You are on page 1of 72

BOQONNAA 1

LAKKOOFSOTA HUNDAA HAMMA 1,000TTI


Wayitiin Kenname: 25
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda barattoonni:
 baay’ina wantootaa tartiiba malee ni hubatu.
 lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti ni tartiibessu akkasumas waliin ni madaalu.

Seensa

Boqonnaa kana keessatti barattootni lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti jiran baay’attoota
100 jechaan ni lakkaa’u, ni tartiibessu, waliin ni madaalu. Kanaafuu, barattoonni kee
lakkoofsota kana baay’attoota 100’n akka dubbisan, tartiibessan, waliin madaalan meeshaalee
deeggarsa barnootaa fayyadamuun shaakalsiisuun barbaachisaadha. Dabalataan immoo gatii
bakkaa lakkoofsota dijiitii sadii qaban adda baasanii ibsuu qabu. Kanaaf immoo lakkoofsota
dijiitii sadii keessatti gatii bakkaa tokkee, gatii bakkaa kurnee, gatii bakkaa dhibbaa akka
adda baafatan gochuu qabda.

Meshaalee Deeggarsa Barnootaa

 Gabatee baay’isuu
 Chaartii baay’attoota 100
 Waantota dhibba dhibbaan walitti hidhaman
 Filaashi kaardii

 Abakaasii

1.1 Dhibbootaan Lakkaa’uu

Wayitiin Kenname: 3

Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:


 baay’ataa 100’n nilakkaa’uu.
 lakkoofsota hamma 100 tti jiran bakkaa dhibbaan, bakkaa kurneefi bakkaa tokkeen ni
dubbisuu.
 baay’attoota 100 ida’ama baay’attoota 100 tiin nibarreessu.

1
Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf
Mata duree kana barsiisuuf baay’isuu yaadachiisuun barbaachisaadha. Kanaaf, fakkeenyota
akka armaan gadiitti fayyadamuun ni danda’ama.

Fakkeenya: 3×100 = ______ barsiisuuf, gara ida’uutti jijjiiruun shaakalsiisuun ni


danda’ama.kunis 3×100 = 100 + 100 + 100 = 300. Kanaafuu, 300 baay’ataa 100ti. Haluma
kanaan , 100 lakkoofsota hundaa 1 hamma 10 jiraniin baay’isuun baay’attoota 100 hamma
1,000 tti jiran akka tarreessan gochuun ni danda’ama.

Maloota Baruu Barsiisuu


 100 irra deddeebiin hamma si’a 10 hin caalle ida’uun baay’attoota 100 hamma 1000tti
jiran akka tarreessan haala mijeessuu.
Fakkeenyaaf si’a afur 100 ida’uun 400 arganna. 100 + 100 + 100 + 100 = 400
 Baay’attoota 100 akka ida’ama baay’attoota 100 ittiin ibsan shaakalsiisuu.
 Baay’attoota dhibbaa irratti 100 akka ida’an haala mijeessuu.
 Baay’attoota 100 dubbisuu, barreessuu fi lakkaa’uu haala itti shaakalan mijeessuu.
 Gochaafi gilgaala mata duree kana jalatti kenname barattonni gareedhaan yookiin
dhuunfaadhaan akka hojjetan gochuu.

Iyyaafannoo

 Lakkoofsota dijiitii tokko qaban 100n akka baay’isan gaafachuun deebii isaanii madaali.
 Baay’attoota 100 isaan hamma 1,000tti jiran akka tarreessan gaafachuun deebii isaanii
madaali.
 Baay’attoota 100 kanneen hamma 1,000tti jiran akka barreessan gaafachuun deebii
isaanii madaali.
 Baay’attoota 100 kanneen hamma 1,000tti jiran jechaan dubbisuu
danda’uumirkaneeffadhu.

Deebii Gocha1.1
a. Barattoonni baay’attoota 10nii hamma 100 jiran kutaa 1ffaa keessatti barachuu isaaanii
yaadachiisuun baay’attoota 10 hamma 100 jiran haala salphaan akka hubatan taasisi
Baay’attoota 10: 10, 20, 30, 40, 50, 60, 70, 80, 90 fi 100 dha.
b. Dhibba tokko, dhibba lama, dhibba sadii, dhibba afur, dhibba shan, ...
c. Barsiistu/barsiisa barattoonni akka daree keessatti dubbisan jajjabeessaa.

2
d. 400 = 300 + 100 yookaan 400 = 200 + 200 ta’a.
500 = 300 + 200 yookaan 500 = 100 + 400 ta’a.
600 = 300 + 300 yookaan 600 = 400 + 200 yookan 600 = 500 + 100 ta’a.
700 = 400 + 300 yookaan 700 = 500 + 200 yookaan 700 = 600 + 100 ta’a.

Deebii Gilgaala 1.1

1. Barattoonni yaadrimee baay’isuu waan hinbaranneef baay’attoota 100 ibsuuf yaadrimee


ida’uutti akka gargaaraman taasisi. Fakkeenyaaf 300 jechuun 100 si’a sadii ida’uu ta’uu
ibsiif(300 = 100 + 100 + 100)

× 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10
100 100 200 300 400 500 600 700 800 900 1,000
2.

TQ Lakkoofsa Jechaan
A 100 Dhibba tokko
B 200 Dhibba lama
C 300 Dhibba sadii
D 400 Dhibba afur
E 500 Dhibba shan
F 600 Dhibba jaha
G 700 Dhibba torba
H 800 Dhibba saddeet
I 900 Dhibbasagal
J 1000 Kuma tokko

3.
a. 300 = 100+200 b. 500 = 200 + 300
c. 800 = 400 + 400 d. 900 = 600 + 300
e. 1,000 = 700 + 300. f.700= 600+ 100
g.200 + 300 = 500 h.900 = 100 + 800
i.800 = 500 + 300

3
4. Ayyaantuun haadha ishee irraa qarshii 400 fudhatte.
Abbaa ishee irraa qarshii 500 fudhatte.

Walitti Ayyaantuun qarshii 400 + 500 = qarhii 900 fudhatte.

1.2 Lakkoofsota Hundaa Hamma 1,000tti

Wayitiin Kenname: 7

Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:

 Baay’ina wantoota lakkaawamanii himuufi lakkoofsa dhumaa hubachuu.


 Lakkoofsota baay’ataa 100 dubbisuufi tarreessuu.
 Lakkoofsota dijiitii sadii jechaafi lakkoofsaan barreessuu.
 Garafuulduraa, gara duubaa lakkaa’uufi dheerina garaa garaatiin irra utaaluu.
 Tokkoon tokkoo dijiitii koodii konkolaataa ni dubbisuu.

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


Lakkoofsota hundaa dijiitota sadii qaban akka ida’ama baay’ataa 100 hamma 900 jiran irratti
lakkoofsota 1−99 gargaaraman taasisi. Haala kanaan barattoonni salphaatti lakkoofsota
hundaa dijiitii sadii qaban barreessuufi dubbisuuf isaan gargaara.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Barattoonni lakkoofsota hundaa dijiitii sadii akka sagalee ol kaasanii dubbisaniifi
barreessan gargaari.
 Gilgaalotaa fi gochawwan mata duree kana jalatti kennaman shaakalsiisuu.

Iyyaafannoo
 Barattoonni lakkoofsota hundaa dijiitii sadii akka sagalee ol kaasanii dubbisan
gaafadhaa.
 Barattoonni lakkoofsota hundaa dijiitii sadii akka jechaan barreessan gaafadhaa.

4
Deebii Gocha 1.2
1.

Baay’inni Callee 40 dha.


2. Barsiistu/ Barsiisalakkoofsota armaan gadii barattoonni sagalee ol kaasuun daree
keessatti akka dubbisaan jajjabeessaa.

Deebii Gilgaala 1.2


1a. 285 = Dhibba lamaafi saddeettamii shan. b. 309 = Dhibba sadiifi sagal.
c. 457 = Dhibba afuriifi shantamii torba. d. 794 = Dhibba torbaafi sagaltamii afur.
e. 673 = Dhibba jahaafi torbaatamii sadii. f. 801 = Dhibba saddeetiifi tokko.
g. 529 = Dhibba shaniifi digdamii sagal. h. 980 = Dhibba sagaliifi saddeettama.
2a. Dhibba afuriifi shantamii jaha =456

b. Dhibba lamaafi soddomii torba =237


c. Dhibba tokkoofi sagalitamii tokko = 191
d. Dhibba saddeetiifi saddeettamii shan = 885
e. Dhibba torbaafishan = 705
Deebii Gilgaala 1.3

1a. 420, 422, 423, …, 1000. b. 643, 645, 647, …, 1000.


c. 892, 894, 896, …, 1000. d. 108, 110, 112, …, 1000.
2a. 180, 178, 176, …,100. b. 205, 203, 201, …, 101.
c.431, 429, 427, …, 101. d. 518, 516, 514, …, 100.
3 a. 100, 103, 106, …,999. b. 235, 238, 241,…, 998.
c. 430, 433, 436, … ,999. d. 715, 718, 721, … ,999.
4. 12290 = Tokko lama lama sagal zeeroo jedhamee dubbifama.

5
1.3 Gatii Bakkaa Lakkoofsota Hundaa Hamma 1,000tti
Wayitiin Kenname: 7

Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:


 gatii bakkaa lakkoofsota hamma 1,000tti hubachuu.
 lakkoofsotadhibbaan, kurneefi tokkeen qoqqooduu.
 baay’ina waantotaa tartiiba malee hubachuu.

Yaadannoo barsiistuuf/barsiisaaf
Gatii bakkaa lakkoofsota hundaa hamma 1,000 jiran barattoonni akka adda baafatan taasisuu.
Gatii bakkaa lakkoofsota dijiitota sadii qabanii ibsuun barbaachisaa dha.

Fakkeenya: 452 haa fudhannu. Bakki lakkoofsa 4, dhibba agarsiisa.Gatiin bakkaa 4, 400
ta’a. Bakki lakkoofsa5, kudhan agarsiisa. Gatiin bakkaa5 immoo50 ta’a. Bakki lakkoofsa2
tokkee agarsiisa.Gatiin bakkaa 2, 2 ta’a.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Gatii bakkaa lakkoofsota dijiitii sadii qabanakka adda baafatan haala mijeessuu.
 Gilgaalaa fi gocha mata duree kana jalatti kennaman gareefi dhuunfaan shaakalsiisuu.

Iyyaafannoo
Gatii bakkaa lakkoofsota dijiitota sadii qaban akka ibsan gaafachuun.

Deebii Gocha 1.3

1. Lakkoofsa Dhibboota Kurneewwan Tokkeewwan


875 8 7 5

2. Lakkoofsa Dhibboota kurneewwan Tokkeewwan


906 9 0 6

6
Deebii Gilgaala 1.4
1. TL Lakkoofsa Bakka dhibbaa Bakka kudhanii Bakka tokkee
A 279 2 7 9
B 371 3 7 1
C 807 8 0 7
D 923 9 2 3
E 752 7 5 2
F 694 6 9 4
G 470 4 7 0
2 a. Dhibboota 5 b. Kurnoota3 c. Tokkeewwan2 d. 532
3 a. 254 b. 726 c. 479

Deebii Gilgaala 1.5


1a. 518
5 bakka dhibbaati, kanaaf calleewwan 5 barbaachisa.
1 bakkakudhaniiti, kanaaf callee 1barbaachisa.
8 bakka tokkooti, kanaaf calleewwan 8 barbaachisa.
b. 846
8 dhibbaati, kanaaf calleewwan 8 barbaachisa.
4 bakka kudhaniiti, kanaaf calleewwan 4 barbaachisa.
6 bakka tokkooti, kanaaf calleewwan 6 barbaachisa.

2. a. 328
100 100 10 10 1 1 1 1

100 1 1 1 1

Dhibboota Kurneewwan Tokkeewwan


3 2 8
b. 654
100 100 10 10 1 1 1 1

100 100 10 10

100 100 10

Dhibboota kurneewwan Tokkeewwan


6 5 4

7
c. 764

100 100 100 10 10 10 1 1 1

100 100 100 10 10 10 1

100

Dhibboota kurneewwan Tokkeewwan


7 6 4
3. Kurneewwan 2, tokkeewwan 4

1.4 Lakkoofsota Hundaa Hamma 1,000tti Tartiibessuufi Waliin


Madaaluu

Wayitiin Kenname: 8
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 lakkoofsota baay’ataa 100tiin xiyya lakkoofsaa irratti ni agarsiisu.
 lakkoofsota baay’ataa 100 ta’an cimdiin ni qoqqoodu.
 lakkoofsota hamma 1000 jiran xiyya lakkoofsaa fayyadamuun ni tartiibeessuu; waliin
ni madaaluu.
 lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti jiran jecha’’ irra guddaa’’, ‘’ irra xiqqaa ‘’ fi ‘’
walqixa ‘’ jedhu fayyadamuun waliin ni madaaluu.
 tokko tokkoon walitti ramaduu fayyadamuun tuutota walitti firoomsuun pirobileemii
ni furuu.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Xiyya lakkoofsotaa irratti lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti jiran tarreessuu akka
shaakalan haala mijeessuu.
 Dursaafi itti fufaa lakkoofsa kennamee haala itti ibsan shaakalsiisuu.
 Mallattoolee “<,>” yookan “=” fayyadamuun haala hariiroo lakkoofsotaa itti ibsan
agarsiisuu.
 Gilgaalaafi gocha mata duree kana jalatti kenname shaakalsiisuu.

8
Iyyaafannoo
 Xiyya lakkoofsotaa irratti lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti jiran gaafachuun deebii
isaaniihordofuu.
 Dursaafi itti fufaa lakkoofsa kennamee akka ibsan gaafachuun firii isaan argatan
madaali.
 Mallattoolee “<, >” yookan “=” itti fayyadamuun akka lakkoofsa waliin madaalan
gaafachuun deebii isaanii mirkaneeffachuu.

Deebii Gocha 1.4

a. 200 < 207 b. 300 < 321 c. 630 = 630

Deebii Gilgaala 1.6

1a.140 < 142 b. 215 > 180

c. 589 = 589 e. 800 < 900

f. 301 < 405 f. 673 > 650


2a.

11 22 33 44 55 66 77 88 99

b.

3.

71 72 73 74 75 76
77 78 79 80 81 82
83 84 85 86 87 88
89 90 91 92 93 94
95 96 97 98 99 100

9
Deebii Gilgaala 1.7
1 a. 15 b. 181 c. 59 d. 801
e. 675 f. 990
2.
a. 57 b. 320 c. 418 d. 892
e. 599 f. 900
3.
a. 17, 18, 19, 20
b. 184, 185, 186, 187, 188, 189, 190, 191, 192, 193, 194, 195, 196, 197.
c. 404, 405, 406, 407, 408, 409, 410, 411, 412, 413, 415, 416, 417, 418, 419.
d. 818, 819, 820, 821, 822, 823, 824.
e. 676, 677, 678, 679, 680, 681, 682, 683, 684, 685, 686, 687.

f. 713, 714, 715, 716, 717, 718, 719, 720.

10
BOQONNAA 2
IDA'UUFI HIR'ISUU LAKKOOFSOTA DIJIITII SADII
Wayitiin Kenname: 25
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaatti barattoonni:
 lakkoofsota hundaa hamma 1000 ni ida'u.
 lakkoofsota hundaa hamma 1000 ni hir'isu.

Seensa
Boqonnaa kana keessatti barattoonni ida'uufi hir'isuu lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti
jiran irratti beekumsa barbaachisu gonfachuu qabu. Kanaaf ida’uufi hir'isuu lakkoofsota
hundaa hamma 100tti jiran ka'umsa godhachuun barattoonniqabiyyeewwansirnaan akka
hubatan gargaaruun barbaachisaadha. Maloota ida'uufi hir'isuu garagaraa boqonnaa kana
keessatti hammatamanii jiran. Barattoonni adeemsa fakkeenyonni kennaman itti dalagaman
fayyadamuun gaafilee biroo ofii isaaniis akka shaakalan hubachuu isaanii adda baafachuu
qabdu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeelota kiyuubotaa

 Chaartii guddaa tarkaanfii ida'uu fi hir'isuu ofirraa qabu.

 Abaakasii.

2.1 Ida’uu Lakkoofsota Hundaa Hammaa 1,000tti


Wayitiin Kenname: 9

Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:


 baay’attoota 100 hamma 1000 ni ida'u.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban moodeelatti fayyadamuun ni ida'u.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban gabatee gatii bakkaa fayyadamuun ni ida'u.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban hambiffannaan ni ida'u.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban algorizimii waaltawaa fayyadamuun ni ida'u.

11
Maloota Baruu Barsiisuu
 Lakkoofsota dijiitii lamaa dhuunfaan akka ida'an gochuun maloota ida'uu duraan
baratan yaadachuun akka shaakalan taasisu.
 Moodeelaan ida'uu agarsiisuun dabareen daree keessatti akka shaakalan taasisuu.
 Mala algorizimii waaltawaa fayyadamuu irratti hojii dareefi gilgaalaan akka
gabbifatan shaakalchiisuu.

Iyyaafannoo
 Tokkoon tokkoo maloota ida'uu irratti gaaffilee gaafachuun.
 Hirmaanna barattootaa cheekliistiin adda baasuu.
 Hojii dareefi gilgaala hojjachuu isaanii ilaaluu.

Deebii Gocha 2.1


1 a. 90 b. 400
2. Himicha akka hubatan addaan qabxiilee addaan qooduun ibsaafii deemuu
Baay’inni shamarran badhaasa argatan = 200
Baay’inni dhiirota badhaasa argatan = 100
Kanaafuu, baay’inni badhaafmtoota waliigalaa =200 + 100 = 300 ta’a.

Deebii Gilgaala 2.1


1a. 900 b. 800 c. 700 d. 600 e. 800 f. 900
2. Qarshii Mooneet ofharkaa qabdu 500
Qarshii Mooneet Baankii baafatte 300
Qarshiin walii gala,huccuu ittiin bitte
= 500 + 300
= 800
3. Biqiltuuwwan ji'a lamaan keessa Caalaan gurgurate
Baay'ina biqiltuuwwan ji'a Waxabajjii fi Adoolessaa walitti ida'uun argama
= 300 + 200
= 500

12
Deebii Gilgaala 2.2
Barattoonni moodeelatti fayyadamanii yoo ida’an gatii bakkaa boqonnaa tokko keessatti
yaadachiisi. Birkiin bal’aan dhibboota agarsiisa; birkii qal’aa dheeraan kurnee fi isheen
xixiqqoon tokkee agarsiisu. Birkii guddaan iddoo lamaan walitti meeqa ta’a? Birkii qal’aa
dheeraan iddoo lamaan jiru walitti meeqa? Birkiiwwan xixiqqoon iddoo lamaan jiru
walitti meeqa? Jedhii gaafadhu. Dhuma irratti walitti fidii barreessiif.

3 1 6 + 2 5 3 = 769

b. 513 + 164 = 677 c. 234 + 355 = 589

Hubachiisa: Barsiisonni deebii yoo dalagan moodeela hidhaa abbaa dhibbaa, hidhaa abbaa
kudhanii fi tokkee yoo xiqqaate gosa sadan iyyuu sagal sagal dareetti fiduu qabu.
Ida'amtoota kennamniifi ida'ama argamu moodeelicha lakkoofsisuu qabu.

Deebii Gilgaala 2.3


a.

b. 778 c. 679 d. 927 e. 975

13
f. 796 g. 258 h. 277

Deebii Gilgaala 2.4

a. 814 + 151 = 800 + 10 + 4 + 100 + 50 + 1


= 900 + 60 + 5
= 965
b. 648 c. 996 d. 398 e. 784 f. 867
g. 338 h. 599

Deebii Gilgaala 2.5


Deebii gilgaala kanaa yoo dalagdan moodeelaafi gabatee gatii bakkaa walcinaa qabuun
moodeela hidhaa isaatiin akka gatii bakkaa dhibbaa, kudhaniifi tokkee jedhanii barreessan
adda baasuun itti himuu dha.

a. 116 + 342 = 458 (Tarkaanfii armaan gadiitiin barattootatti agarsiisi)

b. 728 c. 747 d. 454 e. 793 f. 540 g. 643 h. 904

14
Deebii Gilgaala 2.6
As jalatti lakkoofsota ida’aman dalga yookiin irraa gadee barreessuun dijiitota gatii bakka
walfakkaataa qaban yaadaan walitti fidanii ida'uu danda'uu sirriitti shaakalchiisuu qabdu.
Fakkeenyaaf tarkaanfiiwwan (steps) algorizimii ida’uu ittiin raawwatamu; 275 + 122 ilaali.
i. Tokkeewwan ida’uu: 5 + 2 = 7
ii. Kurneewwan ida’uu: 6 + 3 = 9
iii. Dhibboota ida’uu: 2 + 1 = 3
Kanaafuu, 265 + 132 = 397 ta’a
1 a. 265 + 132 = 397
b. 846 c. 781 d. 881 e. 479 f. 966
2 a. 695 b. 980 c. 957 d. 197 e. 753
f. 483 g. 642 h. 916

2.2 Hir'isuu Lakkoofsota Hundaa Hamma 1,000tti


Wayitiin kenname: 10
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda , barattoonni:
 baay’attoota 100 hamma 1000 ni hir'isu.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban moodeelatti fayyadamuun ni hir'isu.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban gatii bakkaa fayyadamuun ni hir'isu.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban liqeeffannaan ni hir'isu.
 lakkoofsota dijiitii sadii qaban algorizimii waaltawaa fayyadamuun ni hir'isu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Abaakasii
 Moodeelota kiyuubii
 Gabatee gatii bakkaa

Maloota Baruu Barsiisuu


 Lakkoofsota dijiitii lamaa dhuunfaan akka hir'isan gocha kennuun maloota hir'isuu
duraan baratan yaadachuun akka shaakalan taasisuu
 Moodeela dareetti fiduun hir’isuu akka shaakalan gochuu.
 Mala algorizimii waaltawaa fayyadamuu irratti hojii daree fi gilgaalaan akka
gabbifatan shaakalchiisuu.

15
Iyyaafannoo
 Maloota hir'isuu hunda irratti gaaffilee gaafachuun.
 Cheekliistii qopheessuun sakatta’uu
 Gaaffii afaaniigaafachuu
 Hojiiwwan kennamaniif raawwachuu adda baasuu
 Daawwannaa

Gocha 2.5
Baay’ina balaa konkolaataa galmaa’e 300
Baay’ina balaa konkolaataa erga hubannoon kennamee galmaa’e 100
Balaan hamma gadbu’e, 300 – 100 = 200

Deebii Gilgaala 2.7


a. 100 b. 200 c. 300 d. 500 e. 600 f. 200

Deebii Gilgaala 2.8


Hubachiisa: Deebii gilgaala kanaa danaa otoo hin taane moodeela fayyadamta.Danaan
halluu dimimmisaan taa’e kan hir’ate agarsiisa.

a b

a. 521 – 100 = 421 b. 533 – 212 = 321

c
d

c. 735 – 304 = 431 d. 523 – 122 = 401

16
Deebii Gilgaala 2.9
Hubachiisa: Akkaataa tarkaanfii (steps) fakkeenya kitaaba irra taa’een moodeela
dhibbootaa, kurnootaafi tokkee gabatee gatii bakkaa waliin walbira qabuun barattootaaf
dalagi.
a. 430 b. 231 c. 211 d. 525

e. 252 f. 221 g. 134 h. 104

Deebii Gilgaala 2.10


Hubachiisa: Hojii gilgaala kanaa jalatti liqeeffannaa sirriitti qabsiisuun sirraa eegama.
Amma waa’ee liqeeffannaa sirriitti hubatanitti moodeela dhibbootaa, kurnootaafi tokkee
fayyadamuun dalagi.

Kurnee irraa gara mana tokkee yoo geessitu hidhaa abbaa kudhanii tokko gara tokkee
kudhaniitti jijjiiramuu sirriitti qabsiisi. Tokko liqeeffanne hin jedhiin. Kurnee tokko
liqeeffanne jechuu qabdu. Dhibbas haaluma walfakkaataan sirriitti hubachiisi.

a. 375 - 246 = ___Moodeelaafi gabatee gatii bakkaa walcinaa agarsiifna

17
b. 477 c. 351 d. 366 e. 13

f. 209 g. 298 h. 47

Deebii Gilgaala 2.11


Hubachiisa: Algorizimii hir’isuu irratti dalga yookiin irraa gadee hir’isuu dha. Hir’isuu
liqeeffannaa qabanis ta’ee kanneen hin qabne dijiitota gatii bakkaa walfakkaataa qabaniin
walirraa hir’isuudha.
a. 612
b. 12 (bakki dhibbaa yoo hir'ifnu zeeroo ta'a. 012 jennee barreessuun hin barbaachisu)
c. 321 d. 209 (Liqeeffannaan hir'ifama. Kurnee tokko tokkee 3tti dabaluun 13-4 = 9)
e. 507 f. 158 (Liqeeffannaa si'a lama qaba) g. 406 h. 372

2.3 Pirobileemota Jechaa Ida'uufi Hir'isuu Ofkeessaa Qaban


Wayitiin kenname: 6
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 pirobileemota jechaa ida'uu ofkeessaa qaban ni furu.
 pirobileemota jechaa hir'isuu ofkeessaa qaban ni furu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeelota kiyuubii
 Gabatee gatii bakkaa

Maloota Baruu Barsiisuu


 Jiruufi jireenya barattoota waliin walqabsiisuun gaaffilee shaakalsiisuu.
 Pirobileemota jechaa akka furan shaakalchiisu
 Tarkaanfilee pirobileemota herregaa furuu waan qabatamaa jiruufi jireenya
walqabsiisanii akka himan gochuu.

18
Iyyaafannoo
 Tarkaanfiiwwan pirobileemota furuuf barbaachisan gaafachuu.
 Pirobileemota herregaa kennaman kan haala jireenya isaaniitiin walqabatu akka
ibsaniifi tooftaa furmaataa gaafachuu

Gocha 2.8
1. Baay'ina barattoota mana barumsichaa 635
Barattoota seera tiraafikii kabajan 547
Barattoota seera tiraafikii hin kabajne _____
Hir'isuun deebii barbaadna
Barattoota seera tiraafikii hin kabajne = 635 - 547
= 88
2. Baay'ina shamarran qulqullina isaannii eeggatan 321
Baay'ina dhiirota qulqullina isaannii eeggatan 239
Barattoota ququllina eeggatan, 321 + 239 = 560 dha.

Gilgaala 2.12
Hubachiisa: Tokkoon tokkoo gaaffii irratti tarkaanfilee barbaachisan hunda agarsiisuun
barattoonnis akka hirmaatan haala mijeessuu qabda.

1. Baay'ina qubeessaa halluu diimaa 114


Baay'ina qubeessaa halluu gurraachaa 578
Kan barbaadamu baay'ina qubeessaa halluu diimaafi gurraachaa
Qubeessaa halluu lamaanii walitti ida'uun arganna
Qubeessaa Halluu diimaafi gurraachaa = 114 + 578
= 692
2. 181 3. 448
4. Qarshii waliigala Jireenyaan of harkaa qabu 788
Qarshii meeshaalee manaatiif baasii ta’e 322
Qarshii baasii irraa Jireenyaaf hafe = waliigala qarshii irraa baasii hir'isi
= 788 - 322
= 466
5. 396 6. 911 7. 472
8. 95 9. 980 10. 328

19
BOQONNAA 3
BAAY’ISUU LAKKOOFSOTA HUNDAA HAMMA
100TTI
Wayitiin Kenname: 20
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda, barattoonni:
 lakkoofsota dijiitii lamaa lakkoofsa dijiitii tokkootiin ni baay’isu.

Seensa
Boqonnaa kana keessatti barattoonni lakkoofsota hundaa baay’ataan isaanii hamma 100tti
ta’an baratu. Barattoonni yaadrimee baay’isuu akka sirriitti hubatan wantoota qabatamootti
fayyadamuun barsiisuun barbaachisaadha.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Gabatee baay’isuu
 Chaartii baay’attoota 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9 qabu
 Filaash kaardii
 Abaakasii
 Cirracha
 Moodeeloota adda addaa lakkaa’uuf mijataa ta’an fi kkf.

3.1 Lakkoofsota Hundaa Hamma 20tti Jiran 2’n Baay’isuu


Wayitiin kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Mallattoo baay’isuu “×” fi yaadrimeewwan tarmoota “hirmaataa” fi “baay’ataa” adda
ni baafatu.
 Lakkoofsota hundaa hamma 20 lamaan baay’isuu ni shaakalu.
 Yaadrimee dachaa fayyadamuun lakkofsota 2’n ni baay’isu.
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni 2’n baay’isuu lakkoofsota hundaa hamma 20tti baratu.
Yaadrimee kana hubachiisuuf dachaa kan jedhuun walqabsiisuun ibsa kennif. Fakkeenyaaf
dachaan afurii 8 ta’a. Kun yommuu baay’isuun ibsamu 2 x 4 = 4 + 4 = 8

20
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Gabatee baay’isuu
 Filaashi kaardii fakkilee
 Bocoota adda qabatan
Maloota Baruu Barsiisuu
 Yaadrimee dachaa fayyadamuun barattootaaf ibsa godhaa.
 Gilgaalota mata duree kana jalatti kennaman irratti gareedhaan mar’achiisuun akka
hojjatan haala mijeessuufii.
 Gochaalee mata duree kana keessatti kennaman mari’achaa akka hojjatan haala
mijeessuu.

Iyyaafannoo
 Waantota naannoo keetti argamu mata duree kana waliin deemu fudhachuun lama
lamaan qoodiitii barattoonni ida’anii 2’n baay’isuu lakkoofsota hundaa akka adda
baafatan madaaluu
 Cheekliistii qopheessuun fooyya’iinsa baay’isuu barattootaa hordofuu

Deebii Gocha 3.1


1. Saanduqa keessa kubbaa kachoo12 jira.
2. Jaha jahaan osoo gareedhaan kaa'amani garee 2tu
jira.
3. 2× 6 = 12

Deebii Gilgaala 3.1


1.
× 1 2 3 4 5 6 7 8 9
2 2 4 6 8 10 12 14 16 18

2. Barattoonni lama adda addattiburtukaana afur afur bitatan.


Barattoonni lamaan walitti burtukaana meeqa akka bitatan baruuf;
Barataan/ttuun jalqabaa 4, kan lammataas 4 bitan.
Kanaaf, 2 × 4 = burtukaana 8 ta’a.

21
3.2 Lakkoofsota Hundaa Hamma 100tti Jiran 2 fi 10niin
Baay’isuu
Wayitiin Kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 lakkoofsota hamma 100tti jiran 2 fi 10niin ni baay’isu.
 piroobileemota jechaa baay’attoota 2 fi 10of keessaa qaban ni furu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni hambifannaa malee 2 fi 10niin baay’isuu keessa
deebi’uun baratu.Keessa deebiin kun jalqaba yaadrimee baay’isuu irratti xiyyeeffachuu qaba.
Itti aansuun tarmii baay’ataa addaan baasuu irratti ta’uu qaba.Yaadrimee baay’isuu barsiisuuf
haala fakkeenya armaan gadiitiin ibsuun bu’a qabeessa si taasisa.
Fakkeenya: 2× 6 barsiisuuf wantoota 6 garee lamaan qopheeffadhu. Cirracha fudhachuu
Nidandeessa

.
Cirrachoota 6 garee lamaan qophaa’an kana barattoonni walitti makanii akka lakkaa’an
taasisi.

Kana irraa 2× 6 meeqa akka ta’e akka hubatan taasisuu dandeessa. Dabalataanis
2× 6 jechuun, 6 +6 jechuu akka ta’e hubachiisuun barbaachisaadha.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Abaakasii
 Wantoota qabatamoo lakkaa’aman; cirracha, midhaan mukaa kkf
 Filaash kaardii
 Gabatee baay’attootaa 2 fi 10n, Gabatee baay’isuu.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Irra deddeebi’anii ida’uu baay’isuu 2 fi 10niinwalqabsiisuun gargaaruu.
 Fakkeenyi fudhachuun hubannoo barattootaa cimsuu.

22
 Gilgaalota mata duree kana jalatti kennaman irratti gareedhaan mar’achiisuun
akka hojjatan haala mijeessuufii.
 Gochaalee mata duree kana keessatti kennaman mari’achaa akka hojjatan
haalamijeessuu.

Iyyaafannoo
 Gaaffilee 2 fi 10niin bay’isuu of keessa qaban gaafachuun deebii isaanii madaali.
 Gochaafi gilgaalota garagaraa kennuun hubannoo barattootaa adda baafachuu.

Deebii Gocha 3.2

1. Saanduqa keessa qubeessaa 20 jira.


2. Kudhan kudhaniin osoo gareedhaan kaa'amanii garee 2tu
jira.
3. Baay’ina garee yoo baay’ina qubeessaa garee tokko keessa
jiraniin baay’isne 2 × 10 = 20 ta’a.

Deebii Gilgaala 3.2


1a. 2× 8 = 16 b. 2× 12 = 24 c. 2× 15 = 30 d. 2× 20 = 40
e. 2× 28 = 56 f. 2× 40 = 80 g. 2× 45 = 90 h. 2× 50 =100
2a. 10× 3 = 30 b. 10× 4 = 40 c. 10× 5 = 50 d. 10× 10 = 100
e. 10× 8 = 80 f. 10× 6 = 60 g. 7× 10= 70 h. 9× 10 =90
3 a. 8 +8 = 2×8 = 16
b. 5 + 5 + 5 + 5 + 5 + 5 + 5+ 5 + 5 + 5 = 10×5 = 50

23
3.3 Lakkoofsota Hundaa Hamma 100 tti Jiran 0 fi 1’n Baay’isuu
Wayitiin kenname: 3

Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:


 lakkoofsota hundaa 1’n ni baay’isu.
 lakkoofsota hundaa 0’n ni baay’isu.
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Lakkoofsota hundaa 1’n yoo baay’isnu haala akkamitti akka ibsamu hubachiisuun
barbaachisaadha. Lakkoofsi kamiyyuu 0’n yoo baay’ate zeeroo mataa isaa ta’a.
Fakkeenya:1× 4 barsiisuuf wantoota 4 bakka tokko kaa’uun mul’isuun ni danda’ama.

Cirrachoota 4 rektaangilii keessa keenyee jirra. Kanarraa, 1× 4 =4 ta’uu isaa akka hubatan
ilaaluun barbaachisaadha.Fakkeenya akkanaa kennuufiin akka 1’n baay’isuu danda’an
deeggarsa godhiif.Akkasumas lakkoofsi kamiyyu zeeroon gaafa baay’atu zeeroo akka ta’u itti
agarsiisi. Fakkeenya 0×1 = 0 ta’uu itti agarsiisi.
Maloota Baruu Barsiisuu
 Barattoonni 1’n baay’isuu irratti mar’achaa akka hojjetan haala mijeessi.
 Meeshaaalee deeggarsa barnootaatti fayyadamuun 1’n baay’isuu haala itti shaakalan
mijeessuu.
 Gabatee baay’isuutti fayyadamuun lakkoofsota hundaa 1’n baay’isuu akka shaakalan
haala mijeessuu.
 Barattoonni 1’n baay’isuu irratti mar’achaa akka hojjetan haala mijeessi.

Iyyaafannoo
 Gaaffilee 1’n baay’isuu gaafachuun barumsichi hammam akka hubatan madaali.
Deebii Gilgaala 3.3
1a. 1× 19 = 19 b. 1× 28 =28 c. 1× 42=42
d. 1× 55 =55 e. 1 × 61=61 f. 1× 98 =98
2a. 0× 7 = 0 b. 0× 8 = 0 c. 0× 9 = 0 d. 0× 10 = 0

24
3.4 Lakkoofsota Hundaa Hamma 100tti JiranLakkoofsota 3, 4, 5,
6, 7, 8 fi 9 Baay’isuu
Wayitiin Kenname: 8
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 lakkoofsota hundaa hamma 100tti jiran 3’n, 4’n, 5’n, 6’n, 7’n, 8’n fi 9’n ni baay’isu.
 baay’attoota 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9 ni tarreessu.
 Pirobileemota jechaa ni furu.

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


Mata duree kana keessatti, barattoonni 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9n baay’isuu akka shaakalan tooftalee
adda addaa fayyadamuun barsiisuun barbaachisaadha.
Fakkeenya:3 × 4 barsiisuuf wantoota lakkaawamanitti fayyadamuun haala armaan
gadiitiin yoo barsiiste baay’ee bareedaa ta’a.

Wantoota lakkaa’aman kanneen akka cirrachaa saddeeqaa afur afur bakka sadii haa kaa’an.
Hunda isaanii walitti makuun haa lakkaa’an. Kana irraa 3 si’a 4 jechuun maal akka ta’e
gaafachuun gargaarsa kenniifi.

Dabalataanis, 3 × 4 = 4 + 4 + 4 = 12 ta’uu isaa irratti haa mari’atani. Fakkeenyota kanaan


walfakkaatan barattoota keetiif kennuun hojjechiisuu qabda.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Baay’isuun ida’uudhaan akka ibsamu hubachisuun barsiisuu.
 Baay’isuu 3× 2= 6 keessatti 3 fi 2 maal akka ta’aniifi 6 maal akka ta’e barattoonni
addaan akka baafatan fakkeenyota adda addaa kennuun ibsuu.
 Baay’attoota 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9 filaash kardiirratti qopheeffachuun barattoonni akka
addaan baafatan taasisaa barsiisuu.
 Barattoonni baay’isuu danda’uu isaanii baruuf fakkeenyota adda addaatti akka
gareedhaan hojjetan gochuu qabda.
 Fakkeenyota muuxannoo barattootaa wajjiin walfakkaatan kennuufiin barsiisuu.

25
 Gilgaalota mata duree kana jalatti kennaman barattootaaf kennuun akka isaan hojjetan
haala mijeessiif.

Iyyaafannoo
 Barattoonni 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9’n akka baay’isan gaaffilee kennuufiin deebii isaanii
madaali.
 Akka bay’attoota 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9 tarreessan gaafachuun.
 Gaaffilee pirobileemota jechaa 3, 4, 5, 6, 7, 8 fi 9’n baay’isuu irratti hundaa’an
gaafachuun.

Deebii Gocha 3.3


1.

Baay’inni iskuuweerota dalgee tokkoo 5 Baay’inni iskuuweerota dalgee tokkoo 5


Baay’inni iskuuweerota olee tokkoo 3 Baay’inni iskuuweerota olee tokkoo 3
Baay’inni waliigalaa 3× 4 = 12 ta’a. Baay’inni waliigalaa 3× 5 = 15 ta’a.

2. Hindaaqqoo garee 3tu jiru.


Tokkoon tokkoon garee keessa hindaaqqota 4tu
jira.

Baay’ina gareefi baay’ina simbirroota garee


tokko keessa jiranii yoo waliin baay’iste 3 × 4
=12

26
Deebii Gilgaala 3.4
1.
a. 3× 6 = 6 + 6 + 6 = 18
b. 3× 14 = 14 + 14 + 14 = 42
c. 3× 23 = 23 + 23 + 23 = 69
d. 3× 25 = 25 + 25 + 25 = 75
e. 3× 12 = 12 + 12 + 12 = 36
2.
× 14 16 17 18 19 20 21 22 23 24 25
3 42 48 51 54 57 60 63 66 69 72 75

3. Baay’attoonni 3 hamma 20tti jiran 3, 6, 9, 12, 15, 18 ta’u.


4. Saanduqni tokko burtukaana 21 baata.
Saanduqni 3’n akkasii burtukaana 3× 21 = 63 baata.
Deebii Gocha 3.4
Lukkuun sadi sadiin bakka afur ta’aniiru walitti yoo lakkoofne 4×3 = 12 ta’a.

3+ 3 + 3 + 3 = 12

Deebii Gilgaala 3.5


1.
a. 4× 9 = 9 + 9 + 9 + 9 = 36
b. 4× 13 = 13 + 13 + 13 + 13 = 52
c. 4× 15 = 15 + 15 + 15 + 15 = 60
d. 4× 22 = 22 + 22 + 22 + 22 = 88

27
2.
× 15 16 17 18 19 20 21 22 23 24 25
4 60 64 68 72 76 80 84 88 92 96 100
3.Baay’attoonni 4 hamma 48tti jiran 4, 8, 12,16,20,24,28,32,36,40,44,48 ta’u.

Deebii Gilgaala 3.6


1.
a. 5× 7= 7 + 7 + 7 + 7 + 7 = 35
b. 5× 8 = 8 + 8 + 8 + 8 + 8 = 40
c. 5× 9 = 9 + 9 + 9 + 9 + 9 = 45
d. 5× 10 = 10 + 10 +10 + 10 + 10 = 50
e. 5× 11 = 11 + 11 +11 + 11 + 11 = 55
2. Baay’attoonni 5’n hamma 96tti jiran
5 , 10 , 15 , 20 , 15 , 25 , 30 , 35 , 40 , 45 , 50 , 55 , 60 , 65 , 70 , 75 , 80 , 85 , 90 , 95ta’u.
3. Gatiin Qubeessaa tokkoo qarshii 5.
Gatiin qubeessaa akkasii 4 qarshii 4× 5= Qarshii 20 ta’a.

Deebii Gocha 3.5


6×4 bifa ida’uutiin 4 + 4 + 4 + 4 + 4 + 4 = 24 ta’a.

Deebii Gilgaala 3.7


1.
a. 6 × 6 = 6 + 6 + 6 + 6 + 6 + 6 = 36
b. 6× 8= 8 + 8 + 8 + 8 + 8 + 8 = 48
c. 6× 10 = 10 + 10 +10 + 10 + 10 + 10 = 60
d. 6× 11 = 11 + 11 +11 + 11 + 11 + 11 = 66
e. 6× 12 = 12 + 12 +12 + 12 + 12 + 12 = 72
2. Baay’attoonni 6 hamma 48tti jiran 6, 12, 18, 24, 30, 36, 42, 48ta’u.
3. Saanduqni tokko burtukaanota 7 baachuu danda’a.
Saanduqoonni 6 burtukaanota 6× 7 = burtukaana 42 baata.

28
Deebii Gocha 3.6
Fayyeeraan fardeen gulufan garee 7 arge.

Gareen torbaniyyuufardeen lamalama qabu, waliigalatti Fayyeeraan fardeen 7×2 = 14 arge.

Deebii Gilgaala 3.8


1.
a. 7× 6 = 6 + 6 + 6 + 6 + 6 + 6 + 6 = 42
b. 7× 8 = 8 + 8 + 8 +8 + 8 + 8 + 8 = 56
c. 7× 9 = 9 + 9 + 9 + 9 + 9+ 9 + 9 = 63
d. 7× 10 = 10 + 10 + 10 +10 + 10 + 10 + 10 = 70
e. 7× 11 = 11 + 11 + 11+11 + 11+ 11+ 11 = 77
f. 7× 12 = 12 + 12 + 12 +12 + 12 + 12 + 12 = 84
2. Baay’attoota 7 hamma 49tti jiran 7, 14, 21, 28, 35, 42, 49 ta’u.

3.
a. 7 × 3 = 21 b. 7 ×9 = 63 c. 7× 2 = 14

d. 7× 14 = 98 e. 7 ×1 =7 f. 7× 5 = 35

Deebii Gocha 3.7


8×4 bifa ida’uudhaan 4 + 4 + 4 + 4 + 4 + 4 + 4 + 4 = 32 ta’a.

Deebii Gilgaala 3.9


1a. 8× 5 = 40 b. 8× 6 = 48 c. 8× 7 = 56
d. 8× 11 = 88 e. 8× 12 = 96

29
2.

× 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11
8 8 16 24 32 40 48 56 64 72 80 88
3. Baay’attoota 8 hamma 64tti jiran 8, 16, 24, 32, 40, 48, 56, 64ta’u.
4. Gatiin killee tokkoo qarshii 8 ta’a.
Killeen akkasii 10 qarshii hammam akka baasu argachuuf 8×10 = qarshii 80 ta’a.
5 a. 8 × 8 = 64 b. 8 × 10= 80 c. 8 × 12 =96

Deebii Gocha 3.8


× 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10
9 9 18 27 36 45 54 63 72 81 90

Deebii Gilgaala 3.10


1a. 9× 4 = 36 b. 9× 5= 45 c. 9× 6 = 54
d. 9× 7 = 63 e. 9× 8 = 72 f. 9× 10= 90
2. Baay’attoota 9 hamma 81tti jiran 9 , 18 , 27 , 36 , 45 , 54 , 63 , 72 , 81 ta’u.
3. Burtukaanni tokko qarshii 9'n bitama.
Burtukaanni walfakkaataa ta’e 10 qarshii9 ×10 = qarshii 90 ta’a.
4.
× 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10
1 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10
2 2 4 6 8 10 12 14 16 18 20
3 3 6 9 12 15 18 21 24 27 30
4 4 8 12 16 20 24 28 32 36 40
5 5 10 15 20 25 30 35 40 45 50
6 6 12 18 24 30 36 42 48 54 60
7 7 14 21 28 35 42 49 56 63 70
8 8 16 24 32 40 48 56 64 72 80
9 9 18 27 36 45 54 63 72 81 90
10 10 20 30 40 50 60 70 80 90 100
5.

30
a. 3 × 9 = 27 b. 9 × 4 = 36 c. 9 × 10=90

d. 11 × 9=99 e.7× 9 =63 f. 9 × 8 =72

3.5. Pirobleemota Jechaa


Wayitiin Kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Piroobleemota jechaa baay’isuu hamma 1,000tti jiran furuu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Barattoonni hubannoo piroobleemii jechaan furuu akka shaakalaniif jalqaba hibboo afaan
Oromoo hibbifachuu irraayoo kaatan baay’ee gaarii ta’a.a1 0
Maloota Baruu Barsiisuu
 Barattoonni irra deddeeb’anii akka dubbisan taasisuu.
 Barattoonni maaltu akka isaaniif kennameefi maala akka adda baafatan taasisuu.
 Wantoota gaafataman jijjiiramaan bakka buusuu.

Iyyaafannoo
 Gaafilee jechaan kennaman gaafachuuf akka isaan hubatan adda baafachuu.

Deebii Gilgaala 3.11


1. Barsiiftuun barattoota garee walqixaa 8titti qoodde.
Garee 1 keessa barattoota 4tu jira.
Baay’inni barattootaa = 8× 4= 32 ta’a.
2. Baay’ina ijoollee Aadde Taliilee 5.

Baay’ina barullee nama tokkoof bitte 4.

Waliigalatti baay’inni barullee Aadde Taliileen bitte = 5× 4= barullee 20

3. Baay’inni dabtaroota badhaasaaf dhi’aatan = 3 ×4=12 ta’a.

31
BOQONNAA 4
WALAKKAAWWANIIFI KURMAANOTA
Wayitiin Kenname: 16
Bu’aalee barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda barattoonni:
 Qoqqoodama walqixaa walakkaawwaniifi kurmaanotaa ni hubatu.
 Xiyya lakkoofsaa irratti walakkaawwaniifi kurmaanota bakka ni buusu.

Seensa
Boqonnaa kana keessatti barattoonni waa’ee gartokkeewwan waan guutuu ta’an kannen akka
walakkaawwan, siisoowwaniifi kurmaanotaa adda baafatanii dha. Kanaafuu, barattoonni
keewaa’ee walakkaawwanii, siisoowwanii fi kurmaanota danaafi waantota qabatamaa ta’een
ibsuu. Hubannoo barattootaa cimsuuf waantoota qabatamoo daree keessatti fiduun ittiin
barsiisaa.

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


Waan guutuu tokko:
a. bakka walqixaa lamatti yoo qoodne walakkaa arganna
b.bakka walqixaa sadiitti yoo qoodne siisoo arganna
c. bakka walqixaa afuritti yoo qoodne kurmaana arganna. Qoqqoodamni wantootaa walqixa
ta’u malee walakkaa, siisoofi kurmaana jechuu akka hin dandeenye barattoota hubachiisuu
qabdu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Chaartiifi fakkiilee adda addaa walakkaafi kurmaanota ofkeessaa qaban
 Waraqaa boca reektaangilii, geengoo kkf qaban
 Wantoota qoqqoodamuuf mijataa ta’an
 Moodeelota
Maloota Baruu Barsiisuu
 Waan guutuu tokko bakka walqixaa lamatti qooduun walakkaawwan barsiisuu
 Waan guutuu tokko bakka walqixaa sadiitti qooduun siisoowwan barsiisuu
 Waan guutuu tokko bakka walqixaa afuritti qooduun kurmaanota barsiisuu
 Danaalee qoqqoodama walqixaa adda addaa qabu irratti fayyadamuun
walakkaawwan, sisoowwaniifi kurmaanta akka himan gaafachuu.

32
Iyyaafannoo
 Barattoonni, danaa geengoo ijaaranii bakkeewwan walqixa 2, 3 fi 4tti qoqqooduun
akka ibsan gaafachuun deebii isaanii madaali.
 Cheekliistii qopheessuun hordoffii taasisuu

4.1 Walakkaawwan
Wayitiin Kenname: 7

Gahumsa: Xumura barnoota kanatti barattoonni:


 qoqqoodama gartokkeewwan lamaa walakkaa ta’an addaan ni baasu.
 waantota qabatamaa walakkaatti addaan nibaasu.
 walakkaawwan wantoota adda addaa fayyadamuun bakkani buusu.

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


Gartokkeewwan lama qoqqoodamni isaa walqixa hin taane walakkaa akka ta’uu hin
dandeenye hubachiisi.
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Moodeelota
 Chaartiifi fakkiilee adda addaa walakkaawwan ofkeessaa qaban
 Waraqaa boca reektaangilii, geengoo kkf qaban
 Wantoota qoqqoodamuuf mijataa ta’an
Maloota Baruu Barsiisuu
 Barattoonni yaad-rimee qooddachuu akka hubatan wantoota qabatamoo walqixaafi
walqixa hin ta’iin kanneen akka fuduraalee; waraqaa boca garaagaraatti dachaasuu
irraa eegaluun fakkiin akka bakka buusan gargaaruu.
 Wantoota baay’inni isaanii lakkoofsa guutuu ta’an akka lakkaa’aman kennuun garee
lamatti adda baasuun tokkoon tokkoo hamma homaa hinhafnetti gareewwan irratti
ida’uu, wantoota qooddachuun tokko anaaf tokko siif jechuun ni danda’ama.
 Waraqaa boca adda addaa barattootaaf kennuun dachaasanii walakkaa boca
kennameefii akka barbaadan taasisuu.
 Fakkiiwwan adda addaa kennuun barattoonni walakkaa isaa akka gurraachessan
qajeelchuu.
 Walakkaa ramaddii guutuu agarsiisuuf xiyya lakkoofsaa fayyadamu.

33
 Itti aansuun ramaddii tokko darbiiti walakkaa sararichaa akka diban gaafachuun
walakkaa jedhanii akka moggaasan qajeelchuu.

Hubachiisa: ½ akka mallattootti hin fayyadamin.

Barattoonni walakkaan lakkoofsa ta’uufi dabalataan akka safaraafi qoyyabaatti hubachuu


isaanii mirkaneeffachuuf gocha xiyya lakkoofsaa irratti kennuuf.

Iyyaafannoo
 Barattoonni akkamitti wantoota iddoo lamatti qooddatan akka ibsan gaafachuu.
 Barattoonni akkamitti waraqaa akka dachaasan daawwachuufi kallattii biraatiin akka
dachaasan gaafachuu. Fakkeenyaaf: boca iskuweerii dhaabbiin, dalga yookiin
shaffaxa yookiin immoo shaffaxa lamattii fi dhaabbiin kutaalee walii fuulleetti
dachaasuu.
 Barattootaaf meeshaalee (wantoota) gara garaa dhiheessuun akkamitti walakkaa
isaanii akka barbaadan daawwachuufi akkamitti muuxannoo qooduu yeroo darbee
akka wal qabsiisaan qo’achuu.
 Barattoonni wantoota sirriin qooduu danda’uu yookiin walakkaa dibuu isaanii
ilaaluufi wantoota iddoo walqixaatti akka qoodan yookiin fakkii dibuun himan
jajjabeessuu.

Deebii Gocha 4.1


1. Daabboo tokko bakka walqixaa lamatti qooduun isa tokko yoo nyaatte harkatti kan siif
hafuwalakkaa ta’a.
2. Waraqaa boca reektaangilii qabu tokko bakka walqixa lamatti dachaasuungama tokko
qubeessaadhaan dibi kan dibame kun walakkaa jedhama.

Deebii Gilgaalaa 4.1

2. Bakka lamatti yommuu xiyyeeffannaan akka qoodan qajeelchi.

34
Deebii Gilgaalaa 4.2
1. Lakkoofsa 0fi 2 gidduu kan dibame walakkaa dheerina 0fi 4 gidduu jiruuti.

2. Walakkaa

3a. Gaheen Meetii 6 akkasumas gaheen Firoomsaa 6 ta’a.b. walakkaa

4.2 Kurmaanota
Wayitiin Kenname: 9

Gahumsa: Xumura barnoota kanatti barattoonni:


 qoqqoodama gartokkeewwan lamaa kurmaana ta’an addaan ni baasu.
 waantota qabatamaa kurmaana addaan ni baasuu.
 kurmaanota waantota adda addaa fayyadamuun bakka ni buusu.

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


Gartokkeewwan afur qoqqoodamni isaa walqixa hin taane kurmaana akka ta’uu hin
dandeenye hubachiisi.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeelota
 Chaartiifi fakkiilee adda addaa kurmaanota ofkeessaa qaban
 Waraqaa boca reektaangilii, geengoo kkf qaban
 Wantoota qoqqoodamuuf mijataa ta’an

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


 Kurmaana kan argannu waan guutuu tokko bakka walqixa afuritti yoo qoodne dha.
 Kurmaana argachuuf tokkoon tokkoo walakkaa waan guutuu bakka walqixaa lamatti
qooduun ta’uu hubachiisi
 siisoon kan argannu waan guutuu tokko bakka walqixa sadiitti yoo qoodne dha.

35
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Moodeelota
 Chaartiifi fakkiilee adda addaa kurmaanota ofkeessaa qaban
 Waraqaa boca reektaangilii, geengoo kkf qaban
 Wantoota qoqqoodamuuf mijataa ta’an

Maloota Baruu Barsiisuu


 Barattoonni waraqaa si’a lama iddoo lamatti akka dachaasaniifi fuula irraa akka
diban taasisuun booda kan dachaasan hiikuun qaama guutuu dibamee hubachiisuu.
 Bal’iinsa danaalee qoqqoodama walqixaa afur qaban halluu garagaraa dibuun qaama
hammamii bal’insichaa akka dibaman gaafachuun yaad-rimee kurmaanaa
bu’uureessuu.
 Waraqaa boca garagaraa qopheessii barattoonni dachaasuun kurmaana, kurmaana
lama, kurmaana sadi bocichaa akka barbaadan taasisuu.
 Barattootaaf fakkiilee dibamu kennuufiin kutaaleen hammamii fakkichaa akka
dibame gaafachuu.
 Pirobileemii jechaa sababeessuufi walmormuu barattootaa gaafatu kanneen
akka“Caaltuufi Magartuun tokko tokkoo isaanii waraqaa hammi isaa walqixa ta’e
qabu. Caaltuun waraqaa ishee iddoo afuritti murte. Magartuun waraqaa ishee
walakkatti murte. Eenyutu muraa waraqaa caalaa qaba? Eenyutu muraa guddaa
qaba?”
 Kurmaana agarsiisuuf xiyya lakkoofsaa fayyadamuun barattoonni kurmaana
lakkoofsaa ta’uu isaafi dabalataan akka safaraafi qoyyabaatti hubachuu isaanii
mirkaneessuu.
 Yaad-rimee kutaafi guutuu karaa fakkeenyota adda addaa bakka bu’ummaa adda
addaa qabaniin fayyadamuun gabbisuu. Caasaa hariiroo gartokkee-gartokkee-guutuu
walbarsiisuufi barattoonni yaad-rimee kana addunyaa dhugaa keessatti akka
sakatta’an taasisuu.
Iyyaafannoo
 Cheekliistii akkaataabarattoonni jechaafi fakkii itti fayyadamuun sababa isaanii ibsan
hordofuu.
 Hubannoo barattootaa gaaffilee waa’ee walakkaawwaniifi kurmaanotaa bakka
tokkotti ofkeessaa qabaniin iyyaafachuu.

36
Fakkeenya:Soorettiin mallattoowwan gochaa jirti. Isheen walakkaan mallattichaa
gurraacha, tokko afraffaan daalachafi kurmaanni tokko adii akka ta’u
barbaadde.Mallattoon Soorettii barbaaddu fakkaachuu kan danda’u isa kami?

Deebii Gocha 4.2


Waraqaa bifa rektaangilii qabu tokko bakka walqixaa lamatti si’a lama dachaasi achii fuula
irra keessaa dibi.
Waraqaan fuulli dibame bal’insa afuritti qoodame.
Bal’insa arganne keessaa tokko Kurmaanajedhama.

Deebii Gilgaala 4.3


1. Kutaawwan arfan jiran keessaa tokkoo isaa dibuu ni danda’u.

a. b.
2.

a. b.

3a.Walakkaa < guutuu. b. kurmaana < siisoo c. siisoo < walakkaa

d. Kurmaana < walakkaa e. Guutuu > siisoo f. kurmaana < guutuu

Deebii Gilgaala 4.4


1 a. kurmaana b. kurmaana c. kurmaana d. kurmaana
2a. Walakkaa b. Guutuu
3. Caaltuun iddoo afuritti murte.Magartuun iddoo lamatti murte.
 Muraa waraqaa caalu yookaan muraa baay’ee kan qabu Caaltuu dha.Sababni isaas
Caaltuun muraa 4 fi Magartuun immoo muraa 2 waan ta’eef.
 Muraa guddaa kan baatu Magartuu dha. Sababni isaas Magartuun waraqaa tokko
iddoo walqixaa lamatti qoodde Caaltuun immoo iddoo walqixaa afuritti qoodde.
4. C
5a. Danaa reektaangilii kenname kutaalee walqixa afurittiqoodame.
Kutaalee afran keessaa kan dibame kutaa tokko qofaa dha.

37
Kutaan rektaangilii dibame kun tokko afraffaa yookaan kurmaana jedhama.
b. Danaa geengoo kenname kutaalee walqixaa afuritti qoodame.
Kutaalee afran keessaa kan dibame kutaa lama qofaa dha.

Kutaan geengoo dibame kun walakkaa jedhama.


c. Danaa rektaangilii kenname kutaalee walqixaa afurittiqoodame.
Kutaalee afran keessaa kan dibame kutaa lama qofaa dha.

Kutaan rektaangilii dibame kunwalakkaa jedhama.


d. Danaan rogsadee kenname kutaalee walqixaa afurittiqoodame.
Kutaalee arfan keessaa kan dibame kutaa tokko qofaa dha.

Kutaan rogsadee dibamekunkurmaana jedhama.


e. Danaa rog-sadee kenname kutaalee walqixaa afurittiqoodame.
Kutaalee afran keessaa kanhin dibamne kutaa tokko qofaa dha.

Kutaan rog-sadee hin dibamnekunkurmaana jedha.

38
BOQONNAA 5
PAATARNOOTA
Wayitiin Kenname: 14
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaatti barattoonni:
 Paatarnii deddeebi'aa ni hubatu.
 Wantootaafi lakkoofsota gargaaramuun paatarnii deddeebi'aa ni mul'isu.

Seensa
Boqonnaa kana keessatti barattootni yaadrimee paatarnii akka hubataniif waantota qabatamaa
naannoo isaaniitti argaman irraa ka'uun qabsiisuun barbaachisaa dha. Dizaayinii huccuu,
meeshaalee mana keessaafi kanneen birootti dhimma bahuun isin irraa eegama. Waa'ee
paatarnii barsiisuu keessatti kalaqa mataa keetii itti dabaluun hubannoo barattootaa cimsi.
Fakkeenyaaf, halluu garaagaraatti fayyadamuu, wantoota akka naannoo isaaniitti jiru
paatarnii agarsiisu jalqabatti fiduun gocha keessatti gargaaramuu dha.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Maanipuleetiivii(pilaastika boca garaagaraatti mummuruun fayyadamuu)
 Kaardii halluu
 Meeshaalee naannoo (gundoo, callee)
 Fakkii filiippi chaartii (waraqaa bal'aa) irratti maxxansuu

5.1 Yuunitii Deddeebii


Wayitiin Kenname: 6

Gahumsa: Xumura mata duree barnoota kanaa booda, barattoonni:


 paatarnii kenname keessatti yuunitii deddeebi'aa adda ni baasu.
 paatarnii kenname keessatti hamma deddeebii wantootaa ni himu.

Yaadannoo Barsiisotaaf
Jalqaba meeshaalee naannootti argamaniifi dizaayinii bifa paatarnii ofkeessaa qaban kanneen
akka huccuu, hodhaawwan gundoo, leemataa, hafataa mana keessaa kkf fayyadamuun
hubannoo barattootaa cimsuu.

39
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Maanipuleetiivii(pilaastika boca garaagaraatti mummuruun fayyadamuu)
 Kaardii halluu
 Meeshaalee naannoo (gundoo, callee)
 Fakkii filiippi chaartii (waraqaa bal'aa) irratti maxxansuu

Maloota Baruu Barsiisuu


 Kaardii halluu adda addaa qopheessuun bifa taphaatiin barsiisuu
 Gilgaalaafi gochoota kennaman irratti hirmaachisuu
 Wantoota naannoo isaaniitti argaman qabatamaan agarsiisuu(Fakkeenya: Callee)

Iyyaafannoo
 Cheekliistii fayyadamuu
 Hojii manaa, Hojii daree sorooruu
 Meeshaalee garaagaraa dhiyeessuun haala itti paatarnii ijaaran hordofuu

Gocha 5.1
Hubachiisa: Bakka kaardii halluu qorkiiwwan bifa adda addaa yookiin bocoota garaagaraa
kan akka rogsadee, rogarfee, geengoo kkf fayyadamuu ni dandeessa.

Deebii Gilgaala 5.1


1. Paatarnii ta'uu adda baasuu
Hubachisa: As irratti deebii “ eyyee” yookiin “lakki” jedhu qofaa otoo hin taane sababa
isaa waliin akka deebisan taasisi.
a. Paatarnii dha. Daraaraafi mukni dabaree dabareen deddeebii walfakkaataa ta’een
tartiibeffamanii jiru
b. Paatarnii dha. Rogsadeefi rombasiin dabaree dabareen deddeebii walfakkaataa ta’een
kaa’amanii jiru.
c. Paatarnii miti. Deddeebii qindaawaa ta’e hin qabu.
d. Paatarnii dha. Deddeebii dabaree eeggateen wantoonni lama tartiibeffamanii jiru.
e. Paatarnii dha. Deddeebii dabaree eeggateen wantoonni lama tartiibeffamanii jiru.
f. Paatarnii dha. Deddeebii dabaree eeggateen wantoonni sadii tartiibeffamanii jiru.
2. Hamma Yuunitii deddeebi'aa a. Yuuniitii 1b. Yuuniitii 2c. Yuuniitii 3
3. Baay’ina deddeebii
40
a. 2 b. 3 c.3 d. 4
4. Gabatee keessaa dibaa paatarnii himuu
Dalgee: 1ffaa, 3ffaaIrraa Gadee: 1ffaa, 3ffaafi5ffaa

5.2 Miseensa Hanqate


Wayitiin Kenname: 8
Gahumsa: Xumura mata duree barnoota kanaa booda, barattoonni:
 Paatarnii kenname keessaa miseensa hanqate ni guutuu.
 Miseensa paatarnii deddeebi’aa dhiyoo jiru dheeressuun ni tilmaamu

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Maanipuleetiivii(pilaastika boca garaagaraatti mummuruun fayyadamuu)
 Kaardii halluu

Maloota Baruu Barsiisuu


 Paatarnoota tarmoonni keessaa hafan kennuufiin barattoonni akka guutan gaafachuu
 Gilgaalaafi gochoota kennaman irratti barattoota hirmaachisuu
 Tarmoota paatarnii kennuufi sadarkaa isaanii irratti argamanmeeqaffaa akka ta’e
gaafachuu

Iyyaafannoo
 Cheekliistii fayyadamuu
 Barattoonni miseensa paatarnii hanqate guutuu isaanii mirkaneeffachuu

Deebii Gocha 5.2


a. 3 b. 16, 19 c. Sanduuqaafi geengoo d. Kubbaa 2

Deebii Gilgaala 5.2


1a. 18, 20 b. 25, 29 c. 35, 40
d. 40 e. 42 f. 20, 48

41
2. Tarmoota hanqatan gabatee keessatti guutuu
Baay'ina Namaa Baay'ina Harkaa Baay'ina quboota harkaa
2 4 20
4 8 40
6 12 60
8 16 80
10 20 100
12 24 120

3. Wantoota kennaman keessaa kan bakka duwwaa bu'u filachuu

4. Paatarnoota hanqataniif guutuu

Deebii Gilgaala 5.3


1a. 10 - tarmii tokkoffaa b. 100 - tarmiitokkoffaa
22 - tarmii lammaffaa 106 - tarmii lammaffaa .
34 - tarmii sadaffaa 112 - tarmii sadaffaa
46 - tarmii arfaffaa 118 - tarmii arfaffaa .
58 - tarmii shanaffaa 124 - tarmii shanaffaa .
70 - tarmii jaahaffaa

42
Hubachiisa: Tarmii meeqaffaa? isa jedhu barbaaduuf
Tarmiin gaafatame kanneen tarreeffame keessa waan hin jirreef dheeressuun barbaachisaa
dha. Kanaaf yuunitii ittiin dheeressan tarmii dhumaa irratti dabalaa tarmoota immoo lakkaa'aa
akka deeman taasisi
2. a.24 fi 30 b. 60 fi 80 .c. 66 fi 78 d. 250 fi 300

3. 20 4.120

43
BOQONNAA 6
SAFAR DHEERINAA, HANGAAFI QABEE
Wayitiin Kenname: 25
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda, barattoonni:
 meeshaalee safartuu aadaa itoophiyaatiin dheerina, hangaafi qabee ni safaru.
 yuunitoota ammayyaa gargaaramuun dheerina, hangaafi qabee ni safaru.

Seensa EENSA
Boqonnaa kana keessatti, barattoonni safaroota kanneen akka safara dheerinaa, safara hangaa
fi safara dhangala’oo keessaa yuunitoota isaan bu’uura ta’an ni baratu. Yuuniitota kanaanis ni
safaru.Ida’uu fi hir’isuu safaroota kanaas hamma tokko ni baratu.Wantoota naannoo isaanii
jiran safaruu akka shaakalan boqonnaan kun baay’ee isaan gargaara.Safara dheerinaa jalatti
taakkuun, dhundhumaan, tarkaanfiin, funyoon, cm fi m’n safaruu baratu. Walitti dhufeenya
cm fi m kanuma keessatti baratan. Dabalataanis cm yookiin m ida’uu fi hir’isuu baratu.Safara
dhangala’oo jalatti dhangala’oo liitiraan safaruu baratu. Safara hangaa jalatti immoo, hanga
wantoota adda addaa naannoo isaanii jiran kg’n safaruu baratu.Madaalatti fayyadamuun
akkaataa itti hanga wantoota adda addaa safaran shaakalchiisuun
barbaachisaadha.Dhangala’oo naannoo isaanii jiran safaruu shaakalchiisuun
barbaachisaadha.Akkasumas, dhangala’oo liitiraafi miliiliitiraan safaruu baratu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Dhumdhuma, taakkuu, tarkaanifii, funyoofi sarartuu.
 Meeshaalee safara dheerinaa.
 Meeshaalee safara qabee dhangala’oo.
 Dhangala’oo adda addaa.
 Meeshaalee safara hangaa.
 Wantoota safaramuu danda’an (buna, xaafii, misingaa, boqqolloo fi kkf).D

EERINA

44
6.1 Dheerina Safartuuwwan Aadaafi Saantiimeetiraafi
Meetiran Safaruu
Wayitiin Kenname: 4
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 dhundhuma, faana, taakkuu, tarkaanfiifi funyoo fayyadamuun dheerina ni safaru.
 dheerina cm fi m’n ni safaru.
 hariiroo cm fi m ni ibsu.

Yaadannoo Barsiistuuf/ Barsiisaaf


Mata duree kana barsiisuuf sarartuutti fayyadamuun dheerina adda addaa haa safarani.
Akkasumas, safarri dheerinaafi dalgee minjaala, teessoofi daree isaanii hammam akka ta’eefi
kanneen kana fakkaatan safaruun haa shaakalani.
Fakkeenyaaf: Sarartuu fayyadamuun dheerina hiriyoota isaanii, dabtara isaanii fi wantoota
adda addaa safarsiisi. Dabalataanis mallattoon meetiraa mkan seentiimeetiraa ammoo cm
ta’uu barsiisi.
Walitti dhuufeenya meetiriifi saantimeetirii barattoota kee hubachiisuun barbaachisaadha.
Kunis1m = 100cm ta’uusaa itti himuun ta’uu qaba.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Dhundhuma, taakkuu, tarkaanfii, funyoofi sarartuu.
 Meeshaalee safara dheerinaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Barattoonni wantoota naannoo isaanii jiran safaruu shaakalsiisuu.
 Hariiroo cm fi m jidduu jiru akka addaan baafatan qabsiisuu.
 Barattoonni sarartuutti fayyadamuun hamma dheerina wantootaa akka himan taasisuu.
 Gilgaalaafi gocha mata duree kana jalatti kennaman barattoonni gareedhaan yookiin
dhuunfaadhaan akka hojjetan taasisuu.

Iyyaafannoo
 Gaaffilee dheerina wantoota adda addaa cm’n safaraman of keessaa qabangaafachuun
deebii isaanii madaali.
 Gaaffilee dheerina wantoota adda addaa m’n safaraman of keessaa qabangaafachuun
deebii isaanii madaali.
45
 Jijjiirama barattoonni amala wantoota safaruu irratti qaban daawwachuu

Deebii Gilgaala 6.1


1 a.700cm b.800cm c.1000cm
d. 1m e.4m f. 9m
2.400cm
3. 8m

6.2 Ida’uufi Hir’isuu Dheerina Yuunitoota Walfakkaataa


Wayitiin Kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Dheerina m’n kennamanwalitti ni ida’u, walirraa ni hir’isu.
 Dheerina cm’n kennaman walitti ni ida’u, walirra ni hir’isu.
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Barattoonni dheerina waantoota yuunitii walfakkaataa ta’een kenname, cm fi cm yookiinm fi
m ida’uufi hir’isuu akka shaakalan gochuutu isin irraa eegama.
Fakkeenyaaf:8cm + 9cm barsiisuuf dursa 8 + 9 walitti ida’uu; 8 + 9 = 17. Kana booda,
yuunitii lakkoosichaa irratti barreessuu dha. Kanaaf 8cm + 9cm = 17cm.
Hir’isuu barsiisuuf immoo haala armaan gadiitti fayyadami.
Fakkeenyaaf: 26m – 5m = _______ barsiisuuf, dursa lakkoofsota lamaan walirraa
hir’isuu, 26 -5 = 21. Kana booda yuunitii m irratti barreessuun waliin dubbisuu dha.
Kanaafuu, 26m - 5m = 21m ta’a.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Sarartuu, ulee meetiraa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Barattoonni dheerina wantoota adda addaa lama walitti dabaluun ida’ama dheerina
isaanii akka himan gargaari.
 Barattoonni dheerina funyoo akka safaran taasisuu. Itti aansuun hamma ta’e irraa
kutuun safaranii akka dheerina hir’isuu hubatan taasisuu.
 Barattoota gareedhaan qooduun akka muuxannoo wal jijjiiran gargaaruu.
 Hojii shaakalaa kennuun akka irratti mari’atan taasisuu.
 Gilgaalota mata duree kana jalatti kennaman hojjechiisuu.

46
Iyyaafannoo
 Gaaffilee ida’uu m of keessaa qaban gaafachuun deebii isaanii hordofi.
 Gaaffilee ida’uu cm of keessaa qaban gaafachuun.
 Gaaffilee hir’isuu m of keessaa qaban gaafachuun
 Gaaffilee hir’isuu cm of keessaa qaban gaafachuun.

Deebii Gocha 6.7


1. Dheerina funyoo 7m
Dheerina funyoo dabalataa 5m
Dheerina funyoo lamaan walitti meetira 7 + meetira 5 = 12m ta’a.
2.10cm fi 8cm walitti, 10cm + 8cm = 18cm ta’a.
3. Muka70cm dheeratu irraa yoo 20cm murame kan hafu;
70cm – 20 cm = 50cm ta’a.

Deebii Gilgaala 6.2


1a. 28cm b. 61cm c.53 m
d.91cm e.12 cm f.52 m
2a. 20cm b. 33m c. 16cm d. 30 cm
3. Daraartuun siinqee dheerinni 160cm ta’e qabatti.
Ayyaantuun siinqee dheerinni 170cm qabatti.
a. 160cm + 170cm = 330cm
b. 170cm – 160cm = 10cm

6.3 Hanga Giraamiifi Kiiloogiraamiin Safaruu


Wayitiin Kenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 hanga kg’n ni safaru.
 safaroota hangaa waliin ni madaalu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Yuunitiin waltawaa hangaa kiiloogiramii yoo ta’u, gabaabbatee yoo barreeffamu kg
jenna.Hanga safaruu barsiisuuf kutaa keessatti hanga wantoota adda addaa safaruun
agarsiisuu qabda. Itti aansuun barattoonni ofii isaaniitiif akka safaran taasisi.

47
Hanga safaruuf kan gargaaran kan akka giraamiifi kiiloogiraamii ti. Bakka bu’een giraamii
(g) fi kan kiiloogiraamii (kg) ta’uu isaa barattoota qabsiisuufi hariiroon isaaniis akka armaan
gadii ta’uu isaa ibsiif.
1kg = 1000g

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Madaala hangaa
 Wantoota hangi isaanii safaramuu danda’u.

Maloota Baruu Barsiisuu


 barattoonni, hanga waan tokkoo madaaluu akka shaakalan gargaari.
Iyyaafannoo
 gaaffilee wantoota kg’n safaran of keessaa qaban gaafachuu
 Akkaataa barattoonni hanga wantootaa safaran daawwachuu

Deebii Gilgaalaa 6.3


1 a. 10 + 20 =30
b. 50 – 10 = 40
2. Gaadiseen muuzii 2kg bitatte.
Kuulaniin muuzii 1kg bitatte.
Kanaafuu, Kuulaniicaalaa Gaaddiseetu bitate.
3. Tolaan 21kg baate.
Gammachuun 19kg baate.
Kanaafuu, Tolaan caalmaa Gammachuu baate.
a. Giraamii b. Giraamii c. Kiiloogiraamii d. Kiiloogiraamii

6.4 Ida’uufi Hir’isuu Hangaa Yuunitoota Walfakkaataa


Wayitiin Kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 safaroota hangaa waliin ni madaalu.
 safara kg fi g’n kenname walitti ni ida’u.
 safara kg fi g’n kenname wal irraa ni hir’isu.

48
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Hanga wantoota adda addaa ida’uufi hir’isuuf immoo fakkeenyota armaan gadiitti fayyadami.
Fakkeenya:28 kg + 12kg = ______ barsiisuuf, dura ida’ama 28 + 12 argachuu qabda. Itti
aansuun kg itti dabaluu qofa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Madaala hangaa daree keessatti fiduun hanga wantoota adda addaa safaruun
agarsiisuufi barattoonnis akka safaran qajeelchuufi jajjabeessuu.
 Wanta lama fudhachuun hanga isaanii akka ida’aniifi hir’isan taasisuu.

Iyyaafannoo
 Safaroota kg’n kennaman akka walitti ida’an gaafachuun deebii isaanii madaali.
 Safaroota kg’n kennaman akka wal irraa hir’isan gaafachuun deebii isaanii madaali
 Safarootag’n kennaman akka wal irraa hir’isan gaafachuun.

Deebii Gilgaala 6.4


1a. 15kg b. 67kg c. 93kg d. 70kg e. 81kg f. 100kg
2a. 2kg b. 8kg c. 49kg d. 11kg e. 7kg f. 48kg
3.Addee Jaalanneen gabaa ba’anii qamadii 25 kg, xaafii 56 kg fi boqqolloo 23 kg bitani.
Aadde Jaalanneen:
a. Boqqolloo fi qamadii walitti = 25 kg + 23kg = 48 kg
b. Xaafii fi qamadii walitti = 56kg + 25kg = 81kg
c. Xaafii fi boqqolloo walitti = 56kg + 23kg = 79kg
4. Ulfaatina Magartuu + ulfaatina mucaa ishee = 69kg
Ulfaatina mucaa magartuu 3kg.
Kanaafuu, ulfaatinni magartuu qofasheetti 69kg -3kg = 66kg ta’a.

6.5 Qabee Dhangala’oo Miiliilitiriifi Liitiriin Safaruu


Wayitiin Kenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 qabee safara aadaa Itoophiyaa kanneen akka ‘Qunnaa’, ‘siiniifi’, ‘litiriifi’, miliilitiriin
safaruu.

49
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti barattoonni, akka dhangala’oo adda addaa safaran gochuun
shaakalchiisi.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Meeshaalee safara qabee dhangala’oo.
 Dhangala’oo adda addaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Gocha mata duree kana jalatti kenname irratti barattoota mar’achiisuun akka
dandeettii isaanii cimsatan taasisaa.
 Barattoonni dhangala’oo akka safaran gochuun liitirii meeqa akka ta’e gaafachuu.
 Fakkeenyota jireenya barattootaa wajjiin walsiman kennuufiin gareedhaan deebii akka
kennanjajjabeessi.
 Gilgaalota mata duree kana jalatti kennaman akka hojjatan kennuufiin akka shaakalan
haala mijeessiif.

Iyyaafannoo
 Gaaffilee dhangala’oo liitiriin safaruun walqabate gaafachuu.
 Dhangala’oo adda adda safarnii liitiraafi miiliiliitiraan akka himan gaafachuu

Gilgaala 6.5
1. Galaaneen liitirii 2
Guddinaan liitirii 3
Bishaan liitirii xiqqaa kan fide Galaanee dha.
2. Adde Gammadeen namoota 4 farsoo waancaa sadi sadii afeerte.
Addee Gammadeen walumattinamoota sadan farsoo waancaa = 3×4 = waancaa 12 afeerte.
3. Meeshaalee ittiin bishaan waraabbatan akka naannoo Oromiyaatti baay’ee waan ta’eef achi
keessaa muraassnikan akka Hubboo, Jaarkaanii, Okkoteefi kkf dha.

6.6 Ida’uufi Hir’isuu Qabee Yuunitoota Walfakkaataa


Wayitiin Kenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 qabee liitiriin kenname walitti ni ida’u.
 qabee liitiriin kenname wal irraa ni hir’isu.

50
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Dabalataanis dhangala’oo liitiriin kennaman ida’uu fi hir’isuu haala armaan gadiitiin
barsiisuu qabda.
Fakkeenya:15  + 9  = ______ barsiisuuf, dursa 15 + 9 akka ida’an taasisuun itti
aansaanii akka ‘  ’ itti dabalan gochuu dha. Kanaafuu, (15 + 9)  = 24  .
Fakkeenya kana muuxannoo barattootaa wajjiin walqabsiisuun gaaffilee armaan gadii yoo
gaafatte hubannoo isaan ni cimsa
1. Bishaan liitirii 15 fi bishaan liitirii 9 walitti bishaan liitirii meeqa ta’a?
2. Boba’aan liitirri 18 fi boba’aan liitirri 6 walitti boba’aa liitirii meeqa ta’a?

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Meeshaalee dhangala’oo ofkeessaa qaban
 Dhangala’oo adda addaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Gocha mata duree kana jalatti kenname irratti barattoota mar’achiisuun akka
dandeettii isaanii cimsatan taasisaa.
 Barattoonni dhangala’oo akka safaran gochuun liitirii meeqa akka ta’e gaafachuu.
 Fakkeenyota jireenya barattootaa wajjiin walsiman kennuufiin gareedhaan deebii akka
kennan jajjabeessi.
 Gilgaalota mata duree kana jalatti kennaman akka hojjetan kennuufiin akka shaakalan
haala mijeessiif.

Iyyaafannoo
 Gaaffilee ida’uu dhangala’oo of keessaa qaban gaafachuun
 Gaaffilee hir’isuu dhangala’oo of keessaa qaban gaafachuun
 Akka dhangala’oo liitiriin kennaman waliin madaalan gaafachuun deebii isaanii
madaali.

Deebii Gilgaala 6.6


1a. 78  b. 100m  c. 98  d. 87m 

2a. 21  b. 68m  c. 61  d. 19 
3. Caaltuun torbaanitti 17  + 24  + 19  = 60  gurgurte.

4. 4  × 20 =80 

51
BOQONNAA 7
QABANNAA DAATAA
Wayitiin Kenname: 12
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda, barattoonni:
 gaaffii kaasuun waa’ee ofii isaaniifi naannawaa isaanii daataa walitti ni qabu.
 wantoota akkaataa gumaacha isaaniitiin addaan fo’uun ni ramadu.
 daataa funaaname gabateen ni gurmeessu.
 daataa gabateen gurmaa’e hiika itti ni kennu

Seensa E
Boqonnaa kana keessatti, barattoonni qabannaa daataa ni baratu. Daataawwansasalphoo
waa’ee ofii, maatiifi naannoo isaanii funaanuu akka danda’an shaakalchiisuun
barbaachisaadha. Akkasumas, daataa ramaduufi waantota fayyadamuun daataa gurmeessuun
hiika itti ni kennu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Daataa adda addaa.
 Fakkiiwwan adda addaa.
 Gabateewwan adda addaa.

7.1 Daataa Funaanuu


Wayitiinkenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 daataa sasalphoo ni funaanu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni daataa sasalphoo funaanuu haala itti danada’an baratu.
Daataawwan waa’ee ofiifi naannoo isaanii kka funaanan haala mijeessuun barbaachisaadha.
Barsiistu/ Barsiisa gocha 7.1 barattoonni akka hojjeetan jajjabeessaa.
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Daataa adda addaa.
 Fakkiiwwan adda addaa.
 Gabateewwan adda addaa.

52
Maloota Baruu Barsiisuu
 Gaaffilee mijaa’oo irratti hundaa’uun barattoonni fakkeenya akka shaakalan haala
mijeessuu.
 Barattoonni gabatee daataa irratti funaanan qopheessuu akka shaakalan gargaaruu.
 Gaaffilee odeeffannoo waa’ee ofiifi naannoo isaanii guutan gaafachuun akka guutan
qajeelchuu
 Gochaa fi gilgaala kenname gareedhaan ta’uun akka hojjatan haala mijeessuu.

Iyyaafannoo
 Akkaataa gabatee daataa irratti funaanan qopheessan daawwachuu.
 Daataa sasalphoo funaananiifi ramadan irratti hordofuu.

Deebii Gilgaala 7.1


1.

Guyyaa Biqiltuu Fakkiin Taalii Lakkoofsa


Wixata 8

Kibxata 4

Roobii 2

Kamisa 6

Jimaata 7

2a. Iftuun gosa barnoota Herregaatiin qabxii olaanaa fidde.


b. Iftuun gosa barnootaa Afaan Ingilizitiin qabxii gadaanaa fidde.

7.2 Giraafota Fakkii Irraa Daataa Ramaduu


Wayitiin Kenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Giraafotafakkiilee adda addaa irraa daataa chaartiidhaan ni ramadu.
Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni daataa giraafiidhaan bifa itti taalessuu danada’an
baratu. Barsiistu/ barsiisaa gocha 7.2 barattoonni akka hojjetan jajjabeessaa.

53
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Daataa adda addaa.
 Giraafota fakkiileen dhiyaatan.
 Gabateewwan adda addaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Gaaffilee fakkiiwwani irratti hundaa’uun barattoonni daataa ramaduu akka shaakalan
haala mijeessuu.
 Barattoonni gabatee daataa irratti ramadan qopheessuu akka shaakalan gargaaruu.
 Gochaa fi gilgaala kenname gareefi dhuunfaan ta’uun akka hojjatan haala mijeessuu.

Iyyaafannoo
 Gabatee daataa irratti ramadan akka qopheessan gaafachuu.
 Daataa fakkiiwwan akka ramadan gaafachuufi madaaluu.
 Deebii gaaffilee gilgaalaa hojjatan sakatta’uu

Deebii Gilgaala 7.2

54
7.3 Wantoota Fayyadamuun Daataa Gurmeessuu
Wayitiin Kenname: 2
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 wantoota fayyadamuun daataa akkamitti akka gurmeessan adda nibaafatu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni daataa wantootaan fayyadamanii bifa itti gurmeessuu
danda’an ni baratu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Daataa adda addaa.
 Gabateewwan adda addaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Barattoonni giraafii fakkiiwwan garaa garaa irraa qopheessanii waantotatti
fayyadamanii daataa ni gurmeessu.
 Gochaa fi gilgaala kenname gareedhaan ta’uun akka hojjatan haala mijeessuu.

Iyyaafannoo
 Giraafii fakkiiwwan irraa akka qopheeffataniifi waantotatti fayyadamanii daataa akka
gurmeessan gaafachuu.
 Daataa fakkiiwwanii akka gurmeessan gaafachuufi madaaluu.

Deebii Gilgaala 7.3

a. Ijoollonni caalmaatti muuzii jaalatu.

55
b. Baay’inni ijoollee maangoo fi appilii jaalatan 4+4 =8 ta’a.
c. Baay’inni ijoollee burtukaana jaalatanii = 2
d. Baay’inni ijoollee muuzii fi maangoo jaalatanii 5+4 = 9 ta’a.

56
BOQONNAA 8
BOCOOTA JI'OOMEETIRII
Wayitiin Kenname: 22
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaatti barattoonni:
 Bocoota daayimeenshinii lamee baay'ina rogootaafi varteeksotaa qaban irratti
hundaa'uun ni ramadu
 Rogootaafi varteeksota irratti hundaa'uun bocoota ni ibsuu

Seensa
Boqonnaa kana keessatti barattootni bocoota ji'oomeetirii diriiroo adda baasuun ramaduu
danda'uu qabu. Kanaaf ulaagaalee isaan ittiin ramaduu qaban kanneen akka rogaafi varteeksii
hubachiisuun sirraa eegama. Dabalataan ji'oomeetirii jaboo akka hubataniif meeshaalee adda
addaa naannoo isaaniitti argamu fayyadamnee fakkiileedhaan akka hubatan gochuu qabdu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeela rogsadee, rog arfee
 Muka, komparsaatoofi kanneen biroo irraa bocuu
 xaasaa,sanduuqa, kaartona kibiriitii, Daayii

8.1 Ramaddii Bocoota Daayimeenshinii Lamaa Yaadaan


Mul'isuu
Wayitiinkenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 bocoota daayimeenshinii lamaa baay'ina rogoota qaban irratti hundaa'uun ni ramadu.
 bocoota daayimeenshinii lamaa baay'ina varteeksota qaban irratti hundaa'uun ni
ramadu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeela rogsadee, rog arfee
 Muka, komparsaatoofi kanneen biroo irraa bocuu

57
Maloota Baruu Barsiisuu
 Bocoota adda addaa daayimeenshinii lamaa qaban dareetti fiduun akka garee
addaaddaatti ramadan gochuu
 Danaalee daayimeenshinii lamaa kaasuun boca isaaniitiin akka ramadan taasisuu

Iyyaafannaa
1.Daawwannaa
3. Hojii dareefi gilgaala kennameef dalaguu isaanii adda baasuu
3. Gaaffilee afaanii gaafachuu.

Deebii Gocha 8.1


Hubachiisa: Gocha kanaaf deebiin dhaabbataan tokko hin jiru. Kanaaf gaaffii barattoota
hubachiisuun kallattii qabsiisuun barsiiftuu/saa irraa eegama.
1. Gabatee gurraacha, minjaala, fuula kitaabaa kkf boca daayimeenshinii lama qaban
2. Boca rog-sadee, rog-arfee, rog-shanee kkf argachuu danda'u

Deebii Gilgaala 8.1


1. Garee lamatti ramadna
a, c, d, fi f garee boca rog-arfeewwanii ti
b, e, g garee boca rog-sadeewwanii ti

2.

8.2 Bocoota Rogootaafi Varteeksota Isaaniitiin Ibsuu


Wayitiin Kenname: 6
Gahumsa
Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:

 maqaa roga jedhu fayyadamuun bocoota niibsu.


 bocoota ibsuuf maqaa varteeksota jedhu ni fayyadamu

58
Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa
 Moodeela rogsadee, rog arfee
 Danaalee

Maloota Baruu Barsiisuu


 Fakkeenya irratti hundaa'uun bocoota akka maqaa moggaasan gaafachuun qajeelchuu
 Deebii gilgaalaafi gocha irratti sababa deebii akka dhiyeessan gaafachuu

Iyyaafannaa
 Daawwannaa
 Hojii dareefi gilgaala kennameef dalaguu isaanii adda baasuu
 Gaaffilee afaanii gaafachuu

Deebii Gocha 8.2


1. Hunduu rogootas ta'ee varteeksota ni qabu.
2. 4

Deebii Gilgaala 8.2


1.

Boca Baay’ina Rogaa Baay’ina Verteksii

3 3

5 5

4 4

6 6

2. Rogsadee: c fi h Rogarfee: b, d fi e Rogshanee: a fi g


Rogjahee: f

59
8.3 Danaalee Walfakkaatoo Hamma Isaaniitiin Waliin Madaaluu
Wayitiin Kenname: 5
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 danaalee ji'oomeetirii walfakkaatoo hamma isaanii irratti hundaa'uun waliin
nimadaalu.
 danaalee walfakkaatoo hamma isaaniitiin ni tartiibessu

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeela
 Fakkii Danaalee

Maloota Baruu Barsiisuu


 Wantoota qabatamaa walfakkaataa ta'an lama lamaan akka walmadaalchisan
gaafachuu
 Danaalee ji'oomeetirii walfakkaatoo walcinaatti fakuun guddaafi xiqqa akka jedhanii
deebisan gaafachuu.
 Gilgaalaafi gocha irratti hirmaachisuun waliin deebii dalaguu

Iyyaafannaa
1. Daawwannaa.
2. Hamma fakkiilee adda adda qaban haala isaan itti tartiibessan gaafachuu

Deebii Gocha 8.3

.
Guddaa xiqqaa

Deebii Gilgaala 8.3


1. Rogarfee a irra guddaa b tiRogshanee b irra guddaa a ti
2i. d, b, c, a ii. a, b, d, c iii. b, a, d, c
3. Bocoota walfakkaataa ta’an garee afurtu jira. Isaanis xiqqaa gara guddaatti akkaataa
ramaddii isaaniitii yoo ibsaman
i. h, f fi a ii. g,b iii. j,c,e iv. i, d
60
8.4 Danaalee Jaboo Adda Baasuu
Wayitiin Kenname: 6
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 danaalee jaboo adda nibaasu.
 meeshaalee jaboo ta’an ni himu

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeela
 Fakkii Danaalee
 Meeshaalee qabatamoo

Maloota Baruu Barsiisuu


 Fakkiilee danaalee jaboo akka hubatan ibsa kennuufii
 Meeshaalee fakkii danaa jaboo kennameen walfakkaatu fakkeenya akka kennan
gaafachuu.
 Gilgaalaafi gocha irratti hirmaachisuun waliin deebii dalaguu
Iyyaafannoo
 Gaaffilee afaanii gaafachuu.
 Deebii gilgaalaafi gochaa dalaganiin hubannoo isaanii adda baasuu
 Hojiiwwan kennamaniif raawwachuu adda baasuu

Deebii Gocha 8.4


Meeshaalee naannoo isaaniitti argaman irratti hundaa'uun deebii heddu kennuu ni malu.
Deebii garaagaraa sirrii ta'e barattoonni Kennan akka waliigalaatti daree qabsiisi.

Deebii Gilgaala 8.4


2. Wantoota qubee kennamaniin danaa jaboo waliin walfakkaatan
Kiyuubii: d, m Koonii: e, h

Dhuqunqula: i, n Siliindarii: a, g, j

Pirizimii Reektaangulaawaa: b, c, f, k, l, o

61
BOQONNAA 9
SHARAFA MAALLAQA ITOOPHIYAA
Wayitiin Kenname: 7
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda, barattoonni:
 sharafa itoophiyaa fayyadamuun maallaqa ni ida’u.
 sharafa itoophiyaa fayyadamuun maallaqa ni hir’isu.
Seensa
Boqonnaa kana keessatti, barattoonni waa’ee sharafa Itoophiyaa baratu. Noottiiwwaniifi
dinaarota Itoophiyaa ilaalaa akka baratan gochuun barbaachisaadha. Barattoonni bittaafi
gurgurtaakeessattigahee akka taphatan gareen addaan qooduun shaakalsiisi.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeelota maallaqa Itoophiyaa
 Maallaqa Itoophiyaa
 Gabatee ida’uu
 Gabatee hir’isuu

9.1 Maallaqa Itoophiyaa Fayyadamuun Maallaqa Ida’uufi


Hir’suu.1 MAALLAQA IDA’UU FI HIR’ISUU
Wayitiin Kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 maallaqa walitti ni ida’u.
 maallaqa wal irraa ni hir’isu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni maallaqa Itoophiyaa ida’uu fi hir’isuu nibaratu. Mata
duree kana barsiisuuf moodeelota maallaqa Itoophiyaa yookiin qarshii dhugaatti
fayyadamuun barattoota maallaqa Itoophiyaa wajjin walbarsiisuu qabdu.
Itti aansuun immoo fakkiiwwan dinaarotaafi noottiiwwaniitti fayyadamuun akka maallaqa
ida’uufi hir’isuu shaakalan gochuu qabdu.
Qarshii 50 + Qarshii 10 = __________ barsiisuuf, haala armaan gadiitiin barsiisuun ni
danda’ama. Jalqaba qarshii 50 fi qarshii 10 fudhadhu.

62
Itti aansuun walitti makuun lakkaa’i.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Moodeelota maallaqa Itoophiyaa
 Maallaqa Itoophiyaa
 Gabatee ida’uu
 Gabatee hir’isuu

Maloota Baruu Barsiisuu


 Barattoonni dinaarotaa fi noottiiwwanitti gargaaramuun walitti ida’uu fi walirraa
hir’isuu akka shaakalan gargaaruu.
 Moodeelota maallaqa Itoophiyaa fakkeessuu akka shaakalan haala mijeessuu.
 Gocha mata duree kana jalatti kenname barattoonni gareedhaan ta’uun akka hojjetan
haala mijeessuu.
 Gilgaala mata duree kana jalatti kenname akka hojii daree, hojii garee fi hojii manaatti
hojjachiisuu.

Iyyaafannoo
 Dinaarotaafi noottiiwwan fakkiidhaan walitti akka ida’aniifi walirra hir’isan
gaafachuun
 Itti fayyadama maallaqaa irratti gaaffii afaanii gaafachuu

63
Deebii Gocha 9.1

Deebii Gilgaala 9.1


1. Noottota qarshii ida’uu
a.Qarshii 2 + Qarshii 5 = Qarshii 7
b.Qarshii 40 + Qarshii55 = Qarshii 95
c.Qarshii 19+ Qarshii 62 = Qarshii 81
d.Qarshii 43+ Qarshii 37 = Qarshii 80

2. Noottota qarshii hir’isuu


a.Qarshii 70 - Qarshii 30 = Qarshii 40
b.Qarshii 100 - Qarshii 35 = Qarshii 65
c.Qarshii 65 - Qarshii 31 = Qarshii 34
d.Qarshii 74 - Qarshii 56 = Qarshii 18

3. Noottiin abbaa dhibba lamaa tokko.

a. Noottii qarshii abbaa dhibbaa lama ta’a.

64
b. Noottii qarshii abbaa shantamaa afur ta’a.

c. Noottii qarshii abbaa kudhanii 20 ta’a.


d. Noottii qarshii abbaa shanii 40 ta’a.
4. Bakka duwwaa armaan gadii deebii sirrii ta’een deebsi.
a. Noottiin abbaan qarshii shanii tokko, dinaara abbaa qarshii tokkoo 5 ta’a.
b. Noottiin qarshii abbaan 100, noottii abbaa qarshii 10’n kudhan ta’a.
c. Noottiin abbaan qarshii 50, noottii abbaa qarshii 5’n kudhan ta’a.
d. Noottiin abbaan qarshii 100, noottii abbaa qarshii 50 lama ta’a.

9.2 Bittaafi Gurgurtaa


Wayitiin Kenname: 2
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Gahee taphachuun bittaafi gurgurtaa ni raawwatu.

Yaaddannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni dinaarotaafi noottiiwwan maallaqa Itoophiyaa akka
adda baafatan fakkii maallaqootaatti fayyadamuun ibsiifi.
Gosoota dinaarotaafi noottiiwwan maallaqa Itoophiyaa hunda tarreessuun barbaachisaadha.
Dabalataanis barattoonni naannoo isaaniitti dinaarotaafi noottiiwwan maallaqa Itoophiyaa
maal jedhanii akka waaman tarreessuun akka irratti mar’atan haala mijeessiifi. Barsiistu/
Barsiisa gocha 9.2 barattoonni akka hojjetan jajjabeessaa.

65
Maloota Baruu Barsiisuu
 Moodeelota maallaqaatti gargaaramanii gahee taphachuun bittaa fi gurgurtaa garee
gareedhaan rawwachuu haala itti shaakalan mijeessuu.
 Barattoota gareedhaan ramaduun maallaqatti fayyadamuun meeshaalee akka bitaniifi
gurguran gahee adda addaa kenniif.

Iyyaafannoo
 Bittaafi gurgurtaa irratti yemmuu gahee taphatan daawwachuu

Deebii Gilgaala 9.2


1. Gatiin kitaaba tokkoo qarshii 160 ta’a.
Kitaaba tokko bituuf qarshii 160 abbaa suuqiitti kennite.
Qarshiin siif hafe = Qarshii 200-gatii kitaaba tokkoo = 200-160 = qarshii 40 ta’a.
2. Gatiin sukkaara 1kg qarshii 40 dha.
Gatiin sukkaara 2kg= 40 + 40 = qarshii 80 ta’a yookaan 40 × 2 = 40 + 40 = 80 ta’a.
3. Barsiistu/saa barattoota qindeessuun akka isaan hojjetan taasisaa.

9.3 Pirobleemota Jechaa Furuu


Wayitiin Kenname: 2
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Pirobileemii jechaa sharafa Itoophiyaa of keessaa qabu ni furu.

Yaaddannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, barattoonni dinaarotaafi noottiiwwan maallaqa Itoophiyaatti
fayyadamuun pirobileemii jechaa furu.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Pirobileemota jechaa gara hima herregaatti jijjiiruun akka furan deeggaruufi
jajjabeessuu.

Hordoffii fi Madaallii
 Sirrummaan pirobileemii herregaa furuu barattootaa daawwachuu.
 Pirobileemii jechaan kenname gara hima herregaatti sirnaan jijjiiruu isaanii sakatta’uu

66
Deebii Gilgaalaa 9.3
1. Biliseen mana isheetii qarshii 20 fudhattee gabaa deemte.
Gabaatti killee qarshii 30’n gurgurte.
Biliseen walumaatti qarshii of harkaa qabdu = kan manaa fudhattee baaate + kana killee
gurgurtee argatte = 20 + 30= qarshii 50 qabdi.
2. Simboon qarshii abbaa dhibbaa 1 fi qarshii abbaa shantamaa 2 qabdi = 100+ 2×50=qarshii
200 qabdi.
Wabiin qarshii abbaa shantamaa 3fi qarshii abbaa kudhanii 6 qabdi= 3×50+6×10= qarshii
210 qabdi.
Kanaafuu, Wabiin qarshii Simboo caalaa qabdi.
3a. Ayyaanaan qarshii abbaa dhibbaa 3fi abbaa shantamaa 2 qaba,
3×100+2×50 = qarshii 400 qaba.
b. Ayyaanaan qarshii 400 keessaa 100’n kitaaba bitate. Kana irraa qarshiin Ayyaanaaf
hafuqarshii 400-qarshii 100 = qarshii 300 ta’a.
4. Lammiin qarshii abbaa dhibbaa 2 fi abbaa shantamaa 1 qaba
2×100+1×50=qarshii250qaba.
Gammadeen qarshii 200 qabdi. Gammadeen kurmaana qarshii ishee Lammiif kennite 50 ta’a.
Kanaafuu, qarshiin Lammiin qabu, qarshii250 + qarshii 50= qarshii 300 ta’a.
a. 300 + 150 =450
b. 150
c. 300

67
BOQONNAA10
SAFARA YEROO ITOOPHIYAA
Wayitiin Kenname: 9
Bu’aalee Barachuu: Xumura barnoota boqonnaa kanaa booda, barattoonni:
 Yeroo sa’aatiin, walakkaa sa’atiiniifi kurmaana sa’aatiin sa’aatii anaalogiifi sa’aatii
dijitaalaa irraa ni himu.
 Hariiroo sa’aatiifi daqiiqaa ni ibsu.

Seensa
Boqonnaa kana keessatti, barattoonni safara yeroo kan Itoophiyaa ni baratu. Moodeelota
safara yeroo akka addaan baafatan gochuuf, moodeelota kitaaba barattootaa irratti kenname
sirriitti itti himuun barbaachisaadha.Fakkii safara sa’aatii kaasuun sa’aatii meeqa akka
agarsiisu gaafachuun shaakalchiisuun barbaachisaadha.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Modeelota meeshaa sa’aatii lakkaa’ani.
 Fakkii meeshaa sa’aatii lakkaa’uu.
 Sa’aatii harkaa

10.1 Yeroo Sa’aatiin, Walakkaa Sa’aatiiniifi Kurmaana Sa’aatiin


Sa’aatii Anaalogiifi Sa’aatii Dijitaalaa Irratti
Wayitiin Kenname: 4
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 meeshaa sa’aatii lakkaa’u irraa walakkaa sa’aatiifi kurmaana sa’aatii ni ibsu, ni
dubbisu.
 sa’aatii analogiifi dijiitaalii wal simsiisu.

Yaaddannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana barsiisuuf moodeelota meeshaa sa’aatii lakkaa’an qopheeffachuu qabdu.
Fakkeenya: Meeshaalee kanneen irraa sa’aatii himuu haala itti danda’an tokko tokkoon
barsiisuu qabdu.

68
1. Moodeela irra jiru irraa sa’aa himuuf:
a. Xiyyi dheeraan daqiiqaa agarsiisa.
b. Xiyyi gabaabaan sa’aatii agarsiisa.
c. Lakkoofsota walitti aanan lama gidduu daqiiqaan 5 jiraachuu isaa hubachuun
barbaachisaadha.
i. Xiyyi daqiiqaa dheeraan 3 yoo agarsiise, daqiiqaan 3×5 = daqiiqaa 15 ta’a.
ii. Xiyyi daqiiqaa dheeraan 9 yoo agarsiise, daqiiqaan 9 ×5 = daqiiqaa 45 ta’a.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Modeelota meeshaa sa’aatii lakkaa’ani.
 Fakkii meeshaa sa’aatii lakkaa’uu
 Sa’aatii harkaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Fakkii meeshaa sa’aatii lakkaa’u qopheessuun sa’aatiiwwan adda addaa walakkaafi
kurmaana sa’aatii of keessaa qaban akka himan shaakalsiisuu.
 Meeshaalee sa’aatii lakkaa’an irraa sa’aatii himuu haala itti shaakalan mijeessuu.
 Gochaafi gilgaala mata duree kana jalatti kennaman akka waliin hojjatan taasisuu

Iyyaafannoo
 Fakkiiwwan sa’aatii, walakkaa sa’aatii fi kurmaanota sa’aatii akka fakkeessan
gaafachuun
 Fakkii meeshaalee sa’aatii irraa sa’aatii akka himan gaafachuun

Deebii Gilgaala 10.1


1a. 2:15 b. 8:30 c. 12:30 d. 5:00

69
2.

10.2 Sa’aatiifi Daqiiqaa


Wayitiin Kenname: 2
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Hariiroo sa’aatii fi daqiiqaa ni ibsu.

Yaadannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, sa’aatii tokko keessa daqiiqaan meeqa akka jiru barsiisi.
Kanarraa sa’aatii 1 keessaa daqiiqaan 60 jiraachuu isaa hubatu.

Meeshaalee Deeggarsa Barnootaa


 Modeelota meeshaa sa’aatii lakkaa’ani.
 Sa’aatii harkaa.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Meeshaa sa’aatii lakkaa’utti gargaaramanii hariiroo sa’aatii fi daqiiqaa ibsuu haala itti
shaakalan mijeessuu.
 Gocha kenname gareedhaan irratti mar’achuun daree keessatti akka gabaasan
gargaari.

70
 Gilgaala kenname akka hojii garee, hojii daree fi hojii manaatti hojjechiisuu.
Iyyaafannoo
 Sa’aa tokko keessa daqiiqaan meeqa akka jiru gaafachuun deebii isaanii madaaluu.
 Hariiroo daqiiqaafi sa’aatii gidduu jiru gaafachuu

Deebii Gilgaala 10.2


1.
a. sa’aatiin 1= daqiiqaa 60
b. sa’aatiin walakkaan = daqiiqaa 30
c. sa’aatiin kurmaanni = daqiiqaa15

2.
a. Daqiiqaan 60 = Sa’aatii 1.
b. Daqiiqaan 30 = Walakkaa Sa’aatii ti.
c. Daqiiqaan 15 = kurmaana Sa’aatii ti.

10.3 Pirobleemota Jechaa kanYeroo Furuu


Wayitiin Kenname: 3
Gahumsa: Xumura barnoota mata duree kanaa booda, barattoonni:
 Pirobileemii jechaa ida’uufi hir’isuu yeroo of keessaa qabu furuu.

Yaaddannoo Barsiistuuf/Barsiisaaf
Mata duree kana keessatti, pirobileemota jechaan kennaman hariiroo sa’aatiifi daqiiqaa irratti
hundaa’uun furuu.

Maloota Baruu Barsiisuu


 Gocha kenname gareedhaan irratti mar’achuun daree keessatti akka gabaasan
gargaari.
 Gilgaala kenname akka hojii garee, hojii daree fi hojii manaatti hojjechiisuu.

Iyyaafannoo
 Pirobileemota jechaa gochaan kennaman gaafachuufi madaaluu.
 Gilgaalota kennaman erga barattoonni yaalanii gaafachuu

71
Deebii Gilgaala 10.3
l. Ibsaan deemsa daqiiqaa 30 itti fudhate
Sa’aatiin yoo ibsamu, daqiiqaa 30 = walakkaa sa’aatii ta’a.
2. Dareen barnootaa sa’aatii 2 irratti eegala.
Bilbilli inni jalqabaa daqiiqaa 30 sa’aatii 2 dursee bilbilama.
Sa’aatii bilbilli inni jalqabaa itti bilbilamu sa’aatii 2irraa daqiiqaa 30 yoo hir’isuun
arganna. Kunis, 2:00 – 0:30 = 1:30 ta’a.
3. Lattuun sa’aatii 8:00 irratti mana kitaabaa seente.
Sa’aatii 2 mana kitaabaa turte, deemsa gara manaafkurmaanaa sa’aatii itti fudhate.
Waliigalatti sa’aatii 2:00 + 0:15 = 2:15 booda manatti deebite.
Kanaafuu, sa’aatii 8:00 + 2:15 = 10:15 irratti manatti deebite.

72

You might also like