You are on page 1of 6

Biiroo Misooma Intarpiraayizi fi Industurii Oromiyaa tti

Karoora Koree deebisaani dhaabuu Miidhamtoota deebitoota biyya


Arabaa

Hagayya , 2012
Finfinnee
Seensa
Biyyi keenya lammiin ishee jirenya mijataa jiraatani nageenyi isaani akka mirkaanaa’u fi
misooma dhufu irraa fayadamoo akka ta’an tarsiimoowwan adda addaa baafattee hojjachaa
turtee jirti.Haa tau malee dargaggeewwan heddun fayyadamoo tauu waan hin dandeenyef
jireenya mijataa barbaachuf jecha biyya ofii gadi lakkisani baqatu,kun immoo baayyinaan
karaa seeran alaatin waan taef baayyen isaani ni miidhama.Lammiiwwan keenya baayyinaan
gara biyyoota arabaa deeman keessumaayuu gara Sa’udii kan deeman rakkoowwan adda
addaatif saaxilamaa waan turanif bara 2006 fi bara 2009 akkaataa addaatin gara biyya isaanii
akka deebi’anif yaalii godhameen namooti baayyen gara biyya isaanii akka deebi’an
taasifamee jira. Isaan keessaas deeggarsaalee adda addaa godhamen namootni hojitti galan kan
jiraatan yoo tau kan badanis jiru.Kun akkuma jirutti ta’ee iddoowwan tokko tokkootti immoo
xiyyeeffannoon qaamota mootummaatin kennames dadhabaa akka ta’e hubatamun danda’ee
jira,rakkoowwan kana furuuf yaalin godhame yoo jiraate ille guutumaa guututti hiikuun hin
danda’amu.Karoora bara 2012 kana keessatti seektarooti koree teekinikaa kana keessatti
hammataman gahee hojii isani bahani haala qindoominni cimee deebi’ooti deeggarsa
barbaachisaa ta’e argatani jireenya isaani gaggeeffachu danda’an uumun barbaachisaadha.
Fiixan bahiinsa karoora kanaaf qaamni mootummas ta’ee miti mootummaa isaan kana irratti
hojjatan xiyyeeffannaan akka hojjatan taasisuun barbaachisaa ta’a.Karoorri kunis hanqinaalee
fi rakkoowwan bara 2011 keessatti numuudate haala hiikuu danda’un qophaa’ee jira.
1. Qaaccessa haala raawwi hojii hanga 2011ti raawwatame

1.1. Hojiiwwan gurguddoo hojjataman

I.1.1. Galmee fi calallii deebitootaa gaggeessuu

Karoora 7043, Raawwii 3567, %50.7

I.1.2. Carraa hojii uumu fi deeggarsaalee adda addaa kenname

Kan calalaman keessaa namoota 4567 ta’anif mare fi leenjin hubannaa kennamee fi jira.

Kan calalaman keessaa namooti dhi 911 du 436 waliigala namooti 1347 ta’an carraa hojii
argtani jiru. Gama biraatin immoo qarshiin 15,480,250 deebitoota dhi 164 du 67 waliigala
namoota 211 ta’anif liqiin kennameefi jira.

1.2. Leenjiiwan qaamota raawwattootaf kenname.

Humna raawwachisummaa dabaluu fi hubannoo umuf jecha hooggantoota fi Ogeessota


Godinaalee ja’aa seektaroota miseensa koree ta’an 120 fi Godinaale sadii jala aanaalee 34
godaansi seeran alaa itti baayyatu hoggantoota fi ogeeyyii 360 leenjin kennamee jira.

Hanqinaalee mul’atan

 Gabaasa yeroon kennuu dhabuu


 Galmee fi calallii sirnaan gaggeessun hunda hojitti galchuu dhabuu
Rakkoolee muudatan
 Xiyyeffannaan hoggansaa dadhabaa tauu
 Sochiin koree deebisani dhaabuu iddoo hundatti walfakkaachuu dhabuu
1. Karoora deebisanii dhaabuu bara 2012

2.1. Kaayyoo
Namooti biyyoota arabaati deebi’ani hojii mataa isaani uummachuu barbaadan hunduu
deeggarsa barbaachisaa ta’e argatani hojii akka uummatan taasisuun namooti saaxilamoo
ta’anis akka dhiibbamani hin deemne taasisuu.

2.2. Galma
Namooti biyya Arabaati deebi’ani hojitti hin galinii fi biyya arabaaa sdeemuf saaxilamoo ta’an
baayyinni isaani 3354 ta’an intarpiraayizii 372 ti gurmeessun carraalee hojii filatanitti galuun
hojii dhaabbi akka uummatan gochuuf paakeejii deeggarsaa guutuu ni kennamaafi
dabalataanis namooti 1000 ta’an qacarriidhan walumaagala namoota 4354 ta’anif
carraan hojii akka uumuamuf ni taasifama.
2.3. Hojiiwwan gurguddoo Karoorfaman

2.3.1. Galmee fi calallii namoota saaxilamani fi biyya arabaatii debi’ani hojii homaatuu
hin qamne gaggeessuu

Akkuma beekamu namootni biyya arabaa karaa seeran alaatin deemuf saaxilaman Godinaale
Magaalota Oromiyaa keessa ni jiraatu. Isaan keessaa namooti 4354 ta’an calalni galmeessun ni
gaggeeffama. Kuni Godinaale ja’an Godaansi seeran alaa keesatti baayyatu keessatti ni raawwata.

2.3.2. Namoota saaxilamos ta’ee kan deebia’n lakkoofsi isaani 4354ta’uf leenjin hubannoo uumuu
tarsiimoo misooma IMX paakeejiwwan deeggarsaa fi carraalee jiran irratti ni kennamaafi

2.3.3. Nmaoota 4354 keessaa akkaataa foilannoo isaaniti BLTO walin tauun leenjii gaggabaabon ni
kennamaafi , madaallin gahumsa ogummaas kennameefi gurmaa’ani hojitti akka galan ni taasifama

2.3.4. Namooti 3354 ta’an Intarpiraayizii 372 tin gurmaa’un maqaa moggaafatani TIN baafachun
seera qabeessa ta’ani hojii mataa isaani ni uummatu.

2.3.5. Intarpiraayizota gurmaa’anif iddoon Omishaa fi gurgurtaaf tau sheediin 150 ni mijaa’afi

2.3.6. Intarpiraayizota 372 miseensa 3354 qabaniif deeggarsi liqii faayinaansi qar.7,453,333
WALQO fi IOM walin taun akka mijaauf ni taasifama
Karoora carraa hojii uumuu deebitoota Biyyoota Arabaa ,2012

Miseensa Yaada
Karoora Dhaab Qacarrii Liqii kennamu Deeggarsa Iddoo Omishaa fi
bii gurgurtaa
 
Godina
Dhiira Duba Ida’am Intar Ida’ama Ida’ama Int Qarsh Inta Miseensa Sheedii

  188
Har /Bahaa 701 119 820
1 70 631 70 1402509 28 252 28

340 144 484 111


Har/Lixaa 41 373 41 821469.4 16 148 16
2
482 189 671
3 Godina Jimmaa 57 517 154 57 1142043 23 205 23

592 480 1072


4 Arsii Lixaa 92 825 246 92 1843297 37 331 37

552 348 900


5 Arsii 77 694 207 77 1542760 31 277 31

397 10 407
6 Baale 35 313 94 35 701254.4 15 135 15

3064 1290 4354 372 3354 372 150


Ida’ama 1000 1348
2. Sirna Deeggarsaa fi hordoffii

Hojiiwwan gurguddoon armaan olitti tuqaman raawwatamani galmii kaa’ama akka


fiixan bahuf deeggarsaa fi hordoffin baayyee barbaachisaadha.
Kuni hanqinaale fi rakkoolee bara 2011 nu muudtan akkaataa furuu danda’un
qindoomina keenya cimsuun barbaachisaadha. Kanaaf sirnni deeggarsaa fi hordoffii
keenyas kanuma cimsuu giddu galeessa kan godhate ta’a.Tooftaalen qunnamti keenya
qaaman argamun mar’achuu,e-meeyilitti fayyadamufii bilbilattis fayyadamun
sadarkaa tajaajila isaani daran fooyyessaa demudha.

You might also like