You are on page 1of 17

2014

DAREE 10 FFAA C

Barsiisaa- tamasgeen lammeessaa

1|Page
Baafata

Fuula

1. Seensa ---------------------- 3
2. Barbaachisummaa sirna gadaa --------------------4
a. Siyaasa ------------------- 4
b. Nageenyaa ------------------------ 5
c. Hawaasummaa ---------------------- 6
d. Uummata araarsuu ----------------------- 8
e. Seeraafi sirna adabbi ------------------ 10
3. Dhaha Oromoo -------------------11
4. Gumii Gaayoo -------------------12
5. Gumii Eeldalloo ---------------------12
6. Gumii Siricho leyi ------------------12
7. Gahee dubartoonni gadaa keesatti qaban----------13

2|Page
Seensa

Sirni Gadaa, sirna bulchiinsaa uummata umuriifi gulantaadhaan tartiibessee gurmeessudha. Kunis siyaasa,
diinagdeefi hawaasummaa uummata oromoo kan hogganudha. Gama biraatiin, gadaan sirna bulchiinsaa
dhaloota jiru hunda gogeessa shanan keessatti hirmaachisuudha.

Gadaan sirna bulchinsaa halkan tokkoon yookiin bara tokkoon hundaa’e yookiin kalaqame miti. Gadaan sirna
bulchiinsaa adeemsaafi muuxannoo jaarraa hedduutiin ijaarameedha.

Akka qorannoo waggoota dheeraaf godhametti sirni Gadaa wiirtuu aadaa, seenaa, siyaasa, jiruufi jireenyi Oromootaa
keessatti hammatamedha. Galmee eenyummaan Oromoo keessatti baratamudha.Gadaa jalatti miseensa ykn gogeessa
5tu jira. Isaanis akka paartii yeroo ammaa hawaasa keessatti ijaaraman kana jechuudha.

3|Page
Barbaachisummaa sirni gadaa siyaasa, hawasummaafi seeraa keesaati qabu

A. Sirna Gadaa siyaasa keessatti


Utubaalee Bulchiinsa Sirna Gadaa
Utubaaleen bulchiinsi sirna Gadaa itti fufee akka jiraatu taasisan heddutu jiru. Utubaaleen kunneen
dhimmoota yookiin duudhaaleefi qajeeltoowwan gurguddoo irratti kan hundaa’anii dha. Kun ammoo,
sirnoota bulchiinsa addunyaa irra jiran keessaa kan umurii dheeraa qabu, filatamaa, jaallatamaa,
bal’aa, mijataafi hangafaisa taasisa. Utubaaleen bu’uuraa sirna Gadaa, kanneen armaan gaditti
ibsamanidha.
a) Sirna Lub-daneessaa
Bulchiinsi sirna Gadaa gogeessa shanan waggota saddeet saddeetiin aangoo walirraa fuudhaniin
ummata bulcha. Kana jechuun,gogeessi tokko waggoota saddeetiif erga ummata bulchee booda
aangoo dabarsee kenna. Aangoo kan fudhatus gogeessa itti aanee uummata bulchuuf qophii
ta’eedha. Aangoon gogeessa shanan kanaa waggoota afurtamatti naanna’ee walgaha. Kana
jechuun, marsaan Gadaa tokko waggoota afurtama qaba jechuudha.
Gogeessi sirna gadaa danuu ta’uu isaa qofa osoo hinta’in, hammataadhas. Ummanni Oromoo
hundi, namni tokkollee osoo hinhafiin, gogeessa shanan keessaa tokko keessatti miseensa ta’ee
kan hammatedha. Daa’imman dhalatan hundi gogeessa shanan keessaa miseensa gogeessa tokkoo
ta’u. Hammataa ta’uun gogeessa sirna Gadaa qaamni aangoof jedhee walitti hinaafuufi qoxxisu
akka hinjiraanne taasisa.
b) Tartiiba ( gulantaa) dhalootaa
Utubaalee bulchiinsa sirna gadaa keessaa inni biroon, tartiiba yookiin gulantaa dhalootaa
qabaachuu isaati. Gadaan dhaloota walduraa duubaan yookiin hangafaafi quxisuun addaan baasuuf
dha. Kunis, tajaajila hawaasummaatiif, barnootaaf, leenjiif, fuudhaaf, heerumaafi kanneen kana
fakkaataniif jedhameeti. Gulantaan dhalootaa kun, bakka bakkatti maqaa gara garaatiin
waamamuu danda’a. haata’u malee, Gadaa Oromoo hunda keessatti tokkuma.
c) Seera
Sirni Gadaa seera ummata ittiin bulchu kan mataa isaa tumatee qaba. Seerri Gadaa waggoota
saddeet saddeetiin Gumii/ caffeen tumamee ummataaf labsama. Waggoota saddeet saddeetiinis
fooyya’aa deema. Ummanni Oromoo seera kana fudhatee ittiin bula.
Gadaan ilma namaa qofaaf osoo hintaane, uumama hundaaf seera tumee ittin bulcha.
akka waliigalaattii. Seerrii gadaa oromoo wantoota gurguddo lamaaf xiyyeeffannoo kenna.
Kanneen keessa tokko seeraan buluu dha. Bulchiinsa sirna gadaa kessatti, abba Gadaa dabalatee
namni hunduu seeraaan bula. Kana jechuun, namni badii yookiin yakka dalage hundi seeraan
gaafatama. Qaamni seeera tumee ille yoo yakke itti gaafatama.
d) Saglan yaa’ii booranaa
Bulchiinsa sirna Gadaa keessa caasaaleen bulchiinsa gurguddo sadiituu jiru. Caasaaleen kunis;
qaamolee seera tuman, seera hiikanifi seera raawwachiisan. Kan seera tumuu caaffee yookiin gumii
yoo ta’u kan seera raawachiisuu immo aangoota gadaa( abba gadaa dabalatee) fi qaamni seera
hiiku yuuboota.
caasaaleen kunneen of jalatti caasaa xixiqqaa sadii qabu.isaan kun, bakka tokkotti saglan yaa’ii
booranaa yoo jedhaman caasaaleen kunnin maqaa garagaraan beekamu. Fakkeenyaaf booranatti
gadaa sadeen , yuuba sadeeniifi gumii sadeen jedhamu.

4|Page
Ituu-humbanna naaannoo Caaffe Odaa Bultumutti ammo, maqaafi gahee armaan gaditti bareeffameen
beekamu.

I. Lallabduu sadeen
lallabduu sadeen warri jedhaman, bulchiinsa sirna Gadaa kessatti hoggantoota olaanoo qaama
seera tumanii dha. Isaanis kanneen armaan gadiiti;
Abbaa caffee- Abbaan Caffee muummicha dursaa caffee Gadaati
Abbaa heera caffee- nama yeroo caffeen seera tumu seera yaadatee ibsudha.
Namni kun hayyuu seera gadaati.
Af-naqii ( Abbaa Dubbii)- Af-naqii ( Af-yaa’ii) yaa’ii caffee Gadaati.
II. Jilba sadeen
jilba sadeen warri jedhaman warra seera caffeen Gadaatumtu dhadacha irratti hiikanidha. Isaanis;
Jilba Jidduu- isaan kun muummicha dursaa ta’ee, qaama seera hiiktuu bulchiinsa gadaati.
jilba mirgaa- isaan kunimmoo itti aanaa qaama seera hiiktuu bulchiinsa Gadaati.
jilba bitaa- kun ammo qindeensaa qaama seera hiiktuu bulchiinsa Gadaati.
III. Waraana sadeen
Qaama seera raawwachiistu bulchiinsa gadaati.isaaniis; Abbaa gadaa, Itti-aanaa Abbaa gadaafi
bookkuudha.
Abbaa Gadaa- muummicha ta’ee, qaama heera raawwachiiftuu bulchiinsa gadaafi bulchaa
biyyaatii.
Itti-aanaa Abbaa Gadaa- bakka abbaa gadaan hin jirreettii kan isa bakka bu’ee hojii raawwatudha.
B.Sirna Gadaafi Nageenya
sirna Gadaa keessatti nageenyi bakka guddaa qaba. Yaad-rime kana ibsuuf Oromoon “ Nageenyi
ardiifi samii caalaa bal’ata,” jedha. Kunis, nageenyii bu’uura waa hundaa ta’uu agarsiisa. Bakka
nageenyi hinjirre ammo lubbuun jiraachuuf wabiin hinjiru. Qabeenyaafi maatii horachuun
hindanda’amu. Tasgabbiitu dhabama; tasgabbiin dhabamnaan waan hundatu dhabama. Kanaafuu,
Gadaan nageenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kenna.Akka Sirna Gadaa Oromootti, nageenyi kan
barbaachisu ilma namaa qofaaf miti. Kanaafis, kadhannaa isaa keessatti lafaaf, malkaaf, tulluuf, beeyladaaf,
bineensa bosonaafi mukaaf nageenya hawwa. Nagaafi tasgabbiin jiraachuun madaalliin uumamaa eegamee
nageenyi hawaasaa akka mirkanaa'u taasisa. Yoo roobni nagaan roobe, midhaan ni oomishama; margi
nibiqila; loon soorata argatu. Yoo loon soorata argatan, yoo midhaan haalaan oomishame namnis soorata
argata. Oromoon dacheefi uumama lafa irra jiru maraaf nageenya kan kadhatus hubannoo kana irraa
ka'uudhaani.
Qabeenya uumamaatti seeraan kan fayyadamu ta'uun isaas hubannoo kana irraa madda. Oromoon
nageenyi boora'ee miidhaa hamaan erga qaqqabee booda furuu osoo hintaane, akka nageenyi hinboorofne
hoiiachuun bu'a-qabeessa ta'uu hubata. Kanaafuu wantoota walitti Oromoon yoo dubbatu "Bakka
dhugaan jiru nagaan jira; bakka dhugaan hinjirre nagaan hinjiru" jedha. Kijibuun,malaammaltummaan,
haqa namaa nyaachuun, hatuun, qabeenya dhuunfaafi waloo saamuun aadaa sirna Gadaatii miti. Sirni
Gadaa namni akka dhugaa hordofee, haqa dhala namaa eeggatee jiraatu hojjata. Sababni isaas, gochaalee
badaan Waaqa biratti kan nama gaafachiisan qofa osoo hintaane, walitti bu'iinsaafis sababa ta'uu isaa waan
amanuufi. Namoota wal lolan yoo araarsullee, "Ya dhugaa afaan na kaayi; dhara afaanii na fuudhi" jedhee
eegala.

Akka qorannoo waggoota dheeraaf goonetti sirni Gadaa wiirtuu aadaa, seenaa, siyaasa, jiruufi jireenyi Oromootaa
keessatti hammatamedha. Galmee eenyummaan Oromoo keessatti baratumudha.Gadaa jalatti miseensa ykn gogeessa 5
jira. Isaanis akka paartii yeroo ammaa hawaasa keessatti ijaaraman kana jechuudha.
Kunneenis miseensa (paartii);

5|Page
1. Birmajii
2. Meelbaa
3. Halchiisa
4. Duuloofi
5. Roobaleedha

C.Sirna Gadaa hawaasummaa keessatti

Jaarmiyaalee Gurguddoo Sirna Gadaa


Gadaan sirnadha /system/. Sirna Ummanni Oromoo ittiin bulaa turedha. kun jaarmiyaalee Institution/ hedduun kan
guutamedha.jaarmiyaaleen kunneen yeroodhaa gara yerootti guddachaafi bal'achaa kan dhufanidha. Kanneenis
barreeffama armaan gadii kana keessatti kan ilaallu ta'a.
seenaa raawwii jaarmiyaalee sirna Gadaa keessa jiran irratti kan xiyyeeffatudha. Sirni Gadaa jaarmiyaalee dhimmoota
siyaasaafi hawasummaa keessummeessuufi adeemsa ittiin waldhabiinsa hiiku hedduu qaba. Oromoon Tuulamaa
jaarmiyaalee akka Moggaasaa. Boji'uu, Kooluu galuu, Hirkata, Meedhacha, Gumaa, Kallachaafi Siinqee, sakkuu,
Jaarsummaa, Shanachaafi wkf. yeroo dheeraaf bulchiinsa keessatti fayyadamaa tureera. Kanaaf, boqonnaa kana
keessatti jarmiyaalee kanneen maal akka fakkaataniifi akkaataa itti hojjetan ilaalla.

1. Guddisaafi Moggaasa
Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti, Gadaan seera maatii ittiin kunuunsu, alagaa ittiiin madaqsan jaarmiyaalee walitti
hirkatan Guddisaafi Moggaasa jedhamu qaba. Siyaasa walitti dhufeenya hawaasummaa keessatti sirni Moggaasaa iddoo
guddaa qaba. Kaayyoon Guddisaafi Moggaasaa inni guddaan namoonni ilmoo dhaban ijoolleen obbolaafi gosa ofiirra
fudhatanii akka ilmoo ofii godhatan seeraafi jaarmiyaa rakkina ilmoo dhabee kan hiikudha. Kan biraa namoonni
dhuunfaan ykn gosaan Oromootti galuu barbaadee seeraan beekumsa argatu kan itti godhamudha. Kana malees
namoonni duularratti Oromoodhaan booji'aman yookaan miseensa Saba Oromoo ta'uu kan fedhan adeemsaan ofitti
makuudha. Akka sirna moggaasaatti, namni orma ta'e jaalalaafi fedhii ofiitiin moggaafame tokko gosa Oromoo isa
moggaafate biratti mirga siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee akkasumas miseensummaa gosaa argata. Kunis seera
Gadaa kabajuun kan raawwatuufi aadaa waliin jireenyaafis ta'ee akkasumas rakkina dhala dhabeeyyii (ilmaan dhabuu)
kan ittiin salphatu tooftaa ittiin hiikuuf kan itti salphatudha.Adeemsi moggaasaa bifa lamaan raawwachuu danda'a.
Isaanis: ofitti moggaasuufi gosatti moggaasuudha.

I. Ofitti Moggaasuu: Moggaasni bifa kanaan raawwachaa ture kan nama alagaa ta'e guddifachuun qaama ofii
(Oromoo) gochuudha. Yeroo baay'ee hawaasa keessatti namni ofitti kan guddisuufi moggaafatu nama dhala
dhabedha ykn dabalachuu kan barbaadedha. Namni kunis nama moggaafamu sana akka dhala ykn ilmoo ofiitti
ilaaluufi nama moggaafamullee warra moggaafatu sana akka maatii ofiitti akka hubatu taasisuudha. Qooda
moggaasaa baasuun nama guddifatamee moggaafame sana warra moggaafatee waliin wal barsiisuudha. Seenaa
Ummata Oromo keessatti ilmoon jedhamu tokko ilma gudeedaati. Lammaffaan barcumaati. Sadaffaan ilma bojuuti.
Arfaffaan ilma mixiiti. Shanaffaan ilma galaa ykn alaa galuudha. Aadaa akkanaatiin ilmaan kanneen osoo wal hin
caalchisin kan ilaallu ta'a. Adeemsi kun mirga nama warra moggaafatee kabachiisuuf raawwatudha. Seenaa
jaarmiyaa kanaa kan beekan manguddoonni akka moggaafamuus ta'e kan Ilmoo guddifatanii moggaasuun dura kan
raawwatu firaafi gosa jidduutti qofa ture jedhu. Ilmi firarraa guddifatamee moggaafame lammacha lammii jedhama.
Nama kana yoo guddifatan seera tuma keessatti baay'ee kan hin rakkisnedha.
Karaa biraatiin, namni ilmoo ykn dhala hin qabne tokko kan obbolee isaa guddifatee moggaafachuu danda'a. Kan
obboleessa ofiirraa guddifatan garuu, akkuma armaan olitti eerame haala adeemsaan ilaalamee ilma lammii
jedhama. Adeemsi guddisaafi moggaasaa kun iddoo tokko tokkotti daa'imni osoo hin dhalatiin raawwachuu eegala.
Kunis yommuu haati manaa obboleessaa ulfa guutuu taatu, gara mana obboleessa abba warraa (waarsaa ishee)
deemti. Obboleessi abbaa warraashees rakkoo ture Meedhacha itti hidhuun dubartii ulfaa sana hanga deessutti
mana isaa turti. Haati warraa isaa akka haadha dhirsaatti kunuunsa gootiif. Waan dubartiin ulfaa argachuu qabdu
gootiif. Dahumsa booda daa'ima dhalate akka ilmoo ofiitti guddifataniif kenniteefi gara mana ofiitti deebiti. Kun

6|Page
guddisa maatii tokko keessatti raawwatu yoo ta'eyyuu, daa'imman guddifataman bifa kamiinuu akka hin
dhiibamneefi hin miidhamne seerri moggaafannaa ni dhorka. Yeroo kanas gara lamaaniinuu firri bahee eessumni
gara lamaanii dhufanii jilbeeffatanii alangaa qabanii, alangaa shanan ciibsanii, kallachaafi caaccuu qabatanii
hayyoonniifi gadamoojjiin, jaartii cifireen ni dhufan. Warri eta koottu, dhulee, jechuun seera gadaa eeruun seera
moggaasaa ni lallaba. Moggaafamni gaggeeffame kun seera qabeessa ta'uu ni lallabu. Kana booda namtichi
moggaaffame qaama warra moggaa ta'uu isaa akka isaanitti makameefi mirgi isaa seeraan akka eegamu himu.
Namoonni gosa bakka bu'anii argamanis seera guddifachaa kan kabachiisuuf dirqama qabu,
II. Gosatti Moggaasuu: Akaakuun moggaasaa kun isa bifa lamaa yoo ta'u maqaa biroon "Moggaasa alagaa ofitti
qabuu" jedhama. Akkuma mata duree irraa hubachuu dandeenyu, moggaasuun bifa kanaan raawwatu nama ykn
gosaafi tuuta namoota Oromoo hin ta’in erga qulqulleessanii booda akka moggaasuudha. Moggaasuun alagaa
Oromoomsuu (naturalization) kun eenyumman gosatti ykn mogoleetti kan moggaafamudha. Miiloo ykn mogolee
jechuun gosa ykn balbala gosaa jechuudha. Garaagarummaan nama dhuunfaa moggaasuufi gosa kan biroo
Oromoomsuu gidduu jiru inni dura sanyii ykn dhala ofii godhachuu yoo ta'u, inni lammaffaa immoo miseensa gosa
ofiitti dabaluu jechuudha." Kana malees, adeemsi moggaasichaas hanga tokko adda addummaa qaba. Namni
moggaasan maqaa nama isa moggaafateetti waamama. Kanarrattis, mirga qabeenya dhaaluu ni qaba. Nama alagaa
yoo moggaasan garuu akka hin dhaalleefi maatii nama moggaafatee hin rakkisneef jecha fageessanii dhaamsa
dhaamu.Namni alagaa moggaafame tokko Bokkuu, Kallachaafi Caaccuu dhaaluu kan qabaachuu danda'u dhaloota
lama ykn sadii boodadha jedhamee dhaamsi dabarfama. Bakka tokko tokkotti immoo hanga dhaloota shaniitti mirgi
dhaaluu meeshaa hooda kun hin kennamuuf. Gadaa keessatti garuu battalumatti hammatamu. Haa ta'u malee
mirgi dhaalaa dhaloota murtaa'een booda kennamu kan qabeenya meeshaa hoodaafi hangafoomaa qofa osoo hin
ta'iin mirga hirmaannaa siyaasaafi amantiisdabalata jedhuun miti. Mirgiifi dirqama moggaafamtootaa yeroo
adeemsi moggaasaa gaggeeffamu hirmaattota:

2. Booji'uufi Mirgoota Namummaa


Boojiuu jechuun waraana Oromoofi saboota ollaa waliin gaggeeffamu keessatti nama waraanarratti qabame ykn harka
kennate tokko to'annaa jala oolchuudha. Namoonni (loltoonni) waraana irratti booji'aman booji'amtoota jedhamu. Akka
aadaa Oromootti, nama waraana keessatti qabame ykn waraana isaa gatee harka kennate ni booji'sama malee hin
affeefamu. Sirni Gadaa seera mirga namummaa boojl'amtootaa ittiin tiksu qaba. Innis "Seera Booji'amtootaa" jedhama.
Loltuun tokko waraana irratti yoo booji'ame, erga lolli dhaabbateen booda yoo maatii isaal hangafa ta'e fedhiin isaa
qoratamee gara lammii isaatti ergate kaffaltiidhaan gara maatii isantti akka deebi'u taasifama. Kunis akka aadaa
Oromootti harka fuudhuun kan raawwatamu ta'a. Gama biraatiin, yoo biyyi booji'amtichaa fagoo ta'eefi fedhiisaatiin
gosa isa booji'e waliin jiraachuu yoo barbaade, seeraan Abbaan Duulaa gara Abbaa Gadaatti dhiheessee akka gosa
Oromoo tokkotti moggaafamu taasifama. Seenat Oromoo keessatti garuu, irra caalaan namoonni booji'aman Abbaa
Gadaatti kennamu. Kan hafan miseensota duula gaggeessaniif hiramu. Qabeenyas yoo ta'e akka gahee guddaafi xiqqaa
bahaniin qoodamu. Kun garuu seenaa yeroo dhiyoo kanaati. Haaluma wal fakkaatuun looniifi qabeenyi warra itti
duulamees hirmaattota duulaafi gosa isaaniif qoodamu. Haa ta'u malee, waraanarratti maatii hedduun yoo booji'aman
hangafa booji'amtootaatti Meedhacha hidhuun Oromootti moggaasu. Kana booda qabeenyi jaras hin xuqamu."
Waraana gaggeeffame irratti qabeenyi booji'ame kan hiramu yoo ta'e irra caalaan kan qooddatan hirmaattota
waraanaati. Miseensi waraanaa qabeenya booji'uudhaan argame dhoksaadhaan ykn kophaatti fudhate naamusa duulaa
wan beef adabbli guddaatu isa eeggata.Itti dabalees, erga yakka kam dalagee, gara duulaas ta'e iddoo hojiin gootummaa
itti hojjetamu akka dhaqne seerri ni dhorka. Adabbiin akkasiis loltoonni waraana keess kaayyoofi naamusa waraanaa
hordofanii, seera kabajanii akka hojje isaan taasisa.

3. Kooluu (Oromoomsuu) /Naturalization/

Sirna Gadaa keessatti jaarmiyaa Oromoon alagaa ittiin ofitti Siyaasa qabuufi madaqsaa ture tokko Oroomsuu ykn Kooluu
jedhama. Jaarmiyaan kun akkuma maqaa isaarraa hubatamu, namoota haala adda addaan Oromootti makamaniifi
makamuu barbaadan, Oromoo akka ta'aniif mirga moggaafamaa kennudha. Jaarmiyaa kana moggaafamarraa kan adda
isa taasisu miseensonni kooluu galan namoota rakkoo dhimma siyaasaan iddoo jiran irraa buqqa'anii gara hawaasa
Oromootti dhufanidha. Namoota akkasii Oromoon callisee ofitti makaa hin turre. Duraanuu dhufaatiin isaanii Saba

7|Page
Oromoo waliin jiraachuuf waan ta'eef namoonni Oromummaa fudhachuuf gaaffii dhiheeffatan hayyamaafi fedhii mataa
isaaniifi maatii isaanii irratti kan hundaa'een kan raawwatu yoo ta'u, kunis bifa adda addaan ta'u danda'a.

Namni ykn maatiin saba biroo tokko Oromootti makamuuf yoo gaaffii dhiheessu, ulaagaaleen ni jiru. Kanneen keessaa
inni guddaan dhimma namtichi biyya isaarras fedhiidhaan buqqa'ee dhufeefi rakkoo isa qunname qorachuu yoo ta'u,
kanas isaafi maatii isaa gaafaachuufi naannoo inni irraa buqqa'ee dhufe deemuun dhuunfaatti qorachuudha. Adeemsa
kanatti aansee tuuta guddaan kan dhufanii Oromootti makamuu barbaadan yoo ta'e, akkuma fedhii isaaniin gosoota
Oromoo naannoo sanaa jiran keessa akka qoodamanii moggaafaman taasifama. Adeemsi Oromoomskuu kun maqaa
moggaafamuufi Oromoo ta'uu qofa osoo hin ta'iin qaama miiloo mogolee ykn qaama maatii gosaatti makamuu ta'a.
Kunis kwarraafi balbala gosaa ta'uu jechuudha. Guyyaa jilli Oroomsuu kun gaggeeffamu gochi sirna Moggaasaa wajjin
walfakkaatu ni raawwata. Gosti Moggaasa gaafate ykn namni dhuunfaan suniifi maatiin isaa dullacha sa'aa fidanii kan
dhufan yoo ta'u kan hin qabne yoo ta'e ni arjoomama. Gosti Oromoo Oromoomsuu ykn alagaa ofitti makuuf atoomsa
kennuuf akka jila Oromoomsu kanarratti argaman affeeramu. Jilarratti warri Oromoomuuf dhufan gama tokkoon ni
dhihaatu. Kana booda jidduu garee lamaanii waraana shaniif alangee shan ni diriisu. Jila kanarrattis namoonni seera
beekaniifi gosti moggaaffatu seera Kooluu lallabu. Seerichis seera Gadaa keessatti seera firaafi alagaa itti moggaasaa
turanidha jechuudha. Seerichi lallabamu warri gosatti moggaafaman akka seera Oromoo hubatanii hawaasa waliin
jiraachuu danda'aniifi ummaticha keessatti mirgaafi dirqama qaban isaan beeksisuudha. Akka manguddoonni
dubbatanitti, koolugaltoonn namoota booji'aman caalaa Oroomsuu booda mirga akkuma nam Oromoo kamiiyyuu
gonfatu jedhama. Mirgoota kanneen keessaa mirgoota qabeenya horachuu, maatii godhachuu, lubbuun
jiraachuu,dhmmootai hawaasaa keessatti hirmaachuufi wkf… ta'uu danda'a.

4. Hirkifata: Oromoon gosa biraa rakkina adda addaa kan akka hongee, waraana, lolaafi dhiphina lafaafi qabeenyaan
saamamuun kan ka'e iddoo jirurraa buqqa'ee gara lafa isaaf mijaa'utti deemuun yoo gosa Oromoo tokkotti makamee
dawoo argate Hirkifata jedhama. Namni rakkate tokko qomoo (lammii) offitti hirkata. Hiikni dhiigumman yookaan
lammummaas kana.

D. Jaarmiyaalee Araaraa Gurguddoo


Jaarmiyaalee sirna Gadaa keessaa muraasni akkaataa hawaasni walitti bule tokko deebi'ee araaramee nagaa buusuun
waliin jirachuu danda'u kan ibsudha, Jarmiyaleen araara buusan Aadaa Gumaa, Kallachaafi Caaccuu, Warra Ayyaanaa,
Jaarsummaa, Siinqee, Bokkuu, Warra Qaalluu, Shanachaafi wkf fa’i. Kanneen keessaa tokko Gumaa haa ilaallu:

1) Gumaa

Seenaa waliin jireenya Oromoofi saboota ollaa jidduutti mul'atu keessatti Gumaan iddoo olaanaa qaba. Gumaan sirna
gareen lubbuu dabarseef warri lubbuun jalaa darbite kan ittiin araaramanidha. Sirna Gada keessatti seerri Gumaa gatii
lubbuu namaa, sa'aa, fardaafi kan birootiif seera qaba. Warri lubbuu dabarsan murtee jaarsooliin seera Gumaa
kanarratti hundaa'uun murteessan kaffalu. Gatiin kennamu lubbuu bakka bu'a jechuuf osoo hin ta'iin Gumaan haala
ittiin namni cubbuu hojjete of irraa dhiquun firooma deebisatu jedhamee waan fudhatamuufi. Kanaaf, murteen darbu
seera Gumaarratti hundaa’a. Seerichis nama beekaa ykn dogoggoree ajjeese, nama balleessaa amaneefi hin amanne
jedhee addaan baafata. Namoonni ajjeechaa lubbuu namaa raawwatanis qabeenya ofii qofa walitti qabanii akka kaffalan
hin murtaa'u. Fakkeenyaaf, murtee kennaman keessaa namni nama ajjeese ykn firri isaa sibiila harkatti qabachuun
lammii isafi hambarra deemee badii hojjete erga himeen booda kadhachuun gargaarsa argatu walitti guuree Gumaa
kaffala.

Gumaa jechuun yeroo booda guddatee qabiyyee guddaafi siyaasaa haa qabaatu malee ka'umsi isaa foon horii gosoota
namni jalaa du'eefi warra ajjeeseef xixiqqaatee guyyaa araaraa nyaataaf hiramu ykn kennamudha. Foon qoodamus
waan xiqqoo ta'eef “Gumaa nyaanne” jedhama. Gumaan yeroo ammaa hawaasa keessatti kan beekamu aadaa gatii
lubbuu ittiin baasan ykn jaarmiyaa araaraa kan ittiin gaggeessanidha.

8|Page
Sirna Gadaa keessatti raawwii hawaasummaafi siyaasaa sirriitti addaan baasanii himuun ulfaataadha. Kanaaf, raawwii
Gumaa keessatti adeemsa bulchiinsaa waan ta'eef dhimmi hawaasummaa baay'inaan ni mul’ata.

2) Bokkuu
Bokkuun mallattoo hangafumaafi aangooti. Bokkuufi Abbaan Bokkuu Oromootaafi gaggeessitoota Gadaa biratti
ulfina guddaa qabu. Bokkuun yeroo baay'ee walitti bu'iinsa ummata keessatti ka'uufi kan lubbuu namaa
balleesseef, akkasumas duula gosoota Oromoo jidduutti godhamu tasgabbeessuuf ykn lola dhaabuuf kan bahudha.
Kana malee humni diinaa dhufee biyya kan weeraru yoo ta'e, Abbaan Gadaa Abbaa Duulaa waraanaaf ajajuu yoo
baate Abbaan Bokkuu Bokkuu isaa lafa tuqsiisuun labsii kan ittiin godhudha.

Walitti bu'iinsi gosoota Oromoo keessatti yoo ka'e Abbaan Bokkuu ardaa ofiirraa ka'ee gara iddoo wal diddaan
uumamee dhaquun Bokkuu isaa qabatee jidduu isaanii seena. Kana booda isarra tarkaanfatee kan lola kaasu ykn kan
eeboo darbatu hin jiru. Abbaan Bokkuus rakkoo uumamuuf abbootiin gosaa lamaaniifi hayyoonni akka walgahan godhee
guyyoota meeqayyuu haa ta'u achi turuun akka araararra ga'an isaan dirqisiisa. Kun ta'uu baannaan Bokkuu isaa lafaan
rukutee abaaruun deema.

3) Kallachaafi Caaccuu
Kallachi meeshaa Hoodaa ykn Ulfaa jedhama. Iddoo baay'eetti Kallachi addatti godhatama. Kanaaf yeroo tokko
tokko"Addoo" jedhanii kan waamanis ni jiru. Kabaja Kallachi qaburraa ka'uun namoonni “Ulfaa” jedhanii waamanis ni
jiru. Kallachi sadarkaa lama qaba. Kunis Kallacha qaraa (kormaa)fi Kallacha laafaa (dhalaa) kan jedhamudha.

Kallachi qaraan (kormaan) dhimma guddaadhaaf kan manaa ba'uu yoo ta'u, Kallachi laafaan (dhalaan) immoo Kallacha
ulfinaaf godhatamu ykn kan warri Gadamoojjii addatti hidhatan ykn qomatti keeyyatanidha. Iddoo Kallachi jirutti
Caaccuun argamuun dirqama. Abbaan warraa Kallacha isaa yoo qabatu haati manaa isaa immoo Caaccuu qabattee baati.
Kallachi inni duraa kan Waaqaa bu'e jedhama. Wanti irraa hojjetame garuu ifa ta'uu baatus bakakkaa wajjin dheekkamsa
Waaqaan kan ka'e samiirraa akka bu'e dubbatu. Iddoo tokko tokkotti immoo ulfina Waaqayyoon kan namaaf arjoome
jedhu. Kanaaf Kallacha ifatti hin mul'isani. Kennaan kun isa duraa haa ta'u malee kan hafan garuu, yeroo booda
sibiilarraa akka hojjetamuu jalqabe himama. Caaccuunis elellaa bishaan keessaa guuramerraa kan gogaa Roobiitti
diramudha. Meeshaan hoodaa kun lamaanuuu jiidhaafi dhaloota kan ibsanidha. Kanarraa ka'eeti Oromoon Kallachaaf
ulfina guddaa kan kennu.Walitti bu'iinsi Oromoogidduutti uumamu yoo jiraate Kallachaafi Caaccuu qabachuun furamuu
danda’a.

4) Jaarsummaa
Jaarsummaa jechuun jaarmiyaa manguddootaan hojjetudha;hojiin isaas argaa dhageettii gaggeeessuudha.
Jaarsummaan bifa araaraa manguddootaafi jaarsa raawwii ollaattiin kan raawwatamu yoo ta'u, dubbii murtii sadarkaa
gadi aanaarratti raawwachuu qabudha. Gadaa keessatti rakkinni hawaasaa dursee jaarsa ollaan akka hiikamu ta'a.
Kunis rakkoon maatil qe'eedhumatti akka hiikamuuf waan barbaachisaa ta'eefidha.
Jaarsummaan rakkinoota maatii, ollaa, dhirsaaf niitii wkf... jidduutti uumamaniif hiika duraa kennuuf kan ummata
gargaaruufi ammas gargaaraa jirudha. Walitti bu'iinsaafi waldiddaan ummata keessatti mul'ate jaarsa biyyaafi ollaa
biraatti yoo furmaata ykn fala dhabe gara hayyuu gosaatti kan darbu ta'a. Kunis ol iyyannoo namoota murtii
barbaadaniin gaafatamee atoomsa jaarsoleefi dandeettii isaaniitii ol ta'ee yoo argamedha.
5) Humna Siiqqeefi Araaraa
Jaarmiyaalee sirni ijaare keessaa tokko Siiqqeedha. Siiqqeen jaarmiyaa humnaafi mirga dubartootaa wajjin
hidhannoo qabudha. Akkuma Horooroofi Bokkuun aangoofi humna Abbaa Gadaafi Abbaa Bokkuu ibsan Siiqqeenis
ulfina, aangoofi humna dubartootaa hangam akka ta'e ibsuu kan danda'udha.

Seenaafi ka'umsi Siiqqee yeroo akkasii yoo jedhamuu baateyyuu jalqaba maatii tokko keessatti jiru yoo fudhannee garuu
Siiqqeen guyyaa gaa'ela ishee intala heerumtuuf kan haadha deesseen kennamudha. Kennaan kunis yaadannoo haadha
isheefi mallattoo hormaataati. Kan daa'imman deesse itti hammattu, hawwii dhalootaati. Kana malees milkii

9|Page
qabeenyaafi jireenya gaariiti. Siiqqeen kan haati warraa qabeenya ishii ittiin fo'attudha. Mirga qabeenya ishee kan ittiin
mul'istudha. Siiqqeen kan hammeenya dhiiraa ittiin ofirraa to'attu, kan mirga ishee ittiin eegsistudha.

E. Sirna Adabbii
Seera Gadaa keessatti, murtiin adabbii yeroo gumaa kennamu gosoota Oromoo biratti yoo walfakkaateyyuu adeemsaafi
kaffaltii irratti garaagarummaa xiqqoo qaba. Tuulama keessatti gumaa malee miidhama qaamaafi hubaatii adda addaaf
beenyaan (kiisiin) murtaa'u ni jira. Arrabsoofi maqaa balleessaan illee hanga horii 10-15 (kudhanii hanga kudha shaniitti)
adabsiisa. Himannaan arrabsoofi maqaa balleessuu kan dhiyaatu Abbaa Gadaa, hayyootaafi Qaalluurratti yoo ta'e,
adabbin isaa kanneen armaan olitti eeraman ni caala jedhama. Namni qaama namaa miidhe, cabse ykn madeesse tokkos
akkuma kana adabbii walfakkaatuun adabama. Fakkeenyaaf:

Namni harka namaa cabse, hanga goromsa 10 ni adabama.

Kan ilkaan cabse, hanga goromsa 10 (kudhanii) itti murtaa'a.

Kan miila naaffise, hanga goromsa 15 (kudha shan)itti adabama. Kan ija balleesse, hanga goromsa 15 (kudha shan)itti
adabama.

Akka manguddoonni seericha beekan dubbatanitti, namni harka bitaa ykn ilkaan a'oofi fulduraa cabse, gatiin beenya ykn
adabbii kan armaan olitti jedhame caaluu danda'a.

Dalagaa Gadaa muraasa akka armaan gadiittin dhiheessa. Isaanis: Gadaan (1) Seera tuma; (2) Seera mura; (3) Biyya
misoomsa; (4)Diina biyyarraa ittiseetu nagaa biyyaa eega; (5) Gumaa araarsa; Kan araara dide ni adaba; (6) Haraamuu,
haraamaa baasa; Kan seera guuttachuu dadhabe immoo biyyaa baasa yookaan quca ajjeesa; (7) Orma (ambaa)
moggaasa, Oromoo immoo ni guddifata; (8) Kooluu galcha; 9) Aadaa, amantaa fi dhahaa ummata Oromoo to 'atee
guddisa;nama gosa daare keessumaa dubartii fira aantee dhabde gosa itti Uwwisee, gosa, abbaa, obboleessa argachiisa.
Qabxiilee armaan olitti kaase kana akkaataa isaan hojiirra itti oolan ilaalcha Oromoo keessatti barreeffamaniiru. As
keessatti garuu, fi gatii maxxansaa qusachuuf jecha; Gadaan: 1) Seera tuma; (2) Seera mura; 3) Biyya misoomsa; (4) Diina
biyyarraa yeroo ittiseetu nagaa biyyaa eega.

F.Gadaan Seera Tuma


Oromoon ummata seera ofumaan tumatuu fi seera tumates hojiirra oolchudhaan beekamuudha.Seera Gadaa Booranaa
Gadaa Gadawoo Galgaloo fi Daawwee Gobbootiin dursamutu tume; Seera Gadaa Tuulamaa Gadaa Cangaree Korbee fi
Harruu Maaruutiin dursamutu tume Seera Gadaa Maccaa, Gadaa Makoo Biliitiin dursamutu tume jedhama. Oromoon
seeraaf kabaja guddaa kenna. Fknf: Gadaan Tuulamaa yeroo Odaa Nabeetti godaanu: "Gobbuu Sayyoo! hoo, hoo!

Gobbuun Seeraa! Seerri ilmoo irraa mararaa;

Cangaree Korbee! Situ Tuulama maraaf raagee;

Situ Seera afaan saaqee;"

jedhee weeddisaa godaana. Jechi, Seerri ilmoo irra marara, jedhu kun, Seeraaf jedhee Oromoon ilmoo ofiituu akka inni
dabarsee kennu agarsiisa. Warri seera tuman, Gadaa sadarkaa Raaba (akka Booranaatti Hayyuu Adulaa ti.) Warra
fuulduratti aangoo fudhachuuf qophaa'uufi abbootii isaanii warra luba afraffaa keessa jiraniidha.Abbaa fi ilmi Gadan
sadarkaa adda adda haa jiraatan malee miseensa gogeessa Gadaa tokkooti. Yoo ilmi Malbaa tahe abbaan Malbaadha.
Miseensa Gada Malbaati. (akka Booranaatti gogeessa tokko keessa jiru jechuudha). Jarreen kanatu walfaana seera tuma.
Waxabajjii keessa caffee godaanu, hayyuu filatu. Hayyoonni filaman Fulbaanaa eegalani hanga Gurraandhalaatti biyya
mararra adeemeetu haala biyyaa, rakkinaa fi badhaadhina jiru hubata. Hayyootaa fi Abbootii Gadaa darbaniin, biyyaan
ni mariyata. Hayyuun, raagaan, Ayyaantuun isaan gorsu. Seera isaan dura ture yoo fedhan ni fudhatu; yoo fedhan ni
fooyyeessu. Akka kanatti ilaaf ilaameedhaan,"Koottu! dhufeedhan" irratti dubbatamee seerri tumama. Seerri isaan

10 | P a g e
tuman sun kan seera tahu, yoo labsamee ummanni fudhate qofaa dha. Akka seera Gadaatti abbaan fedhe iyyuu seera
kana, "Dammaan qabe; kormaan qabe;Fardaan qabe; tuni, tuni sirrii miti" jechuun mormii qabu dhiyeeffachuuf mirga
qaba. Yaadi sirrii yoo sirrii tahe fudhatameetu seera ta'a. Dammaan, Fardaan qabe jechuun isaan akkasumaan yoon
falmii hin taaneen yoon Gadaa balleesse, Damma, Fardan kenna jechuu dha. As irratti gatii Oromoon yeroodhaaf kennu
haa qalbeeffannu.

Seerri Gadaan haala kanaan tumaa ture maal maal of keessaa akka qaban hubachuuf, seerawwan lama kan Gadaan
bar-dhibbee 16ffaa keessa Madda Walaabutti tumeefi, kan biraa immoo kan Balaambaraas Jabeessaa Ejjetaa namni bara
1909 HorrooGuduruutti dhalatan barreessan haa hubannu.
Walumaagalatti sirna gadaa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa keessatti barbaachisummaa guddaaqaba.

2. Dhaha oromoo
Dhaha jechuun guyyoota baatii keessatti argamanidha.Hiikni jecha dhaha jedhuu duuka ( faana) baatii jechuudha.
Oromoon yeroo bara lakka’uu biyyoota biroo Aduu dhiitee baatu qofaa irratti hundaa’a osoo hin taane sochii ji’aa
(baatiifi urjii irattii kan hundaa’eedha.
Akka dhaha oromootti ji’i tokko guyyoota digdamii sagaliif walakkaa of keessaa qaba. Oromoon osoo qorattoonni
halkan dheeraa guyyaa gabaabaa waan jedhu bira hin ga’iin aduu dhiitee bariitu guyyaa tokko hin jedhu. Ji’a ilaaluun
murteeessaa. Ji’i kunis ayyaantuun ilaalama.

Ayyaantuun akka aadaa oromootti ji’a ykn addeessa ilaaluun guyyaa kan murteessanidha. Isaaniis kan ittiin ilaalan
meeshaan osoo hin taanee kenna ganamaa waaqni kenne qaroo( agartuu) isaaniitiin ilaaluunidha.

Ji’i tokko baatee gaafa goobantu dhuma irratti sararri geengoo Ji’a kana keessaa muldhatu guutuun 29fi walakkaa ta’a.
Sararri geengoo ji’a kana keessatti muldhattu tokkoon ishee naannoftee gaafa walqunnamtu guyyaa tokko jedhamti.
Kanaaf sararri dhuma irratti ji’a tokko keessa muldhattu 29fi walakka ta’a. kanaafuu akka dhaha oromootti ji’a tokko
guyyaa 29fi walakkaa qabdi jechuudha.

Akkadhaha oromootti ji’i tokko guyyaa 29fi walakka haaqabaatu malee wagga afuritti si’a tokko ji’i guraandhalaa guyyaa
urjiiwwan oromoo guyyaa murteessuuf itti ba’u ( Lamii, Buusaa, Bakkalcha, Alhaaqima,Arba, Gaadduufi wallaa) kanneen
jedhaman torba osoo sarara isaanii irraa naanna’anii wagga afuritti si’a tokko sararri isaanii walarga. Guyyaa kana wal
irra oolu.

Baatii urjiiwwan kun walirraa oolan baatii itti ji’i guraandhalaa baatudha. Yeroo kanas ji’i kanaan dura jalqaba walakkaa
qofa taatee baatu guutuu soddoma taati guyyaan ji’a kana keessaa lakka’aamus soddoma ta’a akka sirna gadaatti
guyyaan kun guyyaa itti abbagadaan aangoo qabate jiru bara hojii isaa itti walakkeeffatuudha. Guyyaa kanas hojiiwwan
wagga arfan darban keessatti raawwataman keessatti siirrachuu qaban baroottan arfan dhufanii akka sirrattuuf yeroo
itti abba gadaa gabaasa dhiyeessanidha.

Gumii Booranaa

Akka Waliigalaatti gumiin Booranaa sadi (3) fi waggoota saddeet keessatti yeroo tokko dabareedhaan kan
taa’an yoo ta’u isaanis:-

1. Gumii Gaayyoo = Aanaa Liibanitti


2. Gumii Eeldalloo = Aanaa Liibanitti
3. Gumii Siricho leyi = Naannoo Sumaalee

11 | P a g e
1.Gumii Gaayyoo
Gumiin kan taa’amuuf sirna Gadaa keessatti, gamaaggama gaggeessuuf, rakkoo hawaas-dinagdee hiikuuf,
seera dulloome baasuufi seera haaraa lallabuufi.
Gumiin gaayyoo ardaa jilaa godina Booranaa, Aanaa Dhaas, Ganda Gaayyootti kan argamu yoo ta’u. Ardaan
jilaa kun ardaa abbootiin Gadaa seera itti haaromsaniifi seera haaraa lallabame iddoo itti raggaasisaniidha.
Gumiin gaayyoo bara gadaa Abbaa gadaa Daawoo Gaabboo (1764) irraa kaasee, oromoo booranaatiif wiirtuu
jilaa akka taa’eefi marsaa gadaa 40 ffaa akka keessummeesse dubbatama. Gumii Gaayyoo kanarratti seerota
fooyyaa’uufi jijjiramuu qabanis haaluma yeroofi gaaffii gosaatiin kora itti keessummeeffamudha. Adeemsi kora
gaayyoos jijjirama hawaasaafi haala guddina hawaas-dinagdee oromoo Booranarratti hojii guddaa kan
raawwachaa ture yoo ta’u jireenya inni saboota ollaa wajjiin qabu kan itti madaalamuufi hiikkoo argatudha.
Kana malees mirga dubartootaafi daa’immanii, akkasuma mirgoonni namoota harkaqalleeyyiifi rakkinoota
gosaa, dhimma buusaafi gonofaa, dheedaa, obaafi kkf iddoo itti sakatta’amuufi falli itti kennamuudha. Gumiin
gaayyoo safuu mataa ofii qaba. Oromoo Booranaa biratti gumii gaayyoorra hinfooteen namni itti hin
awwaalamu. Yoo manaitti ijaaruuf muka irraa muranis daraaraa itti naqatan. Gumiin gaayyoo walakkaa lafa
gosoonni Booranaa 17nuu gumii Gaayyyoo hordofuuf yoo ganda Gaayyoo dhufan guyyoota hedduu waan achi
turaniif gosa gosaan “diidaa mana waaqaa” Gaayyoorratti qubatan. Yeroo qubatanitti osoo gumiin
hingaggeeffamiin dursanii gosa gosaan taa’anii rakkoo gosaa qoratan. Akka ilaalcha Oromoo Booranaatti
irreen Booranaa gosa Booranaati. Booranni gumii kanaan seeraadda addaa qorate; seera namaa yookiin
ilmaafi intalaa, seera mukaa( muka jilaa), seera eelaa, seera galaanaafi k.k.f qorata.

2.Gumiii Eeldalloo-bakki argamni gumii kanaa booranaa keessa gara kaaba bahaa Aanaa Liibanitti argama.
Gumiin kun kan hundeefame ummata booranaa naannoo liban jiran bira ga’uuf.
gumiin kun kan gumii Gaayootti aanee argamuufi murtee gumii gaayootiin darbe raawwachiisuu keessatti
gahee qaba.

3.Gumii Siricho leyi:- akkuma gumii lamaanii kan waggaa saddeetin taa’aa ture yoo ta’u marsaa Abbootii
gadaa shanii asii gumiin kan taa’uu hindandeenye yoo ta’u sababiin isaas lafa Sirichoo leyi uummati naannoo
shanii fudhachuun waan irra qubatan fi nageenyi naannoo sanii gumii taa’uuf waan sodaachisaa ta’eef
hafeera.

Gumiin sadeen kun haali ittiin taa’aa turan jalqaba Gumii Eeldallootti taa’anii achiin itti aanee Gumii Sirichoo
leyi kan taa’an ta’ee dhuma waggaa saddeettaffaa irratti Gumii Gaayyoo kan taa’aniidha.

Gumii Siricho leyi yeroo taa’aa turetti akkuma gumii lamaanii dhimmooti irratti ka’an:-

 Kan waldhabe araarsuu


 Aadaa dhimmoota adda addaa irratti haaromfachuu

12 | P a g e
- Eela
- Dheeda
- Nadheen
- Finna
- Buusaa Gonofaa qajeelchu fi kkf.

Rakkoolee Gumii

 Iddoo Gumii Sirichoo leyi itti taa’an naannoo biroo jala galuun achitti gaggeessuu dhabuu
 Beeylada booranaa ittiin gaggeeffatan sababa hongeetin miidhamaa dhufuu fi kkf

5.Gahee Dubartoonni Sirna gadaa keessatti qaban

Dubartoota malee gadaan guutuu hinta'u. kana jechuuf waanti nama dandeessisu; jalqabarratti
dubartoonni caasaa sadarkaalee gadaa keessa hin darbiin malee ilma deessee guddisuufi sirna gadaaf qofa
osoo hinta'iin kan biyya bulchuufi duulee biyya eeguuf geessisuun kan bakka gudda qabdu dha. Kana
malees raawwii sirna gadaatiif dhangaafi meeshaalee adda adda kan qopheessuu dubartoota. Dhangaan
qophaa’us qodaa shan jedhama. Qodaan shan kunis; qorii, caccabsaa , cuukkoo kan qabatu yoo ta'uu,
yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu akka hin abarreefi akka gadaan abbaa manaa ishee hanquu hin
taaneef kan qophaa’uudha.

Yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu, niitii (haati warraa) isaa ammoo uffata aadaa uffachuun
meeshaalee Aadaa kana akka okoleefi gadii qabattee cina deemti. Okoleefi gadiin kunis, hormaataafi
kabaja looniif qaban kan mul'isudha.
Akka maanguddoonni jedhanitti, yeroo dhiirri gadaa qabatu obboleettiin shaashii mataa isaatti
maruufiin seera jedhu. Kunis waa lama ibsa. Tokkooffaa; shaashii sana obboleessa isaanii gadaa
qabateef mataatti maruun, hirmaannaa dubartootaa ykn qooda qabaachuu dubartoota kan mulisu
yoo ta'u, gama biraatiin ammoo, isheenis ofkalteetti yookaan gadaa qabateetti jedhamee amanama.
Sababiin inni ol'aanaa gadaan dubartoota malee guutuu hin ta'u akka jennu kan nu taasise, jalqaba
yeroo namichi gadaa qabatu sun akka haati warra isaa seera guutuufi qabdu gaafachuun seera
qabaachuu ishee mul'isa.
Namichi gadaa qabachuuf jedhu sun, akka carraa ta'ee, fuudhee kan hiikee ta'uu danda'a. Hiikees
isheen jalaa baatee nama biraatti heerumuu dandeessi. Yookaan du'aan dhabuu danda'a. Hiikees
dubartii biraa fuudhuu danda'a. Kanaaf seera kana kan guutuuf eenyuu? Akkamitti jechuun gaaffii
uumuu mala.
Jalqaba, namichi gadaa qabatu kan hin fuune yoo ta'e, Kan seera guutuufi obboolettii ykn fira
aanteedha. Itti aansuun ammo namichi gadaa qabachuuf jedhu kun fuudhee yoo jiraatee, haadha
manaa isaatu seera kana guutaaf.
Yoo kan fuudhee hiike ta'e ammo bakka isheen jirtu barbaadee akka ishee seera guutuufiif nigaafata.
Isheenis, seera kana guutuufiif dirqama qabdi. Seera Gadaatiin kennameef waan ta'eef. Namichi sun
erga hiikeellee haadha manaa biraa kan fuudhe yoo ta'e, seera kana guutuufi kan danda'u haadha
manaa ishee duraati. Sababiin isaas,haadha mana qarree, kan Rakkoo itti qalan waan taateef.
Angafummaafi safuun kan ishee duraati. Kana malees yookan jalaa duutee jalqaba bakka awwaala
ishee irra dhaabbachuun "Koottu seeraa naaguutii" jechuun yeroo sadii gaaffiin sagalee dhageessisa.
Sana booda haadha manaa boodarra fuudhee yoo qabaate yookaan obboleetti isaatti tumaa seeraa
13 | P a g e
tumuun, seera kana akka guuttuufiif qopheeffata jechuudha. Kunis seera qabeessummaa ykn seera,
sana guutuuf dubartoonni hammam barbaachisoo akka ta'an hubachuun nama hinrakkisu.
DubartootaSagantaaEebbaafi Kadhannaa Irratti.
Sagantaan eebbaa raawwii sirna gadaa keessatti isa ol'aanaadha. Yaad-rimeen eebbaa waa lama
ofkeessaa qaba. Inni jalqabaa Eebbaa jechuun, waan uummataaf barbaachisu waan akka tolu
barbaadaniifi eebbisuun qaqqabsiisuu ykn badhaasuu ykn waan uummataaf gaarii hinta'iin ammo,
abaaranii balleessuuf yoo ta'u, Inni lammaaffa eebbiisuun ,seera tumame mirkaneessuu jechuudha.
Fakkeenyaaf, seera fooyya'ee bara waliin deemuu uummata akka tajaajiluuf baasaanii erga irratti
walii galanii booda, tumaa seeraan mirkaneessu. Seera tumame kanas, "Haa eebbisnu, Haa
eebbisnu"jechuun mirkaneessu jechuudha. Kanaaf eebbisuun gama tokkoon, waan gaarii akka toluuf
kan eebbisani qaqqabsiisan yoo ta'u,karaa gama biraatiin ammo, seera tumame mirkaneessuu waliin
walqabata.

Dubartoonnis, sagantaa eebbaa kana irratti argamuun Aadaa ykn Seeradha. Dubartoonni argamanis, qixa
abbootii gadaa dhabbaachuun eebba sana mirkaneessu. Dubartoota keessa kan argamanis tokko dubara
qarree yoo taatuu; kan saalqunnamti hineegaliintu filatama. Kan biraa ammoo, jaartii cifiree kan jedhamtu
kan saalqunnamtii dhaabdeefi laguu ji'aa hinargine ykn kanirraa dhaabbateetu filatama. Kunis mallattoo
qulqullummaa (sacred)ti
Kanafuu, dubri qarreefi jaartiin cifiree eebba sirna gadaa ykn raawwii gada irratti argamuu qofa osoo
hinta'iin, kadhaa waaqaa irratti yeroo hongeen dheeratuufi bokkaan baduu, siiqqeefi caaccuu qabatanii yoo
waaqa kadhatan akka waaqni dhaga'uufitu amanama.
Dubartoota Bulchiinsa Abbaa Gadaa To'achuu keessattti
Hirmaannaa dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan calaqqisiisu kan biraa, dubartoonni seera
qabeessummaafi qajeelummaa bulchiinsa abbaa Gadaa hordofuu danda'uu isaaniti. Kunis karaa lamaani.

Tokkooffaa, seera haaraanis ta'e seerri fooyya'ee tumamu yoo jiraate takka mirga dubartoota hinmiineefi kan
dubartoota fayyadamoo taasisu ta'uu addaan baafchuun, kan isaan miidhu yoo ta'e akka isaan miidhuu yaada
isaanii ibsachuun akka seerichi fooyya'u gochuu dhaaf hirmaannaafi mirga kan qaban ta'uu isaaniiti.

Lammaaffaa, ji’a sirni gadaa bobbaa'uufi, bakka Abbaan Gadaa deemee qubatee biyya araarsuufi ji’a geggeessu
hundaatti haati manaa isaa akka waliin deemtuufi cina teessu seera qabaachuu isheeti. Sababiin isaas bakka
jilaa sanaatti Abbaan gadaa dubartootaa biroo mil'aachuun akka qalbiin isaa gara biraatti hinhiramneefi
sababa kanaanis, murtee sirrii fudhachuu keessatti akka rakkoon hinuumaamne yookaan takka da lagaa isaa
seeraan raawwatuuf nito'atti jechuudha.
Dubartoota Seera Waaqaafi Safuu Hawaasaa Eegsisuu Keessatti
Dubartoonni seerri Waaqaafi safuun hawaasaa akka hincabneefi sababa kanaanis, ijaaramni hawaasaa
akka hindiigamne, Hawaasa seera hinqabne akka hintaane to'achuu keessatti hirmaannaa daran
ol'aanaa qabu. Fakkeenyaaf dhimmoota tokkummaa hawaasaa diiguu danda'uu jedhaman kanneen akka
wal dhabdeefi waraana gosaafi gosa gidduutti gaggeeffamu wantoota seera
Waaqaafi safuu uummataa balleessuu jedhaman kanneen akka Gaa'ila firaafi fira gidduutti ta'uufi
kanneen kana nito'atu. To'annaan isaanis, yoo firriifi firri walfuudhee irraa hore, hawaasa haraamome kan
jamaan, duudaaniifi namni qaama hir'uu keessatti dhalatu, kan abaarsiifi badisi Waaqaa nutti dhufa
jedhanii amanan to'achuudha. Kana malees, yoo waraanni gosa gidduutti uumame,Siiqqee qabachuun,
waamanii waraana sana gidduu yoo seenan battalatti lolli qabbana'a.

14 | P a g e
Maatii, qe'eefi hawaasa keessa jiraatan keessatti wanti haaraa yoo uumamu, safuun yoo cabu,
dubartoonni waamanii Siiqqee qabatanii ”maaloo kuni Safuudha. Takkaa wanti akkasi aayyoofi Aabboo
keenya keessattuu mul'atee hinbeekuu." Jechuun akka furmaanni hatattamaa itti kennamu Sirna Gadaa
waliin cina ta'uun hojjatu.
Dubbiin hammatee furmaanni dhibamnaan, maatiifi waatii daa'ima harmaallee osoo hin jedhiin qe'ee
gadii dhiisanii, galaana ce'uun muka jalatti walitti qabamu. Haala kanaan hanga furmaanni argamee
Abbaan badii dalage adabamee, araarri bu'utti qe'eetti hindeebinu jechuun dhiibbaa (influence) godhu.

Dimshaashumatti, dubartiin jireenya guyyuu ilmi nama gaggeessu keessatti, hariiroo hawaasa gidduu jiru
tumsuu keessatti, nageenya biyyaa eegsisuu keessatti, safuufi seera Waaqaa kabachiisuufi to'achuu
keessattigahee tilmaama hinqabne qabu yoo jedhame kan nama hinsaalfachiine.

15 | P a g e
Maqaa barattoota daree 10- c

1.kennaawaaq damissee
2. kooket alemayhoo
3.lateeraa amsaaluu
4.leensee kaasahuun
5,liidiyaa birahaanu
6.maastawaal taadesse
7.meetii abshiruu
8.meetii gammachuu

Madda Odeeffannoo

1. Kitaaba Seenaa Eenyummaa Oromoo

2. Kitaaba gadaa barataa kutaa 8

3.www.oromiaeconomist.com

4.Seenaa Oromoo Tuulamaa hangar jaarraa 16ffaa


17 | P a g e

You might also like