You are on page 1of 88

Qorannoo

1.Maalummaa fi falaasama
qorannoo
1. Argama Beekumsaa
Beekumsi Karaa lamaan: Karaa saayinsii hintahiniifi karaa saayinsawaa
taheen
1. Karaa saayinsawaa hintahiin
 tanasiitiin –kan beeknu/ amannu waan beeknuuf/ammannuufi
Fkn. loltuun biyya eega kunis loltuun humnaan diina hariya jennee waan
amannuufi, waaqatti kan amannu waan waaqatti amannuufi
 Aangoo- waan angoon dubbatamu/tahu sirriidha jedhanii amanuu
Fkn Jeneraalli loltuun humna qaba waan jedheef amanuu, Waaqatti
amanuu, Kitaabni Qulqulluun/Quraanni waan jedheef
• Angoon kun, kan ogeessaa, aadaa/seenaa, sadarkaa hawaasaa,
amantaa/hafuura. ( Adigun Agbaje and A. Isma’il Alarape, 2010)
Itti fufa…
2. Karaa saayinsawaan
• Karaan saayinsawaa jedhamuuf
- dhugummaasaa akka sadaarkaan(standard) ilaala
-Sirnawaadha
-Daangeffamaadha
-Kan mirkanaawudha
-Ragaarratti hundaawa
• Fkn Qorannoo
( Adigun Agbaje and A. Isma’il Alarape, 2010)
1.1 Maalummaa Qorannoo
a.Hiika qorannoo
• Qorannoon waliigalaan yoo dubbatamu beekumsa barbaaduudha.
• Qorannoon bifa saayinsawaafi sirnawaa ta’een mata duree tokko
irratti odeeffannoo barbaaduudha.
• Qorannoon ogummaa (artii) ittiin saayinsii qoratan.
• Qorannoon kan agarsiisu rakkoo adda baasuu, ta’innaa
qopheessuu, odeeffaanoo walittii qabuun, bifa rakkoo dhiyaateen
furmaata tahuun ykn bifa yaadiddama haaraa hundeessuun
cuunfuudha. (Cothari,2004 13-14).
Itti fufa
• Qorannoon rakkoo saayinsiifi hawaasaaf furmaata kaayyoofi
sirnaan kan barbaadudha.
• Qorannoon barbaacha beekumsati. Kana jechuun dhugaa
dhokate mul'isuudha. ( S. Rajasekar, p. etal , 2013: 1)
b. Amala qorannoo
- dhugummaasaa akka sadaarkaan(standard) ilaala
-Sirnawaadha.
-Daangeffamaadha.
-Kan mirkanaawuudha.
-Ragaarratti hundaawa.
c. kaayyoo
• Abuuruuf- malaafi xiinxala gadfagoo kan barbaadu osoo hin
taane bal’ina isaatu barbaadama
• Ibsuuf –saxaxa giddugaleessa tahe kan barbaaduufi argannoo
giddugaleessa barbaada
• Addeessuuf-saxaxa cimaafi xiinxala guddaa akkasumas ibsa
bal’aafi gadfagoo Barbarada (Adigun and Alarape,2010)
d. Sababa namoonni qorannoo taasisaniif
• Digrii ittiin argachuuf
• Qorataa ta’anii argamuu
• Barsiisaa yuunviarsiitii ykn kolleejjii tahuuf
• Rakkoo furuuf
• Waan haaraa uumuun gammaduuf
• Kabaja ittiin argachuuf
• Beekamtii ittiin argachuuf
• Dhugaa taatee tokko keessa jiru adda baasuuf
• Waan haaraa tokko bira gahuuf fedhuu irraa
• Hawaasaa tajaajiluuf(rakkoo furuun)( S. Rajasekar, p. Philominathan,
e. Faayidaa qorannoo
• Rakkoo hiikuu
Fkn. qorannoo gochaa mana barumsaatti tolchamu
• Beekumsa argamsiisuuf.
• Fkn. baay’ina pilaanetootaa adda baasuus qorachuu
1.2 Falaasama Qorannoo
• Falaasamoota qorannoo ilaaluuf tilmaammii (assupmtions)
qorannoo sadan beekuun barbaachisaadha.
1. Ontoloojii
2. Ippistimoloojii
3. Agziyoloojii
Itti fufa
Ontooloojii(ontology)
• saayinsii wa’ee waan jiruu kan qoratuudha.
• kana jechuun, maaltu jira, maal fakkaata, akkamiin uumamefi
hariiroo wantoonni waliin qaban kan ilaalu.
• Ontooloojiin falaasama addunyaan kun akkamiin akka ibsamtuufi
gaheen nama tokkoo maal akka tahe kan qoratuudha
• Kunis waanti sirriin kan qabatamaan argamuu (objective)fi kan yaada
keessatti uumamu (subjective) jedhamuun beekamu .(Blaikie 1993)
Itti fufa
Ippistomoloojii(epistemology)
• Beekumsi dirree tokkoo maal of keessatti qabata kan jedhu qorata
• Ippistomoloojiin yaadiddama, saayinsii malaa ykn hundee beekumsaati
• Kana jechuun hundeen beekumsaa maali, akkamiin argama
• Kunis beekumsa dhugaa yaaduu , wantoonni jiran akkamiin akka
beekaman, maaltu beekamuu danda’a, beekumsa jedhamuuf ulaagaan
maalii akka guutu kan qoratudha(Blaikie, 1993)
• Maalti akka beekamuu danda’amuufi akkamiin beekuun akka
danda’amuuf malaafi sadaarkaa ittiin beekumsa sirriifi mirkanaawaa
dhiyeessan dhiyeessuudha.(Chia20020
Itti fufa
Agziyoloojii
• Agziyoloojiin- gatii(value) dhimma taheef kennamu
Fkn. Dirree qorannoo keessatti gatii qorataan qabuufi
hirmaattonni(odeef kennitoonni) qaban kan ilaalu
• Gatii(xiyyeeffannoo) akkamii waa irratti akka jiru ilaala.
Falaasamoota Qorannoo
Falaasamni qorannoo beekumsaafi dagaagina beekumsa
qorannoon argamuu kan ilaaludha
• Poosatiivizimii
• Kiritikal Riyaalii
• Interpiiitisimii
• Portimodermizimii
• piragmatizimii
• Pooziitivisimiin- wantoonni waan dhaabbataadha.i.e nama hundaaf walfakkaatu-
dhugaan tokkicha
• Waan qaamolee miiraan hubatamaniifi safaramuu dada’ani
• Qorataan bilisa
• mala qoraannoo ragaa qabatamaa funaanuun, mala hammamtaanykn
lakkoofsaan qaacceffamee bu’aansaa addeeffamudha
• Kiritika Riyaalizimii -
• Wantoonni gulatawoodha.
• waan nuti miiran hubannu fakkii addunyaa dhugaati.
• Bu’aa seenaa darbeeti.
• Waan miiraan argamu nama sossoba
• Dhugaan hariiroon ibsama
• Qorataan hamma tokko bilisa tahuu yaala
• Loogii jiru qoraan ilaalcha addunyaafi aadaafi muuxannoo jiruun ilaala
• Seenaa turan gadfageenyaan qorachuun xiinxaluun qoratama
Itti fufa
• Interpiretiivizimiin- dhugaan waan hawaasaan aadaafi
afaanii ijaarrate
• Waan hawaasi irratti walii gale dhugaadha
• Yaaxxinaaleenbaayyee saphaadha-seenessa,hubatamuufi
hiikamu
• qorataan akka qaama hawaasaa sanaatti of illaluun qorannoo
geggeessa
• Safuu, ilaalchaa, duudhaa fi raawwii isaanii kabajuun akka
isaan yaadanitti hiikuudha
• Odeeffaannoo xiqqoon bifa qulqulleeffataan qarotama
Iitti fufa
• Postimoderniizimii
• Caasaan jiruu kan hawaasni karaa angoo uume
• Beekumsa waan dhaabbataa miti
• Beekumsi waan warri olantonni(angawoonni, beektonni…)
murteessani
• Kan xiyyeeffannoo argatetu hiikama, ibsamas
• Qorataafi qorannoon angoon hariiroo qaba
Itti fufa
• Piraagimaatizimii-dhugaan waan yaadaa ture hojiin yeroo
mul’ifamu
• Beekumsi- waan qabatamaan hojiirra ooluufi rakkoo furu
• Qorataan gahee qaba- rakkoo isa qunnameef furmaatata
fedha
• Mala akkamtaas ammamtaas ni gargaarama
Appiroochii yaaxxina qorannoo
• 1. didakshinii /oliigadii
• Sadarkaa shan qaba
• Didaakshinii ta’innaa
• Tainnaa raawwii keessatti illaluu
• Ta’innaa madaaluu
• Buaa gaaffii qorannoo tokkoo maddaaluu
• Yaadidda fooyyessuu
Itti fufa…
• Amala didakshinii
• Hariiroo sababaa jijjiiramtoota gidduu jiruu ibsuu
• Ofeeggaannoo qoopheessuu yommuu ta’innaa madaalan
• Dhiibbaa qorataarraa bilisa
• Yaadrimeewwan bifa hammamtaan qindaayu
• dimshaashessuu
Itti fufa…
• Amala didakshinii
• Hariiroo sababaa jijjiiramtoota gidduu jiruu ibsuu
• Ofeeggaannoo qoopheessuu yommuu ta’innaa madaalan
• Dhiibbaa qorataarraa bilisa
• Yaadrimeewwan bifa hammamtaan qindaayu
• dimshaashessuu
Iiti fufa…
2. indaakshinii
• Yaadaddima qopheessuu. Kunis
• Karaa namoonni adduunyaa ofii uuman hubachuun
• Yaada filannoo waantonni ittiin raawwataman eyyemuun
• Galma taatee tahaa jiruu hubachuu
• Ragaa akkamtaa fayyadamuun
• Tooftaa ragaalee adda adda fayyadamuun
Faayidaa appiroochii qorannoo beekuu
• Saxaxa qorannoo sirrii filachuuf
• Istiraatejii kamtu mataduree keef akka wayyu filachuu
Gosoota Qorannoo
Akkamtaa
Gosaafi amala ragaalee Ammamtaa
hujoo
Hojummaan bu’uuraa makaa
mana kitaabaa
Qorannoo Bakka qorannoo dirree
yaaxxinaa
qabatamummaa ragaalee qabatamaa
kiroossekshinaalii
Bal’ina yeroon longitudinaalii
1.Gosoota Qorannoo: gosaafi amala odeeffannoo

A. Akkamtaa
• Gosa qaorannoo ragaa bifa daawwannaafi afgaaffii banamaa
ragaa funaanee, ragaalee funaane kanammo
jecha(lakkoofsaan osoo hintahiin) kan qaaccessudha
• Amalli qorannoo kanaa
• Appiroochii qorannoo indaashinii deggera
• Ippistimoloojiitiin poozetivizimii dhiisaa hiika nama dhuunfaa
dhugaa hawaasaa kan amanu
• Ontooojiin isaa ijaarsa(constructionist) dha
Itti fufa…
• Jechaan ibsama/seeneffama
• Baay’ina odeeffannoof hindhiphatu
• Hiikni odeeffannoorraa argamu cimina qorataarratti
hundaa’a
• Yoomessa uumamaa bu’uureffata
• Odeeffannoo akkamtaa bu’uureffata
Itti fufa
• Qorataan qaama qorannichaati
• Hundaanawaadha(holistic
• Dimshaashessuuf ulfaataadha
• Iddattoo muraasarraa raga baay’ee gadi fagoo
argan=msiisa
• Qaaccessuu osoo funaananiis nitaha
• Loogiitti dhiyoodha
• Haalarratti hundaa’ee waan jijjiiramuuf
dhugummaasaa mirkaneeffachuun niulfaata
B. Qorannoo ammamtaa

• Ragaalee funaanaman bifa lakkofsaan ibsa


• Ammamii walitti dhufeenya jijjiiramtootaa ibsa
• Saxaxi qorannoo lanaa yaalii ykn ibsa tahuu mala
• Odeeffannoo ammamtaa bu’uureffata
• Odeeffannoo funaaname lakkoofsaan ibsama
• Qorataan hojii qorannichaatiin ala
Itti fufa
• Saxaxa dursee qophaa’etti fayyadama
• Odeeffannoo bal’aa qaaccessuu danda’a
• Qaccessi isaa irra keessa
• Bu’aa qorannoo cuunfuuf mijataadha
• Loogiirraa fagoodha
• Dhugummaa isaa irra deebi’anii mirkaneeffachuuf
mijataadha
C. Qorannoo Makoo
• Akkamtaafi ammamtaa waltti make dhiyeessa.
• Waan ammamtaan lakkoofsaan kaa’e, akkmtaan immoo ibsa
kenna.
• Kunis dhugummaafi milkaa’ina qorannichaaf mijataadha.
2. Haala hojummaan yoo qoonnu; hujoofi bu’uura
Qorannoo hujoo
• Qorannoon hujoo haala qabatamaa keessatti taasifama
• Dhimma/ rakkoon haala tahe tokko keessatti argameef deebii kallattii
tahuuf
• Akka qorannoo bu’uuraatti yaada waliigalaa kennuuf gahaa miti
• Bifa idilee tahee hordofuufi madaaluun buaa argame hojiitti hiikuudha
• Qorannoon hujoo rakkoo argame tokkoof furmaata atattamaa
barbaaduuf taasifama
• Bu’aa argame akka walii galaatti fudhachuun gaarii miti, kan haala
naannoo tokko keessaa qofa waan taheef
• Fkn rakkoo mana hojii tokko keessa jiru furuuf Qorannoo gochaa
Qorannoo bu’uuraa
• Qorannoon kun yaadiddama haaromsuu, maaddisiisuufi
beekumsa dabaluu kaayyeffate
• Qorannoon bu’uraa adeemsa qorannoo hunda keessatti
gadfageenyaan waan ilaalamuuf goolabni achirraa argamu
kan bu’uuraafi waliigalaati
3.Humna gadfageessanii ibsuutiin
• A. Qorannoo Ibsaafi qorannoo qaacceessaa
• Sakattaafi haqa jiru barbaaduuf kan taasifamudha
• Amallii isaa inni guddaan qorataan aboo irratti hinqabu,
waan taheefi tahaa jiru gabaasuudha
• Mala sakatta'uu akkasumas walmadaalchisuufi hariiroo
ibsuutti dhimma baha.
Waan dhaabbataa (normal) tahe, yroo biraas haala
dhaabbataa keessati deebiee argamu
Caalmaatti daawwanna yoo fayyadamu,afgaaffiin
bargaaffiittis ni gargaarama
• Qorannoon qaaccessuu dhugaa/ haqa jiru fayyadamuun
dhimmicha gadfageenyaan xiinxala.
4. Qabatamaa tahuu ragaalee irratti hundaa’uun qorannoo yoo
qoodan: qorannoo yaaxxinaafi qorannoo qabatamaati.
Yaaxxinaa
• Yaaxxinni dhimma killayyaa ykn yaadrimee taheen hidhataadha
• Ragaan waan yaliin tahee daawwachuun ykn dirree deemanii waan
jiru osoo hinargiin raga funaanuun qaacceffama.

Qorannoo qabatamaa
Qabimni(empirical) ragaa qabatamaafi hubatamu bu’uureffate.
Cuunfaa bifa yaaliifi ykn daawwannaan mirkaneessuun danda’amu
Qorannoon yaalii keessatti dhimmoonni waan qoratamaa jiru irratti
dhiibbaa fidan hundi adda baafamuun hordofamu.
Knis yommuu yaaliichi geggeeffamu jijjiirama dhufu hordofuufi
Qorannoon yaalii gosa addaaddaa qaba:
a) Yaaliin duraa- hubannaa sirriihintaanetti kan geessuu malu;
sababa caacculee(factors) toachuu dhabuurraa
b) Qorannoo yaalii dhugaa- Waan walfakkatu tahuu
wantootaa mirkeessuu; iddattoorratti yaalii taasisuun dura
c) Yaalii gamtokkee- yalii wantoonni barbaachisan keessaa
kan hafe akka jiru kan ibsame
d) Hariiroofi eksi- post-facto =hariiroon sababafi buaa
odeeffaannoon yoo ibsu, ex=post facto buaa argamerraa
kaee sababa isaa ibsa
Itti fufa…
5. Baay’ina yeroo qoratamuu qorannoon kan yeroo
tokkoofi kan yeroo hedduu jedhama
• Qorannoo yeroo tokkoo
• Qorannoon yeroo tokko qofa kan geggeeffamu yoo tahu.
• Qorannoo yeroo dheeraa
• qorannoon dheeraan yeroo dheeraaf kan geggeeffamudha.
6. Bakka qorataan turee raga qorannoo funaanurratti hundaa’uun qorannoon yoo qoodamu

Qorannoo bobbii
• Qorannoo alaa bifa bobbiin deemuun odeeffannoo kan argatanii
qorannoo geggeessamuudha.
• Qorannoo mana kitaabaa
• Qorannoo keessaa osoo bakkee hin deemin mana kitaabaa ykn mana
yalii keessatti kan adeemsifamudha.
7. Qajeelfamoota oliin kallattiin kanneen hin
hoogganamne keessaa muraasni
• Qorannoo Seenawaa
• Barreeffamoota, hambaalee qaamaafi meeshaalee fayyadamuun
taateefi yaada dabre akkasumas falaasama dhuunfaafi garee
qorachuudha.
• Kunis maaltu tahe, eessatti tahe, yoom tahe fi kkf deebisuu gaafata
Qorannoo walmadaalchisuu
• Muuxannoo namootaa hawaasa garaagaraa gidduutti wal
madaalchisa
• Hawaasa tokko yeroo addaan ykn yeroo tokkotti hawaasa adda addaa
ilaala
Itti fufa…
Qorannoo hariiroo
• Xiinxala sakattaa ykn hariiroo sababootaa qorannoo
hammamtaa keessati tahu
• Hariiroo lamati ilaalama
• Walitti dhufeenya duubaa-bifa qorannoo addeessaatiin
Walitti dhufeenya taateewwa lamaa gidduu jiraachuu isaa
kan ilaaluufi hamma isaa
• Tilmaama- walitti dhufeenya taateewwan lama gidduu
amalaafi haala isaa tilmaamuu
• Nama dhuunfaas tahe gartuulee gidduutti ni raawwatama
Qorannoo madaallii
• Dhimmoonni hawaasaa addaaddaa haala qorannoo ibsaatiin
qindeeffamu(Madaalliin ammayyawaa labata 4ffaa jedhamu
amaloota gadii qaba)
• Buaan madaallii maaltu taheefi akkamiin tahee caalaa ijaarsa
hiikaa haala ofii eegan sana jijjiiruti ilaalama
• Hiikni ijaaramu akka yaada warra qindeesseetti
• Hiikni kennamu kun haala galma, xiinsammuu, aadaa fi
hawaasaa keessaatti taheen hidhata qaba
Itti fufa
• Madaalliin akkanaa ilaalcha qorataa/madaalaa irratti
hundaa’a
• Madaalliin kun gocharratti kan xiyyeeffatedha- waan
qabatamaan raawwatamuufi waliigaltee barbaadu
• Hirmaattonni madaallicha qindeessuurraa kaasee
hamma xumuraatti hirmaanna walqixxee qabu
Itti fufa
Qorannoo madaallii keessaa tokko(ni amantaa) 1.
Sirna xiinxaluudha
Waliigala qorannoo kan sadarkaalee yaaduu sadan
ykn gaaffilee saayinsawaa(rakkoolee akka qoratamuun
caccabsuu, isaan madaaluufi isaan akka ibsamatti
walitti qabu)
Itti fufa …
• Gama biraatiin Sirna madaaluun kanneen gadii of
keessatti hammata
• Haala waliigalaa rakkoon keessatti argamee ilaaluu
• Bifa galiigalaan madaaluu
• Amala ykn rakkoo adda bahe akka waliigalaatti ibsuu.
• 2 madaallii deebifamu
• Sagantaan haaraan/barnoonni haaraan qooda
fudhattoota biratti hiika/deebii akkamii akka qaba of
cimsanii gulantaa madaallii addaddaan qaddabaasuu
• Kunis : kallattin hirmattootaraa odeeffannoo
guurruun, galmeewwan xiinxaluun…
• Qindeeffama madaalichaa ilaaluu/madaaluu
odeeffannoo guurameefi gabaasa qindeeyerraatti
hundaahuun
• Yaada fooyya’insaa kennuu
• Qorannoo Sanyabsaa
• Yaadiddama alaa barbaaduurra amalli qoratamu akkamiin
akka yaadiddeeffamu of keessaa kan dhiyeessu.
Kaayyoon isaa
Akka ilaalcha hirmaattootti dhugaa jiru sirriitti ibsuudha
Yoomessa uumamaa hinboorayiin/hinjeeqamiin keessatti
rawwatama.
Haala raawwii walfakkaatu qabaniif, aadaan hawaasummaa,
sochii dinagdee bifa giddu galeessummaa qabuun dhiyaata.
Qorannoof ulfaataa tauu; sababa aadaan hedduun isaa
dhokataa taheef.
Qorannoo Aadaa
• Dhimmoonni ka’an tureen kannee akka
ammayyummaan boodaafi caasummaan boodaa
dhimmoota afaaniifi aadaa yoo ilaallatan xiyyeeffannoo
qorannoo kanaati
• Barruun(text) aadaan bakka addaddaarra bal’ifateera
fkn tv,opera, fashin
• Kayyoon barruu aadaa bal’isuu kun hiika keessaa
argamu barbaacha
• Malleen qorannoo aadaa ittiin qoratan
Itti fufa
• Amala caasaa afaanii(Chomischy
• Hojii afaanii haala galmaatti (Language as action in its
contextual environment)
• Xinqooqa hawaasummaafi itnografii
• Yaadiddama samiyootiksii afaaniitiin
Amaloota Qorannoo Gaarii
• Rakkoo hiikuu/ furmaata barbaaduufi yaaxxina hundeessuu (Finding
solution and formulating theory)
• Sirnaawaa ta’uu (Systematic)
• Ragaa qabatamaa irratti hundaa’uu (based on empirical data)
• Bu’aansaa qeeqaafi gaaffilee ogeeyyiin kaasaniif deebii gahaa kennuu
qaba
• Ogeessa (Expertise)
• Jabinaafi obsa barbaada (Courage and Patiency)
• Ilaalcha dhuunfaa irraa bilisa kan ta’eefi qabatamaa ta’eedha
• kana jechuun qorannoon ragaa irratti hundaa’a
• Qorataa kan qajeelchu ragaadha malee fedhii isaa miti
• qorataan waan ragaan isaa agarsiisuufi mul’isu qofa dubbachuu qaba.
Itti fufa…
• Barbaachisummaa, amanamummaafi
dhugummaa(relevance, reliability and validity)
• Mirkanawaa(replicable)
• Saayinsawaa(scientific)
Itti fufa
• Barbaachisummaa
• Barbaachisummaa qorannoo qorataafi namoota qorannoon
irratti tahutu beeka
• Bu’aan qorannoo Sanaa hawaasa irratti qorannoon taheykn
qorataa hinfayyadu taanaan akkasumas nama biraan
qoratameera hinbarbbachisu
• Amanamummaa
• Amanamummaan kan ilaalamu dhimma tokkorratti namoota
adda addaan qoratamee bu’aa walfakkaatu qabaachuu
isaatiin
Itti fufa
Dhugummaa (validity)
Akka yaadametti raawwatamu qorannoo
Yaadiddama sirrii fayyadamuu
Gaaffileen qorannoo kaayyoo waliin walsimachuu
Meeshaaleen ragaaleen ittiin funaanaman kaayyoo milkeessuu
Waanti cuunfame waan ragaleerraa argamee
Hariiroon jijjiiramtoota hammami
Iddattoon fudhatame hawaasa keessaa fudhatame ni ibsaa
3. Adeemsaalee Qorannoo
• Rakkoo adda baasuu
• Ogbarruu sakatta’uu
• Ta’innaa qopheessu
• Saxaxa qorannoo adda baasuu
• Mala Iddattoo adda baasuu
• Odeeffannoo guuruu
• Piroojekticha hojiirra oolchuu
• Odeeffannoo xiinxaluu
• Ta’innaa madaaluu
• Hiika kennuu
Adeemsa Qorannoo Barreessuu
• Rakkoo adda baasuufi ifa taasisuu
• Sakattaa barruu(kan ogeessotaa)
• Wixinee qopheessuu
• Gargaarsa argachuu(gorsa)
• Tooftaa odeeffannoo ittiin guuran qopheessuu
• Odeeffannoo guuruufi qindeessuu
• Odeeffannoo hiikuu
• Gabaasaa barreessuu
• Dhiyeessuu
• Maxxansuu. (Thomas R. and Brubaker D. 2001 )
3.1 Rakkoo addabaasuu /mata duree filachuu
• Mata duree filachuuf fedhii qorataa, rakkoo jiruu ykn
qorannoof mijataa tahuusaati ilaalama( S. Rajasekar, p.
Philominathan, and V.Chinnathambi , 2013)
• Mataduree kan filatamu
- barachuun(Koorsii qorannoo, saminaara)
- Rakkoo furuuf
- Ogeeyyii qorannoo haasofsiisuun
- Dubbisuun
- Waliin mariyachuun
- Yaadiddamaafi raawwii waan mul’atuu tokko hordofuun
3.2 Ogbarruu sakatta’uu
• waliigalaa mata duricha irraatti hubannoo horachiisa
• Kaallatti ittiin ilaalan agarsiisa
• Odeeffannoo mata durichaan hidhata qaban
hubachuuf,qindeessuuf, ibsuuf xiinxaluuf, cuunfuufi qeequuf
gargaara
• Dhimmicha irratti wantoota hojjetaman agarsiisuun qaawwa
jiru adda baasuun ka’umsa qoraannoo taasifachuuf
• Yaaxxina qorannoo murteessuuf(Addunyaa,2019)
Itti fufa…
• Yaaxxina(theory)
• -Moodela ykn fireemworkii ittin ilaalaniifi hubataniiti- kan
ittiin qorataan waan mul’atuufi hin mul’anne ittiin walitti
fiduuti.
• Dhimma waliigalaa kan waa’ee hariiroo taateewwan lamaafi
isaa olgidduu jiru ibsuuti.
• Sirna waltti hidhatinsi yaadotaa kan beekumsa addunyaa
qindeessaniifi cuunfanii dhiyeessaniiti.
• Dirree qorannoo keessatti yaaxxinni mala qorannoo filahuuf
gargaara.
Itti fufa…
Yaaxxina

Mala qorannoo

doomenii raawwii
(Clarke, R.J. 2005)
• In summary, a literature review has the following functions:
• It provides a theoretical background to your study.
• It helps you establish the links between what you are proposing to examine and
what has already
• been studied.
• It enables you to show how your findings have contributed to the existing body of
knowledge in your profession.
• It helps you to integrate your research findings into the existing body of
knowledge.
• In relation to your own study, the literature review can help in four ways. It can:
• 1. bring clarity and focus to your research problem;
• 2. improve your research methodology;
• 3. broaden your knowledge base in your research area; and
• 4. contextualise your findings.
Itti fufa…
Maaltu sakatta’ama
• Jornaalota axereeraa artikilootaa maxxansan
• Joornaalot artiikiloota qorannoo maxxansan
• Kitaabilee matadurichaan walitti dhiyaatan
• Artikiloota irradeebiin ilaalaman
• Konfiraansii, workishooppiifi marii ogeeyyotaa
• Ragaalee osoo hin maxxanfamiin jiran kan ogeeyyiin walitti qaban
• Interneetii( S. Rajasekar, p. Philominathan, and V.Chinnathambi ,
2013)
• Akkasumas gaazexaaleen, barruuleen fi waraabbiiwwan adda addaa ni
wabeeffatamu
4. Wixinee Qorannoo Qopheessuu
1 seensa
1.1 mata duree filachuu
1.2 seenduubee
1.3 ka'umsa
1.4 gaaffilee qorannoo
1.5 kaayyoo
1.6 faayidaa
1.7 daangaa
1.8 hiika jechootaa
Itti fufa…
• 4.2 sakattaa barruulee
• 4.3 mala qorannoo
Mala qorannoo
4.3.1 Saxaxa Qorannoo
• Saxaxi qorannoo yaadaan caasaa qorannoo ittii hojjetan
qopheessuudha.
• Saxaxi kaayyoo qorannoon sun qaburratti ykn gosa
qorannichaarratti hundaa’a
• Akka Mahash. C (2011) qorannoon bakka gurguddaa lamatti
qoodama
• -abuuressaa
• -Goolabeessaa/cuunfaa
Itti fufa…
Qorannoon abuuruu
• ragaa lammataa barbaaduu
• Sakattaa beekamuu dandaa’anii
• Qorannoo keezii
 qorannoo goolabeessuu
• Qorannoo ibsaa
• Qorannoo keezii
• Qorannoo istaatiksii
• Qorannoo yaalii
Itti fufa…
• Qorannoo abuuruu kan taatee,ykn naannoo ykn dhimmoo tokko
waliin walbaruu qorannoo itti aanuuf rakkoo jiru sirriitti adda baasuuf
kan taasifamudha
• Qorannoon ibsaa amala, dhuunfaa, gartuu, haalaa adda baasuun ibsa.
Kaayyoo isaa sirriitti qopheeffatee madda raga jalqabaafi lammataatti
fayyadama. Kaayyoon isaa inni guddaan beekumsa barbaacha.
• Diyaaginoosisii taateen tokko deddeebbiin hariiroo qaama biraa
wajjiin qabaachuu ibsa. Rakkoon jiru tokko maal akka taheefi sababa
isaa ibsa. Odeeffannoo guutuufi sirrii tahe argachuuf taasifama
• Saxaxi qorannoo yaalii,hariiroo sababaafi bu’aadhimmoota qoratamaa
jiranii ykn ta’innaa sababaa jijjiiramtoota lama gudduu jiru ilaala
(Mahesh .C., 2011)
Itti fufa...
• (i) Erga rakkoon qoratamu sirriitti adda bahee kan itti aanu
saxaxa qorannoo(caasaa yaadaa kan ittiin qorannicha
raawwatan) qopheessuudha
• Kunis kaayyoo qorannoo yoo bu’uureffatu, Kaayyoon
qoranno immoo bakka gurguddaa afuritti qoodama
• Abuuruu, ibsuu, diyaaginoosisiifi yaaliidha (Exploration, (ii)
Description, (iii) Diagnosis, and (iv) Experimentation)
Itti fufa…
 A research design appropriate for a particular research
problem,
 usually involves the consideration of the following
factors:
(i) the means of obtaining informittiation;
(ii) the availability and skills of the researcher and his staff,
if any.
(iii) the objective of the problem to be studied.
(iv) the nature of the problem to be studied.
(v) the availability of time and money for the research work.
4.3.2 Irraawwatama/population/
• Irraawwatamni kan qorannoon irratti raawwatamudha.
• Dhimmi qoratamu kan isaati jechuudhaan
• Kunis hawaasa, ykn biyya, kutaa biyyaa, taateewwan, haalota,
bineensota, biqiloota, albuudota, jarmoota, keemikaalota…
• Yeroo hedduu irraawwatama qorannoo hunda hirmaachisuun
qorachuun ni ulfaata
• Sababa abboommachuu, qabeenya, muuxannoo, humna namaa,
barnoota, meeshaalee, yeroofi k…
• Kanaaf irraawwatama keessaa bakka bu’aa isaanii fudhachuun
qorannoon taasifama.
• Kunis iddattoo jedhama.
4.3.3 Iddattoo

Iddattoo

Carraa. Miti Carraa


Carraa tasaa/lootorii -kootaa
Sirnawaa -darba dabarsaa
Akkaree -ammargee/convenience
Kilaasteraa - murtee/judgement
• Baay’inaan irraawwatamarraa gad kan ta’e irraawwatama kan bakka bu’u un
qorannoon kan irratti raawwatamu.
• 4.3.3.1 Gosoota Iddattoo
• Gosa gurguddaa lama charraafi kayyeffataa
• A. iddattoo carraa
• Yeroo hedduu qorannoo ammamtaa keessaatti hojiirra oola
• -Iddattoo tasaa(lootorii)-kan irraawatamni hundi mirga walqixaa qaban. Maddaa
odeeffannoo ta’uuf kan filataman tasumaani fkn namoota 100 keessaa 5 bifa
llotoriin fudhachuu
• -iddaattoo sirnawaa-bakka irraa ka’an carraan murteessuun achiin booda
gargaaraa garummaa murtaa taheen filachuudha Fkn 100 keessaa 20 bifa
5,10,15….
• Iddattoo akkaree(stratified)-yommuu caasaa hawaasaa garaagaraarraa
odeeffannoo funaannu. Fkn dhaabbilee amantaa addda addaarra, siyaasaa… ykn
namoota jijjiiramtoota akka saalaa, umurii barnoota, fi kfn qooduun odeeffannoo
irraa fudhachuu
• Iddattoo kilaasteraa-caalmatti teessuma lafaan qooduun achii keessaa bifa
Itti fufa…
B. iddattoo miti carraa/kaayyeffataa
• Caalmaatti qorannoo akkamtaa keessaatti fayyada
• Iddattoon kun caalmaatti cuunfuuf baay’ee hingargaaru
• Hammi ykn lakkoofsi iddattoo hammana jedhamee
murteeffamee kaa’ame hinjiru.
• Isaan kunis bakka addaaddaati qoodamu.
• 1. Akkaayyoo
• Beekumsa dhimmicharratti qaburraa ka’ee qaama
odeeffaannoo irraa argatu murteessa.
• Fkn balaa tirrafikaan baay’ina noota du’anii qindeessaa
tiraafikaati gaafatama
Itti fufa…
• 2. Iddattoo darba dabarsaa
• Baay’inaan qorannoo sanyabsaa keessatti hojiirra oola
• Qorataan madda odeeffaannoo darba dabarsaan ragaa
guurrata
• Maddi ragaa tokko hamma beeku himee kanarrammoo
abaluun gaafadhu jedhee eera.
• 3.Ammargee
• Ragaa hamma argamerraa fudhatama
• Yeroo hedduu iddattoon akkasii haala rakkisaa tahe keessatti
hojiirra oola fkn waa’ee lolaa beekuuf namoota achii galan,
balaa xiyyaraarra ture nama tokkos tahu kan arganirraa
fudhachuu
4.3.4 Malleen funaansa ragaalee
• Odeeffannoon qorannoof ta’an iddattoowwan irraa meeshaalee funaansa odeeffannoo
addaddaatti dhimma bahamuun guurama
• Isaan keessaa baay’inaan hojiirra kan oolan
• Afgaaffii
• Bargaaffii
• Daawwannaa
• Sakattaa galmee
• Marii garee
• Illisitaashinii
• Waraabbii
• yaalii
Itti fufa…
• Meeshaaleen funaansa ragaalee gosa qorannoo irratti hundaa’uun
hojiirra oolu
• Qorannoon akkamtaa baay’inaan afgaaffii, daawwannaa, mariigaree,
fi sakattaa baruu fayyadama
• Qorannoon ammamtaaf bargaaffii, daawwannaa(cheeklistii),
afgaaffiitti gargaaramu
a. Afgaaffii
• Ragaa bal’aafi gadfagoo namoota muraasarraa funaanuuf gargaara
• Fuulaa fuulatti, bilbilaan, imeeliin akkasumas chaatii qoratan gaafachuun fi
iddattoon filatame immoo deebii kennuun raawwatama
• Yeroo hedduu qaama akka ogeessaatti ilaalamuti gaafatama
• Afgaaffiin caasaa isaan cufaafi banaa qaba
• Afgaaffiincufaan raga daanga’aa qofa fudhachuuf gargaara
• Afgaaffiin banana immoo iddattoon yeroo bal’aa argatee yaada bal’aafi
gadfagoo akka kennuuf yaadamee kan caaseffamudha
• Yeroo gaafatan kabajuun, eyyema gaafachuun garaa mata dureetti suutaan
qajeelchuun barbaachisaadha.
• Qaama muraasarraa odeeffannoo bal’aa aa rgachuun,
• bakka ifa hintahiinitti ifa gochuun,
• namoota dubbisuufi barreessuu hindandeenye
hirmaachisuun,
• gaaffilee qopheessuuf salphaa tahuu gaarummaa isaa
keessaa yoo tahu kenna(gaafataanis deebisaanis)
• Loogiin jiraachuuf carraa
• Qorataan yaada mata duree keessatti debbisaa eegaa
dhaggeffata
• namoota qaamaan hin argamneefi teknooloojiin bira hin
gahiin hirmaachisuun ni ulfaata
• Gaaffilee irra deebi’anii sirreessuun salphaadha
b. Bargaaffii
• Gaaffilee dursanii qopheessuun iddattoowwaniif qooduun
deebii isaan kennaniin ragaa guuruuf oola.
• Bargaaffiin namoota hedduu hirmaachisuun, alaalatti
ergamuun guutamuun,loogummaa kan fagaate tahuu,
qaaccessuufi qindeessuuf mitaa tahuun akkasumas cuunfuuf
mijataa tahuun isaa cimina isaati
• Barruu qophaa’e dubbisaan yoo hobachuu dhabe akka
hubatamutti sirreessuun ulfaachuun, dursanii qindeessuun
ulfaachuun, namootni hundi deebisuu dhabuun immoo akka
hanqina isaatti ilaalama.
4.3.4 Daawwannaa
• Daawwannaan qorataan kallattiin waan tahaa jiru ilaalee
osoo nama hingaafatiin kan odeeffannoon ittiin guuramu
• Daawwannaan meeshaa qorannoo kan tahu kaayyoo
qorannoo irratti hojjetame, totamaa tahee, xiyyeeffannoon
yoo hojjetame
• Sirriitti yoo daawwatame loogii hir’isa
• Odeeffannoon argame kan hamma jiruuti(akka sakattaa
dokumantiifaa kan haala darbeen loogamu miti)
• Fedhiifi dhiibbaa odeefkennitoota arra bilisa
• Warra dubbachuu hindandeenyerratti qorannoo taasisuuf
mijataadha
• Odeeffannoo mala kanaan argamu xiqqaadha
• Baajata hedduu barbaada
• waan hinyaadamin qaqqabuu odeeffannoo balleessuu mala
• Daawwannaaf yoo deemu maal akka daawwachuu qabu, maaltu
akka waraabamu, dhugummaan isaa akkamiin akka ilaalamu,
akkamiin akka waraabamuufi kkf yaaduu qaba.
• Daawwannaan haala kanaan raawwatu caaseffamaa taha.
• Dhimmota kana xiyyeeffannoo keessa osoo hin galchiin yoo
daawwatame miti caaseffamaa taha.
• Daawwannan qorataan waan keessa of galmee yoo himaate
hirmaachisaa jedhama
• Yoo qorataan ala dhaabbatee waan tahu qofa waraabe
mitihirmaachisaa daawwannaa taha jechuudha
Itti fufa…
• Daawwataa hirmaataa tahuun faayidaa kan akka
• -waan jiru sirriitti waraabuuf
• -odeeffannoo salphaatti argamuu hindandeenye argachuu
• Odeeffannoo karaa bargaaffiifi afgaaffiin argate
mirkaneessuuf raga argata
• Daawwannaa to’atamaafi miti to’atamaa jedhama
• Miti tohatamaan daawwannaa haala uumamaa irratti
raawwatu;To’atamaan immoo duraan haala mijeessuufi
qindeessuun waan uumama fooyyessuun kan daawwatamu.
Marii garee
Wabii(APA)
• Barruu Keessatti

Fkn. Addunyaa(2010) jedhutti,…


Kana deggeruun (Addunyaa,2010) …
….(Addunyaa 2010)
“----------------” Addunyaa, 2010:23)
Tarreeffama wabiilee
1. Kitaaba(barreessaa 1)
• Barreessaa/ssitootaa.(bara).mqaa kitaabaa: mataduree xiqqaa. Bakka.
Kan maxxanse
• dhumatti(Reference list) Andreasen, N. C. (2001). Brave new brain:
Conquering mental illness in the era of the genome. Oxford University
Press.
• Keessatti(In-text citation) Andreasen (2001) stated that . . .
• or
• It is suggested that. . . (Andreasen, 2001).
Itti fufa
• Dhumatti(Reference list) Copstead, L., & Banasik, J. (2005).
Pathophysiology (3rd ed.). Saunders.
keessatti(In-text citation ) Copstead and Banasik (2005) stated
that . . .
• or
• It is suggested that. . . (Copstead & Banasik, 2005).
Itti fufa
• 2. kitaaba gulaalame
• Barreessaaa/gulaalaa.(bara) Maqaa kitaabaa(gul/ed) bakka .kan maxxanse
• Fkn.
Dhumaan. Craven, I. (Ed/s.). (2001). Australian cinema in the 1990s. Frank
Cass.

• Keessatti (In-text citation) Craven (2001) discussed the successful . . .


• or
• The film starred actors . . . (Craven, 2001).
Itti fufa
3. Boqonnaa kitaabaa
Barreessaa boqonnichaa.(bara) mata duree boqonnaa. In
gulaalaa/totaa kittabichaa, Maqaa kitaabichaa:m/xiqqaa(maxx.) fuula.
Kan maxxanse
fkn.Hine, C.(2001).(Ethnography in the laboratoty. In D.N Gellner & E.
Hirsch(eds), Inside organization anthropologist at work(pp 61-76)
Artikiloota joornaalii
• Barreessaa artikilii.(bara) mta duree artikilii.Maqaa joornaalii. Bakka,
kan maxxanse
• Fkn
• Brownlie, D. (2007). Toward effective poster presentations: An
annotated bibliography. European Journal of Marketing, 41, 1245-
1283. doi:10.1108/03090560710821161
Barreessitoota gartuu/waan dhaabbileefi
jarmiyaaleen maxxansan
• Maqaa dhaabbataa. (Bara). Mata dree. Kan maxxansiise
Fkn
Dhumatti
Narungga Aboriginal Progress Association. (2006). Nharrangga warra:
Narungga dictionary.
• Keessatti
• Narungga Aboriginal Progress Association (NAPA, 2006) documents. .
• Information is . . . (Narungga Aboriginal Progress Association [NAPA],
2006).
Itti fufa
• Artikiloota onliyiniin deddeebi’anii maxxanfaman
• Kenneth, I. A. (2000). A Buddhist response to the nature of human
rights. Journal of Buddhist Ethics, 8. Retrieved from
http://www.cac.psu.edu/jbe/twocont.html

You might also like