You are on page 1of 1

Mana Barnootaa Gola Raabootti qorumsa Xumuraa barattoota Kutaa 6ffaa qophaa' e

barnoota Afaan Oromoo Kutaa 6ffaa Kan bar 2015


I. Himoonni armaan gadii yoo sirrii ta' e dhugaa yoo dogongora ta'e Soba jechuun deebisi.
1. Keeyyanni tokko waa'ee mata duree addaa addaa ibsa.
2. Jechi tokko hiika galumsaa tokko qofa qaba.
3. Gaaleen ergaa guutuu dabarsuu danda'a.
4. Sa'a aannanii Kan jedhu gaalee maqaati.
5. Hudhaan qubee afaan Oromootti hin lakkaa'amu.
II. Jechamoota roga A jala jiraniif hiika isaanii Kan Roga B jala jiran waliin walitti
firoomsi!
A B
1. Qalama liqimse a. Nama bakka hedduu beeku
2. Funyaan bira b. Salphate
3. Mataa buuse c. Qaana'e
4. Bofarra ejjete d. Dhiyoo
5. Miila arrii e. Barate
6. Cirracha lakkaa'e f. Rakkinatti kenne
7. Gurra qaba g. Seeraan bulu
8. Harka wayyaa jalaa h . Dhoksaadhaan
9. Odaa jala jiru i. Beekamaadha
10. Luka mure j. Hojii hiike
II. Gaaffilee armaan gadiitiif qubee deebii sirrii qabate filadhu.
1. Hima tokko keessatti himni yaada dimshaashaa bakka tokkotti cuunfee qabatu ________
jedhama.
A. Hima callaa B. Hima ijoo C. Hima goolabaa D. Hunda
2. Caalaan gaagura dhahe. Akka hima kanaatti hiikni galumsaa jecha 'dhahe' jedhuu maalidha?
A. Rukute B. Tolche C. Safare D. Hunda
3. Weenniin _________ mukarra taa'a.
A. damee B. dammee C. dame D. daame
4. Himoonni walitti qindaa'anii waa'ee mata duree tokkoo addeessan __________ jedhama.
A. Keeyyata B. Barreeffama C. Jecha D. Kitaaba
5. Barreeffama tokko utuu hin barreessin dura yaadota callaa barreeffamichaaf gargaaru tarreessuu
jechuun _________ jedhama.
A. Gumee B. Keeyyata C. Wixinee D. Hunda

Marsiimoyi Addunyaa Caaliitiin


Qormaata Gaarii!!

You might also like