You are on page 1of 3

Mana Barumsaa Hizbaawwii Saraawwit Sadarkaa Tokkooffaa fi Tokkooffaa Duraa

Qorumsaa Moodelaa Gadaa Marsaa Jalqabaa Kan Kutaa 8ffaa Bara 2014

Gaaffilee armaan gadii akkaataa gaafatamteen deebii sirrii ta’e filachuun deebisi

1. Sirna Gadaa keessatti gulantaan inni jalqabaa maal jedhamee beekama?


A. Kuusaa C. Gadaa
B. Dabballee D.Gaammee xixiqqaa
2. Sirna Gadaa keessatti Daa’imman akkamitti ilaalamu?
A. Akka waaqaatti C. Akka ayyaantuutti
B. Akka qulqulluutti D. Akka hayyuutti
3. Gaammee xixiqqaan gulantaa umurii isa kam keessatti argaman?
A. 1-8 B. 9-16 C. 17-24 D. 25-32
4. Daa’imman Abbaan isaanii osoo hin Dooromiin dhalatan maal jedhamu?
A. Guduruu C. Soolee
B. Itti Makoo D. Dabballee
5. Akka Sirna Gadaatti gulantaan Gadaa Abbaa Doorii yoo ta’e kan ilmaa maal ta’a?
A. Dabballee C. Guduruu
B. Gaammee xixiqqaa D. Kuusaa
6. Kan armaan gadii keessaa tokko leenjii Kuusaan fudhatu miti?
A. Heeraafi seera Bulchiinsa gadaa C. Seerota Qabeenya uumamaa bulchuu
B. Waldhaansoofi bishaan daakuu D. Aadaafi duudhaa uummataa
7. Ga’eefi hojiilee Gaammee gurguddaa kan ta’e kami?
A. Foora godaanuu
B. Ogummaa hojii harkaa adda addaa hojjechuu
C. Guddina aadaafi aartii oromoo keessatti qooda fudhachuu
D. hunduu deebiidha
8. Kanneen armaan gadii keessaa gogeessa Gadaa kan hin taane kami?
A. Gadamoojjii C. Muudana
B. Michillee D. Roobalee
9. Qabiyyee leenjii Doorii kan hin ibsine kami?
A. Beekumsa Seera gumii C. Tooftaa waldhabdee hiikuu
B. Foora godaanuu D. Beekumsa aadaa Oromoo
10. Jila gulantaan Raabaa jilatu kan ta’e isa kami?
A. Korma Bantii Qaluu C. Dhokisuu Buluu
B. Gaa’ila Dhaabbachuu D. Hunda
11. Kanneen armaan gadii keessaa tokko jila Dooriin Raawwatu miti.
A. Hulluuqqoo C. Dhokisuu Buluu
B. Darrabbaa D. Buttaa
12. Gumaata daraaraa kan ta’e kami?
A. Aannan C. buna
B. horii D. deebii hin qabu

1
13. Bulchiinsa Gadaa keessaa Caasaan aangoo olaanaa qabu kami?
A. Gumii C. Abbaa Bokkuu
B. Adulaa D. Hayyuu
14. Kan armaan gadii keessaa aangoo Gumii kan ta’e kami?
A. Murtee ciccimoo murteessuu C. hojiilee Abbaa gadaa to’achuu
B. Seera haaraa tumuu D. hunduu deebiidha.
15. Caasaalee hooggansa Bulchiinsa Gadaa kaassaa Abbaa Gadaatti aanee aangoo olaanaa kan qabu
isa kami?
A. Abbaa Bokkuu/Faga C. Adulaa/torbii
B. Hayyuu D. Abbaa Qa’ee
16. Gaheefi itti-gaafatamummaa Abbaa Gadaa kan ta’e kami?
A. Seera tumame labsuufi hojiirra oolchuu C. Nageenya biyyaa eeguu
B. Qabeenya uumamaa Bolchuu D. hunduu deebiidha
17. Gahee dubartoonni raawwii sirna Gadaa keessatti qaban kan hin taane kami?
A. Yeroo Abbaan Gadaa baallii fudhatu Ruufa mataatti maruu
B. Yeroo jilaa Galma ijaaruu
C. Dhangaa meeshaalee Gadaa oofkalchuuf oolan qopheessuu
D. Gadaa bulchuuf dorgomuu
18. Federeeshinii Bulchiinsa Gadaa isa jalqabaa kan ta’e kami?
A. Maccaa-Tuulamaa C. Sabboo- Goonaa
B. Raayyaa-Assaboo D. kontomaa-Daarimuu
19. Federeeshinin bulchiinsa Gadaa baroota dheeraa gaggeeffamaa ture irraa Oromoon duudhaa akkamii
jabeeffate?
A. Seeraafi heera Gadaan buluu C. kabaja dhala namaafi uumamaaf taasisuu
B. Aadaa fi afaan tokko dubbachuu D. hunduu deebiidha.
20. Jilli buttaa qaluu waggaa meeqa meeqaan gaggeeffama?
A. Waggaa tokko tokkoon C. waggaa saddeet saddeetiin
B. Waggaa lama lamaan D. waggaa afurtama afurtamaan
21. Adeemsa baallii fuudhuu keessatti namni barguda mataa Abbaa Gadaa Baallii fudhatutti suuqu eenyu?
A. Faga B. Hayyuu C. Adulaa D. Jaarsa
22. Gosoonni gurguddoo Oromoo Gabraa Caffee mataa isaanii danda’e qaban isaan kami?
A. Jibloo-Loosaa B. Hookkuufi Loosaa C. Uraagaafi Jiloo D. Maattii
23. Kanneen armaan gadii keessaa caffee Gadaa Igguu-Baarree kan ta’e kami?
A. Odaa Garaadoo B. Bakkanniisaa Raayyaa C. Odaa Bultum D.Odaa Roobaa
24. Buttummaan leenjii ______ti.
A. Gulufa fardaa B. Darbannaa Eeboo C. Utaalchoo D. habbaarroo
25. Leenjiin akkaataa odeeffanno garee faallaa irraa funaanan itti barsiifamu isa kami
A. Dootummaa C. Buttummaa
B. Heeraafi seera Bulchiinsa Gadaa D. Aadaafi duudhaa Ummataa
26. Ijoolleen leenjii Dootummaa fudhatan maal jedhamu?
A. Ilaala B. Dootuu C. jalkeettuu D. hunduu deebiidha
27. Jila Dabballeen gulantaa itti aanutti ce’uuf jilatan____ jedhama.
A. Maqa baasa B. Gubbisa C. Nyaachisaa D. Afi B deebiidha.
28. Kanneen keessaa tokko hojiilee Gaammee xixiqqaa miti.
A. Maatiif ergamuu B. Jabbilee tiksuu C. Loon tiksuu D. Daangaa eeguu

2
29. Yaa’a Gadaa booranaa kan hin taane kami ?
A. Arboora B. Hawaxxuu C. Koonnituu D. Maattii
30. Gabalaa Gadaa Gujii keessaa hangafa kan ta’e isa kami ?
A. Uraagaa B. Maattii C. Hookkuu D. Arboora
31. Gahee Abbaa Bokkuu kan ta’e kami ?
A. Jiloota hoogganuu C. malkaa eebbisuu
B. Waadaa galchuu D. hunda
32. Sirna Gadaa keessatti Abbaan bara kana Gadaa yoo bulche Ilmi isaa waggaa meeqatti baallii
fudhata?
A. 8 B. 32. C. 40 D. 80
33. Tartiiba halluu Gadaa gubbaa gara gadii kan ibsu kami?
A. Gurraacha, Adii, Diimaa C. Gurraacha , Diimaa, Adii
B. Dimaa, Gurraacha, Adii D. Adii, Diimaa, Gurraacha
34. Ulaagaa filannoo Abbaa Gadaa kan hin taane kami.
A. Beekumsa aadaafi duudhaa qabaachuu
B. Aantummaa ummataa qabaachuu
C. Fedhii aangoo qabaachuu
D. Amanamummaa qabaachuu
35. Sirna gadaa keessatti baalliin mallattoo maalii agarsiisa?
A. Nageenya B. aangoo C. qabeenya D. hayyuummaa
36. Akka aadaa Oromotti hiika halluu Gurraachaa kan ta’e isa kami?
A. wanti waaqaa ol ta’e kan hin jirre ta’uu agarsisa
B. Gootummaa agarsiisa
C. Xumura wantoota adda addaa agarsiisa
D. Bilchina wantootaa agarsisa
37. Gaheefi itti gaafatamummaa Abbaa Gadaa kan hintaane kami?
A. seera haaraa tumame Lallabuu C. nagaa biyyaa eeguu
B. Daandaa biyyaa babal’isuu D.seera dura ture fooyyessuu
38. Amala Bulchiinsa Sirna Gadaa kan hin agarsiifne kami?
A. paartiif dhaabbata C. Aangoo olaanaan kan Gumiiti
B. Ummata bakka bu’a. D. Baalliin waggaa saddeetiin naanna’a
39. Kanneen armaan gadii keessaa gahee makkalaa kan ta’e kami
A. Jiloota Abbaa Gadaatiin qophaa’u hoogganuu
B. Gumii nyaachisuufi malkaa eebbisuu
C. Gargaartota ykn irkisa Abbaa Gadaa ta’uun tajaajiluu
D. Aangoo hooggansa Abbaa Gadaa qabaatu hunda ni qabaatu
40. Gahee miseensota Doorii ilaalchisee kan adda ta’e kami?
A. Jiloota gooroo gaggeessuu C. Qachaa ijaaruu
B. Biyya bulchuu D. Gumaata adda addaa kennuu
41. Guantaa Gaammee Gurguddaa keessatti gurmuun hiriyyummaa dargaggootaa maal jedhamee
beekama?
A. Buttuu C. kuchuu
B. Dootuu D. Addooyyee

You might also like