You are on page 1of 159

MUCUCA KUFAATII

YAADA GULAALTOTAA
Hundumaa Amansiisaa (Lecturer):
“Kitaabni kun kitaaba ani baayyee jaalladheedha. Waanuman ofii barreesse natti
fakkaachaan dubbise. Miiran addunyaa kanaaf qabu sodaa tokko malee irra ejjettee;
jala sarartee; ija keessa buruksuun barreessite. Kitaaba akkasii dubbisuu koottis
baayyee gammadeera”.
Deebisaa Tarreessaa (Bpharm)
“Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, kitaabni kun ajaa’iba hedduu of keessaa qaba.
Waantota sammuu namaa sakattaa’an hedduutu keessatti katabamee argama.
Dubbisuu kootiinis waan hedduun hubadhe. Barruu ragaa qabatamaa irraatti
hundaa’ee dhiyaate ta’uun isaas kitaaba kana adda taasisa!”.

SEENAA BARREESSAA
Barreessaan Mucuca Kufaatii, Barsiisaa(lecturer)
Amaanuel Oljirraa:- wallaggaa lixaa, aanaa Mana
Sibuu, magaalaa Mandiitti, abbaa isaa obbo Oljirraa
Duuloo fi haadha isaa aadde Shaashituu Gudduu irraa
Mudde 21, 1992 A.L.A tti dhalate.
Amaanuel oogummaa saayinsii fayyaatiin barnoota
isaa digrii jalqabaafi lammaffaa qabxii olaanaa (great
distinction) ta’een erga xumuree booda,yeroo ammaa
Yuniversiitii Haramaayyaatti sadarkaa Lecturer
ta’een barsiisaa jira.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula i


Barreessaan: Amaanu’eel Oljirraa Duuloo (Lecturer)
Amajji, 2020
DHAAMSA
Mirgi barreessaa seeraan kan eegamee dha. Kanaafuu
eyyama barreessichaa malee maxxansuu fi baay’isuun
seeraan itti nama gaafachiisa. © 2020.
Lakk.bilbilaa:+251917676673
Email: amanueloljira790079@gmail.com

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula ii


GALATA
Duraan dursee haadha koo aadde Shaashituu Gudduu
Gugsaa kan garaatti nabaattee, deesse naguddisuuf
gumaacha qaqqaalii natti baafte, bay’iseen galateeffadha.
Itti aansuun namoota gulaallii kitaaba kanaa keessatti
qooda fudhatan keessaa: Hundumaa Amansiisaa
(Bpharm, Mpharm); Deebisaa Tarreessaa (Bpharm) fi
kanneen biroo hundaaf galanni koo dhuma hin qabu.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula iii


BAAFATA
DHAAMSA............................................................................. ii
GALATA................................................................................iii
BAAFATA............................................................................. iv
SEENSA................................................................................. vi
BOQONNAA 1....................................................................... 1
1.1. Ibsa Mucuca Kufaatii................................................. 1
BOQONNAA 2....................................................................... 7
2.1. Amantaalee fi Amantaa..............................................7
2.1.1. Baayyina Miseensota Amantaalee Addunyaa. 11
2.1.2. Seerota Amantaalee........................................... 17
2.1.3 .Kiristaanummaa fi Islaamummaa................... 25
2.1.3.1Kiristaanummaa........................................... 27
2.1.3.2 Islaamummaa............................................... 40
BOQONNAA 3..................................................................... 62
3.1. Amantaa fi Saayinsii................................................. 62
3.1.1 Wal Mormii Ilaalcha Amantaa fi Saayinsii...... 62
3.1.2. Uumama Hawaa fi Lubbu Qabeeyyii...............73
3.1.2.1 Uumama Hawaa...........................................74
3.1.2.2 Uumama Lubbu Qabeeyyii......................... 81
3.1.3. Mudannoo Hir’ina Qaamaa..........................90
3.1.4. Garaa Garummaa Adii fi Gurraachaa...... 100
Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula iv
3.1.5 .Uumaa/Waaqa..................................................109
3.1.5.1. Guddina Uumaa/Waaqaa.........................111
BOQONNAA 4...................................................................119
4.1. Amantaalee fi Dhibee Sammuu............................. 119
4.2 Dhibee Sammuu fi Mallattoo Isaa......................122
4.2.1. Waantota Dhibee Sammuuf Nama Saaxilan
................................................................................. 127
4.2.2. Dhibee Sammuu Amantaan Wal Qabate...131
4.2.3. Mala Dhibeen Sammuu Ittiin Yaalamu.....134
BOQONNAA 5...................................................................138
5.1. Gudunfaa Mucuca Kufaatii................................... 138
6. REFERENCES...............................................................147
7. SEENAA BARREESSAA............................................. 150

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula v


SEENSA
Akkuma beekamu waanti barreeffamu hundi sababa
malee miti. Kitaabileen yeroo barreeffaman qabiyyeelee
kanneen akka gaaffii fi deebii ykn furmaata, taajjabbii,
sirnoota ittiin bulmaataa garaa garaa, qeeqa, hubannoo
dabalataa, siyaasa garaa garaa, amantaa garaa garaa,
bashannana fi kkf of keessatti qabachuu malu. Haa ta’u
malee wantootni kitaaba kam keessatti barreeffaman
hundi dhugaa ta’uu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee, namni
kitaabicha dubbisu sun ragaa qabatamaa ta’een madaalee
fudhachuu ykn mormuu danda’a. Yoo kan mormu ykn
kan deeggeru ta’es, ragaa dhiyeeffachuun yaada mormii
ykn deeggersaa ibsata jechuu dha.
Sababni ijoon kitaabni kun akka barreeffamuuf
kaka’umsa taasises, qeeqa ilaalchota dogoggoraa,
kanneen namootni hedduun akka furmaataatti itti amanaa
jiran ilaalchiseeti. Ilaalchotni namootni furmaata nuuf
ta’a jedhanii fudhachaa jiran sunniin garuu kufaatii
namootaaf sababa bu’uuraa ta’uu isaaniitu qeeqama.
Kanas mirkaneessuuf ragaa qabatamaa namni kamiyyu
irratti waliif galuu danda’u irratti fakkeenyota muraasa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula vi


fudhannee kitaaba kana keessatti kan ilaallu ta’a.
Kunis,qeeqa akkasumas jeja garaa garaa dabalchuu mala.
Qeeqni kitaabni kun qeequs kan uumame, sababa
namootni gocha hamaa dalaganii fi akkasumas akka
dalagamu barsiisan hawwaasa garaa garaa keessatti waa
argamaniifi.Yeroo ammaa kana namoota gaaffii osoo
qabaanii, garuu akka waan gaaffii hin qabneetti callisanii
waantota dogoggoraan dalagaman faana bu’anii dalagan
fi dalagamuu wantichaa deggeranis arguun waanuma
baratamee dha.
Kitaaba kana tarii kitaabilee kanneen biroo irraa kan
adda taasisu, gaaffii ta’ee kan nama kam keessatti
uumamu danada’u kamiyyuu ilaalchisee, isa kamtu
dhugaa akka ta’e yaada mareef dhiyeessuu isaati.
Kanaafuu ijoon dubbii kitaaba kanaa, jecha isa ”waanta
feete amanuun mirga keeti, garuu waanta dubbiste
hunda gaaffiin osoo hin madaalin amanuun dogoggora”
jedhu irrattii kan hundaa’uu dha.
Tarii kitaaba hedduu erga dubbistee booda gaaffii
hedduun sammuu kee keessati uumameera ta’uu mala.
Kun ammoo sababa kitaabni ati dubbiste sun namuma

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula vii


akka keetiin barreeffameef ta’uu isaati. Gaaaffiin
kees,wanta barreeffame sana erga dubbifteen booda
ilaalcha kan keetiin yeroo madaaltu dogoggora ykn
dogoggora ta’uu dhiisuu isaa mirkaneessuu yaaluu
keetiin kan uumame dha. Kitaabni kunis waantotuma
gaaffii namatti uumuu malan kanneeniin kan
walfakkaatu irratti mari’ata jechuudha. Kunis, seera
amantaalee muraasa, ilaalcha namootaa, saayinsii fi kkf
hunda bifa safuu (ethical) ta’een qeequus jejuus ni mala.
Kitaabni Mucuca Kufaatii amantaalee kamiinuu yoo
qeeqe ykn jejes, walqixatti malee, isa tokko jejee kan
biraammoo hin qeequ. Akkasumas ibsi kitaabicha
keessatti ibsamu, akka qaama sadaffaatti nama
kitaabicha dubbisaa jiruu fi ilaalchota amantaaleen qaban
erga wal barsiiseen booda, akka qaama lammaffaatti
immoo yaada caqafame irratti nama dubbisu sana waliin
sirreeffama godhamuu qabu irraatti mari’ata. Qabxiin
hubatamuu qabu; namni kamiyyuu amantaa mataa isaa
yoo qabaate, kitaabni kun kan jajjabeessu ta’uu isaati.
Dubbisa Milkii!

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula viii


BOQONNAA 1
1.1. Ibsa Mucuca Kufaatii
Jechi Mucuca Kufaatii jedhu jecha isa Oromoon:“Bakka
itti kufan irra, bakka itti Mucucaatan” jedhu waliin kan
wal simuu dha. Kunis kan ibsuu yaalu: Kufaatii isa dhalli
namaa ittiin cabee fi cabsee; du’ee fi ajjeesee;
hiyyoomee fi hiyyoomsee; cunqursee fi cunqurfamaa jiru
kanneen Mucucaalee akka: Siyaasaa; Ilaalcha Amantaa;
fi Ilaalcha Bilchina hin qabneen dhala naamootaa hunda
irratti ta’aa turee fi jiruu, akkasumas itti fufee ta’uuf
jiruuti. Qeeqni qeeqamuuf yaalame, Siyaasnii fi
amantaaleen namootni hordofaa jiran sirrii ta’uu dide
jechuu osoo hin taane, namootni baayyeen ilaalcha
dhiphaa dhaan amantaa fi siyaasa isaanii hordofaa jiru
jechuu dabalata. Kanaafuu ijoon dubbii: dhiphina
ilaalchaa(negative attitude) kan namootni waan hordofaa
jiraniif qaban hunda gara ilaalcha gaarii fi bu’aa gaarii
qabuutti(positive attitude) akka jijjiirratan jajjabeessuuti.
Fakkeenyaaf: Siyaasni mootummaa biyya tokkoo kan
lammilee biyyichaa; Sanyii, Aadaa, Bifaa fi Amantaan
waljibbisiisu, osoo gara siyaasa waljaallachiisaatti

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 1


jijjiiramee bu’a qabeessa ta’a. Kunis biyaattiin qooda,
jibbaafi qoqqooddaa lammileesheen diigamtu, tumsaa fi
jaalala lammilee shee hundaan akka ijaaramtu taasisa.
Jecha ilaalcha dhiphaa jedhus jecha beekaa addunyaa
kanaa kan ta’e‘Albert Enistayiniin ‘fudhannee yoo ilaalle
salphaatti ifa ta’uu mala. Innis “Dhiphina ilaalchaatiin
rakkoon uume, yoo ilaalchi sun jijjiirame malee,
rakkinichis furamuu hin danda’u(a problem can’t be
solved at the same level of thinking that created it)1 kan
jedhuu dha.
Enistaayin yeroo ammaa lubbuudhaan addunyaa kanarra
jiraachuu baatus, gumaacha inni gumaache hanga
har’aatti itti fayyadamamaa jira. Addunyaa har’a guddina
tekinooloojiitiin badhaatee jirtu kanas, sadarkaa ammaa
kanarra akka geessu taasisuu keessatti, namoota shoora
guddaa taphatan keessaa Albert Enstaayin isa hangafaa
ta’uu akka danda’utu himama2. Argannoo isaa keessaa
inni beekamaan foormulaa E=mc2 dha3. Haa ta’uutii
Albert Enistaayiin jechoota armaan olii kana jechuu kan
danda’eef, bara inni keessa jiraachaa ture (1879-1955
ykn jaarraa19ffa fi 20ffaa) keessa, ilaalcha namootni

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 2


waantotaaf qabaachaa turan hundi akkuma ilaalcha
namoota isaaniin dura turanii ture. Hubannoon namoota
yeroo sanaa gadi bu’aa waan tureef, hanga Enistaayin
ilaalcha yeroo sana ture hundeedhaan jijjiirutti gumaachi
inni addunyaa har’aa kanaaf gumaaches osoo hin
gumaachamin hafee ture jechuu dha. Enistaayin garuu
ilaalchota dogoggoraa jijjiiruun of jijjiiree, adunyaa
guutuus jijjiire.
Haaluma wal fakkaatuun yoo har’as rakkoon kan
namoota mudachaa jiru ykn addunyaa mudachaa jiru ta’e,
maddi rakkoo sanaa ilaalcha dhiphaa namootni ittiin
waantota ilaalaniin kan uumame ta’uu mala jechuu dha.
Kanaafuu, rakkoolee namoota mudachaa jiran
furuuf,namni kamiyyuu ilaalcha dogoggoraa kan ofii,
akkasumas kan namoota biroo gara ilaalcha gaariitti
jijjiiruun furmaata bu’uuraa ta’uu isaati jechuu dha.
Hubadhu! Ilaalchi kee ofii keetiif rakkoo ykn furmaata
siif ta’uu akkuma danda’u, akkasumas addunyaa kanaaf
rakkoo ykn furmaata ta’uu ni dandaa’a.
Walumaa galatti gudunfaan ibsa armaan olii, jecha isa
rakkooleen keenya har’a sababa ilaalcha dogoggoraan nu

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 3


mudachaa jiran, ammas yoo ilaalcha keenya jijjiirranne
malee jijjiiramuu hin danda’an jedhu of keessatti qabata.
Kanas fakkeenyota tokko tokko ragaa qabatamaa waliin
madaallee gabaabaatti ilaaluuf yaalla. Kunis waantota
namootni baay’een utuuma beekanii ykn kun maaliif
akkas ta’a gaaffii jedhu sammuu isaanii keessaatti
qabaatanii, garuu akka waan gaaffii hin qabneetti usanis
ni dabalata. Namootni akkasii kunniin, dogoggora jiru
osooma beekanii akka waan yaada dgoggoraa sana
fudhatan fakkeessanii, yoo ofii dalaguu ykn fudhachuu
baatan illee, sababa namoota isaan waliin jiraataniin
baratameef deggersa yaadaa godhan hundaa dabalata.
Kun ammoo siinis dabalachuu mala jechuu dha.
Fknf; tarii siinis waantotni dogoggoraan dalagaman
addunyaa ykn hawwaasa ati keessa jiraachaa jirtu
keessatti simudachuu malu. Gochaaleen sunniin yeroo
ati ilaalcha sirriin ilaaltu siif fudhatamuu didan ta’uu
malu. Kunniinis, rakkoolee yeroo ammaa kana addunyaa
guutuun ittiin dararamtu kanneen akka walitti bu’iinsa
karaalee amantaa, siyaasa fi dinagdee garaa garaa,
akkasumas ilaalcha dhiphaa kan namootni namuma

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 4


akkasaaniif qabanii fi kkf dabalachuu malu. Sababni
ka’umsaa fi taateen rakkoolee kanneeniis gaaffii
sammuu namaa keessatti uumuun isaa kan oolu miti.
Kanumarraaa ka’uun, waantota Mucucaalee kufaatii
namootatti ta’aa jiran tokko tokkorratti mari’achuuf
bu’uura akka ta’utti yaadamee kitaabni kunis katabame
jechuu dha. Mucucni kun illaalcha dogoggoraa kanneen
namootni baayyeen kanaan dura barreessaniifi barsiisan
akkasumas akka dhaalaatti walitti daddabarsaa nubiraan
ga’an dabalata. Ilaalchotni kunniin ammoo kufaatii
keenya har’aaf sababa ta’uu kanneen malanii dha.
Kitaabni kun amantaa hundaaf ilaalcha wal qixaa qaba.
Sababni isaas ilaalcha “amantaaleetu sirri miti” jedhu
qaba osoo hin taane, waanta amanaa jiran sana dhugaa
jiru hubachuun akkaataa ilaalcha gaarii ta’een amantaa
ofii hordofuutu gaarii dha yaada jedhu ofkeessaa qaba.
Kanaafuu namni amantaa kam hordofu yoo dubbise
rakkoo hin qabu. Sababni isaas namootni amantaa isaanii
ilaalcha sirrii ta’een kisaaraa malee akka amanuu qaban
jajjabeessa waan ta’eef.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 5


Fakkeenyaaf amantaan kee yoo ati dogoggoraa taate
waaqni (uumaan kee) guyyaa booddee abidda bara
baraan siguba kan jedhu yoo ta’e, akkasuma immoo
waaqni kee baayyee sijaallata kan jedhu erga waliin
madaaltee booda, ‘Isa kamtu sirriidha?’ jechuun gaaffii
uumuu dha.
Hubadhu! Gaaffiin jalqaba beekumsaa fi furmaataati!
Gaaffilee marii
Akka fakkenyatti gaaffilee armaan gadiii yoo xiinxalte:-
 Ati mootii biyya bulchu tokko yoo ni jaallatta ta’e
moo? Sababa seera isaa isa hamaa sodaattuuf
garaa guutuun itti gaafatamummaa inni sitti kennu
badii malee dalagda?
 Utuu carraa argattee mootii seera sitti cimsu
galagalchi jedhamtee silaa maal goota?
 Mootii isa baay’ee jaallatu innis baay’ee si
jaallatuhoo?
 Sodaachuu moo jaallachuutu bu’a qabeessa si
godha?
 Abbaa ykn haadha kee ni sodaattamoo nijaallata?
 Abbaan ykn haati ilmoo isaanii hagam jaallatu?
 Namni waanta jaallatuuf bakka akkamii qaba?
Hub: Deebii gaffiilee armaan oliif deebisuu yaalte
hunda waaqa bakka buusuun garuu gocha ykn jaalala
waaqni siif qabu akkuma garaagarummaa guddina
waaqaa akkasumas yaada waaqaa fi Nama gidduu jiru
Kan waaqayyoo Kan namaarra caalchisii madaali.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 6


BOQONNAA 2
2.1. Amantaalee fi Amantaa
Amantaaleen gosoota amantaa yoo ta’u, Amantaan
ammoo waantota mul’inaan hin argamne ni ta’a ykn
ta’uu ni danda’a jedhanii amanuu dha4.
Namootni baay’een waantotni isaan akka isaaniif ta’uuf
fedhanii dalagan, akkasumas amalli isaan calaqqisiisan
baay’een isaa amantaa isaanii irratti hunda’a. Taateen
kun ammoo kan mul’isu, ilaalchi namootni waantota
garaa garaaf qaban baay’inaan kan maddisiifamu
amantaa isaan qabaniin ta’uu isaati. Ilaalchi amantaan
maddisiifaman kunniinis akkuma garaa garummaan
amantaa, amantaalee gidduu jiru hundaa, ilaalchis gargar
ta’uu mala jechuu dha. Fakkeenyaaf; Namni amantaa
Kiristaanummaa hordofaa ture tokka yoo amantaa isaa
gara Isilaamummaatti jijjiirrate, ilaalchi isaas akkasuma
ni jijjiirama. Kana jechuun ammoo namni sun yeroo
Kiristaanummaa hordofaaa ture sana, waantotni inni
gaarii akka ta’anitti ilaalaa ture, ilaalcha Musiliimummaa
isaatiin akka gadhee ta’an, akkasumas kanneen inni akka
waan gadhee ta’aniitti ilaalaa turemmoo gaarii ta’anii itti

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 7


mul’achuu malu jechuu dha. Haaluma wal fakkaatuun
yoo namni Isilaama ture tokko gara Kiristaanumaa ykn
amantaalee kanneen birootti kan jijjiirratu ta’e, ilaalchi
isaas akkasuma ni jijjiirama.
Ibsa kanneen irraa qabxiin akka ijootti hubatamuu qabu,
ilaalchi namootaa kan dura turerraa kan biraatti
jijjiiramuu akka danda’uu dha. Ilaalchi jijjiiramuu qabu
garuu ilaalcha dogoggoraa ture irraa gara ilaalcha gaarii
namoota hundaaf bu’a qabeessa ta’etti ta’uu qaba.
Sababni isaas ilaalchi dogoggoraa kamiyyuu Mucuca
Kufaatii ta’ee namoota kan biroo miidhuu waan
danda’uufi dha.
Amantaa kamtu ilaalcha dogoggoraa qaba ture? Kamtus
sirriidha? gaaffilee jedhan deebisuuf ammoo; beekumsa
amantaa tokkichaatiin waan hunda murteesssuu dura,
beekumsa amantaalee kanneen biroo qabaachuun,
akkasumas beekumsaa fi ilaalcha saayinsaawaa ta’e
qabaachuun waliin madaaluutu dursa.
Yeroo ammaa kana, ilaalcha namootni waantota garaa
garaa irratti calaqqisiisaniif, irra jireessaan bu’uura kan
ta’aa jiru amantaa dha. Kana waan ta’eef, amantaan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 8


namootaa dhimma xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuu
qabu ta’uu isaati.
Fakkeenyaaf; namootni biyya bulchan baay’een isaanii
akkaataa seera amantaa ofii hordofaniin kan wal simu
qofaan biyya bulchuu akka fedhantu irraa mullata. Wal
dhabdeen sababa kanaan dhufuu malu garuu sababa
lammiileen biyya isaan bulchan sana keessa jiraatan
amantaa faallaa fi ilaalcha faallaa qabaachuu malanii fi
dha. Gochi ykn ilaalchi akkasii Kun Mucuca Kufaatii
ta’uu danda’a jechuu dha. Rakkoo sababa akkanaan
dhufu hirrisuuf ammoo namootni amantaa ofii qaban kan
biraa irratti fe’uun osoo hin taane, amantaa kan biraafis
ilaalcha wal qixaa qabaachuu qabu. Dabalataanis,
moototni saayinsii malee amantaa bu’ura godhachuu hin
qaban. Yoo danda’ame ammoo amantaa qaban irratti
erga beekumsa ga’aa argatanii booda miira mo’uufi
mo’atamuun osoo hin taane, fedha dhugaa barsiisuu
akkasumas baruutiin falmii yoo geggeessan ilaalchi
dogoggoraa hirrifamuu ni mala.
Amantaan tokko amantaa isa kan biraa hin caalu, garuu
ilaalchi sababa amantaatiin maddisiifamu biyya/

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 9


addunyaa ijaaruu ykn diiguu akka malu hubachuun
barbaachisaa dha. Kanaafuu qabxiileen kitaaba kana
keessatti mata duree garaa garaa jalatti ibsamanis ta’e
kanneen bifa gaaffiin yaada mareef dhiyaatan kamiyyuu
baayyinaan ilaalcha amantaaleen qaban bu’uura
godhachuun ilaalchota kufaatii keenyaaf sababa ta’an
maqsuuf kan xiyyeeffatanii dha.
Addunyaa kanarra gosootni amantaa kumaatamaan
lakka’aman jiraatanis5, qorattootni waa,ee amantaa
qo’atan amantaalee jiran bakka gurguddaa muraasatti
haala wal fakkeenya ilaalcha isaan qabaniin qoodu.
Isaanis:-Yihudiizimii, Budiizimii, Hindu’izimii, amantaa
duudhaa (kanneen akka Waaqeffataa), Kiristaanummaa,
Islaamummaa fi kkf dha6. Kanneen keessaa baayyina
namootni hordofaniin yoo ilaallu, yeroo ammaa duraa
duubaan sadarkaa qabatanii kanneen jiran
Kiristaanummaa fi Islaamummaa yoo ta’u, kanneen
kaanis addunyaa irratti ballinaan hordofamuu baatanis
naannoo isaaniittii beekamtii guddaadhaan hordofamu.
Fkn: Amantaan Hindu’iisimi biyyaa Hindiitti baayyinaan
hordofama6.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 10


2.1.1. Baayyina Miseensota Amantaalee Addunyaa

Fakkii.1: Baayyina tilmaama Miseensota Amantaalee


Addunyaa hordofan Biliyoonaan7.
Akkuma fakkii.1 armaan oliitiin ibsamuuf yaalame,
tilmaamni bara 2015 waliigala amantaalee addunyaa fi
tartiiba baayyina hordoftoota isaan qabaniitiin ibsame7,
kanneen armaan gadiiti:-
 Kiristaanummaan= Biliyoona 2.3
 Islaamummaan= Biliyoona 1.8
 Unaffiliated(al-amantummaa,Kanneen
Secular/Agnostic/Atheist fi Kkf )= Biliyoona 1.2
 Hindu’izim= Biliyoona 1.1
 Budhizim= Biliyoona 0.5
 Folk religions( Amantaalee duudhaa garaa garaa)
=Biliyoona 0.4
 Kenneen biroo(Fknf: Sikizim, Shintoizm, Konfishanizim,
Spiritizim, Baha’izim, fi kkf) =Biliyoona 0.1

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 11


 Judisim(Jews)=Bilioyona 0.01
HUB:Amantaaleen dhiyeenya kana uumamaa jiranis ni
jiru. Fkn Baha’iizim kan jedhamu erga hundeeffamee
waggaa 150 yoo ta’u, yeroo ammaa kana miseensota
miliyoona 7 tti timaamaman horachuu danda’eera8.
Haa ta’u malee gaaffileen kanneen akka:-
 Namootni maal amanu?
 Waan amanan sanaaf bakka akkamii qabu?
 Namootni amantaa isaanii akkamitti argatan?
 Amantaan hundi nifayyadaa? Ykn ni miidhaa?
 Amantaa jiran hundaa keessaa isa kamtu sirrii dha fi
kkf? Kanneen Jedhan ofis ta’e namoota fi barruulee
garaa garaa qorachuun hubachuun eenyufuu
barbaachisaa dha.
Garuu haala qabatamaa yeroo ammaa mul’achaa jiru
irraa kaanee yoo dhugaa jirtu ilaalle, namootni gaaffilee
armaan olitti tarreeffaman gaafatanii barachuun amantaa
qoratanii hordofuu dursa, baay’een isaanii maatii irraa
dhaalaan amantaa argatan hordofuu fedhu. Fknf
namootni baayyeen gaafa dhalatan amantaama maatiin
isaanii hordofan fudhachuun amanu, akasumas kan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 12


dhaalaan argatan sana ammoo amantaa kanneen biroo
hunda yeroo isaan caalchifatantu mul’ata. Dabalataanis
amantaa sanaaf kufanii cabuun hamma du’aatti waantota
wal’aansoo isaanitti ta’an hunda dandamatanii dhala
isaatiifis dabarsuu yaaluu isaaniitu ballinaan mul’ata.
Amantaa amanan sanaan alas amantaa kan biraan waaqa
biratti fudhatama akka hin qabne jabeessanii mormu
akkasumas ni barsiisu. Waaqnis amantii kiyya malee kan
biraa hin jaallatu jedhaniis ni amanu. Haaluma
walfakkaatuun “amantaan keenya yoo tuqame, nutis
warra nutuqan yoo lollu, waaqni gara keenya goree
warra amantaa keenya tuqan sana ni miidha” amantaa
jedhus qabu. Dabalataanis amantaa amanan sana qofatu
sirriidha jedhanii waan amananiif, amantaa sana warri
kaanis akka amananiif qabsoo cimaa godhu. Amantaalee
kanneen biroo dhabamsiisuufis wareegama hanga lubbuu
dhabuu fi dhabamsiisuutti isaan geessisu hundas ni
raawwatu. Gochi akkasii kun garuu Mucuca Kufaatiiti.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 13


Gaaffilee marii:
Gaaffilee armaan gadii hunda yaada keen sirriitti
xiinxaluun deebisuuf yaali.
Osoo mucaan tokko namoota biyya Arabaa kanneen
Islaamummaa hordofan irraa dhalatee, akka tasaa biyya
Kiristaanaatti kiristaanota biratti kan guddatu ta’ee:-
1. Mucichi amantaa isa kamiin hordofuu mala?
2. Osoo bakkuma dhalate sanatti guddateehoo?
3. Atihoo amantaa kam hordofta?
4. Amantaa kee akkamitti argachuu dandeesse?
5. Amantaalee jiran hunda qoratteettaa?
6. Amantaan kee qofti sirrii ta’uu akkamitti hubatta?
7. Amantaa ati amantu sana waaqatu uumee?
8. Yoo kan waaqatu uume jettu ta’e yoom?
9. Kitaaba barressuufi dubbisuu maaltu uumee?
10. Amantaan ati hordoftu kitaaba ni qabaa? Yoo kan
qabu ta’e, eenyutu katabe?
11. Namni kitaaba bareesse sun dhugaa barreessuu
isaa akkamitti mirkaneeffatte?
12. Amantaalee jiran hunda keessaa isa kamtu sirriidha?
Akkamitti?
13. Gosti Amantaalee 4200 ta’an yoo jiraatan5 waaqni
ammoo meeqatu jira?
14. Waaqatu Nama uumaa jira moo namatu waaqa
uummataa jira jettee yaadda?
HUB: Deebiin kee dhugaa qabatamaa siinis ta’e
namoota kanneen biro amansiisuu danda’u ta’uu isaa
mirkaneeffadhu!.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 14


Sababa eegalamuu amantaa ilaalchisee akkamitti akka
eegale ragaa quubsaan dhibus, namootni waanti guddaan
waaqaa fi lafa dabalatee waan hundumaa uume ni jira
jedhanii amanu9. Kun immoo gama saayisiitiin
fudhatama dhabus, namootni amantaalee hordofan garaa
garaa hundi jiraachuun waaqaa/uumaa dhugaa ta’uu akka
danda’utti amanu. Uumaan jiraachuu isaa mirkaneessuf
ammoo uumamuma jiran hundaa ilaalanii hubachuunis
mirkaneessuun akka danda’amu amanu. Fakkeenyota
namootni amantaa hordofan akka ragaatti ibsatan
keessaa inni tokko, akkaataa lubbu qabeeyyiin sirna
walxaxaa aja’ibsiisaa ta’een ittiin uumamuu danda’an
ilaalchiseeti. Kunis fakkeenyaaf,”uumama qaama namaa
yoo ilaalle, namni tokko nama ta’uu kan danda’e sirna
walxaxaa ta’an kan baay’ee nama ajaa’ibsiisuu fi
akkasumas hanga har’aatti qaama namaa keessaa seelii
tokkollee hojjechuun saayinsistoota biratti rakkisaa ta’uu
isaati” yaada jedhu qabu. Haaluma kanaan lubbu
qabeeyyiin sirna eegee uumamuu kan danda’e waanti
namaan olitti yaadu akka jiru mul’isa jedhanii
mirkaneessuu yaalu. Wanti namaa olittii yaada jedhamu

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 15


sunis waaqa ta’uu isaati. Kanaafuu amantiin uumaan jira
jedhanii amanuu namootaatiin eegale jechuu dha.
Haa ta’u malee qabxiin ilaalamuu qabu uumaan uumama
hundaa uume jira jedhanii amanuu namootaa qofa osoo
hin taane, namootni uumaa Sana akkamitti amanu,
akkasumas amala akkamii qaba jedhanii amanu kanneen
jedhan irratti mari’achuun filatamaa dha. Kanas kutaalee
itti aanan jalatti ilaalluu yaalla.
Walumaa galatti sababa namootni amantaa amananiif
ykn amantaleen akka eegalan godhan keessaa muraasni:-
 Uumaan jira jedhanii amanuu
 Amanantaan barfata naannoo isaanii waan ta’eef
ilaalcha gaarii amantaaaf qabaachuu
 Uumaatu seera waliin amantaa ofii fedhu namootni
akka hordofan ajaje jechuun amanuu.
 Hawwii jireenya gaarii bara baraan jiraachuuf qaban
argachuuf amanuu.
 Fedhii namoota kan biroo caalanii argamuuf qaban
guutachuuf amanuu.
 Du’a waan sodaataniif jecha du’a miliquuf waaqa
amanuu.
 Fedha waaqa da’oo godhatanii sooromuuf qaban
guuttachuuf amanuu
 Fedhii jireenya rakkoo malee jiraachuuf qaban fi kkf
ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 16


2.1.2. Seerota Amantaalee
Amantaaleen kamiyyuu seera mataa isaanii ni qabu.
Seerri sun ammoo waaqa biraa kan kenname ykn seera
waaqni jaallatuudha jedhaniis waan amananiif, seerri
amantaa kan biraa fudhatama hin qabu ilaalcha jedhuus
amantaaleen hundi dhuunfaa isaaniitti nicalaqqisiisu.
Kanumaan amantaan kamiyyuu kan ofii isaa kan biraa
caalchifata. Dabalataanis namnumti amantaaa sana
hordofu tokko yoo seera sana keessaa tokko yeroo hunda
kan cabsu ta’e, adabni cimaan waaqa biraa nama sanatti
akkka dhufus ni amanama.
Haa ta’u malee seerotni amantaa hundi baay’inaan haala
jireenya namaa qajeelchuu ykn ilaalcha gaarii qabaachuu
keessatti ga’ee guddaa akkuma taphatan, hanga
muraasaan garuu kufaatii namootni ittiin miidhamaa
jiraniif sababa guddaa akka ta’aa jirantu mul’ata. Seerota
kana kanneen jireenya namaa qajeelchan qofa
fudhantanii osoo kan amanan ta’ee, silaa rakkoo
mul’achaa jiran hanbisuun ni danda’ama.
Gamanumaan biyya keenya (Itoophiyaa) keessattii
seerota amantaalee beekamoo ta’an (Kiristaanummaa,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 17


Islaamummaa fi Waaqeffannaa Oromoo) keessaa
kanneen yaada kitaaba kanaa waliin deeman akka
armaan gadiitti haa ilaallu:-
 Namoota akka ofii keetiitti jaalladhu, waaqas
garaa guutuun jaallaadhu (Kiristaanummaa):-
Kitaaba Qulqulluu(Matiwos 22:36-40)10
Seerotni caqfaman lameen kunniin seerota hundumaa
kanneen Kiristaanummaa keessatti caqafamanii argaman
keessaa seerota hunda akka caalan ifatti ibsamee argama.
Seerri waqa kee garaa guutuu jaalladhu jedhu kun yoo
hiikamu, yoo waaqa garaa kee guutuu kan jaallaattu ta’e,
haala kamiinuu ija hammeenyaatiin isa ilaaluu akka hin
qabne ta’uu isaati. Kunis sababa waaqni na’adaba jettee
sodaattuuf osoo hin taane, abbaa kooti, uumaa kooti,
sammuu hamaaf gaarii adda baasee hubatu waliin
na’uume, akkan gocha hamaa dhiisee gaarii hojjedhuuf
na’uume fi kkf jechuun garaa kee guutuun, yaada kee
guutuu, fi jireenya kee guutuun isa jaallachuu jechuu
dha.Yoo adaba isaa sodaadhaaf afaan qofaan nan
jaalladha kan jettu ta’e, seera hundaa eegdee argamuun
tarii waan sirakkisuuf shakkii qabdu irraan kan ka’e

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 18


garaa guutuun waaqa koo jettee dhugaadhaan
jaallaachuun kan danda’amu miti. Jaalala keessa
sodaachuun akka hin jirres Kitaabuma Qulqulluu
keessatti caqafamee argama (1Yohannis 4:18)10 kunis:
“Sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf, namni sodaatu
jaalalli isaa iddoo hin geenye” jechuun ibsa. Kanaafuu
waaqni nama akka hin adabnettii yoo amante, garaa
guutuun isa jaallachuu qabda. Gama adabaan yoo ilaalle
garuu “namni waan facaase haammata” kan jedhus
seeruma sana keessaatti caqafameera“(Gal.6:7)10,.
Kunis, nama waaqatu adaba osoo hin taane, gochuma
isaatu isa adaba ykn fayyada jechuu isaati.
Seerarri inni” nama akka ofii keetiitti jaaladhu” jedhus
kan ibsu barsiisa isa Yesuus/Kiristoos “waanuma ofii
keetiif osoo naaf godhamee jettee hawwitu, akkasuma
nama kan biraaf godhi” jedhee barsiise sana waliin kan
wal qabatuu dha(Mat 7:12). Kunis namni kamiyyuu ofii
isaatii miidhamuu waan hin feeneef, akkasuma nama kan
biraas haala kamiinuu miidhuu akka hin qabne kan ibsuu
dha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 19


Waaqa/Allah waanti gitu hin jiru (Islaamummaa) :-
Quraana Qulqulluu(112: 4)
Jecha Kana yoo ilaallu,waaqni akkaataa namootni itti
yaadan osoo hin taane, jaalala isaatiin qixxee hin
qabu,guddummaan isaa daangaa hin qabu, akka namaatti
jallisee hin yaadu inni nama hundaaf yeroo hunda
gaariidha, yaadaaf amalaan akka namaa miti jennee fi
kkf yaaduu qabna. Garuu guddina guddaa waan qabuuf
nama caalaa hammeenyaan nama adaba jennee kan
yaadnuu fi waaqni anaa fi garee koo qofa jaallata waan
ta’eef kanneen biroof wayyoo! jennee kan amannu yoo
taane, gocha kanaan waaqa akka yaada namaatti wal
qixxeessinee ilaalaa kan jirru ta’uu isaati. Ilaalchi
akkasii kun ammoo kasaaraa malee bu’aa inni waaqaafis
ta’e namaaf buusu hin jiru.
 Safuun hawwaasaa seera amantaati
(Waaqeffannaa Ormoo)
Waaqni gaafa nama uume amantii waliin osoo hin taane,
sammuu waan gaarii fi gadhee addaan baasee hubachuu
danda’u waliin nama uume. Gama biroonis waaqni yoo
nama uume sammuu yaadu uume malee ilaalcha

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 20


(attitude) ittiin waantota ilaaluu qabu garuu namumatu
ofiif uummata. Kana jechuun namni sammuu waliin
uumame hundi waanta gaarii qofa yaada jechuu osoo hin
taane, namni erga ofii uumamee booda ilaalcha gaarii
ykn dogoggoraa immoo ofiif uummata jechuudha.
Ilaalchi namni uummatu sunis ilaalcha duraan namootni
uumanii wal harkaa fuudhaa dhufan irratti kan hundaa’u
dha. Fakkeenyaaf foon beelada gaalaa jedhamu
soorachuun uummata baha Itoophiyaa biratti baayyinaan
fudhatama kan qabuufi nyaata akka nyaata filatamaatti
ilaalamu yoo ta’u, uummata dhiha Itoophiyaa jiraatan
biratti garuu fudhatama hin qabu. Kunis namni hundi
sammuu yaadu waliin haa uumamu malee
ilaalcha mataa isaatii kan ittiin gaarii ykn gadhee jedhee
qoodu ofii isaan akka uummatu nutti argisiisa jechuudha.
Fakkeenya armaa olii waa’ee foon gaalaa nyaachuu
ilaalchisee dhiyaate kana yoo ilaalle, namootni gaala
sooratan maaliif akka sooratan sababaalee kanneen akka
amantaa, aadaa fkkf walqabsiisuun ibsatu. Kanneen
gaala hin soorannes bineesota kanneen biroo soorachuu
ykn soorachuu dhiissuus ni malu. Garuu kanneen gaala

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 21


hin soorannes sabababuma wal fakkaatu ta’uu mala. Haa
ta’u malee namootni gaala hin sooranne foon bineeldota
kanneen biroo ni sooratu.
Fakkeenya ilaalcha namootaa ibsu
Namni foon gurguru tokko,foon gaalaa osoo hin
beeksisin, foon loonii ti jedhee nama loon malee gaala
hin soorannetti foon gaalaa gurguree, silaa namni gaala
hin sooratne sun shakkii malee foon sana ni
soorata. .Garuu erga nyaatee booda yoowanta inni
soorate sun foon gaalaa ta’uun isaa itti himame, silaa
ilaalcha foon gaalaa soorachuu irratti qaburraan kan
ka’e deebisee wanta soorate haqqissuu danda’a. Kunis
sababa namani sun foon gaalaa soorachuu irratti
ilaalcha gaarii hin qabneef ta’uu isaati.
Kanafuu waaqnis yoo nama uumeera ta’e, sammuu
waliin nama uume malee ilaalcha namootni ittiin
waantota ilaalan waliin hin uumne. Dabalataanis
amantaa fi seerri amantaa kitaaba irratti barreeffamuu
qofa osoo hin taane sammuu namootaa keessattis bifa
ilaalcha garaa garaa (gaarii/ dogoggora) ta’een namootni
waantota garaa garaa hordofuu ykn hordofuu dhabuu
akka danda’anittis ni katabama. Fakkeenyaaf biyyootni
addunyaa garaa garaa seerotni isaan biyya ittiin bulchuuf
baafatan akkasumas lammiin biyyichaas kan ittiin seera

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 22


kabajan kanneen barreeffaman ykn kanneen hin
barreeffamin ta’uu ni danda’u. Kanneen keessaa biyyi
Ingilaandi(England) heera hin barreeffamne akka
qabdutu himama11. Kana jechuun ammoo kamtu gocha
gaarii akkasumas gocha gadhee akka ta’e sammuu
namootaa keessaa jiraachuu isaa kan agarsiisuu dha.
Namootni kitaaba barreessanis isuma bifa ilaalchaan
sammuu isaanii keessatti barreeffatan kana kitaaba
godhanii barreessuu danda’an jechuu dha. Ilaalchi
sammuu namootaa keessatti barraa’u garuu essaa dhufa?
kan jedhuuf ammo deebiin isaa:-
 Namni sun maatii akkamii irraa dhalate?
 Namni sun eessati guddate?
 Bara kam?
 Barumsi ykn beekumsi isaa hagam/maali?
 Haalli Fayyummaa sammuu isaa akkam? Fi kkf
jedhanii tilmaamuun kan deebifamu ta’a.
Gama biraanis yoo ilaalle waaqni nama kan uume yoo
ta’e hariiroo namootaa fi waaqaagidduu jiru keessatti
dalagaan waaqaa nama uumuudha jechuudha. Dalagaan
namaa immoo waaqa isaa galateeffachuu dha. Waaqa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 23


galateeffachuuf garuu namni karaa ilaalcha gaarii
ta’e ykn karaa waaqa isaa ittiin gammachiisuu danda’u
uummachuu qaba. Walumaa galatti safuun (ilaalchi
gaariin) seera ta’uu isaa ti. Fakkeenyaaf:- Saayinsistootni
waa’ee sammuu qoratan akka jedhanitti, sammuun
namaa kutaalee sadiitti qoodamuun yaaduu akka danda’u
ibsu. Innis:- kutaa sammuu kan ‘ id’ jedhamu, kutaa
sammuu kan ’igo’ jedhamuu fi kutaa sammuu
kan‘superigo’ jedhamuu tti addaan qoodamu. Dalagaa
isaan qabaniin gabaabaatti yoo ilaallu; Id:- fedhii nama
keessatti uumame battaluma akka raawwannuu fedha.
Superego:-fedhii uumame sana battalumatti dalaguun
sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa erga mirkaneessee booda, yoo
sirrii miti ta’e ni morma jechuu dha. Igo:-wal dhabdeen
‘Id’ fi ‘Superigo’ gidduutti uumame sun giddu
galeessummaan akka araaramu godha. Kunis fedhiin
‘Id’ bifa iccitii ta’een akka raawwatamuuf carraa uuma.
Kanafuu gochi ‘ego’ kun namootni ilaalcha ofittummaa
(selfish) akka raawwatananiif deggersa gochuu mala
jechuu dha.Fakkeenyaaf:-

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 24


 Id:-Fedhii qabeenya namaa saami jedhu yoo nama
tokko keessatti uume,
 Superego:-Xiinxala, lakki qabeenya namaa
saamuun matuma hin ta’u jedhuun mormii uuma.
 Igo:-qabeenya namaa ifa baastee saamuurra
dhoksaan hati xinxala jedhu uumuun fedhiin Id’n
uumame bifa iccitiin akka raawwatamuuf deggersa
godha.
Kanneen armaan olii irraa kan hubannu seerri
barreeffamuu qofaan osoo hin taane sammuu namaa
keessattis akka jiruu dha.Seera gaarii filatanii hordofuun
immoo dhimma dhuunfaati. Dhugaan jiru garuu seera
gaarii hordofuun nama kamiifuu kan barbaachisu ta’uu
isaati.
2.1.3 .Kiristaanummaa fi Islaamummaa
Kiristaanummaa fi Islaamummaan amantaaleee yeroo
ammaa kana addunyaa irratti baayyee beekamoo fi
miseensa hedduu qabaniidha. Amantaaleen kun lamaan
namoota sanyii seemii ta’aniin eegalaman. Kunis sanyii
namicha Abrihaam/Ibraahim jedhamu bu’ureffata..
Abrihaam ilmoolee lamaan kanneen Ishmaa’elii fi

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 25


Yisihaaq jedhaman, haadha garaa garaa lama irraa
dhalchee akka turetu himama. Kanumarraa ka’uun gosti
Ismaa’el Araboota kanneen sanyii seemii ta’anii fi gosti
yisihaaq immoo Israa’eloota kan dhuunfatu ta’uutu
himama.
Walumaa galatti Kiristaanummaa fi Isilaamummaan
namoota sanyii seem ta’aniin kan hundeeffaman yoo
ta’an, lamaan isaanii amantaalee armaan olitti caqafaman
keessaa warra dhiyeenya hundeeffaman keessatti
ramadamu. Ta’us Kiristaanummaa fi Isilaamummaan
duruma kan ture amantii Yihudiizimii waliin hidhata
qaba. Yihudiizimiin amantaa jalqabaa kan rabbi/waaqni
warra sanyii Abrihaam ta’aniif karaa nama
Musee/Muusaa jedhamuu akkasumas namoota kanneen
birootiin hundeessee dha jedhaniis ni amanu.
Kanumarraa ka’uun, sanyiin Seemii (Abrihaam),kanneen
waaqni namoota hundumaarra caalchisee jaallatu dha
jedhamee amanama ture.
Haa ta’u malee Yihudootni seera waaqni tumee kenneef
sirnaan waan hordofuu didaniif, jalqaba Yihudiizimiin
gara Kiristaanummaatti karaa Kiristoos (Yesuus) akka

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 26


sirreffamu godhame amantaa jedhu of keessaa qaba.
Yihudiizimiin maqaa Yihudaa jedhu kan walqabatu yoo
ta’u, Yihudaan ilmaan Isiraa’el 12 keessaa is tokkoo dha.
Israa’el (Yaahiqob) immoo ilma Yisiaaq obboleessa
Ishima’eliiti jechuu dha. Kanaafuu amantaaleen kunniin
lamaan sababa waaqni namoota hundaa caalchisee hidda
dhaloota sanyii seemii kan ta’e Abrihamiin jaallatuuf
jecha karaa sanyii seemii qofa namoota biyya lafaa
hundumaaf dhagaa’a/araarama yaada jedhuun addunyaa
guutuu irratti ibsamu.
Haaluma kanaan amantaalee kunniin kanneen waanqni
hundeesseedha jedhanii waan amananiif yeroo ammaa
kana addunyaa guutuun bayyinaan gara amantaa kana
lamaan hordofuutti fuula isaa qajeelfatee jira jechuu dha.
2.1.3.1Kiristaanummaa
Kiristaanummaan akka sirreeffamaatti amantaa dura ture
Yihudiizimii irraa karaa Kiristoos ykn Yesuus
hundeeffame yaada jedhutu ibsama. Haa ta’u malee
Yesuustu ofii isaatiin amantaa Kiristaanummaa jedhamu
uume/uumaa jedhee ajaje osoo hin taane, erga Yesuus
du’een/ olfudhatamee? waggaa muraasa booda namoota

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 27


Yesuusiin ijaan arganiifi kanneen utuu hin argin
amananiin waldaa Antsooqiyaa jedhamtutti yeroo
jalqabaaf Kiristaanota jedhamanii akka waamamuu
qaban ofiima isaaniitiin ofitti moggaasan(Hojii
Ergamootaa 11: 26)10. Kanaafuu Kiristaanummaan kan
uumame waaqaan osoo hin taane, namootaan akka ta’e
hubachuun danda’ameera jechuudha. Kunis
Kiristaanummaan erga hundeeffamee naannoo waggaa
2000 ta’uu isaa mul’isa.
Namoota yeroo sana amantaa kana hundeessan keessaa
namni Phaawuloos jedhamu shoora olaanaa akka
qabaachaa tureef ragaan ‘Kitaabuma Qulqulluu’ amantaa
Kiristaanaati. Namni kun Kitaaba Qulqulluu amantaa
Kiristaanaa kan ‘Kakuu Haaraa’ jedhamu barreessuu
keessatti qooda olaanaa kan fudhatee dha. Haa ta’u
malee, Phaawuloos warra jalqabaa kaasanii barnoota
Yesuus hordofaa turan osoo hin taane, warreen
Yesuusitti amanan iyyuu kanneen ar’iachaa turan kessaa
tokko akka turetu barsiifama.
Namni Phaawuloos jedhamu kun guyyaa tokko osoo inni
duuka buutota Yesuus ari’achuuf bakka ‘Damaasqoo’

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 28


jedhamu deemaa jiruu akka tasaa Yesuus akka itti
mul’ate ni dubbata (Ho Erg 9: 1-6).Taateen kunis erga
Yesuus fannifamee/du’ee fi du’aa ka’e? jedhamee
kiristaaanotaan amanamu sana booda ta’uu isaatu ibsama.
Haaluma kanaan Phaawuloos waa’ee Yesuus ifatti
lallabuu hojii dhuunfaa isaatii godhachuun hanga
wareegama lubbuu isaatiitti akka itti fufe ragaan Kitaaba
Qulqulluu amantaa Kiristaanaa ni ibsa. Kitaaba
Qulqulluu keessaa kutaa ‘Kakuu Haaraa’ jedhamu,
baayyinaan kan Phaawuloos bifa xalayyaan namoota
hordoftoota Kiristaanaa turaniif bakka garaa garaatti
erguun barsiisaa turee dha.
Kanaafuu Kitaabni Kakuu Haaraa kan barreeffame
baayyinaan namoota barsiisa yesuus hordofaa
turaniin qofa osoo hin taane, seenaa qorachuunis akka
barreeffame kitaabichumti ni hima. Fknf; Luqaas 1: 1-3
akkasumas 1Yohaannis1:1-4 dubbisuun hubachuun ni
danda’ama.
Kiristaanummaan maqaa walii gala Kiristaanotaa haa
ta’u malee garuu, Kiristaanummaan gosa garaa garaa
kanneen:-Ortoodoksii, Kaatolikii fi Piroteestaantii

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 29


jedhamanittis ni qoodama. Qoodamiinsi kunniin kanneen
ijoo yoo ta’anis, gosti garaa garaa kunniin ammoo
sababa ilaalchaan gargar ta’aniif jecha dameelee
hedduttis ni hiramu. Fknf Proteestaantiin: Adveentistii;
Guutuu Wangeelaa; Dhugaa Baatota Joovaa;Waldaa
Ergamootaa; Walitti Qabama Saba Waaqaa/Assembles
Of God; Waldaa Warra Wangeelaa Makkaane Yesuus fi
kkf baay’eettis gargar ni hiramu.
Akkaataa gargar fageenya ilaalchaa isaan qabaniin yoo
ilaalle:- Ortoodoksii, Kaatolikii fi Proteestaantiin walii
gala Kiristaanummaa haa jedhaman malee kitaabni isaan
ittiin akka seera waaqa biraa namatti kennameetti?
amananii hordofan kan’Kitaaba Qulqullu’ jedhamu
garaa garummaa muraasa qabaachuu isaa argina.
Dabalataanis hiika barreeffama kitaabichaa hubachuu
irraattis ilaalcha faallaa muraasa waan qabaniif gargar
fageenya ilaalchaa ni qabu.
Kibtaani qulqullun amantaa Kiristaanaa baay’een isaanii
wal haa fakkaatan malee, kutaa gargar ta’anis ni qabu.
Fakkeenyaaf amantaan Ortoodoksii kutaa Kitaaba
Qulqulluu kan kitaabolee 81 of keessaa qabutti yoo

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 30


amanan, Kaatolikiin kan 73 qabutti amanu.
Proteestaantiin immoo kutaa Kitaaba Qulqulluu kan
kitaabolee 66 qofa qabutti amanu. Haa ta’u malee, kutaa
Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotaa isa proteestaantotni itti
amanan (Kitaaba abbaa kutaalee 66) Ortoodoksiinis ta’e
Kaatolikiin barreeffama kitaabichaa keessaatti kan
barreeffame kamiiyyuu wal qixa qabu. Ortoodoksii fi
Kaatolikiin immoo kutaa Kitaaba Qulqulluu kan 73 qabu
wal qixatti yoo amanan, Ortoodoksiin Itoophiyaa addatti,
gosa Kitaaba Qulqulluu isa kutaalee 81 qabutti amanu
jechuudha. Ta’us Kitaaba isa 81 qabu kana
Ortoodoksiin Itoophiyaa dhuunfaan itti haa amantu
malee, biyyootni amantaan Orthodoksii itti eegale fi
hordoftoota hedduu qaban kanneen akka Orthodoksii
Grikii(Grik’s Orthodox) kitaaba abbaa kutaalee 81 kana
hin amanan. Kun ammoo Orthodoksiin Itoophiyaa
kanneen biroo irraa adda ta’uu ishees ni mul’isa.
Walumaa gala gosa Kitaaba Qulqulluu Kiristaanummaa
isa kutaalee 66 qofa of keessaa qabu keessatti kanneen
hin argamne kutaaleen kudha shanan(15) kanneen
armaan gadiiti tarreefamanii dha.12:-

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 31


Kakuu Moofaa Keessaa:
 kitaaba Henook
 kitaaba Kuffaalee
 kitaaba Siraak
 kitaaba Izraa tokkoffaa
 kitaaba Yoodiit
 kitaaba Xoobiit
 Ogummaa Solomoon
Kakuu Haaraa Keessaa:-
 Ajaja Sinoodoos
 Gitsiwu Sinoodoos
 Abxiliisii Sinoodoos
 Sirna tsiyoon sinoodoos
 kitaaba waadaa tokkoffaa
 kitaaba waadaa lammaffaa
 Qalaminxoos
 Didisqiliyaa jedhamuun kanneen
beekamanidha.
Garaa garummaan kitaabolee kunneenii maali? gaaffii
jedhuuf immoo ibsi kennamus akkuma garaa garummaa
Kiristaanotaatti gargaa garummaa qaba. Fknf Namootni
kutaalee kitaabichaa kessatti wantoota dabalanii ykn
hirrisanii barreessan, akkasumas yaadni barreeffame sun
dogoggora ykn dogoggora miti (kan waaqa biraa ta’e
miti) yaada jedhu irratti mormii qaban ilaalchisee
waliigaltee hin qaban. Fakkeenyaaf; kutaa Kitaaba
qulqulluu kan waliigallii Kiristaanotaa itti amanan
Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 32
kessaa isa“Mul’ata Yohaannisitti mul’ate” jedhamu
xumurasaa irratti (Mul’ata Yohaannis 22:18-19) “Namni
dubbii barreeffame kanatti yoo waa dabale, waaqayyoo
adaba isaa irratti dha’icha waa’een isaanii kitaaba kana
keessatti caqafaman isatti dabaluuf jira. Namni dubbii
kitaaba kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa
hir’ise immoo, waaqayyo muka jireenya kennuu fi
mandaroota qulqulluu waa’een isaanii kitaaba kana
keessatti caqafaman keessaa qooda isaa hir’isuuf jira.”
Kan jedhu kutaa mul’ata ‘Yohaannisitti mullate’
jedhamu xumura isaa irratti kan katabame amantaan
Kiristaanotaa hundi ni qabu. Haa ta’u malee gidduu
kitaabichaatti eenyuutu maal dabale?, Kamtus maal
hir’ise? yaada jedhuun wal mormii qabu. Wal dhabdeen
amantaaleen kunniin gosoota Kitaaba Qulqulluu irratti
qaban Kunniin immoo namoota barreessan ilaalchisee
ragaa qabatamaan waan hin jirreefis ta’uu danda’a. Fknf,
kutaa Kitaaba Qulqulluu isa’ Ergaa Gara Ibrootaatti
Ergame’ jedhamu, eenyu akka barreesse qabatamaatti
wanti beekamu dhabamus garuu, Ortoodoksii; Kaatolikii
Fi Protestaantii hundi kutaa kitaabichatti ni amanu.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 33


Waldhabdeen Kiristaanotni Kitaaba Qulqulluu irratti
qaban kan biroon ammoo, caqasaaleee kitaabicha kessa
jiran tokko tokko irratti hiika garaa garaa kennuun
amanuu isaaniti. Kitaaba isa kutaalee 66 qabu sana gosti
Kiristaanummaa kunniin kan irratti waliif galan ta’us,
caqasaalee kitaabiacha keessatti argaman tokko tokko
irratti ilaalcha garaa garaa waan qabaniif hiika garaa
garaa itti kennu. Fakkeenyaaf amantaan Dhuga Baatota
Joovaa(Joovaa wiitnesii) jedhaman”Yesuus ergamaa
waaqaati malee waaqa miti” yoo jedhan, Amantaan
Ergamoota jedhaman immoo”waaqni Yesuusii dha”
malee kan biraan hin jiru jedhu. Ka’umsa isaaniis
dhuunfaa dhuunfaan caqasa kitaabicha keessaa jiru
bu’uura godhachuuni. Fknf bu’uurri amantaa‘Dhuga
Baatota Yihoowwaa(Joovaa)’ caqasa wangeela
Yohannis 17:3 irratti kan hunda’u yoo ta’u, bu’uurri
amantaa ‘Waldaa Ergamootaa ‘ jedhaman
ammoo( Yohaannis 14:8) ta’uu danda’a.
Amantaaleen Kiristaanotaa kanneen biroon immoo
‘waaqni bifa sadiin namatti mullate waan ta’eef bifni
sadanuu waaqa dha, garuu aangoo wal qixa qabu/

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 34


akkuma tokkichaatti ilaalamu (Waaqni Abbaa, Waaqni
Ilmaa/Yesuus fi Waaqni Afuura Qulqulluu;sadanuu
waaqa tokko ilaalcha jedhuun amanu. Kunis ‘Sadan
Tokkummaa(Trinity)’ jedhamuun beekama.
Ilaalchi wal dhabdee kiristaanotaaf sababa ta’an kanneen
biroonis hedduu haa ta’an malee, ilaalcha:- amantaanis
cuuphaanis tokkicha ta’uu qaba jedhu kitaaba qulqulluu
irraa fudhachuun ni amanu. Haa ta’u malee ilaalchi isaan
qaban amantaan tokkichii fi cuuphaan tokkichi sun kan
koo qofa ta’uu qaba yaada jedhuun hundi isaanii kan ofii
ofii isaanii kanneen biroo caalchifatu. Ta’us sababni
ilaalchi garaa garaa kiristaanota gidduutti akka uumamu
taasise inni guddaan garaa garummaa Kitaaba qulqulluu
fi caqasaalee kitaabicha keessaatti argaman akka ta’etu
namoota garaa garaan qeeqama.
Qeeqa Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotaa ilaalchisee
kaafamu keessaa tokkoo kitaaba eenyummaan barreessaa
kitaabolee kanneenii baayyeen sirriitti kan hin beekamne
ta’uu isaati. Fakkeenyaaf; Kutaa Kiristaanotni hundi itti
amanan keessaa isa; Wangeela Yohaannis jedhamu
ilaalchisee nama Yohaannis jedhamu kan barsiisa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 35


Yesuus hordofaa turetu barreesse jedhamee himama. Haa
ta’uu malee garuu namni barreesse Yohaannis ta’uu akka
hin dandeenyes ni qeeqama. Sababni ittin qeeqamuuf
keessaa fakkeenyaaf:- Namootni Yesuus duukaa turan
seenaa Yesuus yeroo inni biyya lafaa irra ture dalagaa fi
barsiisaa ture sana, namootni isa duukaa turan ammoo
gochaa fi barsiisa Yesuus akka barreessaa turantu
himama. Darbee darbees iyyaafanoo namoota isa duukaa
turan qorachuun akka barreessanis ni himama. Gochaa fi
barsiisni Yesuus kutaa Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotaa
keessatti moggasa ‘Wangeela’ jedhamuun beekama.
Ta’us kutaa Wangeela Yohaannis 1:1-3 irratti kan
barreeeffame yooilaalle:-”Jalqaba sagaleetu ture,
sagalichis waaqa bira ture, isumatu foon uffatee gidduu
keenya ture, waan hundumtuu isaan ta’e, isaan ala kan
ta’e tokkollee hin jiru…..) kan jedhuu dha. Kuimmoo
wanti jalqaba wangeelichaarratti barreeffame seenaa
Yesuus barsiise ykn dalage osoo hin taane, amantaa
namni barreesse sun qabu ibsu qofa kan ibsu ta’uu isaa
argina. Kanaafuu namni barreesse Yohaannis akka ta’uu
hin dandeenyetu qeeqama jechuu dha. Dabalataanis,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 36


yaadni barreeffame sun barsiisa Phaawuloosiin waan wal
fakkaatuuf Phaawuloos akka bareesses shakkiin kan jiru
ta’uutu ibsama. Sababni isaas Phaawuloos waan
barreesse hunda Yesuusiin argee osoo hin taane waan
dubbisee fi waan amanu qofa sababa barreessaa tureefis
ta’uu mala.
Kitaabni qulqulluun Kiristaanotni itti amanan hundi ajaja
waaqaan kan barreeffame akka ta’etti Kiristaanotaan kan
amanamu ta’us (2Xim 3:16), waldhabdeen jechootaa/
jechoota walfaallessan (contradictions in the bible)
kanneen Kitaaba qulqulluu keessatti argaman irrattis
qeeqni heddumminaan ni mullata. Fknf waa’ee du’a
namicha isa Yesuusiin gurgurate kan Yihudaa jedhamu
ilaalchisee bakka garaa garaatti ibsa garaa garaa
walfaallessantu argama(Hojii Ergamootaa 1:18 faallaa
Matiwoos 27:5). Ibsi inni tokko Yihudaan mataadhaan
kufee tarsa’ee akka du’e yoo ibsu (Hojii Ergamootaa
1:18), kutaa kan biraatti ammoo Yihudaan of rarraasee
akka du’etu ibsama (Matiwoos 27:5). Dabalataanis
qarshii Yhudaan ittiin Yesuusiin gurgurate jedhamu sana
iraattis ibsi kennamu bakka tokkotti “lafa akka ittiin

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 37


bitate” yoo ta’u, bakka biraatti ammo “mana
qulqullummaa keessatti darbatee” deemee akka of
rarraasetu ibsama.
Haaluma walfakkaatuun jechootni walfaallessan
/contradiction in the bible kunniin hedduu (naannoo 100
ol ta’an)13 waan ta’aniif, jechootni walfaallessan kunniin
waaqa tokko biraa kennamuu hin malan yaada jedhuun
qeeqama jechuudha. Ta’us amantaan kun yeroo ammaa
kana adunyaa irratti baayyina miseensota hordofaniin
kanneen biroo caaluun sadarkaa tokkoffaa irratti argama.
Amantaan kiristaanummaa addunyaa kanarratti baayyina
miseensa horateen sadarkaa duraa irra jiraatus gara biyya
Afrikaatti seenuu kan danda’ee fi babal’ate sababni inni
guddaan karaa sirna kolonii yoo ta’u,karaaleen kanneen
akka dipiloomaasii fi daldalli garaa garaas shoora ni
qabu. Amantaan kun dursa sadarkaa ol’aanaa ta’een
biyaa Awurooppaatti kan amanamu yoo ta’u, yeroo
amma garuu biyyoota guddachaa jiran kanneen akka
ardii Afrikaatti abbummaadhaan lallabamaa jira.
Gama biraan Awurooppaanotni warri jalqabanii
Afrikaanotnis akka jalqaban godhan kuffisaa dhufnaan,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 38


Afirikaanotni olkaasuu eegalan. Seera isaas isaanuma
caalaa cimsuu ittuma fufaa jiru. Afrikaa keessatti haalaan
babal’achuun Kiristaanummaa kun namoota Afrikaa
baay’ee biratti akka waan kennaa waaqa biraa isaaniif
kennameetti kan ilaalamu ta’us, darbee darbee namootni
qeeqanis hin dhabaman. Fknf: Joomoo Keeniyaataa:
“warri Awurooppaa ija keessaniin dunuunfadhaa waaqa
kadhadhaa nuun jedhanii, hanga nuti waaqa kadhachuuf
ijaan dunuunfannutti biyya keenya saaman” jecha
jedhuun qeeqa qabu ibsata.
Gaaffilee marii
 Amantaalee Kiristaanotaa hunda keessaa
amantaa isa kamtu sirriidha?
 Amantaaleen Kiristaanotaa jiran hundi walfaana
sirrii ta’uu ni danda’uu?
 Kitaabolee Qulqulluu gosa sadeen (66;73fi 81)
kessaa isa kamtu ajaja waaqaan barreeffame?
Akkamitti?
 Kitaabolee sadeen hunda walqixa amanuu ykn
amanuu dhiisuun miidhaa ni qabaa?
 Kitaaboleen amantaa sirreeffamuu ni dand’uu?
Yoo kan sirratan ta’e eenyuuni?
 Amantaan Proteestaanti osoo Kaatolikii irraa
hin foxxoqin dura Kitaaba qulqulluu isa kamtu
amanamaa ture?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 39


 Jechootni wal faallessan akkamitti kitaaba
qulqulluu keessatti uumamuu danda’u?
 Waaqni moofaa ykn haaraa ta’uu ni danda’aa?
 Waaqni ni dogoggora jettee ni yaaddaa?
 Dogoggorri sababa namni hedduun hordofeef
qajeelaa ta’uu ni danda’aa?
 Wanta dhugaa ta’e yoo namni hordofu hin jirre
dhugaan gara sobaatti jijjiiramuu ni danda’aa?
2.1.3.2 Islaamummaa
Armaan olitti mata duree ‘Kiristaanummaa’ jedhu jalatti
waa’ee hundeeffama Kiristaanummaa fi ilaalcha garaa
garummaa isaan maddisiisuu eegalaniitiin, kiristaanota
gidduutti garaa garummaan uumuu akkamitti akka
eegale hubachuuf yaalamee ture.
Haaluma walfakkaatuun hundeeffama amantaa
Islaamummaaf sababa kan ta’es inni guddaan, qeeqa
Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotni itti amananii fi barsiisni
Kiristoonotaa kanneen akka Sadan Tokkummaa (trinty)
jedhurratti mormii ture bu’uura godhachuun akka ta’e
ragaaleen tokko tokko ni mullisu. Ragaalee kunniin
14
keessaas Kitaaba ‘Quraana qulqulluu’ jedhamu kan
Musiliimotni(Hordoftotni amantaa Isilaamummaa) akka
qajeelfama rabbi/allah biraa kennameefitti itti amananan
irraa fakkeenya fudhachuun mirkaneessuun ni
Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 40
danda’ama. Kunis Kitaabni qulqulluun Kiristaanotaa
seera jalqaba Iisaan/Yesuus barsiisee fi ergamootni
kanneen biroon barsiisan osoo hin taane, namootni
faayidaa isaaniif jecha, yaaduma ofii isaanii akka waan
waaqayyo biraa isaanitti kennameetti fakkeessuun
barreeffatan amantaa jedhuun mormii qaban ibsatu(Sura
tul Baqaraa 2:79,)14. Amantaan Isilaamummaa kun kan
hundeeffames karaa namicha Muhaammad jedhamuuni.
Muhaammad amantaa Isilaamummaa kan hundeessee
dhaloota Kiristoosiin booda bara 610 tti. Yeroo sana
umuriin Muhaammad naannoo waggaa 40 ture.
Islaamummaan kan eegalame erga Muhaammad barsiisa
isilaamummaa rabbi tokkicha amanaa jedhee barsiisuu
eegaleeti. Dabalataanis “namootni waaqa tokkicha akka
amananiif jecha, anaan immoo akkan barsiisuuf
ergamaa isaa nagodhateera” jedhee akkuma Iisaa/
Yesuus of ibsuu jalqabe. Maqaan waaqa tokkichaa sun
ammoo heddumminaan ‘Allah’ jedhamuun beekamus,
moggaasa maqaa 99 ta’an akka qabutu barsiifama.
Muhaammad dursa osoo amantaa kana hundeessuu hin
eegalin garuu amantiileen Kiristaanotni yeroo sana

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 41


barsiisaa turan kanneen akka “sadan tokkummaa”
akkasumas biyya Arabaa bakka inni keessa jiraachaa
ture keessattis gosoota waaqa tolfamaa garaa garaa 360
ol ta’an jiraachuu isaanii irratti gaaffiin sammuu isaatti
uumamaa akka turetu himama. Muhaammed waantota
gaaffii itti uumaa turaniif deebii isa quubsu argachuu
dhabuurraa ka’uun amantaalee yeroo sana turan irratti
shakkii qabu maddisiisuu eegale. Kanumarraaa ka’uun
sababa mormii /shakkii qabuuf bakka waashaa gaara
‘Hiiraa’ jedhamu keessatti waaqa kadhachuun kan sirrii
ta’e adda baafachuuf yaalii gochaa akka tures ni himama.
Achumatti osoo inni waaqa kadhachaa jiruu karaa
ergamaa Jibril amantaan Isilaama jedhamu akka
jalqabamuuf waaaqni akka isa ajajetu Musliimotaan
amanama. Kanumaan amantaan ‘Isilaama ‘jedhamuun
beekamu hundeeffame jechuudha.
Hundeessaan Isilaamummaa ‘Muhaammad’ maqaa
moggaasa ‘Ergamaa waaqaa(Rasuul allah) jedhuun
hordoftoota amantaa Isilaamummaa biratti beekama.
Dabalataanis Muhammad ajaja waaqaan dandeettii waan
fuulduratti ta’uuf jiru raaguu qaba jedhaniis waan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 42


amananiif maoggaasa ‘Nabiyyii’ jedhamuunis ni
waamama. Kanarraa ka’uun Muhaammad amantaa
Isilaamummaa bifa garaa garaan babal’isuu akka
eegaletu himama.
Gosa waaqa tolfamoo yeroo sana turanii keessaas kan
maqaa Allaan/waaqaan hundaa’e kaabaa qofa waan
tureef, kaabaa qofa hanbisuun kanneen kaan humnaan
akka balleesses ni himama.
Kitaaba amantaa kan Quraana qulqulluu jedhamu
ammoo ergamaa waaqaa gabri’eltu/jibiriil (nama kan hin
taane fi namoota kaanitti mullachuu kan hin dandeenye)
tu waaqa biraa natti ergamuun seera waaqaa isa warri
Kiristaanotaa jal’isan sirreessee natti hime jechuun
namootatti himaa ture. Muhaammad waantota dhaga’aa
ture ykn gabri’el itti dubbatu? Hunda sababa ofii
barreessuu fi dubbisuu hin dandeenyeef namootni isa
duukaa turan akka barreessaniif waan dhaga’e sana bifa
walalootiin sammuutti qabachuun namoota bareessanitti
himaa akka tureetu himama. As irraa qabxiin hubatamuu
qabu, amantaan Isilaamummaa amantaa Kiristaanummaa
irraa gargar fageenya ilaalchaa yoo qabaateyyuu, akka

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 43


sirreeffama amantaa Kiristaanummaa /Yihudiizimiitti
kan hundeeffameeedha malee bu’urarraa ka’uun
Kiristaanummaa/Yihudiizimii irra kan adda ta’e miti
jedhuudha. Kanas Isilaamummaan jechoota quraana
qulqulluu keessatti katabamanii argaman amantaalee
kanneen waliin qooddachuu isaatiin mirkaneessuun ni
danda’ama. Muhaammad Quraana qulqulluu ofiin
barreessuu haa dhabu malee, toora inni ittiin
barreeffamuu qabu hunda namoota barreessaa turanitti
himaa akka turetu himama. Waantotni kitaabicha
keessatti katabaman hundi kan Muhaammaditti himamaa
turan(kan Jibriil yeroo garaa garaa itti himaa ture)
waggaa 10 gidduutti akka ta’etu musiliimotaan amanama.
Haa ta’u malee garuu walumaagala Quraanni qulqulluun
bifa har’aa kana kan godhate, waggaa 23 gidduutti erga
barreefamee xumuramee ta’uu isaatu himama. Boodarra
Muhaammed dhukkubsatee akka du’etu hadiisa tokko
tokkorratti ibsama.
Kitaabni ‘Quraana Qulqulluu’ jedhamu kunis afaan
Arabiffaan kan barraa’eefi boqonnaa 114 qabaachuun,
lakkoofsa irratti mormiin jiraatus jechootaa fi qubee

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 44


jijjiiruu waan hin dandeenyeef harka caalmaan,
haayaa/lakkoobsa 6236 akka qabu ibsamuu isaa fi
jechoota 77,449 akkasumas qubee Arabifaa 320,015
qabaachuu isaatiin wal qixa ta’uutu beekama. Kanaafuu
garaa garummaan Musiliimota gidduu jiraatus, kitaaba
Quraana jedhamu kana irratti wal mormii daran hin
qaban jechuu dha.
Musiliimotni kitaaba Quraana jedhamu kanarratti
walmormii daran qabaachuu dhabanis garuu toora
barreefama isaa irratti wal dhabdeen hanga muraasaan ni
mul’ata. Fakkeenyaaf kutaa Quraanaa keessaa jechi
jalqaba Muhaammad dhaga’ee sammuutti kuufachuun
akka bareeffamu godherratti, yaadotni garaa garaa ni jiru.
Haa ta’u malee ballinnaan kutaan jalqabaa isa boqonnaa
96 lakkoofsa 1(96:1)14 irratti barreefamee dha. Kunis isa
jalqaba utuu Muhaammad waashaa/boolla gaara Hiiraa
jedhamu keessa ciisuu ergamaan ‘Jibril’ jedhamu itti
mul’achuun kitaaba baatee dubbisi ittiin jedhee, sana
akka ta’etu harka caalmaan himama.
Gama biraan immoo jechi xumura irratti muhaammad
dhaga’e jedhamu irrattis wal mormiin jiraatus harka

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 45


caalmaan kan himamu isa kutaa quraanaa keessaa
boqonnaa 2 lakkofsa 281 irratti ”Guyyaa gaafa namni
hundi fuula rabbiitti murtiif dhiyaatuu
sodaadhu ,lubbuun hundi tokko tokkoon gatii hojii
isaanii argatu, dogoggoraanis itti hin murteefamu”
jedhamee katabameedha jedhama( Sura tul Baqaraa
2:281)14.
Walumaa galatti waa’ee Quraanaa ilaalchisee qabxiileen
hubatamuu qaban muraasni:-
 Muhammaditu barreesse osoo hin taane, waan
dhaga’eera jedhe sana sababa dubbisuu fi barreessuu
hin dandeenyeef, namootni akka barreessan kan
ajaje ta’uu isaa. Fakkeenyaaf yeroo Muhaammad
gaara Hiiraa jedhamu kana keessattii sagalee fi
nama kan fakkaatu tokko argaa ture sana waan argaa
ture sana eessuma isaatti akka himaa turetu himama.
Eessumni isaa sun ammoo nama ‘Waraqaa’
jedhamu, kan Kitaaba qulqulluu(bible) qorachaa fi
afaan Arabiffaatti jijjiiraa ture, ta’uun isaas ni
ibsama. Muhaammad namni Waraqaa jedhamu kun
akka inni maalummaa waan argee sana

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 46


mirkaneessuufiif itti himaa ture. Muhaammad wanti
inni arge sun ‘Jibriil’ ta’uu isaa erga Waraqaa irraa
mirkaneeffateen booda akka inni barreessuuf waan
argee fi dhaga’e hunda akka itti himaa tures
hadiisotni tokko tokko ni mirkaneessu. Kanaafuu
Waan Muhaammad argee ture sun ergamaa
isa’Gabri’eel’ jedhamuun Kitaaba Qulqulluu
Kiristaanotaa keessatti ibsame ta’uu isaa kan itti
hime namicha Waraqaa jedhamu ta’uun isaas
hadiisa irratti ni caqafama (Sahi Al Bukaarii
6:60:478)15.
 Jechoota Quraana qulqulluu keessatti barraa’an
hunda si’a tokkoon bakka tokko taa’ee dhaga’e osoo
hin taane yeroo garaa garaa bakka garaa garaatti
waan dhaga’e sana si’uma dhaga’u sana akka
barreeffamu gochaa erga tureen booda, dhumarratti
jechoota hunda walitti funaanuun Quraana guutuu
har’aa kana ta’ee kan barreeffame ta’uu isaati. Kunis
turtii waggaa 23 gidduuti.
 Toorri kitaabichaa sirna toora bu’iinsa (toora duraa
duuba dhageettiin Muhaammaditti himameen) osoo

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 47


hin taane wal keessa fuudhamaa ta’uu isaa fi garaa
garummaan yaadaa toora barreeffaamichaa
ilaalchisee kan jiran ta’us, harka caalmaan akka
har’aa kanatti akka barreeffamuuf kan ajaje
Muhaammadii dha yaada jedhu ta’uu isaati.
 Osoo Muhaammad lubbuun jiruu barreeffamee akka
xumurame ibsamuu isaa fi baay’inni boqonnaa
akkasumas baay’ina jechoota fi qubee arabiffaa wal
qixa ta’e Quraana kam keessatti katabamee
jiraachuu isaati.
Ibsa armaan olii irraa hubachuu kan dandeenyu,
Muhaammad waan inni argee fi dhaga’e waaqa biraa
ta’us ta’uu baatus, sababni ka’umsa amantaa
Isilaamummaa, namootni Muhaammadiin duraa ykn
Yihudootni fi Kiristoonotni Kitaaba Qulqulluu ofiin
barreeffatan malee waaqa biraa miti kanaafuu seerri
isaanii sirrii miti ilaalcha jedhuun ta’uu isaati. Kanaaf
immoo ragaan Quraanuma (Suura Tul Baqaraa 2:79)14.
Kitaabni Quraana jedhamu kun sirreeffama Kitaaba
qulqulluu muraasa haa qabaatu malee walfakkeenya
kanneen akka: seeraa fi jechootaa , wa’ee uumama

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 48


namootaa, akkasumas ilaalcha “waaqni namoota
jajajalloo (seera barreeffame sana warra hin hordofne)”
hin jaallatu, kanaafuu ni adaba ykn gocha gara jabeenyaa
irratti fudhata, akkasumas nuti(warra amanan/
qajeeltota)yoo warra jalloota lolle rabbi nurra goree
namoota kaan akka ajjeesnuuf humna nuuf kenna
jedhanii amanuu fi kkfn irratti yaada wal fakkaatu ibsa.
Kitaaba Quraana qulqulluu jedhamu biratti dabalataan
16
Musiliimotni kitaaba ‘Hadiisa’ jedhamu kan wa’ee
Muhaammadii akkasumas namoota isa waliin
turan(sa’abota) fi akkaataa inni ittiin seera hordofaa ture
ibsan ni amanu. Hadiisni kan amanamuuf namootni
amantaa Islaamummaa hordofan hundi sirna Hadiisicha
keessatti caqafame sana hordofuu akka qaban ibsuufi.
Ta’us hadiisni jecha rabbi osoo hin taane; seenaa barsiisa
Muhaammad barsiisaa turee fi haala jireenya isaa
dhalootaa isaatii hanga du’a isaatiitti kanneen ibsan ta’uu
isaati.
Kitaaboleen hadiisa jedhaman kunniin gosa heduu
ta’anis hundi isaanii kan barreeffaman erga Muhaammad
du’een booda dha. Kanaafuu namootni hadiisa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 49


barrressan qorannoo namoota Muhaammadiin arganiifi
kanneen namoota isa duukkaa turan arganii seenaa isaa
qoratan qorachuun ta’uu isaati. Kunis seenaa
Muhaammad isa akka darbii darbootti odeeffamaa
turetu qoratamee hadiisa ta’ee barreeffame jechuu dha.
Fknf namoota Muhaammadiin ijaan argan keessaa
haadha manootaa isaa keessaa ishee boodana inni
ijoollummaa isheetiin osoo isheen umurii waggaa 6
kaadhimatee gaafa waggaa 9ffaa isheetiiti fuudhe, kan
Aisha jedhamtu irraa qorachuuni (Sahi al Muslim
3:8:3310). Hadiisotni kunniin hadiisota kanneen madda
amanamoorraa qorataman jedhamuun kanneen dursi
kennamuufii dha. Hadiisotni Kanneen biroon garuu du’a
Muhaammad booda naannoo waggaa 200 fi isaa ol kan
ta’u booda namootarraa seenaa darbii darboon
qoratamaniin barreeffaman. Kanaafuu hadiisni gosa
hedduutti qoodamu isaanii gamanumaan hubachuun ni
danda’ama jechuu dha.
Qoodamni hadiisotaa kun bara itti barreeffamee fi
namoota garaa garaa hadiisota sanniin funaananii
barreessaan irratti hundaa’eeti. Yeroo garaa garaafi

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 50


namoota garaa garaan waan barreeffamaniifis hadiisotini
barreeffaman garaa garaa dhugaa walfakkaatu tokko
qabaachuu hin dandeenye. Rakkoo kana hir’isuuf jecha,
hadiisota barreeffaman tokko tokko sirreessuuf yaaliin
godhameera. Kanneen sirreeffamuuf yaalamanis jecha
‘Sahii’ jedhuun kanneen durfamanii dha. Jecha ‘sahii’
jedhu kun“kan sirreefame” ta’uu ibsa. Hadiisota kanneen
keessaa beekamoon:- ‘Sahii al Musiliimii’ fi ‘Sahii al
Bukaarii’ dha. Haa ta’u malee hadiisotni sirreeffamuuf
yaalaman kunniin garuu waldhabdee ilaalchaa kan
Musiliimotaa gidduu jiru tokkummeessuu hin
dandeenye. Kun ammoo akkuma ilaalchi garaa garaa,
garee amantaa Kiristaanotaa gidduutti sababa Kitaaba
Qulqulluutiin uumamee ture, sababa Hadiisotaatin
ammoo Musiliimonnis ilaalcha garaa garaa qabaachuun
garee garaa garaatti akka qoqqoodaman ta’eera. Kunis
tarii, sababa adeemsi Kitaabni Qulqulluunifi Hadiisni
ittiin barreeffamaa ture wal fakkeenya qabuufis ta’uu ni
mala.
Haaluma kanaan Musiliimotni qoqoodama garee garaa
garaatti qoodaman jechuu dha. Haa ta’u malee garuu

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 51


gareen Musiliimotaa jiran hundi ilaalcha waloo kan
‘namootni biyya lafaa irra jiran hundi amantaa
Isilaamummaa hordofuu qabu’ jedhu qabu. Kunis kan
mirkanaa’u, karaa nama‘Imaama’(hogganaa Musiliimota
addunyaa), jabaa ta’eetiin ta’uu akka qabu amanu.
Namni cimaan jedhamu kun, namootni addunyaa hundi
Isilaamummaa akka fudhataniif shoora guddaa
taphachuu kan malu ta’uu qaba jedhamee kan amanamuu
dha. Akkasumas sirna durii keessatti Mootiin dhaalaan
muudama. Kanaafuu Imaamni dursa muudame sun
imaamummaa isaa dhaalaan hanga namootni hundi
Isilaamummaa fudhatanitti daddarbuu qaba jechuu dha.
Imaamummaa kan dhaalu garuu ilmoo dhiiraa qofa ta’uu
qaba jedhamee amanama. Sana booda Guyyaa
Qiyaamaa?(guyyaa namootni rabbi waliin jiraachuuf
ykn gubachuuf murtii argatan) tu ta’a jedhamee
Musiliimota hundaan amanama. Haa ta’u malee, namani
cimaan imaama ta’ee, amantaa kana galmaan yaadameen
ga’uu danda’u sanyii eenyuu ta’uu qaba kan jedhurratti
Mormii Qabu jechuu dha. Kanaafuu Namni dursaa
Musiliimotaa akka ta’uuf filatamu sun nama akka sirna

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 52


Muhaammad ittiin dursaa turee fi hogganaa waraanaa
ta’uun yeroo gabaabaa gidduutti namoota baay’ee gara
Musiliimummaatti jijjiire ta’uu qaba jedhaniis waliif
galu. Kanaafuu imaamni jalqabaa sanyii Muhaammad
ta’uu akka qabu Musilimotni hundi mormii hin qaban
jechuu dha. Haa ta’u malee, sababa abbaan Muhaammad
dhalche daa’imummaatti irraa du’eef jecha, kan isa
guddise Namam Abubakir jedhamu ture. Dabalataanis,
Muhaammad ilmoo dhiiraa hin qabu ture. Garuu
Muhaammadis nama Alii Ibin Xaalib jedhamu akka
guddifachaatti guddifatee ture. Kanaafuu, Sanyii
Abubakirii fi Alii Ibin Xaalib keessaa sanyii eenyuutu
wal harkaa fuudhiinsa dhaalaa gara dhaalaatti darbuun
imaama ta’uu qaba? kan jedhu irratti gareeleen
Isilaamummaa jiran hundi ilaalcha dhuunfaa dhuunfaa
isaani akka ragaatti hadiisota garaagaraa caqasuun
mormii qaban ibsatu. Garaa garummaan ilaalchaa
kanneen Musiliimotni gargar akka qoodaman godhan
keessaa inni guddaanis kanuma.
Walumaagalatti ilaalchi Musiliimotni qaban kun sanyii
eenyuutu gosa Arabootaa(Abubakirii fi Alii Ibin Xaalib)

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 53


keessaa Musiliimota addunyaa guutuu irratti argaman
hundaa dursuun galma yaadamee ture sanaan ga’uu
dandaa’a kan jedhu irratti raga garaa garaa hadiisota
irraa fudhachuun kan mataa mataa isaanii hordofu.
Haaluma kanaan gosoota garaa garaa hedduutti
qoodamuu danda’an jechuu dha. Kanaafuu irra jiressaan
gareen Isilaamummaa hundi ilaalchi isaan qaban gargar
ta’uu kan danda’eef, gosa hadiisota irratti hundaa’uun
akka ta’e hubachuun danda’ameera jechuu dha.
Kanumarraa ka’uun gosoota Isilaamummaa garee
gurguddoo keessaa muraasni kanneen armaan gadiitti
tarreefamanii dha.isaanis:-
 Musiliima Sunnii
 Musiliima Shi’iitii
 Musililiima Suufii fi kkf yoo ta’an, gareen
kunniin ammas garee xixiqqaa hedduuttis ni
qoodamu.
A, Musiliima Sunnii (Suni Muslim)
Gareen kun gosa Musiliimaa jiran hundaa keessaa harka
84-90(84-90%) kan qabatu yoo ta’u, gosoota hadiisaa
jiran keessaa ja’a (6) qofatti akkaa madda sirrii ta’eetti
amanu. Hadiisotni kunniinis:-
 Sahii Al Bukaarii
Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 54
 Sahii Musliim
 Sunnaan Al-Sugra
 Sunnaan Abu Daawwud
 Sunnaan Al-Tirmidii fi
 Sunnaan Ibin Majaaha, kanneen jedhaman yoo
ta’an baay’een isaanii kanneen naannoo jaarraa
duraa lamaan erga du’a Muhaammad booda
barreeffan akka ta’antu himama.
Ta’us garuu akka madda amansiisaatti fudhachuu
baatanis, hadiisota biroo kanneen armaan olitti
caqafaman ja’aniin ala ta’anittis ndarbee darbee ni
amanu. Isaanis kanneen akka:-
 Muwattaa
 Musnaad Ahimed Ibin Hanbaali
 Masabbiih Al Sunnaaha
 Buluug Al Maaram
 Abdurrazaaq Al Sunnii
 Sahii Ibin Hiibbaanii fi kkf hedduu akka madda
lammataatti itti fayyadamu.
Jechi sunnii jedhus yeroo hiikamu; aadaa/ sirna’
yemmuu ta’u, kan inni ibsu aadaa /sirna Muhaammadii
akkasumas hordoftoota Muhaammadii wajjin turan
kanneen Sa’abota jedhamuun beekaman bakka kan bu’u
ta’uu isaati. Kanaafuu sirna/aadaa waa’ee Muhaammadii
Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 55
ilaalchisee hadiisa isaan amanan irratti sirna barreeffame
kamiyyuu ni hordofna yaada jedhu qabu. Ilaalchi gareen
Sunnii jedhaman kunniin waa’ee wal harkaa fuudhiinsa
imaama/dura bu’aa amantaa irratti qabanis”namni
jalqaba Muhaammad Kalifa (dursaa Isilaamaa) akka ta’u
godhe nama Abubakir jedhamu (kan Muhaammadiin
akka abbaa isaa ta’ee guddise) dha waan ta’eef namni itti
fufee imaama /dursaa ta’uu qabu sanyii Abubakir ta’uu
qaba” kan jedhuu dha. Ta’us haaromsa ilaalchaa yeroo
booda taasisaniin gareen kun garee garaa garaattis ni
qoodamu. Isaan keessaa muraasni:-
 Wahaabiya/Salafiyaa
 Obbolleeyyan Musliimaa(Muslim Brother Hood),
 Jama’ati Islaamii fi kkf jedhamuun qoodamu.
B, Musiliima Shi’iitii (Shi’ite)
Gareen kun immoo gosoota Musiliimaa keessaa harka
10-16(10-16%) kan qooddatu yoo ta’u, hadiisotni isaanii
akka madda amanamootti amanan“Kitaabolee Arfan”
(Al Kutab Al Arbaah) jedhamuun beekamu. Isaanis:-
 Asuul I Kaafii
 Man La Yahaduruhu Al Faqiihi

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 56


 Tahadiib Al Hakiim
 Al-Istibisar Kanneen jedmanii dha.
Ilaalchi gareen kun waa’ee du’a Muhaammad booda
sanyii eenyuutu Muhaammadiin bakka bu’a jedhuuf,
filannoon isaanii sanyii namicha “Alii Ibin Abi Xaalib”
jedhamuu ta’uu akka qabu amanu. Alii Ibin Abi Taalib
ilma eessuuma Muhaammad kan ture fi kan
Muhaammad akka ilmaatti guddifatee dha. Dabalataanis
Muhaammad namicha kana erga guddiseen booda intala
isaa kadijjaa akka fuusisees ni himama. Gareen
Musiliima Shi’itii jedhamanii kun ilaalcha namni’Alii
Ibin Abi Xaalib’ jedhamu kun jalqaba kaaliifa/ Imaama
Muhaammad ta’ee muudamee ture jedhanii amanu.
Kanaafuu, kaliifni/imaamni sanyii isaa qofa ta’uu qaba
jedhanii amanu jedhuu dha. Haaluma kanaan
Musiliimotni Shi’itii amantaa” yoo sanyiin Alii dura
bu’ummaa dhaalaa gara dhaalaatti wal harkaa fuudhanii
dursan galmi yaadame ga’amuu danda’a amantaa
jedhutti amanu jechuu dha. Kanaafuu, imaamni
muudamu Sanyii Abubakir ta’uu hin qabu amantaa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 57


jedhuun garee Musiliima Sunnii irraa garaa garummaa
ilaalchaa qabaatu.
Gareen Musiliima shi’itii kun garee sanyii Alii hordofan
haa ta’an malee, sirni wal harkaa fuudhinsa imaama
ta’uu kun Alii Ibin Abi Taalib irraaa hanga akaakilii
meeqaatti itti fufa kan jedhu irratti mormii qabachuun
garee gurguddoo garaa garaattis ni qoodamu. Isaanis:-
o Kudha Lameen (Itna-Ashariya Imaamiya )/Shi’a
o Warra Torbaa(Ismaa’ilii) fi
o Warra Shananii (Zaydii) kanneen jedhaman isaan
beekamoo garee shi’itii ta’aniidha.
C, Musliima Suufii
Gareen kun garee Isilaamummaa keessaa warraa
amantaa ajaa’iba gochuutti(mystical) amananii dha.
Haaulma kanaan amantaa ‘ergamaan rabbi Qulqulluun
jalqabaa Muhaammadii dha” jedhutti amanu. Haa ta’u
malee garuu amantaa kadhannaa gochuunii fi guddina
afuuraatiin humni alaa (humna rabbii namootaaf
kennamuun) ajaa’iba(mystical) gochuun ni danda’ama
jedhuuttis amanu. Ilaalchi isaan waa’ee “namootni
kamiyyuu Mohaammadiin booda waaqa kadhachuun

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 58


ajaa’iba gochuu ni danda’u jedhanii amanan kun ammo
Musiliima Suufii garee Musiliimaa kanneen biroo irraa
adda taasisa. Kunis ilaacha “namootni kamiyuu yoo sirna
Muhaammadii hordofuun qulqullummaan waaqaa wajjin
walitti dhiyaatan fudhatama qabu” jedhuu dha. Walumaa
gala gosti musiliima shi’itii musiliimotni qulqullummaa
eeggatan hundi sirriidha akka ta’aniifi fi toora
muhaammad hordofuun raajii godhamuttis ni amnu
jechuu dha.
Gareen Musilimma suufii kunniin ilaalcha qabaniin
baay’een isaanii garee sunnii yoo taa’an muraasni isaanii
immoo garee Shi’iitiiti. Sirni waaqeffannaa garee kanaa
baay’inaan sirna Kiristaanotaa waliinis wal fakkaata.
Kanumarraan kan ka’es garee kanaan sababa ilaalchaf
jecha amantaalee kanneen biroo waliin jiraachuu irratti
rakkoon nageenyaa uumamu daran hin mul’atu.
Garee Shororkeessitootaa kanneen Islaamummaa
Bu’ureffatan
Akkaataa namootni amantaa Isilaamummaa hordofanii fi
barsiisan tokko tokko ibsanitti, amantaan Islaamaa kan
barsiisu Musiliimotni: ’nama qofaaf osoo hin taane,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 59


ilbiisota kanneen akka mixiif illee eeggannoo gochuu
akka qabanii dha. Kunis Quraana bu’uureffateeti.
Dabalataanis, Quraanni, Waa’ee amantaaee kanneen
biroo yeroo ibsu: ani amantaa ofii kootii qaba, isinis
amantaa keessan qabdu, isin kan keessan hordofaa anis
kiyyan hordofa kan jedhu argina.Haa ta’u malee, yeroo
ammaa gareen shorokeessitootaa tokko tokko amantaa
Islaamummaa da’oo godhachuun yeroo isaan garee garaa
garaa uumanii siyaasa garaa garaa geggeessantu mul’ata.
Kanas gareen ilaalcha dogoggoraa qaban, yeroo isaan
ilaalcha gadi aanaa ta’e amantaalee biroorratti calaqqisan
hubatama. Haaluma kanaan gareen loltoota qaban
baayyeen isaanii gosa Isilaamummaa garaa garaa
keessatti ni argamu. Kanneen keessaa muraasni:
 Garee ISIS
 Garee Alqaa’idaa
 Garee Alshebab fi kkf baay’inaan argamu
Gaaffillee Marii
1) Amantaa kam keessatti namootni akka wal
ajjeesaniif waaqni deggersa taasisa?
2) Bu’aan waaqni/rabbi ajjeefamuu namootaa irraa
argatu maali?
3) Namootni yoo nama akka isaanii sababa amantaaf
ajjeesan maal buufatu?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 60


4) Amantaan karaalee namootni ittiin siyaasa
geggeefaatan ta’uu ni danda’aa?
5) Namootni amantaalee irraa miidhaa moo faayidaa
argachaa jiru?
6) Sababni namootni wal qoqqoodanii/wal jibbiinsa
uumuun wal ajjeessan maaliif?
7) Lammiileen Itoophiyaa, Libiyaatti ISISn qalaman
maal balleessan?
8) Kitaaba Qulqulluu(Roomaa13:1-7) fi Quraana(Sura
tul Annaas 4:89-91) irratti yaada akkamii qabda?
9) Mootii waaqatu muuda jecha jedhu ni amantaa?
10) Afaanota addunyaa irra jiran akkamitti uumaman?
11) Waaqni afaanota hunda ni dhaga’aa?
12) Afaanotni amantaa waliin ergifaman afaanii fi
aadaa saba biraa irratti miidhaa ni fiduu?
13) Namni Gammachuu jedhamu yoo Musiliima ta’e,
maqaan isaa ni jijjiiramaa? Maaliif?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 61


BOQONNAA 3
3.1. Amantaa fi Saayinsii
Gaafilee xiinxallii
 Amantaa fi saayinsiin waliif galumoo wal
faallessu?
 Yoo kan wal faallessan ta’e, amantaa moo
saayinsiitu dogoggora jettee yaadda?
 Uumaan/waaqni maali? ni jiraa?
 Uumaan yoo kan jiru ta’e, hammam gaa’a?
 Waaqaa fi lafti yoom uumaman?
 Yoo Waaqni uumaama hundaa kan uume ta’e,
waaqa immooo maaltu uume?
 Gaaffilee kanneen keessaa Kan gaafachuun
namaaf hin mallee kami? Maaliif?
3.1.1 Wal Mormii Ilaalcha Amantaa fi Saayinsii
Akkuma gaaffiilee armaan olii irraa hubachuun
danda’amutti, Kutaan kun kutaa baay’ee wal
xaxaa ta’e akkasumas waa’ee uumaa fi uumama isaa
ilaalchisee amanuun kan nama rakkisu ofkeessatti qabata.
Haa ta’u malee waantota kanneeen akka Uumaa fi
uumamaa ilaalchisee yaadiddamni (philosophy) karaa
amantaa fi saayinsiitiin yeroo garaa garaa ni ibsama.
Kunis walmormii Uumaan ni jira ykn hin jiru jedhu,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 62


akkasumas uumama hunda uumaatu uumee ykn
jijjiirama tirannaa keessa uumaman kanneen jedhantu
gama amantaaleefi saayinsiin ibsamu. Ta’us gama
lameeniin ragaaleen kennaman ilaalcha namootaa irrtti
hundaa’ee kanneen fudhatama qabaachuu/dhabuu
danda’an jirachuu ni malu. Namootni yaadiddama
dhiyeeessanis shakkii ‘Kun akkana ta’uu danda’a’ jedhu
qabaachuu malee ragaa qabatamaan ibsuuf ni danqamu.
Kunis sababa bara durii yeroo waantotni uumaman
namootni ijaan arganii mirkeessan hin turreef ta’uu isaati.
Haaluma kanaan gama saayinsiin waantotni hundi
waanuma duraan turan irraa jijjiirama suuta suutaan bifa
amma argamu kanarra ga’an kan jedhutu ibsama. Gaaffii
waantotni dura turan sun immoo akkamitti uummaman
jedhuu deebisuuf ragaa garaa garaa dhiyeessuuf yaalu.
Gama amantaaleetiin immoo waaqatu samii fi lafa
dabalatee waantota lubbuu qabaniifi lubbuu hin qabne
hunda uume yaada jedhutti amanama jechuu dha. Fknf
amantaan Kiristaanumaa, akkataa waaqni itti uumama
uume yoo ibsan,” samii fi lafa dabalatee lubbu qabeeyyii
kanneen biroo (namaan ala ta’an) ‘ta’a’jecha jedhuun

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 63


yoo uumu, nama garuu dhoqqee lafaa irraa akka nama
suphee hojjetuutti erga hojjetee booda afuura itti
baafachuun nama godhee uume amantaa jedhu qabu.
Ilaalchi amantaan Isilaamumaas uumaafi umama irratti
qaban kan Kiristaanummaa irraa fagoo miti.
Haa ta’u malee akkaataa waaqni ittiin namaa fi waantota
uume jedhamanii amantaaleen amanaman sunniin
akkasumas waaqa ammoo maaltu uume kan jedhuurratti
gama saayinsiin ibsi kennamu daran faallaa amantaaalee
ta’uu isaatu mul’ata. Gaafii ‘waaqa maaltu uume’ jedhu
kana deebisuun amantaaleef rakkisaa akka ta’etti hafuun
isaas akka ragaatti caqafama jechuu dha.
Ibsi gama amantaaleen kennamu guutummaa guutuutti
waaqni jiraachuu isaa saayinsiin mirkanaa’uu baatus,
amantaa ni jira jedhu qabu jechuu dha. Kanaaf ragaa
isaan dhiyeessuuf yaalan, sirna walxaxaa waantotni ittiin
uumaman sammuu namaan ol akka ta’an fi kan waantota
akkanaa uume ammo waanta sammuu namaan olitti
yaaduu danda’u ta’uu isaa amantaa qaban ibsatu. Wanti
sunis waaqa/uumaa ta’uu isaati jechuu dha. Fakkeenyaaf;
qaama namaa fudhannee yoo ilaalle, naamni tokko

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 64


qaamoleen isaa kanneen akka faabrikaan garaa garaa
baay’een walitti dhufanii nama san qofa uumaniiti.
Kunniin amoo nyaachuu akka danda’u, kan nyaate
qaama keessaa akka baasu, ilaaluu, yaaduu fi kkf akka
danda’u hunda dabalatee qaamni namichaa hundi
dalagaa uumameef qabaachuu isaas fakkeenya fudhatu
jechuu dha. Sirna qaamni garaa garaa ittiin gocha kana
raawwatu karaa walxaxaa baay’ee sammuu namaatti
ajaa’iba ta’aniin ta’uun isaa beekamaa dha. Haa ta’u
malee gochi armaan olii hundi bifa jijjirama tirannaa
jedhamuun akka uumametu gama ibsa saayinsiin
mirkaneessuuf yaalama. Kanaafuu wolmorkiin
saayinsiifi amantaalee gidduutti uumamuu danda’eera
jechuudha. Wal morkii amantaalee fi saayinsii
ilaalchisee beekaan Albert Inistaayin jedhamu Amantii fi
saayinsiin waliin mormuu akka hin qabne dubbata. Kun
immoo waldhabdee gidduu isaaniitti mul’atu waan
hirrisuuf ta’uu isaati.
Garaa garummaan kunis kan uumamu sababa saayinsiin
ragaa qabatamaan waantota mirkaneessuuf yaaluufi.
Amantaan immoo waantota mul’achuu hin dandeenyee fi

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 65


mirkaneessuun nama dhibu irratti amantaa guutuun ni
ta’a jedhee amanuuf toora ofii isaatii hordofa.
Dabalataanis amantaan kan inni irratti hundaa’u
waantota namootni durii ni ta’a jedhanii amana turan
hunda akka dhaalaatti darbii darboon wal harkaa
fudhatanii yoo amanan, saayinsiin immoo qaroomina
sammuu yeroo garaa garaan waantota dur turanii fi
amma jiran qorachuun sirna waantotaa ragaa qabatamaan
ibsuuf yaala.
Jecha armaan olitti caqafame kan”amantaa fi saayinsiin
wal mormuu hin qaban” jedhu bu’uura godhachuun mata
duree garaa garaa jalatti waantota tokko tokko fakkeenya
fudhachuun boqonnaa kana jalatti kan mari’atamu ta’uu
isaa gamanumaan hubatamuu qaba jechuu dha.
Fakkeenyaaf dhaabbatni qorannaa hawwaa NASAn
saayinsistoota gara samiitti erguun guddina urgjiilee
haala nama ajaa’ibsiisuun ibsuu danda’era. Ta’us garuu
namni kamiyyuu osoo beekumsa hawwaa hin horatin
ykn yeroo ijoollummaa sababa lafarra dhaabatee ol ilaalu
urjiileen xixiqqoo ta’anii mul’ataniif, urjileen xixiqoo
akka ta’uu danda’anitti amana. Yeroo ammaa kan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 66


saayinsiin ilaalcha urjileen xixiqqoo dha jedhu
dogoggora ta’uu isaa mirkaneesseera. Kunis bu’aa
saayinsiin ammayyaa qabu mirkaneessuu isaati jechuu
dha. Saayinsiin osoo sadarkaa har’aa kanarra hin ga’in
dura urjileen xixiqqoo dha jedhamee kan namoota duriin
amanamaa ture,yeroo ammaa kana dogoggora ta’uu isaa
hubachuun bu’aa saayinsiiti jechuu dha. Haaluma
kanaan namni kamiyyuu beekumsa saayinsii horachuun
isaa daran barbaachisaa ta’uu gamanumaan hubachuun
barbaachisaa dha. Kanaafuu beekumsa saayinsii dhabuun
Mucuca Kufaatii ta’uu isaati
Yaada Marii
Caqasa akka fakkeenyaatti kitaaba qulqulluu amantaa
Kiristaanummaa irratti caqafan armaan gadii dubbisuun
yaadni kenname dhugaaf dhugaa ta’uu isaa xiinxali:-
1) Urjiin lafa caalaa xixiqqoodha jedhamee waan
amanamuuf “akka ija harbuu qilleensi jabaan
raasee harcaasuutti, urjootni waaqa keessaa
lafarratti akka gad harca’antu nama Yohaannis
jedhamutti mullate” kan jedhu(Mul’ata
Yohaannis. 6: 13).
2) Namni Daawit jedhamu guddina waaqaa
ajaa’ibsiifachuun yeroo waaqa faarsu “yaa
waaq ani gara bantiiwwan waaqaa isa ati uumte,
gara urjootaa fi ji’oota… yeroon ilaalu, ati akka

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 67


isa yaadattuuf namni maali?” kan jedhu
(Faarsaa 8:3-4)
3) Namni Kan gurraacha ta’ee uumame sababa
abaarsaatiin akka ta’e kitaabni amntaa yoo ibsu
saayinsiin ammo sababa filannoo bakka
jireenyaatiin(naannoo equatorial) akka ta’e ibsa.
Saayinsiin ammayaa, ilaalchi namootni waantota baay’ee
irratti qabaachaa turan dogoggora ta’uu isaas ragaa
qabatamaan mirkaneessuu danda’eera jechuu dha. Kun
ammoo namootni sababa ilaalcha dogoggoraa qabaachaa
turaniif jecha waantota fayidaa isaaniif qabu akka dhabaa
turanis ni mul’isa. Ilaalcha namootni qabaachuu malan
kanneen maddisiisan keessaa ijoon amantaalee ta’uu
akka malu boqonnaa darbe jalatti ilaaluun keenya ni
yaadatama.
Saayinsiin ammayyaa bu’a qabeessa ta’us, namootni
tokko tokko ilaalchi isaan saayinsii ammayyaaf qaban
gadi bu’aa dha. Namootni kunniin ammoo baay’inaan
namoota amantaalee hordofaniifi namoota sadarkaa
barumsaan gadi aanaa ta’an biratti mul’ata. Namootni
kunniin garuu mormii saayinsii ammayyaa iraa haa
qabaatan malee, bu’aalee saayinsii ammayyaa kanneen
akka tajaajila yaala fayyaa, meeshaalee elektrooniksii

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 68


garaa garaa, geejjiba garaa garaa fi kkf ni fayyadamu.
Kanneen sababa amantaaf jecha tajaajila kanneen tokko
tokko hin fayyadamnes ni jiru. Fknf hordoftootni
amantaa Dhuga Baatota Joovaa(Jova witness) jedhaman
yoo dhukkubni hir’ina dhiigaa (Anemia) isaan mudate,
dhiiga nama kan biraa kan yaalli fayyaa ajaju hin
fayyadaman.Kunis sababa ‘lubbuun namaa dhiiga keessa
jiraatti’ amantaa jedhu qabaniif ta’uu isaati.
Gaaffii Tolasaan waa’ee sirbaa ilaalchisee hiriyyota
isaa Kumsaafi Abdii gaafate
Gaaf tokko Tolasaan osoo sirba weellisaa oromoo
beekamaa Dr. Alii Birraa kan“barnoota barnoota
ammas barnoota! kana ta’uu qaba kaayyoon
Oromootaa!” jedhee weellise dhaggeeffatuu hiriyyaan
isaa Kumsaan sirba dhaggeffachuu fi sirbuun amantaaa
Kiristaanaa kessatti fudhatama akka hin qabne itti
himuun akka dhaggeeffachuu hin qabne isa dhorke.
Tolasaan garuu gaaffilee armaan gadii akka deebisuufiif
galagalee waa’ee sirba Alii kana ilaalchisee hiriyyaa
isaa Abdii gaafate:
 Waa’ee tokkummaa oromoo haasa’uu fi sirbuu
gidduu garaa garummaa maaliitu jira?
 Sababa uummata oromootti kaka’umsa
barnootaa cimsuuf weelliseef Dr. Aliin maal
balleesse?
 Sababa sirba kanaan kan ka’e waaqni maal
dhabe?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 69


 Waaqni ykn namni sababa sirba Alii kanaaf
jecha badii inni Aliitti muru maali?
Deebiin hiriyyaan isaa Tolasaaf deebises sirbi Alii
kunniin badii qabaachuu baatanis garuu akkuma
gochootni namootaa kanneen gaariinii fi kanneen
gadheen jiran sirbootnis kanneen waan gaarii nama
barsiisanii fi kanneen hammeenya nama barsiisan
jiraachuu malu. Kanaafuu ani akka yaada kootiitti
sammuu waa gargar baafatu isa waaqni nu badhaaseen
yaadnee gadhee fi gaarii gargar baafachuun ilaalcha
keenya sirreeffachuu waan dandeenyu natti fakkaata kan
jedhu ture.
Fakkeenya ilaalcha amantaaleen walqabate keessaan kan
biroon, seera amantaa Isilaamummaa ilaalchiseeti. Kunis
namni tokko amantaa Isilaamummaa fudhachuu kan
danda’u waantota bu’uraa ja’an (the 6 pillars of Musilim)
amanamuu qaban hundaa amanuu akka qabu barsiifama.
Sirni kunniin ammoo baay’inaan sirna Kiristaanummaa
keessatti caqafamaniinis walfakkeenya ni qabaata.
Sirnootni nama Musiliima ta’e tokkoon hordofamuu
qaban kunniin:-
1) Waaqni tokko qofa jedhanii amanuu
2) Ergamoota (kanneen akka Jibril) jiru jedhanii
amanuu. Akkasumas uumamni Jinnii
jedhaman kan namootaa fi ergamoota hin ta’in

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 70


garuu akkuma namaa gaarii fi hamaa kanneen
dalaguu danda’an akkasumas guyyaa dhumaatti
dalagaa dalaganiif akkuma namootaa murtoo waaqa
biraa kanneen fudhatanis ni jiru jedhanii amanuu
dabalata.
3) Kitaabolee rabbi kenne kanneen akka ‘Tawraat’
(seera Muse),‘Zabur’ (faarsaa Daawwit), ‘Injiil’
(wangeela Yesuus/Iisaan barsiise) fi Quraana
qulqulluu/Furqaana(kan Nabiy Muhaammaditti
kenname jedhamee amanamu) hundaa akka seerota
rabbi biraa namootatti kennamaniitti amanuu.
4) Namoota waaqni/rabbi ergamaa godhate, ergamoota
waaqaa (Nabiyyoota) jedhanii amanuu. Fakkeenyaaf
Quraanni naanna namoota 25 maqaa yoo dhahu,
kanneen keessaa kanneen hundarra caalu jedhaman
ja’an(6) duraa duuba dhaloota/ argama isaaniin:-
1) Aadam/Addaam 2)Nohi, 3)Ibrahim/Abriham,
4)Muusaa/Musee, 5)Iisaa/Yesuus 6) Muhaammad,
yoo ta’an, hundi isaanii maqaa ‘Nabiyyii’
jedhamuun waamamu. Haa ta’u malee garuu
nabiyyoota jiran hundaa keessaa kan hunda caalu

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 71


Nabiyyi Muhaammadii dha jedhuun namootni
Musiliima ta’an akka amanuu qabantu barsiifama
jechuu dha.
5) Guyyaan du’aa ka’uu jira jedhanii amanuu.
Akkasumas jaannamii fi waaqarra jireenyi
gaariin bara baraan jiraatan akka jiru amanuu.
6) Waan hamaas ta’e waan gaariis waaqumatu
namatti fida jedhanii amanuu.
Gaaffilee marii
Ibsa amantaa Musiliimaa armaan olitti kennaman
keessaa ibsa lakkoofa 6ffaa irratti kenname ilaachisee
gaaffilee kanneen armaan gadii haa xiinxallu.
Fakkeenyaaf
‘Konkolaataan tokko sababa konkolaataan rakkoo
qaburraan kan ka’e firisi’oona kutee galagaluun
imaltoota miidhe’ kan jedhu ilalchisee : Gaaffileen
dhiyaatan-:
 Balaan kun uumamuun isaa fedha rabbi ta’uu ni
malaa?
 Konkolaataa eenyutu uuma/ eenyutus supha?
 Namni tokko fedhaan summii liqimsee yoo du’e,
fedha rabbii ta’uu ni malaa?
 Daa’imni tokko yoo HIV waliin dhalate badiin
eenyuutti murama?
 Jecha ‘namni waan facaase haammata’ jedhu
akkamitti ilaalta?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 72


3.1.2. Uumama Hawaa fi Lubbu Qabeeyyii
Yaadiddamni waa’ee uumama hawaa fi waantota hawaa
keessati argaman ilaalchisee saayinsiin ibsamu Tiyoorii
big bang17 jedhamu kan bu’uura godhatee dha. Akka
tiyooriin kun jedhutti wanti hundi annisaa (energy)n
akka uumamanii dha. Haaluma kanaan jalqaba
elementoota kanneen akka gaasii (dhukkee)
Haaydiroojiinii (H) fi Hiiliyeemii(He) akkasumas hanga
baay’ee xiqqoo ta’aniin ammoo Liitiyeemii (Li) fi
Beriiliyeemii(Be) kanneen jedhamantu uumame.
Elementootni kunniin tokkoo tokkoon isaanii cita
atoomowwaa kanneen akka Niiwutiroonii, Prootoonii fi
Elektroonii jedhaman of keessatti qabatu. Elementootni
kunniin urjiilee fi aduu akkasumas pilaanitoota hundaa
keessatti argamuun isaanii elementoota kanneen biroo
dursanii uumamuu isaanii akka ragaatti mirkaneessa
jechuu dha.
Gaaffii annisaan citni atoomowwaa elementootni
kunniin jalqaba ittiin uumaman eessaa argame jedhurratti
ibsi yaadiddama (philosophy)n garaa garaa ni kennamu.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 73


Yaadiddamni kennaman kunniin garuu walxaxaa fi
akkasumas garaa garummaa qaban irraan kan ka’es
yaada dhaabbataa tokko hin mirkaneessan. Haa ta’u
malee, uumamuu elementoota kanneen armaan olitti
caqafamaniitiin booda akkaataa waaantotni hundi ittiin
uumamuu danda’an salphaatti hubachuun ni danda’ama.
Haaluma kanaan yaada dhaabbataa fudhatama qaburraa
ka’uun waa’ee uumama hawaa fi waantota hawaa
keessatti argaman hunda mata duree itti aanan jalatti
haala salphaan ilaaluuf yaalla jechuu dha.
3.1.2.1 Uumama Hawaa
Jalqaba elementoota bifa gaasii/dhukee ta’an kanneen
akka Haaydiroojiinii(H) fi Hiiliyeemii(He) jedhamantu
elementoota hunda dursanii uumaman. Elementootni
kunniin cita atoomowwaa elektiroonii jedhamuun
beekamus of keessaa ni qabu. Citni atoomowwaaa kun
ammoo sheelii atoomii isaaniirra si’aayina ariitii ifaatiin
(speed of light) wal qixa ta’e fiiguu kan danda’uu dha.
Haa ta’u malee Citni atoomawwaa electroonii jedhamu
kun sheelii atoomiirra marsuu qofa osoo hin taane sheelii
tokko irraa gara sheelii biraattis ni dabra. Kun immoo

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 74


yoo sheelii ol aanutti kan dabru ta’e, annisaa dabalachuu
isa barbaachisa. Yoo kan sheelii gadi aanutti darba ta’e
garuu annisaa gadi lakkisa. Annisaa gadi lakkisuun
electroonii kun immoo uumamuu annisaa ‘footonii
‘(photon) jedhamuuf sababa ta’a.
Annisaan footonii jedhamu kun yeroo yerootti
uumamuun kuufamuu eegale. Kunis baayyina footonii
uumamuurraan kan ka’e annisaan guddaan akka
uumamuuf sababa ta’e jechuu dha. Annisaan guddaan
uumame kunis uumamuu waantota kanneen biroof
sababa ta’aa dhufe. Haaluma kanaan gaasota jalqaba
uumaman kunniin irraa annisaan maddisiifame
kuufamuun suuta suuta guddatee yeroo booda
walnyaatinsi garaa garaa akka uumamuuf sababa ta’e.
Annisaa guddaa fi ho’i guddaan uumames wal nyaatiinsa
gochuun elementootni kanneen biroon akka
uumamaniifis sababa ta’aa dhufe. Adeemsi elementootni
kan biroon elementoota dursa uumaman irraaa ittiin
uumaman kunniin adeemsa fusion fi fission jedhaman
dabalateeti. Haaluma kanaan annisaa /ho’i guddaa fi
elementootni uumamaa turan hundi bakka tokkotti

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 75


walitti qabamanii jiraachaa turan. Wal nyaatiinsi
kemikaalaa sababa annisaa guddaan uumame kun ittuma
fufuun elementootni ulfaatoo ta’an kanneen akka sibiila
fi sibilaala garaa garaa uumamaa dhufuu ittuma fufan
jechuu dha. Waanti ho’aan kun erga uumamee boodas
annisaa fi ho’a kan biraa baay’inaan argachuu fi
babal’achuun guddachaa akkasumas elementootni kan
biroon uumamuun isaanii ituma fufaa turan. Yeroo sana
aduu dabalatee urjiilee fi pilaanitootni hudi lafa waliin
bakkuma ho’a guddaa qabu kana keessatti kuufamanii
turan.
Yeroo booda waanti ho’aan annisaa guddaa kuufate sun
humna daran guddaa ta’een dhuka’uu danda’e. Humna
daran guddaa ta’een dhuka’uun sun ammoo urjiileen,
aduunii fi lafa dabalatee pilaanitootni hundi bakka amma
jiran kanatti samii keessatti facaa’anii akka argaman
isaan taasise. Erga bakka bakka qubataniis, yeroo ammaa
kana kanneen ho’a guddaa qaban itti fufanii
babal’achuun dhuka’uu fi babal’achuu itti fufaa jiru.
Kanafuu babal’achuun hawaa fi uumamuun urjilee yeroo
ammaaa kanas akkuma itti fufetti jira jechuu dha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 76


Fakkeenyaaf urjiileen tokko tokko(Koomeetootni)sababa
dhuka’a samii keessatti ta’aa jiruun kan ka’e, yeroo isaan
furguggifaman halkan halkan ni mul’atu. Urjiileen
akkasii kunniin hawaa keessaa bakka tokko qubachuuf
hangaa fi saffisni isaan ittiin furguggifaman murteessaa
dha. Kunis fageenyaa fi turtii isaan samii keessa
furguggifamuuf taasisan tilmaamuuf nugargaara.Urjileen
furguggifaman(koomeetotni) kunniin guddinni isaanii
lafa kan caaluu ykn lafaa gadi ta’uus ni malu. Waanti
tokko osoo hawaa keessa furguggifamaa jiruu tarii yoo
akka tasaa lafaa wajjin wal tuqe, jijjiirama lafarratti
taasisuu mala. Hangi isaa lafa kan caalu taanaan ammoo
guutummaa lafaayyuu barbadeessuu mala. Yoo hanga
xiqqaa qabaate garuu lafa barbadeessuu osoo hin taane,
jijjiirama lafarratti taasisuu mala. Kunis haala qubannaa
dachee fi bishaanii akkasumas ho’ina lafarra jiru jijjiiruu
dabalata. Fakkeenyaaf, yoo lafaarraa naannoo galaanaa fi
garboota gurguddaa qubate, bakka bishaan kuufamu
diriirsuu mala. Haala kanaan ardiin ykn biyyi tokko
bishaaniin haguugamuu dandeessi. Fknf: yoo wanti sun
kan Garba Atlantikii keessatti kufu ta’e, gudina

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 77


wantichaa irratti hundaa’uun,tarii ardiin Afrikaa hundi
ykn biyyi Somaaliyaa qofti fi kkf haguugamuu malu.
Yoo kan biyya Somaliyaa qofa haguugu ta’e, bakki
buufata doonii inni qarqara Somaliyaa ture hafee qarqara
Itoophiyaa ta’uu mala jechuu dha. Haa ta’u malee
waantotni hawaa keessa furguggifaman kunniin
waantota hawaa keessatti argaman kannneen biroo
kamiinuu osoo walitti bu’iinsa hin uuminis, erga
furguggifamanii booda hawaa keeessa bakka murtaa’e
tokkoo qubachuu malu. Kunis sababa Humna Harkisaa
(Humna magneettawaa) tiin ta’uu isaati.
Pilaanitootni; Urjileen; Koomeetii fi Astero’idoonni
hawaa keessatti argaman hundi bakkaa bakka qabatanii
rarraa’anii akka samii keessa qubachuu danda’anis
gochuu kan danda’e, sababuma Humna magineettawwaa
kan waantotni hundi ittiin fageenya murtaawaa irratti
ittiin walharkisuu danda’aniin ta’uu isaati. Humna
magineettawwaa kanas shallaguuf foormulaa:-

F=Gm1m2
R2
Kan fayyadamnu yoo ta’u:- F=humna,G=lakkoofsa
dhaabbataa kan 6.673x10-11Nm2/kg2 ta’e, m1 = hanga
wanta jalqabaa, m2=hanga wanta lammataa, R2=

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 78


iskuweerii fageenya waantota lameen gidduu kanneen
bakka bu’anii dha.
Gama biroonis nama dabalatee waanti lafarra jiru hundi
akka lafa gad lakkisee samii keessa hin dhidhimne
godhee kan jiru humna lafti ittiin waantota ofitti harkiftu
kan‘Human Harkisa Dachee’(gravitational force ’Fg ~
10N’) jedhamuuni dha.
Haa ta’u malee ol fageenya murtaa’aa irratti lafti
dandeettii waantota ittiin ofitti harkistu kana ni
dhabdi.Wanti si’aayina (velocity) murtaa’aa ta’een ol
fageenya murtaa’aa ta’e irra (bakka lafti waantota ofitti
harkisuu hin dandeenye irra) ga’uu dandada’u tokko
humna harkisa dachee jalaa miliquu ni dandaa’a.
Kunis“saffisa harkisni lafaa ittiin miliqamu”(escaped
velocity) jedhamuun beekama. Fknf saatalaayitii gara
hawaatti ergamuuf maluma kanaan fayyadamu.
Walumaa galatti lafti akkuma urjiilee fi pilaanitoota
kanneen biroo samii keessa rarraatee jiraachuu ishee
hubachuun danda’ameera.Waantota lafarra jiran ammoo
akka lafa irraa hin mixxiqnetti ofitti harkiftee jiraachuu
ishees gamanumaan hubachuun barbaachisaa dha.
Dachee dabalatee waantotni hawaa keessatti argaman

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 79


kunniin bakka amma jiran kana sababa dhukaa’a daran
guddaa ta’een faca’anii argamuu danda’an jechuu dha.
Wantotni hawwaa keessa sababa annisaa guddaan
dhuka’anii faca’an kunniin hundi ho’a gudda irraan kan
ka’e bifa dhangala’aa qabu turan. Dhuka’uun waanta
dhangala’aa jalqaba hawaa uume kun naannoo waggaa
biliyoona 10-15 tti tilmaamamu dura ta’uu isaatu ibsama.
Yeroo sana laftis sababa ho’aa fi annisaa guddaa
qabduun waantotni lafarra jiran hundi baqanii akkuma
aduu fi urjilee ifa kennu turan jechuu dha.Yeroo booda
lafti haala bakka teessuma isheen walqabateen suuta
suuta qorruu dandeesse. Garuu urjiileen ifa qabaniifi
aduun annisaa/ho’a sana hanga duraa ta’uu baatus hanga
yoonaatti kuufatanii jiraachuu isaanii ho’a aduu irraa
hubachuun kan dandaa’amuu dha. laftii fi pilaanitootni
qorranis, gadi fageenya keessa garaa isaaniitti ho’a kana
ammayyuu qabaachuu ni malu. Kanas dho’iinsa
volkaanoo kan garaa lafaa keessaa waantota baqan ol
darbatu/tufu irraa hubachuun ni dandaa’ama.
Dabalataanis Itoophiyaa keessaa naannoo Affar, bakka
Ertaallee jedhamutti waanti ho’aan kun ni mullata.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 80


Akkaataa elementootni haaraan sababa annisaa guddaan
elementoota kan biroo irraa ittiin uumamuu danada’an
ilaalchisees, haaluma ibsa armaan olii hordofuun,
saayinsistooni yaalii geggeessaniin mirkaneessuun
danda’ameera. Kanas hanga yoonaatti elementoota 116
jiran keessaa 90 qofti uumamaan kanneen argaman yoo
ta’an, 26 ammooo namootaan kanneen uumaman ta’uu
isaanii irraa hubachuun ni dandaa’ama.
3.1.2.2 Uumama Lubbu Qabeeyyii
Uumama lubbu qabeeyyii dursa waantota lubbu
qabeeyyiin irraa uumaman ibsuun filatamaa dha. Kun
ammo elementoota barbaachisoo kanneen irra jireessan
uumamuu lubbu qabeeyyiif sababa ta’an hubachuu
barbaachisa jechuu dha. Kanaafuu dursa uumama
elementootaa ilaaluu yaalla.
Mata duree uumama hawwaa jedhu armaan olii
jalatti ,waa’ee uumama elentootaa ilaalchisee,
elementootni haaraan elementoota kenneen dursa
uumaman irraa uumamuu akka danda’an ilaaluun keenya
ni yaadatama.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 81


Haaluma wal fakkaatuun erga dacheen bakka amma jirtu
kana qubattee booda uumamuun elementootaa fi
kompaawundootaa hanga muraasaan itti fufeera jechuu
dha. Kanumaan elementootni kanneen akka Caarboonii
(C), Naayitroojiinii (N), Oksiijiinii (O),Foosfarasii (P) ,fi
kkf jedhaman irraa kompaaawundootni turtii suuta suuta
wal nyaatinsa garaa garaa adeemsisan irraa uumamuu
eegalan. Kunis elementootni kunniin yeroo booda haala
mijataa uumameen wal nyaatiinsa kemikaalaa
adeemsisuun waantota kompaawundota jedhaman
uumuu danda’uu isaniiti. Fakkeenyaaf elementootni bifa
dhukkee/gaasii turan kanneen akka H+H+O, adeemsa
wal nyaatiinsa kemikaalaa jedhamu geggeessun wanta
haaraa bishaan jedhamu (H2O) uumuu danda’an jechuu
dha.Kompaawundootni biroon kanneen akka
‘pirootiinii/amiinoo acid’ jedhaman (H2NCH2COOH),’
kaarboohaaydreetii (CH2O)3n fi kkf lafa irratti uuman.
Kompaawundootni kunniin uumamuun ammo kutaalee
seelii organel jedhaman akka uumamaniif sababa ta’an.
Organeliin kutaalee garaa garaa seelii keessatti argaman
kanneen walitti dhufanii seelii tokko uumanii dha. Fknf

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 82


orgaanelootni kanneen niiwukilesii, miytookondeeriyaa,
raayboosome, membreenii seelii fi kkf jedhaman hundi
walitt dhufanii seelii guutuu tokko uumu. Dabalataanis
moleekiyuuliin niwkileesii keessatti argamu DNAn(kan
gargar hiramuu seeliif bu’ura ta’e) kompaawundootuma
armaan olii kanniin irraa uumaman. Kanaafuu haala
mijataa yeroo sana argame irratti hunda’uun seeliin
guutuun tokko uumamuu danda’e jechuu dha.
Seeliin jalqaba lafarratti uumamuu danda’e sun lubbu
qabeeyyiin baakteeriyaa fakkaatan lafa kanarratti akka
uumaman taasise. Kunis ta’un isaa, tilmaamaan naannoo
waggaa biliyoona 3.5 hanga 4 dura ture jechuu dha.
Kanaafuu seeliin jalqabaa, suuta suutaan haala mijataa
yeroo seeliin uumame sana uumamuu seeliif sababa
ta’erraa ka’uun uumamuu danda’e yaada jedhuun gama
saayinsiin ibsama jechuu dha.
Gama biraan ammoo lubbu qabeeyyiin kamiyyuu
jiraachuuf haala mijataa jireenya isaanii itti fufsiisuuf
isaan gargaaru argachuutu isaan barbaachisa. Kun
ammoo waantota bu’uuraa kanneen akka nyaataa,
bishaan, qilleensa, da’oolee itti balaa dheessuu danda’an

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 83


fi kkf dabalata. Haa ta’u malee yoo akka tasaa waantota
jireenyaaf isaan barbaachisu kanneen argachuu dhaban,
guutummatti lafa kanarraa baduu ni malu jechuu dha.
Ta’us garuu lubbu qabeeyyiin kamiyyuu waantota
jireenya isaaniitti balaa uumuu malu hunda tooftaa garaa
garaan ofirraa qolatu. Tooftaaleen kunnii ammo kanneen
qaama lubbu qabeeyyiin alatti ykn qaama keessatti
taasifaman akkasumas tooftaaleen lameen walcinattii kan
adeemsifaman ta’uus ni malu.
Tooftaaleen qaamaan alatti taasifaman kunniin
baayyinaan beekumsaa fi tooftaa akkasumas ga’umsa
qaamaa, fayyadamuun kan argamanii dha. Kunis miliquu
danda’uu, da’oo argachuu, adamsanii soorachuu, lolanii
injifachuu, daawaa argachuu, mala soquu fi kkf dabalata.
Akkaataa lubbu qabeeyyiin balaa ittiin dandamachuu
malan inni kan biraan ammo tooftaalee qaama lubbu
qabeeyyii keessatti adeemsifamuuni dha. Kunis ammoo
beekumsaaf humna kan gaafatu osoo hin taane, jijjiirama
tirannaa qaama keessatti adeemsifamuun kan argamanii
dha. Haala jijjiirametti madaquu danda’uun (adaptation)
fi jijjiirama keessoo seeliitti godhamuun (mutation)

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 84


balaa dandamachuun kan danda’amu sababa jijjiirama
qaama keessatti raawwatamuunii dha.
Fakkeenyaaf:yoo akka tasaa jijjiirama qilleensaa irraa
ka’uun galaanni qurxummiilee hedduun keessa jiraatan
suuta suuta goge, qurxummiileen galaanicha keessaa
jiraataa turan hundi ni dhumu. Haa ta’u malee yoo
qurxummiileen sunniin haala jijjiirama mudate irratti
hundaa’uun jijjiirama keessoo qaama isaanii keessatti
kan taasisaa turan ta’e, balaa san dandamatanii dhumaatii
oolu ni malu. Kunis galaanichi osoo gogee hin dhumin
dura, dandeettii galaanichaan alatti jiraachuuf isaan
dandeessisuu, bifa mutation jedhamuun dandamachuu
yoo danda’ani dha.
Tooftaaleen lubbu qabeeyyiin hundi waantota jireenya
isaaniitti hamaa ta’an ittiin dandamatanii sayii isaanii itti
fufsiisuu danda’an kunniin ‘survival of the fittest’
jedhamee beekama. Kun ammo kan ibsu jecha
‘dandamataatu badiisa oola’ jedhuu dha.
Adeemsi muteeshinii (mutation) jedhamu kun kan
fayyadu balaa dandamachuu qofa osoo hin taane balaa
qaama namaatti fiduu illee ni fida. Akkasumas

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 85


muteeshiniin sanyiin haaraan kan sanyii dura ture irraa
adda ta’e akka uumamus ni gargaara. Kun ammoo sanyii
dura ture sana irraa xiqqeenya qaamaa ykn guddina
qaamaa akkasumas jijjiirama qaamaa gochuus ni mala
jechuu dha. Dabaltaanis lubbu qabeeyyiin bishaan
keessa jiraachaa turan dacheerra akkasumas bakka
lameen jiraachuu akka danda’anis ni gargaara jechuu dha.
Kanas Raacha fi Naacha fakkeenya fudhachuun ni
danda’ama. Sababni lubbu qabeeyyiin gosa garaa garaa
hedduu ta’anii argamaniis adeemsuma kanaan kan
walqabatee dha.
Sababa adeemsa ‘muteeshinii’(mutation) jedhamuun
balaan akka dhukkuba kaanserii jedhamus uumamuu ni
mala. Kaanseriin hanga guddaa ta’e tokko kan eegalu
sadarkaa seelii tokkoo keessatti ta’uun isaa
mirkaneeffameera. Kunis seeliin qaama namaa kan
sirnaan dalagaa ture tokko yoo akka tasaa mutate ta’e
ykn sirna gadi lakkise, seeliin sun seeraan ala of
baayyisuun baayyatee seelota qamaa kanneen biroo
miidhuu eegala.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 86


Walumaagala balaaleen lubbu qabeeyyii miidhan
kanneen akka jijjiirama qilleensaa, biqilootaa fi
bineeldootni soorataman dhibamuu, dhukkubni ajjeesu
saffisaan faca’uu, bakki jireenyaa bishaaniin
haguugamuu fi kkf suuta suuta jijjiirama tirannaatiin
argamuu malu. Kanaafuu lubbu qabeeyyiinis jijjiirama
gara sirna haala naannoo haaraa uumame sana keessa
jiraachuuf isaan dandeessisutti jijjiiramuu fi naannoo
sana jijjiiruun dandamatanii jiraachuu qabu jechuu dha.
‘Survival of the fittest’ tiyooriin jedhamu kanuma ibsa.
Kunis lubbu qabeeyyiin balaa isaan mudate
dandamachuu kan hin dandeenye yoo ta’an,
guutummaatti dhabamsifamuu danda’u jechuu dha. Fknf
Lubbu qabeeyyiin Daayinoosaras jedhaman lafa kanarraa
sababa jijjiirama haala mijataa lafarra ittiin jiraachaa
turan jijjiirameef guutummaa guutuutti badaniiru.
Sababni jijjiiramni yeroo sana lafa mudates sababa
waanti ho’aan hawaa keessa furguggifamuu tokko
lafarratti kufeef, ho’i dabaluu isaa akka ta’etu himama.
Haaluma walfakkaatuun namnis lubbu qabeeyyii keessaa
tokko waan ta’eef carraa sanyiin isaa baduu kun

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 87


mudachuu ni mala jechuu dha. Kanaafuu namni badii
kana hanbisuuf yoo xiqqaate tooftaalee qaamaan alatti
taasifamuu qabu fayyadamee sanyii isaa itti fufsiisuun
dirqama. Kun ammoo beekumsa saayinsii qabaachuu
dabala. Fknf yeroo ammaa biyyi Ameerikaa saayinsii
ammayyaa fayyadamuun bakka bishaan hin jirretti
bokkaa roobsuu akka dandeessu mirkaneessiteetti.
Kanaafuu ilaalchi bokkaa roobsuun dalagaa waaqaa qofa
jedhu dirqiin yoo nama mudate Mucuca kufaatii ta’uu
isaati jechuu dha.
Seenaa ‘Du’a Gurraachaa’!
Dhuma jaarraa19ffaa dura dhukkubni Balck death (du’a
gurraacha) jedhamuun beekamu namoota ardii
Awurooppaa, Eeshiyaaa fi Afrikaa jiraatan hedduu fixaa
ture. Seenaa keessaatti yeroo garaa garaa weerarri
dhukkuboota garaa garaa kanneen akka:- Black
Death,Spanish Flue,HIV/AIDS, Ebola,Covid-19? fi kkf
kannee namoota mudataa turan ta’us, keessumaa
Dhukkubni Balck death jedhamu namoota hedduu fixuun
hanga ammaatti sadarkaa 1ffaa irratti argama. Dhukkubni
Balck death jedhamu kun kan yeroo gara garaatti
deddeebi’e addunyaa miidhaa ture(pandemic) ta’us,
Keessumaa jaarraa14ffaa(1346-1353)tti hedduminaan
ardii Awurooppaatti babal’atee, baayyina namoota
Awurooppaa bara sana turan keessaa dhibbeentaa60
(60%)akka dhuman taasise.Kunis namoota miliyoona

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 88


50tti tilmaamama. Waliigala namootni addunyaa
dhukkuba kanaan dhuman naannoo miliyoona 475ti
tilmaamamu. Namoota dhuukuuba kanaan qabaman
keessaa osoo dawaa hin fayyaamin carraan fayyuu
isaanii dhibbeentaa 10 hanga 30 qofa. Dhibeentaan70
hanga 90 ni dhumu jechuu dha. Kanaafuu namani
dhukkuba kanaan qabame carraan fayyuu isaa baay’ee
xiqqoo ture jechuu dha.
Baayyinaan namootni bara sana turan ka’umsi dhukkuba
kanaa akka waaqa biraa sababa cubbuutiin isaaanitti
dhufuutti amanu turan. Kanumarraa kan ka’es namootni
dhibee kanaan qabaman furmaatni isaan godhan waaqa
kadhachuun ture. Kunis waaqni akka isaan fayyisuu fi
akkasumas cubbuu isaaniif akka araarama godhu
kadhatu jechuu dha. Haa ta’u malee namootni du’a
ooluuf kadhataa turan sunniin du’a sana ooluu hin
dandeenye ture.
Haa ta’u malee, dhuma jaarraa 19ffaa (1894)tti namni
lammii biyya Faransay ta’e kan Aleksaander Yersiiniyaa
(Alexander Yersinia) jedhamu mala saayinsiitiin
fayyadamee qorannoo geggeessuun waanti dhibee kana
namatti fidu baakteeriyaa(bacteria) ta’uu mirkaneessuu
danda’eera. Kanumarraan kan ka’es gosti baakteeriyaa
dhukkuba kana namatti fidu kun Yersiniyaa Peeptiis
(Yersinia peptis) jedhamee akka waamamu taasifame.
Akkaataan dhibeen kun ittiin daddarbus tafkii
hantuutaatiin ta’uun ishee beekameera.
Yeroo ammaa kana dhibeen kun gosa dhibee
baakteeriyaa keessaa kan Bubonic plague jedhamuun
beekamuu dha. Saayinsii ammyyaa fayyadamuunis,
daawaalee farra baaakteeriyaa ta’an kanneen akka

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 89


aminoglycoside, tetracycline fi kkf jedhamaniin
dhukkuba Bubonic plague jedhamu kana salphaatti
yaaluun danda’ameera. Kanaafuu dhibee kanaan
namootni miliyoonaan lakkaawwaman dhumanis, yeroo
ammaa mala saayinsiitiin du’a, akkasumas badiisa sanyii
namaatti dhibeen kun fidu malu oolchuun danda’ameera.
Galatni kan namoota akka Alexander Yersinia tiif.
3.1.3. Mudannoo Hir’ina Qaamaa
Jechi Hir’ina qaamaa jedhu kan ibsu: Hanqina lubbu
qabeeyyiin tokko qaamolee gareen isaa ittiin beekaman
keessaa yoo xiqqaaate qaamni tokko faayidaa kennuu
dhabuu isaati. Fknf mucaan namaa tokko yoo harka bitaa
tokko qofa waliin dhalate, mucaan dhalate sun hir’ina
qaamaa qaba jechuu dha. kunis gareen namoota
jedhaman hundi harka lama qabaachuun waan
beekamaniif ta’uu isaati. Kanaafuu mucaan sun tajaajila
harki mirgaa isaaf kennu qabu ture dhabuu isaati jechuu
dha. Qaamni namaa ammoo hir’achuu kan malu sababa
balaa tasaa garaa garaa fi akkasumas sababa dogoggora
adeemsa wal hormaataa keessatti uumamuun ta’uus ni
mala jechuu dha. Kunis hiri’inni qaamaa kan mudatu
erga dhalatanii akkasumas osoo hin dhalatin ta’uu isaa
agarsiisa.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 90


Haa ta’u malee, akkaataa ittiin hir’ini qaamaa nama
mudachuu malu ilaalchisee, ilaalchi garaa garaa ni
maddisiifama. Kun ammoo hir’ina qaamaa kan
dhalootaan namatti dhufu ilaalchisee wolmormiin gama
saayinsiifi amantaalee gidduutti bal’inaan mul’achuu
isaati.
Ilaalcha amantaaleen qaama hir’inaan dhalachuu
namootaafi lubbu qabeeyyii biroo irratti qaban kan
ibsu”waaqatu/uumaatu uumama akka fedha ofii isaatti
uuma” kan jedhuu dha. Kun ammoo sababa amantaaleen
‘amantaa waaqatu uumama hunda uume jedhu amananiif
ta’uu isaaati. Kanaafuu gaaffilee: Maaliif akkasitti uume?
Adeemsa kamiin akkasitti uume? fi kkf jedhuuf deebiin
isaaniis” waaqa isa uumetu beeka” kan jedhuun alatti
ibsa kennuun rakkisaa dha. Yoo kan deebisuuf yaalan
ta’es, deebiin amantaaleen ni ta’a jedhanii amanuun
deebisanis mirkanaa’uu waan hin dandeenyeef, saayinsii
waliin wal mormiin akkuma itti fufetti hafeera.
Gama saayinsiin ammo hir’inni qaamaa kun sirna
baay’ee wal xaxaa fi hubachuuf yeroo namatti fudhatuun
kan ibsamu ta’us, dhugaa qabatamaa ta’een

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 91


mirkaneessuun danda’ameera. Kanas beekuuf dursa
adeemsa waantotni qaama lubbu qabeeyyii keessatti
ittiin raaawwatan hubachuutu barbaachisa jechuu dha.
Lubbu-qabeeyyiin hundi adeemsa sirna wal hormaataa,
nyaataa, waantota xuraa’oo qaamaa keessaa baasuu,
hargansuu fi kkf raawwachuu isaan dandeessisu
qabaaachuu qabu. Lubbu- qabeeyyiin kunniin ammoo
kanneen seelii tokkoo fi isaa ol irraa uumaman ta’uu
danda’u. Kanneen ijaan hin argamne akka: baakteeriyaa,
ameebaa fi kkf uumaama seelii tokko qofan jiraatanii
dha. Kanneeen baay’ee gurguddoo ta’an ammoo seelota
tiriiliyoonaan lakkawwaman irraa uumaman. Namnis
lubbu-qabeeyyii seelota tiriiliyoonaan lakkaawaman
irraa kanneen uumaman keessatti ramadamu. Haa ta’u
malee namni tokko osoo nama guutuu ta’ee hin dhalatin
dursa, gadameessa haadhaa keessatti seelii tokkittii iraa
ka’ee guddachuu eegala.
Mucaan namaa tokko kan uumamuu eegalu erga
walquunnamtiin saalaa Haadhaa fi Abbaa gidduutti
adeemsifameen booda dha. Kunis walquunnamtii saalaa
booda seeliin kormaa (sperm cell) fi seeliin dhalaa (egg

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 92


cell) gadameessa haadhaa bakka ujummoo gadameessaa
jedhamu keessatti walitti makamuun seeliin haaraan
zaaygootii (zaygote) jedhamu tokko uumuun eegalama
jechuu dha.
Seeliin tokkichi jalqaba uumame kun adeemsa ‘Gargar
Hiramuu’(cell division) geggeesun seelii wal fakkaatu
kan biraa lama (2), afur(4), saddeet(8)…2n (n=1,2,3..)
ta’uun of baay’isuu isaa itti fufa jechuu dha. Seelotni
kunnniin erga baay’ataniin boodas adeemsa
‘Hirmaannaa Seelii’ (cell differentiation) jedhamus ni
taasisu. Kunis seelootni erga baayatanii booda gara
‘Tishuulee’ garaa garaatti tamsa’anii akka guddatan
isaan taasisa. Sana booda tishuuleenis walitti dhufuun
‘Qaama’ garaa garaa kanneen akka: gogaa, ija, gurra,
onnee, tiruu, lafee, somba, kalee fi kkf uumuu eegalu.
Qaamni gara garaa uumaman kunniin ammoo ‘Sirna
Qaama’ gara garaa kanneen akka: sirna neervii, sirna
dha’annaa onnee fi ujummoo dhiigaa, sirna hargansuu fi
kkf uumuu. Dhumarratti sirnootni qaamaa kunniinis
‘Mucaa’ gadameessaa haadhaan ala jiraachuu danda’u
tokko uumu. Kanaafuu namni tokko nama ta’uuf jalqaba

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 93


seelii tokicha iraaa ka’uu qaba jechuu dha. Haaluma
kanaan gadameessa keessatti erga sirna eegee uumamee
booda turban 37-42 gidduutti mucaa qaama haadhaan
alatti jiraachuu danda’u ta’ee dhalata. Haa ta’u malee
qaamni namaa kan hir’atee dhalatu yoo ta’e, sababa
dogoggorri adeemsa armaan olii keessaa bakka ta’e
tokkotti uumameen ta’uu isaati. Kunis yeroo adeemsi
addaan hirmamuu (cell division) fi Hirmaanaa gara
seelota garaa garaa(cell differentioation) geggeefamu
mudachuu kan maluu dha.
Hir’inni qaamaa dhalootaan kan uumamu, yoo
dogoggorri gadameessa haadhaa keessatti uumamee dha.
Kunis yoo kemikaalotni hin barbaachifne gadameessa
haadhaa keessatti osoo seelotni sun adeemsa garaa garaa
adeemsisaa jiranii kan mudachuu maluu dha.
Kemikaalotni hin barbaachifne kunniin ammoo kanneen
akka: tamboo, alkoolii, dawaalee garaa garaa fi kkf Kan
dabalatuu dha. Yoo haati tokko osoo daa’ima garaa
qabduu, kemikaalota kanneen balaa uumuu malan
kanneen kan fayyadamtu ta’e, sirna addaan cituu ykn
hiramuu seelotaa fi akkasumas guddina tishuulee fi

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 94


qaamolee irratti dogoggorri akka uumamu taasisuu mala.
Kunis dogoggora uumameen taateen mutashinii (mution)
jedhamu seelota irratti akka uumamu taasisa. Taateen
seeliin dogoggore/mutated ta’e kun ammoo qaamni sirna
dura ture irraa gara kan biraatti akk jijjiiramu taasisuu
danda’a. Dabalataanis jijjiiramni muteeshinin seelii
keessatti taasifamu kun karaalee hir’inni qaamaa akka
uumamuuf sababa ta’an keessaa isa tokko dha. Hir’inni
qaamaa sababa muteeshiniin uumamuu malus:-
(i)Qaamni haaraan sun kan duraarra daran xiqqaa/guddaa
akka ta’u ;(ii) Qaamni dur ture tokko guutummaatti akka
hin uumamne gochuu; (iii) Qaamni uumamu sun boci
isaa sirna kan gadi lakkisu gochuu;(iv) Qaamni sun
bakka isaaf hin malletti akka uumamu kan godhu ta’uu
isaaati.
Haaluma walfakkaatuun adeemsi lubbu qabeeyyiin
sanyiilee walfakkaatan irraa gara sanyii wal hin
fakkaanne kan biraatti jijjiiramuu danda’anis sababuma
Muteshinii jedhamu kanaan ta’uu mala. Seeliin tokko
odeeffannoo sanyii isaa bifa ‘jiinii’ (gene) jedhamu
keessatti kuufata. Jiiniin kun ammoo bifa DNA

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 95


jedhamuun kuufamee kutaa seelii ‘Niwukilasii’jedhamu
keessatti argama. Fknf odeeffannoon jia namaa bifuma
jiinii(gene) jedhamu kanaan DNA keessaatti argama
jechuu dha. Kanaafuu yoo akka tasaa jiiniin odeeffannoo
ijaa dabarsu tokko kan sirna gadi lakkise(mutated) ta’e’
hir’ina ijaatu nama dhalatu sana mudachuu mala jechuu
dha.Waantota hir’inni qaamaa sababa muteeshiniin
gadameessa haadhaa keessatti akka mudatuuf sababa
ta’an, kemikaalota balaafamoo ta’an yeroo ulfaa
fayyadamuuni dha. Kemikaallotni kunniinis kanneen
akka tamboo, alkoolii,dawaa garaa garaa fi kkf
fayyadamuutinn kan nama mudachuu malanii dha.
kanaafuu yoo haati ykn abbaan kan fayyadaman ta’e
daa’imni isaanii rakkoo fayyaa qamaaf saaxilamuu ni
malti jechuu dha. Sababa faalama naannootiinis ,sibiilaa
fi sibiilaalotni garaa garaa karaalee sirna hargansuu fi
nyaataan namoota mudachuus ni malu. Kemikaalotni
balaafamoon kunniin seelii seenuun odeeffannoon gene
keessatti sirna eegsisu akka jijjiiramu taasisu. Kunis
odeefannoon bifa jiinii jedhamuun kuufamuun qaamni
sirnaan akka uumamu godhu sun sirna akka gadi lakkisu

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 96


godha. Jiiniin sirna gadi lakkise tokko dhaalaa gara
dhaalaattis ni daddarba.
Fkn namni tamboo aarsu tokko erga araada tamboo
aarsuutin qabameen booda yoo tamboo aarsuu sana
addaan kute, erga tamboo aarsuu addaan kutee kaasee
hanga waggaa 30 tti Jiiniin (gene) kemikaala tambootiin
jijjiirame tokko nama sana keessa turuu
danda’a.Kemikaalota rakkoolee hir’ina qaamaa
dhalootaan namattin fiduu danda’an keessaa tokko
daawaalee dha. Kunis kanneen mana yaalaatii ogeessotni
fayyaa dhibee garaa garaa yaaluuf dhukkubsattotaaf
kennan dabalata. Kanaafuu dubartiin ulfaa yeroo mana
yaalaa deemtu dawaan kan kennamuuf yoo rakkoo
lubbuu isheef sodaachisu ta’e qofaa dha. Dawaaleen
teratogenic effect(kanneen hir’ina qaama fiduu malan)
kamiyyuu kennamuun dhorkaa dha. Kunis ulfa garaa
haadhaa jiruuf eeggannoo gochuuf jecha haadholee ulfa
garaa qabaniif akka hin kennamne dhorkama. Haa ta’u
malee, miidhaa daa’imaa fi faayidaa haadhaa irratti
hundaa’uun, daawaaleen garee A, B, C,D fi X jedhamutti
ni qoqqoodamu. Gareen A fi Bn rakkoo hamaa hin fidan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 97


waan ta’eef yeroo baay’ee ni fayyadamuu. Kanneen
garee C jalatti argaman miidhaan haadha irra ga’e
sodaachisaa yoo ta’e kennamu kunis bifa of eeggannoo
qabuun kennamuu qaba. Kanneen garee D jedhamu
jalatti argaman, yoo rakkoon uumame lubbuu haadhaa
kan galaafachuu danda’u ta’e qofa kennamu. Gareen X
jedhamuun beekaman ammo matumaa yeroo ulfaa
kennamuu hin qaban jechuu dha.
Haa ta’u malee garuu, dubartiin ulfaa tokko daawaalee
supplementary drugs jedhaman kanneen akka aayireenii
(Iron), foolik asiidii (folic acid) fi vaaytaaminoota
(vitamins) garaa garaa kanneen bifa kiniinaan qophaa’an
mana yaalaa deemanii fayyadamuun dirqama. Kunis
sababa dawaaleen kunniin yeroo ulfaa baay’ee
barbaachisoo ta’aniif ta’uu isaaniiti. Akkasumas gosa
nyaataa kanneen albuda ayireenii (Iron), foliik asiiidii fi
vaayitaaminoota garaa garaan badhaadhoo ta’an
fayyadamuun ni jajjabeeffamu. Kun ammo sababa
albudaaleen kunniin rakkoolee yeroo da’umsaa
mudachuu malan ittisuu fi akkasumas nageenya

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 98


daa’imanifis barbaachisoo waan ta’aniif yeroo ulfaa
fayyadamuun dirqama jechuu dha.

Ilaalcha Ofii Qajeelfachuu.


Ibsa armaan olii irraa qabxiin hubatamu:-namni jaamaa;
naafa; duudaa fi kkf kan ta’uu danda’u gochuma ofii
dalaguun malee waaqni kan itti fideen ta’uu dhiisuu
isaati. Gochi kun immoo sababa dogoggora ofii
godhaniin ykn sababa dogoggora maatiin ofii godhaniin
akkasumas dogoggora namotni/ hawwaasni keessa
jiraatan dalaganiin kan namatti dhufu ta’us dandaa’a.
Gama biraan‘namni hundi waanuma facaafate
haammata’ jechuu dha. Carraanis waantotni nama
mudatan hin dhabaman.
Namootni Waaqa yoo kan amanan ta’e, ‘Waaqni
namoota hunda wal qixatti ilaala/ jaallata jedhanii
amanuutu filatama. Kunis sababa waaqa hamaa
godhanii ilaaluu namootaa hir’suufi.
HUB: Ibsi armaan olitti waa’ee gadameessa keessatti
uumamuun guddachuu mucaa namaa illachisee ibsame,
jecha isa “waaqatu nama uume” jedhu hin faallessu.
Namootni yoo waaqatu nama uume jedhanii kan amanan
ta’e rakkoo hin qabu. Garuu waaqni jalqaba sirna
hir’ina hin qabne kan namni ittiin uumamuu qabu uume
jedhanii amanuu dhiisuutu dogoggora. Yoo ‘waaqni
walcaalchisee nama uuma’ jedhamee kan amanamu ta’e,
ilaalchi kun ilaalcha dogoggora qabu ta’uu isaati.
Amantaan akkasiin kun waaqa akka‘walcaalchisaa’
ta’etti waaan illaaluuf,waaqnis, namnis amantaa akkasii

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 99


irraa hin fayyadamu. Amantaan namnis ta’e waaqnis
irraa hin fayyadamne ammoo Mucuca kufaatiiti.

3.1.4. Garaa Garummaa Adii fi Gurraachaa


Waa’ee garaa garummaa uumama namoota adii fi
guraachaa ilaalchisee ibsi kennamu walmormii saayinsii
fi amantaa gidduutti uumeera. Kunis gama amantaan ibsi
kennamu; garaagarummaan uumama namoota adii fi
gurraachaa akka fedha waaqaatti kan uumame ta’uu
isaati. Fedhi waaqaa jedhamuun kunis ‘kan eebbifame
adii; kan abaarame gurraacha ta’e’ ilaalcha jedhu ta’uu
isaati (Seera Uumamaa 9:25-26). Ilaalchi Kun ammoo
namootni ilaalchi isaan nama qofa osoo hin taane,
waantota halluu gurraacha qaban hundaaf gadi aanaa
akka ta’u taasise jechuu dha. Kanarraa ka’uun
amantaaleen baay’een yeroo waantota gaarii fi gadhee
ibsuu fedhan illee fakkiiwwan halluu adii fi gurraachaa
kanneen fayyadamuu isaaniitu mul’ata.
Fknf yeroo fakkii waaqa ibsuu fedhan fakkii halluu
adiin/faranjiin bocame yoo fayyadaman, fakkii seexana

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 100


(bulguu) jedhamee amanamu ammo boca halluu
gurracha qabu fayyadamu jechuu dha. Ilaachi kun ammo
namootni afrikaa halluu isaanii akka hin feene/hin
jaallanneef gumaacha taasise. Dabalataanis namootni
adii kanneen namoota afrikaaf ilaalcha gadi aanaa
qabanis yeroo isaan namoota afrikaa jaldeessa gurraacha
waliin wal madaalanii arrabsan ni mul’ata. Haa ta’u
malee garuu dhugaan jiru jaldeessi gurraacha qofa osoo
hin taane; adiin/diimaan faranjii fakkaatus jiraachuu
isaati. Kanaafuu faranjootni awurooppaa kunniin wanti
isaan gocha kanaan dogoggoran yoo jiraate, namoota
Afrikaa qofatu jaldeessa fakkaata jedhanii ilaaluu qofa
osoon hin taane, nutis (adiinis) jaldeessa ni fakkaanna
jedhanii ilaaluu dhabuu isaaniiti. Kun ammoo yoo
namootni afrikaa jaldeessa gurracha irraa uumaman
jedhanii kan amanan ta’e, namootni awuroopaas
jaldeessa adii/diimaa irraa uumaman jechuu isaaniiti
jechuu dha. Walumaa gala garaagarummaan ilaalchaa
kun kan mudachuu danda’e sababa namootni halluu
gurraachaaf ilaalcha gadi aanaa qabaniif ta’uu isaati.
Ilaalchi ammoo baay’inaan amantaalee irraa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 101


maddisiifama. Namootni afrikaa ofitti amanamummaa fi
anummaa (self confidence & self esteem)n isaanii
hir’achuunis kanumaafi. Ilaalchi namoota walcaalchisu
kun Mucuca Kufaatiiti.
Amantaaleen waa’ee uumama adii fi gurraachaa irratti
waaqatu akka fedha isaatti uume haa jedhan malee,
saayinsiin ilaalcha kana kan mormu ta’uu isaati. Kunis
gama saayinsiin kan ibsamu uumamni kunniin ‘sababa
filannoo bakka jireenya isaanii’ irraan kan ka’e halluu
garaa garaa qabaachuu danda’uu isaaniiti. Kana
hubachuuf ammoo dursa adeemsa namni kamiyyuu ittiin
gurraacha ta’uu danda’u kutaa qaama namaa keessaa
ilaaluun eegaluu barbaachisa.
Adeemsa namni hundi; nama adiis ta’e gurraachi iittiin
gurraacha’uu danda’u sababa qaamni namaa hormonii
Melanin Stimulating Hormone jedhamu maddisiisuu fi
keessummeesssuun ta’uu isaati18. Kemikaala hormonii
jedhamu kanas qaamni namaa kan maddisiisu
barbaaachisummaa isaa irratti hundaa’eeti. Kunis
barbaachisummaa isaa irratti hundaa’uun qaamni namaa
kan maddisiisu ykn hin maddisiifne ta’u isaati.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 102


Namni tokko gaafa dhalatu seelota garaa garaa dalagaa
garaa garaa qaban waliin akka dhalatu ilaaluun keenya
niyaadatama. Seelota kanniin keessaa tokko seelii
meelaanosaayitii (melanocyte) jedhamuu dha. Seeliin
melanocyte jedhamu kun Kan argamu, baay’inaan gogaa
qaama namaa haguugee jiruu keessatti. Dalagaan seelii
kana kemikaala melaaniin (melanin) jedhamu
maddisiisuu dha. Halluun kemikaala melanin jedhamuu
kun gurraacha waan ta’eef bakki melanin kun baay’inaan
itti maddisiifamu hundi halluu gurraacha qabaata jechuu
dha. Fknf rifeensa, wiirtuu ijaa fi gogaa namoota Afrikaa
kan gurraachessu hormonii melanin jedhamu kanaa dha.
Dabalataanis dalagaan melanin kun halluun isaa
cararraan ifa aduu irraa maddu kan Ultra Violet jedhamu
qaama namaa akka hin seenne ittisuuf fayyada. Kunis
seeloti gogaa qaamaa keessa jiran akka hin hubamne
ittisuufi. Kanaafuu bakka cararraan aduu baay’inaan itti
heddummatutti kemikaalli halluu gurraachaa kun
baay’inaan maddisiifama jechuu dha.
Kemikaalli melanin jedhamu akka maddisiifamuuf
jalqaba ajajni xannacha pitutarii/pituitary gland(kan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 103


sammuu keessatti argamu) irraa gara seelii melanocyte
tti ergamuu qaba. Ajajni ergamu kunis bifa kemikaala
Melanin Stimulating Hormone jedhamuun ta’uu isaati.
Kunis barbaachisummaa melanin irratti hundaa’ee ti
jechuu dha.
Kemikaallii melanin baay’inaan namoota afrikaa
keessatti kan mul’atu ta’us, seeliin kemikaala kana
oomishu (melanocyte), namoota adiis ta’e gurraacha
keessatti ni argama. Kunis seeliin melanocyte qaama
namaa keessa jiraatus, kemikaala halluu gurraachessu
(melanin) kana barbaachisummaa isaarratti hunda’uun
qofa kan oomishu ta’uu isaati. Baay’inaan
maddisiifamuun isaa ammo namoota naannoo mudhii
lafaa jiraataniif baay’ee barbaachisaa dha. Kunis sababa
naannoo mudhii lafaatti cararraan aduu daran cimaa ta’ee
argamuufi.
Walumaa gala garaa garummaan halluu (bifa) namoota
adii fi gurraachaa, sababa barbaachisummaa kemikaala
melanin jedhamuun ta’uu isaati. Kunis cararraan ifa aduu
irraa maddu kan altraa vaayooleettii (Uv) jedhamu
qaama namaa akka hin seenne ittisuufi. Haa ta’u malee

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 104


seeliin melanocyte kun kemikaala melanin kana kan
maddisiisu yoo cararraan aduu baayinaan qaama kan
seenu ta’ee dha. Kanas hubachuu kan danda’u, ajaji
xannacha pitutarii irraa‘melaninin maddisiisi’ jedhu bifa
melanin stimulating hormone jedhamuun yeroo itti
ergamuu dha. Melanin kan maddisiisfamus cararraan
aduu qaama seenuun miidhaa seelota qaamaa irra akka
hin geessifne ittisuufi. Kunis dhibee kanneen akka
kaanserii gogaa (skin cancer)ittisuu dabalata. Gama
biraan ammoo kemikaalli melanin kun yoo garmalee
baay’itee kan maddisiifamu ta’e, alkallattiin lakkoofsi
seelii melanocyte akka baay’atu taasisa.Kunis kaanseriin
melanoma jedhamu akka uumamuuf sababa ta’uu ni
mala jechuu dha. Naannoo mudhii lafaatti aduun sirrii
sammuu irra waan ooltuuf cararraan aduu qaama
namoota naannoo kana jiraatanii baay’inaan seenuu
dandaa’a. Kunis namoota afrikaa fi ameerikaa kibbaa
kanneen naannoo mudhii lafaa jiraatan dabalata. Qaamni
namoota kanneenii kunis cararraa aduu naannoo sana
kessatti maddu akka dandamataniif jecha melaniniin
hedumminaan maddisiisa. Fknf Namoonni bifni isaanii

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 105


diimaa ta’e yoo saafaa cimaa keessaa dalagaa dalagaa
oolan fuulli isaanii hamma xiqqoo ta’een gurraacha’ee
mul’achuun isaa adeemsa kana ni mirkaneessa.
Haaluma walfakkaatuun namni adiin tokko yoo nannoo
mudhii lafaa kana jiraachuu eegale, qaamni nama sanaa
balaa kaanseriif saaxilamuu ni mala. Sababni isaas
qaamni nama adii kun sabab bakka cararraan aduu hin
heddummannetti waan guddateef jecha, baay’inni
melanin madisiifamuun hin baratamne. Gama biraanis
seeliin melanocye jedhamu kun akka nama adii sana
keessatti hin heddummanne taasisa. Kunis qaama adii
sana keessatti seeliin melanocyte melanin baay’inaan
maddisiisuu waan hin shaakalleef ta’uu isaati. Ta’us
namni addiin kun sababa gara naannoo keessa jiraachuuf
isa dhibutti waan jijjiirratteef jecha, suuta suuta gara
baay’inaan melaniiniin maddisiisuutti mutate ta’uu ni
mala. Haaluma kanaan yoo itti fufiinsaan naannoo sana
kan jiraatu ta’e seelotni isaa muraasni gara haala nannoo
sana jiraachuuf isa dandeessisutti mutate ta’uu malu.
Kunis yoo nama adii sana irratti yeroo sana
heddumminaan mul’achuu baatellee, seelotni mutate

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 106


ta’an sunniin sanyii isaa keessatti suuta suuta mul’achuu
eegalu jechuu dha. Gama biraan ammo seeliin
melanocyte jedhamu baay’ina dalagaa melanin
maddisiisuuf isa mudaterraan kan ka’e, akkuma gosa
kaanserii melanoma jedhamu sanatti of baay’isuun
halluu adiin sun yeroo booda gurraaacha akka ta’u
taasisuus nimala. Haaluma kanaan namootni adii irraa
gara gurraachaatti jijjiiramuu malu jechuu dha. Kanaafuu
namootni naannoo mudhii lafaa jiraatan;rifeensi mataa
isaanii, agartuun ijaa isaanii fi gogaan qaama isaanii kan
gurraacha’uu danda’eef sababa bakka jireenya isaaniitiin
ta’uu isaati.
Garaa garummaa ilaalchaa walsimsiisuu
Ibsa armaan oliitti gama saayinsiin kan kenname
‘namootni kan gurracha’ani ykn diimatanii dhalatan
sababa filannoo bakka jireenya isaanii ta’uu isaati. Kun
ammo ilaalcha amantaa isa ‘ waaqni sababa warra adii
jaalatuuf isaaniin bareechee, warra gurraacha immoo
waan jibbuuf gurrachesse uume’ jedhu ni faallessa. Haa
ta’u malee ilaalcha wal faallessu kana wal simsiisuun
yaaluun ni danda’ama. Kanas amantaaleen saayinsii
waliin hanga tokko yoo wal simuu fedhan akka armaan
gadii kanatti amanuu waan qaban fakkaata. Kunis yoo
waaqatu nama uume jedhanii kan amanan ta’e:-

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 107


 Waaqni nama jalqabaa uume, akka sirna eegee wal
horu godhee uume jedhanii amanuu
 waaqni nama kamuu wal hin caalchisu jedhanii
amanuu
 Waaqni wal hincaalchisu! kanaaf, dachee namni
irra jiraachuu danda’u, waan hunda waliin
namootaaf walqixa badhaasee jedhanii amanuu:
 Waaqni nama yeroo uume dacheerra bakka fedhe
jiraachuu akka danda’u godhee uume fi kkf jedhanii
amanuutu barbaachisa jechuu dha.
Ilaalchi sirreessuuf yaalame kunis kan ibsu, waaqni:
‘lafti kun kan adii’; kun kan gurraachaa’; kun Kan
Itoophiyaa’ ;kun kan Ameerikaa jedhee addaan kan hin
qoodne ta’uu isaati. Qoqqooddaan har’aa kanneen akka
kun lafa keeniyaa, kun immoo lafa Itoophiyaa fi kkf
jedhu Namootaan kan qoqqoodamee dha. Gochi
namootni ofii jallisanii waaqni akka jallisetti fakkeessan
kunis Mucuca Kufaatiiti. Gochi akkanaa kun namootni
waaqa isaanii ija hammeenyaan akka ilaalan taasisa.
Waaqas ta’e namni amantaa akkanaa irraa fayyadamu
hin jiru. Amantaan namni ykn waaqni irraa hin
fayyadamne kamiyyuu Mucuca Kufaatiiti.
Gama biraanis namootni amantaama isaanii keessatti
waanta caqafamee jiru dogoggoraan hubachuun isaanis
Mucuca Kufaatii kan biraati. Fknf Fakkiilee Amantaa
tokko tokko irratti yeroo ergamaan waaqaa kan
jedhamee amanamu bifa faranjiitti fakkeeffamee albee
qabatee, akksumas seexana kan jedhamee amanamu
ammo bifa gurraacha afrikaatti fakkeeffamee yoo
kaaafamu ni mul’ata. Wanti nama aja’ibu ammo yeroo
inni faranjichi (ergamaan) isa gurraacha (seexana)

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 108


afrikaa morma kutuuf albee qabatee itti aggaamaa jiru
arguun kan baratamee dha. Dabalataanis namootni
amanataa kiristaanummaa hordofan fakkii Yesuusii/
Kiristoos halluu faranjii fi sinboo bareedaatti fakkeessu.
Haa ta’u malee Yesuus/Kiristoos bifni isaa akkaataa
namootni faranjii fakkeessanii fi sinboo itti godhanii
amanan kana miti. Kanas dhugaan kitaaba qulqulluu
irratti waa’ee fakkii Yesuus ibsu’ inni nama sinboof
surraa hin qabnee fi miidhagina kan hin qabne
akkasumas kan ilaaluun isaa namatti hin tolle ta’uu
isaati (Isaayaas 53:2). Akkasumas bifa seexana
(mormituu waaqaa) isa Jedhamee amanamuu sana,
namootni nama gurraacha afirikaa fakkaatu
fakkeessanii kan amanan ta’uunis waan baramee dha.
Garuu dhugaan Kitaaba qulqulluun ibsu faallaaa ta’uu
isaati. Kunis seexannii sababa bifa baay’ee bareedaa fi
sinbo qabeessa ta’uu isaa irraan kan ka’e oftuulaa akka
ta’e ibsuu isaati (Hisqeel 28:17) .
3.1.5 .Uumaa/Waaqa
Mata duree darbe keessatti ilaalcha jiraachuu
Uumaa/waaqaa gama amantaalee fi saayinsiitiin ibsuuf
akka yaalame ni yaadatama. Kunis amantaaleen waanqi
waantota hunda uume ni jira jedhanii yoo ibsan,
saayinsiin ammoo bifa waaqni jiraachuu isaa nama
shakkisiisuun ibsuuf kan yaalu ta’uu isaati. Saayinsiifi
amantaaleen ilaalcha Uumaan jira ykn hin jiru jedhu

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 109


irratti walmormiin qaban mirkaneessuuf waantota garaa
garaa akka fayyadamanis ilaaluun keenya ni yaadatama.
Namootni amantaa tokko tokko hordofan akka jedhanitti
namni waaqa arge hanga har’aatti akka hin jirree fi
waaqayyoon arguunis akka hin dandaa’amne, akkasumas
namni waaqayyoon yoo arge lubbuun jiraachuu akka hin
dandeenye dubbatu. Kunis uumaan maal akka fakkaatuu
fi hammam akka guddatu qabatamaan beekuu baatanis
garuu amala namaa akka qabuu fi darbee darbee ammoo
nama fakkatee akka namatti mul’atu fi akkasumas
namatti akka haasa’us ni dubbatu. Kanaafuu amantaaleen
jiraachuu waaqaa kan amanan ta’anis, garuu waaqa isa
jira jedhan kana:-
 Amala akkamii qaba jedhanii amanu?
 Nama waliin wlitti dhufeenya akkamii qaba jedhanii
amanu?
 Hagam ga’a jedhanii amanu? Kanneen jedhan
hubachuun barbaachisaa dha.
Yeroo baay’ee amala waaqni qabu namootni kan ibsan;-
akka nama biyya bulchu fakkeessaniiti. Kunis nama
seera eegu yoo badhaasu kan seera hin eegnemmoo akka

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 110


adabu ta’uu isaati. Seera kana ammoo kan baasu waaqa
haa jedhamu malee, seerri sun namoota amantaa sana
eegalaniin akka kalaqame ta’uun isaa nama shakkisiisa.
Sababni isaa namni waanta waaqa jedhamu kana arge
jiraachuunis kan shakkamu ta’uu isaati.
Walitti dhufeenya waaqaa fi nama gidduu jiru ilaalchisee
ammo kan ibsamu baay’inaan waaqni nama kan uumuu;
seera kan tumuu fi kan eegsisu yeroo ta’u, namni ammo
seera kan eeguu qabu akkasumas waqaaf yeroo hunda
akka sagadu ta’uu isaatu mul’ata. Ilaalcha guddina
waaqaa ilaalchisee ammoo amanataaleen waaqni baay’ee
guddaadha jedhanii kan amanan ta’us, amalli isaan
waaqaaf kennan kan namaa waan fakkaatuuf, guddinni
isaa kan namaa irraa fagoo hin fakkaatu.
Gaaffilee armaan olii keessaa yoo’ kan waaqni jira
jedhanii amanan ta’e; garuu hagam ga’a jedhanii amanuu
qabu’ kan jedhu mirkaneessuutu barbaachisa. Kanas
mata duree itti aanu jalatti ibsa saayinsii fayyadamuun
ilaaluu kan yaallu ta’a.
3.1.5.1. Guddina Uumaa/Waaqaa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 111


Gaaffii uumaan hammam guddata jedhuuf jalqaba
uumama inni uume hammam gaa’a jennee erga
madaallee booda guddina uumaa madaaluun kan
dandaa’amuu dha. Kunis guddina hawaa fi waantota
hawaa keessatti argamani hunda hubachuu barbaachisa.
Waantotni hawaa keessatti argaman kunniin:urjiilee,
pilaanitoota (lafa dabalatee), akkasumas lubbu qabeeyyii
fi lubbu dhabeeyii lafa irratti argaman hundaa kan
dabalatuu dha.
Saayinsiin waa’ee hawwaa qoratu Astronomy jedhamuun
kan beekamu yoo ta’u namootni ogummaa kana qaban
ammoo Astronomers jedhamanii beekamu. Dhaabatni
qorannoo hawwaa kan NASA (National Aeronautics and
Space Administration) jedhamuun beekamu ammoo,
saatalaayitii fayyadamuun atroonoomerota gara hawaatti
ergee waa’ee waantota hawaa keessatti argamanii kan
qoratuu dha19. Kanaafuu ragaaleen armaan gaditti waa’ee
hawaa ilaalchisee saayinsiin kennamu, ragaalee kanneen
dhaabbata NASA jedhamu kanaan mirkana’an ta’a
jechuu dha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 112


Ibsi waa’ee guddina hawaa irratti Astronomerotaan
kennamu kun, hawaan waanta jalqabaaf dhuma hin
qabne ta’uu isaati. Waantotni hawaa kana keessatti
faca’anii argamanis qoodama Gaalaaksii jedhamuun
garee garaa garaa keessatti argamu17. Haaluma kanaan
hawaa kana keessa tilmaamaan gaalaaksota Biliyoona
100 , ol ta’antu argama20. Gaalaaksiin tokko immooo
urjiilee Biliyoona 100,000 ol taa’an of keessatti qabata.
Laftis pilaanitoota kanneen biroo waliin, akkasumas urjii
aduu jedhamtuu fi urjiilee kanneen biroo baay’ee waliin
qoodama gaalaaksotaa keessa kan Gaalaaksii
Miilkweeyii jedhamu keessatti samii/hawwaa keessatti
argamti jechuu dha.
Hawaa kana keessa tilmaamaan gaalaaksota biliyoona
100(1014 ) ol ta’antu argama20. Gaalaaksiin tokko ammoo
urjiilee Miliyoona kuma dhibbaa tokko (100,000,000,000
(1012)) ol ta’an of keessatti qabata. Fakkeenyaaf
gaalaaksiin keenya kan miilkiweyii jedhamu pilaanitoota
salganii fi aduu waliin urjilee Miliyoona 100,000 ol ta’an
of keessatti qabata jechuudha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 113


Baay’ina Urjiilee Waliigalaa (BUW) hawaa keessa
jiranii beekuuf ammoo shallaga: (baay’ina gaalaaksotaa
X baay’ina urjilee gaalaaksii tokko keessatti argamanii)
fayyadamuun salphaatti argachuu dandeenya jechudha.
Kunis akka armaan gadii kanatti kan shallagamu ta’a:-
BUW=100,000,000,000,000(gaalaksota)X100,000,000,0
00(urjilee galaksii tokko keessaa). Kanaafuu, BUW ~
1025 tti kan tilmaamamu ta’a jechuu dha.
Gama biraan immoo fageenyota gaalaaksii garaa garaa
gidduu jiru hawaa keessatti safaruuf kan ittiin
fayyadaman bara ifaa kan jedhamuu dha. Kana ibsuuf
fakkeenya yoo fudhannee ifti aduu, aduu irraa ka’ee lafa
qaqqabuuf daqiiqaa 8 itti fudhachuu danda’uu isaati
(reference). Fageenyi aduufi lafa gidduu kun sababa
walitti dhiyeenyaa qaban irraa kan ka’e daqiiqaan haa
safaramu malee, fageenyi hawwaa keessaa baay’een
gargar fageenya guddaa waan qabaniif safartuu Bara
Ifaa jedhamuun kan safaramuu dha. Kunis sababa
fageenya hawwaa keessa jiru akkuma fageenya
lafarraatti yoo Km fayyadamne ibsine, lakkoofsa hedduu
waan gaafatuufi dha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 114


Jechi Bara Ifaa jedhu kan ibsu: ifni tokko gaalaaksii
tokkorra ka’ee gaalaaksii kan biraa qaqabuuf waggaa/
bara inni itti fudhachuu danda’u ta’uu isaati. Ibsuma
kana karaa biraan yoo ilaalle, ariitii ifni ittiin fiigu/speed
of light(C) ~ 3 X 108 m/s dha. Kunis foormulaa
gabaabaan yoo ibsamu:-C=3.0 x 108 m/s ta’a jechuu dha.
Kana jechuunis ifni yeroo sekoondii tokko keessatti
fageenya meetira 300,000,000 fiiguu akka danda’u kan
ibsuu dha. Kanas gara kiilomeetira (km) tti yoo deebifnu,
Ifni Kun yeroo sekoondii tokkotti fageenya kiilomeetira
300,000 kan figuu danda’uu ta’uu isaati. Walumaa
galatti ifni sekoondii tokko keessatti erga fageenya
hanga kana kan fiigu ta’ee:-
 Daqiiqaa tokko keessati hoo fageenya hagamii
fiiguu danda’a?
 Sa’a tokkotti hoo?
 Guyyaa tokkotti hoo?
 Ji’a tokkotti hoo ?
 Waggaa tokkotti hoo?
 Waggoota/bara fi kkf ti hoo fageenya hagamii
fiiguu danda’a? Jedhanii xiinxaluun waa’ee bara ifaa
akkasumas fageenya ajaa’ibsiisaa gaalaaksii garaa
garaa gidduu jiru xiinxaluun ni dandaa’ama
jechuudha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 115


Gama biraa aduu fi urjiilee muraasa akkasumas lafa
waliin madaaluun guddina isaanii tilmaamuunis ni
danda’ama. Urjiileen guddinaan aduu ni caalu
jedhamanii qorannoon bira gaa’aman baay’inni isaanii
yeroo gara yerootti dabalaa jira. Kunis sababa qorannoon
hawaa yeroo gara yerootti dabalaa jiruuf ta’uu isaati.
Urjiin yeroo ammaa kana guddinaan urjilee hundaa ni
caala jedhamee beekamu: urjii VY Canis Majoris
jedhamuun beekamuu dha21. Urjiin kun kan argamu
gaalaaksii miilkiweyii keessatti bakka wiirtuu
konistileeshinii (constellation center) jedhamu keessatti
yoo ta’u, ifni inni maddisiisus akka kan aduu fi urjiilee
biroo adii/ keelloo osoo hin taane ifa diimaa dha.
Urjiin vy canis majoris jedhamu kun aduu waliin yoo
madaalamu, guddina wiirtuu aduun qabdu (radius) si’a
1,420n kan caalu ta’uu isaati. Guddina kana gara
guddina qabee walii galaan (volume)n tilmaamuuf
foormulaa: v=4πr3/3 tin fayyadamuun yoo shallagame ~
urjiin kun si’a 12,000,000,000,000 tti tilmaamamuun
aduu akka caaluu danda’u arganna jechuu dha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 116


Gama biraan immoo guddina aduu fi Kan lafaa waliin
yoo madaallaman, guddinni aduu kan lafaa tilmaamaan
si’a 1,300,000 kan caalu ta’uu isaati22. Kanumarraa
ka’uun guddina urjii Vy Canis Majoris fi guddina lafaa
waliin yoo madaalle, urjii vy canis majoris jedhamu
biratti lafti akka waantota xixiqqoo kanneen ijaan hin
argamnee (micro organisms) taatee mul’atti jechuu dha.
Gama gargar fageenyaan yoo ilaalle; ifni urjiin vy canis
majoris jedhamu kana irraa ka’ee lafa qaqqabuuf bara
ifaa ykn waggaa 3,900 itti fudhata23. Kana jechuunis ifni
VY CMa irraa ka’ee lafa qubachuuf, barkumee 4 (4
millenniums) ti tilmaamamu kan iitti fudhatu ta’uu isaati.
CUUNFAA
Walumaa gala ibsa muraasa armaan olii irraa kan
hubannu hawaan waanta jalqabaa fi dhuma hin qabnee
fi waantotni hawwaa keessatti argamanis gurguguddina
ajaa’ibsiisaa qabaachuu isaaniiti. Kanumarraa ka’uun
gaaffii ‘uumaan/waaqni hammam guddata’ jedhu
deebisuuf, waantota waaqatu uume jedhamee amanamu
iraa ka’uun tilmaamuun ni danda’ama. Kanas, erga
waantotni waaqaan uumaman jadhaman kunniin
guddina ajaa’ibsiisaa akkanaa kan qaban ta’uu isaanii
hubannee booda, waaqni isaaniin uume ammoo hangam
ga’a kan jedhuuf:-
 Isaan caalaa guddaa ta’uu isaa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 117


 hanguuma isaanii guddaa ta’uu isaa ykn
 Isaan keessaa hanga walakkaa(1/2) fi kkf guddaa
ta’uu ni danda’a jedhanii amanuun bu’a
qabeessa ta’a.Kunis kan ibsu waaqni yoo jiraate
guddina ajaa’ibsiisaa qabaachuu isaati.
Ibsa saayinsii armaan oliirraa ilaalchi namootni
amantaa hordofan guddina waaqaa isaanii ittiin
tilmaamaa jiran kan guddina waaqaan wal hin madaalle
ta’uu isaati. Kanas sababa namootni amantaa hordofan
amaluma ofii qaban waaqa isaaniifis kennaanii amanaa
jiraniif ta’uu isaati. Fknf ilaalcha ofii qaban waaqaafis
kennuun, akkasumas waanuma ofii dalagan/dalaguu
fedhan kanneen akka jaallachuu fi jibbuu waaqaafis
kennanii waaqatti amanaa jiraachuu isaaniitu bal’inaan
mul’ata. Dabalataanis namootni yoo siyaasa hordofuu
barbaadan waaqa/amantaa da’oo yeroo isaan
godhatantu mul’ata. Namootni kunniin yeroo isaan akka
waan waaqni sanyii ofii isaanii qofa sanyii namoota
kanneen biroo caalchisee akka uume godhanii of ibsan
ni mul’ata. Akkasumas sanyiin isaanii qofti biyya akka
bulchaniif waaqni akka bakka isaan buufate
(representative) fakkeessaniis yeroo of himan ni mul’ata.
Haa ta’u malee waaqni waan hundaa uume yoo kan jiru
ta’e, baay’ee guddaa ta’uu isaarran kan ka’e, wanta
xixiqqoo akka siyaasa namootaa hojjechuuf kan malu
miti. Ilaalchi namootni ittiin waaqa ilaalaa jiran Kun,
ilaalcha isaan ittiin waaqa xiqqeessani of guddisuu
fedhan fakkaata.Waaqa guddaa ta’e xiqqeessanii,
gochaa fi amala waaqaas kan namaa fakkeessanii
amanuu fi amansiisuu yaaluun, akkasumas dandeettiin
osoo hin taane sanyii fi gosa amantaaleen qabaniin

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 118


biyyaa bulchuu yaaluun namootaa Mucuca Kufaatiiti.
Sababni isaas Ilaalchi akkasii kun kufaatii keenya bara
dheeraaf Mucuca ta’ee tajaajilaa waan tureefi.
Keessuma biyyi Itoophiyaa sadarkaa hiyyummaan
biyyoota jiran hundaaf fakkeenya akka ta’uu dandeessu
kan ishee taasise keessa inni ijoon sababuma ilaalchaati.
Kanaafuu falli jiru kana booda wanta Mucuca ta’e bara
dheeraa dinagdee biyyattii kuffisaa ture sana gogsuu
dha. Kanas lammileen biyyattii ilaalcha kana duraa ture
qorannoo irratti hundaa’anii bu’ura irraa jijjiiruu isaan
gaafata. Kaanaafis dhaloota qaroome horachuu
barbaachisa. Dhaloota qaroome irraa kan calaqqisu;
bara dheeraa gowwomfamuuf yaalamus, bara dheeraa
gowwomuu kan hin malle ta’uu isaati.
BOQONNAA 4
4.1. Amantaalee fi Dhibee Sammuu
Wolmormii saayinsiifi amantaalee gidduutti bal’inaan
mul’atan keessaa tokko waa’ee waantota namootni tokko
tokko qofti dhaga’uu fi arguu danda’an ilaalchiseeti.
Kunis waa’ee waantota ija fi gurraa uumamaan argamuu
fi dhaga’uun hin danda’amne; garuu namootni muraasni
qofti kan arguu fi dhaga’uu danda’an ta’uu ilaalchiseeti.
Namootni waantota akkasii arguu/dhaga’uu danda’an
kunniin gosa amantaalee irratti hundaa’uun maqaa garaa
garaatu kennamaaf.Fkn: Raajota, Nabiyoota, Ergamoota

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 119


fi kkf jedhamuun hordoftoota Kiristaanummaa fi
Isilaamummaa biratti yoo beekaman; Waaqeffataa
Oromoo biratti ammoo maqaa Qaalluu jedhuun
waamamu. Amantaaleen ilaalchi isaan taatee kanarratti
qabanis dandeettii addaa kan waaqni isaaniif kenne ta’uu
isaati. Waantotni namooni kunniin argan/dhagan ammoo
waaqa ykn ergamaa waaqaa biraa akka ta’etti amanu.
Namootni kunniin karaa waaqni ijaan hin mul’anne ittiin
namoota kan birootti hasa’u ta’uu isaaniitu ibsama.
Ilaalchi kun ammoo namootni kunniin akka bakka bu’ee
waaqaa ta’anii amanaman isaan taasise.Kanarraan kan
ka’es maqaalee akka ergamaa waaqaa fi kkf jedhamuun
waamamu. Kanaafuu namootni amantaa hordofan
baay;een waantotni namootni kunniin dhaga’anii fi
arganii namoota warra kaanitti himan, waaquma biraa
ta’e jedhanii amanu jechuu dha. Kun ammoo yoo namni
ergamaa jedhamee amanamu sun sagalee “Nama faallaa
keessan ta’e hunda ajjeesaa” jedhu ofii dhaga’ee,
namoota isa hordofanittis hime, waanti inni dhaga’e sun
seera uumaa ta’ee hordofama jechuu dha. Waantota
namotni muraasni qofti dhaga’uufi arguu danda’an

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 120


kunniin akka namoota tokko tokko mudachuu danda’an
ibsi saayinsiis ni deggera. Haa ta’u malee, ibsa saayinsiin
sababa taateen kun ittiin nama mudachuu malu irratti
kennu, kan amantaalee irraa daran faallaa dha. Kunis
taateen kun sababa dhibee sammuun kan anmatti dhufu
ta’uu isaa waan ibsuufi.
Saayinsiin waa’ee dhibee sammuu qoratu Saaykaatirii
(Psychiatry) jedhama24. Akkaataa qorannoo kanaatti
sababni namootni tokko tokko waantota namootni kan
biraan hin argine arguu fi dhaga’uu dandaa’an kamiyyuu
sababa dhibee (dhukkuba) sammuutiin ta’uu isaati.
Taateen arguu fi dhaga’uu akkasii kunis jecha
Halluusineeshinii (Hallucination) jedhamuun ibsama.
Jechi hallusineeshinii (Hallucination) jedhu kun
mallattoolee dhibee sammuu ibsan keessaa tokko dha.
Gaaffilee marii
 Namni ijoollee baay’ee qabu ijoollee isaa wal ni
caalchisaa?
 Waaqayyo seemii jaallatee kuushiin ni jibbaa?
 Waaqni isra’el Yaahiqobiin Jaallatee Esawuu
maaliif jibbe?
 Waaqni Kiristaana jaallatee Musiliima ni jibbaa?
 Waaqni Musiliima jaallatee kiristaana ni jibbaa?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 121


 Waaqni gara Isiraa’el goree Filisxeemiin ni
lolaa?
 Waaqni Musiliima irra goree kaafira ni lolaa?
 Ilaalchota akkasii kana nama moo waaaqatu
uuma?
4.2 Dhibee Sammuu fi Mallattoo Isaa
Dhibeen sammuu: dhukkuba sammuu namaa keessatti
sababa hir’ina ykn baay’ina kemikaala garaa garaa
kanneen nervii sammuu namaa keessaati mul’ataniin
akkasumas sababa dogoggora odeeffannoo daddabarsuu
nerviitiin kan uumamuu dha. Kunis sirna yaaduu, sirna
amala namaa, sira dhaga’uu, sirna arguu fi sirna toora
jireenya namaa kanneen sammuu namaan hoggonaman
jeequun eegala. Dhibeen kunniin kanneen:
 dhibee sammuu salphaa(mild):-kannee namni
dandamatee dalagaa jreenyaaf isa barbaachisu
guyyaa guyyaan dalagachuu danda’u.
 dhibee sammuu cimaa(severe):- kanneen
dalagaa guyyaa guyyaa nama dhorkuu malan.
Yeroo ammaa kana akkaataa qoqqoodinsa dhaabbilee
waa’ee dhibee sammuu qorataniin (ICD-10 fi DSM-IV
classification), dhibeeleen sammuu haala mallatoolee
namarratti mul’isaniin gosoota 300 ol ta’atti qoodamu.
Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 122
Haa ta’u malee dhibeeleen kunniin, gosoota gurguddaa
17ta’an jalatti ramadamu24. Kanneen keessaa beekamoo
fi yeroo baay’ee namoota irratti kanneen mul’atan
muraasni:-
 Anxiety disorder(waantota garagaraa sodaachuu)
 Mood disorder (Jeeqamuu amalaa)
 Schizophrenia (maraatummaa)
 Dementia ( dagachuu/irraanfachuu)
 Delusion (sobni dhugaa namatti fakkaachuu/false
belief)
 Eplipsy(dhibee nama kuffisu)fi kkf yoo ta’an,
dhibeeleen armaan olitti caqafaman kunniin hundi
isaanii immooo mallattoolee namarratti mul’isaniin
gosa garaa garaa hedduuttis ni hiramu.
Mallattoolee dhibeen sammuu gosoota garaa garaa
namarratti fiduu dandaa’an keessaa muraasni24:-
 Hallucination(waan namootni kan biroon hin argine
arguu akkasumas sagalee namooni isaan bira jiran
biroon hin dhageenye dhaga’uu)
 depression(haalli namatti toluu dhiisuu)
 Illusion(Waantota dogoggoraan hubachuu). Fknf
waanti xiqqoon akka sarariitii guddaa hamma arbaa
fakkaatee namatti mul’achuu.
 Gammachuu guddaa sababni isaa hin beekamne
qabaachuun kolfuu
 Bakka tokko yeroo dheeraa dhaabachuu/taa’uu
 Qofaa haasa’uu
 Osoo gammadanii gidduutti immooo gadduu
 Insomnia(hirriba dhabuu/jeeqamuu)

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 123


 Waan gochaa jiranii fi bakka jiran wallaaluu
 Baakka xuraawaa ooluu fi waan xuraawaa
soorachuu
 Waanuma argan walitti funaannii baatanii
deemuu/qaamatti hidhachuu
 Waatu naduukaa deemaa jira jechuun ofirra
galagaggalanii itti haasa’uu
 Naanna’a tokko gidduu deddeebi’aa ooluu
 waan tokko irra deddeebi’anii dalagaa ooluu
 Qulqullina qaamaa fi uffataa eeggachuu dhiisuu
 Suicidal ideation (yaada nama ajjeesuu ykn of
ajjeesuu qabaachuu)
 Shakkii namni waa’ee koo yaada/ haasa’a jedhu
qabaachuu
 Namni nagitu hin jiru /an hundan caala/an sanyii
ykn nama filatamaa dha jedhanii yaaduu
 Baayyina gororaa irraan kan ka’e ofirratti gororuu
 Osoo deemanii akka tasaa of wallaalanii kufuu
 Hypersexuality(Fedhi quunnamtii saalaa daran
qabaachuu)
 Pedophilia(Ijoollee xixiqqoo waliin fedhii saalaa
gochuu hawwuu)
 Waatu narratti ta’uuf/na mudachuuf jedha jedhanii
sodaachuu fi kkf hedduun namoota dhibee sammuu
gosa garaa garaa qaban irratti ni mul’atu.
Gaafilee marii
 Namoota maraatanii karaarra asii fi achi
deeman argitee hin beektuu?
 Yoo kan argitu ta’e, mallattoolee isaan mulisan
maal fa’i?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 124


 Ibsi saayinsii armaan olitti caqafame kun dhugaa
miti jettee ni yaaddaa?
 Yoo dhugaa miti Kan jettu ta’e, maaliif?
SEENAA
Bara 2015 G.C tti osoo ani bartaa yuiversiitii waggaa
4ffaa ta’ee jiruu, barumsa damee fayyaa keessaa kan
Saayikaatirii jedhamu, hospitaala Yuuniversitii
Haramaayaa kan Hiwot Faanaa jedhamu keessatti wanti
na mudate seenaa armaan gadiiti.
Innis:- Dargaggoo waggaa 20 tokko sababa dhibee
sammuun qabameef jecha abbaa isaa ajjeesuuf bakka
abbaan isaa taa’utti sibiila meencaa jedhamuun abba
isaa rukute. Kanumaan namootni naannoo isaa harkaafi
miilla dargaggeessa kanaa hidhanii gara Hospitaala
Hiwot Faanaa fidan.
Kanumarraa kan ka’e rakkoo isaa namoota isa fidan
qorachuunii fi mallattoo tokko tokkommoo
dargageessuma sanarraa ilaaluun dhukkuba sammuu
ta’uun isaa waan beekameef daawaa Diazepam jedhamu
kan raffisuu fi Haloperidol jedhamu kan dhibee sammuu
sanaaf kennamu ajajameefii Hospitaaluma sana
keessatti akka yaalamuuf sireen kennameef. Gaafa
torbanii dargaggeessi sun dhibbaa dhibba of baree
waan gaafatamu hunda karaa sirrii ta’een deebisuu
eegale. Kanumarraan anis itti siqee nagaa gaafachuun
waa’ee dhibee dargaggeessichaa dargaggeessuma sana
irraa odeeffannoo dabtara irratti katabachuu eegale.
Haasaan anaafi dargaggessicha gidduutti ani”A”ta’uun
dargaggeessichi immoo”M”ta’uun bifa gaaffiif deebiitin
geggeessine kan armaan gadiiti:-
A: M, akkam?

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 125


M: nagaya akkam
A: maaliif hospitaala kana dhufte?
M: abbaa koo rukutee jennaan namootni na
hidhanii na fidan
A: maaliif abbaa kee rukutte ati, siin lole moo?
M: lakki namootatu abbaa kee rukutii ajjeesi
jedhanii natti iyyu turan.
A: Eenyu namootni sun?
M: Eenyu akka ta’an hin beeku, garuu natti iyyu
A: Sagaleen isaanii kan dhiiraa moo dhalaati?
M:- dhiirris dhalaanis inuma jirti
A:-amma hoo akkam dhaga’uutti jirtaa?
M: amma yeroon rafu hirriba keessa abjuun
narakkisa malee guyyaa natti hin dubbatan.
A: rakkoon kun dhiyeenya si’eegale moo?
M: lakki,erga na’eegalee tureera
A: akkamitti si’eegale?
M: kana dura si’a sadan tokko of ajjeesuuf ergan
funyoo ofitti kaa’een dhiise.
A: maaliif of ajjeesuu yaalte ati?
M:- of ajjeesi naan jedhu waan ta’eefan yaalii
godhe.
A: akkamitti of hin ajjeesneree?
M; osooma of ajjeesi naan jedhanii gaafan muka
yaabee funyoo mormatti kaa’adhu
ammoo dhiisi naan jedhu
A: kana booda hoo osoo isaan waa si’ajajanii ni
dalagdaa?
M: matumaa amma rakkoo sammuu akka ta’e
doktorris naaf himeera anis daawaa
doktoraatiin kunoo fayyeera kanaafuu yoo waanti

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 126


akkanaa na mudate gara mana yaalaan
dhufa malee hin dalagu.
A:- araada garaa garaa ni fayyadamtaa?
M: eeyyee jimaa nin qamaa’a
A:- maatiin kee hoo araada ni fayyadamuu?
M:- eeyyee abbaan kiyya tamboo fi jimaa ni
fayyadama?
A:- maatii kee keessaa namni dhibee sammuu qabu
ni jiraa?
M:- hin jiru
A: waa’ee wal dhabdee sii fi abbaa kee gidduutti
uumame maal yaaddaree?
M: abbaa koo bar baay’een jaalladha garuu
dogoggora dhibee kootiifan gocha jibbisiisaa
sana dalage malee.
A: yoo gara manaatti galtu maal goota mee?
M: dhaqeetan miilla abbaa kootiitti kufee rakkoo na
mudate ibseefiin yoo tole naaf jedhe
araarfadha.
A: tole akkuma jette godhi, garuu jimaa hin
fayyadamin
M: Jimaa qama’uu maaliif na dhorkite?
A: dhibeen sammuu simudate kun sababa jimaa
qama’uu nama mudata waan ta’eef.
M: tole galatoomi
A: hayyee jedhi nagayaatti
M: nagayaatti.
4.2.1. Waantota Dhibee Sammuuf Nama Saaxilan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 127


Dhibeelee sammuu waantotni namatti fiduu malan
baay’inaan beekamuu baatanis kanneen yeroo mara
caqafaman keessaa muraasni24:-
 Unkown source(maddi dhibee kanneenii hanga
ammaatti hin beekamne).
 Genetic problem (dhalootaan kan nama madatu)
 Araada garaa garaa fayyadamuu (kanneen hirrba
nama dhorkan)
 Dhiphina sammuu/yaaddoo (stress)
 Wal madaaluu dhabuu kemikaalota kanneen
neurotransmitors jedhamanii. Kemikaalotni
kunniin dhaamsa gara sammuutti daddabarsuu fi
deddeebisuuf kanneen tajaajilanii dha. Fknf;
dopamine, serotonin, nefiriin, epinefiriin yoo
ta’an, hir’achuu ykn dabaluun isaanii,akkasumas
seelotni kemikaalota kanneen keessummeessan
xiqqaachuu ykn baay’achuun isaanii dhibee
sammuuf sababa ta’uu malu jechuu dha.
 Sababaalee dhibee garaa garaan. Fkn: dhibee
busaa, dhibee meningitis (morma gogsaa) fi kkf.
 Miidhama balaa tasaan sammuu namaa hubu
kanneen akka rukuttaa, kufaatii fi kkfn nervii
sammuu miidhan.
 Rifannaa kan wal qabate.Fkn du’a nama baay’ee
jaallatanii, akkasumas naasuu sababa namootni
balaa garaagaraan osoo miidhamanii arguun
nama mudatu fi kkf.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 128


Akkuma armaan olitti caqasuuf yaalame, yeroo baay’ee
waantotni dhibee sammuuf sababa ta’an kallattiin hin
beekaman. Ta’u garuu baay’inaan dhibeeleen sammuu
kan mul’atan, namoota kemikaala sammuu namaa
hadoochan fayyadaman irratti. Kemikaalotni kunniin
sirna dalaga sammuu namaa jeequun dalagaan sammuu
seeraan ala akka ta’u godhu. Kunis dalagaan sammuu
seeraan ala akka dabalu ykn akka xiqqatu gochuun ta’uu
isaati. Fkn namani tokko yoo jimaa fayyadame,
sammuun nama sanaa bifa hin baratamneen si’aayina
godhata. Si’aayina argachuun kun ammoo akka
sammuun namaa hin boqonne godha. Si’aayinnii jimaan
argame kunis yeroo namtichi jimaa fayyadamuu eegale
irraa kaasee hanga kemikaalli jimaa keessaa jiru
(catinone) dhiiga isaa keessaa dhumutti itti fufa. Kun
ammoo si’aayina sammuu irraa kan ka’e halkan irriba
dhorkuun sammuun namaa sirna akka gadilakkisus
gochuu mala. Dabalataanis gochi kemikaala
fayyadamuun si’aayina argachuu kun, akka sammuun
namaa sirna ofii isaa gadi lakkisuun sirna namtolchee
(artificial)ta’een dalaguu eegalu taasisa. Kunis gara

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 129


irkattummaa kemikaalaatti(drug dependence) akka
jijjiiramu taasifama jechuu dha. Haaluma kanaan namni
sun yoo yeroo hunda jimaa kan fayyadamu ta’e,
sammuun namtichaa yoo jimaa fayyadame qofa
si’aayina argata. Gama biraanis yoo namni sun jimaa hin
fayyadamne, dadhabinni sammuu waan mudatuuf,
dukuka qaamaa(depression) itti uuma jechuu dha.
Kanaafuu, kemikaala sammuu namaa jeeqan
fayyadamuun sirna dalagaa sammuu namaa irratti rakkoo
kan uumu ta’uu isaati.
Walumaa gala dhibeeleen sammuuu baay’inaan kaneen
haala jireenya namaa daran miidhuun sirnaan ala nama
godhan (severe) ta’anis, hanga muraasaan garuu dhibee
sammuu cimaa hin ta’in(mild) ni jiru. Namootni dhibee
sammuu cimaa hintaane qaban mallattoolee dhibee
sammuu haa mullisan malee, haala jireenya isaanii
guyyaa guyyaa irratti rakkoo daran hin qaban. Namootni
dhibee akkanaa qaban, dalagaa guyyaa guyyaa (Daily
Life activity) fi akkasumas walitti dhufeenya namoota
biroo waliin qabanirratti rakkoon daran hin mul’atu.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 130


Inumaayuu namootni baayyee sammuu guddaa qaban
tokko rakko sammuu akka qabantu ibsama25.
4.2.2. Dhibee Sammuu Amantaan Wal Qabate
Dhibeeleen sammuu mallaatoolee agarsiisaniin,
hammeenyaaf laafina akkasumas haala ittiin yaalaman fi
kkf irratti hundaa’uun gosa hedduutti kan qoqqoodaman
ta’uun isaanii ni yaadatama. Mata duree kana jalatti
ammoo gosoota dhibee sammuu amantaan walqabachuu
malan addatti gabaabinaan kan ilaallu ta’a.
Dhibeen sammuu baay’ee ta’anis, gosti yeroo baay’ee
namoota amantaa tokko tokko irratti mul’achuu ni mala
jedhamee himamu, kan delusion (delluushin) jedhamuu
dha. Jechi delusion (delluushinii) jedhu Kan ibsu: “false
belief” (soba amanuu) kan jedhuu dha. Kunis nama
dhibee sammuu gosa kanaan qabametti’wanti dhugaa hin
ta’in tokko, dhugaa fakkaatee kan itti mul’atu ta’uu isaa
ibsa.
Dhibeeen Dellushinii (dellusion) jedhamu kun gosa
garaa garaa ja’a tti yoo qoodamu, gosti grandiose
dellusion jedhamu yeroo baay’ee amantaaleen kan wal
qabatuu dha. Akkuma dhibeelee sammuu kanneen biroo,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 131


namootni gosa dhibee sammuu grandiose dellusion
jedhamu kana waliin jiraatanis mallatoolee dhibee
sammuu muraasa ni mul’isu jechuu dha. Kanneen
keessaa visionary hallucination/auditory hallucination
(waantota namootni kan biroo arguu fi dhaga’uu hin
dandeenye arguu fi dhaga’uu) dabalatee mallattoolee
biroos maddisiisu ni malu jechuu dha. Ta’us
mallattooleen kunniin bifa garaa garaan namoota garaa
garaa irratti mul’achuu danda’u. Namoota gosa dhibee
sammuu grandiose dellusion jedhumu qaban kana, kan
namoota gosa dhibee sammuu kannen biroo qaban irraa
adda taasisuu malu keessaa muraasni:-
 Namootni kunniin hojii/dalagaa isaanii sirnaan bifa
si’aayina qabuun dalaguu fi namootni kannen
biroonis akka dalagan dirqamsiisuu danda’uu isaanii,
 Namoota/hawwaasa naannoo isaanii waliin akkuma
namoota kaanii waliin jiraachuu danda’uu isaanii.
 Haala jireenyaa jiraataniiif ykn gocha godhaniif
sababa quubsaa dhiyeessuu danda’uu
 Darbee darbee dandeettii waantota akka barnootaa fi
kalaqa garaagaraa irratti dandeettii namoota fayya

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 132


qabeessa ta’an caalu qabaachuu danda’uu isaanii fi
kkf kan gochuu danda’uun isaaniit.
Namootni dhibee kanaan qabaman kunniin waantota
sababa dhibee kanaan isaanitti dhufuu malu irratti
ilaalcha dogoggoraa qabu. Kunis ilaalchi isaan wantoota
hin baratamne arguu fi dhaga’u danda’uu isaanii irratti
qaban; waaqa biraa kan ta’e ta’uu isaati. Kanarraan kan
ka’e ilaalcha waaqatu/seexanatu natti agarsiise/ hime
jedhu qabu jechuu dha. Kanaafuu taateen isaan mudate
kun sababa dhibee sammuu qabaachuu isaaniitiin akka
ta’e matumaa hin amanan.
Haa ta’u malee ibsa saayinsiitiin kan ibsamu:-namoota
ta’anii kanneen dachee kanarraa jiraataa turan
akkasumas jiraachaa jiran kamiyyuu yoo mallatooleen
dhibee sammuu ibsan kamiyyuu kan irraa calaqqisan ta’e,
dhibee sammuu akka qabanitti himama. Kanumarraa
ka’uun namootni amantaaleen akka jalqabamu gochuuf
sababa ta’an muraasni akka dhibee sammuu qabaachuu
malan Ogeessotni dhibee sammuu qoratan ni qeequ.
Kanaafis ogeessotni kunniin ragaalee kan godhatan;
galmeelee seenaa namoota shakkaman kanneenii

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 133


26
qorachuun ta’uu isaa ibsu . Dabalataanis gosa dhibee
sammuu namootni kunniin ittiin shakkamanis ibsuuf
madduma ragaa walfakkaatu fayyadamu.
Gaaffilee marii:
Namoota amantaan akka eegalamuuf sababa ta’an
kanneen muraasa fakkeenyaaf:
 Muse(Yihudiizimii),Guutamaa
Budihaa(Budihiizimii ),LawtiizeeKonfiishes(Konfiis
hssniizimii), Kiristoos/ yesuus fi Phaawuloos
(Kiristaanummaa), Muhaammad(Islaamummaa)fi
kkf hunda ilaalchisee Eenyutu dhibee sammuu
qabaachuu danda’u jettee yaaddaa?
 Akkamitti dhibee sammuu qabaachuufi qabaachuu
dhiisuu isaanii beekuu dandeessa?
 Mallattooleen dhibee sammuu ta’uu mul’isan
eenyufaarratti mul’ataa turan?
 Deebiikeef ragaa quubsaa ni qabdaa? Yoo qabaate
ragaa sana eessaa argatte?
4.2.3. Mala Dhibeen Sammuu Ittiin Yaalamu
Dhibee sammuu yaaluuf namootni mala saayinsii
ammayaa fi mala aadaatiin kan fayyadaman ta’u
isaaniitu bal’inaan hawwaasa garaa garaa kessatti
mul’ata. Haa ta’u malee yaalla dhibee sammuu mala
aadaas ta’e saayinsiin kennamu kamiyyuu bu’a qabeessa
taasisuuf dursa yaaddoo hir’isuu(stess management)
barbaachisa. Haa ta’u malee, yeroo baay’ee namootni

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 134


mala aadaan fayyadaman, sirna fayyaa namaa irratti
miidhaa biroo fiduu malu fayyadamu. Dabalataanis
fayyina guutummaa guutuutti argamsiisuu ykn dhibeen
sun akka nama sanatti lammata hin deebine gochuu
irrattis hanqina qabu. Kana jechuun garuu, dhibeen
namaa daawaa ammayyaa qofaan kan yaalamuu
danda’uu dha jechuus miti. Kunis sababa tooftaaleen
dawaa ammayyaa osoo hin fayyadamin dhibee kana
yaaluun danda’amu waan jiruufi. Tooftaaleen kunniin
mala ammayyaan, akkasumas mala aadaatiin ta’uu malu
jechuu dha. Fknf namootni baay’een sababa dhibee
isaaniif jecha ni yaadda’u. Yaaddoon sun ammoo ofuma
isaattiiyyuu dhibee ta’uu danda’a. Kunis dhibeen jalqaba
nama mudate sun sababa yaaddootiin daran akka cimu
taasisa. Kanaafuu dhibee sana yaaluuf dursa yaaddoo
dhibee sana daran cimsu hir’isuutu barbaachisa jechuu
dha. Mala aadaas ta’e kan ammayyaa fayyadamuun
yaaddoo (stresss) dhibee sana daran cimsu hir’isuun kan
danda’amu taanaan, yaalli sun yaala barbaachisaa ta’uu
isaati. Namootni yaalamanis amantaa ‘dhibeen koo ni
fayya’ jedhufi yaaddoo hir’isuu danda’uun isaaniis

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 135


baay’ee filatamaadha. Haala kanaan namni dhibee qabu
tokko yoo gara namoota mala aadaatiin nama yaalanii
bira deeme, fayyuu ni mala jechuu dha. Fayyuuf garuu,
dursa namni sun daawaalee namootni ittiin isa yaalan
kamiyyuu fayadamee nanfayya amantaa jedhu horachuu
qaba. Kunis, sababa namni sun annisaa(energy)
fayyadamuun amantaa ’nan fayya’ jedhu maddisiisuu fi
yaaddoo hir’isuu danda’uuf ta’uu isaati. Kanaafuu
daawaa kamiyyuu cinatti namni dhibeeraa fayyuuf,
yeroo baay’ee amantaa horachuu fi yaaddoo hir’suu
danda’uu isa barbaachisa jechuu dha. Gochi kun dhibee
sammuu qofaaf osoo hin taane dhibee kanneen biroofis
kan tajaajiluu dha.
Haaluma walfakkaatuun, barsiifni amantaalee tokko
tokkoo kan ibsus, namni kamiyyuu amantaa qabu
fayyadamee waan fedhe gochuu akka danda’u dha.
Kunis dhibeerraa fayyuufis ta’e nama fayyisuuf,
akkasumas ajaa’iba garaagaraa gochuu danda’uu
namoota dabalata. Namoota yaada kana deggeraa fi
barsiisaa turan keessaa fknf: Yesuus/Kiristoos ”Osoo
amantii hanga ija sanaaficaa qabaattani, silaa waan

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 136


feetan gochuu dandeessu” jechuun irra deddeebiin
namoota barsiisaa ture. Yesuus barsiisuu qofa osoo hin
taanes, amantaa kanaan fayyadamee ajaa’iba akka du’aa
kaasuu fi dhukkubsattoota fayyisuu dabalatee waantota
garaagaraa gochaa akka turetu himama(Matiwoos 17:18-
20 &Yahannis 11:38-43). Namootni Kiristaanummaa
hin hordofne kanneen akka Ooshoos kanumaan kan wal
fakkaatu barsiisaa turan27.
Walumaagala:- namni kamiyyuu amantaa ni ta’a/ni
danda’ama jedhu yoo qabaate;dhibee sammuu yaaluu
dabalatee haboo waan fedhe gochuu kan qabu ta’uu
isaati.
Mala ammayyaa fayyadamuun dhibeen sammuu yoo
yaalame, carraan fayyuu isaa giddu galeessaan 70-80%
ta’u akka danda’utu ibsama. Kun ammoo yoo dursa gosti
dhibee sammuu sun sirriitti adda ba’ee beekamee dha.
Fakkeenyaaf gosa dhibee sammuu ipilipsii (eplipsy)
jedhamu yoo fudhanne, mala aadaatiin yaaliin godhamu,
aara funyaanitti aarsuu, waaqa kadhachuun fayyisuu
yaaluu fi kkf dha. Sababni namootni waaqa kadhachuun
dhibee kana yaalan ammo sababa amantaa dhibeen kun

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 137


dha’icha‘ seexanaan ykn dheekkamsa waaqaatiin’ dhufa
jedhu qabaniif ta’uu isaati. Mala ammayyaan immoo
mana yaala fayyaa Saayikaatirii (Psychiatry) jedhamutti
erga qorannoon godhamee booda dawaaleen kanneen
akka diazepam, phenobarbitol fi kkfn gosa Iplipsii
(eplipsy) sanaarratti hunda’anii kennamu. Kunis rakkoo
yeroo sana mudate furuu dabalatee lammata akkaa hin
deebine gochuu dabalata.
Haaluma wal fakkaatuun dhibeen sammuu kamiyyuu
mala ammayyaatiin kan yaalamu ta’uu isaa ogeessotni
yaala fayyaa dhibee kanaa ni ibsu. Akkuma mala aadaa
keessatti ilaaluuf yaalle, mala ammayyaanis dhibeen
sammuu dawaa/kiniina qofaan kan yaalamu ta’uu
dhabuu isaati. Kunis tooftaa psychotherapy
(saayikooteeraappii) jehamu kan dabalatu ta’uu isaati.
Tooftaan kunis gosa dhibee sammuu irratti hunda’amee
gorsa jajjabinaa/barumsa yaaddoo hir’isu fi kkf
fayyadamuun yaaluu dabalata.
BOQONNAA 5
5.1. Gudunfaa Mucuca Kufaatii

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 138


Ilaalchi namni tokko waantota naannoo isaa jiran ittiin
ilaalu baay’ee murteessaa dha. Sadarkaan nama tokkoos
kan madaalamu, ilaalchuma inni maddisiisuuni. Kunis
namni tokkoo gatiin isaa qaalii ykn rakasa ta’uu isaa
madaaluuf kan fayyadus ta’uu isaati.
Yoo rakkoon sababa garaa garaan nama mudachaa
jiraate, ilaalcha rakkoo sanaaf sababa ta’e jijjiiruutu
filatama. Haa ta’u malee namni tokko ilaalcha akkamii
qaba? Gaaffii jedhuuf ammoo, gaaffiilee:-kanneen akka:-
 Namni sun amantaa kamiin hordofa?”
 Eessatti dhalatee guddate?
 Maatiin isaa eenyu?
 Sadarkaan barumsaa isaa hagami?”
 Aadaan isaa hoo?” fi kkf deebii argachuutu dursa.
Namuu ilaalcha ofii isaa ni qabaata. Ilaalcha kanas
amantaa, aadaa, naannoo/hawaasa fi saayinsii irraa
argata. Wanti barbaachisu garuu namni ilaalcha
qabaachuu isaa qofa osoo hin taane, ilaalchi sun kan
biyya ijaarumoo? kan biyya diiguu dha? Kan fayyadu
moo? kan hin fayyadnee dha? jedhanii adda
baafachuunis filamatamaa dha.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 139


Ilaalchi gaarin isa namoota hundumaaf bu’aa buusu
ta’uu qaba.Sababa namootni bara dheeraa seera garaa
garaa caqasuun ilaalcha dogoggoraa dhugaa fakkeessanii
namootaaf ibsaniif jecha, ilaalchi sun dhugaa dha
jedhanii amanuun Mucuca Kufaatiiti. Kanaafuu gocha
akkasii kana amanuu qofa osoo hin taane,dursa namootni
kitaaba katabnis ta’e, kan seera tuman hundi namuma
jedhanii yaaduutu furmaata. Waanti barreeffame tokko
yeroo baay’ee fedhaa fi ilaalcha nama barreesse wajjiin
kan walsimatuu dha.Namootni ammoo ilaalchaa fi fedha
garaa garaa qaba. Kanaafuu, waanti namni tokko
sirriidha jedhee barreesse tokkoo barabaraan sirrii dha
jedhamee amanamuun isaa dogoggora ta’uu mala.
Waantota akkasii qajeelchuuf furmaata haaraatu
barbaachisa. Wanti furmaata kanaaf rakkoo ta’e garuu
sababa namootni baayyeen waantota barreeffaman ykn
seera tumaman tokko tokko akka waan ajaja waaqa biraa
bu’eetti ilaalanii amananiifi dha. Garuu waaqni osoo kan
seera namootaaf tumu ta’e, seera kufaatii namootaatiif
akka mucucaatti tajaajilu tumuu hin malu. Seerri akkasii
kun waaqaafis ta’e namaaf, fayidaan inni kennu hin jiru.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 140


Seerri akkasii kun garuu tarii seera mootummaa abbaa
irree ta’uu ni mala. Dabalataanis seerri kun siyaasa
namootni ittiin nama gowwomsanis ta’uu ni mala.
Amalli mootota biyya bulchanii fi kan waaqaa garaagar
ba’uu qaba. Sababni isaa mootiin biyya bulchu tokko
akkuma namoota kaanii nama waan ta’eef akkuma
namaatti yaada. Waaqni garuu nama miti. Mootiin biyya
bulchuu fi waaqni kan walfakkaachuu malan, yoo
waaqni jedhamu sun nama ta’e qofa.
Mootiin biyya bulchu tokko, sirna ittiin biyyicha bulchu
ofumaa tumata. Sirni tumamu sunis yeroo baay’ee
‘Heera mootummaa’ jedhamee beekama. Herri sun
fedha mootichaarratti hundaa’ee mirgaafi dirqama
lammilee biyyichaa murteessa. Kanaafuu, gochi
lammiilee biyyichaa kamiyuu seera qabeessa ta’uufi
dhiisuu isaa heeruma biyyichaatu murteessa. Kunis kan
mul’isu, namootni biyyoota garaa garaa keessa jiraatan
hundi nama ta’uu isaaniitiin walfakkeenya haa qabaatan
malee, sababa garaagarummaa heeraatiif jecha, mirgaa fi
dirqama walfakkaatu kan hin qabane ta’uu isaaniiti. Fknf:
Heerri biyyoota akka; Ameerikaa, Sa’ud Arabiyaa,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 141


Inglizii, Chaayinaa, Keeniyaa, Itoophiyaa fi kkf garaa
garummaa waan qabaniif jecha namootni biyyoota
kanneen keessa jiraatan mirgaa fi dirqama walfakkaatu
hin qaban. Fakkeenyaaf: biyyoota baay’eetti lammileen
saalaan dubara ta’an mirga konkolaataa konkolaachisuu
kan qaban yoo ta’u, biyyoota tokko tokkotti ammo mirgi
kun irraa mulqa
Heerri biyyoota tokko tokkoo, seera amantaa wajjin
walitti hidhata kan qabanii dha. Kunis sababa heerri
biyyichaa akka seera uumaa/waaqaatti ilaalamuuf ta’uu
isaati. Lammileen biyyicha akkasii keessa jiraatan yoo
heera mootummaa sana cabsan, akka waan seera
uumaa/waaqaa cabsaniitti ilaalamu jechuudha. Gama
biraanis mootii biyyicha bulchu irratti mormii kaasuun
matumaa hin heyyamamu. Sababiin isaas mootii kan
muudu fi kan buusus waaquma jedhamee waan
amanamuuf ta’uu isaati. Kanaafuu biyyaa seera akkasiin
bultu keessatti mormii kaasuun waan hin danda’amneef,
hanga waaqni muude buusutti mootummaan mootii
biyyichaa dhaalaan daddabarti. Tarii ‘hanga waaqni
buusutti’ kan jedhamu sun, hanga lammileen biyyichaa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 142


ilaalcha isanii jijjiirratanii mormii kufaatii mootichaaf
sababa ta’u geggeessanittis ta’uu mala. Kunis“gochi
mootii buusuu fi muuduu kan lammilee biyyichaati malee,
gocha waqaa miti” kan jedhu faa dabalachuu mala.
Akkuma garaa garummaa heeraa, namootni biyyoota
garaa garaatti argaman seera waaqa garaa garaa
dhuunfaa dhuunfaan akka qabanis ni mul’ata. Kunis kan
mul’isu namootni waaqni isaan amanaa jiran waaqa isa
nama biyyoota hundumaa jiran hudaa uume hin
fakkaatu. Yeroo ammaa gosootni amantalee 42005 tti
tilmaamaman akka jiran qorannoon ni mul’isa. Gama
biraanis waaqoliin 4200 kan jiran ta’uu isaati jechuu dha.
Kun ammoo:” waaqatu nama uume moo?, Namumatu
ofiin wanta waaqa jedhamu uummate?” gaaffiiin jedhu
akka sammuu namaa keessatti maddisiifamu taasisa.
Kunis namootni akkuma naannummaafi sanyummaa
isaaniitti garee dhaan waaqa ofii isaanii ofumaan akka
uummatan agarsiisa. Waaqa baay’ee qabaachuun
namootaa kun, namoota gidduutti tokkummaan ilaalchaa
akka hin uumamne godhe. Namni hundi waaquma koo
qofatu caala jechuun isa kan biraa xiqqeessuuf wal

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 143


dorgomaa jira. Kanafis fakkeenyi isuma namootni biyya
keenyaa baay’een amantaa ofii isaaniin
‘Qiddus ’(qulqullaawaa) jechaa kanneen biroon ‘Irkus’
(Xuraawaa)jedhan sani. Dhugaa dubbachuuf garuu
amantaan amantaalee biroo caalu hin jiru. Ilaalchatu
ilaalcha caala malee. Sababa ilaalcha amantaaf jecha
tokkummaa dhabuun namootaa Mucuca Kufaatiiti ta’ee
biyya diigurratti argama.
Namootni baay’een waaqa isaaniif, amala mootummaa
abbaa irree(Dictatorship) kennaniifii amanu. Kunis
hammeenya qabaachuu waaqichaa ibsa. Garuu wanti
‘hamaa’dha jedhamee sammuu namootaa keessatti
yaadamuu fi sodaatamu bineensa isa Oromoon ‘Bulguu’
jedhee waamuu dha. Bulguun kunis, tarii isuma warri
adii seexana jedhan sana ta’uus ni mala. Bulguus ta’e
seexanni, jedhaman kunniin sammuu namaa keessa
malee mul’inattii hin argaman. Waaqnii fi bulguun
(seexanni) amala wal fakkaatu qabaachuu hi qaban.
Bulguun sababa hamaadha jedhamee yaadamuuf jecha
kan sodaatamu yoo ta’e, waaqni ammoo sababa abbaa
namootaa hundaa ta’eef jecha kan jaalatamu ta’uu qaba.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 144


Waaqa ofii akka bulguutti sodaachaa, garuu ammoo‘yaa
waaqakoo’ ittiin jechuun waaqaafis ta’e namootaaf bu’aa
hin buusu. Waaqa namoota hunda uumes kanuma
dhuunfaa ofii qofa godhatanii ilaaluunis waan fafaati.
Waaqni nama hunda uume yoo jiraate abbaa namoota
hundaaf walqixatti waaqa ta’e ta’uu qaba. Waaqni nama
hunda uume kan Israa’el qofa ta’ee kan kuush ta’uu hin
dhiisu. Namootni baayyeen waaqa kan ganda isaanii
qofa godhanii itti amanu.Namootni waaqa gandummaan
hiratan kunniin dhibee sammuu qabaachuu waan
malaniifis ta’uu mala. Ilaalchi dhiphaanis (negative
attitude) madda wantota akkanaati. Namootni dhibee
sammuun yoo hubaman; dogoggoraan waanta dhibee
sanarraa isaanitti dhufuu malu hunda waaqatu natti
mullise jechuus ni malu jedhamee shakkama26. Kanaafuu
namoonni waantota namni arguu hin dandeenye arguu
ykn dhaga’uu kan danda’an yoo waaqni itti mullate ykn
itti dubbate qofa ta’uu akka hin dandeenye hubchuunis
barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf: Namni dhibee sammuu
qabu (Maraataan) yeroo baay’ee” ilaa kuunnoo, kunoo”

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 145


jedhee waantota namootni fayyaan arguu hin dandeenye
waliin osoo haasa’uu ni mul’ata.
Egaa tarii addunyaa ykn hawwaasa ati keessa jiraachaa
jirtu keessatti, gocha hamaa seera garaa garaan
deggeramu arguu malta. Gochi akkasii sun yeroo ati
ilaalcha sirriin ilaaltu siif fudhatamuu dide jechuu dha.
Furmaatni wanta sanaas mali? jettee ofis ta’e namoota
gaafachuun kees waan hin oolle dha. Kanaafuu, wantotni
akkasii yeroo simudatan furmaatni ati gochuu qabdu
keessaa muraasni:
 Yoo gaaffiin sababa waanta dogoggoraan dalagamu
fi barsiifamuun sammuu kee keessattii uumame,
yeroo hunda dogoggora kee qofa ta’uu dhiisuu
danda’a. Yeroo mara anumatu dogoggoraadha ofiin
hin jedhin. Gaaffiin si keessatti uumamuun isaa
sababa malee miti.
 Gaaffii keetiif deebii furmaata ta’u barbaaduu qabda.
Tarii gaaffiin sun kan kee qofa osoo hin taane, kan
walii galaa ta’uus ni mala. Akkasumas deebiin isaa
kan kee qofa osoo hin taane, kan walii galaa ta’uus
ni mala jechuu dha.
 Waanti dogoggoraan dalagamu kamiyyuu Mucuca
Kufaaatii ta’uu akkuma danda’u, dogoggora sana
qajeelchuuf yaaluu dhisuunis Mucuca Kufaatiiti.
 Dogoggora sirreessuun dalagaa namoota kan biraa
ykn dalagaa mootii biyya bulchu qofa osoo hin taane,

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 146


kan lammilee biyyichaa maraati. Kanaafuu
sirreeffamni sumaa fi anaarraa eegala jechuu dha.
Yoo gocha dogoggoraa, kan ofii keetii fi kan namoota
biroo sirreessuu kana, kanaan duras eegaltee turte ta’e
yookaan ammoo, ammaa booda eegaluuf murannoo kan
qabdu ta’es, siif galatnikoo guddaa dha. GALATOOMI!

6. KITABBILEE WABII(REFERENCES )
1. Adriansen HK and Knudsen H. Two ways to support
reflexivity: Teaching managers to fulfil an undefined
role: ‘A problem cannot be solved at the same level
of thinking that created it’—Albert Einstein. Teaching
Public Administration. 2013; 31: 108-23.
2. Pais A. Subtle is the Lord: The Science and the Life of
Albert Einstein: The Science and the Life of Albert
Einstein. Oxford University Press, USA, 1982.
3. El Naschie MS. From E= mc2 to E= mc2/22—A Short
Account of the Most Famous Equation in Physics and
Its Hidden Quantum Entanglement Origin. Journal of
Quantum Information Science. 2014; 4: 284.
4. Peñalver E. The concept of religion. Yale LJ. 1997; 107:
791.
5. Dekker J. World religion database. The Charleston
Advisor. 2009; 11.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 147


6. Maoz Z and Henderson EA. The world religion
dataset, 1945–2010: Logic, estimates, and trends.
International Interactions. 2013; 39: 265-91.
7. Hackett C, Stonawski M, Potančoková M, Grim BJ and
Skirbekk V. The future size of religiously affiliated and
unaffiliated populations. Demographic research.
2015; 32: 829-42.
8. Hatcher WS and Martin JD. The Baha'i faith: The
emerging global religion. Baha'i Publishing Trust,
2002.
9. Morris TV and Menzel C. Absolute creation. American
Philosophical Quarterly. 1986; 23: 353-62.
10. King. J. The holy bible King James Version 1611.
11. Jenkins D. From Unwritten to Written:
Transformation in the British Common-Law
Constitution. Vand J Transnat'l L. 2003; 36: 863.
12. Orthodox C. Waldaa Qulqullootaa. Teeching
Book :Utubaa Amantaa; finfinnee ,Ethipia, Maxxansa
2 ffaa 2006/14.
13. Smith J, Chowdhry A, Jepson T and Schaeffer J. 101
CLEARED UP CONTRADICTIONS OF THE BIBLE.
14. Ali MM. Holy Quran. Ahmadiyya Anjuman Ishaat
Islam Lahore USA, 2015.
15. Al-Kabi MN, Kanaan G, Al-Shalabi R, Al-Sinjilawi SI
and Al-Mustafa RS. Al-Hadith text classifier. Journal
of Applied Sciences. 2005; 5: 584-7.
16. Krafess J. The influence of the Muslim religion in
humanitarian aid. International Review of the Red
Cross. 2005; 87: 327-42.
17. Linde A, Linde D and Mezhlumian A. From the Big
Bang theory to the theory of a stationary universe.
Physical Review D. 1994; 49: 1783.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 148


18. Valverde P, Healy E, Jackson I, Rees JL and Thody AJ.
Variants of the melanocyte–stimulating hormone
receptor gene are associated with red hair and fair
skin in humans. Nature genetics. 1995; 11: 328.
19. Akeson R, Chen X, Ciardi D, et al. The NASA exoplanet
archive: data and tools for exoplanet research.
Publications of the Astronomical Society of the Pacific.
2013; 125: 989.
20. Joseph RG. The Transfer of Life Between Planets,
Stars, and Galaxies.
21. Ziurys LM, Milam S, Apponi A and Woolf N. Chemical
complexity in the winds of the oxygen-rich
supergiant star VY Canis Majoris. Nature. 2007; 447:
1094.
22. Colgrove W. The Planet Earth. Journal of the Royal
Astronomical Society of Canada. 1929; 23: 163.
23. Majoris VC. VY Canis Majoris. Age. 8: 11.
24. Kraepelin E and Diefendorf AR. Clinical psychiatry: a
text-book for students and physicians. Macmillan,
1915.
25. Kyaga S, Lichtenstein P, Boman M, Hultman C,
Långström N and Landen M. Creativity and mental
disorder: family study of 300 000 people with severe
mental disorder. The British Journal of Psychiatry.
2011; 199: 373-9.
26. Gearing RE, Alonzo D, Smolak A, McHugh K, Harmon
S and Baldwin S. Association of religion with
delusions and hallucinations in the context of
schizophrenia: Implications for engagement and
adherence. Schizophrenia research. 2011; 126: 150-
63.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 149


27. Aveling H. Osho Rajaneesh and His Disciples: Some
Western Perceptions. Motilal Banarsidass Publ., 1999.

7. SEENAA BARREESSAA
Barreessaan Mucuca Kufaatii Barsiisaa(lecturer) Amaanuel
Oljirraa:- wallaggaa lixaa, aanaa Mana Sibuu, magaalaa
Mandiitti abbaa isaa obbo Oljirraa Duuloo fi haadha isaa
aadde Shaashituu Gudduu irraa Mudde 21, 1992 A.L.A tti
dhalate.
Amaanuel osoo ijoollummaan jiruu abbaa isaa du’aan dhabuu
iraan kan ka’e gargaarsi abbaan isaa gochuufii qabu jalaa
danqamus, jajjabina fi gargaarsa haati isaa qoraan gurgurtee
gargaartuun gargaaramaa guddate. Haalli mijataan dhibamus,
Amaanuel barnoota isaa sirnaan waan hordofaa tureef, kutaa
1ffaa hanga 12ffaatti sadarkaadhaan 1ffaa ba’aa ture. Bornoota
isaa kutaa 1 hanga 8ffaa Mandii Dirree Xiyyaaraatti baratee
erga xumuree booda. Bara 2008 ALA tti qormaata kutaa 8ffaa
qabxii ol aanaa galmeessuun gara kutaa 9ffaa mana barumsaa
sadarkaa lammaffaa Mana Sibuu Mandiitti darbe. Achittis
kutaa 9ffaa hanga 10ffaa baratee erga xumuree booda. qormaata
biyyoolessaa kutaa 10 ffaa qabxii 4:00 galmeessuun gara mana
barumsaa qophaa’inaa Mana Sibuu Mandiitti darbe. Bara
2013tti qormaata seensa yuunversitii kan biyyoolessaa kutaa

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 150


12ffaa qabxii ol aanaa galmeessuun carraa yuniversiitii argate.
Sana bodas filannoo isaa irratti hundaa’uun Yuuniversiitii
Haramaayaatti akka baratu erga taasifamee booda barnoota
sadarkaa olaanaaf gara Yuniversiitii Haramayaa deeme.Turtii
yuniversiitii kan bara 2012/13 hanga 2016 tti taasiseenis,
Amaanuel akkuma baratame qabxii gudda galmeessuun
sadarkaa badhaasaan (distinction) digirii isaa jalqabaa
oogummaa fayyaatiin Adoolessa 9,2016 tti Yuunversiitii
Haramaayyaa irraa erga eebbifameen booda achumatti
barsiisaa akka ta’uuf filatame. Achumattis carraa barnootaa
digrii lammaffaa argatee barumsa isaa itti fufuun ,sadarkaa
baay’ee olaanaa(great distinction) ta’een, Adoolessa 6, 2019tti
eebbifame. Yeroo ammaa kana Amaanuel Yuniversiitii
Haramaayyaatti sadarkaa Lecturer ta’een barsiisaa
yuuniversiitichaa ta’ee dalaguurratti argama.
Amaanuel barnoota isaa cinattis fedhii beekumsa garaa garaa
horachuu waan qabuuf, amantaalee haawwaasni isaa hordofan
kanneen akka Kiristaanummaa, Isilaamummaa fi Waaqeffataa
Oromoo hunda seenee qorachaa fi barachaa ture.

Mucuca Kufaatii Amaanu’el Oljirraa Fuula 151

You might also like