You are on page 1of 3

Yaadannoo gabaabaafi gaaffilee Shaakalaa Barnoota Afaan Oromoo kutaa 10

Dubbii Qoolaa/Malleen Dubbii


Malleen dubbii jechuun dubbiifi barreeffama keessatti bifa hololoonis ta’e walaloon dhaamsi
dabarsuuf barbaadame tokko himnaafi miidhagina godhatee sammuu namaa keesstti akka
turuuf kan itti gargaaramnuudha.
Gosoota Dubbii Qoolaa
1. Nameessuu
Dubbii qoolaa kana keessatti wantoota nama hintaane ( lubbu-qabeeyyiifi dhabeeyyii)
amalafi gochaa namaa kennuudhaan kan ibsamuudha.
Fkn. “ Osuma beeknuu huuba wajjiin” jette sareen
Lafti ka’ee natti sirbe.
2. Iddeessaa/ Bakkuusaa/ bakka buusaa
Dubbiin qoolaa kun immoo walfakkeenya wantoota lamaa keessatti amala waan tokko
qabu guutummaatti waan biroof bakka buusuun kan ibsudha.
Fkn. Arrabni ishee eeboodha.
Iji ishee abaaboodha.
3. Akkasaa/akka isaa
Akkasaan waantoota lama jechoota akka, Fakkaatafi hamma gargaaramuun kan
walfakkeenya isaanii waldorgomsiisa.
Fkn. Tolaan akka Fardaatti kata.
Bifti Caaltuu abaaboo fakkaata.
4. Arbeessuu/Gurraa Guddisuu
Dubbiin qoolaa kun immoo waan xiqqoo jiru qabatanii waan tokkoof hanga isaa ol
kaasanii dubbachuu yookaan ibsuu jechuudha.
Fkn. Hojjaan Galataa birbirsaan walqixa.
Manni kun farad garmaamsisa.
5. Anyaarsee
Dubbiin haalawaa kun immoo waan tokko hanga isaa garmalee xiqqeessanii ibsuuf kan
gargaaramnuudha.
FKn. Nammicha hanga kormaa lukkuu gahu tokkoon arge.
Iji ishee hanga ija xaafii gaha.
6. Ateessa
Malleen dubbii kanaa keessatti nama du’e, seenaa, waan lubbuu hinqabnetti yookaan
nama nu cinaa hinjirreetti akka waan isaan dhaga’anii deebii nu kennaniitti itti
dubbachuudha. Yeroo baay’ee miira gaddaa, naasuufi aarii ittiin ibsuuf gargaaramna.
Fkn. Yeroo meeshaan harka irraa nama kufu harmeekoo/abbeekoo! Jechuun kan
dubbatamuudha.
7. Mitihee/ Sob-Dhugaa
Dubbii kun qoolaa kun jechoota faallaa walii ta’anii irra keessa wal fakkaatan , soba fakkaatee
yoo xiinxalan dhugaa ta’uun ibsama.
Fkn. Ni nyaata hin quufu
Kan hawwitu argannaan boosse..
8. Gabaalcha/ Habalaka
Dubbiin qoolaa kun immoo waanti dubbatamu guutummaa guutuutti faallaa waan
qabatamaa jiruuti.
Fkn. Nama baay’ee gabaabaa ta’e tokkoon” birbirsoo” jenna.

I.Malleen dubbii Roga ‘A’ jala jiran fakkeenya isaanii ‘B’jalaa wajjiin walitti firoomsi.

A B
1. Akkasaa a. “Yaa rabbi” jettee afaan qabatte intalli.
2. Iddeessaa b. Hanga caliitti galte.
3. Nameessuu c. “Madaa keenyatu bakka bade” jedhe jaldeessi.
4. Arbeessuu d. Hamma arbaa geessi
5. Anyaarsee e. Bishaan lagaa fakkaatti
6. Atee f. Nama jibbaniin “baay’een si jaalladha” yoo jedhan.
g. Osuma ilaaluu hinargu
h. Isheen habaaboodha.

Ciigoo
Dubbiin tokko ergaa lama yookaan ergaa irra keessaafi dhokataa kan of keessatti qabu yoo ta’e
ciigoo jedhama. Ciigoon wantoota gurguddoo sadii of keessaa qaba.
A.Jecha dacha : Jechi dacha kun sobbooqoo jedhamuun kan beekamuufi soorgoofi sookoo
ciigoo kan qabtedha.
B. Soorgoo: Hiikni ifaan yookaan irra keessaa ciigoo tokkoo Soorgoo jedhama. Kun yaada isaa
hubachuuf xiinxala baay’ee kan gaafatu miti.
C.Sookoo: Hiikni dhokataan ciigoo tokkoo immoo sookoo jedhama. Sookoo ciigoo tokkoo
argachuuf gadi fageessanii yaaduufi xiinxaluun barbaachisaadha.
Fkn. Namatti tolti dubbiin ijoollummaa
Kan nuyi deemnuuf kun dulluma.
Sobbooqoon: dulluma
Soorgoon: Namni kamiyyuu ni dullooma/nijaaroma
Sookoon: Kan nu eeggatu lola yookaan dullaa.
Jechama
Jechama jechuun akkuma afoola kaanii dubbiifi barreeffama keessatti kan dhimma itti baanu
yommuu ta’u hiika isaa beekuuf bilchinaafi beekumsa gadifagoo gaafata.
Fkn. Baala nama irra buusi=nama kabaji
Afaan walii beeku= walii galu
 Jechamoota armaan gadiif deebii sirrii ta’e filadhu

1.Abbaa hidhii = A. Sobaa B. Kabajamaa C. dhugaa dubbachuu D. Jaalatamaa


2.Abbaa hiyyeessaa= A. nama hiyyeessa ta’e B. nama hiyyeessa gargaaru C. Jibbmaa D.
kijibduu
3. Abbaa leelloo= A. Sobaa B. Kabajamaa C. dhugaa dubbachuu D. Jaalatamaa
4. Ayyaana qabe= A. rifachiise B. Kabaje C. jibbe D. Jaallate
5. Ba’aa harree= A. salphaa B. ulfaataa C. kan namarraa hinbuune D. baachuu
6. Miilli lafa hinqabtu= A. of bare B. ni ariifata C. ni jarjara D. bfic
7. Nama lafeeti= A. fira beeka B. waadaa eega C. Qal’aadha D. AfiB
8. Bishaan ta’e = A. na’e B. dallane C. Jibbe D.gammade
9. itti gorore = A. Jaalate B. tuffate C. salphate D. milkaa’e
10. Lafa seene= A. dulloome B. kufe C. qaana’e D. dallane
 Hiibboowwan armaan gadiif deebii sirrii ta’e filadhu
1. Adii qorkee waaqaan morke A. Hurrii B. Xiyyaara C. Kanniisa D.Rooba
2. Balbala cufattee sirbiti. A. ittoo B. buddeena C. akaayii D. moosee
3. Cidha malee sirba. A. hallaadduu B. ittoo C. buddeena D. akaayii
4. Dhukkuba malee aadaa A. Xiyyaara B. Huummoo C. Rooba D. Konkolaataa
5. Eelee bal’aa, bukoo qal’aa . A. bukoo B. bishaaniifi dachee C. Eelee bishaan
6. Funyaan qaba hinsuufu A. Urgooftuu B. Shumburaa C . Boqqolloo D. Xaafii
7. Gurri mataa caale A. Allaattii B. illeettii C. Gogorrii D. Gugee
8. Hurufa bal’aa akaayii facaase A. Urjii B. aduu C. midhaan D. dachee
9. Kakar kattaa lixe A. fuuloo B. Luugama C. kooraa D. Faana
10. Lafa jala lo’a, nama hunda mo’a A. Jireenya B. du’a C. hirriba D. hidda
 Makmaaksoonni armaan gadii guutuu taasisi
1. “Kan siqaretu na morode” jeette _______________________
2. Fakkartuu loon lamaa, _____________________________
3. Abbaan booka dhugeef, _____________________________
4. Titiisni baay’atteef_________________________________
5. Baranaaf malee,___________________________________

You might also like