You are on page 1of 6

I.

Gaaffilee Filannoo sirrii ta’e filachuu deebifamu


1. Aangoo qaama gadiitiif qooduun hojii hojjechuuf ni gargaara. Qooddii aangoo ilaalchisee
kanneen armaan gadii keessaa isa kamtu sirriidha?
A. Rakkoo adda baasuun rakkisaadha
B. Hojjettoonni carraa hojii gaggeessummaa irratti hirmaachuu ni argatu.
C. Waan mana hojii keessatti raawwatamu beekuun rakkisaadha.
D. Hooggansi ol’aanaan osoo hin beekiin murteen kennamuu danda’a
2. Kanneen armaan gadii keessaa yaadni ykn fedhiin hojjetaa gara raawwii ol’aanatti fiduun
galma mana hojii bira gahuu fi dandeettiin hojjetaa dabalee fedhiin isaas akka guutamu
kan taasisu isa kamiidha?
A. Kominikeeshinii ykn quunnamtii B. Gaggeessummaa C. Onnachiiftuu D. Suupparviiyzinii
3. Amala Gaggeessummaa Abbaa Irreen kan ta’e isa kami?
A. Gaggeessaan quunnamtii gama lamatti fayyadama. B. Gaggeessaan Murteen itti kennu
hirmaachisaadha.
C.Aangoon Al-walta’aadha. D. Murtee ofii qofa irratti kan xiyyeeffatuu fi haala irratti kan hin
hundoofnedha.
4. Leeccaleen armaan gadii kenniinsa tajaajila ykn oomisha mana hojii tokkoof galtee ta’u.
tokko garuu miti isa kami?
A. Qabeenya Namaa B. Odeeffannoo C. Qabeenya D. Oomishaa fi tajaajila.
5. Kanneen armaan gadii keessaa tokko amala waa tilmaamuutii miti. Isa kami?
A. Tilmaamni yeroo hundaa sirriidha.
B. Hanga yeroon tilmaammii dheeratu sirrummaan tilmaamaa gadi bu’aa deema.
C. Waan hedduu tilmaamuun waan tokko tilmaamuu ni caala.
D. Teeknikoonni waa tilmaamuu amma dura turan gara fuulduraatifis ittifufiinsaan fayyaduu ni
danda’u.
6. Himoota armaan gadii keessaa tokko waa’ee raawwii gadi aanaa hin ibsu?
A. Hojjetaan/ttuun raawwiin isaa/ishee gadi aanaa ta’uu isaa beeksisuu.
B. Raawwiin hojjetaa yeroo darbee maal akka fakkaatu hubachuu.
C. Hojjetaan/ttuun raawii gaarii galmeesse /ssite maal akka argatan beekuu.
D. Karoora adabbii hojjetaa irratti walii galuu.
7. Jiijjiirrama hojii irratti taasifameen hojjettootni mana hojichaa hundi balaaleffannaa fi
mormii kan kaasaan yoo ta’e rincica kana dhaabuuf ykn ibsuuf.
A. Haala mijeessuu fi deeggaruu B. Mari’achuu C. Barumsaa fi quunnamtii D.Hirmaachisummaa
8. Kanneen armaan gadii adeemsi kenniinsa murtee sirrii ta’e isa kami?
A. Furmaata adda baasuu,Furmaata madaaluu,Rakkoo adda baasuu,duub-deebii kennuu
B. Rakkoo adda baasuu, Furmaata adda baasuu, Furmaata madaaluu, duub-deebii kennuu
C. Furmaata madaaluu, Furmaata adda baasuu, Rakkoo adda baasuu, Duub-deebii kennuu,
D. Duub-deebii kennuu Furmaata adda baasuu,Furmaata madaaluu,Rakkoo adda baasuu,
9. Mana hojii tokko keessatti kenniinsa murtee haala wal ta’aa ta’ee fi Alwalta’aa ta’een itti
kennamu isa kamtu sirriidha?
A. Kenniinsa murtee walta’aa ta’e keessatti murteen kan kennamu qaama sadarkaa gadiitiniidha.
B. Kenniinsa murtee walta’aa ta’e keessatti murteen kan kennamu qaama sadarkaa
Ol’aanootiinidha.
C. Sirna alwalta’aa ta’e keessatti aangoon sadarkaa gadiitif kennama.
D. Sirna walta’aa ta’e keessatti aangoon sadarkaa gadiitif kennama.
10. Hojiiwwan raawwatamaa jiran too’achuuf gosa too’annoo isa kamtu barbaachisa?
A. Gama hundaa B. Too’annoo duub-deebii C.Too’annoo Raawwii duraa D. Too’annoo haala
irratti hundaa’e
11. Kanneen armaan gadii keessaa ulaagaa safartuu pirojeektii manneen hojii kan hin ta’in isa
kami?
A. Baasii , B. daangaa c. Qulqullina. D. Onnachiiftuu
12. Qophii karooraa irratti haala walii gala irraa gara faacaatiitti/xiqqaatti/ yemmuu
tartiibeffamu
A. Pirojeektii, sagantaa, baajata, hojimaata. B. Sagantaa, pirojeektii, baajata, hojimaata

C.Hojimaata, baajata, pirojeektii, sagantaa D. Baajata, pirojeektii, sagantaa, hojimaata.

13. Hooggansa karoora tarsiimoo keessatti kamtu dura raawwatamuu qab?


A. Mul’ataa fi ergama mana hojii qopheessuu. B. Hojii odiitii ala hojjechuu C. Raawwii safaruu
fi madaaluu D. Kaayyoo qopheessuu
14. Deebiin gaaffilee armaan gadii keessaa tokko ibsa Mul’ataati?
A. Hojiiwwan manni hojii hojjetu maali? B. Hojjettootni keenya eenyu faadha? C. Maaliif
dhaabbanne? D. Maal taanee argamuu barbaanna?
15. Deebiin gaaffilee armaan gadii keessaa tokko ibsa Ergamaati?
A. Hojiiwwan manni hojii hojjetu maali? B. Hojjettootni keenya eenyu faadha? C. Maaliif
dhaabbanne? D. Maal taanee argamuu barbaanna?
16. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa hojii itti gaafatamaa Hoogganaa giddu galeessa
kan hin ta’in isa kami?
A. Mula’ata dhaabbatichaa murteessuu. B. Galmoota Hooggantoota Ol’aanootin murta’aan
hojiirra oolchuu C. Galmoota Ka’u keessatti Hooggantoota ol’aanoo gargaaruu
D.Hojiiwwaan Galma yeroo dheeraa waliin wal hin qabanne raawwachuu.
17. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa Hooggansi gaariin ykn bu’aa qabeessa ta’e
maaliin ibsama?
A. Gahumsa gadi aanaa fi bu’a qabeessummaa ol’aanaa B. Gahumasa ol’aanaa fi Bu’a
qabeessumaa gadi aanaa

C.Gahumsa ol’aanaa fi bu’a qabeessummaa ol’aanaa D. Gahumsa giddu galeessaa fi bu’a


qabeessummaa giddu galeessa.

18. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa tokko akka qaama hojii ijoo karoora Hoogganaa
tokkotti hin fudhatamu?
A. Galmoota murteessuu B. Onnachiiftuu murteessuu C. Tarsiimoo baasuu D. Murtee kennuu
19. Hojii Bulchiinsaa keessatti sirni too’annoo gaggeessuu baay’inaan maaliin ibsama?
A. Walitti bu’iinsa hiikuu B. Hojiiwwaan hojjetamuu qabu murteessuu

C.Hojiiwwan raawwatamuu qaban raawwatamuu isaanii irratti hordoffii gochuu D.Hojjettoonni


seerota hojiirra oolchuu isaanii hordofuu

20. Hojjettootni Uummamaan jijjiirrama kan morman sababoota dhaabbaticha keessatti


argaman hedduu irraa kan ka’een ta’uu danda’a. kananneen armaan gaditti ibsaman
keessaa tokko sababa hojjettoonni jijjiirrama keessatti mormaniif hin ibsu?
A. Hubannoo dhabuu B. Madaalli adda addaa irraa ka’uun C. Jijjiirramaaf obsa gadi aanaa
qabaachuu D. Walitti dhufeenya hariiroo namoota gidduu jiru.
21. Sirna Hooggansaa ykn bulchiinsaa , hojiiwwan adda addaa dhaabbaaticha keessatti
raawwatamaniif ramaddii fi itti fayyadama qabeenya adda addaa ilaalchisee taasifamu kan
ibsu isa kami?
A. Karoorsuu, B. Gurmeessuu C. Hoogganuu D. Too’achuu
22. Sirnoota Hooggansa kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa Caasaan mana hojii tokkoo
yeroo qophaa’u hojii ijoo Hooggantootaa kan hin taane isa kamiidha?
A. Istaandardii diriirsuu irratti murtii kennuu B. Gitoota Hojii uumuudhaan gareedhan adda
qooduu C. Kutaalee hojii barbaachisan akka uumaman taasisuu D. Ramaddii hojii fi
hojiiwwaniif gaggeessuu
23. Sirnoota Hooggansaa kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa fedhii fi rakkoo hojjettootaa
adda baasuun fi kutannoodhaan hubachuun hojjettoonni hojii isaanii fedhiidhaan akka
raawwataman taasisuuf nu gargaaruu kami?
A. Karoorsuu, B. Gurmeessuu. C. Hoogganuu. D. Too’achuu
24. Kanneen armaan gaditti ibsaman keessaa, Mirga seera qabeessa Hoogganaan tokko murtii
fi ajaja kennuu fi qabeenya ramaduuf dandeessisu isa kamiidha?
A. Taayita qabaachuu B. Bakka bu’iinsa kennuu C. I/Gaafatamummaa qabaachuu D.Iftoomina
qabaachuu
25. Kanneen armaa gadii keeessaa qaama raawwachiiftuu kan ta’e kamiidha?
A. Caffee Oromoyaa B. Mana Murtii walii gala Oromiyaa C. Bulchiinsa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa D. Waajjira Paartii Badhaadhinaa.
26. Aadaa Mana hojii ilaalchisee sirrii kan hin taane kami?
A. Mana hojii keessatti akka meeshaa too’annooti gargaara.
B. Aadaa mana hojii uumuu keessatti amalli fi hojiin hooggansaa murteessadha.
C. Aadaa mana hojii uumuu keessatti adabbii amala hin barbaachifne akkasumas badhaasni
amala barbaachisu lafa qabsiisuuf gargaara.
D. Mana hojii tokko keessatti Aadaa mana hojii tokko qofatu jira.
27. Gaggeessan hojii tokkoo gahumsa yaada tarsiimo’aa qabaachuun isaa maaliin ibsamuu
danda’aa?
A. Kaayyoo Mana hojii milkeessuu keessatti galma dhuunfaa ykn kutaa hojii irratti
iyyeeffachuun bu’aa ol’aanaa galmeessisuu danda’uu.
B. Aangoo,Gurmaa’insa,Imaammamtoota, Hojimaatawwan, Barmaatilee fi daangaa Aaangoo
mana hojii beekuun hojjecuu Danda’uu.
C. Amaloota Maamiloota hundaaf banaa ta’uu, haqa qabeessaa fi iftoomina qabaachuun
hojjechuu danda’uu.
D. Ga’een nama tokkoo kaayyoo mana hojii fi fedhii Hawaasa bal’aa waliin walitti hidhamuu
dand’uu irratti beekumsaa fi Hubannoo bal’aa qabaachuu.
28. Manneen Hojii Keessatti Jijjiirramni akka dhufu kan taasisan armaan gadii keessaa
dhiibbaa jijjiirramaa haala alaa kan ta’e isa kami?
A. Haala faayinaansii B. Haala Qabeenya Namaa C. Haala Teknolojii D. Haala meeshaalee
29. Kan armaan gadii keessaa gahumsa siivil sarvaantiin tokko qabaachuu qabu irratti
dhiibbaa hamaa (Negetive impact) kan fidu isa kamiidha?
A. Taajaaajila kennuu hundaa keessatti jijjiirrama itti fufiinsa qabuuf qophaa’uu fi jijjiirrama
simachuu.
B. Daangaa Gahee hojii ofii keessattti ofiin murteee kennuu irraa of qusachuun mirkaneeffannoo
qaama ol’aanaa eeguu.
C. Tajaajila kenninu hunda keessatti miira tajaajiltummaa qabaachuun tajaajiluu.
D. Tajaajila kenninu hunda keessatti hubannoo jaarmiyichaa ykn mana hojii qabaachuun
tajaajiluu.
30. Meeshaaleewwan riifoormii(jijiirrama) asiin gaditti ibsaman keessaa kamtu walitti
dhufeenya sirrii mitii?
A. Kaayizanii fi Jijiirrama ajaayibsiisaa B. Sirna madaallii bu’aa irratti xiyyeeffatee fi karoora
tarsiimo’aa C. Jijjiirrama bu’uura adeemsa hojii fi Caasaa diriiraa. D. Raayyaa jijjiirramaa fi
Garee hojii
31. Kanneen armaan gadii keessaa amaloota gareen hojjechuu kan hin taane kami?
A. Garee keessatti miseensa barbaachisoo ta’uu hubachiisuun yaada dhuunfaa ofii akka
fudhatamuuf dhiibbaa uumuu danda’uu.
B. Hojii garee keessatti yaadaa fi gochoota dogoggoraa uummaman sirreessuuf yaada fooyya’aa
dhiyeessuun dhiibbaa uumuu danda’uu.
C. Miiltowwan irraa deeggarsa gaafachuu fi Walii qooduuf kutannoo qabaachuu.
D. Murteewwan gareen darbaniif bitamuu, hojiirra oolmaa isaatiif fedhii fi kutannoo qabaachuu.
32. Kanneen armaan gadii keessaa iftoomina hojii irratti taasifamuu qabu kan agarssiisu miti?
A. Murteewwaan murtaa’an hunda icitii tokko maleee murteessuu fi hundaaf ifa gochuu.
B. Hooggantoonni fi Hojjettootni mana hojii hundi hojimaata isaanitiin iftoomina qabaachuu
qabu.
C. Odeeffannoo tajaajila tajaajilamtoota hundaaf ifa gochuu
D. Murtii kennuuf odeeffannoo dabalataa argachuuf gorsa ogeessotaa ifaan ifatti gaafachuu,
33. Tajaajila uummataaf keennamu keessti ogummaa’uu siivilsarvaantii tokkoo maaliin
ibsamaa?
A. Tajaajila kennu hunda keessatti hojii qixa barumsa ol’aanaa ykn ogummaa qabaachuun qofa
hojjechuu danda’uu.
B. Taajaajila kennamu keessatti dandeettii fi naamusa gaarii qabaachuun hojii sadarkaa traawwii
bu’aa olaanan hojjechuu danda’uu.
C. Tajaajila kennamu keessatti maamilli tajaajila( hojjetaa)dhaf beekkamtii kennuu yoo
danda’an.
D. Tajaajila kennamuuf barumsa olaanaa(ogummaa) qabaachuu danda’uu.
34. Kanneen armaan gadii keessaa ogumma’uu siivilsarvaantii tokkoo kan hin mul’isne isa
kamiidha?
A. Yeroo yeroon ogummaa fi beekumsaan of fooyyessuuf tattaafachuu.
B. Suupphaaviiyzinii olaanaa ta’een hojii ofii raawwachuu.
C. Daangaa gahee hojii ce’uun hojii ofitti amanamummaan hojjechuu.
D. Wayita danqaaleen gara garaa muudatan obsaa fi itti cichuudhaan hojii sana raawwachuu.
35. Kennaa tajaajilaan wal qabateen himoota armaan gadii keessaa kan soba ta’e isa
kamiidha?
A. Tajaajilamaan bu’aa isa irraa male akkaataa tajaajilichi itti kenname irraa dhimma hin qabu.
B. Maamilli yeroo hunda sirriidha
C. Walitti dhufeenyi tajaajilaa fi tajaajilamtootaa yeroo tajaajilaa qofa miti
D. Manneen hojii mootummaa keessatti galmi kenna taajaajilaa kamiiyyuu maamiltoonni
gammadanii arguudha.
36. Kanneen armaan gaditti tarreeffama keessaa gahumsa hojjetaa paabilik saarvaantii tokko
ittiin madaaluuf kan hin gargaarre isa kamiidha?
A. Mul’ata qabaachuu B. Siyaasa hordofuuf amanamoo ta’uu C. Hojii isaatiin fakkeeenya ta’uu
D. Rakkoo hiikuu fi murtee kennuu danda’uu
37. Himoota armaan gadii keessaa siivil sarvaantii ilaalchisee sirrii kan hin taane isa kami?
A. Imaammataa fi Tarsiimoo mootummaan baasuu haalaan hubachuu fi hawaasa biraan gahuu.
B. Tajaajiltoota kennuu keessatti amaloota ykn fedhiiwwan maamila irraa dhufan hundaaf banaa
ta’uu fi haalan hubachuun keessummeessuu.
C. Tajaajiltoota keennuu keessatti hedduminaan jiraatuuf banaa ta’uu dhiisuu
D. Hojii kennameef raawwachuuf dandeettii fi ofitti amanamummaa qabaachuu
38. Gaggeessaan hojii tokkoo gahumsa michummaa hojii qabaachuun isaa maaliin ibsamuu
danda’aa?
A. Faayida mana hojii dhugoomsuuf qaamolee alaa adda addaa irratti dhiibbaa uumuu danda’u.
B. Bu’aawwanii fi hanqinaalee gareetiif itti gaafatamummaa dhuunfaa fudhachuu danda’uu
C. Yeroo hunda daangaa gahee hojii irratti xiyyeeffachuun hojjechuu danda’uu
D. Qaamolee alaa fi keessaa adda addaa waliin hariiroo bu’aa qabeessa ta’e ijaaruu danda’uu
39. Hundeeffama mana hojii tokkoof bu’uura hojii kan ta’e isa kami?
A. Mul’ata, B. Duudhaa. C. Tarsiimoo. D. Ergama
40. Kenna tajaajilaa keessati ogummaan kamiiyyuu amala of keessatti qabaachu qabu kami?
A. Al-loogummaa B. Iftoomina. C. Walitti bu’iinsa fedhii. D. Haqummaa
41. Kanneen Armaan gadii keessaa yaada kalaquun wal qabatee sirrii kan ta’e kami?
A. Dhimmotaa kallattii adda addaatin keessummeessu.
B. Haala hawwatan hojjechuun si’oomina hojiii fiduuf tattaaffii gochuu.
C. Furmaatawwaan filannooo qaban dhiyeessuu
D. Haala tokko gadi fageenyaan xinxaaluu fi hubachuu dhabuu.
42. Kanneen armaan gadii keessaa gurmaa’iinsa mana hojiitiin wal qabatee hubannioo sirrii
tokko dirqama qabaachuun itti hin yaadamne waa’ee isa kamiiti?
A. Karoora waggaa fi gabaasa mana hojii
B. Caaseffama ,duudhaale, daangaa aangoo fi hariiroo ajaja jaarmiyichaati
C. Seerota, Dambiiwwaan,Imaammamtoota, Hojimaatotaa fi istaandaardiwwan
D. Walitti dhufeenya jaarmiyichi dhaabbilee biro wajjin qabu.

You might also like