You are on page 1of 2

Qormaata moodelaa kutaa 8ffaa bara 2014.

Qajefama:
Gaaffiwwan armaan gadiitiif qubee Deebii sirrii qabatee jiru filadhu.
1, Caalaan kaleessa konkolaataadhaan gara finfinnee deeme hima jedhu keessatti
gochimni kami?
A, deeme B,gara C, kaleessa D,konkolaataa
2, jechoota armaan gadii keessaa kan maxxantuu duraaa qabu kami?
A, Namoota B, Caccabaa C, Saawwan
D, Kitaabilee
3Tartiiba sirrii Kan hordofe kami?
A,odeeffannoo funaanuu, mata duree filachuu, gumee qopheessuu,barreessuu
B, mata duree filachuu,odeefannoo funaanuu,gummee qopheessuu,barreessuu
C,gummee qopheessuu,mata duree filachuu,odeefannoo funaanuu,barreessuu
D,gumme
qopheessuu,barreessuu,mata duree filachuu,odeefannoo funaanuu
4,Faayidaa gumee qopheessuu kan hin taane kami?
A,filannoo yaadaa eeguu
B,irra deddeebii yaadaa xiqqeessuu
C,akka yaadni keessaa harca'ee hin hafne eeguu
D,duraa duuba yaadaa eeguu
5,Qaama xalayaa kan hin taane kami?
A,teessoo B,guyyaa C,mata duree D, L.s.p
6,Hundeen jecha ficcisiisan jedhuu kam ta'a?
A, fic- B,ficci- C,ficcis- D,fix-
7,kanneen armaan gadii keessaa kan adda ta'e kami?
A,kute B,mure C,ulee D,fide
8,Dulloomaa jedhee dulloome yoo jedhe,maaltu maalitti jijjiirame?
A,maqaa gara xumuraa B,xumura gara maqibsaa C,maqibsa gara xumuraa
D,maqaa gara xumur ibsaa
9,kanneen keessaa maqibsa kan hin tane kami?
A,hiyyeessa B,dukkana C,haaraa D,gurraacha
1o, jecha 'kute' jedhu keessatti dhamjechi hennaa agarsiisu kami?
A, -te B, -t C,-e D, hunda
11, jecha daalattii jedhu keessatti dhamjechi jala murame maal agarsiiisa?
A,koorniyaa B,lakkoofsa C,ramaddii D,hunda
12, maqibsi amala namaa ibsu kami?
A, furdaa B,boonaa C,yabbuu D,Bal'aa
13,Hima Boontuun kitaaba dubbisti Boonaan kubbaa taphata jedhu keessatti sirni
tuqaalee nu faayyadu kami?
A, qoodduu B,qoodduu jabaa C,waraabbii dachaa D,tuqaa
14,Caalaan hadha manaa isaatiif wandaboo bite.Hima jedhuu keessatti taajaajilli
dhamjechi jala muramee maali?
A,agarsiituu kallattii B,agarsiistuu bakkaa C,agarsiistuu abbummaa D, xiyyeeffannoo
mullisti
15,Tajaajila mallattoo raajeffannoo kan hin taane kami?
A, malalchiisuu B, ajaa'ibsiisuu C,kottoonfachiisuu D, akeekkachiisuu
16,Barreeffama keessatti mata dureewwan kitaabaa barreessuuf sirni tuqaalee nu
fayyadu kami?
A,qoodduu jabaa B, waraabbii dachaa C,waraabbii qeenxee D,qoodduu
17,Hibboon______ oromoo keessaa Isa tokko.
A,damee B,afoola
C, asoosama D,sheekkoo
18,Bor hin beekneen qoda bukkoon ishee sagal. Ergaan mammaaksa kanaa maal?
A,eeggattummaa B,Qusannaa C,wal gargaarsa D,waliin gayiinsa
19,Harreen waanuma itti fe'an baatti. Ergaan mammaaksa kanaa? A,Harreen waan baattu
filachuu hin dandeessu
B,Harreen dandeettii ba'aa qabdi C,Harree fi ba'aan wal hin dhaban D,Harreen fedhii
ba'aa qabdi
2o, lnni waraabessa harree argatee dha.Hiikni jechama kanaa ? A, nyaatee hin
quufu. B, humna qaba C, dhimmi guutuufii D, dharra'ee dhabe
21,Hiikni jechama gabaa bula jedhuu? A, waca jaallata B,bakka dhaqetti haha
C,deemee hin deebi'u D,ni daldala
22,Hiikni jechama ulee jiituu jedhuu? A, sooressa B,Carraa ganamaa C,eebbifamaa
D,Deebii hin qabu
Qajeelfama: Gaaffiwwan 23-25 tti kennamaniif hiika isaanii barbaadi.
23, labata. A, fira B, hidda dhiigaa C, dhaloota D,qorannoo
24,Dalluu. A,gooba B,ceekuu C,gurmuu D,hunda
25,moggoo.A,nama yaada wal fakkaataa qabu. B,nama kaayyoo wal fakkaataa qabu.C,nama
maqaa wal fakkaatu qabu.D,nama qaama wal fakkaatu
Qajeelfama: Gaaffiwwan 26_30 Dubbissa asiin gadii irratti hundaa'uun deebii sirrii
ta'e filadhu.
Saba kamiifuu afaan haambaa bara baraati.Eenyummaa saba tokkoo dhugaatti kan
ibsu afaanicha waan ta'eefi. Aadaanis afaan waliin walitti hidhamee eenyummaa namaa
murteessuu cinatti hawaasni tokko haala inni ittiin wal fakkaatu kan agarsiisuu
dha.kana keessattis, afaan bifa lamaan mul'achuu danda'a. Kunis hoogbarruu fi
afoolaani.
Afoola jechuun immoo akkuma maqaa isaa irraa hubachuun danda'amu barreeffamaan
osoo hin taane miidhagina gonfatee afaaniin labata irraa labatatti darbaa kan
dhufee fi darbaa jiru fuuldurattis kan darbu damee aadaa saba tokkooti. Akkasumas
uummanni tokko jiruu fi jireenya isaa keessatti waan Isa qunname tokko addunyaa fi
mataa isaatiif qabu tokko ittiin ibsu keessa afoolli Isa guddaa dha.
Kana malees afoolli amantaa, dudhaa fi falaasama saba tokkoo ibsuu kan danda'u
Ragan aadaa fi mallattoo jireenya dhaloota darbeeti.Walumaagalatti afoolli oromoo
kunis bal'aa fi galaana waraabamee kan dhumu miti.Kanaafuu mallattoo fi qabeenya
uummatichaa waan ta'eef haambaalee galmaa'uu fi kunuunfamanii dhalootaaf darbuu
qaban keessaa Isa tokkoo dha jechuun ni danda'ama.
26, jechi haambaa jedhu (keeyyata 3ffaa) maal bakka bu'a? A, afaan B, afoola
C,aadaa D,Oromoo
27, jechi falaasama jedhu (keeyyata 3ffaa) hiikaan isaa maal? A, saayinsii
B, safuu C,haala jiruu fi jireenyaa D, hariiroo aadaa
28,Dubbisni kun keeyyata meeqa qaba? A, 4 B, 3 C, 5 D, 6
29, mata dureen dubbisa kanaa maal ta'uu danda'a? A, afaan B,aadaa C, afoola
D,safuu
30, mallattoo fi qabeenya uummatichaati kan jedhame maali? A,afaan B,aadaa
C,haambaa D,afoola
Qoph: B/saa Darajjee Mardaasaa.
Deebii moodelaa A/O kutaa 8ffaa bara 2014.
1,A 2,B 3,B 4,A 5,C 6,D 7,C 8,C 9,B,10,C 11,A 12,B 13,B 14,C 15, C 16,C 17,B 18,B
19,A 20,C 21,A 22,B 23 C 24,A 25,C 26,B 27,C 28,B 29,A 30,D
.

You might also like