You are on page 1of 13

Gaaffilee filannoo asii gadiif Qubee deebii sirrii qabate filadhu.

1. Kanneen armaan gadii keessaa kan barbaachisummaa kabaja namummaa hintaane kami?

A. Kabaja mirgoota namummaatiif bu’uura.

B. Gargaarsa namummaa taasisuuf bu’uura.

C. Mirgoota beekamtii seeraa argatan eeguuf bu’uura.

D. Sarbamiinsa mirgoota namummaatiif bu’uura.

2. Kaffaltii malee yeroofi dandeettii ofii aarsaa gochuun hawaasaaf tajaajila kennuun
__________jedhama.

A. Naamusa qabaachuu C. Tola-ooltummaa

B. Obbolummaa D. Obsa qabaachuu

3. Ulaagaa fudhatama qabu irratti hundaa’uun tajaajila madaalawaafi walqixa ta’e ummataaf kennuu kan
agarsiisu kami?

A. Nagaa B. Gara-laafummaa D. Haqummaa D. arjummaa1

4. Kanneen armaan gadii keessaa namoota biroo kabajuu ilaalchisee sirrii kan hintaane kami?

A. Dhala namaatiif kabaja kennuu B. Galateeffachuu

C. Yaada namootaa tuffachuu D. Amanamaa ta’uu

5. Manguddootaafi hangafoota kabajuu ilaalchisee kan dogoggora ta’e isa kami?

A. Naamusaafi kabajaan dubbisuu B. Yemmuu isaan haasa’an addaan kutuu

C. Kabajaan deebii kennuufii D. Gorsa manguddootaa fudhachuu1

6. Kan sababa walkabajuu dhabuu irraa dhufuu danda’u isa kami?

A. Gamtaan/tokkummaan miidhamuu B. Diinummaa baay’isuu

C. Nagaan waliin jiraachuu dadhabuu D. Hunduu deebiidha.1

7. Kanneen asii gadii keessaa walqixxummaa barattootaa kan hin mul’isne kami?

1
A.Gaaffii gaafachuu B.Yaada dhuunfaa ofii nama birootti fe’uu

C.Gumiiwwan keessatti hirmaachuu D.Amantii namoota biroof kabaja qabaachuu

8. Waa’ee afaanii ilaalchisee kan dhugaa ta’e kami?

A. Afaan biroo barachuun faayidaa hin qabu

B Afaanonni tokko tokko afaanota biroo ni caalu

C. Afaan hundi tajaajila kennuun walqixa.

D.Walqixxumaa afaanii kabajuu dhabuun rakkoo fidu hin qabu.

9. Faayidaa garaagarummaa aadaa kan hinta’in kami?

A. Waldhabiinsaafi waraana kaasuu. B. Garaagarummaan aadaa miidhagina

C.Mallattoo eenyumaa hawaasa tokkooti. D.Daawwattoota ni hawata2

10. Kanneen armaan gadii keessaa aadaa ummataa kan agarsiisu kami?

A. Gaddaafi gammachuu ibsachuu B. Uffata aadaa

C. Nyaata Aadaa D. Hunduu deebiidha.2

11. Kanneen armaan gadii keessaa waliin jireenya maatii gaarii kan ibsu kami?

A. Walkabajuu C. Waldhabdee baay’isuu

B. Kophaa jiraachuu D. Hiriyyoota waliin wal loluu2

12.Kanneen armaan gadii keessaa tokko agarsiiftuu waliin jireenya hawaasummaa gaariiti.

A. Obsa dhabuu B. wal kabajuu dhabuu C. Oftuulummaa D. Wal hubachuu

13. Waliin jireenya hawaasummaa kan hin miine kami?

A. Jibba B. Maatii ofii kabajuu C. Waltuffachuu D. Hiriyyoota ofii kabajuu dhiisuu

14. Waa’ee barbaachisummaa jireenya hawaasummaa gaarii kan hin ibsine kami?

A. Wal jaalachuu B. Walgargaaruu C. Gareen hojjechuu D. Ofittummaa 2

2
15.Namoonni yeroo gaddaafi gammachuu waltumsuuf ollaa faana kan dhaabbatan kami?

A. Daboo B. Afooshaa C. Hojii garee D. Hunduu deebii sirriidha

16. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu qajeeltoo hojii garee miti?

A. Waldeeggarsaan jiraachuu B. Namoota biroo miidhuu

C. Gaafatamummaa dhuunfaa D. Dandeettii Dubbii3

17. Kanneen keessaa kamtu ofdanda’uummaa akka gabbifannu gargaara?

A. Ol’aantummaa ofii mirkaneeffachuu B. Amala ofdanda’uu

C. Gargaarsa namoota biroorraa barbaaduu D. Gahumsa akka hinqabne amanuu

18. Kanneen asiin gadii keessaa mallattoo ofitti amanamummaa gadi aanaa kan agarsiisu kami?

A. Nama waan galmaan gahe tokkotti quufu

B. Nama yeroo isaa harka caalu kophaa dabarsu

C. Nama dandeettii qaba jedhee amanu

D. Nama yeroo hunda kufaatii ofii beeku

19. Amala namoota ofitti amanamummaa qabanii kan hintaane kam?

A. Yaadaa fi qeeqa namoota biroo fudhachuu B. Yaada haaraa qabaachuu

C. Yaada namoota biroo amanamummaan dhaggeeffachuu D. Gowwoomsuu 3

20. Hirkattummaa ilaalchisee kanneen asiin gadii keessaa kamtu dhugaadha?

A. Jireenyi hirkattummaa kabaja namaaf kenna

B. Hirkattummaan miira gad aantummaa namatti fida

C. Hirkatummaan meeshaa guddina hawaasummaa fi dinagdeeti

D. Hirkatummaa qaama waltumsuuti

22. Kanneen asiin gadii keessaa mul’istuu ofitti amanamummaa kan hintaane kami?

3
A. Ofitti amanamummaa B. Ofto’achuu C. Ofdanda’uu D. Oftuffachuu4

23. Kanneen asiin gadii keessaa gosa deeggarsaa nama qaama miidhamaa ta`eef kennamu kan hintaane
kami?

A. Jaalalaa fi kunuunsa B. Maqaa balleessiifi loogii

C. Deeggarsa meeshaalee barnootaa D. Mirga walqixxummaa isaanii kabajuu4

24. ___________ilmi namaa ulfina namummaa akka qabu

beekamtii kennuudha.

A. Kabaja dhala namaa C. Miidhama qaamaa

B. Mirga dubartootaa D. Mirga daa`immanii

25. Gochi mirgoota bu’uuraafi kabaja dubartootaa irratti dhiibbaa geessisu kami?

A. Fuudhaafi heeruma

B. Hojii hawaasummaa irratti bobba’uu

C. Hojii dhiiraa hojjechuu D. Dubartii kittaanuu

26. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu miidhama qaamaa fiduu hin danda`u?

A. Dhukkuba B. Hanqina nyaataa

C. Waldhabdeefi waraana D. Daa’imman qaama miidhamtoota ta’an waliin taphachuu

27. Kanneen armaan gadii keessaa tokko mirga dubartootaa jalatti kan hinramadamne kami?

A. Mirga lafa qabaachuu B. Mirga mana jireenyaa

C. Mirga qabeenyaa D. Mirga namoota biroo irratti ol’aantummaa qabaachuu4

28.Nagaan eenyuuf barbaachisa?

A. Nama dhuunfaa B. Maatii C. Hawaasa D. Hundaaf

29. Walitti bu’iinsa hiikuun itti-gaafatamummaa eenyuuti?

A. Jaarsolii B. Mootummaa C. Abbootii amantii D. Miseensota hawaasaa hunda4

4
30.Tooftaalee asiin gadii keessaa kamtu nagaa maatii mirkaneessuuf fayyada?

A. Dorgommii hinbarbaachifne B. Waldeeggarsa dhabamsiisuu

C. Haasaa hinbarbaachifne D. Walkabajuu jajjabeessuu

31. Kanneen asiin gadii keessaa tokko nageenyi dhabamuu irraa kan dhufudha.

A. Guddina diinagdee B. Tasgabbii hawaasaa

C. Buqqa’iinsa ummataa D. Oomishitummaan qonnaa guddachuu5

32. Kanneen asiin gadii keessaa fakkeenya amala naamusadhabeessummaa kan ta’e kami?

A. Seeraafi dambii mana barumsaa kabajuu B. Qulqullina daree barnootaa eeguu

C. Qabeenyaa barattoota biroo fudhachuu dhiisuu D. Namoota biroo doorsisuu

33. Dhimma hiriyoota keenya waliin akka waadaatti waliigalle eeguun _______ jedhamee beekama.

A. Iccitii maatii B. Iccitii biyyoolessaa C. Iccitii hiriyaa D. Icciitii mana barumsaa

34. Kanneen asiin gadii keessaa yeroo boqonnaakee kan irratti hirmaachuu hinqabne kami ?

A. Kitaabilee dubbisuu B. Bashannanuu C. Maatii jeequu D. Hiriyyoota waliin taphachuu

35. Akka nama naamusa qabu tokkootti gochi maatii keessatti sirraa eegamu kami?

A. Maatii gammachiisuu B. Maatii gammachiisuu dhiisuu

C. Maatii abdii kutachiisuu D. Maatii mufachiisuuf5

36.Wanti naamusa gaarii nama biraa irraa barachuu qabnu kami?

A. Hojii gaarii B. Hojii yaraa C. Naamusa dhabeessummaa D. Gocha dogoggoraa5

37.Kanneen asii gadii keessaa kamtuu gochaa aadaa waldanda’uuti?

A. Irraa fagaachuu B. Namummaa kabajuu

C. Aadaa namoota biroo tuffachuu D. nama arrabsuu 5

38.Kanneen asii gadii keessaa kamtuu amala namoota aadaa waldanda’uu hinqabneeti?

5
A. Jibbiinsa afaanii C. Walqixxummaa siyaasaa kabajuu

B. Namoota kabajuu D. Bilisummaa amantaa kabajuu

39. Kanneen asii gadii keessaa kamtu warra kaan irraa adda?

A. Haqa dhabuu C. Namoota biroo gargaaruu

B. Loogummaa D. Miidhaa qaamaa6

40.Kanneen armaan gadii keessaa muli’istuu waldanda’uu kan ta`e kami?

A. Walqixxummaa afaanii dhabuu B. seera duratti walqixa ta’uu

C. Walqixxummaa hawaasummaa dhabuu D. Walqixxummaa siyaasaa dhabuu6

41. Kanneen armaan gadii keessaa barbaachisummaa wal danda’uu kan ibsu isa kami?

A. Loogii babal`isa B. Nagaa fi jaalala buusuu keessatti gahee hin qabu

C. Hawaasa keessatti walitti bu’iinsa nijajjabeessa

D. Tokkummaa ni cimsa

42. Aadaa waldanda’uu dagaagsuuf kan tumsu kami?

A. Nama qooduu B. Walqixxummaa kabajuu C. Waldhabuu D. Amala dheekkamsaa 6

43. Yeroo hunda dhugaa dubbachuun maaliif barbaachisaa ta’e?

A. nama amanamaa ta’uun waan barbaachisuuf

B. nama biratti fudhatamummaa qabaachuuf

C. sobuun safuu cabsuu waan ta’eef D. hunduu deebiidha

44. Ati hatuu hinqabdu. Sababni isaa;

A. Amanamummaa dhabda B. Yoo qabamte ni hidhamta

C. Hatuun safuu eeguu dhabuu waan ta’eef D. Hunduu deebiidha

45. Waan qabaniin walgargaaruun gaariidha. Sababni isaa;

6
A. Walgargaaruun aadaa gaarii waan ta’eef

B. Dandeettii qabduun yoo nama gargaarte atis boqonnaa sammuu argatta.

C. Arjummaan amala gaarii namni qabu waan ta’eef

D. Hunduu deebiidha 7

46. Aadaa ciminaan hojjechuu qabaachuun_______.

A. Hiyyeessa nama taasisa B. Hiyyummaa hir’isuu

C. Bu’a-qabeessa nama taasisa D. ‘B’ fi ‘C’n deebiidha

47. Kanneen asiin gadii keessaa amala barattoota ciccimoo kan hin taanee kami?

A. Yeroo hunda daree keessatti hirmaachuu B. Hojii manaa yeroo hunda hojjechuu

C. Barnoota xiyyeeffannoon hordofuu D. Karooraan qo’achuu dhiisu7

48. Amala dubbisuu horachuu ilaalchisee kanneen asiin gadii keessaa kamtu dogoggora?

A.Guyyaa hunda yeroo dubbisaa qabaachuu B. Kitaabota caalaatti faayyadan dubbisuu

C. Kitaaba bakka hundatti qabatanii deemuu D.Sagalee dhageessisaa dubbisuu

49. Ijoolleen umurii xiqqaa irraa jalqabanii aadaa hojii yoo baratan:

A. Amala hojii ciminaan hojjachuun gonfachiisa

B. Yeroo taphaa daa’immannii qisaasessa

C. Akka daa’imman fedhii hojii dhaban taasisa7

D. Hunda

50. Karaa naannoo itti kunuunsu kan agarsiisu kami??

A. Bakka arginetti balfa gatuu B. Bishaan qisaasuu

C. Bosona ciruu D. Balfa karaa sirrii ta’een dhabamsiisuu

51. Nama balfa gatuu yoo argite maal gochuu qabda?

7
A. Tuffachuu B. Jajjabeessuu

C. Balficha iddoo qopha’etti akka gatan gorsuu

D. Kanneen balfa sana gatan rukutuu

52. Dhiibbaa hamaa naannoo irratti kan qabu isa kami?

A. Biqiltuu dhaabuu B. Qabeenya uumamaa garmalee fayyadamuu

C. Safuu eeguun naannoo kunuunsuu D. Qabeenya sirnaan itti fayyadamuu8

53. Kunuunsa jechuun:

A. Qabeenya qisaasessuudha B. Qabeenya waliif qooduudha

C. Oomisha qabeenyaati D. Qabeenyi akka hinmiidhamneef eeguudha8

54.Kanneen armaan gadii keessaa Miidiyaaleen hawaasaa marsariitii karaa toora interneetii
fayyadamuun odeeffannoo dabarsuu fi fudhachuuf kan tajaajilan isaan kami?

A. Feesbuukii B. Tiwutarii C. Inistaagiraamii D. Telegiraamii E. Hunda

55. Miidiyaalee hawaasaatti karaa hinmalleen fayyadamuun miidhaa akkamii dhaqabsiisuu danda’a?8

A. Araada miidiyaa hawaasaa fayyadamuun qabamuu8

B. Arrabsamuu8 C. Hamilee cabuu8 D. Balaaleffatamuu8 E. Hunda

56. Addunyaa har’aa keessatti biyyoonni akka ganda tokkootti maaliif fudhatamu?

A. Garaagarummaa aadaa B. Babal’ina barnootaa

C. Guddina miidiyaalee D. Garaagarummaan jireenyaa

57. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu mul’istoota walitti dhufeenya aadaa jalatti ramadama?

A. Quunnamtii bu’a-qabeessa B. Aadaa walii hubachuu

C. Quunnamtii dammaqina qabu D. Hunduu deebiidha8

58. Kanneen asiin gadii keessaa tokko hariiroo dhala namaa eeguu keessatti fedhii hawaasummaa
bu’uuraa guutuu miti.

8
A. Hammatamuu B. Jaalala C. Hammatamuu dhabuu D. Tokkummaa

59. Kanneen asiin gadii keessaa amala qunnamtii bu’a-qabeessa ta’e kan hin taane isa kami? A. Ergaa
guutuu B. Ergaa sirrii ta’e C. Dhugummaa D. Amanamumma dhabuu 9

60. Kanneen asiin gadi keessaa amala nama qajeeltoowwan amanamummaa qabu kan hin agarsiisne isa
kami?

A.Itti gaafatamummaa B. Ejannoo qabaachu

C. Amanamummaa dhabuu 9D.Naatoo qabaachuu

61.Kanneen asiin gadii keessaa tokko faayidaa qajeeltoowwan amanamummaati

A.Kabaja namoota biroo argachuu. B. Hiriyoota waliin hariiroo gaarii dhabuu.

C. Fakkeessaa ta’uu. D. Oftuulummaa

62. Dandeettiin bakka namoota biroo of-kaa’anii of-ilaaluu

A. Fayyaalessummaa B. Amanamummaa

C. Ejjannoo D. Naatoo Qabaachuu

63. Kanneen asiin gadii keessaa amala namoota qajeeltoowwan amanamummaa hin qabne kan ta’e kami?

A.Iccitii namootaa eeguu

B. Ofitti amanamummaa olaanaa qabaachuu.

C. Ofitti amanamummaa gadi aanaa qabaachuu9 D. Hunda

64. Amala seera biyya tokkoo kan hintanee kami?

A.Dhaabbataa B. Haqa dhabuu C. Jijjiiramuu D. Dhugaa qabaachuu

65. Kanneen asiin gadii keessaa tokko faayidaa seera kabajuu miti

A. Nageenya eegsisuu B. Birmadummaa biyyaa mirkaneessuu

C. Mirga namoomaa sarbuu D. Hunda

66. Kanneen asiin gadii keessaa tokko dhukkuba sammuu fi qaama namaa miidhuu danda’udha.

9
A.Araada qoricha sammuu hadoochu B. Malaammaltummaa

C. Gibira dhoksuu10 D. Bilisummaa dhabuu

67. Kanneen asiin gadii keessaa amala gaarii barattootaa kan hin taane kami?

A. Keessummaatti amala diinummaa agarsiisuu B. Amanamuummaafi waadaa eeguu

C. Keessummaaf simannaa gaarii taasisuu D. Gorsa barsiisaa fudhachuu

68. Kanneen asiin gadii keessaa tooftaan amala gaarii guddisuuf gargaaru isa kami?

A. Of to’achuu B. Safuu hawaasaa kabajuu

C. Seeraa fi dambii ittiin bulmaata mana barumsaa kabajuu D. Hunduu sirriidha. 10

69. Kanneen asiin gadii keessaa duudhaa safuu uummata Oromoo kan hin taane kami?

A. Hangafootaaf kabaja kennuu B. Maatiif kabajaa kennuu

C. Hinaafuu D. Keessummaa simachuu.

70. Kanneen asiin gadii keessaa seeraafi dambii ittiin bulmaata mana barumsaa kan ta’e isa kami?

A. yeroo kabajuun mana barumsaatti argamuu

B. Uffata dambii mana barumsaa uffachuu

C. Faaruufi alaabaaf kabaja kennuu.

D. Hunduu sirriidha.

71. Kabajaa namoota birootiif kennuu jechuun maal jechuudha?

A. Namaaf dinqisifannaa kennuu B. Qabeenya nama birootiif gatii kennuu

C. Namoota biroo akka ofiitti ilaaluD D. Hunduu sirriidha.10

72. Kanneen asiin gadii keessaa sochii dinagdee kan hintaane isa kami?

A. Gosa hojii kamiyyu kan galii argamsiisu

B. Gosa sochii kamiyyu kan qabeenya kuufachuu dandeessisu

10
C. Sochii kamiyyuu kan dantaa ofii guddisuuf taasifamu

D.Deebii hin qabu.11

73.Kanneen asiin gadii keessaa sochii dinagdee kan murteessu isa kami?

A.Sadarkaa galii B. Haala galii

C. Hirmaannaafi ilaacha D.Hunduu deebii nita’a

74. Kanneen asiin gadii keessaa hirmaannaa hawaasaa kan hin taane kami?

A.Biqiltuu dhaabuu B. Hatuu fi gowwoomsuu

C. Beeyiladoota balaa baduu jala jiran kunuunsuu

D.Naannoo uumamaa irratti hubannoo uumuu.

75. Kanneen asiin gadii keessaa sirna gibiraaf bu’uuraa kan ta’e isa kami?

A.Galii maallaqaa namoota dhuunfaa B. Bu'aa namoonni daldala isaanii irraa argatan

C. Qabeenyaafi kiraa lafaa D.Hunduu deebii ni ta’a11

76. Kanneen asiin gadii keessaa kan jaalalli biyyaa ittiin ibsamu kami?

A. Biyya ofii jaalachuu B. Aadaafi seenaa biyya ofiitiin boonuu.

C. Gootota biyyaaf kabaja kennuu. D. Hunda

77. Kanneen asiin gadii keessaa amala lammii jaalala biyya qabuu kan hin taanee kami?

A.Biyya isaaniif wareegamuuf fedhii qabaachuu

B. Malaammaltummaa ittisuuf qophii ta’uu

C. Lammii isaaniif jaalala qabaachuu dhabuu

D. Gootota biyyaaf kabaja laachuu11

78.Amala lammiilee jaalala biyyaa qabanii keessatti kan hin hammatamne isa kami?

A.Aadaa ofiitiin boonuu

11
B. Garaagarummaa yaadaa keessummeessuu

C. Malaammaltummaa irratti hirmaachuu 12

D. Miira biyyummaa qabaachuu12

79. Kanneen asiin gadii keessaa nagaa ilaalchisee siirrii kan hin taane kami?

A.Nagaa eeguun hojii yeroo hunda raawwachuu qabnuudha.

B. Nagaan kan mirkana’u hirmaannaa qondaaltoota mootummaa qofaan ta’uu qaba.

C. Ilmi namaa jireenya isaa keessatti yeroo hunda nagaa barbaada.

D. Hunduu deebiidha.12

80. Faayidaa nagaa kan hin tanee kami

A.Jeequmsa irraa bilisa ta’uu B. Bilisummaa mirga namaa miidhuu

C. Waldanda'uu fi Waliif yaaduu D. Hunduu deebiidha.12

81. Kanneen asiin gadii keessaa amala nagaa kan ta’e kami?

A. Waldanda’uu B. Obsa qabachuu C. Marii D. Hunduu

4. Kanneen asiin gadii keessaa gamtoominaaf barbaachisaa kan hin taane kami?

A.Tokkummaa B. Iftoomina

C. Namoota biroof dhimmamuu D.Deebi hin qabu12

12
13

You might also like