, guyyaa dhumaatti barri nama
dhiphisuu akka dhufu beeki! namoonni ofittoo, sassattoota, ofjajoota, afuufamoo, arrabsituwwaan,
warra abboota isaani fi haadhoota isaaniif hin abboommamne, galata hin qabne, warra wanta
qulqullaa'aan morman ni ta'u , warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaalanne, warra
maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii
jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra safuu hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of
bokoksan, warra Waaqayyoon jaalachuu caalaa warra waan isaan gammachiisuu jaalatan ta'uuf
jiru. Akka bakkeedha mul'atutti nama Waaqa fakkaatu; Waaqummaa isaa garuu ganani jiru waan
ta'eef warra akkasii irraa fagaadhu! Isaan keessa kan mana nama lixani dubartoota dadhaboo warra
cubbuun irratti tuulame, kajeellaa gara garaattin asii fi achi oofaman in wallaalchisu dubartoonni
kun yeroo hundumaa in baru; garuu dhugaa beekuu bira gahuu matumaa hin danda'an. Akkuma
Iyyaaneesii fi Iyyaanbarees museedhaan morman jarreen sammuun isaani bade karaa amantii
isaani qoramanii hin ilaalamin kunis akkasuma dhugaadhaan ni mormu. Garuu akkuma
gowwummaan jarreen sana lamani irratti kan isaan kanaas nama hunduma biratti beekkamuuf
waan jiruuf fagoo hin ga'an" jechuun waa'ee isaani raaji dubbateef.

Qulqulluu Pheexrosis bara dhumaattiWaaqayyoo fi kan inni kabaje qulqulloota arrabsituwwaan


ija jabinaan akka ka'an erga isaa irratti "Michoota ko! ani amma ergaa lammaffaa isiniif barreessuu
kooti isaan keessatti isin yaadachiisee yaada keessan isa qullaa'aa nan dammaqsa.Wanta raajoonni
qulqulloonni duraan dursaani dubbatan abboommi Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya isaa karaa
ergamoota warra isiniif hojjetanii argatan yaadadha. Guyyoota gara dhumaatti ga'iftonni akka
fedha foonii isaanitti jiraatan ka'uuf akka jiran duraan dursaati beeka. Isaan isinitti ga'isuudhaan
eegaa gooftichi namoota Waaqayyoof bulan qormaata keessa baasuuf; warra jal'oota immoo
hamma guyyaa murtitti adabaaf kaa'uu in beekna. Caala dhumatti immoo warra fedha (kajeellaa)
fooni isa nama xureessu duuka bu'an warra Gooftummaa Waaqayyoo isaan irra qabu tuffatan
adabaaf in kaa'a. Isaan warra addaggee warra of gammachiisanidhaas; warra akka ergamoota
Waaqa keessatti ulfina qaban arrabsu malee hin safeeffatan. Ergamoonni Waaqayyoo warra
barsiisota sobduu kana caala aangoo fi humna qaban illee warra akka ergamoota kana arrabsani
akka isaanitti faradamuuf Gooftaa duratti isaanirratti hin dubbatan.Warri adabaaf kaa'aman sun
akka bineensotaa waa yaadani gargar hin baafne; warra uumammu isaanitiin qabamuu fi
ajjeeffamuufis dhalatanitti wanta ofii isaaniti hin arrabsu. Isaan akkuma badiisa bineensota sanaatti
baduuf jiru. Gatii jal'ina isaanitiifis jal'inni irratti ni raawwatama. Isaan guyyaa guutu jireenya
keessa baha jiraachuudhan kajeellaa isaani isa hamaa raawwachutti ni gammadu; fedhii isaani isa
hamaatti jireenya dhugaa keessa baha jiraacha yeroo isaan wajjin nyaattan isaan xurii fi mudaa
isinitti ta'u. Ijji isaani yeroo hundumaa hawwaan gara ejjatti in ilaala; cubbuu hojjechuu irraas aara
hin galfatan. Namoota jabaatani hin dhaabbatin wallaalchisanii kiyyoo isaanitti galfatu. Gara
sassataatti bare qabu; isaan warra abaarsa jala jiraniidha. Karaa isaa qajeelaa dhiisaani karaa irraa
kaataniru; karaa Bala'aam ilma Be'or isa jal'ina hojjechuudhan bu'aa argachuu jaalatee irra
bu'aniru. Garuu inni irra daddarbaa isaatiif in ifatamee, harreen dubbachuu hin dandeenye sagalee
namaatiin dubbatte maraatummaa raajicha ittifteetti. Isaan kun akka burqituu bishaan hin
qabneetti; akka hurri bubbeen oofuttis; iddoon dukkanaa limxi isaaniif qophaa'era. Dubbii
gowwummaa isaanitiin guddisanii of jajuu akka hawwii foon isaanitti gad-dhiisatti jiraachu
isaanitinis warra irra kaachutti jiraatan keessa namoota reefuu baqatanii bahan wallaalchisani
kiyyoo isaanitti in galchuu; Warra kana birmadummaa inni abdachiisuu garuu ofii isaaniti iyyuu
gabroota badiinsati. Namni wantuma isa moo'eef garbicha ni ta'a.

Gooftaan keenyaa fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos beekuudhan xuraa’ummaa biyya lafaa
baqatani erga bahanii deebi’anii ittin qabamanii yoo moo’aman akki isaan itti jiran inni booddee
isaa isa duraa irra in hammaata; karaa qajeelummaa erga beekanii boodde, abboommi qulqulluu
isaaniif kenname irraa garagaluu takka otoo hin beekin hafaniiru utuu ta’ee isaaniif wayya ture.
Jechi inni sareen diddigdee diddigaa isaatti in deebi’a akkasumaas booyyeen dhiqatee doqqee
keessa gangalachutti in deebi’a jedhu dhugaa ta’uun isaa waan isaan kana irra gahuun in mul’ata.
(2Phex.3:1-3,2:9-22)
Duuka bu’aa Yihuudanis ergaa isaa keessatti waa’ee bara dhumaa kana namni amantii eebbifamtu
kana keessa bahani kan ga’isan ta’uu isaani si’a dubbatu “Michoota koo waa’ee fayyina waliin
wajjiin qabnuuf duruma iyyuu isiniif caafuudha dhama’aa otoon jiru, amma amantii isaa
altokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqullaa’anitti dabarfame laatame
sanaaf akka loltaniif barreesse isin gorsuun dirqama ta’uu isaa argeera.Warri Waaqayyoo malee
jiraatan ayyaana Waaqayyoo keenya argachuun gad-dhiisatti jiraachuudhan jedhani yaada isaani
geeddaran Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos isa kophaa isaa Gooftummaa qabu gananii lo’ani
nu gidduu galaniiru. Isaan kun wanta yakka isaanitti murteessisu kana jalatti duraan dursanii
caafamaniru.Isin waan ani amma isiniif barreessuuf jedhu hundumaa hin beektu. Haata’u iyyu
malee, ani isin yaadachiisu nan barbaada. Innis Goofticha saba hundaa altokkicha biyya gibxii
baase akka isaan oolche, booddeed immoo warra isatti hin amaniin sana akka balleessedha. Isaa
Waaqayyoo ergamoota warra aboo isaanitti kennamee irra darbanii lafa taa’umsa isaanii gad-
dhiisan funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhe ‘firdii’ isaa guyyaa guddaa sanaaf isaan
eeguu yaadadha.

Akkuma ergamoota Sanaa immoo warri mandaroota sadoomii fi Gomoraa warri mandaroota
naannoo sanaas halalummaan keessa ba’ani eejjummaadhaaf warruma akka isaani nama hin ta’in
duuka iyyu in adeemu turan. Isaan adaba bara bara ibiddaa fudhachuudhan wanta warra akkasi
irratti dhufuuf jiru argisiisuudhaaf fakkeenya ta’aniru. Akkasumas immoo warri lo’aani nu gidduu
galanii yaada ofii abjootaniin foon isaani in xureessu; gooftummaa Waaqayyoo isaan irra qabu ni
dagatu warra akkas ergamoota Waaqa keessatti ulfina qaban in arrabsu; Mikaa’eel hangafni
ergamoota iyyuu yeroo reeffa Musee irratti seexana wajjiin walitti falman, wal qoccolan,’Gooftaan
sitti haa dheekkamu’ jedhe malee arrabsee itti murteesuuf ija hin jabaanne. Isaan kun garuu waan
beekuu dadhaban hunda in arrabsu. Wanta akka bineensotaa waa yaadanii gargar hin baafannetti
dhageetti uumamaatiin hubataniin immoo in badu; Isaaniif waayyoo! Isaan karaa Qaayeel irra
bu’aaniru; bu’aadhaaf jedhani guuttummaatti irraa kaachuu Bal’aamitti of gad-dhiisaaniru.
Akkuma Qoraahi mormanii Waaqayyoo irratti ka’uu isaanitinis balleeffamuu isaaniti.

Jarri kun Irbaata jaalala isa walii wajjin qabdan yeelloo malee isin wajjin nyaachuun isaani xuri
isinitt in ta’a. Isaan garaa isaani duwwaadhaaf in yaadu; isaan akka duumeessa bokkaa of keessa
hin qabnee isa qilleensaan oofamuuti; akka muka yeroo ija kennuun isaaf ta’utti ija dhabeeti, akka
muka hundeen buqqa’ee gogee qosoreeti. Akkuma dha’aan galaana inni hunkuramaan hoomacha
baasu isaanis hojii isaani isa yeellaasisa akka hoomachatti ol in baasu; isaan akka qorsaati iddoon
dukkana limxii bara baraan isaaniif qophaa’eera.

Henook Addamii jalqabee dhaloota torbaaffa ture. Inni waa’ee isaan kana immoo raajii dubbate
“Kunoo Gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin ni dhufa; Inni nama hundumarratti
murteessuuf taa’ee waan warri Waaqayyoo malee jiraatan ; jireenyaa keessatti hojjetan hunduma
jajjabaa cubbamoonni warri Waaqayyoo malee jiraatan isa irratti dubbatan hunduma bakketti
baase amansiise nama adduma addaan ni adaba jedhe; Namoonni raajiin irratti dubbatamee kun
waan hundumatti ni gungumu , waan hundumaas ni komatu, akka hawwii isaanitti ni jiraatu
afaaniin guddisaani of ni jaju. Warra waa irra abdatan sobani immoo in saadu.

Isin garuu michoota koo dubbii ergamoonni Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos Kanaan dura
dubbatan yaadadha. Isaanis “yeroo gara dhumaatti ga’iftoonni warri Waaqayyoo malee akka
kajeella foon isaaniti jiraatan dhufuuf jiru” jedhanii isinitti himaniiru.Warri dhufan kun gargar
bahu in fidu; Yaada foonii jalas of galchu, hafuura Waaqayyoos of keessa hin qaban. Isin garuu
michoota koo! Amantii keessa isaa hunduma caala qulqulluu irratti dhaabamaati cimaa; hafuura
qulqulluudhaan gaggeeffamati kadhadha. Jaalala Waaqayyoo keessaatti of eega. Araara ittiin
Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos jireenyaa bara baratti isin geessuu eeggadha! Warra
mamaniif gara laafina agarsiisaa! Warra kaan ibiddaa keessa butaati oolchaa; warra kaan immoo
uffata isa cubbuu foon isaanitiin xuraa’ee iyyuu jibbuudhan ofii keessaniifis sodaachuudhan garaa
laafina agarsiisa.” (Yih.1:3-23) jechuudhan Waaqayyoo kan kabaje aangoo kan kenneef
qulqulloota warra arrabsani fi ga’iftootatti akka hin dhiyaanne; hafuura sobaa fi ganiinsa
bineensichaa osoo hin hubati dogogoranii warra arrabsan gorsinee akka deebi’an; warra ganiinsaan
jabaatan immoo ofirra dhoowu akka qabnu nu barsiisa.

Kitaabni qulqulluun “obboleessa isaa kan jibbu hunduu lubbuu baastuudha. Kan ajjesees yoo ta’e
hunduu jireenyi bara baraa isarra akka hin jiraanne ni beektu” jechuudhaan obboleessa isaa
inumaayyuu kan tuffatu fi jibbu kan isa eeggatu murteedha. (Faar.33/34:21) “Hamoonni nama
jal’aa ni ajjeesa; warra nama qajeela jibbanittis yakki in murama” jechuun Waaqayyoon kan isaan
kabaje qulqullootaa fi toltoota akkasumas qajeeltoota warri komatan kan isaanirra gahu gaabbii
bara barattidha.
“Dhaloonni hunduu galateeffamtuu” kan isheen jedhan gooftaa samii fi lafa uumee kan deesse
Qulqulleetti Durboo Maariyaam ija jabummaan kan arrabsanii fi jibban murtoo bara baraa
akkamitu isaan eeggataa? Daawitis “Tsiyooniin kan jibban hunduu haa qaana’an; gara duuba
isaanittis haa deebi’an; akka marga bantii manaa irratti biqilee utuu namni hin buqqisin goguu haa
ta’an! Margi sun qabaa nama isa haamuu kaasuu isaa bissi hidhuus hin guutu; warri achiin darban
eebbi Waaqayyoo isiniif haa ta’u isaaniin hin jedhan” jechuun abaarsa isaanirra gahu dursee raajiin
dubbatera.(Faar.128/129:5).

“Waaqayyoo Tsiyooniin filateera (foo’atera); lafa taa’umsa isaa ishee godhachuuf fedheera. Kun
bara hundumaaf iddoo boqonnaa kooti; kanas waanan fedheef addana nan buufadha.”
(Faar.131/132:13-14) Galanni isaaf haata’uti Gooftaan Iyyesuus Kiristoos “Ani isinittan hima
namoonni dubbii yaada malee afaan isaa keessa bahe hundumatti gaafatamanii guyyaa firditti
deebii deebisuuf jiru; dubbii kee hundumaan siif ni ‘faradama’; dubbii kee hundumaanis sitti ni
‘faradama’ (Maat.12:36-37). Jechuun akka barsiise ilma ishee tuffachuun mirga isaa kan
dhaabbattu mootitti haadha isaa irratti yaada malee warri haasa’an jecha arrabsoof murteessa kan
ta’e Iyyesuus Kiristoosiin teessoo murtii fuulduratti deebii itti kennu. (Room.14:10-12, 2Qor.5:10)

Inni biroon Yohaannis firoota ishee jedhe kan isaaniif dubbate abboommi Waaqayyoo kan eegaan
Kiristaanootaadha. Manni Kiristaana teenya Giiftii keenyaa Durboo Maariyaamiin “Haadha
Kiristaanota hundaati” jette hanga addunyaan dabartutti dhugaa ni baati. Egaa kiristoosiin
kiristaana kan jedhamne Yaa saba Waaqayyoo adara fannoo jalaa kan taatee Qulqulleetti Durboo
Maariyaamiin fudhachuu, kabaju araarsummaa ishee, haadha Waaqa ta’u ishee; qulqullummaa
ishee fi wantoota kana fakkatani hunda dhugaa ba’uufin nurra eeggama.

Yoh.(19:26-27) Fannoo Iyyesuus cinaa (bukkee) haati isaa (haadha Iyyesuus Kiristoos Durboo
Maariyaam), Obboleettiin haadha isaa Maariyaam (haadha manaa Qalayopha), Maariyaam ishee
Maqdalaas ni dhaabatu turan. Iyesuus yeroo sanatti Haadha isaa (Durboo Maariyaam) bartuu
isaa inni jaalates (jaallee Gooftaa Yohaannis) ishee bukkee (cinaa) osoo dhaabatu arge.
Haadha isaatinis (Qulqulleetti Durboo Maariyaamiin) “Haadhoo koo ilaa ilma kee!” jedhee.
Ergasii bartuu saniin immoo “Ilaa haadha kee!” jedheen bartichis yeroo Sanaa jalqabee
gara mana ofii isaatti FUDHATE.
Carraa akka qulqullluu Yohaannis kana fayyadama Gooftaa Iyyesuus Kiristoos
Waaqummaa fi murteessa ta’uu isaatti laphee guutun amanaa! Badhaasa fannoo jalaa
Durboo Maariyaa Haadha Waaqa ta’uu isheetti onnee keessan guutun amanaa!
Araarsummaa isheettis amanadha laphee keessanirrattis caafadha! Akka Yohaannis
fudhadha mana keessanittiin galadhaa!!!

Galanni Waaqayyoof

Durboo Maariyaamiif

Ulfaata Fannoo Kiristoosiif haa ta’u!!

Gurrandhala 1, 2012 B.A

By: Gizaa Tashoomaa

Jimma, Oromiyaa

Yaadaa fi gaaffii adda addaa yoo qabattaan karaalee armaan gadii kanaan na qunnamu dandeessu.

1. Bilbilaa 0977917930
2. Telegram: channel Giza Teshome jedhu join gochuun
3. Facebook: Giza Teshome

DUBBISA MILKII ISINIIF HAA TA’U!!

You might also like